Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 166

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti,

Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa

Qajeelfama Raawwii Hooggansa Qabeenya Namaa


Manneen Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Irra Deebiin Fooyyessuuf BaheLakk. 21/2014

0|Page
Mudde, Bara 2014
Finfinnee

Qabiyyee

Baafata Fuula

1. Boqonnaa Tokko: Waliigala------------------------------------------------------------3


2. Boqnnaa Lama :Hojiirra Oolmaa Qajeelfamoota Hoggansa Qabeenya Namaa, Aangoo fi
Gahee Hojii Qaamota Adda Addaa------------------------------------------------------9
2.1. Kutaa Tokko:Aangoo, Gahee hojii, Itti Gaafatamummaa, Qunnamtii
Manneen-----------------------------------------------------------------------9
2.2. Kutaa Lama: Hundeeffama Koree Fo’annoo fi Filannoo---------------------17
3. Boqonnaa Sadi: Qophii fi Raawwii Karoora Qabeenya Nama--------------------------22
3.1. Kutaa Tokko:Kaayyoo fi adeemsa qophii Karoora Qabeenya Namaa--------22
3.2. Kutaa Lama: Karoora Qabeenya Namaa Qopheessuu-----------------------27
3.3. Kutaa Sadii: Qophii fi Hojiirra oolmaa Karoora Qabeenya Namaa----------31
3.4. Kutaa Afur: Karoora Qabeenya Namaa Hojiirraa Oolchuu-----------------34
4. Boqonnaa Afur: Raawwii Foo’annoo fi Filannoo Qabeenya Namaa---------------------36
4.1. Kutaa Tokko:Qajeeltoowwan Bu’uuraa fi Adeemsa Raawwii Fo’annoo fi
Filannoo----------------------------------------------------------------------36
4.2. Kutaa Lama:Raawwii Qaxara Hojjettootaa----------------------------------38
4.3. Kutaa Sadii: Raawwii Jijjiirraa Hojjettootaa---------------------------------50
4.4. Kutaa Afur: Haala Raawwii Guddina Sadarkaa Hojjettootaa ----------------59
4.5. Kutaa Shan: Raawwii Ramaddiiwwan Adda Addaa-------------------------67
5. Boqonnaa Shan- Raawwii Leenjii fi barnoota Hoggantootaa---------------------------77
5.1. Kutaa Tokko: Qajeeltoowwan Bu’uuraa fi Raawwii Leenjii fi Barnootaa-----77
5.2. Kutaa Lama: Adeemsa Raawwii Sagantaalee Leenjii fi Barnootaa------------78
5.3. Kutaa Sadii: Ulaagaalee carraa barnootaa fi leenjii-------------------------82
5.4. Kutaa Afur:Haala hundeeffama koree leenjii fi barnootaa------------------86
5.5. Kutaa Sahan: Gahee fi gaafatamummaa qaamolee Adda Addaa-------------92
6. Boqonnaa Jaha: Raawwii Leenjii fi Misooma Qabeenya Namaa Hojjettoota------------96
7. Boqonnaa Torba: Gurmaa’insa, Qabiinsaa fi I/Fayyadama Raga Q/ Namaa------------16
8. Boqonnaa Saddet: Tursiisa Daa’immanii----------------------------------------------23
8.1. Kutaa Tokko: Tursiisa Daa’immanii----------------------------------------23

1|Page
8.2. Kutaa Lama: Gurmaa’insa Tursiisa Daa’immanii---------------------------24
8.3. Kutaa Sadii: Humna namaa Tursiisa Daa’immaniif Barbaachisu------------29
8.4. Kutaa Afur: Tursiisa Daa’immanii keessatti Gorsa Tajaajilaa Kennamu------31
8.5. Kutaa Shan: Haalawwan Adda Addaa Tursiisa Daa’immaniif Barbaachisan-35
9. Boqonnaa Sagal:Dhiyeeffanaa Ragaa Yaalaa------------------------------------------36
10. Boqonnaan Kudhan: Hayyamoota Adda Addaa fi Itti Fayyadama Isaa------------------40
11. Boqonnaa Kudha Tokko: Raawwii Uffata, Meeshaa fi Mijaa’inaa----------------------46
11.1. Kutaa Tokko:Raawwii Uffata,Meeshaa fi Itti Fayyadama Isaa---------------46
11.2. Kutaa Lama: Gosoota Uffata Hojii fi Meeshaa Hojii Hayyamame------------48
12. Boqonnaa Kudha Lama: Tumaalee Adda Addaa----------------------------------------74

2|Page
Qajeelfama Lakk. 21/2014
Qajeelfama Raawwii Hooggansa Qabeenya Namaa Manneen Hojii Mootummaa
Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Fooyyessuuf Bahe
Sirnaa fi hojimaata qabeenyi namaa naannichaa ittiin hogganamu diriirsuun manneen hojii
mootummaa naannichaa qabeenya namaa sirnaan hogganuunbeekumsaa,dandeettiifi ga’umsa
qabeenya namaa isaanii haala bu’a qabeessa ta’een itti fayyadamuu akka danda’antaasisuuf;
Bobba’iinsi qabeenya namaa manneen hojii naannichaa sirna mirkaneessa gahumsaa keessa
akka darbu hojimaata dandeessisu diriirsuun gahumsaa fi bu’a qabeessummaa qabeenya
namaa manneen hojii mootummaa naannichaa guddisuun barbaachisaa ta’ee waan argameef;
Qajeelfamootaraawwii hoggansa qabeenya namaa yeroo adda addaa bahaniihojii irra akka
oolan taasifamanjijjiiramoota adda addaagama seeraa,gurmaa’insa fi hojimaataan walqabatee
akka biyyaa fi naannoo Oromiyaatti taasifamanirra deebiin wal-simsiisuu,fooyyessuu fi
jildessuunbarbaachisaa ta’ee waan argameef;
Qajeelfama raawwii hoggansa qabeenya namaa aammayyeessuu fi dhaqqabamaataasisuun
qaamota raawwatanii fi raawwachiisaniifmijaa’ina qabuqopheessuun hojiirra oolchuun
barbaachisaa waan ta’eef;
Akkaataa Labsii Hojjattoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.215/2011 keewwata 97
keewwata xiqqaa 2’tiinaangoo fihojii Biiroo Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaatiif
kennameenqajeelfamni kanatti aanu bahe jira.

BOQONNAA TOKKO
Tumaalee Waliigala
1. Mata Duree Gabaabaa

3|Page
Qajeelfamni kun“Qajeelfama Raawwii Hooggansa Qabeenya Namaa Manneen Hojii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Fooyyessuuf Bahe
Lakk.20/2014”jedhamee waamamuu ni danda’a.
2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biraa kan kennisiisuuf yoo ta’e malee,qajeelfama kana
keessaatti:
1) "Baasii Leenjii fi Barnootaa" jechuun leenjii yookiin barnoota biyya keessaa yookiin
biyya alaatiif oolu ta'ee, baasii leenjii yookiin barnoota biyya alaatiif tajaajila viizaa,
paaspoortii, qorannoo yaalaa, geejjiba, kiraa mana jireenyaa, baasii leenjichaa yookiin
barnootichaa,qo'annoo fi qorannoo, akkasumas baasiiwwan biroo seera qabeessa ta'an
ni dabalata.
2) “BalaaHojii Irratti Dhaqqabu”jechuun hojjetaan mootummaa hojii idilee isaa
raawwachaa osoo jiruu yookiin sababa hojii isaa waliin walqabateen qaama isaa irratti
yookiin hojii qaama uumamaa isaa irratti miidhaa tasaa gahu dha.
3) “Beekumsa" jechuun namni tokko gita hojii irratti ramadamee tokko fi hojicha haala
fiixa ba’insa qabuun raawwachuuf gahumsa barbaachisu barumsaa fi muuxannoon kan
argatedha.
4) “Biiroo” jechuun Biiroo Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Nama Oromiyaa dha.
5) “Bu’aa Raawwii Karooraa”jechuun tajaajila yookiin raawwannaahojii bu’aalee
hojiileen karooraan qabaman erga hojjetamanii booda argamuudha.
6) “Daa’ima” jechuun harma hadhaa kan hodhuu fi waggaa sadii gadi kan jiru ta’ee,
daa’ima hordoffi haadhaa barbaaduudha.
7) “Daa’ima Haraasii Yookiin Ulmaa”jechuun daa’ima haati yeroo heyyama da’umsaa
itti xumurtu umurii ji’a afur irraa eegalee hanga waggaa tokko jiruudha.
8) “Dandeettii” jechuun dorgomaa yookiin hojjataa beekumsa qabu hojiitti ramaduuf
yookiin hojiiwwaan gita hojiilee fi manni hojichaa hojii karoorfate bifa guutuu
ta’een hojjechuu dandeessisuu fi haala quubsaadhaan raawwachuuf gahumsa
barbaachisudha.
9) “Dandeettii Barbaachisoo”jechuun dandeettii ulaagaalee gita hojii
tokkoofbarbaachisan, kanneen akka sadarkaa barnootaa, gosa barnootaa fi muuxannoo
hojii isa xiqqaa kallattiidhaan gaafatudha.
10) “Dhaabbilee Fayyaa Beekamtii Qaban” jechuun dhaabbiilee fayyaa dhuunfaa
ulaagaa Ministeerri Fayyaa yookiin Biiroon Fayyaa baase guutanii kanfaltiidhaan
yookiin tolaan tajaajila kennan jechuudha.

4|Page
11) “Dhaabbilee Yaalaa”jechuun dhaabbata fayyaa tajaajila fayyaa guutummatti kan
kennu jechuudha.
12) “Dhibee Sababa Hojiitiin Dhaqaabe”jechuun hojjetaan mootummaa gosa hojii
raawwatuun yookiin naannoo hojii isaatiin walqabatee haalota dhibee dhaqabsiisaniif
saaxilamee turuu isaatiin rakkoo fayyaa isaa irra gahee yoo ta’u, dhibeewwan
beekamoo yookiin dadarboo idilee naannoo hojiitti dhaqabuu danda’an hin dabalatu.
13) “DurgooOolmaa” jechuun sababa hojiitiin hojjetaan mootummaabakka hojii idilee
isaa irraa gara iddoo biratti yeroo deemu mindaa idileen alatti kaffaltii raawwatamuu
jechuudha.
14) “Fayyummaa fi Nagummaa Naannoo Hojii” jechuun nagummaa qaamaa, sammuu fi
hawaasummaa hojjettoota kunuunsuu fi guddisuu; hojjettoonni sababa hojii idilee
isaaniitiin fayyummaa isaanii akka hin hir’anne ittisuu fi eeguu; hojjettoota haala
uumama qaamaa fi sammuu isaaniin wal simsiisuun hojjechiisuu jechuudha.
15) “Fayyummaa Naannoo Hojii” jechuun hojjetaan tokko naannoo hojii isaa fi haala
gita hojii itti ramadameen wal-qabatee haaloota fayyummaa isaa irratti miidhaa
dhaqabsiisuu danda’an irraa bilisa taasisuudha.
16) “Filannoo”jechuun adeemsa mana hojii tokko keessatti gita hojii banaa jiru irratti
dorgomtoota gahumsa qaban qaxaraan yookiin jijjiirraan yookiin guddina sadarkaan
ramadamuuf kanneen galmaa’an keessaa dorgomsiisanii filachuu jechuudha.
17) “Filatamaa Uummataa” jechuun bu’uura seera filannootiin MiseensaBakka Bu’ootaa
Uummataata’ee Uummataankan filatamee fitajaajila filatameef uummataaf kennaa kan
ture jechuudha.
18) “Fo’annoo” jechuun adeemsa mana hojii tokko keessatti gita hojii banaa jiru irratti
qaxaraan, jijjiirraan yookiin guddina sadarkaatiin ramaduudhaafkaadhimamtoota
gahumsa qaban addaan baasanii beekuu fi dorgomtoota affeeruudha.
19) “Gahumsa” jechuun hammata gosootaa fi amaloota beekumsaa, ogummaa, dandeettii
barnoota, dandeettii uumamaan argamuu fi amaloota dhuunfaa of-keessaa qabuu fi
milkaa’ina raawwii hojiitiif murteessaa ta’aniidha.
20) “Gita Hojii” jechuun hojjetaa mootummaa tokkoof yeroo hojii guutuukeessatti
raawwatamuuf hojii fi itti gaafatamummaa qaama aangoo qabuun kennamuudha.
21) “Guddina Sadarkaa” jechuun hojjetaa mootummaa sadarkaa gita hojii qabatee jiru
irraa gara sadarkaa hojii ol’aanutti dorgommiin guddisuudha.
22) “Hogganaa Ol’aanaa” jechuun mana hojii mootummaa naannichaa sadarkaa
sadarkaan jiran ol’aantummaan kan gaggeessu yookiin itti aantootaa isaati.

5|Page
23) “Hojjetaa Mootummaa” jechuun mana hojii mootummaa naannichaa keessatti gita
hojii hayyamame irratti namadhaabbiidhaan qaxaramee hojjetuudha.
24) “Hojjetaa Yeroo” jechuun nama mana hojii mootummaa keessatti gita hojii amala itti
fufiinsa hin qabne yookiin haalli yoo dirqisiisu gita hojii dhaabbataa irratti yeroof
qaxaramee hojjetuu jechuudha.Ta’uus kanneen armaan gadii hin dabalatuu:
(a) Kanfaltiin guyyan kafalamaafiikan hojjetanii fi
(b) Leenjifamtoota leenjii shaakalaa irra jiran hin dabalatu.
25) “Karoora Qabeenya Namaa”jechuun adeemsa hoggansa qabeenya namaa wal-irraa
hin cinne kan fedhiin qabeenya namaa fuul-duraa mana hojii tokko itti tilmaamamu,
dhiyeessi qabeenya namaa itti xiinxalamu, tarkaanfiiwwan gara yaadamee fi bu’a-
qabeessummaa qabuun qabeenya namaa barbaadamu guutuudhaa fi sirnaan itti
fayyadamuuf gargaaran durfamanii itti fudhataman, akkasumas bu’a-qabeessummaa fi
wayitummaan tarkaanfiilee yeroo yeroon gamaaggamamaa fooyya’iinsi itti
taasifamuudha.
26) “KiliniikaaDhuunfaa”jechuun Ministeera Fayyaa yookiin Biiroo Fayyaa irraa
beekamtii kennameefiin dhaabbata fayyaa dhuunfaa tajaajila yaalaa kennuudha.
27) “Labsii”jechuun labsii hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk.
215/2011dha.
28) “Mana Hojii Mootummaa” jechuun Labsiidhaan yookiin Dambiidhaan of danda’ee
kan hundeeffamee fi baajata mootummaan ramadu guutuun yookiin walakkaan kan
bulu Mana Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
29) “Meeshaalee Hojii” jechuun hojjetaan hojii dhuunfaan yookiin gareedhan yeroo
hojjetan akka itti fayyadamaniif kan kennamuu fi hojiicha yammuu xumuramu iddoo
taa’umsa meeshichaaf qophaa’eetti kan deebi’udha.
30) “Meeshaalee Ittisa Balaa” jechuunmeeshaalee hojii hojjettootni yeroo hojii hojjetaan
miidhaa hojiin wal qabatee dhufuu danda’u ittisuuf uffataman, kaawwataman,
hidhataman yookiin fuulatti uffataman (hagoogaman) yookiin gurratti cuqqaalaman
meeshaalee yookiin uffata hojiiti.
31) “Miidhaa Hojii Irratti Dhaqqabu” jechuun balaa hojii irratti dhaqabu yookiin dhibee
sababa hojiitiin dhaqabu dha.
32) “Mija’ina Iddoo Hojii”jechuun naannoon hojii hojjetoota fayyummaa fi nagummaan
isaa kan eegamee, yaaddoo farreen jireenya hawasummaa irra bilisa kan ta’e, walitti
dhufeenyaa hawaasummaa gaarii kan qabudha.

6|Page
33) “Mindaa” jechuun kaffaltii ka’umsa gita hojii tokkoof murtaa’e, dabala yeroo yerootti
kennamuu fi iddoo hojiitti argamuun hojii hojjetameef kaffaltii dhuma ji’aatti
raawwatamudha.
34) “Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa”jechuun hojjettoota yookiin eebbifamtoota gosa
barnootaa kamiiniyyuu qormaata fudhatanii darbuudhaan toora ogummaa gahumsa
isaanii kan mirkaneeffatanidha.
35) “Mootummaa” Jechuun Mootummaa Nannoo Oromiyaa jechuudha.
36) “Muudama Mootummaa” jechuun nama gita hojii bu’úura seeraatiin muudamaaf
baname (adda bahee ifatti taa’e) irratti ulaagaa jiru iratti hundaa’uudhaan muudamee
kan hojjete jechuudha.
37) “Nagummaa Naannoo Hojii” jechuun hojjetaan tokko naannoon hojii isaa fi haala
gita hojii itti ramadameen wal-qabatee haaloota nagummaa hojjetaa irratti miidhaa
dhaqabsisan irra bilisa taasisuudha.
38) “Qabeenya Namaa” jechuun beekumsa, ogummaa, dandeettii, gahumsa fi beekumsa
dimshaashaa mana hojii keessatti argamuudha.
39) “Ragaa Sobaa” jechuun ragaa osoo hin baratiin yookiin hin leenji’iin yookiin hin
gaa’oomiin yookiin ittiin hin hojjetiin yookiin qaama ragicha kennuuf aangoo qabun
hin kennamiin ragaa dhiyaatedha.
40) “Ragaa Yaalaa” jechuun hojjetaan tokko mana yaalaa beekamtii qabutti tajaajila
yaalaa kaffaltiidhaan yookiin tolaan erga argateen booda dhimma fayyaa isaa irratti
ragaa haakiimaa kennamuufidha.
41) “Ramaddii Hojjettootaa” jechuun hojjattoota qaxaraan, jijjiirraan,guddina
sadarkaan yookiin hojiitti deebisuunakkasumas hoggantoota itti gaafatamummaa irraa
ka’anii fi filatamtoota uummataa bara hojii isaanii xumuran gita hojii ulaagaalee
dandeettii barbaachisoo guutuu isaa mirkaneeffachuun gitoota hojii bana baajata qaban
irratti ramaduudhaan hojjechiisuudha.
42) “Sa’aatii Hojii Idilee” jechuun sa’aatii hojii idilee hojjetaa mootummaa akka amala
hojichaatti kan murtaa’u ta’ee, guyyaatti sa’aatii saddeet, torbanitti Sa’aatiisaddoomii
sagal kan hin caalledha.
43) “Tursiisa Daa’immanii”jechuun Manneen hojii Mootummaa naannoo Oromiyaa
keessattii bakka haadholiin daa’imman isaanii itti hoosisanii fi kunuunsaniif akka
dhabbatu kan taasifaamudha.
44) “Uffata Hojii”jechuun hojjetaan mootummaa tokko hojii karooraan kennameef yeroo
hojjetu akka amala hojiichaatti nagummaaf, qulqullinaaf yookiin addummaaf akka
tajaajiluuf uffataa fi kophee kennamudha.
7|Page
45) “Wabii”jechuun hojjetaan mootummaa gita hojii amala addaa qabu irratti ramadamee
hojjetu akkasumas akka baratu carraan barumsaa yookiin leenjii kennameef haala
waliigaltee galeen yoo raawwachuu baatebakka isaa bu’ee dirqama hojjetichi seene
bahuuf nama waadaa galudha.
46) “Waraqaa Ragaa Fayyummaa” jechuun hojjettoonni qaxaraaf filataman yookiin
hojjetaa dhabbataa mootummaa ta’an dhimma fayyaa isaanii ilaalchisee Hospitaalota
mootummaa yookiin dhuunfaa beekamtii qabu keessatti ilaalamuudhaan ragaa
dhiyeeffatanidha.
3. Daangaa Raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun:
1) Hojjettoota fi manneen hojii mootummaa Naannichaa Labsii Hojjatoota Mootummaa
Lakk.215/2011’n bulan,
2) Manneen hojii mootummaa naannichaa seerota biraatiin bulanii fi dhaabbilee misoomaa
mootummaa Naannichaa keessatti hojjettoota labsii hojjettoota mootummaa
Naannichaatiin bulanii fi
3) Muudamtoota Mootummaa ilaalchisee Sadarkaa Naannoo, Godina, Magaalaa
muummee, Magaalaa ol’aanaa,Aanaa fi Gandoota magaalaa sadarkaa Aanaan wal-qixa
ta’an irratti gita hojii bu’úura seeraatiin muudamaaf baname yookiin adda bahee ifatti
taa’e irratti ulaagaa jiru irratti hundaa’uudhaan nama muudamee hojjete irratti
raawwatinsa ni qabaata.
4. Ibsa Koorniyaa
Qajeelfama kana keessatti jechi koorniyaa dhiiraatiin ibsame dubartiis ni dabalata.

BOQONNAA LAMA
Hojiirra Oolmaa Qajeelfama Raawwii Hoggansa Qabeenya Namaa Irratti Qaamolee
Gahee Qaban
KUTAA TOKKO
Aangoo, hojii, Itti Gaafatamummaa fi Qunnamtii Hojii Manneen Hojii Mootummaa
5. Aangoo fi Hojii Manneen HojiiMootummaa Sadarkaa Naannoo
1) Manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo jiran labsii, dambii fi qajeelfama irratti
hundaa’uudhaan fo’annoo fi filannoo qabeenya namaa kan akka qaxara,jijjiirraa,
ramaddii, guddinaa sadarkaa hojjettootaa isaanii fi caasaa isaanii sadarkaan jiru
keessatti qajeelfama hordofuun raawwachuu fi akka raawwatamu taasisuu qabu;
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
dameewwan yookiin Giddugaleessotniofdanda’anii raawwii hoggansa qabeenya namaa

8|Page
kan gaggeessanii fi Godinalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee immoo gama
puuliiwwan irraa tajaajila argataniin hojii fo’annoo fi filannoo hojjettootaa ni
raawwatu;
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 fi 2 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, gidduu
galeessi mirkaneessa gahumsa Yunvarsiitii Naannoo Oromiyaa keessatti hundaa’e
akkaataa dorgomtootni manneen hojii irraa adda bahanii dhiyaataniin qormaata
mirkaneessa gahumsa walii galaa giddu galeessichaan qophaa’uu fi gahumsoota
teekiniikaa gahee hojii irratti hundaa’ee gama manneen hojiitiin qophaa’ee dhiyaatuuf
fudhachuudhaan qormaata kennuun bu’aa qormaataa manneen hojii ni beeksisa;
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, gaaffii
fo’annoo fi filannoo fi kenniinsa qormaataa sadarkaa Godinalee fi Bulchiinsa
Magaalotaa irraadhiyaatu giddu galeessaa mirkaneessa gahumsaa sadarkaa
Godinaaleetti yookiin Bulchiinsa Magaalotaatti hundaa’uttiakka kennamu ni taasisa.
6. Hojii fi Ittigaafatamummaa Biiroo Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
1) Qajeelfamni raawwii hoggansa qabeenya namaa qaamota dhimmi ilaalu hundaaf akka
gahuu fi hubannoon gahaan akka irratti uumamu taasisuu qaba.
2) Raawwii qajeelfama hoggansa qabeenya namaa ilaalchisee gaaffiiwwan dhiyaataniif
ibsa barbaachisaa ta’e ni kenna.
3) Fo’annoo fi filannoo kanneen akka qaxara, jijjiirraa, guddina sadarkaa fi ramaddii
gaggeeffamu irratti deeggarsaa, hordoffii fi to’annoo barbaachisaa ta’e taasisuu fi
bakka hanqinni raawwii jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
4) Jijjirraa hojjettoota mootummaa Federaala irraa gara naannichaatti, Naannoo irraa gara
naannootti fi bulchiinsa magaalota Finfinnee fi Dirree Dhawaa irraa gara naannootti
akka raawwatamu ni taasisa.
5) Jijjiirraa alaa hojjettootaa mootummaa Godina irraa gara Godina biraatti yookiin
Bulchiinsa Magaalaa irraa gara Bulchiinsa Magaalaa biraatti Godinaaleen yookiin
magaalotni waldorgomsiisuun dhiyeessan sirrummaa isaa qorachuun ni mirkaneessa.
6) Dhimmoota fo’annoo fi filannoo seeraan ala raawwataman ilaalchisee, itti gaafatamaan
dhimmi ilaalu yookiin hojjettotni mootummaa biroon jechaan yookiinbarreeffamaan
ibsa akka kennan taasisuu, raawwii seeraan ala ta’e akka sirreefamu ajajuu,dhimmi
seeraan ala raawwatame hanga murtii argatutti raawwii isaa ittisuu, itti gaafatamaa
yookiin hojjetaa mootummaa gochichaaf gaafatmuu qabu irratti tarkaanfiin seeraa fi
bulchiinsaa akka irratti fudhatamuni taasisa.

9|Page
7) Akkaataa komii hojjettoota sadarkaa sadarkaan dhiyaatuuf qaamni daangaa yeroo
qajeelfamaan taa’e keessatti deebii itti argachuu danda’an diriirsuun hojiirra akka oolu
ni taasisa.
8) Sirna gurmaa’insa, qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya namaa ni diriirsa,
Kuusaa hojjettootaa fi ragaalee istaatistiksii qabeenya namaa seekterootaa akka
naannootti jiru gurmeessuu, hammayyeessuu fi qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa.
9) Sirna hojjettoota sababa adda addaatiin hojii gad-lakkisan gara hojiitti deebi’uu
barbaadan itti deebi’uu danda’an ni diriirsa, hojiirraa ni oolcha, akka hojiirra ooluu ni
taasisa.
10) Ramaddii filatamtoota uummataa bara hojii isaanii xumuranii fi muudamtoota
mootummaa itti gaafatamummaa irraa ka’an qajeelfama hordofuun akka ramadaman ni
taasisa.
11) Hojii gurmaa’insa fi caaseeffama manneen hojii qoratee mootummaa ni dhiyeessa,
yeroo murtaa’uu hojii irra ni oolcha, akkasumas hojiirra akka oolu ni taasisa.
12) Bu’aa qabeessummaa qabeenya namaa naannichaa yeroo yeroon hordofuu fi
qorachuun sirreeffama barbaachiissuu ni taasisa.
7. Hojii fi Itti gaafatamummaa Waajjiralee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Godinaalee, Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee
1) Qajeelfamni raawwii hoggansa qabeenya namaa qaamota dhimmi ilaalu hundaaf akka
gahuu fi hubannoon akka uumamu ni taasisa.
2) Raawwii qajeelfama hoggansa qabeenya namaa irratti dhimmoota ibsa barbaadan
yookiin ifa hin taane fi gaaffii seektaroota sadarkaa isaanii jiran irraa dhiyaataniif ibsa
barbaachisaa ta’e ni kenna.
3) Raawwii hoggansa qabeenya namaa irratti deeggarsaa fi hordoffii ni taasisa, bakka
hanqinni raawwii jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
4) Jijjiirraa alaa hojjettootaa mootummaa Godina irraa gara Godina biraatti yookiin
Bulchiinsa Magaalaa irraa gara Bulchiinsa Magaalaa biraatti caasaalee manneen hojii
sadarkaa isaaniiti argamu keessatti dorgomsiisuun akka mirkanaa’uuf Biirichaaf
dhiyeessuu qabu.
5) Adeemsa raawwii fo’annoo fi filannoo irratti dhimmi humnaa ol ta’e yoo qunname
Biiricha beeksisuu,qajeelfama kennamu hordofuun raawwachuu qaba.
6) Ramaddii muudamtoota mootummaa itti gaafatamummaa irraa ka’anii fi filatamtoota
uummataa bara hojii isaanii xumuran qajeelfama irratti hundaa’uun raawwachuu qaba.
7) Hojiilee fo’annoo fi filannoo gaggeeffamuuf ragaalee qindeessuu, karoora qopheessuu fi
qaama dhimmi ilaalatu waliin ni raawwatu.
10 | P a g e
8) Gahumsa qabeenya namaa sekterootaa cimsuuf kan gargaaran leenjiiwwan gaggabaaboo
fi dheeraa akkaataa karoora hoggansa qabeenya namaa akka hojii irra oolu taasisuu fi
bu’aa leenjii ni xiinxaluu.
9) Hojiilee hoggansa qabeenya namaa puuliiwwan lamaaniin raawwataman ol’aantummaan
ni hoggana, hanqinni yeroo mudatu tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
10) Qajeelfamni raawwii hoggansa qabeenya namaa hojii irra ooluu isaa hordofuu, to’achuu,
gamaaggamuu, mirkaneessuu, raawwiiirratti ibsaa fi deeggarsa kennuu, komii yookiin
eeruu dhiyaatu qulqulleessuudhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu fi dhimmoota
humnaa ol ta’an Biiriichaaf ni dhiyeessa.
8. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Puuliiwwan
1) Karoora hoggansa qabeenya namaa sekteroota puulicha jalatti ramadamaniif walitti
qabuun ni qopheessa,ni qindeessa.
2) Fedhii qabeenya namaa gareewwan hojii mana hojichaa irratti hunda’udhaan hojiilee
fo’annoo fi filannoo qajeelfama hordofuun ni raawwata.
3) Kuusaa hojjettootaa fi ragaalee istaatistiksii qabeenya namaa seekteroota adda bahanii
isaanii ramadamanii gurmeessuu, hammayyeessuu fi qaama dhimmi ilaaluuf
dhiyeessuu qabu.
4) Gahumsa qabeenya namaa waajjirichaa fi sektarootaa cimsuuf kan gargaaran
leenjiiwwan gaggabaaboo fi dheeraa akkaataa karoora hoggansa qabeenya namaa
qophaa’uun akka hojii irra oolu taasisuu fi bu’aa leenjii ni xiinxala.
5) Harca’ina fi hojii irraa hafinsa hojjettootaa hordofuun sirreeffama barbaachisu ni
taasisa, hordoffii naamusa ni taasisa, kanneen hanqina qaban qaama dhimmi ilaalu
waliin itti gaafatamummaan akka mirkanaa’u ni taasisa, murteen kennamu hojii irra
akka ooluu ni deeggara, ni hordofa.
6) Hojjettoota sababa adda addaatiin hojii gad-lakkisanii gara hojiitti deebi’uuf gaafatan
ragaalee seera qabeessaa fi amansiisaa ta’e qindeessuun murteef biirrichaaf ni
dhiyeessa.
7) Dhimma soorama hojjetootaa akkaataa qajeelfamatiin ni raawwata.
8) Ogeeyyii fi hojjattoota hojii hoggansa qabeenya namaa seekteroota adda addaa
keessatti ramadamaniif qajeelfama hojii kennuun waliin ni hojjeta.
9. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Damee, Giddugaleessoota fi Manneen Hojii Puulii Ala
Jiran
1) Karoora hoggansa qabeenya namaa mana hojii isaani walitti qabuun ni qopheessa ni
qindeessa.

11 | P a g e
2) Fedhii qabeenya namaa gareewwan hojii mana hojichaa irratti hunda’udhaan hojiilee
fo’annoo fi filannoo qajeelfama hordofuun ni raawwata.
3) Faayidaalee fi hayyamoota adda addaa hojjettootni argachuu qaban akkaataa
qajeelfamaatiin ni raawwata.
4) Kuusaa hojjettootaa fi ragaalee istaatistiksii qabeenya namaa mana hojii isaanii
gurmeessuu, hammayyeessuu fi qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuu qabu.
5) Gahumsa qabeenya namaa mana hojiichaa cimsuuf kan gargaaran leenjiiwwan
gaggabaaboo fi dheeraa akkaataa karoora hoggansa qabeenya namaatiin akka hojii irra
oolu taasisuu fi bu’aa leenjii ni xiinxala.
6) Hordoffii fi to’annoo yeroo hojii hojjettootaa ni gaggeessa, harca’ina fi hojii irraa
hafinsa hojjettootaa hordofuun sirreeffama barbaachisu ni taasisa, hordoffii naamusa ni
taasisa, kanneen hanqina qaban qaama dhimmi ilaalu waliin itti gaafatamummaan akka
mirkanaa’u ni taasisa, murteen kennamu hojii irra akka ooluu ni deeggara, ni hordofa.
7) Hojjettoota sababa adda addaatiin hojii gad-lakkisanii gara hojiitti deebi’uuf gaafatan
ragaalee seera qabeessaa fi amansiisaa ta’e qindeessuun murteef biirrichaaf ni dhiyeessa.
8) Dhimma soorama hojjetootaa akkaataa qajeelfamatiin ni raawwata.
10. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaa Naannoo
1) Karoora hojii mootummaa fi mana hojii irratti hundaa’uun karoora tarsiimoo qabeenya
namaa kan mana hojii fi caasaalee mana hojichaa sadarkaan jiranii qopheessuun
Biirichatiif ni dhiyeessa.
2) Karoora tarsiimoo fi waggaa qabeenya namaa qophaa’e bu’uura gochuun dhimmoota
fo’annoo fi filannoo hojjatootaa mana hojii fi caasaalee mana hojichaa sadarkaan jiran
hundadabalateeqopheessuun yeroo raawwii fo’annoo fi filannoo qajeelfama kanaan
kaa’ametti hojiirra akka oolu ni taasisa.
3) Karoora fo’annoo fi filannoo qabeenya namaa qopheessuu fi qaama karoora mana hojii
taasisuun wiirtuu mirkaneessa gahumsaa Yunversiitii Naannoo Oromiyaatiin hundaa’e
waliin ta’uudhaan fo’annoo fi filannoo hojjettootaa ni gaggeessa.
4) Fo’annoo fi filannoon bara bajataa tokko keessatti yeroo lama ta’ee,
kurmaanalammaffaafi arfaffaakeessatti qofa akka raawwatu ni taasisa.
5) Labsii, dambii fi qajeelfama irratti hundaa’uudhaan fo’annoo fi filannoo hojjettootaa
mana hojii isaanii sadarkaa barnootaa kamiiyyuuirratti gageessuu ni danda’u.
6) Fedhii qabeenya namaa caasaalee isaanii sadarkaan jiran addaa baasuu fi qindeessuun
qaxara ogeessootaa sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi isaa ol qaban giddu galeessa
mirkaneessa gahumsaatti madaalchisuun qaxara ni raawwata.

12 | P a g e
7) Jijjiirraa keessaa hojjattootaa mootummaa Godina irraa gara Godina biraatti yookiin
Bulchiinsa Magaalaa irraa gara Bulchiinsa Magaalaa biraatti qajeelfama jijjirraa irratti
hundaa’uun caasaalee manneen hojii isaanii keessatti dorgomsiisuun jijjiirraa keessaa
raawwachuu ni danda’u.
8) Ragaalee, piroofayilota fi odeeffannoo hoggansa qabeenya namaa caasaalee mana hojii
isaanii sadarkaan jiran irraa isaaniif dhiyaatu sirrii ta’uu isaa
mirkaneeffachuunqindeessanii qabachuu fi dhimma barbaadamuuf akka ooluni taasisa.
9) Faayidaalee fi hayyamoota adda addaa hojjettootni argachuu qaban akkaataa
qajeelfamaatiin ni raawwata.
10) Gahumsa qabeenya namaa mana hojichaa cimsuuf kan gargaaran leenjiiwwan
gaggabaaboo fi dheeraa akkaataa karoora hoggansa qabeenya namaa qophaa’uun akka
hojii irra oolu taasisuu fi bu’aa leenjii ni xiinxala.
11) Hordoffii fi to’annoo yeroo hojii hojjettootaa ni gaggeessa, harca’ina fi hojii irraa
hafinsa hojjettootaa hordofuun sirreeffama barbaachisu ni taasisa, hordoffii naamusa ni
taasisa, kanneen hanqina qaban qaama dhimmi ilaalu waliin itti gaafatamummaan akka
mirkanaa’u ni taasisa, murteen kennamu hojii irra akka ooluu ni deeggara, ni hordofa.
12) Hojjettoota sababa adda addaatiin hojii gad-lakkisanii gara hojiitti deebi’uuf gaafatan
ragaalee seera qabeessaa fi amansiisaa ta’e qindeessuun murteef biirichaaf ni dhiyeessa.
13) Dhimma soorama hojjettootaa ni raawwata.
14) Ramaddii muudamtoota itti gaafatamummaa irraaka’aniifi filatamtoota ummataa bara
hojii isaanii xumuran ni ramada.
15) Hojjettoota haaraa qaxaraman yookiin guddatan yookiin ramadamaniif leenjii hojiin wal
barsiisuu kennuudhaan hojii isaaniiakka eegalanni taasisa.
16) Qajeelfama fo’annoo fi filannoo irratti hunda’uun raawwii hooggansa qabeenya namaa
caasaa isaanii sadarkaan jiran (Dameewwan, Gidduu-galeessota, Hospitaalota,
Kolleejjota, Godinaalee, Magaalota, Aanaalee hanga Gandaatti) deeggarsaa fi hordoffii
ni taasisa.
17) Hojiilee dhimmoota hooggansa qabeenya namaa keessaa kanneen akka qorannoo
gurmaa’insa caasaa, ramaddii gitoota hojii, gita hojii dabalataa, fooya’iinsa sadarkaa
gita hojii, qophii akaakuu hojii fi gaaffii faayidaalee adda addaa manneen hojii sadarkaa
naannoo hanga gandaatti jiraniif barbaachisu hirmaannaa qaamolee dhimmi ilaallatu
waliin qorachuudhaan Biirichaaf dhiyeessuu fi murteessisuu qaba.
11. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaa Godinaalee, Bulchiinsa
Magaalotaa Muummee fi Olaanoo

13 | P a g e
1) Karoora tarsiimoo fi waggaa hooggansa qabeenya namaa irratti hundaa’uun karoora
qabeenya namaa isaanii manneen hojii Aanaalee fi kutaa Magaalotaa yookiin
gandootaa isaanii dabalatee qopheessuudhaan adda baasanii maanaajimantii mana hojii
isaaniitiin erga mirkaneessisanii booda kurmaana jalqabaa bara karoorichaa keessatti
Manneen hojii sadarkaa naannoo itti waamamanii fi Waajjira Pabliik Sarviisii fi
Misooma Qabeenya namaa sadarkaa isaaniitti argamuuf dhiyeessuu qabu.
2) Fedhii qabeenya namaa caasaalee isaanii sadarkaan jiran hunda adda baasuun qaxara
gitoota hojii sadarkaa barnoota dipiloomaa koolleejjii yookiin isaa gadi ta’an
waajjiraalee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa waliin ta’uun ni raawwatu.
3) Qaxara gitoota hojii kanneen akka waardiyyaa, qulqulleessituu, ergamtuu fi kkf irratti
qormaataaf gara Gidduugala Mirkanneessa Gahumsaatti erguun osoo hin barbaachisin
qaxarrikan gaggeeffamu puuliiwwansadarkaa Godinaalee yookiin Bulchiinsa
Magaalotaa Muummee fi Olaanootti ta’a.
4) Akkaataa karoora qabeenya namaa isaaniitiin ogeessota qaxaramanii isaaniitti ergaman
leenjii hojiin walbarsiisuu kennuu fi haal-dureewwan guutamuu qaban
guuchisiisuudhaan hojiitti ramaduu qabu.
5) Bulchiinsi Magaalotaa Muummee fi Olaanoon jijjiirraa sekteroota Bulchiinsa
Magaalaa irraa gara Bulchiinsa Magaalatti taasifamu,akkasumas Bulchiinsi Godinaalee
jijjiirraa Bulchiinsa Godinaa irraa gara Godinaatti yookiin jijjirraa caasaalee Godina
jala jiran (Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalota Giddu Galeessaa) keessatti raawwatamu
qindeessummaa Waajjiralee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Sadarkaan
jiraniin raawwachuu qabu.
12. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaa Aanaalee fi Bulchiinsa
Magaalotaa Giddu-Galeessa fi Guddaattuu
1) Karoora waggaa qabeenya namaa caasaalee isaanii sadarkaa Gandaa fi Manneen Hojii
Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa qopheessuudhaan kurmaana jalqabaa bara
karoorichaa keessatti Manneen hojii sadarkaa Godinaa itti waamamanii fi Waajjira
Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa isaaniitti argamuuf dhiyeessuu
qabu.
2) Jijjiirraa keessaa ganda irraa gara gandatti, wiirtuu irraa gara wiirtuutti yookiin buufata
irraa gara buufataatti puuliiwwan tajaajiloota irraa argataniin dorgommiidhaan kan
raawwatamu ta’a.
3) Jijjirraan alaa mana hojii mootummaa tokko irraa gara mana hojii mootummaa biraa
Aanichaa keessa jiranitti Waajjira Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya

14 | P a g e
NamaaAanichaan kan raawwatamu ta’ee, gitoota hojii madaalliin gahumsaa
barbaachiisuuf qofa gara Giddugala Mirkanneessa Gahumsatti kan ergamu ta’a.
4) Guddinni sadarkaa gitoota hojii sadarkaa barnootaa dippiloomaa kolleejjii, sagantaa
barnootaa digiriitiin waggaa 3ffaa kan xumure,10+3, leveelii III, IV, fi sanaa ol
gaafatan irratti gaggeeffamu Waajjira Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Aanichaan kan raawwatamu ta’ee, madaallii gahumsaatiif gara Giddu-gala
Mirkanneessa Gahumsaa Godina isaaniitti hundaa’utti kan ergamu ta’a.
5) Ramaddiin hojjettootaa akkaataa qajeelfama ramaddiitiin gaggeeffamu Waajjira Pabliik
Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Aanichaankanraawwatamu ta’a.
13. Gahee fi Itti gaafatamummaa Hooggantoota Manneen Hojii Sadarkaan Jiran
1) Karoora tarsiimoo qabeenya namaa mana hojii isaanii fi caasaalee mana hojii sadarkaan
jiran akka qophaa’u taasisuu, mirkaneessuu,hojiirra oolchuu fi Biirichaa fi caasaalee
Biirichaa sadarkaan jiraniif dhiyeessuu qabu.
2) Dambii fi qajeelfama raawwii naamusaa hojjettoota jiru irratti hojjettoota mana hojii
isaanii fi caasaalee isaaniif hubannoo ni kennuu, deeggrsaa fi hordoffii ni taasisu.
3) Daayirektoreetiin, Gareen fi OgeeyyiinHoggansa Misooma Qabeenya Namaa hojii
bobba’insa qabeenya namaa qulqullinaan raawwachuu isaanii hordofuun mirkaneessuu
qabu.
4) Koree Fo’annoo fi filannoo fi Komii Qulqulleessaa hundeeffamaniif deeggarsa taasisuu,
fo’annoo fi filannoo hojjettootaa haala karooraa fi ulaagalee fo’annoo fi filannootiin
gaggeeffamuu isaa hordofuu, bakka hanqinni raawwii jirutti qaamoota dhimmi ilaalu
waliin qindoomuun furmaata nikenna.
5) Fo’annoo fi filannoon hojjettootaa mana hojii isaanii keessatti gaggeeffamu gahumsaa
fi qulqullinaan raawwatamuu isaa fi loogii irra bilsa ta’uu isaa mirkaneessuu qaba.
6) Dhimmootni humna Koree fo’annoo fi filannoo ol ta’an yeroo mudatan furmaata
hatattamaa ni kenna,hordoffii ni gaggeessa,fo’annoo fi filannoo gaggeeffame kami
iyyuu ni mirkaneessa.
7) Yaada murtii raawwii dhimmoota hoggansa qabeenya namaa dhiyaatuuf qorachuun
akkaataa qajeelfamatiin sadarkaa mana hojiitti murtee dhumaa ni kenna.
14. Qunnamtii Hojii Manneen Hojii Mootummaa Sadarkaan Jiran Gidduu Jiraachuu
Qabau
1) Seektarootni Puulii Waajjira Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi Puulii
Waajjira Bulchiinsa yookiin Waajjira kantiibaa yookiin Godinaa yookiin Aanaa fi
Bulchiinsa Magaalaa irraa tajaajila deeggarsaa akka argatan ramadaman hundi dhimma

15 | P a g e
hoggansa qabeenya namaa ilaalchisee karoora qabeenya namaa isaanii dursanii puulii
tajaajila akka isaanii kennu ramadameefdhiyeessuu qabu.
2) Puuliiwwan Waajjira Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi Waajjira
Bulchiinsaa yookiin waajjira Kantiibaa dhimmoota qaxaraa, jijjiirraa, guddina sadarkaa,
sooramaa, hojii irraa addaan bahuu fi dhimmoota hooggansa qabeenya namaa kan biroo
akkaataa qajeelfamaa fi karooraatiin seektaroota tajaajila kennaniif waliin ni raawwata,
ni murteessa, akkasumas kuusaa dhuunfaa hojjettootaa fi ragaalee biroo barbaachisaa
ta’an giddu-galeesummaan gurmeessuun ni qabata.
3) Sektarootni sadarkaa adda addaa irratti argaman yeroo yeroodhaan ragaa qabeenya
namaa isaanii Biirichaa fi caasaa Biirichaa sadarkaa isaaniitti argamuuf qindeessanii
dhiyeessuuqabu.
4) Sektarootni sadarkaa Bulchiinsa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaatti argaman
dhimmoota Hoggansa Qabeenya Namaa raawwatanii fi ragaalee qabeenya namaa
barbaachisaa ta’an yeroo yeroodhaan qindeessanii Waajjira Pabiliik Sarviisii fi
Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa isaaniitti argamaniif yeroo ragaa gaafatamanitti
dhiyeessuuf dirqama qabu.
5) Manneen hojii sadarkaa naannootti argaman hundi piroofayilii fi ragaalee hojjettootaa
mana hojii sadarkaa Naannoo irraa eegalee hanga caasaalee hanga Gandaatti argaman
qindeessanii qabachuu fi yeroo barbaadame qaamota ragaa barbaadaniif dhiyeessuu
qabu.
6) Hojjettotni hojiilee tajaajila deeggarsaa kanneen akka
Qulqulleessituu,Ergamtuu,Waardiyyaa fi kkf irratti sektaroota adda addaa keessatti
ramadaman itti waamamni isaanii mana hojii yookiin seektara keessatti ramadamanii
tajaajila kennaniif ta’ee, raawwiin hojii isaanii mana hojii tajaajila kennaniifiitiin
madaalamee puulii ilaallatuuf darbuu qaba.
7) Keewwata kana keewwata xiqqaa 6 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjettotni
mana hojii tokkoo oliif tajaajila deeggarsaa akka kennan ramadáman yoo jiratan,
madaalliin raawwii hojii isaanii kan gaggeeffamu gabaasa manneen hojii tajaajilli
kennamuuf irraa dhiyaatu bu’uura gochuun puulii dhimmi ilaallatuun ta’a.

KUTAA LAMA
Hundeeffama,Aangoo fiHojii Koree Fo’annoo fi Filannoo

16 | P a g e
15. Hundeeffama Koree
1) Koreen fo’annoo fi filannoo miseensota shankan of-keessaa qabu ta’ee, manneen hojii
sadarkaa Naannoo, Dameewwan, Gidduu galeessotaa, Hospitaalota, Kollejjotaa fi
puliiwwan keessatti kan hundeeffamu ta’a.
2) Barri tajaajila miseensota koree waggaalama ta’ee,miseensotni bara tajaajila isaanii erga
xumuranii booda irra deebiin yoo filataman akka hojjatan taasisuun ni danda’ama.
3) Miseensootni koree fo’annoo fi filannoo manajimantii manneen hojii sadarkaan jiranii
fi filannoo hojjettootan hundeeffamuu qaba.
16. KoreeFo’annoo fi Filannoo Manneen Hojii Sadarkaa Naannoo
1) Koree manajimantii mana hojiitiin kan bakka bu’u nama lama............walitti qabaa fi
miseensa.
2) Hojjettoota mana hojichaatiin kan filataman hojjettoota lama……….. miseensa
(tokko dubartii ta’uu qabdi).
3) Daayirektoreetii Hoggansa Qabeenya Namaa irraa kan bakka bu’u nama
tokko…...................................................................................….Miseensaa fi barreessaa.
17. Koree Fo’annoo fi Filannoo Puuliiwwan Sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi
Aanaa
1) Koree manajimantii Waajjiira Bulchiinsaa yookiin Kantiibaa yookiin Waajjira Pabiliik
sarviisii fi misooma qabeenya namaatiin kan bakka bu’u nama tokko.
….....................................................................................................Walitti qabaa.
2) Mana hojii gitni banaan itti argamu irraa kan bakka bu’u nama tokko ……..Miseensa.
3) Hojjettoota manneen hojii puulicha irraa tajaajila argataniin kan filataman
hojjettootnilama………… …………………miseensa(tokko dubartii ta’uu qabdi).
4) Garee hoggansa Qabeenya Namaa Puuliwwanii irraa kan bakka bu’u nama
tokko…………………………………..…………………….Miseensaa fi Barreessaa.
18. Koree Foo’annoo fi Filannoo Manneen Hojii Sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa
Magaalotaa fi Aanaa Puuliin Ala Jiran
Manneen hojii kanneen akka Dameewwan, giddugaleessota, kolleejjota, hospitaalotafi
k.k.f. sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaa puuliin ala jiran keessatti
koreen fo’annoo fi filannoo akkaataaQajeelfama kana keewwata 16 irratti ibsamenkan
hundaa’u ta’a.
19. Ulaagaalee Filannoo Miseensota Koree Fo’annoo fi Filannoo
1) Haala waliigala mana hojii,gahee mana hojichaa, kutaalee hojii fi hojiiwwan
hajjataman irratti hubannoo niqaba jedhamee kan itti amanamu.
17 | P a g e
2) Labsii,Dambii fi Qajeelfamoota raawwii hoggansa qabeenya namaa irratti hubannoo
gahaa kanneen qaban.
3) Beekumsaa fi dandeettii gahumsoota teekinikaa gaheehojii mana hojichaa
kaadhimamtoota gahumsa qaban adda baasuu dandeessisu qopheessuu kan danda’an.
4) Amalaa fi naamusa gaarii kanneen qabanii fi mana hojichaa fi hojjetaa biratti
fudhatama kan qaban.
5) Ilaalchaa fi gocha hannaa fi loogii irraa bilisa kan ta’anii fi iccitii hojichi barbaadu
eeguu kan danda’an.
6) Balleessaa naamusaatiin himatamee kan hin adabamneyookiin yoo adabamee jiraate
yeroo adabbii isaa kan xumure.
7) Hojjattoota mana hojichaa walqixa ilaala jedhamee kan itti amanamu.
8) Hojjetaa dhaabbataa fi mana hojichaa keessatti yookiin mana hojii mootummaa biroo
keessatti waggaa lamaa fi ol kantajaajile.
9) Raawwii hojii,kenniinsa tajaajilamaamilaatiifquuqamaa fi fakkeenymmaa kanneen
qaban.
10) Araada adda addaa irraa bilisa kan ta’e.
11) Koree keessatti hojjachuuf fedhii kan qabaniifi waliigalteedhaan hojjachuu kan
danda’an ta’uu qabu.
20. Aangoo, Dirqamaa fi Hojii Koree Foo’annoo fi Filannoo
1) Gaaffii mana hojii irraa dhiyaatu irratti hundaa’uun karoora fo’annoo fi filannoo ni
qopheessa,ni gaggeessa.
2) Fo’annoo fi filannoo haala qulqullinaa fi gaafatamummaa qabuun ni raawwata.
3) Akkaataa ulaagaa dorgommiitiin dorgomtoota wal-dorgomsiisee kan qabxiii caalmaa
qabu ni filata,hoogganaa mana hojii dhimmi ilaaluuf yaada murtii ni dhiyeessa.
4) Gahumsoota tekinikaa mirkaneessa hammata gahumsaa irratti hundaa’ee kennamu
kutaalee hojiidhimmi ilaallatu wajjiin ta’uudhaan ni qopheessa, akka qophaa’u haala ni
mijeessa.
5) Ragaan dorgomtootaa gama Hooggansa Qabeenya Namaatiin gurmaa’ee akka
dhiyaatuuf ni taasisa, sirrummaa isaa ni sakatta’a, ni mirkaneessa.
6) Ragaan dorgomaa ifa hin taanee yookiin shakkisiisaa ta’ee yeroo qunnamu karaa
hoggansa Qabeenya namaatiin akka qulqullaa’u ni taasisa, barbaachisaa ta’ee yoo
argame dorgomaan qaamaan dhiyaatee ibsa akka kennu ni taasisa.

18 | P a g e
7) Adeemsa raawwii fo’annoo fi filannoo keessatti rakkoolee qunnaman,furmaata
kennamee fi kan humnaa ol ta’an irratti gabaasa hoogganaa mana hojichaatiif ni
dhiyeessa.
8) Dhimmootni murteewwan fo’annoo fi filannoo ilaallatan kamiyyuu iccitiin ni qabata.
21. Aangoo fi Gahee Hojii Walitti Qabaa Koree
1) Fo’annoo fi filannoo dorgomtootaa yeroo karoorfame keessatti hanga xumuramutti
koricha ni qindeessa, ni hooggana.
2) Koricha bakka bu’uudhaan walgahii fi marii dhimma fo’annoo fi filannoo irratti ni
hirmaata, gaaffii dhiyaatuuf ibsa barbaachisaa ta’e ni kenna.
3) Miseensa koree giddutti garaagarumaan yaadaa yoo jiraate furmaata kennuudhaan akka
waliigalamu ni taasisa.
4) Adeemsa raawwii irratti yeroo yeroodhaan manajimentii mana hojichaatiif gabaasa ni
dhiyeessa.
22. Aangoo fi Gahee Hojii Barreessaa Koree
1) Qaboo yaa’ii walgahii koree yeroo yeroodhaan adeemsifamu ni qabata; miseensonni
akka irratti mallatteessan ni taasisa; of-eegannoo fi icciitiidhaan ni qabata.
2) Galmee dhimmoota adda addaatiif barbaachisaa ta’an banuudhaan ni gurmeessa;
yammuu barbaadamu ni dhiyeessa.
3) Gabaasa raawwii qindeessee ni qabata; tajaajila barreeffama adda addaa ni kenna.
23. Itti Waamama Koree Fo’annoo fi Filannoo
1) Manneen hojii sadarkaa naannoo, dameewwanii fi giddugaleessotaa hogganaa yookiin
ittigaafatamaa mana hojichaatiif ta’a.
2) Manneen hojii sadarkaa Godinaa, Magaalaa yookiin Aanaa Puulii tajaajilaa irraa
argatan jalatti itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa, ittigaafatamaa Waajjira Kantiibaa
yookiin ittigaafatamaa Waajjira Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaatiif ta’a.
3) Manneen hojii sadarkaa Godinaa, Magaalaa yookiin Aanaa Puuliin ala jiran
ittigaafatamaa mana hojichaatiif ta’a.
24. Haala Walgahii fi Guutinsa Yaa’ii Koree Fo’annoo fi Filannoo
1) Koreen fo’annoo fi filannoo sagantaa hojii baafatee akkaataa sagantaa baheen hojii
fo’annoo fi filannoo gaggeessuu qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame jiraatuus,hojiif barbaachisaa ta’ee
yoo argame, koreen yeroo kamiiyyuu walgahuu ni danda’a.
3) Hojiin koreenraawwatamu kamiiyyuubakka miseensonni koree hundi argamanitti ta’a.

19 | P a g e
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalattikan ibsame jiraatus,Sababa humnaa ol ta’een
miseensonni koree yoo hir’atan, walitti qabaa dabalatee walakkaa fi isaa ol yoo argaman yaa’iin
miseensa koree akka guutuu ta’etti kan fudhatamu ta’a.
5) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4jalattikanibsame jiraatus, bakka bu’oota hojjettootaa
keessaa yoo xiqqaate namni tokko argamuu qaba.
25. Kenniinsa Yaada Murtee Koree Fo’anoo fi Filannoo
1) Yaadni murtee koreedhaankennamu kamiyyuu haala waliigaltee qabuun yaada sagalee
caalmaa argateen akka darbu ni taasifama.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame jiraatus, yaadni murtee koree
sagaleen wal-qixa yoo ta’e, yaadni murtee walitti qabaa koreetiin deeggarame akka darbu ni
taasifama.
3) Manneen hojii sadarkaa Naannoo, akkasumas manneen hojii sadarkaa Godinaalee,
Bulchiinsa magaalotaa fi Aanaalee puuliin ala jiran keessatti yaadni murtii koree itti
gaafatamaa mana hojiitiif dhiyaatee kan murtaa’u ta’a.
4) Yaadni murtii miseensota koree fo’annoo fi filannoo puuliiwwan Godinaalee,
Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee Itti Gaafatamaa mana hojii puulii irraa tajaajila
argatuu fi dhimmi koreedhaan raawwatame ilaallatuuf dhiyaatee kan mirkanaa'u ta'a.
5) Akkaata keewwata kana kaawwata xiqqaa 3 fi 4 jalatti ibsameen itti gaafatamaan mana
hojii yaada murtee koree irraa dhiyaateef ragaa irratti hundaa’eemirkaneessuun yookiin
fooyyessuun yookiin haquun murteekennuuni danda’a.
26. Haala Miseensi Koree Miseensummaa Irraa Yeroof Ka’u Yookiin Itti Haqamu
danda’u
1) Walitti qabaan, barreessaan yookiin miseensi koree kaadhimaama ta’ee yoo dhiyaate,
yookiin fira dhiigaa, yookiin firooma fuudhaa fi heerumaa kan qabu yoo ta’e dursee
mana hojii beeksisuudhaan yeroodhaaf koree keessaa ni ka’a, akka ka’u ni taasifama.
2) Miseensi koree kamiyyuu yookiin walitti qabaan koree itti gaafatamummaa itti
kenname dagachuudhaan hojii koree irratti of-eeggannoo gochuu yoo dhabee fi loogii
raawwachuun isaa yoo beekame.
3) Iccitii yoo baase yookiin qaboo yaa’ii fi ragaalee qaamota miseensota koreetiin ala
ta’aniif kan ibse yookiin dabarsee kan kenne ta’uun yoo irra gahame.
4) Balleessaa naamusaa biroo wal-fakkaatan yoo raawwate, adeemsa seeraa osoo hin
eegiinmurtee hogganaa ol-aanaa mana hojichaatiin yookiin hoggansa puuliitiin
miseensummaa irraa kanhaqamu yoo ta’u,dabalataanis tarkaanfiin naamusaa kan irratti
fudhatamu ta’a.

20 | P a g e
5) Miseensi koree tokko sababni quubsaan miseensa koree ta’ee akka itti hin fufne isa
taasisu yoo isa qunnamee fi miseensummaa koree irraa ka’uuf gaaffii yoo dhiyeesse
qaama bakka isa buuseen miseensummaa irraa akka haqamu gochuun miseensi biraa
bakka isaa akka bu’u ni taasifama.

BOQONNAA SADI

Qajeelfama Qophii fi Hojii Irra Oolmaa Karoora Qabeenya Namaa

KUTAA TOKKO

Kaayyoo fi Adeemsa Qophii Karoora Qabeenya Namaa

27. KaayyooQophii Karoora Qabeenya Namaa

Manneen hojii mootummaa qabeenya namaa yeroo fi iddoo isaan barbaachisuuti


argachuun, sirnaan bobbaasuun, misoomsuun, tursiisuunii fi itti fayyadamuudhan
kaayyoowwanii fi galmoota hojiiwwan yeroo gabaabaa, giddu-galeessaa fi dheeraa
keessatti raawwachuuf karoorfatan galmaan gahuu fi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan
fiixa baasuu akka danda’aniifiidha.

28. Adeemsa Qophii Karoora Qabeenya Namaa

Manneen hojii adeemsa qophii karoora qabeenya namaa walduraa duubaan haala armaan
gadiitti dhiyaateen qopheessuu qabu.

1) karoora tarsiimoo mana hojii xiinxaluu.

2) Qabeenya namaa manni hojichaa qabu sakatta’uu.

3) Xinxala dhiyeessa qabeenya namaa mana hojii gaggeessuu.

4) Xiinxala fedhiiqabeenya namaa mana hojii gaggeessuu.

5) Garaagarummaa fedhii fi dhiyeessa qabeenya namaa gidduu jiru adda baasuu.

6) Bu’aa xiinxala fedhii fi dhiyeessa qabeenya namaa bu’uura godhachuun karoora


qabeenya namaa mana hojii qopheessuu qabu.

29. Karoora Tarsiimoo Mana Hojii Xiinxaluu


1) Hojiiwwan hoggansa qabeenya namaa kaayyoowwan tarsiimoo mana hojichaatiin akka
walsiman gochuun dhimma bu’a qabeessummaa karoora qabeenya namaatiif bu’uura
ta’eedha.

21 | P a g e
2) Kaayyoowwan tarsiimoo mana hojii irratti xiinxala gaggeessuun galmoota dhumaa
kaa’aman adda baasuu fi dandeettii fi gahumsa qabeenya namaa galmoota kaa’aman
fiixa baasuuf barbaachisu karoorsuun itti fayyadamuu qabu.
3) Manneen hojii kaayyoowwan mana hojii isaanii xiinxaluu fi qabeenya namaa
kaayyoowwan fiixa baasuuf isaan barbaachisu karoofachuu qabu.
30. Qabeenya Namaa Mana Hojichaa Jiru Sakatta’uu
1) Baayina qabeenya namaa qaban, beekumsa, dandeettii fi ogummaan, akkasumas
sadarkaa raawwii hojii amma jiruu fi fuula dura barbaadamuun wal-bira qabuun
xiinxaluu.
2) Gitoota hojii banaa guutamuu qaban adda baasuun murteessuu.
3) Gitoota hojii banaa adda bahan guuttachuuf qabeenyi namaa kan keessaa gahaan
jiraachuu isaa mirkaneessuu.
4) Qabeenyi namaa kan keessaa gahaan kan hin jirre yoo ta’e,haala qabeenya namaa
gabaa alaa irraa argachuu itti danda’an irratti tarsiimoo qopheeffachuu.
5) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 hanga 4 jalatti ibsame hordofuun
manneen hojii qabeenya namaa qaban xiinxaluu fi garaagurummaa jiru adda baasuun
haala qabeenyi namaa keessaa fi alaa itti argamu irratti karoora qabeenya namaa
qopheeffachuu qabu.
31. Xiinxala Fedhii Qabeenya Namaa Gaggeessuu
1) Manneen hojii tilmaama fedhii qabeenya namaa gaggeessuun duraa dhimmoota itti
aananii dhiyaatan sirnaan sakatta’uu qabu:
a) Xiinxala fedhii qabeenya namaa gaggeessuudhaaf karoora tarsiimoo mana hojii
bu’uura xiinxalichaa taasisuu qabu.
b) Karooricha irraa ka’uudhaan kaayyowwan fi galmoota gurguddoo kaa’aman,
murtiiwwanii fi adeemsaalee raawwii hojiiwwan ijoo adda baasuu qabu.
c) Jijjiirama hojii fi gurmaa’insaan walqabatee kanneen bal’achuu, dhiphachuu,
yookiin akkuma jirutti itti fufuu danda’an jiraachuu fi kan hin jirre ta’uusaa adda
baasuu qabu.
d) Tooftaalee teekinoolojii haaraa hojii fooyyessuu dandeessisan qorachuu fi faayidaa
isaan fooyya’iinsaraawwii hojiif qaban adda baasuu qabu.
e) Dhiibbaa karoorri tarsiimichaa baay’ina, gosaa fi gahumsa qabeenya namaa irratti
akka waliigalaatti qabaatu xiinxaluu fi adda baasuu qabu.
2) Manneen hojii qabeenya namaa baayyina, gosaa fi gahumsaan isa barbaachisu
tilmaamuudhaaf dhimmootni bu’uura godhachuu qaban baay’ina, bal’inaa fi walxaxinsa
hojii hojjechuuf karoorfatan ta’ee, tooftaalee tilmaama fedhii qabeenya namaa
22 | P a g e
hammamtaa(lakkoofsaa)fi hagamtaa(lakkoofsa malee)yookiin tooftaalee lamaanuu
fayyadamuun fedhii qabeenya namaa isaanii akkaataa armaan gaditti dhiyaateen
raawwachuu qabu:
a) Manni hojii tooftaa hammamtaa(lakkoofsaatti)fayyadamee qabeenya namaa isa
barbaachisu tilmaamuudhaaf haala fi amala hojichaa bu’uura godhachuun tooftaalee
itti aanan:
(a) Xiinxala haala qabeenyi namaa itti dabalaa dhufe,
(b) Baay’ina Tajaajilamtootaa,
(c) Baay’ina gaggeessotaa,gaggeessota kutaalee hojii, Suppar-vaayizaroota.
Ogeessota, Hojjettootaa kkf hojiif ramadamuuf,
(d) Haalawwan Faasiliitii mana Hojichaa,
(e) Baay’inaa fi wal-xaxinsa hojii,
(f) Tooftaa Qorannoo Hojii,
(g) Haala itti fayyadama teekinoolojii,
(h) Haala gurmaa’insa mana hojichaa,
(i) Haala itti fayyadama qabeenya namaa mana hojichaa,
(j) Qophii barnootaa fi muuxannoo hojii qabeenya namaa mana hojichaa,
(k) Tooftaa giddugaleessa sosocho’uu, fi kkfkeessaa haala mana hojiichaa waliin
deemuu filatee fayyadamuu ni danda’a.
b) Tilmaama fedhii qabeenya namaa mana hojichaa tooftaa hagamtaa(lakkoofsa
maleetiin) taasifamuuf manni hojichaa dhimmoota itti aanan hordofee raawwachuu
qaba:
(a) Manaajimentii mana hojichaa qajeelfama tilmaama hamma hojii fuula-duraa,
karoorawwan kutaalee hojii irratti dhiibbaa qaban fi akkaataa barbaachisummaa
isaatti kaayyotaa fi galmoota tarsiimaa’aa karoorsuuf kallattii agarsiisan
akkasumas qabxiilee gurguddoo biroo of-keessaa qabu qopheessuu qabu.
(b) Ogeessa hoggansa qabeenya namaatiin deeggaramuudhaan tilmaama fedhii
qabeenya namaa isaanii qopheessuu qabu.
(c) Kutaaleen hojii mana hojiichaa yookiin daayirektooreetiiwwanii gaaffiiwwan
qabeenya namaa isaanii fudhatama akka qabaatan sababootaa fi ibsoota isaanii
tilmaamicha wajjin dhiyeessuu qabu.
(d) Daayirektarri hoggansa qabeenya namaa ogeessa hoggansa qabeenya namaatti
fayyadamuun fedhii qabeenya namaa mana hojichaa Daayirektooreetiiwwaniin
adda baasee qopheessuu qaba.

23 | P a g e
(e) Fedhiin qabeenya namaa Daayirektooreetiiwwan mana hojichaa irraa dhiyaate
ogeessa hoggansa qabeenya namaatiin qulqullaa’ee erga walitti qindaa’ee booda
garaagarummaawwan tilmaamota lamaan gidduu jiru keessa-deebiitilmaamotaa
irratti taasifamuun walitti araarsuudhaan tilmaamni qophaa’e inni dhumaa
maanajimentii mana hojichaatiif dhiyaatee ragga’uu qaba.
3) Yeroon xiinxalli fedhii qabeenya namaa itti adeemsifamu wayita karoorri yeroo dheeraa,
giddugaleessaa fi gabaabaa qophaa’uu fi irra deebi’amee hojjetamu ta’uu qaba.
32. Xiinxala Dhiyeessaa Qabeenya Namaa Gaggeessuu
1) Haala Xiinxalli Dhiyeessa Qabeenya Namaa Itti Gaggeeffamuu qabu:
a) Manni hojii fedhii qabeenya namaa mana hojii isaa guuttachuudhaaf xiinxala
dhiheessa qabeenya namaa keessaa fi alaa gaggeessuu qaba.
b) Manni hojii qabeenya namaa mana hojichaa keessa jiru hanga tokko fedhii qabeenya
namaa fuula-duraa guutuu akka danda’uu fi qisaasa qabeenya namaa sababoota adda
addaatiin uumaman fi sochiilee keessoo qabeenya namaa kan akka jijjiirraa fi guddina
sadarkaatiin dhufu tilmaamuu qaba.
c) Manni hojii tooftaalee xiinxala dhiyeessa qabeenya namaa keessoo gitoota hojii mana
hojichaatiif haayyamaman, gitoota hojii hojjettootaan qabamanii fi banaa ta’an adda
baasuu qaba.
d) Manni hojii odeefannoo akaakuu dandeettii gaggeessotaa fi hojjettoota mana hojii isaa
dhimmoota dhuunfaa, barnootaa fi leenjii, haala qaxaraa, fi kanneen biroo dabalataan
barbaachisan fi qajeelfama kana wajjin miiltummaan dhiyaate tilmaama dhiyeessa
qabeenya namaa adeemsisuuf qindeessee qabachuu qaba.
2) Tooftaalee xiinxalli dhiheessa qabeenya namaa keessoo itti gaggeeffamuu qabu:
a) Manni hojii qabeenya namaa amma jiru sakatta’ee kan fuula-duraaf isa barbaachisu
tilmaamuuftooftaaleehammamtaa(lakkoofsaa) fi hagamtaa(lakkoofsa-
malee)fayyadamuu kan danda’u yommuu ta’u, tooftaa lakkoofsa malee keessatti
manni hojii hojjettoota akka salphaatti barbaadamanii hin argamneef karoora bakka
bu’insaatti fayyadamuun raawwachuu qaba.
b) Manni hojii tooftaalee lakkoofsaa kanneen akka gad-lakkisa hojjettootaa, xiinxala
umurii hojjettootaa fi xiinxala jijjiiramoota haalawwan hojii fi hojiirraa hafiinsa
hojjettootaa itti fayyadamuun xiinxala dhiyeessa qabeenya namaa keessoo gaggeessuu
qaba.
3) Yeroo xiinxallii dhiyeessi qabeenya namaa mana hojii keessa jiru gahaa hin taane, alaa
argachuun kan danda’amu yookiinkan hin danda’amne ta’uu isaa beekuudhaaf xiinxala

24 | P a g e
gabaa alaa qabeenya namaa sadarkaa Naannoo fi Biyyoolessaa gama Biirichaatiin
gaggeeffame fudhachuun akka galteetti gargaaramuu ni danda’ama.
4) Xiinxalli dhiyeessa qabeenya namakan qophaa’u yeroo karoorri tarsiimoo mana hojichaa
fi karoorri waggaa qophaa’u keesatti ta’ee, karoorri qabeenya nama qaama tarsiimoo
mana hojichaa ta’ee qophaa’uu qaba.

25 | P a g e
KUTAA LAMA
Karoora Qabeenya Namaa Qopheessuu
33. Kaayyoo Qophii Karoora Qabeenya Namaa
Kaayyoon sagantaa hojiirra oolmaa karoora qabeenya namaa fedhii fi dhiyeessa qabeenya
namaa walbira madaalamuun fedhii fi dhiyeessa qabeenya namaa giddutti
garaagarummaan uumamu tooftaalee karoora qabeenya namaa adda addaatiin akka cufamu
taasisuudhaafkaroorri qabeenya namaa hojiirra akka oolu gochuufiidha.
34. Adeemsa QophiiSagantaa Karoora Qabeenya Namaa
1) Fedhii fi dhiyeessi qabeenya namaa walbira madaalamee erga ilaalamee booda bu’aa
argame bu’uura gochuudhaan sagantaan hojiirra oolmaa karoora qabeenya namaa
qophaa’uu qaba.
2) Bu’aa madaallichaatiinfedhii fi dhiyeessi qabeenya namaa kan wal-sime yookiin wal-
qixa yoo ta’e,qabeenyi namaa jiru qabatamee kan itti fufu ta’a.
3) Fedhiin qabeenya namaa yommuu dhiyeessa qabeenya namaa wajjin walbira
madaalamu hir’ina yookiin darbaa yoo agarsiise qophiin sagantichaa kanitti fufu ta’a.
4) Tooftaaleen garaagarummaa fedhii fi dhiyeessa qabeenya namaa giddutti mul’atu
hambisuuf yookiin dhiphisuuf gargaaran adda bahanii taa’uu qabu.
35. Dhimmoota Qophiin Sagantaa Karoora Qabeenya NamaaIrratti Xiyyeeffachuu
Qabu
1) Qophiin sagantaa karoora qabeenya namaafilannoowwan maddisiisuu, filannoowwan
gamaaggamuu fi filannoo sirrii fi bu’a-qabeessa ta’e filachuu irratti kan xiyyeeffatu ta’u
qaba.
2) Manaajimentiin mana hojichaa filannoowwan kutaa hoggansa qabeenya namaatiin
yookiin akkaataa barbaachisummaa isaatti qaama sagantaa karoora qabeenya namaa
akka qopheessu hundaa’een dhiyaatan qoratee mijaa’aa fi bu’a-qabeessa ta’eni
filata,sagantaa hojiirra oolchuuf gargaaru ni qopheessa.
3) Sagantaan qophaa’u haala qabatamaa jiru irratti kan hundaa’u ta’ee, karoora qaxaraa,
karoora misooma qabeenya namaa, karoora bakka yookiin iddoo bu’aa qopheessuu,
karoora fooyya’insa kenninsa tajaajilaa fi raawwii hojiifi kkf kan of-keessaatti
hammachuu qaba.
36. Karoora Fo’annoo fi Filannoo Qabeenya Namaa
1) Hanqina qabeenya namaa guutuuf barbaachisu baay’inaan, gosaan, gahumsaan,
akkasumas yeroo fi iddoo itti barbaadamu,
2) Iddoo dorgomtootni itti argaman,
3) Tooftaalee kaadhimamtoota gahumsa qaban hawwachuuf gargaaran,
26 | P a g e
4) Dhiheessa dorgomtootni irratti rakkoon yoo jiraate, furmaata sagantaan qaxaraa
rakkoowwaniif kaa’ame,
5) Karoorri fo’annoo fi filannoo qophaa’u dubartootaa, qaama-miidhamtootaa fi
qaamolee biroo deeggarsa dabalataa barbaadanof keessatti kan qabate ta’uu qaba.
37. Karoora leenjii fiMisooma Qabeenya Namaa
1) Baay’ina leenjifamtootaa, sagantaa filannoo leenjii fi barnootaa,
2) Baay’ina hojjettoota leenjiin yookiin irra-deebiin leenjiin isaan barbaachisuu fi
sagantaa leenjii,
3) Sagantaalee leenjii fi gosoota barnootaa akka haaraatti yookiin fooyya’anii kennamuu
qaban,
4) Tarkaanfiiwwan deeggarsa addaa imaammataa fi qajeelfamoota leenjii mootummaan
bahan hojiiirra jiran hammachuu qaba.
38. Karoora Bakka wal bu’insaa
1) Iddoowwan gitoota hojii ol’aanaa jiran,
2) Dandeettiiwwan barbaachisoo iddoowwan gaafatan,
3) Akaakuu kaadhimamtootaa,
4) Hojiiwwan hoggansa qabeenya namaa iddoowwan bakka wal bu’insaairratti
ramachiisuu dandeessisu, guddina sadarkaa, jijjiirraa, leenjii fi kkf.qabaachuu qaba.
39. Karoora Guddina Ogummaa
1) Hojjetoonni dandeettii kuufamaa qaban dandeettii isaaniitti fayyadamanii mana
hojichaa keessatti sadarkaa olaanaaf akka gahan fi hawwii fooyya’ina isaanii akka
bakka gahu hodoffii, deeggarsa fi gorsabarbaachisu kennuu qabu.
2) Iddoowwan Itti gaafatamummaa olaanaa kamiyyuu hojjettoonni dhaqqabuu
danda’aniif gahaa kan taasisu leenjii wal-irraa hin cinnee fi kallattiilee muuxannoo
hojii argachuuf dandeessisan barbaaduu fi mijeessuu, akkasumas hojjettoonni
haalawwan kanneen akka beekan taasisuu qabu.
3) Imaammata gitni hojii banaan yommuu uumamu fo’annoo fi filannoo keessaa fi alaa
wal madaalchisuun akka qabamu taasisu hojiirra oolchuu qabu.
40. Karoora Fooyya’insa Raawwii Hojii fi Kenniinsa Tajaajilaa
1) Meeshaalee fi teekinooloojii adda addaa fayyadamuun sirnoota hojimaata raawwii
hojii fi kenninsa tajaajila fooyyessuu hojiirra oolchuu qabu.
2) Hojimaataa fi qajeelfamoota fooyya’insa raawwii hojii fi kenninsa tajaajilaaf gargaaran
yeroo yeroon akka fooyya’u gochuu qabu.
3) Manneen hojii mootummaa kamiyyuu sirnoota beekamitti adda addaa hojiirra oolchuu
qabu.
27 | P a g e
41. Karoora Qorannoo Gurmaa’insaa fi Hojimaataa
1) Aangoo kutaalee hojii adda addaa mana hojichaatiif qooduun carraa kutaaleen ciminaa
fi beekumsa qaban guutumaan guututti itti fayyadamuu danda’an uumuu, akkasumas
hanga danda’ameen kenniinsi murtee qaama olaanaa irraa kan eegamu osoo hin taane
haala iddoo fi naannoo dhiyeenyatti hojichi itti raawwatamutti akka ta’u gochuu
dandeessisu mijeessuu,
2) Ergamni mana hojichaa hojjettoota mana hojichaa hunda biratti fudhatama akka
argatuu fi hundinuu kaayyoo waliin qabatanii haala qindaa’een fi waliigalteen itti
hojjatan uumuu,
3) Wayitaa’ummaa sirnootaa, hojimaataa fi qajeelfamoota raawwii yeroo yeroon
qorachuu fi fooyyeessuu,
4) Hojiileen abbaa hin qabne yookiin dabalataan hojjetaman akka hin jiraanne qoodinsi
hojii ifaa fi akka salphatti hubachuu danda’amu akka jiraatu gochuu,
5) Dhiibbaa jijjiiramoonni teekinooloojii gurmaa’insa jiruu fi hojjettoota mana hojichaa
irratti qabaatu yeroo yeroon qorachuun haala mijaa’aa uumuu,
6) Yeroo qorannoo fi kenninsi murtii dhimmootaa fudhatu adda baasuun gabaasuu fi
adeemsa hojichaa daran ariifachiisuun akka danda’amu haalli dheerinni aangoo
hoggansa hojii itti hir’atu kan hammate ta’uu qaba.
42. Karoora Hirmaannaa fi Qunnamtii Hojjetaa
1) Tooftaa fi hojimaata kallattii fuula duraa mana hojichaa beeksisuudhaan itti aansee maal
hojjechuuf akka karoorfamee fi hojjetaa irraa maaltu akka eegamu hojjettootaaf ifa itti
ta’uu qaba.
2) Hojjetaan karooraa fi raawwii isaa irratti yaada kennu, yaadonni fooyya’insa hojichaatiif
galtee ta’anii itti fudhatamanii fi hojjetaan itti aangeeffamu gurmaa’uu qaba.
43. Sagantaa Dhiyeessa Qabeenya Namaa Qopheessuu
Manni hojii haala wal-simiinsa fedhii fi dhiyeessa qabeenya namaa fi qophii sagantaa
karoora qabeenya namaa irratti ibsame bu’uura gochuun sagantaa dhiyeessa qabeenya
namaa keessoo fi alaa qopheessuun manajimantii mana hojiichaaf dhiyaatee akka hojiirra
ooluu murtaa’uu qaba.

KUTAA SADI
Qophii fi Hojiirra Oolmaa Karoora Qabeenya Namaafi Gahee Qaamota Adda Addaa
44. Qophii fi Hojiirra Oolmaa Karoora Qabeenya Namaa
1) Manneen hojii mootummaa kamiyyuu karoora qabeenya namaa qopheessuu fi hojiirra
oolchuuf dirqama qabu.

28 | P a g e
2) Manneen hojii aadaa hojiilee hoggansa qabeenya namaakarooraan hogganuu fi hojiirra
oolchuuqabu.
45. Hojii Biiroo Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
1) Yaadawwaan bu’uuraa fi teekiniikaa hoggansa qabeenya namaa, karoora qabeenya
namaa, imaammata misooma qabeenya namaa, fo’annoo fi filannoo qopheessuun leenjii
hubannoo uumuu ni kenna.
2) Hojiirra oolma qajeelfamichaa irratti ni deeggara, ni hordofa, ni to’ata, ragaawwan
barbaachisaa manneen hojiitiif ni dabarsa.
3) Manneen hojii sadarkaa Naannoo jiran karoora tarsiimoo qabeenya namaa qopheessanii
akka dhiyeessan ni taasisa, karoora qabeenya namaa manneen hojii irraa dhiyaatu
bu’uura gochuun hirmaannaa manneen hojiitiin karoora tarsiimoo qabeenya namaa
Naannichaa ni qopheessa, mootummaaf ni dhiyeessa, yommuu murtaa’u hojiirra ni
oolcha, akka hojiirra oolu ni taasisa.
46. HojiiWaajjiraalee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya NamaaGodinaalee,
Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee
1) Manneen hojii karoora qabeenya namaa isaanii qopheessuu fi hojiirra oolchuu akka
danda’an qophii karoora qabeenya namaa irratti leenjii hubannoo uumuu ni kenna.
2) Karoora qabeenya namaa qopheeffachuu fi hojiirra oolchuu isaanii ni hordofa, deeggarsa
ogummaa ni kenna.
3) Haala hojiirra oolmaa karooraa fi hojiiwwan fo’annoo fi filannoo qabeenya namaa irratti
hordoffii ni taasisa, bakka hanqinni raawwii jiru adda baasuun tarkaanfii sirreeffamaa ni
fudhata, akka fudhatamu ni taasisa.
47. HojiiManneen Hojii Naannichaa Sadarkaan Jiran
1) Hoggantoonni fi hojjettootni qajeelfama qophii fi raawwii karoora qabeenya namaa
irratti hubannoo akka argatan taasisuu qabu.
2) Manneen hojii qabeenya namaa qabanii fi fedhii qabeenya namaa fuula-duraaf isaan
barbaachisu adda baasuun karoora tarsiimoo fi kanwaggaa qopheessuun hojiirra oolchuu,
karoora qabeenya namaa qophaa’es Biirichaa fi caasaalee Biirichaa sadarkaan jiraniif
dhiyeessuu qabu.
3) Haala raawwii karoora qabeenya namaa ilaalchisee gaaffii Biiricha irraa dhiyaatuuf
ragaa sirrii fi yeroo isaa eeggate kanmana hojii fi caasaalee mana hojii sadarkaan jiran
qindeessuudhan dhiyeessuuf dirqama qabu.
4) Odeefannoowwan gabaa qabeenya namaa Biyyaa fi Naannichaa karoora qabeenya
namaatiif gargaaran gara Biirichaafi qaamolee dhimmi ilaaluun walitti qabamu,
xiinxalamuu fi bu’aa xiinxalichaa qophaa’u manneen hojii siviil sarviisii akka galteetti
29 | P a g e
akka itti fayyadamuu tamsaa’u fudhachuun faayidaa barbaadamuuf akka oolu gochuu
qabu.
5) Tilmaama fedhii qabeenya namaa pabliik sarviisii Naannichaa fi qorannoowwan haala
raawwii hojiiwwan hoggansa qabeenya namaa akka sadarkaa Naannichaatti
gaggeeffaman Biiricha waliin ta’uun qindoominaan hojjachuu qabu.
6) Kutaan hojii hoggansaqabeenya namaa mana hojichaa karoora qabeenya namaa yeroo
dheeraa,giddugaleessaa fi gabaabaa mana hojichaa qopheessuu, raawwii isaa hordofuu,
gabaasa raawwii karoora qabeenya namaa hoggansa mana hojiitiif dhiyeessuu qabu.
48. GaheeHojjettootaamanneen hojii
1) Manni hojii kamiyyuu qophii, raawwii fi gamaaggama karoora qabeenya namaa irratti
haala hojjettoonni itti hirmaachuu danda’an mijeessuu qabu.
2) Qophii fi raawwii karoora qabeenya irratti yaadota fooyya’iinsaa hojjettoota irraa
dhiyaataniif xiyyeeffannoo barbaachisu kennuudhaan yaadonni fooyya’insa karoora
qabeenya namaatiif gumaacha godhan fudhatamanii hojiirra oolan taasisuu qabu.

KUTAA AFUR
Karoora Qabeenya Namaa Hojiirra Oolchuuf Baajata Ramadamuu Qabuu fi
SirnaHordoffii, To’annoo fi Duubdeebii
49. Haala Baajatni Qabeenya Namaa Itti Ramadamu
1) Qophiin baajetaa kan bu’uureffatu xiinxala itti fayyadama qabeenya namaa mana
hojichaa irratti hundaa’een ta’uu qaba.
2) Baajatni gitoota hojiitiif qabamu baay’ina gitoota hojii ji’oota kudha lamaan
baay’isuun qophaa’u qaba.
3) Baajatni qabeenya namaa mana hojichaa mindaa fi faayidaalee adda addaa dabalatee
qophaa’uu qaba.
50. Haala Hordoffii,deeggarsa fi To’annoon Itti Gaggeeffamu
1) Manni hojiiqophii karooraa qabeenya namaa irratti hordoffiifi to’annoo yerootaasisu
haal-dureewwan karoora sagantaa qabeenya namaaof-keessaa qabaachuu fi hojiirra
oolchuu dandeessisan guutamuu isaanii mirkaneessuu qaba.
2) Raawwii karoora qabeenya namaa irratti hordoffiifi to’annoon taasifamuu isaan armaan
gadii qabaachuu qaba:
a) Manni hojichaa hojiileen karoora qabeenya namaa akkaataa karoorichaatti
raawwatamaa jiraachuu isaanii mirkaneeffachuu qaba.
b) Haala raawwii karoorichaa irratti itti gaafatamtoonni fi hojjettoonni odeeffannoo
guutuu fi wayitaawaa ta’e wal-jijjiiruu qabu.

30 | P a g e
3) Maneen hojii mootummaa kamiyyuu hordoffii fi to’annoo bu’aa argame madaaluuf
gaggeeffamuu isaan armaan gadii hammachuu qaba.
a) Akkaataa karoorichaatti sochiiwwan mana hojichaatti taasifamaniin bu’aan argame
milkaa’uu fi hin milkoofnee isaa mirkaneessuu qaba.
b) Tarkaanfiileen fuula-dura qophii fi raawwii karoora qabeenya namaa mana
hojichaa fooyyessuuf gargaaran adda bahuu qaba.
c) Dabalatni qabeenya namaa mana hojichaa irratti taasifamu kamiyyuu
maanajimentii mana hojichaatiin ilaalamee mirkanaa’uu qaba.
d) Biirichi manneen hojii qabeenya namaa isaan barbaachisu yeroo barbaadamu
keessatti akka guuttatanii fi qabeenya namaa jirus sirnaan itti fayyadamu akka
danda’an baay’ina hojiilee fi qabeenya namaa, gahumsa ogummaa fi ramaddii,
akkasumas bu’a-qabeessummaa itti fayyadama qabeenya namaa fi baajataa
manneen hojii naannichaa irratti qorannoo, to’annoo fi gamaaggama gaggeessuu,
bu’aa qorannoo fi to’annoon argame ilaalchisee gabaasa yaada furmaataa wajjiin
mootummaa naannichaatiif dhiyeessuu, murtiiwwan mootummaan kennaman kan
raawwatuu fi raawwachiisu ta’a.

BOQONNAA AFUR
QajeelfamaRaawwii Fo’annoo fi Filannoo Qabeenya Namaa
KUTAA TOKKO
QajeeltoowwanBu’uuraa fi Adeemsa Raawwii Fo’annoo fi Filannoo
51. Qajeeltoowwan Bu’uuraa Raawwii Fo’annoo fi Filannoo
1) Labsii,dambii,qajeelfamaafi karoora tarsiimoo hooggansa qabeenya namaa manneen
hojii hordofee raawwatamuu qaba.
2) Sirna meeritii hordofuun ulaagaalee dandeettiiwwan barbaachisoo isa xiqqaa
bu’uureffachuun raawwatamuu qaba.
3) Beekumsaa,dandeettii fi gahumsadorgomtootaa adda baasuun akka danda’amu sirna
mirkaneessa gahumsakeessa darbuu qaba.
4) Haala loogii irraa bilisa ta’een (Amantaan, korniyaan, ilaalchasiyaasaan, faayidaadhan,
sabummaan, Naannummaan haala addaan hin qoodneen) raawwatamuu qaba.
5) Dubartootaa, qaama miidhamtootaa fi hojjettoota aanaalee deeggarsa dabalataa
barbaadaniif deeggarsa dabalataa kennuudhaan raawwatamuu qaba.
52. Adeemsa Raawwii Fo'annoo fi Filannoo Qabeenya Namaa

31 | P a g e
1) Fo’annoo fi filannoon hojjettootaa gaggeeffamu karoora tarsiimoo fi waggaa qabeenya
namaa mana hojii bu’uura gochuudhaan fedhii qabeenya namaa adda bahee
karoorfame irratti hundaa’uun raawwatamuu qaba.
2) Manneen hojii gita hojii banaa baajata qabu hojjetaan qabsiisuuf fo’annoo fi filannoo
yommuu gaggeessan gara jijjiirraa alaa fi qaxaraatti deemuun dura carraa guddina
sadarkaa fi jijjiirraa keessaa hojjetaa keessaa dorgomsiisanii filuudhaan gita hojii banaa
guuttachuu qabu.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalattikan ibsame akkuma jirutti ta’ee, qabeenya
namaa alaa guuttachuun bu’uura karoora qabeenya namaa mana hojiichaa irraa
barbaachiisaa ta’ee yoo argame qabeenya namaa keessatiif carraa osoo hinkenniin alaa
guuttachuu ni danda’ama.
4) Manneen hojii kamiyyuu gita hojii tokko hojjetaan qabsiisuuf qaxara gaggeessuu kan
danda’an tooftaalee raawwii hooggansa qabeenya namaa itti aanan hordofuudhaan:
a) Jijjiirraa keessaatiin;
b) Jijjiirraa alaatiin,
c) Jijjiirraa Ergisaatiin,
d) Hojii dabalataatiin hojjechiisuu,
e) Tajaajila lammummaatiin hojjechiisuuf yaalii taasisanii kan hin danda’amne
yoota’e qofadha.
5) Fo’annoo fi filaannoon barsiisotaa, ogeeyyii fayyaa, ogeeyyii fayyaa beeyiladaa,
hojjettoota misooma hundaa fi hojjettoota wiirtuu kenniinsa tajaajila iddoo
tokkoqajeeltoowwan bu’uuraa raawwii fo’annoo fi filannoo hojjettoota naannichaa
qajeelfama kana hordofee raawwatamuu qaba.

KUTAA LAMA
Raawwii Qaxara Hojjettootaa
53. Adeemsa Raawwii Qaxara Hojjettootaa
1) Qaxarri hojjettootaa mana hojii tokko keessatti gaggeeffamu karoora hoggansa
qabeenya namaa mana hojichaa bara baajatichaa qophaa’e bu’uura godhachuudhaan
raawwatamuu qaba.
2) Gitoota hojii banaa irratti hojjetaa alaa qaxaruun kan danda'amu duraan dursee guddina
sadarkaatiin yookiin jijjiirraa keessaatiin hojjettootni guutuu danda'an kan hin jirre yoo
ta’edha.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, kenniinsa
tajaajilaa fi raawwii hojii mana hojichaa fooyyessuuf ogeessa alaa argachuun

32 | P a g e
barbaachisaa ta’uun isaa yoo itti amaname manni hojii adeemsa fo’annoo fi filannoo
alaa hordofuun qabeenya namaa guuttachuu ni danda’a.
4) Adeemsi qaxaraa dorgomaa gahumsa barbaadamu qabuu fi kaayyoo mana hojichaa
galmaan gahuu danda’u filachuuf gaggeeffamu qajeelfama raawwii hoggansa qabeenya
namaa irratti hundaa’ee dorgomiidhaan raawwatamuu qaba.
5) Manneen hojii gitoota hojii banaa irratti nama qaxaruu yeroo barbaadan beeksiisa
qaxaraa ifa ta’e baasuudhaan tooftaalee sab-qunnamtii elektrooniksii, gaazeexaa,
Marsariitii mana hojii, poortaalii, gabatee beeksisaa hanga caasaa mana hojichaa
sadarkaan jiru yookiin bakka ummatni walgahuu danda’utti maxxansuun
kaadhimaamtoota dorgommiif affeeruu qabu.
6) Keewwata kana keewwatni xiqqaa5jalatti kan ibsame jiraatus, tooftaalee beeksisaa
ibsaman hundatti altokko fayyadamuun kadhimamtoota affeeruun kan hin danda’amne
yoo ta’e, akkaataa gita hojii bahu irratti hundaa’uun tooftaalee beeksisni ittiin bahu
keessaa sadii gadi kan hin taanee fi dhaqqabamaa ta’e filachuun beeksisa baasanii
dorgomtoota affeeruu ni danda’u.
7) Qaxara gaggeeffamu irratti gahumsa dorgomtootaa haala sirna qabeessa ta’een adda
baasuun akka danda’amu dorgomtoota gara giddu galeessaa mirkaneessa gahumsaa
Yuniversiitii Naannoo Oromiyaa sadarkaa adda addaatti gurmaa’utti erguun madaallii
gahumsaa akka fudhatan taasisuun kan raawwatamu ta’a.
8) Beeksiisni qaxaraa gita hojii banaa ta’e irratti bahu qabiyyee armaan gadii kan hammate
ta’uu qaba:
a) Maqaa fi teessoo mana hojichaa;
b) Waamama gita hojii,
c) Lakkoofsa eenyummaa,
d) Sadarkaa gita hojii,
e) Mindaa gita hojichaa;
f) Koodii gita hojiichaa;
g) Baay'ina gita hojii banaa;
h) Dandeettii barbaachisoo isa xiqqaa (Sadarkaa barumsaa, gosa barumsaa fi
muuxannoo hojii kallattii) fi ogummaa addaa biroo gitni hojii gaafatu;
i) Afaan hojii naannichaa (Dhaga’uu, barreessuu, dubbisuu fi dubbachuu) kan
beekuu;
j) Guyyaa fi sa’aatii galmeen itti jalqabamuu fi xumuramu;
k) Tooftaa kaadhimamtootni itti galmaa’uu danda’an;
l) Bakka itti galmaa’anii fi Lakkoofsa kutaa galmeen itti gaggeeffamu;
33 | P a g e
m) Beeksisni gita hojii banaa bahu "dubartootni, hojjettootni naannoo horsisee bulaa fi
qaama miidhamtootni ni jajjabeeffamu” kan jedhu qabaachuu qaba.
54. Yeroo Beeksisni Qaxaraa Bahee Qilleensa Irra Turufi Haala Dorgomtootni Itti
Galmaa’an
1) Beeksisni qaxaraa bahee qilleensa irra kan turu guyyoota hojii walitti aananii
jirankudhaniif ta’a.
2) Galmeen dorgomtootaa guyyaa beeksisni bahee qilleensa irra oolee eegalee guyyoota
hojii walitti aananii jiran kudhan keessatti kan adeemsifamu ta’a.
3) Dorgomtootni yeroo galmeen qaxaraa gaggeeffamu qaamaan argamuun, ragaa namatti
erguun, bakka bu’aadhaan, faaksiin, iimeeliidhaan, telegiraamiinerguun galmaa’uu kan
danda’u ta’ee, guyyaa qormaataaf dhiyaatan qormaata irra taa’uun dura ragaa ittiin
galmaa’an orjinaala wajjiin dhiyeessanii mirkaneessisuu qabu.
55. Yeroo Galmeen DorgomtootaaGaggeeffamu Dhimmoota Qulqullaa’uu Qaban
1) Umuriin dorgomtootaa waggaa kudha saddeet fi isaa ol ta’uu;
2) Dorgomtootni galmeef dhiyaatan hojjetaa mootummaa dhaabbataa ta’uu fi hin
taa’inniisaanii adda baasuun kanneen hojjetaa mootummaa dhaabbataa ta’anxalayaa
deeggarsaa haala isaanii ibsu mana hojii itti hojjetan irraa akka dhiyeeffatan taasisuu;
3) Ragaaleen dhiyaatan ulaagaalee dandeettii barbaachisoo isa xiqqaa beeksisa irratti
ibsamaniin kan walsimanii fi sirrii ta’uu, haqamaa fi laaqama kan hin qabne ta’uu
mirkaneeffachuu;
4) Dorgomtootni sababa hanqina naamusaatiin hojiirraa kan gaggeeffaman ta’uun isaanii
yoo mirkanaa’e, guyyaa hojii irraa gaggeeffaman irraa kaasee waggaa shan kan turan
ta’uu isaanii;
5) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
dorgomtootni sababa hanqina naamusatiin sadarkaa irraa gadi bu’aniikan
adabamanyoo ta’e ragaa yeroo adabbii isaanii kan xumuran ta’uu ibsu dhiyeeffachuu
isaanii;
6) Yakka malaammaltummaan,amantaa hir’isuun,hanna, yakka dogongorsuun yookiin
gowomsuu raawwachuun mana murtii aangoo qabuun kan adabaman yoo ta’e, ragaa
moggaasa maqaa gaarii mana murtii aangoo qabu irraa dhiyeeffachuu isaanii;
7) Dorgomtootni ragaa namaan erguun, bakka bu’aadhaan, faaksiin, iimeeliidhaan,
telegiraamiin erguun beeksisa bahe irratti galmaa’an yoo ta’e,guyyaa qormaataaf
dhiyaatan ragaalee ittiin galmaa’an orijinaara isaanii qabatanii dhiyaachuu isaanii;

34 | P a g e
8) Ragaan dorgomtootni galmeedhaaf dhiyeeffatan ragaa mirkaneessa gahumsaa kan
barbaachisu yoo ta’e, ragaa mirkaneessa gahumsaa ogummaadhiyeeffachuu isaanii
mirkaneeffachuu qabu.
56. Haala Galmeen Dorgomtootaa Itti Raawwatamu
1) Galmeen dorgomtootaa yeroo gaggeeffamu unka qophaa’e irratti maqaa guutuu
dorgomaa, ragaa ittiin galmaa’e fuula isaa waliin fi lakkoofsa bilbilaa galmeessuun
dirqama ta’a.
2) Galmeen kan gaggeeffamu manneen hojii sadarkaa naannootti yoo ta’e,
daayirektooteerii hoggansa qabeenya namaatti, sadarkaa Godina, Bulchiinsa
Magaalotaa fi Aanaa yoo ta’e puuliiwwan ilaallatu keessatti ta’a.
3) Manneen hojii sadarkaa Naannoo qaxara sadarkaa naannootti raawwatuuf caasaalee
isaanii sadarkaa godinaa fi bulchiinsa magaalotaa itti waamamni isaanii naannoof ta’e
beeksisa qaxaraa bahee irratti hundaa’uun dorgomtoota galmeessanii akka erganiif
bakka bu’insa kennuu ni danda’a.
4) Waajjiraaleen Pabliik Sarviisii fi Misoomaa Qabeenya Namaa sadarkaa Godinaaqaxara
sadarkaa Godinaatti gaggeeffamuuf waajjiraalee Pabliik Sarviisii fi Misoomaa
Qabeenya Namaa Aanaalee fi bulchiinsa magaalaagiddu galeessaaf akkaata beeksisa
qaxaraa baheen dorgomtoota galmeessanii akka erganiif bakka bu’insa kennuu ni
danda’a.
5) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3 fi 4 irratti ibsameen qaamni galmee
dorgomtootaa gaggeesse ragaa dorgomtootaa qindeessuudhaan yeroo guyyoota kudhan
hin caalle keessatti qaama bakka bu’insa galmee kenneef dhiyeessuu qaba.
57. Haala Calalliin Dorgomtootaa Itti Gaggeeffamu
1) Gitoota hojii sadarkaa barnootaa dippiloomaa kolleejjii fi isaan walqixa yookiinisaa
olgaafatanii fi kanqormaatni barreeffamaa kennamuuf irratti dorgommiin yeroo
gaggeeffamu dorgomtoota gahumsa qaban argachuun akka danda’amu gita hojii
tokkoof dorgomtootni hanga jahaatamaa ta’an qormaataaf akka dhiyaatan ni taasifama.
2) Lakkoofsi dorgomtoota gita hojii tokkoof galmaa’anjahaatamaa ol yoo ta’e,
dorgomtoota qabxii giddugaleessa ittiin eebbifaman yookiin ragaa tajaajila
lammummaa giddugaleessa godhachuun adda baasuun dorgomtootajahaatamaa
qormaataafgara giddu galeessa mirkaneessa gahumsatti akka ergaman ni taasifama.
3) Gitoota hojii banaan tokkoo ol fi walfakkaataa ta’an sadarkaa barnootaa dippiloomaa
kolleejjii fi walqixaa fi sanaa ol gaafatan qaxaraaf kan bahan yoo ta’e, lakkoofsi
dorgomtootni gita hojii tokkoo tokkoof galmaa’an giddugaleessaan jahatama fi isaa
gadi yoo ta’an dorgomtootni galmaa’an hundi qormaataaf akka dhiyaatan ni taasifama.
35 | P a g e
4) Dorgomtootni galmaa’an giddugaleessaan jahatama ol yoo ta’an, tokkoo tokkoo gita
hojiitiif qabxii giddugaleessa ittiin eebbifamaniin yookiin ragaa tajaajila
lammummaatiinkan adda bahan ta’ee, haala Kanaan adda baasuun kan hin danda’amne
yoo ta’e dorgomtootni jahatamni carraadhaan adda bahanii qormaataaf kan dhiyaatan
ta’a.
5) Gitoota hojii sadarkaa barnootaa dippiloomaa kolleejjii gadi gaafatanii fi qormaata
barreeffamaa gaafatan irratti hojjetaa qaxaruuf beeksisa bahe irratti lakkoofsi
dorgomtoota galmaa’aanii hanga nama shantama fi isaa gadi yoo ta’e, dorgomtootni
galmaa’an hundi qormaata barreeffamaatiif akka dhiyaatan ni taasifama.
6) Dorgomtootni galmaa’an shantamaa ol yoo ta’an, kanneen ragaa kenna tajaajila
lammummaa qabaniif dursikan kennamu ta’ee, haala kanaan adda baasuun yoo hin
danda’amne dorgomtoota dhiyaatan keessaa shantamni carraadhaan adda bahanii
qormaataaf kan dhiyaatan ta’a.
7) Gitootni hojii banaan sadarkaa barnootaa dippiloomaa kolleejjii gadi gaafatan tokkoo
ol ta’an qaxaraaf kan bahan yoo ta’e, lakkoofsi dorgomtoota gita hojii tokkoo tokkoof
galmaa’an giddugaleessan shantama fi isaa gadi yoo ta’an, dorgomtootni galmaa’an
hundi qormaataaf akka dhiyaatan ni taasifama.
8) Dorgomtootni tokkoo tokkoo gita hojiitiif galmaa’an giddugaleessaan shantamaa ol
yoo ta’an, kanneen ragaa tajaajila lammummaa qabaniif dursi kan kennamu ta’ee, haala
kanaan adda baasuun yoo hin danda’amne dorgomtoota shantamanicarraadhaan adda
baasuun qormaataaf kan dhiyaatan ta’a.
9) Gitoota hojii sadarkaa barnootaa dippiloomaa kolleejji gadi gaafatan irratti
dorgomtoota galmaa’an qormaataaf gara gidduu galeessa mirkaneessa gahumsaatti
erguun osoo hin barbaachisin qormaatni koree fo’annoo fi filannoo sadarkaa qaama
aangoon qaxaraa kennameefitti argamuun kan kennamuuf ta’a.
10) Qaama miidhamtootniqaxara haaraa raawwatamuuf ulaagaalee dandeettii barbaachisoo
isa xiqqaa guutanii dorgommiidhaaf kangalmaa’an yoo ta’ee, ulaagaa calallii tokko
malee kallattiidhaan qormaataaf akka dhiyaatan ni taasifama.
11) Keewwata kana lakkoofsa 10 irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, qaama
miidhamtootni mana hojii mootummaa keessatti qaxaramanii tajaajilaa jiran yeroo
lammaaffaaf dorgommiif kan dhiyaatan yoo ta’e, akkuma dorgomaa kamiiyyuu
ulaagaalee calallii keessa darbuun qormaataaf kan dhiyaatan ta’a.
12) Manneen hojii dorgomtoota gitoota hojii qaxaraaf bahan irratti qormaataaf calalamanii
adda bahan tooftaalee beeksisaa qajeelfama Kanaan kaa’aman keessaa yoo xiqqaate

36 | P a g e
kanneen dhaqqabaa ta’an saditti fayyadamuun guyyaa, sa’aatii fi iddoo qoramaatni itti
kennamu beeksisa ifa ta’e baasuudhaan dorgomtootni akka beekan taasisuu qabu.
58. Ulaagaalee Dorgommii Qaxaraa
1) Ulaagaaleen dorgommii qormaata barreeffamaa,gochaafi af-gaaffii 100% keessaa kan
kennamu ta’a,
a. Gitoota hojii qormaata baarreeffamaa gaafatuuf, qormaatni barreeffamaa 70% fi
qormaata af-gaaffii 30% keessaa kan kennamu ta’a.
b. Madaallii gahumsaa waliigalaatiif %30 fi gahumsaa addaa madaaluuf kan dandeessisu
40% keessaa ta’uu qaba,
c. Gitoota hojii qormaata gochaa gaafataniif, qormaata gochaa 60%, qormaata
barreeffamaa 25% fi qormaata af-gaaffiitiif 15% keessaa kan kennamu ta’a,
d. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 qubee “b” irratti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
qormaanni gochaa qaama dhimmi ilaallatuun 100% keessaa kan kenname yoo ta’u,
gara 60% jijjiirramee ni qabama.
2) Dorgomaan tokko mo’ataa ta’uuf ida’ama qabxii qormaataatiin 50% fi isaa ol fiduu
qaba.
3) Dorgomtootni hundinuu ida’ama qabxii walii galaatiin 50% gadi kan fidan yoo ta’e, gita
hojii irratti dorgomaniif ga’aa akka hin taaneetti lakka’amanii beeksisa biroo irraa
deebiin baasuun dorgomtoota affeeruu ni danda’a.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, dorgomtootni
qabxii walii galaa 50% gadi fiduudhaan kufan beeksisa qaxaraa irraa deebiin bahe irratti
galma’anii dorgomuu ni danda’u.
5) Gitoota hojii qophii barnoota digirii jalqabaagaafatan irratti dorgomtootni sadarkaa
barnootaa digirii lammaffaa fi sana ol akkasumas muuxannoo hojii
dhiyeeffachuungalmaa’an yoo jiraatan, sadarkaan barnootaa dabalataa fi muuxannoon
dhiyaate galmeedhaaf qofa malee qabxii dabalataa hin argamsiisuu.
6) Dubartii dhiira waliin dorgomtuufqabxiin 4 kan kennamu ta’ee, ida’amni qabxii
waliigalaa dhiira waliin walqixa yoo ta’e dursi dubartiif ni kennama.
7) Keewwata kana keewwata xiqqaa6 jalattikan ibsame akkuma jirutti ta’ee,dubartootni
qabxii wal-qixa ta’e yoo argatan wal-duraa duubaan sadarkaa barnootaa, muuxannoo
hojii waliigalaa, qabxii qormaata gahumsaan argataniin caalmaa qabaniin kan adda
bahan ta’a.
8) Qaama miidhamntootni dandeettiiwwaan barbaachisoogitni hojichaa gaafatu isa xiqqaa
yoo guutan beeksiisa qaxaraakallattiin qormaataaf akka dhiyaatan kan taasifamu ta’ee:

37 | P a g e
a) Qaama miidhaamaan ida’ama qabxii walii galaa argate irratti qabxiin 5 kan
ida’amuuf ta’ee, kanneen biroo waliin qabxii wal-qixa kan argatan yoo ta’e dursi
qaama miidhaaf ni kennama.
b) Qaama miidhamtoota dorgommiif dhiyaatan keessaa dubartii qaama miidhamtuu yoo
taate dursini nikennamaaf.
c) Qaama miidhamtootni qabxii 50% fi sanaa ol galmeessisanii qabxii walqixa fidan
lamaa ol yoo ta’an qaama miidhamtuu dubartii taateefdursi ni kennama.
d) Keewwata kana keewwata xiqqa 8qubee (a) hanga (c) jalatti kan ibsame akkuma
jirutti ta’ee, qaama miidhamtootni sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi sanaa ol
qaban: guutummaan guutuutti ijaan arguu kan hin dandeenye, dhaga’uu kan hin
dandeenyee fi teessoo naannawaa irra taa’anii deeggarsa nama biraatiin iddoodha
iddootti kan socho’an gitoota hojii digirii jalqabaa fi sanaa ol gaafatu irratti
dandeettiiwwaan barbaachisoo guutanii hanga argamanitti kallattiidhaan qaxaruun
ramaddiin ni kennamaaf.
e) Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 qubee (d) jalattikan ibsame akkuma jirutti
ta’e,qaama miidhamtootni guutummaan guututti ijaan arguu kan hin dandeenye,
dhagahuu kan hin dandeenyee fi teessoo naannawaa irra taa’anii deeggarsa nama
biraatiin iddoodha gara iddootti kan socho’an koorniyaa adda addaa qaban yoo ta’e,
dursi dubartootaaf ni kennama.
f) Keewwata kana keewwata xiqqaa8 qubee (e) jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee,
qaama miidhamtootni koorniyaa walfakaata ta’an lamaa fi sana ol yoo ta’anii fi
qabxii walqixa yoo galmeessisan carraa buusuudhaan moo’ataan kan adda bahu ta’a.
g) Kewwata kana keewwata xiqqaa 8 qubee (f) jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
qaama miidhamtootni haala kanaan fayyadaman carraan kan kennamuuf altokko
qofaaf ta’a.
h) Dorgomtootni aanaalee horsiisee bulaa irraa qaxaraaf ulaagaalee dandeettiiwwan
barbaachisoo isa xiqqaa guutanii galmaa’anii dorgoman, ida’ama qabxii walii gala
argatan irratti qabxiin 5ni ida’amaaf.
9) Dorgomtootni Aanaalee horsiisee bulaa yookiin haala qilleensa jireenyaaf rakkisaa ta’e
keessa dhufaniif dorgommii qaxaraa irratti qabxiin 3 dabalameefii dorgomtoota kanneen
biroo waliin qabxii walii galaan walqixa yoo ta’an, dursi kennameefii kan qaxaraman
ta’a.
10) Qabxiin qormaata barreeffamaa, gochaa fi af-gaaffiif kan affeeru:
a) Gita hojii tokkoof qormaata barreeffamaa fi gochaakan gaafatuuf 85% keessaa35%
fi sanaa ol yoo galmeessise qormaata afgaaffiitiif dhiyaachuu ni danda’a.
38 | P a g e
b) Dorgomaan tokko qormaata bareeffamaatiin50% fi isaa ol yoo fides qormaata af-
gaaffii yoo hin fudhatin darbuu hin danda’u.
11) Hojjetaan mootummaa mana hojii itti qaxaramee hojjechaa jiru keessatti irra deebiin
qaxaramuu hin danda’u.
12) Keewwata kana keewwata xiqqaa 10 jalattikan ibsame jiraatus, beeksifni qaxaraa osoo
hin bahiin ji’a jaha dura hojjetaan mootummaa waraqaa qulqullinaa seera qabeessa ta’e
fudhachuun hojii isaa gadi lakkise beeksisa qaxaraa manni hojii baasee irratti dorgomee
qaxaramuu ni danda’a.
59. Haala Eebbifamtootni Dorgomanii Shallaggiidhaan Itti Qaxaraman

1) Gitoota hojii sadarkaa barnoota digirii jalqabaa fi sanaa ol gaafatan irratti


eebbifamtoota dhaabbilee barnoota ol’aanoo kallattii barnootaa gitni hojii gaafatu
guutan dorgomsiisuudhaan hanga Ogeessa sadarkaa II tti shallaggiidhaan qaxaruun
ka’umsa mindaa Ogeessa sadarkaa I kaffaluun hojjechiisuun ni danda’ama.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjettootni
shallagiidhaan qaxaraman mindaa sadarkaa gita hojii shallagiidhaan irratti qaxaraman
kan argatan qajeelfama guddina sadarkaa hordofuudhaan hojjettoota biroo mana
hojichaa keessa jiran waliin walqixa dorgomanii yoo mo’atan qofadha.
60. Haala Hojjetaan Mootummaa Mana Hojii Mootummaa Biraatti Itti Qaxaramuu
Danda’u
1) Hojjetaan mootummaatokko mana hojii mootummaa tokko irraa gara mana
hojiimootummaa biraatti, deemuun qaxaramuu ni danda’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan
mootummaa tokko:
a) Mana hojii hojjetu keessatti.
b) Mana hojii hojjechaa jiru keessatti ta’ee, mana hojii isaa caasaa sadarkaa olii
figadiitti yookiin sadarkaa bulchiinsa walfakkaatukeessatti qaxaramuu hin danda’u.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 qubee (b) jalattikanibsame akkuma jirutti ta’ee,
hojjetandhimma humnaa ol ta’een hojii irraa gaggeeffamee ragaa seera qabeessaa fi
sirrii ta’e qabu ji’oota jaha booda mana hojii duraanii dabalatee mana hojii
kamiyyuu keessatti dorgomuun qaxaramuu ni danda’a.
3) Hojjetaan mootumma hojii irra jiru mana hojii mootummaa biraatti qaxaramuudhaaf
mana hojii itti hojjatu irraa xalayaa deeggarsaa manni hojichaa mormii kan hin qabne
ta’uu ibsu dhiyeeffachuu qaba.

39 | P a g e
61. Haala Qaxarri Namoota Uumuriin Isaanii Waggaa 14 Olii fi 18 Gadi Ta’an Itti
Raawwatamuu Danda’u
1) Dargaggootni umuriin isaanii waggaa 14 olii fi 18 gadi ta’anii hojii dandeettii isaaniitiin
wal-simu irratti qaxaruun hojjechissuun ni danda’ama.
2) Dargaggootni haala kanaan qaxaraman qaama, fayyaa, guddina sammuu fi hamilee
isaanii hanga hin miinetti fi bu’aa humna isaanii hanga hin saamnetti hojiitti
qaxaramanii hojjechuu ni danda’u.
3) Dargaggootni umuriin isaanii wagaa 14 olii fi 18 gadi jiran gitoota hojii armaan gaditti
ibsaman irratti qaxaramanii akka hojjetan taasisuun hin danda’amu;
a) Gitoota hojii itti gaafatamummaa gaafatan,
b) Konkolaachisaa konkolaataa,
c) Meeshaalee gurguddaa ta’an kaasuu, baachuu, dhiibuu fi harkisuu,
d) Gitoota hojii meeshaalee loltuu fi waardiyyummaadhaan wal-qabatan,
e) Hojiilee barbaacha albuudaa lafa keessaa qotaman waliin wal-qabatan,
f) Hojii halkanii,
g) Hojii sa’aatii idileen ala hojjetaman,
h) Bulchiinsa qabeenyaa fi bittaa meeshaa,
i) Qabduu mallaqaa,
j) Gitoota hojiilee keemikaalaa, elamantootaa fimakaanikaan wal-qabatan,
k) Hojii xura’aa dhangala’aa fi goggogaa, geejjibaa, mana fincaanii haruu fi qulqullina
daandii,
l) Hojii booyii xura’aa dabarsan fi hojii qotiisaa,
m) Gitoota hojii ijaarsaa gamoo,
n) Gitoota hojii miidhaa balaa geessisanii,
o) Gitoota hojii abiddaan wal-qabatanii fi kanneen biroo Kanaan walfakkaatan irratti
qaxaruun hojjechiisuun hin danda’amu.
4) Dargaggootni umuriin isaanii waggaa 14 olii fi 18tii gadi ta’an hojiilee armaan olitti
ibsaman ala qaxaramuun hojjechuu ni danda’u.
5) Dorgomtootni umuriin isaanii waggaa 14 olii fi 18tii gadi ta’e keessatti argaman
dorgomanii yoo moo’atan gitoota hojii irratti ramadaman irratti guyyaatti sa’aatii saddet
hojjachuu qabu.
6) Hojii irratti qaxaramani akka hojjetan taasifamaniif ka'umsi mindaa gita hojichaa ni
kaffalamaaf.
7) Dargaggootni haala kanaan qaxaraman umuriin isaanii yeroo waggaa 18 guutu gitoota
hojii kamiyyuu irraatti dorgomuu ni danda’u.
40 | P a g e
8) Muuxxannoon hojii yeroo uumuriin isaanii waggaa 14 olii fi 18 gadi ta’anii hojjatanis
kan waggaa tokkoo akkuma muxannoo waggaa tokkootti ni qabamaaf.
62. Haala Qaxara Hojjetaa Yeroo
1) Haalli dirqisiisaa ta’e yoo quunname hojiilee amala itti fufinsa hin qabne irratti manni
hojii hojjetaa yeroo qaxaruudhaan hojjachiisuu ni danda’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame jiraatus, gitoota hojii dhaabbataa
ta’ee, haalonni dirqisiisan banaa turuu hin dandeenyee fi yoo banaa ta’e, mana hojichaaf
rakkoo uumuu danda’u irratti Biirichaa hayyamsiisuun hojjetaa yeroo qaxaruun ni
danda’ama.
3) Qaxarriin hojjetaa yeroodhaa yeroo gaggeeffamu ulaagaalee qaxaraa qajeelfama kana
keessatti kaa’aman hordofuun raawwatamuu qaba.
4) Qaxara hojjetaa yeroo gaggeessuun kan danda’amu barbaachisummaan qaxarichaa kan
manneen hojii sadarkaa naannoo Biirichaaf ta’ee, kan manneen hojii sadarkaa naannoo
gadii Waajjiralee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaan jiraniif
dhiyaatee yoohayyamame qofadha.
63. Haala QormaatniQaxaraa Itti Qophaa’uufi Kennamu
1) Gitoota hojii qophii barnoota dippiloomaa kolleejjii fi isaa ol gaafatan irratti
qormaanni teekiniikaa yookiin gahee hojii irratti hundaa’eegama mana hojii
mootummaa sadarkaa Naannootiin qophaa’ee gidduu gala mirkaneessa gahumsatti kan
darbu yoo ta’u, qormaanni gahumsa walii galaa immoo gama gidduu galeessa
mirkaneessa gahumsaa Yunversiitii Naannoo Oromiyaa yookiin giddu galeeyyii
mirkaneessa gahumsaa sadarkaa adda addaatti gurmaa’aniin qophaa’ee bankii
qormaataa keessatti qindaa’ee kan taa’uu ta’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti akkaataa ibsameen qormaanni qophaa’u
gaaffii manneen hojii irraa dhiyaatu irratti hundaa’ee gama giddu galeessa mirkaneessa
gahumsaatiin qormaatni kan kennamu ta’a.

3) Qormaanni kennamus dhimmoota armaan gadii giddu-galeessa godhachuu qaba:


a) Gahumsaa fi dandeettii waliigalaa pabliik sarvaantii tokko irraa barbaadamu kan
bu’uureffate;
b) Beekumsa hojii, dandeettii xiinxaluu fi rakkoo hiikuu;
c) Gahee hojii fi ittigaafatamummaa gita hojjichaa haala barbaadamuun akka bahaaniif
beekumsa, dandeettii fi gahumsa gita hojichaaf barbaachisu dorgomtootaa
madaaluuf kan dandeessisuu.

41 | P a g e
d) Fedhii jijjiiramaa, aadaa hojii fi kaka’umsa hojii dorgomtootaa kan madaaluu
danda’uu ta’uu qaba.
e) Qormaanni kennamus iccitummaan isaa haala eegeen koodiin kennamuu qaba.
4) Koreen fo’annoo fi filannoo sadarkaan jirubu’aa qormaataa giddugaleessa irratti
hundaa’uudhaan qormaata af-gaaffii gaggeessuu qaba.
64. Haala Bu'aan Qormaataa Itti Ibsamu

1) Koreen fo’annoo fi filannoo bu’aa qormaataa dorgomtoota filataman, eeggataa ta’anii fi


hin filatamiin adda baasuudhaan yaada murtii waliin ittigaafatamaa mana hojichaatiif
dhiyeessuu qaba.
2) Yaadni murtii koreedhaan dhiyaate itti gaafatamaa mana hojichaatiin erga mirkanaa’ee
booda tooftaalee beeksisaa gaazexaa, marseeriitii, telegiraamii, imeelii, gabatee
beeksisaa fi kkf irratti ibsamee fi dabalataanis bilbilatti fayyadamuudhaan dorgomtootni
akka beekan taasifamuu qaba.
3) Bu’aan qormaataa mana hojii qormaannii akka kennamuuf gaafateef erga deebi’ee
booda guyyoota hojii hanga kudhaniif walitti aananee jiruuf maxxanfamee kan turu
ta’a.
65. Dorgomtoota Filataman Gara Hojiitti Bobbaasuu
1) Dorgomtootni filataman guyyaa itti gabaasa gochuu qaban gama mana hojiitiin gabatee
beeksisa mana hojii irratti, marseeriitii mana hojichaa, portaalii mana hojichaa fi
bilbilaan kan beeksifamuu qabu ta’ee, beeksisini waamichaa guyyoota hojii kudhaniif
qilleensarra kan turu ta’a.
2) Dorgomtootni filataman hojii osoo hin jalqabiin dura:
a) Bu’aa qorannoo ashaaraa Poolisii irraadhiyeeffachuu qabu;
b) Ragaa fayyummaa kan ibsu mana yaalaa beekamtii qabu irraa dhiyeeffachuu;
c) Akkaataa barbaachisummaa isaatti nama wabii ta’uuf dhiyeeffachuu;
d) Hojjetaa mootummaa kana dura hojiirra ture yoo ta’e mana hojii keessa ture irraa
waraqaa qulqullinaa dhiyeeffachuuf dirqama qabu.
3) Dorgomtootni qaxaraman unka kakuuguutuudhaan mallatteessuu qabu.
4) Kutaan hoggansa qabeenya namaa uunkaa seenaa jireenyaa of-eeggannoon guuchisiisuu
qaba.
5) Dorgomtootni qaxaraman hojii osoo hin eegaliin dura leenjiin hojii duraa kennamuufii
qaba.
6) Leenjiin hojii duraa sadarkaa Naannootti Daayirektoreetii Hoggansa qabeenya
Namaatiin, sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaalee irratti immoo puulii

42 | P a g e
dhimmi ilaallatuu fi Mana hojii hojjetichi itti qaxarame waliin kennamuun gara hojitti
akka bobba’u taasifamuu qaba.
66. Qaxara Yeroo Yaalii
1) Hojjetaa filatameef xalayaan qaxara yaalii guyyaa qaamaa aangoo qabuun mallatta’ee
bahii ta’e irraa eegalee xalayaan qaxara yaalii kennamuu qaba.
2) Hojjetaan qaxara yeroo yaalii irra kan turan ji’a jahaaf ta’ee, madaalliin raawwii hojii
isaa kan guutamuuf ji’a sadi sadiin ta’u qaba.
3) Yeroo qaxara yaalii irra turan keessatti qabxiin bu’aa madaallii raawwii hojii ji’a sadi
sadiin guutameekan yeroo lamaa giddugaleessaan quubsaa (50%) fi sanaa ol yoo ta’e,
xalayaan qaxara dhaabbii guyyaa qaxaraman irraa kaasee guyyaa shan keessatti
kennamuuf qaba.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 fi 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaa
qaxara yaalii irra jiru bu’aan madaallii raawwii hojii yeroon guutamee ji’a tokko
keessatti guutamuuf kan qabu ta’ee,yeroo kana keessatti kennamuufii yoo baate itti
gaafatamaan dhimmi ilaallatukan itti gaafatamuun ta’a.
5) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, raawwiin
hojii yeroon hin guutamiin hojjeta qaxara yeroo yaalii irra ture hojii irraa gaggeessuun
hin danda’amu.
6) keewwata kana keewwata xiqqaa 4 fi 5 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, manni
hojii hojjeta hojjechiisu madaallii bu’aa raawwii hojii yeroon guutee Daayireekitooreetii
yookiin Garee yookiin ogeessa Hoggansa Qabeenya Namaatiif dirqama dhiyeessuu kan
qabu yoo ta’u, daayireekitooreetiin yookiin Gareen Hooggansa Qabeenya Namaas
madaalliin bu’aa raawwii hojii hojjetaa qaxara yaalii irra jiru yeroon guutamee ergamuu
isaa hordofuuf dirqamaa fi ittigaafatamummaa ni qabaatu.
7) Hojjetaan yeroo qaxara yaalii ji’a jaha keessatti bu’aan raawwii hojii isaaquubsaa
yookiin %50 gadi yoo ta’e dabalataan yeroo qaxara yaalii isaa ji’a sadiif akka dheeratu
taasisuun ni danda’ama.
8) Keewwata kana keewwata xiqqaa 7 jalattikan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan
qaxarriin yaalii isaa akka dheeratu taasifame ji’a torbaffaayeroo hojii jalqabu hojjetichi
akka of sirreessu xalayaan akeekkachiisaa kennamuufii qaba.
9) Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 jalattikan ibsame akkuma jirutti ta’ee, manni
hojjichaa leenjii dandeettii isaa cimsuu danda’u kennuufii qaba.
10) Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 fi 9 jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee,qaxaramaan hordoffii, deeggarsi fi leenjiin barbaachisu taasifameefii yeroo
dabalataan kennameef keessatti bu’aan raawwii hojii isaaquubsaa yookiin 50%fi isaa ol
43 | P a g e
yoo hin taane yeroon yaalii dabalataan isaaf kenname akkuma xumurameen xalayaan
hojiirra gaggeeffamuu ni kennamaaf.
11) Hojjeta qaxara yaalii haala quubsaa ta’een xumure yeroo itti qaxarame irraa eegalee
hojjeta dhaabbataa mootummaa ta’uun isaani galmaa’a.
12) Manni hojii dhimmi ilaalu kana raawwachuu isaatiif garagalchaan Biirichaa fi caasaa
isaa sadarkaan jiru beeksisuu qaba.
13) Manni hojichaa waggaa tokko keessatti gitni hojii banan turuu hin dandeenye kan jiru
yoo ta’e, dorgommii biraa osoo hin barbaachisiin galmee eeggatummaa keessaa,
akkaataa walduraa duubaa qabxii eeggattootaatiin filatanii sadarkaa fi waamama gita
hojii walsimu irratti qaxaruun ni danda’ama.

KUTAA SADI
Raawwii Jijjiirraa Hojjattootaa
67. Raawwii Jijjiirraa Keessaa
1) Jijjiirraan mana hojii tokko keessatti raawwatu karoora qabeenya namaa mana hojichaa
irratti hundaa’ee gaggeeffamu qaba.
2) Manni hojii mootummaa tokko hojii isaaf barbaachisaa ta’ee yoo argamehojjetaa
mootummaa tokko mana hojichaa keessatti sadarkaa gita hojii fi mindaa wal-fakkaatu
irratti yookiin bakka hojii tokko irraa gara bakka hojii biraatti jijjiiruudhaan
hojjechiisuu ni danda’a.
3) Hojjetaan mootummaa tokko mana hojii isaa keessatti miidhaa fiduu danda’a
jedhamee yoo amanamee mindaan isaa osoo hin irraa hir’ifamin yeroo waggaa tokko
hin caalleef jijjiiruun hojjechisuun kan danda’amu ta’ee, karaa biraatiin miidhaa ni
dhaqqabsiisa jedhamee itti amaname ragaa fi gochaan kan hin mirkanoofne yoo ta’e,
bakka turetti akka deebi’u taasisuun ni danda’ama.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 fi 3 jalatti kan ibsame jiraatus, kenniinsa tajaajilaa
fi raawwii hojii mana hojichaa irratti dhiibbaa yoo dhaqqabsisee fi kunis ragaa
qabataman yoo mirkanaa’ee manni hojiiisaa mindaa argachaa jiru qabatee gita hojii
tokko irra gara gita hojii biraatti jijjiiree hojjechiisuu ni danda’a.
5) Hojjeta mootummaa rakkoo fayyaan walqabatee ragaa boordii hakiimotaa qabuyookiin
HIV/AIDSwaliin jiraachuun isaa ragaa mana yaalaan mirkanaa’ee ulaagaa waliin
yookiin hojjettoota rakkoo walfakkaataa qabachuun gaaffii fedhii jijjiirraa
kandhiyeeffatan waliin dorgomsiisuun jijjiirraan keessaa kan raawwatamu ta’a.
6) Hojjettoota abbaa warraa fi haadha warraa ragaa fuudhaa fi heerumaa qabaachuun
isaanii mirkanaa’e, ulaagaa waliin yookiin hojjettoota dhimma walfakkaataa

44 | P a g e
qabachuun gaaffii fedhii jijjiirraa kan dhiyeeffatan waliin dorgomsiisuun jijjiirraan
keessaa kan raawwatamu ta’a.
7) Gitni hojii hojjetaa mootummaa tokkoo kan haqame yoo ta’e:
a) Mana hojii isaa keessatti gara gita hojii sadarkaa walfakkaatuutti ni jijjiirama;
b) Hojjetichi hayyamamaa yoo ta’ee fi mana hojichaa keessaa gitni hojii walfakkaataa
kan hin jirree yoo ta’ee, mindaa qabateen gita hojii sadarkaa gadi-aanaa irratti
jijjiiruun ni danda’ama.
68. Raawwii Jijjiirraa Alaa
1) Jijjiirraan alaa raawwatamuu kan danda’u karoora hoggansa qabeenya namaa mana
hojichaa irraatti hundaa’uun ta’a.
2) Hojjetaa tokko jijjiirraa alaan fudhatanii hojjechiisuun kan danda’amu bu’aa xiinxala
qabeenya namaa mana hojii bu’uureffatee karoora qabeenya namaa qophaa’ee fi haala
fo’annoo fi filannoo keessaa fi alaa wal madalchiseen kan raawwatamu ta’uu qaba.
3) Manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa, manneen hojii naannoolee biroo,
Bulchiinsa magaala Finfinnee, Bulchiinsa magaala Dirree Dawwaa fi manneen hojii
mootummaa Federalaa yoo waliigalan, akkasumas Biirichi yoo mirkaneesse hojjataa
mootummaa tokko naannoo biroo fi manneen hojii mootummaa federalaa irraa gara
manneen hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti sadarkaa fi mindaa walqixa ta’e
irratti jijjiiree hojjechiisuu ni danda’a.
4) Manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa gara manneen hojii naannoolee
biroo, Bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Bulchiinsa magaala Dirree Dawwaa yookiin
manneen hojii mootummaa Federalaa irraa gaaffiin jijjiirraa yoo dhiyaateefi Biirichi
yoo mirkaneesse hojjetaa mootummaa tokko naannoo oromiyaa irraa gara birootti gadi
lakkisuu ni danda’a.
5) Manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo hojiidhaaf barbaachisaa ta’ee yoo
argamee fi manni hojii hojjetaa gadi lakkisu xalayaa deeggarsaa kan kenneef yoo ta’ee,
hojjetaa mootummaa tokko sadarkaa gita hojii fi mindaa walqixa ta’e irratti
dorgomsisee jijjiruun Biirichaa beeksiisuu qaba.
6) Caasaalee bulchiinsa Godinaalee, Magaalotaa fi Aanaalee irratti manni hojii
mootummaa tokko hojiidhaaf barbaachisaa ta’ee yoo argamee fi manni hojii hojjetaa
gadi lakkisu xalayaa deeggarsaa kan kenneef yoo ta’ee, hojjetaa mootummaa tokko
sadarkaa gita hojii fi mindaa walqixa ta’e irratti hundaa’uudhaan qajeelfama hordofuun
qindeessummaa Waajjira Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namatiin
dorgomsisee jijjiruun hojjechiisuu ni danda’a.

45 | P a g e
7) Manni hojii mootummaa tokko hojjetaa mindaa fi sadarkaa gita hojii wal qixa ta’e
jijjiiradhaan fudhachuuf beeksisa baaseen dhabuu isaa ragaadhaan yoo mirkanaa’ee,
hojjetaan ulaagaalee dandeettii barbaachisoo isa xiqqaa gitni hojichaa barbaadu kan
guutuu yoo ta’e, gita hojii ol’aanaa irratti dorgomee yoo darbe jijjiiramuu kan
danda’amu ta’ee, ka’umsa mindaa gita hojii irratti jijjiiramanii argachuu kan danda’an
sirna guddina sadarkaa hordofee beeksisni dorgommii bahee yoo mo’atan qofa ta’a.
8) Manni hojii mootumma tokko hojichaaf barbaachisaadha jedhee yoo itti amaname fi
Biirichii yoo mirkaneesse, hojjetaa manneenhojii mootummaa dhaabiilee misooma
mootummaa irraa yookiin waldaalee hawaasaa irraa hojjetaan kanneen ulaagaalee
dandeettii barbaachisoo isa xiqqaa gitni hojichaa gaafatu guutan dorgomsiisuunjijjiiree
hojjechiisuu ni danda’a;
9) Hojjetaan mootummaa sadarkaa gita hojii fi mindaan walfakkaataa irratti beeksisa
qaxaraaf bahe irratti hunda’uun qaxaramuuf yoo iyyate, dorgomiidhaan yoo filatame
sirna jijjiiraatiin akka ramadamu ni taasifama.
8) Hojjeta mootummaa rakkoo fayyaan walqabatee ragaa boordii hakiimotaa qabu
yookiin HIV/AIDS waliin jiraachuun isaa ragaa mana yaalaan mirkanaa’ee ulaagaa
waliin yookiin hojjettoota rakkoo walfakkaataa qabachuun gaaffii fedhii jijjiirraa kan
dhiyeeffatan waliin dorgomsiisuun jijjiirraan alaa kan raawwatamu ta’a.
9) Hojjettoota abbaa warraa fi haadha warraa ragaa fuudhaa fi heerumaa qabaachuun
isaanii mirkanaa’e, ulaagaa waliin yookiin hojjettoota dhimma walfakkaataa
qabachuun gaaffii fedhii jijjiirraa kan dhiyeeffatan waliin dorgomsiisuun jijjiirraan alaa
kan raawwatamu ta’a.
69. Raawwii Jijjiirraa Ergisaa

1) Jijjiirraan ergisaa kan raawwatamu manni hojii mootummaa tokko hanqina qabeenya
namaa fi baajeta mindaa kan qabu, garuu maamilli immoo gita hojii irratti tajaajila kan
irraa barbaaduu fi manni hojii ergisu immoo qabeenya namaa fi baajeta gahaa kan
qabu yoo ta’e, manneen hojii mootummaa hojimaata itti qabeenya namaa
waldeeggaruun tajaajila maamilaa kennuu danda’an dirirsuudha.
2) Manni hojii mootummaa kamiyyuu hojiidhaaf barbaachisaa ta’ee yoo argame, mana
hojii mootummaa naannoo oromiyaa yookiin dhaabbilee misoomaa mootummaa
yookiin waldaalee hawaasaa irraa hojjetaa tokko yeroo waggaa tokko hin caalleef
beeksisa ifa ta’e baasee dorgommii irratti hundaa’uun ergisaan jijjiiree hojjechiisuu ni
danda’a.

46 | P a g e
3) Manni hojii mootummaa hojjetaa ergisu, ergifatuu fi hojjetichi yoo waliigalan,
hojjetaan mootummaa mana hojii mootummaa biraa yookiin mana hojii mootummaa
naannoo yookiin dhaabbilee misoomaa mootummaayookiin waldaalee hawaasaa yeroo
waggaa tokko hin caalleef ergisaan jijjiiramee akka hojjetu taasisuun ni danda’ama.
4) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2 fi 3 jalatti ibsameen, hojjetaan ergisaan
jijjiirame:
a) Mindaa fi faayidaan isaa sababa jijjiirichaatiin osoo irraa hin hirfamiin, mana hojii
ergisaan kenneennikaffalamaaf.
b) Bu’aan madaallii raawwii hojii mana hojii jijjiirraa ergisaan fudhatee hojjechiisuun
guutamee mana hojii hojjeticha ergiseef ni darba.
c) Badii naamusaa kan raawwate yoo ta’e, manni hojii ergisaan fudhateen tarreeffama
ragaa waliin mana hojii ergiseef ni beeksisa.
d) Manni hojii ergisees dhimma naamusa hojjetichaa qoratee tarkaanfii barbaachisaa
ta’e ni fudhata.
5) Hojiin raawwatamu waggaa tokko gaditti kan xumurame yoo ta’e, hojjetaan ergifame
gara mana hojii ergiseetti akka deebi’u kan taasifamu ta’ee, hojichi waggaa tokko
keessatti kan hin xumuramne yoo ta’e, fedhii mana hojii ergisee, ergifatee fi hojjata
ergifatame irratti hundaa’udhaan gara dhaabbiitti jijjiiranii hojjechiisuun ni danda’ama.
6) Hojjetaan dhaabbilee misooma mootummaa yookiin waldaalee hawaasa irraa ergisaan
fudhatame akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti ibsameen gara
dhaabbiitti jijjiirun kan danda’amu ulaagaalee dandeettiiwwan barbaachisoo isa xiqqaa
gitni hojichaa gaafatu yoo guutanii fi mindaa gita hojichaaf murta’een ta’a.
70. Jijjiirraa Gara Pirojektiitti Taasifamu
1) Jijjiirraan gara Piroojektoota manneen hojii sadarkaa naannoo walqabateen
raawwatamugama manajimentii manneen hojichaatiin mirkanaa’ee Biiricha beeksisuu
qabu.
2) Jijjiirraangara Piroojektiitti manneen hojii sadarkaa godinaa, magaalootaa fi aanaalee
walqabatu gamamanajimentiimanneen hojii dhimmi ilaallatuun mirkanaa’ewaajjiraalee
Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaan jiran beeksisuun kan
raawwatamu ta’a.
3) Jijjiirraan gara piroojektiitti taasifamu haala armaan gadiin kan raawwatanu ta’a:
a) Pirojeektiin jijjiirraan keessatti raawwatamuu qabu piroojektii hojii misooma
naannichaatiif gumaacha qabu ta’ee, mana hojii Motummaa, miti mootummaa fi
Arjoomtoota adda addaatiin kan hojjetamu ta’uu qaba.
b) Ulaagaa ifaa ta’ee fi dorgommii irratti hundaa’ee gaggeeffamuu qaba.
47 | P a g e
c) Jijjiirraan gara piroojektiitti taasifamu hanga waggaa tokkoof ta’ee, hojichi waggaa
tokkoo ol kan fudhatu yoo ta’e,yeroon turtii walii galtee mana hojii mootummaa
hojjetaan irraa jijjiiramu fipiroojektichaan kan murtaa’u ta’a.
d) Raawwii hojii fi haala naamusa hojjetaa gara piroojektiitti jijjiiramee hojimaata
mootummaa hordofuudhaan gara mana hojii isaatti ni gabaafama.
4) Hojjetaan dorgomee jijjiirraadhaan gara pirojektiitti deemuu yeroo mana hojii isaa
duraatti deebi’u mindaa isaa dura argachaa turetti kan deebi’u ta’ee, hanga inni
piroojekticha keessa turetti jijjiiramni mindaa hojjettootaa walii galaaf kan
raawwatame yoo jiraate bakka hojjettootni gita hojii waliin walqixa turan gahanitti kan
sirreeffamuuf ta’a.
71. HaalaDorgomtootni Jijjiirraadhaaf Itti Affeeraman
1) Manni hojii mootummaa kamiiyyuu hanqina qabeenya namaa isa qunnamu akkaataa
karoora tarsiimoo fi waggaa qabeenya namaa isaa bu’uurreefachuun gitoota hojii
banaa jijjiraan guutamu qabu irratti beeksiisa baasuun dorgomtoota affeeruu qaba.
2) Manni hojii mootummaa tokko yeroo beeksisa jijjiirraa baasuu meeshaalee
sabquunnamtii kanneen akka gaazexaa,marsariitii, portaallii mana hojii, imeelii,
telegiraamii, gabatee beeksisaa fi kkf bahuu yoo xiqqaate meeshaalee sabquunnamtii
jiran keessaa sadiitti fayyadamuun beeksisa baasuun dirqama ta’a.
3) Dorgomaan beeksisa jijjirraa irratti galmaa’u qaamaan, bakka bu’aa isaatiin,
Iimeeliin,telegiraamin fi teekinoolojii fayyadamuun galmaa’uu ni danda’a.
4) Hojjetaan beeksisa jijjiirraa irratti galmaa’u tokkoo waraqaa deeggarsaa mana hojii
hojjetu irraa dhiyeeffachuu qaba.
5) Qabiyyeen beeksisa jijjiirraa kanneen armaan gadii qabaachuu qaba:
a) Maqaa mana hojichaa fi teessoo isaa;
b) Waamama gita hojichaa,
c) Sadakaa gita hojiichaa
d) Mindaa gita hojiichaa;
e) Lakkoofsa eenyummaa gita hojichaa;
f) Koodii gita hojii;
g) Baay'ina gita hojii bana;
h) Afaan hojii naannichaa dhaga’uu, dubbachuu, barreessuu fi dubbisuu kan beeku;
i) Dandeettii barbaachisaa isa xiqqaa,(Sadarkaa barumsaa, gosa barumsaa fi
muuxannoo hojii kallattii) gitni hojichaa gaafatu;
j) Beekumsa, dandeettii addaa fi Ogummaa biroo gita hojichaaf barbaadamu yoo
jiraate;
48 | P a g e
k) Amalli hojichaa hojii dirree yoo kan qabuu fi hojii idileen ala kan hojjetamu yoo
ta’e ibsuu;
l) Tooftaalee galmeen ittiin gaggeeffamuu qabu;
m) Guyyaa fi sa’aatii galmeessuun itti jalqabamuu fi xumuramu;
n) Bakka itti galmeeffamanii fi Lakkoofsa kutaa galmeen itti raawwatamu;
o) Beeksisni gita hojii banaa bahu "dubartootni fi qaama miidhamtootani ni
jajjabeeffamu”kan jedhu qabaachuu qaba.
p) Hojjattoota Aanaalee horsiisee bulaa keessaa hojjechaa jiran waggaa 3 erga
tajaajilanii booda ulaagaalee dandeettiiwwan barbaachisoo isa xiqqaa yoo guutanii
dorgommii jijjiirradhaaf yoo galma’an dursi ni kennamaaf.
72. Yeroo Beeksifni Jijjiirraa Bahee Qilleensa Irra Turu
1) Jijjiirraan hojjattootaa kan gaggeeffamu waggaatti yeroo lama ta’ee, kurmaana
lammaaffaa fi arfaffaa keessatti kan raawwatamu ta’a.
2) Jijjiirraa keessaa yoo ta’e, beeksisni bahee guyyoota hojii walitti aananii jiran kudhaniif
turu qaba.
3) Guyyaan beeksiisaa kan lakkaa’amu guyyaa beeksisichi bahee qilleenssa irra oolee
kaasee ta’a.
4) Galmeen dorgomtootaa guyyaa beeksisni bahee qilleensa irra oolee eegalee guyyoota
hojii walitti aananii jiran kudhan keessatti kan adeemsifamu ta’a.
73. Ulaagaalee Dorgommii Jijjiirraa
1) Ulaagaalee dorgommii jijjiirraa gitoota hojii hunda Irratti:
a) Bu’aa madaallii raawwii hojii 40%,
b) Madaallii gahumsaabarreeffamaa fi gochaa 55% keessaa ta’ee, madaallii gahumsaa
waliigalaatiif 25% fi gahumsaa addaa madaaluuf kan dandeessisu 30% keessaa
ta’uu qaba,
c) Qulqullina Kuusaa 5%
2) Gitoota hojii madaallii gahumsaa gochaa gaafatan:
a) Bu’aa madaallii raawwii Hojii 40%,
b) Madaallii gahumsaa barreeffamaa 55%, madaallii gahumsaa waliigalaatiif 20% fi
gahumsaa addaa madaaluuf kan dandeessisu 35% keessaa ta’uu qaba,
c) Qulqullina Kuusaa 5%
3) Haalli keenniinsa qabxii bu’aa madaallii raawwii hojii fi qulqullina kuusaa akkaataa
itti aanuun kan herregamu ta’a.
a) Bu’aan madaallii raawwii hojii 0.40’nbaay’atee;

49 | P a g e
b) Hojjetaan adabbii naamusaa salphaan adabame guyyaa adabbiin itti kenname irraa
eegalee kan lakkawamu ta’ee, waggaa lama booda akka rikordiitti qabamee qabxiin
irraa hin hir’ifamu.
c) Hojjetaan adabbii naamusaa cimaan adabame guyyaa adabbiin itti kenname irraa
eegalee kan lakkawamu ta’ee, waggaa shan booda akka rikordiitti qabamee qabxiin
irraa hin hir’ifamu.
Qabiinsi qulqullina kuusaa haala gabatee itti aanuun kan qabamu ta’a

Lakk Tarkaanfii Naamusaa Fudhatame Qabxii Qabxii 5%


hir’ifamu keessaa
kennamu
1 Adabbii mindaa fi sadarkaa hojii irraa gadi bu’uu itti murtaa’e 4 1

2 Adabbiin hanga mindaa ji’a sadii kan itti murtaa’e 3 2


3 Adabbiin hanga mindaa guyyaa kudha shan (15) kan itti 2 3
murtaa’e
4 Adabbii of-eegannoo afaanii fi barreeffamaan kenname. 1 4
6 Rikardiin adabbii tokkollee kan irra hin jirre 0 5

4) Bu’uura ulaagaalee kanaatiin moo’atan yoo xiqqaate qabxii 50% fi isaa ol fiduu qaba.
5) Manneen hojii mootummaa yeroo jijjirraa konkolaachistootaa raawwatan Ejensii
Geejjibaa yookiin caasaa isaa sadarkaan jiru madaallii gahumsaa akka isaaniif baasu
taasisuun, Ejensichi madaallii gahumsaa kennuun qabxii kennu fudhachuu qabu.
6) Dandeettiiwwaan barbaachisoo isa xiqqaa gita hojii tokko irratti dorgomuuf
gaafatamuun olitti dorgomaan sadarkaa barnootaa fi muuxannoo hojii dhiyeeffate yoo
jiraate ragaan dabalataan dhiyaate qabxii dabalataa hin argamsiisuuf.
7) Tarkaanfii deeggarsa dabalataa dubartootaaf kennamaniin dubartootni dhiira waliin
yeroo dorgoman ida’ama qabxii walii galaa irrattiqabxiin (4) ida’ameefii qabxii
caalmaa darbinsaa argataniin yookiin walqixa yoo ta’an dursi kennameefii jijjiirraan
isaanii kan raawwatamu ta’a.
8) Tarkaanfii deeggarsa dabalataa qaama miidhamtootaaf kennamaniin qaama
miidhamtootni kanneen qaamaa miidhamaa hin taane waliin yeroo dorgoman ida’ama
qabxii walii galaa irrattiqabxiin shanida’ameefii qabxii caalmaa darbinsaa argataniin
yookiin walqixa yoo ta’an dursi kennameefii jijjiirraan isaanii kan raawwatamu ta’a.
9) Tarkaanfii deeggarsa dabalataa dubartummaa fi qaama miidhamummaa dorgommii
jijjiirraa keessatti yeroo mudatu kan qabxii caalmaa argamsiisu ni qabamaaf.

50 | P a g e
10) Dubartii qaama miidhamtuu fi dhiira qaama miidhamaa yeroo waliin dorgoman ishee
dubartiif deeggarsa dabalata dubartummaa qabxii walii gala irratti kan qabamuuf ta’a.
74. Dhimmoota Jijjiirraa Hojjetaa Dhorkisiisan
1) Naamuusaan himatamee dhimmi isaa qulqulla’aa kan jiru,
2) Naamusa cimaadhaan adabamee adabbii isaa kan hin xumuriin,
3) Hojjetaa qaxara yaalii hin xumuriin yookiin hojjetaa dhaabbataa Mootummaa hin taane,
4) Hojjetaa yeroof qaxaramee hojjechaa jiru,
5) Xalayaa deeggarsaa mallattoo Itti gaafatamaa yookiin bakka bu’aa mana hojiiirraa
jijjiiramu irraa dhiyeeffachuu kan hin dandeenye, dorogomiijijjiirraaf galmaa’uu hin
danda’u.
75. Deeggarsa Dabalataa Hojjettoota Mootummaa Dubartootaaf Taasifamu
1) Manneen hojii mootummaa hirmaannaa dubartoota cimsuuf bakka murteessoo fi
xiyyeeffannoo barbaadanirratti kanneen akka Daayirektooreetii, Qindeessaa, Abbaa
Adeemsaa fi Dursaa Gareedhiira waliin yeroo dorgoman akkaataa qajeelfama
kanaatiinqabxii walii gala irratti 5ida’ameefii walii galaanqabxii walqixa yoo argatan
dursi dubartootaaf kennamee kan ramadaman ta’a.
2) Manni hojii mootummaa dubartii ulfaa taate tokko fedhii isheen yoo ta’e malee, gita
hojii dorgommiidhaan mo’atee irraa kaasuus, sadarkaa irraa gadi buusuun hin
danda’amu.
3) Sababa adda addaatiin manneen hojii mootummaa keessatti hojjettoota hir’isuun kan
uumamu yoo ta’e,dubartii ulfaa yookiin dubartii deessee yeroo boqonnaa dahumsaa
irra jirtu hojiirraa hir’isuun hin danda’amu.
4) Manni hojii mootummaa dubartii hojjettuu mootummaa taatee daa’ima waggaa tokko
hin caallee yaalchisuudhaan ragaa mana yaalaa dhiyeeffate haayyamni mindan itti
kaffalamu kennamuufi qaba.
5) Dubartootni dorgommiiwwaan fo’annoo fi filannoo kamiyyuu keessatti dhiirota waliin
yoo dorgoman qabxiin 4 kanida’amuuf ta’ee, dhiirota waliin qabxii walii gala walqixa
yoo fidan dursi dubartootaaf ni kennama.
76. Deeggarsa Dabalataa Hojjettoota Mootummaa Qaama MiidhamtootaafTaasifamu
1) Qaama miidhamtootni hojii koreewwan adda addaa fi hojiilee fayyummaa isaanii
duukaa deemuu danda’an irratti akka hojjetan gochuudhaaf manneen hojii dirqama
qabu.
2) Manneen hojii mootummaa hojjettoota qaama miidhamtoota hojiilee kanneen akka
qaxara, jijjiirraa, guddina sadarkaa, leenjii fi carraa barnoota keessatti fayyadamtoota
akka ta’an gochuu qabu.
51 | P a g e
3) Qaama miidhamtootni dorgommiiwwan fo’annoo fi filannoo kamiyyuu keessatti
dorgomtoota qaama miidhamaa hin taane waliin yoo dorgoman qabxiin (5)
kanida’amuuf ta’ee, dorgomtoota qaama miidhamaa hin taane waliin qabxii walii
galaan walqixa yoo fidan dursi qaama miidhamtootaaf ni kennama.
4) Qaama miidhamtootni dorgommii fo’annoo fi filannoo keessatti ulaagaalee
dandeettiiwwan barbaachisoo isa xiqqaa guutuun kan galmaa’an yoo ta’e,
kallattiidhaan qormaataaf akka dhiyaatan ni taasifama.

77. Deeggarsa Dabalataa Hojjettoota Aanaalee Horsiisee BulaaKeessatti Hojjataniif


Taasifamu
Hojjettoota mootummaa Aanaalee horsiisee bulaa yookiin haala qilleensa jireenyaaf
rakkisaa ta’e keessa hojjechaa jiran dorgommii jijjiirraa, guddina sadarkaa, carraa
barnootaa fi leenjii irratti hojjettoota biroo waliin yeroo dorgoman qabxiin 3 dabalameefii
qabxii walii galaan walqixa yoo ta’an, dursi kan kennamuuf ta’a.

KUTAA AFUR
Haala Raawwii Guddina SadarkaaHojjettootaa
78. Kaayyoo Kenniinsa Guddina Sadarkaa
Hojiin hojjetaa gahumsa olaanaa qabuun akka raawwatamu taasisuu, bu’aa raawwii hojii
mana hojichaa fooyyeessuu fi hojjetaa jajjabeessuufiidha.
79. Haal-dureewwan Raawwii Guddina Sadarkaa
1) Guddinni sadarkaa kan gaggeeffamu karoora mana hojii qofa irratti hundaa’ee ta’a.
2) Gitni hojii banaa guddina sadarkaatiin kan guutamu beeksiisa guddina sadarkaa
dorgommiif ifatti bahuun ta’uu qaba.
3) Gita hojii ulaagaalee sadarkaa barnootaa isa xiqqaa fi muxannoo hojii kallaattiin
guutee galmaa’ee dorgomuu kan dandaa’u sadarkaa gita hojii irra jiru irraa hanga
olkaa’iinsa sadarkaa lama hin caaleetidha.
4) Manneen hojii gitoota hojii sadarkaan isaanii adda ta’e,baay’inaan lamaa fi isaa ol
ta’an, banaa fi baajata qaban qabeenya namaa guddina sadarkaatiin guuttachuu yeroo
barbaadan beeksisa guddina sadarkaa al tokko baasuu fi dorgomsiisee guddisuu osoo
hin taane sadarkaa gita hojii ol-aanaa irraa jalqabuudhaan hanga sadarkaa gita hojii
gadi aanaa jiru irratti wal-duraa duubaan karoorsuun beeksisa guddina sadarkaa baasuu
qabu.
5) Manni hojii beeksisa guddina sadarkaa yeroo tokko baase irratti hojjetaan tokko gita
hojii tokkoo ol irratti galmaa’ee dorgomuu hin danda’u.

52 | P a g e
6) Manneen hojii sadarkaa naannoo fi dameewwan isaanii puuliin ala jiran keessatti
beeksisni guddina sadarkaa bahe gabatee beeksisa keessaa mana hojichaa irratti
maxxanfamuu qaba.
7) Sadarkaa godinaa, aanaa fi bulchiinsa magaalotaa keessatti beeksisni guddina sadarkaa
kan bahu puuliiwwan tajaajila hooggansa qabeenya namaa manneen hojiitiif kennaniin
ta’ee,beeksisichi gabatee keessaa puuliiwwanii fi iddoowwan biroo hojjettootni arguu
danda’anitti maxxanfamuu qaba.
8) Qabiyyeen beeksisa guddina sadarkaa kanneen armaan gadi qabachuu qaba
a) Waamama gita hojichaa,
b) sadakaa gita hojiichaa
c) mindaa gita hojiichaa;
d) Lakkoofsa eenyummaa gita hojichaa;
e) Koodii gita hojii;
f) Dandeettii barbaachisaa isa xiqqaa (Sadarkaa barumsaa, gosa barumsaa fi
muuxannoo hojii kallattii) gitni hojichaa gaafatu;
g) Beekumsa, dandeettii addaa fi ogummaa biroo gita hojichaaf barbaadamu yoo
jiraate;
h) Amalli hojichaa hojii dirree yoo kan qabuu fi hojii idileen ala kan hojjetamu yoo
ta’e ibsuu;
i) Tooftaalee galmeen ittiin gaggeeffamuu qabu;
j) Guyyaa fi sa’aatii galmeessuun itti jalqabamuu fi xumuramu;
k) Bakka itti galmeeffamanii fi Lakkoofsa kutaa galmeen itti raawwatamu;
l) Beeksisni gita hojii banaa bahu "dubartootni, hojjettootni naannoo horsisee bulaa fi
qaama miidhamtootni ni jajjabeeffamu”kan jedhu qabaachuu qaba.
9) Hojjetaan mootummaa dhaabbataa raawwii guddina sadarkaa keessatti haalawwaan
dorgomuu isa dhorkan:
a) Bu’aan madaallii raawwii hojii isaa marsaa lamaa 50% gadi yoo ta’e;
b) Adabbii naamusa cimaanyoo dhorkameefi
c) Umuriin isaa soorama bahuudhaaf yeroon isa hafu ji’a sadi gadi yoo ta’e gita hojii
banaa manni hojichaa baasu irratti galmaa’uudhaan dorgomuu hin danda’u.
10) Manni hojii sadarkaa naannoo gita hojii banaa sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi
sanaa ol gaafatu irratti beeksisa guddina sadarkaa yeroo baasu hojjettootni caasaa mana
hojichaa sadarkaa Naannoo,Dameewwan, Godinaa, bulchiinsa magaalaa muummee fi
ol-aanaa irra jiranbeeksisa baasee affeeruun dorgomsiisuu ni danda’a.

53 | P a g e
11) Manni hojii sadarkaa Godinaa gita hojii banaa sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi
sanaa ol gaafatu irratti beeksisa guddina sadarkaa yeroo baasu hojjettootni caasaa mana
hojii godinaa, aanaalee, bulchiinsa magaalotaa giddu-galeessa fi guddatuugodinicha
jala jiran irraa beeksisa baasee affeeruun dorgomsiisuu ni danda’a.
80. Yeroo Beeksisni Guddinaa Sadarkaa Qilleensarra Turu
1) Beeksisni guddina sadarkaa bahee qilleensarra kan turu guyyoota hojii walitti aananii
jiran kudhaniif ta’a.
2) Galmeen dorgomtootaa guyyaa beeksisni guddina sadarkaa qilleensa irra oole irraa
jalqabee guyyoota hojii walitti aananii jiran kudhan keessatti kan raawwatamu ta’a.
3) Guyyaan beeksiisni bahe tokko jedhamee kan lakkaawwamu guyyaa beeksisichi
qaama aangoo qabuun mallattaa’ee chaappaa mana hojii qabatee bahe (qilleensarra
oole) irraa kaasee ta’a.
81. Haala Raawwii Galmee Dorgomtootaa
Yeroo galmeen dorgomtootaa gaggeeffamu daayireekitooreetiin hoggansa qabeenya
namaa manneen hojii sadarkaa naannoo, gareen hoggansa qabeenya namaa puuliiwwan
godinaalee, aanaalee fi bulchiinsa magaalotaa yookiin manneen hojii puuliin ala jiran
dhimmoota itti aanan qulqulleeffachuu qabu:-
1) Dorgomtootni ulaagaawwan beeksiisa guddina sadarkaa irratti ibsaman guutuu isaanii
fi ragaaleen dhiyeeffatan sirrii ta’uu isaa ni mirkaneessu.
2) Dorgomtootni erga qaxaramanii yookiin guddina sadarkaa argatanii booda yoo
xiqqaate waggaa tokko turuu isaanii ni mirkaneessu.
3) Dorgomtootni soorama ba’uudhaaf fiixee umurii seeraan taa’e guutuuf turtii yeroo ji’a
sadii ol kan isaan hafu ta’uu isaaniini mirkaneessu.
4) Galmeen dorgomtootaa yeroo gaggeeffamu hojjettoota heyyama seera qabeessa ta’een
hin argamne,ergifannaadhaan gara mana hojii biroo deeman, sababa hojii
mootummaatiin dirree jiranii fi kkf mana hojii hin jirre galmeessuudhaan guyyaa
qormaatni kennamu qaamaan argamanii qormaata akka fudhatan dursanii beeksisuu fi
haala ni mijeessu.
5) Hojjettoota sababa bu’aa madaallii raawwii hojiitiin yookiin adabbii naamusa
cimaatiin guddina sadarkaa irratti dorgomuu hin dandeenye adda ni baasu.
82. Ulaagaalee Dorgommii Guddina Sadarkaa
Gita hojii Dursaa Garee gadi ta’e irratti ulaagaan dorgommii guddina sadarkaa bu’aa
madaallii raawwii hojii, qulqullina kuusaa fi qormaata madaallii gahumsaa kan hammatu
ta’ee, tokkoon tokkoon ulaagaa 100% keessaa ulfaatina qabxii itti aanu ni qabaata.
1) Bu’aa madaallii raawwii hojiitiif 35%
54 | P a g e
a) Hojjetaan guddina sadarkaa irratti dorgomuuf bu’aa raawwii hojii marsaa lamaa
qabaachuu qaba.
b) Bu’aan madaallii raawwii hojii marsaa lamaakan waggaa tokko caalaa ture ta’uu hin
qabu.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 qubee ‘b’ jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, hojjetaan guddina sadarkaaf dorgomu yeroo dorgommiin gaggeeffamu bu’aa
madaallii hojii marsaa lamaa kan hin qabne yoo ta’e, bu’aan madaallii hojii kan bara
baajataa darbe kan marsaa tokkoo ni qabamaaf.
d) Giddugaleessi ida’ama bu’aa raawwii hojii marsaa lamaa 0.35’n baay’atee kan
qabamu ta’a.
e) Hojjetaan tokko dorgommii guddina sadarkaa irratti galmaa’uuf giddugaleessi bu’aa
madaallii raawwii hojii isaa 50% fi isaa ol ta’uu qaba.
2) Qulqullina Kuusaatiif 5%
a) Hojjetaan adabbii naamusa sadarkaa hojii fi mindaa irraa akka gadi bu’u itti
murtaa’e dorgommii guddina sadarkaatiif dhiyaachuuf guyyaa adabbichi itti
murtaa’e irraa kaasee hanga waggaa shanii (5) kan turu ta’a.
b) Hojjataan adabbii naamusa salphaa fi cimaa hanga mindaa ji’a sadii adabame, yeroo
kamiyyuu dorgommii guddina sadarkaa irraa kan hin dhorkamne ta’ee, qabxiin
irraa hir’ifamu guyyaa adabbichi itti murtaa’e irraa kaasee kan lakka’amu adabbii
naamusaa salphaa yoo ta’ee hanga waggaa lamaatti, adabbii naamusaa cimaa hanga
mindaa ji’a sadii yoo ta’ee waggaa shanii kan turu ta’a.
Haala Qabxiin Qulqullina kuusaatiif guddina sadarkaatiif itti kennamu 5% keessaa itti
kennamu
Lakk Tarkaanfii Naamusaa Fudhatame Qabxii Qabxii 5%
hir’ifamu keessaa kennamu
1 Adabbiin guyyaa 16 hanga mindaa ji’a sadii kan itti 4 1
murtaa’e
2 Adabbiin hanga mindaa guyyaa kudha shan (15) kan 3 2
itti murtaa’e
3 Adabbii of-eegannoo barreeffamaan kenname. 2 3
4 Of-eegannoon afanii itti kennamee 1 4
5 Rikardiin adabbii tokkollee kan irra hin jirre 0 5
3) Qabxii qormaataa madaallii gahumsaaf kennamu 60%
Gitootni hojii qormaata madaallii gahumsaa gochaa fi barreeffamaa gaafatan yookiin
qormaata barreeffamaa qofa gaafatan haala armaan gadiitiin kan raawwataman ta’a.
55 | P a g e
a) Yeroo guddinni sadarkaa gaggeeffamu dandeettii dorgomtootaa adda baasuun akka
danda’amu gara Giddu Galeessa Mirkaneessa gahumsaa Yuniversiitii Naannoo
Oromiyaa sadarkaa adda addaatti gurmaa’utti erguun qormaata akka fudhatan
taasisuun kan raawwatamu ta’a.
b) Gitoota hojii qormaata barreeffamaa fi gochaa gaafatan yoo ta’e, madaallii
gahumsaa waliigalaatiif 40% fi gahumsaa addaa madaaluuf kan dandeessisu 20%
keessaa ta’uu qaba.
c) Gitoota hojii qormaata gochaa gaaffatan yoo ta’e, madaallii gahumsaa waliigalaatiif
%20 fi gahumsaa addaa madaaluuf kan dandeessisu 40% keessaa ta’uu qaba.
d) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3 qubee (b) fi (c)jalatti ibsameen
qormaanni madaallii gahumsaa kennamu ga’ee hojii gita hojichaa irratti hundaa’ee
gama mana hojii guddina sadarkaa baasuun qophaa’uun gara bankii qormaataa
Yunversiitii Naannoo Oromiyaatti darbuu qaba.
e) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3 qubee (b) fi (c) jalatti ibsameen
qormaanni madaallii gahumsaa waliigalaa Yunversiitii Naannoo Oromiyaatiin
qophaa’ee baankii qormaataa Yunversitichaattikan galu ta’a.
83. Haala Guddinni Sadarkaa Gita Hojii Daayirektoreetii, Qindeessaa fiDursaa Garee
Itti Raawwatamu
1) Manneen hojii mootummaa keessatti guddinni sadarkaa gita Hojii Daayirektoreetii,
Qindeessaa fi Dursaa Garee irratti raawwachuudhaaf hoggantootnii fi Itti
gaafatamtootni mootummaa ulaagaalee armaan gadii guutuu isaanii mirkaneeffachuu
qabu.
a) Dorgomtootni ulaagaalee dandeettiiwwan barbaadaman isa xiqqaa barbaadamu
kallattiin guutuu isaanii mirkaneeffachuu,
b) Itti gaafatamummaa fudhachuuf gahumsaa fi qophaa’ina qabaachuu isaanii,
c) Karoora mana hojichaa haala barbaadamuun raawwachuuf yookiin hojii irra
oolchuufgahumsa kan qaban ta’uu,
d) Imaammataa fi tarsiimoo mootummaa fiixaan baasuuf kutannoo isaan qaban,
e) Hannaa fi gocha badaa irraa bilisa ta’uu isaanii,
f) Naamusa gaarii qabaachuu isaanii;
g) Kenninsa tajaajilaa fi raawwii hojii isaanitiin fakkeenyummaa qabaachuu isaanii,
h) Bu’aan madaallii raawwii hojii giddu galeessaa yeroo lamaa 80% fi isaa ol kan
qaban ta’uu isaanii fi
i) Dandeettii hogganuu kanneen akka karoorsuu, qindeessuu, qabeenya namaa
hogganuu, gabaasuu fi duubdeebii kennuu akkaataa karooraatiin rawwachuu fi
56 | P a g e
kaayyoon mana hojichaa akka milkaa’u kan taasisu, rakkoowwan muudataniif
yeroodhaan furmaata kennuu irraatti gahumsaa fi kkf qabaachuun isaanii
mirkanaa’uu qabu.
84. Haala Gita Hojii Daayirektoreetii, Qindeessaafi Dursaa Garee Qabxiin Dorgommii
Guddina Sadarkaa Itti Kennamu
1) Bu’aa madaallii raawwii hojii ……………………………..………………….. 35%
2) Hogganaa yookiin itti gaafatamaa mana hojichaatiin kan kennamu …………..20%
3) Qulqullina kuusaa.………………………………………………………………..5%
keessaa ta’ee, haalli kenniinsa qabxii akkaataa gabatee keewwata 82 jalatti ibsameen
kan kennamu ta’a.
4) QormaataBeekumsaa,Dandeettiitiifigahumsaa………………………40% ta’ee,
madaallii gahumsa waliigalaa 15% fi gahumsa addaatiif 25% keessaa kan madaalamu
ta’a.
5) Qaamolee deeggarsi dabalataa barbaachisuuf qabxiin dabalataa haala itti aanuun ni
kennama:
a) Manneen hojii mootummaa kamiyyuu dorgommiin guddina sadarkaa yeroo
gaggeeffamu gita hojii Daayirektooreetii, qindeessaa fi dursaa garee irratti
dubartootaaf ida’ama qabxii waliigalaa argatan irratti qabxiin (5) dursamee
ida’ameefii qabxii darbinsaa waliigalaa caalmaa argataniin yookiin wal- qixa yoo
ta’an immoo dursi kennameefii guddinna sadarkichaa akka argatan ni taasifama.
b) Manneen hojii mootummaa kamiyyuu dorgommiin guddina sadarkaa yeroo
gaggeeffamu gita hojii Daayirektooreetii, qindeessaa fi dursaa garee irratti qaama
miidhamtootaaf ida’ama qabxii waliigalaa argatan irratti qabxiin (6) dursamee
ida’ameefii qabxii darbinsaa waliigalaa caalmaa argataniin yookiin wal- qixa yoo
ta’an immoo dursi kennameefii guddinna sadarkichaa akka argatan ni taasifama.
c) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 5 qubee “a” fi “b”jalatti ibasameen
dubartiin qaama miidhamtuu hin taanee fi dhiirri qaama miidhamaa ta’e qabxii wal-
qixa yoo fidan dursi dhiira qaama miidhamaa ta’eef ni kennama.
d) Dubartiin qaama midhamtuu taatee fi dhiirri qaama miidhamaa ta’e qabxii wal-qixa
yoo argatan dursi dubartii qaama miidhamtuu taateef ni kennama.
85. Qaamolee Deeggarsa Dabalataa Barbaadanii fi Qabxii kennamu
1) Dorgommii guddina sadarkaa yeroo gaggeeffamu gita hojii dursaa garee gadi ta’e
irratti:
a) Dubartootaaf ida’ama qabxii dorgommii waliigalaatiin argatan irratti qabxiin 4 kan
ida’amuuf ta’ee qabxii darbinsaa waliigalaa caalmaa argataniin yookiin wal-qixa
57 | P a g e
yoo ta’an immoo dursi kennameefii guddina sadarkichaa akka argatan ni
taasifama.
b) Qaama miidhamtootaaf ida’ama qabxii dorgommii waliigalaa aragatan irrattiqabxiin
5 kan ida’amuuf ta’ee qabxii darbinsaa waliigalaa caalmaa argataniin yookiin wal-
qixa yoo ta’an immoo dursi kennameefii guddina sadarkichaa akka argatan ni
taasifama.
c) Keewwata kana qubee(a) fi (b) jalatti kanneen ibsaman akkuma jiranitti ta’ee,
hojjetaan deeggarsa dabalataa tokkoo oliin fayyadamaa yoo ta’e qabxii deeggarsa
dabalataa ol-aanaa tokko qofa kan qabamuuf ta’ee, akkaataa kanaan qaama
miidhamaa fi dubartiin qabxii wal-qixa yoo argatan dursi qaama midhamaatiif kan
kennamu ta’a.
d) Hojjettootni deeggarsi dabalataa taasifamuuf dubartii fi dubartiin yookiin qaama
miidhamaa fi qaama midhamaan qabxii wal-qixa ta’e yoo argatan wal-duraa duubaan
sadarkaa barnootaa, muuxannoo hojii waliigalaa, qabxii qormaata ga’umsaan
argataniin fi qabxii madaallii raawwii hojii guddina sadarkichaa ittiin dorgomaniin
caalaa qabaniin kan adda bahan ta’a.
e) Hojjetaa deeggarsi dabalataa taasifamuuf akkaataa armaan olitti ibsamaniin adda
baasuun kan hin danda’amne yoo ta’e, dorgomaa darbuu qabu koreen sababa isaa
ibsuudhaan yaada murtii hogganaadhaaf dhiyeessee kan murtaa’u ta’a.
2) Dorgomtootni ulaagaalee walii galaatiindorgomanii mo’atan darbuuf qabxii walii galaa
50% fi sanaa ol fiduu qabu.
3) Beeksisa guddina sadarkaa gita hojii tokkoof bahe irratti dorgomaan tokko qofa kan
galmaa’e yoo ta’e, dorgomaa galmaa’e ulaagaalee dorgommiif ka’ameen
dorgomuudhaan qabxii darbinsaa 50% fi sanaa ol fiduu qaba.
4) Ulaagaalee dorgommii taa’aniin dorgomaan mo’ata ta’u qabxii qormaataatiin 50%
fisanaa ol fiduu qaba.
5) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan
sababa qabxii qormaatatiin 50% fiduu dhabuutiin dorgomaan darbuu hin dandeenye
manni hojii dorgommii guddina sadarkichaa irra deebi’ee kan baasu yoo ta’e dorgommii
irraa hin dhorkamu.
86. Haala Kaffaltiin Mindaa Hojjetaa Guddina Sadarkaa Argate Itti Raawwatamu
1) Mindaan isaa kan duraa ka’umsa mindaa sadarkaa gita hojii itti guddatee gadi yoo ta’e,
ka’umsa mindaa sadarkaa gita hojii guddina sadarkaa itti argatee ta’a.

58 | P a g e
2) Mindaan isaa kan duraa ka’umsa mindaa sadarkaa gita hojii guddina itti argate waliin
wal-qixa yoo ta’e yookiin isaa ol yoo ta’e mindaa dura qabatee gita hojii itti guddate
irratti kan hojjetu ta’a.
3) Mindaan isaa kan duraa fiixee gulantaa mindaa sadarkaa gita hojii guddina itti argate
waliin wal-qixa yoo ta’e yookiin isaa ol yoo ta’e mindaa duraan argatu qabatee kan itti
fufu ta’a.
4) Kaffaltiin mindaa guddina sadarkaa hojii irra kan oolu guyyaa jalqaba ji’a xalayaan
guddina sadarkaa hojjetichaa ibsu bahii ta’e kennameef irraa eegalee ta’a.

KUTAA SHAN
Kutaa Xiqqaa Tokko
Raawwii Ramaddiiwwan Adda Addaa
87. Yeroo Gurmaa’insi fi Caaseffamni Manneen Hojii Jijjiiramu Haala Ramaddiin
Hojjettootaa Itti Gaggeeffamu
1) Caasaan mana hojichaa jijjiirramee akka haaraatti kan gurmaa’e yoo ta’e hojjettootni
mana hojichaa dorgommiidhaan ni ramadamu.
2) Hojjetaan mootummaa ramaddii caasaa gaggeeffamu irratti qormaata gahee hojii gita
hojiiirratti ramadamuu fi qormaata beekumsaa, dandeettii fi gahumsa walii galaa giddu
galeessa ga’umsaa kennamu darbuu qaba.
3) Hojjetaan gita hojii guutuu danda’u irratti dorgomee yoo mo’atee ramadamee manni
hojichaa baajeta yoo qabaate mindaa ji’aa ka’umsa sadarkaa gita hojichaa kanfaluu ni
danda’a.
4) Hojjetaan ulaagaalee dandeettiiwwan barbaachisoo gitni hojii gaafatu keessaa kan
biroon guutee muuxannoo hojiin kallattiin guutuuf hanga waggaa tokkoo fi isaa gadi
kan isa hafu yoo ta’e, eeggataa ta’ee ramadamee sadarkaa gita hojichaa qabatee akka
turu taasisuudhaan akkuma guuteen manni hojichaa baajata kan qabu yoo ta’e, ka’umsa
mindaa gita hojichaa kanfaluufii ni danda’a.
5) Hojjetaan ulaagaa sadarkaa barnootaa fi gosa barnootaa gitichi gaafatuun guutee
muuxannoo hojii kallattiin waggaa tokkoo ol yoo isa hanqate shallaggiinramadamee
mindaa ji’aa ka’umsa sadarkaa gita hojichaaf murtaa’é irraa shallagamee minda ji’aa
sadarkaa gita hojii guutuu danda’uu akka argatu ni taasiifama.
6) Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,gara fuula
duraatti mindaa ka’umsa sadarkaa gita hojii shallaggiin irratti ramadame argachuu kan
danda’u sirna guddina sadarkaa hordofee dorgomuudhaan yoo mo’ate qofan ta’a.

59 | P a g e
7) Gita hojii ulaagaalee sadarkaa barnootaa isa xiqqaa fi muxannoo hojii kallaattiin guutee
galmaa’ee dorgomuu kan dandaa’u sadarkaa gita hojii irra jiru irraa hanga olkaa’iinsa
sadarkaa lama hin caaleetidha.
88. Ulaagaalee Dorgommii Ramaddii caasaa haaraatiif Barbaachisan
1) Ulaagaaleen dorgommii ramaddii caasaa haaraatiif barbaachisan kanneen armaan gadiiti.
a) Bu’aa madaallii raawwii hojii 40%;
b) Qormaata mirkaneessa gahumsaa55%
c) Qulqullina kuusaa 5%.
2) Haala bu’aan madaallii raawwii hojii itti qabamu
a) Bu’aan madaallii raawwii hojii qabxii 40% keessaa kan qabamu ta’ee, giddugaleessi
bu’aa raawwii hojii marsaa lama argame 0.4’n baay’atee ni qabama.
b) Hojjetaan dorgommiif dhiyaatu bu’aa raawwii hojii marsaa lamaa qabaachuu kan
qabu yoo ta’u, bu’aan madaallii raawwii hojii kunis kan waggaa tokkoo isa dhiyoo
ta’uu qaba.
c) Keewwata kanaqubee (b) jalatti kan ibsame jiraatus, dorgommiin yeroo
gaggeeffamu hojjetaan madaalliin bu’aa raawwii hojii marsaa lamaa yoo hin
qabaanne ragaa qabatamaa, amansiisaa fi dhugummaan isaa mirkanaa’e irratti
hundaa’ee bu’aan madaallii raawwii hojii marsaa tokkoo isa dhiyoo akka qabamuuf
kan taasifamu ta’a.
d) Hojjettoonni bu’aa madaallii raawwii hojii marsaadhiyoo gamaaggama karoora
raawwii hojii marsaa lamaa yookiin marsaa tokkoo guutame hin qabne ulaagaalee
ramaddii kanneen birootiin madaalamanii ida’amni qabxii 60% keessaa argatan gara
% 100’ tti jijjiirameefii kan ramadaman ta’a.
3) Haala qabxiin madaallii gahumsaa 55% keessaa itti kennamu:
a) Gitoota hojii madaallii gahumsaa barreeffamaa fi gochaa gaafataniif madaalii
gahumsa walii gala 35%fi madaallii addatiif 20% keessa kennama.
b) Gitoota hojii madaallii gahumsaa gochaa gaafataniif madaalii gahumsa walii gala
20% fi madaallii addatiif 35% keessa kennama.
4) Haala qabxiin qulqullina kuusaatiif 5% keessaa itti kennamu
Lakk Tarkaanfii Naamusaa Fudhatame Qabxii Qabxii 5%
hir’ifamu keessaa
kennamu
1 Adabbii mindaa fi sadarkaa hojii irraa gadi bu’uu itti murtaa’e 4 1

2 Adabbiin hanga mindaa ji’a sadii kan itti murtaa’e 3 2


3 Adabbiin hanga mindaa guyyaa kudha shan (15) kan itti 2 3
60 | P a g e
murtaa’e
4 Adabbii of-eegannoo afaanii fi barreeffamaan kenname. 1 4
6 Rikardiin adabbii tokkollee kan irra hin jirre 0 5

89. Qaamolee Deeggarsa Dabalataa Barbaadanii fi Qabxiilee kennamaniif


1) Dorgommii ramaddii caasaa yeroo gaggeeffamu dubartootaaf ida’ama qabxii
dorgommii waliigalaa argatan irrattiqabxiin 4kan ida’amuufta’ee qabxii waliigalaa
caalmaa argataniin yookiin walqixa yoo ta’an immoo dursi kennameefii akka
ramadaman ni taasifama.
2) Dorgommii ramaddii caasaa yeroo gaggeeffamu qaamamidhamtootaaf ida’ama qabxii
dorgommii waliigalaa argatan irrattiqabxiin 5 kan ida’amuuf ta’ee qabxii waliigalaa
caalmaa argataniin yookiin walqixa yoo ta’an immoo dursi kennameefii akka
ramadaman ni taasifama.
3) Hojjetaan tokko deeggarsa dabalataa tokkoo oliin fayyadamaa yoo ta’e wal-caalchisuuf
qabxii deeggarsa dabalataa ol-aanaan tokko qofa kan qabamuuf ta’a.
4) Hojjettootni deeggarsi dabalataa taasifamuuf dubartii fi dubartiin yookiin qaama
miidhamaa fi qaama midhamaan qabxii walqixa ta’e yoo argatan wal-duraa duubaan
sadarkaa barnootaa, muuxannoo hojii waliigalaa, qabxii qormaata gahumsaan
argataniin fi qabxii madaallii raawwii hojii ittiin dorgomaniin caalaa qabaniin kan
adda bahan ta’a.
5) Hojjetaa deeggarsi dabalataa taasifamuuf akkaataa keewwata kana keewwata
xiqqaa4jalattiibsameen adda baasuun kan hin danda’amne yoo ta’e, dorgomaa darbuu
qabu koreen sababa isaa ibsuudhaan yaada murtii hogganaadhaaf dhiyeessee kan
murtaa’u ta’a.
6) Ulaagaaleen ramaddii kanneen akkuma jirutti taa’ee, caasaa sababa gurmaa’insa addaa
ta’een jijjirrame irratti haalli barbaachisummaa isaailaalamee qajeelfamni biraa
ramaddii hojjattootaa yeroo sanaaf qofa fayyadu Biirichi baasuu ni danda’a.
90. Haala Ramaddiin Hojjettootaa YerooManni Hojii Cufame Yookiin Sababa Dhiphina
Caasaa fi Gitni Hojii Yoo Haqame Itti Gaggeeffamu
1) Hojjettootni gitoota hojii haqaman irra turan mana hojiichaa keessatti gitoota hojii
haqaman wajjin wal-qixa ta’an fi dandeettii barbaachisu waliin wal-simu irratti ni
ramadamu.
2) Hojjettootni sadarkaa manneen hojii naannootti ramaddii hin argatin, manneen hojii
damee mana hojichaatti akka ramadaman ni taasifamu.

61 | P a g e
3) Manni hojii tokko guutumaan guututti yeroo cufamu hojjattootni mana hojichaa
keessatti hojjachaa turan sadarkaa Naannootti gama Biirichaatiin, sadarkaa Godinaa,
Aanaa fi Bulchiinsa Magaalaatti immoo gama Waajjira pabliik sarviisii fi misooma
qabeenya namaa sadarkichatti argamuun manneen hojii biroo keessatti akka
ramadaman ni taasifama.
4) Gitootni hojii banaa argaman gitoota hojii hojjettoonni irra turanii gadi yoo ta’an,
hojjettootni waliigaltee barreeffamaan akka kennan taasisuudhaan mindaa duraan
argachaa turan qabatanii sadarkaa gita hojii gadi aanaa banaa argame irratti akka
ramadaman ni taasifama.
5) Keewwata kana keewwata xiqqa 4 jalatti kan ibsame jiraatus, gita hojichaa irratti
mindaan duraan argatan mindaa fiixee gita hojichaa kan darbu yoo ta’e, gita hojii
argame irratti ramaduudhaan mindaan duraan argatan ni kaffalamaaf.
6) Filannoowwan armaan olitti ibsaman hojii irra oolchuun kan hin danda’amne yoo ta’e,
qajeelfamni biraa mootummaa irraa kennamu yoo jiraate malee, Biirichaa waliin
mari’achuudhaan Labsii hojjettoota mootummaa irratti hundaa’ee mirgi eegamuufii
qabu akka eegamuuf gochuudhaan hojii irraa akka gaggeeffaman ni taasifama.
91. Haala ramaddiin Hojjettootaa Yeroo Gitni Hojii Irra Deebi’amee Fooyya’u Itti
Gaggeeffamu
1) Gitni hojii mana hojii mootummaa tokko gara sadarkaa olaanaatti kan fooyya’e yoo
ta’e, hojjetaan qajeelfama irratti hundaa’uudhaan gita hojichaa irratti guutuudhaan
ramadamee kan jiru yoo ta’e, ulaagaalee dandeettiiwwan gita hojii fooyya’eef
barbaachisu guutuummaan guutuutti kallattiin kan guutuuta’uun isaa yoo mirkanaa’e
dorgommii dabalataa malee sadarkaa gita hojichaa qabatee mindaa ka’umsa sadarkaa
gita hojichaa akka argatu ni taasifama.
2) Gitni hojii mana hojii mootummaa tokko gara sadarkaa gadi aanaatti kan bu’e yoo ta’e,
hojjetaan qajeelfama duraan dorgomee mindaan argate osoo irraa hin hir’ifamiin gitni
hojii biroo isa affeeru kan hin jirre yoo ta’e, gituma gadi bu’ee sadarkeeffame irratti
ramadamee kan itti fufu ta’a.
92. Haala Muudamtootni Mootummaa Muudama irraa ka’an yookiin Filatamtootni
Ummataa Bara Hojii Isaanii xumuran Itti Ramadamuu Danda’an
Naannoo Oromiyaa keessatti muudamaan gita hojii bu’uura seeraatiin muudamaaf adda
bahee gurmaa’insa caasaatiin Biirichaan mirkanaa’ee darbe irratti ulaagaalee muudamaaf
jiru irratti hundaa’uudhaan qaama aangoo qabuun muudamee walitti aansee waggaa
sadii (3) fi isaa ol iddoo tokkotti yookiin iddoo adda addaatti muudamaan tajaajilaa turee
muudama irraa kan ka’e yookiin filatamaan uummataa bara hojii isaanii xumuran osoo
62 | P a g e
hin muudamiin yookiin filatamaa uummataa hin ta’iin dura hojjetaa mootummaa
dhaabbataa kan ture yoo ta’e akkaataa armaan gaditti ibsameen ni ramadama :
1) Gita hojii banaa sadarkaa barnootaa, gosa barnootaa fi muuxannoo hojii qabuun
kallattiin guutuu danda’u irratti ramadamee mindaa ji’aa ka’umsa sadarkaa gita
hojichaakan argatu ta’a.
2) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsameen gitni hojii banaa
sadarkaa barnootaa, gosa barnootaa fi muuxannoo hojii qabuun kallattiin guutuu
danda’u kan hin jirre yoo ta’e, gita hojii banaa sadarkaa barnootaa fi gosa barnootaa
sadarkaan gita hojichaa gaafatu guutee, muuxannoo hojii kallattiin qabuun sadarkaa
gita hojichaa guutuuf waggaa tokko (1) fi isaa gadi kan isa hafu yoo ta’e hanga
muxannoo hojii gitni hojichaa kallattiin gaafatu guututtieeggatummaan ramadamee
mindaan ji’aa sadarkaa gita hojii guutuu danda’u herreegamee kafalamaafii kan hojjetu
ta’ee, yeroo turmaata eeggatummaa isaa guutumaan guutuutti xumuure irraa eegalee
mindaan ka’umsaa sadarkaa gita hojii eeggatummaan irratti ramadame dorgommii
dabalataa malee kan kaffalamuuf ta’a.
3) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa “1”fi “2” jalatti ibsameen gitootni hojii
guutee yookiin eeggataa ta’ee irratti ramadamuu danda’u kan hin jirre yoo ta’ee fi
gita hojii banaa argame irratti ulaagaa sadarkaa barnootaa fi gosa barnootaa gitni
hojichaa gaafatuun guutee muuxannoo hojii kallattiin guutuuf waggaa tokkoo ol yoo
isa hanqate, shallaggiin ramadamee mindaa ji’aa ka’umsa sadarkaa gita hojichaaf
murtaa’é irraa shallagamee (hir’ifamee) mindaa ji’aa sadarkaa gita hojii guutuu
danda’uu akka argatu kan taasiifamu ta’ee, gara fuula duraatti mindaa ka’umsa
sadarkaa gita hojii shallaggiin irratti ramadame argachuu kan danda’u sirna guddina
sadarkaa hordofee dorgomuudhaan yoo mo’ate qofadha.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 hanga 3 jalatti kanneen ibsaman akkuma jirutti
ta’ee, osoo hin muudamiin yookiin filatamaan ummataa hin ta’iin dura qajeelfamaa fi
ulaagaalee dandeettiiwwan barbaachisaa taa’e irratti hundaa’uudhaan guutee yookiin
eeggataa ta’ee ramadamuudhaan mindaan ji’aa kaffalamaafii ture mindaa ka’umsaa
sadarkaa gita hojii amma muudama irraa ka’ee irratti ramadamee ol yoo ta’e mindaa
isaa duraa hojjetaa mootummaa ta’ee kanfalamaafii ture argachaa bakka muudama
irraa ka’ee ramadametti kan hojjetu ta’a.
5) Baay’inni mudamtoota mootummaa muudama irraa ka’an yookiin filatamtoota
uummataa bara hojii isaanii xumuran gita hojii banaa argame ol yoo ta’e gitni hojichaa
banaa argame kallattiin kan guutan yoo ta’é akkaataa armaan gadiitti wal-duraa
duubaan ibsameen dursa argataniiakka ramadaman ni taasifama:
63 | P a g e
a) Walitti aansee yeroo dheeraa muudama irra kan tureef;
b) Sadarkaa muudamaa irra tureen kan caaluuf;
c) Sadarkaa barnootaa qabuun kan caaluuf;
d) Dursee muudama irraa kan ka’ee fi
e) Muudamtoota muudama irraa ka’an keessaa dubartiin yoo jiraatte dursa kennuun
ramaddii akka argatu ta’a.
6) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1hanga 5 jalatti kanneen ibsaman akkuma jiranitti
ta’ee muudamaan mootummaa muudama irraa ka’ee ramaddiin isaa akka
gaggeeffamu yeroo murtaa’u, sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa yookiin sanaa olii fi
muuxannoo hojii ol-aanaa kan qabu ta’ullee, gitni hojii ol-aanaa sadarkaa barnootaa
fi muuxannoo hojii qabuun irratti ramadamuu danda’u kan hin jirre yoo ta’e, gita hojii
banaa argame ta’ee, yoo xiqqaate sadarkaa barnootaa inni qabu kan affeeru irratti
ramaduudhaan mindaa ji’áa ka’umsa sadarkaa gita hojii ogeessa ol-aanaa (ogeessa-II
yookiin ogeessa-III yookiin Ogessa–IV) yookiin mannihojii itti ramadame qabu waliin
wal-qixa ta’e ni kanfalamaaf.
7) Keewwata kana keewwata xiqqa 6 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, mindaa ji’aa
waamama gita hojii Itti gafatamaa mana hojii muudamaan ala (meeritii) ta’e yookiin
Daayirekteera ta’e yookiin Itti gaafatamaa tajaajila (kutaa) hojii yookiin Dursaa
garee ta’e yookiin Itti gaafatamaa waajjiraa ta’een alatti mindaa ji’aa ka’umsa
sadarkaa gita hojii ol aanaa mana hojii itti ramadame keessa jiru waliin wal-qixa ta’e)
kaffalamaafii hojjechaa akka turu ni taasifama.
8) Kewwata kana keewwata xiqqa 7 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, gara fuula
duraatti sadarkaan gitni hojii banaa, baajata qabu, sadarkaa barnootaa, gosa barnootaa
fi muuxannoo hojii kallattiin qabuu fi sadarkaa gita hojii ka’umsa mindaa argachaa
tureen wal-qixa ta’e yoo argame dorgommii dabalataa malee ramaduudhaan mindaa
ji’aa argachaa ture qabatee ogummaa qabuun akka hojjetu ni taasifama.
9) Muudamaan mootummaa muudama irraa ka’ee yookiin filatamtoota ummataa bara
hojii isaanii xumuran yookiin waggaa sadii tajaajilanii akka ramadaman yeroo
taasifamu:
a) Qophii barnootaa koolleejjii teekinikaa fi ogummaa irraa Level-I hanga Level-V tti
jiran keessaa leenji’e sadarkaa barnootaa leeviliidhaan xumuretti fayyadamuu kan
danda’u ragaa mirkaneessaa ga’umsa Ogummaa yoo qabaatedha.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa 9qubee “a” jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, kanneen qophii barnootaa koolleejjii teekinikaa fi ogummaa irraa
leveliidhaan xumuranii ragaa madaallii gahumsa ogummaa osoo hin qabaatin
64 | P a g e
sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa barachuun ragaa barnootaadigirii isaanii kan
dhiyeeffatan yoo jiraatan sadarkaa barnootaa Leeviliidhaan barataniif hanga ragaa
madaallii gahumsa ogummaa dhiyeeffatanitti sadarkaa barnootaa digirii isaaniitti
fayyadamuu hin danda’an.
10) Muudamaan gita hojii bu’ura seeraatiin muudamaaf adda bahee taa’e irratti
ulaagaalee jiru irratti hundaa’uudhaan qaama aangoo qabuun muudamee walitti
aansee waggaa sadii (3) tajaajila osoo hin kenniin muudama irraa ka’e yookiin
filatamaan ummataa bara hojii isaanii osoo hin xumurin yookiin waggaa shan (5)
osoo hin guutin ka’an, osoo hin muudamiin yookiin filatamaa ummataa hin ta’in dura
hojjetaa mootummaa dhaabbataa kan ture yoo ta’e akkaataa armaan gaditti ibsameen
ni ramadama:
a) Sadarkaa gita hojii fi mindaa ji’aa osoo hin muudamin yookiin filatamaa uummataa
hin ta’iin dura argachaa turetti deebi’uudhaan akka hojjetu kan taasifamu yoo ta’u
guddina sadarkaatii fi ramaddii caasaa alatti fooya’insi yookiin sirreeffamni
mindaa hojjettoota mootummaatiif akka waliigalaatti taasifame yoo jirate isaafis
bakka isaa malutti sirraa’ee kan kaffalamuuf ta’a.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa 10 qubee”a” jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, hojjettootni waajjiiraaleedhan ala dhaabbiilee adda addaa kanneen akka
manneen barnootaa, dhaabiilee fayyaa, hojjattoota misoomaa, manajaroota gandaa
fi kkf keessatti hojjetaa dhaabbataa ta’anii qaxaramuudhaan osoo hojjechaa jiranii
gita hojii bu’úura seeraatiin muudamaaf adda ba’ee ramadame irratti ulaagaalee
jiru irratti hundaa’uudhaan qaama aangoo qabuun muudamanii walitti aansanii
waggaa sadii (3)tajaajila osoo hin kenniin muudama irraa ka’an yookiin
filatamaan uummataa bara hojii isaanii osoo hin xumurin yookiin waggaa shan (5)
osoo hin guutiin ka’an yeroo muudama irra turan ogummaa dura ittiin hojjechaa
turaniin ala sadarkaa barnootaa ol-aanaa baratan yoo jiraatan facaatii bobba’insa
qabeenyaa namaa caasaa bulchiinsaa irra jiran ilaalcha keessaa galchuun hojii
muudama dura hojjechaa turanitti deebisuu yookiin gita hojii banaa, bajata qabu,
sadarkaa barnootaa, gosa barnootaa fi muuxannoo hojii qabaniin kallattiin guutan
irratti waajjiraalee keessatti ramaduun mindaa ji’aa ka’umsa sadarkaa gita
hojichaaf murtaa’e kaffalamaafii ogummaa qabaniin hojjechiisuun ni danda’ama.
c) Keewwata kana keewwata xiqqa 10 qubee (b) jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, yoo xiqqaate waggaa tokko kan tajaajilan fi sadarkaa barnootaa digirii
jalqabaa yookiin isaa ol kan qaban yoo ta’ee fi osoo hin muudamin yookiin
filatamaa uummataa hin ta’in dura hojjetaa mootummaa dhaabbataa kan hin ture
65 | P a g e
yoo ta’e gita hojii banaa, baajata qabuu fi sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi
gosa barnootaa kallattiin isaan affeeru yoo jiraatee fi Biirichi dursee yoo
mirkaneesse uunka qaxaraaf barbaachisaa ta’an guuchisiisuudhaan gita hojichaa
irratti yaalii ji’a jahaatiif qaxaruudhaan mindaa ji’aa ogeessa I (mindaa ji’aa
sadarkaa gita hojii gosa barnoota isaatiin digirii jalqabaa fi muuxannoo hojii hin
gaafanne) ta’e irratti kaffaluufiin ni danda’ama.
93. Haala Ramaddii Gitoota Hojii Itti Gaafatamtoota Manneen Hojii Muudaman Alaa
Yookiin Meeriitii Naannoo Gadii Irratti Raawwatamu
1) Manneen hojii mootummaa Itti gaafatamummaa manneen hojii muudamaan ala yookiin
meeritiin hogganamankeessatti ramaddii raawwachuudhaaf Bulchaan Godinaa yookiin
Kantiibaa magaalaa yookiin Bulchaan Aanaa ulaagaalee armaan gadii guutuu isaanii
mirkaneeffachuu qaba.
a) Dorgomtootni ulaagaalee dandeettiiwwan barbaadaman isa xiqqaa gitni hojichaa
barbaadamu kallattiin guutuu isaanii mirkaneeffachuu.
b) Itti gaafatamummaa fudhachuuf gahumsaa fi qophaa’ina qabaachuu isaanii,
c) Karoora mana hojichaa haala barbaadamuun raawwachuuf yookiin hojii irra oolchuuf
gahumsa kan qaban ta’uu,
d) Imaammataa fi tarsiimoo mootummaa fiixaan baasuuf kutannoo isaan qaban,
e) Hannaa fi gocha badaa irraa bilisa ta’uu isaanii,
f) Naamusa gaarii qabaachuu isaanii;
g) Kenninsa tajaajilaa fi raawwii hojii isaanitiin fakkeenyummaa qabaachuu isaanii,
h) Bu’aan madaallii raawwii hojii giddu galeessaa yeroo lamaa 80% fi isaa ol kan qaban
ta’uu isaanii yookiin mana hojii hogganaa ture keessatti raawwiin mana hojii isaa
80%fi isaa ol ta’uu isaa,
i) Dandeettii hogganuu kanneen akka karoorsuu, qindeessuu, qabeenya namaa
hogganuu, gabaasuu fi duubdeebii kennuu akkaataa karooraatiin rawwachuu fi
kaayyoon mana hojichaa akka milkaa’u kan taasisu, rakkoowwan muudataniif
yeroodhaan furmaata kennuu irratti gahumsaa fi kkf qabaachuun isaanii
mirkaneeffachuu qabu.
2) Ramaddiin Itti gaafatamtoota manneen hojii muudamaan alaa yookiin meeriitii ta’an
ramaduudhaaf dursa hojjettoota gita hojii kana irratti ramadamuun hojicha galmaan
gahuu danda’an adda baasuudhaan Bulchaa Godinaa yookiin Kantiibaan Magaalaa
yookiin Bulchaan Aanaa hojjettota keessaa kanneen ulaagaalee dandeettii barbaachisoo
gitni hojichaa gaafatu guutuu danda’an namoota sadii filuudhaan gama koree fo’annoo fi
filannootiin dorgomsiisuun akka ramadaman taasifamuu qaba.
66 | P a g e
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, dorgomaan
ulaagaa guutu nama tokko qofa yoo ta’e ulaagaa waliin kan dorgomu ta’ee, adeemsa
fo’annoo fi filannoo keessa darbuu qaba.
4) Ulaagaaleen ramaddii itti gaafatamtootaa manneen hojii muudamaan alaa yookiin
meeriitiin itti raawwatamuu qabuu:
a) Bu’aa madaallii raawwii hojii ……………………………..………………….. 35%
b) Bulchaan Godinaa yookiin Kantiibaa yookiin Bulchaa Aanaatiin kan kennamu
………...20%
c) Qulqullina kuusaa .……………………………………………………………..5%
keessaa ta’ee, haalli kenniinsa qabxii akkaataa gabatee keewwata 82 jalatti ibsameen
kan kennamu ta’a.
d) Qormaata madaallii gahumsaa……………………………………………40% ta’a.
5) Itti gaafatamtootni manneen hojii muudamaan alaa yookiin meeriitiin manneen hojii
akka gaggeessaniif ramadaman mindaa gita hojichaaf murtaa’ee argachuu qabu.
6) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqa 5 jalatti ibsameen Itti gaafatamtootni manneen
hojii muudamaa alaa yookiin meeritiin mana hojii akka gaggeessaniif ramadaman qaama
aangoo qabuun yeroo itti gaafatamummaa irraa ka’an mindaa gita hojichaa hoggansaaf
adda bahee kenname gadi lakkisuun kan gita hojii biraa guutuu danda’an irratti kan
ramadamanii akkaata ramaddii muudamtoota mootummaa Itti gaafatamummaa irraa
ka’anii fi filatamtoota uummataa bara hojii isaanii xumuran irratti hundaa’uun mindaan
isaanii kan kanfalamuuf ta’a.
7) Itti gaafatamtootni manneen hojii muudamaan alaa yookiin meeriitiin manneen hojii
gaggeessaa turan itti gaafatamummaa irraa kaasuun kan danda’amu:
a) Itti gaafatamummaa itti kenname irratti badii naamusaa yoo raawwate,
b) Raawwiin mana hojichaa gadi bu’uu,
c) Hannaa fi gocha badaa yoo raawwateqaamni itti gaafatamummaa irraa kaasuuf
aangoo qabu gita hojichaa irraa kaasuu ni danda’a.
Kutaa Xiqqaa Lama
Hojjettoota Mootummaa Hojii Addaan Kutanii Hojiitti Deebi’uu Danda’anii
fi Deebi’uu Hin Dandeenye
94. Hojjettoota Mootummaa Hojii Addaan Kutanii Hojiitti Deebi’uu Danda’an
1) Manni hojii mootummaa hojjetaa sababa kaminiyyuu hojii addaan kute ji’oota jaha (6)
booda hojii irraa gaggeessuudhaan bakka isaatti hojjettootaa biroo guddina
sadarkaatiin yookiin qaxaraan yookiin jijjiiraadhaan ramaduun hojjachiisuuni danda’a.

67 | P a g e
2) Keewwata kana keewwata 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan
mootummaa tokko hojii idilee isaa irraa yoo hafe sababa hojii irraa hafe guyyota hojii
sadii keessatti mana hojii isaa beeksisuun akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan ji’oota jaha
(6) gaditti hojiitti deebi’uudhaaf mana hojii isaa kan gaafatu yoo ta’e manni hojichaa
ragaa dhiyaate fi sirrummaa ragichaa qulqulleessuun Biirichaa ficaasaa Biirichaa
sadarkaan jiruttidhiyeessuun, Biirichii fi caasaan isaa ragichi seera qabeessaa fi
amansiisaa ta’uu isaa qorachuun hojiitti deebisuu ni danda’a.
3) Hojjetaan mootummaa sababa kamiiniyyuu hojii addaan kutee hojiitti deeb’uu kan
danda’u guyyaa hojii idilee isaa addaan kute irraa eegalee hanga waggaa lamaa (2)tti
qofadha.
4) Hojjetaan mootummaa yakka malaammaltummaa, amantaa hir’isuu, hanna,
gowwoomsuu, dirqisiisee gudeeduu fi saal-qunnamtii umurii malee raawwatee kan itti
murtaa’e akkaata Seera Yakka Biyya keenyaatiin mana murtii aangoo qabu irraa
moggaasa maqaa gaarii yoo dhiyeeffate hojiitti deebi’uu ni danda’a.
5) Hojjetaan mootummaa sababa humna ol ta’een, kanneen akka dhibeeyookiin
hidhaadhaan to’annoo seeraa jala turuun ji’a jaha (6) oliif hojii addaan kutemanni
hojichaa hojiitti deebisuudhaaf fedhii yoo qabaate, gitni hojii banaa fi baajenti mindaa
qabaachuunragaa seera qabeessaa fi amansiisaa ta’e qindeessudhaan gara Biirichaatti
ergamee erga mirkanaa’ee booda hojiitti kan deebi’u ta’a.
6) Keewwata kana keewwata xiqqa 1 hanga 5 jalatti kan ibsaman jiraatus, hojjetaan
mootummaa sababoota armaan olitti ibsameen ala rakkoo mudateen hojii idilee isaa
addaan kute raga quubsaa fi amansiisaa kan dhiyeeffatu yoo ta’e, Biirichii fi caasaan
isaa sadarkaan jiru ragaa dhiyaate qulqulleessuun hojiitti deebisuu ni danda’a.
7) Hojjetaan mootummaa hojii idilee isaa addaan kutee ture hojiitti deebi’uuf yeroo
iyyatu ragaaleen barbaachisoo guutamuu qaban isaan armaan gadiiti:
a) To’annoo seeraa jala turuu yoo ta’e mana murtii, Poolisii, Mana Sirreessaa yookiin
qaama aangoo qabu irraa ragaa amansiisaa fi seera qabeessa ta’e dhiyeeffachuu
qaba.
b) Rakkoofayyaan kan walqabate yoo ta’e waraqaa ragaa yaalaa dhaabbata fayyaa
beekamtii qabu irraa dhiyeeffachuu qaba.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 7 qubee (a) fi (b) jalatti ibsameen ragaaleen
dhiyaachuu qaban kanneen armaan gaditti ibsaman hammachuu qabu:
(a) Guyyaa hojii idilee isaa addaan kute irraa eegalee hanga ji’a jaha (6)
keessatti mana hojii isaa barreeffamaan kan beeksise ta’uu;

68 | P a g e
(b) Sababni humnaa ol ta’ee fi hojii idilee isaa addaan kutu isa taasise ibsamee
kan dhiyaatee fi dhugummaan isaa kan mirkanaa’e ta’uu qaba.
(c) Qaamni ragaa kennee fi mirkaneesse aangoo ragicha kennuu fi mirkaneessuu
qabaachuun isaa kan qulqullaa’e ta’uu qaba.
8) Hojjetaan mootummaa sababa kamiiniyyuu hojii addaan kute hojiitti akka deebi’uuf
murtaa’e, guyyaa hojiitti deebi’e irraa eegalee mindaan ji’aa kan kanfalamuuf ta’a.
9) Keewwata kana keewwata xiqqa 8 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan
mootummaa hojiitti akka deebi’uuf murtaa’e kuufama mindaa yookiin mindaa hojii itti
hin hojjenne gaafachuudhaaf mirga hin qabu.
95. Hojjettoota MootummaaHojiitti Deebi’uu Hin Dandeenye
1) Hojjetaan mootummaa ragaa barnoota, Leenjii, Mirkaneessa Ogummaa fi muuxannoo
hojii sobaanhimatamee Mana Murtii aangoo qabuun adabame hojiitti deebi’uu hin
danda’u.
2) Hojjetaan mootummaa yakka malaammaltummaa, amantaa hir’isuu, hanna,
gowwoomsuu, dirqisiisee gudeeduu fi saal-qunnamtii umurii malee raawwatee Mana
Murtii aangoo qabuun kan itti murtaa’ee hojiitti deebi’uu hin danda’u.
3) Hojjetaa fedhii isaatiin hojii gadi lakkisuuf iyyataan gaafatee hojii addaan kute yookiin
waraqaa qulqullinaa fudhatee hojii isaa gadi lakkisee hojiitti deebi’uu hin danda’u.
4) Hojjetaa sababa quubsaa, amansiisaa fi seera qabeessa hin taaneen waraqaa qulqullinaa
osoo hin fudhatin hojii gad-lakkise fi sababni humnaa ol ta’e isa qunnamuu isaatiif
ragaa quubsaa fi seera qabeessa ta’e dhiyeeffachuu hin dandeenye hojiitti deebi’uu hin
danda’u.
Kutaa Xiqqaa Sadii
Haala Qabinsa Muuxannoo Hojii
96. Haala Muuxannoon Hojii Itti Qabamuu
1) Muuxannoon hojii dhiyaatu kamiyyuu fudhatama kan qabaatu mana hojii mootummaa,
dhaabbilee misooma mootummaa, dhaabbilee miti-mootummaa yookiin dhuunfaa fi
waldaalee hawaasaa kanneen beekkamtii yookiin hayyama mootummaa yookiin seera
qabeessa kan qaban ta’uun isaanii mirkanaa’e irraa kan dhiyaate yoo ta’e qofadha.
2) Muuxannoon hojii dhaabbilee misooma mootummaa, dhaabbilee miti-mootummaa,
dhuunfaa fi waldaalee hawaasaa irraa dhiyaatu kamiyyuu kan gibirri galii mootummaa
itti kafalame ta’uun isaa xalayaa qaama muuxannoo kenneen mirkanaa’e ta’uu qaba.
3) Muuxannoon qaxara hojii guyyaa irratti dhiyaatu akka muuxannoo hojiitti hin qabamu.

69 | P a g e
4) Gita hojii qophii barnootaa diploomaa kolleejjii fi isaa olii fi muuxannoo hojii gaafatu
irratti muuxannoon hojii kallattiin qunnamtii hin qabne fo’annoo fi filaannoo kanneen
akka qaxaraa, guddina sadarkaa, jijjiirraa, ramaddii fi kkf keessatti hin qabamuuf.
5) Gita hojii qophii barnootaa digirii jalqabaa fi muuxannoo hojii gaafatu irratti hojjetaan
guddina sadarkaa, ramaddii caasaa fi jijjiirraadhaan irratti ramadamuuf dorgome
muuxannoon hojii erga dippiloomaa kolleejjiitiin, 10+3, Level-III, fi isaa ol ta’een erga
eebbifamee yookiin sagantaa barnoota digirii jalqabaatiin waggaa sadaffaa erga
xumuree booda qabu yoo jiraatee fi kallattiin qunnamtii yoo qabaate osoo hin
dacha’in kan qabamuuf ta’a.
6) Gita hojii qophii barnootaa digirii jalqabaa fi muuxannoo hojii gaafatu irratti hojjetaan
guddina sadarkaatiin yookiin ramaddii caasaa yookiin jijjiirraadhaan irratti
ramadamuuf dorgome muuxannoon hojii osoo dippiloomaa kolleejjii yookiin barumsa
dippiloomaa kolleejjiitiin wal-qixa ta’een osoo hin eebbifamin yookiin sagantaa
barnoota digirii jalqabaatiin waggaa sadaffaa osoo hin xumuurin dura qaban yoo jiraate
gita hojichaa waliin kallattiin qunnamtii yoo qabaate dacha’ee ni qabamaaf.
97. Haala Muuxannoon Muudamtootaa fi Filatamtoota Uummataa Itti Qabamu
1) Gita hojii qophii barnootaa diploomaa kolleejjii fi isaa olii fi muuxannoo hojii gaafatu
irratti muuxannoon hojii kallattiin qunnamtii hin qabne fo’annoo fi filaannoo kanneen
akka qaxaraa, guddina sadarkaa, jijjiirraa, ramaddii fi kkf keessatti hin qabamuuf.
2) Gita hojii qophii barnootaa digirii jalqabaa fi muuxannoo hojii gaafatu irratti
muudamaan mootummaa itti gaafatamummaa irraa ka’e yookiin filatamaan ummataa
bara hojii isaa xumure akka ramadamu murtaa’e muuxannoon hojii erga dippiloomaa
kolleejjiitiin, 10+3, Level-III, fi isaa ol ta’een erga eebbifamee yookiin sagantaa
barnoota digirii jalqabaatiin waggaa sadaffaa erga xumuree booda qabu yoo jiraatee fi
kallattiin qunnamtii yoo qabaate osoo hin dacha’in kan qabamuuf ta’a.
3) Gita hojii qophii barnootaa digirii jalqabaa fi muuxannoo hojii gaafatu irratti
muudamaan mootummaa muudama irraa ka’uun yookiin filatamaan uummataa bara
hojii isaa xumuruun akka irratti ramadamu murtaa’e muuxannoon hojii osoo
dippiloomaa kolleejjii yookiin barumsa dippiloomaa kolleejjiitiin walqixa ta’een osoo
hin eebbifamin yookiin sagantaa barnoota digirii jalqabaatiin waggaa sadaffaa osoo
hin xumuurin dura qabu yoo jiraate gita hojichaa waliin kallattiin qunnamtii yoo
qabaate dacha’ee ni qabamaaf.
4) Muuxannoon hojii muudamtoota mootummaa muudama irraa ka’anii ramadamaniif
gita hojii bu’uura seeraatiin muudamaaf adda bahee gurmaa’insa caasaatiin
mirkanaa’ee darbe irratti ulaagaalee muudamaaf jiru irratti hundaa’uudhaan qaama
70 | P a g e
aangoo qabuun muudamee hojjechaa ture yeroo itti gaafatamummaa irraa ka’u haala
armaan gadiin ni qabamaf.
a) Gitoota hojii ogummaa addaa fi muuxannoo kallattii barbaadan kanneen akka
Mahaandiisaa, Ogeessa Fayyaa, Ogeessa Seeraa, Ogeessa Qonnaa,
Akkaawuntaantii, Odiitara, Ikoonomistii, Barsiisummaa fi Teeknishaanota adda
addaa ta’een alatti gitoota hojii biroo irratti kallattiin kan qabamuuf ta’a.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 qubee (a) jalatti ibsame jiraatus,
muudamtootnimootummaa ogummaa qabaniin kallattiin tajaajilaa turan
muudamarra kan ka’an yoo ta’e muuxannoon hojii yammuu muudama irra jiran
qaban kallattiin kan qabamuuf ta’a.
98. Qabiyyee Muuxannoon Hojii Hammachuu Qabu
1) Muuxannoon hojii mana hojii mootummaa,dhaabbilee misooma mootummaa,
dhaabbilee miti mootummaa, waldaalee hawaasaa irraa dhiyaatu kamiyyuu
dhimmoota itti aanan kan hammate ta’uu qaba.
a) Lakkoofsa pirootookoolii fi guyyaa bahii itti ta’e,
b) Maqaa Guutuu Hojjetichaa hanga akaakayyuutti,
c) Bara qaxara hojjetichaa,
d) Waamamaa fi sadarkaa gita hojiichaa,
e) Mindaa ji’aa hojjetichaa,
f) Yoom irraa kaasee hanga yoomitti akka hojjate (guyyaa, ji’aa fi bara hojii itti
jalqabee fi guyyaa, ji’aa fi bara hojii gadilakkise),
g) Sababa hojii itti gadilakkise,
h) Chaappaa mata duree fi geengoo,
i) Maqaa, gahee hojii fi mallattooitti gaafatamaa mana hojii yookiin bakka bu’aa
qabaachuu qaba.
BOQONNAA SHAN
Qajeelfama Raawwii Barnoota fi Leenjii Misooma Hooggantoota Mootummaa

Kutaa Tokko

Qajeeltoowwanii Bu’uuraa fi Raawwii Leenjii fi Barnoota Hoggantootaa

99. Qajeeltoowwan Bu'uuraa


1) Carran leenjiin yookiin barnootaa kennamu mul'ata, ergama, kaayyoo fi galmoota
akkasumas imammaattoota, tarsiimoowwan fi sagantalee mootummaatiin haala wal
simuun ta'uu qaba.

71 | P a g e
2) Carraan leenjii yookiin barnootaa kennamu hooggantota hojiirra jiran yookiin kanneen
hoggansarra turanii fi akka baratan murtaa'e keessaa ta'ee kanneen dandeettii, gahumsaa
fi raawwii ol'aanaa qaban adda baasuun akka leenji'an yookiin baratan taasisuun
gaggeessummaa egeree isaan irraa eegamuuf akka qophaa'an taasisuu irratti kan
xiyyeeffate ta'uu qaba.
3) Carraaleen leenjii yookiin barnootaa kennaman hojimaataa iftoominaa fi
ittigaafatamummaa qabu, akkasumas loogii irraa bilisa haala ta'een raawwatamuu qaba.
4) Carraaleen leenjii yookiin barnootaa kennaman ulaagaalee dandeettiiwwan
gaggeessummaa barbaachisoo ta'an irratti hundaa'ee gaggeeffamuu qaba.
5) Carraan leenjii yookiin barnootaa kennamu kamiyyuu gahee dubartootni hojii
gaggeessummaa irratti qaban haala mirkaneessuun raawwatamuu qaba.
6) Hooggansi carraa leenjii yookiin barnootaa argachuun leenji'e yookiin barate sagantaa
barnootaa ittiin leenji'een yookiin barateen tajaajiluuf dirqama ni qaba.
7) Hoggansi leenjii yookiin barnootaa kennamu yammuu xumuru hanga danda'ametti
gama mootummaatiin gosa barnoota ittiin leenji'e yookiin barateen akka ramadaman
taasifarnuu qaba.
8) Hooggansi carraa leenjii yookiin barnootaf dorgomu ulaagaalee dhaabbilee
leenjiiyookiin barnootaatiin gaafataman guutee argamuu qaba.

Kutaa Lama
Adeemsa Raawwii Sagantaalee Barnootaa fi Leenjii
100. Fedhii Barnootaa Yookiin Leenjii Adda Baasuu
1) Biirichi hojimaata qorannoon fedhii leenjii fi barnootaa misoomni hooggansaa itti
gageeffamu qopheessuudhaan hojiirra akka oolu ni taasisa.
2) Fedhiin leenjii yookiin barnootaa kamiyyuu qorannoo irratti hundaa'ee adda bahuu
qaba.
3) Qorannoon fedhii leenjii yookiin barnootaa akkaataa keewwata kana keewwata
xiqqaa 1 fi 2 jalatti ibsameen gaggeeffamu kamiyyuu kanneen armaan
gadiirratti xiyyeeffachuu qaba:
a) Haalawwan gaggeessummaa hojiirra oolmaa mul'ata, ergama, imaammatoota,
tarsiimoolee fi sagantaalee waliigalaa mootummaa fi raawwii karoora manneen
hojii mootummaa naannichaa;
b) Toorawwan dandeettii ijoo gaggeessummaa, hojii teekiniikaa fi ogummaa, leenjii
hojiin walbarsiisuu, haala hooggansa hojii fi karoora bakka bu'iinsaa qopheessuu;
c) Hooggansi kamiyyuu sagantaa leenjii yookiin barnootaaf ergamuun dura sadarkaa

72 | P a g e
gaggeessummaa itti ramadamee hojjechaa jiru irratti dandeettiiwwan ijoo
gaggeesummaa keessaa hanqina dandeettii gaggeessummaa kamirratti akka qabu
adda baasuu irratti xiyyeeffachuu qaba.
4) Qorannoon fedhii leenjii yookiin barnootaa misooma hooggansa Naannichaa
kangaggeeffamu Biirichaatiin yookiin akkaataa barbaachisummaa isaatti qaama
inni bakka buusuun kan raawwatamu ta'a.
5) Qorannoon fedhii leenjii fi barnootaa misooma hooggansaa gaggeeffamu hanqina
dandeettii gaggeessummaa jiru hiikuuf yookiin cimina jiru daran fooyyeesuuf kan
hojjatamu ta'uun akkuma eegametti ta'ee, sagantaalee leenjii fi misooma
hooggansa egeree horachuu fi jijjiirama yeroo wajjin leenjii fi barumsa walsimu
irrattis kan xiyyeeffatu ta'uu qaba.
101. Haala Karoorri Leenjii fi Barnoota Misooma Hooggansaa Itti Qophaa'u
1) Fedhii leenjii fi barnoota misooma hooggansaa adda baasuuf Biirichi ragaa fedhii
leenjii yookiin barnootaa akka naannotti jiru gama caasaa isaa sadarkaa sadarkaa jiran
irra qulqullaa'ee dhiyaatu irratti hundaa'uun karoora leenjii fi barnootaa ni qopheessa.
2) Karoorri leenjii fi barnootaa qorannoo fedhii leenjii fi barnootaa hooggansaa irratti
hundaa'udhaan qophaa'u gosoota leenjii fi barnootaa, baayina hooggantoota carraa
leenjii yookiin barnootaa barbaachisuuf, tooftaalee leenjiin yookiin barnootni itti
kennamu, bakka leenjichi yookiin barnootichi itti kennamu, yeroo leenjichi yookiin
barnootichi fudhatuu fi baajata leenjiichaaf yookiin barnotichaaf barbaachisu fi
dhimmoota biroo sagantaa leenjii yookiin barnootaatiif barbaachisu kan agarsiisu ta'uu
qaba.
102. Adeemsa Ragaan Qophii Karooraa leenjiitiif Oolu Ittiin Walitti Qabamuu fi
Qindaa'u
1) Ragaan qophii karoora leenjii fi barnoota misooma hooggansa manneen hojii
sadarkaa naannoo gamaBiirichaatiin kan walitti qabamuu fi qindaa'u ta'ee, fedhii
1eenjii fi barnoota misoomahooggansaa manneen hojiirraa walitti qabuun kan
raawwatamu ta'a.
2) Waajjiraaleen Bulchiinsa Godinaalee fi Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
namaawaliin qindaa'uun ragaa fedhii leenjii fi barnoota misooma hooggansaa manneen
hojii sadarkaa Godinaalee, Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa itti waamamni isaanii
Godinaaleef ta'eirraa walitti qabuun ragaa qindaa'ee fiqulqullaa'e Biirichaatiif ni ergu.
3) Waajjiraaleen Kantiibaa Bulchiinsa Magaalotaa itti waamamni isaanii Waajjira
Pirezidaantiita'ee fiWaajjiraalee Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Magaalotaa waliin ta'uun ragaa fedhii leenjii fi barnoota misooma hooggansaa walitti
73 | P a g e
qabuun ragaa qindaa'ee mirkanaa'e Biirichaatiif ni ergu.
4) Biirichis ragaa akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1-3 tiin isa qaqqabe
qindeessuun karoora leenjii fi barnoota misooma hooggansaa naannichaatiif oolu
baay'ina leenjifamtootaa, baajata barbaachisu, gosa leenjii, gosaa fi sadarkaa barnootaa
adda baasuun mootummaaf ni dhiyeessa.
103. Sagantaalee Leenjii fi Barnootaa
1) Sagantaaleen leenjii fi barnoota misooma hooggansaa kanneen armaan gadii kanof
keessaa qabu ta’a.
a) Barnoota Idi1ee,
b) Barnoota gannaa,
c) Barnoota galgalaa,
d) Barnoota Fagoo
e) Barnoota “on line” fi
f) Leenjii Fooyya'iinsa Ogummaati.
2) Sagantaaleen barnootaa akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 (a-e) kennaman
fooyya'iinsa sadarkaa barnootaa kan argamsiisu ta'ee, qorannoo leenjii fedhii fibarnotaan
adda bahee fi karoorfame irratti hundaa'uun:
a) Barnoota idilee yoo ta'e, sadarkaa digirii jalqabaa, digirii lammaffaa fi digiriin
sadaffaa kan hammatu hooggansi hojii idilee isaa irraaa adda bahee sagantaa
barnoota guyyaatiin dhaabbilee barnoota ol'aanaa adda addaa keessatti barnoota
kennamuudha.
b) Barnoota gannaa yoo ta'e, sadarkaa digirii jalqabaa fi digirii lammaffaa
kanhammatu ta'ee, barnoota gannaa dhaabbilee barnootaa ol'aanaa filataman
keessatti hooggansi hojii idilee isaa irraa waggaa keessatti ji'oota murtaa'eef adda
bahee barnoota kennamuudha.
c) Barnoota galgalaa yoo ta'ee, sadarkaa digirii jalqabaa fi digirii lammaffaa kan
hammatu ta'ee, hooggansi hojii idilee isaa irra osoo adda hin bahin barnoota
dhaabbilee ol'aanaa filataman keessatti kennamuudha.
d) Barnota fagaoo yoo ta'ee, sadarkaa dippiloomaa yookiin dippiloomaan walgitu
yookiin digirii jalqabaatti kennamu ta'ee, hooggansi hojii idilee isaa irraa osoo adda
hin bahin adda durummaan Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin kallattiidhaan kan
kennamu ta'ee, akkaataa barbaachisummaa isaatti dhaabbilee barnoota ol'aanoo
mootummaadhaan filataman kan biroo ni dabalata.
104. Leenjii
1) Caasaaleen mootummaa fi manneen hojii sadarkaan jiran hanqinaalee gaggeessummaa fi
74 | P a g e
dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa fedhii leenjii qorannoon adda bahe
fooyyeessuudhaaf hojiilee leenjii misooma hooggansaa hanqinaalee gaggeessummaa
hiikuu danda'an hooggantootni leenjii yeroo gabaabaa, giddugaleessaa fi dheeraa akka
argatan ni taasifama
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatu iyyuu hooggantaota
haaraa hojii gaggeessummaa irratti ramadamaniif sagantaalee jijjiiramaa
imaammattootaa fi tarsiimoolee mootummaa naannichaa fi yaadawwan bu'uuraa
gaggeessummaa irratti leenjiin hubannoo uumuu xiyyeeffannoo addaatiin akka kennamu
ni taasifama.
3) Leenjiin akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 2tiin kennamuadda durummaan
Yunivarsiitii Naannoo Ororniyaata'ee, akkaataa barbaachisummaa isaatti dhaabbilee
barnootaa ol'aanoo kan biroo mootummaan filataman keessattis akka kennamu ni
taasifama.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 hanga 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta'ee,
manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran hooggantootni haaraa ramadaman hojiilee
sadarkaa caasaalee manneen hojiitti raawwataman irratti hubannoo akka argatan leenjii
hojiin wal barsiisuu, sirnoota hojimaataa fi muuxannoowwan jiran irratti xiyyeeffate
kennuu ni danda'u .

Kutaa Sadii
Ulaagaalee dorgommii Carraa Leenjii yookiin Barnootaa hoggansaa
105. Ulaagaalee Carraan Barnaotaa Ittiin Kennamu
1) Ulaagaaleen filannoo dhaabbilee barnoota ol'aanoon gaafataman akkuma jirutti ta'ee,
carraa barnootaa argachuuf hooggansi kaadhimamu kamiyyuu ulaagaalee armaan
gadiirratti kan hundaa'u ta'ee waliigalli ulfaatina ulaagaalee kun 100% keessa haala itti
aanuun kennama:
a) Ulaagaaleen dorgommiidhaan bu'aa madaallii raawwii karoora hojii mana
hojii /Damee hojii/ kutaa hojii hooggantichi gaggeessu40%,
b) Ragaa sadarkaa barnootaa yookiin bu'aa qabxii gidduu galeessabarnoota
(CGPA) barnootaa 30%,
c) Qabxii bu'aa madaallii gaggeessichaaf hoogganaadhiyootiin kennamuuf 20%,
d) Muuxannoo hojii10% keessaa ta’a.
2) Bu'aan madaallii raawwii hojiitiif 40%keessaa kan kennamu ta’ee, qabxiilee itti aanan
bu'uura godhatee kan herregamu ta'a:
a) Bu'aan madaallii raawwii hojii inni xiqqaan dorgommii kanaafgeessisu
75 | P a g e
giddugaleessan 70% fi isaa oliita’ee, madaallii marsaa lamaa ta'uu qaba.
b) Keewwata kan qubee (a) jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, bu'aan madaallii
kun kan waggaa tokko keessatti argame ta'uu qaba.
3) Muuxannoo hojiitiif ulfaatinni 10%keessaa ta’ee,rnuuxannoon hojii inni xiqqaan
dorgommii kamiifuu waggaa lamaa fi isaa olta'uu qaba.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee,muuxannoon hojii qabamus hanga waggaa kudhan qofa ta'ee haala gabatee kanaan
raawwatamu ta'a.
Muuxannoo Gaggeessummaa irratti Hojii gaggeessummaa alaa
waggaa dhaan muuxannoo qabu (%10) muuxannoo qabu (%5)
2 2 1.0
3 3 1.5
4 4 2.0
5 5 2.5
6 6 3.0
7 7 3.5
8 8 4.0
9 9 4.5
10 fi ol 10 5.0
5) Akkaataan kenniinsa qabxii giddugaleessa barnootaa (CGPA) tiif % 30 keessaa ta’ee,
akkaataa gabatee armaan gadii keessatti ibsameen kan raawwatamu ta'a:
Lak Bu’aa Qabxii barnoota gidduugaleessaan (CGPA) Qabxii kennamu
k
1 2.00-2.15 yookiin 50-53.57 % 15.18
2 2.16-2.30 yookiin 53.58-57.14 % 16.32
3 2.31-2.45 yookiin 57.15-60.71 % 17.46
4 2.46-2.60 yookiin 60.72-64.28. % 18.60
5 2.61-2.75 yookiin 64.29-67.85. % 19.74
6 2.76-2.90 yookiin 67.86-71.42% % 20.88
7 2.91-3.05 yookiin 71.43-74.99 % 22.02
8 3.06-3.20 yookiin 75.0-78.56% % 23.16
9 3.21-3.35 yookiin 78.57-82.07 % 24.30
10 3.36-3.50 yookiin 85.71-85.70% % 25.44
11 3.51-3.65 yookiin 85.71-89.27 % 26.58
12 3.66-3.80 yookiin 89.28-92.84 % 27.72
13 3.81-3.95 yookiin 92.85-96.41 % 28.86
14 3.96-4.00 yookiin 96.42-100 % 30

76 | P a g e
6) Ulaagaaleen keewwata kana keewwata xiqqaa 1-3 tti jiru akkuma eegametti ta'ee, carraan
barnoota waliigalaa sagantaa dippiloomaa gadiitti kennamu karoora mootummaa irratti
hundaa’uun ulaagaalee keewwata kana keewwata xiqqaa 4 hordofuun osoo hin
barbaachisiin ragaa barnoota beekamtii qabuu fi hoggansi baratu dhiyeessu irratti
hundaa’uun kallattiidhaan kan kennamu ta’a.
7) Akkaataan bu’aan qabxii madaallii gaggeessichaaf 20% keessaa gaggeesuummaa isaattiif
kennamu ittiin madaalamu akkaataa armaan gadiitiin kan herregamu ta’a;
a) Sadarkaa “A” kan argate yoo ta’e %20
b) Sadarkaa “B” kan argate yoo ta’e %15
c) Sadarkaa “C” kan argate yoo ta’e %10 kan kennamuuf ta’a.
8) Keewwata kana keewwata 7 qubee C jalatti kan ibsame jiraatuyyuu, madaalliin
gaggeessummaa sadarkaa “C” kenname sababa hanqina naamusa gaggeessichaatiin
walqabatee kan kenname yoo ta’e qabxiin ulaagaa dorgommii carraa barnootaa kennamu
keessatti kan hin qabamnee fi fudhatama kan hin qabnedha.
9) Carraan barnootaa sadarkaa dippiloomaa fi isaa olii akkaataa ulaagaa filannoo
kaadhimamaa qajeelfama kana keessatti ibsameen koree sadarkaa Godina, magaalaa fi
Aanaatiin kaadhimamtootni erga filatamanii booda karaa Waajjira Pabliik Sarviisii fi
Misooma Qabeenya Namaa Godinaatiin qindaa’ee Biirichatti kan ergamu ta’a.
10) Kaadhimamtootni carraan barnoota akka kennamuuf murtaa’u koree sadarkaa Godinaa,
Magaalaa yookiin Aanaatiin erga filatamanii booda baay’innii kaadhimamtootaa fi
sadarkaan barumsa isaanii adda bahee karaa Waajjira Pabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Godinaa yookiin Magaalaatiin Biirichaatiif dhiyaatee baajata dhimma
kanaaf barbaachisu erga mirkanaa’ee booda karoora irratti hundaa’ee iddoo jiranitti
barnoota isaanii akka baratan ni taasifama.

106. Daangaa Umurii


Raawwii qajeelfama kanaatiif daangaan umurii dorgommiif barbaachisu ilaalchisee
ulaagaan dhaabbileen barnootaa gaafatan akkuma eegametti ta’ee;
1) Barnoota dippiloomaa fi isaa gadiitiif daangaa umurii malee kan kennamu ta’a.
2) Digirii jalqabaatiif dhiiraaf waggaa 43 fi isaa gadi, dubartiidhaaf waggaa 45 fi isaa gadi.
3) Digirii lammaffaatiif dhiiraaf waggaa 47 fi isaa gadi, dubartiidhaaf waggaa 49 fi isaa
gadi.
4) Digirii sadaffaatiif koorniyaa lamaaniifuu waggaa 50 fi isaa gadi ta’a.
5) Daangaan umurii keewwata kana keewwata xiqqaa 2-4 jalatti tumame jiraatuyyuu
77 | P a g e
mootummaan haala addaatiin carraan barnootaa hoggansaaf akka kennamu murteessuu
ni danda’a.
107. Haala Deeggarsi Dabalataa Dubartootaaf Itti Kennamu
1) Dorgommii irratti qabxii tokkoo hanga shanii dhiiraan yoo durfaman bu’aa qabxii
dorgommii argatan irratti dabaluudhaan carraan barnootaa dursa akka kennamuuf ni
taasifama.
2) Dorgommii carraa barnoota hoggansaa irratti dhiiraa fi dubartiin qabxiin walqixa yoo
ta’an dubartiif dursi ni kennama.
108. Haala Carraan Leenjii Itti Kennamu
1) Carraan leenjii hoggansaaf kennamu irra caalaan isaa hanqina dandeettii fi beekumsa
hojii kallattiin gaggeessaa jiran, jijjiiramoota naannoo hoggansaatiin walqabatan waliin
ilaaluun kan kennamuu fi walitti dhufeenya barnoota hoggansaa fi mata duree leenjii
bu’uura kan godhate ta’uu qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, adeemsa
carraa leenjii raawwatamu keessatti hoggantootni carraan leenjii addaa isaan
barbaachisuuf xiyyeeffannoo kennuun ni hojjetama.
109. Akkaataa Carraan Barnootaa Haala Addaatiin Itti Kennamu
Hoggantootni sadarkaa naannoo carraan barnootaa haala addaatiin kennamuu mana
mare Bulchiinsa Naannichaatiin kan murtaa’u ta’ee, hanga barnoota isaanii xumuranii
deebi’anitti mindaan muudamaan argachaa turan guutuun kafalamaafii kan baratan
ta’ee, yeroo barnoota isaanii xumuranii deebi’an immoo gita hojii qophii barnootaa fi
muuxannoo qabaniin guutuu danda’an irratti ramadamanii mindaa gita hojichaa akka
argatan ni taasifama.

Kutaa Afur
Haala Hundeeffama Koree Leenjii fi Misoomaa Hoggansaa
110. Hundeeffama Koree
1) Koreen leenjii fi misooma hoggansaa sadarkaa Naannoo, Godinaa, Bulchiinsa
Magaalotaa fi Aanaaleetti qajeelfama kanaan hundeeffamee jira.
2) Itti waamamni korichaa sadarkaa naannootti Pirezedaantii naannichaaf yookiin nama
isaan bakka buusaniif, sadarkaa Godinaatti Bulchaa Godinaatiif, sadarkaa Bulchiinsa
Magaalaatti Kantiibaa akkasumas sadarkaa Aanaatti Bulchaa Aanaatiif ta’a.
111. Miseensota Korichaa
1) Miseensotni koree sadarkaa naannoo kanneen armaan gadiiti.

78 | P a g e
a) Itti Aanaa Pirezedaantii Mootummaa Naannichaa-----------------------walitti qabaa
b) Hogganaa Biiroo Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa---barreessaa fi
miseensa
c) I/G Waajjira Pirezedaantii -------------------------------------------------------miseensa
d) HogganaaBiiroo Maallaqaa ---------------------------------------------------miseensa
e) Hogganaa Biiroo Barnootaa----------------------------------------------------miseensa
f) Hoggantuu Biiroo Dubartoota fi Daa’immanii ------------------------------miseensa
2) Miseensotni koree sadarkaa Godinaa yookiin magaalaa yookiin Aanaa kanneen armaan
gadiiti;
a) Itti Aanaa Bulchaa Godinaa/Kantiibaa Magaalaa/ Bulchaa Aanaa-----walitti qabaa
b) Itti gaafatamaa Waajjira Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa---------
barreessaa fi miseensa
c) Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa/Kantiibaa------------------------------miseensa
d) Itti gaafatamaa Waajjira Maallaqaa ---------------------------------------------miseensa
e) Itti Gaafatamaa Waajjira Barnootaa-------------------------------------------miseensa
f) Itti Gaafatamtuu Waajjira Dubartoota fi Daa’immanii ---------------miseensa
3) Barrii hojii miseensota koree sadarkaan jiranii waggaa lama ta’ee ga’umsa qaban irratti
hundaa’uun yeroo kamiyyuu filatamanii hojjechuu danda’u.
112. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Koree Sadarkaan Jiranii
1) Walitti qabaan korichaa adeemsi filannichaa qajeelfama hordofee akka raawwatamu ni
taasisa.
2) Barreessaan korichaa ragaalee dorgomtootaa ni qindeessa, koreef ni dhiyeessa, qaboo
yaa’ii ni qabata, yaada murtee ni qopheessa.
3) Filannichi sirna ulaagaalee filannoo barnootaa fi leenjii hordofee akka raawwatamu ni
taasisa.
4) Walgahiin korichaa guutuu kan jedhamu walitti qabaa dabalatee miseensota koree
keessaa walakkaa ol walgahii irratti yoo argamanidha.
5) Akkaataa akaakuu ulaagaa filannootiin dorgomtoota waldorgomsiisee isa mo’ate ni
filata.
6) Miseensi koree tokko barnootaa yookiin leenjiidhaaf kadhimamaa ta’ee yoo dhiyaate
dhimma kana qofaaf miseensummaa koree irraa ni ka’a.
7) Marii adeemsa filannichaa icciitiin eeguu qaba.
8) Koreen dorgomtootni qabxii waliigalaatiin walqixa yoo ta’an bu’aa madaallii
raawwiitiin caalmaakan qabu akka darbu ni taasisa.
9) Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 irratti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee, bu’aan
79 | P a g e
madaallii raawwii walqixa yoo ta’e, qabxii gidduugaleessa barumsaatiin caalmaa qabu
akka darbu ni taasifama,
10) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 9 jalatti kan ibsameen kanneen adda baasuun
yoo hin danda’amne sagalee koreen kennuun kan adda bahan ta’ee, sagaleen walqixa
yoo ta’e kan walitti qabaan deeggarame murtii korichaa ta’a.
11) Yaadni murtii koree filannoo sadarkaan jiruu mana maree bulchiinsaa caasaa sadarkaa
sadarkaan jiruuf dhiyaatee murtii dhumaa ni argata.
113. Haala Beeksifni Itti Bahuu fi Bu’aan Dorgommii Carraa Barnootaa Itti Ibsamu
1) Carraan barnootaa kennamu kamiyyuu beeksifni ifa ta’e bahuu qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, beeksifni
bahu kunis guyyoota hojii shaniif maxxanfamee turuu qaba,
3) Akkaataa ulaagaa qajeelfama kana keessatti tumameen dorgommiin erga taasifamee
booda bu’aan dorgomichaa yoo baay’ate guyyoota kudhan hin caalle keessatti
kaadhimamtootaaf beeksifamuu qaba.
4) Carraan barnootaa kenname qorumsa seensaa kan qabu yoo ta’e, kaadhimamtootni
qorumsa seensaa darban guyyaa dhaabbilee barnootaa irraa qorumsa seensaa darbuun
isaa ibsamee irraa eegalee karaa Biirichaa fi caasaa isaa sadarkaan jiruun kaadhimamaa
qorumsa seensaa darbeef kan ibsamu ta’a.
114. Haala baajatni Leenjii fi Barnootaa Misooma Hoggansaatiif Oolu Itti Ramadamu
1) Maddi baajataa sagantaaleen leenjii fi barnootaa baajata mootummaan ramadamu fi
ispoonsershiippii dhaabbilee adda addaa irraa argamuun ta’a.
2) Baajanni sagantaa leenjii fi misooma hoggansaatiif ramadamuu karoora baay’ina
hoggansaa sagantaalee leenjii fi barnootaa adeemsifamu irratti akka hirmaatan murtaa’u
irratti kan hundaa’u ta’a.
3) Karoora leenjii fi barnoota misooma hoggansaa qophaa’e irratti hundaa’uudhaan Biirichi
baajata dhimma kanaaf barbaachisu qopheessuun mootummaaf ni dhiyeessa; yommuu
haayyamamu akkaataa fedhii sadarkaa Naannoo, Godinaalee fi Bulchiinsa
Magaalootaatiin hojiirra ni oolcha, akka oolu ni taasisa.
115. Haala Kaffaltiin Mindaa fi Deeggarsi Adda Addaa IttiRaawwatamu
Hoggantootni carraan barnootaa kennameefii dhaabbata barnootaa seenuun akka
baratan murtaa’e rakkoon hawaasummaa akka isaan hin quunnamnee fi barnoota isaanii
xiyyeeffannaan akka hordofan mootummaan kaffaltii mindaa fi deeggarsa adda addaa
haala armaan gadiin ni taasisa.
1) Hoggansi carraa barnoota idilee kennameef baasii mootummaatiin akka baratu
murtaa’ee muudama irraa ka’e gita hojii guutu irratti ramaddiin ni kennamaaf.
80 | P a g e
2) Kaffaltii mindaa fi baasiiwwaan adda addaa haala armaan gadiitti kan raawwatamu ta’a.
a) Hoggantootni biyya keessaa fi alaatti akka baratan carraan kennamuuf hanga
barnoota isaanii xumuranii deebi’anitti mindaa ji’aa guutuun kan kaffalamuuf ta’a.
b) Baasiin barnootaa ragaa dhiyaatu irratti hundaa’uun kan kaffalamu ta’ee,
kaffaltichi kan raawwatamu dhaabbata barnootaa itti baratuuf yookiin hoggansi
baratu kan kaffale yoo ta’e,ragaa dhiyaatu irratti hundaa’uun ta’a.
c) Keewwata kana keewwata xiqqa 2 qubee (b) jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, kaffaltichi kan raawwatamu hoggansi baratu qabxii barnootaa itti aanuuf isa
barbaachisu kan argate ta’uun isaa yoo mirkanaa’edha.
d) Tajaajilli nyaataa fi ciisichaa dhaabbilee barnootaatiin kennamu kaffaltiin kan itti
raawwatamu yoo ta’e, baasiin barbaachisu gama mootummaa naannichaatiin kan
uwwifamu ta’a.
3) Hoggansi carraa barnoota idilee argate mindaa isaa ramaddii gita hojiitiin argatu
argachaa tajaajila ciisichaa fi nyaataa of danda’uun mooraa dhaabbilee barnootaatiin ala
jiraachaa kan baratu yoo ta’e;
a) Baasii kiraa mana ji’aan qarshii 500 (Dhibba shan),
b) Baasii adda addaa ji’aan qarshii 500 (Dhibbashan) mootumman ni uwwifama.
4) Hoggansi carraa barnootaa gannaatiin akka baratu murtaa’e:
a) Mindaa guutuu argachaa ture ni kaffalamaaf.
b) Baasiin barnoota biyya keessaa ragaa dhiyaatu irratti hundaa’uun dhaabbata
barnoota itti baratuuf yookiin hoggansi baratu kan kaffale yoo ta’e, ragaa dhiyaatu
irratti hundaa’uun ta’a.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 qubee (b) jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, kaffaltichi kan raawwatamu hoggansi baratu qabxii barnoota itti aanuuf isa
barbaachisu kan argate ta’uun yoo mirkanaa’edha.
d) Tajaajilli nyaataa fi ciisichaa dhaabbilee barnootaatiin kennamu kaffaltiin kan ittii
raawwatamu yoo ta’e, baasiin barbaachisu gama mootummaan naannichaatiin kan
uwwifamu ta’a.
5) Hoggansi carraa barnootaa fagootiin akka baratu murtaa’e;
a) Mindaa guutuu argachaa ture ni kaffalamaaf.
b) Baasiin barnoota biyya keessaa ragaa dhiyaatu irratti hundaa’uun dhaabbata
barnootaa yookiin hoggansi baratu kan kaffale yoo ta’e, ragaa dhiyaatu irratti
hunda’uun ta’a.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 5 qubee (b) jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, kaffaltichi kan raawwatamu hoggansi baratu qabxii barnootaa itti aanuuf isa
81 | P a g e
barbaachisu kan argate ta’uun isaa yoo mirkanaa’edha.
6) Hoggansi carraa barnootaa “On line”tiin akka baratu murtaa’e;
a) Mindaa guutuu kaffalamaafi barata.
b) Baasiin barnoota biyya keessaa fi alaa dhaabbata barnootaa fi hoggansi baratu kan
kaffale yoo ta’e, ragaa dhiyaatu irratti hunda’ee ni kanfalamaaf.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 6 qubee (b) jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, kaffaltichi kan raawwatamu hoggansi baratu qabxii barnootaa itti aanuuf isa
barbaachisu kan argate ta’uun isaa yoo mirkanaa’edha.
7) Hoggansi leenjii biyya keessaa ta’e biyya alaatti akka hirmaatu murtaa’e;
a) Tajaajila ciisichaa fi nyaataa dhaabbilee leenjii irraa argachaa kan leenji’u yoo
ta’e,durgoo dhaqaa fi gala akkasumas baasii geejibaa leenjichaan walqabatan
leenjii biyya keessaa yoo ta’e, seera faayinaansii irratti hundaa’ee mana hojii isaa
irraa ni kaffalamaaf.
b) Leenjii biyya alaa yoo ta’e akkaataa durgoo deemsa biyya alaatiin baasiiwwan
leenjichaaf barbaachisan baajata dhimma kanaaf qabame irraa kan kaffalamuuf
ta’a.
c) Dhaabbilee leenjii irraa tajaajila ciisichaa fi nyaataa kan hin argannee yoo ta’e,
durgoo yeroo turtii leenjichaa fi kan dhaqaa fi galaa akkasumas baasiin geejiba
seeraa faayinaansii irratti hundaa’ee mana hojii isaa irraa ni kaffalamaaf.
8) Hoggantootni sadarkaa kamittuu carraa barnootaa dorgomanii argatan barnootaaf
deemuun dura muudama irraa ka’anii akkaataa qajeelfama muudamtoota muudama irraa
ka’anii fi filatamtoota uummataa bara hojii isaanii xumuran irratti hundaa’uun gita hojii
banaa fi baajata qabu irratti ramadamanii mindaa gita hojichaa kan argatan ta’a.
9) Hoggantootni kanaan dura biyya alaatti carraan barnootaa kennameefii barnoota isaanii
hordofaa jiran barnoota isaanii xumuranii hanga deebi’anitti guyyaa qajeelfamni kun
fooyya’ee darbe irraa eegalee mindaa guutuun kan kaffalamuuf ta’a.
116. Carraa barnoota yaalii mataa ofiitiin argame
1) Hoggansi osoo muudama irra jiru yaalii mataa isaatiin dhaabbilee barnoota ol’aanoo
adda addaa waliin quunnamtii taasisuun carraa barnoota biyya keessaa yookiin biyya
alaa kan argate fi mootummaan kan hayyamame yoo ta’ee,akkaataa qajeelfama
muudamtoota mootummaa muudamairraa ka’anii fi filatamtoota uummataa bara hojii
isaanii xumuran irratti hundaa’uun kan ramadamu ta’ee, carraa barnoota biyya keessaas
ta’e, biyya alaa mindaa guutuun kaffalamaafii ni barata.
2) Baasiin barnoota biyya keessaa ta’e, biyya ala dhuunfaadhaan kan uwwifamu ta’a.
117. Dirqama Walii Galtee Seenuu
82 | P a g e
1) Hoggansi carraa barnootaa argate akka baratu murtaa’e, yeroo barnoota irra ture
dachaan tajaajiluuf walii galtee seenuu fi mallattoo isaan mirkaneessuuf dirqama
qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eegametti
ta’ee,hoggansi carraa barnootaa idileetiin akka baratu murta’en haala jiru dirqama
dachaan akka tajaajilu yeroon isaa kan shallagamu yeroo sagantaa idilee
barnootichaatiif murtaa’e bu’uura godhachuudhaan ta’a.
3) Hoggansi carraan barnootaa kennameef walii galtee mallatteessee barnoota isaa erga
xumuree booda yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti Biirichaa fi caasaa isaa
sadarkaan jirutti gabaasa gochuuf dirqama qaba.
4) Hoggansi barnoota barachaa jiru sadarkaa irra jiru simisteeraan Biirichaa fi caasaa
isaa sadarkaan jirutti gabaasa gochuuf dirqama qaba.
5) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, kanneen
biyya alaatti baratanii fi qaamaan dhiyaachuu hin dandeenye mala quunnamtii
odeeffannoo elektirooniksiitiin gabaasa gochuuf dirqama qaba.
6) Hogganaan kamiyyuu carraa barnoota mootummaadhaan kennameef hayyama
Biirichaa fi caasaa isaa sadarkaan jirutti malee gosa barnootaa akka baratu carraan
kennameef jijjiiramuu yookiin sababa gahaa hin taaneen yeroo barumsichaaf
qabame dheeressuu hin danda’u.

Kutaa Shan
Hojii fi Itti Gaafatamummaa Qaamota Adda Addaa
118. Hojiifi Itti Gaafatamummaa Caasaalee Bulchiinsa Mootummaa Sadarkaa
Sadarkaan Jiran
1) Hanqina gama dandeettii hoggansaatiin jiru adda baasuun yookiin adda baasisuu.
2) Sagantaalee leenjii fi barnoota hoggansaa irratti bara baraan baay’ina hoggansaa
leenji’u yookiin barachuu qabu adda baasuun karooraan akka qabamu taasisuu.
3) Akkaataa karoora qophaa’een hoggantoota akka leenji’aniif yookin barataniif
filataman deebi’anii tajaajila irraa eegamu kennuudhaaf waadaa galchuudhaan
leenjii yookiin barnoota akka hordofan taasisuu fi raawwii isaa hordofuu.
4) Bu’aalee sagantaaleen leenjii fi barnootaa hoggansaa gaggeeffaman argamsiisuun
yeroo yeroon akka hordofamanii fi gamaggamaman gochuu.
5) Hoggantoota carraa barnootaa argatanii muudama irraa ka’an akkaataa qajeelfama
83 | P a g e
muudamtoota muudama irraa ka’anii fi filatamtoota uummataa bara hojii isaanii
xumuran irratti hundaa’uun ramaddii akka argatan taasisuu.
6) Haala waliigalaa raawwii sagantaalee leenjii fi barnootaa hoggansaa irratti gabaasa
guutuu ta’e qopheessuun qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessuf dirqama qabu.
119. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Biiroo Pabkiik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa
Biiroon Pabkiik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa fi caasaa isaa sadarkaa
sadarkaan jiran gahee fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaatu;
1) Karoora leenjii fi barnootaa hoggansaa ni qopheessa, mootummaaf ni dhiyeessa,
yammuu hayyamamu hojiirra ni oolcha, hojiirra akka oolu ni taasisa, ni hordofa, ni
to’ata.
2) Baajata baasii barnootaa hoggansaa fi mindaa hoggantootaa sagantaalee leenjii fi
barnootaa irratti hirmaataniif barbaachisu qopheessuun mootummaaf ni dhiyeessa,
yommuu hayyamamu hojiirra ni oolcha, akka hojiirra akka oluu ni taasisa.
3) Caasaa Biirichaa sadarkaa sadarkaan jiru keessatti dhimma leenjii fi barnootaa
hoggansaa irratti ni hojjeta, akka hojjetamu ni taasisa.
4) Bara baraan karoorri leenjii fi barnootni misooma hoggansaa odeeffannoowwan
baay’ina leenjifamtootaa (namoota baratan, gosa leenjii yookiin barnoota) yeroo
leenjichi yookiin barnootichi fudhatuu fi baasii leenjichaa yookiin barnootaa kkf
hammatee gama caasaalee Biirichaa sadarkaa sadarkaan jiran akka dhiyaatu
gochuun mootummaaf dhiyeessee murteessuun hojiirra akka oolu ni taasisa.
5) Carraalee leenjii fi barnoota hoggansa biyya keessaa fi alaa irraa argaman
qindeessuudhaan manneen hojii naannichaa akka itti fayyadaman ni taasisa.
6) Qaamota hojii leenjii fi barnoota irratti hojjetan waliin hojii leenjii fi barnootaa
karoorsuu irraa hanga raawwii madaaluutti qindoominaan ni hojjeta.
120. Hojiifi Itti Gaafatamummaa Biiroo Maallaqaa
Biiroon maallaqaa fi caasaan isaa sadarkaa sadarkaan jiran gahee fi itti gaafatamummaa
armaan gadii ni qabaatu;
1) Baajata leenjii fi barnoota hoggantootaaf barbaachsu bu’uura karoora dhiyaateetiin
akka raawwatamu ni taasisa.
2) Haala hojiirra oolmaa baajata leenjii fi barnootaa ni hordofa, ni to’ata.
121. Hojiifi Itti Gaafatamummaa Yunversiitii Naannoo Oromiyaa
1) Akkaataa hojimaata Biirichaatiin qophaa’uun fedhii leenjii fi barnootaa hoggansa
naannichaa sadarkaan jiru irratti qorannoo gaggeessuun adda ni baasa.
2) Fedhii leenjii fi barnoota hoggansaa adda bahe bu’uureffachuun akkaataa
84 | P a g e
barbaachisummaa isaatti kaarkuleemii leenjii fi barnootaa hoggansaa qopheessuun
hojiirra ni oolcha.
3) Gaaffiilee leenjii fi barnootaa hoggansaa dhiyaatu irratti hundaa’uun qaamota
dhimmi ilaallatu waliin walii galtee taasisuun leenjii yookiin barnoota ni kenna.
4) Rakkoowwan raawwii gaggeessumma irratti quunnaman qo’annoo fi qorannoo
gaggeessuudhaan yaada furmaata mootummaaf ni dhiyeessa.
5) Bu’aalee sagantaalee leenjii fi barnootaatiin argaman madaaluun qaawwa jiru adda
baasuu fi tarkaanfiin sirreeffamaa barbaachisu akka fudhatamu yaada ni dhiyeessa.
122. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaan Jiranii
1) Hanqina raawwii tarsiimoo mana hojii isaanii gaggeessummaan walqabatan
qorachuudhaan adda baasuun irratti ni hojjetu,qaama dhmmi ilaaluuf ni dhiyeessu.
2) Haala hanqina gaggeessummaa jiru furuun itti danda’amu irratti yaada furmaataa
dhiyeessuu fi hoggantootni dhimmi ilaallatu sagantaalee leenjii fi barnootaa irratti
akka hirmaatan deeggarsa ni taasisu.
3) Sagantaaleen leenjii fi barnoota hoggansa mootummaan karoorfaman bu’aa
qabeessa akka ta’an odeeffannoo barbaachisu akka qindeessuu fi
kennuu,baasiiwwan adda addaa sagantaalee leenjii fi barnoota hoggansaatiif
barbaachisan irratti haala mijeessuu fi deeggarsa ni taasisu.
4) Hoggantoota mana hojii isaanii keessaa carraa barnootaa argatanii barumsa irra jiran
sadarkaa isaan irra jiran ni hordofu.
123. Qindoomina Dhaabbilee Barnoota Ol’aanoo Naannicha Keessa Jiran Waliin
Taasifamuu Qabu
1) Biirichi akkaataa dhaabbileen barnoota ol’aanoo naannicha keessa jiran leenjii fi
barnoota hoggansaa irratti deeggarsa kennuu danda’an ilaalchisee haala waliin
hojjetamu irratti yaada walii galtee ni qopheessu.
2) Biirichi haala hoggansi naannichaa sadarkaan jiru dhaabbilee barnootaa ol’aanoo
keessatti leenji’uu yookiin barachuu danda’u ilaalchisee qorannoo gaggeessuu,
sagantaalee leenjii fi barnootaa dhaabbilee barnoota kennannin kennaman adda baasuu,
mootummaa naannichaa bakka bu’uun waliigalteewwan dhaabbilee barnootaa wajjin
taasisuu fi hoggantootni karooraan akka leenji’an yookiin baratan haala ni mijeessa.
3) Leenjii fi barnoota hoggansaa ilaalchisee haala maddi maallaqaa fi ispoonsershiippiin
biyya keessaa fi alaa irraa itti argamuu danda’u karoorsuun irratti ni hojjeta.
4) Caasaaleen bulchiinsa mootummaa sadarkaan jiran sagantaalee leenjii fi barnoota
hoggansaa mootummaa naannichaatiin karoorfaman hojiirra oolchuun akka danda’amu
dhaabbilee barnoota ol’aanoo naannoo isaaniitti dhiyeenyaan argaman keessatti haala
85 | P a g e
hoggansi itti leenji’u yookiin barachuu danda’u deeggarsa ni taasisu.
124. Sirna Deeggarsa fi Gamaggama Sagantaalee Leenjii fi Barnoota Misooma
Hoggansaa
1) Caasaaleen bulchiinsa mootummaa sadarkaan jiranii fi manneen hojii fooyya’insa
raawwii hojii hoggantootaa sagantaalee leenjii fi barnootaa hoggansaa irratti
hirmaatan yeroo yeroodhaan hordoffii ni gaggeessu.
2) Caasaaleen bulchiinsa mootummaa sadarkaan jiranii fi manneen hojii
odeeffannoowwan sagantaalee leenjii fi barnoota hoggansaa gaggeeffaman walitti
qindeessuudhaan waggaa waggaan dhuma bara baajataa irratti Biiroo Pabliik
Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa naannichaatiif ni dhiyeessu.
3) Biirichi odeeffannoowwan sagantaalee leenjii fi barnootaa hoggansaa caasaaleen
bulchiinsaa mootummaa sadarkaan jiranii fi manneen hojii irraa dhiyaatan
qindeessuun haala raawwii jiru mootummaaf gabaasa ni dhiyeessa.
4) Biirichi sagantaaleen leenjii fi barnoota hoggansaa gaggeeffaman dandeettii fi
gahumsa gaggeessummaa hoggansaa ijaaruu irratti kan xiyyeeffatan ta’uu isaanii ni
mirkaneessa.
5) Manneen hojii hoggantootni leenji’anii yookiin barumsa isaanii xumuranii gara
hojii idilee isaaniitti yommuu deebi’an beekumsa, ogummaa fi jijjirama ilaalchaa
leenjiin yookiin barumsaan argatan hoggantootaa fi hiriyoota hojii isaaniitiif akka
dabarsan haala mijeessuu qabu.
6) Biirichi bu’aa qabeessummaa leenjii fi barnoota dhaabbilee barnootaa fi leenjii
wajjin qindoominaan qorachuun bu’aa qorannoo mootummaadhaaf ni dhiyeessa.

BOQONNAA JAHA

QajeelfamaHaala Raawwii Leenjii yookiin barnoota Hojjettoota Mootummaa

125. Gosoota Carraa Leenjii fi Barnootaa


Gosootni carraa leenjii fi barnootaa sagantaalee leenjii yookiin barnootaa kanneen yeroo
dheeraa fi gabaabaa biyya keessa fi biyya alaatti kennaman kan hammatuudha.
126. Leenjii yookiin barnoota Yeroo Dheeraa
Leenjiin yeroo dheeraa sagantaa leenjii yookiin barnootaa yeroo ji’oota jahaa (6) ol
fudhatu,kan fooyya’iinsa ogummaa yookiin jijjiirama sadarkaa barnootaa fiduu fi
sartifiikeeta hirmaannaa, dippiloomaa, “post graduate diploma”, digirii jalqabaa fi isaa ol
argamsiiu yoo ta’u, amaloota itti aanan kan qabuudha:

86 | P a g e
1) Carraawwan leenjii yookiin barnootaa dhaabbilee barnootaa biyya keessa jiran keessatti
sagantaa idileetiin, gannaan, torbeen, barnoota fagoo, “On line”, galgalaa fi kallattiin
kennaman,
2) Carraawwan leenjii yookiin barnootaa biyya alaa mootummaa federaalaa irraa
naannichaaf ramadaman,
3) Leenjiiwwan haala piroojektoota wajjin wal-qabateen gama manneen hojiitiin argaman,
4) Carraalee leenjii yookiin barnootaa biyya keessaas ta’ee biyya alaa irraa ispoonsaroota
dhuunfaa barbaaduun fi tattaaffii dhuunfaadhaan of danda’uun argaman,
5) Carraawwan barnootaa biyya keessaa mootummaa federaalaatiin kallattiidhaan
naannichaaf kennaman,
6) Carraawwan barnootaa biyya keessaa dhaabbilee barnoota ol’aanoo naannicha keessa
jiraniin kennaman fi
7) Carraawwan leenjii yookiin barnootaa biyya keessaa yookiin biyya alaa amala
dorgommii dabalataa qabaniidha.
127. Leenjii Yeroo Gabaabaa
Leenjiin yeroo gabaabaa sagantaa leenjii yeroo hanga ji’oota jahaa (6) fi isaa gadi
fudhatuu fi sartiifiikeeta hirmaannaa argamsiisu ta’ee hojjetaan tokko hojii raawwatu
irratti dandeettiin isaa akka fooyya’u yaadamee kan qophaa’u, hojii hojjetaan hojjatu
wajjiin wal-qabatuu fi sagantaa daawwannaa, workishoppii, seminaaraa fi kkf’n
raawwatamu yoo ta’u, amaloota itti aanan kan of-keessaa qabuudha.
1) Sadarkaa raawwii mana hojii fi hojjettootaa madaaluudhaan hanqinni raawwii hojii
yommuu mul’atu sagantaa leenjiitiin akka fooyya’u taasisuun barbaachisaa ta’ee yoo
argame sakatta’iinsa fedhii leenjii gaggeessuudhaan fedhii leenjii adda bahe bu’uura
gochuun sagantaa leenjii bara bajataa keessatti gama manneen hojiitiin karoorfamee
gaggeeffamu fi
2) Sagantaalee leenjii yeroo gabaabaa biyya keessaas ta’ee biyya alaa maddoota adda
addaa irraa bifa iskoolaarshiippiitiin argamaniidha.
128. Haaldureewwan Dorgommii Leenjii yookiin Barnootaa
1) Dorgomaan biyya keessaa fi alaatti leenjii yeroo dheeraa jijjiirama sadarkaa barnootaa
argamsiisu hordofaa kan hin jirre ta’uu qaba;
2) Dorgomaan leenjiidhaaf dorgomu kamiyyuu mana hojii mootummaa keessatti yoo
xinnaate waggaa lamaaf(2) kan tajaajile ta’uu qaba;
3) Balleessaa Naamusa cimaatiin kan adabame yoo ta’e, yeroo turmaata adabbii
naamusichaa kan xumre ta’uu qaba;

87 | P a g e
4) Hojjetaan kanaan dura hojii irraa bilisa ta’ee biyya keessatti baasii mootummaatiin
yookiin biyya alaatti mindaan kafalamaafii barumsa yookiin leenjii yeroo dheeraa
jijjiirama sadarkaa baruumsaa argamsiisu hordofee xumure carraa barnoota biraatiif
dorgomuu kan danda’u yeroo barnoota irra ture dachaadhaan mana hojii isa leenjise
yookiin mana hojii mootummaa naannichaa kan biraa keessatti erga tajaajileen booda
ta’a;
5) Hojjetaan kana dura biyya alaatti leenjii fooyya’iinsa ogummaa kan yeroo gabaabaas
ta’ee kan yeroo dheeraa irratti carraan kennameefii leenjicha hordofee deebi’e leenjii
yeroo gabaabaa yookiin yeroo dheeraa biyya alaa kan biroo irratti dorgomuu kan
danda’u waggaa tokko erga tajaajileen booda ta’a;
6) Dorgomaan kamiyyuu carraa barnootaa sadarkaa barumsaa kana dura qabuun walqixa
ta’e irratti, jechuun dippiloomaa kolleejjii yoo qabaate dippiloomaa kolleejjii biraatiif,
digirii yoo qabaate digirii sadarkaa wal fakkaatu kan biraatiif dorgomuu hin danda’u;
7) Dorgomaan tokko leenjiif yookiin barnootaaf dorgomee erga mo’atee fi fudhatama erga
argatee booda carraa leenjiitti yookiin barnootaatti osoo hin fayyadamin yoo hafe
yookiin leenjii yookiin barnoota eegalee yoo addaan kutee fi sababni isaas dhimma
humnaa ol hin taaneen akka ta’e yoo mirkanaa’e, carraa leenjii yookiin barnootaa kan
biraatiif dorgomuudhaaf:
a) Sagantaa leenjii yeroo gabaabaa yookiin dheeraa fooyya’iinsa ogummaa kan
jijjiirama sadarkaa barumsaa hin fidne yoo ta’e waggaa tokko(1) fi
b) Sagantaa leenjii jijjiirama sadarkaa barumsaa argamsiisu yoo ta’e dachaa
barnoota irra adda kute sanaa tajaajiluu qaba.
129. Ulaagaalee Dorgommii Leenjii yookiin Barnootaa
Ulaagaan qaamni carraa leenjii yookiin barnootaa kenne gaafatu akkuma jirutti ta’ee,
carraa leenjii yookiin barnootaa gosaa fi sadarkaa kamiyyuu irratti kennamuuf
ulaagaaleen dorgommii bu’aa madaallii raawwii karoora hojii, sadarkaa barnootaa
yookiin bu’aa walakkeessa qabxii (CGPA) barnootaa,muuxannoo hojii fi qunnamtii
leenjiin yookiin barnootni hojii dorgomaan hojjatu wajjiin qabu kan hammatu ta’ee
ulaagaleen kunis 100% keessaa ulfaatina itti aanu ni qabaatu:

1) Bu’aa madaallii raawwii hojii….………….………………………………..…..…40%


2) Sadarkaa barnootaa, bu’aa walakkeessa qabxii (CGPA) …………………………25%
3) Muuxannoo Hojii………………………………………………………………….20%
4) Qunnamtii barumsi ykn leenjichi hojichaa fi barumsa hojjataa waliin qabu………15%

88 | P a g e
Ida’ama……………………………………………..…………………….……….100%
130. Haala Ulaagaalee Dorgommiitiif Qabxiin Itti Kennamu
1) Ulaagaan bu’aan madaallii raawwii hojii 40% keessaa itti kennamu:
a) Bu’aan madaallii raawwii hojii qabxii 0.40’n baay’atee ni qabama;
Qabxii Bu’aa Qabxii 40%
Madaallii Raawwii keessaa 75 30.00
Hojii kennamu 76 30.40
50 20.00 77 30.80
51 20.40 78 31.20
52 20.80 79 31.60
53 21.20 80 32.00
54 21.60 81 32.40
55 22.00 82 32.80
56 22.40 83 33.20
57 22.80 84 33.60
58 23.20 85 34.00
59 23.60 86 34.40
60 24.00 87 34.80
61 24.40 88 35.20
62 24.40 89 35.60
63 25.20 90 36.00
64 25.60 91 36.40
65 26.00 92 36.80
66 26.40 93 37.20
67 26.80 94 37.60
68 27.20 95 38.00
69 27.60 96 38.40
70 28.00 97 38.80
71 28.40 98 39.20
72 28.80 99 39.60
73 29.20 100 40.00
74 28.60

b) Bu’aan madaallii raawwii hojii leenjii yookiin barnoota dorgomuuf dandeessisu kan
marsaa lamaa 50% fi ol ta’uu qaba.

89 | P a g e
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 qubee (b) jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
bu’aan madaallii raawwii hojii marsaa lamaa kunis kan waggaa tokko caalaa ture ta’uu
hin qabu.
d) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 qubee (c) jalatti kan ibsame jiraatus, hojjetaan carraa
barnootaaf dorgomu yeroo dorgommiin gaggeeffamu bu’aa madaallii raawwii hojii
marsaa lamaa kan hin qabne yoo ta’e bu’aan madaallii hojii kan bara baajataa darbe kan
marsaa tokko ni qabamaaf.
e) Bu’aan madaallii raawwii hojii beeksisni dorgommii carraa leenjii yookiin barnootaa erga
maxxanfamee booda guutamu dorgommiidhaaf dhiyaachuu hin danda’u.
2) Sadarkaa barnootaa bu’aa walakkeessa qabxii (CGPA) yookiin 100% barnootaatiif haala
qabxiin 25% keessaa itti kennamu:
a) Leenjii yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa fooyya’iinsa ogummaa irratti dorgommiin
gaggeeffamu barnoota sadarkaa adda addaa kan affeeru waan ta’eef qabxiin 25% keessaa
kennamu bu’aa walakkeessa qabxii (CGPA) barumsaatiif osoo hin ta’in sadarkaa
barumsaatiif yoo ta’u, haala gabatee itti aanuun dhiyaateen qabxiin ni kennama.
25% keessaa
Lakk. Sadarkaa barumsaa
qabxii kennamu

1 Kutaa10/12ffaa kan xumure 7.5

2 Kolleejjii waggaa 1ffaa, 10+1, kolleejjii teekinikaa fi


ogumaa levelii I fi kanneen biroo sadarkaa walfakkaatu 10
qabaatan

3 Kolleejjii waggaa 2ffaa, dippiloomaa tekinikaa fi ogummaa


duraanii, 10+2, kolleejjii teekinikaa fi ogummaa levelii II 12.5
fi kanneen biroo sadarkaa walfakkaatu qabaatan

4 Dippiloomaa kolleejjii, kolleejjii waggaa 3 ffaa, 10+3,


kolleejjii teekinikaa fi ogummaa levelii III fi kanneen 15
biroo sadarkaa walfakkaatu qabaatan

5 Kolleejjii waggaa 4ffaa, dippiloomaa kolleejjii ol-aanaa


(Advanced diploma), kolleejjii teekinikaa fi ogummaa
17.5
levelii IV fi kanneen biroo sadarkaa walfakkaatu
qabaatan

6 Sadarkaa Barnootaa BA/BSc/LLB 20


90 | P a g e
7 Sadarkaa Barnootaa MA/MSc/LLM 22.5

8 Sadarkaa Barnootaa Doktireetii/PhD/ 25

b) Barnoota digirii jalqabaa irratti dorgommiin gaggeeffamu barnoota sadarkaa adda addaa
kan affeeru yoo ta’u, akkaataa gabatee itti aanuun dhiyaateen qabxiin 25% keessaa bu’aa
walakkeessa qabxii (CGPA) yookiin qabxii barnootaa 100% keessaa kennameef bu’uura
gochuun kan kennamu ta’a;

Lakk. Bu’aa Barumsaa Giddu Galeessaa Qabxii Kennamu


1 2.00 – 2.15 ykn 50 – 53.57 % 15.25
2 2.16 – 2.30 ykn 53.58 – 57.14% 16.00
3 2.31 – 2.45 ykn 57.15-60.71% 16.75
4 2.46 – 2.60 ykn 60.72 – 64.28% 17.50
5 2.61 – 2.75 ykn 64.29 – 67.85% 18.25
6 2.76 – 2.90 ykn 67.86 – 71.42% 19.00
7 2.91 – 3.05 ykn 71.43 – 74.99% 19.75
8 3.06 – 3.20 ykn 75.0 – 78.56% 20.50
9 3.21 – 3.35 ykn 78.57 – 82.70% 21.25
10 3.36 – 3.50 ykn 85.71 – 85-70% 22.00
11 3.51 – 3.65 ykn 85.71 – 89.27% 22.75
12 3.66 – 3.80 ykn 89.28 – 92.84% 23.50
13 3.81 – 3.95 ykn 92.85 – 96-41% 24.25
14 3.96 – 4.00 ykn 96.42 – 100% 25.00

(a) Carraan barnoota sadarkaa digirii 2ffaa fi 3ffaa itti kennamu waldorgommii sadarkaalee
barnootaa walfakkaatan kan gaafatu waan ta’eef 25% keessaa qabxii dhibbantaa fi
bu’aa walakkeessa qabxii (CGPA) barnootaaakkaata keewwata kana keewwata xiqqaa 2
qubee (b) jalatti ibsamee jiruun kan keenamu ta’a.
(b) Qabxiin bu’aa baruumsaatiif kennamu dhibbeentaadhaan ta’ee, bu’aan qabxii barumsaa
%dhaan yoo ta’e, 50-100% fi qabxii walakkeessa (CGPA) yoo ta’e qabxii 2:00-4:00
irraa ta’a.
(c) Qabxii barnootaa lakkoofsaan hin ibsamin (Good, Very Good, Excellent) jedhu
jijjiiraanii qabachuudhaaf akka danda’amu dorgomaan ka’umsaaf kan ta’u gosa

91 | P a g e
barnootaa fudhatee fi tilmaama isaa qaama ragaa barumsaa kenne irraa dhiyeessuu
qaba.
(d) Ragaan Afaan Ingiliiffaa, Amaariifaa fi Afaan Oromootiin ala dhiyaatu hiika tilmaamaa
seera qabeessa ta’e wajjin yoo wali hin qabatin fudhatama hin qabaatu.
(e) Seera qabeessummaan ragaa barumsaa kennamee fi sadarkaan isaa shakkisiisaa yoo ta’e
kan mirkanaa’u Ministeera Barnootaa ykn qaamota ilaallatuun ta’a.
3) Muuxannoo hojiitiiif haala qabxiin 20% keessaa itti kennamu
Muuxannoon hojii hanga waggaa 20 jiru qofa kan lakkaa’amu ta’ee, qabxiin 20% waggaa
20’f qoodamee haala gabatee itti aanee dhiyaateen qabxiin ni kennama.

Muxannoo waggaa dhaan Qabxii 100% keessaa kennamu

2 2

3 3

4 4

5 5

6 6

7 7

8 8

9 9

10 10

11 11

12 12

13 13

14 14

15 15

16 16

17 17

92 | P a g e
18 18

19 19

Waggaa 20 fi isaa ol 20

4) Qunnamtii leenjii yookiin barumsaa fi hojiitiif haala walitti dhiyeenyaattif qabxiin 15%
keessaa itti kennamu:
a) Barumsaa fi hojiin hojjetaan amma hojjatu leenjicha wajjin kallattiidhaan kanwal-
quunnamu yoo ta’e…………………………………………………….....qabxii 15.
b) Barumsaa fi leenjiin kallattiidhaan, garuu, hojii fi leenjiin al-kallattiin kan wal-
qunnamu yoo ta’e ……………………………………..………………..qabxii 12.5
c) Hojii fi leenjiin kallattiidhaan, garuu, barumsaa fi leenjiin al-kallattiin kan wal-
qunnamu yoo ta’es……............................................................................qabxii 12.5
d) Barumsis ta’ee hojichi leenjicha wajjin al-kallattiin kan wal-qunnamu yoo
ta’e………………………………………………………………………qabxii 7.5
131. Deeggarsa dabalataa Dubartootaaf Kennamu 5%
1) Dorgommii carraa leenjii fi barnootaa keessatti dubartootni dhiira waliin yeroo
dorgoman dubartootaaf qabxiin 5 qabxii walii gala irratti kan ida’amuuf ta’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, dorgommii
carraa leenjii yookiin barnootaa irratti dhiiraa fi dubartiin qabxiin walqixa yoo argatan
dubartiif dursi ni kennama.
132. Deeggarsa dabalataa Qaama Miidhaamtootaaf Kennamu
1) Dorgommii carraa leenjii fi barnootaa keessatti qaama miidhamtootni dorgomtoota
qaama miidhamaa hin taane waliin yeroo dorgoman qaama miidhamtootni qabxiin 6
qabxii walii gala irratti kan ida’amuuf ta’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, dorgommii
carraa leenjii yookiin barnootaa irratti qaama miidhamtootni dorgomtoota qaama
miidhamaa hin taane waliin qabxiin walqixa yoo argatan qaama miidhamtootaaf dursi ni
kennama.
3) Dorgomtootni carraa leenjii fi barnootaa qaama miidhamtootaa korniyaa adda addaa yoo
ta’an, dursi dubartii qaama miidhamtuu taateef ni kennama.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, dorgomtootni
carraa leenjii fi barnootaa irratti dorgoman qaama miidhamtoota korniyaa walfakkaataa
ta’ee, ida’ama walii galaan qabxii walqixaa yoo argatan sadarkaa barumsaa, bu’aa
93 | P a g e
madaallii raawwii hojii fi muuxannoo qabaniin walduraa duubaan adda baasuun kan
kennamuuf ta’a.
133. Daangaa Umurii
Dangaan umurii dhaabbilee barnootaatiin murtaa’e akkuma jirutti ta’ee, kaadhimamtootni
dorgommiif yeroo dhiyyatan leenjii booda yeroo tajaajiluu qaban tilmaama keessaa
galchuudhaan kan murtaa’u ta’a.
1) Leenjii jijjiirama sadarkaa barnootaa argamsiisu yoo ta’e leenjii yookiin barnoota isaa
erga xumuree deebi’een booda yeroo leenjichi fudhatu dachaadhaan tajaajiluu kan isa
dandeessisu ta’uu qaba.
2) Leenjii yeroo gabaabaa yookiin dheeraa fooyya’insa ogummaa kan biyya alaa yoo ta’e
leenjicha booda yeroo waggaa tokkoo mana hojii isaa tajaajiluu kan isa dandeessisu ta’uu
qaba.
134. Adeemsa Raawwii Carraa Leenjii yookiin Barnootaa
1) Carraan leenjii fi barnootaa kennamu kamiyyuu karoora tarsiimoo mootummaa fi
fedhii qabeenya namaa manneen hojii irratti kan bu’uureffate ta’ee, filannoon
dorgomtoota gaggeeffamu koree leenjii fi misooma qabeenya namaa sadarkaa adda
addaatti hundeeffamuun ta’a.
2) Manneen hojii mootummaa sadarkaa naannoo, godinaalee, aanaalee, bulchiinsa
magaalotaa fi giddu galeeyyii adda addaa kamiyyuu sagantaalee barumsaa
sadarkaa digirii 1ffaa,2ffaa fi 3ffaa irratti hojjatoota barsiisuu yoo barbaadan
haalawwan itti aanan hordofuudhaan raawwachuu qabu:
a) Sagantaan leenjii gaggeeffamuuf yaadame kamiyyuu hojii mana hojichaa irratti
dhiibbaa kan hin fidnee fi mana hojiitiif faayidaa kan qabu ta’uu isaa
mirkaneeffachuu, lakkoofsa leenjiifamtootaa karooraan qabachuu fi bajata
barbaachisu murteessuu qabu.
b) Sagantaaleen leenjii qophaa’an kamiyyuu waggaatti yeroo tokko walitti qindaa’anii
sadarkaa sadarkaadhaan murtaa’uu qabu.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 qubee (b) jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, karoorri fedhii leenjii fi barnootaa manneen hojii sadarkaa aanaalee fi
bulchiinsa magaalotaa sadarkaan isaanii sadarkaa Aanaa ta’e walitti qindaa’ee
waggaatti yeroo tokko waajjiraalee pabiliik parviisii fi misooma pabeenya namaa
godinaaleetiif dhiyaatee murtaa’uu qaba.
d) Giddu galeeyyiin adda addaa manneen hojii sadarkaa Naannoo itti waamamaniif
dhiyeessuudhaan murteessisuu qabu.

94 | P a g e
e) Manneen hojii sadarkaa naannoo fedhii leenjii waajjiraalee sadarkaa adda addaa
irraa dhiyaatuuf kan isaanii itti dabalanii qindeessuudhan Biiroo Pabiliik Sarviisii fi
Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatiif dhiyaatee akka murtaa’u taasisuu qabu.
f) Dorgomtoota carraa leenjii fi barnootaa ulaagaalee jiraniin wal-dorgomsiisuun erga
filatanii booda raawwii isaa gargalchaan Biiroo Pabiliik Parviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Oromiyaa fi qaama dhimmii ilaalu beeksisuu qabu.
g) Manni hojii kamiyyuu karooraan osoo hin qabatinfi dorgommii gaggeessee osoo
hin filatin gaaffiin leenjii dhuunfaadhaan dhiyaatu kamiyyuu fudhatama hin qabu.
h) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 qubee (g) jalatti kan ibsame akkuma jiraatus,
hojjettootni tattaaffii dhuunfaa isaaniitiin carraa leenjii argatanii gaaffii yoo
dhiyeessan carraan barnootaa argame kaayyoo mana hojichaa fiixa baasuu irratti
gahee kan qabu ta’uu isaa mirkaneessuudhan dirqamoota leenjifamtootaa
qajeelfama kanaan kaa’aman hordofee akka raawwatamu taasisuun ni danda’ama.
135. Haala Deeggarsi Maallaqaa Barumsa Biyya Keessaatiif Itti Taasifamu
1) Sagantaa barumsa idilee biyya keessadigrii jalqabaa fi isaa oli akka baratan kan
eeyyamameef akkaataa qajeelfama kanaatti mindaa guutuu, kaffaltiiwwan galmee fi
qorumsa seensaa manni hojichaa kan uwwisu ta’ee, baasiiwwan barumsaa, qorannoo fi
kan biroo hin dabalatu.
2) Hojjettoota sadarkaa barumsa digirii jalqabaa fi sanaa ol irratti baasii dhuunfaatiin
barumsa sagantaa fagoo, “On line”, galgalaa fi torbee hordofaniif manneen
hojiimanajimeentii mana hojii isaaniitiin murteessuun baajata qaban irraaqorannoo
waraqaa eebbaatiif deeggarsa gochuufii ni danda’u.
136. Barumsa yookiin Leenjii Biyya Alaa
Hojjettoota sagantaalee leenjii jijjiirama sadarkaa barnootaa argamsiisan irratti biyya
alaatti akka hordofan eeyyamamuuf baasiiwwan biyya keessaa adda addaa kanneen akka
qorannoo fayyaa, paaspoortii, viizaa, durgoo oolmaa, geejjibaa fi mindaan isaanii guutuu
kan kafalamuuf ta’ee, baasiiwwan barnootaa fi kanneen biroo walqabatan hin dabalatu.
137. Haala Mindaan Leenjifamtootaa Itti Kaffalamu
1) Hojjetaa leenjii yeroo gabaabaa fi dheeraa biyya keessattis ta’ee biyya alaatti carraa
barnootaa argatee barnoota isaa hordofuuf hanga barnoota isaa xumuree deebi’utti
mindaan ji’aa guutuun ni kaffalamaaf.
2) Gita hojii hojjetaan sagantaa barnootaaf irraa deemee fi banaa ta’ee turuu hin
dandeenye irratti manni hojichaa jijjiirraatiin yookiin guddina sadarkaatiin hojjetaa
biraa irratti ramaduu kan danda’u yoo ta’u, hojjetaan leenjiif deeme leenjii yookiin

95 | P a g e
barumsa isaa xumuree yeroo deebi’u gita hojii wal-gituu fi ogummaa isaatiin wal-
qabatu irratti ni ramada.

138. Dirqama Hojjetaan Carraa Barnootaa Argatee


Hojjetaan biyya keessaa fi alaatti akka baratuu filatamu kamiyyuu barnootaaf deemuun
dura:
1) Qabeenya mana hojichaa hojiif barbaadamuu deebisuu fi waliigaltee raawwachuu
qaba.
2) Gosa barumsaa yookiin iddootti baratu yookiin leenji’u itti ergameen alatti gaaffiin
kan birootti jijjiiruuf dhiyaatu fudhatama kan hin qabnee fi leenjifamaan dhimma
kana raawwatee argamees akkaataa wabii seenetti baasii leenjii fi kanneen biroo itti
bahe akka bakka buusuu gochuudhaan walii galteen akka haqamu ni taasifama;
3) Barattoonni dhaabbilee barnootaa itti baratan keessatti bu’aa barumsaa olaanaa
galmeessisuu isaaniitiif barumsa isaanii akka itti fufan dhaabbatni itti baratan carraa
yoo kenneef hojii irratti dhiibbaa kan hin uumne yoo ta’e, manni hojii murtessee walii
galtee irra deebiin mallatteessisuun itti fufsiisuu ni danda’a.
4) Hojjetaan barnoota irra jiru haala raawwii barnoota isaa ilaalchisee samisteera-
samisteeraan dhaabbata barnootaa itti barachaa jiru irraa ragaa bareeffamaa mana
hojii isaaniitiif dhiyeessuu qaba.
5) Leenjifamaan yeroo turtii barumsichi fudhatuun ol kan turu yoo ta’e sababa isaa
dhaabbata barnooticha irraa yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti mana hojjichaatiif
dhiyeessuu qaba.
6) Hojjetaan leenjicha xumuree yeroo deebi’u leenjii yeroo gabaabaa yoo ta’e, guyyaa
10 keessatti fi leenjii yeroo dheeraa yookiin barnoota yoo ta’e, guyyaa kudha shan(15)
keessatti mana hojii isa ergeef gabaasa gochuu qaba.
7) Hojjetaan barnootaaf ergame barumsicha xumuree yeroo deebi’u sadarkaan barumsa
isaa tilmaama kan gaafatu yoo ta’e qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessee tilmaamsisee
mana hojichaatiif dhiyeessuu fi iddoo fi gita hojii manni hojii isaa ramadutti
hojjechuu qaba.
8) Hojjetaan leenjii yookiin barnoota yeroo dheeraa irratti leenji’ee deebi’e yeroo
leenjichi fudhate dachaadhaan tajaajiluuf dirqama qaba.
9) Leenjiifamaan kamiyyuu barumsa irra osoo jiru gaaffii hojii gad-lakkisuu yookiin
jijjiirraa dhiyeessuu hin danda’u.
139. Mirga Leenjifamtootaa
96 | P a g e
Hojjetaan biyya keessatti yookiin alaatti akka leenji’u yookiin baratu filatame kamiyyuu;
a) Leenjichaaf osoo hin deemin duraa fi erga deebi’e booda baasiiwwan leenjii
kaffalamuu qaban ofii isaatii yookiin gama bakka bu’aa isaatiin mana hojichaa
irraa argachuuf mirga qaba.
b) Hojjetaan leenjii yookiin barnoota irra jiru karaa bakka bu’aa isaatiin mindaa isaa
guutuu argachuuf mirga qaba.
c) Leenjicha xumuree akkuma mana hojichaatiif gabaasa godheen guyyoota
10(kudhan ) hin caalle keessatti ramaddii hojii argachuuf mirga qaba.
d) Hojjetaan kamiyyuu adeemsa raawwii dorgomii leenjii yookiin barnootaa irratti
komii yoo qabaate mana hojii isaatti dhiyeefachuu ni danda’a.
e) Keewwata kana qubee “d”jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, komii isaatiif
sadarkaa mana hojiitti furmaata yoo hin arganne sadarkaa naannootti biiroo
pabiliik sarviisii fi misooma qabeenya namaattiif, sadarkaa godinaa, bulchiinsa
magaalotaa fi aanaaleetti waajjiiraalee pabiliik sarviisii fi misooma qabeenya
namaatti dhiyeeffachuu ni danda’a.
140. Dirqama Manneen Hojii
1) Carraa Leenjii biyya alaa gama mootummaa nannichaatiin argamu irratti dorgommii
seera qabeessa ta’e gaggeessuun dhuma irratti hojjetaan filatame viizaa bahiinsaa akka
argatu bulchiinsa mootummaa naannichaa beeksisuudhaan xalayaa mallattoo
I/gaafatamaa yookiin bakka bu’aa itti gaafatamaa mana hojiitiin gara Waajjira Dhimma
Immigireeshinii fi Lammummaatiif akka gahu haala ni mijeessa.
2) Leenjii biyya alaa yookiin biyya keessaa waliigaltee piroojektii gama manneen hojiitiin
argamu irratti hojjettoota ilaallatu hunda wal-dorgomsiisuudhaan leenjii irratti akka
hirmaatan taasisuudhaan raawwii isaa Biiricha beeksisuu qaba.
3) Hojjetaa sababa hojiitiin yookiin eeyyamaatiin yookiin haalawwan biroo manni
hojjichaa beekuun yeroo dorgommii hin argamne ulaagaa dorgommii kan guutu yoo
ta’e dorgommii irratti hirmaachisuu qabu.
4) Manni hojii carraa leenjii kennameef irratti namni dorgomu kan hin jirre yoo ta’e,
qaama carraa kenneef osoo carraan hin gubatiin yeroodhaan beeksisuu qaba.
5) Dorgommii leenjii gaggeeffamu irratti komiiwwan yoo dhiyaatan qulqulleessuu fi
murtii ni kennu.
6) Manneen hojii mootummaa baasiiwwan adda addaa qajeelfama kanaan hayyamaman
leenjiifamtootaaf raawwachuu qabu.

97 | P a g e
7) Hojjetaan carraan barnootaa kennameefii barnoota isaa hordofaa jiru irratti hordoffii
taasisuun samisteera-samisteeraan dhaabbata itti barataa jiru irraa ragaa akka
dhiyeeffatu gochuun sadarkaa irra jiru mirkaneeffachuu qabu.
8) Leenjiifamtoota biyya keessatti yookiin biyya alaatti leenjiidhaaf ergaman hundinuu
ogummaa fi iddoo itti ergamaniin hordofanii yeroo daangaa leenjii yookiin barnootaa
isaanii keessatti deebi’uu isaanii hordofuu fi to’achuu qabu.
9) Hojjettoota leenjii yookiin barnoota isaanii xumuranii deebi’an yeroo guyyaa 15(kudha
shan) hin caalle keessatti ramaddii hojii mana hojii barsiise keessatti akka argatan
gochuudhaan Biiricha yookiin caasaa isaa beeksiisuu qabu.
10) Keewwata kana keewwata xiqqaa 9 jalattikan ibsame akkuma jirutti ta’ee, mana
hojichaa keessatti gitni irratti ramadamuu danda’an kan hin jirre yoo ta’e, sadarkaa
barnootaa, gosa barnootaa fi muuxannoo hojii qabaniin Waajjira Pabiliik Sarvisii fi
Misooma Qabeenya Namaan waliin ta’uudhaan:
a) Hojjettoota sadarkaa aanaa fi bulchiinsa magaalotaa giddu-galeessaa yoo ta’an
manneen hojii aanichaa yookiin bulchiinsa magaalichaa keessatti argaman keessatti;
b) Hojjettoota sadarkaa godinaa yoo ta’an manneen hojii godinicha keessaatti argaman
keessatti;
c) Hojjettoota sadarkaa bulchiinsa magaalotaa muummee fi olaanoo yoo ta’an,
manneen hojii bulchiinsa magaalichaa keessaatti argaman keessatti gitni barbaadamee
akka ramadaman ni taasifama.
11) Leenji’an yookiin barataan kamiyyuu waliigaltee seene haala kamiinuu yoo kabajuu
baate manni hojichaa Mana Murtii aangoo qabutti himachuun mindaa dabalatee
baasiiwwan barnootaa manni hojichaa fi Motummaan baase akka bakka buusuu fi
adabbiin biroo seeraan fudhatamuu qabu akka raawwatamu gochuu qaba.
12) Hojjetaan tokko leenjii yookiin barnoota xumuree gara mana hojiitti erga deebi’ee
booda yeroo tajaajiluu qabu osoo hin xumurin gara mana hojii mootummaa maannichaa
kan biraatti yoo jijjiirame manni hojii jijjiiricha eeyyame tajaajila hojjetichi osoo hin
xumurin hafe waraqaa qulqullina irratti adda baasee ibsuudhaan mana hojii hojjetichi
itti jijjirameetti erguu qaba.
13) Keewwata kana keewwata xiqqaa 12 jalatti kan ibsame jiraatus, hojjataan kamiyyuu
yeroo tajaajiluu qabu osoo hin xumurin gara manneen hojii naannichaan ala ta’anitti
jijjiiramuu hin danda’u.
141. Haala Beeksisni Leenjii yookiin Barnootaa Itti Bahu

98 | P a g e
1) Manneen hojii sadarkaa naannoo, dameewwan, fi gidduu galleessootni, kollejjootaa,
hospitaalootni godinaa, bulchiinsa magaalaa fi aanaa dorgomtootaaf beeksisa baasanii
maxxansuu qabu.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalattikan ibsame akkuma jirutti ta’ee, beeksifni
carraa leenjii fi barnootaa yeroo bahu tooftaalee sabquunnamtii kanneen akka
weebsaayitii, poortaalii, iimeelii, teelegiraamii fi kan biroo fayyadamuun dorgomtoota
affeeruu qabu.
142. Qabiyyee Beeksisaa
1) Maqaa dhaabbata leenjii yookiin barnoota kennamu;
2) Gosa Leenjichaa yookiin barnootaa;
3) Bakka Leenjiin yookiin barnootni itti kennamu;
4) Yeroo Leenjichi yookiin barnootni fudhatu;
5) Baay’ina leenjifamtoota barbaadaman;
6) Gosaa fi sadarkaa barumsaa, ogummaa addaa fi muuxannoo hojii leenjifamtoota irraa
barbaadamu;
7) Tooftaalee galmeen itti gaggeeffamu;
8) Iddoo, guyyaa, sa’aa galmee fi yeroo turmaata galmee;
9) Guyyaa, ji’aa fi bara beeksisichi itti bahe;
10) Maqaa,Mallattoo fi Chaappaa I/gaafatamaa kutaa hojii beeksisichaa baase kan
hammate ta’uu qaba.
143. Hundeeffama Koree
Hojjettoota Mootummaa Naannichaa carraalee leenjii irratti haala seera qabeessa ta’een
dorgomsiisuun kan filatuu fi carraaleen leenjii argaman yeroodhaan hojii irra akka oolan
taasisuuf koreen leenjii fi misooma qabeenya namaa manneen hojii sadarkaa adda addaa
jiran keessatti miseensa 5 of keessaa qabu ni hundeeffama.
144. Hundeeffama KoreeManneen Hojii Sadarkaa Naannoo
1) Hoogganaa mana hojiitiin kan bakka bu’u namni tokko ………………Walitti qabaa
2) Daayirektooreetii Hoggansa Qabeenya Namaa irraa kan bakka bu’u nama tokko (1)
……………………………………………… Barreessaa fi Miseensaa.
3) Daayirektooreetii mana hojii keessaa hogganna mana hojiitiin kan bakka bu’an
namootni tokko…………………………………………………..
……………………………Miseensa
4) Hojjettoota mana hojjichaa keessaa kanneen hojjatootaan filaataman namootni
lama(tokko

99 | P a g e
dubartii)------------------------------------------------------------------------------------
Miseensa.
145. Hundeeffama Koree Sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaa
1) I/Gaafatamaa waajira Pabiliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Godinaa yookiin
Bulchiinsa Magaala yookiin Aanaatiin kan bakka bu’u nama tokko…………..walitti
qabaa
2) Dursaa Garee yookiin Ogeesa Misooma Qabeenya Namaa
tokko…………………………………………………………..…. barreessaa fi
miseensaa;
3) Hojjettoota manneen hojiitiin kanneen filataman hojjettoonni lama (tokko dubartii)
……………………………………………………………………………..miseensa
4) Gaggeessaan garee hojii Hoggansa qabeenya namaa waajjira Bulchiinsa yookiin
Kantiibaa nama
tokko ...........................................................................................................Miseensa
146. Hundeeffama Koree Giddu Galeessotaa, Kolleejjootaa, hospitaalootaa fi
Dameewwan
Koreen leenjii fi barnootaamanneen hojii ibsaman kanneen keessatti hundaa’u manneen
hojii sadarkaa naannoo ilaalchisee qajeelfama kana keewwata 144 jalatti ibsame hordofee
kanhundaa’u ta’a.
147. Haala Kenniinsa Murtee fi Qabiinsa Ragaa Leenjii fi Misooma Qabeenya Namaa
1) Manneen hojii godinaalee, bulchiinsa magaalotaa fi aanaalee kamiyyuu carraa leenjii
mana hojii isaaniitiif kenname irratti filannoo leenjii gaggeeffamuuf koree leenjii fi
barnootaa puulii Waajjiraalee Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaatti kan
fayyadaman ta’a.
2) Manneenhojii ragaa tokko tokkoo hojjettoota dorgoman mana hojichaa
qindeessuudhaan chaappaadhaan mirkaneessuun korichaaf dhiyeessuu qabu.
3) Yaadni murteegama koree kanaan kennamu itti gaafatamaa mana hojii dhimmi ilaaluuf
dhiyaatee kan mirkanaa’u ta’a.
148. Ulaagaalee Miseensonni Koree Itti Filataman
1) Amala gaarii fi dandeettii gaggeessummaa kan qaban fi mana hojichaa fi hojjetaa
biratti fudhatama kan qaban,
2) Hojjettoota mana hojichaa wal-qixa kan ilaalan,
3) Mana hojichaa keessatti waggaa lamaa fi isaa ol kan tajaajilan,
4) Labsii, danbii fi qajeelfamoota raawwii hoggansa qabeenya namaa irratti hubannoo
kan qaban,
100 | P a g e
5) Hojjettoota dhaabbataa kan ta’an,
6) Bu’aa raawwii hojii isaatiin fakkeenyummaa kan qabu fi loogii irraa bilisa kan ta’an,
7) Adabbii naamusaa kan hin qabne yookiin kan adabame yoo ta’e yeroo turmaata
adabbii naamusaa kan xumure.
149. Bara Tajaajila Korichaa
Barri tajaajila korichaa waggaa lama ta’ee, miseensi bara tajaajila isaayooxumure irra
deebiin filatamuun tajaajiluu ni danda’a.
150. Gahee fi Dirqama Miseensota Korichaa
1) Filannichi sirna meeriitii hordofee akka raawwatamu barreessaan ragaalee guutamuu
qaban qindeessee ni dhiyeessa.
2) Ulaagaa filannootiin kaadhimamtoota wal-dorgomsiisee isa mo’ate ni filata.
3) Miseensi koree tokko kaadhimamaa dorgommiif dhiyaate wajjin firooma dhiigaa
yookiin fudhaa fi heerumaa yoo qabaate dhimma kana qofaaf miseensummaa koree
keessaa ka’uuqaba.
4) Miseensi koree tokko leenjiidhaaf kaadhimamaa ta’ee yoo dhiyaate yeroo dhimmi
isaa ilaalamu qofaaf miseensummaa koree keessaa ka’uu qaba.
5) Iccittummaa marii adeemsa filannichaa irratti taasifamu akka eegamu ni taasisa.
6) Qaboo yaa’ii yaada murtii I/gaafatamaa mana hojichaatiif ni dhiyeessa.
151. Hojiifi Itti gaafatamummaa Biiroo Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa fi Caasaalee Isaa
1) Sagantaaleen leenjii fi misooma qabeenya namaa manneen hojii karoora kan
bu’uureffatan ta’uu mirkaneessuu qaba.
2) Carraaleen barnootaa yookiin leenjii biyya alaa fi keessaa argaman hojimaataan hojiirra
ooluu isaanii hordofuu, to’achuu, gamaggamuu fi bakka hanqini raawwii jirutti
tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu gochuu qaba.
3) Leenjii fi misooma qabeenya namaa ilaalchisee deeggarsa ogummaa manneen hojiitiif
ni kenna.
4) Sagantaaleen leenjii fi barnootaa manneen hojiitiin gaggeeffaman imaammataa fi
qajeelfama raawwii leenjii fi barnootaa irratti hundaa’anii raawwatamuu isaanii
hordofuu fi to’achuu qaba.
152. Haala Gurmaa’insaa fi Qabiinsa Ragaa Leenjii fi Barnootaa
Raawwii leenjii yookiin barnootaa ilaalchisee odeeffannoo fi ragaan hojjettoota
sagantaalee leenjii yookiin barnoota hordofanii xumuran, kanneen addaan kutaan fi
barnoota irra jiran haala itti aanuun gurmaa’ee sadarkaa adda addaatti qabamuu qaba.

101 | P a g e
1) Manneen hojii sadarkaa godinaalee, aanaalee fi bulchiinsa magaalootaa giddu-
galeessaa waajjiraalee pabliik sarviisii fi misooma qabeenya namaa Godinaaleetiif;
2) Waajjiraaleen pabiliik sarviisii fi misooma qabeenya namaa godinaalee fi bulchiinsa
Magaalootaa sadarkaa muummee fi olaanoo Biirichaatiif;
3) Manneen hojii sadarkaa naannoo irra jiran ragaa leenjii yookiin barnootaa kan mana
hojii sadarkaa naannoo fi kan giddu galeessaa isaanitti waamaman walitti qabuun
gurmeessanii qabachuu fi Biirichaatiif beeksisuu;
4) Manneen hojii sadarkaa naannoo jiran ragaa fi odeeffannoo sagantaalee leenjii
yookiin barnootaa caasaa isaanii sadarkaalee godinaa, bulchiinsa magaalotaa fi
aanaa gurmeessanii qabachuu qabu.
153. Haala Ce’umsaa fi Itti Fayyadama Beekumsa Sagantaaleen Leenjii yookiin
Barnootaan Argamsiisan
Beekumsa sagantaalee leenjii fi barnootaa gaggeeffaman irraa argamu sirnaan itti
fayyadamuun bu’a qabeessummaa sagantaalee leenjii yookiin barnootaa mirkaneessuun
akka danda’amu manneen hojii haala itti aanu hordofanii raawwachuu qabu.
1) Hojjetaan kamiyyuu sagantaa leenjii fooyya’insa ogummaa hojii hojjatuun walqabatu
irratti hirmaatee yeroo deebi’u sagantaa leenjii irratti hirmaate irraa beekumsa argate
ilaalchisee gabaasa akka dhiyeessuu fi sanadoota leenjii ittiin fudhate mana hojii isa
leenjiiseef dhiyeessuu qaba.
2) Hojjetaan akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsameen sagantaa leenjii
hordofee gara hojii isaatti deebi’e beekumsa leenjichaan argate gara hojiitti jijjiiruu
isaa fi hojii isaa irratti fooyya’iinsi dhufuusaa kaayyoo leenjichaa dursee kaa’ame
wajjiin wal bira qabuun madaaluu fi mirkaneeffachuu qabu.
3) Hojjetaan kamiyyuu akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 fi 2 jalatti ibsameen
sagantaa leenjii hordofee deebi’e beekumsa leenjiin argate hojjetoota mana hojichaa
biroof dabarsuu akka danda’u manneen hojii sagantaa qopheessuun leenjii hojjatootaa
fi hoggantoota mana hojichaatiif yeroo ji’a tokkoo keessatti akka kennu taasisuu qabu.
4) Manneen hojii kamiyyuu hojjettoota sagantaalee barnootaa jijjiirama foyya’iinsa
sadarkaa barnootaa argamsiisu hordofanii xumuruun yommuu gara mana hojiitti
deebi’an gita hojii gosa barnootaa fi muuxannoo hojii qabaniin walsimu irratti akka
ramadaman ta’ee, manni hojichaa baajata yoo qabaate, hojjetaan biraa mana hojichaa
keessaa irratti dorgomuu danda’u kan hin jirre yoo ta’e fi qormaata gahumsaa gama
Yunversiitiin Naannoo Oromiyaatiin kennamu yoo darbe ka’umsa mindaa sadarkaa
gita hojichaa kaffaluufii ni danda’a.
154. Dirqama Wabii Dhiheessuu fi Haala Raawwannaa Isaa
102 | P a g e
1) Hojjetaan kamiyyuu carraa leenjii yookiin barnootaa argate hordofuudhaaf deemuun
dura leenjii yookiin barnoota erga xumuree booda deebi’ee tajaajilaa irraa eegamu
kennuudhaaf wabii dhiyeessuu qaba.
2) Wabiin dhiyaatuus hojjataa mootummaa dhaabbataa mindaan isaa Qr. 7000 (kuma
torba) fi isaa ol ta’ee akkaataa itti aanuun kan raawwatamu ta’a.
a) Barnoota biyya keessaa jijjirama sadarkaa barumsaa argamsiisu,
b) Barnoota yookiin leenjii yeroo dheeraa biyya alaa fooyya’iinsa ogummaatiin
walqabate yookiin jijjiirama sadarkaa barumsaa argamsiisu kamiyyu irratti wabiin
akka dhiyaatu ni taasifama.
155. Dirqama Wabummaan Hordofsiisu
1) Wabii dhiyeessaan leenjii yookiin barnoota isaa xumuree yeroo kennameef keessatti
mana hojii leenjiif isa ergetti deebi’ee hojii isaa hanga eegalutti wabummaan walii
galteen seename seeraan kabajamee kan turu ta’a.
2) Hojjetaan carraa leenjii yookiin barnootaa argatee wabii dhiyeessee deemee fi
barumsa yookiin leenjii erga xumureen booda yeroo guyyaa 15(kudha shan) keessatti
mana hojii isaatti osoo hin gabaasin hafee fi hojiitti deebi’uu dhaabuun isaa
mirkanaa’e akkaataa seera hariiroo hawaasaatti seeraan gaafatamee baasii leenjichaaf
bahe bakka akka buusu ni taasifama.
3) Namni wabii ta’e tokko erga waliigaltee wabummaa seenee booda bakka wabii
dhiyeefatan hin jireetti wabummaa isaa kaasuu hin danda’u.
156. Ragaa Barumsaan yookiin Leenjichaan Argame
Raawwiidhaaf barbaachisaa ta’uu isaa manni hojji carraa leenjii yookiin barnootaa kenne
yoo itti amane dhaabbata carraa leenjii yookiin barnootaa kenne waliin dubbachuun hanga
yeroon dirqama hojjetichaa xumuramutti ragaan barumsaa leenjichaan argame dhaabbata
leenjichaa harka akka turu yookiin immoo kallatiin mana hojii hojjeticha leenjiif yookiin
barnootaaf ergeef akka kennamu taasisisuu ni danda’a.
157. Waliigalteewwan Duraanii Raawwatamaa Ta’uu Isaanii
Qajeelfamni kun osoo hin bahin dura hojjatootni carraa leenjii yookiin barnootaa argatanii
waliigaltee seenan fi yeroo dirqama tajaajilu qabn hin xumurin akkaataa waliigaltee
seenaniin kan gaafataman ta’a.

BOQONNAA TORBA
QajeelfamaGurmaa’iinsa, Qabiinsaa fi Itti Fayyadama Ragaa Qabeenya Namaa
158. Haala Gurmaa’iinsa, Qabiinsa fi Itti Fayyadama

103 | P a g e
Sirna gurmaa’iinsa ragaa qabeenya namaa hammayya’aa, dhaqabamaa fi fedhii maamilaa
guutuu diriirsuun gahumsaa fi bu’aa qabeessummaa qabiinsaa fi ittifayyadama hojii
riikoordii fi kuusasa mirkaaneessuu yoo ta’u, kaayyoolee itti aanan ni hammata.
1) Hojiimaata riikoordii fi kuusaa hojjettoota manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran
keessatti itti gurmaa’u diriirsuu.
2) Sirna itti gaafatamummaa gurmaa’iinsa, qabiinsaa fi ittifayadamni riikoordii fi kuusaa
hojjettootaa akkamirkana’u taasisuu.
3) Gurmaa’insi,qabinsii fi ittifayyadamniragaa qabeenya namaa sirna teekinoolojii
quunnamtii odeeffannoo fayyadamuun akka gurmaa’uu fi qabamuu taasisuu.
4) Gurmaa’iinsa, qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya namaailaalchisee gahee
manneen hojii sadarkaan jiranadda baasuun beeksisuu.
5) Sirni itti fayyadama ragaa qabeenya namaa akkaataa qajeelfamaa fi hojimaata mataa
isaa danda’een akka hogganamu taasisuudha.
159. Haala Raawwii Gurmaa’iinsa, Qabiinsaa fi Itti Fayyadama Riikoordii fi kuusaa
Hojjetootaa Mootummaa Hordofuu Qabu
1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu hojjetaa qaxaramee yeroo qaxara yaalii isaa hin
xumuriin dura sirrummaan ragaa hojjetichaa mirkaneefachuu qaba.
2) Hojjetaanragaa barnootaafi muuxannoo hojii yeroo dhiyeeffatu karaa hoggansa
qabeenya namaan ragichi orjinaala waliin erga ilaalamee booda, hojjetaan ragaa
dhiyeeffate ragichi kan isaa ta’uu isaatiif dugda ragaa isaa irratti mallatteessuu qaba.
3) Hojiin Gurmaa’iinsa, qabiinsaa fi itti fayyadama ragaa qabeenya namaa haala
gaafatamummaa mirkaneessuun raawwatamu qaba.
4) Qabiinsii fi ittifayyadamni ragaa qabeenya namaa icciitummaa isaa eegamuu qaba.
5) Hojjetaan mootummaa kamiiyyuu ragaalee kuusaa dhuunfaa isaa keessatti argaman
ilaaluu yookiin koppii isaa fudhachuuf mirga ni qabata.
6) Ragaa barreeffamaa hojjetaan mootummaa tokko hin beekne kuusaa dhuunfaa isaa
keessaa kaa’uu fi baasuun dhorkaadha.
7) Qabiinsaa fi ittifayyadama kuusaa dhuunfaa hojjettootaa amansiisaa taasisuuf
hoggansa qabeenya nama dhimmi ilaalatu irraa kan hafe, qaamni biraan ilaaluu hin
danda’u.
8) Manni hojii mootummaa kamiiyyuu hojjettoota mootummaa dhaabbataa fi yeroon
qaxaraman hundaaf mataa mataatti ragaalee barbaachiisaa ta’an kan itti qabamu kuusaa
dhuunfaaakka jiraatu taasisauuf dirqama qaba.
9) Manneen hojii sadarkaan jiran hundi ragaa hojjettoota isaanii kuusaa fi teekinoolojii
quunnamtii fi odeeffannoon gurmeessanii qabachuu qabu.
104 | P a g e
10) Baay’inni fuula kuusaa fi riikoordii hojjetaa mootummaa tokkoo of eegannoon
galmaa’uu, hordofamuu fi mallateeffamuun kan qabaman ta’ee, yeroo yeroodhaan
odiitii ta’uu qaba.
160. Kuusaa Dhuunfaa Hojjettoota Haaraa QaxaramaniifBanamu
Manneen hojii Mootummaa ragaalee fo’annoo fi filannoo hojjettootaa kanatti aananii
dhiyaatan qulqulluufi guutuu akkaataa itti aanuun kuusaa dhuunfaa hojjettootaa keessatti
qabachuu qabu.
1) Beeksisa gita hojii qaxaraaf bahe,
2) Iyyannoo fi unkaa gaafannoo hojii,
3) Ragaalee barumsaa fi muxxannoo hojii,
4) Bu’aa qorannoo fayyaa,
5) Ragaa qorannoo ashaaraa,
6) Qaboo yaa’ii koree fo’annoo fi filannoo,
7) Unkaa seenaa jireenyaa,
8) Unka kakuu,
9) Xalayaa qaxara yaalii
10) Xalayaa qaxara dhaabbii
11) Ragaa leenjii,
12) Xalayaa ramaddii,
13) Xalayaa jijjiirraa fi
14) Xalayaa guddina sadarkaa fi kanneen biroo seeraan hayyamame.
161. Haala Seenaan Jireenya Hojjetoota Mootummaa Itti Guutamu
1) Hojjetaan haaraa qaxaramu hojitti bobba’uun dura unkaan seenaa jireenyaa guyyaan,
ji’ini fi barri dhalootaa haqama fi laaqamaa hin taanee sirnaan guutamuu fiitti
gaafatamaa unkicha guuchisiisee fi hojjeta seenaan jireenyaa isaa guutameen
mallataa’uu qaba.
2) Seenaa jireenyaa yeroo tokko erga guutamee boodaodeeffannoo adda addaa jijjiiruun
yookiin fooyyessuun waan hin danda’amneef qaxaramtootni duran dursaanii akka
beekan taasisuun dirqama Ogeessa hoggansa qabeenya namaa unka guuchisuuti.
3) Suuraa hojjetaa, suura wabii fi bakka mallattoo irratti chaappaan mana hojichaa
jiraachuu qaba.
162. Adeemsa Sirrummaa Ragaa Hojjettootaa Mirkaneessuun Keessa Darbuu Qabu fi
Gahee Qaamolee Adda Addaa
1) Ragaan hojjettoota mootummaa barnootaan, leenjiin, mirkaneessa gahumsa ogummaan,
tajaajila hojiin yookiin muuxannoo fi kankanaa fakkaataan faayila dhuunfaa isaatti akka
105 | P a g e
hidhamuuf dhiyaatu kamiyyuu sirrummaan isaa qaama yookiin dhaabbata ragicha kenne
irraa mirkanaa’uu qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, qaamooleen
adda addaa sirrummaa ragaa gama hojjettootaa fi qaama dhimmi ilaallatuun dhiyaatu
mirkaneessuuf dirqama qabu.
163. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Biiroo Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa
1) Haala gurmaa’iinsa, qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya namaa irratti qorannoo
ni gaggeessaa yaadootni furmaata qorannichaa akka hojiirra ooluu ni taasisa.
2) Qajeelfamahaala gurmaa’iinsaa,qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya namaa irratti
qaamoota dhimmi ilaalatuuf hubannoo ni uuma.
3) Hojimaata gurmaa’iinsa, qabiinsaa fi ittti fayyadama ragaa qabeenya namaa
hammayyeesan, gahumsa fi bu’aa qabeessa taasisan qoratee diriirsuu fi hojiirra akka
ooluu ni taasisa.
4) Sirrummaa ragaalee hojettoota mootummaa ilaalchisee yeroo yeroon hordoffii ni
taasisa, ni to’ata, ni deeggara, tarkaanfi bulchiinsaa fi seeraa ni fudhata, akka
fudhatamu ni taassisa.
5) Hojii ittisaa fi to'annaa ragaa sobaa, ajandaa seektaroota haqaa fi nageenyaa, dhaabbilee
barnootaa sadarkaa sadarkan jiran ta’ee akka qabamuu fi itti hojjetamu ni taasisa, ni
hordofa, bakka rakkoon qunnametti tarkaanfii sirreessaa ni fudhata, ni fudhachiisa.
6) Eeruu ragaa sobaa dhiyaatu qorachuu fi qorachiisuun tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa
fudhachuu fi akka fudhatamu nitaasisa.
7) Tarkaanfii ragaa sobaa irratti fudhatame hordofuun ni raawwata, ni raawwachiisa.
164. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Waajjiraalee Pabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Godinaalee, Bulchiinsa Magaalootaa fi Aanaalee
1) Qajeelfama haala gurmaa’iinsaa, qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya namaa irratti
qaamoota dhimmi ilaalatuuf hubannoo ni uuma.
2) Sirrummaa ragaalee hojjettoota mootummaa ilaalchisee yeroo yeroon hordoffii ni
taasisa, ni to’ata, ni deeggara, tarkaanfi bulchiinsaa fi seeraa ni fudhata, akka fudhatamu
ni taasisa.
3) Hojii ittisaa fi to'annaa ragaa sobaa, ajandaa seektaroota haqaa fi nageenyaa, dhaabbilee
barnootaa sadarkaa sadarkan jiran ta’ee akka qabamuu fi itti hojjetamu ni taasisa, ni
hordofa, bakka rakkoon qunnametti tarkaanfii sirreessaa ni fudhata, ni fudhachiisa.
4) Hojimaata gurmaa’iinsa, qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya namaa qoratamee
diriire bu’uura godhachuun ragaan hojjettootaa sekteroota sadarkaa isaanitti jiran sirnaan
akka gurmaa’u, qabamuu fi faayidaa barbaadamuuf akka ooluu ni taasisu.
106 | P a g e
5) Hojiirra oolmaa qajeelfama gurmaa’iinsaa, qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya
namaa irratti manneen hojii fi hojjettoota sadarkaa isaaniitti argamaniif deeggarsaa fi
hordoffii taasisu,leenjii hubannoo uumuu nikennuu.
6) Bulchiinsi Magaalotaa sadarkaa Aanaan jiran fi Aanaaleen odeefannoo fi istaatiistiiksii
qabeenya namaasekteroota Aanaalee fi Bulchiinsa magaalotaa walitti ni qabu, ni
qindeessuu, ni xiinxalu yeroo ka’ame keessatti Waajjira Pabiliik Sarvisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Godinaatiif erguu qabu.
7) Akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 6 jalatti ibsameen ragaa qindaa’ee gara
godinatti ergame, godinni immoo kan sekterootaa sadarkaa Godina itti dabaluun
Biirichaatiif erguu qaba.
8) Eeruu ragaa sobaa dhiyaatu qorachuu fi qorachiisuun tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa ni
fudhata, ni fudhachiisa.
9) Tarkaanfii ragaa sobaa irratti fudhatame hordofuun ni raawwata, ni raawwachiisa.
165. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaa Naannoo
1) Hojjetaan haaraa qaxaramu kamiyyuu ragaa barnootaa ittiin galmaa’ee fi qaxarame,
manni hojii hojjeticha qaxaree hojjechisu ragaa hojjetaan ittin qaxarame yeroo yaalii
ji’a 6 (ja’a) keessatti xalayaa dhaabbii osoo hin kenniin dura dhaabbata itti barate
yookiin itti hojjete irraa iccitiin gaafachuun sirrummaa ragaa isaa mirkaneeffachuu
qabu.
2) Gurmaa’iinsa, qabiinsa fi ittifayyadama kuusaa fi riikoordii caasaa isaanii cimsuuf
deeggarsaa walirraa hin cine taasisuu qabu.
3) Meeshaalee fi galteewaan barbaachiisoo hojii gurmaa’iinsa,qabiinsaa fi ittifayyadama
riikoordii fi kuusaaf tajaajilan deeggaru qabu.
4) Haala gurmaa’iinsa,qabiinsaa fi ittifayyadamaa ragaa qabeenya namaa caasaalee
isaanii irratti qorannoo gaggeessuu, rakkoolee raawwii adda baasuu fi tarkaanfii
sirreeffamaa fudhachuu qabu.
5) Ragaa istaatiistiiksii qabeenya namaa sadarkaa naannoo fi caasaawwan isaanii
waggaa waggaadhaan walittini qabu, ni qindeessuu, xiinxaluu fi bu’aa isaa dhuma
bara baajetaa irratti Biirichaatiif dhiyeessuu qabu.
6) Ragaalee barbaachisoo hojjettoota isaanii wabii hawaasummaatiif yeroon
dhiyeesseeguyyoota jahaata (60) keessatti galmeessisuun lakkoofsa Sooramaa akka
argatan taasisuu qaba.
7) Qaamooleen ragaa Sobaa hordofan, to’atanii fi seeratti dhiyeessan daayreektoreetii,
dursaa garee yookiin qindeessitoota Hoggansa Qabeenya Namaatiin kan qulqula’uu
ta’ee, bu’aan raawwii kun hogganaa mana hojiitiif dhiyatee murtii kan argatuu ta’a.
107 | P a g e
8) Ragaalee sobaa hordofuun akka hojii ijootti karoorfamee hordoffii fi to’annoon erga
gaggeeffame booda, raawwiin gabaasa hojii waggaatti yeroo lama Biirichaa fi
caasaalee Biirichaa sadarkaan jiraniif dhiyaachuu qaba.
9) Ragaa hojjetaan Mootummaa tokko dhiyeeffate ragaa sobaa ta’ee yoo argame,
hoggansi mana hojichaa hojjeticha sirna naamusaa fi yakkaan gaafachiisuun akkuma
jiruttii ta’ee, seera hariroo hawasaatiin himatamee baasii mootummaa seeraa ala
kaffalameef akka deebisu ni taasisa, hojiirra gaggeessuun Biiricha beeksisuu qabu.
10) Manneen hojii sirrumma ragaalee hojjettootaa waggaatti yeroo tokko Odiitii
taasiisuun mirkaneeffachuu qabu.
11) Ragaa sobaa mana hojii isaanii fi caasaalee isaanii keessatti eeruun dhiyaatu
qulqulleessuun tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa ni fudhatu, ni fudhachiisu.
12) Tarkaanfii ragaa sobaa irratti fudhatame hordofuun ni raawwatu, ni raawwachiisu.
166. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii Godina, Bulchiinsa Magaalaa fi
Aanaalee
1) Hojjetaan haaraa qaxaramu kamiyyuu ragaa barnootaa ittiin galmaa’ee fi qaxarame,
manni hojii hojjeticha qaxaree hojjechisu ragaa hojjetaan ittin qaxarame yeroo yaalii ji’a
6 (ja’a) keessatti xalayaa dhaabbii osoo hin kenniin dura dhaabbata itti barate yookiin itti
hojjete irraa iccitiin gaafachuun sirrummaa ragaa isaa mirkaneeffachuu qabu.
2) Gurmaa’iinsa, qabiinsa fi ittifayyadama kuusaa fi riikoordii caasaa isaanii cimsuuf
deeggarsaa walirraa hin cine taasisuu qabu.
3) Meeshaalee fi galteewaan barbaachiisoo hojii gurmaa’iinsa, qabiinsaa fi ittifayyadama
riikoordii fi kuusaaf tajaajilan deeggaru qabu.
4) Ragaa istaatiistiiksii qabeenya namaa sadarkaa isaanii waggaa waggaadhaan walitti ni
qabu, ni qindeessuu, xiinxaluu fi bu’aa isaa dhuma bara baajetaa irratti Waajjiraalee
Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaatiif dhiyeessuu qabu.
5) Ragaalee barbaachisoo hojjettoota isaanii wabii hawaasummaatiif yeroon dhiyeessee
guyyoota jahaata (60) keessatti galmeessisuun lakkoofsa Sooramaa akka argatan taasisuu
qaba.
6) Ragaa hojjetaan Mootummaa tokko dhiyeeffate ragaa sobaa ta’ee yoo argame, hoggansi
mana hojichaa hojjeticha sirna naamusaa fi yakkaan gaafachiisuun akkuma jiruttii ta’ee,
seera hariroo hawasaatiin himatamee baasii mootummaa seeraa ala kaffalameef akka
deebisu ni taasisa, hojiirra gaggeessuun Biiricha beeksisuu qabu.
7) Sirrumma ragaalee hojjettootaa isaanii waggaatti yeroo tokko Odiitii taasiisuun
mirkaneeffachuu qabu.

108 | P a g e
8) Ragaa sobaa mana hojii isaanii fi caasaalee isaanii keessatti eeruun dhiyaatu
qulqulleessuun tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa ni fudhatu, ni fudhachiisu.
9) Tarkaanfii ragaa sobaa irratti fudhatame hordofuun ni raawwatu, ni raawwachiisu.
167. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Hospitaaloota, Kolleejjootaa, Dameewwan fi
gidduu- galeessootaa
1) Riikoordii fi kuusaa hojjettoota isaanii walitti niqabuu, ni gurmeessuu,qindeessuu fi
tajaajila barbaadamuuf akka ooluu taasisuun manneen hojii itti wamamaniif yeroon
dabarsuu qabu.
2) Eeruu ragaa sobaa akka mana hojii isaaniitti dhiyaatu qorachuun tarkaanfii
sirreeffamaa ni fudhatu, akka fudhatamu ni taasisu.
3) Tarkaanfii sirreeffamaa fudhatamu duukaa bu’uun ni raawwatu, ni raawwachiisuu.
168. Gurmaa’insa,Qabiinsaa fi Itti Fayyadama Ragaa Qabeenya Namaa Irratti Gahee
Qaamoota Adda Addaa
1) Gurmaa’insi, qabiinsii fi itti fayyadamni ragaa qabeenya namaa hojiilee qabeenya namaa
seensa irraa jalqabee hanga bahinsa hojii hojjetamuuf gargaaru karaa saayinsaawwaa fi
ammayya’aa ta’een qindaa’ee qabamuu qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, qaamooleen
adda addaa ragaa hojjettootaa gurmeessuu, tekinoolojii fayyadamuun qabinsa isaa
fooyyessuun sirnaan itti fayyadamuudhaaf dirqama qabu.
169. Gahee fi Itti Gaafatamummaa Hojjettoota Ragaa Gurmeessan, Qabanii fi
Faayidaa Irra Oolchan
1) Hojjettootni rikoordii fi kuusaa manneen hojii gahee fi Itti gaafatamummaan armaan
gadii ni qabaatu.
a) Rikoordii fi kuusaa hojjettoota mootummaa sirnaan qabachuu,
b) Ragaalee qindeessuun galmee haadhoon galmeessanii ka’uu,
c) Ragaa hojjetaan hin beekne faayila isaatti hidhuu dhiisuu,
d) Icciitii faayila hojjettootaa eeguu.
2) Hojjetaan rikoordii fi kuusaa gahee fi itti gaafatamummaa isaa hin bane qajeelfama
naamusatiinkan itti gaafatamu ta’a.
170. Dirqama Deeggarsa Kennuu
1) Manni hojii kamiiyyuu meeshaalee fi galteewaan hojii gurmaa’iinsa fi qabiinsa ragaa
hojjettoota qaxaramaniif barbaachiisu guutuu waliin qaamaa ragaa hojjettootaa akka
gurmeessu, qabatuu fi faayidaa barbaadamuuf oolchuu yookiin waajjiraaalee Pablik
Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaaan jiruuf dhiyeessuu fi deeggaruu
qabu.
109 | P a g e
2) Dhaabbiilee barnootaa mootummaa fi dhuunfaa, manni hojii mootummaa kamiyyuu
sirrummaa ragaalee barnootaa, ogummaa fi muxxannoo hojii yeroon gaafatamaan
ragaa fi odeeffannoo dhugaa ta’e kennuuf dirqama qabu.

BOQONNAA SADDET
Tursiisa Daa’immanii
Kuta Tokko
Kaayyoo
171. Kaayyoo
1) Hojjettoonni mootummaa dubartootaa mana hojii hojjechaa jiran keessatti daa’imman
isaaniirraa fagaatanii yeroo hojjetan xiyyeeffannoo fi kaayyoo isaanii damee hojii
isaanii irratti haala guutuu ta’een taasiisuu dhabuu isaanii fi sababa daa’imman
isaaniitin walqabateen irra deddebi’uun hojii idilee isaaniirraa hafuu isaaniitiin guddina
mataa isaanii, dandeettii, saffiina, ga’umsaa fi miira ofitti amamtummaa akkasumas
dhiibbaa dandeettii diinagdee isaanii guddisuu irratti uumamuu danda’an hirisuuf.
2) Daa’imman haadhooliin isaanii sababa hojiitiin dhiyootti jiraachuu dhabuu isaanitiin
kunuunsa argachuu qaban dhabuu isaanitiin haala nyaata, fayyaa, nageenya, yaada,
saffina, dandeettii kalaqu yookiin uumuu, guddina qaamaa fi sammuu fi bilchina,
dandeettii barumsa fudhachuu, miira ofitti amanummaa, bilisan yaada ibsachuu fi
dandeettii dhaggeeffachuu fi gahumsa yaadaa irratti dhibbaawwan jiran hir’isuuf.
3) Manneen hojii naannoo jiddugala tajaajila tursiisa daa’immanii dhaabudhaan
keessumattuu dhiibbaawwan hojjetoota dubartootaarra gahu hir’isuuf bu’a
qabeessummaa dubartootaa guddisuu fi daa’immaniif kunuunsa gahaa fi eegumsa akka
argatan dandeessiisuu dha.

Kutaa lama
Gurmaa’insa Tursiisa Daa’immanii
172. Dhaabuu Tursiisa Daa’immani
1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu hojjettoonni mootummaa dubartootaa daa’imman
isaanii waggaa 3(sadii) gadi jiran iddoo itti tursiisaani fi harma itti hosiisan tursiisa
daa’immani dhaabuuf itti gaafatamummaa ni qaba.
110 | P a g e
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma eeggametti ta’ee iddoo
tokko keessatti ykn gamoo tokko irratti manneen hojii mootummaa adda addaa
qindaa’anii jiddugala tursiisa daa’immani tokko dhaabuu ni danda’u.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti manneen hojii mootummaa tursiisa
daa’immani waliin dhaaban baajata, humna namaa fi dhimmoota biroo murtee
barbaachisan waliin murteessuu.
4) Tursiisa daa’immani dhaabuuf iddoon filatamu fayyaa fi qaama daa’immanii irratti
hubatii geessiisuu kan hin dandeenye keemikaaloota, dhukkee, cararraa fi foolii irraa
kan bilisa ta’e, jeequumsa sagalee kankonkolaataa hinqabaannee, fi iddoowwan
oomishaa irraa kan fagaate, ifa aduu fi qilleensa gahaa kan qabu ta’uu qaba.
173. Qabiyyee Keessa Tursiisa Daa’immani Dhaabbatu
Tursiisni daa’immani tajaajila adda addaa kan kennan kutaa taphaa, ciisichaa fi boqonnaa,
qophii nyaataa fi iddoo nyaataa, iddoo teessoo meeshaalee qulqullina uffataa fi meeshaalee
qulqullinaa fi uffata itti jijjiirratan kan of keessaa qabu ta’uu qaba.
174. Kutaa Taphaa
1) Kutaan taphaa, daa’imman yeroo isaanii taphaan kutaa itti dabarsan waan ta’eef
nageenyummaan isaa kan eegamee fi wantoota daa’imman irratti hubaatii geessisan
irraa bilisa ta’uu qaba. Akkasumas kutaan taphaa yeroo kamiyyuu kunuunsitoonni
bilisaan hordoffii taasiisuu akka danda’an teessumni isaas bilisummaa daa’immaniif
nageenyaaf mijaa’ina kennuu akka danda’an ta’ee qophaa’uu qaba.
2) Kutaan taphaa daa’imaaf qophaa’u iddoo gahaa itti socho’amu taasifamee kan qophaa’ee
fi teessumni isaas ifa uumamaa kan galchuu fi gaaddiidduun kan golgame akkasumas
kallattiin ifa biiftuu kan hin galchiine ta’uu qaba.
3) Ho’ini kutaa taphaa kan madaallame akka ta’u taasisuuf yeroo barbaachiisaa ta’etti
meeshaa nam tolchee ho’ina to’atu fayyadamuun ni danda’ama. Akkasumas qilleensi
qulqulluun keessa sosocho’u akka danda’uu fi kan hukkaamame akka hin taane of
eeggannoo taasiisuun barbaachisaa dha. Barbaachisaa ta’ee yoo argames lafti kutaa
taphaa lallaafaa fi yeroo itti bu’amu hubaatii kan hin geessisne ta’uu qaba.
4) Maanguddoonni gara kutaa tapha daa’immaniitti osoo hin galiin dura qulqullina
dhuunfaa isaanii eeguu isaanii fi daa’imman wantoota dhukkubaaf saaxilan irraa
qulqullaa’uu isaanii of eeggannoo fi mallattoon eeruu kennu kutaalee irraa dheerina
murtaa’aa ta’e irratti ifatti taa’uu qaba.
175. Kutaa Taphaa Daa’ima Araasiif Qophaa’u

111 | P a g e
1) Kutaaleen taphaa daa’ima umurii araasii ta’aniif qophaa’u nageenyummaa fi mijaa’ina
isaanii akka eegu ta’ee qopheessuu fi kutaaleenis ho’ii fi daa’imaaf ijaan ilaaluuf kan
harkisu ta’ee qophaa’uu qaba.
2) Ashaangullitootaa fi meeshalee taphaa adda addaa daa’imaaf iddoo ifaa fi mijataa banaa
ta’e irra akka taa’an ta’uu qaba.
3) Gaamowwan kutaa duudhaa aadaa naannoo/biyyaa kan agarsiisu ta’ee qophaa’uu qaba.
4) Daa’imman daaddee irraa ka’ani dhaabbachuuf tattaaffiwwan taasisaniin teessoowwan,
minjaalootaa fi sheelfoota naannoo isaaniitti argamutti hirkachuu isaanitiin daa’imman
yeroo hirkatan mucucaatanii ykn gargaaraa akka ta’aniif taasisuuf teessoowwan,
minjaaloonni fi sheelfoonni kutaa taphaa keessatti qophaa’an kan hin sochooneef lafa
ykn gamoo waliin kan wal qabatan ta’uu qabu.
5) Kutaan taphaa tokko daa’imman araasii 10/kudhan/kan hin caallee keessummeessuuf
akka danda’ani fi daa’ima tokkoof iddoon bilisaan itti taphatamu iddoo sosochii m 2 28
tilmaama keessa galchuun qophaa’uu qaba.
6) Kutaan taphaa daa’immanitiif qophaa’u kutaalee taphaa daa’imman kanaaf qophaa’u
daa’immaniif bilisummaa kan kennuu fi kan isaan jajjabeessu ta’ee ulaagaalee armaan
gaditti ibsaman guutee qophaa’uu qaba.
a) Sochii daa’imman taasisaniin irreen isaanii akka jabaatuu fi cimu gargaarsa kan
taasisan
b) Meeshaaaleen taphaa fi ashaangultootiin daa’immaniif dhiyaatan sadarkaa
beekumsaa fi sammuu guddisuu kan danda’u ta’ee salphaatti argachuu akka
danda’an iddoowwan dhiyoo fi ifa ta’e taa’uu qaba.
c) Daa’imman iddoowwanii fi meeshaalee isaan barbaachisan xuxxuquu fi
shaakasiisuuf akkasumas naannoo isaanii beekuuf kan itti qabamanii fi boqonnaa
ala sadarkaa umurii itti ta’an irratti argamuu isaanitiin iddoon taphaaf isaaniif
qophaa’u bal’aa fi ifa ta’uu qaba.
d) Gamoowwan kutaa qubee ittiin baratamu, fakkii bineeldootaa fi biqiltuun kan
guuttamee fi xiyyeeffannoo daa’immanii harkisuu kan danda’u, fedhii beekuu fi
barachuu isaanii kan kakaasuu fi beekumsa kan isaan qabsiisu ta’uu qaba.
e) Daa’imman sadarkaa umurii jiranitti walitti dhufeenya hawaasummaa akka
shaakalanii fi beekumsa isaanii akka guddifatan taasisuuf kutaa keessatti gareen
ta’ani taphachuu akka danda’an haaloota mijeessuu qabuf
f) Kutaan taphaa tokko daa’imman 15 keessummeessuu akka danda’uu fi daa’ima
tokkoof iddoo taphaa fi bilisaan itti socho’an m 2 28 tilmaama keessa galchuun
qophaa’uu qaba.
112 | P a g e
g) Kutaan taphaa, barnootaa fi meeshaaleen taphaa, televizyiin, Ashaangulliitii,
teessoo daa’immanii fi minjaalli, gabateen qubee, fakkiwwaan adda daa’immaniif
qophaa’ani fi bocawwan akkasumas meeshaalee taphaa daa’immaniif ta’an
qabachuu qaba.
7) Keewwata kana keewwata xiqqaa 6 jalatti kan ibsame jiraatus, daa’imman kutaa taphaan
alatti taphachuu qaban yoo muudate mooraa mana hojii keessatti iddoon taphaa
qophaa’uufi qaba.
176. Kutaa ciisichaa
1) Kutaan ciisichaa kutaa tapha daa’immanniin kan walitti aanu ta’ee daa’imman kutaa
taphaa keessa jiran sagaleen akka hin jeeqne meeshaa ijaarsaa sagalee hin dabarsineen
kan hojjetamee fi walakkaan isaaa daawwiitiin kan agooggame ta’uu qaba.
2) Kutaan ciisichaa kunuunsitootaaf arguuf mijataa ta’ee yeroo walfakkaatutti kutaalee
ciisichaa fi taphaa ilaaluu fi to’achuuf kan dandeessisuu ta’ee qophaa’uu qaba.
3) Kutaan ciisichaa ifa gahaa kan galchuu fi gaaddisaan kan hin hagoggamnee fi kallattiin
ifa biiftuu kan hin galchiine ta’uu qaba.
4) Ho’inni kutaa ciisichaa madaalawaa, qilleensi qulqulluun keessa nannaaa’uu kan
danda’uu fi kan ukkaamame akka hin taane of eeggannoo taasisuun kan irraa jiraatu
ta’ee daa’imman araasii 10(kudhan) hin caalle akka qabatu ta’ee qophaa’uu qaba.
5) Barbaachisaa ta’ee yoo argame meeshaa namtolchee ho’ina to’atu fayyadamuun ni
danda’ama.
6) Kutaan ciisichaa baayyina daa’immaniin siree fi firaashiin, bocawwan fannifaman
meeshaa ho’ina to’atu dabalatee qabuu qaba.
7) Bal’inni siree daa’immani sm 75 sm 135 kan hin callee, iddoon kunuunsitoonni keessa
itti socho’an sm90 gadi kan hin taanee fi bal’inni sirreewwan jidduu jiru sm 45 gadi kan
hin taane ta’uu qaba.
177. Kutaa Qulqullinni Itti Eeggamu
1) Kutaan kun mana fincaanii fi dhiqannaa daa’imman erga qulqullaa’an booddee iddoo
uffata isaanii itti jijjiirratani fi meeshaan qulqullinaa fi uffanni isaani iddoo itti
taa’uudha. Kutichi qilleensi gahaan kan keessa socho’u ta’ee kallattiin ifa biiftuu fi
qilleensa irraa kan eeggame ta’uu qaba.
2) Kutaan eegumsa qulqulliinaa sanduuqa meeshaan irra taa’u, minjaala uffanni itti
jijjiirramu, gandaa dhiqannaa daa’immani, elektirkii bishaan oo’isu, pooppoo
daa’immani kiitii kenna tajaajila duraa, daayipparii, kochoo balfaa (xurawaa) fi
meeshaalee kanneen biro qulqullinnii ittiin eeggamu qabaachuu qaba.
178. Kutaa Qophii Nyaataa fi Itti Nyaatamu
113 | P a g e
1) Kutaan kun daa’imman harma hodhan haadhooleen isaanii hoosisuuf yeroo dhufan iddoo
itti boqotani hoosisuu danda’ani fi daa’imman nyaataa dabalataa fayyadaman nyaatni
itti qophaa’uu fi erga qophaa’ee booddee haadhoolee isaaniin yookiin karaa
kunuunsitoota isaaniin iddoo itti nyaachuu danda’an qabaachuu qaba.
2) Kutichi ifi aduu gahan kan itti itti galu, qulleensi qulqulluun keessa kan socho’uu fi ifa
aduu kallattiin kan itti hingalle ta’uu qaba kutaan nyaatni itti bilchaatus kutaa nyaataan
kan wal qabatu ta’ee iddoo daa’imman gahuu hin dandeenyee fi kophaatti kan
daangeeffame ta’uu qaba.
3) Kutaa nyaatni itti bulchaatuu fi itti nyaatamutti meeshaaleen midijaan nyaatni itti
bilchaatu (kan elektiirikii fi siiliindaarii) firiijii, qulqulleessituu bishaanii fi oo’istuu
iddoo meeshaan ittii dhiqamu (siinkii) fi sanduuqni meeshaan irraa taa’u akkasumas
minjaalaa fi teessoo nyaata daa’immani fi teessoo maanguddootaa kan qabate ta’uu
qaba.

Kutaa Sadii
Humna Namaa Tursiisa Daa’immaniif Barbaachisuu fi Naamusa Eeggamuu Qabu
179. Humna Namaa
1) Tursiisa daa’immani akka keessummeessutti baayinaa daa’immaani fi bal’ina
dhaabbatichaa irratti hundaa’uun lakkoofsa humna namaa kan murteessu ta’ee tajaajila
guutuu kennuu akka danda’utti humna namaa gahaa ta’een gurmaa’uun irra jiraata.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, tursiisni
daa’immanii humna namaa armaan gaditti ibsame guutee qabaachuu qaba.
a) Kunuunsituu daa’immani qabiinsaa fi kunuunsa daa’immani tiin leenjii teekinikaa fi
ogummaa 10+3tiin kan xumuran tursiisa daa’immaniin leenjii kan fudhatte, kenna
deeggarsa duraatiin leenjii barbaachisaa kan fudhatte, amala isheen, galateeffatamtuu
fi hojii isheen galateeffatentuu kan taate.
b) Tursiisa daa’immani keessatti daa’imni tataajilaman daa’ima ta’uu isaanitiin
daa’imman sosochii garaa garaa taasisaniin rakkoon akka hin muudanne qulqullina
jiddugaleessichaa hordofaa eeruuwwan kunuunsamtootarraa kennaman osoo hin
dagatin fudhattee hojiirra oolchuuf heyyamtuu kan taate amalaa fi hojii isheetiin
dubartii hojjettuu qulqulleessituu kan taate.
c) Tursiisni daa’immani baayina lakkoofsa daa’imani ol’aanaa kan qaban yoo ta’e
narsii tokko qabaachuun irra jiraata.

114 | P a g e
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee,
kunuunsituun daa’immani tokko (mogziitii) daa’mman 5(shani) ol kunuunsuu hin
qabaattu.
180. Itti Gaafatamummaa Daayireektooreetii Dhimmaa Dubartii, Daa’immani
fiDargaggootaa
1) Tursiisni daa’immanii mana hojii mootummaa keessatti dhaabbate itti waamamni isaa
daayireektooreetii dhimma dubartootaa, daa’immanii fi dargaggootaa dhaabbateef ta’a.
2) Daayireektooreetiin dhimma dubartootaa fi daa’imman hojiiwwan tursiisa daa’immaniin
wal qabate ittigaafatamummaa armaan gadii qabata
a) Akkaataa ulaagaa qajeelfama kanaan tursiisi daa’immani mana hojii mootummaa
keessatti akka dhaabbatu taasisuuf.
b) Manni hojii mootummaa meeshaalee rusiisa daa’immaniif barbaachisani fi humna
namaa akka guutu akkasumas baajatni barbaachisaa ta’e akka qabamu hordoffii
taasisuu fi qorannoowwan ka’ummsaa dhi’eessuu.
c) Naannoon tursiisa daa’immani nageenyii fi qulqullinni isaa eeggamuu isaa
mirkaneessuu.
d) Tursiisa daa’immani bakka bu’uun waaliigalteewwan barbaachisaa ta’an raawwachuu
fi itti gaafatamummaa fudhachuu.
181. Aangoo fi Ittigaafatamummaa Hojjettoota Tursiisa Daa’immani Irratti
Ramadaman
1) Manni hojii mootummaa yeroo barbaachisaa ta’ee argate hojjettoota daa’imman
kuununsuuf ramadaman dhukkuboota daddarboo irraa bilisa ta’uu isaanii
mirkaneeffachuuf akka qorataman taasiisuu ni danda’a. Hojjettoonni tursiisa
daa’immaniif ramadamanis qorannoo akka taasiisan yoo gaafataman qorannoof
dhiyaachuuf itti gaafatamummaa ni qabaatu.
2) Hojjettoonni kunuunsa daa’immaniif qacaraman ta’e jedhamee ykn maal na
dhibdeedhaan daa’imman tursiisa daa’imman keessa jiran irratti hubaatii yoo geessisan
yakkaa fi seera hariiroo hawaasummaa jiruun gaafatamuun akkuma jirutti ta’ee
balleessaa naamusa cimaan akka hirmataman ni taasifama.

Kutaa Afur
Tursiisa Daa’immani Keessatti Gosa Tajaajilaa Kennamuu fi Haala Kenninsa Isaa
182. Taajajiloota Tursiisa Daa’immani Keessatti Kennaman
Jiddugalessichatti tajaajiloonni armaan gadiitti ibsaman akka kennaman taasifamuu qaba.
1) Dhiyeessii tajaajila ciisichaa fi iddoo haara galfannaa

115 | P a g e
2) Dhiyeessi fi tajaajila iddoo taphaa
3) Dhiyeessi fi tajaajila iddoo nyaatni itti qophaa’u
4) Dhiyeessi fi tajaajila iddoo nyaatni itti nyaatamu
5) Dhiyeessi fi tajaajila iddoo qulqullinni daa’immani itti eeggamuu fi iddoo mana
fincaanii
6) Tajaajila kunuunsaa fi hordoffii dhi’oo
7) Tajaajila yaalaa sadarkaa duraa
183. Sa’aa Hojii Tursiisa Daa’immani
1) Sa’aan kenna tajaajila daa’immani Wiixataa hanga Jimaataatti ta’ee sa’aa hojii
mootummaa ganamaa 2:30 hanga galgalaatti 11:30 qofa kan kennamu ta’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame akkuma eegametti ta’ee, sa’aan
hojii mootummaa sa’aa laaqanaa ni dabalata.
3) Keewwatni kun keewwatni xiqqaa 1 jalatti kan ibsame jiraatus, manneen hojii
mootummaa guyyaa hojii fi sa’aa hojii isaanii irratti hundaa’uun tajaajilli kenniinsa
tursiisa daa’immani itti kennamu guyyaa hojii fi sa’aa hojii sirreessu ni danda’u.
184. Itti Gaafatamummaa Tajaajilamtoota Jiddugaleessa Daa’imman
Dubartiin kamiyyuu jiddugaleessa tursiisa daa’immanitti daa’ima ishee fiduu fi
fayyadamoo akka taatu dubbartiin hojjeettuu mootummaa taate haallan armaan gaditti
ibsaman guutuun irraa ni eeggama.
1) Tajaajila argachhuf daa’ima araasii ishee galmeessiisuu
2) Galmeef yeroo dhiyaattu waraqaa ragaa guyyaa dhalootaa daa’ima ishee daa’immi
ishee tolaallii barbaachisaa ta’e fudhachuu isaa/ishee kan mirkaneessu ragaa hakiimaa.
3) Suuraa ishee fi daa’ima ishee 2 dhi’eessuu fi waraqaa eenyummaa tajaajila kanaf oolu
fudhachuu.
185. Dirqama Tajaajilamtoota Tursiisa Daa’imman
1) Hojiimaata qajeelfama kanaan ibsamanii fi manni hojii tajaajila kennu irra caalaatti
cimsuuf qajeelfama hojimaataa dabalataa baasu kabajuu.
2) Sa’aa hojii jiddugaleesichaa irratti hundaa’uun daa’immani qabani dhufuu fi
kunuunsitootaatti kennuun akkasumas sa’aa bahiinsaa irratti waraqa eenyummaa addaa
qophaa’e qabachuun daa’imman fudhachuu.
3) Nyaata gahaa guyyaaf barbaachisu, madaalawaa, haala fayyummaa isaa eeggateen kan
saamsame meeshaalee nyaataa waliin kunuunsitaaf kennuu.
4) Nyaatni qophaa’e daa’imaaf kan dhiyaatu yoo ta’e akaakuuwwan nyaataa gahaa fi ibsa
barreeffammaa qophii waliin wal qabatee dhiyaachuu qaba.

116 | P a g e
5) Uffata qulquluu jijjirraaf oolu qilleensa guyyaa waliin kan mijawaa ta’ee fi qophee fi
kaalsii, ansoolaa fi uffata qorraa akkasumas boorsaa uffata xuraa’aa fi jijjiirramu itti
qabamuuf kan oolu dhi’eessuu.
6) Itti fayyadamtoonni jiddugaleessaa daa’immani isaanii yeroo fidani dhufan qulqullina
daa’immani eegani fi uffata miicama itti uffisani dhiyeessuu, akkasumas hanga humna
isaanitti meeshaalee qulqullinni guyyaa ittiin eeggamu qopheessani dhiyeessuu.
7) Maatii fi daa’imman tajaajila jiddugallessa tursiisa daa’immani barbaadani dhufan
dhukkuba daddarboo irraa bilisa ta’uu isaanii mirkaneessuu.
8) Daa’imman akka umrii isaaniitti talaallii fudhachuu isaanii fi talaallii dhuukkuba tiruu
irraa ittisu fudhachuu isaanii kan mikaneessu ragaa dhiyeessuuf itti gaafatamummaa
qabu.
186. Sirna Hojiimaata Tursiisa Daa’immani
1) Maatiin tajaajila jiddugaleessa daa’immani barbaadani dhufan tajaajila osoo hin argatin
dura hojjettoota jiddugaleessaan akka galmaa’an taasifamuu qaba.
2) Tajaajilamaa tursiisa daa’immani fi maatii daa’imaa ta’uu isaanii kan mirkaneessu
kaardii waraqaa eenyummaa addaa mana hojii mootummaan qophaa’u hojjetaa
tajaajilamuuf kennuu qaba.
3) Waraqaan eenyummaa addaa tajaajiamaaf kennamu suuraan maatii fi daa’immaa kan itti
maxxane ta’uu qaba.
4) Hojjettoonni tursiisa daa’immani keessatti ramadamani hojjetan daa’ima tursiisa
keessatti tajaajlamuuf dhufan dursani guca galmee manni hojii mootummichaa
qopheesse irratti kan galmaa’an ta’uu isaa fi waraqaa eenyummaa addaa kennameef
qabachuu isaanii mirkaneessuu qabu.
5) Maatiinis daa’imman isaanii fudhachuuf yeroo dhufan waraqaa eenyummaa addaa
kennameef kana qabatani dhiyaatani galmeessisani kennuu qabu.
6) Daa’imman isaanii fudhachuuf yeroo dhufanis kaardii eenyummaa kana qabatanii
daa’imman isaanii fudhachuu fi fudhachuu isaanii mallattoo isaanitiin mirkaneessuu
qabu.
7) Maatii abbaa waraqaa eenyummaa argachuun kan hin danda’amne yoo ta’e maatii
lamaffaa waraqaa eenyummaa seera qabeessa mana hojii mootummaa irraa qaama seera
qabeessa ta’een kennamee fi waraqaa eenyummaa addaa manni hojii kenneef wal
qabsiisuun dhi’eessuun daa’imman isaanii fudhachuu kan mirkanneessu mallattoo
isaaniitiin mirkaneessuu qabu.
8) Hojjettootaa dhaabbatichaa ta’aniin ala tajaajila tursiisa daa’immani argachuuf
dhaabbatichatti walga’ii adda addaaf, leenjii fi sagantaalee adda addaaf kan dhunfani fi
117 | P a g e
dhaabbaticharraa tajaajila barbaadanii tajaajialmtootni yeroo dhufan waraqaa
eenyummaa qaama seera qabeessa ta’e irraa kennameef qabatani dhiyaachuu qabu.
9) Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 jalatti tajaajilamtoonni ibsaman tajaajila argachuuf
yeroo dhufan daa’imman isaanii tursiisa daa’immanitti tursiisuuf qabataani yeroo
dhufan waraqaa eenyummaa isaaniin galmeen akka raawwatamuu fi daa’imman
isaanifis addummaan (koodiin) akka kennamuuf taasifamee maatii isaaniif kennamuu
qaba. Dabalataanis qajeelfama kanaan kan ibsaman uffataa fi nyaata barbaachisian
dhi’eessuu qabu.
10) Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 jalatti tajaajilamtoonni ibsaman daa’imman isaanii
fudhachuuf yeroo dhufan waraqaa adda (koodii) kennameefi kaardii waraqaa
eenyummaa isaanii waliin ilaaluun daa’imman isaanii akka fudhatan taasifamuu qaba.
11) Hojjettoonni tursiisa daa’imman keessatti ramadamanis ragaa dhiyaate sirrummaa isaa
qulqulleessuun daa’imman fudhachuu fi maatiinis fudhachuu isaanii mallattoo isaaniin
mirkaneessuu qabu.
Kutaa Shan
Haalawwan Adda Addaa
187. Geejjiba Deemsaa
Tursiisa daa’immani mana hojii mootummaatti dhaabbatu keessatti fayyadamoo akka ta’an
hojjettoonni mootummaa heyyamameef ganama gara hojii yeroo dhufani fi galgala gara
manaatti yeroo deebi’an daa’imman isaanii qabataanii geejjiba sarviisiitti tajaajiamuuf
mirga ni qabaatu.
188. Daa’imman fedhii Addaa Barbaadan
Daa’imman fedhii addaa qaban tursiisa daa’immanitti tajaajilamuuf yoo dhufan manni
hojii mootummaa kamiyyuu akka fedhii daa’immaniitti deeggarsa barbaachisaa ta’ee
hunda mijeessuuf itti gaafatamummaa ni qabaata.
189. Baajata
1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu tursiisa daa’immaniif meeshaaleee barbaachisu
guutuu fi baasiiwwan biroo barbaachisan gama mootummaan akka ramadaman ni
taasisa.
2) Qulqullina tajaajila jiddugaleessatti kennaman, yeroo isaa eeggatee tajaajila argachaa
jiraachuu isaanii, qulqullinii naannoo fi daa’immani sirnaan eeggamuu isaa, daa’imman
irratti hubaatiin akka hin geenye, fayyaan daa’immani fi tajaajiltoonni biroo
jiddugaleessatti kennaman irratti hordoffii fi to’annoo cimaa taasisuun gabaasa
dhiyeessuu qaba.

118 | P a g e
3) Daayireektooreetiin dhimma dubartootaa, daa’immani fi dargaggootaa qabiyyee
jiddugaleessichaa, kenniinsa tajaajlaa, dhiyeessi meeshalee, nageenya naannoo fi
tasgabbii isaa gamaaggamuu, hordofuu fi deeggaruuf itti gaafatamummaa kan qaban
yoo ta’u yoo xiqqaate ji’atti al tokko jiddugaleessatti qaamaan argamuun hordoffii fi
to’annoon taasifamuun qaba.

BOQONNAA SAGAL
Haala Kenninsaa fi Dhiyeeffannaa Ragaa Yaalaa
190. Haala Ragaan Yaalaa Itti Kennamuu Qabu
1) Waraqaa ragaa yaalaa kennuu kan danda’an dhaabbilee fayyaa Mootummaa yookiin
dhuunfaa yookiin miti-mootummaa qaama dhimmi ilaalu irraa beekamtii qaban qofa
ta’a.
2) Hojjetaan Mootummaa sababa dhibee fi hordoffii ulfaa hojii mootummaa irraa hafan
boqonnaa hayyama dhukkubaa fi hordoffii kennuun barbaachisaa ta’ee yoo argame:
a) Dhaabbileen Fayyaa Mootummaa Keellawwan Fayyaa irraa hanga Hospitaalaatti
jiran;
b) Hospitaalootni dhuunfaa fi miti mootummaa beekamtii Mootummaa qaban,
c) Kiliniikota dhuunfaa addaa fi Kiliniikota dhuunfaa ol’aanaa ta’anii mootummaa
irraa beekamtii argatan ragaa hayyama yaalaa kennuu ni danda’u.
191. Ragaa yaalaa Dhiyeeffachuu

1) Dhimmoota ragaan akka itti dhiyaatan dirqisiisan:


a) Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa dhibeetiin walitti aansudhaan guyyoota
hojii sadiif walumaagalatti waggaa keesatti guyyoota jahaa ol ta’aniif hojii irraa yoo
hafe ragaa haakimaa dhiyeeffachuu qaba.
b) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 qubee “a” jalattikan ibsamee jiraatus, hojjatichi
dhibamee mana yaalaa kan hin dhaqiin yoo ta’e, yeroodhaan mana hojii isaa yoo
beeksise yeroon sababa dhibeetiin hojii irraa hafe kun boqonnaa waggaa qabu irraa
akka shallagamuuf ni taasifama.
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 qubee “b” jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
boqonnaa waggaa kan hin qabne yoo ta’e, boqonnaa waggaa bara baajata itti aanu
irraa akka shallagamuuf taasisuun ni danda’ama.
d) Hojjetaan tokko mana hojii isaa osoo hin beeksisiin hojii idilee isaa irraa yoo
dhabame hojii irraa akka badeetti lakkaa’ama.
e) Hojjetaan sababarakkoo humnaa ol ta’een hojiirraa hafuu isaatiif ragaa yoo
dhiyeeffatee fi ragaan dhiyaatu hojjatichi rakkina isa qunname mana hojichaa
119 | P a g e
beeksisuu dadhabuu isaa kan hin mirkaneessine yoo ta’e yookiin haala qajeelfama
kanaatiin ragaaleen hakiimaa dhaabbiilee fayyaa beekamtii qaban irraa kan hin
dhiyaanne yoo ta’an, ragaan yookiin iyyatni dhiyaatu fudhatama hin qabu.
2) Ragaalee hakiimaa mana hojiitiif dhiyaachuu qaban:
a) Hojjetaan sababa dhibeetiin hojii irraa hafe ragaa hakiimaa dafee mana hojii isaatti
dhiyeeffachuu qaba.
b) Ragaaleen yaalaa dhiyaatan guyyoota hojii walitti aanan fi guyyoota hojiin ala ta’an
Sanbata,dilbataa fi guyyoota ayyaana wajjin walitti qabamee kan lakka’amu ta’a.
c) Ragaaleen hakiimaa dhiyaatan mallattoo itti gaafatamaa olaanaa mana yaalichaa
yookiin hakiimaa ragaa kennuuf aangoo qabuun mirkanaa’uu qabu.
d) Hojjetaan sababa dhibeetiin hojii irraa dhabame, rakkoo humnaa ol yoo ta’e malee,
hojii irratti argamuu akka hin dandeenye mana hojii isaatti beeksisuu qaba.
e) Hojjetaan haaraa qaxaramuu fi hojjetaan mootummaa yeroon tajaajila umrii
sooramaan booda akka dheeratuuf gaafatamuuf waraqaa ragaa fayyaa dhiyeeffachuu
qabu.
3) Dhaabbiileen Fayyaa Mootummaa, Hospitaallii dhuunfaa fi Kiliniikonni dhuunfaa
hojjetaa mootummaa tajaajila yaalaa kennaniitiif haala kenniinsa sadarkaa tajaajila
isaanii eegeen hayyama boqonnaa yaalaa kennuu ni danda’u. Akkaataa kanaan:
a) Keellaawwan Fayyaa Mootummaa yookiin Kiliniikota
Xixiqqaamootummaahojjetaa mootummaa dhabbata fayyaa isaaniitti tajaajila
yaalaa argateef boqonnaa kennuun barbaachisaa ta’ee yoo argame, hanga guyyaa
3(sadiitti) hayyama kennuu ni danda’u. Yaalamaaf boqonnaa gara biraa kennuun
barbaachisaa ta’ee yoo argame dhaabbatichi ibsa amansiisaa ta’e itti kennuudhaan
hayyama guyyoota 3(sadii) dabalataan kennuu ni danda’a. Ta’us hayyamni
kennamu gosa yaalaa dhaabbiilee fayyaa kanaan kennamaniin ol ta’uu hin
qabu.Ragaaleen yaalaa kiliniikota xixiqqaa dhuunfaa irraa dhiyaatan fudhatama hin
qaban.
b) Buufatootni Fayyaa Mootummaa yookiin Kiliniikonni Giddu-galeessa dhuunfaa
ta’an hojjetaa mootummaa dhaabbiilee isaaniitti tajaajila fayyaa argateef boqonnaa
kennuun barbaachisaa ta’ee yoo argame hanga guyyaa 10 (kudhaniitti) hayyama
dhibamaa yookiin boqonnaa hakiimaa kennuu ni danda’u. Yaalamichaaf boqonnaa
gara biraa kennuun barbaachisaa ta’ee yoo argame ibsa quubsaa ta’e itti
kennuudhaan guyyoota 5(Shaniif) boqonnaa duraan laatameef irratti dabaluudhaan
walumaagalatti guyyoota 15 (kudha shaniif) hayyama kennuu ni danda’u.

120 | P a g e
c) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 qubee “b” jalatti kan ibsame akkuma jirutti
ta’ee, yaalamichi guyyoota 15 keessatti kan hin fayyine yoo ta’e, yaalii ol’aanaa fi
hayyama dhibamaa yookiin boqonnaa gara biraatiif gara Hospitaalaa Rifeeralaatti
ergamuu qaba.
d) Hayyamni dhukkubaa Buufata Fayyaatiin kennamu fudhatama kan argatu Buufatni
Fayyichaa Qondaala Buufata Fayyaa kan qabu yookiin Narsii digirii “BSc” tiin
eebbifame kan qabu yookiin hakiimaa kan qabu ta’ee, yaalamaan ogeeyyii
caqasaman keessaa yoo xiqqaate tokkoon hordoffiin godhameefii mallattoo
ogeessichaatiin yoo mirkanaa’edha.
e) Ragaan ogeessa Narsiidigirii “BSc” dhaan gadi ta’een kennamu fudhatama hin
qabu.
f) Kiliniikota dhuunfaa addaa yookiin Olaanaa kan ta’anhanga guyyoota 15 (kudha
shan)tti hayyama kennuu ni danda’u. Yaalamaan kanaan fayyuu yoo baate, ibsa
quubsaa ta’e itti kennuudhaan guyyoota 10 (kudhan) dabaluudhaan walumagalatti
hanga guyyoota 25 (digdami shan)tti hayyama dhukkubaa kennuu ni danda’u.
g) Hospitaalotni dhuunfaan tajaajila yaalaa hojjetaa mootummaaf kennaniif boqonnaa
kennuun barbaachisaa ta’ee yoo argame hanga guyyoota 15 (kudha shan)tti
hayyama kennuu ni danda’u. Yaalamaatti yoo itti fooyya’uu baate, ibsa quubsaa
ta’e itti kennuudhaan guyyoota 15 (kudha shan) dabaluudhaan walumaagalatti
hanga guyyoota 30 (soddomaa)tti hayyama kennuu ni danda’u.
h) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 qubee “g” jalatti kan ibsame fudhatama kan
argatu, ogeessa mallattoo ispeeshaalistii yookiin hakiimaa hospitaalichaatiin yoo
mirkanaa’e qofadha.
i) Hospitaalootni mootummaa tajaajila yaalaa hojjetaaf kennameef boqonnaa
kennuun barbaachisaa ta’ee yoo argame, yeroo tokkoon yookiin walitti aansudhaan
hanga ji’a lamaatti hayyama kennuu ni danda’u. Yaalamaan yeroo kana keessatti
yoo fayyuu baate dhimmicha akaakuudhaan ibsuudhaan dabalataan ji’a tokko
hayyamuu ni danda’u. Ji’oota 3(sadi) keessatti hojjetichi fayyee hojiitti deebi’uu
yoo dadhabe, Hospitaala addaa ta’etti yookiin boordii hakiimotaatti akka ergamu
taasifamuu qaba.
j) Hojjetichi hayyama gara biraa dabalataan kan isa barbaachisu ta’uu isaa Boordiin
hakiimotaa yoo itti amane hospitaalota ilaallatuun tajaajila waldhaansaa dabalataa
akka argatu taasisuu yookiin haala biraa barbaachisaa ta’een ragaa kennuu ni
danda’a, raawwannaan isaa hayyama hakiimaa wajjin wal-simuu qaba.
4) Waraqaa ragaa fayyaa dhiyeeffachuu
121 | P a g e
a) Hojjetaan mootummaa haaraa qaxaramu waraqaa ragaa haala fayyummaa isaa ibsu
hospitaala mootummaa yookiin dhuunfaa irraa dhiyeeffachuu qaba. Ta’us
qorannoon kun dhibee HIV/AIDS hin dabalatu.
b) Hojjetaan mootummaa tokko umriin isaa sooramaaf erga gaheen booda tajaajila isaa
dheereessuun wayita barbaachisu yeroo itti aanuuf hojiif gahaa ta’uu isaa kan ibsu
waraqaa ragaa fayyummaa isaa ibsu hospitaala mootummaa yookiin dhuunfaa irraa
dhiyeeffachuu qaba.
c) Hojjetaan mootummaa tokko dhimma hojii isaatiin walqabateen ragaa fayyummaa
isaa dhiyeessuun barbaachiisa ta’ee yoo argamuu fi mana hojii isaatiin yeroo
gaafatamu qoratamee waraqaa ragaa fayyummaa isaa ibsu dhiyeeffachuu dirqama
qaba.
192. Ragaalee Fayyaa Fudhatama Qaban

1) Ragaaleen fayyaa kamiyyuu fudhatama kan argatan:

a) Maqaa yaalamichaa hanga akaakayyuutti, guyyaa yaalamuuf itti dhiyaate, gosa


yaalaa gaggeeffame, hayyama hakiimaan kenname yoo jiraate barreeffama qubee fi
lakkoofsaan addaan ba’ee,
b) Maqaafi mallattoo itti gaafatamaa mana yaalaa fi ogeessa tajaajila yaalaa kenne,
c) Lakkoofsi pirotokoolii fi guyyaan ragichi itti kenname ibsamee guutuu ta’ee yoo
dhiyaate qofadha.
2) Hayyamootni yaalaa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsaman hin guunne
fudhatama hin qaban.

193. Ittigaafatamummaa Qaama Ragaa Yaalaa Kennuu fi Mirkaneessu

1) Ogeeyyiin fayyaa ragaalee fayyaa dhuunfaanis ta’ee gareedhaan kennaniif kan itti
gaafatamaan ta’a.
2) Naamusa ogummaatiin ala ragaalee fayyaa sirrii hin taane kennuun seeraan kan nama
gaafachiisu ta’a.
3) Itti gaafatamtootni dhaabbiilee Fayyaa, ragaalee fayyaa dhaabbiilee isaanii irraa
kennamuuf ittigaafatamummaa waan qabaniif sirna hordoffii diriirsuudhaan hordoffii
cimaa taasisuu qabu.
4) Manneen hojii mootummaa sirrummaa fi qulqullina ragaalee fayyaa hojjettoota irraa
dhiyaatuuf mirkaneessuu qabu.
5) Dhugummaa ragaalee osoo hin mirkaneessin manni hojiichaa yoo fudhate akka mana
hojiitti seeraan kan ittigaafatamu ta’a.
122 | P a g e
BOQONNAA KUDHAN
Hayyamoota Adda Addaafi Haala Itti Fayyadama Isaanii
194. Hayyama Boqonnaa Waggaa
1) Kaayyoon hayyama boqonnaa waggaahojjetaan mootummaa yeroo murtaa’eef boqotee
tajaajila hojii isa irraa eeggamu miira haaromeen akka itti fufu dandeesisuufidha.
2) Hojjetaan mootummaa haaraa qaxarame tajaajila ji’oota 11 osoo hin kennin
dura,hayyama boqonnaa waggaa argachuufmirga hin qabu.
3) Boqonnaan waggaa tokko keessatti kennamu inni xiqqaan guyyoota hojii 20 yoo ta’u,
inni guddaan guyyoota hojii 30ta’a.
4) Tajaajilli mana hojii mootummaa biraa keessatti kenname yookiin muuxannoon hojii
dhaabbilee mootummaa yookiin miti-mootummaa fi dhuunfaa beekamtii qaama
mootummaa aangoo qabu irraa kenname mana hojii haaraa itti qaxarame, ramadamee
yookiin itti jijjiirrame keessatti ni qabama.
5) Hayyamni boqonnaa waggaa tajaajila irratti hundaa’e akkaataa uunka armaan gadii
irratti ibsameen ni kennama.
Bara Tajaajilaa Baay’ina Guyyoota Hojii Boqonnaan Waggaa
Waggaadhaan keessatti kennamu
1 20
2 21
3 22
4 23
5 24
6 25
7 26
8 27
9 29
Waggaa 10 fi 30
sanaa ol
6) Hojjetaan tokko yeroo leenjii gabaabaaf ji’a 8 fi isaa gadi jiraniif yeroo hojii idilee isaa
dhaabu, hayyamni boqonnaa waggaa ni qabamaaf, ni kennamaaf.
7) Hojjetaan yeroo leenjii yookiin barnoota dheeraaf ji’a 9 fi isaa ol jiraniif deemu yeroon
leenjii yookiin barnoota irra ture hayyama boqonnaa waggaa keessatti hin qabamuuf.
Kunis kan ta’u mana barnootichaa irraa yeroo yeroodhaan boqonnaa waan
argataniifiidha.

123 | P a g e
195. Kaffaltii Boqqonnaa Waggaa
1) Boqonnaan waggaa maallaqaan hin jijjiiramu.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan ibsame jiraatus, sababa humna olitiin
tajaajilli hojjetichaa kan addaan cite yookiin hayyamni boqonnaan waggaa
barbaachiisummaa hojiitiif kan kuufamee fi hin kennamneef ta’uun isaa mallattoo itti
gaafatamaa olaanaa mana hojiitiin yoo mirkanaa’ee gara maallaqaatti jijjiiramee ni
kennamaaf.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 raawwachuu fi raawwachisuuf, mindaa hojjetichi
ji’aan yeroo boqonnaan isaa seeraan akka darbuuf taasifame argataa turetti
jijjiiruudhaan akka kanfalamuuf ni taasifama.
4) Hojjetaan mootummaa boqonnaa waggaa kuufachuu hin danda’u.
5) Keewwata kana keewwata xiqqaa 4 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee,
barbaachisummaa hojiitiif boqonnaa waggaa hojjettootaa kuusuu kan danda’u mana
hojii hojjetaa hojjisiisu qofadha.
6) Boqonnaa waggaa kuufame keessaa yoo baay’ate kan bara baajata 2 hin caalle
mallattoo itti gaafatamaa olaanaa mana hojiichaa yookiin bakka bu’aa ilaallatuun
darbuu ni danda’a. Bara baajata 3ffaa keessatti hojjetichi boqonnaa waggaa akka argatu
taasiisuun dirqama mana hojiiti.
7) Boqonnaa waggaa bara baajata 3ffaatti darbe keessaa walakkaan isaa gara qarshiitti akka
jijjiirramuuf hojjetaan hojii irra osoo jiru gaafachuu ni danda’a.Manni hojichaa sababa
baay'ina hojiitiin boqonnaa waggaa kuufamee kennuu yoo dadhabe boqonnaa bara
baajata lamatti kuufame keessaa hojjetichi yoo gaafate, dursa baajata qabsiisuun
boqonnaa bara baajata biraatti darbee keessaa kan waggaa tokkoo isa duraa qofti
qarshiitti jijjiiramee kennamuufi ni danda’a.
8) Hojjetaan tokko hojii gadi lakkisuuf yoo gaafate yeroo akeekkachiisaa ji'a tokkoo
keessatti boqonnaan bara baajataa sana keessatti qabu kennamuufii qaba. Haa ta'u
malee, kanaan alatti kan kuufamee kan bara baajataa darbe lama yoo jiraate qofa
qarshiitti jijjiiramee kaffalamuu ni danda’a.
9) Keewwata kana keewwata xiqqaa 8 jalatti kanibsame akkuma jirutti ta’ee, manni hojii
akeekkachiisa hojii gadi lakkisuu kennameef hanga ji’a sadiitti dheeressuuf aangoo
waan qabuufhojjetichi kana keessatti fayyadamaa akka ta’uu taasisuu ni danda’a.
Boqonnaa bara baajataa ittiin hojjetamaa jiru garuu hojjetichi fudhachuu waan qabuuf
gara qarshiitti jijjiirramee hin kennamuuf.

124 | P a g e
10) Hojjetaan mana hojii tokko irraa gara mana hojii biraatti jijjiirraa alaatiin deemu
boqonnaa waggaa kuufamee qabu keessaa gara mana hojii jijjiirameetti fudhatee kan
deemuu danda'u kan bara baajataa tokko qofa ta’a.
11) Heyyama boqonnaa waggaa dabarsuu fi haala raawwii heeyyama boqonnaa waggaa
hin fudhatamne itti raawwatamu ilaalchisee qajeelfama kanaanalatti boqonnaan
waggaa kuufamee yoo argamee fi kaffaltiin yoo raawwatame manneen hojii
kamiyyuukan itti gaafataman ta’u.
196. Hayyama Dhukkubaa
1) Hojjetaan mootummaa tokko sababa dhibeetiin hojjechuu yoo dadhabee fi kanaafis
ragaa hakiimaa ogeessa fayyaa ragicha kennuuf aangoo qabu irraa yoo dhiyeeffate
guyyaa dhukkubichi jalqabe irraa kaasee hayyamni dhukkubaa seeraan taa’e ni
kennamaaf.
2) Hojjetaan mootummaa yeroo qaxara yaalii isaa xumure tokko sababa dhibeetiin
hojjechuu yoodadhabee fi kanaafis ragaa mana yaalaa seera qabeessa ta’e walitti
aansee yookiin yeroo adda addaa yoo dhiyeeffate guyyaa dhukkubichi jalqabe irraa
kaasee waggaa tokko keessatti yeroo ji’oota 8 (saddeet), waggaa afur keessatti ji’oota
12 (kudha lama) hin caalleef hayyamni dhukkubaa ni kennamaaf.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti haala ibsameen heyyamni dhukkubichaa
walitti aansudhaan yookiin yeroo adda addaa kan kenname yoo ta’ee, jalqaba sababa
dhukkubaatiin yeroo hojii idilee dhaabe irraa eegalee waggaa afur keessatti mindaan
ji’oota 6(jahaa) guutuu, ji’oota 2 (lama) walakkaa kaffaluudhaan fi ji’oota 4 (afur)f
ammoo mindaa malee heyyamni dhukkubaa ni kennama.
4) Hojjetaan mootummaa tokko waggaatti ji’a 8 yookiin waggaa afur keessatti ji’oota
12tti yoo fayyuu baate, manni hojii hojjeticha qaxaree hojjechisuu heyyama kennuu
waan hin dandeenyeef ragaa quubsaa wajjin Biirichaaf dhiyaatee yoo mirkanaa’e hojii
irraa akka gaggeeffamu ni taasifama.
5) Hojjetaan mootummaa yeroo yaalii isaa hin xumuriin yoo dhukkubsate, hayyamni
dhukkubaa ragaan yaalaa itti dhiyaatu mindaa ji’a 1 waliin ni kennamaaf.
6) Hojjetaa yeroo haala waliigaltee mana hojichaa wajjin waliigalameen kan raawwatamu
ta’a.
197. Hojjetaan Mootummaa Yoo Dhukkubsate
1) Sababni humnaa ol ta’e yoo isa muudate irraa kan hafe, hanga danda’ametti
dhukkubsachuu isaa hatattamaan mana hojii isaa beeksisuu qaba.

125 | P a g e
2) Guyyoota 3’f walitti aansee yookiin bara baajataa tokko keessatti guyyoota 6 oliif
sababa dhukkubaatiin hojiirraa kan hafe yoo ta’e, dhukkubsachuu isaatiif ragaa yaalaa
dhiyeeffachuu qaba.
3) Hojjetaan mootummaa qaxara yeroo yaalii isaa xumure boqonnaa waggaa irra osoo
jiruu yoo dhukkubsate, ragaa yaalaa dhukkubsachuu isaa mirkaneessu yoo dhiyeesse
boqonnaan waggaa isaa addaan citee hayyamni dhukkubaa ni kennamaaf.
4) Akkaataa Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti ibsameen boqonnaan waggaa
addaan citee ture, hayyamni dhukkuba isaa akkuma xumurameen akka itti fufu ni
taasifama.
5) Waraqaan ragaa mana yaalaa dhiyaatu haala fayyaa hojjetichaa fi hayyama dhukkubaa
kenname ibsuu qaba.
198. Hayyama Gaddaa
1) Hojjetaa mootummaa kamiyyu abbaa warraa yookiin haadha warraa, ijoollee, firooma
dhiigaa yookiin firooma gaa’elaa hanga sadarkaa lamaffaatti lakkaa’amu yoo ta’e
gaddaaf heyyamni guyyaa hojii sadii (3) mindaan itti kaffalamu ni kennamaaf.
2) Gadda hiriyyaa dhiyoof hayyamni guyyaa hojii tokko (1), bara baajataa tokko keessatti
hayyamni gaddaa guyyoota hojii jahaa (6) hin caalle kan mindaan itti kaffalamu ni
kennamaaf.
199. Hayyama Dhimma Dhuunfaatiif Kennamu
Hojjetaa mootummaa kamiifiyyuu:
1) Gaa’elaaf (Fuudhaa fi Heerumaaf) hayyama guyyaa hojii sadii (3);
2) Gadda abbaa warraa, haadha warraa, ijoollee, fira dhiigaa yookiin fira gaa’elaa hanga
sadarkaa lammaffaatti lakkaa’amuuf guyyaa hojii sadii (3) fi
3) Qormaataaf hayyamni guyyaa hojii tokko (1) kan kennamu ta’ee, bara baajataa tokko
keessatti hayyamni guyyoota hojii jahaa (6) hin caallee dhimmoota ibsaman tokkoo
tokkoof mindaa waliin ni kennamaaf.
200. Hayyama Addaa Mindaa Waliin Kennamu
Hojjetaan mootummaa kamiyyuu:
1) Mana Murtii yookiin qaamota biroo aangoon kennameef irraa waamichi yoo
dhiyaateef yeroo dhimmi itti waamame fudhatuuf,
2) Filannoo ummataa waliin dhimma walqabateen yoo ta’e, yeroo filannoon fudhatuuf
hayyamni addaa mindaa waliin ni kennamaaf.
201. Hayyama Addaa Mindaa Malee Kennamu
1) Hojjetaan mootummaa sababa gahaa ta’een hayyama addaa mindaan itti hin
kaffalamne yoo gaafatee fi faayidaa mana hojichaa karaa hin miinen yoo ta’ee fi
126 | P a g e
hoogganaa olaanaa mana hojichaatiin dhiyaatee Biirichi yoo mirkaneesse yeroo
waggaa tokko hin caalleef hayyamamuufii ni danda’a.
2) Hojjetaan mootummaa filannoo ummata irratti dorgomaa ta’ee yoo dhiyaate yeroo
sochii filannoo fi filannoon itti gaggeeffamu hayyamni mindaa malee akka kennamuuf
ni taasifama.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 fi 2 jalatti kan ibsame jiraatus, hojjetichi hayyamni
addaa mindaa malee akka kennamuuf kan gaafate sababa piroojektii mana hojii
mootummaa ilaallatu irratti ramadamuu isaatiin yookiin hiriyaan gaa’ila isaa hojii
misiyoonii dipiloomaasiitiif biyya alaatti ramadamuu isaatiin yoo ta’e, piroojektiichi
yookiin hojiin misiyoonii dipiloomaasii hanga xumuramutti hayyamni addaa mindaa
malee kennamuufii ni danda’a.
202. Hayyama Dahumsaa
1) Hojjettuun mootummaa ulfa taate:
a) Qorannoo fayyaa ulfa isheetiin wal-qabate taasisuuf akkaataa ogeessi fayyaa ajajuun
hayyamni mindaan itti kanfalamu ni kennamaaf.
b) Dahumsaan dura boqonnaa akka fudhattu ogeessi fayyaa yoo ajaje boqonnaan
mindaan itti kaffalamu ni kennamaaf.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti hayyamni ibsame akka hayyama
dhukkubaatti hin lakkaa’amu.
3) Hojjettuun mootummaa ulfa taate yeroon da’umsa ishee yoo gahu guyyaa nan daha
jettee tilmaamteen dura guyyoota walitti aanan 30 hayyama da’umsaan duraa,
akkasumas guyyaa deesse irraa eegalee guyyoota walitti aanan 90, walumaagalatti
hayyamni da’umsaa guyyoota walitti aanan 120 mindaan itti kaffalamu ni kennamaaf.
4) Hojjettuun mootummaa akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3jalatti hayyamni
da’umsaa duraa kennameef osoo hin xumuramiin duraa yoo deesse, hayyamni
da’umsaa osoo itti hin fayyadamiin hafte erga deessee booda akka itti fayyadamtu ni
taasifama.
5) Hojjettuun mootummaa hayyama da’umsa duraa fudhattee osoo hin da’iin yoo jalaa
dhume hanga guyyaa deessutti guyyootni hojii isheen boqonnaa irra turtu hayyama
boqonnaa waggaa bara baajatichaa irraa yookiin hayyama boqonnaa waggaa kan hin
qabne yoo ta’e immoo hayyama boqonnaa waggaa bara itti aanu keessaa bakka bu’aaf.
6) Hojjettuun mootummaa akkaataa keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti ibsameen
hayyama da’umsaa murteeffame erga xumurte booda yoo dhukkubsattee fi hayyamni
dabalataa kan ishee barbaachisu ta’uu isaa ogeessa fayyaatiin yoo mirkanaa’e,hayyama
dhukkubaa fudhachuu ni dandeessi.
127 | P a g e
7) Hojjettuun mootummaa ulfa ji’a jahaa guutte kamiyyuu, hayyama da’umsa duraa osoo
hin fudhatiin dursee ulfi yoo irraa bahe, ragaa yaalaa kana mirkaneessu yoo
dhiyeeffatte hayyamni da’umsa booda guyyoota walitti aanaan 60 ni kennamaaf.
8) Hayyama da’umsaa duraa erga fudhattee booda ulfi yoo irraa bahe, hayyamni da’umsa
duraa fudhatte addaan citee, hayyamni da’umsaan boodaa guyyoota walitti aanaan 90
ni kennamaaf.
9) Hojjettuun mootummaa yeroo ulfaa ji’a 3 hanga 6 keessatti ulfi irraa bahu muudate
hayyamni guyyoota walitti aanan 30 mindaan itti kaffalamu waliin ni kennamaaf.
10) Hojjetaan mootummaa kamiiyyuu haati manaa isaa yoo deessu hayyamni mindaan itti
kaffalamu guyyootaa hojii 10 ni kennamaaf.

BOQONNAA KUDHA TOKKO


Raawwii Uffata, Meeshaa Hojii fi Mijaa’ina Iddoo Hojii Hojjettoota Mootummaa
KutaaTokko
Gosoota Uffataa fi Meeshaalee Hojii
203. Gosoota Uffataa fi Meeshaalee Hojii Hayyamame
1) Bu'uura qajeelfama kanaatiin gitoota hojii uffataa fi meeshaaleen hojii barbaachisuuf
irratti hojjettoota ramadamanii hojjetaniif; gosa fi baay’ina uffata hojii fi meeshaalee
hojii kennamuuf qaama qajeelfama kanaa ta'ee mataa duree "Gabatee-1 Gitoota Hojii
Uffataa fi Meeshaalee Hojii Kennisiisan Muli’isu" jedhu jalatti tartiibaan dhiyaatee
jira;
2) Gabatee uffataa fi meeshaalee keessatti uffatoota yookiin meeshaaleen hojii ibsaman
hojjettoota mootummaa dhaabbataan, yeroo fi koontiraatan qaxaramanii hojechaa jiran
yookiin qaxara yaalii irra jiran fi gitoota hojii "Gabatee-1” keessatti ibsamani irratti
ramadamanii fi bakka bu’anii hojjataniif qofaaf ta’a;
3) Hojjettootni hojii idilee isaanii irratti dabalataan yookiin bakka bu’insaan gita hojii
uffatni hojii hayyamameef irratti ramadamanii hojjechaa jiran uffata hojii fi
meeshaalee hojii gitichaaf murtaa’e ni argatu.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, gitni
lamaanu idilee fi bakka bu`insaan irratti hojjetan uffatni hojii kan hayyamameef yoo
ta’e lamaan keessaa filachuun kan tokko qofa kan argatan ta’a.
5) Hojjetaa gita hojii uffata hojii hayyamameef irratti ramadamee sababa barnootaa
yookiin sababa biraatiin hojii irra hin jirreef uffanni hojii hin kennamuuf.
6) Hojjetaan tokko uffata hojii argachuu kan danda’u guyyaa gita hojii uffata hojii
kennisiisu irratti ramadame irraa eegalee ta’a.
128 | P a g e
7) Keewwata kana keewwata xiqqaa 6 jalattikan ibsame akkumaa jirutti ta’ee, uffata hojii
marsaa itti aanuu argachuuf yeroon turmaata isaanii marsaa xumuruun mirkanaa’uu
qaba.
8) Manni hojii yookiin qaamni kamiyyuu seeraan ala uffata hojii dabalataa akka kennamu
taasise seeraan ni gaafatama.
9) Hojjetaan tokko sababa dhukkubaatiin uffata hojii marsaa duraa argatee yeroo turtii
marsaa lammaffaa irraa walakkaa ol kan hin tajaajille yoo ta’e uffatni hojii marsaa
lammaffaa hin kennamuuf.
10) Hojjetaan uffata hojii dursee fudhatee gitichaa gad-lakkisu uffataa kennameef kan
deebisuu ta’a.
11) Hojjetaan tokko uffata hojii argachuu osoo qabuu sababa addaa addaatiin osoo hin
argatiin yoo du’e gatiin uffata hojii maallaqatti jiijjiraamee dhaaltota isaa seeraaf ni
kennamaaf.
12) Manni hojii mootummaa gitoota hojii uffata hojii barbaachiisuuf yeroo isaa
eegeebaajata barbaachisuu qabachuun hojjettootaaf uffata hojii dhiyeessuuf dirqama
qaba.
13) Hojjettootni iddoo hoo’aa yookiin qorraatti ramadamanii hojjetaniif gosti huccuu
qajeelfama kana irratti tarreeffame haala qilleensa naannichaa wajjin kan hin deemne
yoo ta’e, uffannii haala qillensaa naannichaa wajjin deemu danda’u Waajjiraalee
Pabliik Sarviisii fi Misoma Qabeenya Namaa sadarkaa sadarkaan jiraniin qoratamee
mirkanaa’uun, Biirichatti dhiyaatee kan eeyyamamu ta’a.
14) Rakkoo uumamaa fi balaa tasaan kophee qajeelfama kana irratti ibsame hojjataan
kaawwachuun kan rakkisu yoo jiraate hojjetichaaf gatii ittiin bittame qarshiin
kennameefi hojjetaan dhuunfaan bitatee akka fayyadamu taasifamu qaba.
15) Gitoota hojii uffata hojii fi meeshaaleen hojii isaan barbaachisaniif ta’ee, gabatee
qajeelfama kanaan ibsaman keessatti kan hin ibsamne yoo ta’e, karaa mana hojii
sadarkaa naannoo ilaallatuun qoratamee hogganaa ol’aanaa mana hojichaatiin erga
mirkanaa’ee booda Biirichaatiif dhiyaatee kan eeyyamau ta’a.
16) Hangi uffata hojii kennamu akkaataa guddinaa fi xiqqeenya qaamaa itti
fayyadamtootaatti kan wal caalu danda’u ta’ee, tuuttaa, shamizii fi surree wal-
fakkaataaf, jaakkeetii fi wandaboo gabaabaaf, kootii fi surreef giddugaleessaan huccuu
arbii ball`aan meetira 3 (sadii), arbii dhiphaa yoo ta’e, ammo dabaluus kan danda’u
ta’ee, gaawaaniif, marxoo fi shamizaaf, kan kennamu meetira 2 (lama) caaluu hin
qabu. Ta’us meetira murtaa’e kanaa ol namni isa barbaachisu yoo argame, sirrummaan
isaa qulqullaa’ee hodhamee kan kennamuuf ta’a;
129 | P a g e
17) Ibsa fedhii teekniikaa guutuun Ejensii Bittaa fi Dhabamsisa Mootummaa yookiin
mana hojii yookiin Waajjira Bittaa raawwachuuf aangoon kennameefiin kan qopha’uu
ta’a,
18) Qulqullinaa fi Sadarkaan mijaa’ummaa mirkaneessuu mana hojii sadarkaa qulqullinaa
mirkaneessuuf angoon seeran kennameen kan mirkanaa’u ta’a.
204. Qabiyyee Huccuu Yookiin Uffataa Kennamuu
1) Ibsa fedhii teekniikaa fi sadarkaan mijaa’ummaa isaanii qopheessu fi mirkaneesuu
mana hojii bittaa raawwachuuf yookiin sadarkaa qulqullinaa mirkaneessuuf aangoon
seeran kennameen kan qophaa’uu fi mirkanaa’u ta’ee, huccuun kennaman huccuu hin
hodhamiin yookiin xaaqaa ta’ee; Qabiyyeen isaanii haala armaan gadii ta’a.
(a) Surree, qamisii, jaakkeetii, kootii fi qamisii gababa, shamizii fi surree wal-
fakkaataa, kootii fi surree wal-fakaataa, kaabbaa fi gaawaaniidhaaf yookiin xaaqaa
jirbii 65% (+/-3%), poolistarii 35% (+/-3%), yookiin viskoosii 20% (+/-3%) irraa
kan hojjetame.
(b) Shamizii jirbii 80% (+/-3%), poolistarii 20% (+/-3%)irraa hojjetame,
(c) Tuuttaa jirbii 100% ((+/-3%) irraa hojjetame,
(d) Marxoo fi wandaboo jirbii 90 %( +/-3%), poolistarii 10% (+/-3%) yookiin
viskoosii 10% (+/-3%) irraa hojjetame ta’ee yoo gabaa irraa kan hin argamne ta’e
huccuu qulqulinaan wal-fakkaatu bitanii kennuun ni danda’ama.
2) Ibsa fedhii teekniikaa fi sadarkaan mijaa’ummaa isaanii qopheessu fi mirkaneesuu
mana hojii bittaa raawwachuuf yookiin sadarkaa qulqullinaa mirkaneessuuf aangoon
kennameen kan qophaa’u fi mirkanaa’u ta’ee huccuu hodhamee qophaa’e (ready
made); qabiyyeen isaani haala armaan gadii kana ta’a.
(a) Kaappoortiin (overcoat) kennamu hoo’a kan kennuu fi gabarii kan qabuu ta’ee;
poolistarii 45% (+/-3%), suufii 35% (+/-3%), yookiin viskoosii 20% (+/-3) irraa
kan hojjetame.
(b) Kaappoortii roobaa (Rain coat) kennamu rooba kan ittisu ta’ee; naylanii100%
(+/-5%) irraa hojjetame;
(c) Qoobii huccuu (cape) jirbii 80% (+/-3%) fi poolistarii 20% (+/-3%) irraa
hojjetame;
(d) Qoobii dirree (field cape) jirbii 100% (+/-3%) irraa hojjetame;
(e) Ansoolaa jirbii 100% (+/-3) irraa kan hojjetame;
(f) Dibaabee rooba ittisuuf kan tajaajiluu fi fireemiin isaa istiilii 100% (+/-3) fi
haguuggeen (golgi) isaa naylanii 100% (+/-3) irraa kan hojjetame;

130 | P a g e
(g) Firaasha ispoonjii dheerinni 190sm, bal’ina 100sm, furdina 12sm ta’e irraa kan
hojjetame;
(h) Tuuttaa ispoortii jibrii 95%(+/-3) fi poolistara 5% (+/-3) yookiin naaylanii 95%
(+/-3) fi poolistara 5% (+/-3) irraa hojjetame;
(i) Guwaantii gogaa, gogaa 100% irraa kan hojjetame;
(j) Guwaantii pilaastikaa, pilaastika 95% irraa kan hojjetame;
(k) Googilii tajaajila biyedaa (weeldessuuf) kan oolu ta’ee; calaqqee ittisuu kan
danda’u.
(l) Haguuggee afaanii fi funyaanii/maaskii/, golgi isaa baakteeriyaa yookiin
vaayrasii yookiin gaasii summaa’aa ittisuuf kan tajaajilu ta’ee; qilleensa
qulqulluu kan galchuu fi poolii’istaayriinii yookiin pooliicarbooneetii yookiin
poolii’itaaliinii yookiin poolistarii irraa kan hojjetame;
(m)Jaakeetii lubbuu baraaru (lifeseever jacket), golgi isaa naaylanii yookiin
viinayliibishaan hin galchinee fi keessi isaa qilleensa qabachuu kan danda’u
ta’ee; ispoonjii pilaastikaa kanneen pooliiveenayili kilooraayidii fi
poolii’etaaliinii irraa kan hojjettame;
(n) Kaalsiidheeraa jirbii 100% (+/-5) irraa kan hojjetame;
(o) Qumxaa naylanii 100% (+/-5%) irraa kan hojjetame ta’ee;
(p) Qabattoo gogaa, gogaa 100% irraa kan hojjetame;
(q) Borsaa cisichaa (sleeping bag) golgi isaa naaylanii bishaan hin galchine, nama
hin ukkaaamsinee fi keessi isaa qaama namaatiif mijataa kan ta’e; ispoonjii
pilaastikaa kanneen pooliiveenayili kilooraayidii fi poolii’etaaliinii irraa kan
hojjettame;
(r) Jaakkeetii gogaa, gogaa 100% irraa kan hojjetame;
3) Manneen hojii mootummaa tajaajila Pirootokolii Caasaan hayyamameef uffatni
kennamuuf kan hodhamee qophaa’e; qabiyyeen isaanii haala armaan gaditti ibsameen
ta’a.
(a) Kootii fi surree gabarii qabu suufii 80% (+/-3%) fi suufii wal-makaa(wool touch)
yookiin poolistarii 20% (+/-3)irraa hojjetame;
(b) Shamizii jirbii 100% (+/-5%) irraa hojjetame;
(c) Karabaataan suufii 60 % (+/-3) fi siilkii 40% (+/-3) irraa hojjetame.
205. Qabiyyee Kophee Kennamu
1) Ibsa fedhii teekniikaa fi sadarkaan mijaa’ummaa isaanii qopheessuu fi mirkaneessuu
mana hojii bittaa raawwachuuf yookiin sadarkaa qulqullinaa mirkaneessuuf aangoon

131 | P a g e
kennameen kan qophaa’u fi mirkanaa’u ta’ee; kopheen gogaa qulqulluu irra kan
hojjetamee; qabiyyeen isaanii haala armaan gaditiin ta’a.
(a) Kophee gabaabaa, goggaa qulqulluu gubbaan isaa gogaa yabbinni isaa
0.8+2mm, naayilanii, faayibarii seenteetikii fi soolii TR 3.0 cm irraa hojetame;
(b) Kophee dheeraa, goggaa qulqulluu gubbaan isaa gogaa yabbinni isaa 0.8+2mm,
nayilanii, faayibarii seenteetikii dheerinni isaa 25inchii fi soolii TR yoo xiqqatee
yabbina 4.5cm irraa hojjetame;
(c) Kophee seeftii, gogaa qulqulluu gubban fi jalan gogaa, keessi senteetikiin
haguugame, jirbii, isponjii, naayilanii fi sibila istiilii quba miilaa irraa balaa
ittisu 200J fi termoo pilaastiikii yabbinni 0.8-1mm-2 mm solii rukkina dachaa
ta’ee, Asidii, dibata kan dandamatufi gogaan soolii isaa, hoo’aa guddaan kan
akka wal qabatu kan ta’e (direct injection) kan ta’e;
(d) Kophee paaratiruparii gogaa qulqulluu gubbaan isaa morma kan dheeratu gogaa
Sa’aa, jirbii uffataa, naayiilanii fi soliin teeksoonbordii yoo xiqate furdinni isaa
2.5mm kan ta’ee soolii rukkina dachaa qabu ta’ee solii fi gogaan isaa, hoo’aa
guddaan kan akka wal qabatu (direct injection) kan ta’ee hojjetame;
(e) Kophee boottii laastikii gabarii kan qabu yookiin kan hin qabne 100%
pilaastikii irra kan hojjetame,
(f) Boorsaa harkaa gogaa qulqulluu keessi isaa ufatata, ispoonjii fi qabannaa harkaa
fi dugdattii baachuuf gargaaruu kan qabu gogaa qulqulluu irraa hojjetame.
206. Aangoo fi Hojii Manneen Hojii Mootummaa
1) Gitoota hojii uffatni hojii hin hayyamamneef yookiin kanaan dura uffatni hojii
hayyamameef, akka haaraatti qorataman irratti gaaffiin fooyya’insaa yookiin
sirreeffamaa yeroo barbaachise gaaffiin karaa mana hojii sadarkaa Naannoon
qoratamee hogganaa ol’aanaa mana hojichaan erga mirkanaa’ee booda gaaffiin ibsa
barbaachisaa ta’ee wajjin Biirichaatiif dhiyaatee kan eyyamamu ta’a.
2) Bittaa fi hodhaa uffata hojii keessatti hanqina mul’atu hambisuuf osoo hojii bittaa fi
filannoo dhabbata hodhuutti hin seeniin dura filannoo haalluu huccuu, dhabbata
hodhuu fi akaakuu kophee filachuu irratti manneen hojii bittaa gaaftanii fi bakka
bu’ootni fayyadamtoota uffata hojii akka hirmaatan taasifamuu qabu. Yeroo bitamee
dhiyaatus kan gaafatame ta’uu isaa mirkaneefatanii fudhachuu qabu.
3) Uffanni hojii dogoggoraan bitame deebi’ee uffata hojii gaafatamee fi qulqullina
qabuun kan bakka bu’u qabuu fi

132 | P a g e
4) Uffata hojii dogoggoraan bitamee fudhatama dhabee akka deebi’u taasifameef baasii
seeraan ala bahuuf itti gaafatamummaa isaa kan fudhatu qaama dogoggoricha
raawwate ta’a.
207. To’annoo fi Hordoffii Hojii Irra Oolmaa
1) Manneen hojii Mootummaa kamiyyu keessatti hojjetaan mootummaa uffata hojii fi
meeshaaleen hojii hayyamameef yeroo hojii mootummaa irratti argamu uffataa fi
meshaa hojii isaaf kenname fayyadamee argamuuf dirqama qaba.
2) Hojjetaan mootummaa uffata hojii fi meeshaalee hojiif kenname yeroo hojii fi bakka
hojiitti kan itti hin fayyadamne yoo ta’e akka nama hojiif qophii hin qabneetti ilaalamee
tarkaanfiin naamusaa barbaachisaa ta’e kan irratti fudhatamu ta’a.
3) Hojjetaan gorsaa fi tarkaanfii naamusaa mana hojiin irratti fudhatameen sirraa’ee uffata
hojii fi meeshaalee hojitti fayadamee hojii isaa irratti hin argamneef manni hojii uffata
hojii marsaa itti aanuu bituuf hin dirqamu.
4) Hojjettoota gita hojii uffatni hojii hayyamameef irratti ramadamanii hojjetaa jiraaniif
uffatni hojii hayyamame haala amala hojichaan hanga murtaa’ee fi yeroo isaa eegee
dhiyaachuu isaa fi hojii irra ooluu isaa daareektarrii yookiin qindeessaa yookiin dursaan
garee hoggansa fi misoma qabeenya namaa manneen hojii sadarkaa sadarkaan jiraniin
kan to’atamu ta’ee Odiitarootni keessaas hordoffii fi deeggarsa barbaachisaa ta’e ni
taasisu.
5) Hordoffii Odiitera keessatiin hammi fi gosti uffata hojii kenname kan akka kennamuuf
qajeelfamaan murtaa’ee ala ta’ee yoo argame qaamni akka hayyamamuuf gaaffii
dhiyeesse fi mirkaneesse baasii seeraan ala bahe kaaraa Odiiteraan qulqulla’ee baasii
seeran alaa bahee akka deebisu ni taasisaa.
6) Qaamni beekaas ta’ee osoo hin beekiin qajeelfama kana cabsee seeraan akka gaafatamu
ni taasifama.
7) Hojii irra oolmaa qajeelfamichaaf Biiroo Pabliik Sarvisii fi Misooma QabeenyaNamaa
Oromiyaa, Wajjiraaleen Pabilik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa sadarkaa
Godiinaa, Aanaa, Bulchiinsa Magaalaa fi Daayirektoreetiin yookiin Dursaan garee
Hoggansa fi misoma qabeenya namaa Sadarkaa mana hojii Naannoo hanga Aanaatti
jiran deggersaa fi hordoffii cimaa gochuun irraa eegama. Akkasumas uffatni hojii yeroo
fi qulqulina murtaa’een bitamee fayyadamtootaaf kennamuu isaa, fayyadamtootnis
uffachuun hojii idilee isaanii irratti akka argamaniif hordoffii gochuutu irraa eegama.
8) Manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran hundi Baajata uffata hojii fi meeshaalee
hojiif barbaachisu qabachuuf dirqama qabu;

133 | P a g e
9) Manneen hojii gitoota hojii uffatni hojii hayyamameef irratti hundaa’uun fedhii fi
karoraa bittaa uffata hojii yeroo fi qulqullinaan qaama bittaa raawwatuuf dhiyeessuuf
dirqama qabu.
Kutaa Lama
Haala Raawwii Fayyummaa fi Nagummaa Naannoo Hojii
208. Haala Raawwii Fayyummaa fi Nagummaa Naannoo Hojii
Nagummaa fi Fayyummaan naannoo hojii nagummaa fi fayyummaa hojjettoota
mootummaa eeguun gahumsa hojii isaanii guddisuu, iddoo hojii haala nageenyaa fi
fayyummaa hojjetaa mootummaatiif mijatu qopheessuu fi eeguun manni hojii mootummaa
jireenya hawaasummaa gaarii irratti hundaa’ee bu’aa hojii ol`aanaa akka galmeessisuu
gahoomsuuf, hojjetaan mootummaa tokko iddoo hojiitti balaa fi haalota nagummaa fi
fayyummaa isaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’an irraa bilisa ta’ee xiyyeeffannoon isaa
hojii irratti ramadame milkeessuu kan dandeessisu hojimaata diriiredha.
209. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Manneen Hojii fi Hojjettootaa
1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu raawwii hojii mana hojii isaa keessatti
fayyummaa fi nagummaa hojjetaa fi naannoo hojii irratti hojiin hojjetamu of-
eeggannoon akka hojjetamuuf haala mijeessuu qaba.
2) Hojjetaan mootummaa mana hojii hojjechaa jiru keessatti fayyummaa fi nagummaa
dhuunfaa isaa fi naannoo mana hojii isaa eeguu fi hojiilee hojjetu keessatti rakkoon
akka hin uumamnetti hojii idilee isaa raawwachuu qaba.
210. Hojii fi Ittigaafatamummaa Manneen Hojii Sadarkaan Naannoo
1) Manneen Hojii Mootummaa balaa fi dhibeewwaan sababa hojiitiin uumamuu
danda`an ittisuuf mooraan manneen hojii, kutaalee hojii keessatti, teessuma mijata,
qilleensaa fi kutaalee ifa gahaa qaban, meeshaalee hojii gahaa fayyaa hojjettootaa
miidhuu hin dandeenyee fi qulqullina qaban akka guutaman taasisuu qabu.
2) Manneen hojii mootummaa naannoon hojii wantoota faalama qilleensaa uuman,
argaa dhageetii miidhan, keemikaalota, balaqqee yookiin calaqisa adda addaa,
xurriiwwaan warshaalee keessaa bahan, iddoo xuriiwwaan dhangala’aa fi gogaan
ittii gatamu foolii ajaa’aa dhufu, faalama sagalee meeshaalee muuziqaa fi dhuka’aa
adda addaa irraa bilisa kan ta’an ta’uu qaba.
3) Manneen hojii mootummaa hojjettootaaf hawwataa kan ta’an, mana fincaanii
dhiiraa fi dubartii qulqulluu addaatti kan qaban qopheessuu qabu.
4) Nageenya naannoo hojii eegsisuuf manneen hojii eegumsaaf mijataa ta’uu, manni
waardiyya yookiin bakki waardiyoonnii itti boqotan meeshaleen akka firaashii,
uffata qorraa, ansoolaa fi tiriika guutamu qaba.
134 | P a g e
5) Meeshaalee ittisa balaa tasaa addaa addaa jiraachuu qabu.
6) Dhibeewwan rakkoo qulqullina dhabuu naannoo hojiin wal-qabatanii hojjetaa irra
gahaniif ragaa ogeessa dhimmi ilaaluun yoo mirkanaa’e manni hojii kan itti
gaafatamu ta’a.
7) Waa’ee fayyummaa fi nagummaa naannoo hojii irratti sagantaa barumsa fi leenjii
qophessuun hojettootaaf leenjiin hubannoo uumuu akka kennamuu ni taasisa, hojii
kanaaf baajata barbaachisu ni ramada.
8) Manni hojii mootummaa ragaalee eegumsa fayyummaa fi nagummaa naannoo hojiif
meeshalee ittisa balaa guutuu ta’e tartiibaan ni qindeessa, balaawwan naannoo
hojiitti gahuu danda’an akaakuu fi sadarkaan isaanin, tarkaaffiwwan fudhatamuu
qaban galmaa’anii akka taa’an ni tasiisa.
9) Manneen hojii wantoota fi haalota balaa fi fayyaa hojettoota isaani miidhan, tooftaa
ittiin ofirraa ittisuu danda’an irratti hubannoo uumuu qabu.
10) Manneen hojii hojjettootaaf meeshalee ittisa balaa tasaayeroon dhiyeessuun hojii
irra akka olan taasiisu qabu.
11) Raawwii hojii irra oolmaa fayyummaa fi nagummaa naannoo hojii mijeessuf
hoggansi misomaa fi qabeenya namaa mana hojichaa yookiin puulii tajaajilaa iddoo
tokkoo fayyummaa fi nagummaa naannoo hojii ni ramada.
12) Komiiwwan, eeruun fayyummaa fi nagummaa naannoo hojii irratti hojjettoota irraa
dhiyaatan qulqulleessun tarkaafii sirreefamaa qaama dhimmi ilaallatuu waliin ni
fudhatu.
13) Manneen hojii haala qabatamaa isaanittiin iddoo hojii milkaa’a taasisuuf
meeshaaleen qunnamtii bilbilli, ibsaan, jenereetarri, bishaan, iddoon haara galfii
abbaa dhimmaa fi kafteeriyaa jiraachuu qaba.
14) Hojiin deeggarsa fi hordoffii fayyumaa fi nagummaa naannoo hojii caasaa
Biirichaan kan raawwatamuu ta’a.
15) Manni hojii kamiyyuu haalli ijaarsaa fi teessuma waajjiraalee dubartoota ulfaa,
qaama miidhamtootaa, maanguddotaa fi maamiltoota isaanii adda addaaf mijataa
ta’uu qaba.
211. Hojii Daayirektoreetii yookiin Dursaa Garee Hooggansa fi Misooma Qabeenya
Namaa
1) Karoora hojii Hojii nagummaa fi fayyummaa qabatamaan hojii irra oolchuuf baajata
waggaaf barbachiisu mana hojii fedhii baajataa karoorsuun hojiirraa ni oolcha.
2) Eegumsa nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii itti dhiyeenyaan kan hordoffi
barbaadu ta’uu hubachuun hawaasa mana hojiif gorsa ni kenna.
135 | P a g e
3) Ogeessoota hoggansa qabeenya namaa nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii irratti
hojjetan yeroo yeroon hordofuu fi deeggaruun tarkanfilee fooyya’iinsa adda addaa ni
fudhata.
4) Meeshaaleen nagummaa fi fayyummaa naannoo hojiif barbaachisan akka yeroon
guutaman fi hojiirra oolan ni taasisa.
5) Ragaaalee nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii ilaalan qindeessuun ni qabata.
6) Dhimmoota nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii ilaalan irratti qoratee mana
hojiif dhiyeessuun yoo murtii argatee hojii irra ni oolcha.
7) Dhimmoota nagummaa fi fayyummaa irratti eeruu fi komiiwwan dhiyaatan ni
qulqulleessa, akka raawwatamu ogeessatti ni ramada, gabaasota ogeessa irraa
dhiyaatan irratti murtii ni kenna, yookiin akka barbachiisummaa isaatti hogganaa
olaanatti dhiyeessuun yoo murtaa’uu akka raawwatuu ni taasisa.
8) Nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii irratti qaamoota isaan ilaallatu waliin ta’uun
karoora leenjii qopheessuun hojjettoonni akka leenji’an ni taasisa.
9) Hojii nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii abbaa dhabee akka hin dagatamneef
hojjettoota keessaa ogeessa hoggansa qabeenya namaa tokko ni ramada, naannoo
hojiitti hojjettoonni nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii isaani akka eegan
deeggarsa barbaachiisa ta’e ni taasisa, dub-deebii ni kanna, ni gorsa, hojii irra ni
oolcha.
10) Godinaalee, Bulchiinsa Magaaloota fi Aanaalee irratti gareen hoggansaa fi misooma
qabeenya namaa sadarkaa puuliitti gurmaa’ee mijaa’ina iddoo hojii seekteraalee itti
waamamaniif deeggarsaa fi hordoffii ni taasisa, sadarkaa isaan irra jiranis duraa
duubaan sadarkeessuun hanqina qaban fooyyeessa akka deemaniif kallattii ni kenna.
11) Bakka yaaddoon balaaf saaxilamuu jira jedhee amaneetti hoogganaa mana hojiitiif
yaada dhiyeessuun akka sirreefamu ni taasisa.
212. Dirqama Hojjettoota Mootummaa
1) Hojjetaan mootummaa kamiyyuu qajeelfamoota nagummaa fi fayyummaa eeguuf
bahan beekuun kabajuu qaba.
2) Meeshaalee hojii fi ittisa balaa isaaf kennaman sirnaan fayyadamuu qaba.
3) Haalawwan balaa geesisuu danda’an jiraachuu isaanii yeroo tilmaamu itti gaafatamaa
mana hojii ilaalatuuf battalummatti beeksisuu qaba.
4) Hojjetaan mootummaa miidhaa yookiin balaa naannoo hojiitti irra gahe sa’aatii 24
keessatti mana hojii beeksisuu qaba.
5) Hojjetaan mootummaa leenjii fayyummaa fi nagummaa kennamuu irratti hirmaachuu
qaba.
136 | P a g e
213. Haala Qabiinsa Ragaa
1) Manneen hojii mootummaa haala nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii mana hojii
isaanii ilaalchisee ragaa guutuu qabachuun, akka barbaachiisummaa isaatti qaama
dhimmi ilaallatuuf yeroo fi qulqulinaan dhiyeessuuf dirqama qabu.
2) Gabaasni nagummaa fi fayyummaa naannoo hojii gabaasa hojii idilee waliin
qindaa’ee yeroo yeroon qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuu qaba.
3) Daayireektoreetiin Hoggansa fi Misooma Qabeenya Namaa manneen hojii sadarkaa
naannoo hanga Aanaatti jiran hundi xumura waggaa irratti lakkoofsa hojjettoota
uffanni hojii kennamuuf gitoota hojiitiin adda baasuun baay’ina, gosa uffata hojii,
baasii fi meeshaalee hojii isaan barbaachisuu qindeessanii ragaa ni qabatu,
baarbaachisaa ta’ee yoo argamu qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessu.
4) Daayirektoreetii yookiin Dursaa Gareen hoggansa fi misooma qabeenya namaa
sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaaleetti argaman puulii fi sekteraan
adda baasuun xumura waggaa irratti gabaasa raawwii hojii hojjettoota gitoota hojii
uffata hojii fi meeshaaleen hojii hayyamameef irratti ramadamanii uffatni hojiifi
meeshaaleen hojiirra oolee fi baajata dhimma kanaaf bahe qindeessee ni qabata,
qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasa ni dhiyeessa.

Kutaa Sadi
Haala Komii, Gochaawwan Dhorkaman fi Fedhii Teeknikaa Qopheessuu
214. Haala Komiin Itti Keessummeeffamu
Raawwii kenniinsa uffata, meeshaalee hojii fi miidhaa hojii irratti gahuu irratti qaamni
komii qabu adeemsa keessummeessa komii eeguun mana hojii sadarkaa Aanaa irraa
kaasee hanga Naannootti komiin dhiyaatee furmaata akka argatu ni taasifama.
215. Gochaawwan Dhorkaman

1) Gitoota hojii qajeelfamaan uffatni hojii hayyamameen ala uffata hojii kennuus ta’e
baajata bittaa uffata hojiif qabame maallaqatti jijjiiraanii kennuun dhorkaadha.
2) Hogganaas ta’e hojjetaan dhorkaa kana cabsee seeran ala raawwates ta’e raawwachise
kan ittigaafatamaan ta’a.
3) Uffatni hojii hojjettoota mootummaaf kennamu kan humnoota nageenyaa biyyaa eegan
kanneen akka Raayyaa Ittisaa Biyyaa, Poolisii, qaamoota nagaa kabachisan kan biroo
waliin wal fakkaachuu hin qabu.
216. Ibsa Fedhii Teeknikaa Qopheessuu
1) Sadarkaa naannootti Ejansiin Bittaafi Dhabamsisaa Qabeenyaa Oromiyaa fi

137 | P a g e
2) Sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaatti Waajjiraaleen Maallaqaa ibsa
fedhii teeknikaa uffataa fi meeshaalee hojii guutuu qopheessuuf dirqama qabu.

BOQONNAA KUDHA LAMA

Tumaalee Adda Addaa


217. Tumaalee Adda Addaa

138 | P a g e
Hojiirra oolma qajeelfama kanaa sadarkaa Naannootti ol-aantummaan Biirichaan kan
hordofamu ta'ee, sadarkaa Bulchinsa Godinaalee,Magaalaa,fi Aanooleetti Waajjiraalee
Pabiliik sarviisii fi Misooma qabeenya namaatiin ta'a.
218. Gaafatamummaa Qaamolee Adda Addaa
1) Hoogganaan yookiin Itti Gaafatamaan mana hojii sadarkaa sadarkaan jiru yookiin
Koreewwaan yookiin hojjetaan sadarkaa mana hojii kamiiyyuu irra jiru dhimmoota
haala raawwii Qajeelfamoota kanneenii, Labsii Lakk. 215/2011 fi Dambii Manni
Maree baasuu keessattii ibsameen alatti bu’aa yookiin faayidaa mataa isaa argachuuf
jecha taayitaa dahoo godhachuun faayidaa hin mallee argachuuf, loogummaadhaan
faayidaa nama dhuunfaa giddu-galeessa taasisuun raawwachuun, qajeelfamicha
dabsuun yookiin cabsuun nama biraa ittiin fayyaduun yookiin nama biraa ittiin
miidhuun, hojiirra oolmaa qajeelfamootaa gaggeeffamu keessatti dhimmoota
icciitiidhaan qabamuun irra jiraatu icciitii eeguu dhabuu fi yeroo itti ibsamuu qabuu
dursuun dabarsanii kennuun, hojiirra oolmaa qajeelfamootaa ta’e jedhee yookiin maal
nadhibeedhaan yookiin dagannoodhaan raawwachuun dhuunfaadhaaniis ta’ee
gareedhaan akkaataa tuma sirna naamusaa, seera yakkaa fi hariiroo hawaasaatiin kan
gaafachiisu ta’a.
2) Hojjetaan mootummaa gocha seeraan ala raawwatameen walqabatee mindaa fi
faayidaaleen biroo seeraan ala kanfalameef akka deebisu ni taasifama.
3) Keewwata kana Lakk. 1 jalatti kan ibsame akkuma jirutti ta’ee, hojjetaan mootummaa
gochoota seeraan ala raawwateef yookiin akka raawwatamu taasiseef haala ulfina
balleessichaatiin yakkaan yookiin balleessaa naamusaa cimaadhaan himatamee kan
adabamu ta’a.
4) Hoogganaan yookiin Itti Gaafatamaan mana hojii hojjetaa gocha seeraan alaa
dhimmoota seeraan alaa irratti raawwateef akkaataa keewwata kana Lakk. 1 jalatti
ibsameen daangaa yeroo himannaa dabarsuun akka hin gaafatamne yookiin hin
himatamne taasisee tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaan kan irratti fudhatamu ta’a.
5) Dhimmoota seeraa fi qajeelfamaan ala raawwataman irratti murtii fi ajaja Biiroon
kenname qaama hin raawwanne Biirichi qaama qoratee himachuuf aangoon
kennameefitti dhiyeessuudhaan tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu ni taasisa.
6) Manni hojii kamiiyyuu dhimmoota mana murtiitti dhiyaatanii murtee argatan
raawwachisuun dirqama ta’ee, murtee kana hojiirra oolchuu dhabuun baasiiwwaan
adda addaa dabalata sababa kanaan bahan irratti manni hojichaa kan itti gaafatamu
ta’a.
219. Tumaalee adda addaa
139 | P a g e
Dhimmoota qajeelfama kana keessatti hin hammatamnee fi raawwi qajelfamichaa
keessattii muudatan manneen hojii gaaffii isaaniin deggarame Biiroo Pabliik sarviisii fi
Misooma Qabeenyaa Namaatti dhiyeessuun murteen itti kan kennamu ta’a.
220. Aangoo Qajeelfama fooyyessuu
Akkaataa Labsii Hojjetoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakkk 215/2011 keeyyata
97 keeyyata xiqqaa “2” aangoo kennameen Biiroon Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Oromiyaa aangoo qajeelfama kana jijjiiruuu, fooyyessuun baasuu yookiin hojii
irra yerooitti oolu, ibsa irratti kennuu ykn hiika itti kennuu ni danda’a.
221. Qajeelfamoota Haqaman
Qajeelfamni ………jedhamee bahe qajeelfama kanaan bakka buufameera.
1) Qajeelfamoonni qajeelfama kanaan faallaa ta’an kamiyyuu yookiin hojimaanii
barsiifataan dhimmoota qajeelfama kanaan haguuggaman irratti raawwatinsa hin
qabaatu.
2) Qajeelfamni uffannaa fi meeshaalee hojii Adooleessa 1 Bara 2010 jedhamee hojii irra
jiru qajeelfama kanaan haqameera.
222. Yeroo Qajeelfamichi Hojii Irra Oolu
Qajeelfamni Kun ------------------Bara 2013 irraa eegalee hojii irra kan oolu ta’a.
Tumaalee Adda ADDAA Kan Carraa Barnootaa fi Leenjii Hoggansaa
223. Dirqama Deeggarsa Kennuu
1) Namni kamiyyuu hojiirra oolmaa qajeelfama kanaatiif deegarsa kennuuf ni qaba.
2) Namni kamiyyuu dhimmoota qajeelfama kana keessatti tumaman haala faallaa
ta’een raawwate yookiin raawwachiise kamiyyuu tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa
kan irratti fudhatamu ta’a.
224. Tumaalee Ce’umsaa
1) Hoggansi qajeelfamni kun osoo hojiirra hin ooliin dura carraa barnootaa argachuun
barachaa jiru mirgaa fi dirqamni qabu yoo jiraate akkaataa qajeelfama kanaatiin
akka raawwatameetti lakkawwamee raawwiin isaa kan itti fufu ta’a.
2) Akkaataa qajeelfama kanaatiin hoggansi walii galtee osoo hin seeniin barachaa kan
jiru yoo ta’e, akkaataa qajeelfama kanaatiin walii galtee seenuutiif dirqama ni
qabaata.
225. Seerota Raawwatinsa Hin Qabaanne
Qajeelfamni fi baarmaatileen hojii qajeelfama kanaan walfaallessan kamiyyuu
dhimmoota qajeelfama kana keessatti hammataman irratti raawwatinsa hin qabaatan
226. Yeroo Qajeelfamichi Hojiirra Itti Oolu
Qajeelfamni kun ………., bara 2013 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a.
140 | P a g e
Finfinnee

Gabatee 1-Gitoota Hojii Uffata hojii fi Meeshaaleelee Hojii Keenisisan Mul’isu


Lak. Akaakuu Meeshaalee fi
Waamama Gita Hojii Baay’ina
Uffata Hojii Kennamu

141 | P a g e
1 Waardiyyaa /dhiiraa fi dubartoota/ Kootii fi surree dhiiraf / Waggatti lama
guyyaa fi halkani Jaakkeetii fi qamisi ,Uffata
jalaa /dubartiif

Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Qoobii /koffiyyaa/
Uffata roobaa Waggatti sdditti tokko
Kaappoortii suufii
Firaashii ,uffata qorraa fi
boraatii / tirikaa ,kan
waliinii/
Ansoola /dhuunfaa/ Waggatti tokko

2 Ogeessa Hojii Eeggumsa Midhaanii Tuuttaa Waggatti lama


Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
Kaapportii raakii Waggaa lammatti tokko

Uffata roobaa /dibaabee/ Waggaa saditti tokko


3 Ergamaa/ttuu (dhiiraa /dubara Kootii fi suuree /dhiiraa/ Waggaatti lama
Jaakkeetii fi qamisii
gabaabaa, Uffataa jalaa
surree gosa tokko /dubartiif/
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti lama
gabaabaa
Dibaabee Waggaa saditti tokko
4 Waardiyyaa fi Hojjataa Biqiltuu Kootii fi suuree /dhiiraa/ Waggatti lama
/dhirraa/ dubartif/ Jaakkeetii fi qamisii
gabaabaa, Uffataa jalaa
surree /dubartiif/

142 | P a g e
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Qoobii /koffiyyaa/
Kaappoortii waggaa sadiitti tokko
Tuuttaa Waggaatti lama
Kophee boottii laastikii Waggaa lammatti tokko
Uffata roobaa Waggaa saditti tokko
Firaashii ,uffata qorraa fi
boraatii tirikaa , /kan
waliinii/
5 To’aataa qulqulleesitotaa, Kootii fi surree/dhiraaf / Waggaatti lama
Ergamtoota Waardiyootaa Shimizii ,
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Kaaportaa,dibaabee Waggaatti sadiitti tokko
Qoobii Waggaatti tokko
6 Ergamtuu fi qulqulleessituu Jaakkeetii fi qamisii Waggaatti tokko
gabaabaa shamizii fi surii
gosa tokko uffata jalaa
/dubartiif

Kootii ,surreefi Shamizii Waggatti lama


/dhiraaf/
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Marxoo guutuu
Dibaabee Waggaa saditti tokko
7 Poostessaa lafoo Jaakketti fi qamisii, Waggatti tokko
shamizii fi surree gosa
tokkofi Uffata jalaa
/dubartiif/

Kootii ,surree fiShamizii Waggatti lama


/dhiiraf/

143 | P a g e
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Uffata roobaa (dibaabee) Wagga sadiitti tokko
8 Poosteessa mootara Jaakketti gogaa Waggaa saditti tokko
Surree waggatti lama
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Uffata roobaa waggaa sadiitti tokko
Qoobii sibiilaa (Helmet) Akka meeshaalee hojiitti
Guwantii harkaa

9 Hojjetaa biqiltuu Tuuttaa Waggatti tokko


Surree fi kootii

Shamizii Waggatti lama


Kophee gogaa qulqulluu Waggatti cimdii tokko
gabaabaa
Kophee boottii laastikii Waggaa lammatti tokko
Qoobii dirree (Field cape) Waggatti tokko
10 Qulqulleessituu Kootii fi surree /dhiiraa/ Waggatti lama
Qaamisii Uffataa keessaa
/dubartiif/
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gbaaba
Marxoo guutuu
Guwaantiii fi maaskii Akka meeshaa hojiitti
11 Too'ataa qulqulleessiootaa Kaapportii ¾ waggatti tokko
Kophee gogaa qulqulluu
gababaa
12 Keesummeesaa/ttuu Kootii fi surree /Dhiiraaf/ Waggatti lama
Wandaboo, Uffata keessa
/dubartiif/
Shamizii

144 | P a g e
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Marxoo
13 Qulqulleesituu mana nyaataa Kootii fi surree /dhiraa/ Waggatti lama
Qamisiifi uffata jalaa
/dubartiif/
Shamizii/Dhiiraaf/
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Marxoo pilaastiikii Akka meeshaalee hojitti
(epireen)
Guwaantiii fi maaskii

14 To'ataa mana Nyaataa Gaawanii 3/4 Waggaatti tokko


Qoobii carqii Waggaatti lama

15 Hojetaa miiccaa uffata Tuuttaa,Kootii fi surree Waggaatti tokko


Kootii fi surree /dhiraa/ 32

Qamisii fi uffata jalaa Waggatti lama


/dubartiif/

Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu Waggatti cimdii tokko
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
Maarxoo Pilaastikii Akka meeshaalee hojitti
16 Sirreessaa rifeensaa Gaawaanii waggatti lama
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gababaa
17 Hojetaa galmessa fi To'ataa Gaawaanii fi qoobii carqii Waggaatti tokko
qabeenyaa Guwaantii Akka meeshaa hojiitti

18 Itti gaafatamaa mana kuusaa Gaawaanii Waggaatti tokko


meeshaalee fi Hojjetaa mana kuusaa Maaskii Pakkeetii tokko
meeshaa

145 | P a g e
19 Hojjetaa mana Ittoo Kootii fi surree /dhiira/ Waggatti lama
Tolchituu Buddeenaa qamisii fi uffata jala/dubartii
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu Waggatti cimdii lama
gabaabaa
Marxoo guutuu Waggatti tokko
Qoobii (koffiyyaa) carqii
20 Falaxaa mukaa (qoraanii) Kootii fi surree Waggatti lama
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
21 Guddiftuu (mogiztii) Kootii fi surree /dhiiraaf/ Waggatti lama
qamisii fi uffata jalaa /
dubartiif/
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gababaa
Marxoo guutuu
23 Ogeessota Yaalaa, Hakiima,
Qondaala Fayyaa, Yeroo duraaf lama
Narsii ,Faarmaasistii ,Qorataa kennamee akka dhumetti
Dhiigaa, Farmaasisii atteendantii, Gaawaanii kan bakka bu'u
Teknishanii laaboratorii, (Hospitalaa Qofaaf Kan
Teeknishanii “X-ray”, Hojjetuu)
Raadiyoo loojistii ,
24 Laaboraatorii Intomolojii fi Gaawaanii waggatti lama
Paatolojiistii /Ogeessa Eeggumsa
Biqiltuu/
25 Ogeessa Eeggumsa Biqiltuu Kophee bootti laastikii fi Akka meeshaa hojiitti
(Enthomology) Tuuttaa
26 Keemistii ,gargaaraa keemistii
Kaapportii ¾ Waggaatti lama
Teekinishaanii laaboraatorii
27 Hakiima beelladaa fi Gargaaraa Kophee boottii laastikii Waggaa lammatti tokko
hakiima beelladaa Kaapportii hojii guutuu waggatti tokko
Hakiima Ittisa fi To’annoo
146 | P a g e
Dhukkuba Beeyiladaa

28 Hakiima beellada Kaapportii hojii guutuu waggaatti lamatti tokko


(laaboraatooriin)

Kophee bootti laastiikii


Qoobii carqii Waggaatti lama
Maaskii ,Marxoo Pilaastikii Akka meeshaalee hojitti
29 Teekinishaanii Horii Diqaalomsuu Tuuttaa waggaatti lama
(AI)Tekinshiyana Laboraatorii
Fayyaa beeyiladaa Qoobii caarqii

Kophee bootti gogaa Waggaatti cimdii tokko.


gabaabaa .
Kophee bootti laastikii
30 Elmituu aannanii Tuuttaa Waggatti lama
Kophee gogaa qulqulluu Waggatti tokko
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
Qoobii carqii
Marxoo Akka meeshaalee hojitti
31 Hojjetaa Qophii nyaataa horii Tuuttaa Waggatti lama
Kophee gogaa qulqulluu Waggatti tokko
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
Qoobii carqii
32 Ogeessaa eegumsa Qorannoo Tuuttaa Waggatti tokko
nyaata beeladoota,Qorattoota Kophe gogaa gabaabaa
Misooma Midhaanii, Agiro-
ikolojistii fiSassaabduu samuda
biyyee

33 Biifaa Qorichaa (daawwaa) Tuuttaa Waggaatti lama


Kophe boottii gogaa Waggaatti cimdii tokko
147 | P a g e
Ogeessa Qiyaasaa gabaabaa
Kophee boottii Laastikii
36 Isikkaawtitii Tuuta Simbirootaa Surree fi shamizii waggatti tokko
Tuuttaa

Kophe gogaa gabaabaa Waggaatti cimdii tokko


Kophee bootti laastikii

37 Tiksee Horii Qoobii ,Kootii fi surree Waggatti tokko


Shamizii Waggatti lama
Tuuttaa Waggatti tokko
Kophe boottii gogaa
gabaabaa
Kophee boottii lastikii
Uffata Roobaa Waggaa sadiitti tokko
38 Hojjetaa horsiisa kanniisaa Kootii fi Surree Waggatti tokko
Tuuttaa

Shamizii Waggatti lama


Kophee boottii gogaa Waggatti cimdii tokko
Kophee boottii laastikii

Guwantiifi Kofiyaa saleenii Akka meeshaa Hojjitti

39 Hojjetaa suphaa ujummoofi Anaxii Tuuttaa fi fild keeppii Waggaatti lama


fi Ogeessa ijaarsaa (masonery) Kophee bootti gogaa Waggaati tokko
Kophee bootti laastikii

40 Teeknishiyaanii suphaa elektirikaa Tuuttaa Waggatti lama


Kophee seeftii /sefty/

Guwaantii Akka meeshaa hojiitti


41 Teeknishaanii ortopeediksii fi Tuuttaa Waggaatii lama
Hojjetaa hojii mukaa Kophee bootti gogaa
gabaabaa
42 Dibduu haalluu Tuuttaa Waggatti lama
Kophee seeftii /sefty/

148 | P a g e
Qoobii carqii Waggaatti tokko
43 Barsiisoota hojii sibiilaa, Hojii Tuuttaa Waggatti lama
mukaa, Hojii Gogaa, Hojii qophii
Kophee seeftii
Nyaataa fi Hojii Elektiriikaa
Guwaanti fi maaskii Paakeetii tokko tokko

44 Barsiisaa Guddina fi jabeenya Tuuttaa isportii waggatti tokko


qaamaa Kophee toorshinii Waggatti cimdii lama
45 Barsiisaa hojii suphee Tuuttaa /dhiiraa f waggaa lamatti tokko
Gaawaanii/dubartiif
Kophee Bootti laastikii

46 Barsiisaa ogummaa qabiinsaa hojii Kaappoortaa ¾ Waggatti tokko


mana , Muuziqaa fi Hodhaa uffata
47 Gar. Oppireetara Roolarii, Gireedarii Tuuttaa Waggaatti lama
,loodarii ,Iskaabatorii fi
Kophee seftii
Gargaartootaa maashinarii
Elmeentii Waggatti tokko

Fild keeppii Waggaatti lama

48 Taapserii Kaappoortaa ¾ Waggaatti tokko


Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama
gabaabaa
49 Injinara Ji'olojistii, Gar. Jiolojistii, Kophee bootii googaa Waggaatti cimdii tokko
sarveeyeraa fi hojjataa dirree dheeraa
50 Injinara, Hojjataa kutaa diizaayinii , kaappoortaa ¾ Waggaatti tokko
I/G kutaa Dizaayenii fi
Teekninishiiyanootaa
51 Hojjataa dirilingii fi direeneejii Tuuttaa Waggaatti lama
Kophee boottii gogaa Waggaatti cimdii tokko
gabaabaa /sefty/
Kophee boottii laastikii Waggaatti cimdii tokko
Guwantii gogaa Akka meeshaalee hojiitti
Heelmeetii Akka meeshaalee hojiitti
52 Hojjataa ujummoo fi Paampii Tuuttaa Waggaatti lama
Kophee boottii laastikii Waggaatti cimdii tokko

149 | P a g e
Kophee /seftii/

53 Boolla bishaanii kan qotuu fi Tuuttaa Waggaati Lama


gargaaraa Kophee seeftii Waggaatti cimdii tokko
Uffata roobaa

Heelmeetii sibiilaa
Guwaantii (sharaa) Akka meehsaa hojiitti

54 Hojjataa dirree, ijaarsaa fi suphaa Tuuttaa Waggaatti lama


(Skilled labourer) Uffata roobaa waggaa saditti tokko
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii tokko
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
Heelmeetii sibiilaa Akka meeshaalee hojiitti
Guwaantii (sharaa) Akka meehsaa hojiitti
55 Teeknishaanii hojii Sibiila Tuuttaa Waggaatti lama
Kophee boottii gogaa
dheerraa
Marxoo asbeestoosii Akka meeshaalee hojiitti
Guwaantii gogaa

56 Haaydirolojistii Tuuttaa Waggaatti lama


Kophee boottii laastikii Waggaatti cimdii tokko
Uffata roobaa waggaa sadiitti tokko
57 Konkolaachisaa I Kootii fi surree Waggaatti lama
Shamizii

Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama


gabaabaa
58 Konkolaachisaa sadarkaa II,III,fi Kootii fi Surree Waggaatti tokko
IV fi Gargaartoota konkolaataa Tuuttaa

Shamizii Waggaatti lama


Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
59 Konkolaachisaa Tiraaktaraa fi Tuuttaa Waggaatti Lama
Gargaaraa Tiraaktara Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti tokko
150 | P a g e
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
Qoobii carqii
60 Leenjisaa konkolaachisaa Kaapportaa ¾ Waggaatti tokko
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama
gabaabaa
61 Qooduu boba'aa fi dibataa zayitaa Tuuttaa Waggaatti lama
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama
gabaabaa

62 Hojeetaa qulqullina konkolaataa, Tuuttaa Waggaatti lama


dibataa dibu fi zayita geeddaru Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii tokko
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
63 Gommistaa Tuutaa Waggaatti lama
Kophee /seftii/

64 Itti gaafatamaa suphaa konkolaataa Kaappoortaa ¾ Waggaatti tokko


65 Meekaanika, Gargaaraa Tuuttaa
Meekaanikaa, Waggaatti lama

Awutoo Elektirishiiyani fi Kophee /seeftii/


Teeknishiyaana Booyilarii
66 Teeknishiyaanii suphaa meeshaalee Kapportii ¾ Waggaatti lama
raadiyoo ,pilaazma meeshalee Maaskii Paakeetii tokko
biiroo , meeshaalee barnootaa fi
Guwaantii gogaa Akka meeshaa hojiitti
Teeknihsanii Istaatiksii,
Ogeessa Tilmaamaa Gatii fi
Gurmeessa Qabeenyaa, Ogeessa
Gurgurtaa, Ogeessa Ragaa fi
Qorannoo Gatii Gabaa
67 Hojjetaa chookii (boronqii) Tuuttaa Waggatti lama
Kophee boottii gogaa
gabaabaa
Qoobii carqii
Maaskii Paakeetii tokko

69 Hojetaa rabsaa fi Gurgurtuu Kaappoortaa ¾ Waggaatti tokko


151 | P a g e
gaazexaa
Tuuttaa
Uffata roobaa/dibaabee Waggaa sadiitti tokkoo
70 Hojjetaa baay’isa barreeffamaa fi Kaappoortaa ¾ Waggatti lama
footoo koppii Maaskii Paakkeetii tokko

Guwaantii gogaa Waggatti lama

Kootii fi surree /qamisii/

Kophee gogaa qulqulluu


gabaaba

71 Kaatoogiraafistii, Hojjataa mana Kaappoortaa ¾ Waggaatti tokko


maxansaa kutaa
xiraazii ,Keessumeessaa
Muuziyeemii, Fakii kaasaa fi
kaameera maanii fi gargaaraa
kameeraa maanii
72 Hodhaa uffataa ,Uffata dhahuu fi Kaappoortaa ¾ fiTuuttaa Waggaatti tokkoo
Hojjataa hojii sigaajjaa Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama
gabaabaa
73 Hojjataa kutaa cuphaa haalluu Tuuttaa Waggaatti tokko

Kophee boottii gogaa Waggaatti cimdii tokko


dheeraa

Kophee boottii laastikii Waggaatti cimdii tokko


74 Inispeektaroota, sakattaatotaa fi Sufii kootii fi suree Waggaatti lama
hojjattoota kuwaaraantiinii keellaa mallattoo adda qabu
Shamizii
Kiraabata
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti lama
gabaabaa
75 Abbaa alangaaf Kaabbaa Akka meeshaalee hojiitti
76 Itti gaafatamaa tajaajila suphaa Kapportaa ¾ waggaatti lama
meeshaaleelee Kaappoortaa waggaa Sadiitti tokko

152 | P a g e
Kophee gogaa qulqulluu waggaatti lama
gababa
Guwaantii gogaa Waggaatti tokko
77 Elektiroo-meekaanikii, Kapportaa ¾ waggaatti lama
Elektirishaanii Awtoo makaanikii
Tuuttaa Waggaatti tokko
Kophee seftii waggaatti lama

Guwaantii gogaa Waggaatti tokko


Kofiyyaa (Field cape) waggaatti lama
78 Bayyajii (Welder) Tuuttaa Waggaatti tokko
Kophee seeftii Waggaatti lama

Guwaantii gogaa Akka Meeshaa Hojiitti


Maarxoo gogaa waggaa tokko

Koffiyyaa (field cape) waggaatti lama

I/gaafatamaa tajaajila laaboraatoorii Kaappoortaa Waggaatti tokko


79 kuwaaraantiinii horsiisa Kophee boottii gogaa Waggaatti cimdii tokko
beelada ,ogeessa kuwaarantayinii gabaabaa
fayya beelladaa Kophee laastikii boottii waggaattit lama

Tuttaa Waggaatti tokko


Koffiyyaa (field cape ) waggaatti lama
Maaskii Paakeetii tokko

Marxoo laastikii Waggaa tokko


Guwaantii laastikii furdaa waggatti lama
80 Qo’attoota fi Gargaraa Qo’attootaa Kophee boottii gogaa Waggaatti tokko
I/G labraatorii sirna nyaataa Bio – gabbaabaa
keemistirii, Baayiloojikaalaa Tuuttaa
Kophee boottii laastikii waggaatti lama
Teekinishaanii laboraatorii,

153 | P a g e
Gargaaraa teeknshiyaana
laboraatorii Marxoo laastikii Waggaatti tokko
Guwaantii laastikii furdaa
Kaapportaa hojii guutuu
(gawaanii)
Uffisa afaanii fi funyaanii waggaatti lama

Koffiyyaa (field cape

Tuuttaa haphii adii


Siliparii

81 Dursaa garee Rimoot Seensinigii , Kophee boottii gogaa Waggaatti Tokko.


Ogeessa Rimote Seensingii fi
Teeknishiyanii Rimoot Seensiigii
82 Gargaaraa Qaama miidhamtoota Kooti, surree /dhiiraaf/ Waggaatti lama
Qamisii fi uuffata jala
/dubartiif/
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Marxoo dheeraa Waggatti lama
83 Opireetarii fiilmii Guwaantii harkaa Akka meeshaalee hojiitti
Maaskii
Manatsirii
84 Arkiwoolojistii, Meetrolojisti fi Kapportaa ¾ Waggaatti tokko
Kurtarii hambaalee
85 Dursaa garee dirliingii, Chif Kophee seeftii Waggatti tokko.
Dirilerii,Dirilerii, Qindeessaa Tuuttaa
Pirojeektii, Hay pireezyar weelderii Qoobii sibiila /Helmet/ Akka meesha hojiitti
(High presser welder), weeldari
(bayaajii), Tuul puusherii , Hojjetaa Guwaanti harkaa sharaa

motaraa (Moter man) , Hojjataa Uffata roobaa Wagga sadditti tokko


daarki Ruumii, (Dark room man
Filoor maanii ,Mekkaanika
Riigii ,Eletirikshiyaan ,Makaanika

154 | P a g e
86 Mahaandisa Diriliingii Kophee seeftii Waggatti lama.

Tuuttaa Waggaatti tokko.


Qoobii sibiilaa (Helmet) Akka meeshaalee hojiitti
87 Supervaayizarii mekaanikaa Kophee boottii gogaa Waggaatti lama.
gabaabaa

Tuuttaa

Qoobii sibilaa (Helmeet) Akka meeshaalee hojitti


88 Teekinoolojistii Siibilaa Tuuttaa waggaatti lama

Qoobii sibilaa (Helmeet) Akka meeshaalee hojitti


Kophee boottii gogaa waggaati lama
gabaabaa
89 Seera Kabachiisaa Dhadachaa Kootii fi Qamisii Waggaatti lama
gabaabaa /dubarti/
Kootii ,surree fi kiraabaatii
/dhiiraaaf/
Shamizii adii
Kophee gogaa qulqulluu Waggatti cimdii lama
gabaabaa
90 Sakkatta’aa Jaakeeta fi qamisii Waggaatti tokko
gabaabaa, uffata jalaa
/dubartiif
Shamizii fi suree bifa
tokkoo /dhiiraaf/
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama
gabaabaa
Qoobii waggaatii lama
Safartuu ho’aa Akka meeshaa hojiitti

155 | P a g e
91 Itti gaafatamaa mana Kaaportaa ¾ Waggaatti tokko
kitaabaa ,Hojjeta Mana Kitaabaa,
Maskii Waggaatti Paakeetii tokko
Ateendaantii Mana kitaabaa, Dijitaal
Layibirarii ,E-layibirarii,dizaayinara
lay awutii fi maxansalee , Draaftis
maanii,
Hojetaasarkuleeshiinii,Ogeessa
Bulchiinsa Raga, Ogeessa
Qulqullessa Sanadaa
92 Makaanikaa fi konkolaachisaa Kaaportaa ¾ Waggaatti tokko
meekanikaa Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama
gabaabaa
Kootii ,surrii fiTuuttaa Waggaatti tokko
Shamizii Waggaatti lama
93 Keessumeessaa fiTekinishaanii Tuuttaa Waggaatti tokko
liiftii Waajjira Pirezidaantiiu Kootii fi surree ( ready
made)
Tuutaa

Shamizii Waggaatti lama


Kiraabaata Waggaatti tokko
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii lama
gabaabaa
94 Tolchaa daabboo Kotii fi surrii Waggaatti lama
Shamizii
Kophe gogaa gabaabaa
Marxoo guutuu Waggaatti tokko
Kofiyaa

95 To'ataa hojjetoota Biqiltuu Tuuttaa Waggatti lama


Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti tokko
gabaabaa
Qoobii
Kophee boottii laastikii
96 Kunuunsaa dirree ispoortii Kootii fi Surii Waggaatti tokko

156 | P a g e
Guwaantii harkaa Akka meeshaaa hojiitti
Shamizii Waggaatti tokko
Tuuttaa
Kophee gogaa qulqulluu
gabaabaa
Kophee bootti laastikii
Keeppii fildii Waggaatti lama
97 Ogeessa Horsiisa Lukkuu, Tuuttaa Waggatti tokko
Teekniishaanii Horsiisa Lukkuu Guwaantii Akka meeshaa hojiitti
Googiilii Waggatti lama
Uffata roobaa (dibaabee) Waggatti saditti tokko
98 Hakiima Beeyladaa ittisaa fi Tuuttaa Waggatti tokko
to’annoo dhukubaa beeyiladaa Gaawaanii

Guwaantii Akka meeshaa hojiitti


Uffata roobaa(dibaabee) Waggatti saditti tokko
99 Opireetarii Pampii Bishaanii Tuuttaa Waggaati lama
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii tokko
gabaabaa
Kophee boottii laastikii
100 Injinara elektrikaa ,Mahandiisa Tuuttaa waggaattii tokko
siivilii Kaaportaa ¾

101 Leenjisaa Teenisii Shamizii adii Waggaatti lama


Surii gabaabaa /qumxaa/

Kaalsii Waggaatti afur


Kophee dirree Waggaatti cimidii lama
102 Opireetara Bilbilaa Kootti fi Surree Waggaatti lama
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu
103 Leenjisaa daaka bishaanii Tuuttaa Ispoortii fi Qoobii Waggaatti tokko
adii
Uffata bishaaniin daakaan Waggaatti lama
sliiparii Waggaatti cimidii lama

157 | P a g e
Kaalsii adii Waggaatti lama
Shamizii adii
Kophee sharaa
104 Ispoortessaa fardaa Surree kaakii Waggaatti tokko
Shamizii
Sadariyaa (teetroonii)
Qoobii guluffaa fardaa
Kophee boottii gogaa
Dheeraa guluffaa ferdaa Waggaatti cimidii tokko
105 Hojjetaa Humnaa Tuuttaa Waggaatti tokko
Kootii fi surree Waggaatti lama
106 Itti gaafatamaa kutaa teekniikaa Tuutaa Waggaatti tokko
(Waajjira Bishaanii) Kophee Boottii Laastikaa
Kophee goggaa gabaabaa
107 Rabsaa Bishaan Boonoo Tuuttaa Waggaatti lama

Kophee boottii laastikaa Waggaatti cimdii tokko


Kophe gogaa gabaabaa

Qoobii (koffiyyaa) Waggaatti tokko


108 Hojetaa Dubbisaa lakkoofttuu Kootii fi surree Waggatti tokko
bishaanii Jakkeetii fi qamisii
/dubartiif/ surreefi kootii
dhiiraaf
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu Waggatti cimdii lama
gabaabaa
Kophee laastiikii
Uffata roobaa /dibaabee/ Waggaa sadiitti tokko
109 Sasaabaa Galii Kootii fi suuree /dhiiraaf / Waggaatti lama
Jaakkeettii fi qamisii
gababaa uffata jalaa
/dubartiif/
Shamizii
Kophee gogaa qulqulluu Waggaatti cimdii tokko
158 | P a g e
gabaabaa
Uffata roobaa /dibaabee/ Waggaa sadii tokko

110 Godinaa fi Aanaa irratti Leezer jaakeettii Waggatti sadiitti tokko


 Dursaa garee tajaajilaa Shamizii fi suree akaakuu Waggatti lama
hawasaa, tokko
 Ekspartii babal’insa hirmanaa Kophee seeftii Wagaatti cimdii tokko
hawaasaa, dibaabee wagga saditti tokko
 Qindeesaa babal’insa Heelmeetii Akka meeshaalee hojiitti
hirmaanaa hawaasaa,
Guwaantii
 Odiitara gargaara buufata
bishaan dhugaatii baadiyyaa
111 Biiroo irratti Waggatti cimdii tokko
- Dursaa garee babal’insa Kophee seeftii
hirmaanaa uummataa Shamizii fi surree Waggatti lama
- Ekspartii babal’insa
hirmaana uummataa
Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannootiif
112 Konkolaachisaa Pirezidaantii fi Kootiifi surree (ready made) Waggaatti lama
Itti Aanaa Pirezidaantii fi saqii
Shamizii
Kirabaata
Kophee gogaa gabaabaa
Shurraabii miilaa /kaalsii Waggaatti afur
113 Ajjaabii Pirezidaantii fi Itti Kootii fi surree (ready Waggaatti lama
Aanaa Pirezidaantii made)fi saqii
Shamizii
Kirabaata dheeraa
Kophee gogaa gabaabaa
Kaalsii Waggaatti afur
Ogeessa tajajila Pirotokoii Uffata pirotokolii (ready Waggatti lama
made) fi saqqii
Shamizii ,karabatii
Kophee gogaa gababaa

159 | P a g e
kaalsii Waggatti afur

Dibaabee Waaggaatti tokko


Inistiityuutii Qorannoo Qurxummii
114 Qorataa Qurxummii , Gargaaraa Jaakeetii lubbu baasi (life Waggaa lamatti tokko
Teekinikaa Qorataa Qurxummii jacket)
Gargaaraa Dirree Qorataa Tuuttaa laastikaa boottii
Qurxummii fi Hojjataa Dirree waliin wal-qabatee
Qorataa Qurxummii Sleeping bag Akka meeshaalee hojiitti
115 I/G Riikardii fi kuusaa , Maaskii Waggattii Paakeetii tokkoo
Hojjetoota Mana galmee, Kaapportii 3/4 Waggatti lama
Ogeeyyii TQO ,Qabduu
harshammee fi Qabduu
Maallaqaa

160 | P a g e
La . Waamama Gita Hojii AkaakuuMeeshaa fi UffataHojii Baay’ina

 Inispeektera qulqullina sanyii biqiltu Guwaantii gogaa Waggaatti


 Inspekitaraa qulqullina xaa'oo fi keemikaalaa Keeppii carqii tokkoo
farra aramaa Kophee seeftii

 Inspekitaraa To’anno qulqullina meeshalee Ufataa roobaa

qonna Maaskii( respiratory mask)


 InspeekteraTo`annoo Daldala Sanyii Biqiltuu Guugilii ijaa
 InspeekteraTo`annoo daladalaa Xaa`oo fi Waggaa
Keemikaala lamatti tokko
116  Ogeessa Inspekishinii Kuwarantinii Biqiltuu
 Inspeektera Sosochii Sanyii Biqiltuu
 InispeektaraTo’annoo Qulqullina Oomisha
Bunaa
 Inispeeektara too’annoo qulqullina omisha
kuduraa fi muduraa
 Inispeektara too’annoo qulqullina Omisha
shayyee, mi’eesituu fi urgooftuu
 InispeektaraToo’annoo qulqullina omisha
midhaanii Kaapportaa hojii guutu/dheera
 Inispeektera to’annoo qulqullina dhangal’aa Guwaantii gogaa Waggaatti
sanyii kormaa beelladaa Keeeppii carqii tokkoo
 InspeekteraTo`annoo Daldala Nyaata Kophee seeftii
Beeyladaa Ufataa roobaa Waggaatti
 Inspeektera To`annoo Daldala Qoricha Guugilii ijaa tokkoo
Beeyladaa Tuutaa

 OgeessaTo'anno Kuwaarantinii Horsiisa Ufataa afanii fi funyaanii

Beelladaa (respiratory mask)

 Ogeessa Qorataa Kuwaarantinii fayyaa


117
Beelladaa
 Ittigaafatamaa wirtuu Kuwaarantiinii
 Inspeektera Sosochii fi qorataa fayyaa
beeladaa
 Inspeektera Kuwaarantiinii sanyii biqiltuu
 InspeekteraTo`annoo Sosochii fi qorataa Kaportii hojii guutuu (Gaawanii)
keemikaala farra ilbiisootaa
 InispeektaraTo’annoo Qulqullina Bu’aalee
Beeyilada
161 | P a g e

Guwaantiiharkaa pilastiikii Waggaatti


 Ogeessa Laaboraatoorii qulqullina sanyii
Gabatee 2-Gabatee Hojjattoota Gitoota Hojii Uffatnii fi Meeshaaleeleen Hojii
Heeyyamame Irratti Ramadamanii Hojjataniif Gosaa fi Baay’ina Uffataa Hodhamee
Kennamuu Meetiraan
Baay’ina Uffataa Hodhamee
Lakk. Gosa Uffataa fi Meeshaaleelee kennamu Meetiraan Ibsa
Hojii Arbi Ballaa Arbi
Dhiphaa
1 Kootii fi surree gabarii hin qabne 3.50 5.15
2 Shamizii fi surree bifa tokkkoo 2.90 5.15
3 Shamizii 1.65 2.15
4 Surree 1.40 2.00
5 Kootii fi qamisii gabaabaa 3.00 4.25
6 Qamisii 3.00 4.85
7 Uffataa jalaa/keessaa 2.15 3.15
8 Kootii fi surree gabarii qabu, 3.15 4.75
suufii (Teetroonii)
9 Kootii fi surree teetroonii 3.40 5.00
10 Kootii fi surree poolistaraa 3.15 4.85
gabarii qabu
11 Kootii fi surree poolistaraa 3.50 5.35
gabarii hin qabne
12 Qamisii poolistaraa 3.00 4.50
13 Sadariyaa fi qamisii gabaabaa 1.95 3.50
poolistaraa
14 Tuuttaa 3.15 4.75
15 Kaappoortii hojii guutuu 2.60 4.25
16 Kaappoortii ¾ 2.60 4.25
17 Marxoo guutuu 2.60 4.25
18 Marxoo gabaabaa 1.40 2.25
19 Qoobii carqii 0.25 0.40
20 Qoobii maayikaa (Field keep) 0.25 0.40
21 Ansoolaa 1.50mx1.90m

1) Miiltoowwan Raawwii Leenjii fi Carraa Barnoota Misooma Qabeenya Nama

162 | P a g e
Uunkaa 8.2: Uunkaa Waliigalteen Leenjii yookiin Barnootaa Itti Seenamu
Mootummaa Naannoo Oromiyaati Biiroo Pabiliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa uunkaa hojjatootni carraan leenjii/barnootaa biyya keessaa fi biyya alaa
kennamuuf waliigaltee fi dirqama wabii ittiin seenan.

1. Sadarkaa Waliigaliteen itti raawwate

Naannoo_______________________________________
Godina ________________________________________
Aanaa _________________________________________
Magaalaa ______________________________________
Ganda _________________________________________
2. Gosa fi Sadarkaa
Leenjii/barnootaa_________________________________________
___________________________________________________________________
__

3. Yeroo Leenjichi/barumsi
fudhatu_________________________________________

Akkaataa qajeelfama raawwii wabii leenjii/barnootaa irratti ibsameen


leenjii/barnoota biyya keessaa fi biyyaa alaa akkaataa asiin gaditti dhiyaateen
mana hojii carraa leenjii/barnoota kennee fi hojjataa caaraan leenjii/barnoota
kennameef jiddutti walii galteen leenjii fi wabummaa mallattaa’uu qaba.

4. Waadaa Kennaa (Mana Hojii)


_____________________________________________________________________
_____________________________________________________________________

5. Waliigaltee fudhaataa (Hojjataa)

Maqaa __________________________________
Teessoo ________________________________
Umurii _________________________________
Sadarkaa barumsa amma qabu.___________
Ani Waadaa
Fudhataan/leenjifamaan/Obboo/Aaddee_____________________________________
__Carraa leenjii/barnoota naaf kenname kanatti akkaataa ulaagaalee qajeelfama

163 | P a g e
raawwii leenjii fi Misooma Qabeenya namaa kanaan carraa leenjii/barnootaa naaf
kenname xumuree yemmuun deebi’u mana hojii koo yeroon turmaata leenjii ykn
barnootaa__________ ta’ee dachaadhaan _________ tajaajiluuf waadaa galeera.
Waadaa kana yoo bahuu dhabe baasii dhimma leenjii/barumsa kanaaf bahu hunda
kafaluuf fedhii fi beekumsa guutuudhaan waada kana galuu koo mallattoo kootiin ni
mirkaneessa. Raawwii kanaafis wabii itti aanu dhiyeesseera.
6. Nama Wabii Seene

Ani Obbo/Aaddee ___________________________________

Obbo/Aaddee_______________________________________ tiif akkaataa kanaan


olitti ibsameen waliigaltee kana yoo raawachuu baate bakka isaa bu’ee
raawwachuuf baasii sagantaa leenjii/barnoota isaa kanaaf bahu kan kafalu ta’uu
koo waliigaltee wabummaa kana beekee fi fedhii guutudhaan fudhachuu koo
mallattoo kootiin ni mirkaneessa.
Mallattoo______________________________________________

7.Sadarkaa Mindaa
Wabicha_____________________________________________

8. Waada Kennaa Waadaa Fudhataa


Maqaa ________________ Maqaa ____________________
Mallattoo _____________ Mallattoo __________________
Guyyaa _______________ Guyyaa ___________________
9. Yeroo Waadaan Itti Ragga’u.

Waadaan kun qaamolee waadaa walii-galan fi Gosa wabii dhiyaateen ta’ee


waadaan kun _________________________ irraa eegalee qaamoolee waadaa
walii galaan giddutti kan ragga’u ta’a.

Hubachiisa: Unki kun kooppii sadiin guutamee chaapaan mana hojii itti godhamee
kooppiin 1ffaan kuusaa dhuunfaa hojjetaa leenjii/barnoota argateen
walqabata, kooppiin 2ffaan hojjataa harka kan taa’u yommuu ta’u
kooppiin 3ffaan wabii leenji’aatiif ni kennama.

164 | P a g e
165

You might also like