Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 16

Inistitiyuutii leenjii qaamolee haqaa fi ogeessota seeraa oromiyaa

SHAAKKALLII LEENJII HOJIIN DURAA LEENJIFAMTOOTA


MARSAA 17FFAA

MAQAA LEENJI’AA
GABAASA SHAAKALA WAAJJIRA ABBAA ALANGAA

ADAAMAA, OROMIYAA

ADOOLESSA 01/ 2013

1
KUTAA TOKKO
GABAASA RAAWWII HOJII SHAAKALLII WAAJJIRA ABBAA
ALANGAA BULCHIINSA MAGAALAA NAQAMTEE

2
1. Seensa
Inistitiyutiin Leenjii Ogeessota fi Qaamolee Haqaa Oromiyaa yeroo garaagaraatti Abbootii
seeraa fi Abbootii Alangaa hedduu leenjisuun gara hojiitti bobbaasuun isaa beekamaa dha.
Haaluma walfakkaatuun anis Inistitiyuticha irraa Leenjii hojiin duraa baatii afur fudhachuun
gara shaakalliitti bobba'een jira. Barbaachisummaan shaakallii kanaas Leenjifamtoonni
beekumsa leenjiidhaan inistitiyuticha irraa argatan qabatamaan hojiitti jijjiiruun beekumsa isaanii
akka gabbifatanii fi hawaasa dheebuu haqaa qaban karaa haqa qabeessa ta'een akka
tajaajilaniidha. Kutaa kana keessatti waa'ee Waajjira Haqaa Aanaa Bulchiinsa Magaalaa
Naqamtee, Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee fi Mana Murtii Aanaa Bulchiinsa
Magaalaa Naqamtee gabaabinaan akka armaan gadiitti ibsuuf yaaleera.
1.1. Waa'ee Waajjirichaa Fi Caaseeffama Isaa Gabaabinaan
Ani Leenji'aan shaakallii kiyya kan geggeessaa ture Waajjira Haqaa Godina Qeellam
Wallaggaatti waajjira Haqaa Aanaa Laaloo Qilee keessattiidha. Waajjirri kun kan argamu
Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Laaloo Qilee Magaalaa Laaloo 01 naannoo mana barumsaa
Laaloo sadarkaa lammaffaatti baratamaan bakka addaa Ijoo koree jedhamee waamamuuttii
dha.Aanaan Laaloo Qilee Aanoota godina Qeellam Wallaggaa keessatti argaman keessaa tokko
yommuu taatu, magaalaa guddoo godinichaa ,Dambidoolloo irraa gara kallattii Bahaatti
kiloomeetira 110 fagaattee argamti.Aanaan Laaloo Qilee of danda'ee kan dhaabbate bara 1994
A.L.I ttiidha.Waajjirri Haqaa aanaa Laaloo Qilees of danda'ee hojii isaa kan eegale baruma kana
irraa eegaleeti. Waajjirri Haqaa kunis Waajjiraalee Aanaa kana keessatti argaman keessaa tokko
yoo ta'u, kutaalee gurguddoo torba of keessaa qaba. Kutaaleeen kunis ; kutaa hogganaa
waajjirichaa,kutaa Bulchiinsa humna namaa,kutaa galmeessa ragaalee fi kenniinsa eeyyamaa,
kutaa galmee,kutaa qorannaa yakkaa fi Murtii Haqa kennisiisaa,Kutaa kuusaa meeshaalee
waajjirichaa fi kutaa deeskii odeeffannoo dha.
Hojiiwwan gurguddoon kutaalee kana keessatti hojjetaman keessaa muraasni kanneen kanatti
aananii jiraniidha: Kutaa hogganaa keessatti Hogganaan waajjira haqaa Aanaa Laaloo Qilee
hojiilee Waajjirichaa garaagaraa kan keessatti gaggeessuudha. Kutaa Bulchiinsa humna namaa
keessatti immoo Dhimmoonni qacarrii hojjettoota deggersaa fi hojiiwwan bulchiinsa hojjettoota
kanaa waliin walqabatan kan keessatti adeemsifamuudha. Kutaa Galmeessa Ragaalee fi
kenniinsa eeyyamaa keessatti immoo sanadoonni addaa addaa kan abbaa dhimmaatiin dhiyaatan
ni mirkanaa'u, bakka bu'iinsi abbootii dhimmaatiif ni laatama, hojiiwwan kana fakkaatan

3
biroonis kutaa kana keessatti ni adeemsifamu. kutaa mana galmee keessatti immoo
Galmeewwan mana murtiitti dhiyaatanii murtii argatan,galmeewwan bu'uura seera deemsa falmii
yakkaa keewwata 42'tiin abbootii dhimmaa jalaa cufaman kutaa kana keessatti argamu.Kutaa
qorannoo yakkaa fi murtii haqaa kennisisaa immoo kutaa Abbootiin Alangaa Waajjirichaa
yakkoota Aanaa Laaloo Qilee keessatti raawwataman gadii fageenyaan keessatti qoratanii
murtii adda addaa itti laatanii fi kan himannaa keessatti bananii dha. Kutaa kuusaa Meeshaalee
keessatti immoo meeshaalee hojiin waajjirichaa ittiin gaggeeffamuu fi meeshaalee waajjirichaan
akka yaadannootti ol ka'aman kan keessatti argamuudha.Kutaa Deeskii odeeffannoo keessatti
immoo odeeffannoon waa'ee hojii waajjirichaa akkasumas abbootiin dhimmaa haala salphaa
ta'een akkamitti tajaajila barbaadan waajjiricha irraa argachuu akka danda'an kallattii agarsiisa.
1.2. Haala Turtii Shaakallii Fi Hojiiwwan Gurguddaa Yeroo Turtii koo
Keessatti Hojjedhe.
Yeroo turtii shaakkallii koo keessa akkuma inistitiyuutii Leenjii Ogeessota Seeraa fi Qaamolee
Haqaa Oromiyaa irraa ba'een gara waajjira haqaa Aanaa Laaloo Qilee iddoo carraan na
dhaqqabe kanan deeme yoo ta'u, torbee tokkoof Abbootii Alangaa Waajjiricha keessa jiranii fi
qorattoota Poolisii waajjira poolisii Aanaa Laaloo Qilee keessatti hojjetan waliin ergan wal
bareen booda torbee lammaffaa keessatti immoo Abbootii Alangaa Waajjirichaa waliin ta'uun
hojiilee waajjira haqaa fi mana murtii keessatti raawwataman daawwadheera. Kanaan booda
torbee sadaffaatti akkuma Abbootii Alangaa kanneen biroo kallattiidhaan gara hojii
waajjirichaatti seenee galmeewwan saaquun falmii dhaddachaa geggeessuun hamma narraa
barbaadamutti hojjechaa tureera.
1.2.1.Hojiiwwan Gurguddoo yeroo turtii kootti waajjira Poolisiitti Hojjedhe.
Hojiiwwan yeroo turtii koo kana keessatti Waajjira poolisii Aanaa Laaloo Qilee keessatti
Qorattoota poolisii wajjin ta'uun raawwachaa ture keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:
 Qorataa poolisii waajjirichaa waliin ta'uun eeruu fuudhuu.
 Yeroo barbaachisaa ta'ee argametti Qorattoota poolisii Aanichaa waliin ta'uun hamma iddoo
yakkichi itti raawwatame jedhame deemuun qorachuu fi ragaalee barbaachisaa ta'an
sassaabuu.
 Shakkamtoota harkaaf harkatti qabamanii dhiyaatanii fi kanneen waraqaa waamichaatiin
dhiyaatan mirga seeraan isaaniif kennameef ibsuun jecha irraa fuudhuu fi mirga isaanii
eegsisuu.

4
 Qorattoota poolisii waajjirichaa wajjin ta'uun ganama ganama atteendaansii shakkamtoota
mana turmaataa keessatti yakkaan shakkamanii hidhaman ykn tursiifaman ilaaluun, maqaa
qorataa poolisii kamiitiin akka tursiifaman erga addaan baafadheen booda,yakka ittiin
shakkaman adda baafachuun yoo kan danda'amu ta'e bu'uura seera deemsa falmii yakkaa
keewwata 28'tiin akka mirgii wabii eegamuuf gochuu yoo kan seerri hin eeyyamne ta'e
yookin yoo yakki ittiin shakkamaan sun yakka cimaa ta'e bu'uura seera deemsa falmii yakkaa
keewwata 29/1 'tiin sa'atii 48' keessatti akka mana murtiitti geessan gochuu.Yoo kan hin
danda'amne ta'e galmeen isaanii akka ariitiin qulqullaa'u gochuu.
 Abbootiin dhimmaa yeroo dhimma fuudhanii gara Waajjira Poolisii dhufan dubbisuun
dhimmi isaani kan himachiisuu fi kan hin himachiisne ta'uu isaa,dhimma yakkaa yookin
hariiroo hawaasaa ta'uu isaa addaan baasuun akka furmaata argataniif kallattii isaaniif
laachuu .
 Abbootiin dhimmaa yakkoota sasalphaa isaan irratti raawwataman fi yakkoota iyyannoo
dhuunfaatiin dhiyaatan fuudhanii yeroo dhufan yoo danda'ame fi eeyyamamoo ta'an
shakkamaa waajjiratti waamuun akka araaraman kallattii laachuu.
 Abbootii Alangaa kanneen biroo wajjin ta'uun uummata keessatti gadi bu'uun bu'uura
indeksii yakkaatiin iddoowwan yakki baay'inaan itti raawwatamanitti hawaasa naannichaaf
hubannoo seeraa laachuu.
 Qoratootni poolisii waajjira poolisii Aanaa Laaloo Qilee keessatti argaman abbootii dhimmaa
sirnaan akka keessummeessanii fi mirga shakkamtootaa akka hin sarbineef gorsuu fi
hubannoo laachuu.Qoratoota poolisii eeruu fuudhuu irratti muxannoo hin qabneef haala
kamiin akka eeruun duguugamee fuudhamuu fi qorannoon akkamitti akka godhamu qabu itti
agarsiisuu.Keessumatti Qorattoota poolisii shamarranii namoota lama sababa isaan hanqina
dandeettii fi muuxannoo jecha ragaa fuudhuu,jecha shakkamaa fuudhuu qabaniif akkasumas
barreeffamni isaanii waan hin dubbifamneef akkasumas dogongora qubee waan uumaniif
ofii koon Qorattoota poolisii kanneen harkaa fuudhee barreessaan ture. Gabaabumatti
hojiiwwan ani waajjira poolisii aanaa Laaloo Qilee Keessatti hojjechaa ture kanneen armaan
oliiti.
1.2.2.Hojiiwwan Yeroo Turtii kootiitti Waajjira Haqaa keessatti raawwadhe.
Waajjira haqaa Aanaa Laaloo Qilee keessa yeroo ani turettis hojiiwwan Abbaa Alangaa tokko
irraa eegamu raawwachaa tureera. isaan keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti:

5
 Galmeen qorannaa waajjira poolisii irraa gara waajjira haqaatti osoo hin darbin dura galmee
keessa ilaaluun ragaan isaa gahaa ta'uu fi ta'uu dhabuu adda baasuun ,galmee sana irratti
aangoo galmee qabachuu fi qabachuu dhabuu , himachiisuu fi himachiisuu dhabuu isaa
addaan baasee murtii barbaachisaa ta'e bu'uuruma JBAH"tiin ajajuun murtii saffisaan
laachuu.
 Galmee keessa qorachuun yoo ragaa gahaa qabaate himata saaquu(banuu) yoo ragaa gahaa
hin qabaannee ta'e immoo kallattii laachuun irra deebi'amee akka qoratamu gochuu fi yoo hin
himachiisu ta'e immoo galmee bu'uura seera Deemsa falmii yakkaa keewwata 42'tiin cufuu.
 Dhaddacha gubbaatti dhiyaachuun falmii dhaddacha yakkaa gochuu.
 Barbaachisaa ta'ee yoo argame qorataa poolisii waliin ta'uun ragaa dabalataa hamma iddoo
yakkichaa deemuun barbaaduu. Akka fakkeenyaatti Qorataa poolisii wajjin Hospitaala
Ayiraa deemuun bakka miidhamaan ciisee jirutti jecha isaa fuudheera.Itti dabalees Aanaa
Laaloo Qilee ganda Wankiir keessatti yakka ajjeechaa lubbuu namaa irratti gaafa 06/05/2010
godhame irratti bakka mana nama lubbuun isaa darbe sanaa deemuun Qorataa poolisii waliin
ta'uun ragaa barbaachisaa ta'e funaanneerra.
 Abbootii Alangaa kanneen biroo wajjin ta'uun Galmeen walxaxaa fi rakkisaa ta'e yeroo nu
quunnamu paanaaliidhaan mari'achuun murtii irratti laachuu.
 Hojjettoota deggersaa waajjirichaa waliin ta'uun marii tokko shanee irratti hirmaachuu.
 Waajjiricha bakka bu'uun hawaasa Aanichaatiif hubannoo seeraa laachuu.Fakkeenyaaf
Gandoota 23 kan Aanaan laaloo Qilee qabdu keessaa Gandoota kanneen akka Kutaallaa
Lubee,Saggoo fi Sarbaa deemuun yakkoota dantaa mootummaa fi uummataa xuqan irratti
hubannoo seeraa kenneera.
1.3. Hubannoo, Ogummaa dabalataa Fi Dandeettii Yeroo Shaakallii
Waajjiricha Irraa Argadhe.
Yeroo Shaakallii koo kana keessatti wantoota kanaan dura barumsa seeraa tiyooriin qofa beeku
qabatamaan haala kamiin lafarratti gadi bu'amee ittiin hojjetamaa akka jiruu fi haala kamiin
akka hojjechuu qabu baradheen jira. kana malees dandeettii yookin ogummaa kanaan dura
barumsaan argadhe akka gabbifadhu na gargaaree jira.Ogummaa fi dandeetii ani shaakala kana
irraa argadhe keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti;
 Qorannaan yakkaa haala kamiin akka godhamuu fi ragaan dhimma sana irratti haala
kamiin akka argamuu danda'u.

6
 Eeruun haala kamiin akka fuudhamuu qabu.
 Haala kamiin abbootiin dhimmaa akka keessummeeffamuu qaban .
 Akkamitti Dhimmoota hariiroo hawaasaa fi dhimmoota yakkaa addaan baasanii beekuun
akka danda'amu.
 Gaheen Abbaan Alangaa tokko Waajjira poolisii irraa kaasee hamma galmeen sun murtii
argatutti maal akka ta'ee fi haala kamiin qorataa poolisii wajjin qindaa'ee hojjechuu
akka qabu.
 Abbaan Alangaa tokko haala kamiin mirga shakkamtootaa fi abbootii dhimmaa
kabachiisisuu akka danda'uu fi yoo mirgi isaanii sarbamee argame maal gochuu akka
qabu baradheen jira.
 Dhaddacha gubbaa argamuun falmii geggeessuu fi seera kabachiisisuu.
 Abbootii dhimmaa dhimma hariiroo hawaasaa fuudhanii dhufaniif haala kamiin kallattiin
akka laatamuu fi yoo barbaachisaa ta'e haala kamiin falmiin isaanii geggeefamu akka
qabu.
 Qindoominni qaamoolee haqaa(poolisii, Abbaa Alangaa fi Mana Murtii)gidduu jiru haala
kamiin akka ta'uu qabuu fi yoo waliin ta'anii kan hojjetan ta'e mirga shakkamtootaa fi
abbootii dhimmaa kabachiisisuunis ta'e kabajuun akka danda'amu.
 Murtiin haqa qabeessa ta'ee fi yakka raawwatameen wal madaalu haala kamiin
kennisiisuun akka danda'amu.
 Oliyyannoon haala kamiin akka barreeffamu qabu. Akkasumas shaakallii kana irraa
kanan hubadhe kutaa qorannoo yakkaa keessatti abbootii dhimmaa obsa hin qabne
akkamiin akka bifa tasgabbii fi obsa qabuun akka keessummeeffamu baradheera.itti
dabalees hojii keessatti naamusni Abbaa Alangummaa maal akka fakkaatu hubannoo
guddaa argadheera.

1.4 Garaagarummaa Dandeettii Leenjiidhaan Argadhee Fi Kan Qabatamaan


Waajjira Shaakkallii Itti Bahe keessa Jiru.
Shaakallii kana keessatti akka ani hubadheetti garaagarumaan bal'aa ta'e argamuu baatuus
garaagarummaan seeraa fi kan qabatamaan itti lafarratti hojjetamaa jiru tokko tokko ni mul'ata.
kanneen keessaa muraasa akka armaan gadiitti kaasuuf yaala:

7
Adeemsa eeruun ittiin fuudhamuun walqabsiisee akka silaa leenjinetti , poolisii fi Abbaan
Alangaa on line taa'anii jecha Abbootii dhimmaa irraa fuudhuun gara qorataa poolisii fi Abbaa
Alangaa off line taa'anii qoratanitti dabarsa, isaanis eeruu irraa fuudhuun ragaa barbaachisaa ta'e
akka dhiyaatu erga godhanii booda galmee kana gara waajjira haqaatti dabarsu. Abbaan Alangaa
waajjira poolisiitti galmee sana qorataa poolisii waliin ta'uun qoratee galmee sana hamma
dhumaatti hordofee murtii kennisiisa. Haala qabatamaan waajjira haqaa Aanaa Laaloo Qileetti
ittiin hojjetamaa jiru garuu kana irraa hamma tokko garaagarumma qaba.Qorataan poolisii fi
Abbaan Alangaa Waliin ta'uun erga eeruu fuudhanii booda, galmeen sun ol darbee Abbaan
Alangaa galmee sana qabatee waajjira haqaa deemuun galmee sana hamma murtiin laatamutti
hordofa. Qorattoonni poolisii aanichaa galmeen erga waajjira haqaatti darbee aadaa mana murtii
deemuun galmee isaanii hordofachuu hin qaban .kana irraa hubachuun akka danda'amutti akka
silaa leenjineetti wanti on line fi off line jedhamu qabatamaan waajjira kana keessatti akka ittiin
hojjetamaa hin jirreedha.
Namoota yakka raawwatan jedhamanii shakkamanii fi kan eeruun irratti dhiyaate osoo hin to'atin
dura poolisiin yakki jedhame sun raawwatamuu isaa ragaa barbaachisaa ta'e sassaabee erga
qulqulleesseen booda shakkamaa akka to'annoo jala olchuu qabuu dha. Haata'u malee, kan
qabatamaan itti hojjetamaa jiru kana hin fakkaatu.Shakkamaa tokko irratti yakka raawwateera
jedhamee eeruun dhiyaannaan, poolisiin osoo dhugaa ta'uu isaa ragaadhaan hin qulqulleessiin
dura shakkamaa kana to'annaa jala galchuun mana turmaataatti tursiisanii yakki raawwatamuu
isaaf ragaan hin jiru jedhanii yeroo gad lakkisantu mul'ata. Kun immoo mirga Heera
mootummaa biyya keenyaa keewwata 17 irratti ibsame jiru mirga bilisummaan jiraachuu kan
sarbuu dha.
Beellama Dabalataan walqabatee akka silaa leenjineetti akkasumas akka seerri jedhutti
beellamni dabalataa kan gaafatamuu qabu yoo adeemsi qorannoo hin xumuramne ta'ee fi sababni
gahaan mana murtii amansiisuu danda'u yoo jiraateedha. Haata'u malee, Waajjira poolisii Aanaa
Laaloo Qilee irraa akka hubadheetti poolisoonni tokko tokko yoo Abbaan Alangaa hin jirre ta'e
shakkamaa mana turmaataa keessa tursiisuuf jecha osoo sababa amansiisaa ta'e hin qabaatiin
beellama dabalataa yeroo mana murtii gaafatan tu mul'ata. Adeemsi kun immoo Poolisoonni
osoo ragaan qabatamaa hoomaatu shakkamaa sana irratti hin argamin yeroo dheeraatiif mana
turmaataa tursiisanii yeroo gad lakkisanii fi murtii ariifachiisaa ta'e akka hin argannee taasisantu
mul'ata.

8
Mirga Wabii Bu'uura seera Deemsa falmii Yakkaa Keewwata 28(1) 'tiin walqabatee akka silaa
baranneetti, waajjira poolisiitti poolisiin tokko shakkamaa mirga wabiin kan gad lakkisuu
danda'u yoo yakki shakkamaan sun ittiin shakkame yakka salphaa ta'e yookin Yakki sun
raawwatamuun isaa shakkisiisaa yoo ta'ee dha. Keewwata kana irraa hubachuun akka
danda'amutti yoo yakki shakkamaan sun ittiin shakkame cimaa ta'e akkasumas filannoon yookin
qophaa isaatti Adabbii cimaan kan adabsiisuu yoo ta'e waajjirri poolisii wabii ittiin jechuu akka
hin dadeenye dha.Waajjirri poolisii kan gochuu qabu akka shakkamaan sun bu'uura Seera
Deemsa Falmii Yakkaa keewwata 64 tiin iyyata mana murtiitti dhiyeeffatee wabiin ba'u
gochuudha. Haala qabatamaa waajjira poolisii Aanaa laaloo Qilee keessatti ittiin hojjetamaa jiru
garuu kanaan kan walfaalleessuudha.Qorataa poolisiin yakkoota ciccimoo ta'an irrattis wabii
eeyyamanii , yeroo shakkamaa baasantu mul'ata. kun immoo shakkamaan wabii qabsiisee bahee
yeroo himannaan banamee waamichi isa qaqqabu yeroo itti badu jira.Kun immoo shakkamaa
balaafamaa fi rakkisaa ta'e hawaasatti gadlakkisuun hawaasa kana irratti dhiibbaan akka
hammaatu fi hawaasni komii karaa adda addaatiin akka kaasu taasisaa jira. kanaan walqabatee
akka fakkeenyaatti shakkamaan Abbabee Tafarii jedhamuu tokko sangaa hatee waajjira
poolisiitti Lakkoofsa Galmee Qorataa poolisii 32/2010 irratti dhimmi isaa qoratamaa kan ture
mirga wabiitiin waajjira poolisiitii bahee gaafa himannaan banamee mana murtiitti waamamu
dirqama wabummaa qabsiise dhiisee badee galmeen lakkoofsa Galmee Mana Murtii 07775 irratti
beellama lamaan booda akka cufamu ta'eera.
Shakkamaa qabuun walqabsiisee akka silaa leenjinee fi akka keewwattoota seera deemsa falmii
yakkaa adda addaa irraa hubachuun danda'amutti shakkamaan tokko yakka raawwateera
jedhamee eeruun irratti yoo dhiyaate kan qabamee to'annaa jala oolu erga poolisiin yakki
jedhame raawwatamuu isaa qulqulleesseen booda. Haata'u malee, kanaan walqabatee haalli
yeroo ammaa waajjira poolisii kanatti ittiin hojjetamaa jiru kana hin fakkaatu. Poolisiin eeruun
abbaa dhimmaatiin dhiyaannaan osoo ragaa waamee yakki raawwatamuu fi eenyummaa nama
yakka sana raawwatee addaan hin baafatiin shakkamaatti xalayaa waamichaa baasuun to'annaa
jala oolchee ragaa barbaaduu jalqaba. kun immoo shakkamaan yeroo baay'ee waajjira poolisiitti
to'annaa jala akka turuu fi namoonni yakka raawwachuun isaanii qabatamaan hin beekamne
to'atamanii erga yeroo dheeraa hidhamanii booda yakka sana hin raawwanne jedhamanii akka
gad lakkifaman taasisaa jira.

9
Hamma Dirqama wabummaa qabamuun wal qabatee akka silaa barannee fi seerri deemsa falmii
yakkaa keewwatni 69/2/ ibsutti ,dirqamni wabummaa kan murtaa'u, cimina yakkichaa, argamuu
danda'uu himatamaa yookin shakkamaa, kaffaluu danda'uu himatamaa fi nama wabii isaaf ta'uu
fi shakkamaan kun yoo bahe dhiibbaan inni hawaasa irratti fiduu danda'u tilmaama keessa
galfamuun akka ta'e ni ibsa . Akka silaa waajjira poolisii Aanaa Laaloo Qilee fi Mana Murtii
Aanaa Laaloo Qilee irraa hubadheetti dirqamni wabummaa yeroo murtaa'u ulaagaalee kana kan
tilmaama keessa galche miti. Yeroo tokko tokko dirqamni wabummaa gar- malee guddatee yeroo
himatamaan kaffaluu dadhabee to'annaa jala turutu mul'ata .Fakkeenyaaf, himatamaa maqaan
isaa Amaanu'eel Zalaalem jedhamu Lakkoofsa Galmee poolisii 27/2010 irratti dhimmi isaa
qoratamaa kan ture guyyaa gaafa 25/12/2009 waajjira poolisii aanaa Laaloo Qileetti Qarshii
kuma Afurtamaan (40,000) tiin wabii ittiin jedhamee qarshiin jedhame kun humna shakkamaa ol
waanta'eef wabii dhabuun hanga guyyaa gaafa 03/13/2009 tti guyyaa saddetiif to'annoo waajjira
poolisii jala turuun gaafa 03/13/2009 akka ba,e odeeffannoo Abbootiin Alangaa naaf kennaniin
waraqaa dirqama wabummaa shakkamaan kun ittiin ba'e waajjiricha irraa argadheera. Kun
immoo shakkamaan tokko yakki inni raawwate bu'uura Seera Deemsa Falmii Yakkaa keewwata
64 fi 67'tiin mirga wabii kan hin dhorkisiisne ta'ee dirqamni wabummaa humna isaatiin ol waan
ta'eef qofa mana turmaataa keessatti akka turu gochaa jira.Karaa biraatiin Qorattoonni
PoolisiiWaajjira Poolisii Aanaa Laaloo Qilee tokko tokko Yeroo shakkamaa tokko tokkoon
wabii jedhan Shakkamaan sun wabii namaa kan Mana kaartaa fi Pilaanii qabu dhiyeeffachuu
qabda jechuun yeroo Shakkamaan mana turmaataa keessa turutu mul'ata.Adeemsi kun immoo
alkallattiidhaan mirga wabii dhorkachuuirraagaraagarummaakanhinqabneedha.Gama biraatiin
shakkamtoota(himatamtoota) tokko tokko irratti immoo dirqamni wabummaa gar-malee
xiqqaatee yeroo dirqamni wabummaa galii ta'ee shakkamaan badee hafutu jira. Adeemsi kun
immoo shakkamaan balaafamaa ta'e akka hawaasatti deebi'ee miidhaa geessisu godhaa jira.
Qorataan poolisii yakki raawwatamuu isaa yoo beeke qorannoo gochuun dhimmicha
qulqulleessuu qaba. kana jechuun poolisiin hamma danda'ameetti ragaa fi odeeffannoo gama
kanaan jiru funaanuun namni qulqulluu ta'e akka hin adabamnee fi yakkamaan immoo akka
uummata keessa dhokatee hafuun bilisa hin baane gochuu qaba.Haata'u malee, gama kanaan
waajjirri poolisii Aanaa Laaloo Qilee keessatti ,abbootiin dhimmaa yakki raawwatame jedhanii
yeroo eeruu dhiyeessan gad bu'anii qorachuu dhiisanii ragaa yoo qabaatte fidi yoo didde immoo
asii badi anatu ragaa siif barbaadaa jedhanii yeroo abbaa dhimmaa rifaasisan ni mul'ata.

10
Adeemsi kun immoo Abbootiin dhimmaa gara seeraatti dhufanii furmaata yoo dhaban aarii hin
taane keessa galanii haloo deeffachuuf yakka biraa akka raawwatan gochuun yakki akka
babal'atu gochuu danda'a.
Aangoo qorannoo yakkaa addaan kutuu akka silaa leenjineetti kan AbbaaAlangaa akka ta'eedha.
Haata'u malee,akka haala qabatamaan argeetti yeroo tokko tokko qorattoonni poolisii qorannaan
jalqabamee osoo Abbaa Alangaa hin beeksisiin dhoksanii qorannoo addaan kutu.
Kun immoo qorataan poolisii hubannoo seeraa waan hin qabneef galmee qorannoo silaa
cufamuu hin qabne akka cufamu taasisaa jira. Galmee silaa araaraan xumuramuu hin dandeenye
abbootii dhimmaatiin araaramaa jedhanii cufu.
Dhimmoota araaraan xumuramuu danda'aniin walqabatee akka silaa baranneetti
dhimmoota(yakkoota )xixiqqaa iyyannoo dhuunfaan dhiyaatanii fi kan hawaasa bal'aa hin miine
dha. Seerri kan jedhu yakkoota xixiqqoo dantaa nama dhuunfaa miidhan malee yakkoota
ciccimoo dantaa mootummaa fi uummataa miidhan araaraan akka xumuruun hin danda'amnee
dha. Qabatamaan garuu waajjira kanatti qorataan poolisii Abbaa Alangaa jalaa dhoksuun
yakkoota ciccimoo kan akka miidhaa qaamaa cimaa faa yeroo araaratti deebisanii abbootii
dhimmaa dirqisiisantu mul'ata. Kun immoo kaayyoo seera yakkaa kan faallessuu dha. sababni
isaas yakkoota akkanaa araaraan xumuruun shakkamaa gara uummataatti deebisuun
shakkamtoonni kunniin murtii haqa qabeessa ta'e kan isaan barsiisuu danda'uu fi kan hawaasni
bal'aan irraa barachuu danda'u akka hin arganne godha.
1.5. Rakkoowwan Yeroo Turtii Shaakkallii Waajjira Haqaatti Na
Quunnamanii Fi Furmaata Ani Laadheef.
Rakkoowwan yeroo turtii shaakallii koo na quunnaman keessaa muraasa akka armaan gadiitti
kaasuuf yaala.Bakki argama waajjirri haqaa fi waajjirri poolisii aanichaa garmalee kan wal irraa
fagaatu yoo ta'u, geejjibni nama deddeebisus magaalaan xiqqoo waan taateef hin jiru . daandiin
magaalaa sana keessa darbu yeroo bonaa baay'ee awwaara kan ta'ee dha.konkolaataan yeroo
daandii irra darbu sababa awwaaraa irraan kan ka'e ijaan iyyuu wal arguun baay'ee rakkisaa dha.
keessattuu guyyaa guyyaa naannoon sun garmalee waan bulluquuf deddeebi'ee hojjechuun
baay'ee na rakkisee ture.Yeroo gannaa naannoon shaakallii koo itti ba'e kun baay'ee dhoqqee
ta'uu irraan kan ka'e deemsaaf kan namaaf hin mijannee fi konkolaataan dhoqqee(Laaqii) namatti
facaasaa kan deemu waan ta'eef baay'ee haala rakkisaa keessan ture. Haata'umalee, itti
gaafatamaa fi Abbootii Alangaa kanneen biroo wajjin ta'uun mari'annee Abbootii Alangaa wajjin

11
dabaree galuun guyyaa tokko waajjira poolisii guyyaa tokko immoo waajjira haqaa ooluun
rakkoo kana furuuf yaalleera.Rakkoon Waajjira Haqaatti na mudate kan biroon hanqina
kompitaraa irraan kan ka'e himannaa banuuf kompitara Abbootii Alangaa birootti fayyadamuuf
darabee eeggachuu irraan kan ka'e sa'atiin fedhetti akka itti hin fayyadamneef na rakkisaa ture.
Rakkoon biraa na mudate immoo, abbootiin seeraa mana murtii tokko tokko ariitii kan hin
qabnee fi akka abukaatoo himatamaatti dhaddacha irratti gar tokkee qabatanii kan mormantu jiru.
Kanaan walqabatee ragoota keenya rifachiisuun irra deddeebi'anii waan isaan dubbatan
gaafachuun naasisanii yeroo dogoggorsan ni mul'ata.Rakko kana immoo Abbootii Seeraa kana
raawwatan waliin erga dhaddachi xumuramee booda haala bilisummaa isaanitti hin buuneen
mari'achuun furuuf yaaleera.Rakkoon biraa na mudate poolisoonni waajjira poolisii sanatti
argaman akka Abbaa seeraa dhaddacha irra taa'uutti usanii(callisanii) teessuma irra ta'aanii
abbaa dhimmaa ajajuu malee ofii isaaniitiif gad bu'anii odeeffannoo yookin ragaa barbaachisaa
ta'e hin sassaaban. Abbaa Adeemsaa fi itti gaafatamaa isaanii waliin mari'achuun rakkoo kana
hamma tokko furuuf yaaleera.Haaluma walfakkaatuun qorattoonni Poolisii Waajjira Poolisii
Aanaa Laaloo Qilee tokko tokko osoo Abbaan Alangaa dhimmicha keessa hin beekin shakkamaa
ijaan wal beekaniif mirga wabii eeguun yeroo itti shakkamaan dafee dhiyaachuu dhiisuun
adeemsi qorannoo yeroo JBAH'n kaa'e keessatti qulqullaa'uu dhabuun galmeen lafa irra
harkifachuun komii abbaa dhimmaa kaasu ni mul'ata.Akka fakkeenyaatti, Qorataan poolisii ani
yakka miidhaa qaamaa salphaa shakkamaa maqaan isaa Tasfaa Mollaa jedhamu miidhamaa
maqaan isaa Dassaaleny jedhamu irratti raawwate yeroo garaagaraatti osoo ani ragaa barbaadee
akka qulqulleessu ajajuu lafa irra harkisuu dhaan dhuma irratti shakkamaan jedhame kun akka
tasaa du'uun adeemsi qorannoo akka addaan citu ta'eera.Anis gama kootiin rakkoo kana furuuf
Hogganaa koo fi Abbaa Adeemsaa Fi Murtii Haqaa Kennisiisuu Waajjira Poolisii Aanaa Laaloo
Qilee waliin haasa'uun rakkoo sanaaf furmaata kennuuf yaaleera.Rakkoon biroo yeroo shaakallii
koo na quunname kan biroon yeroo addaa addaatti Waajjirri Poolisii Aanaa Laaloo Qilee
Waajjira Waldaa Liqii fi Qusannaa Oromiyaa Damee Laaloo(WLQO) waliin walii galuun yeroo
itti osoo Abbaan Alangaa hin beekin dhimma siivilii kan akka liqii kaffaluu dhiisuuf nama
hidhantu mul'ata. anis Abbootii Alangaa warra biroo waliin ta'uun namoonni dhimma siiviliin
WLQO'f jecha to'ataman gadlakkisuun kallattii siiviliin akka himataniif kallattii laanneerraaf.
Akka mana hojii keenyaattis yeroo tokko tokko Waajjira poolisii Aanaa Laaloo Qilee wajjin
Walga'ii taa'uun dhimmoota haala qorannoo yakkaa keessatti rakkisaa ta'an ifaa fi bilisaan

12
haasa'uun furmaata itti laachaa turreerra.Qorattootni poolisii tokko tokko gar-malee kan of
tuulanii fi kan nuuf kabaja barbaachisu hin laatnetu jiru. Haata'u malee, rakkoo kana obsee hojii
kiyyaan eenyummaa kiyya itti agarsiisee hamma tokko rakkoolee haala kanaan dhufan
hir'iseera.Rakkoo biroon akka waajjira Haqaa Aanaa Laaloo Qileetti nu mudate inni biroon
guyyaa gaafa 03/01/2011 Qeerroon aanaa kanaa tokko tokko namoota sadii kan yakka
ajjeechaatiin shakkamanii to'ataman humnaan waajjira poolisii aanichaa dhufuun shakkamtoota
kana fuudhanii deemuun shakkamtoonni kun murtii haqa qabeessa ta'e akka hin arganne gochuun
hojii keenya ofitti amanamummaadhaan akka hin raawwanne nu godhaniiru.

Maxxansa
Inistitiyuutii Leenjii Ogeessota seeraa fi Qaamolee Haqaa Oromiyaa
Adaamaa
Bar-gaaffii shakkamtoota Waajjira Poolisii Aanaa Laaloo Qileetiif godhame.

13
Hunda dura,bargaaffii kana isin gaafachuun yaada barbaachisaa ta'e akka ani argadhuuf
eyyamamoo waan taataniif galati keessan guddaadha.Barbaachisummaan bar-gaaffii kanaa
mirgi wabii shakkamtootaa waajjira poolisii aanaa Laaloo Qilee keessatti maal akka fakkaatu
odeeffannoo qabatamaa fi amansiisaa ta'e argachuun xiinxala gaggeessuu dha.Odeeffannoo isin
anaaf laattan kunis galma ga'insa waraqaa qorannoo kanaaf shoora guddaa buusa. kanaafuu
odeeffannoo dhuga qabeessa ta'e akka naaf laattan kabajaan isin gaafadha.Gaaffilee ''Eeyyee''
yookin ''Lakkii'' irratti xiyyeeffataniif mallattoo '' √ '' yookin '' x '' mallattoo saanduqaa
keessatti guutaa.Gaaffilee deebiin barreeffamaa barbaachisuuf immoo bakka duwwaa kenname
irratti yaada keessan barreessaa.
Qajeelfama
Maqaa keessan barreessuun hin barbaachisu.
I. seen-duubee hirmaattota bar-gaaffii
1.umurii; ___
2.saala; A.dhiira. B.dhalaa.
3.haala fuudhaa fi heerumaa. A.kan fuudhe/heerumte. B. kan hin fuune/hin heerumne.
C.kan hiike/hiikte.
4.sadarkaa barumsaa. A.sadarkaa 1ffaa B.sadarkaa 2ffaa C.koollejjii D.Yuunivarsitii
II. Gaaffii mirga Wabii shakkamtootaa/himatamtootaa irratti.
5.To'atamuun kee yoom?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
6.mirga wabiidhaan maaliif hin baane?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
7.Asitti to'atamuu keetiin rakkoon si irra ga'e jira?
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________

8.Yoo deebiin kee gaaffii 7ffaa ''eeyyee'' ta'e rakkoowwan kunniin maal fa'i?
_____________________________________________________________________________
_____________________________________________________________________________
____________________________________

14
9.Mirgi wabii kee Waajjira Poolisii Aanaa Laaloo Qilee keessatti haala barbaadamuun eegamaa
jira jettee yaaddaa?
A. eeyyee. B.Lakkii. C.hin beeku. D. yaada hin qabu.
10.Yoo deebiin kee gaaffii 9ffaa'' Lakkii'' ta'e,maaliif?
_____________________________________________________________________________
_____________________________________________________________________________
_____________________________________
11.Mirgi wabii kee xuqamaa jira?
A. eeyyee B.Lakkii
12.yoo deebiin kee gaaffii 11ffaa ''eeyyee'' ta'e,wantonni mirga wabii kee irratti miidhaa geessisaa
jiran maal fa'i?
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________

Yaadannoo Xumuraa

1=http://en:Wikipedia.organ/Wiki/Bail/Nov.2008.

2=Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa Keewwata 9(4)

15
3=Heera Mootummaa Itoophiyaa keewwata 13(2)

4=Konveenshinii Idi-Adunyaa Mirga Siivilii fi Siyaasaa kan bara 1976 keewwata 9(3)

5=Heera Mootummaa Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa Keewwata 19(6)

6= Heera Mootummaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa keewwata 19(6)

7= Sirna Haqaa Yakkaa fi Tasgabbii Hawaasaa(criminal justice and public order Act) kan bara
1994 bahe irraa.

9= Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa Keewwata 75(1).

10= Ibsa Lakkoofsa 9ffaa irratti kenname keewwata 63

11= Moojulii Seera Deemsa Falmii Yakkaa Kan ILQSO'n ba'e

12= Labsii Manneetii Murtii Naannoo Oromiyaa Irra Deebi'ee hundeessuuf ba'e Labsii

Lakk.141/2000 Keewwata 27(2)

13= Seera Deemsa Falmii Biyya Itoophiyaa Keewwata 69(2)

16

You might also like