Professional Documents
Culture Documents
Enviromental Sci TES 201 Edited by Yosef After Final Check
Enviromental Sci TES 201 Edited by Yosef After Final Check
Qopheessitoonni:
Gulaaltonni:
Gulaalaa keessa-deebii
Qabiyyee fuula
Baafata .......................................................................................................................................................... ii
Galata ........................................................................................................................................................... iv
Haala Waliigalaa Korsichaa ........................................................................................................................... v
BOQONNAA 1: HIKAAFI BARBAACHISUMMAA SAAYINSII NAANNOO ...................................................... 1
1.1 Seensa .............................................................................................................................................. 1
1.2 Saayisiin Maali? ............................................................................................................................... 1
1.3 Naannoon Maali? ............................................................................................................................. 3
1.4 Saayinsii Naannoofi Qabiyyeewwan Isaa ........................................................................................ 6
1.5 Saayinsii Naannoo Maaliif Baranna?............................................................................................... 8
1.6 Galma, Akeekaafi Kaayyoo Saayinsii Naannoo Barsiisuu .............................................................. 9
1.6.1 Galma Barnoota Saayinsii Naannoo ...................................................................................... 9
1.6.2 Kaayyoo Gooroo Barnoota Saayinsii Naannoo ................................................................... 10
1.7 Yaad-bu’uura (Pirinsippiloota) Agarsiistuu Saayinsii Naannoo Barachuu.................................... 11
1.8 Saayinsii Naannoo Irratti Hub-Dogongoraa Daa’imman Mudachuu Danda’an. ........................... 11
1.9 Sadarkaa Guddinaa fi Barnoota Ijoollee ........................................................................................ 13
1.10 Maloota Saayinsaawaa fi Ogummaa Adeemsa Saayinsaawaa....................................................... 15
1.10.1 Maloota Saayinsaawaa ......................................................................................................... 15
1.10.2 Ogummaa Adeemsa Saayinsaawaa ...................................................................................... 21
BOQONNAA 2: MALOOTA BARUUFI BARSIISUU BARNOOTA SAAYINSIINAANNOO ................................... 31
2.1 Seensa ............................................................................................................................................ 31
2.2 Mala Od-ibsaa ................................................................................................................................ 32
2.3 Mala Sammuu Dhiluu .................................................................................................................... 34
2.4 Agaree fi Gahee Taphachuu........................................................................................................... 36
2.5 Moodeela Qopheessuun Barachuu ................................................................................................. 38
2.6 Mala Rakkoo Hiikuu ...................................................................................................................... 39
2.7 Mala Yaalii .................................................................................................................................... 41
2.8 Mala Maappii Yaad-rimee ............................................................................................................. 42
2.9 Mala Falmii .................................................................................................................................... 45
2.10 Mala Waanan Beeku, Waanan Barachuu Barbaaduufi Waanan Baradhe ...................................... 47
2.11 Mala Diraamaafi Gahee Taphachuu .............................................................................................. 48
2.12 Mala Imala Dirree yookiin Daawwannaa Dirree ........................................................................... 49
2.13 Mala Jiigsaawaa ............................................................................................................................. 51
2.14 Mala Tapha Pazilii ........................................................................................................................ 52
2.15 Mala “Goldfish Bowl” ................................................................................................................... 54
2.16 Mala Marii ..................................................................................................................................... 55
2.17 Mala Piroojektii ............................................................................................................................. 57
2.18 Mala Abbaltii ................................................................................................................................. 58
2.19 Mala Aadaa (Hibboo) Fayyadamuun Barsiisuu ............................................................................. 59
2.20 Mala Seenessuun Barsiisuu............................................................................................................ 61
2.21 Mala Keessummaa Affeeruun Barsiisuu........................................................................................ 61
2.22 Mala Gaaf-argannoon Barsiisuu .................................................................................................... 62
2.23 Mala Gamtaan Barachuu................................................................................................................ 64
I. Barbaachisummaa Koorsichaa
✓ Koorsiin kun kan Barbaadameef, sagantaa Dippiloomaan Herregaafi Saayinsii Naannoo Irratti
Ogummaa Barsiisummaan Kan Leenji’aniif.
Gahumsa Koorsichaa
Kaadhimamaa/tuu koorsii kana erga barattee xumurtee booda:
Uumamaafi barbaachisummaa barnoota saayinsii naannoo ni ibsita.
Galmaafi kaayyolee gooroo saayinsii naannoo sadarkaa 1ffaa marsaa 1ffaa barsiisuu adda
nibaasta.
Akkaataa daa’imman saayinsii naannoo ittiin baratan addaan ni baafta.
Mata-duree kenname tokko barsiisuuf meeshaalee barnootaa barbaachisan keessaa isaan
ijoo ta’an adda baasuun ni tarreessita, akkasumaas, ni xiinxalta.
Adeemsa baruu-barsiisuu saayinsii naannoo keessatti barattoota fedhii addaa qaban
akkamiin hammachiisuu akka danda’amuufi tarsiimoo akkamii baafachuu akka qabdu
adda ni baafta.
Hub-dogoggoraa saayinsii naannoo kutaa 1-4 daa’imman biratti mul’achuu danda’an
adda baasuun tooftaalee filatamaa maqsuuf gargaaran irratti hubannoo ni argatta.
Mallen baruu-barsiisuu saayinsii naannoo adda addaa yoomiifi akkamitti akka
fayyadaman adda ni baafta.
Mata-duree saayinsii naannoo tokko akka eddattootti fudhachuun maloota baruu-
barsiisuu garagaaraafi qajeelfamootaafi meeshaalee iyyaaffannoo mijaatoo ta’an ni
qopheessita.
GBYXGQ siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4 irra jiran irratti hundaa’uun tooftaalee
barsiisuufi iyyaafannoo mijataa ta’an filachuun akkaataa hojiirraa oolmaa isaanii wixinee
iddattowwanii ni qopheessita.
Meeshaalee iyyaaffannoo adda addaafi galmee fooyya’insi barachuu barattootaa
keessatti galmaa’an ni qopheessita.
Meeshaalee baruu-barsiisuu baasii xiqqaa yookiin baasii hingaafanne leecalloo naannoo
irraa ni qopheessita.
GBYXGQ Siilabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa saayinsii naannoo kutaa 1– 4
irra jiran irratti hundaa’uun gaaffilee iyyaafannoo ni qopheessita.
Maloota ogummaa barsiisummaa ittiin beekumsa saayinsii naannoo barattoota waliin qunnamtii
godhu hubachuufi barattoonnis gama isaaniin maloota mataa isaanii ittiin ilaalcha, dandeettiifi
beekumsa dabarfatan akka gonfatan kan taasisu ta’uu qaba. Isaan kana rawwachuuf namni tokko,
Beekumsa-Qabiyyeefi Ogummaa Barsiisuu (BQOB) walsimatan qabaachuu qaba. Kana keessatti
beekumsa-qabiyyee jechuun hubannoo namni tokko gosa barnootichaa irratti qabu jechuu yoo ta’u,
beekumsa ogummaa barsiisummaa jechuun immoo hubannoo namni tokko adeemsa baruu-
barsiisuu irratti addatti qabu jechuudha. Kana malees, barsiisaan tokko mata-duree tokko irratti
barsiisuuf BQOB haala naannoo irratti hundaa’ee dabarsuu yookiin walitti fiduu qaba. Barsiisaan,
bekkumsa qabiyyeefi ogummaa barsiisummaa mataduree barsiisu irratti hundaa’ee walsimsiisuu
qaba. Dabalataanis teekinooloojii fayyadamuun baruu-barsiisuun daran milkaa’aa akka ta’u
nigargaara. Kanaaf barsiisaan tokko BQOB biratti ittifayyadama teekinooloojii wajjin kan
walisimate ta’uun dagatamuu hinqabu.
Beekumsa Teekinooloojii
Haaluma kanaan iyyaafannoon ga’umsa moojulii kanaa yoo xinnaate kanneen armaan gadii
keessatti ilaalamuu qabu. Isaanis:
Gabaabumatti, koorsiin kun boqonnaa afur kan qabu yoo ta’u; boqonnaa tokkoffaan
yaadirimeewwan saayinsii naannoo, mala saayinsaawaafi ogummaawwan adeemsa saayinsaawaa,
boqonnaa lammaffaan maloota baruu-barsisuu saayinsii naannoo barsiisuuf oolan, boqonnaa
sadaffaan maloota iyyaafannoo walitti fufaa saayinsii naannoo barsiisuu keessattii hojiirra oolan,
boqonnaan arfaffaan siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4 jiran irratti hundaa’uun meeshaalee
barnootaa filachuufi leecalloo naannoo irraa fooyyessuun qopheessuu akkasumas karoora
barnootaa qopheessuu irratti xiyyeeffata.
1.1 Seensa
Kaadhimamtoota barsiisotaa, boqonnaa kana keessaatti yaad-bu’uura saayinsii naannoo
barachuufi adeemsa saayinsiin ittiin baratamu gaaffilee: Saayinsiin maal?, Saayinsiin naannoo
maal? Maaliif baratama? Akkamiin baratama? Eessaa baratama? Saayinsii naannoo barachuu
keessatti rakkoolee maalitu jira? Piriinsippiloota saayinsii naannoo barsiisuufi kan kana fakkaatan
biroo ilaaltu. Kanaaf saayinsii naannoo barachuufis ta’ee barsiisuuf boqonnaan kun baay’ee
murteessaa waan ta’eef sirriitti duukaa buutee hordofuun barachuun beekumsa saayinsiifi saayinsii
naannoo irratti gabbifachuun isinirraa eegama.
Ga’umsa Boqonnichaa
Kaadhimamaa/tuu boqonnaa kana erga barattee xumartee booda:
Maalummaa naannoofi hariiroo isaan gidduu jiran adda ni baafatta.
Qabiyyeewwan naannoo tarreessitee ni ibsita.
Barbaachisummaa saayinsii naannoo barachuu adda baasuun ogummaa ittiin barsiisan ni
gabbifatta.
Adeemsa ogummaa saayinsaawaa adda baasuun ni ibsita.
Sadarkaafi haala barachuu ijoollee sadarkaa 1ffaa adda baasuun barsiisuuf of-qopheessita.
Akeeka saayinsii naannoo sadarkaa 1ffaa keessatti barsiisuu ni ibsita.
1.2 Saayisiin Maali?
Gocha 1.1
Gaaffilee armaan gadii irratti dhuunfaan erga yaaddanii booda lama lamaan waliif
qooduun gareen irratti mari’achuun dareef dhiyeessaa!
i) Saayinsiin maali? Hiikaa walfakkaatu(tokko) kaa’uun ni danda’ama jettee yaaddaa?
Maaliif? Saayinsii barachuun bu’aa maaliis qaba jettee yaadda? Naannoo waliinis
hariiroo maalii qaba?
ii) Akka naannootti haalonni saayinsii ammayyaaf bu’uura ta’u jettee yaaddu jiraa?
Yoo jira jette mee gareen irratti mari’achuun dareef qoodaa.
iii) Yoo namni biroo waa’ee saayinsii kaasu sammuu keetti maalitu dhaga’ama?
Gocha 1.2
Waa’ee saayinsii yoo kaafnu hariiroo namaafi uumama naannoo namaa jiru kaasuun
dirqama ta’a. Kun maaliif ta’a jettee yaadda? Mee dhala namaaf wantoonni bu’uura ta’an
maal fa’i? Akkamittis argaman? Soorata bilcheeffachuun akkamitti eegale? Yeroo jalqabaa
soorata eessaa argachaa ture? Haala kamiinis nyaataa ture? Dhallii namaa abidda
akkamitti argate? Uffata hoo? Kallattiin saayinsii barachuu maal sitti fakkaata?
Saayinsiin beekumsa yookiin waa’ee wantoota uumamaa addunyaa irra jiran daawwannaan,
yaalii gaggeessuun, hiikaafi ibsa itti kennuun sababeessuu irratti hundaa’ee beekumsa
argamudha. Kanaaf saayinsiin damee beekumsaa, qo’annoo qaama yookiin wantoota
qabatamoo/dhugaa ta’aniifi sirnaan qindaa’aniif hojimaata dimshaashaa kan agarsiisudha.
Waa’ee kanaas bal’inaan adeemsa ogummaa saayinsaawaa jalatti ilalla.
Gocha 1.3
Kaadhimamtoota mee daree ala bahuun wantoota isin marsanii jiran hunda ilaalatii
dhuunfaan yaaduun waan hubbattan lama lamaan walii qoodaa. Gocha kana keessattis
gaaffi itti aanus walitti himaa!
i) Maaltu marfame? Maaliin marfame? Eessatti marfame? Hariiroo akkamii qabu? Adda
bahuu danda’uu?
ii) Yeroo jecha ‘naannoo’ jedhu dhageessu sammuu keetti maaltu dhufa?
iii) Barattoota kutaalee adda addaa yommuu barsiifnu hiikkaan naannoo akka isaan
beekan irraa barbadamu tokko jettanii yaadduu? Hubannaan namoonni naannoo
irratti qaban umuriin (daa’imaa, ijoollee, dargaggeeyyii, ga’eessaafi manguddoo)
walitti dhufeenya qaba jettee yaaddaa?
Dhaabbattoonniifi hayyoonni hedduun jecha naannoo jedhu akkaataa adda addaan hiikaniiru. Isaan
keessaa muraasni:
1. “Naannoon dimshaasha haalawwan ala orgaanizimiifi dhiibbaa isaan orgaanizimicha irratti
qabanidha. Naannoonis qabattoota fiizikaalaa fi baayoloojikaalaa jedhamuun bakka lamatti
qoodamu.” [Essential Leanrings, CEE]
2. ”Naannoon wantoota nu “waliinii”fi “nuun alaa” qabata. Naannoon wanta nu marsee
jirudha. Naannoon lubbuu-qabeeyyiifi lubbuu-dhabeeyyii hunda kan walitti qabateefi
haalawwaniifi dhiibbaa isaan kallattiin yookiin al-kallattiin walirratti geessisan kan
qabatudha.” [Anonymous]
3. “Naannoon dimshaasha wantoota yeroo hunda dhaabbataan walitti dhufaniifi wantoota
wal-makoo teessuma lafaa biyya tokkoo uuman qofa miti. Kunis caasaa diinagdeefi
ilaalchaa fi amala namoota addunyaa kana irra jiraatan hedduu qabata” [UNESCO, 1990]
4. “Naannoon uumama wal-xaxaa, dagaaginaafi qabiyyee hawaasummaa jireenya
namummaa ofkeessatti qabata. Qabiyyeen hawaasummaa aadaa, hubannaa namummaafi
hariiroo walii waliinii of keessatti qabata.” [Tibilisi, 1997]
5. “Naannoon guutummaa haalawwan alaa, fiizikaalawaafi baayoloojikaalaawaa
orgaanizimiin tokko keessa jiraatudha. Naannoon hubannoo hawaasaa, aadaa, diinagdeefi
i) Caacculee Fiizikaalaa
Caacculeen (Elementoota) fiizikaalaa qabiyyee naannoo uumamaa keessaa tokko ta’anii amaloota
jijjirama bakka bidoollee namootaaf carraa argachuufi dhabuu kan adda baasanidha. Caacculeen
fiizikaalaa kun kanneen akka samii, qabiyyee lafaa, qaama bishaanii, haala qilleensaa, anniisaa,
biyyee, kattaa, albuudotaafi kan kana fakkaatan kan of-keessaa qabudha. Qabiyyeen fiizikaalaa
naannoo kun qabeenya uumamaa baay’ee barbaachisaniifi orgaanizimoonni akka namootaa
kallattiin ta’e al-kallattiin irratti hundaa’anidha.
Naannoo Hawaasummaa
Gocha 1.5
Naannoon hawaasummaa maal? Naannoo maalitu jijjira? Maaliif jijjirama? Akkamiti
jijjirama? Uumamni naannoo osoo hin jijjiramiin turuu danda’aa? Gochaawwan dhala
namaafi naannoo uumamaa jijjiruu danda’an haala akkamiin teessuma lafaa akka
geeddaran garee xiqqoon irratti mari’achuun dareef ibsaa.
Naannoon ta’iiwwan uumamaafi gochoota dhala namaan jijjiramuu danda’a. Kunis walitti
dhufeenyi lubbu-qabeeyyiifi lubbu-dhabeeyyii gidduutti yookiin lubbu-qabeeyyiifi lubbu-
qabeeyyii gidduutti uumamuun kan ta’uu danda’udha. Naannoon haala kanaan jijjiramu naannoo
hawaasummaa jedhamuun beekama. Akka fakkeenyaatti, bakki gochaawwan jiraachuu dhala
Baayoloojikaalawaa Fiizikaalawaa
Bineeldota Qilleensa,
Biqiloota Naannoo Bishaan,
Dhala namaa Haala qilleensaa,
Biyyee,
Teempireechara,
Aadaa hawaasummaa
aadaa,
Afaan, diinagdee,
siyaasa
Gocha 1.6
Hariiroo qabiyyeewwan naannoo kee waliin qaban fakkeenyaan deeggaramuun
ibsi.
Wal-fakkeenyaafi garaagarummaa gosoota naannoo lamaan, naannoo uumamaafi
hawaasummaa, akkasumas naannoo lubbu-qabeeyyii fi lubbu-dhabeeyyii ibsi.
Hariiroo naannoon lubbu-qabeeyyiifi lubbu-dhabeeyyii naannoo kee waliin qaban
sirriitti ilaaluun haala akkamiifi dhiibbaa akkamii akka wal-irratti qaban fakkeenya
mataa kee fudhachuun ibsi.
Gocha 1.7
Danaa(saaphana sariitii) qabiyyeewwan saayinsii naannoo armaan olii kana akaakuu
barumsaa saayinsii naannoo keessatti walsimatan ilaalchisee maal hubatta?
Qabiyyeewwan danaa armaan olii irratti agarsiifaman waliin akaakuu barnootaa
walitti hidhaminsa qaban tarreessi.
Saayinsiin naannoo kutaa 1-4 jiru qabiyyeewwan maal maal of-keessatti qabata jettee
yaadda?
Hariiroowwan qabiyyee saayinsii naannoo kana barachuun maaliif barbaachise sitti
fakkaata?
Gocha 1.8
Kaadhimamtoota! Yeroo ammaa jijjiramni naannoo irratti akka biyyaafi
addunyyaatti dhufaa jiran kallattii adda addaan hubattanii yoo jiraattan, mee ofii
yaaduun lama lamaan waliif qooduun yaada keessan dareef qoodaa! Sababa
maaliin ta’an sinitti fakkaata? Kanaaf sababii ol’aanaa kan ta’eefi
ittigaafatamummaa kan qabu eenyu ta’uu qaba jettanii yaaddu?
Ijoolleen beekumsaafi muuxannoo karaa adda addaatiin argatanitti fayyadamuun naannoon isaanii
maal akka ta’e ni hubatu. Sadarkaa isaan irra jiran, guddinni qaamaafi bilchinni sammuu yoo isaan
daangesseyyuu, ijoolleen naannoo isaanii ni hubatu, ni xiyyeeffatu, ni madaalu, ni dinqisiifatu, ni
jijjiiruu, balaa irraa ittisuufi akkamiin akka seeraan ittifayyadaman beekuu danda’u. Barnootni
saayinsii naannoo yaadota baay’ee barbaachisoo qaama beekumsaa, dandeettiifi ilaalcha
argamsiisuuf seerotaafi sirnoota imaammata barnootaa walitti qindeessuun kan uumamedha.
Baay’achuun ummataafi jireenya daran fooy’aa ta’e jiraachuuf barbaaduun dhala namaa naannoo
irratti dhiibbaa fiduu danda’a. Dhiibbaan naannoo irraatti dhuufaniifi falli isaa immoo
hawaasummaa, siyaasafi diinagdee waliin hariiroo waan qabuuf saayintistoonni dhimma kana
irratti xiyyeeffannoo kennuu qabu. Kanaaf daa’immaan saayintistoota boruu ta’uun waa’ee
naannoo miidhama irraa ooluchuuf waa’ee uumama naannoo isaanii sirriitti baruu qabu.
Dabalataanis daa’imman uumamaan waan baruuf fedha ol’aanaa ta’e qabu. Keessumaayyuu
waa’ee naannoo isaanii baruuf baay’ee carraaqu. Kanaaf daa’imman waa’ee naannoo barsiisuun
waa’ee ofii, naannoo uumamafi naannoo hawaasummaa isaanii akka baraniif; ogummaa jireenyaa,
beekumsa saayinsaawaa sasalphaa fi soonawwan hawaasaa akka hubataniif gargaara.
Gocha 1.9
Kaadhimamtoota barsiisota:
1. Gareen ta’uun galma jiruuf jireenya guyyaa guyyaan gaggeeffamuufi galma
barnoota saayinsii naannoo ta’uu danda’a jettan irratti mri’adhaa.
2. Garee keessan keessatti garaagarummaafi wal-fakkeenya galmaafi kaayyoo
gidduu jiru barnoota saayinsii naannoon wal-qabsiisuun fakkeenyota adda addaa
fudhachuun irratti marii’adhaa.
3. Imaammata barnootaa sadarkaa tokkoffaafi meeshaalee barbaachisoo waliin
qopheessuun galma barnootaa saayinsii naannoo chaartii fayyadamuun
qopheessi, isa qopheessites daree keef gabaasi.
Kaayyoon barnoota saayinsii naannoo inni ijoon dagaagina barumsaaf murteessaa ta’e dandeettiifi
hubannoo ijoollee irratti hundaa’uun kennuudha. Gama biroon barnootni saayinsii naannoofi
waa’ee naannoo isaanii keesaatti argamuufi raawwatamuuf ibsa gahaa akka kennaniifi hojiin
argisiisuu danda’an; Fakkeenyaaf, qonna, huccuu dhahuu, sibiila tumuu, mana ijaaruufi kan kana
fakkaatanfi rakkoolee isaaniif furmaata kan ta’u argachuu akka danda’an gochuudha.
Gocha 1.10
Kaadhimamtoota Barsiisota:
i. Akeekni guddaan saayinsii naannoo mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessaatti
barsiisuu maal sitti fakkaata?
ii. Garaagarummaan akeekaafi galmaa akkasumas kaayyoo barnoota saayinsii naannoo
maalii?
iii. Ati osoo carraa wantoota kana(akeekaa, galmaafi kaayyoo barnoota saayinsii naannoo)
kaa’i jedhu argattee maal maal kaa’uu dandeessa? Dhuunfaan yaaduun walitti himaa.
Gocha 1.11
Kaadhimamaa/mtuu:
- Akka waliigalaatti xiyyeeffannoon sirna barnootaa saayinsii naannoo kan addunyaa
akkasumas kan biyya keenyaa maal sitti fakkaata? Saayinsii yoo barsiifnu maal fa’i
irratti xiiyyaffachuu qabna jettee yaadda? Maaliifis xiyyeeffannoon kuni kennamuu
qaba sitti fakkaata?
Kaadhimamtoota, qabiyyee kana jalatti daa’imman umurii adda addaa irratti barnoota
keessumaayyuu saayinsii naannoo haala kamiin barachuu danda’u kan jedhu ilaalla. Osoo gara
qabiyyichaatti hinseeniin dura mee gocha armaan gadii hojjedhaa.
Gocha 1. 12
Kaadhimamaa/tuu mee muuxannoo kee guyyaa guyyaafi waan daawwattu irraa yookiin
mana barnootaa koolleejjiitti dhiyoo jiruu daawwachuun amaloota dagaagina
hawaasummaa, qaamaafi yaad-sammuu barattoota sadarkaa tokkoffaa marsaa tokkoffaa
jettee yaadduufi baruu-barsiisuu saayinsii naannoo keessatti ga’ee qabu jettu gabatee
armaan gadii keessatti guuti dareef gabaasi.
Hawaasummaa
Qaamaa
Yaad-sammuu
Rogni saayinsii dagaagina dhala namaa sadarkaa guddina isaan irratti hundaa’uun akkaataa adda
addaan hubatama. Akka yaad-rimee “Piaget” itti , sadarkaan umurii ijoollee mana barumsaa
Gocha 1.13
Kaadhimamtoota, Dhuunfaan yaaduun gareen marii’adhaa.
Barattoonni umurii kana keessa jiran kutaa meeqa barachuu danda’u? Sadarkaan
guddina sammuu isaanii hubannoo maal irratti xiyyeeffata isinitti fakkaata? Barnoota
haala akkamiin barachuu danda’u?
Yeroo baay’ee daa’immaan umuriin isaanii waggaa ja’aa hanga saddeetii ta’an mana barumsaa
sadarkaa 1ffaa gara jalqabaa kan jiranidha. Ijoolleen sadarkaa guddina sammuu hubannoo duraa irra
waan ta’aniif bocaafi hamma, jijijirama yeroo dheeraafi jijjiirama yeroo gabaabaa adda baafatanii
hin beekan. Ijoolleen umurii kana keessaa gad-fageenyaan xiinxaluu waan hin dandeenyeef itti
dubbachuu qofan barsiisuurra gochaan barsiisuutiin caalaa baratu. Kanaafuu, barsiisuuf haasaan
yeroo mara gochaan mul’atuufi daawwii yeroo gabaabaan deegaramuu qaba.
Ijoolleen sadarkaa kanaa wantoota sammuu isaanii keessatti tartiibessuun, wal-bira qabuun
madaaluufi qooduu hindanda’an; waa’ee wantoota qabatamaan naannoo isaanii keessa hinjirree
fakkeenyaan qabatamaa yoo bakka buusne malee hubachuu hindanda’ani. Kanaafuu ijoollee
sadarkaa umurii kanaa yoo barsiifnu wantoota ijaan argaman gargaaramuun baay’ee
barbaachisaadha.
Gocha 1.14
Ijoolleen sadarkaa umurii kanaa immoo haala akkamiin barachuu danda’u jettee
yaadda? Mee gareen irratti mari’achuun walitti himaa. Kutaa meeqas barachuu
danda’u jettee yaadda?
Ijoolleen umurii kan keessaa sadarkaa wanta qabatamaa yaaduu irra jiru. Sadarkaa kanatti
gochaalee sasalphaa sammuun hojjechuun beekumsa argachuu eegalu; wanti guddaa ta’e tokko
irraa homtuu hir’achuu akka hin dandeenyeetti yaadu.
BIIROO BARNOOTA OROMIYAA 14
Ijoolleen sadarkaa kanaa waantoonni bocni isaanii jijjiramu deebi’anii boca isaanii jalqabaatti
deebi’uu akka danda’an ni hubatu, garuu amaloonni wantootaa maal irraa akka argaman sammuu
isaanii keessatti adda hinbaafatan. Baratoonni sadarkaa kanaa suuta suuta amaloota maaterii
kanneen akka bocaa, hammaa, halluufi lakkoofsaa hubachaa deemu. Wantoota qabatamoo
garaagaraa yoo itti kenname qaamota miira(arguun, dhaga’uun, fuunfachuuniifi qaqqabachuun)
isaanii fayyadamuun tartiibessanii kaa’uu danda’u.
c) Umurii Waggaa Kudha Lamaa Hanga Kudha Shanii
Sadarkaa kana irratti wantoota dhokatoo osoo wanticha hinargin ittiyaaduufi mala-dhahuu eegalu.
Seerota waliigalaa irraa ka’uun seerota murtaawaa irra gahuu danda’u. Kunis yaaduun, mala-
dhahuun sababeessuu isaan dandeessisa. Fakkeenyaaf yaada cuunfaa uumuu, hubannoo waliigalaa
uumachuufi beekumsa haala haaraa irratti ilaaluu jalqabu.
Walumaagalatti barsiisaan daree seenee barsiisuun dura waa’ee amala barachuu ijoolleefi sadarkaa
guddina isaanii ilaaluun baay’ee barbaachisaadha. Kun immoo yaad-rimeewwan sadarkaa
sadarkaan akka guddina isaaniitti adda baasuun akka barsiisinu nugargaara.
Gocha1.15
Daa’immaan umuriin isaanii sadarkaa mana barumsaaa sadarkaa tokkoffaa kana saayinsii
naannoo yoo haala kamiin barsiifaman sirriitti baratu? Gaheen barsiisaa maal ta’uu qaba?
Kan maatii hoo?
Gocha 1.16
Mala saayinsaawaa jechuun maali? Akkamittis hojiirra oola? Jiruu dhala namaa waliinis
hariiroo maalii qaba? Gaaffilee kanneen mala sammuu dhiluun yaada erga burqisiistanii
booda daree keessatti irratti mari’achuun walii galaa.
Dhawaata
Argannoowwan
(goolaba)
(yaaliiwwan)
Daataa
(Firiiwwan)
2. Mala dhahuu: Yeroo waraqaan sooftii X, Y fi Z warshaa adda addaatiin oomishaman hamma
bishaan xuuxuu isaanii sakatta’aman, waraqaan sooftiin - - - (X, Y yookiin Z keessaa tokko)
bishaan baay’inaan akka xuuxu mirkanaa’eera.
3. Jijjiiramoota (Variables):
A. Jijjiramaa of-daanda’oo (Independent Variable)
Waraqaa sooftii warshaa addaa addaa
B. Jiijjiiramaa hirkataa (Dependent Variable)
Hamma bishaan xuuxamuu
C. To’atamtoota (Constants or Controls)
✓ Hamma bishaan waraqaa sooftii irratti naqamu
✓ Guddina waraqaa sooftii
✓ Adeemsa hamma bishaan osoo hin xuuxamin hafe murteessuu
✓ Yeroo bishaan waraqaa soofti irra turu.
Waraqaa sooftii adda addaa, bishaan, qaxxaamura, sarartuu, siliindarii safaraa, sahaana golboo
(pan), qabduu (forceps)
Adeemsaa
i. Meshaalee barbaachisoo ta’an hunda qopheeffachuu,
ii. Waraqaa sooftii iskuweerii ta’e 4 cm x 4 cm muruu,
iii. Muraa waraqaa sooftii sahaana golboo ta’e irra kaa’uu,
iv. Bishaan 10 ml ta’e safaruun muraa waraqaa sooftii sahaana golboo irra jiru irratti naquu,
v. Bishaan erga itti naqameen booda daqiiqaa tokkoof tursiisuu,
vi. Qabduu fayyadamuun waraqaa sooftii sahaanaa golboo irraa kaasuun bishaan waraqicharraa
hamma sekondii shaniif akka cobu tursiisuu,
vii. Bishaan sahaanaa golboo keessatti hafe siliindarii safartuutiin safaruun hamma waraqaa
sooftiitiin xuuxame shallaguu,
viii. Haaluma kanaan tokko tokkoon waraqaa sooftii muramanii hafaniif adeemsota armaan olii
iii-vii jiran hordofuun hojjedhu.
10
xuuxame
9
8
7
6
bishaanii
5
4
g/galeessaan
3
2
Hamma
1
0
X Y Z
9. Maddoota dogongoraa kan ta’uu danda’an eeruu: [Adeemsa V keessa deebi’uun hima
daawwannaa barreessuu.]
10. Yaad-rimee qaaccessuu yookiin gudunfaa: [yaad-hiddamni sirrii ta’uufi ta’uu dhabuu,
maliif sirri akka ta’e yookiin ta’uu dhabe eeruu]
11. Odeeffannoo argame irratti hundaa’uun madaaluun galmeessuun qorannoo itti aanuuf
yaada kaa’uu
Gocha 1.16(a):
Kaadhimamaa/tuu barreeffama armaan gadii dubbisuun gaaffilee itti aananiif deebii
kenni.
➢ Yeroo tokko Toomas Alvaa Edisoon namni jedhamu yaa’uu elektiriikii shuboo
ayiranii keessatti yeroo shubichi ho’ee diimatu arge. Shuboon sunis diimatee ifuu
jalqabe, garuu sirriitti ifee kutaa sana hinibsu. Innis shuboo ayiranii qal’oo
fayyadamuun elektirikiin akka keessa yaa’u godhe, shubichis ni ife. Inni garuu ifa
Gocha 1.17
Kaadhimamtoota, Adeemsi saayinsaawaa maal? Bu’aa maalii qaba? Haala
kamiin hojiirra oola? Saayinsii naannoo barsiisuu waliin bu’aa maalii qaba
jettanii yaaddu? Mee yaada qabdan garee irratti mari’achuun dareef qoodaa.
Kallattiin saayinsii ammas ta’e gara fuula duraa, beekumsa argame babal’isuun caalaa dandeettii
saayinsaawaa haaraa(kalaqa) irratti xiyyeeffachuudha malee bu’aa argame qofaa irratti miti.
Saayinsii daa’immani yoo barsiisnuu dandeettii kalaqa haaraa gonfachiisuu irratti bu’uureffachuu
qabna. Kanaaf daa’imman haala qabatamaa naannoo jireenya isaan keessa jiraniifi bakka ka’umsa
gocha kalaqaawaa ta’e naannoo irraa ka’uun saayinsii barsiisuun guddina ilaalcha saayinsaawaa
keessatti ga’ee guddaa qaba. Mee Gocha armaan gadii xiinxali.
Dhalli namaa uumamaan lubbu-qabeeyyii biroo irraa adda kan isa taasisu dandeettii waa
sababeessuun ibsuufi taatee waan tokko xiinxaluun yaadu qaba. Fakkeenyaaf duumeessi jira yoo
ta’e yeroo murtaa’een booda ni rooba. Duumessi kunis kan uumameef sababa bishaan garba irraa
hurkee qabbanaa’uun bifa duumessaan taa’eef jedhu. As keessatti bishaan hurke sababa yoo ta’u
roobni immoo bu’aa dha.
1.10.2.1.1 Daawwannaa
Gocha 1.19
Ijoolleen naannoo isaanirraa maal baru? Akkamitti baru? Mee isin naannoo
koolleejjii daqiiqaa shaniif hubannoon daawwachuun waan argitan tarreessaa. Kan
injifate isa waan naannoo isaa irraa arge baay’ee tarreessuu danda’edha. Kana
akkamitti hubatte miira arguu kee qofa fayyadamtee? Moo kan biroo jiru?
Qorannoon Saayinsaawaa akkamitti eegala sitti fakkaata?
Egaa barsiisaan saayinsii naannoo wayita barsiisu/tu barattoota isaa/ishee gaaffilee waa adda
baasuu, jijjirama mul’atu himuu, walfakkeenyaafi garaagarummaa jiru adda baasuu gaafatu/ttu
barattoonni qaama miiraa shanan akka fayyadamaniif haala mijeessuutu irraa eegama. Mee gocha
armaa gadii ilaali.
Gocha 1.20
Barataan midhaan dheedhii adda addaa gara dareetti akka fidu gochuun tarree galchuun
barattootni daree irra naanna'uun akka daawwatan godhi. Daawwannoo booda
tokkummaafi garaagarummaa amala midhaan hubatan irratti barattootni ibsa akka laatan
gaafachuun yaada isaanii akka armaan gadiitti qindeessuudha. Ammaaf kaadhimamtoonni
bakka bu’uun shaakaluu qabdu.
1.10.2.2 Ramaddii
Galmi guddaan argannoo wal-fakkeenyaafi garaagarummaa waan daawwatamee galmeessuu
danda’uudha. Ramaddiin amala meeshaaleefi wantoota tokko tokkoo adda baasuufi haala wal-
fakkaataniin garee gareen kaa’uu danda’uudha.
Ramaddiin ogummaa gocha saayinsaawaa hunda keessatti kan geggeeffamu ta'ee ijoolleen waan
qabatamaafi hubannoo waliigala yaadaa akka uummatan kan godhudha. Ramaddii keessatti
ijoolleen waan daawwannaan hubatan akka hiika isaaniif kennutti qooduun yeroo ramadan
barsiisaanis akka isaan adda baasanii ramadaniif haala mijeessuun jajjabeessuu qaba.
Fakkeenyaaf, haala baalonni biqilootaa ittiin ramadaman (baala babal'aa, baala qaraa, baala
qal'aa…) yookiin akkaataawwan amala adda addaa qaban (hammaan, bifaan, jabinaan…) ramaduu.
Gocha 1.21
Kaadhimamtoota, Mooraa kolleejjii keessaa biqiloota walitti qabuun(daawwachuun) gara
daree keessaniitti erga deebitanii booda ulaagaalee ofii keessanii baafattanitti
fayyadamuun garee gareen ramaduun dareef ibsaa.
1.10.2.3 Qunnamtii
Adeemsa qunnamtii keessatti ijoolleen luga/afaan gargaramuun yaada fi hubannoo namootaa
baruu. Raawwiin isaa jechootaa (dubbiifi barreeffaman)fi mit-jechootaan (mallattoon) yoo ta’an
mallattoon bifa baay’een ta’uu danda’a.
Hojii Piroojektii
Kaadhimamtoota, Piroojektii adda addaa kan quunnamtii barattootaa dagaagsuu danda'an
siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiru irraa adda baasuun akkaataa hojiirra oolmaa
isaa gareen mari’achuun dareef ibsaa.
1.10.2.4 Safaruu
Safarri hubannoo daawwannaa, ramaddiifi qunnamtiin argamaniif gabbina kenna. Manneen
barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti barattootni yeroo saayinsii naannoo baratan wantoota naannoo
isaanii jiran meeshaalee waaltawaa akka ulee metiraa, madaala hangaa, saa’atii, sarartuu, siliindarii
safaraa, kaalkulaataraafi kan kana fakkaatan fayyadamuun akka waa safaran jajjabeeffamuu qabu.
Kun qaamman safartamoota bu'uuraa kanneen akka dheerinaa, hangaa, yeroo, teempireecheraafi
shallagamoo akka ulfaatinaa, bal’inaa, qabeefi kan kana fakkaatan wajjin akka walbaran gargaara.
Fakkeenya: Ulee meetiraa gargaaramuun dheerinaafi mudhii walii isaanii, termoomeetiraan
teempireechera isaanii akka safaru gochuu ni dand’ama.
Hub. Safarriin qaamota miiraa keenyaa qofaan kan itti quufnee dhiifnu miti. Mee gocha armaan
gadii ilaali.
1.10.2.5 Tilmaamuu
Tilmaamuun hammantaa yookiin gatii waan tokko irratti murtoo nama dhuunfaan yookiin gareen
hubannoo safaraa duraan qaban irraatti hundaa’ee kennamu dha. Tilmaamuun yaada dhugaa
qabeessa ta’ii tokkoofi sababoota jiran yookiin uumamuu danda’an kennuuf odeeffaannoofi daataa
fayyadamuudha. Tilmaamuun daawwannaa gatii sirrii hin barbaanneef murtoo hatattamaa kennuuf
gargaara. Fakkeenyaaf, Bishaaan kuni litira tokko ta’uu hin oolu. Dheerinni kee 1.70m ta’a.
Tilmaamni barnoota saayinsiif bu'a qabeessa. Mee gocha itti aanu ilaali.
Gocha 1.23
Kaadhimamtoota,
1. Qotee bulaa naannoo keessanii haala qilleensaa (roobaa, caama...) irratti gaaffii afaanii
yoo gaafattu tilmaama inni kennu yaadachuun walitti himaa.
2. Fiixeewwan dhagaa baatirii shuboon yoo wal quunnamsiiste maaltu ta'a jettee yaadda?
1.10.2.6 Raaguu
Raaguun odeeffannoo jalqabamee (kennamee) osoo hin xumuramiin hafe irratti hundaa’uun
tilmaama gaarii kennamudha. Fakkeenyaaf haala qilleensaa guyyaa guyyaa meetirooloojotaan
kennamu. Raaguun kun kan kennamu ragaa odeeffannoon walitti qabame qaaccessuufi
muuxannoo kanaan dura qaban irraa ka’uunidha. Haaluma kanaan daa’imman gara mana
barnootaa yoo dhufan odeeffannoo waa’ee naannoo isaanii maatii irra argatan irratti hundaa’uun
waa raaguu danda’u.
Gocha 1.24
Mee barreeffama armaan gadii dubbisuun gaaffilee keessaa bahan xiinxali
Dur jaarraa saglaffaa keessa lammiin Oromoo jiraataa Godina Jimmaa ta’e namni Kaaliid
jedhamu re’oota osoo tiksaa jiruu re’eettiin isaa muka ta’e irraa firii isaa erga nyaattee
booda anniisaa argachuun buburraaqxee halkanis gadi ciisuu dinnaan waan isheen nyaatte
kana daawwatee adda baasuun ofiis erga dhandhamee ilaalee booda sa’aa dheeraaf
anniisaa argatee kadhannaa akka kadhate abbaa amantaa naannoo isaa jiru tokkotti hime.
Abbaan amantaa kunis yaada Kaalid kana erga dhaga’ee booda abbaan amanta biroo
naannoo jiran wajjin yaada kana qooddachuun arganno isaa kana mirkaneessan. Yeroo
ammaa kana addunyaa irratti bunni bakka ol’aanaa argachuu danda’eera. Adeemsa
argannoo kana keessatti ogummaan addeemsa saayinsaawaa maal maal fa’itu hojiirra
ooluu danda’u? Gareen irratti mari’achuun dareef ibsuun yaada tokko irra gahaa.
Gocha 1.25
Mee barreeffama armaan gadii xiinxaluun gaaffilee itti aanan deebisi
1. Mee buna ilaalchisee yaada itti aanu kana haa ilaallu. Bunni guddatee, daraaree, firii
godhatee bilchaachuun funaanamuuf gahuu isaa akkamiin adda baasuu dandeenya?
Qaama miiraa kamiinis fayyadamnee adda baafna jettee yaadda? Gahee yeroo
funaanamuhoo qaamonni miiraa hojiirra oolan isaan kami sitti fakkaata? Erga
funaanamee dhuguuf maal godhama? Dhugaatiif gahuun dura tumuun qola isaa irraa
baasuu, caccabaafi kan hin taane adda baasuu, hamma barbaadame safaruun fuudhuun
hanga qulqullaa’utti miiccuu, erga miicanii booda akaa’uu, yeroo akaa’an kanatti sirrii
ta’uufi ta’uu dhabuu isaa hordofuun adda baasuun erga akka gaariitti akka’anii booda
baasuun tumu; yeroo tumanittis harkaan qaqqabuun haala tumaatii (bullaa’uu) isaa
xiinxaluu, erga akka barbaadamutti tumamee (bullaa’ee) booda bishaan danfisanii
Hojii Piroojektii
Kaadhimamaa/tuu, ka’umsi guddina saayinsiifi teekinooloojii naannoo akka ta’e
baratteetta. Argannoo Dr. Akiliiluu Lammaa Cufaa fi Piroof. Gabbisaa Ejjetaa
namoota seenaa isaanii beekan gaafachuun yookiin barreeffama jiruufi interneetii
fayyadamuun sakatta’uun maal akka ta’eefi addemsota ogummaa saayinsaawaa isaan
keessa darban xiinxaluun dareef ibsi.
Cuunfaa Boqonnichaa
✓ Saayinsiin beekumsa, wantoota uumamaa addunyaa irra jiran daawwannaan, yaalii
gaggeessuun, hiikoofi ibsa itti kennuufi sababeessuu irratti hundaa’ee argamudha.
✓ Wantoonni nu marsanii argaman hundi naannoo uumamaa jedhamu. Isaanis lubbu qabeeyyii
yookiin lubbu dhabeeyyii yookiin lamaanuu ta’uu danda’u. Hariiroowwan isaaniis kan wal
irraa adda bahan miti.
✓ Saayinsiin naannoo seenaa, aadaa, hariiroo hawaasaa, seera, qonna, atmoosferii, qo’annaa
naannoo, diinagdee, siyaasa, injiinariingii, baayoloojii, keemistirii, fiiziksii, fayyaafi kan
kana fakkaatan ofkeessatti qabata.
✓ Saayinsii naannoo barsiisuun, madaala naannoo eeguuf, naannoo jireenyaaf mijataa ta’e
uumuuf, aadaa guddisuufi dinqisiifachuuf, naannoo kunuunsuun haalaan itti fayyadamuuf,
dhiibbaa sababa adda addaan dhufan hambisuuf yookiin kan fooyya’a ta’een bakka buusuu
akka danda’aniif gargaara.
✓ Galmi saayinsii naannoo barsiisuu, wantootaafi ta’iiwwan naannoo isaaniitti uumaman
akkaataa walitti dhufeenya isaaniifi adeemsa isaanii hubachuu dha.
2.1 Seensa
Boqonnaan kun waa’ee malleen baruu barsiisuu garaagaraa mana barumsaa sadarkaa tokoffaa
keessatti ittiin saayinsii naannoo barsiisuuf hojiirra oolan irratti kan xiyyeeffatudha. Malleen baruu
barsiisuu kunneen hedduu ta’anis barsiisaan malleen garaagaraa kana keessa barachuu barataaf
bu’aa qabeessafi jijjiirama amalaa dhufuu danda’u galmaan ni gaha kan jedhe filachuu qaba.
Bara kana keessa rakkoolee baruu-barsiisuun walqabatanii ka’an keessaa malleen wallaaluu osoo
hinta’in, maloota filatanii gargaaramuun barachuu barattootaa akka gargaaruun ga’umsa
barbaadamuu gonfachisuun dhibuudha. Kanaaf barsiisotni maloota adda addaa irratti beekumsa
ga’aa qabaachuun mataduree barsiifamuuf mijataa ta’an filachuuun baay’ee murteessaadha.
Boqonnaa kana keessatti maloota baruu-barsiisuu adda addaa yoo barattan akkamittiin mata-
dureewwan garaagaraa ittiin barsiisuun barachuu barattootaa deeggaaruun ga’umsa barbaadamuu
gonfachisuu akka dandeessan gabbifattu. Akkasumas, akkaataa mata duree keessan waliin
walsimuu danda’uttii fi fedhii barachuu barattootaa guutuun gahumsa barachuu yoo xiqqaate
gonfatamuu qabu(GBYXGQ) kaa’ame galmaan gahuu akka danda’utti xiyyeeffannaa kennuun
hirmaannaa cimaa gochuu qabdu.
Malleen dhiyatan kunneenis akka fakkeenyaatti ka’umsaaf akka tolutti kaa’aman malee, malleen
baruu barsiisuu filataman waliin haala qabatamaa barattootaa irratti hundaa’uun qajeelfamoota
adda addaa qopheeffachuufi malleen baruu-barsiisuu lamaafi isaa oli GBYXGQ tokkoof al-
tokkotti filatanii barsiisuun baay’ee murteessaadha. Sababiin isaas haalli barachuu barattootaa
garaagara waan ta’eef haala barachuu barataa giddugaleessa godhachuun malleen baruu barsiisuu
filachuun hojiirra oolchuun dirqama barsiisaa irraa eegamudha. Kanaaf isinis gochaalee boqonnaa
kana keessatti kannaman yemmuu hojjettan haala kana xiyyeeffannaa keessa galchuun irratti
hojjettanii ogumma keessan gabbifachuu qabdu.
Hubachiisa: meeshaalee barnootaa kan akka siilabasii, kitaaba barataafi qajeelcha barsiisaa
saayinsii naannoo kutaa 1-4 jira kolleejjii keessatti argamuun barattoonni akka argama isaaniitti
gareenis ta’e dhuunfaan qabachuun fiixaan bahiinsa boqonnaa kanaaf baay’ee murteessaadha.
Gahumsa Boqonnichaa
Kaadhimamaa/tuu boqonnaa kana erga barattee xumurtee booda:
Barattooni GBYXGQ akka gonfataniif, GBYXGQ irratti hundaa’uun tooftaalee baruu-
barsiisuu qabiyyee saayinsii naannoof mijatan adda baafta.
Maloota barnoota saayinsii naannoo si’aayinaan barachuuf gargaaran kanneen sadarkaa
umurii da’immanii waliin adeeman dandeettii filachuunfi dandeettii qajeelfama
dhaawwaata ittin hojira olaaniin wixinuu ni horatta.
Gosoota mala saayinsii naannoo sadarkaa tokkoffaa barsiisuuf filataman ni tarreessita.
Saayinsii sadarkaa tokkoffatti barsiisuuf mala gitu haala qabiyyee barnootaan filatta.
Dandeettii maloota adda addaa mata dureewwan saayinsii sadarkaa tokkoffaa
akkaataawwan barachuu barattootaa (learning style) gosa adda addaa keessummeesan
walitti qindeessuun barannoo karoorsan ni horatta.
Maloota mijataa ta’an filachuun qajeelfamoota barreessuun iddattoo ni qopheessita.
Maloota adda addaa walitti qindeessuun sayinsii naannoo oguummaa qixaan barsiisuun
ni gonfatta.
Tarsiimoowwan saayinsii barsiisuu qindeessuu ni qopheeffata.
Dandeettii GBYXGQfi qabiyyee saayinsiin naannoo barsiifamu irratti bu’uuruun mala
baruufi barsiisuu , toftaalee iyyaaffannoofi meeshalee barnootaa mijaawoo filachuun
wixinee qajeelfama dhiyeessa barannoo qopheessuu ni horatta.
Maloota baruu barsiisuu barnoota saayinsii naannoo isaan beekamoo ta’aniif wixinee
qajeelfama dhiyeessii ni qopheessita.
Gocha 2.2
Kaadhimamtoota, Malli od-ibsaa malleen baruu barsiisuu biroo irraa adda bahuu
danda’aa? Yookiin mala kana osoo hin fayyadamiin mala biroo qofaan saayinsii
naannoo barsiisuun ni danda’amaa? Gareen ta’uun siilabasii saayinsii naannoo kutaa
1-4tti jiran irraa GBYXGQ mala kanaan baratamuu danda’an adda baasuun akkaataa
hojiirra oolmaa isaanii tartiibaan barreessuun dareef dhiyeessaa.
Fakkeenya: beeyladotaafi bineensota kan jedhu fudhannee akka armaan gadiittin haa ilaallu.
GBYXGQ: Brattootni beeyladotaafi bineensota adda nibaafatu. (Kutaa 2)
Gocha: Sammuu dhiluu (barattootni bineeldotaafi bineensota naannoo isaaniitti argaman bakka
lamatti ni qoodu).
Yaad-deebii: Barsiisaan jalqaba irraa kaasee barattoota yaada burqisiisuu keessatti qooda
fudhatan jajjabeessaa deema. Kanneen hub-dogoggoraa qaban yoo jiraatan
gargaarsa addaa gochuun sirreessuu. Fakkeenyaaf mana isaanii keessa kan jiraniifi
manaan ala kan jiraatan adda baasuun gaafachuun sirreessaa demuu. Fakkiifi
moodeela bineeldota garaa garaa yoo jiraate itti agarsiisuun hubannoo isaanii
cimsaa deemuu dha.
Gocha 2.3
Kaadhimamtoota, mala sammuu dhiluun qabiyyeewwan akkamii barsisuuf oola?
Qabiyyee saayinsii naannoo barsiisuu keessatti bu’aan isaa maal jettanii yaaddu?
Ogummaalee adeemsa saayinsaawaa as keessatti haala kamiin mul’achuu danda’u?
Fakkeenyaan deeggaruun ibsaa. Qabiyyeewwan saayinsii naannoo siilabasii irra jiran
keessaa mala kanaa akkamitti akka dhiyaachuu danda’an gareen irratti mari’achuun
dareef ibsaa.
Mala gahee taphachuutiin barsiisuun baratootaaf gahee taphatamu tokko dhuunfaadhaan yookiin
gareedhaan kennuun akka taphatan gochuun mala barsiisuuti. Mala kana keessatti barattoonni
muuxannoo duraan qaban bu’uura godhachuudhaan gochaa sana akkamitti akka hojjetan yookiin
raawwatan akkeessanii kan itti agarsiisanidha malee dubbisanii sammudhaan yaadachuun
hinbarbaachisu.
Qajeelfama:
i. Garee namoota saddeet qaban uumi
ii. Gareewwan kun fakkii kitaaba barataa irra jiru kana irratti hundaa’uun qaamolee ala nafaa
qabaman akka walitti himan akka fakkii armaan gadiitti gaafadhu.
Gocha 2.4
1. Gareen ta’uun kitaaba saayinsii naannoo kutaa 1-4 jiran keessaa GBYXGQfi
qabiyyeewwan kanneen mala agareetiin barsiisuun danda’aman addaan baasuun
sababa waliin tarreessaa.
2. Mee amma immoo garee keessaniin ta’uun qabiyyeewwan saayinsii naannoo kutaa 1-4
adda baastan mala kanneen akka fakkeenya armaan oliitti akkaataa qabiyyichi ittiin
barsiiftan qopheessaa.
Qajeelfama:
i. Waraqaa, hapheefi wantoota biroo waa walitti qabuuf gargaaran qopheessi.
ii. Moodeeloota akka giloobii, caasaa qaama namaa, konkoolaataafi kan kana fakkaatan
qopheeffadhu.
Gocha 2.5
Dabalataan piroojeektii moodelota garagaaraa wantoota addaa addaa naannoo
isaaniitti argaman akka kaartonii, dhoqqeefi kan kana fakkaatan irraa akka tolchan
taasiisuun sadarkaa hubannoo isaanii madaaluun mirkaneeffadhu.
Qajeelfama:
i. Bishaan boora’aa, biikarii, calaltuufi jirbii qopheessuu.
ii. Barsiisaan akkaataa itti bishaan wal’aanamu adeemsa tartiiba isaa barsiisuu.
iii. Barattootni ibsa barsiisaan booda akka hojjetanii agarsiisan shaakalsiisuu.
iv. Isa barattoonni hojjetan erga yaada itti kennuun qaaccessee booda bifa piroojektiin akka
galanii bishaan naannoo isaanii jiru qulqulleessanii dareetti fidanii akka gabaasan gochuu.
v. Barsiisaan dhiyeessa isaanii erga dareetti dhaggeeffatee booda akka isaan yeroo hunda bakka
jireenya isaaniitti fayyadaman jajjabeessuu qaba.
Iyyaafannoo: barattootni yommuu dareetti shaakalan tokko tokkoo hojii isaanii daawwachuun
hordofuun galmeessaa deemuu.
Yaad-deebii: Barsiisaan yeroo daawwatu bakka hanqinni yookiin dogoggorri jiru gargaaruun
sirreessaa deemuun yaada ijaarsaa kennuun, dandeettii hojiitti hiikuu isaanii
gabbisaa deemuu. Barattoota jabinaan hojjetan jajjabeessuu.
Gocha 2.6
Kaadhimamaa/tuu, mala rakkoo hiikuun daa’imman kutaa 1-4tti jiru barsiisuun maal
maaliif fayyada sitti fakkaata? Mee siilabasii kutaa 1-4tti jiran fudhadhuutii
qabiyyeewwan mala kanaan barataman fiixaan bahin gahumsaa mirkaneessuu danda’u
jettu adda baasuun akkamitti akka hojiirra ooluu dand’amu tartiibaan kaa’i. Leenjisaan
(barsiisaan koolleejjii) akka hojiin agarsiisan yoo fedhe kallattii akka barsiisanii
agarsiian gochuu ni danda’a.
Malli yaalii saayinsii hunda barsiisuuf mala mijataadha. Mala kana keessaatti barattoonni waa
qaqqabuun kallattiin ofii irratti hirmaatanii yaalii yookiin hojii shaakalaa hojjechuun dhugummaa
yaad-hiddama jiru tokkoo akka ibsan yookiin mirkaneeffatan kan taasisudha. Mala kana keessatti,
barsiisaan akka barattoonni dalagaa yaalii keessatti hirmaatanii seerota saayinsaawaafi
piriinsippiloota adda addaa mataa isaanii akka argatan nijajjabeessa. Galmaan ga’insa mala kanaa
meeshaaleen haalaan qindaa’aniifi guutaman irratti kan hundaa’u ta’us saayinsii naannoo
barsiisuuf leecalloo naannoo haalaan karoorsanii hojiirra oolchuun qofti gahaadha.
Yaad-deebii:
▪ Barsiisaan deebii barattootni sakatta’iinsa duraa irratti kennan qajeelchuun karaa qabsiisa.
▪ Adeemsa yaalii isaanii keessatti yaada sirreeffamaafi ijaarsaa kennuu; hub-dogoggoraa yoo
mudatanis sirreessaa deemaa.
▪ Kan sirriitti hordofanii hojjetan ni jajjabeessaa.
▪ Gabaasa yaalii barattootaa irratti yaada sirreessuufi gabbisu kennaa.
Gocha 2.8
Kaadhimamtoota:
i. Gahumsa Siilabasii saayinsii naannoo kutaa arfaffaa irraa fuudhame
kan ”Jijjiiramoota keemikaalaa ni agarsiisu.” jedhu kana barsiisuuf meeshaalee
barbaachisaniifi qajeelfamoota barbaachisan barreessuun dareef ibsaa.
ii. Mee siilabsii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiru fudhachuun qabiyyee mala
kanaan barsiifamuu danda’aman kan biroo adda baasuun akkataa raawwii isaafi
meeshaalee barbaachisan waliin dareef dhiyeessaa
Qajeelfama:
i. Hariiroo wantootaa maappii yaad-rimeen waraqaa yookiin huccuu irratti qophaa’e
qopheeffachuu.
ii. Maappiin yaad-rimee jalqabaaf yoo barattootaatti himamu sadarakaa dareetti barattootaaf
moodeela isaa ibsuufiin itti agarsiisuu.
iii. Barattoonni bineeldota naannoo isaanii jiran akka tarreessan gaafachuu,
iv. Wiirtuu chaartii yookiin gabatee gurraacharratti mata duree (ramaddii bineeldotaa)
barreessuu.
v. Akka dareetti yaadootaan ramaduuf gargaaran ulaagaa adda addaa itti himuun
yaadachiisuu.
vi. Tokkoon tokkoo yaad-rimee si’a tokko qofa akka fayyaduu danda’u ibsuufii.
vii. Hariiroowwaan yaadootaa agarsiisuuf xiyyootan yookiin sararaan wal qabsiisuu.
viii. Xumurarratti barsiisaan/tuun yaada qaaccessuun goolaba. Akka fakkeenyaatti, fakkii
yaad-rimee kanatti aanee jiru ilaalaa.
Akkaataa madaqina
isaaniitiin Ilmoo dhaluun
Bineensota Beeyiladoota
Akkaataa bakka jireenyaa
Lafarra fi bishaan
keessa kan jiraatan
Iyyaafannoo:
✓ Barsiisaan barattoota yaada isaanii yoo maddisiisanfi walqabsiisan daawwachuun haala
isaanii adda baasaa deemaa.
✓ Gaaffii maaliif jedhu gaafachuun akka sababeessaa deeman gochuun al-kallattiin
iyyafachuun hubannoo isaanii galeessuudha.
Yaad-deebii:
▪ Barsiisaan barattootni bakka dogongoranitti ijaaraa deemuu qaba.
▪ Barattoota sirriitti wal-qabsiisaa deeman yaada ijaarsaa kennuun jajjabeessuu qaba.
▪ Barattonni fedhii addaa yoo jiraatan xiyyeeffannaa addaa kennuun akka fedhii isaaniitti
gargaaruu/akka walgargaaran gochuu.
Gocha 2.10
Kaadhimamaa/tuu, Mala falmiin barsiisuun bu’aa maalii qaba jettee yaadda?
Akkamittis hojiirra oola? Mala kanaan qabiyyeewwan saayinsii naannoo barsiisuun ni
danda’amaa? Yoo nidanda’ama jette mee siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti
jiran keessaa qabiyyeewwan mala kanaan barsiifamuu dada’an adda baasuun
barsiisaa keef dhiyyeessi.
Malli falmii mala barattoonni si’aa’inaan hirmaachisan keessaa isa tokko ta’ee, barattootni
dhuunfaanis ta’e gareen bakka lamatti qoodamuun yaada garaagaraa lamarratti dursanii
qophaa’uun walfalmaniidha. Falmiin seera mataasaa qaba. Innis namni tokko yookiin gareen tokko
yommuu dubbatu namni yookiin gareen biroo xiyyeeffannaan dhaggeeffachuun yaada garee biraa
sanaa irratti yaada mormu dhiyeessa. Daa’immaan mala kanaan yoo baratan dandeettii yaada
burqisiisuu, nama amansiisuu, wal-dhaggeeffachuu, gamtaan jiraachuufi kan kana fakkaatan
gabbifatu.
Fakkeenya:
GBYXGQ: Barattoonni barbaachisummaa bashannanuufi boqonnaa ibsuu (kutaa 3)
Gocha: Walfalmii al-idilee
Iyyaafannoo:
• Yeroo falmii barattoonni yaada maddisiisuu isaanii fi akkaataa yaa’insa yaada isaanii
hordofuun galmeeffadhu.
• Barattoota waamuufi yaad-deebii isaanii xiinxaluun boqonnaafi bashannanuu akkasumas
hojii fi barbaachisummaa tokkoo tokkoo irratti daandeettii fakkeenya kennuu isaanii karaa
al kallattiin iyyaafadhu.
Qajeelfama:
i. Barattootni waraqaa baafachuun dhuunfaan waa’ee qabeenya uumamaa duraan beekan
nitarreessu.
ii. Barsiisaan gabatee gurraacharratti yookiin dursee chaartii irratti qabeenya uumamaa
naannootti argaman hunda tarreessuun qopheessuun ibsa irratti kenna.
iii. Barattootni waan dura tarreessan irra deebi’anii ilaaluun kan hafan itti guutu.
iv. Barsiisaan irra deebi’ee erga gudunfeefii booda barattootni amma har’a waan baratan akka
waraqaarratti barreessan godha.
v. Kana booda waan haaraa dabalataan barachuu barbaadan akka adda baafatan gaafata.
vi. Bifa chaartii yookiin gabatee armaan gadiinis fayyadamuun nidanda’ama.
Yaad-deebii:
▪ Waa’ee qabeenya uumamaa akka naannoo isaanitti kan jiraniin alatti bal’isanii akka
yaadan yaad-deebii sababeessuun kennuu.
▪ Barattootni yaadasaanii walabaan akka burqisiisan jajjabeessuu.
▪ Barattootni yaada waliirratti akka yaada dabalataa biroo burqisiisaniif isaanumti
gaafatanii akka gareen biroo yaada irratti kennan carraa banuu.
Malli diraamaa mala barsiisaan/tuun mata duree tokko irratti gochaawwan gaheen taphatamuu
qaban qindeessuun barattootaaf kennuun irratti qophaa’anii akka dhiyeessan kan godhamu yoo
ta’u, gahee taphachuun gahee qooda fudhattootaa fudhatanii hojjetanidha. Akkasumas yeroo tokko
tokko gahee taphachuun qophii tokko malee gahee gochaawwan naannoo isaaniitti hojjetamu
battalumatti akkeessanii hojjechuudha.
Qajeelfama:
i. Barsiisaan waa’ee dhukkuboota afuuraan daddarbanii ibsa.
ii. Barattoonni gochaalee maal maal irratti akka gahee taphatan gargaaruufi shaakalsiisuu qaba.
Iyyaafannoo:
Barsiisaan barattoota gahee fudhatan gahumsa isaan ittiin taphatan daawwachuun
niqabxeessa. Warreen yaada kennan, gaaffii gaafatan akkasumas deebii kennan adda
ni baafata.
Yaad-deebii: Barsiisaan diraamaan erga xumuree booda yaada ijaarsaa gahee taphattootaaf,
hordoftoota yaada kennan, gaaffii gaafataniif yaada sirreeffamaas ta’e ijaarsaa
kennuun, Barattoonni fedha akkasii akka horataniif warreen taphatan
jajjabeessuun yaada goolabaa kenna.
Gocha 2.11
Kaadhimamtoota, Siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran irraa qabiyyee mala
diraamaafi gahee taphachuun barsiifamuu danda’an adda baasuun qajeelfama isaa
barreessuun akkamitti akka barsiisuu dandeessan daree keessatti dhiyeessaa.
Malli kun daree barnootaa alatti daawwannaan deeggaramuun ittiin baratamudha. Yeroo baay’ee
waan dareetti fiduu hindandeenye yookiin bakka sana deemamuun salphaatti barattoota barsiisuun
kan danda’amu yoo ta’ee argame kan fayyadamnudha. Daawwannaan barachuun barattoota ni
jajjabeessa.
Qajeelfama:
i. Barsiisaan dursee qabiyyee irratti xiyyeeffatamuu yookiin daawwatamuu qabu
wixineessuu qaba.
ii. Amaloota akaakuuwwan biyyee ibsuu.
iii.Itti aansuun barattootni maal maal daawwachuu akka qaban itti beeksisa.
iv. Barattootni mooraa mana barumsaatti bobba’uun biyyee akka daawwatan bobbaasuu.
v. Yommuu daawwatan ibsi barsiisaatiin kennama.
vi. Gaaffilee garaagaraa gaafachuun waan isaaniif hingallerratti yaada argatu.
vii. Gara daree barnootaatti deebi’uun waan daawwatan tokko tokkoon yaada kennu yookiin
immoo gabaasu.
Iyyaafannoo:
✓ Barsiisaan yommuu barattootni dirree irratti gaaffilee gaafatan sadarkaa hubannaa isaanii
nisakatta’a.
✓ Yeroo kutaatti deebi’anii waan daawwatanii ibsan qabxeessaa deema.
✓ Gaaffilee garaagaraa waan dirreetti daawwatan irratti hundaa’uun gaafachuun
iyyaafachuun ni danda’ama.
✓ Gabaasa daawwii irratti qabxii kennuun ni danda’ama.
Yaad-deebii:
▪ Dirree daawwatame irratti yaada barattootni kennan yookiin gaaffilee isaanii irratti
barasiisaan yaada deeggarsaa kennaa deema.
▪ Erga daree barnootaatti deebi’anii booda calaqqee isaan dhiyeessan jajjabeessaa
deemuun yaada ijaarsaafi ibsa qabeessa kennaaf.
Gocha 2.12
Kaadhimamtoota, Siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran keessaa qabiyyee mala
imala yookiin daawwii dirreen barsiifamuu danda’an adda baasuun qajeelfama isaa
barreessuun daree keessatti dhiyeessuun, kolleejjiin itti leenji’aa jirtu mana barumsaa osoo
ta’ee akkamitti akka hojiitti hiiktan qabatamaan agarsiisaa.
Tokko tokkoo garee barattootaaf mata dureewwan xixiqqaa garaagaraa kennuun erga irratti
mari’atanii booda tokko tokkoon miseensa garee sanaa garee biroorra faca’uun abbummaan ibsuuf.
Kun ammoo mata duree qabiyyee bal’aa qabu altokkichatti barachuuf gargaara.
Qajeelfama:
i. Gartuuleen nyaata afur jiraachuu isaaniifi barattootaaf ibsi. (biqiltoota, midhaan dheedhii,
fooniifi bu’aawwan aannanii)
ii. Barattoota gareewwan afuritti qoodi. Tokkoo tokkoo garee, gosoota nyaataa afran irratti
ramadi
iii. Tokko tokkoo garee akaakuu nyaataa irraa walittii dhufuun gaffiiwwan armaan gadii irratti
akka mari’atan godhi.
a. Fakkeenyawwan muraasni garee nyaata kanaa maal fa’aadha?
b. Nyaata kanneen keessaa yeroo hedduu kamitti fayyadamta?
c. Nyaanni kunniin eessaa dhufuu?
d. Nyaata kanneen akkamiin bilcheessuun qopheessinna?
e. Yeroo nyaataa irratti garee nyaata kana hangam nyaachuu qabna?
f. Barbaachisummaan garee nyaata kanaa maali?
iv. Barattoonni deebiiwwan gaaffiilee kanneenii kan garee isaanii galmeeffachuu qabu.
v. Tokko tokkoo gareewwan nyaataa irratti mari’atan kana bakka afuritti qooduun wanta irratti
mari’atan akka walitti himan godhi.
Yaad-deebii
▪ Yeroo gareen gartuu nyaataa isaaniif kenname irratti mari’atan yoo rakkoon hubannoo
jiraate tokkoo tokkoo gaaffii akka deebisuu danda’an isaan gargaaruuf gaaffiiwwan
hordoffii kanneen akka armaan gadii gaafadhu:
a. Garee nyaataa kana ati jaalattu kami? kan ati homaa hin feene hoo?
b. Kan ati jaallattuun ala maatii kee keessaa kan isaan jaallatan maalfa’i?
Malli kuni mala taphachaa rakkoo walxaxaa ta’e ittiin furaniidha. Barattoonni dandeettiin yaaduu
isaanii akka qaramu ni gargaara.
GBYXGQ: Argama naannoo isaanii naannoolee ollaa wajjin wal bira qabuun addaan
baasanii nihimu (Kutaa 3)
Gocha: Kaartaa Itoophiyaa haala teessuma (argama) naannooleetiin kukkutuun barattoonni walitti
deebisuun agarsiisuu akka danda’an shaakalsiisuu.
iv. Gareewwan fudhatan kuni ofeeggannoon kaartaa kana daangaa naannoolee eeguun akka
muran taasisi
v. Kaartaa garee kanaan muraman kana garee biroof kenni.
vi. Gareewwan kun tokkoon ciccitaa naannoolee olkaasuun naannoo kami akka ta’e gaafadhu
vii. Gareewwan kuni of’eeggannoon kaartaa mummuraman kana akka deebisanii walitti fidanii
itti himi.
Iyyaafannoo
✓ Gochaalee tokko tokkoof si’aayinaafi qulqullina isanni irratti qabxii kennuu maltu dursii
murteessi.
Yaad-deebii:
▪ Yeroo muranitti rakkoon yoo isaan mudate haala rakkoo isaanii adda baasuun gargaari.
▪ Yeroo kaartaa walitti fidanis yoo bocaafi bakka argama naannoolee kanaa akka yaadataniif
gaaffilee dhiyeessiif, Naannoolee kanaafis kallattii arfaniin naannoo daangessu akka adda
baasan godhi.
Gocha 2.14
Mala paziliifi taphaan daa’immaan saayinsii naannoo barsiisuun bu’aa maalii qaba
jettee yaadda? Mee qabiyyeewwan mala kanaan barsiifaman siilabasii saayinsii
naannoo kutaa 1-4tti jiran filachuun akkaataa hojiirra oolmaa isaa waliin dareef
dhiyeessi.
Gocha 2.15
Kaadhimama/tu, Mala kanaan barsiisuun akkam akka ta’e hubatteettaa? Mala kanaan
barsiisuun daa’immaniif bu’aa addaa maalii qaba jettee yaadda?, Siilabasii saayinsii
naannoo kutaa 1-4tti jiran keessa qabiyyee filachuun dareee keessatti akkaataa
qajeelfama kanaan wal barsiisuun hojiirraa oolchaa.
Yaad-deebii:
▪ Barattoota hojii gareerratti hirmaatan jajjabeessa warra hinhirmaanne kakaasa.
▪ Barattoota jequu yaalani sagalee maleen akkekachisu yookiin haala barumsi hinjeqamneen
sagaleetiin akkekachiisu.
Gocha 2.16
Kaadhimamtoota, Siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran keessa qabiyyee filachuun
mala mariin akkaataa hojiirra oolmaa isaa (qajeelfama, Iyyaafannoofi yaad-deebiin
kennamu) bareessuun dareef dhiyeessaa. Barsiisaan koolleejjii gareen muraasni
fakkeenyummaa gaarii qaban akka dhiyeessan gochuu qaba.
Gocha 2.17
Malli piroojektii maal? Saayinsii naannoo barsiisuuf bu’aa maalii qaba? Kutaa 1-4tti
barsiisuuf itti fayyadamuun ni danda’amaa? Mala kana erga dubbiftee booda qabiyyee
siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4 tti jiran keessaa kan mala kanaan barsiifamuu
danda’aman adda baasuun qajeelfama raawwii isaa dareef gareen mari’achuun
dhiyeessaa. Kanaafis intarneetii yookiin maddoota iyyaaffannoo biroo fayyadamuu ni
dandeessu.
Gocha 2.18
Kaadhimamtoota, Siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran keessa qabiyyee
filachuun mala abbaltiin barsiifamuun akkamitti akka danda’aman (qajeelfama,
Iyyaafannoofi yaad-deebiin kennamu) bareessuun dareef dhiyeessaa.
Gocha 2.19
Kaadhimamtoota, Hibboon maal? Akka aadaa oromootti hibboon yoom hibbifama?
Akka naannoo (bakka dhaloota) keessaniitti hibboon akkamitti hibbifama? Mala
hibbon barsiisuun ni danda’amaa? Akkamitti? Mee dhuunfaan yaaduun lama
lamaan waliif qoodaa.
Hibboon karaalee oromoon ilmaan isaa ittiin waa barsiisu keessaa isa tokko dha. Hibboon yeroo
baay’ee kan hibbifamu galgala yoo ta’u namoota lama gidduutti kan gaggeeffamu ta’ee seera
mataa isaas ni qabaata. Kan hibbifatu ”hibboo” jedhee yoo eegalu, kan deebisu immoo ”hibib”
jechuun waan gaafatamu sana dhaggeeffata. Erga inni hibbifatu waan gaafachuu barbaade gaafatee
booda yaaduun deebii isaa kana, sana jechuun maqaa dhahuu eegala. Yoo deebisuu
dhadhabe(wallaale) dhugi jedha. Inni hibbifate waa naa kenni jedhee gaafachuun erga inni gaafate
kennameefii booda seenaa waan sun ittiin beekamu erga faarsee(dubbatee) booda deebii isa itti
hima. Adeemsi isaa kuni bakkaa bakkatti adda ta’uu waan danda’uuf kaadhimamtoonni haala
Fakkeenyaaf: tokko waa gaaafatamee deebii isaa wallaaluun inni hibbifate godina naa kenni
jedhee yoo gaafate; inni gaafatame godina
i. Jimma yoo kenneef akkas jechuu danda’a:
✓ Jimma taa’ee maalan dhabaa,
✓ biyya shanan Gibee, Jimmaa maaltu dhibee?
✓ biyya argama bunaa,
✓ biyya abbaa Jifaar, ... jechuun waan Jimmi ittiin beekamtu kaa’uun deebii isaa hima
jechuudha.
ii. Horroo Guduruu Wallaggaa yoo kennameef:
✓ Horroo Guduruu argadhee maalan dhabee
✓ Biyya Abbishee Garbaa
✓ Bakka Odaa Bulluq keessa jiru
✓ Godina tulluun, lagi ... keessatti argamuu
✓ Biyyaa Warshaan Shukkaara Fincaa’aa keessatti argamuu
✓ Buufataa elktirikii maddisiistu jechuun deebii isaa hima jechuu dha.
Hubachisaa: Mala kana caalaatti hirmaachisaa taasiisuuf barsiisaan barataa hibboo gaafatee godina
fudhatuuf waa’ee godina sanaa oddeeffannoo ga’aa kennuufii yookiin dursa
namoota beekan (maanguddoota) irra gaafatee akka argatu/ttu gochuu ni
danda’a.
Mala kanaan, matadureewwaan saayinsii naannoo keessaa kan akkaa:
1. Haala Teessuma Lafa Gurguddoo Oromiyaa,
2. Godinaalee Naannoo Oromiyaa,
3. Anaalee Godinaalee Oromiyaa keessaa,
4. Laggeen oromoyaa keessa jiran,
5. Garreen Itoophiyaa keessa jiraniifi kan kana fakkaatan barsiisuun ni danda’ama.
Gocha 2.20
Kaadhimamaa/tuu, mala seenessaan saayinsii naannoo barsiisuu keessatti bu’aan
isaa maal jettee yaadda? Qabiyyeewwan saayinsii naannoo siilabasii irra jiran
keessaa mala kanaan barsiifamuu qabu jettee yaaddu adda baasuun akkamitti akka
dhiyaachuu danda’an gareen irratti mari’achuun dareef ibsi.
Yaad-deebii: - Sochii barattootaa sirrii tureefi kan sirrii hintaane barattootaaf ibsa
✓ Barsiisaan yeroo keessumaan barsiisu qabxiilee qabate irratti hundaa’ee ijoolleef ibsa
✓ Fuula duratti keessumaan yeroo affeeramu waan barattoonni gochuu qabani barattootaaf
ibsa.
Gocha 2.21
Kaadhimamaa/tuu, Siilabasii saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran keessa
qabiyyeewwan mala kanaan barsiifamuu danda’an adda baasuun dareef dhiyyeessi.
Iyyaafannoo:
✓ Barattoonni maalirra akka jirani gaafata, rakkoo isaaniif furmaata hima.
✓ Ibsaafi barreefama barattootaa irratti hundaa’ee hojii barattootaa iyyaafata.
Yaad-deebii:
▪ Ciminaaf dadhabbii barattotaa adda basee barattoota hubachiisa.
▪ Waan barattooni dhiheessani irratti hundaa’ee kan hir’ate itti guutuun mataduree san goolaba.
Gamtaan barachuu jechuun barattootni dandeettii yaada adda addaa qaban sochii barachuu adda
addaa keessatti garee xiqqaa yookiin garee guddaan gurmaa’uun mata duree yookiin immoo yaad-
rimee murtaa’ee tokko hubachuuf waliin hojjetaniifi hubannoo walirra argachuu isaan
BIIROO BARNOOTA OROMIYAA 64
dandessisuudha. Kanaafuu barattootni haala milkaa’aa ta’een hojiin garee isaanii amma
xumuramutti waliin hojjetu. Gamtaan barachuu keessatti miseensootni garee hundaa faayidaa
waliin ni argatu, miseensonni hundi wal irra barumsa ni fudhatu akkasumas wal deeggaru
pirooblemii tokkoof furmaata irra kan ga’an mariif hojiin ta’ee karaa ibsuun, dhageeffachuu,
deeggarsa walii kennu ta’a. Malleen armaan olitti (2.2-2.22tti) eeraman keessaa kanneen akka
marii garee, jigsawaa, yaalii garee, piroojektii gareefi kan kana fakkaatan kana jalatti hammatamu.
Bu’aa gamtaan barachuu irraa argaman
1. Barachuu barattootni waliin akka dandeettii akkaadamii isa akka dabalu nijajjabessa.
2. Barattoota mata duree barataan irratti dandeettii yaadu isaani akka dabalu deeggara.
3. Dandeettii walqunnamtii yaadaa akka dagaagsifatan gargaara.
4. Ofiin ulfina kabajaa akka argan taasisa.
5. Adeemsa barachuu keessatti barattootni si’aayina guddaa qabaatu.
6. Barattootni ittigaafatamummaa waliiniifi waliin hojjechuu baraatu.
7. Barattootni dandeettii obsa waliif qabachuu nigabbifatu.
8. Namoota lama gidduufi garee adda addaa gidduutti walitti dhufeenya ciimaa uumuu.
Hojii Piroojektii
1. Yeroo baay’ee malli od-ibsa saayinsii barsiisuuf mijaata miti jedhu. Hima kana irratti
walii galtaa moo walii hingaltuu? Yoo waligalta ta’e sababa isaa ibsi. Yoo irratti walii
hin galles sababa isaa ibsi?
2. Daree barattoota lakkoofsa guddaa qabu yeroo od-ibsaan barsiistu barumsa kana
hawwataa tasiisuuf maal gochuu qabda? Barreessi!
3. Namoonni tokko tokko akka jedhanitti mala od-ibsan barsiisuun barattoota ninuffisiisa
jedhu, kaan immoo miti, ta’uu hindanda’u caalaatti nisi’eessa, nikakaasafi ofitti harkisa
jedhu. Ni ta’a yookiin hin ta’u jechuun yaada ofii keetii barreessi.
4. Tooftalee mala od-ibsaa si’ataa taasisu muraasa addeessi?Tooftaa kun akkamitti
barattoota akka hawwaatu ibsi? Fakkenya qabatamaa fayyadami.
5. Malleen baruufi barsiisuu armaan olitti tarreeffaman irraa hafaa yoo xiqqaate lama
barreessuun haaluma armaan olitti taa’een fakkeenyaan deeggaramauun akkaataa
hojiirra oolmaa isaa barreessuun dhiyeessaa. Kana bifa piroojektiitiin ta’uu danda’a.
Cuunfaa Boqonnichaa
✓ Kana gochuuf ammoo imaamatni barnootaa gaariin qofti diriirfamuun gahaa hingodhu.
Dabalataan baay’ee murteessaa kan ta’e, gahumsi barsiisaa bakka bu’insa hinqabu. Bara
kana rakkoolee mala baruufi barsiisuun walqabatanii ka’an malleen jiran wallaaluu osoo
hin ta’in, maloota filatanii gargaaramuu dadhabuufi barachuu barattootaa akka gargaaruun
ga’umsa barbaadamu gonfachisuun dhibuudha. Sababa kanaaf barsiisonti maloota adda
addaa irratti beekumsa ga’aa qabachuu qofa otuu hintaane dandeettii yookiin ogummaafi
jaalaala ogummaasaanii qabaachuun isaan barbaachisa.
✓ Barsiisonni, malleen baruufi barsiisuu adda addaa akkamittiin mata dureewwan garaagaraa
ittiin barsiisuun barachuu barattootaa gargaaruun ga’umsa barbaadamu gonfachisuu akka
danda’u yeroo hunda ofgaafachuun hojiirra oolchuuf xiiiqiin hojjechuu qabu. Akkasumas,
akkaataa mata duree keenya waliin walsimuu danda’uttiifi fedhii barachuu barattootaa
guutuun GBYXGQ kaa’ame galmaan gahuu akka danda’utti xiyyeeffannaa kennuun
qophii gahaa gochuu qabna.
3.1 Seensa
Boqonnaan kun iyyaafannoo, galmeessuufi yaad-deebii kennuu kan hubachiisu yoo ta’u
maalummaa, barbaachisummaa, akaakuuwwaaniifi tooftaalee iyyaafannoo akkasumas amaloota
iyyafannaa gaarii, tarsiimoo iyyaafannoo saayinsii barsiisuu keessatti gargaaran, daree bal’aa
barsiisuufi iyyaafachuu, yaadi-deebii kennuufi galmeessuu, GBYXGQ saayisii naannoo kutaa 1-
4tti jiran irratti hundaa’uun gaaffilee baasuu shaakaluufi gaaffile bahanis gulaaluu irratti
xiyyeeffata. Akkasumas, adeemsa baruu-barsiisuu saayinsii naannoo guyyaa guyyaatti keessatti
tooftaalee itti iyyaafannoofi madaallii gaggeessinu akka hubannu nu dandeessisa. Galmi
waliigalaa iyyaafannoo barachuu barataa fooyyessuu dha. Iyyaafannoon barsiisaa, barataa, maatii
barataafi mootummaafi qaamolee deeggartootaaf odeeffannoo bu’aa qabeessa fooyya’insa
barataafi gonfannaa isaanii imaammata yaadame irrattii hundaa’uun gonfatamuu isaan hubachiisa.
Gabaabumatti mee diyaagraamii qabee iyyaafannoo walitti fufaa armaan gadii ilaali.
Qabiyyeewwan kana dammaqinaan hirmaachuun yoo sirriitti barattee shaakalte yeroo ammaa
rakkoo cimaa ta’ee qulqullina barnootaa biyya keenyaa gufuu kan ta’e hanqina hojiirra oolmaa
Gahumsa Boqonnichaa
Kaadhimamaan/tuun boqonnaa kana erga barattee xumurtee booda:
Maalummaa iyyaafannoo walitti fufaa ni himta.
Barbaachisummaafi haala hojiirra oolmaa iyyaafannoo walitti fufaa hubachuun adeemsa
barnoota saayinsii naannoo barsiisuu keessatti hojiirra ni oolchita.
Iyyaafannoo walittifufaa wajjin walqabatee wantoota gufuu ta’an addaan baafattee
yommuu barnoota saayinsii naannoo barsiisuuf iyyaaffannoo walitti fufaa karoorsitu
ofeeggannoo gochuun ni karoorsita.
Gaaffilee, gochaaleefi dalagaalee GBYXGQ bu’uureffatan ni qopheessita, ni gulaalta.
Tooftaalee(meesahaalee) iyyaafannoo GBYXGQ bu’uureffatan niqopheessita,
nigulaalta.
Dandeettii fooyya’insa barataa galmeessuufi tooftaa yaad-deebii kennuu ni horatta.
Biyya keenya, Itoophiyaa, keessatti iyyaafannoo walittifufaaf xiyyeffannoon kennamee ture. Haa
ta’u malee haala hojiirra oolmaa isaa irratti ammayyuu rakkoo cimaatu jira. Mee dookmentoonni
waa’ee iyyaafannoo walittifufaa ilaachisee maal akka jedhan akka itti aanutti haa ilaallu.
III. Iyyaafannoo walitti fufaatiin gonfannaa barattootaa deeggaruufi to’achuuf, leenjii haarawaan
yaada giddugaleessaa daawwiirratti hubannoo yaad-hiddamaafi ogummoota qabatamoo
ta’an kanneen akka iyyaafannoo walitti fufaa daawwannaa daree keessaa walitti qabu.
Maanuwaalii iyyaafannoo walitti fufaa sirna barnootaa waliin walisimate barnoota sadarkaa
hundaaf ni qophaa’a, dabalees, akka barbaachisummaatti iyyafannaan walitti fufaa barattoota
bu’uureffateefi gahumsa barachuu yoo xiqqaate gonfatamuu qaban irratti barsiisota
deeggaruufi qajeelchi bariisotaa ni fooyya’a (Dagaagina Damee Barnootaa V, ESDP V).
IV. Sirna barnootaa waliin walqabatee barnoota idileetiif sadarkaa hundumaaf maanuwaaliin
iyyaafannoo walittifufaaf ni qophaa’a. Kanneen barsiistonni barattoonni akka
xiyyeeffannaan barachuu danda’aniifi to’ataniif deeggarsa kennuuf gargaara (Sirna
Barnootaa qopheessuu Fuula 64).
Gocha 3.2
Kaadhimamtoota, iyyaafannoon maal? Akka naannoo keetti maaltu iyyaafatama?
Akkamittis iyyaafatama? Yoom iyyaafatama? Gara barnootaa yoo fidnuhoo?
Iyyafanaan barataafi barsiisaa isaaf, barataan barachuun eessa jira? Garamitti deemaa jira? Haala
kamiin yoo deeme bakka gaarii yaadame sana gaha? fi kan kana fakkaatan kan jedhaniif murtoo
kennuuf gargaara. Haaluma kanaan iyyaafannoon adeemsa iyyaafachuu, filachuu, wixineessuu,
walitti qabuu, xiinxaluu, hiikuufi barachuufi dagaagina barataa dabaluuf odeffannoo
fayyadamnudha.
Gocha 3.3
Kaadhimamaa/tuu b/sa/tu Iyyaafannoon maaliif adeemsifama? Adeemsa baruu
barsiisuu keessatti maaliif barbaachise? Iyyaafannoofi malleen baruu barsiisuu
filchuun hariiroo maalii qabu?
Gocha 3.5
Mee gosoota iyyaafannoo kanaan dura koorsiiwwan ogummaa barsiisummaafi gaaf-
argannoo saayinsii keessatti barattan irratti gareen mari’achuun yaada
waliigalteerra gahaa. Akaakuuwwan iyyaafannoo meeqa? Kamtu baay’ee
barbaachisa? Maaliif? Saayinsii naannoo yoo barsiifnu maal iyyaafanna? Akkamitti
iyyaafanna?
Fakkeenyaaf barattoonni biqiloota naannoo mana barumsaa isaanii jiran baala isaanii irratti
hundaa’uun akka ramadan daawwii dirreen barsiifta yoo ta’e jalqabaa hanga
dhumaatti sochii tokkoon tokkoon barataan godhu hordofuun galmeessuun
iyyaafannoo walitti fufaadha.
Faayidaan isaas:
1. Barattootni hubannoofi dandeettii barbaadame gonfachuufi dhabuu isaanii addaan
baasuuf, akkasumas sadarkaa maal irra jiru kan jedhu beekuuf.
2. Barattoota daree gara dareetti darbuu qabanii addaan baasuuf.
3. Mijaa’ummaa gahumsaalee irratti barsiifamaa tureefi mijaa’ina mala barsiisuu hojiirra
oole murteessuuf.
4. Barataa waliin dorgomsiisanii murtee laachuu, qixa taa’een safaruudha.
Hojii Piroojektii
Saayinsii naannoo kutaa1-4 mana barumsaa naannoo koolleejjii jiran keessatti
akaakuufi haala iyyaafannoo hojiirra oolaa jiran walitti qabuun qaacceessi. Mala
iyyaafannoo isaaniifi kan koolleejjii keessatti hojiirra oolaa jiran waliinii yoo ilaaltu
kamtu iyyaafannoo idilee (iyyaafannoo adeemsa barachuu keessaa) yookiin
iyyaafannoo xumuraa akka ta’e wal-dorgomsiisuun adda baasuun dareef dhiyeessi.
3.6 Iyyaafannoo Walitti Fufaa Keessatti Tooftaalee Odeeffannoon Ittiin Walitti Qabannu
Gocha 3.6
Kaadhimamtoota, dura dhunfaan yaaduun walitti himaa.
1. Akka naannoo keessaniitti hawaasni waa iyyaafachuu yoo barbaade akkamtti iyyaafata?
2. Malleen odeeffannoo walitti qabachuuf iyyaafannoo keessatti gargaaramnu keessaa
hamma ta’an maqaa dha’uu dandeessuu?
Barsiisaan adeemsa baruu barsiisuu keessatti iyyaafannoo walitti fufaa karaalee lamaan
adeemsisuu nidanda’a. Karaaleen kunis iyyaafannoo idileefi iyyaafannoo al-idilee jedhamuun
BIIROO BARNOOTA OROMIYAA 74
beekamu. Galmi lamaan isaanii haala barsiisuu fooyya’aa ta’een barnoota fooyya’aa barachuu
barattootaa milkeessuu irratti xiyyeeffatu.
I. Iyyaafannoo Idilee
Iyyafannaan idilee waa’ee barachuu barattootaa irratti yaada adda ta’eefi akeekkannaadhaan
karoorsuun adeemsa odeeffannoo walitti qabachuuti. Barsiisaan saayinsii naannoo barsiisuutti
osoo hinseeniin dura akkamiin akka iyyaafatu dursee itti yaaduu qaba. Fakkeenyaaf tarreeffama
mirkaneeffannaa (cheekliistii) qopheeffachuu (maal akka iyyaafatu, maaliin akka iyyaafatu,
maalis akka gochuu qabuufi kan biroo) dursee tokkoon tokkoo barataa iyyaafachuuf akka tolutti
yookiin mijaa’utti qophaa’uu qaba jechuudha.
Iyyaafannoo idilee keessatti:
➢ Bu’uurri karoorsuu iyyaafannoo siilabasii irratti hundaa’uu ta’uu qaba.
➢ Barattootni yeroo mara bu’aan iyyaafannoo idilee qabxii isaanii xumura waggaa irratti
dhiibbaa qabaachuu isaa beekuuu qabu.
➢ Qormaatota gaggabaaboo, battallee, qormaata afaanii, dalagaawwan iyyaafannoo
gahumsaa, waraqaa gaaffii shaakalaa, hojii manaa, piroojektiifi kan kana fakkaatan of-
keessatti hammata.
➢ Waa’ee barachuu barataa irratti yeroo hunda gochaalee kutaa keessaa irratti hundaa’uun
odeeffannoo walitti qabachuuf gargaarudha.
Fakkeenyaaf:
Saayinsii Naannoo kutaa 1ffaa keessatti barsiisaan waa’ee qaamolee miiraa shanan erga
barsiisee booda gaaffii afaaniin, maqaa qaamolee miiraa shanan himuu isaanii fi
dalagaa qaamolee miiraa tokko tokkoo isaanii ibsuu barattootaa adda baasuuf dursee
akkamitti gaaffilee GBYXGQ irraatti hundaa’anii qophaa’an akka gaafatu tarreeffama
mirkaneeffannaa qopheeffachuun hojiirra oolcha jechuudha.
II. Iyyaafannoo Al-Idilee
➢ Karoora malee(osoo hin karoorsiin) battalumatti barsiisaan waa’ee barataa baruu
barbaaduuf odeeffannoo battalaa kennuudhaaf murteessaadha. Iyyafannoo al-idilee
keessatti akeekkannaan karoorsuun dirqama miti.
➢ Barataa gaaffii gaafachuu dabalatee yommuu dalagaa jiran daawwachuu, hojii manaa
isaanii ilaaluu, yeroo isaan yaada kennan yookiin calaqqeessan dhaggeeffachuufi
waliin haasa’uu ni hammata.
BIIROO BARNOOTA OROMIYAA 75
➢ Bifa bashannanaan salphaadhumatti hojiirra ooluu kan danda’udha.
Fakkeenyaaf: barsiisaan saayinsii naannoo tokko wayita barsiisu barataan deebii dogoggoraa yoo
kenne gaaffii qaxxaamuraa deebii kenname waliin deemu gaafachuun hubanno barataa sirreessuun
nidanda’ama.
Hubachiisa: Akkuma haalli barachuu barattootaa adda adda ta’uu danda’u karaaleen
iyyaafannoos (haalli dhiyeessii iyyaaffannoo) garaagara ta’uu danda’a. Haaluma
kanaan haala gahumsi, barachuufi umurii isaanii irratti hundaa’uun gochaalee
iyyaafannoo adda addaa fayyadamuu dandeenya. Barattootni gariin dandeettiifi
gahumsa isaanii bifa barreeffamaan agarsiisuu irratti baay’ee gaarii yommuu ta’an
kanneen biroo immoo karaa gochaan hirmaachuu filatu. Barattootni fiixaan bahiinsa
isaanii akka agarsiisaniif malleen iyyaafannoo garaagaraa gargaaramuu qaba. Kanaaf
barachuu barattootaa iyyaafachuuf iyyaafannoon yommuu karoorfamu malleen
garaagaraa fayyadamuu qabaachuu keenya mirkaneeffachuu qabna.
Kaayyoo barsiisuu bu’aa qabeessa ta’e keessaa ijoo guddaafi murteessaa ta’e barataa si’aayinaan
hirmaataa taasisuudha. Karaalee barataan hirmaataa ta’ee barachuu danda’u keessaa tokko gaaffii
hirmaachisaa ta’e gaafachuudha. Gaaffii gaafachuun tooftaalee hubannaafi turtii barattootaa
fooyyessuu danda’aniifi isa baay’ee saffisaafi salphaa ta’edha.
Gaafii bu’aa qabeessaa ta’e gaafachuuf malootni fayyadan kanneen armaan gadiiti.
▪ Gaaffii dhiyeessuu:
Jalqaba irratti gaaffii garee hundaaf dhiyeessuu. Kana gochuun barsiisaan yaada baratoota
hunda argachuufi akka isaan deebii barbaadan gochuu danda’a.
Fakkeenyaaf: Barsiisaan saayinsii naannoo kutaa 2ffaa keessaatti waa’ee qulqullina dhuunfaa
barsiisuuf daree yommuu seenu dursee gaaffilee armaan gadii dhiyeeessuu danda’a.
1. Qulqullina dhuunfaa jechuun maal jechuudha?
2. Qulqullina dhuunfaa keenyaa maaliif eegganna?
3. Qulqullina keenya yoo eegachuu baanne namoonni biroo nu cinaa taa’an maal ta’uu
danda’u?
▪ Yeroof dhaabuu:
Kuni gaaffii gaafatanii akka barataan itti yaaduuf yeroo murtaa’e kennuun
hirmaachisuudha. Yeroo hammamiif akka barsiisaan callisuu qabu kan murteessu gosa
gaaffii dhiyaateeti.
Fakkeenyaaf: Barsiisaan saayinsii naannoo kutaa 2ffaa osoo waa’ee dhukkuba HIV/AIDS
barsiisaa jiruu gidduutti, ’karaalee dhukkubni kun ittiin daddarbu maal maal
beektu?’ jedhee gaafachuu danda’a.
▪ Tasa dafanii qabaachuu: Gaaffii akka deebisaniif barataa filachuun kan raawwatu ta’ee, erga
barsiisaan barattootni deebii qindeeffachuuf yeroo argachuu isaanii mirkaneeffatee booda
Fakkeenyaaf: Barsiisaan waa’ee dhukkuba HIV/AIDS asiin olitti gaafate akkaataa isaan itti
yaadaa jiran daawwachuun erga xumuree booda barataa deebii naa kenna jedhee
yaade adda baasee akka deebii kennu godha jechuudha.
Fakkeenyaaf: Barsiisaan waa’ee dhukkuba HIV/AIDS armaa olitti gaafatee akka barataan
deebisu godhe irratti deebii isaa xiinxaluun gahaas haa ta’u ta’uu haa baatuu
dinqisiifachuun karaarra buusaa deemuun yaada ijaarsaa kennnuun jajjabeessuu
danda’a. Hubadhu, as keessatti yaada barattoota biroo irraa fudhachuu akka
danda’amu hin irraanfatiin!
▪ Deebii Dogongoraa:- Barattoonni gaaffilee gaafataman hundaaf deebiin kennan hundi sirrii
ta’uu dhiisuu ni mala. Deebiin sirrii hin taane yoo barataan deebise yaada faallaan simatamuu
hin qabu. Kanneen armaan gadii tooftaalee deebiin sirrii hintaane ittiin simatamanidha.
✓ Fakkeenyaaf, deebii baratichi karaalee dhukkubni HIV/AIDS ittiin daddarbu jedhamee
gaafatameef deebii dogongoraa yoo kenne gaaffii deebichaa ta’a jettee kan yaaddu
gaafachuun deebii isaa akka irra deebi’ee xiinxaluuf carraa uumuu.
✓ Gaafficha duraan gaafattee irra deebiin gaafachuufi barataan deebii dogongoraa kenne
akka deebisu taasisuu.
✓ Ammas yoo barataan kun deebisuu irratti rakkate gaafficha barataan biraa akka deebisu
gochuun baratichis yoo barbaachise ibsa akka itti kennu gochuun yaada xiiqii akka
ummachuu danda’anitti haala mijeessuun barsiisaan yaada qaaccessaa kennuu qaba.
Hubachiisa: Yeroo gaaffii gaaffatu Maal? Yoom? Eessati? Maaliif? Eenyuun? Isa kami?
Attamitti? fi kan kana fakkaatan fayyadami.
Gocha 3.9
Kaadhimamtoota, gaaffilee armaan gadii irratti yaada keessan waliiqooduun
fakkeenya dhiyaatan irratti marii’adhaa.
i. Gaaffiin tokko qulqullina qabaachuu isaa maaliin beekna?
ii. Ati,abbaaa deemsa hojii qulqullina gaaffilee/ qormaataa osoo taatee, hojii kana
akkamiin raawwatta?
iii. Ulaagaaleen quluqullina gaaffilee eeguuf itti dhimma baatu kan akkamiti,
fayyadamta?
iv. Gaaffileen yeroo qophaa’an, ulaagaleen eegamuu qaban maalfaati?
v. Yeroo turtii gaaffiin booda jechuun maal jechuudha? Maalif barbaachise?
vi. Akaakuun gaaffilee haala kamiin ga’umsaan walsimu?
vii. Gahumsa madaaluuf gaaffii akkamii dhiyeessita? Maaliif?
viii. Sadarkaa cimina gaaffilee yoo jennu maal jechuudha? Gahumsi madaaluuf,
sadarkaan cimina gaaffilee hagam faayida qabeessa?
Gaaffii adda addaa kan hubannaa barattootaa mirkanneessuuf gaafataman hedduun jiru.
Iyyaaffannaa dhugaa gahumsa irratti hundaa’e, kallattii guddina beekumsaa, gad-fageenyaan
yaaduu, ilaalcha saayinsawaa dagaagsuu danda’u, caalaatti meeshaa iyyaafannoo sirriitti akka
ogeessaa xiinsammuufi barnootatti fudhataman kanneen armaan gaditti kaa’aman ulaagaalee
iyyaafannoo gaariiti. Isaanis:
d. Madaalawaa ta’uu (Fairness): Carraa barattootni hundi deebii sirrii argachuuf qabanii
waliqixa ta’uu. Kana yoo jennu barattoota ciccimoo yookiin giddu-galeessa yookiin suuta
baratoo biratti haala walfakkaatuun hubatamuu kan danda’u ta’uu qaba jechuudha.
f. Ifa ta’uu (Clarity): Seer-lugi afaanii kan eegame ta’uu, salphaatti kan hubatamu ta’uu, yaada
mamsiisaa kan hin qabaanne ta’uu fi kan kana fakkaatanidha.
i. Hojii irra oolu kan danda’uu (practicability):-Gaaffiin hojii irraa kan oolu yoo haala
salphaa ta’een to’atamaafi namoota qoraman walakkaa oliin fudhatama qabaateedha. Gaaffii
akkasii qopheessuun yeroofi gatiin bulchuu dirqama fudhatamuu qaba.
Gocha 3.10
Barattoota daree bal’aa jechuun maali jechuu dha? Akkamitti barsiisuu dandeenya?
Akkamittis iyyaafachuu dandeenya? Daree bal’aa barsiisuufi iyyaafachuu keessatti
gaheen barataa maal ta’a jettee yaadda? Kan barsiisaa hoo?
Yeroo ammaa kana haala qabatamaa biyya keenyaa yoo ilaallu bakka hedduutti baay’inni
barattootaa daree keessaa baay’ee ol’aanaadha. Barsiisota haala si’aayinaan barsiisuufi
iyyaafannoo walitti fufaa gaggeessuufi galmeessuu yoo gaafatu baay’inni barattootaa daree
keessaa to’annoo kootiin oli jedhanii deebii kennu. Kuni dhugaa jiruudha, barattoota hedduu bakka
tokkotti barsiisuun daree keessattis ta’ee dareen alatti baay’ee ulfaataadha. Barattootni daree
keessatti yoo baay’atan to’annoon ala ta’u, fedhii dhabu, hirmaannaa ho’aa taasisuu dhabuufi kan
biroos mul’achuu nidanda’a.
Malli inni biroo immoo barsiisaa waliin kan walqabatudha. Hariiroofi simannaa barattoonni
barsiisaaf godhanis haala daree bal’aa barsiisuu keessatti dhiibbaa guddaa qaba. Keessumaayyuu
tokkoo tokkoon barataa itti siiqanii yaada waljijjiruun baay’ee ulfaataa ta’uu danda’a. Kaanaafis
tooftaalee muraasa akka itti aanutti ilaalla.
Barsiisonni sirna kaardii carraa walqixaa fayyadamuu danda’u. Mala kana keessaatti barsiisonni
maqaa barattootaa kaardii irratti barreessuun qopheeffatanii yommuu barsiisan giddu gidduutti
kaardii qophaa’e kana irraa maqaa barataa akkatasaa waamuun gaafatu. Kun immoo hirmaannaan
barataa akka cimu nigodha; Barattoonni yeroo hunda qophaa’oo ta’u; Barsiisaan maqaa
barattootaa akka baruuf nigargaara. Barsiisonni biroo lakkoofsa waraqaa eenyummaa barattootaa
dursanii galmeeffachuun waanuma walfakkaatu raawwachuu danda’u.
b. HariirooUumuu
Jalqaba seemisteera irratti barsiisaan/tuun, barattoonni kaardii irratti fedhiifi maqaa isaanii akka
barreessan gochuun maqaa isaanii kaardii sana irraa yeroo yerootti ilaalee sammuutti qabachuun
guyyaa guyyaan barsiisuuf daree yeroo seenutti maqaa barataa/ttuu waamuun gaafachuun
hirmaachisaa deemuun barattoota isaa/ishee baraa deema. Kun walitti dhufeenya barsiisaafi
barataa gidduu jiru akka cimu godha.
Kun ofitti amanamummaa barattootaa dabaluurra darbee barattootni sodaa tokko malee akka
gaaffii gaafataniifi barnootarratti si’aa’inaan hirmaatan godha. Barattootni baay’een yoo fuula
barsiisaa ifaa ta’ee arguu baatan barsiisaa akka hamaa/dheekkamaa ta’eetti dursanii fudhachuun,
hirmaannaan isaanii gadi bu’a; otuma yaaluuf yaadaniyyuu calluma jedhu. Yeroo akkasii sodaan
barattootaa olkaa’aa deema. Kana hambisuuf immoo tooftaan filatamaan barsiisaan amala nama
simannaa qabaachuu isaa kutaa barnootaa keessattis ta’ee alatti calaqqisiisuu qaba.
Kun barattoonni dhuunfaan yookiin gareen dhufanii gaaffii qaban yookiin yaada qaban akka
ibsatan gochuudha. Adeemsa kana keessatti barattoonni shaakalaa deemuun ofuma isaanii ofitti
amanamummaa dagaagfatu. Barsiisaanis waa’ee barattoota isaa/ishee adda baasuun gargaaruu,
maqaa isaaniis baruuf akka tolutti haala mijeessa.
Barattootni hedduun, keessumaayyuu daree bal’aa barattoota hedduu qabu keessatti, yoon
dubbadhe maal naan jedhan jedhanii sodaa hinbarbaachifne of-keessatti uumu. Kanaaf falli jiru
ammo barsiisaan jalqabumaa kaasee kana hubachuun wal-hubannaafi walii-obsuu yookiin wal-
kabajuun akka jiraatu barattoota isaa beeksisuudha. Haala akkasii keessatti barattootni sodaa
yookiin shakkii akkanaa sammuu isaanii keessaa dhabamsiisaa deemu. Tooftaaleen sodaan akkasii
dhabamsiisan keessaa tokko akka isaan yeroo hunda bifa mariin waliin dubbatan haala
mijeessuudha. Yeroo akkanaatti barattootni muraasni akka yaada biroo hin hacuucne yookiin
gidduutti hinkunne cimsanii irratti hojjechuudha. Haala kanaa daree bal’aa barsiisuus ta’e
iyyaafachuun ni danda’ama.
f. Od-ibsa Hirmaachisaa
Akka saayinsiin barachuu jedhutti namni tokko haala milkaa’inaan od-ibsa walittifufinsaan
kennamu tokko irratti si’aayinaan kan hirmaatu yoo baay’ate daqiiqaa 15-20 tti qofa jedha. Haa
ta’u malee yeroo baay’ee kan mul’atu garuu giddu galeessaan barnootni od-ibsaa daqiiqaa 35-40tti
walittifufinsaan kennama. Rakkoo kana furuuf tarsiimoowwan garaagaraa taa’anii jiru. Kanneen
BIIROO BARNOOTA OROMIYAA 86
keessaa akka Joan Middendorf fi Alan Kalish eeranitti tarsiimoowwan adda baafamanii kaa’aman
keessaa muraasni isaanii kanneen armaan gadiiti.
1. Barattootni kee yeroo ta’eef akka waa yaadanii barreessan gochuuf gaaffii gaafadhu.
2. Mala dhuunfaan yaaduu-cimdiin mari’achuu-dareen yaada waliif hiruu (think-pair-share)
fayyadami.
3. Barattootni yaada kitaabilee dubbisuun bifa gaaffiin akka yaada waliif kaasan qajeelchi.
4. Mala sammuu dhiluu fayyadami.
5. Erga daqiiqaa muraasa ibsa od-ibsaan kennitee booda gaaffilee garaagaraa dursitee
qopheessuun akka barattootni dareetti (dhuunfaanis ta’e gareen) shaakalanii boodarra
ammo akka dareetti waliin hojjechuun danda’an godhi.
6. Otuma od-ibsa gochaa jirtuu gidduutti adda kutuun barattootni ofuma isaaniin gaaffii
kaasuun ofumaan walii deebisuu (peer questioning and answering) akka shaakalan
gochuun yaada araaraan guduunfi.
Gocha 3.11
Gocha 3.12
Kaadhimamtoota,
i. Yaadi deebii kennuun maali? Galmeessuuni hoo? Yaad-debii walitti fufaa yoo jennu
maal jechuu isinitti fakkaata?
ii. Amaloota yaad-deebii gaarii, ciminaafi hanqinaalee tooftaalee yaad-deebii adda
addaarratti gareetiin mari’adhaa.
Barsiisonni hedduun barattootaaf yaad-deebii yeroo kennan raawwii gaarii yookiin laafaa
qabaachuu isaanii qabxii barattootaa kan biroo wajjin walcinaa qabanii dorgomsiisuun itti himu.
Kun immoo yaad-deebii bu’aa qabeessa miti. Yaad-deebiin fooyya’iinsa barachuun barattootaa
argamsiisuu akka danda’u, yeroo isaa kan eege, kan deeggaruu danda’u, kallattiin ulaagaalee
iyyaafannoo wajjin kan walqabate, murtaa’aafi barataan akkamitti of-fooyyessuu akka qabu
odeeffannoo kan kennu ta’uu qaba.
3. Yaad-deebiin hojii barataa waliin kan deemu ta’ee fooyyeeffachuuf maal akka hojjechuu
qabuufi maal akka dhiisuu qabu adda baasee ifatti gorsa kennuu qaba.
7. Yaad-deebiebiin hojii gulaaluu (innis seer-luga sirreessuu, qubee qajeelchuu, ibsa herregaa,
kan kana fakkaatan.) qofaa osoo hintaane gahumsaalee barnootaa wajjin ciminaan kan
walqabate ta’uu qaba.
8. Yaad-deebiin darbee darbee barataarratti kan fuulleffatu yoo ta’u, gara caalu garuu
xiyyeeffachuu kan qabu hojii barattootaa ta’uu qaba. Kunis yoo ta’u qabxii barataa tokkoo
qabxii barataa kan biraa waliin wal cinaa qabanii ilaaluun hinbarbaachisu.
Gocha 3.13
Kaadhimamtoota, Gahumsa jechuun maal jechuudha? GBYXGQ jechuun hoo?
Fooyya’iinsa barachuu barataa galmeessuu jechuun maal jechuudha?
Galmeessuun faayidaa maalii qaba jettee yaadda? Gahumsa Barachuu Yoo
Xiqqaate Gonfatamuu Qabuufi (GBYXGQ) fooyya’iinsa jiru hunda
galmeessuun ni danda’amaa? Akkamitti?
Kaadhimamtoota, waa'ee hirmaannaa barataa galmeessuu irratti barsiisota hedduu biratti hanqinni
gahumsaa milkaa’ina barataa hordofanii galmeessuu ni mul’ata. Kana yoo jedhamu gariin
guutummaatti hubannoo kan hin qabne yoo ta’u gariin immoo baay’ina barataa waliin akka
raakkoo ta’eetti kaasu. Gareen biroo immoo qormaata barreeffamaa yookiin abbaltii yookiin
immoo tooftaa iyyaafannoo biroon barataa iyyaafatanii qabxeessanii galmeessuu akka
galmeessuutti fudhatu. Mee akkamitti GBYXGQ fi galmeessuu mlkaa'ina barataa guyyaa guyyaa
akka fakkeenya itti aanu haa ilaallu.
Gahumsa
Lak. Maqaa barataa
1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 ...
1 Abdii Lammii >
2 Falmataa Moo'eeraa ✓
3 Lalisee Cimdii 0
... ...
Hojii Piroojektii
Kaadhimamtoota, Gahumsoota jiran tokkoon tokkoo barataaf akkamitti fooyya’iinsa
barachuu isaanii akka galmeessan mana barnootaa naannoo koolleejjii jiran deemuun
daawwachuun gabaasaa. Akkamiin galmeessanii jiru? Sirrii moo sirrii miti? Maaliif? Kuni
gahaa dha jettee yaaddaa?
Iyyaafannoon GBYXGQ waliin hariiroo qabaachuu qaba. Kana jechuun barataan kan
iyyaafatamuu qabu GBYXGQ irratti hundaa’ee ta’uu qaba. Yoo kana ta’e qulqullinni barumsaa
mirkanaa’a jechuudha. Mee yaadaa armaan gadii ilaali.
Chaartii armaan olii irraa barbaachisummaa barnoota gahumsa irratti hundaa’e maali akka ta’e
amma cimsitee hubatteetta. Mee amma immoo gaaffilee gahumsa bu’uureffatanii bahaniifi
GBYXGQ waliin hinsimne akka itti aanutti haa ilaallu.
Murnoota
kan ta’e kami? A) Kiraara B) Masiinqoo C) Gitaara D) Ulullee
Deebii C Qaam- Akke Dal Sir
sammuu
Cimina Gaaffii Salphaa G/G Cim
Kenninsa Qabxii Kan deebise 1, kan hin deebisine 0 Qulqullina Gaaffii BQ Al Am
Q F G
Gahumsa: Yuunitoota safarootaa kan aadaafi ammayyaatti ramadu
Mala ittiin dhiyatu Barreessuun Gaaffii FH DB GR
Mala ittiin deebi’u Barreessuun Yaad- Yaaddchu Hubach HH
sammuu u uu
Gaaffii Yuunitoota safarootaa:Taakkuu, Meetira, Faanaa, Kiloogiramii, Ilaalchaa Fudhachu Deebisu G/Lac
Murnoota
Tarkaanfiifi Seekoondii kan addaafi ammayyaa jechuun ramadi.
Deebii Kan aadaa: Taakkuu, Faanaafi Tarkaanfii Qaam- Akkeessu Dalagaan Sirrum
Kan Ammayyaa: Meetira, Kiloogiramiifi Seekoondii sammuu u maa
Cimina Gaaffii Salphaa G/G Cimaa
Kenninsa Qabxii Kan sirriitti ramade 3, kan lama sirriitti ramade 2 kan tokko sirriitti Qulqullina Gaaffii BQ Al Am
ramade 1 kan hin ramadne 0 Q F G
Hiikaa gabaajee: FH = filannoo hedduu, DB = deebii barreeffamaa, GR = gocha raawwii, HH = hojiitti hiikuu, G/La = gatii
laachuu, BQ = bu’aa qabeessa, Al = al-loogummaa, Am = amanamummaa, Q =qabatamummaa, F =
fudhatamummaa, G= gahaa yoo ta’an, qulqullina gaaffii ilaachise amaloota iyyaafannoo gaarii(3.8) jalatti
tarreeffamanfi kunneen hundi xiyyeeffannoo keessa galchuun qopheessuu qabna.
Hojii Piroojektii
1. Gareen mana barnootaa naannoo koolleejjii deemuun gaaffilee iyyaafannoof barsiisonni
saayinsii naannoo barsiisan qopheeffataniifi GBYXGQ waliin wal-bira qabuun madaaluun
dareef dhiyeessaa. Hub. Manni barumsaa hedduu yoo ta’an akka walirra hinbuuneef barsiisaan
koolleejjii ramaddi kennuufii qaba.
2. Mala jiigsawaa fayyadamuun saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran boqonnaalee kudha ja’a
keessaa gareen tokko boqonnaalee lama fudhachuun baxxee addaan baafannoo gaaffiilee
qopheessuun gaaffilee kudhan kudhan baasuun erga qopheessitanii booda dareetti dhiyeessaa.
Barattoota fedhii addaa qaban jechuun kanneen akka miidhama qaamaa qaban, dhageettii dhabuu,
qaroo-dhabeeyyii, rakkoo barachuu qaban, suuta baratan, yookiin saffisaan baratan, rakkoolee
akka qaamaan garmalee furdachuuf kanneen kana fakkaatan hunda haammata. Barattooni kun
hundi daree barnootaa keessa jiraachuu danda’u waan ta’eef barsiisaan wayita barsiisus ta’ee
iyyaafatu isaan kana xiyyeeffaannoo keessa galchuun adda baafachuun toftaalee adda addaa
akkaataa fedhii isanii wajjin deemaniifi galma ga’insa gahumsa barnootaa taa’e milkeessan iraatti
hojechuu qaba.
Gocha 3.16
Kaadhimamtoota, amaloota barattoota fedhii addaaa qabanii Barnoota Fedhii Addaafi
Hunda Haammatoo(SNIE 221) keessatti bal’inaan waan barattaniif tokkoo tokkoo
isaaniif akkamitti akka barsiisuufi iyyaafachuu danda’an adda baasuun gareen irratti
mari’achuun dareef ibsaa. Gahee taphachuunis akkamitti akka hojiirra ooluu danda’u
dareetti agarsiisaa. Haala kana barsiisaan Koolleejjii hordofuun qindeessuu qaba.
Maatiin kallattiinis ta’ee al-kallattiin barachuu barataa keessatti barsiisuunis ta’ee iyyaafachuun
shoora ol’aanaa qaba. Hawaasni barumsa karaa adda addaatiin ijoollee isaaniif dabarsaa tureera.
Isaanis: 1) Al-idilee (Informal), 2) Idleen alaa (Non formal) fi 3)Idlee (formal)ti. Haaluma kanaan
uummanni Oromoo bara dheeraaf sababa hacuuccaa gita bittootaa jala tureef carraan ijoollee isaa
mana barumsaatti erguun kara barnoota idileetiin barsiisuu gadi aanaa waan tureef aadaa (akkaataa
jiruufi jireenya), duudhaafi safuu, haala naannoo, ogummoota jireenyaa, jabeenya qaamaafi
kanneen kana fakkaatan karaa barnoota al-idleetiin ijoollee isaa barsiisaa tureera. Kanaafis sirna
Gadaa caasaa barnootaa uummachuun ijoollee uumrii isaaniin gaammee xixiqqaa, gaammee
gurguddoo, dabballeefi kanneen kan fakkaatuutti ramaduun barnoota umurii isaaniin walgitu
barsiisaa tureera.
Akkuma armaan olitti ibsamuuf yaalame sababa adda addaatiin uummanni Oromoo ijoollee isaa
mana barumsaatti erguun carraa ijoolleen isaa barnoota idlee akka argatan gochuuf qabu amma
yeroo dhiyootti gadi aanaa ture. Kanarras darbee sirna mootootaa keessatti sababa biyya
tokkummeessuu jedhuun dhaadannoo biyya tokko, afaan tokko, amantaa tokko jedhu qabachuun
sirna barnootaa aadaa saba tokkoo calaqisiisuufi afaan saba tokkoo qofa filachuun qophaa’ee
sadarkaa tokkoffaa keessatti kennaa tureera. Bara Dargiis manneen barumsaa hanga tokko
babal’isuun haajiraatu malee sirna barnootaa aadaa saba tokkoo calaqisiisuuf afaan Amaaraatiin
qophaa’een ijoolleen sabaafi sablamootaa barsiisfamaa turan.
Haa ta’u malee bara 1985 A.L.I. irraa eegalee ijoolleen Oromoo afaan isaaniin mana barumsa
sadarkaa tokkoffaa keessatti akka baratan carraa argataniiru. Sirni kun amma tokko quubsaa ta’uu
baatullee haala naannoo akka calaqqisiisuuf carraqiin godhameera.
Gocha 3.17
Kaadhimamtoota, gareen mari’achuun gaaffilee itti aanana deebisaa.
1. Sirna barnootaa aadaa saba tokkoo qofa calaqqisiisu kana afaan dhalootaan hin kennamne
manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessatti ijoolleen Oromoo akka baratan
taasifamuun, ijoolleen Oromoo barnoota karaa barnoota al-idileetiin maatii isaanii irra
argatan irratti dhibbaa akkamii uuma?
2. Sirna barnootaa aadaa uummatichaa hin calqisiifneefi kan afaan Oromootiin osoo
hintaane afaan biraatiin kennamu kanaan ijoollee oromoo barsiisuun:
a. soonawwan ijoolleen Oromoo saayinsii yookiin hawaasa yookiin barnoota biroo
keessatti baratan (fakkeenyaaf kan akka barnoota fayyaa, kunuunsaa naannoofi kanneen
kana fakkaatan), jiruufi jireenya uummaata Oromoo keessa seenuun akka jireenya
uummatichaa hinfoyyeessine dhibbaan qabaachaa ture maalfaadha?.
Hubadhu! Hirmaannaan maatii barachuu barataa fooyyessuu keessatti gahee qaba yoo jennu:
mana barnotaatti haala gaariin madaqsuun, ga’umsa cimaa barataa keessatti uumuun,
hojii manaa barattoonni haala gaariin akka raawwataniif hordofuun, barnoonni
barbaachisummaa guddaa akka qabaatuuf fedha uumuu, barataan qabxii gaarii
galmeessuu akka danda’uuf ni gargaara, barnoota fuulduraaf akka itti fufan gochuufi
kanneen kana fakkaatan keessatti gahee ol’aanaa qaba.
Gocha 3.18
Kaadhimamtoota mee haalonni kun kan akkamii ta’uu akka danda’an gareen
tokko tokkoon irratti mar’iiachuun dareef ibsaa.
4.1. Seensa
Boqonnaa kana keessatti meeshaalee (miidiyaa) baruu- barsiisuufi karooraa barnootaa ilaalta.
Meeshaaleen barnootaa lubbuu barnoota daree keessaa kan itti horanidha. Kanaafis boqonnaa kun
jalatti faayidaa yookiin barbaachisuummaa, goosootni meeshaalee deggersaa, meeshaalee
barnootaa qopheessuufi leecalloo naannoo irraa fooyyesuun qopheesssuufi itti fayyadamuu
qabatee jira.
Karoorri barnootaa qophii barsiisaan daree osoo hinseeniin dura GBYXGQfi qabiyyee barnootaa
sakaatta’uun akkamitti barsiifamuu akka qabuufi tooftaalee iyyaafannoo adda baasuun dursee kan
qophaa’udha. Kana jalatti gosoota karooraa, barbaachisummaa, wantoota karoora keessatti
hammatamaniifi unki karoora barnootaa waggaa, boqonnaafi guyyaa boqonnaa kana keessatti
dhihaataniiru. Kanaaf boqonnaa kana yoo barattu kanneen kanaan dura barattellee as keessatti
hojiirra oolchita waan ta’ee xiyyeeffannaa ola’aanaan hordofuufi shaakaluun sirraa barbaachisa.
Gahumsa Boqonnichaa
Kaadhimamaa/tuu boqonnaa kana erga barattee xumurtee booda:
4.2.1 Seensa
Akkuma hundi keenya beeknu jabanni keenya jabana saayinsiifi tekinooloojiiti. Kanaafuu,
sagantaan baruufi barsiisuu keenyaa jabana kanaan dhiibbaan irra gahuunsaa hin oolle. Kanarraa
kan ka’e adeemsi baruufi barsiisuu gosoota meeshaalee ykn Miidiyaalee barnootaa garaagaraa
daree barnootaa keessaa qabnu irratti haa hundaa’u malee ija ogummaadhaan ilaallee hojiirra
oolchuun dirqama ta’a.
Bifa mala barataa giddugaleeffateen barsiisuu keessaa tokko barsiisaafi barataan meeshaalee
barnootaa fooyyessuu, omishuufi ittiin fayyadamuudha. Malli kunis, mala meeshaalee barnootaaf
barbaachisan yookiin meeshaalee baruufi barsiisuu omishamoo eegachuurra mala leeccalloo
naannootti argamaniin fayyadamanii foyyeessuun barsiisuun kan jajjabeeffamuufi bu’a-
qabeessadha. Meeshaalee barnootaa omishamoo yommuu jennu kanneen warshaatti bocamanii
bittaadhaan argannu jechuudha. Isaan kunneenis kanneen bu’uuraa (boronqii, baxxee boronqii,
barullee, qubeessaa, kitaabaafi kan kana fakkaatan.)fi kanneen dabalataan fayyadamnu
(moodeloota garaagaraa, meeshaalee mana yaalii garaagaraa, keemikaalotaafi kan kana fakkaatan)
jechuudha. Kan yeroo hedduu meeshaalee deeggarsa barnootaa jedhamee beekamus sababa
milkaa’ina barnootaa yookiin adeemsa baruufi barsiisuu galmaan ga’uu keessatti gumaacha
olaanaa qabuufidha
Saayinsii naannoo qabatamaa tasisuuf barattoonnis ta’an barsiisonni wantoota naannootti argaman
(leecalloo naannoo) irraa meeshaalee barnootaa omishuun barbaachisaadha. Kunis moodeelota
omishuu, wanta qabatamaa (real) fayyadamuufi kan kana fakkaatan ta’uu ni danda’a.
Saayinsii naannoo mana barumsaa sadrkaa tokkoffaa barsiisuu keessatti meeshaaleen barnootaa
leecalloo naannoo irraa ofeeggannoon walitti qabamuu yookiin immoo yoo wanti qabatamaan
hinjiraannee fooyyeffamuu danda’u. Qabiyyeen kunis meeshaalee argamuu hindandeenye yookiin
rakkisoo ta’an fooyyessuu irratti xiyyeeffata.
Modeela jechuun meeshaa kal-sadee bakka bu’aa meeshaa dhugaa (qabatamaa)ti. Kunis,
meeshaalee baay’ee gurguddoo yookiin baayyee xixiqqoo gara daree fiduuf rakkisaa ta’an
xiqqeessuun akka dareetti ilaalaman kan dandeessisudha. Moodeloonni harkaan qaqqabanii
barachuurra darbaniiyyuu kallatti garaagaraatiin muldhisuuf mijatoo waan ta’aniif fakkiifi chaartii
caalaa filatamoodha. Meeshalee naannoo irraa barattoonni moodeela akka sa’aatii, suuqii,
bilbilaa(mobaayilii), mana kan kana fakkaatan hojjachuu ni danda’u. Mee fakkeenyota muraasa
leecalloo naannootti argamanirraa qophaa’an akka armaan gadiitti haa ilaallu.
Fakkii 4.2 Wantoota Deeggarsa yookiin Dabalataa Barnootaa Biroo Dareefi Daree Alatti Hojiirra
Oolan
Gocha 4.2
Kaadhimamaa/tuu, dhuunfaan yaaduun walitti himaa. Faayidaan meeshaalee
barsiisuu dabalataa maali? GBYXGQ waliin hariiroo maalii qaba jettee yaadda?
Akkamitti walitti hidhamanii jiru?
Barnoota keessatti meeshaalee baruufi barsiisuu fayyadamnu hunda gahumsa barachuu yoo
xiqqaate gonfatamuu qabu (GBYXGQ) waliin walqabsiisnee deemuun barbaachisaadha.
Meeshaaleen baruufi barsiisuu GBYXGQ murtaa’e (karooraalee barnootaa taa’eef) deeggaruuf
barsiisonni dareetti hojiirra oolchan gurguddoon kanneen armaan gadiiti.
Gahumsa
Gabbisuu
Deeggaruu
Irradeebiin barsiisuu
Akka hariiroon armaan olii kun mul’isutti faayidaaleen meeshaalee barnootaa baruufi barsiisuu
keessatti qaban GBYXGQ bira kanneen hin gahiin hafan irra deebi’anii barsiisuu, kan itti
dhiyaatan deeggaruufi kan bira darbaniif immoo gabbisuudha. Akka waliigalaatti meeshaaleen
barnootaafi deeggarsa barnootaa:
1. Barnootni baratame akka sammuu barataa keessa yeroo dheeraa turu gochuuf,
2. Barnoota qabatamaa gochuuf,
3. Barnoota hawwataa gochuuf,
4. Barachuu barattootaa safaruuf,
5. Mala baruufi barsiisuu fooyyessuuf,
6. Fedhii yookiin barachuu barattootaa kakaasuuf,
7. Adeemsa baruufi barsiisuu salphaa gochuuf,
8. Ofitti amanamummaafi dandeettii yaaduu barattootaa olkaasuuf,
9. Fedhii addaa barataa guutuuf,
10. Akkaataa barachuu barataa (learning styles) hunda waliin ga’uuf,
11. Yaad-rimee wal-xaxaa salphaatti akka baratamu gochuuf,
12. Hojjechuu keessatti barataas ta’e barsiisaaf ogummaa dagaagsuuf,
13. Karoora gara fuulduraaf kallattii kennuuf,
Meeshaalee baruufi barsiisuu yommuu jennu waliigala adeemsa baruufi barsiisuu keessatti
barnoota milkaa’aa gochuudhaaf kan itti fayyadamnu hunda, kanneen bu’uuraa irraa kaasee hanga
dabalataan barbaachisaniitti (suplementary materials) kan hammatu jechudha. Isaan kunneenis,
kanneen warshaatti bocamanii dhiyaataniifi kanneen naannootti argaman hundaa hammata.
Akka waliigalaatti meeshaaleen barnootaa bakka gurguddoo sadiitti qoodamu. Isaanis:
1. Meeshaalee barnootaa agaree
2. Meeshaalee barnootaa dhageettiifi
3. Meeshaalee barnootaa argaa-dhageettii
Meeshaaleen agaree qaama miiraa keenyaa keessaa ijaan ilaaluun kan irraa yookiin ittiin
baratamudha. Fakkeenyaaf, wantoota qabatamaa, moodeelota, fakkiiwwan, chaartiiwwan,
maappii, filaash-kaardii, posterii, gabatee, piroojekterii, islaayidiifi kan kana fakkaatan hammata.
Meeshaaleen barnootaa dhageettii qaama miiraa keenyaa keessaa gurraan dhaggeeffachuun miira
ergaa sagaleefi yaadota adda addaa isaan dabarsan safaruun kan hubatne itti gammadnufi waa irraa
barannudha. Fakkeenyaaf raadiyoo, waraabduu teeppiifi kan kana fakkaatan hammata.
Gosti meeshaalee argaa-dhageettii sochii isaanii ilaaluuniifi sagalee isaanii dhaga’uun kan ittiin
baratamu hunda hammata. Fakkeenyaaf, televizyinii, fiilm piroojekteriifi kan kana fakkaatan
hammata.
1. Dandeettii, beekumsaafi sadarkaa barnootaa wajjin kan wal gitu ta’uu qabu.
2. Kaka’umsa uumuu kan danda’aniifi barattootni yaadanii gocha keessa akka galaan kan
taasiisu ta’uu qabu.
3. Muuxannoo barattoota waliin walitti dhufeenya kan qaban yoo ta’e baay’ee filatamaadha.
4. Itti fayyadamaan booda bakkatti deebi’ee seeraan ka’amuu qaba.
5. GBYXGQfi qabiyyee barnootaa waliin kan walsimate fayyadamuu qabna.
6. Itti yaadamee karooraan qophaa’uu qaba.
7. Walitti fufinsaan hojiirra oolchuu qabna.
8. Kan mijatoo ta’aniifi fedhii barataa waliin deeman fayyadamuu qabna.
9. Gosoota garaagaraa qindeessuun walkeessa fayyadamuu qabna.
10. Kan caalaatti faayidaa qabeessa ta’e fayyadamuu qabna.
11. Qaqqabatamuufi bira ga’amuu qaba.
12. Bashannansiisaa ta’uu qaba.
13. Amala qabiyyee barnootaa waliin deemuu qaba.
14. Malleen baruufi barsiisuu mijataa ta’e waliin walsimsiisnee deemuu qabna.
15. Haamlee, qophaa’ummaafi hirmaannaa barataa akkaataa dagaagsuun ta’uu qaba.
16. Ifaafi salphaatti kan hojiirra ooluu ta’uu qaba.
17. Barataan yookiin barsiisaan kan hojjetame caalaatti filatamaadha.
18. Barachuu barataa irratti jijjirama fiduu qaba.
19. Ofitti amanamummaa barataa kan olguddisu ta’uu qaba.
20. Itti fayyadamuu , faayidaa fi jijjirama isaan baruu barsiisuu keessatti fidaan yeroodha yerootti
barsiisichaan madaalamuu qabu.
Meeshaaleen barnootaa akkaataa qabiyyeefi GBYXGQ barnoota saayinsii naannoo kutaa 1-4 irra
jiraniifi meeshaaleen baruufi barsiisuu waliin deeman jedhamanii siilabasii barnootaa irratti
eeraman akka fakkeenyaatti muraasni isaanii akkaataa gabatee armaan gadiin dhiyaateera.
Hubachiisa: meeshaaleen barnootaa bu’uura ta’an, kan akka boronqii, gabatee, kitaabilee barataa,
kitaabilee wabiifi kan kana fakkaatan akkuma jiranitti ta’anii gabatee keessatti hin
ibsamne.
BOQONNAA 2:
GBYXGQ Qabiyyee Meeshaalee baruufi barsiisuu
Gocha 4.6
Kaadhimamtoota, mata dureewwan armaan gadiitti tarreeffaman barsiisuuf
miidiyaalee barnootaa dabalataan barbaachisan siilabasii irratti ibsamaniifi kan
biroo ni ta’a jettan barreessuun akkaataa fayyadama isaanii mee dareef ibsi.
Kaadhimamtoota waa’ee karooraa kaasuun dura oromoon farda yaabbiif yoo barbaadu meeshaa
barbaachisu hunda kuulee mimmidhagsee luugama immoo afaanitti galchee yaabba. Yoo luugama
kana afaanitti galchuu baate maaltu ta’a laata? Namni karoora hin qabneefi fardi luugama hin
qabne tokkodha jedhama. Garuma fedhetti deema jechuudha. Kanaaf jiruuf jireenya ilmaan
namaatiif kaaroorri isa murteessaadha. Haaluma kanaan karoora dhabuun hojii tokkoof raawwii
dhabuu, murtoo dhabuu, akeeka dhabuu, bu’aa dhabuu akkasumas adeemsa baruu barsiisuu
keessatti rakkoo naamusaa fida. Karoorri barnootaa siilabasii qophaa`e, muuxannoo barattoonni
qaban walitti fidanii qabiyyee karaa milkaa’ina qabuun dhiyeessuuf oola.
i. Siilabasii
Sirni barnootafi siilabasiin dookumantii ijoo faayidaa wal-fakkaatu qabanidha. Haata’u malee
siilabasiin damee sirna barnootaati. Sirni barnootaa waa’ee sagantaa barnoota sadarkaa barnoota
tokko, fakkeenyaaf sadarkaa 1ffaaa marsaa 1ffaa yoo dhiyeesu, siilabasiin immoo gosa barnootaatti
caccabsee gosa barumsaa hundaaf qajeelfamoota baay’ee ifaa ta’an kenna. Kanaafuu, tokko
tokkoon gosa barumsaaf siilabasoota adda addaa qabaanna. Akeekni isaa gosa barnootaa
barbaachisoo ta’an filachuufi qajeelfamoota ifoo ta’an dhiyeessuun gahumsaalee sirna barnootaa
keessatti ibsaman galmaan ga’uudha. Siilabasiin saayinsii naannoos dokumentii mata dureewwan
Qajeelchi barsiisaa kan barsiisaa kallattii agarsiisu ta’ee, siilabasiifi kitaaba barataa irratti
hundaa’uun kan qophaa’udha. Qajeelchi barsiisaa boqonnaalee akkaataa siilabasii keessatti
kaa’amaniin tartiibaan barsiisuuf yookiin hojiirra oolchuuf gargaara. Yaadota gochaalee,
meeshaalee barnootaa boqonnaalee garaagaraa barsiisuuf oolan, gahumsaalee, qabiyyeewwan,
yaadaafi deebii gaaffilee kitaaba barataa irra jiranii kan of keessatti qabatudha.
Hojii Piroojektii
Siilabasiifi kitaaba barataa saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran irratti hundaa’uun
qindoomina qabiyyee sadarkaa barnootaa adda addaa keeessa jiru madaaluun walitti
dhufeenyaafi garaagarummaa isaaniifi haala adeemsa isaa sadarkaa irraa sadarkaatti
ciminni isaa dabaalaa adeemuufi dhiisuu isaa adda baasi;
Qabiyyeen hunduu siilabasii kenname irratti kitaaba barataa qixa sirriin ibsamuuufi
ibsamuu dhiisuu isaa adda baasi;
Hamma qabiyyeen kennaman GBYXGQ barnoota saayinsii naannoo irraa kallachaan
argamuu isaanii madaali.
Kunis kallattii raawwii gahumsa barnootaa kaa’ame galmaan ga’uuf hordofamuu qabuufi
gochaalee raawataman hunda ibsa. Kanaafu, barsiisonni karoora baruu-barsiisuu sadarkaalee adda
addaatti qopheessuuf gaaffilee bu’uuraa armaan gaditiif deebii quubsaa argachuun baay’ee
murteessaa dha.
Karoorri barnootaa barsiisotaan qophaa'an hundi gahumsa barachuu barattootaa, tartiiba baruu-
barsiisuu, meeshaalee barnootaa barbaachisan, ibsa barreeffama akkaataa itti barattootni
iyyaafataman kan ibsu qabaachuu qaba. Barsiisotni muuxannoo qaban baay'een karoora barnoota
gara qajeelfama gabaabaati sammuutti qabachuun anuu karoora jechuun gad buusu. Kuni garuu
ogummaan hin deeggaramu. Karoorri yeroo yeroon haala qabatamaa gahumsa taa’eefi barattootaa
irratti hundaa’uun qophaa’uu qaba. Karoorri barnootaa sadarkaa mana barumsaatti kan waggaa,
boqonnaafi barannoo(guyyaa) jedhamuun bakka sadiitti qoodama.
Gocha 4.8
Kaadhimamtoota, Karoorri barnoota waggaa maalidha? Maali maalifa’i of keessatti
qabata? Akaakuu meeqatu jira? Maali irratti hundaa’ee qophaa’a? Eenyutu
qopheessa?
Karoorri barnoota waggaa, karoora barsiisaan waggaa barnootaa tokko keessatti barsiisuu qabu
kan agarsiisudha. Gahumsaaleefi qabiyyeewwa kutaa kenname sanaaf samisteera lamaanii (1ffaafi
2ffaa) keessatti barsiifaman hunda haammata. Gahumsaaleen siilabasii barnootaa irratti walduraa
duuba eeggatanii taa’an irratti hundaa’uun mata-dureewwaniifi qabiyyeewwan gurguddoon
waggaa guutuu barsiifamuu qaban tartiibeffamaniin booda, gara semisteera, ji’aa, torbee fi
guyyaatti addaan qoqqoodamu. Tilmaama baay’ina wayitii /torbee tokkoo tokkoon boqonnaa
xumuruuf barbaachisaniifi boqonnaawwan jiran seemisteeraa, ji’ootaafi torbee semisteera keessa
jiraniif qoodama. Maloota baruu-barsiisuufi meeshaalee barnootaa hojiirra ooluuf yaadaman
mataduree yaadaman jalatti ibsamuu.
Odeeffannoowwan biroo kan akka bara barumsaa, baa’ina wayitii barnootaa waggaa keessaa, gosa
barnootaa, maqaa mana barumsaa maqaa barsiisaa, sadarkaa/ kutaa daree irra keessatti
barreeffamuu qaban ni jiru .
Karoorrii barnoota waggaa barsiisota gosa barnootaa tokoo barsiisaniif waggaatti tokkumti kan
qophaa’u ta’ee barsiisonni irraa dhuunfaa isaaniin karoora barnoota guyyaa baafachuun barsiisu.
Unki karoora barnoota waggaa akka itti aanutti kennameera.
barsiisuu
yaada
Boqonnaa 1 Poosteroota, Siilabasii,
Gahumsaww Tartiiba tuutaa Q/barsiisaa
an Wontoota , kitaaba
1 qabatamoo, barataa…
1. ----
Kitaabolee
2. ---- dabalataa adda
addaa,
3. ----
barruleewwan
…
Siilabasiin erga boqonnaatti qoqqoodamee barsiisaan yeroo jiruufi boqonnicha walibira qabuun
madaala, kanaan booda boqonnicha gara barannootti qoqqooda. Boqonnaan hidhaawwan baruu-
barsiisuu barannoo muraasa kan of keessaa qabu ta`ee gosa barnootaa (qabiyyee)fi mala baruu-
barsiisuu kan walitti qabate dha.
1. Caasaalee bu`uura koorsii adeemsi baruu barsiisuu ittiin gaggeeffamuuf haala mijeessa.
2. Barsiisaan koorsiiwwan bu`uuraa walitti dhiyeenya qaban malleen baruu barsiisuu adda addaa
gargaaramuu akka walitti hidhaman taasisa.
3. Barsiisaan qabiyyee barnootaa kallattii adda addaa akka wal-madaalchisu taasisa
4. Barsiisaan akka mala boodatti hafaa kitaabaan barsiisuu akka dhiisu taasisa.
Karoorri barnoota guyyaa qabiyyee barnootaa boqonnaa keessa jiru ta`ee guyyaa tokko yookiin
wayitii tokkotti kan barsiifamudha. Karoorri barnoota guyyaa karoora barnootaa isa dhugaafi
furtuu barsiisuu milkaa`ina qabuuti. Barsiisaan saayinsii naannoo tokko qabiyyee barnootaa,
akkamitti barssisuufi iyyaafachuu akka danda`u beekuu qaba. Haaluma kanaan beekumsi adda
addaa akka horatu, qabiyyee haala jireenyaa barattootaa waliin akka walitti fiduu wantoota fiixaan
bahinsa isaaf murteessoo ta’an hundinuu karoora guyyaa keessatti bakka ol`aanaa qabu.
i. GBYXGQ:
Gahumsi tuuta beekumsaa, ogummaafi ilaalcha walsimachiisanii gocha ta’e tokko qixa
eegamuun akka gaariitti raawwachuu kan nama dandeessisu akka ta’e iyyaafannoo keessaatti
ilaallee ture. Kanaaf qabiyyee karoora barnoota guyyaa keessaa GBYXGQ karoora guyyaa
keessatti isa furtuufi olaanaa ta’edha. Sababiin isaas barsiisuun kan barbaadameefis gahumsa
kaa’ame kan daandii milkaa’ina qabu irra deemuun akkaataa barbaadamen xumuruudha
iv. Qabiyyee:
Qabiyyeen barnootaa baratamu yeroo kennameef murtaa`uu qaba. Qabiyyeen dhiyyaatus
jaallatamaafi beekumsa (hubannoo) barataan qabu irratti kan hunda`e ta`uu qaba.
vi. Iyyaafannoo:
Barsiisaan GBYXGQ galmaan ga`uu hubachuuf adeemsa barsiisuu keessatti jalqabaa qabee
hanga xumuramutti iyyaafachuun barachuu barattootaa deeggaruu qaba. Kunis karaa adda
addaa ta`uu ni danda`a. Waa’ee iyyaafannoo boqonnaa sadii keessatti sirriitti ilaaltee
darbitteetta waan ta’eef amma irra deebi’uun dubbisii itti fayyadami.
i. Gochaalee Jalqabaa:
Barattoota sissi’eessuun beekumsa isaan duraan qaban wajjin wal-qabsiisuun barnoota
guyyaaf qopheessa. Barannoo guyyaa sanaa beeksisuun gahumsa guyyaa barattoota
hubachiisa.
iii.wal-bira qabu:
Asi jalatti fakkeenya barattooni beekan kaasuun qabiyyee haaraa wal-bira qabuun
barnooticha dhiyeessuudha.
vi. Iyyaafannoo: Barsiisaan barnoota kenne barattoonni baruufi baruu dhabuu (galman ga`insa
gahumsaa) hubachuuf sadarkaalee barsiisuu hunda keessatti iyyaafannoo gaggeessuu qaba.
Gocha 4.10
Tarkaanfiin karoorri barnoota guyyaa itti qophaa’u armaan olitti taa’e kun yaad-
hiddama kam waliin deema? Irratti mari’achuun calaqqee isaa dareef dhiyeessaa.
Moodeelonni shanan“E” ykn ”5E” moggaasa maqaa afaan Iniglizii qubee ka’umsa irraa kan
dhufedha. Kunis: Walqabsiisuun hirmmaachisuu (Engage), Sakatta’uu (Explore), Ibsuu (Explain),
Bal’isanii itti-fayyadamuu (Extend)fi Madaaluu (Evaluate) kan jedhaman irraati. yaad-
rimewwaan harawaa kan ijarratan beekumsa darbe yookiin amma qaban irratti hundaa’uudhan kan
ibsuufi kan haarawaa argatanis kan itti of-madaalandha.
Kutaaleen tokko tokkoo isaanii barsiisan barnoota qindaa`aa akka dhiyeessuufi barattoonni
hubannoo beekumsaa, ilaalchaafi ogummaa fooyyaa`aa mata-duree murtaa`aa irratti akka
gabbifatan gahee qabaatu. Mee gahee barataafi barsiisaa tokko tokkoon gochaawan keessatti akka
armaan gadiitti haa ilaallu.
4. Bal’isanii itti-fayyadamuu
➢ Sadarkaa moodeela kana keessatti wanta barattootni raawwata:
Yaad-rimicha naannoo biroon walitti hidhuufi hariiroo gidduu isaanii jiru barbaachuu; Yaad-
rimeewwan jalqabaa irratti hubannoo bal’aa uumuun yaad-rimicha addunyaa qabatamaa waliin
walitti hidhuu, itti fayyadamuu.
Gochaalee
Gudunfaa
(madaaluu)
Kaadhimamaa/tuu qabxiileen armaan gadii qabxiilee barsiisaan mataa isaa (ishee) adeemsa baruu
barsiisuu guyyaa keessatti ittiin of-ilaaluufi sakatta`uu, akkasumas madaalluuf itti gargaaramuuf
oolani dha. Atis qabxiilee kana sirriitti qayyabachuun adeemsa dhiyeessa barannoo guyyaa
keessatti itti dhimma bahuu qabda.
1. Qophii barsiisaan barannicha irratti qabu
2. Barnooticha (sirrii, haalaan qindaa`uu fi mijataa ta`uu isaa)
3. Akeeka barannichaa (hammam dhugoomuu akka danda`u)
4. Seensa barannichaa (kan sissi`eessu, mijataa fi bifa gaaffiin kan dhiyaatu ta’uu isaa)
5. Gaaffilee (mijataa fi jechoota ifaa ta`aniin kan qophaa`e ta’uu isaa)
6. Mala baruu barsiisuu (hirmaachisummaa isaa)
7. Hojiirra oolmaa (ifaa fi milkaa`ina kan qabu).
8. Meeshaa dhageettii agaree gargaaramuu
9. Haala iyyaafanna (gahumsaaf mijataa ta`uu isaa)
10. Baxxee boronqii irratti cuunfuun kaa’uu
11. Hojiitti hiikamuu beekumsa saayinsaawaa baratamee.
12. Namusa daree
13. Fedhii barattootaafi hirmaannaa isaanii
14. Sansaaka barsiisaafi amala barataa
15. Iyyaafannoo walii gala
Gocha 4.11
Ati akka dhuunfaatti barsiisaan tokko sadarkaa dhuunfaasaa irraa jalqabee maal maaltu
irraa eeggama jettee yaadda. Mala sammuu dhiiluun yaada burqisiisaatii akka dareetti
barsiisaa keessan wajjin irratti mari’adhaa.
Barattootni barachuufi amala isaaniif barsiisaa moodeela godhatu. Barsiisaan daree seenee
barsiisuuf qophaa’uu qofti gahaa miti; barattoota isaa akkatti ofitti hawwatee barsiisuu akka
danda’uufi barattoota isaa biratti jaallatamaafi fakkeenya gaarii taa’ee argamuu qaba. Yoo amalli
barsiisaan tokko ittiin beekamu kan fakkeenyummaa hin qabne ta’e barumsi inni barsiisullee
milkaa’ina kan hin qabne ta’a.
Barsiisonni qindoomina qabaniifi dhiyeessi hojii isaaniif ogeeyyii ta’an kutaa keessatti ofitti
amanamummaa qabu. Barattootni gorsaafi barumsa barsiisota fedhii hin qabnefi dhibaa’oo ta’an
irra kan barsiisota fedhii qabanii , fedhii nama keessatti uumaniifi ofitti amantummaa qabanii
hordofu. Barsiisotni yeroo hunda sirriitti qophaa’aniifi barattoota gargaaruuf fedhii qaban yeroo
maraa hojii isaaniin fiixaan bahinsa qabu.
Kanaaf barsiisaan daree seenee barannoo dhiyeessuun dura qabixiiwwan armaan gaditii kaa’aman
irratti hundaa’ee karoorfachuufi dursee qophaa’uu qaba.
A. Qophii
• Karaa itti barnootni tokko haala gaariin ibsamuu danda’u mirkaneeffachuuf qabiyyee
barnootaa yaada keessa galchuu.
• Karoora barnootaa qopheessuu.
• Beekumsa barnootichaa gahaa qabaachuu mirkaneeffachuu.
• Barnootaan dura MDBfi meeshaalee barnootaa jiraachuu mirkaneeffachuu.
• Beekumsa duraan barattootni qaban dursanii beekuu.
• Tooftaalee iyyaafannoo gahumsa waliin deeman itti yaaduun filachuu.
Gocha 4.13
Kaadhimamaa/tuu, Karoora GBYXGQ Saayinsii naannoo kutaa 1-4tti jiran
keessaa tokko filachuun qopheessite ulaagaa armaan oliin madaalii dareetti
dhiyeessi!
✓ Barataan saayinsii si’aayinaan barachuu kan danda’u qabatamaan tutuqaatiin yookiin agareen
yookiin immoo dhageettiin yoo dabaalamedha. Kunis meeshaalee omishamoo yookiin
leecalloo naannoo irraa kan qophaa’an ta’uu danda’u.
✓ Barnoota keessatti meeshaalee baruufi barsiisuu fayyadamnu hunda gahumsa barachuu yoo
xiqqaate gonfatamuu qabu waliin walqabsiisnee deemuun barbaachisaadha.
✓ Meeshaaleen baruufi barsiisuu hojiirra ooluu danda’an bakka saddiitti kan qoodaman yoo ta’an
isaanis Meehsaalee agaree, meeshaalee dhageettiifi meeshaalee argaa-dhageettiiiti.
✓ Faayidaalee meeshaalee baruufi barsiisuu: barnoota qabatamaafi hawwataa gochuuf, barachuu
barattootaa safaruuf, mala baruufi barsiisuu fooyyessuuf, barachuu barattootaa kakaasuuf,
ofitti amanamummaafi dandeettii yaaduu barattootaa olkaasuuf, fedhii addaa barataa guutuufi
kan kana fakkaatandha.
✓ Meeshaaleen baruu-barsiisuu itti fayyadamnu kan yeroo qusatu, barataatti sirriitti mullachuu
yookiin dhaga’amuu kan danda’u, salphaatti barataaf kan hubatamuu, GBYXGQ waliin
walsimachuu, qaqqabatamuufi bira ga’amu kan danda’u, malleen baruufi barsiisuu waliin kan
walsimuu, sadarkaa barachuu hunda-hammatoo kanta’e, sadarkaa yaaduu barataa hunda yaada
keessa kan galche ta’uu qaba.
✓ Barsiisonni waa’ee faayidaalee, amaloota meeshaalee barnootaafi dhiibbaa isaan qulqullina
barnootaa irratti qaban barattootatti caalaatti bareechanii hubachuun barbaachisaadha.
✓ Karoora baruu-barsiisuu barsiisonni sadarkaalee adda addaatti qopheessuuf haala qabatamaa
barataafi sirna barnootaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu qaba.
✓ Karoorri barnootaa barsiisotaan qophaa'an hundi gahumsa barachuu barattootaa, tartiiba baruu-
barsiisuu, meeshaalee barnootaa barbaachisanii, ibsa barreeffama akkaataa itti barattootni
iyyaafataman kan ibsu qabaachuu qaba.
✓ Karoorri barnootaa sadarkaa mana barumsaatti kan waggaa, boqonnaafi barannoo jedhamuun
bakka sadiitti qoodama.
✓ Barsiisaan qophii karooraa irraa kaasee hanga raawwii isaatti sakatta’iinsa gochuun milkaa’ina
isaa xiinxaluu qaba.