Download as pdf or txt
Download as pdf or txt
You are on page 1of 28

TOKKUUMMA MANNEEN BARNOOTA

DILBATA M/K/O/T/I/TTII BIYYAA LALABAA


SHAWAA BAHA

QO’ANNAA BARUUMSAA SEENSAA AMANTAA

OK 2016

ADAAMAA

1
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Afuuraa Qulqulluu Waaqa Tokkoo Amen

BOQOONNAA TOKKOO

SEENSAA BAARUUMSAA
AMAANTA
AMAANTAA JECHUUN MAAL JECHUUDHAA?

AMAANTAA:- jechuun hiikinii isaa jechaa amaanuu, amaanamuu


jechuudhaa.
AMAANUU;- Amaanuu jechuun ijaa fooniin argaanii , gurraa fooniin dhaga’anii ,
yaadaan qalbeeffataanii miiraa qamaa ofiin dhaggeeffatanii wanta saammuu
/yaadan/ namaatiin ol ta’ellee amantaan ni ta’aa, ni rawwaatamaa jedhaanii
fudhachuu /amanuu / jechuudhaa.

AMANAAMUU:- jechuun immoo ni ta’a ,ni rawwatamaa, jedhaanii amantaa


kan fudhaatan sanaa akka ta’uuf ,dhimichaa itti amanaani sana rawwachuu
jechuudhaa.

Kana irraa kan ka’e amantaa keessuummatuu barnootaa duubii waaqayyoo,


sirnaa waaqeeffanaa fi sirnaa waaqassuu keessaattii adeemsaa nama kan
ibsuudhaa. Qulqulluu phaawuloosi barataa isaa ximootiyoof ergaa ergee irraattii
“qabsuuraa koo gaarii qabsuurraa figichaa koos xumureerraa amantaa koos
egeerraa”. Jechuun isaa amanta amanuu , barsiisuu fi barachuu akkasumaas kan
amanan si barataan sana hojii jireenyatii jijiiruu , amanamuu ofii kan ittii

2
mul’isuu ta’usaa kan ibsuudhaa. 2 ximoo 4:7 . akkasumaas “haa ta’uu malee arsaa
amantaa keessaaniif tajaajilaa keessaanitti dabalamee osoo lubbuun koo illee
dhangaal’ee naatii tola”. Fil 2:17 jechuun amantan tajaajilaa irraa hanga arsaa
ta’aniitti akka ta’e muli’iseerraa.
Amantaa uumaa fi uummamaa kan wal qunaamasiistuudhaa Irb 11:6
“Amaantii waantaa nuuttii abdannuu kan nuuf mirkaneessuudhaa” yihu 20:23
Irb 11:1-3 waaluumaa galaattii amanta jechuun kaara sadiin ibsaamaa. Isaaniis
:-
Amaanuu;- uumaan ni jiraa jedhaan amanuu
Amaanamuu:- hojiidhaan agaarsiisuu
Abdii godhachuu :- gonkaa lapheetiin ergaa waaqayyoottii amaaniin boodaa
jireenyaa booruuf abdii godhaachuu jechuudhaa . Irb 11:6

Amantaa kaaraalee addaaaddaan yemuu

ibsaamuu
Amanta fudhaatnii/ amaaniin kan bekaaniidhaa:- yoh. 1:13 , s.ba’u 6:3
Efe 4:13 , Yoh 6:6-9 feedha namatii olii waan ta’eef Yoh. 4:27 . beekumsaa sammuu
namatii olii waan ta’eef Rom. 12:13
Amanta Abdiin kan hubaatamuudha;- namnii tokkoo abdii yoo qabanee hin
amaanuu. Irb 11:1 “amantiin waan abdataan dhugumaan ni ta’aa jedhanii
fudhaachuudhaa. 1phex 1:8 isiin isaa mulachuuf jiruu sanaa hin arginee yoo ta’ee
iyyuu isaa ni jallaatuu ammaa yoo isaa arguu dhabaattan iyyuu, isaattiin ni amnatuu
akkasummaas……. Irb 11:7 nohii amatiidhaan isaa waaqayyoo waa’ee waan yeroo
sanaattii ijaa namatii hin mul’anneef….. far 26/27:13, umma 12:2 yoh. 20:29
Iyaasuus immoo yaa tomaas waan anii argiteef amantee yoo ana hin arginii…..
bu’aan amnataa abdii irraattii kan hunda’eedhaa. Mootummmaa waaqayyoo
argachuuf abdiin kan amanuudhaa.

3
Jalaalan ;- jalaalaa jechuun wanta hira’atee guutuu jechuudhaa. Jalaalii namaa
bakaa afurittii qodamaa. Isaanis:- jalaala fooni , Hiriyuumaa, Agaapee/
obboluummaaa/ ,Biyyaa dhaa. Jalaalii Naamuusaa amalaa garuuma kan
mulfaamuudha. 1ffaa Yoh. 3;17 , 1ffaa Qor. 13:4
Hojiin kan hiikamuudhaa:- kan jechuun immoo hojii kan jedhamee hojii fonii
osoo hin tanee , hojii lubbuuf ta’uu jechuudha. Fakkeenyaaf kan akka, Cuuphaa,
Qurbanaa fudhachuu, sooma, kadhaachuu , jilbiifaachuu f.k.k fa’a
Wanta hin mul’anee kan ittiin argiinuudha:- ummaamatoonii hunduu umaa
gadiidhaa. Umm 28:13 isay 6:1. ijaa foonii arguu kan hin dandanyee ijaa amantaan
arguu ni dandeenyaa jechuudha. 2ffaa Qor. 12:2-6 , Irb. 11:5 qulqulluun
phaawuloosii hangaa samii 3ffaattii kan argee akkasumaas henook du’aa kan argee
fudhaatamee amantaadhaan . qulqulloonnii baay’een gidiraa kan argaan motummaa
waaqayyoo kan dhalaan, haraas kan rawwataan , fulduraattiis kan dhalaan
amantaadhaan qofaadhaa. Irb. 11:13. Kanaaf amanta sammuu keenyaan kan
hubanuu fi fedhii kan hubaanuu iccittii kan ittiin arganuu meeshaa hin
mula’aneedhaa.
Waaqayyoo kan ittiin gammaachisinuudhaa:- jalaqabiin keenyaa
waaqayyoo gammachisuu ta’uu qabaa. Far 147:1 waarrii waaqayyoo sodaatiin
garuummaa isaatiin ni gammaduu . fakkeenyyaa kaanaaf immoo Nohi amantaa
qabachuun kan waaqayyoo kan ittii gammadee ni ilaala .
1. Waaqayyoo qofaaf jalaatamaa ta’uu. :- jireenyaa keenyaa
keessaattii jalalii keenyaa , ulfiinii keenyaa fi bareedinaa keenyaa , warraa
hundurraa kan jalaanuu caalaa waaqayyoo jalachuun qabnaa. Maqaa koon
manaa keessaan ykn obboleessaa keesaan ykn obboleetii keesaan ykn
abbaa fi hadhaa Keessaan ykn hadhaa warraa ykn ijoolee /ilmaa ykn
qabeyaa keessaan kan dhifataani naa duukaa butaan harkaa dacha 100 ni
argatuu. Mat 19:29 bifaa kananiidhaa nohii waaqayyoon kan jalatamee.

4
Mat. 22:37-38 “waaqayyoo kee gooftichaa garaa kee guutudhaan jireenyaa
kee guutuudhaan , yaada kee guutuudhaas jalladhuu siif ta’aa. Kanaaaf
nohi waaqayyoo biraatii jalatamee. Umm 6:8 fil 1:27 . amantaa malee
waaqayyoo gammachisuun hin danda’amuu . irb 11:1

Yuud. 1:3 Amanta isaa al tokkichaa yeroo hundumaaf akka ta’uu warraa
waaqayyoof qulqullaanitii dabarafaamee sanaaf akka loluutiif………. caqaasa
kan irraa amantan:-
 Tokkottii ta’uu ishee
 Yeroo hundumaaf
 Warra qulqulla’an
 Keena gudda ta’uu ishee
Yuud . 1:20-22 Amantii keessan hunduumaa caalaa qulqulla’uu irrattii dhabadhaatii
cimaa jalaala waaqayyoo keessatii of eegaa ……… Gal 15:22

AMANTAAN MEEQAA ?
Walttii dhufeenyii waaqayyoo fi ilmaa nama giidduu jiruu amanta qofaadha.
Magaalootaa Ergaamoota samii keessaattii ta’ee adduunyaaa namoota keessatii
amanta sirii fi qajeeltuun tate jiraattuu tokkitiidhaa. Seera laphee keessaa , seera
ooriitii , seera wangeelaattii , bara abbootii keessaas kaakuu mooffaattis ta’e
haraattii amanta tokottidhaa. Waaqayyoo bara ergamoota fi dhala namaf jireenyaa
bara bara akka argataaniif kan mull’atte fi kan laatamate amantan tokkotiidhaa.
Uumaan amantaa waaqayyoo tokkichaa waan ta’eef isheenis tokkottidhaa. Amanti
kan ishee morkuu kan isheen dorgomu , kan isheen firoomuu, hiriyyaa, obboleessaa,
obboleettii ykn maxxantuu, filaannoo biroo, dursituu, hordoftuu hin qabdu. Efe. 4:4-
6 Gooftaan tokkoo , amantaan tokkoo, cuuphaan tokkodhaa . Efe. 4:5
Burqaan amantaa waaqayyoodhaa ,amaantii kenyaa hangaa dhummaattii yoo
qabanee waaqayyoo waajjiin hirmaattotaa tana. Erm 3:14 Goga hollaa uftaani
kitabaa qulqulluu batanii kan dhuufaan irraa ofaa egaadha . Mat 7:15 Enyuu akka

5
siin dogogorsiin of egaadha . Marq. 3:5 Keessuumatu baruumsaa adaa ta’een akka
hin fudhatamnee Irb. 13:9 Dogogorsiistonii baay’een garaa adduunyaa galaanii jiruu
isaaniis Iyaasuus kiristoosiii fooniin waan hin amaneef…….. 2ffaa Yoh 1:7

HUUNDEE AMAANTA MAALIIDHAA?


Hundeen amantaa kan mul’isaan keessaa :-
 Jiraachuu waaqayyoottii
 Ilma kan waaqayyoo irraa argaatan , waaqayyoo beekaa akkasumas
amaanuuf ittii jiraachuu qabuu.

BARBAACHISUUMA AMAANTAA
 Hundeeffamaa kiristaanuumaa beekuuf
 Daandii kiristaanootaa beekuuf , barsiisuuf, sirreessuuf
 Waaqayyoo laphee guutuun amanee boodaa waaqeessuuf
 Gargaruumaa uumaa fi umaamattoota addaan baasuuf
FAAYIDAA AMANTAA MAALIIDHA
Dhaalii nama amanta baay’isee ni faayadama, amanta maalee namnii jireenyaa hin
qabu. Jireenyaa biyyaa lafaa keessattii ykn immoo foonniin yennaa jiraannuu
waranaa jinnirraa , lubbuun immoo abiddaa bara baraa irraa kan fayyinuu amanta
qofadhaa. Waalumaagaalattii fayidaa amantaa yeennaa ilaaaluu;-

A/ Foonniif :-
 Naageenyaa argaachuuf. Phew 11:16 , 1:15 , yoh. 14:27 fakk. 16:7
 Eebbaa foonii argaachuuf :- muccummaa waaqayyoo argaachuuf . S.uum 1:27
, Irb 11:17
 Faayinaa foonnii argaachuuf :- luq. 18:40 bartaliimiyoos fayyuu isaa, Mat.
9:22 , Yoh 5:1
 Raakkinaa foonii irraa nuu eeguuf . 1ffaa phex. 4:15

6
B/ LUUBBUUF:- Mat. 16:26
 Fayyinaa luubuuf: marq. 16:16 , Yoh 3:16-17, h.du.bu 16:21
 Kabajaa luubbuuf. Mat 13:23
Karaa biraatiin faayidaa amantaa ;-
Amantaa kan waaqayyoon ittii gaammachisnuudha. Amanta malee waaqayyoon
gaammachisuu hin danda’amuu, kan waaqayyoo ittii gammaduu fi qajeeltu kan tate
amantaanis yoo meeqa jenne tokkotidhaa. Amanta kan biroo hin jiru. Qulqulluu
phawolosii amanta malee waaqayyoo gammachisuun hin danda’amuu jechuun
akkummaa dubatee . Irb. 11:6 Amantaan adduunyaa kan ittii injiiffatamuudhaa.
Amantaan kan ittiin adduunyaa mo’annuu kan hin mullanee arguuf guddoo fi
cimiituudhaa. Adduunyan namoota amantaa jiraan dogogorsiisuu fi amantaa
keessaa baasuuf yeroo hunduummaa ni waaraantii , waarranicharratii hirmatanii
injiifachuuf humnii keenyaa amantadhaa. Gooftan kan jallatuu qulquullu yohaanis
ergaa isaarrattii waaqayyoo kan dhalatee hundii adduunyaa ni injiifatawoo,
adduunyaa kan ijiifaatuu amanta keenyaadha“ jedheerraa. 1ffaa 5:4-5 , 16:33
Gaachanaa waraanaa ebboo jinnootaa irraa ittiin balleessuun :- qulqulluu
phaawuloosii akkummaa dubbatee Efe. 6:16 kanaafuu amantan gaachana eebboo
/waraana/ jinnootaa ittis faciisuun , ganuun duukkaana waajjiin kan wal- hin
makane , qamdii waaqayyoo, lapheee uummamattoota keessaattii facasee waarrii
hamoonnii danda’anii kan irraa hin deemne dandii jireenyaa fi hangaa bara barattii
jabattiin jiraattuudhaa.
Karaa biraatiin namaa amantaa yoo tanee :-
 Amalaa garii akka qabanuu nuu tasisaa. Ya’q 2:14-26, yoh 8:39 , gal. 5:22, 1yoh
3:17 mat. 5:22, 1phex. 4:15. Amalii gariin seenaa badaa keenyaa ni jijiraa. H.d.b.
22, 1yoh 3:10
 Uummamattootaa irraattii angoo ni argamaa. S. ba. 14:16, 7:10-13 rajiichii
Elesaan lagaa yordaanoosii bakkaa lamaattii addan qoduu isaa…..

7
Jalqabii amantaa maaliidhaa??
Wantootaa mula’atanii fi wantootaa hin mul’anee akkasumaas wantaa ta’eef hin
tanee dhugadhaa jedhaanii fudhaachuuf feedhiiwaan shanaa waajjiin ta’uun ykn
garagaara ta’uun jalqabii ta’uu danda’uu.
Fakkanyaaf ;=- dhagaahuun Rom 10:17
- Qaqqabuun Yoh 20:24-28
- Dhamdhamuudhaan yoh 2:9
- Ilaaluudhaan luq. 2:26-32
- Funfaachuudhaan yoh 11:39

Amnantaan yoomii jalqabee ?


Waaqayyoo guuyyaa ummamattoota umee irraa jalqabee, jechuun guyyaa dilbaataa
jechuudhaa. kuniis ergamootaa gidduuttii jalqabee. Ilma namatii immoo Adaamin
jalqabee. Amantaan kan amanan nama fi ergamoota qofaa.
Sababaiin isaas:-
 beekumsaa fi sammuu ittiin yaadaan waan kennameefidhaa
 ergaamoonii goonkuumaaa kan hiin dunee
 namni immoo luubbun kan hin dunee
hordooftoonii amanta maali qabuu?
 Biilisuummaa nii qabuu
 Filaannoo ni qabuu
 Itti gaffatummaummaa ni qabuu
Bu’uurri amntaa maali dhaa ?
 Jirachuu uumaa fi wantoonii angoo qabana jirachuudhaa
 Darbaa darbii mana kiiristaanaa
 Kitaabaa qulqulluu

Jiraachuu uumaa

8
Uumaa enyuu? :- Afuuraa hin mulanee , hin qoratamnee , uumamani qoratee
biraa kan hin geenyeedha.
 Iyob. 36:26 kunoo waaqayyoo guuddaadha........ kan jiratee jiraachisuu , kan
dabarsuu malee ofii isaati kan hiin dabareedhaa. M.Yoh. 4:8
 Kan mul’atuu fi kan hin mulanee kan uumeedhaa.
 Hundaa raawwachuu kan danda’uu dhaa
 Gochuu yaadee akka hiin tanee kan isaa dhorkuu hin jiruu.
 M. Yoh 21:5 Alafaa f omeegadhaa.
uumaa jeechuun maal jechuudhaa
Waaqayyoottii amanuu jechuun jiireenyaa isaa fi amanuu jechuudhaa.
Uumaa jeechuun waaqayyoo jeechuudhaa.
Kuniis:- amaaluumaaa, ibiduummaaa, waaquumaan Qamaan, Maaqa, hojiin sadii,
bara baraa jraachuu isaati, hojii garuummaa , kabajaaa, jalaalaa abbuummaa, keenaa
isaa hiimaamee hin dhumuuttii amanuu jechuudhaa. Sirk. 35:24

jiraachuu waaqayyoo akkamiitii beeknaa??


2ffaa Qor. 5:7 nuutii amanta jiiranaa malee isaan argaannee miti.
2ffaa Qor 4:18 nuyii gara abdii faayinaa. Rom 8;24
Jiraachuu waaqayyoo kan ittiin beekuun:-
 Sirnaa uummaamaa fi waaliin jireenyaa uumaamaa
 Seeraa lapheee, far 18:1. 8:1 Iyob. 12:2-10
 Haala uummamaa fi jireenyaa ilmaa nama. S. Uum 1:27 hoj.du.bu. 13:31-34
 Kitaabaa qulqulluu
 Nyaachisuu dhaan
 Jiraachiisuudhaan
 Uumamaattoota umuudhaan

MAAQA WAAQAYYOO

9
Waaqayyoo waaqnii keenyaa afaan addaddaatiin maqaawwan addaaddaa
qabaa. Haa ta’u malee, hundaa tokoo kan godhuu hunduu lugaa/ isaaniitiin
waaqayyoo uumama irraa addaan baasanii amalummaa isaa hin
jijjiiramamneetii waamuu isaanitii . hiikaa maqaa waaqayyoo luga adda addaa
keessa jiruu yoo qoratnu kan arginuu, hundinuu waaqayyoon kan waaman
jabinaa isaatiin , arjummaa isaatiin, hundaa rawwachuu isaatiin fi k.k.f ta’uu
isaatiiniidhaa. Moggaasnii akkanaa amala waaqayyoo kan ibsu yoo ta’u ,
uumamaaf kennamuu kan hin qabnee , yoo kennameef illee kan isaa hin
simaneedhaa. Maqaawwaan waaqayyoo keesaa muraasa akka armaan gaditii
haa ilaaluu

1. Igzi’aabiheer/ waaqayyoo/ ;- jechii isaa jechaa Gi’iiziiti . Igzi’i


jechuun gooftaa yoo ta’uu, Biheer immoo addunyaa jechuudhaa. Igizi’aabiheer
jechuun gooftaa samii fi lafa addunyaa mul’atuu fi hin mul’annee kan uumee
jechuudhaa. Ibsaa karaa biraatiin waaqayyoo / Igzi’aabiheer/ tokkummaa fi
sadummaa maqaa waaqa keenyaa kan ibsuudhaa. Qulqulluu Baasiliyoos“ Anis
waaqayyoo yommuun jedhuu Abbaa, Ilmaa, Afuuraa Qulqulluu jechuun kiyyaa“
akkummaa jedhee“ Igzi’aabiheer“ yommuu jennuu Igzi’i goofta/ ilmaa, Aab,
Abbaa, Heer aarjaa/ Afuuraa Qulqulluu/ jechuu keenyaadha.

2. Yaahiwee:- jechii isaa jechaa Ibraayisxiiti. Oromiffaan kan jiruu fi kan


jiraatuu jechuudhaa. Waaqayyoo yemmuu Museetii gara uummata Israa’eelittii
erguu „ maaqaan isaa eenyuu ? jedhaanii yoo naa gaafataan maalan isaaniin
jedharee?“ jedhee. Waaqayyoo deebisee Museetiin... kan jiru fi kan jiraatuu gara
keessanittii na ergee jetta isaatiin jedhe. s.bah. 3:13-15. Moggaasnii kun kitaaba
qulqulluu ibraayisxii keessaatti Yaahiwee jedhamee argama.

10
3. Adoon:- jechaa Ibraayisxii yoo ta’uu , hiikkaan isaa gooftaa (Adoonii- gooftaa

koo) jechuudhaa. Jechaa Adoon jedhuu kana maxxantuu ittii dabaluudhaan ittin
waamamanii ni argaanna. Fkn Adooniyaas. 2Sam 3:4, Adooniiraam. 1Moot 4:6

4. Eel :- jechaa Ibraayisxii yoo ta’u hiikkaan isaa waaqa jabaa jechudha. Bitumsaa fi
abbaa murteessummaa isaa mul’isaa. Jechaa „Eel“ jedhu wajjiin jechaa biraa
maxxansuudhaan namoonnii fi ergamootnii ittiin waamaniiruu.
Isaanis:-

 Mikaa’eel :- Eenyuu akka waaqayyoo jechuudhaa. Anii

ergamaa si dura nan ergaa... maaqa koo isaa irraa waan ta’eef . s.ba
23:20. Maqaa kanarraa maqaan waaqayyoo akka jiruu ni hubanna.

 Gabri’eel:- namaa fi waaqayyoo , taajaajilaa waaqayyoo


 Eelsaabeex :- waaqayyoo kakuu kootii

 Eeliyaas : waaqayyoo waaqadhaa.


 Eesaa’i :- waaqayyoo fayyinaa dhaa

 Hizqi’eel :- waaqayyoo jabinaa ni kennaa


 Naatnaa’eel :- keennaa waaqayyoo
 Eelshaadaay:- waaqa hundaa danda‘uu
 Beeteel :- mana waaqayyoo
 Daani’eel :- waaqayyoo abba murtiitii
Afaan addaddaatiin maqaan waaqayyoo ittiin waamamuu amalummaa isaa kan ibsaan
ta’uu isaanii hubachuu qabnaa. Maqaa waaqayyoo kan amalummaa mul’isu waan ta’eef
maqaa amalummaa jedhamee beekamaa.

11
 Maqaan waaqayyoo qorichaa/dawaadha/ . Iyu 2:32, Rom 10:13
 Waaqayyoo waa’ee maqaa isaatiif ni raawata. Dan 9:17-19
 Waaqayyoo waa’ee maaqa isaatiif hinaafaadha. S.baa 20:7
Karaa biratiinis afaan garagaran ni waamama.
 Elshaadayii :- hundaa daanda’aa S.uum 17:1 , Luq. 1:37

 Waaqa waqootaa:- far. 8:6 Yoh 10:34-36

 Gooftaa gooftootaa :- far 117 :27 , yoh 20:28 , 1ffaa ximo


6:15 Irb 13:17
 Mootii mootootaa :- dan 4:3, Far. 23:7 , 47:7 Isy 9:7
Walumagaalattii maqaa isaa amalaa isaa waan ibsuuf maqaa isaaf kan sagaduu fi kan
bitamuuf kanaafidhaa.

AMAALOOTAA WAAQAYYOO
Amalummaa jechuun eenyummaa iddoodhaan, yeroodhaan fi ta’iiwwaniin maalumaa
hin geeddaramnee jechuudha . waaqnii keenyaa baraa eyyamettii gamaa abboolii
qulqullootaatiin akkasumas kitaaba qulqulluutiin kan innii nuu ibseetiin alattii ogummaa
fooniin amalummaa waaqayyoo qoratanii beekuun hin danda’amuu . waaqayyoo kan
jiru malee kan uumamee waan hin taaneef qoraannoo meeshaaleettiin biraa ga’uu hin
dandeenyu. Hangaa beekumsaa keenyaatti akka kitaaba irraa hubanneettii amalummaa
waaqayyoo muraasaa ibsuuf ni yaalaa.

A. QULQUULLUUDHAA: Qulqulluu jechuun kan kabajamee, kan adda

ta’ee badii fi cubbuu irraaa gonkumaa kan addaan bahee jechuudhaa. Waaqayyoo
xuraa’inaa fi muudoo irraa bilisaa ta’uu isaa amalummaan mul’isuu Qulqullinaa
jedhama.waaqayyoo amalimmaa isaa hin jijjiiramneen qulqulluu dha. Qulqullinnii
uumamootaa waaqayyoo irraa kan argamee, waaqayyoo irraa kan kennameedha.
Qulqullummaan waaqayyoo garuu kan mataa isaati. Akkaa waaqayyoo qulqulluu kan
ta’ee eenyuu illee hin jiru . waaqayyoon wajjiin kan walqabataan ykn kabajaa

12
waaqayyoo tiif meeshaaleen fi iddoowwaan adda ba’aan qulqulloota jedhamu.
Waaqayyoo ijoollee Israa’eel yommuu ajaju ani qulqulluu waanan ta’eef isiinis
qulqullootaa ta’aa isaaniin jedheeraa. Manneetiin kiristaanaa bakka waaqayyoo ittii
argamu waan ta’aniif qulqullotaa jedhamu.
“Hadaraa ququllinaatiin kan kabajamee kan akka kee kan jiruu eenyudha? S.ba 15:11
“Ani waaqni keessaan waaqayyoo qulqulluu waanan ta’eef isinis qulqulloota ta’aa!’’
S. lew 19:2 , Far 98/99:5 Far 88:5 waaqayyoo waaqa keenyaa ol ol qabaa. Isay 6:3
sammiirraattii qulqulluu, qulqulluu qulqulluu jedhanii galateeftuu.

B. Afuuraadhaa :- “ Waaqayyoo afuuraa dha” Yoh 4:24 yoo jedhamu

waaqayyoo mul’achuu, qabamuu , safaramuu , daangeeffamuu hin danda’u jechuu


keenyaadha . qilleensi waaqayyoo uume iyyuu gochaa raawwatuun damablii yoo
kaasu, muka yoo sochoosuu , harganuu danda’uu keenyaan hubanna malee hin
agarru. Uumaa qilleensaa kan ta’ee waaqayyoo mul’achuu dhabuu addaa ta’een
ilaalamuu, qabamuu hin danda’u. yoh 3:8 S. uum 1:26 , far 101:5 samii hojii harkaa
kootiin …….. far 131:6 1ffaa mot 9:10

C. Hundaa daanda’aadha:- hundumaa gochuuf dandeettii kan

qabu waaqayyoo qofaa dha. Waaqayyoof wantii dadhabamuu hin jiruu . waaqa
deeggarsaa hin barbaanneedha. Waaqayyoo hin dadhabu, hin nuffus. Waaqayyootiin
kan hin hojjetamne kan isaan hin uumamanee wantii tokko illee hin jiruu .
“waaqayyoof wantii dadhabamuu jiraaree/” S.Um 18:14 “samii fi lafa irrattii,
galaanotaa fi gadi fageenyaa hundumaattii waaqayyoo kan jaalate hundaa
raawwate.” Far 134/135 :6 “Bishaanoota aboottee isaatiin kan safare, samiis
taakkuudhaan kan safaree, biyyoo dachees safartuudhaan walitti qabuun kan
qabate, tulluuwan madaalaatiin kan madalee eenyuudha? Afuura waaqayyoos kan
ajajee ykn gorsaa ta’ee kan isaa barsiisee eenyudha? Ykn eenyu faana wal mari’ate?

13
Ykn eenyutu isaa gorse?” yob 42:2 Isa 40:12 , Rom 11:34-36, Yoh 1:3, Eer 32:17 , Dan
4:35

D. Jiraataa baraa baratii :- waaqayyoo bara kana ni jiraa bara

kana immoo hin jiru waaqa jedhamuu mitii. Uumaa ture, kan jiruu fi kan jiraatudha.
Uumaa waan ta’eef akka uumamaa darbiinsaa, jijjiiramuu hin qabatuu. Amalummaa
isaatiin du’a, mootummaa isaatiin irraa darbinsaa hin qabu waa’ee bara baraan
jiraachuu waaqayyoo kitaabooleen qulqullaa’oon akkas jedhu. “Mootummaan kee
mootummaa baraa baraatii, bittaan kees dhaloota hanga dhalootaattidha” Far
144/145:13 . “Waaqayyoo Museetiin kan jiruu fi kan jiraatu anadha isaatiin jedhe.” S.
bah 3:14. Kan jiruu fi kan jiraatu kan jedhuu jiraata bara bara ta’uu isaa ibsa.
Qulqulluun Gorgooriyoos biyyaa Nuusis waa’ee bakka hundatti argamuu fi jiraataa
baraa baraa ta’uu waaqayyoo dhugaa yoo ba’u “samiiwwaan kan uumee kanadha,
lafas kan uume kanadha amalummaa isaatiif ka’umsaa bara hin qabu, mirga hin
qabu. Bitaas hin qabu, gidduus hin qabu . dangaa adduunyaa/ sanaan alatis hunda
kan guute dha malee, sammuu ergamoota hunda jalaa kan dhokatee dha. Amala isaa
kan beeku hin jiruu. Ogummaa harkaa isaatiin kan uumame iyyuu kan lakkaa’u hin
jiruu” qulqulluu Gorgooriyoos lakk. 10:11/ Far 89/90:2 Ibr 1:8, Mul. Yoh 1:8, 5:13
far. 102 : 7 waaqayyoo kan turees , fulduraattii kan jiiraatuudha.
Mlk 3:6 waaqayyoo akka hiin dullomnee….
Far. 140:18 , Isay 44:8 , mul. Yoh 22:12

E. Qaajeeladhaa ;- 1ffaa sam 2:2 , 2 ximo 4:8


F. Bakka Huundaa kan jirudha ;- bakki waaqayyoo hin

jireehin jiru. Waaqayyoo yeroodhaan akkuma hin daangeffamne hunduma bakaanis


hin murtaa’u . seenaan Yoonaas raajii yoonaas irrattii barreeffame kan nu
hubachiisu, waaqayyoo bakka fi yeroodhaan kan hin dangeffamne qofa osoo hin

14
ta’iin , jireenyaa uumamootaa keessa jiraachuudhaan illee waaqayyoo kan hojetu
ta’uu isaa kan agarsiisudha. Waaqayyoo bakka hundattii akka argamu raajootaan
akkanattii ibsameera. ‘anii waaqa dhiyootii malee waaqa fagootii mitii. Namni
dhoksaatii yoo dhokatee ana isa hin arguuree? Samii fi dachees kan guuteeru ana
mitimoo? Jedha. Waaqayyoo” Erm 23:23-24/ “Afuuraa kee irraa gara eessan
deema.? Fuula kee duraas eessattan baqadha? Gara samiitii yoon olba’e ati achii
jirta, gara si’oolittiis yoon bu’e achi jirta. Akka allaattii koochoo barii osoon fudhadhe
hanga dhuma galaanaattiis yoon balali’e achittii harki kee na gaggeessitti . mirgi kees
na qabattii” far 138/139:7. Dabalataan Isa 66:1

G. Oguummaa qabeessaa: - Beekumsii waaqayyoo gita kan hin

qabne hammana ga’a jedhamee tilmaamamuu kan hin dandeenyedha. Waaqayyoo


gonkuma ogeessaa dha. Isa jala kan dhokatu wanti tokko iyyuu hin jiru. Waaqayyoo
kan darbe kan hin irranfannee, kan fulduraas waaqa beekudha . dhalli nama wanta
inni raawwatu yaadamuu isaatiin durattii waaqayyoo ni beeka . “waaqayyoo
ogummaa ni kenna , afaan isaa keessaas beekumsii fi hubaannoon ni ba’a.” Fakk 2:6
“waaqayyo oguummaa ogeessotaaf, beekumsa , beekumsa hubattootaaf ni kenna.”
Dn. 2:21. Dabalataan Ya’iq. 1:5 , Rom 11:33, 1Qor 2:6-7 far 103: 24

H. Gaara tooleessaa/ Abbaa dhifaamattii/Arjaa dha/


;- waaqayyoo uumama isaa hundaafuu wanta gaarii godha. Arjummaan
waaqayyo kan amalummaa isaati . waaqayyoo wanta hundaafuu kan
barbaachisuu ni beeka , nikennaas. Nama fulduraattii cubbamaa, qulqulullu osoo
hin jedhiin loogii malee hundumaafuu hojii arjummaa isaa ni hojeta,
uumamootaas ni soora/ ni nyaachiss/. Cubbuu yommuu dalagnuu ni obsa.
Waaqayyoo madda arjummaa hundaa yoo ta’uu , gosti arjummaa isaas arjummaa
uumamni qabatu irraa kan adda ta’edha. Arjumman namootaa kan waaqayyoo
wajjiin walbiraa qabamuu /madaalamuu / hin danda’u. kan isaa amalummaa
mata isaatii. “warra sittii amanaaniif dhala nama fuldurattii kan ishee

15
qopheessite waara si sodaataniifis kan ishee dhoksite arjuumman kee akkam
baay’attee!” far 30/31:19/

I. Gonka jaalala dha:- waaqayyoo uumaan hundumaa walqixxeesse kan


jaalatu , waaqa loogii hin qabnee dha. Waan nu jaalateef nu uume. Waan nu
jaalateef cubbu keenyaaf inni nuuf duu’e . inni jaalal waan ta’eef hundi keenya akka
hin badneef gara isaatii akka dhiyaannuuf jaalate nuuf obsa. Jaalalaan kan jiraatuu
waaqayyoo wajjiin jiraata. Namni jaalala hin qabne mootummaa waaqayyoo hin
dhaalu waaqayyoo jaalala waan ta’eef, jaalala kan hin qabne waaqayyoo hin beeku
waaqayyoo aisaa jaalannee fedha keenyaan akka isaaf bitamuu barbaada malee
dirqisiisee hin bituu. ‘’Waaqayyoo jalaaladha. Jaalalaan kan jiraatu waaqayyoon
jiraata” Eef 2:4-5, Yoh 3:14-16

J. Abbaa Murtii dhugaati /Hin Sobu/:- waaqayyoon loogii kan


hin qabne, Waaqa murtii hin jal’isee dha. Qulqulluu qulqullina isaatiin yoommuu
fayyisu, cubbamaa cubbuu isaatii ni balleessa. Namoota Tikkaat/ durii / cubbuu
isaaniitiin yommuu balleesu dhugoomaa Noohi garuu dooniidhaan isaa fayyiseera.
Namoota sadoom cuubbuu isaatiin ibiddaa fi bishaaniin yommuu balleessu, Looxiin
qulqulluummaa isaatiin gargaarsaa ergamootaatiin akka fayyu godheera. Guyyaa
dhufaatii gooftaas hunda keenyaaf akka hojii keenyaattii kan abbaan murtii qajeelaa/
dhugaa/ Waaqayyoodhaa. “Waaqayyoo abba murtii isaa dhugaa dha.” Farf. 7:11 “
Innis Adduunyaa Qulqullinaatiin ishee murteessa. Ahizaabotas jaaltummaadhaan
murtee kenna”. Far 9:8, 36/37/:28, 1phex 1:17/

K. Waaqayyoo ifadha.
Waaqayyoon Ilaaluun Ni Danda’ama Moo Hin
Danda’ama

16
Waaqayyoon ilaaluun ni danda’ama moo hin danda’amu? Gaaffiin jedhu osoo ka’e
lamaanuu akka galumsa isaattii ilaaluun ni danda’amaa fi ilaaluun hin danda’amuu
deebiin kennamuufi ni danda’a. kunis akka armaan gaditii.

Waaqayyoon Ilaaluun Karaa Ittii


Danda’amu.
Kitaaba qulqulluu irraatii akkuma arginuttii waaqayyoo dhala namaaf mul’achuu isaa ni
hubanna. Kanas kara lamaan ilaaluun barbaachisaadha.

A/ Mul’ataan , Abjuudhaan fi Fakkeenyaan:- waaqayyoo gooftaan


kasoominaan, jaalalaan, amantaadhaan fi qajeeltummaadhaan warra isaaf bitamaniif
jaalalloota isaa qulqullootaaf mataa isaa karaa innii ittii ibsuudha. Kunis
jajjabeessuudhaaf, cimsuudhaaf , tajaajilaa lallabaatiif, k.k.f yoo ta’u , karaa kanaan
abboliin keenya dhugoomtotni , qabsuurotni (wareegamtoonnii , raajotnii, qulqulloonnii
hundinuu waaqayyoo argaaniruu. Mat 5:8.
Waaqayyoo fakkeenyaa namatii abarahamiif mul’ateerraa. S.uum 18:1-5 waaqayyoo
fakkeenyaa moototiin raajichaa isaayaas fi Hiizqeelif akka mulatee nii hubaanaa. Isay
6:1, Hizq. 1:26-28.

B/ foon maariyaamitiin yommuu mul’ateetii:- waaqayyoo ilmii

giiftii keenyaa Dubroo maariyaam irraa foon ishee irraa foon lubbuu isheerraa lubbuu
fudhachuudhaan Taawahidoodhaan ergaa dhalatee egalee hangaa faannoo irraa oletii
dhala nama hundii qulqulluu fi cubbama osoo hin jedhin arganiirruu. Qaqqabaniirruu,
sana irra darbanii garafanii fannisanirruu . kunis kan ta’eef waaqyyoo jaalalaa gadii
fagoo dhalaa namatiif qabu irraa kan ka’een gonkaa waaqa yoo ta’uu gonkaa nama
waan ta’eef. Isa 7:14, 9:7 Mat. 1:20, Luq.2:10-12

Waaqayyoo arguun hin danda’aamuu

17
Waaqayyoon arguu kan nuyi hin dandeenye, namni of tuulummaadhaan, qorannoo
fooniitiin qoratee dheerina, dalga, bali’na walummagalattii bifa waaqayyoo yoon argee
malee hin amanu kan jedhu yoo ta’e , waaqayyoon amalummaa molokotaa isaatiin
arguun qaqqabuun fi sagalee isaa dhagahuun maateeriyaalistootaaf tasum/ gonkumma/
hin danda’amuu. Sababni isaas amalummaan molokotaa waaqayyoo dandeettii hubachu
namattii ol waan ta’eefidha. “ waaqayyoo kan arge tokkoo iyyuu hin jiruu “ Yoh 1:18,
S.ba 20:18. Amaloota molokotaa kaanneen jedhaman.

A/ Ifummaa Molokotaawaa Isaa:- Aduu guuyyaa ilaaluuf yoo yaallee ijjii

keenya hangaa baduu danda’uttii miidhamuu ni dandeenya. Kana kan caalu waaqa aduu
uumee akkamittitii arguu dandeenya ree? Hin dandeenyu. “Inni ifaa eenyu iyyuu itti
dhiyaachuu hin dandeenye keessa jiraata” 1Ximo 6:16 jedhamee akka kitaaba qulqulluu
irraattii barreeffametii, yeroo mara kan isaa tajaajilaan ergamoonii iyyuu fulduraa isaa
kan dhaabatan fuula isaanii golganii / haguugaanii ti /
Suraafeel isaatiin ol dhaabatanii turaan. Tokko tokkon isaa koochoo ja’a qaba. Kochoo
lamaan fuula isaa haguugaa ture. Koochoo lama miila isaa haguugaa ture. Koochoo
lamaan balali’a ture.” Isa 6:2 “namni na argee hin fayyuu waan ta’eef fuula koo ilaaluuf
siif hin danda’amu” S.bah 33:20 jedhe. Duuka buutotniis gaara Taabor irrattii ifaa
molokotaa isaa yommuu isaanii ibsu adda isaaniitiin gombifaamnii fuulaa isaa hin
agarree sagalee isaa garuu dhaga’aniiruu. Waaqayyoon dhiisnee museen iyyuu guuyyaa
40 fi hlkaan 40 waaqayyoo faana waan dudubbateef gogaan fuula isaa calaqqisaa waan
ta’eef Israa’eel fuula Musee arguu waan dadhabanif fuulaa isaa haguugeetiin isaanittii
dudubbachaa ture. S. ba 34:29-35

B/ Molokotummaa Hin Mul’annee Fi hin Qabamneen


Uumamamootaa waaqayyoo uume keessa ijaan osoo hin argamiin fi harkaan osoo hin
qaqqabamnii hojii hojetaniin qofaa jiraachuun isaanii kan mirkana’ee akka jiraan
beekamaadha. Isaan keessaa qilleensi isa tokkodhaa. Qilleensi ijaa osoo hin mul’atiin

18
harkaan osoo hin qaqqabamni tajaajilli innii namootaf kennuu baay’ee olaanaadhaa.
Badiinsaa inni geessisus haalumaa kanaan guddaadha.

Haa ta’u malee qilleensi ijaan waan hin mul’anneef qofa jiraachuu isaa akka hin jirreettii
lakka’uu hin dandeenyu ykn waan hin mul’anneef osoo jiruutiin hin jechuu hin
dandeenyu sababni isaas qilleensi jiraachuun isaa hojii isaatiin kan mirkanaa’eedha.
Hojiin isaa jiraachuu isaa dhugaa ba’a . qilleensi amalummaa isaatiin mul’achuu fi
qaqqabamuutiin ol waan ta’eef uumamoota isaa akkaa isaattii mul’achuu baatu illee
dirqama uumammummaa isaa guutuudhaaf hojii isaa raawwachuuf yeroo hundumaa
hin boqotu

Gooftaan keenya faayyisaan keenya Iyyaasuus Kiristoos Niqoodimoo wajjiin yeroo


dudubbattettii “Qilleensii gaara jalattetti ni qilleensa’a sagalee isaa ni dhageesisa garuu
isaa akka innii dhufeefi isaas akka innii deemmuu hin beeketuu.” Yoh. 3:8 dhugumattii
hundumutuu akkuumaa beekamuu qilleensii eessaa akka dhufee fi eessaa akka deemuu
ijaan argamuu kan hin danda’amnee amaluummaa uummama isaaattii n baay’ee ijaan
kan mul’annee fi hin qabamnee ta’uu irra kan ka’eedha kannafuu ijii keenyaa qilleensaa
arguufi illaaluuf humnaa hin qabuu jechuudhaa.

Qilleensaa caalaatii molokotumaan ijaan hin mul’anee fi harkaan hin qabamneen


waaqayyoo amalummaa isaatiin sammuu uummamtootaa olittii bay’ee kan fagatee
ijaan kan hin mula’nnee fi harkaan kan hin qabamnee waan ta’eef umamnii kamiyyuu
osoo hin arganii uumamtootaa uumee fi hojii hojeeteen qofa jiraachuun isa ifaa ta’ee ni
beekama.

Waaqayyoo ijaan mula’chuu fi harkaan qabamuu isaaf fakkeenyaa hin qabu. Hayyooleen
mana kiristaana yaadamudhaan ol ta’uun isaa hubaachisuuf uummamtoota ijaan hin

19
mula’nee fi harkaan hin qabamnee waliin wal biraa qabanii hubaachisuu. Qilleensii kan
hin mula’nee fi hin qabamneedha. Qilleensaa caala luubbu namaa kan hin mul’annee fi
hin qabamneedha. Lubbuu nama caalaa ergaamooni kan hin mul’aneef hin
qabamneedha. Ergamootaa caalaa sammuun isanii kan hin mula’anee fi hin
qabamneedha. Sammuun ergammootaa hin mul’annee fi hin qabamnee kun sillaasee
biraattii akka tulluu kan guddatteedha.

C. Guddinaa Molokotaawaa
Nuyii dhaali nama adduunyaa maraa kan guute waaqayyoon dhiisee qabbiyyee magaala
tokkoo iyyuu arguu kan hin dandeenye sammuu keenya kan daangeefameedha.

D/ Ibiduummaa Molokotaawaa/ Gubiinsaa/


Volkaanoon / humni lafaa jala yommuu dho’u wantootaa naannoo isattii argaman
maraa gara dhangala’ootii geeddara. Kun haa haafuutii sibilaa ho’e iyyuu qabuun kan
nu midhuu dadhabdootaa yoo tanuu akkamitii ibidaa moolokotaa isaa fuulduraa
dahabuun dandeenyaaree?
Waummagalattii waaqayyoo amalaa molokotaawaa isaatiinn uummamni isaa ilaaluu hin
danda’uu . ilaaliidhaaf caarraan osoo kennameef iyyuu gara jiraachuu dhabuutii bada
maalee hin fayyuu . waaqyyoon haa hafuuttiin surraa ergamootaan qulqulluu ilaaluun
du’aaf namaa geessisa. S.umm 22:22-34, Dan. 10:9

BOQOONNAA LAMAA (2)


AMANTA
KIRIISTIYAANAA

20
Hundeefamaa amantaa Kiriistiiyaana gooftaa keenyaa Iyaasuus Kiriistoosiidhaa. Gooftan
keenyaa akkaa nama ta’uuf sabaaba kan ta’ee badii Adaam fi Hewaan balleesaanidhaa.
Kanaaf badii kan irraa kan ka’ee badii ilmaa namarraa murtii du’aa gahee du’aan isaan
balleessee. Rom 5:12-21 Du’aa ka’umsaan abdii kennee . yoh 5:28 kiriistoos akkumaa
maaqan isaa barumsaa isaa kiriistiyaana jedhaamee . hara’aas warraa kiristoositii
ammaan barumsaa isaa kan fudhataan hunduu kiriistiiyanaa jedhaamuu. H.d.b 11:26

Amantaa kiristiiyaana amantootaa

biroo irraa maltuu addaa godhaa ?


1. Uumaan kan hundaa’eedhaa. Hundeessitoonnii amantaa kiristiiyaan

uummamaatoota osoo hin tanee umaa, gooftaa nageenyaa ttii . Isay 9:6-7
Amaalummaa isaanitiin qulqulludhaa, gooftadhaa. Zak. 9:6-7, isay 53:11 amantoota
biroo garuu namootaa hundeesse.

2. Cubbuu kan hin rawwwaneen hundaa’ee.:- gooftaan keenyaa akkummaa


keenyaa namaa yoo ta’ee cuubbuu hin raawannee. Yoh 8:46 , irb 4:15 garuu warraa
amantaa biroo hundeessaan cubbuu ni rawwaatuu. 1ffaa yoh 1:8

3. Hundaa kan beekuun hundaa’ee;- hundeessaan laphee namaa kan

jiruu …. Iz 11:5 . kan fulduraattii dhufuu nii beekaa. Isay 46:10, kan nuu barbaachisuu
ni beekaa. Erm 29:11 garuu warrii amantaa biraa beekumsii isaanii xiqqoodhaa.

4. Waaqayyoo fi Q/Maariyaamiin ragaa kan bahee Gooftaan kan


hunda’eedhaa:- mat 3:16-17 , 17:1-8 , Yoh 2:5 , Fak. 1:33
5. Abbaa yeroon kan hunda’eedhaa;- Gooftaan keenyaa Iyaasuus kiristoos
jiraachisuun isaan duraas kan jiruu bay’iinaa baraa kan hin jijjiramedhaa. Mil k 3:6 .
yoh 1:1-5 seenaa kan dubatuu yeroo isaatii , baraa adduunyaa baraa fayinaa

21
jedhamee kan laka’amuu yeroo isaattii . far 101:25-27 garuu amantoonii biroo yeroo
murta’een kan jijjiramuudhaa. Far. 90:10, Iyob . 14:1

6. Amantaa mul’atuudhaa;- Amantaan kiristiiyaana ummaan akkuumma nama


ta’ee mul’atee kan namaa barsiistuudhaa. 1ximo 3:16 fooniin mulatee”….., luq. 2:1,
yoh 6:47 , yud. 1:3 h.db. 2:41

7. Balbalaadhaa;- garaa motummaa waaqayyoo galuuf kiristoosin amanuun

barbaachisaadhaa. Balbalii anaa anaan kan seenuu yoo jiraatee ni faayyaa , ni


bahaas, ni galaas. Yoh. 10:9, Yoh. 14:6 Aani karaa fi dhugaa jireenyaatii….

Amantaaf maal barbaachisaa ??


Manaa tokko ijaaruuf jalqabaa akkummaa mukaa, mismaar, qorqoroo, dhagaa fi k.k
barbaachisaa . ergaa hojetaamee boodaas urmii dheeraa akka qabatuuf , haroomuusun
barbaachisuu akkanumaan amnataaf jiraachuun wantootaa armaan gadi barbaachisaa.

 Jechaa waaqayyoo:- waaqaayyoo amanuuf jechaa

isaa barachuun barbaachisadhaa “amantaa dhugadhaan, dhugaanis


jechaa waqaattii” Rom 10:17, S.umm 2:16-17 waa’ee adaam fi hewaan
. irb 1:1-2 , mat. 28:19, 7:24-27

 Kadhaannaa;- akkaa eyyamaa waaqayyoottii

kadhaanaa kadhanuu hundii kan gaffatamuu ni fudhanaa. Mat. 7:7-8,


1phex. 5:7

 Hojiidhaan ;- 1yoh 3:17, mat. 4:11-12, 1phex. 9:24-25

Sadarkaa Amantaa
Amantaa keenyaa halaa jireenyaa keenyaan yoo ibsamuu karaa sadiin ibsamuu danda’aa

22
Isaanis :-

Gonkaa Amantaa
Amantaan kunii sadarkaa amnataa “osoo amantaa hangaa sanficaa qabatanii…. Jedhuu
namootaa qabatani ibsaa. Mat 8:10, luq. 7:9 , 15: 28

 Ofii keenyaa:- waaqayyoo hundaa danda’aa amanuun ofi keenyaa akka nuu

ta’u kan barbanuu ni jiraa. Fkn waggaa 12 dhiginiishee dhangala’aa kan turtee
dubartin uftaa osoo xuqee nanan fayyaa jettee fayyitee” mat. 9:21, s. uum 12:1,
mat 9:9 matiyoos naa duukaa deemii jenanaan shakkii malee duukaa bu’ee.

 Kan biroof :- amntaa kenyaan kaneen biroo akka rawwataan gochaa ni

danda’amaa. Fkn musen ummataan Gibtsi irrattii gidirawaan sagaal fi laga Eteraa
addan kute ummataa ceesisee jiraa. Kaku harawaa kessaasi , Eliyaasii warrota
du’aan kasuu fi nyaataa ebbisuun fakkeenyadha.

Amantaa gudatuu
Mar. 9:19-28 seenaa kuni shakkii kan wal qabatee amanta isaa guddisuun / jijjiruun/ nan
amana jechuun goftaa irraa wantaa barbadaan argatee . efe 4:14-15, 2phe 1:5-11 1qor.
613

Amantaa du’aa
Amantaan kunii amantaa hojii hin qabnee amantaa seexanaa jecuudhaa. Naamoonii
amantaan alaa bahuun wanta isaanii hin eyyamiin kan akka saggagaluummaa , qarshii
jalachuu fi .k.k ni rawwatuu . kunii amantaan akka du’aa tasiisaa. Mat. 23:14, 1xim 5:12,
5:8, 2qor 13:5

23
BOQOONNAA SADII (3)
AMANTAAA BARAA
ADDAA ADDAA
KEESSAA
Akka mana amanta keenyattii ykn kitaaba qulquulluttii barootaa kan jedhamaan
bakkaa saditti qodamee ilaalamaa.
Isaanis ;- 1. Bara Abbootaa/ seera laphee/
2. bara Wareegamootaa/ seera oortii/
3. Bara wangeelaa

Bara seera laphee/ Bara Abbootaa/


Seera laphee jechuun sirnaa uummaamaan beekumsaa fi seeraa waaqayyoo ilmaa
namaf lateedhaa. Seerii kun meeshaa bareefaama kan hin qophoofne yoo ta’u
seerumman isa jalqabaa ergaamootaaf latamee waan ta’eef uummaama isaannii irraa
egaale hanga yoonattii hin jijjiiraamnee. Namniis akkumaa ergamootaa amantaara
seeraa laphee /onneen/ beekuuf eegatiin uumaasa sodaatee kabaajee jirachuuf malee
barreeffama adda addaattiin hogganamuuf uummamnee . Henok. 19:22 Haa ta’uu
malee namnii carraa garii uummamaan kenaameef beekee seeraa lapheen / oonneen/
kabajaasa egee jiraachuu waan dadhaabeef akka holaa tikisee hin qbnee daandii
kufattirraa yoo joruu waaqayyoo ilaalee seeraa barreeffamaa qopheessee lateetif faar.
49:14, Isya. 8:16 Seera laphee kaana namoonnii gara waggaa kumaa afuuriif/ 4,000/ ittii
fayyadamaniiruu. kunis Adaam irraa egaalee hangaa Museettii bara jiruudhaa. Yoh 1:18,
1ffaa Xim 6:16 , S.uum 4:4-5, 5:17, 7:32 , 9:8-18, Erm 3:22-23, Mat 24:48-49.

24
Waa’ee uummaamuu Abrahaam _
Abrahaam ilma Adaam seetirraa eegalee dhaalootaa kurnaafa irraattii dhalateedhaa
namoonii bara sana keessaa yaadan hamaatiin , xura’anii wanta harkan naman
tolfamee/ xaa’ootii/ waaqeefachaa waan turaaniif waaqayyoos daandii itiin hojii
hamarraa deebisuu fi adduunyaa mara ittiin fayyisuuf barbaadee qajeelfaamasaa ilaalee
abraahaamniin filatee. S.uum 9:1-21, 9:26, Hoj.du. bu. 7:1-9 . saanyiin Abraahaam akka
baayyatuuf waaqayyoo abdii laateef. S.uum 15:4-6 Irb. 11:18, 7:1-3. Abrahaam amantan
qooramuu isaa. Ya’iq 1:2-13, S.uum 12:1-3, 22:15-19, Far. 24/25/:14

AMANTAA BARA SEERAA OORIITII


Barii kun muse irraa hangaa qulqulluu Yohaaniis kan jiruudhaa. Yeroo kan keessaa
waareegamtoonii bay’een waa’ee waaqayyoof of dabarsiin turaan , waaqayyoof
amanamee jiraachuu dadhaabuu yeroo fi sabaabii adda addattiin bekuumsaa isaatiin
fayyadamuu waan hin dandeenyeef waaqayyoof tulluu siinaa irraattii museettii
mullaattee ilmaa namattii gargaasaa jabinaa akkaa ta’uuttii seeraa tabootaa/ tsilaattii/
sagaleen waaqayyoo irraattii kan barreefamee harkaa museetii latee. S.uum 24:12,
31:18 Bara kan keessaa waaregamatoonnii bay’een waaqayyoo of dabarsiin turaan kan
irra kan ka’ee bara waareegamtootaa jedhamee wamamaa. Namnii beekumsaa
uummamaan argateen uumaa isaa beekee seeraasaa eegee akka ergaamootaattii
waaqeessaa, galateeffachaa akka jiraatuuf uummamee. Akkuummaa oliitii ilaale namnii
yennaa uummameerraa eegalee seeraa lapheetiin / beekumsaa uummamaan
laatameefiin umaasaa osoo amanuu waggaa kumaa sadiif, dhibbaa saddeettii fi
afuurtami afuuriif/ 3,844/ jiraaterra. S.ba 32:34, , S.lakk. 16:1-36, S.ke.de. 34:1-9, Hoj.
Du. 13:22-23, Far. 27/28:7 Abb. Fir 14:1-15, 15:9-19, 16:23-31 , Far. 88/89 :20
 bara sana keessaa namnoonii bay’een cubbuu hojetanii/ rawwataan/
kufannii jiruu.
 Waaqa tolfamaa waaqeesanni jiru. S.ba 32:1

25
 Kuwaannii isaannii ejaan jiruu . s. ke.de 25:1
 Kuwaannii isaannii gunguumaan jiruu. S. ke. De 14:37
 Kuwaannii isaannii waaqayyoon qoranii jiruu. Se. ke. De. 2:4

BARAA WANGEELAA/ KAKUU


HARAAWAA KEESSAA/
Barrii kun goftaan keenyaa Iyaasuus kiristoosii qulqulleettii durbee maariyaam irraa
dhalachuun kan hangaa amaatii jiruudhaa. Baraa kan keessaa mootuummaa waaqayyoo
dhiyaateerraa jechuun gaabii akka galaatan jedhamee lalabamuudhaa. Mat. 26:26-27,
Erm 31:31-32, luq . 1:26-38, Yoh. 1:14, Mat. 4:17

WAA’EE AMANTAA BARUMASA GOOFTAA


 Eyyaama waaqayyoo malee gooftaa gooftaa kan jedhuu hundii mootuummaa koo
hin dhaaluu. Mat 7:20
 Isiin warraa hin qalbeefanee kan dubatamee amaanu irraa kan fagataan hin
jirataan . luq. 24:25
 Mootuummaa waaqayyoo ifaa isaanii akka ta’ee beekuu dhabuun namootaa
kurnaan keessaa baredootaa fi dadhabdootaa . Mat. 25:1
 Firii isaannii irraa ni beektaatii muktii gaariin firii gaarii ni biqilachaa akkasumaas
booda amma ni biqilachaa.

WAA’EE AMANTAA BARUMSAA


ERGAAMTOOTAA
 Amantaan hojiin hin muul’anee ofii isaattiin kan du’eedha. Ya’Iq 2:14
 Yeroo dhummaa irraattii namoonii barumsaa adda dhaguun badaniruu. Ximo 4:
 Amantan yoo jiratuu ofii qorii. 2ffaa Qor . 18:5

AMANTAAN MULAACHUU

26
Maacafaa qulquulluu keessaattii yenaa hubaanuu namnii baay’een amanta isaa gadii
anatuumaa dinqisiifatamnii ykn dhuumaa ni hubaanaa. Naamoonnii akkaan kuniin kara
kanaan ibsaaman amantaa isaanii jireenyaa isaanii keessaatii kan mul’isaaniidhaa. Innii
guddaan amantaa isaanii mula’achuudhaa.

JABINAA AMANTAA QABACHUU


Kanaa jechuun gooftaa waa’ee amantaa kessaattii hangaa firii sanaaficaa osoo qabatiin
hundumtuu siinif ta’a kan jedhudhaa.
Ofii keenyaaf:- kan waaqayyoof rawwaatee jechuun amanuu afaan tokkoo wamaachuu
Kan biraaf :- ergaa amanan argatiin boodaa kan biraaf kadhaachuu jechuudhaa. Irb.
12:31
Amantaa guddatuu:- kan namootaa waaqayyoon amanani fi angoo isaa bekkanii
amantaa isaanii akkaa gudatuu kan beekaniidhaa.

AMANTAA FI SAAYINSII
Saayinsi:- seraan qorataamee sagataadhaan baarsiissuu kan qoratuu irraa
argaataniidhaa. Buu’uurrii saayinsii amantaadhaa. Sababanii isaas saayinsii kan qoratuu
kan waaqayyoo umee alaa osoo hin taa’iin umaa isaa irrattii hunda’uunidhaa.

Amantaan saayinsiidhaaf maal gummaachee


Namnii kamiyyuu amaanuus yoo amanuu baatee kan kitaaba qulquullu hin qoranee
beekuu hin danda’amuu. Amantaadhaan namnii dhabatee tokkoo yoo qoraannaa
tasiisee bu’aa qabeessaa taa’aa saayinsiin amantadhaaf kan gummachee.

Saayinsii amantadhaaf kan gummachee


Namnii amantaa isaatiin midiiyaalee addaa addatiin barachuuf bu’aa guddaa argachuu
isaa kan nutii muldhiisuudhaa. Saayinsii hundii amantaaf barbaachisuu batuulee kan
namaa fayyaduu danda’uu beekuu barbaachisadhaa.

AMANTAA FI AADAA

27
Aadaan maqaa seeraa fi wantootaa addaa kan iddoo keennudhaa. Umaannii
Itiiyoophiyaa baruumsaa isaa adda mal akka ta’ee gadii fageenyaan beekufii dhaa.
Amantaan fi aadaan osoo wallitii bu’anii ni jiirattuu.

MIIDHAA AADAA
Aadaan amanta taa’uun iddoo qabaachuun amantaa dhiibbuu hin danda’uu. Amantaan
harkaa waaqayyoottii yoo uummaamuu aadaan garuu waliin galtee namatiin
uumaamee.

AMANTAA FI HOJII
Hojiin amantaa keenyaa ajaajaa waaqayootii . amanta keenyaa hojiidhaan mul’isuun ni
dandeenyaa, amantaa keenyaa kan baranee hunduumaa hojidhaan mul’isuun dirqamaa.

GALAANNII WAAQAYYOOF YAA TA’U

28

You might also like