Professional Documents
Culture Documents
Barumsa amantaa
Barumsa amantaa
ARBAMINCH UNIVARSITY
BOQONNAA TOKKO
1. AMANTAAN MAALI/ሃይማኖት ምንድነው/
1.1.Amantaan maalii?
Amantaan Waaqayyoo eenyumma isa dhala namaaf kan ibse, kan mul‟atedha.Waaqayyoon amalummaa
isaani kan hin mul‟anne fi sammuun Ergamoota akkasummas sammuun dhala nama qoratte bira gahu
kan hin dandeenye,jireenyi isa akkaan jenne dubbachuu kan hin dandeenye.Yeroo fi iddoon murteessu
kan hin dandeenye bara baraan addunya guute kan argamu,sammuun uumamtoota yeroo fi bakkaan
murtaa‟a ta‟e qoratte bira gahu hin dandeenyedha.
Haata‟u garuu Waaqayyoo amalummaan kan hin mul‟anne,kan hin argamne ta‟uus;uumamtoonni isa
waa‟ee isa goonkumma akka hin beekne hin taasifne.akka dhiifama fi jaalala isaatti uumamtoonni isa
waa‟ee isa akka hubaattanni eenyummaa isa karaa adda addaan ibseef jira.karaan Waaqayyoo akka isa
beeknu taasise kun AMANTAADHA.Hamma dhalli nama fudhaachuu danda‟uu eenyumma isa kan
nuuf ibse dhugaadha.Waaqayyoo tokko waan ta‟eef,amalummaan isa illee kan hin jijjiramne waan
ta‟eef,amantaan[Waaqayyoon eenyumma isa kan itti ibse] tokkoo fi kan hin geedaramnedha.kanaafuu
jiraachuu kan qabu Amantaan dhugaa takka qofa.Amantaan baay‟een jira jechuun Waaqayyoo yeroo
adda addaatti waan adda addaa dubbatta,amalummaan ni geedarama,jecha jedhuu fida waan ta‟eef;kunni
immoo sammuun nama dubbachuu isaatti yaaddu waan hin qabneedha.Amalummaan Waaqayyoo kan
waan hin taaneef.kanaaf Amantaan takka qofa.kitaabni qulqulluun”GOOFTAAN
TOKKO;AMANTAAN TOKKO;CUUPHAAN TOKKOO”Efes4:5.
Walumagalaatti Amantaan dhugaan kun Amantaa jireenyi qulqullootaa kakuu moofaa fi kakuu haaraa
keessatti mul‟ate fi fuula Waaqayyootti eebbaa fi kabaja akka argatan taasisedha.1mot.18:18,Yaq.5:17-
19,Iyo 42:2,Ibr.11:34,far.26:1,1sam.17:45-49,Yoh.3:16-18,20:31,Rom.8:37
5. Kan hin ilaallamne kan ittiin arginu meeshaa hin mul‟annee dha.
Afuura immoo fedhiidhaan hubachuun hin danda‟amu waan ta‟eef kan fudhannuu dha.
Namni abdii yoo hin qabaanne hin amanu,yoo amanuu baates abdii hin qabaatu.
Gara fuulduraatti abdii kan godhannu jireenya bara baraa fi mootummaa waaqayyoo nu dhaalchisuu
kan ittiin raggaasifnu amantii qofaa dha.
Wantootni abdiidhaan fudhannu baay‟ee dha.Jireenya bara baraa fi mootummaa waaqayyoon dura
gargaarsi waaqayyoo fooniifis ta‟ee jireenya lubbuu keenyaaf yemmuu barbaannu kadhannaadhaan
gaafannee kan eeggannu abdiidhaani.
Namni jireenya isaa waaqayyo irratti taasifate yeroo hundumaa abdiidhaan eeggata.Waaqayyo abdii
fi kaayyoo guutuuf /raawwachuuf hin turu.Waan gaariidhaaf tursiisus hin hambisu.Muusee du‟aa
kaasee,boolla keessaa baasee,hawwii isaa kan waaqa arguuf qabu guuteefii jira. S.ba‟u 33:18-
23,Maat.17:3
Eenyummaa keenya kan miidhame nuuf haaromsee,kennaa nurraa fudhatame nuuf deebisee,foonii fi
lubbuudhaan kan nu fayyise,Tawaahidoodhaan kan kabajame fayyisaan gooftaan keenya Iyyasuus
Kiristoos jaalala isaatiini.“Kan isatti amanan hunduu jireenya bara baraa akka argataniif malee
akka hin banneef Waaqayyo ilma isaa tokkicha hanga kennuutti addunyaa akkanumatti
jaalatee jiraatii.” Yoh 3:16
“Jaalala kan hin qabne waaqayyoon hin beeku,waaqayyo jaalala waan ta‟eef.” 1yoh 4:8
1.3.5. Kan hin ilaalamne kan ittiin arginu meeshaa hin mul‟annee dha:-
Yemmuu jennu fagaachuudhaan ykn akka malee xinnaachuudhaan ija fooniitiin kan hin mul‟anne
akka arginu kan nu dandeessisuu dha.
Fkn:-Jaannata (gannata) fagaachuudhaan,Waaqayyoo fi ergamoota akka malee
xinnaachuudhaan,samiiwwan turban immoo fagaachuu fi xinnaachuudhaan arguun hin
danda‟amu.Haata‟u malee amantii keenyaan uumamtoota kanneen hanga nuuf ta‟u arguu ni
dandeenya.
Waaqayyo raajolee isaa Isaayyaasii fi Yaa‟iqoobiif amala isaaniif akka ta‟utti itti mul‟atee jira.
Isaayyaas 6:1,S.Uum 28:13
Qopheessan: Andu’aalem Lataa G5 WRIE Bilb 0921712103 Bara 2009 Page 4
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQAYYOO TOKKOO AMEEN!
SEENSA BARNOOTA AMANTAA FI UTUBA AMANTAA
Kuni garuu “waaqayyoon kan arge tokkollee hin jiru” Yoh 1:14kan jedhu kan faallessuu miti.Inni
amala isaaniif akka ta‟utti mul‟ate,isaanis amantiidhaan waaqayyo akka ta‟e waan hubataniifiidha
malee.
Qulqulluu Phawuloosis amantii isaa irraan kan ka‟e hanga samii 3ffaatti deemee fageenyaa fi
xinneenyaan kan jiran samiiwwan turban keessaa sadi‟ii fi yemmuu deebi‟us gannatatti boqonnaa
fudhatee gannata hundaa ilaaluuf ga‟ee jira. 2Qor. 12:2-6
Namootni baay‟eenis ergamoota,qulqullootaa fi kan biros arguudhaaf kan ga‟an amantiidhaani.
Ibr.11:5
Heenookis gara biheere hiyaawaan/ብሔረ ሕያዋን/ deemuudhaaf kan ga‟e amantiiisaatiini.S.Uum.5:24
Qulqullootni hundinuu kan wareegamanii fi rakkina argan gatii boodarratti argatan kan ijaan hin
mul‟anne amantiidhaan waan ilaalaniifii dha.Ibr.11:13
Gooftaan keenya “jecha koo qofaan nan fayyisa,qarqara uffata koon isinan fayyisa” jedhee hin
barsiifne.Sana duras kitaabolii barreeffaman irratti raajiin akkana jedhu hin jiru.Namootni garuu
amanan,fayyadaman,galateeffaman,ajaa‟ibsiifamanis.
Dubartiin waggaa 12 guutuu dhiigni ishee dhangala‟aa ture kan fayyite amantii isheetiini.Kan biros
kan qaqqaban fayyaniiru. Maat.14:36
Abbaan keenya Yaa‟iqoob waaqayyoon kan gammachiise amantiidhaan.Eesaaw garuu kennaa fi
suga waaqayyoo waan tuffateef booda gaabbee boo‟ichaan barbaadus gaabbiidhaaf iddoo hin
arganne.Ibr.1217
Darbaa=ትውፊት
a.Darbaa Mana Kiristaanaa/የቤተክርስቲያን ትውፊት/:-
Macaafa qulqulluu bu‟uura amantaa kan jechisiise macaafa dhugaa dubbatuu fi aangoo malakootii
qabu ta‟uu isaati.
Aangoo kanas kan kenneef gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosii dha.
“macaafa yoo amanuu baattan garuu akkamitti jecha koo amantu” jedhee Ayhuudota
akeekkachiisee jira. Yoh. 5:47
Dukaa ka‟umsa amanuu dhabuudhaan barattoota lamaan gara Eemaahuus deemsa eegalanis onnee
isaanii akka ibiddaatti hanga gubuutti kan isaan amansiise macaafolee qulqulluu hiikuudhaani. Luq.
24:13
Gooftaan keenya yeroo waa‟ee Al‟aazaarii fi Nawwee barsiises,Abrhaam Nawweedhaan:-
“Muusee fi raajonni ni jiruuf “ yeroo jedheenitti Nawween deebisee ,”Miti Abrahaam abbaa
hoo,
warroota du‟an keessaa tokko osoo deemeefii garuu gaabbii ni galu” jechuu isaa ibsee “Muusee
fi
raajota kan hin dhageenye yoo ta‟e warroota du‟an keessaa tokko yoo ka‟an iyyuu hin
amanan “
Luq. 16:30-31 jechuudhaan kan barsiise Muusee fi raajonnihanga yeroo sanaatti jiraatanii osoo hin
taane,”macaafota iaaniitti yoo amanuu baattan “ jechuudhaaf yemmuu ta‟u,”warroota du‟an
keessaa tokko yoo ka‟eyyuu hin amanan” kan jedheef immoo bu‟uurri amantaa ajaa‟ibaa fi
mallattoo osoo hin taane jecha macaafa qulqulluutiin jiraachuu ta‟uusaa ibsufii dha.
Amantaan kan barbaachisu “Maqaa isaa faarfatanii,kabajaa isaa dhaalanii jiraachuuf warra
uumaman qofaafi dha.”
Kuuwwan kan uumaman faayidaa fi soorannaa fooniitiifi dha.
Maqaa isaa faarfatanii kabajaa isaa kan dhaalan immoo namaa fi ergamoota qofaa dha.
Uumamtoota kanneen kan biroo irraa adda kan taasisu:-
Beekumsi kan kennameef ta‟uu
Ergamoonni gonkumaa kan hin duune,namni immoo lubbuu hin dune kan qabu
ta‟uu isaaniiti.
Kanaafuu,jireenya bara baraa jiraachuuf abdii kan qaban waan ta‟aniif waaqayyoon wajjiin wal-
lolanii gara si‟oolii fi ibidda bara baraatti akka hin buune amantaa fi hojii gaarii isaan
barbaachisa.
Kanaan olitti wangeelaan amanuu akka ta‟e ilaalleerra.Wangeelli immoo kan dubbatu seenaa
Iyyasuus Kiristoos dhaloota isaatii hanga olba‟uutti qofa osoo hin taane mirga abbaasaa
amalummaa duraan dursee jiruun taa‟uu isaa,ajaa‟iba isaa fi hojii isaa hundaa dha.
Kiristaanummaan akka Abrahaam daandii sammuun,akka Muusees isaan waamamuu osoo hin
taane waaqayyo nama ta‟ee akka mul‟ate kan barsiisuu dha.Qulqulluu Phaawuloosis waa‟ee kan
yemmuu dubbatu;-“Waaqayyoonis (ilmaanis) icciitiin fakkaachuu guddaa dha.Fooniin kan
mul‟ate,afuuraan kan dhugoome,ergamootaaf kan mul‟ate,alagootaan kan
lallabame,addunyaan kan amaname,kabajaan kan ol bahe.” 1Xim. 3:16 jechuun
ibsamuunii fi mul‟achuun argamuu irratti akka barsiisu dubbateera.
Qulqulluu Daawiitis:-“Waaqni waaqotaa waaqayyos tsiyoonitti ni mul‟ata.” Kan jedhe nama
ta‟ee ni dhufa,ni mul‟ata jechuu isaa akka ta‟e ifaa dha.Faar. 86:7
Ibsamuu /mul‟achuu kan jennus foon Addaam wajjiin tokko ta‟ee mul‟achuusaa amantaan
keenyas eenyu irratti ta‟uun akka barbaachisu barsiisuu isaati.
Gabaabumatti amantaa mul‟inaa jechuun namoota irraa osoo hin taane waaqayyo mataa isaarraa
yeroo tokko qofa kan argame jechuu dha.“Qulqullootaaf yeroo tokko qofa gonkumaa waa‟ee
amantaa kennamtee akka qabsuurtan akkan isin gorse akka isiniif barreessu dirqama
natti ta‟e.”Yihu. 1:3
b. Addaa dha/ልዩ ናት/:-
Amantaan kiristaanummaa addaadha yemmuu jennu waaqayyo gooftaan nama ta‟uun kan
bu‟uureessee fi dhiiga isaan hundeesse waan ta‟eefi dha. Hoj.duk. 20:28
c. Balbala dhugaati/በር ናት/:-
Ayhuudoonnii seera ooriitii raawwachuun fayyuu akka danda‟an yaadu.Ismaa‟iloonnis
araarsummaa raajotaanii fi hojii gaarii hojjechuun waaqayyoo amanuu wajjiin akka fayyan ni
dubbatu.
Balballi gara gannataa ittiin galan,karaan qulqulinaa fi fayyinaas tokko qofaa dha,nama ta‟ee
kan mul‟ate Kiristoositti amanuu.Karaa kanaan ala seera yoo raawwatan,hojii gaarii yoo
hojjetan,kadhannaatti yoo amananis fayyuun hin danda‟amu.“Balballi anaa dha,anaan kan
seenu yoo jiraate ni fayya,ni seenas ni ba‟as bakka bobba‟aas ni argata” Yoh. 10:9“Ani
daandii dhugaa fi jireenyaati,anaan alatti gara abbaa kan dhufu hin jiru” Yoh. 14:6
jechuudhaan gooftaan keenya akka barsiise namni daandii kanaan hin dhufne hundi abdii
fayyinaa hin qabu.
Kiristoosiin amannee osoo hin cuuphamin,foon isaa osoo hin nyaatin dhiigasaa osoo hin
dhugin,icciitiiwwan osoo hin raawwatin garuu hojiiwwan kanaan olitti caqasaman qofa
raawwachuun dhugoomina argachuu hin danda‟uutii kiristaanummaan balbala dhiphoo
dhugoominaati. Maat. 2:13
BOQONNAA LAMA
2. JIRAACHUU UUMAA
2.1 Uumaa Amanuu
Namni jalqabaa, addunyaan mul‟atuu fi hin mul‟anne eessaa argame?Bu‟uurri isaa akkamitti
dhaabbate?Qorattoonni jijjiirama suutaatiin argame kan jedhan wanti jalqabaa sun hoo eessaa
dhufe?
Amma ho gannaa fi bona,ifaa fi dukkana,hoo‟aa fi qorra,sanyii fi calla,halkanii fi guyyaa,… kan
fakkaatan yeroo isaanii eeganii fi seerab hordofanii akka jijjiiraman kan taasisu eenyuu dha?
Namoonni tokko tokko namni suuta suutaan dhaabbachaa deeme jedhu,haa ta‟uutii bineensonni
nama ilaalaa fi namnis isaan shaakkalchiisaa jiran maaliif dhaabbatanii hin deemne?
Seerri jireenyaa kuni hundi akka hin jigne /hin jijjiiramne kan godhe maali?
Namni akka sirni jireenyaa /baayooloojiin jedhutti dhiiga qofa yoo ta‟edu‟a oolchuun maaliif hin
danda‟amne?Akka hin dune gochuun yoo hin danda‟amneyyuu guddina teeknooloojii waliin
walqabatee umrii namaa gadi bu‟aa jiru dhaabuun maaliif hin danda‟amne?
Namni amanuu baatus too‟achuu kan hin dandeenye,beekumsa ofiinis beekuu kan hin dandeenye
humni tokko akka jiru uumamni hundinuu walii galu.
Gooftaan,uumaan uumamtoota hundaa jiraachuusaa kan ittiin beekamee fi raggaasifame ykn
jiraachuusaa akka fudhannu ragooleen nu dirqisiisan kanneen armaan gadiiti.
Gubbaatti akkuma ibsame namni hubatu sammuu isaatti faayyadamee seera uumamaa qofa osoo
xiinxalee wanti itti himan ni jira.Kunis uumamtoonni hundinumaa wajjiin walitti dhufeenya
addaan hin cinne akka qaban hubachuu kan dandeessisuu dha.
Ofiin kan uumamee fi kaayyoo mataasaa uumameef qofaasaa aangoo kan qabu argachuun hin
danda‟amu.Kunis kan ofii hin uumamnee fi uumaa hundaa kan ta‟e waaqni tooko akka jiru nuuf
mirkaneessa.
Jireenya uumamtootaa yoo ilaalle waan baay‟ee nu barsiisa.Fknf:-Bineensonni guyyaa,namni
halkan maaliif hin bobbaane?
Saayinsiidhaan akkuma amanamu namnii fi biqilootni walii galtee tokkoyyuu osoo hin
mallatteessin,qilleensa namaa kan gubate /CO2/ biqiltootni,kan biqiltootaa /O2/ immoo namni akkamitti
fayyadamuu danda‟an? Yoo jenne kana hundaa seeraan kan diriirsee fi waadaadhaan kan dhaabe waaqni
tokko jiraachuu amanuuf dirqamna.
Afaan qulqulluu Waaqayyoo irraa kan argame ta‟ee kan waa‟ee Waaqayyoo dubbachuun kan
nuu barsisuu dha. Akkasumas ilmaan namoota bakka qulqullummatti kan waamuu dha. "Akkaan
qulqulluu ta‟ee isinis qulqulluu ta‟a." 1pheexiroos 15:17
“Akka raajiini kitaaba keessa jiru kamiyyuu takkumaa hiikaa namaatiin hin dhufin duraan
dursitanii beekuu qabdu; Raajiin takkumaa fedhii namaa irraa hindhufne; garuu namoota
Waaqaattu Hafuura Qulqulluun qajeelfamee dubbate.” 2pheex 1:20-21
Macaafni qulqulluun kan jalqabu uuman uumamtoota isa akkamitti;yommii fi maaliif akka uume
kan ibsuudha.fakkeenyaaf:-s.uum 1:1”Waaqayyoo jalqaba lafa fi samii uume”
Macaafni qulqulluun Waaqayyoo akkamitti uumamtoota isaaf akka ofi ibse nu hubaachisa.
Waaqayyoon tokko jiraachu namni amannu tokko maqaa Waaqayyoo beeku qaba.maqaan Waaqayyoo kan
barbaachiseef waamne ittiin wali qunnamu qofaaf osoo hin taane maqaan isa amalumma isa ibsa waan ta‟eef ittiin
galateeffachuuf.Akka abboonni keenya jedhanitti Waaqayyoo “ani Waaqayyoodha”jedhe kan ofi ibse Museen
booda.san dura garuu El-shaaday jechuun ofi ibsa ture.Maqaan Waaqayyoo guddaadha.Erm44:26.
2. El-shaaday:-jechuun”Waaqayyoo isa hundumaa danda‟u ykn Waaqayyoo isaa goonkumma garaa laafu ykn
Waaqayyoo gaariidha”jechuudha.se,uum 35:11,17:1
3. YAHIWEH:-jechi kun Afaan Hibruun ta‟ee hiikkaan isaatiis”Isa ta‟u,Isa jiraatu sana.Waaqayyoo gooftaan inni
bantiiwwan samii diriirse,inni biyya lafaa fi wanta isanirratti biqilu uume,inni lafaa kana irratti namootaaf hafuura
kenne,warra lafarra jiraatan hundumaafis jireenya kenne”jechuudha.”Kan akka kee tokko illee hin jiru yaa
gooftaa!waan hojjetame keessaas kan akka hojii kee hin jiru”jechuudha.
4. Elohim:-jechi kun jecha afaan Hibruu ta‟ee baay‟ina agarsiisa.Eloam kan jedhu qeenxee agarsiisa.Sabni
Israa‟elli yemmoo galaana diima ce‟an maqaa kanan farfaatani.
BOQONNAA -3
3.1.BARBAACHISUMMA AMANTAA
3.1.1. Fooniif
Fooniin ala lubbuun dhaabbachuu waan hin dandeenyeef dursa fayyada fooniif qabu ilala.addunya
kanarratti wanta Waaqayyoon raawwatame kan hubaannu Amantaan qofa.Amantaan alas Waaqayyoo
gammachisu hin dandeenyu.Ibr11:6.Amantaan fooniifis lubbuufis fayyada qaba.
A.Nageenya argatta
Fknf:-Daakuu ishee xinnoo qabdu tolchitee dursitee raajichaaf kennuu isheen sugaan kan
jiraatte dubartii seeraaptaa.1Moot. 17:1-20.Raajicha waaqayyoo Eelsaa‟itti himtee amantiidhaan
gaafattee sababa zayitii xinnoo
qabduun liqii ishee hundaa kafaltee suga jiraachuu ishee dandeessisu dubartii argatte
kaasuun ni danda‟ama.2Moot.4:1-7
Daani‟eelii fi ijoolleen sadan sababa amantaatiin shumburaa nyaachaa,bishaan dhugaa; foon
nyaachaa,waynii dhugaa kan turan irra qaamaan furdatanii,bifaan bareedanii argamuun
isaanii,dabalataanis beekumsa fooniitiinis harka kudhan /gonkumaa/ caalanii argamaniiru.Dan.
1:1-20
Dhukkuboota sababa adda addaatiin nutti dhufan irraa fayyuu kan dandeenyu amantii qofaani.
Gooftaan keenya fooniin deddeebi‟ee yeroo barsiisetti dhukkubsattoota hedduu fayyisee
jira.Haata‟u malee kan isaan fayyisaa ture amantii isaaniitiini.
Haalota fayyina foonii armaan gadii haa ilaallu.Gooftaan keenya:-
Beerxemewoosiin amantiin kee si fayyiseera. Luq. 18:42
Dhukkubsataadhaan “… ka‟iitii deemi,amantiin kee si fayyiseera.” Luq. 17:19
Dubbartii dhiigni ishee waggaa 12 guutuu dhangala‟aa turteen “jabadhu amantiin kee si
fayyiseera .” Maat. 9:22
Warroota ija hin qabneen /jaamaadhaan/ “akka amantii keessanii isiniif haata‟u” Maat. 9:29
Ajajaa dhibbaatiinis “deemiitii akka amante siif haata‟u” Maat. 8:13
Kan qaqqaban hundinuu fayyan.Maat. 14:34-36
Fayyina foonii gonkumaa argachuun kan danda‟amu amantiidhaan qofa.
Mana kiristaanaatti iddoowwan cuuphaa akka Saalihoom,Yoh. 5:1, cuuphaawwan akka
Yoordaanoos baay‟eetu jiru.
Yoordaanoositti cuuphamuun kan akka Iyyoob, Ni‟imaan akka fayyan macaafni qulqulluun nu
hubachiisa. 2Moot. 5:1-19
Namni uumama isaan rakkina foonii karaa adda addaan arguu ni danda‟a.
Rakkinni kiristaanotaa garuu kan kaawwanii irraa adda ta‟uu baannaan rakkisaa dha.“ Isin
keessaa eenyuyyuu lubbuu kan baase ykn hattuu ykn wanta badaa hojjechuu ykn dhimma biro
keessa galuun rakkina akka hin fudhanne kiristaana akka ta‟uu isaatti garuu rakkinni yoo
qunnameen kanaaf waaqayyoon haa galateeffatu malee akka hin qaanofne” jedhameera.
1Pheex.4:15
Macaafa qulqulluu keessatti waaqayyootti amanuu isaatiin rakkina foonii irraa kan eegaman
namootni baay‟een ni jiru.Kanneen keessaas:-
Dhagaadhaan waraanamtee ibiddaan gubamtee du‟uu jalaa kan baate ykn fayyite Soosinnaa,
Gara ibiddaatti darbatamanii qarqarri uffata iyyuu kan jalaa hin gubanne ijoollee sadan,
Gara boolla leencaatti darbatamee kan eegame Daani‟eel,
Hundinuu akka du‟an murtiin itti murteeffamee ajaja Asteeriin soomanii kadhatanii duuti isaanii
gara jireenyaa,gaddi isaanii gara gammachuutti kan jijjiirameef Ayhuudonnii fi kan biroos
caqasamanii jiru.
3.1.2. Lubbuudhaaf/ሇነፍስ/
Foon fayyee lubbuun yoo fayyuu baatte namni fayyina gonkumaa argate jechuun hin danda‟amu.
Gooftaan keenya wangeelaan:-“Namni addunyaa hunda yoo buuse lubbuusaa garuu yoo
balleesse maal fayyadaan” akkuma jedhe faayidaan amantaan lubbuudhaafisi.Kanas akka armaan
gadiitti ilaalla.
Fayyina lubbuutiif balballi duraa amantaa dha.“Kan amane,kan cuuphame ni fayya.” Maar.
16:16
Kanaafidha gooftaan keenya isatti amannee akka fayyinu beeksisuuf:-“Ani balbalaa
hoolotaati,ani karaa dha,jireenyi anaa dha” jedhee kan nu barsiise.“Kan isatti amanu itti hin
murtaa‟u,kan itti hin amannetti garuu ilma waaqayyoo tokkichatti waan hin amanneef amma itti
murtaa‟eera.” Jechuudhaanis isatti amanuun jireenya bara baraa akka argannu nuuf raggaasisee
jira. Yoh. 3:16
Ayhuudotaanis yoo isa amanuu baatan cubbuu isaaniitiin akka du‟an itti himee jira. Yoh. 6:54
Barumsi duuka bu‟ootaas akkuma kan gooftaat ture.Amantaadhaan ala fayyinni akka hin jirre
jala muranii dubbataniiru.
Qulqulluu Phaawuloosii fi Siilaas waardiyicha mana hidhaatiin “Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti
amani atii fi maatiiwwan keetis ni fayyituu“ kan jedhaniin kanaafi dha. Hoj.duk. 16:31
Namni amantaadhaan yoo jiraate kabajaa lubbuu ni argata.Kunis fayyina booda qabsuura irraa
kan ka‟e kabajaa kennamu yemmuu ta‟u kabajichis lafa irratti hanga barbaachisaa ta‟e
kennamuufii ni danda‟a.Kanas gooftaan keenya fakkeenya sanyiitiin “Tokko dhibba,tokko
jahaatama,tokkos soddoma ni buusa” jechiidhaan kan ibsee dha.Maat. 13:23
qulqulluu Phaawuloosis qulqulloonni kabajaa lubbuutiin kabajamanii kennaadhaan qabsuuraan
guddatanii akka wal caalan si dubbatu “kabajaan aduu tokkoo dha,kabajaan addeessaas kan biroo
dha,kabajaan urjiis kan biroo dha,kabajaadhaan urjiin tokkoo tokko irraa addaa dha.”jedheera.
1Qor. 15:41
“Duraa jalqabee waaqayyo bifa hedduu fi karaa hedduun abboota keenya raajotaaf
dubbatee,hundumaa dhaalaa kan taasiseen deebisees baroota kan uumeen ilma isaan bara keenya
nuutti dubbatte”
Abbaansaa gurguri jedhee kan itti kenneharkee haarawa bocame gurguruuf fuudhee yemmuu deemutti
gaafilee kaase,yoo waaqayyoon taate kophaa kootin jiraatii na dubbisi?Beela‟eeraa na nyaachisi?
Dheebodheen jiraa na obaasi?gaafiiwwan jedhan deebisuufii yeroo hin dandeenyetti “waaqayyo hin
jiru” kan jedhuun hin shakkine;”Jira” haa ta‟u malee eenyuu dha?Aduu?Qilleensa?Ibidda?Bishaan?
hundumaa yoo qoratu hir‟ina irratti arge.Ammas “hin jiru” hin jenne .Kanneen hunda kan hojjete,kan
nyaachisu,kan eegu jiraachuu qaba;Inni of naa haa ibsu yoo jedhu “waaqa aduu na dubbisi”
jedhe.Amantii isaa kanaan waaqni dubbiseen.
Kana booda kan mul‟atu,kan qaqqabamu harkee irraa kan deebi‟e Abrahaamkan hin mul‟anne,kan hin
qaqqabamne waaqayyo sagalee qofaan mul‟achuunsaa hin shakkisiifne.Caalaattuu abbummaan
Abrahaam hundaafuu akka ta‟uuf waadaa hanga galuufiitti ajaja waaqayyoo raawwachuudhaan
beekame.Kan itti aanan haa ilaallu.
Waaqni Abrahaamiin jedhe “Biyya kee irraa,firoota kee irraas,mana abbaa kee irraas bahii gara lafa
ana si agarsiisuu deemi,…. Abraamis waaqni akkuma itti hime deeme.Looxis isa wajjiin
deeme.Abraamis yeroo kaaraan ga‟etti nama waggaa torbaatamii shanii 75/ ture…. gara kana‟aanis
galan. S.Uum. 12:1-9
Abraam gara biyya hin beekneetti yemmuu waamamu hin shakkine.Amantiidhaan deeme.Waaqayyos
“lafa kana sanyii keetiif kenna” jedheen.Waadaa biros fudhate. Waqtii kanatti waadaan isaa fi sanyii
isaatiif galame “ummata guddaa si godha,sin kabaja,maqaa kees sin kabaja,eebbifamaas ta‟i,kan si
eebbisanis nan eebbisa,kan si abaaranis nan abaara,ummanni lafa irraa hunduu si‟iin eebbifamu” kan
jedhuu dha.
Abraahaamii fi wajjiin kaaraanii kan bahe ilmi obboleessa isaa Looxi erga addaan ba‟anii
waaqayyo itti mul‟atee “ ija kee kaasiitii iddoo ati jirtuu gara kaabaa,gara kibbaa,gara bahaa fi
gara dhihaas ilaali.Lafa ilaaltu hundaa si‟ii fi sanyii keetiif bara baraan nan kenna.Sanyii keetiis
akka cirracha lafaa lakkaa‟uu kan danda‟u hin jiru” jechuudhaan dubbate. S.Uum. 13:14-18
Booda immoo hurufatti /iddoo homtuu hin jirretti baasee “Gara samii ilaali,urjiis lakkaa‟uu yoo
dandeesse lakkaa‟i.sanyiin kees akkana ni ta‟a” jedheen.”Abrahaamis waaqayyootti
amane;qulqullummaas ta‟ee lakkaawwameef.” S.Uum. 15:5
Amantiin Yaa‟iqoob kan ajaa‟ibsiifamu macaafaan kan hin barreeffamne,barsiisotaan kan hin
lallabamne,darbaadhaanis kan hin arganne hangafummaa bituu jalqabuu isaati.
“Hangafummaan ittoo missiraatiin bitamuu ni danda‟a” kan jedhu macaafnis,barumsis,gorsis
osoo hin jiraatin amantaadhaan kan argate waan ta‟eef amantii guddaa akka qabu hubachuun hin
rakkisu.Kanas qulqulluu Phaawuloos karaa Eesaawun yemmuu dubbatu:- “…… ykn waa‟ee
nyaata tokkoof jedhee hangafummaa akka gurgure akka Eesaaw nama addunyaa kanaaf mijaa‟e
akka hin taane of eegaa.Sana booda eebba fudhachuu barbaadu iyyuu akka gatame ni beektuutii;
jabaatee imimmaaniin barbaadus gaabbiidhaaf iddoo hin arganneetii.” Ibr. 12:16-17
jechuudhaan hangafummaa Yaa‟iqoob
erga fudhatee booda Eesaaw argachuu akka hin dandeenye ibseera.
c. Saaraa /ሣራ/
Qulqulluu Phaawuloos amantii haadha teenya Saaraa yemmuu ibsu,”abdii kan kenneef kan
amaname akka ta‟e waan lakkoofteef,isheen immoo umriin ishee erga darbeen booda iyyuu sanyii
ulfaa‟uuf humna amantiidhaan argatte.” Jedheera.Ibr. 11:11
Barri kun Muuseedhaa hanga Yohaannis cuuphaa kan jiruu dha.Bara kan keessa raajota qofa
osoo hin taane dursummaa Muuseetiin Gibxii kan ba‟an Israa‟eloonnii fi ijoolleen isaanii waaqayyo
waaqeffachuu seeraan,heeraan,afaaniinis/raajotaan/,macaafaanis qajeelfama raawwachaa yeroo turanii
dha.
Namoonni yeroo sana turan jabinni amantii isaanii namaa naamatti garaagara ta‟us kan walii gala
amantaa tokko qabu “/Waaqayyo waaqaadha [እግዚአብሔር አምላክ ነው]/” kan jedhu.
Seerri mana qulqulleessaa hundi kan hojjetame waaqayyo Muuseedhaaf gaara irratti bifa
mul‟iseenii dha.“Fakkeenya gaara irratti sitti mul‟ateen hundumaa akka gootu of eegi” jedheenii
jiraatii.Ibr. 8:6, S.Uum. 24:6-8, Ibr. 9:18
Kuni hundinuu haa godhamu malee aarsaan kan aarfamu,wanti nyaatamus yoo jiraate kan
eeyyamamu luboota xinnoodhaaf ykn dursaa lubootaatiif qofa waan ta‟eef alummaan /ውጫዊነት/
baay‟atee kan itti mul‟atu S.Uum. 9:8-24,S.ba‟u 19:11 namas hidhaa cubbuu irraa inumaa kan hiiknee fi
waaqeffannaas gonkummaa gochuu kan hin dandeenye ture.Ibr. 10፡2.Dhiifama gonkummaas /ፍፁም
ይቅርታንም/ hin argamsiifne. Ibr. 10:4
Seerrii fi heerri isaanii alaani /አፍአዊ/ waan ta‟eef waaqeeffannaa kan gageessanis waaqayyo
dheekkamsaan akka hin mu‟anne /akka isaan hin dhoofne,madaadhaanis /በሇምጽም/ nama irraa adda akka
isaan hin baasne sodaachuudhaan dabalatee ture.Waaqayyos akka hin tuqne kan ajajaman yoo tuqan
akka du‟an itti himee ture waan ta‟eef,ummannis baay‟ee sodaatuu fi hoollattu turan. S.ba‟u 19:0-13
Bara raajotaa yaadni /amantiin ummataa fi raajotaa inumaa garaagara ture.Muuseen ummata
Gibxii irraa qajeelchaa yeroo baase yoo ilaalle iyyuu amantiin isaanii laphee gonkummaan akka hin
taane hubachuun ni danda‟ama.
Waaqayyo harka dhaabbatteen /በጸናች እጅ/,irree diriirteen /በተዘረጋች ክንድ/,dinqiiwwan
kudhaniin,kudha tokkoffaa du‟a hangafootaa /ሞተ በኩር/ itti mul‟isee,galaana Eertiraa addaan kutee
Fara‟oonii fi loltoota isaa liccisiisee /አስጥሞ/ isaan immoo ceesisee jira.Halkan ifaan /በብርሃን
ዓምድ/,guyyaa duumessaan /በደመና/ qajeelcheen.Haata‟u malee lapheen isaanii waaqa akka hojii isaatti
amanee hordofuu dadhabe.
Walakkaan isaanii waaqeffannaa harkee/xaa‟ootii/tiin muraman/ተቀሰፉ/S.ba‟u 32:1-25,1Qor. 10:7
Walakkaan isaanii sagaagalummaadhaan. S.Lakk. 25:1-9, 1Qor. 10:8
Walakkaan isaanii gumgumuudhaan /በማንጎራጎር/. S.Lakk. 14:36, 1Qor. 10:10
Walakkaan isaanii hawwiidhaan /በምኞት/. S.Lakk. 11:4, 1Qor. 10:6
Walakkaan isaanii immoo waaqayyo qoruudhaan muramanii jiru. S.Lakk. 2:4-9, 1Qor. 10:9
Abboonni isaanii isaan booda turanis yeroo baay‟ee akka miidhanii fi gaabbiidhaanis akka isaan
deebise ilaalla.Yeroo baay‟ee dheekkamsaaf,yeroo hedduus gabrummaadhaaf dabarfamanii kennamanii
jiru.
Bara xumuraa waqtii gooftaa keenya itti mul‟atetti warroonni turan iyyuu yoo ilaalle yaada
isaanii wajjiin walitti makuudhaan qoqqoodiinsa hedduurra akka turan seenaan isaanii ni hubachiisa.
"Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni,
'Yaa gooftaa, yaa gooftaa' naan jechuu duwwaadhaan kan galu miti”Mat 7:20.
, "Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu, ani sitti hin himnee ree?" yoh 11:40
"Isin kan hin hubaanne;waan raajonni jedhan hundumaa amanuu irra duubatti kan haftani,
Kiristos dhiphana kana fudhaachuuf hundumaa dhiphatee ulfina isaatti akka galu, barbaachisaa
hin turre moo ree?Luq 24:25-26.
"Simoon, Simoon, Seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf kadhate.Ani
garuu amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara Kootti
deebitutti, obboloota kee jabeessi!"Luq 22:31-32
“Amantiin hojii hin qabne yoo jiraatte,inni ofuma kan du’eedha……..Akkuma dhagni hafuurri keessaa
ba'e, du'aa ta'e akkasuma amantiin hojii gaarii hin argisiifne du'aa dha”Yaq 2:14-26.
“Amantiitti qabamtanii jirtu yoo taatan isinumti of ilaalaa{Of qoraa} 2Qor 13:5
“Yaa obboloota koo, yeroo hundumaa waa'ee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuun nu irra jira;
amantiin keessan safara malee guddachaa, jaalalli hundumti keessan adda addaan waliif qabdan
baay'achaa waan adeemuuf galateeffachuun keenya qajeelaadha.Ari'atamuu keessan hundumaatti
rakkina baattan keessattis obsaa fi amantiiis ni qabdaniif nuyi waldoota Waaqayyoo keessatti isiniin of ni
jajna*. 5 Kana danda'uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta'uu isaa, isin immoo
mootummaa Waaqayyoo isa amma dhiphachaafii jirtan kanaaf kan maltan ta'uu keessan ni argisiisa”.
” Iyyasuus kiristoosiif amantii jaalalaan hojjechutu gatii qaba malee, dhagna qabachuu yookiis dhagna
qabachuu dhiisuu miti”.
Walumagalatti amantiidhaan kitaaba qulqulluu keessatti kan mul’atani,eenyuu fakkaachu akka qabnu,namoota
amantiidhaan galateeffamani ilaaluun ni danda’ama.
1.Amantii goonkumma:-amantii amma ija saanaficaa warra qabani.mat 8:10;15:28;Ibr 11:1;yaq 2:14-26
2.Amantii guddattu:-Namoonni akkaan Waaqayyooti amannani illee wantoota adda addaa irra ka’un shakkiin
kan irra mul’atu.fakkeenyaaf namicha daa’imti jala dhukkubsatte gara Iyyasuus fide yoo dandeesse naaf fayyisi
jedhe jechuudha.mar 8:18-29.Luq 24:13-35;1Qor16:13.
KUTAA 2FFAA
4.Iccitii Utubaawwan Shananii
Kiristaanni tokko duraan dursee amantaa kiristaanumma keessatti wantoota sadarkaa duraatti beekuu
qabu keessa amantaachaaf bu‟uura/utubaa kan ta‟an iccitiiwwan shanan beekuun dirqama ta‟a. Namni
gara amantaa kiristaanaatti dhufu tokkos amantaacha fudhatee cuuphamuun dura Iccitiiwwan kana
shanan qulleessee beeku qaba. Akka ergaa Phaawuloos keessatti caqasameen, “Akka ayyaana
Waaqayyoo biraa anaaf kennametti akka nama mana ijaaruu beekuttis hundee manni irratti ijaaramu
kaa‟eera” 1Qor.3:10. Kunis manni hundeen isaa gadi hin fagaanne, weerartoota guyyaa fi hattuu
halkanii jalaa hin ba‟u waan ta‟eef. Iccitiiwwan kunniin utubaa amantaati. Mana tokko utubaatu dhaaba.
Manni Utubaa hin qabne akkuma bubbeetiin salphaatti fudhatamu, akkasumas , namni icitiiwwan kana
shanan sirriitti qulqulleesse/adda baasee sirriitti hin beeknees, yoosuu barnoota sobaatiin lapheen isaa
salphaatti fudhatama. Hundeen isaa waan hin jabannef jechuudha. Icitiiwwan kunniin Kan Waaqayyoo
namootni akka sirriitti waa‟ee isaa hubataniif ibseedha.
Icitiiwwan shanan jiran kana keessaa dursinee beekuu kan qabnu iccitii Sadummaati.Akkuma qulqulluu
Qeerloos “hunduma dura Jireenya sadummaa ibsina” jedhe. Waaqayyoo durumaan dursee yeruma nama
uumu qaamni isaa tokko ol ta‟uu isaa jalqabumarraa kakuu moofaa keessatti yeroo nama uumu
ibseera.“Koottaa akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumna” Uma. 1:26.
Jechi „koottaa‟,‟ ni uumna‟, „keenya‟ jedhu qaamni Waaqayyoo tokko ol ta‟uu isaa mul‟isa.Waaqayyo
tokko dha; qamni isaa garuu sadii dha. Isaaniis Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluudha. Nuttis Sadan
Waaqa tokko jennee amanna. Barsiifni akkanaa kunis iccitii sadummaa (Sillaasee) jedhama.
Waaqa tokko yoo jennuu:-Uumuudhaan, jireenyaan, taayitaadhaan, „malakootiidhaan‟ (kan hin dune)
ta‟uudhaan tokko jechuudha.Sillaaseen kabajan wal hin caalaan; umuriidhaaniis wal hin dursan.
Jireenyaan yoo jennuu immoo “Ani Abbaa keessa Abbaanis Ana keessa akka jiru hin amantuu ree?”
jedhame akkuma ibsame waliin jireenyi isaanii tokko; Yoh 14:10
Sadii yoo jennu ammo:-
A) Maqaadhaan: Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha (Mat 28:19 “Dhaqaatii Maqaa Abbaa, kan
Ilmaa Kan Hafuura Qualqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hunduma bartoota koo godhaa”) jedha.
B) Qaamaan:-Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqullun Qaama kophaatti of danda‟e guutummaa guutuuti
sadiidha malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo qaaman tokko miti. Qaamaa sadii
yoo jennu ammo akka qaama namaa miti.Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas;
xinnaadhaas; kan tortorudhas. Qaamni Sillaasee garuu akkas miti. Ardii fi samii irratti, qillensaa fi gad
fageenya keessatti kan guute, bakka hundatti kan argamu, jiraataa bara baraati.
C) Gochaan :- Gochaan yoo jennu Abbaan ni dhalche, Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaa kanatti erge,
Ilmi (Iyyasuus) immoo ni dhalate, ni ergame. Hafuurrii Qulqulluun Immoo Abbaa irraa bahe/argame.
Ilmaan wal qixxee tahe; Abbaa irraa bahe (Afaan Gi‟iziitiin Seretsee jedha”) jenna. Kan erges, kan
ergames immoo heeyyamuma Abbaatiin, heeyyama Ilmatiinis malee dirqamaan miti.Kana yoo jennu
“Ilmi Abbaarra dhalatee yoo jennuu, Hafuurri Qulqulluunis Abbaa Irraa bahe yoo jennu wal hin
dursan. Akka Ilmi namaa Abbaan umuriidhaan ilma dursuu miti. Akka Abrahaam Yisihaaqiin
dursu, Akka Yisihaaq Ilma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun sadummaa akkas miti. Kun
yeruma tokkotti kan ta‟ee dha.Yeroon kun itti ta‟es hin safaramu, sammuun namaatiinis bira hin ga‟amu.
Waaqayyoo yeroo dursa Waan ta‟eef.
Se.uum 1:26” Koottaa akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumna” Uma.
1:26. Jechi „koottaa‟,‟ ni uumna‟, „keenya‟ jedhu qaamni Waaqayyoo tokko ol ta‟uu isaa mul‟isa.
Se.uum3:22”Kunoo namni hamaa fi gaarii beekuu isaatiin nu keessaa akka isa tokkoo ta‟eera”nu
kan jedhuu fi akka isa tokkoo kan jedhuu qaamni Waaqayyoo tokko oli ta‟u mul‟isa.
Se.uum11:7”
Se.uum18:1-15” Abrahaam yeroo saafaa balbala dunkaana isaa dura taa‟ee osoo
jiru,Waaqayyoo qilxuu mamree biraa isatti ni mul‟ate.Abrahaam ol ilaalee namoonni sadii isa
dura dhaabachuu isaanii arge;akkuma isaan argeen balbala dunkaanichaa dura ka‟ee,isaani
simachuuf itti fiigee,sagade”
Isa6:1-3” Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqayyoo gooftan maccaa” jedhee faarfachuun
isaa Qaamni Waaqa sadi ta‟uu hubachiisa.kunnis Qulqulluu Abbaa,Qulqulluu Ilmaa,Qulqulluu
Afuuraa Qulqulluu akka mul‟isu hubaachu qabna.
Isa48:16”…. Egaa Waaqayyoo gooftaan Afuuraa isaani naa ergeera”
Mat3:16 ”Iyyasus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba‟een bantiiwwan samii hundinuu
banaman, achumanis, Hafuurri Waqayyo akka gugetti gadi dhufee isa irra taa‟uu isaa ni arge;
sagaleen immoo “kunoo inni kun, isaan kanan gammadu, Ilmi koo ani jaaladhu kanadha” jedhee
samii irraa ni dubbate.
Mat28:19” Dhaqaatii Maqaa Abbaa, kan Ilmaa Kan Hafuura Qualqulluutiin isaan cuuphuudhaan
saba hunduma bartoota koo godhaa”) jedha.
Luq 1:35”Afuurri Qulqulluun si irra ni bu‟a,humni abbaas si golbooba,kanaafis mucichi si irraa
dhalattu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee ni waamama”
Yoh 14:25” "Kana hundumaa utuun isin bira jiruu isinitti himeera. Inni isiniif dubbatu Afuurri
Qulqulluun, inni Abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin ni barsiisa,…”
2Qor 13:14” 13 Ayyaanni gooftaa Iyyasuus Kiristoos, jaalalli Waaqayyoo, tokkummaan Afuura
Qulqulluus hunduma keessanii wajjin haa ta'u”!
Garuu qaamaan sadii ta‟anis Waaqa tokko jenna malee Waaqa sadi gonkuma hin jennu. Abbootiin,
namootni akka iccitii sadumma kana hubataniif fakkeenya kennuu yaalaniiru,fakeenyi kennamus
guutumatti ibsuu baatuus, fakkeenya fakkeenyaa gadii ta‟us. Fakkeenyaaf
Aduun(biiftuun) Waa sadi qabdi:qaama, ifaa fi o‟a. Waa kana sadeen qabaattus garuu aduu
sadii hin jennu.Abbootni fakkeenya Ibiddaas ni kennu. Abidddi waa sadi qaba. Qaama, ifa fi o‟a.
„Ibidda fidi‟ yoo jennuu qaama isaa, „ibidda ibsi‟ yoo jennuu ifa isaa, „ibidda o‟ifanna‟ yoo jennu
immoo o‟a isaa agarsiisa. Garuu Ibidda sadi hin jennu. Ibidda tokko jenna malee. Iccitiin
sadummaatiis akkasi. Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qlqulluu, garuu Waaqa tokko. Kanaaf qaama
ibiddaa Abbaadhaan, ifa Ilmaan, o‟a isaa ammo Hafuura Qulqulluun wal fakkeessu.
Ammas Abbootni fakeenya kennan, Abbaan Lapheedha jedhu, Ilmi sagalee dha, Hafuurri
Qulqulluun immoo Hafuura jireenyaati jedhu. Kanaaf Laphee Abbaatiin Yaadu, Sagalee
Ilmaatiin Dubatu, Hafuura Qulqulluudhaan bara baraaf jiraatu. Waliin jiraatu malee adda miti.
Mootummaan isaanis adda miti. Kanaaf Waaqa tokko jenna.Hafuura Qulqulluun akkamitti
Abbaa irraa bahe/argame/ kan jedhuuf immoo namni beeku hin jiru; yaada sammuu ilma
namaatii ol waan ta‟eef. Akkasumatti “yaa gooftaa kan kee Dinqiidha/ajaa‟ibadha jechuudha
malee” jedhu abbootni. Garuu waa‟ee sadummaa qo‟atanii bira gahuun hin danda‟amu. Waa‟ee
sadummaa qo‟adheen bira gaha jechuun akka bishaan galaanaa, habbuuqadheen fixa jechuuti.
Tokkuummaa fi sadummaa isaa akka beeknu icitii isaa kan nuun gahe Waaqayyoo Maqaan isaa haa ulfaatu. Ameen!
Iccitii kana jalatti, qaamota sadan keessa qaamni inni tokko, Ilmi, Tawaahidoodhaan,dubroo
Maariyaamirraa fooniin dhalachuu, Maariyaam irraa foonii fi lubbuu fudhachuun nama ta‟ee dhalachuu,
Iyyasuus, cuuphamuu Isaa fi Ilmaan nama waanjoo gabrummaa diyaabiloos jalaa baasuuf jabana
Philaaxoos fannifamuu Isaa, du‟uu Isaa, du‟aa ka‟uu Isaa, gara Abbaa isaatti deebi‟uu isaa duuka
bu‟oota isaaf Hafauura Qulqulluu erguu isaa fi boodaas immoo gara biyyaa lafaa kanarratti nama gaarii
hojjetee fi badaa hojjete adda baasuuf akka dhufu iccitii ibsudha; gabaabumatti.
Egaa Dubroo Maariyaam irraa dhalate yoo jennuu dhaloota isa lammaffaadha. Dhaloonni inni duraa
uumama dura haadha malee Abbaa irraa kan dhalate waan ta‟eef. Qaama lamarraa qaama tokko, amala
(Bahirii jedha Gi‟iziin) lamarraa amala tokko qabaate jechuudha. Kunis Tawaahidoo(tokko ta'uu foonii
fi Waaqummaa) jedhama jechuudha.Kana yoo jennu Malakootiin(Ibidda Waaqummaa kan hin dune,
hin muldhanne, hin beelofne, hin uumamne, hin dadhabne, hin moofofne) sun foon dadhabaa
Maariyaamii irraa fudhatee ni beela‟e, ni dadhabe, ni mul‟ate, namoota wajjiniin ni nyaate, namoota
gidduus ni deddeebi‟e) jechuudha. Foon dadhabaan sun malakootii wajjin tokko ta‟e jechuudha.
Kiristoos yommuu foon dadhabaa uffatu, foon dadhaban duuti irra jirtu sun, du‟a moo‟ee ni ka‟e, Foon
dadhabaan sun ni jabaate; Foon harkaan qabamee mul‟atu sun akka hin mul‟anne ni ta‟es jechuudha.
Kanaaf amalli (bahiriy jedha afaan Gi‟iziitiin) lamaan kun tokko ta‟an (Tawaahidoodhaan).
Egaa iccitii kana beekuu dhabuudhaan yookaan immoo hiikaa gara garaa kennuudhaan amantaawwan
kiristaanaa Kan gargara ba‟uu danda‟an. Barsiisni dura ture garuu Iyyasuus foon uffatee, nama guutuu
tokko ta‟e; kan ta‟ees tawaahidoodhaan malee karaa biroon miti.
2.„‟Mucaan nuuf dhalateera,ilmis nuuf kennameera;humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra
jira;maqaan isaa;Gorsaa,dinqii,waaqayyo jabaa,abbaa bara baraa,angafa nagaa ni jedhama”(Isa
9:6”) jechuudhan waggoota hedduun dura dubbaatte jira.
4. "….Hin sodaatinaa! Kunoo, ani misraachoo gammachuu guddaa isinittan hima. kunis saba
hundumaaf kan ta'uu dha. Har'a mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo
Iyyasuus goofticha”(Luq1:26-)
5.” warri banti samii keessa jiran,warri lafa irraa jiran,warri lafa jala jiranis hundinnu ulfina
maqaa Iyyasuusiif jilbeenfatanii akka sagadan godhe”(Fil2:10)
6.”Sagalichi jalqaba waan hunduma dure ture,sagalichi ofi isaa Waaqayyoo ture…. Wanti
hundinuus isumaan ta'e; waan ta'e keessaas isa malee kan ta'e tokko illee hin jiru”yoh1:1-3.
Kanaaf Ortodooksiin akkaan jetti yeroo hundaa”Ifa Ifarraa argame,Waaqa Waaqa dhugaarraa
argame,kan dhalate malee kan hin uumamne,Waaqaummaa (amalummaa) isaatiin Abbaa wajjiin
kan qixxaatu[yoh 10:30],waan hundumtuu kan isaan ta‟e,[yoh 1:3]samiirras lafarras kan
jiru,Isaan malee homtuu kan ta‟e hin jiru.Nu fayyisuuf samiirraa gad-bu‟e,hojii Hafuura
QulqulluutiinQulqulleettii dubroo Maariyaam irraa nama ta‟ee nuuf jecha fannifame,Bara
Philaaxoos Pheenxichaas gidiraa arge,ni du‟e ni awwaalame,guyyaa sadaffaattis du‟a moo‟ee
ka‟e,akkuma kitaabolii qulqullaa keessatti barreeffame ulfinaa fi galataan gara samiitti ol
ba‟e[HDB 1:9-11],mirga Abbaasaa taa‟e,Lammaffaas warra du‟anii fi jiran irratti murteessuuf
galataan ni dhufa,barri mootummaasaas dhuma hin qabu”.jette Waaqeffatti.kun dhugaadha.
a. Wal duraa-booda argaman jechuun miti: Dura foon argamee booda malakootiin kan irrattti bu‟e
miti.
b. Dub-dur deddeebiidhaan/Milset/ miti.Fakkeenyaaf akka siiqqee Muusee, dura ulee turte, booda
immoo bofa taate, ammas immoo deebitee ulee taate, haala kanaan jechuu miti.Nama Ta‟uun Kristoos
haala kanaan miti.
c. Jijjiirramaan/Wullaaxee/ miti: jijjiirrama jechuun akka haadha-warraa Loox, akka daadhii qaanaa
Galiilaa, bishaan jijjiirame akka daadhii itii ta‟e sana‟Karaa sanaanis miti.
d. Wal makuudhaan miti: kana jechuun akka bishaanii fi ashaboo, akka dammaa fi bishaanii, akka
aannanii fi bishaanii jechuudha.Iyyasuus kan nama ta‟e kara kanaan miti.Goonkumaa kana miti.
Saababni isaas warri kun hundi erga walitti makamanii deebi‟anii adda ba‟uu waan danda‟aniif.
e. Ida‟amaan miti/tidmirt/:ida‟ama jechuun akka uffata lama walirraan uffachuuu, akka biddeena lama
sadi walirraa kaa‟uu jechuudha. Gooftaan garuu karaa kanaan miti kan nama ta‟e.
Tawaahidoo jechuu kana Qulqulluu Qeerloos akkanatti fakkeenyaan ibsa. Sibiila ibidda keessaa gootee
yoo mukukkulu baasi. Sibiilichi ibidda uffata. Sibiilicha yoo rukuttu, ibidichas wajjiin rukutta. Wajjiin
battaa‟aa deema, Sibilichi osoo ibiddaan hin mukukulaa‟in dura harkaan qabuu ni dandeessa.Amma
garuu erga mukukkulee harkaan hin qabdu; si guba waan ta‟eef. Sibiilli fi ibiddi waa lama turan booda
immoo wal uffatanii tokko ta‟an jechuudha.EgaaTawaahidoonis/walummaan/akkanuma.(ተዋሕዶ ማሇት
የቃል በቃል ትርጉሙ ተዋሀደ አንድ ሆነ
ከሚሇው የግእዝ ግስ የወጣ ሲሆን ተዋሕዶ ሲል አንድ መሆን ማሇት ነው።ምስጢራዊ ፍቹ ግን ከሁሇት አካል አንድ አካል ከሁሇት
ባሕርይ አንድ ባሕርይ የመሆን ምስጢር ነው።”Qaama lamarra qaama tokko, Amala lamarra, amala tokko
akka lamaffaa addaan hin baaneetti tokko ta‟uu jechuudha. Kanaaf Iyyasuus Tawahidoodhaan
nama ta‟e; Tawaahidoodhaan namnis Waaqa ta‟e; kun iccitii guddaadha. kan hin qo‟atamne, kan bira
hin ga‟amne, Waaqayyoo garuu nuuyiif ijoollee isaatiif akka iccitii kana beknuuf kan nu
hirmaachisedha.
Yaa Waqayyoo iccitii nama ta‟uu kee, unu namoota sammuun keenya dadhabaa fi cubbuu baay‟snu kanaaf karaa tawaahodootiin ta‟uu
kan nuuf laatte galatni si haa ga‟uu. Ameen!
Iccitiin cuuphaa gooftaa Iyyasuus umriin Isaa waggaa 30 gaafa guutetti harka Yohaannis laga
Yoordaanositti cuuphamuu isaa kan ibsuu fi kiristaanonni hundi akka cuuphamuu qaban kan ibsudha.
Qopheessan: Andu’aalem Lataa G5 WRIE Bilb 0921712103 Bara 2009 Page 25
MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN AFUURA QULQULLUU WAAQAYYOO TOKKOO AMEEN!
SEENSA BARNOOTA AMANTAA FI UTUBA AMANTAA
Kunis iccitii nu bishaanii fi Hafuura Quqlqulluu irraa lammata dhalannuudha.Sababni itti cuuphamnus
„ijoollummaa(mucummaa) Sillaasee irraa‟ argachuufi.
Sababni itti Gooftaan laga Yordanositti cuuphamef Mat 3:13,
1. Raajii Faarsaa Daawitiin himame xumuruuf:-Faarfannaan Daawitis, “galaanni argee ni baqate, lagni
Yoordaanosis gara boodaatti ni deebi‟e.”Far 114:3 raajiin jedhu waan jiruufi.
2. Xalayaa gabrummaa diyaabiloos Addaamii fi Hewaan mallateessise laga Yoordaanos jalatti awwaale
ture sana cuuphaa isaatiin balleessuuf.1Phex3:19
Cuuphaarratti ammas Qaamni Waaqayyoo sadi ta‟uun ni muldhate; Waaqni tokko ta‟uus ni argine.
Iccitiin Sadummaa sirritti namootaaf ifa ni ta‟e. Akkas jedha “Iyyasus cuuphamee bishaanicha
keessaa akkuma ba‟een bantiiwwan samii hundinuu banaman, achumanis, Hafuurri Waqayyo
akka gugetti gadi dhufee isa irra taa‟uu isaa ni arge; sagaleen immoo “kunoo inni kun, isaan
kanan gammadu, Ilmi koo ani jaaladhu kanadha” jedhee samii irraa ni dubbate. Mat3:16
Amantaa ortodoksii Tawaahidoo birattis dubartiin dhalattee guyyaa 80 ffaatti, dhiirrii guyyaa 40 tti ni
cuuphama.kufalle 4:9”Lafa itti uumame,Addam uumame guyya 40tti Hewwan guyya 80tti gara ganatti
galani”kanaaf dhiirri guyya 40tti dubartiin guyya 80tti cuuphamu.
Lew 12:1 Maaliif ijoollumman cuuphamu kan jedhuuf Wangeelli ijoollen gara koo akka dhufan hin
dhoowwinaa waan jedhuufi. Kan Cuuphamnus Maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi kan Hafuura Qullqulluutiin .
“Dhuguman isiniin jedha eenyuyyuu bishaanii fi Hafuura Qulqulluu irraa dhalachuu yoo baate,
mootummaa Waqayyoo arguu iyyuu hin danda‟u” Yoh 3:5.
Yaa gooftaa keenya, Iccitii cuuphaa nuuf ibsite, nutis cuuphamnee mootummaa Waaqayyoo akka dhaalluuf waan ijoollee kee
nu gooteef si galateeffanna. Ameen!
Malkatseediq jechuun mootii qajeelummaa ykn mootii qajeelaa jechuudha.Mootii Saaleem jedhamuunis
ni beekkama.Malkatseediq bara seera uumamaa keessa kan tureefi filannoo Lubummaa addaatiin Luba
Waaqayyoo ta‟ee kan filatamedha.Abrahaamis buddeenaaf daadhii(wayinii) gosa midhaanii erga fideefii
boode Malkatseediqiin eebbifameera.Lubummaan Malkatseediq Lubummaa kiristoosiin kan
fakkeeffamuuf luba bara baraa jedhamee Kiristoosi isa dhufeef fakkeenya yoo ta‟u buddeenaa fi
wayiniin immoo ulfaataa foonii fi dhiigaa kiristoosiif fakkeenya ta‟a.yoh 6:51-56.
Faasikaa jechuun darbanii,utaalanii deemuu jechuudha.Ilmaan Israa‟eel deemii jalqabuun dura guyyoota
torbaaf midhaani hin bukaa‟iin maxinoo nyaachaa waan turaniif ayyaana kanaan ayyaana maxinoo
jedhu.Israa‟eelotni biyya Gibxitii bahaani Galaana Diimaa ce‟uu isaanii sababeeffachuudhaan hundi kan
ta‟eef diinas kan moo‟atan humna Waaqayyoo uumaa isaaniitiin ta‟uu isaa amanuudhaan ni kabaju.Bara
kakuu moofaas ta‟e bara kakuu Haaraa ergaan ayyaana faasikaa kennaa fayyisummaa Waaqayyoo
ibsuudha.Kakuu Haaraa keessatti fakkeenyummaan Hoolaa faasikaa warra Israa‟eelota Gooftaa keenya
Iyyasuusi Kiristoos.1Qor 5:7” Kiristoos Hoolaan faasiikaa keenya aarsaa nuuf ta'eera”.Yoh 1:29”
Barumsaa Yohannis osoo Iyyasuus gara isaa dhufuu argee akkaan jedhe"Ilaa Hoolicha
Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu”jechuun qulqulluun Phaawuloosi fi cuuphaan
Yohaannis dubbatani jiru.
4. Maannaa(ser.ba16:33)
Israa‟eelonni biyya Gibxii gadi lakkisani gara biyya waadaan galameef yommuu deemani gammojjii
keessatti beela‟ani rakkaatani.Yeroo kan hongaanna isaani Musee dhiphisani.Museenis harka isa gara
Waaqayyooti kaasuun Maannaa samii keessa buuseef nyaatani.fakkeenyummaan Maannaa ulfaataa
foonii fi dhiigaa gooftaa yoo ta‟u samiin maannaan keessa buhe immoo fakkeenyummaa haadha teenya
dubroo Maariyaam.kanaaf gooftaan akkaan jedhe” Abboonni keessani lafaa onaatti nyaata 'Maannaa'
jedhamu nyaatan, garuu du'an…. Ani buddeenicha jireenyatti isa samii irraa gad bu' ee dha;eenyu' illee
buddeena" kana yoo nyaate bara baraan ni jiraata.buddeenni ani 'biyya lafaatiif jireenya fiduudhaaf
kennus, foon koo ti isaaniin”yoh(6:49-51) jedhe.
Waaqayyoo Icitii kee kan nuun geese galatni siif haa ta’u. Hunduma keenya Foon gooftaa nyaannee, Dhiiga gooftaa
dhugnee akka jireenya bara baraa qooddannuuf, akka mootummaa Waaqayyoo dhaalluuf fedhiif jaalala Waaqayyo nuuf
haa. Ameen!
Yommuu du‟aa kaanu immoo hojiin nu yeroo biyyaa lafa kana irratti hojjechaa turre nu waliin ni ka‟a.
Iyyasuusiis Qulqulloota isaa wajjiin ni dhufa. Innii Yeroo sanatti namoota gaarii hojjetan karaa mirga
isaa, namoota yaraa hojjetan karaa bitaa isaa irra ni dhaaba.Warra gaarii hojjetanin isin ijoollee abbaa
koo kan eebbifamtan gara koo koottaa, beela‟ee na nyaachiftan; dheebodhee dheebuu na baaftan,
hidhamee mana hidhaatii na baaftan, dhukkubsadhee na gaafattan jedhaan. Isaaniinis mooutummaa
waaqayoo kan uumama adunyaa dura isaaniif qopheesse ni dhaalchisa. Warra gara bitaatti argamaniin
garuu isin beela‟ee beela na hin baafne,dheebodhe dheebuu naa hin baasne, dhibamee na hin gaafanne,
na dura badaa jedheet komata. Gara ibidda bara baraaf laboobutti gatamu.Waaqayyoo namoota gara
mirgaa isaa dhaabatan wajjiin nu haa dhaabu.
Namni kan du‟aa ka‟u yeroo sadi Ergamootni Waaqaayyoo erga Malakatii Afuufanii boodadha.
1ffaa.Yeroo duraa foon namootaa bakka tokotti bakkaa mataa namichaa jirutti walitti ni qabama. kan
tortore, kan bishaan nyaate, kan bubbeen fudhate, kan bineensi nyaate hundi bakka tokkotti walitti ni
qabamu.
2ffaa.Malakatiin yeroo lammafaaf yeroo afuufamu /labsiin himamu/ hiddii, foonii fi lafeen wal qabatu;
reeffa ho‟aa ni fakkaata.
3ffaa.Yeroo sadaffaaf Malakatiin yoo afuufamu garuu hunduu du‟aa ni ka‟a. Dhiirri dargaggo waggaa
30, dubarri ammo shamarree waggaa 15 taatee hamma Addaamii fi Hewaan ga‟anii ni ka‟u. Kan gaarii
hojjete aduu irra harka 7 addaatee ka‟a, kan yaraa hojjete immoo arraagessa irra harka 7 gurraacha‟ee
ka‟a. Mat 24:27.Kana booda kan boo‟an akka hin boonye, kan gammadan akka hin gammadne, kan
quufan akka hin quufne, kan dheebotan akka hin dheebonne ni ta‟u.1Qor.6:29.Arjummaan isaa kan jalaa
hin dhumne Waaqayyo iccitii kan barree akka itti gargaaramnu nu haa taasisu. Ameen!
Isa 26:19”Warri kan keetii garuu ni jiraatu,reeffii isaanis du‟aa ni ka‟a;isin warri awwaala keessa
hundii ka‟aa gammadaa faarfaadhaa!Yaa gooftaa,fixeensi ati ergitu fixeensa jireenya
kennuudha,egaa laftis ekeraa warra du‟anii ol ni baafti”
Iyo 19:25”
Dan 12:1”
Mat 22:23” Saduqoonni, warri du'aa ka'uun hin jiru jedhan,gara Iyyasuus dhufanii,……. kitaaba
qulqullaa'aa, humna Waaqayyoos waan hin beekneef ni dongogortu. Du`aa ka'uutti akka
ergamoota Waaqayyoo warra samii keessaa ta'u malee hin fuudhan, hin heerumanis. Waa'ee
ka'uu warra du'anii immoo isa Waaqayyo isiniin jedhe hin dubbifnee ree? Inni, 'Ani Waaqayyo
isa kan Abrahaam,Waaqayyo isa kan Yisihaq,Waaqayyo isa kan Yaaqoob' jedheera.Ani
Waaqayyo warra du‟ani miti, Waaqayyo warra jiraataniiti malee" isaaniin jedhe.
Mat 25:31” 31 Iyyasuus ammoo, "Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu
isaa wajjin ni dhufu; yommu inni teessoo ulfina isaatii irra ni taa'a.Yommus namoonni biyya
lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti ni qabamu; tikseen, hoolota re`ootattii akka gargar fo'u,
innis namoota sana gargara ni fo'a….. 'Isin yaa warra abbaa kootiin eebbifamtanii, kottaa!
Mootummaa isaa isa uumama biyya lafaatii jalqabee isiniif qophaa'etti galaa!
1Qor 15:16”Kiristoos du‟a ka‟uu ni lallabu erga ta‟ee,isiini keessa du‟a ka‟uun hin jiru akkamitti
jedhuurre?du‟aa ka‟uun erga hin jiraanne kiristoosi du‟a hin kaane;kiristoosi erga hin kaane lallabni
keessan bu‟a dhabe amantiin keessaan immoo waa‟ee hin baasuu,cubbuun keessan Ammuma iyyuu isin
irra jira……………Jireenya ammaa biyya lafaa kana irra jiraannu qofaaf kiristoos abdanna erga
ta‟ee,namoota hunduma caalaatti nuuf boo‟uu ta‟a.Ammaa garuu kiristoos warra du‟an keessa
ka‟eerra,….duuti karaa nama tokkoon akkuma dhufee,warri du‟an ka‟uunis karaa nama tokkoon
dhufeera”jechuudhaan qulqulluun Phaawuloosi namoota yeroo san akeekkachise jira.
Galanni haa ta‟u:-
Waaqayyoo Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf
Qulqulleettii dubroo Maariyaamiif
Fannoo gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiif
Bara baraan ameen!