Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 9

Karoora Gumii Adda Durootaa

Buufata Fayyaa Hambisoo Bara


2011

Adooleessa Bara2010/2011

Seensa
Fayyaan guddina biyya keenyaa fi fayyummaa hawaasaa mirkaneessuuf damee misooma hawaassummaa
keessaa isa tokko fi murteessa dha. Biyyi keenya imaammata fayyaa dhibee ittisuu irratti xiyyeeffate

1
hojiirra oolchuudhaaf tarsiimoon paakeejii ekisteenshinii fayyaa fi rifoormiiwwan adda addaaseektara
fayyaa sadarkaa hundatti hojiirra oolchaa jirti. Paakeejiin ekisteenshinii fayyaa haadhoolee fi daa’imman
hawaasa jiran keessaa %70 ta’anii fi irra caalaa dhibeewwan daddarboo adda addaatiif saaxilamoo ta’an
irratti xiyyeefachuudhaan galma misooma jaarraa kanaa (MDGs) fiixaan baasuuf tarsiimoo
xiyyeefannoon ol’anaan kennameef dha. Bu`uruma kanaan damee raayyaa misooma dubartootaa
ijaaruudhaan dubartootni daangaa hanga daangaatti bifa ijaarameen socho’anii hirmaannaa isaaniitiin
paakeejiicha hojiirra oolchuudhaan fayyadamoo akka ta’aniif haala barbaadameen hojiitti galchuun
murteessa dha.

Haaluma kanaan Karoora Guddina fi Tiraansiformeeshinii seektera fayyaa keessatti xiyyeeffannaan addaa
itti kennamee hojjeetama jiran keessa Adda Duroota Horachuudhan hojiitti galchuun hojii ijoo ta,uu
isaa wal nama hin gaafachiisu.

Karoora bara bajataa 2011 keessatti hojilee gurguddoo raawwatamu qaban ijaarsa raayyaa misooma
sadarkaa Buufataa irraa kaasee hanga gandaatti ijaaramee jiru cimsuudhaan hudhaalee humna
raawwachisummaa seektera fayyaa laaffisan kan akka rakkoo ilaalchaa,dandeetti, dhiheessii fi
hordoffii deeggarsaa duraan dursanii addaan baasuun bu`uura irraa hiikuuf adeemsaanis galmoota karoora
bara 2011 keessatti kaa`aman milkeessudhaaf qamoleen hundi shoora isaanii akka taphatan taasisuun
barbaachisaadha.

Kanaafuu, karoora bara 2011 keessatti Gumiin Adda Durootaa hojiilee gamaa hundaan hojetaman
irratti garaa kutannaa fi xiiqiin hojjechuun, tajaajila fayyaa sadarkaa isaa eegee fi qulqullinaa fi saffisaa
qabu hawaasni akka argatuu gochuuf karoorfatee jira.

Kaayyoo

 Tarsiimoo Paakeejii Ekisteenshinii Fayyaafi riifoormii seektara fayyaa hojiirra


oolchuudhaan ittisa dhibee daddarbaa fi qulqullina kenniinsa tajaajila fayyaa
mirkaneessuun hawaasa Tajaajila Fayyaa Bu’uraa keenya jala jiran dhibamaa fi du’aatii
irraa baraarudhaan karoora Guddinaa fi Tiraansformeeshinii fi karoora Misooma Jaarraa
(MDGs) kana galmaan gahuu

Ergama (Mission)

 Seektarri Fayyaa sirna fayyaa dimokiraatawaa fi al-walteeffame bal’inaan diriirsuudhaan,


tajaajila fayyaa qulqullina fi gahumsa qabu kan akka ittisa dhukkubaa, dagaagina fayyaa

2
fi tajaajila yaalaa, dhimmamtoota wajjin qindoominaan uummataaf kennuun dhibee
ittisuu,dhibama fi du’aati hir’isuu.

Mul’ata (Vision)

 Hawwaasa fayya-qabeessa ta’ee misooma keessatti hirmaachuudhan gahee isaa bahuu danda’u
uumuudha.

Duudhaalee (Core Values)


1. Tajaajila fedhii maammilaa giddu-galeessa godhate kennuu
2. Iftoomina
3. Itti gaafatamummaa
4. Qindoominaan hojjechuu
5. Al-loogummaaa
6. Jijjiiramaaf qophaa’uu
7. Iccitii eeguu
8. Fakkeenyummaa

Kaayyolee Tarsiimo’aa (Corporate level Strategic Objectives)

Kallattiwwan Kaayyoo Tarsiimo’aa


Maammila Amantaa uummatni kenniinsa tajaajila fayyaa irratti qabu dabalu

Itti quufinsa maammiltootaa guddisuu

Itti fayyadamtoota tajaajila fayyaa dabaluu

Faayinaansii Maddisiisuu fi qoodinsa Faayinaansii fooyyessuu

Bu’a qabeessummaa itti fayyadama faayinaansii fooyyessuu

Bu’a qabeessummaa qabeenyaa fooyyessuu

3
Adeemsa hojii keessaa Hojiirra oolmaa odiitii fi inispeekshinii fooyyessuu.

8. Qindoomina hojii cimsuu.

9. Ilaalcha fi gocha kiraa sassaabdummaa dhabamsiisuu.

10.Hirmaannaa uummataa cimsuu.

11.Tajaajila fayyaa maatii fooyyessuu.

Ijaarsa Dandeettii 13.Itti fayyadama Teekinoloojii ammayyaa guddisuu.

14.Dandeettii Raawwachiisummaa hoggansaa fi hojjatootaa cimsuu.

Toora xiyyeeffannoo tarsiima’oo fi Bu’aa tarsimo’aa


Toora xiyyeeffannoo tarsiimo'aa Bu'aa tarsiimo'aa
Lakk.

1 Kenniinsa tajaajila fayyaa fooyya’aa. Hawaasa tajaajila fayyaa qulqulluu, saffisaa fi baasii walmadaalawaa
ta’een dhiyootti argatee fi fayyaa isaa ofiin oomishatee ittiin fayyadame

2 Bu’uura misooma fayyaa, dhiyeessii Hawaasa dhaabbilee fayyaa meeshaa yaalaa, qoricha,humna namaa
gahumsa fi kaka’umsa qabuun guuttamanii tajaajila sadarkaa isaa
fi itti fayyadama qabeenyaa itti
eeggate argate
fufiinsa qabu.

3 Hoggansaa fi bulchiinsa fayyaa Hoggansa seektara fayyaa, imammata fi tarsiimoo seektara fayyaa
fooyya’aa. hubatee ittigaafatamummaa, qindoomina, murtee hirmaachisaa fi
qoodinsa qabeenya fayyaa wal madaalaa ta’e hojii irra oolchuudhaan
fedhii hawaasaa eegsise

4
Xinxaala Haalaa Gumii Adda Durootaa Baroota Darban Irraa Hubataman

 Hudhaalee sadeen tokko-shanee biratti mulatu:-


A/Rakkolee ilaalchaa

 Miseensii tokkoo shanee marii idileessuun rakkoon ni hikkaata ilaalchi jedhu dhabuun
marii 1-5 laafisuu
 Gareen tokko-shanee ilaacha gocha kiraasasaabdummaa irratti qobsaa’uu irra maal na
dhibeen biraa taruu
 Miseensii tokko–shanee yeroo hojii mancaasuu irratti qabsa’uu dhiisuu.
 Miseensii tokkoo-shanee tokko tokko fayyidaa dhuunfaa qofa yeroo fiigu irratti qabsaa’u
fi sirreefama fudhachuu dadhabuu.
 Riifoormii hojii irraa oolchuun akkaa faayidaa hin qabnettii ilaaluun yeroo yeroon
rawwaacha deemuu dhiisu

B. Rakkoolee dandeettii
 Hubaannoo hojjiirraa oolmaa rifoormii irraattii jiru xiqqaa ta’uu fi wal hubaachiisu
irraattii rakkoon jiraachuu.
 Miseensa tokko-shanee imaammata fi tarsiimoowwaan mootummaa qixa barbaaduun
hubachuu dadhabuu.
 Muuxannooowwaan qaban waliin hiraanii hojjechuu irraa of qabuun jiraachuu.
 Miseensa garee tokko-shanee biratti darbee darbee qulqulliin hojii fi yeroo xummuruu
irratti wal deeggaruu dadhabu
 Miseensa garee tokko-shanee beekumsa qaba irratti of fooyyeessan deemu irratti
hanqinni jiraachuu.
 Karooraa dhuunfaa baheen hogganamuu dhabuu

c. Rakkoolee dhiyeessii:-

 Karaa itti fufiinsa qabuu marii guyyaa gaggeessuu dhiisuu


 Hanqina waraqaa barreeffama
 Deeggarsaa barbaachisaa ta’e itti fufiinsa gaafachaa deemuu irraa abdii kutanii dhiisuu.
 Duub-deebii qaama ilaaluun kennamuu irraa kennamuu dhiisuu.
 Hojiilee hojjetaaman yeroon xummuru irraa yeroo ittiin qisaasessuu.

5
 Kallatti hudhaalee sadeen ittiin hiikatan
 Gareen tokko-shanee marii guyyaa guyyaan gaggeessuu keessatti ilaalcha yaraa ta’ee
irratti qabsa’uun sirreessaa deemuun
 Meeshaleen jijjiramaa (JBAH,SMBKT) rakkoo gama hudhaalee sadeen mul’atan ittiin
furruuf kan gargaaru ta’uun hubatamee gareen tokko-shanee amanataan fudhatee hojii
irraa oolchuu.
 Toora xiyyeeffannoo fi hojiilee ijoo adda baafachuu irratti bu’uureefatee gareen
hojjechuu.
 Marii tokko shanee guyyaa guyyaan gaggeefamu irratti cimna fi hanqina hojii keessatti
mulatu adda baasuun sireessa deemu.
 Hanqinoota fi eegatummaa garee tokko-shanee biratti mulatuu araarama tokko malee
qabsoon sirreessaa deemuu.
 Karoora guddina fi Tiraansifoormeeshinii galmaan gahuu keessatti hirmaachuun gahee
isaa bahuu akka danda’u raayyaanijaaramuun sochii cimaa gochuu.
 Adda duroota horachaa deemuu fi adda durootaf beekamtii malu kennuu

Bu’aa eegamuu
 Gumii Adda durootaa cimina qabuu fi meeshaalee riiformii fayyadamuun Karoora guddina fi
Tiraansifoormeeshinii Seektara Fayyaa (HSTP) galmaan gahuu keessatti gahee isaa bahuu
danda’u uumuu.

Gahee hojjii fi itti gaafatamummaa Adda Durootaa.


 Qophii karooraa fi gamaaggama raawwii irratti ni hirmaata.
 Karoora adeemsa hojiichaa irratti hundaa’udhaan karoora dhuunfaa waggaa kan ji’aa
qopheessee adeemsa hojii isaatti dhiyeessuu fi mirkaneessuudhaan torbaniin qoodee
hojiirraa ni oolcha.
 Karoora bahe ka’umsa godhachuun yeroo yeroon madaalaa deemuu, rakkoolee adda
baasuu fi kallatti furmaata kaa’uu.
 Aadaa walirraa barachuu fi waliin hojjechuu gabbisaa deemuu.
 Galma ka’amee bu’uureffachuun ijaarsa raawwii qabatamaa gidduu-galeessaa godhate
guyyaa guyyaan addeemsisuu.
 Gochaa fi ilaalchaa kiraasassabdummaa irratti humna ijaarameen kuttaannoon qabsa’uu.
 Mana hojiichaa keessatti jijjiiramni bu’uura akka dhufuuf gama hundaan aadaan hojii
akka dagaaguuf gahee isaa gumaachuu

6
 Seera fi heera mana hojichaa kabajuudhan walqabatee yeroo hundumaa fakkeenyummaa
agarasiisuu
 Hojii itti kennamee qulqullinaa fi yeroo isaa eegee hojjechuudhan adda duroota hedduu
horachuu keessatti qooda guddaa gumaachuu

Hojiiwwaan bara 2011 hojiietamuuf karoorafaman


Faayilii miseensota tokko-shanee qopheessuufi gurmeessuu
Karoora Adeemsa irratti hundaa’un karoora dhuunfaa waggaa fi torbanii qopheessuu.
Gamaggama karoora yeroo yeroon gaggeessuu
Rakkoolee karoora dhuunfaa keessatti muddate garee irratti mari’achuu.
Marii tokko-shanee yeroo isaa eegate guyyaa guyyaan irratti hirmaachuu
Gochaa fi ilaalcha kiraa sassaabdummaa irratti qabsaa’uu.
Ragaa barreefama qindeefachuu qabachuu ( galmee karoora dhuunfaa) keessaa
Duub-deebii qaama ilaaluuf kennuu
Gabaasa raawwii hojii yeroo isaa eegate torbaaniin, ji’aan akkasumas kurmanaan
gabaasuu.
Ji,atti al tokko marii adda duroota dabalataa horachuu nu dandeessisu harcaatii tokko
malee gaggeessuu

Rakkoolee nu qunnamu danda’an


 Sababa hojii dirreetiin mariin gumii adda durootaa ciccituu.
 Miseensii hojii Tokko Tokkon Qabamurraa Kan Ka’e yeroon sagantaan marii gumii adda
durootaa Kabajamuu Dhabuu

Furmaata

 Maallaqa gahaa ta’e ramaduun yeroodhaan meeshalee barreessaa bituun qisaasama tokko
malee qusanoon fayyadamuu
 Miseensotni gumii adda durootaa hafan marii akka gaggeessan gochuu
 Rakkoolee humnaa olii yoo jiraate yeroodhaan xinxaluun qaama ilaalatuuf
dhiheessuudhan sagantaa marii sirreessu fi bakka buusuu

7
Sagantaa karoora Gumii Adda Durootaa kan bara 2011
Yeroo itti raawwatamu

safartuu
La Kurmaana

raawwatuu
Hojiiwwaan karoorfaman Kurmaana 1ffaa Kurmaana 2ffaa Kurmaana 4ffaa
3ffaa
kk

Qaama
Caam

Waxa
Mude

Gura
Ama
Onk
Ado
Hag

Bito
Sad

Ebl
Ful

.
Karoora Adeemsa irratti hundaa’un karoora dhuunfaa waagga fi torbanii G/A/D
1 x x x x x x x x x x x
qopheessuu. Fi yeroo yeroodhan harcaatii irratti karoorfachuu Mgt

2 Gamaggama karoora yeroo yeroon gaggeessuu kurmaanan x x x x “

3 Sochii garee tokko-shanee maddaaluu Ji’aan x x x x x x x x x x “

Rakkoolee karoora dhuunfaa keessatti muddate gareen irratti mari’achuu. Yeroo marii “
4 x x x x x x x x x x
hunda

5 Maarii tokko-shanee yeroo isaa eegate torbedhan irratti hirmaachuu torbaniin x x x x x x x x x x “

6 Gochaa fi ilaalcha kiraa sassaabdummaa irratti qabsaa’uu. Guyyaa x x x x x x x x x x “

Ragaa barreefamaan qindeessuun qabachuu ( galmee karoora dhuunfaa) keessaa “


7 Guyyaan x x x x x x x x x x

8 Gabaasa raawwii hojii torbaniin darbu yeroo isaa eeguungabaasuu Torbanii x x x x x x x x x x “

‘’
9 Hojii hojjataman irrattti ji’atti altokko mari’achuu Ji’aan x x x x x x x x x x


10 Gabaasa raawwii hojii ji’aan darbu yeroo isaa eeguun gabaasuu Ji’aan x x x x x x x x x x

11 Gabaasa raawwii hojii kurmaanaan darbu yeroo isaa eeguun gabaasuu Kurm. x x x x

8
Lakk Maqaa Gahee 1-5 keessatti qabu Mallattoo

1 Obbo Mulugeetaa Daanyee Walitti Qabaa


2 Obbo Getaachewu Adaree Miseensa

3 Obbo Baayyisaa Dabaloo Miseensa

4 Adde Taaddalach Tolosaa Miseensa

5 S/r Helen Tashoomaa Miseensa

MISEENSA GUMII ADDA DUROOTAA BUUFATA FAYYAA HAMBISOO;BARA 2011

You might also like