Karoora hordoffii fi deegarsaa 2010

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 17

Karoora hordoffii fi deegarsaa

Wajjira Eegumsa fayyaa Godina sh

7/18/2018
Seensa
Fayyaan guddina biyya keenyaa fi fayyummaa hawaasaa mirkaneessuuf damee
misooma hawaassummaa keessaa isa tokko fi murteessa dha. Biyyi keenya
imaammata fayyaa dhibee ittisuu irratti xiyyeeffate hojiirra oolchuudhaaf
tarsiimoon paakeejii ekisteenshinii fayyaa fi rifoormiiwwan adda addaa seektara
fayyaa sadarkaa hundatti hojiirra oolchaa jirti. Paakeejiin ekisteenshinii fayyaa
haadhoolee fi daa’imman hawaasa jiran keessaa %70 ta’anii fi irra caalaa
dhibeewwan daddarboo adda addaatiif saaxilamoo ta’an irratti xiyyeefachuudhaan
galma misooma keessattuu “primary Health Care Unit” fiixaan baasuuf
tarsiimoo xiyyeefannoon ol’anaan kennameef dha. Bu`uruma kanaan damee
raayyaa misooma dubartootaa ijaaruudhaan dubartootni daangaa hanga daangaatti
bifa ijaarameen socho’anii hirmaannaa isaaniitiin paakeejiicha hojiirra
oolchuudhaan fayyadamoo akka ta’aniif haala barbaadameen hojiitti galchuun
murteessa dha.
Haaluma kanaan Karoora Guddina fi Tiraansiformeeshinii seektara fayyaa
keessatti xiyyeeffannaan addaa itti kennamee hojjeetama jiran keessa du`aatii
haadholee fi daa`immanii hirr`isuu, ittisaa fi to`anno dhibee HIV/AIDSii, busaa fi
daranyoo sombaa(TB) yommu ta`uu karoora kana galmaan gahuuf karoora
misooma fayyaa HSTP 2ffaa wixineessuudhaan bu`aa amansiisaa fi itti fufiinsa
qabu galmeessuudhaaf hojetamaa jira.
Karoora Guddinaa fi Tansformeshinii waggaa shanii 2ffaa
bu`uureffachuun,Waajjirri Eegumsa fayyaa Godina Shawaa Kaabaa qooda
fudhattoota hirmaachisuun bara darbe karoora baafatee raawwii isaa waliin
madaalaa deema turee jira. Qophiin karoora kun ragaa irratti kan hundaa`e
gochuufi hudhaalee sadarkaa sadarkaan jiran adda baasuudhaan galma gahinsa
karoorichaaf yaada furmaataa kaa`aa deemuun murteessaa ta`a. Karoora bara
bajataa 2011 keessatti hojilee gurguddoo raawwatamu qaban ijaarssa raayyaa
misooma sadarkaa godina irraa kaasee hanga gandaatti ijaaramee jiru cimsuudhaan
hudhaalee humnna raawwachisummaa sektara fayyaa laaffisan kan akka rakkoo
ilaalchaa,dandeetti, dhiheessii fi hordoffii deeggarssaa duraan dursanii
addaan baasuun bu`uura irraa hiikuuf adeemsaanis galmoota karoora bara 2011
keessatti kaa`aman milkeessudhaaf qamoleen hundi shoora isaanii akka taphatan
taasisuun barbaachisaadha.
Kanaafuu, karoora bara 2011 keessatti hojii ijoon seektara fayyaa raayyaa
misooma fayyaa cimsuudhaan tarsiimoo paakeejii ekisteenshinii fayyaa maatiin
hundi akka hojiirra oolchan gochuu,dhibee daddaarboo adda addaa to’achuu fi
dhaabbilee fayyaa dhiyeessii barbaachisuun (meeshaalee, qoricha, humna namaa,
bishaan fi ibsaa) guutuu fi rifoormiwwan seektara fayyaa akka hojiirra olan
gochuudhaan tajaajila fayyaa sadarkaa isaa eege hawaasni akka argatu fi
dhaabbilee fayyaa ijaarsa irra jiran qulqullina fi yeroon akka ijaarraman
gochuudha.
Akka waligalaatitti karoorri Bara 2011 kun kan qopha’e Sirna Madaallii Bu’aa
Karoora Tarsiimoo’aa irratti hunda’ee yoo ta’u qabiyyeen isaatis ergama irraa
kaasee hanga hordoffii fi gamaaggamaatti kan of keessatti hammateedha.

Ergama:
Seektarri fayyaa sirna fayyaa dimokraatawaa fi alwaalteffame diriirsuudhaan
tajaajila fayyaa qulqullinaa fi gahuumsa qabu hawaasni akka argatu taasisuu, ittisa
dhukkubaa, dagaagina fayyaa, tajaajila yaalaa fi bayyanachiisuu dhimmamtoota
waliin qindoominaan ummataaf kennuun dhibamaa fi du’aatii hir’isuu.

Mul’ata:

Bara 2012tti hawaasa Godinichaa fayya-qabeessa ta’ee misooma keessatti


hirmaachuudhan gahee isaa bahuu danda’u uumuudha.-
Duudhaalee

 Hawaasaaf dursa kennuu

 Iftoomina

 Ittigaafatamummaa

 Qindoominaan hojjechuu

 Al-loogummaa

 Jijjiramaaf qophaa’uu

 Iccitii eeguu fi amanamummaa

 Hirmaachisummaa

 Fakkeenyummaa gaarii

 Olaantummaa seeraa

 Naamusa ogummaa eeguu

1. Kaayyoo Waliigalaa

• Tarsiimoo Paakeejii Ekisteenshinii Fayyaafi riifoormii seektara fayyaa


hojiirra oolchuudhaan ittisa dhibee daddarbaa fi qulqullina kenniinsa
tajaajila fayyaa mirkaneessuun hawaasa godinichaa dhibamaa fi du’aatii
irraa baraarudhaan karoora Guddinaa fi Tiraansformeeshinii fi karoora
Misooma Jaarraa (MDGs) kana galmaan gahuu.

2. Galmoota Gurguddoo Seektara Fayyaa

i. Du’aatii Haadhoolee Harka afur keessaa harka sadiin hir’isuu.

ii. Du’aatii daa’immanii Harka sadi keessaa harka lama hir’isuu.

Tatamsa’ina dhukkuboota daddarboo ittisuu fi Hir’isuu


Table 1:Kaayyoolee Tarsiimoowaa (strategic objectives)
Kallattii kaayyoo Tarsiimoowaa
madaallii

Maamila/ M1: Fayyummaa hawaasaa mirkaneessuu


Hawaasa M2: Miira abbummaa hawaasni tajaajila fayyaa irratti qabu dagaagsuu

Bulchiinsa F1: Ga’umsaa fi bu’a qabeessummaa itti fayyadama faayinaansii


Faayinaansii fooyyessuu

H1: Tajaajila fayyaa qulqullina qabu dhaqqabummaa fi walgitiinsa isaa


fooyyessuu
H2: Hooggansa balaa tasaa fayyaan hawaasaatiin walqabatee fooyyessuu
H3: Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu
H4: Sirna to’annoo qulqullina tajaajila fayyaa fi fayyaan walqabatanii
Adeemsa hojii fooyyessuu
keessoo H5: Sirna dhiyeessii fi bulchiinsaa qorichaa fi qabeenyaa fooyyessuu
H6: Hirmaannaa fi qooda fudhannaa hawaasni tajaajila fayyaa irratti qabu
fooyyeesuu
H7: Qabeenyaa fi faayinaansii tajaajila fayyaa fooyyessu maddisiisuu.
H8: Qo’annoo gaggeessuudhaan, ragaa maddisiisuu fi ragaa qabatamaa
irratti hundaahuudhaan murtii kennamu fooyyessuu
Ijaarsa D1: Ittifayyadama tekinooloojii fi kalaqaa dagaagsuu
dandeettii D2: Misoomaa fi bulchiinsa qabeenya humna namaa fooyyessuu
D3: Ijaarsaa, babal’isuu dhaabbilee fayyaa fi bu’uuraalee
misoomaatiin guutuu.
D4: Hojiirra oolmaa Imaammataa fi seerotaa dagaagsuu.
1. Toora Xiyyeefannoo fi Bu’aawwan Tarsiimo’aa (Strategic Themes and
Results)
Toorri xiyyeeffannoo iddoo guddaa sekterichii irratti xiyyeefatuu fi
olaantummaadhaan hojjechuun (Pillars of Excellence) mul’ataa fi ergama isaa bira
qaqqabuu qabu dha. Toora xiyyeeffannoo sektera fayyaa mul’ata isaa ittiin galma
gahu gurguddoon 4 dha, isaanis:

1. Kenniinsa Tajaajila Fayyaa sadarkaa isaa eeggate.

2. Tajaajila Fayyaa Qulqullina isaa mirkanaa’e.

3. Hooggansa fi gaggeessumaa cimaa.

4. Sirna Fayyaa Gahuumsa fi Dandeettii Olaanaa qabu.


Table 2: Kallattiiwwan Tarsiimo’aa(Strategic Perspectives)

Kallattiiwwan Yaada Ijoo Gaaffilee Ijoo

Hawaasa Aangessuu(Empow Hawaasni fayyummaa isaa akka


(Community) erment) oomishatuu fi dhimma kenniinsa
tajaajila fayyaa irratti yaadaa fi komii
qabu akka dhiyeeffatu akkamittin
angessinaa?
Faayinaansii/ Qabeenya Qabeenya dhimma karoorfameef qofa
Abbummaa ramadame hojii qisaasa malee bu’a qabeessa taasisuuf
(Financial karoorfameef akkamitti fayyadamna?
Stewardship) qisaasama malee itti
fayyadamuu
Efficiency)
Adeemsa Qulqullina Haala kamiin qindoominaa fi
keessaa aantummaan hojjennee tajaajila
(Internal fooyya’aa fi qulqulluu hawaasaaf
Process) kenninaa?

Barumsaa fi Humna Bu’aa qabeessummaa sektera keenyaa


ijaarsa raawwachiisummaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf adeemsa
dandeettii akkamii keessa darbuu fi dandeettii
(Learning and akkamii qabaachuu fi fooyyessuu
Growth) qabnaa?
2. Ka’umsa karoora Hordoffii fi Deegarsa bara 2011
 Hanqinnota yeroo hordoffii fi deegarsa bara 2010tti sadrkaa sadarkaan muul’atan

Sadarkaa Godinaatti

 Haala sagantaa taa’een yoo xiqqaate kurmaanatti si’a tokko aanaalee hunda bira
gahuun akksuumas buufata fayyaa fi keellaa fayyaa samuuda fudhachuun akka iit
fufinsaa deegarsa gochuu dadhabuu
 Hordoffii fi deegarsa yeroo yeroon qaama gara garaan kennamu irratti hundaa’uun
aanaaleen , buufatni fayyaa fi keellaan fayyaa duub-deebii kennameef fudhachuun
hanqina jiru sirreessuu isaanii duuba bu’uun hordofuu dadhabuu
 Ademsaleen hundii waliqixaa xiinxala gabaasaa fi duub-deebii sadarkaa godinaatti
qopheessu waajiraalee aanaalee biraan gahuu irratti harcaatiin jiraachuu
 Sagantaa deegarsaa fi hordoffii Ademsaleen hundaa RDQS halaaa sagantaaa ta’en
gaggeessuu dahbuu
 Rakkoon loojistikii keessaayyuu geejjibaan wal qabatee irra deddeebiin uumamuu
 Hordoffii fi deegarsa yeroo yeroon godhamu irratti rakkoowwan adda bahan qaama
dhimmi ilaaluuf dhiyeessuun abbaa furmaataa ta’uun aanaaleef deegarsa barbaachisuu
fi rakkoo furuu keessatti hirmachuun laafaa ta’uu
 Hanqinoota yeroo hordoffi fi deegarsaa adda bahan irratt karoora hojii (Action Plan )
qopheessuun furuu irratti hojjechuun laafaa kan ture ta’uu.

Sadarkaa Waajiraalee Aanaatti


 Ragaa buu'uuraa barbaachisoo ta'an sassabuun, qindeessuun haaroomsaa deemuun
dadhabuu
 .
 Haala sagantaa taa’een buufataalee fi keellaa fayyaatiif yoo xiqqaate ji’atti si’a tokko
deegarsa gahumsa qabuu fi rakkoo adda baasee agarsiisuu gochuu dadhabuu
 Deegarsi kennamu lakkoofsa irra darbuun haqinoota oogummaa karaa furuu danda’uun
kennamuu dhabuu
 Namni deegarsaaf buufataalee irratti waajira irraa ramadaman ogeessota buufata fayyaatii
walitti dubbatanii wal sirreessuu irra hiriyyummaan wal sodaachuun badii argan qabsoon
sirreessuu irratti haqinni bal’aan kan jiru ta’uu
 Deegarsi kennamu barsiisaa fi gahumasa dhabuu irra darbee rakkoo jiru adda baasee
agarsiisuu kan hin dandeenye ta’uu fi rakkoo adda bahes akka qaama rakkoo sanii ta’anii
furuuf tattafachuu irraa of qusachuun kan muul’atu
 Sagantaa hordoffii fi deegarsaa fayyaa maatii irratti xiyyeefate gaggeessuun kan hin
baratamne ta’uu
 Hanqinoota yeroo hordoffi fi deegarsaa adda bahan irratt karoora hojii (Action Plan )
qopheessuun furuu irratti hojjechuun laafaa kan ture ta’uu.
 Hojjetootni eksteenshinii fayyaa baayyeen isaanii hojii idilee isaanii irraa sababa tokko
malee yeroo dhabamanitti to’annoo fi hordoffii barbaachisu gochuun tarkaanffii
sirreefamaa fudhchuurra ittiin bulinnaaf jecha wal bira darbuun kan jiru ta’uu
 Yeroo hordoffii deegarsi karaa qaamolee garagaraatiin godhamuuf ogeessotni fi
gaggeessitootni tokko tokko duub-deebii fudhachuuf fedhinnaa dhabuu irraan kan yeroo
bellamamanitti argamanii duub-deebii fudhachuu irra sababa baayyisuu.

Sadarkaa buufata fayyaatti


 Daareektarri PHCU hordoffii fi deeggarsa ogeessota gandatti ramadamaniin kenname
torban torbaniin marii waliigalaa gaggeessuun hanqinaalee adda bahan irratti kallatti
furmaataa ka’u iratti lafnni jirachuun
 Gareewwan buufata fayyaa keessatti ijaaramankaroora waggaa, kurmaanaa, ji’aa fi
torbee lamaa baafachuun walitti dhufanii itti fufiinsaanmarii geggeessuun akkaataa
karooftaniin raawwaachaa irrati lafaa ta’u.
 Tajaajiloota sadarkaa buufata fayyaatti kennama irratti gucoota/ galmeewwan/taally
shiitii garagaraa irratti haala istaandardii taa’een galmeessaa deemuu irratti hanqinni
bala’aan kan jiru ta’uu
 Abbaan sagantaa karooraa fi raawwii jiru yeroo yeroon madaalaa deemuun hanqinnota
jiran adda baasuun tarkaanffii sirreefamaa fhudhacuu irratti hanqinni bala’aan kan jiru
ta’uu
 Dhiyeessiiwwan barabaachisan yeroo yeroon adda baasuu fi iddoo hanqinni jirutti guca
gaaffii guuttuun qaama dhiimmi ilaaluuf dhiyeessuun gaafachuun wal qabtee hanqinni
kan jiru ta’uu
 Kaardiiwwan fi foolderiiwwan jiran itti fayyadamuu irrratti hanqinni bala’aan kan jiru
ta’uu
 Hordoffii fi deegarsi keellaa fayyaatiif kennamu gahumsa kan hinqabnee fi rakkoo
oogummaa eksteenshinii fayyaa kan hiikaa hin turre ta’uu ni muul’ata. Akkasumas
deegarsi kennamu haala sagantaa taa’een torbanitti si’a tokko kennuun kan hin turre ta’uu
 Hojjettoottni buufata fayyaa irraa gandatti ramadaman keellaa fayyaa isaan jala jiran hunda yoo
xiqqaate torbaniin al-tokko haala itti fufiinsa qabuun cheeklistii qindaa'aatti fayyadamuun
deeggaraa, duub-deebii barreeffamaan kennu dhabuun
 Hojjetoota fayyaa fi HEF yeroo yeroon hojii idilee isaanii irraa sababa malee badan
to’achuu fi tarkaanffii sirreefamaa fudhachuun wal qabatee
 Kenniinsa tajaajila PHCU foyyeessuuf manaajimantiin BF kurmaana kurmaana marii
hawaasa waliin geggeessun duub-deebii hawaasaa irraa kennamu irratti karoorsuun
irratti hojechuu irratti lafnii jirachuu.
 Ji’a ji’aan akka PHCU tii gamagama raawwii hojii ji’aa fi kurmaanaa madaalaa deemuun
harcaatii bal’aa kan qabu ta’uun isaa ni muul’ata

Sadarkaa keellaa Fayyaattii


 Hojjettootni eksteenshinii fayyaa guyyaa hojii hunda hojii idilee isaanii irratti argamuu
dhabuu
 Hojiiwwan muraasa irratti xiyyefachuun hojii baayyee harcaasaa deemuun kan jiru ta’uu
 Ragaawwan garagaraa haala qulqullummaa qabuun galmeess, taall gochuu fi qindeessuun
gabaasuu irratti hanqinni bal’aan jiraachuu
 Hordoffii fi deegarsa qaama garagaraatiin godhamuuf fudhachuun hanqinoota jiran
sirreesuu dadhabuu
 Hojii CHIS xiyyeefannoon hojii irra oolchuu dadhabuu
 Haadholee ulfaa ji’a ji’aan garee misoomaa fi 1-5 isaaniitiin adda baasuun buufata
fayyaatti akka dahan gochuu irratti hanqinni bal’aan jiraachuu
 Hordoffii fi deegarsa barbaachisu garee misoomaa fi damee garee misoomaatiif itti
fufinsaan kennuu dadhabuu
 Harcaatiiwwan tajaajila talaallii irratti muul’atan galmeessuun qabachuu fi tooftaa ittin
harcaatii hambisanni irratti hojjcechuu dadhabuu
 Keellaa fayyaa baayyeen isaanii sagantaalee hojii manneen barnootaa irratti kan hin
qabne ta’uu

1. Hojiilee gurguddoo Wajjira eegumsa fayya /sh/kabaa 2011


2. Hordoffii raawwii karoora hojii bifa(2n)isaanis Hordoffii Gabassa idileettin
gagefamuuffi Hordoffi Dirreettin bau’uudhan gagefamuudha
3. Hordoffii Raawwii fi gammaggamaa Proojectootafi sagantalee Hojii idlee
gagessu.
4. Gabassa Idilee WEFaanaa fi Dhabbata fayya irra HMISn Qaqqaban
Qindeessu fi Qaama dhimmi ilaaluf Dabarsuu
5. Kurmaa na Kurmaanaan Dirree bau’uudhan Proojectoota,Sagantaalee fi
hojii idlee Hordofuu fi gamagamuu
6. Gabassa Waligalaa (Gabassa Idileefi Dirreeirra argamu)qopheessun wagatti
yeroo afur ji’a sadii sadiin gammaggamaa hojii gaggeessu.
7. Bu’aa gammaggamaa Raawwii Karoora ilaalichsee Duu-Deebii Dhaabblee
fayyaa ,WEFaanaalee fi Qamaa dhimmii ilaaluuf kennuu

Hordoffii, Gamaggamaa fi Madaallii Raawwii (Monitoring And


Evaluation)
23.1 Hordoffii Deeggarsaa
Karoora Guddinaa fi Tiraansformeeshinii galmaan gahuuf sirna hordoffi fi deggeersaa diriirsuu
fi ciimsanii hojiirra olchuun murteessaa dha. Haaluma kanaan hojiin bifa karoorfamee fi yeroo
karoorfame keessatti akkasumas sadarkaan raawwii fi qulqullina isaa hordoffii fi deeggarsaa itti
fufiinsa qabu fi duub-deebii yeroo isaa eeggate kennuudhan mirkaneeffachuu fi hojichii qixa
barbaadameen akka raawwatamu gochuun barbaachisa dha.

Hojiirra olmaan siirna hojimaata odeeffannoo fayyaa (DHIS 2/HMIS) diriirsuun rakkoo kanaan
dura qabiinsaa fi itti fayyadama ragaa fayyaa irratti muli’achaa turee hiikuuf tattaaffiin
godhamaa turee jira. Bareen darban keessa sirna hojimaata odeeffannoo kana dhaabbilee fayyaa
fi waajjiralee fayyaa keessatti hojiirra oolchuuf leenjii fi dhiheesiin adda addaa godina hunda
akka qaqqabu taasifamudhaan hojiin calqabame cimee akka itti fufuuf hordoffiin walirraa hin
cinne ni taasifama.

Kanaafuu bara karooraa 2011 kana keessatti dhaabbilee fayyaa, Waajjira E/Fayyaa Aanaa fi
waajjira E/ Fayyaa Godinaleetiif bakka meeshaaleen DHIS 2/HMIS hojii kanaaf barbaachisa
ta’an kan akka sheelfi, ‘MPI Box’, kompuutara, kardiiwwaani fi galmeewwan adda addaa
hanqina qaban akka guutatan taasisuudhan hojichi ciminaan ni hojjatama.

Haaluma walfakkaatuun, rakkinoota fayyaa hawaasa keessa jiran sadarka ummataatti yeroo
yeroodhan Odeefannoo fayyaa funaanuu, hordofuu fi adda bafachudhan furmaata kennuf sirna
odeefannoo fayyaa hawaasa (CHIS) diriiruun eeggalame cimsuun murteesadha. Dhiimma kana
ciminaan hojiirra oolchuuf baroota darban keessa leenjiin sirna Odeefanno fayyaa ummata
qindeesitoota fi hojjetoota eksiteenshini fayyaatiif aanoota hunda keessatti baldhinaan bara kanas
sirna hordoffi deeggarsa itti fufiinsa qabu diriirsudhan hojiin akka cimu nita’a.

Akka waligalaatti hojiilee karoorfaman akkaataa karoorfamaniin akka raawwatamanii fi


hojjatooniis itti gaafatamummadhan hojii keessa galanii akka bu’aa barbaadamee galmeessisan
yeroo yeroodhan sadarkaa hundaatti maadaliin, gabaasa guutuu fi yeroo isaa eegate
dhiyeessuu, hordoffii deegarsaa gaggeessuu fi duub-deebii kennun xiyyeefannoon kan
hojjatamu ta’a.

I. Madaallii
Hojiin sadarka hundatti hojjatamu bu’a qabeessummaan isaa kan mirkanaayu sirni madaalli
diriiree jiru sadarka sadarkaadhan bifa itti fufiinsa qabuun hojiirra yo oole qofaa dha. Kanaaf
wajjira Eegumsa fayya godina irraa eeggale hanga sadarka gandaa fi gandaa gadiitti haala miirri
dorgommi uumamuu danda’uun madaalliin bara karooraa kana ciminaan akka gaggeeffamu
nita’a. Madaalliin seektaraa akkuma jirutti ta’ee hojjataanisi waggaatti yeroo lama akka
madaallamu gochuudhan rakko yeroo amma kana muulacha jiruu hiikuf akka Qajeelfamairratti
ta’enji’a tokko kessatti akka godiana ga’u tasisuu hojetoota bu’a gaarii warra muldhisan iddo
namni hundi arguu danda’utti maqaa isaani maxxansuudhan jajjabeessuu fi warri kuunisi irraa
barachuu akka danda’ani gochuun xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjatamu ta’a.

II. Gabaasa

Hojiileen hojjataman mirkanaayuu kan danda’u sirni gabaasaa diriiree jiru qajeelloodhaan
hojiirra yoo oole qofaa dha. Haaluma kanaan gabaasni qulqulluu fi dhugaa irratti hundaaye
sadarka sadarkaadhan kan ji’aa fi kurmaanaa yeroo isaa eeggatee akka dabaruu danda’u ni
hojjatama.
Gabaasni DHIS2/HMISn waliqabate jiru kan bara 2008 hanqinaalee sirrachuu qaban waan
qabuuf bara 2009 keessatti sirreeffamni akka taasifamu hubannaa gaggeessaa fi hojjattaa jiru
jidduutti uumudhan foyya’iinsi guddaan akka muldhatu nitaasifama.
III. Hordoffii fi deeggarsa
Hordoffii deeggarsa irratti hundaa’e gaggeessuun galma gahiinsa karoora irratti shoora ol’aanaa
kan qabuu dha. Kanaaf wajjira irraa kaasee hanga gandaa fi gandaa gadiitti bifa itti fufiinsa
qabuun ni gaggeeffama. Hojiin waligalaa hundi haala qindoomina qabuun kurmaanaan
cheekilistii fayyadamuudhan akka hordoffamu xiyyeeffannaan itti kenname ni hojjatama.
IV. Duub-deebii

Duub-deebiin gabaasa xinxaaluun, hordoffii deegarsaa adeemsisuun fi walga’ii gamaggama hojii


gaggeessuun sadarkaa sadarkaan yeroo isaa eegatee kan kennamu ta’a.
Sagantaa hordoffii fi gamaggamaa(Monitoring and Evaluation program)

L Hordofiifi Gabaasa gammaggamaa hojii Supervishini


ak gamagamni gaggeessu
kaniraatti Yoom Eenyuuf Akkamitii Yoom Eenyuun Akkamitii Yoo Eenyuun Akkamitti
rawwatamu m
2 Godina Ji’aan Biiroof Barreeffa Kurma Sagantale Marii,Qaor Kurm Garee Degarssfihordofii
maan/ nan efi annaa fi anaan Supervij chek Listiin
Bulchiinsa interneetii
Barreeffa Kurma Darktoore
Sagantale Duu-deebii
Marii,Qaor Kurm inii
Garee Degarssfihordofii
godinaa maan nan efi annaa fi anaan Supervij chek Listiin
Darktoore Duu-deebii inii
MWD Barreeffa Kurma Sagantale Marii,Qaor Kurm Garee Degarssfihordofii
godinaa maan nan efi annaa fi anaan Supervij chek Listiin
4 Aanaa WEF Barreefam Kurma Mana Qamaan fi Kurm Garee Degarssfihordofii
Godinaaf aan nan mare chek anaan Supervij chek Listiin
aanaanf Listiin inii
Ji’aan BulchiinsaA Bareeffam Kurma Kaabinee Qamaan fi Kurm Garee Degarssfihordofii
anaaf aan nan aanaan chek anaan Supervij chek Listiin
Listiin inii
5 Ganda Guyyaa Maanajara Bareeffam Ji’a Abba Qamaan fi Kurm Garee Degarssfihordofii
Kudhasha Gandaa aan ji’an Adeemsaa chek anaan Supervij chek Listiin
niin n Listiin inii
Ji’a ji’an Bulchiinsa Barreffam Ji’a Mana Qamaan fi Kurm Garee Degarssfihordofii
Gandaaf aan ji’an mare chek anaan Supervij chek Listiin
gandaan Listiin inii
6 Adeemsal Torban Itti Barrreefa Ji’a Itti Rawwii - - Degarssfihordofii
ee Hojii lama gafatamaaf maan ji’an gafatamaa karora chek Listiin
laman f madalu
7 Rawwattota Ji’an Abba Barreffam Guyya Abba Raawwii fi - - -
Adeemsa aan kudha adeemsa karoora
shanii madali

You might also like