Kotaa Ni Saganaa

You might also like

Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 5

Kottaa ni sagadnaa/Waqeessinaa(Mul’ata 4 fi 5)

Kutaan kun akkataa itti Waaqaayyoo Waaqeessinuu fi Ulfina kenninuu kan baraa baraa sana
barsisa.
akkasumas kutaan kun Waaqeeffanna bifa lama qabu akka jiru fi akkamiti akka hordofuun
waaqeefachuu qabnu argina
1. Isa Teessoo irra ta’ee kan Waan hundumaa uumee sana waaqeessuudha.
(Worship the creator. Rev.4)
Boqonna kana keessati jechi “Teessoo(throne)” jedhu si’a 14 itti fayyaademeraa,guutuummaa
macaaafa mulata keessati immoo si’aa 46 barreefaaameraa. Inni Teessoo isa irraa ta’ee guddaa
hundaa olii fi ulfina qabeessadha.Waaqeeffannan keenyas fuulaa isaa duratiidha.
Mee Teessicha Sanaa gidduu galleessa waaqeeffannaa keenyaa taasisne,akkataa waaqeeffana
kanaa kan ibsan jechoota fi himawaan tokko tokko haa ilaalu.
a. Teessoo irraa Isaa ta’ee(on the throne-Almight God ,Rev.4:2-3a): kun Waaqayyoo abbadha.
Bifa waaqayyoo ibsuun waan hin da’amneef Dhagootaa gati jabeessaa Yaasphisi(Qulla’aa
akka Cabbiiti Mul.21:11) fi Saardiyooni(diimaa)ti fakkeesse ibse Yohanis.(faarsa 104:2,
1xim.6:16 fi seera Ba’uu 28:17-21 ilaali)
b. Naannoo Teessichaas- Sabbaata Waaqayyoo(mul.4:3b):Dhagaa gati jabbeessa Simaargidos
fakkatee Sabbata kakuu Abdii Waaqayyoo akka geengooti guutummati na’ee jira.kunis
Kakuu Waaqayyoo Nohiifi Saanyii namaaf galee araaraan guutuu ta’uu Waaqayyoo
agarsisa(Umama.9:11-17,Ibrota.3:2)
c. Naannoo Teessichati- Manguddootaa24 fi Umama Lubbuu qaban(mul.4:3-4,6-7)
Sabbatni Waaqayyoo Gubbaati gadiiti(Vertically) akka geengooti naannoo teessichaa yeroo
Marsuu Uumamni ka’aani immoo Toora galani(horizontally) teessichaati Naannaa’ani
jiruu.
Manguddootni 24 kun eenyuu? Isan kun ergaamootaa Waqa irraa miti. Ergamootni
lakkoofsaan kumaatamaa hin beekamaani(Ibirota.12:22,mul.7:11).Manguudootni kun
Gonfoo Jireenya ittin argataan kan Mataati godhatani badhaasamaniti(Mul.5:8-11,2: 10)
Kun bakka bu’ee(symbols) saba Waaqayyoo Waaqa irraatiti. Akkasumas luboota kakuu
Moofaati(1Seenaabara 24:3-5,18,luqas 1:5-9), akkasumas Sabni Waaqayyoo mootoota fi
luboota(Mul.1:6,5:9-10,Dan.7:9)
Kudhalamagosa ijoolee Isiraeliifi Ergamoota(bartoota goofta 12) ta’uu isaaniti.
Warraa Uffaata adii fi Muka Meexxii harkaati qabatani hoo?Mul.7:9-11 – Warra gosa
hunduma keessa rakkinicha mo’anidha(1Yoh.5:4-5).
Umama Lubbuu qaban Arfan eenyuu? Warrii kun ergaamootaaWaaqa irraa fi
Manguuddoota 24 Caalaati Waaqayyooti dhiyaatuu.kuruubeeli(Ezikel 1:4-14;10:20-22)fi
Suraafeeli(Isa.6), mul.4:8. Umaamni kun Umama isa waaqayyoo Nohiif akka hin
balleessineef kakatee bakka bu’uu danda’aa(Umama.9:8-17)
Fuullii umama kan fuula namaa fakkatuu immoo Umama 9:10 irrati kakuu Nohiif
Galameedha.
Iji uumaama kanaa kan ija hedduun guutamee kun oogumma kakuu Waaqayyoo kan inni
kakuu umama isaaf galee kan yaadachisanidha.

1
d. Teessicha bira- Ballaaqqeessa Bakakkaa(mul.4:5a)-guyya firdiiti dheekaamsa dhuufuf jiruu
fi aangoo Waaqayyoo isa dinqisisati(Ba’u 9:23,28;19:16,
mul.8:5,11:19,16:18,farsa.9:7,77:18).Kiristoosin yoo ta’ee malee firdin hin
ooluu(Rom.5:210)
e. Teessicha Fuula duraati-Guca ibida boba’uu Torbaniifi Galanaa of -ilalee adii akkaa Cabbii
fakkaatu(Mul.4:5b-6a)
Gucichi hafuuraWaaqayyooti (mul.1:4,Ezikel.1:13).Yoohaanis iddoo isa Waaqa
keessa(heavenly Sanctuary) sana qulqulluu sana isa lafan qabe ibsa. Akkumaa
ibiroota9:23…arginu
f. Akkata Sagadaan Teessicha jeejjetan (Mul.4:9-11)- Waaqayyoo duraati kufaani
goombifamaaniti sagaduu. Macaafni Mulata kun Jeejanaadhan guutudha(Mul.4:8,11;5:9-
13;7:12-17;11:15-18;12:10-12;15:3-4;16:5-7;18:2-8;19:2-6) yohaanis Sabaa rakkina fi
hariyatama keessaa darba jiran jajabeessuf barresse.Waaqayyo isaa Uumaa fi qululleessa
ta’ee Sana akka jejataanif.
g. Hoolicha isa Teessoo duraa(The Lamb before the Throne(mul.5))- kun yesus
kiristoosidha.Mulata5:13 irrati Sagaduunis nitaaf.
2.Yesusin(Hoolicha) Isa nu furee Waaqessuu
(Worship the Redeemer. Rev.5)
h. Macaafa Maramaa Mallattoon Cufaame isa Harka Waaqayyoo keessaa jiru maalii?
Macaafa Marama kanaa irraa Mallattoo ittin cufaamee bane kan dubbisuu danda’uu fi wanta
Macaafichaa keessati caafaamee Sanaa yommuu dubbifamuu Waaqeeffaan Waaqa keessaa akkataa
fi Jechii isa jijjiramee Hoolicha bane sanaaf Sagadni ta’ee. kunis Gooftummaa fi aangoo Yesuus
argisisa. Ulaa
Macaafni Maramaan kunis Hojii yesus fannoo irraati hojete, akkasumas, Macaafni Maramee kun
Erga Rajoota Kakuu moofa, fi mulata Daniel isa akkamitti akka Mootumman Waaqayyoo inni
Waaqa irraa lafaa irrattis ta’uu dubbata ture (Isaayas 8:16, Ekel:2-3, Daniel 12).
Wa’ee isa kanaas Tuta Lakkoofsa Torbaa Sadan (the 3 set of 7, mula.6-16): tin firdiin Waaqayyoo
ta’uuf jiruu ibse .
Yesusin Waaqeessuun kan barbaachiseef
a. Eenyuumaa isaaf(mul.5:5-7)- yesus Mootichi Masiya inni kakuu moofa keessaatti akka
mo’uu abdachiifamee sun hoolicha(Yesus) isa fannoo irratti fannifamee du’ee diinnoota
isa sana mo’eera. Mooti hiddaa Dawwiti Leenca Gosa Yihudaa wanta’eef(Umam.49:9-
10;Isay.11:1,10;Matt.22:41-46)
Yesus hoolicha isaa barbaadamee sanaa fi Teessicha dura
dhaabatedha.(Umama.22:7,Yoh.1:29,Mul.5:12,7:14)
b. Teessicha dura Wan dhabaatef(mul.5:6)- Yesus ol ba’ee giddugaleessaa Umamaa
hundumaa fi Manguuddootaa ta’ee Ergammootan Marfammee jira.Teessicha irraas kan
ta’eedha.
c. Sababa Hojii yesus hojeetef (Mul.5:8-10)-Yeroo Hoolichi Macaaficha fudhate Bo’ichi
dhabateeti Umamni hundinuu Inni Mallattichaa kutee banan Jejanan

2
eegalame(Dan.7:13-14,Farsa.141:2;Luq.1:10,Mul.6:9-11,8:1-6).farfaanna
jejanaa,kadhaataa fi rajuumas turera.
d. Sababaa wanta ini of harkaa qabuf(mul.5:11-14)-Aangoo ,badhadhumma hunduma
ulfinna qaba.inni handhura (ijoo)waaqeeffanna waaqa keessati.
Yesus hara iyyuu balbalaa dura dhaabatee si waama,na baani ol seenuun fedha dafee
nan dhufaa, anan waaqeefadhu jedha(Mul.3:20)
Mal’ta Mallattoon Mallatteefaame sana (Mula.6 fi 7)

Waaqeeffannaa guddaa sanati aansee yeroo firdii isa dhumaatu ta’aa. Mallattooleen kunis isuma
ibsaa.
1. Fardaa mo’icha(Conquest)kan yaabate-Farda Adii =>Isa fardi irra ta’ee mo’e(mul.6:1-2):
inni kun Mootii Nagaati yesus kiristosidha.(mul.17:12-13;19:11…,1Tas.5:1-3).
2. Farda warana lolaa(war) kan yaabate- Farda Diima biluu :Daniel.9:26 Yesus yommu ta’uu
Dani.9:27 immoo Mormituu kiristoos isaa dhufuuf jiruu sanadha(kingdom Anti Christi=
old roman empire).Ariyatama Waldati(mul.13:15-17,mat.24:21). This is the Revelation of
Antichrist (2 Thes. 2:3-5, 8a)
3. Farda Beela(Famine)kan yaabate-Farda Guraacha
4. Farda Du’a (death) kan yaabate-Farda Balqaajii.
5. Iddoo Aarsaa- lubbuu wara waangela duuka buaani waregamanidhaa. aarii bo’icha isa
imimaan isaani waaqayyoo duraati olbae, ama yoomiti turta? Nu faradi jedhu. yeroo xinnoo
isheef boqotuu.
6. Guyyaa gooftaa (the Day of the Lord); Isayas 2, Yoel 2: kun guyya firdichati deebii
boichaaWara Qulqullootaa waregamaniti. Eenyuutu Guyyicha dhaabachuu Dandaa?
7. A.Mallateefaamuu Hojetootaa waaqayyoo” The Lamb’s Army” mulat.7:1---
7.1 mallatteffamuu lakkofsa ijoolee isirael.mul.7:4-8,
7.2 Tuuta sonan baayee(mul.7:9-10)
7.3 Sagada warra Naannoo Tessichaa(mul.7:11-12)
7.4 Warra Uffaata Addii uffataan(mul.7:13-16)
7B. Banamuu Mallatoo torbaa Qodaa Ixaanaa.Mul.8:5- kun xummuramuu guyya goofta isa firdiin
Gaafii tolootaaf kennamuudha.

Sagalee Malakata Torban (the 7 Trumpets , Mulata.8b-11) (Mula.8 fi 9)

Ergamoota torbanif Malakani torba kennamuun akka aadaa Yihudootti hiikaguddaa qabaf. Seera
Lak.10 irraati Malaktini Waan saadiif itti dhima ba’aama.
a.Namoota Waliti Waamuuf(lak.10:1-8);
b. Warana Labsuuf(lak. 10:9);
c.Yeroo Gammachuu ykn Addaati(announced special times (lak. 10:10).
Fakkenya yeroo is gaara Siinaati Seerii kenname. (Ba’u 19:16-19), fi Isa akkaa yeroo Mootini
Dibamuu faa.ed (1 motota 1:34,39). Yeroo moichas kan akka jiguu Yerikoos(Iyasu 6:13-16).

3
Yohanis sagalee malakataa kanan irraa deebiee dhayicha waaqayyoo biyyaa Gibxiti fidee
fayyadamuun mulata arge hima. (sera Ba’u boqonna 7-11 irraa fudhatame). dhayichi sagalee
malakatan biyya lafaa bifa garagaraa ta’aan kunis

1.Cabbii Gurguddaan(hail) sammiti bu’e(mul.8:7,Ba’u 9:18-26)

2.Dhiigaan umamamni lafa irra dhume.(mul.8:7,Yoe.2:30)

3.Bishaan hadhawa/summawa” urjii hadheessoo”(mul.8:8-9,10-11,Ba’u.7:19-21)

4.Dukkana jabaa ta’ee(mul.8:12-13,Ba’u 10:21-23,Amos 5:18)

5.Hawaanisa aara dukkanawan guutee lafa miidhe.” Demon locusts”, Abadon


(Apholiyon)(Mul.9:..,Ba’u 10:1-20,Kes.28:38,42,Yo’e 2:1,fkn.30:27)

6.Abba Fardaa Arfaan.: Namootni dhayichaa kanan iyyuu Qalbii didirachuu hindandeenye, akka
Farihoon Garaafi mataa jabatan. (Ba’u 9:20-21); Macaafaa Maramaa sana qaba deebii isaa.

Ergama Macaafa Maramaa hoolicha dubbise. (mulata 10:1-11:13)

Macaafni Maramee kunis mallattoo lama of keesaa qaba.

1ffaa.Safaramuu Idoo AarsaaaMana sagada/qulqullummaa arge

2ffaa.Dhuga -Baatonnii Lamaan ergamuu isani (two Witnesses prophesy)

7.Mootuman Waaqayoo biyya lafa kanati dhufte. Mootuma biyya kan goofta keenya
ta’e(mul.11:15;11:19)- God’s kingdom comes to earth.

Mulata 10 fi 11
Ergamaa aangoo qabeessa Macaafa Maramaa hoolicha dubbise (mulata 10:1-11)
Ergamichi macaafa Maramee isa wanta dafee biyyaa lafa kanati dhufu, mootummaa waqayyoo lafa
irraati akka dhufu jirtu, macaafaa Maramee kanaa akka nyaatee labsuuf afeeraame( aangoo
qabbeessadha) (mul. 10:1-4 eenyuu Ergamichas ibsa)
Ergamaan kun akkamiti Macaaafa sana dubbisuu dandaaa’ee? Ergama kana yesusiiti yaadama.
Sababaa yesus duwwattuu dubbisuuf maleedha(mul.5:5…)
Ergaan ergamichaaa inni raajees, “si’achii lafaa irraa harkisuun hin jiruu. Bara Malakanni inni
torbaffaan afuufamuti garuu wntiWanti Waaqayyoo dhoksatii akeeke akkuma inni rajoota isatti
himee ture sanatti,raawwatamuuf jira”Jedhe. Mul.10:6-7
Macaafa maramaa isaa xinna akka nyaatamuu ajaaje,ibse(mul.10:9,11)-macaafichi kun kan
rajumman namaa guutudha.

4
Macaafni Maramee kunis mallattoo lama of keesaa qaba.
1ffaa.Safaramuu Idoo AarsaaaMana sagada/qulqullummaa arge. Eegumsaa mana sagadaa sanaf
ture. Kunis macaafa Zakariyaas boqonnaa 2 irra fudhate. Garuu Kutaa manichaisa gara alatti
manadarati(oobdii) hin safaree ture, akka gadi dhidhitamuuf wara sabawaaqaayyoo hin ta’iniif
dhisee.waa’ee kana ilalchisee yaada lamatu jira.
a/Diigamuu mandara Yerusaaleem isa Darbee yokin kan dhufuf jiruuti ta’usati
b/manichi sagada/qulqullumma inni haaraa kun fakkeenya kakuu hara duukabuutota yesus tati
jedhu (1Qorontos 3:16, ibiroota3:6,1pexiroos 2:4-5). Ega kun kan agarsisuu saba biraatin
qoramuu wara yesus duuka bu’aaniti.
2ffaa.Dhuga -Baatonnii Lamaan ergamuu isani (two Witnesses prophesy)

Wa’ee dhugaa batoota kanaa yaada lamatu jira.


a/Dhugaa batootni kun garaa fuuldurati rajooni lama ni dhufuu jedhaani yaadu.
b/Dhugabatootni kun Fakkeenyaa Tajaajilaa rajumma waldaa kiristiyaanaati. innis Tajajila
rajumma Musee fi Eliyasiti.
Yohanis isan kun Baatuu ibsa” lamp stands” =churches) (mulata.11:4,1:20) jedha.
Bineensichi iddoo lafa jala ka’u isa.
Bineensi kun dhuga-batoota laman kan ajeessedha. Bineensi kun mulata Daniel keessati
ibsamera(Daniel 7)
Waqayyoo dhuga-batota kana du’aa kaasee wara isan hariyacha turan durati isan jiraachise. Sabni
baayeen kana argani Waaqayyooti Amanani, Qalbiis diddiratan guyya gooftichatis fayan.
(mulata11:13)
Sabni dheekamsa fi adabaan Qalbii diddirachu hin dandeenyee. Garuu hoolicha diinnoota isa
jaallachuun isaniif du’uun isan mo’ate. Waldan kiristiyaa ishee kunis hoolicha qalamee sana
amanuufi fakeenyaa godhachuun diinaishee mo’ati. Macaafni Maraaman kan mulisus ergamni
Waldaa Jaalala hoolicha isheef aarsa ta’e hordofuun Harari waaqayyoo saba gara qalbii diddiranati
fidi.
7.Mootuman Waaqayoo biyya lafa kanati dhufte. Mootuma biyya kan goofta keenya
ta’e(mul.11:15;11:19)- God’s kingdom comes to earth.
mulata.12-14

Bineensichi iddoo lafa jala ka’u Kun eenyuu??

You might also like