Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 10

Dhaabbata H/A/Wtti Karoora Kurmaana 3ffaa

Koonyaa H/A/W/ Sabbataa, Bara 2023


DHAABBATA HORDOFTOOTA AMANTII WAAQEFFANNAA
TTI

KAROORA HOJII KURMAANA 3FFAA KOONYAA


HORDOFTOOTA AMANTII WAAQEFFANNAA
SABBATAA.
Bara Hojii 10ffaa kan 2023.

Adooleessa 11, 2023


Sabbata, Oromiyaa
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

Mataduree Fuula
1
1.Seensa...................................................................................................................................................................1
2. Hojiile Kurmaana 3ffaa Keessa Hojjatamuuf karoorfaman................................................................................2
2.1.Galma Haaraa Banuu.............................................................................................................2
2.2. Tajaajila Lafa Ijaarsa Galmaa, Ujubaa Argachuuf irratti Hojjachuu................................................................2
2.2.2.Qabiyyee (Dookumantii) Lafa Amantii fi Ujubaa Walitti Qabuu fi Qindeessuu...............2
2.3.Barnoota Amantii Waaqeffannaa Waliin Gahuu...............................................................................................3
2.3.1.Barnoota Sagantaa Idilee Dilbataa Irratti Kennuu..............................................................3
2.3.2.Barnoota Sagantaa Idilee Jimaataa Irratti kennuu...............................................................3
2.3.3.Barnoota Miseensota haaraf kennuu...................................................................................3
2.3.5.Barnoota Gabaasa Warra Darbanii Galmoonni Gaggeessan Irratti Kennuu...................3
2.6. Dookumantii Walitti Qabuu, Qindeessuu fi Odeeffannoo Kennuu......................................4
2.7.Hojii Of-danda’uu fi Hoji-maata Isaa Lafa Qabsiisuu(Bu’ureessuu)....................................5
3. Madda-galii, Raawwii Galii fi Haala Raawwii Galii.......................................................................................6
5.Guduunfaa.................................................................................................................................9

1.Seensa.
Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa jaarmiyaa amantii jabaa heera uumaa
bu’ureffachuun dhalli namaa ofta’ee akka jiraatu, dhaloota tokko sadarkaa bilchina qaamaa,
sammuufi umuriitin barnoota fi hojii isa gituun wal-simsiisee akkaataa ittiin dhaloonni dhufu
dhaloota darbee gadi hin taane fi sanumaa caalaa deemuun kan bu’uurri/utubaan isaa hin daaqne
ta’ee dhaloota keenya dabraniin, argaa dhageettidhaan, ittiin jiraatamaa tureedha. Sadarkaa
Koonyaa H/A/Waaqeffannaa Sabbataa keessatti hojiilee Kurmaana karoora keessatti qabatee kan
jiru dha. Haaluma kanaan karoorii Kurmaana kana akka armaan gadiitti kaa’amee jira.

2
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

2. Hojiile Kurmaana 3ffaa Keessa Hojjatamuuf karoorfaman


2.1.Galma Haaraa Banuu.
Hojiin Galma haaraa banuu raawwiin isaa sadarkaa Giddugalaatti ta’ee, koonyaan hubannoo fi
leenjii kan kennu ta’e qoonni galmoonni qaban isa olaanadha.kunis yeroo leenjin kennamu haala
mijeessun, dinagdee fi barnoota kennun ta’a.Haaluma kanaan akka Koonyaa keenyatti karoorri
kurmaana 3ffaa keesa galma lama(2) banudha.

2.2. Tajaajila Lafa Ijaarsa Galmaa, Ujubaa Argachuuf irratti Hojjachuu.


.Yeroo hunda rakkoo lafa ijaarsa galmaa fi tajaajila lafa awwaalchaa rakkachuu akka hin qabne
cimnee koreeleen sadarkaan jirru hundi hojjachuu qabna. Haaluma kanaan galmoota xalayyaa
gaaffii galfatan akka ciminaan irratti hojjatan hordofuu fi kan hin gaafatin akka gaafatan akka
koonyattis cimnee kan hordofnu ta’a. Akkasumas galmoota bitachuu danda’an akka bitan,kan
kennaa argachuu danda’anis akka cimanii hojjatan deeggarsa kennuudha.Kunis karoorri
kurmaana kanaa akka armaan gadii kana ta’a.

2.2.2.Qabiyyee (Dookumantii) Lafa Amantii fi Ujubaa Walitti Qabuu fi


Qindeessuu.
Akkuma Galmi Amantii Waaqeffannaa tokko itti waamamni isaatis ta’ee qabeenyummaan isaa
kan Dhaabbata H/A/Waaqeffannaa ta’e; qabeenyis ta’ee wantoonni galmi tokko qabu kan
dhaabbataati. Kanaaf galmoonni lafa Galmaas ta’ee lafa awwaalchaa argatanii harkaan gahatan,
qabiyyee ykn dookumantii abbaa qabeenyummaa lafa sanii ibsu kan bulchiinsa aanatis ta’ee
bulchiinsa magaalaa irraa kennameef koppii isaa sadarkaa galmaatti qabatanii, sirrii (original)
isaa immoo G/gala jalatti argamaniif galii taasisanii faayila akka godhamu irratti walii galamee
hojjatamaa waan jiruuf galmoonni haaluma qajeelfamaan akka giddugala biraan ga’aniif
koonyaan Galma waliin ta’uun hordoffii kan godhu ta’a.

2.3.Barnoota Amantii Waaqeffannaa Waliin Gahuu.


Ummanni Oromoo barnootan beekee, beekumsaan heera gadaa fi Waaqeffannaas tolfatee
/uummatee ittiin jiraataa fi wal qajeelchaa ture. Kana bu’uura godhachuun Dhaabbanni
H/A/Waaqeffannaa xiyyeeffannoo guddaan hordoftoota amantichaaf bara baraan karoora karaa
adda addaan baasuun barnoota kennaa jiraachun isaa beekkamaadha. Kanaaf Galmoonni
akkatuma karoorfameen akka raawwatan kutaan barnoota guulantaan jiran kan hordofuu fi
raawwiin barnootaa akka armaan gadii ta’a.

3
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

2.3.1.Barnoota Sagantaa Idilee Dilbataa Irratti Kennuu.


Galmoota hojiirra jiraniif karaan barnoonni ittiin kennamu tokko sagantaa idilee dilbataati. Haa
ta’u malee galmoota sagantaa idilee dilbataa irratti barnoota galmoota haaraa dhaabbataniif
barsiisaa erguun akka barnoota gahaa argataniif ni hojjatama. Kunis Galmoota haaraa ta’an
barnootan jabeessuuf kutaan barnootaa konyaa caasaa jiru waliin ta’uun irratti kan hojjatu ta’a.

2.3.2.Barnoota Sagantaa Idilee Jimaataa Irratti kennuu


Barnoota sagantaa jimaata galgalaa galmoota keessatti kennamu haala qulqullinaa fi walta’ina
qabuun akka kenamuuf kutaan Barnoota konyaa caasaa jiran waliin ta’uun jabeessee hordofa.
Haaluma kanaan Galmoota haaraa barsiisaa gahuumsa qabu hin qabneef, barsiisoota ykn caasaa
barnootaa erguudhan akka barnoota kana baratanii barsiisaa cimaa oomishatanii of danda’an kan
taasisu ta’a. sagantaa idilee jimaata galgalaa Galmoota haaraa ta’aniif barnootan jabeessuf kutaan
barnoota koonyaa, caasaa barnootaa qabu waliin ta’uun irratti kan hojjatu ta’a

2.3.3.Barnoota Miseensota haaraf kennuu


Barnootni miseensoota haaraaf Galmoota Dhaabbata Hordoftoota Amantii waaqeffannaa jala
jiran hunda keessatti haaluma qajeelfamni barnootaa jedhuun akka kennamu kutaan Barnoota
koonyaa caasaa barnoota galma jiran walin ta’uun ni hojjata. Kunis miseensi haaraan tokko
galma yoo dhufe sagantaa idileetin alatti guyyaan biraa ji’atti yeroo afuur qabameefii barnoonni
kan kennamuuf ta’a.

2.3.5.Barnoota Gabaasa Warra Darbanii Galmoonni Gaggeessan Irratti


Kennuu.
Kutaa Barnoota koonyaa Sagantaa Gabaaasa Warra Abbaa Oromoo Galmoonni kabajan irratti
barnoonni warra Abbaa Oromoo haala ayyaanicha wajjin walqabatu giddugaleessa godhatee
akka kennamu hordofuu fi kallattii kan kaa’u ta’a. Barnootichi kan kennamu kutaa barnootanis
ta’ee barsiisaa hubannoo gahaa qabu ta’ee kan galma keessa jiruun ta’a..

2.6. Dookumantii Walitti Qabuu, Qindeessuu fi Odeeffannoo Kennuu


I Hojii Harshammee (Dookumantii)
Hojii Ragaalee Harshammee (Dookumantii) Barreeffamaa DhHAW kutaaleefi caasaalee
sadarkaa sadarkaan jiru Iskaanii gochuun sooftii koppiininis ni taa’ama; kanas caasaalee Galmaa
hanga konyaa jiru hordofuun, walitti qabuun olkaa’amu qaban jiru.Kunniinis:-

4
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

 Dambii Ittin Bulmaataa DhHAW… kana yoo jennu; Galmootnis qabaachuufi hubachuu
qabu. Dambiin harooma deemus kan jalqabaa irraa ka’ee olkaa’amu qaba.
 Qajeelfamoota Hojii Amantichaa…Hanga Galmootatti caasaalenis beekaniifi qabatanii ttin
qajeelfamuu, olkaa’uufi hordofuu.
 Waraqaa Beekkamtii (Qaama Seerummaa) … Galmoota.
 Xaalayaa ba’iifi galii… xalayaan ba’ii hafteen isaa lakkofsa qabaate; chaappafi mallattoo
qabu olkaa’amu qaba. Kan galis kaa’amuu qaba.
 Qaboo yaa’ii … qaboo yaa’ii Galmaa hanga konyaa Galmee qaboo yaa’ii irratti qabamu
qaba. Bifa sooftii koppiinis taa’amu qabadha.
 Karooraafi gabaasa kurmaana kurmaanan sirnaan teessifamu qaba.
 Kaartaa/Saayiti Pilaanii abbummaa lafa
 Iyyannoofi Himannoolee
 Waraqaa eenyummaa fi Miseensummaa
 Ragaalee Hundeeffama Galmootaa (Giddugaloota irratti)
II. Ragaalee Hojii Waraabbii

 Suur-sagalee (Viidiyoolee)
 Suuralee (photo)
 Sagalee (Audio)
Ragaaleen hojii waraabbii kunniinis sagantaalee kabaja ayyaanoota amantichaa, walga’iileefi
mariilee idilee baatiilee, kan kurmaanaafi kan wagga konyaa hanga Galmaa, aaf-gaaffii
barbaachisa garagaraa, sagantaa idilee darbee darbee barbachisuu fi kkfnidha. Ragaaleen kun kan
walitti qabamee taa’amu; gosa dookumantichaa ibsamun, iddoo/Galma sagantichi itti
gaggeeffame fi bara kan ibsu akka ta’u hojjatama.

III. Hojii Odeeffannoo


Hojii Odeeffannoo yoo jennu quba qabaachuufi quba wal qabsiisuudha. Dhalootni kun dhaloota
odeeffannoo qabufi beeku akka ta’u ni hojjatama. Sochii idilee Jaarmiyaa Waaqeffannaa
qabaachuufi taateewwaan garagaraa biroo dhimma waaqeffannaan wal qabatu hordofuun
odeessa walii kennun sagantaa Waaqeffannaa dhugaan haqummaafi nagummaa isaa
hubachiisuufi ni hojjatama.

IV. Hojii Beeksisaa fi Maxxansaa


A. Hojiilee Beeksisaa

Barjaa ykn Taappeellaa keessaa fi alaa:- Akkaataa qajeelfamaan maxxanfamee Galmootnis ta’ee
waajjiraaleen keenya akka qabaatan, kan moofa’efi ciccite ni jijjiirama, bifafi guddina tokkoonis
eeggamee hojjatama.

5
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

V. Hojiilee Maxxansaa

T-shirt, stikarii, Biroosharii fi maxxansa barruulee garagaraa akkataa barbaachisuun galii kutaa
kanas ta’ee beeksisaaf fayyadufi ergaan isaas haalaan gulaalamee qubeefi haalluun isaa
eeggamee ni maxxanfama.

VI. Qunnamtii
Qunnamtii keessaa

Qunnamtii keessaa yoo jennu qunnamtii miidiyaa suur-sagalee, barreeffama, maxxansaafi kkf
caasa Galma hanga konyaa jiran waliin taasisu; yookan Walumaa galatti Hordoftootoota Amantii
Waaqeffannaa kamuu wajjiin dhimma barbaachisaa ta’e irratti ni taasifaman. Kanas yoo jedhamu

 Aaf-gaaffii Caasaalee hojiis ta’ee kutaalee jiru wajjiin kan ta’u faa’a

2.7.Hojii Of-danda’uu fi Hoji-maata Isaa Lafa Qabsiisuu(Bu’ureessuu)


Hojiilen sadarkaa koonyaatti hojjatamuuf karoorfamaan qabxiilee murtessoo armaan gadiitti.

 Iddoo Ujubaa Galma Tulluu Ejersaa walee irrattii biqiltu dhabuu.


 Barnoonni warra abbaa Oromoo akka hojiitti hiikamu gochuu.
 Hawaasummaa miseensotaa cimsuu irratti kan hojjatamu ta’a.
 Konyaa kunuunsa naannoo keessatti gahee qabu akka bahuu gochuu
fikkf.

3. Madda-galii, Raawwii Galii fi Haala Raawwii Galii


DHaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa hojiilee hojjatuuf baajata hojii kan barbaachisu
yoo ta’u maddi galii isaatis koreelee, miseensotaa fi Galmoota Dhaabbatichaati. Haaluma kanaan
koonyaan milkaa’ina karooraf caasaa gulantaan jiru waliin ni hojjata. bifuma kanaan karoorri fi
haalli raawwi Koonyaa Sabbataa kan kurmaana kan akka armaan gadiitti kaa’amee jira.

Buusii Qarshii kudhanii (10)

T.L Maqaa galmaa Kurmaana 3ffaa Adoleessaa Hagayyaa Fulbanaa

1 Gal. Tulluu Furii 9,000 3,000 3,000 3,000


2 Malkaa.A.Roobii 7,500 2500 2500 2500
3 Malkaa Agamsaa 3,000 1000 1000 1000
4 Malkaa Awaash 6,000 2000 2000 2000
5 Gal. Diree Furii 6,000 2000 2000 2000

6
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

6 M.Yaa’aa Lamaanii 4,500 1500 1500 1500


7 Tulluu Dabal 4,500 1500 1500 1500
8 Tulluu Araaraa 6,000 2000 2000 2000
9 T/E.Walee 3,000 1000 1000 1000
10 Tulluu Waatoo 6,000 2000 2000 2000
11 Tulluu Moglee 3,000 1,000 1,000 1,000
Ida’ama 56,500 19,500 19,500 19,500
Buusii Tajaajila Midhaan Mana Raagaa

T.L Maqaa galmaa Kurmaana 3ffaa Adoleessaa Hagayyaa Fulbanaa


1 Tulluu Furii 3,130 1,130 1,000 1,000
2 Tulluu Waatoo 1,780 780 500 500
3 Dirree Furii 780 380 200 200
4 Tulluu Araaraa - - - -
5 Tulluu Dabal 1,820 820 500 500
6 M.Yaa’aa Lamaanii 1,990 990 500 500
7 Malkaa Agamsaa - - - -
8 Malkaa Awaash - - - -
9 Malkaa.A.Roobii - - - -
10 Tulluu E.Walee 1,475 500 450 500
Ida’ama 10,975 4,600 3,150 3,100

Buusii Galmoonni Waggaatti Dhaabbataaf buusan

T.L Maqaa galmaa Kurmaana 3ffaa Adoleessaa Hagayyaa Fulbanaa


1 Tulluu Furii 4,300 2,000 1,300 1,000
2 Tulluu Waatoo 1,500 500 500 500
3 Dirree Furii 230 130 100 100
4 Tulluu Araaraa - - - -
5 Tulluu Dabal 1,205 705 500 500
6 M.Yaa’aa Lamaanii 1,170 670 500 500
7 Malkaa Agamsaa - - - -
8 Malkaa Awaash 1,790 790 500 500
9 Malkaa.A.Roobii - - - -
10 Tulluu E.Walee 755 300 200 155
Ida’ama 10,950 5,395 3,600 3,255
Buusii Ofdanda’uu

T.L Maqaa galmaa Kurmaana 3ffaa Adoleessaa Hagayyaa Fulbanaa


1 Gal. Tulluu Furii 1,000 400 300 300
2 Gal.T/E.Walee 500 300 100 100
3 M.Yaa’aa Lamaanii 500 300 100 100
Ida’ama 2,000 1000 500 500

Buusii korilee

T.L Maqaa koree Kurmaana 3ffaa


2 Konyaa 750

7
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

3.2. Galii Koonyaan Sabbataa G.G.H.A.W.Giddu galeessatiif galchu

Hojiilee sadarkaa Giddugalaatti Hojjatamaniif maddi galii Giddu galeessi qabu fi irratti
karoorfate Galmootuma Giddugala jala jiraniidha. Kunis hojiilee hojjatamaniif maddi galii
yookiin immoo maddi baajata kanaa koreelee fi miseensota keenya waan ta’aniifi. Madda galii
Giddugaleessi Miseensotaa fi galmoota sadarkaa Giddugalichaatti jiran irratti karoorfatee jira.
Hojiilee sadarkaa Giddugaleessatti hojjatamaniif galiin Giddugala H/A/Waaqeffannaa Giddu
galeessaa akkuma gabatee armaan gadiitti ta’a.

Buusii Ji’aa Galmootaa (300 Qar)

T.L Maqaa galmaa Kurmaana 3ffaa Adoleessaa Hagayyaa Fulbanaa


1 Tulluu Furii 900 300 300 300
2 Malkaa.A.Roobii 900 300 300 300
3 Malkaa Agamsaa 900 300 300 300
4 Malkaa Awaash 900 300 300 300
5 Diree Furii 900 300 300 300
6 M.Yaa’aa Lamaanii 900 300 300 300
7 Tulluu Dabal 900 300 300 300
8 Tulluu Araaraa 900 300 300 300
9 T/E.Walee 900 300 300 300
10 Tulluu Waatoo 900 300 300 300
Ida’ama 9,000 3,000 3,000 3,000
Miseensotaa fi Koreelen buusan(40)

T.L Maqaa galmaa Kurmaana 3ffaa Adoleessaa Hagayyaa Fulbanaa


1 Tulluu Furii 640 215 215 210
2 Malkaa.A.Roobii 360 120 120 120
3 Malkaa Awaash 265 90 90 85
4 Diree Furii 240 80 80 80
5 M.Yaa’aa Lamaanii 240 80 80 80
6 Tulluu Dabal 270 90 90 90
7 Tulluu Araaraa 360 120 120 120
8 T/E.Walee 120 40 40 40
9 Tulluu Waatoo 240 80 80 80
Ida’ama 2,735 915 915 905

Gumaata AYWAO Fulbanaa 19 kabajamuf

T.L Maqaa galmaa Karooraa Yeroo raawwwii

1 Gal. Tulluu Furii 16,000 Hagayyaa 20tti


2 Malkaa.A.Roobii 7,000 hojjatame xumurama
3 Malkaa Agamsaa 3,000
4 Malkaa Awaash 7,000
5 Gal. Diree Furii 8,000
6 M.Yaa’aa Lamaanii 4,000
7 Tulluu Dabal 4,000

8
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

8 Tulluu Araaraa 7,000


9 T/E.Walee 3,000
10 Tulluu Waatoo 10,000
11 Tulluu Moglee 1,000
Ida’ama 70,000

9
G/Gala H/A/W/ Giddu Galeessatti Karoora Hojii Fi Baajataa
Koonyaa H/A/W/ sabbataa Bara 2023/2015

5.Guduunfaa
Walumaa Galatti karoora baafachuu qofa osoo hin taane raawwi isaatin mirkanaa’a. kanaaf
akkuma warra Abbaa Oromoo kaleessaa jecha bira gochatu jira jedhan; Nuti Dhaloota waan
danda’u karoorfatu, Warra waan karoorfate hojjatu ta’uutu nurraa mala. Fiixan bahiinsa fi galma
gahiinsa hojiilee akka karooratti kaahamaniitif tumsii fi deeggarsii tokkoon tokkoo keenyaa
salphaa waan hin taanef of kenninee hojjachuu feesisa. Kunis waan qabnuu fi waan dandeenyun
Dhaabbata keenya “Dhaabbata Oromoo Malee hin qabnee fi Oromoonis isa malee hin qabne”
kanaaf haa tumsinu jechaa dhaloota waan karoorfate hojjatu haa taanun dhaamsa keenya.

Gadaan quufaa gabbina!


Biyyii rooba naga’a

10

You might also like