Qajeelfama IMX hojii Qophii pilaanii

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 17

Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii

Oromiyaa

Qajeelfama Kenniinsa Waraqaa Ragaa


Gahumsaa Intarpiraayizoota Maaykiroo
fi Xixiqqaa Hojii Qophii pilaanii Gamoo
lakkoofsa 6/2014

Irratti Bobba`aniif Bahe

Finfinnee 2014
1
Indaastiriin Konistiraakshinii guddina biyyaa keessatti gumaacha ol`aanaa waan qabuuf
ogeeyyiin konistiraakshinii sektarichaaf gumaacha irra eeggamuu akka Kennan taasisuuf carraa
hojii uumamanii hojitti galchuun waan barbaachiseef;

Waldaalee Maaykiroo fi Xixiqqaa Qophii Pilaanii Gamoo irratti bobba`an dandeettiin isaanii
cimee, gahumsaa gaarii qabaatanii gabaa irratti dorgomaa ta`an jajjabeessuu fi deeggarsa
barbaachisu kennuun, sektara konistiraakshinii keessatti carraan hojii humna namaatiin
raawwatamu akka babal`atu ni taasisa jedhamee waan amanamuuf;

Rakko waldaalee IMX keesssa jiru bu`uura hiikufi qajeelfama kana baasuun waan barbaachiseef

Akkaataa Labsii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiidhaan


gurmeessuuf, angoo fi hojii isaanii murteessuuf bahe, Labsii Lakkoofsa 242 /2014 keewwata 45
keewwata xiqqaa 23 tiin Qajeelfamni kun bahee jira.

Kutaa Tokko
Tumaalee Waligalaa

1. Mata Duree Gabaabaa

Qajeelfamni Kun “Qajeelfama Kenninsa Waraqaa Ragaa Gahumsaa Intarpirayzii Maaykiroo


fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoof bahee qajeelfama lakkoofsa 06/2014 jedhamee
waamamuu ni danda`a.

2. Hiika
Akkaataan itti – fayyadama jechichaa hiika biroo kan kennisiisuuf yoo ta`e malee,
qajeelfama kana keessattii;
1. “Abbaa Taayitaa‟‟ jechuun Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa fi caasaa isaa jala
jiranii ti.
2. “Biiroo” jechuun Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa ti.
3. “Hojii dhabaa”jechuun nama umriin isaa waggaa 18 hanga 60 gidduu jiru ta`ee, dandeettiifi
fedhii hojii osoo qabuu hojii yookiin madda galii dhaabbataa ta`e kan hinqabneefi
hiyyummaa keessa kan jiraatu jechuudha.

2
4. “Gamoo Ramaddii „A‟” jechuun fageenya yookiin bal`ina utubaawwan sibiilaa yookiin kan
biro lama gidduu jiru meetira 7 yookiin gamoo abbaa darbii lama gadii kamiyyuu kan ta`ee
mana jireenyaa dhuunfaati.
5. “Gamoo Ramaddii „B‟” ” jechuun fageenya yookiin bal`ina utubaawwan sibiilaa yookiin
kan biro lama gidduu jiru meetira 7 ol kan ta`ee yookiin gamoo abbaa darbii lama ol kan
ta`ee fi ramadii „C‟ jalattii kan hin hammatamnee yookiin ramaddii „A‟jalattii kan ramadame
misooma manneenii kanneen akka Riil Isteetii ti.
6. “Gamoo Ramaddii „C‟” jechuun gamoo tajaajila ummaatiif oluu yookiin gamoo dhaabbataa
ta`ee warshaa, workishoopii yookiin lafa irraa hanga dhumaatti kan dheerinni isaa meetira 12
ol ta`ee gamoo kamiyyuu ni hammata.
7. “Madaallii gahumsa ogummaa” jechuun sirna ogeessi tokko bu`uura ulaagaa sadarkaa
ogummaa qophaa`een madaalamee gahumsa qabaachuu isaa ittii mirkanaa`u jechuudha.
8. “Ogummaa” jechuun dhimma Barnoota Leenjii Teeknikaafii Ogummaa kan ilaallatu ta`ee,
gahumsa bifa beekumsaan, dandeettii yookiin amla hojiin tokko barbaadu qabaachuufi
hojiirra olchuu Barnoota LeenjiiTeeknikaafi Ogummaatiin kennamu jechuudha.
9. “Pilaanii” jechuun ragaa hanga gamoo tokkoo, akaakuu fi bal`ina akkasumas meeshaa fi
dizaaynii tooftaa ijaarsa gamoo agarsiisuu yookiin moodeela yoo ta`u arkiteekcharii,
istiraakcharii, saanitarii, elektiriika ta`e ittisaa balaa ibiddaa fi hojiilee dizaayinii biro ni
dabalata.
10. “Ragaa Soba” jechuun Ragaa barnoota, muxannoo hojii, waliigaltee qaxarii, waliigaltee
hojii, waraqaa eenyummaa, waraqaa abbaa qabeenyaa fi kan biro karaa sobaa ta`een Ragaaa
argamee hundaa kan hammatuudha.
11. “Waldaa” jechuun Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo irratti
bobba `uuf bu`uura qajeelfama kanaatiin Waraqaa Ragaaa Gahumsaa fudhateedha.
12. “Waraqaa Ragaa Ogummaa” jechuun waraqaa waraqaa Ragaa muxxannoo fi gosaa
barnootaa qaban irratti hunda`ee ogeessotaaf sadarkaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii
Itoophiyaa, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa fi Caasaa Abbaa Taayitaa
Konistiraakshinii Oromiyaa Godinalee fi Magaalotaati kennamuu dha.
13. “Waraqaa Ragaa Gahumsaa” Jechuun waraqaa Ragaaa gahumsaa hojii Qophii Pilaanii
GamooIntarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo irratti bobba `aniif
Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa fi Caasaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii

3
Oromiyaa Godinalee, Magaalotaa yookiin qaama Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii
Oromiyaa bakka bu`insii kennameen kennamuu dha.
3. Daangaa raawwatiinsaa
Qajeelfamni kun Naannoo Oromiyaa keessatti Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii
Qophii Pilaanii Gamoo Irrattii Bobba`anii irratti raawwatiinsaa ni qabaata.
4. Ibsa koorniyaa
Qajeelfama kana keessatti jechi koornayaa dhiiraatiin ibsame dubartiis ni dabalata.
Kutaa Lama
Aangoo fi Gahee Hojii Qaama Galmeessa fi Mirkaneessa Gahumsa Raawwatu
5. Aangoo fi Gahee Hojii Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii oromiyaa akkataa
qajeelfama kanaatiin Aangoo fi Gahe hojii armaan gadii ni qaba;
1) Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa Waraqaa Ragaa Gahumsaa Sadarkaa
Naannootti Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo irrattii
bobba`aniif haaraa fudhachuuf, haaroomsuuf, olguddisuuf iyyata ni fudhata, ni
keessummeessa.
2) Iyyatni bu`uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) dhiyaatee ulaagalee qajeelfama
kanaan tumamee guutuufi ragaalee barbaachisaa waliin dhiyaachuu isaa qulqulleeffachuun
iyyataaf waraqaa ragaa gahumsaa haaraa kennuu, haaromsuu, olguddisuu ni danda`a.
3) Waldaalee bu`uura qajeelfama kanaatiin waraqaa ragaa gahumsaa argatanii galmaa`an yeroo
yeroon ogeeyyiin galmeessan jiraachuu isaanii ni hordofa. Caasaa sadarkaa godina fi
magaalaa jiruun akka hordofamu ni taasisaa.
4) Hordoffii raawwateen rakkoolee fi dadhabina waldaalee keessa jiru adda baasuun ni
gamaaggamaa, tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata.
5) Waldaalee raawwii gaarii qaban adda baasuun akka jajjabeeffaman ni taasisa. Sektaroota
dhimmi ilaalu ni beeksisaa, haala gara gorsaati guddatan haala ni mijeensa, deeggarsa fi
hordoffii ni taasisa
6) Waldaa namuusa hojii hin qabnee, dirqamaa fi dhoorkaa qajeelfama kana keessaa taa`ee kan
cabse, raawwii hojii keessatti gahee irra eeggamuu kan hin baanee ta`uu isaa yookiin
balleessaa raawwachuu isaa yoo mirkaneesse bu`uura qajeelfama kanaatiin waraqaa
gahumsaa dhoorkuu yookiin haquu ni danda`a. Dabalataanis badii raawwateef seera

4
yakkaatiin yookiin seera Hariiroo Hawaasaatiin akka gaafataman taasisaa, raawwii isaas ni
hordofa.
7) Ragaa barnoota yookin haala gurma`insaa waldicha irrattii shakii yoo jiraate ragaa dabalataa
qaama gurmeesse irra xalayaan ibsa gaafachuu ni danda`a
6. Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Godinaaleefi Magaalotaa akkataa qajeelfama
kanaatiin Aangoo fi Gahe hojii armaan gadii ni qabaatu;
1) Waraqaa Ragaa gahumsaa sadarkaa isaaniiti Intarpiraayizoota Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii
Qophii Pilaanii Gamoo irrattii bobba`aniif haaraa fudhachuuf, haaroomsuuf, olguddisuuf
iyyata dhiyaate ni fudhatu, ni keessummeessu.
2) Iyyatni bu`uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) dhiyaatee ulaagalee qajeelfama
kanaan tumamee guutuufi ragaalee barbaachisuu waliin dhiyaachuu isaa qulqulleeffachuun
iyyataaf waraqaa Ragaa gahumsaa haaraa kennuu, haaromsuu, olguddisuu ni danda`u
3) Waldaalee bu`uura qajeelfama kanaatiin waraqaa ragaa gahumsaa argatanii galmaa`an yeroo
yeroon ogeeyyiin galmeessan jiraachuu isaanii ni hordofu.
4) Hordoffii ni taasisuu. Rakkoolee fi dadhabina waldaalee keessa jiru adda baasuun ni
gamaaggamu, tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhatu.
5) Waldaalee raawwii gaarii qaban adda baasuun akka jajjabeeffaman ni taasisa. Sektaroota
dhimmi ilaalu ni beeksisaa, haala gara gorsaati guddatan haala ni mijeensu, deeggarsa fi
hordoffii ni taasisuu
6) Waldaa namuusa hojii hin qabnee, dirqamaa fi dhoorkaa qajeelfama kana keessaa taa`ee kan
cabse, raawwii hojii keessatti gahee irra eeggamuu kan hin baanee ta`uu isaani yookiin
balleessaa raawwachuu isaani yoo mirkaneessan bu`uura qajeelfama kanaatiin waraqaa
gahumsaa dhoorkuu yookiin haquu ni danda`u. Dabalataanis badii raawwataniif seera
yakkaatiin yookiin seera Hariiroo Hawaasaatiin akka gaafataman taasisuu, raawwii isaas ni
hordofu.
7) Ragaa barnoota yookin haala gurma`insaa waldalee irrattii shakii yoo jiraatee ragaa
dabalataa, qaama gurmeesse irra xalayaan ibsa gaafachuu ni danda`u
7. Miseensifi Waldaan Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoo
keessatti gurmaa`uu barbaadu kamiyyuu ulaagaalee armaan guutuu qaba;

5
1) Hojii dhabaan Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoo keessatti
gurmaa`uu barbaadan jiraataa Naannoo Oromiyaa kan ta`eefi ragaa iddoo jireenyaa
dhiyeeffachuu kan danda`u;
2) Lammii Itoophiyaa kan ta`ee
3) Umrii waggaa 18 fi ol kan ta`ee
4) Ganda jiraatu keessatti hojii dhabdummaan kan beekameefi calallii bulchiinsa gandaafi
ummataatiin hojii dhabaa ta`uun isaa mirkanaa`ee Wiirtuu KenninsaTajaajila Iddoo Tokkoo
keessatti galmee hojii dhabdoota irratti kan galma`ee ta`uufi xalayaa deeggarsaa
dhiyeeffachuu kan danda`u;
5) Gurmaa`ee hojjachuu fedhii kan qabu
6) Gandaa jiraatuttii sirna galmee calallii guutee galmaa`ee osoo jiruu sababa adda addaatiin
teessoo isaa yoo jijjiree ragaa hojii dhabdummaa bakka duraan turee irraa kennameefi kan
dhiyeeffatu;
7) Ragaa baroonta dhiyeeffachuu kan danda`u
8) Ragaan barnoota dhiyaate sadarkaa digirii jalqabaa gadii yoo ta`ee ragaa mirkaneessa
gahumsaa ogummaa/COC/ dhiyeeffachuu kan danda`uu
9) Ragaa hayyama ogummaa dhiyeeffachuu kan danda`uu
10) Waraqaa eenyummaa gandaa haaraa yokiin bara baajataa keessaa haroomee dhiyeeffachuu
kan danda`u
11) Mirgi isaa seeran kan hin dhoorkamnee
12) Rakkoo fayyaa samuu kan hin qabnee
8. Waldaan Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii Gamoo keessatti
gurmaa`uu barbaadu kamiyyuu ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba;
1) Barreeffama hundeeffama, Dambii ittin bulmaata waldichaa qaama aangoo qabuun
mirkanaa`ee dhiyeeffachuu;
2) Sartiifikeetii qaama seerummaa qaama aangoo qabuun kennamee dhiyeeffachuu;
3) Chaappaa maqaa waldichaan qophaa`ee;
4) Nagahee galii fi baasii maqaan waldichaan maxxansame koppii isaa;
5) Herreegaa baankii maqaa waldichaan banamee;
6) Xalayaa deeggarsaa qaama gurmeessee irra kennamee dhiyeeffachuu;

6
7) Iyyataan karaa dura taa`aa waldicha yookiin karaa bakka bu`aa waldichaan kan dhiyaatu
yoo ta`ee ragaa bakka bu`insa mirkanaa`eefi koppii isaa dhiyeeffachuu;
8) Waraqaa Ragaa galmee daldalaa;
9) Xalayaa mooggasaa maqaa waldicha;
10) Lakkoofsa addaa kaffalaa gibiraa waldichaa;
11) Miseensonni waldichaa hunduu ragaa Barnootafi waraqaa ragaa hayyama ogummaa
dhiyeessu qaba ;
12) Ragaa barnootaa miseensota waldichaa;
13) Suuraa abbaa( 3 *4) miseensota waldichaa hundaa:
14) Waraqaa eenyummaa gandaa miseensota waldichaa hundaa koppii isaa;

Kutaa Sadii

Mirgaa fi Dirqama Miseensotafi Waldicha

9. Mirgaa Miseensota
Miseensi kamiyyuu Waldaa Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii
Gamoo keessatti gurmaa`ee mirgaa armaan gadii ni qaba:
1) Ulaagaa barbaachaa qajeelfama kana keessatti tumaamee yoo guutee mirgaa gurmaa`ee
hojjachuu ni qaba.
2) Fayyadaa waldichii argatuu kamiyyuu argachuu mirgaa qaba.
3) Miseensi waldaa tokko waldaa tokko qofa keessatti gurmaa`uu danda`a.
10. Dirqamaa Miseesota
Miseensi kamiyyuu Waldaa Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii Qophii Pilaanii
Gamoo keessatti gurmaa`ee dirqama armaan gadii ni qaba.
1) Ulaagaa barbaachaa qajeelfama kana keessatti tumaamee guutuu dirqama ni qaba
2) Hojii dhabaa ta`uu isaa yoo shakamee ragaa dabalataa gaafatamee dhiyeessuu dirqama
qaba.
3) Miseensa ragaa sobaatiin waliin gurmaa`ee yoo jiraatee saxiluu dirqama qaba.
4) Hojii mootummaa ta`ee kan dhuunfaa oso qabu miseensi waliin gurmaa`ee yoo jiraatee
qaama dhimmii ilaaluf odeeffannoo kennu dirqama qaba.

7
5) Miseensi waldaan erga gurmaa`ee boodaa hojii mootummaa yookin dhuufaan qacaramee
carraa hojii biroo argatee waldaa keessa kan bahuu yoo ta`ee guyyaa 15 keessatti qaama
waraqaa ragaa gahumsaa kenneefi qaama gurmeessee beeksisuu dirqama qaba.
6) Miseensi waldaa kamiyyuu waldaa tokko qofa keessatti gurmaa`uu qaba.
7) Miseensi midhaa waldicharraa gahu hundaa walqixxaa qodaachuuf dirqamaa qaba.
8) Miseensi waldaa murteen waldaa irratti darbuu hunduu kan miseensota hundaa ilaallatu
ta`uu beekuun waldaa badii irra ittisuu dirqama qaba.
9) Miseensi hunduu beekumsaa dandeettii qabu hundaa milkaa`inaa waldichaaf oolchuu
dirqama qaba.
10) Miseensii hunduu turtiin waldaa akkaata qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee guyyaa waraqaa
ragaa gahumsa argatee kaasee waggaa shan qofaa ta`uu beekuun waldaa akka guddatuu
humna, beekumsaa fi yeroo isaa waldaaf oolchu dirqama qaba.
11) Miseensi waldaan tokko gurmaa`ee hojjacha kan jiru ta`ee oso hojii hin arganee sababa
amansiisaa hin tanneen waldaa tokko keessa bahee waldaa biraa keessatti gurmaa`uu hin
danda`u.
12) Miseensi waldaa kamiyyuu waggaa shan ol miseensa ta`ee hirmaachuufi waldaa biraa
keessatti gurmaa`uu hin danda`uu.
13) Miseensi tokko waldaa diigee waldaa biraa gurmeessus ta`ee waldaa gurma`ee keessatti
hirmaachuu yookiin gurmaa`uu hin danda`u.
14) Tarkaanfiin waldaa irratti fudhatamu miseensa waldaa irratti raawwatiinsaa ni qabaata.
11. Mirga Waldichaa
1) Waldaan bu`uura qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee hojii qophii pilaanii gamoo,
qulqullinaan, seerota. Istaandardota, koodotafi namuusa ogummaa kabajuun hojjachuu
mirga qaba.
2) Waldaan bu`uura qajeelfama kanaatiin ulaagaalee barbaachuu guutee gurmaa`ee waraqaa
ragaa gahumsaa argaachuu mirga qaba.
3) Waldaan bu`uura qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee miseensa ogummaa adda addaa
qabuufi ogummaa waldaaf deeggarsaa kennuu danda`uufi kallattiin hojii Qophii Pilaanii
Gamoo irratti bobba`aniif gargaru kan danda`u ofitii dabalu ni danda`a.
4) Waldaan deeggarsaa fi carraa hojii mootummaan kennamee, ogummaafi dandeetti
qabuun gargaramee qabeenyaa horaachuu mirga qaba.

8
5) Bu`uura qajeelfama kanaatiin Waldaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii
Pilaanii Gamoo sadarkaa isaa gara gorsaa idileetti turtii waggaa shan oso hin eegnee
olguddisuu mirga qaba.
6) 6.Bu`uura qajeelfama kanaatiin Waldaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii
Qophii Pilaanii Gamoo sadarkaa isaa gara gorsaa idileetti turtii waggaa shan oso hin
eegnee muxannoo hojii miseensotni waldichaa qabaan irratti hunda`uun sadarkaa isaa
gara gorsaa idileetti olguddisuu mirga qaba;
7) Waldaan tokkoo iddoofi waldaa tokkoo qofa keessatti gurmaa`uu danda`a.
12. Dirqama Waldichaa
1) Waldaa bu`uura qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee hojii qophii pilaanii gamoo raawwatu
keessatti qulqullinaan, seerota. Istaandardota, koodotafi namuusa ogummaan gaafatu
kabajuun hojjachuu dirqama qaba.
2) Waldaan bu`uura qajeelfama kanaatiin waraqaa ragaa gahumsa fudhate miseensota
irrattii jijjiirraan yoo raawwatamee yookin miseensotni turan waldichaa kan gadii
lakkisan yoo ta`ee yookin kan biroo ofitti kan dabalan yoo ta`e, yookin ragaalee duraan
qabsiifatan irratti jijjiiramni yoo raawwatame qaama waraqaa ragaa gahumsa kenneef
yookin irra fudhateeti guyyaa 15 keessatti beeksisuu qaba.
3) Miseensi waldaa hojii mootummaa, kan dhuunfaa isaa kan qabuu yookin dhaabbataa
dhuunfaa biraati qaxaramee hojjacha kan jiru ta`ee yoo argamee waldaan seeraan kan itti
gaafatamu ta`a.
4) Miseensi waldaa hojii biro kan argatee yoo ta`ee bu`uura seeraa eeguun miseensaa hojii
hin qabneen bakka busee qaama waraqaa ragaa gahumsa kenneefi guyyaa 15 keessattii
beeksisuu dirqama qaba.
5) Waldaan bu`uura qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee guyyaa gurmaa`ee waraqaa ragaa
gahumsaa fudhate irra kaasee turtii waggaa shan qofaa keessatti guddatee bahuu qaba.
6) Waldaan bu`uura qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee waggaa shan xumuree waraqaa ragaa
gahumsa deebisuu dirqama qaba.
7) Waldaan bu`uura qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee waggaa sadii sadiin waraqaa ragaa
gahumsaa haaromsuu dirqama qaba;

9
Kutaa Afur
Haala kenniinsaa Waraqaa ragaa gahumsaa
13. Iyyata
1) Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo irratti bobba`uuf
karaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa, Waajjira Carraa Hojii Uumuufi
Ogummaa yookin Wiirtuu Kenniinsaa Tajaajila Iddoo Tokkoon gurmaa`an, ulaagaalee
barbaachisaa guutuu isaani ergaa mirkanaa`ee unkaa iyyanoo dhimma kanaaf
qophaa`ee akka guutuu ni ta`a.
2) Iyyata waldaan dhiyeessee bu`uura gochuun ragaalee barbaarbachisaa guutuu ta`uu
isaa mirkaneesun waraqaa ragaa gahumsaa akka qophaa`uu ni t a`a.
3) Ulaagaalee hin guutamnee yoo jiraatee waldichaaf oso waraqaan ragaa gahumsa hin
kennamiin akka guutatuu ni t a`a.
4) Waldaan Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii qophii pilaanii gamoo irrattii
gurmaa`ee hayyama dabalataa hojii ijaarsaa irratti iyyachuu hin danda`u.Waldaan
Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii qophii pilaanii gamoo irrattii gurmaa`ee
hojii hojii ijaarsaa irratti bobba`uu yoo barbaade waraqaa ragaa gahumsaa qophii
pilaanii gamoo deebisuu qaba.
14. Waraqaa ragaa gahumsaa haaraa argachuuf ragaalee dhiyaachuu qaban
1) Bu`uura qajeelfama kanaatiin waldaan Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii
Qophii Pilaanii Gamoo keessatti gurmaa`uu barbaadu kamiyyuu ulaagaalee keewwata 8
jalatti ibsame guutuu isaanii mirkaneeffachuun waraqaa ragaa gahumsa kaffaltii malee
bilisan ni argatu.
2) Bu`uura keewwata kana xiqqaa (1) jalatti kan ibsamee akkumaa jirutti ta`ee bay`inaa
miseensaa, gosaa barnoota, sadarkaa barnootaafi sadarkaa waraqaa ragaa gahumsaa
gabatee lakkoofsa 3 fi miltoo 1 keessatti haalla ibsameen kan raawwwatamu ta`a.
15. Haala gaaffiin waraqaa ragaa gahumsaa kufa itti ta`uu
1) Bu`uura qajeelfama kanaatiin waldaan Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa Hojii
Qophii Pilaanii Gamoo keessatti gurmaa`uu barbaadu kamiyyuu ulaagaalee keewwata 8
jalatti ibsame kan hin guunee yoo ta`ee gaaffiin waraqaa ragaa gahumsa fudhachuuf
dhiyaatee kufa ta`a.
2) Waldaan ragaa soba kan dhiyeessee yoo ta`ee.

10
3) Waldaas ta`ee miseensi waldaa tanaan dura waldaa keessatti gurmaa`ee diggee yeroo
lamataaf waldaa biraa keessatti gurmaa`uuf kan iyyatee yoo ta`e.
16. Haala haaromsaa waraqaa ragaa gahumsaa
1) Bu`uura qajeelfama kanaatiin Waldaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii
Qophii Pilaanii Gamoo irratti bobba`uuf gurmaa`ee waraqaa ragaa gahumsaa waggaa
sadii sadiin ni haaromsa.
2) Waraqaa ragaa gahumsa Waldaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii
Pilaanii Gamoo karaa dura taa`aa waldichaa yookin bakka bu`aa seeraan waldichii
bakka buuseen unkaa iyyata dhimma kanaaf qophaa`ee guutee erga mallatteese
boodaa kaffaltii haaromsa kaffalchisuun ni haaroma.
3) Waraqaan ragaa gahumsaa guyyaa jalqaba kennameefi kaase waggaa sadii keesatti
haroomu qaba. Yeroon haaromsaa darbee waggaa tokko yoo caalee sababi hin
haaromneef waajjira daldala irra xalayaa deeggarsa fidu qaba.
4) Yeroon haaromsa darbee waggaa tokko kan hin caalee yoo ta`ee kaffaitii haaromsaa
irratti adaabii qarshii 100.00/ dhibba/kaffalchisuun ni haaroma;
5) 5. Waldaan yeroo haaromsaaf dhufu xalayaa deeggarsaa Abbaa Taayitaa Galii irra
dhiyeeffachuu yookin hayyamni dadalaa bara baajata haaromee dhiyaachuu qaba;
17. Haala waraqaa ragaa gahumsaa deebbisuu
1) Waldaan Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo sababi
adda addaatiin yoo diigamee.
2) Waldaan Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo bu`uura
qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee waggaa shan yoo guutee.
3) Waldaan Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo bu`uura
qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee oso waggaa shan hin guunee gara gorsaa idileetii
yookiin intarpiraayizii giddugaleessaatti yoo ce`ee yookiin guddatee.
4) Waldaan Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo bu`uura
qajeelfama kanaatiin gurmaa`ee badii raawwateen akka waraqaa ragaa gahumsa
deebisuu qaama seeraan aangoo qabuun yoo murtaa`ee.
5) Miseensii waldaa bu`uura qajeelfama kanaatiin %50 gadii yoo ta`ee.

11
18. Waraqaa ragaa gahumsaa sadarkaa olguddisuu
1) Bu`uura qajeelfama kanaatiin Waldaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii
Pilaanii Gamoo muxannoo hojii miseensotni waldichaa qabaan irratti hunda`uun
sadarkaa isaa gara gorsaa idileetti olguddisuu ni danda`a.
2) Bu`uura keewwata kana keewwata 1 jalatti ibsamee haalli waldaa Intarpiraayiziin
Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo muxannoo hojii miseensotni
waldichaa qabaan irratti hunda`uun sadarkaa isaa gara gorsaa idileettii guddatan bu`uura
qajeelfama Ministeera Misooma Magaalaa fi konistiraakishiniitiin bahe qajeelfama lakk
648/2013tiin ta`a
19. Qabiyyee waraqaa Ragaa gahumsaa
Bu`uura qajeelfama kanaatiin waraqaa gahumsa kennamuu qabiyyee armaan gadii ni
qabaata;
1) Ragaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii Pilaanii Gamootiif kennamee
ta`uu akka ibsu” Waraqaa Ragaa Gahumsaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii
Qophii Pilaanii Gamoo” kan ibsu
2) Maqaa guutuu waldichaa
3) Teessoo waldichaa fi lakkoofsa bilbilaa
4) Waldaan bu`uura qajeelfama lakkoofsaa kanaatiin Ragaa kennamee ta`uu kan ibsuu
5) Guyyaa kennamee fi lakkoofsaa Galmee
6) Ramaddii fi sadarkaa
7) Waggaa tajaajilu
8) Bara haaromsa
9) Iddoo maqaa, mallattoo, guyyaa qaama waraqaa gahumsa kenne
10) Iddoo chaappaa Abbaa Taayitichaa
20. Waraqaa Ragaa gahumsaa manca`ee fi kan bade bakka buusuu
Waldaan waraqaa gahumsaa jalaa manca`e yookin bade haalota armaan gadii yoo guutee
waraqaa ragaa gahumsaa bakka bu`ee ni kennamaaf;
1) Waraqaan ragaa jalaa baduu isaa waajjira poolisii irraa ragaafi Dhaabbataa Pireesi
Itoophiyaa gaazexaa irratti beeksisaa guyyaa 15f darbee dhiyeeffachuu

12
2) Kan manca`e yoo ta`ee waraqaa ragaa gahumsa manca`e dhiyeessuun fi unkaa iyyano
tajaajila kanaaf qophaa`ee guutee mallatteessee yoo dhiyeessee tajaajila kanaaf qarshii
100.00/ dhibba tokkoo/ yoo kaffalee bakka bu`e ni kennamaaf
21. Waraqaa ragaa gahumsaa dhoorku
Waraqaan Ragaa gahumsaa sababoota keewwata kana jalaattii ibsameen dhoorkamee turuu
ni danda`a;
1) Waldaan ragaalee, gabaasotafi odeeffannoo abbaan taayitichaan gaafatame osoo hin
dhiyeessin kan hafe yoo ta`e.
2) Waldaan yookin miseensi waldaa ta`e jedhee itti yaaduun yookin haqina namuusa
ogummaatiin hojii isaa karaa sirrii hin taaneen raawwachuu isaatiif maamila irra
komiin yoo dhiyaate.
3) Waldaan waraqaa gahumsaa irraa dhoorkamee guyyaa shan keessatti waraqaa ragaa
gahumsaa abbaa taayitichaaf deebisuu qaba.
4) Ragaan gahumsaa bu`uura keewwata kanaatiin dhoorkamu yeroo ji`a sadiitiif
dhoorkame ni tura. Balleessaan raawwatamee yeroo ji`a sadii keessatti yoo
sirreeffamee dhoorkaan ni ka`a. Balleessaan raawwatamee yoo ji`a sadii keessatti kan
hin sirreeffamin ta`e waraqaan ragaa gahumsaa kan haqamu ta`a.
22. Waraqaa gahumsaa haquu
Waraqaan Ragaa gahumsaa sababoota keewwata kana jalaattii ibsameen haqamu danda`a;
1) Waldaan yoo diigamee yookin fedhii isaatiin hojii dhaabee waraqaa ragaa gahumsa
yoo deebise.
2) Waraqaa ragaa gahumsaatiin yakki kan raawwatamee yoo ta`e.
3) Qaamni biroo seeraan alaa akka itti fayyadamuu yoo taasifamee.
4) Balleessaa raawwatee yoo ji`a sadii keessatti kan hin sirreeffamin yoo ta`e waraqaan
ragaa gahumsaa kan haqamu ta`a.
5) Waraqaan ragaa gahumsa ragaa sobaatiin kan fudhatamee ta`uun yoo biraa gahamee.
6) Ulaagaaleen waraqaa ragaa fudhachuuf barbaachisan adeemsa keessatti hir`atanii
turtii ji`a tokkoo keessatti osoo hin guuttatin kan hafan yoo ta`e.
23. Haala bakka bu`insaa kennu
Bu`uura qajeelfama kanaatiin dura taa`aa waldaa Intarpiraayizii Maaykiroofi Xixiqqaa
hojii Qophii Pilaanii Gamoo Waraqaa Ragaa Gahumsa haaraa fudhachuu, haaromsuu fi

13
olguddisuu ni danda`ama. Sababoota gargaraatiin waldaan nama biraa adeemsa seera
eegatee bakka buusuu ni danda`a.
24. Haala Adda
1) Waldaa Intarpiraayiziin Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo beekumsaa,
humnaafi dandeettii indaastrii konistiraakishinii keessatti argatee irrattii hunda`uun
sadarkaa gorsaa idileetii guddachuu ni danda`a.
2) Bu`uura keewwata keewwata xiqqaa (1) jalattii kan ibsamee akkumaa jirutti ta`ee
ogeessa “Practicing professional” ta`ee fi muxxannoo waggaa sadii fi isaa ol qabu
miseensota waldichaa keessa kan hin jirre yoo ta`ee ogeessa kana ofittii dabalun yookin
qaxaru qabu;
3) Ogeessi “Professional Engineer” hojii gaggeessa waldichaa ta`a;
4) Waldaan ogeessaa kana qaxariin kan ofittii fide yoo ta`ee galii bara sana keessa
argamuu irra %15 ogeessi kun sheerii argachuu qaba;
Kutaa Shan
Tumaalee Adda Addaa
25. Kaffaltii tajaajilaa
Bu`uura qajeelfama kanaatiin kaffaltii tajaajila Waraqaa ragaa gahumsa ragaa Intarpiraayizii
Maaykiroo fi Xixiqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo, haaraa fudhachuu, haaromsuu fi
olguddisuun akkataa gabatee lakkoofa 1 keessatti ibsameen kan raawwatamu ta`a;
Gabatee lakkoofsa 1

Gosa kaffaltii tajaajila (Qarshiin


Lakk Waraqaa Waraqaa Waraqaa Adaabii Yeroon
Gahumsaa Haaraa Gahumsaa Gahumsaa Haaromsa Darbeef
argachuuf Haaromsuuf Olguddisuuf

1 Bilisaan 1000.00 1000.00 1000.00 + 100.00

14
26. Itti gaafatummaa seera
1) Bu`uura keewwata kanaatiin waldaalee Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii
Qophii Pilaanii Gamoo irratti bobba`an akkaata badii raawwatan irratti hunda`uun seera
yakka fi seeraa hariiroo hawaasaatiin ni gaafatamuu
2) Bu`uura keewwata kanaatiin miseensi waldaan gurmaa`ee tokko akkaata badii raawwate
irratti hunda`uun seeraa yakka fi hariiroo hawaasaatiin ni gaafatama
3) Qaamni dhimmota qajeelfama kanaatiin dhoorkame darbee yookiin cabsee waraqaa
gahumsaa kenne seeraa yakka fi seeraa hariiroo hawaasaatiin ni gaafatama
27. Tarkaanfii bulchiinsaa
1) Bu`uura keewwata kanaatiin waldaalee Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii
Qophii Pilaanii Gamoo irratti bobba`an akkaata badii raawwatan irratti hunda`uun
xalayaa akeekachisaa irraa kaasee hanga waraqaa ragaa gahumsaa haquu ni gaha.
2) Bu`uura keewwata kanaatiin miseensi waldaan gurmaa`ee tokko akkaata badii
raawwate irratti hunda`uun xalayaa akeekachisaa irraa kaasee hanga waraqaa ragaa
ogummaa irra fudhu ni gaha.
3) Qaamni dhimmota qajeelfama kanaatiin dhoorkame darbee yookiin cabsee waraqaa
gahumsaa kenne akkataa badii raawwatee irratti hunda`uun akeekachisaa irra kaasee
hanga hojii irra dhaabuu ni gaha.
28. Sirna dhiyeessa komii
1) Bu`uura qajeelfama kanaatiin waraqaa ragaa gahumsa haaraa baafachuuf, haaromsuuf,
bakka buusuuf yookin dhoorkaa waraqaa ragaa gahumsa irratti godhamee kaasisuuf
iyyanni dhiyeessee seeraan ala kufaa na harkaa taasifamee qaamni jedhu yookiin
waraqaan ragaa gahumsaa seeraan ala haqamee qaamni jedhu iyyata isaa Guyyaa 30
(soddoma) keessatti hogganaa Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaa yookin
Magaalaaf komii dhiyeeffachuu ni danda`a.
2) Hogganaan Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaa yookin Magaalaa komii
dhiyaateef, ofii isaatiin ilaaluudhaan yookin koree komii hundeessuun yaada murtii
akka dhiyeessaniif gochuun guyyaa 10 (kudhan) keessatti murtii isaa barreeffamaan
iyyataaf ni beeksisa, ijoo duubbichaa irratti murtiin Abbaa taayitichaan kennamu murtii
dhumaa ta`a.

15
3) Murtii Hoogganaa Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaatiin yookin Magaalaatiin
kenname irratti qaamni komii qabu guyyaa murtichi barreeffaman isaa ga`e irra kaasee
guyyaa jiran 30 (soddoma) keessatti dhimma seeraa qofa irratti mana murtii aangoo
qabutti oliyyannoo dhiyeeffachuu ni danda`a.
4) Iyyannoon daangaa yeroo keewwata kanaan caqasame keessatti hin dhiyaatin
fudhatama hin qabu. Komiin sababa humna oliitiin daangaa yeroo tumame keessatti
osoo hin dhiyaatiin hafe, Abbaan Taayitaa Konistiraakishinii Oromiyaa ofitti fuudhee
ilaaluu ni danda`a.
29. Deeggarsaa fi hordoffii
1) Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaaleefi Magaalota waldaaleen hojii isaanii
qulqullinaan akka hojjatan taasisuuf hordoffii fi deeggarsaa barbaachisaa ni kennu.
2) Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaaleefi Magaalota biiroo carraa hojii uumuufi
ogummaa waliin ta`uu waldaalee Intarpiraayizii Maaykiroo fi Xixiqqaa hojii Qophii
Pilaanii Gamoo irratti bobba`an bay`inaan ni horatu.
3) Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaaleefi Magaalota waraqaa ragaa gahumsa
yeroo kennu softii koppii kara telegraamiin fi haardii koppii isaa chaappaan
mirkaneessee Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Oromiyaadhaaf guyyaa 15/kudha shan/
keessattii xalayaadhaan erguu qabu.
4) Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaaleefi Magaalota miseensi waldaa hojii
mootummaa ta`ee dhuunfaan qaxaramee kan hojjachaa hin jirre ta`uu isaa yeroo yeroon
qulqulleeffachuu dirqama qabu.
5) Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaaleefi Magaalota qajeelfama kana qaamnii
ilaalu akka beeku iddoo hojiitti maxansuu fi leenjii hubannoo kennu qabu.
6) Waldaalee iddoo tokko oli gurmaa`an fi ragaa sobaatiin waraqaa ragaa gahumsaa
fudhatan hojii burjaajessuu yookiin waliin dhahuu isaaniitiif waraqaa gahumsaa isaanii
haquufi gochaa badii hojjataniif karaa seeraa dhiyeessun seeraa yakkaa fi seera Hariiroo
Hawaasaatiin gaafachuu fi waldaan kun lamataa akka hin gurmoofnee qaama dhimmii
ilaalu beeksisu dirqama qabu.
7) Abbaa Taayitaa Konistiraakishinii Godinaaleefi Magaalota Miseensaa waldaa, waldaa
tokko ol keessatti gurmaa`ee, raga sobaatiin gurmaa`ee fi hojjata mootummaa ta`ee
yookin dhuunfaan qaxaramee osoo jiru waldaadhaan gurmaa`ee waraqaa gahumsaa

16
ogummaa isaa irra qabuun gochaa badi raawwateef seeraatti dhiyeessuun seera yakka,
seera sifil sarvisii fi seeraa hariiroo hawaasaatiin gaafachuu miseensii kun waldaa
Qophii Pilaanii Gamoo keessatti lamataa akka hin gurmoofnee qaama dhimmi ilaalu
beeksisuu dirqama qabu.
30. Seerota raawwatiinsa hin qabne
1) Qajeelfamni Kenninsa Waraqaa Ragaa Gahumsaa Intarpiraayizii Maaykiroo fi
Xixiqqaa hojii Qophii Pilaanii Gamoo Qajeelfamni lakkoofsa 04/2011 qajeelfama
kanaan haqamee jira.
2) Qajeelfamnii fi barmaatileen qajeelfama kanaan walfalleessu kamiyyuu dhimmoota
qajeelfama kanaan hammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatan.
31. Dirqama deeggarsa kennuu
Qaamni dhimmi ilaallatu kamiyyuu, qajeelfama kana hojiirraa oolchuudhaaf odeeffannoo
ragaalee fi deeggarsa barbaachisaa Abbaan Taayitichaa gaafatuu hunda kennuu qaba.
32. Yeroo qajeelfamni hojirra oolu
Qajeelfamni Kun _________ __, Bara 2014 irraa kaasee raawwatiinsa ni qabaata

Abbarra Bayyanaa Fayyisaa (Inj.)


Dar/Ol/ATKO
Finfinnee 2014

17

You might also like