Professional Documents
Culture Documents
Developmental & Counseling Psychology (PsYc 1232)
Developmental & Counseling Psychology (PsYc 1232)
(Psyc-1232)
Onkololeessa, 2016
Finfinnee, Oromiyaa
i
Saayikoolojii Dagaaginaafi Kaawunsiliingii
(Developmental and Counseling Psychology)
(Psyc-1232)
Qopheessaa:
ii
Contents
Boqonnaa Tokko ........................................................................................................................................... 7
Maalummaa Saayikooloojiifi Yaad-Rimeewwan Dagaagin Dhala Namaa .................................................. 7
1.1. Hiikafi Yaad Rimeewwan Saayikoolojii ....................................................................................... 7
1.2 Galmawwan Saayikoloojii ............................................................................................................ 8
1.3 Hiika Saayikoolojii Dagaaginaa.................................................................................................... 9
1.4 Yaad-rimeewwan Dagaagina Dhala Namaa .............................................................................. 10
1.4.1 Hiikawwan fi Jechoota bu’uuraa Dagaagina Dhala namaan walqabatan ............................. 10
1.5 Dhugawwan Dagaagina Daa‟imanii keessati bu‟uura ta‟an ....................................................... 11
1.6 Toorawwan Dagaagina Dhala Namaa......................................................................................... 15
Boqonnaa Lama .......................................................................................................................................... 24
Yaad-Hiddamoota Dagaagina Dhala Namaa (Theories of Humaan Development) ................................... 24
2.1 Yaad- Hiddama Dagaaginaa Saayikoo-Saala‟oo „Sigmund Freud‟ ............................................ 25
2.3 Yaad-Hiddama Dagaagina Saayikoo-Hawaasummaa „Erik Erikson‟ ........................................ 28
2.4 Hojiirraa oolmaa Yaad-hiddama Saayiko-hawaasummaa Eriksan Ademsa baruu fi
2.5 Yaad-Hiddama Dagaagina yaad-sammuu „Jean Piaget‟ ................................................................... 31
2.6 Yaad-hiddama dagaagina Murtee safuu „Lawrence Kohlberg‟ .................................................. 34
Boqonnaa Sadii ........................................................................................................................................... 39
Sadarkaalee Dagaagina Dhala Namaa ................................................................................................... 39
3.1 Dagaagina Dhalootaan Duraa ........................................................................................................... 39
3.1.1 Sadarkaalee Dagaaginaa Dhalootaan Duraa .............................................................................. 39
3.1.1. Qabattoota Daggaagina Dhalootaan Duraa ..................................................................... 42
3.1.2 Dagaagina Dhalootaan Boodaa ........................................................................................... 43
Boqonnaa 4 ................................................................................................................................................. 45
Gaayidaansiifi Kaawunsiliingii Barumsaa .................................................................................................. 45
Seensa Boqonnichaa ................................................................................................................................... 45
4.1 Yaad-rimee Gaayidaansii .................................................................................................................. 46
. Amaloota Gaayidaansii ..................................................................................................................... 46
Galma Gaayidaansii ............................................................................................................................. 47
4.2 Kaawunsiliingii ................................................................................................................................. 47
4.2.1 Garaagarummaa Gaayidaansiifi kaawunsiliingii ........................................................................ 48
3
4.2.4. Amaloota Kaawunsilarii ............................................................................................................ 50
4.2.5 Adeemsa Kenna kaawunsiliingii ................................................................................................. 50
4.2.6 Ogummaawwan Bu‟uuraa kaawunsilerii................................................................................... 50
4
Odeeffannoo waa‟ee Koorsichaa
Dagaaginni dhala namaa guyyaa fertilizashinii irraa kaasee hanga dullumaatti kan itti fufu ta‟ee
toorawwan dagaaginaa kanneen akka dagaagina qaamaa, yaad-sammuu, currisa, hawaasummaafi
safuufi of keessatti qabata. Adeemsi baruu barsiisuu sadarkaalee dagaaginaa kanneen irratti kan
hundeeffameedha. Moojulli kuns yaadota kanneen giddu galeeffachuun boqonnaa gurguddaa
afur of keessaa qaba. Boqonnaa 1ffaan maalummaa saayikoolojiifi dagaagina dhala namaa,
boqonnaa 2ffaan yaad-hiddama dagaagina dhala nama, boqonnaa 3ffaan sadarkaalee dagaagina
dhala namaafi boqonnaan dhumaa ammo waa‟ee gaayidaansiifi kaawunsiliingii kan
dubbatuudha.
Moojuulli kun kaadhimamtoonni barsiisotaa gochaalee barannoo isaanii haala barattootatiin wal
simsiisanii qindeessuu akka danda‟niifi daa‟imman barsiisaniif kunuunsa gahaa laachuu akka
danda‟aniif hubannoo bu‟uuraa kan laatudha. Kanaafuu kaadhimatoonni barsiisotaa barumsicha
haalan yoo hordofanii fii gochaawwan gara garaa moojuulicha keessatti eeraman sirritti yoo
hojjattan muuxannoo gabbataa bor hojii isaanii keessatti isaan gargaaru argachuu danda‟u.
Galma koorsichaa:
Erga Koorsii kana barattee xumurtee booda: waa‟ee dagaagina dhala namaa, tajaajila
gaayidaansii fi kaawunsiliingii hubachuun gochaalee barannoo, meeshaalee deeggarsa barnootaa,
malleen baruu-barsiisuufi malleen iyyaafannaa sadarkaa dagaagina barattootaa waliin deemu
qopheessuufi itti fayyadamuu dandeessisuudha. Dabalataanis, ijoollee rakkoo barachuu qaban
adda baasuufi deeggarsa barbaachisu kennuuf ga‟umsaafi kaka‟umsa ni horatta.
5
Gahumsa koorsichaa
Kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu xumuura koorsii kanaatti:
Hiikkaa saayikolojii jecha mataa keetii fayyadamtee ni himta
Yaada ijoo yaad-hiddamoota dagaagina dhala namaa ni hubatta
Sadarkaalee dagaagina dhala namaa garagaraa ni hubatta
Toorota dagaagina akkaataa yaad hidama garaa garaatin adda baastee ni hubatta
Faayidaa dagaagina dhala namaa beekuun qabu adeemsa baruu fi barsiisuu keessatti itti
fayyadamta.
Amaloota dagaagina dhala namaa sadarkaalee gara garaa akkaataa deeggarssi gahaan
barattootaaf itti kennamu ni dinqisiifatta.
Haala itti barattootaaf gorsi itti kennamu ni qaaccessita.
Barattoota rakkoo naamusaa qaban daree barnootaa keessatti toftaalee itti adda baafatan
irratti hubannoo ni argatta.
Amaloota gorsaa gaariin tokko qabaachuu qabu ni calaqifta
Haala Iyyaafannaan Koorsii Kanaa itti Gaggeeffamu
6
Boqonnaa Tokko
Seensa Boqonnichaa
Gahumsa Boqonnichaa
Xumura boqonnaa kanaatti kaadhimamaa/tuu barsiisaa/tuu:
Hiikaa saayikoolojii hima mataa keetti fayyadamtee nihimta
Galmawwan saayikoolojii ni ibsita
Yaad-rimeewwan dagaagina dhala namaa nihubatta
Dhugaawwan dagaagina daa‟immanii keessatti bu‟uura ta‟an nitarreessita
Toorawwan dagaagina dhala namaa adda nibaafatta
1.1. Hiikafi Yaad Rimeewwan Saayikoolojii
Gochaa1
i. Jecha mataa keetii fayyadamuun saayikoloojii ibsi?
ii. Barnoonni saayikoloojii waa‟ee maalii irratti waan xiyyeeffatu sitti fakkaata?
Jechi Saayikoloojii (Psychology) jedhu jechoota giriikii lama saayikee fi loogas irraa kan
fudhatame yommuu ta‟u, Saayikee jechuun sammuu, lubbuu, afuura‟fi „loogas‟ jechuun
7
immoo qo‟annoo ykn beekumsa jechuu kan ibsu dha. Kanaaf jalqaba irratti Saayikoloojiin
salphumatti kan waa‟ee sammuu ykn afuuraa qo‟atu jedhamuun hiikni itti kennamaa ture. Hiikan
saayikoolojii ammayyaa “Saayikoloojin saayinsii yaad qalbii fi taateewwan sammuu namootaaf
bineensotaa kan qoratu” akka ta‟etti hiikama. Hiika saayikoloojii ammayyaa kana keessatti
qabiyyeewwan sadiitu jiru. Isaanis: Saayinsii (science), yaad qalbii (behaviour) fi taateewwan
sammuu (mental process) kan jedhu dha.
Yaad qalbii (Behaviour): yaad qalbiin gochawwan mul‟ataa (outward or overt actions) fkn,
dubbachuu, sosochii qaamaa fi kkf fi, taatee hin mul‟anne (hidden or covert actions) fkn yaaduu,
xiinxaluu, fi kkf ta‟uu danda‟a.
Adeemsawwan/ Taateewwan sammuu keessaa (mental processes): Kuni kan ibsu gochaalee
dhokatoo hin mul‟annee sammuu keessaa kan akka yaadachuu, miiressuu, yaaduu, hubachuu,
kkf hammata.
Gocha 2
1. Kaadhimamaa barsiisaa/tuu hiikaa saayikoolojii armaan olitti kennamaniin alatti hiikaa
yeroo adda addaatti beektota adda addaatin kennaman leenjitootatti himi.
2. Jechoota saayinsii, yaad-qalbiifi adeemsawwan sammuu keessaa jedhu ilaalchisee waan
duraan beektu irratti hubannaa maalii dabalatte? Dareef ibsi.
1.2 Galmawwan Saayikoloojii
Gochaa 3
i. Kaadhimamaa Barsiisaa/tuu! galmawwan barnoota saayikoloojiiti jettee kan yaaddu
leenji‟aa chinaakee taa‟utti himi. Gaaridha!
ii. Saayikoloojistoonni waa‟ee yaad qalbiifi taateewwan yaad-sammuu yommuu qoratan
maal maal fa‟i hojjetu jettee yaadda?
8
Akka gosa barnoota saayinsii tokkootti saayikoloojiin galmawwan mataa isaa danda‟e afur qaba.
Isaanis:
Gocha4
i. Kaadhimamaa barsiisaa/tuu Saayikoolojii dagaaginaa jechuu jechuu dhageessee
beektaa? Gaaridha! Mee hiriyaa keetitti himi.
ii. Garaagarummaan saayikoolojiifi saayikoolojii dagaaginaa maal sitti fakkaata?
Ibsi.
Saaykolojiin Dagaaginaa damee saaykolojii keessaa tokko ta‟ee haala saayinsaawaa ta‟een
jijjiirama dhala namaa irratti ammuma umuriin dabalaa adeemu muuldhatu kan qo‟atuudha.
Saayikoolojiin dagaaginaa haala waliigalaa umrii guutuu nama tokkoo kan qo‟atuudha. Haala
kanaan saaykolojii marsaa guutuu jreenyaa (Lifespan psychology) jedhamuunis beekama.
Dameen saaykoloojii kun dabalatanis jijjiirama sadarkaalee dagaagina irratti mul‟atan, Yaada,
9
qaama, dandeetii rakkoo hiikuu, dandeettii afaaniifi eenyummaa ofii addaan baafachuu fi kkf kan
qo‟atuudha (Santrock.1999).
Gochaa 5
1. Jechoota bu‟uuraa dagaaginaa dhala namaa Guddina, Bilchina, Barachuu fi dagaagina
garaagarummaa isaanii qaaccessun gabaasi?
2. Piriinsipiloota daggaagina dhala namaa kam fa‟i akka ta‟e beektaa? Mee tarrreesi
3. Toorawwan dagagina dhala nama maal maal sitti fakkaata?
4. Garaagarummaa toorawwan dagaaginaa gidduu jiru ibsi.
Guddina: jechuun jijjiirama qaamaa ykn hangaan kan safaramuu danda‟uu sababa jijiirama
caasalee qaamolee alaa fii keessoo irratti raawwatuun dhufuudha.
Bilchina: jechuun jijjiirama sababa dabalaa adeemuu umuriin fi dhaala sanyiin walqabatee nama
tokko irrati mul‟atu dha. Humna waliigalaa dhala namaa irratti jijiirama uumamuudha.
Barachuu: barachuu akka “Slavin” (1997) ibsetti jijjiirama yaada qalbii hanga tahe tokko nama
keessa turtii qabuu fi sababa muuxannoo fi shaakala ykn wantoota naannoo keenya jiranuun
waliin qunnamtii taasisnu irraa kan dhufu dha.
10
HB: Barsiisaa mee kaadhimamaan/tuun barsiisaa/tuu jechoota bu‟uuraa dagaagina dhala
namaatif akka fakkeenya mataa isaanii kennan taasisaa. Yoo isaan dogongoran deeggaraa!
Gocha 6
1. Kaadhimamaa barsiisaa/tuu! Mee jijjiirrama barattuu Siingitan kana ilaali! Dheerinni ishee
1.65m, kan semisteera duraa caalaa guntutni ishee guddatee jira, barreeffamni ishee
yeroodhaa gara yerootti bareedaa dhufe, akkasumas kabajniifi ulfinni isheen namaaf qabdu ni
dabale.
Gocha 6
2. Kaadhimamaa barsiisaa/barsiistuu! Dhugaawwan dagaagina dhala namaa waan beektu
qabdaa? Gaaridha! mee isa yaada keetii qabdu barataa/ttuu cinaa kee jirutti/tutti himi?
A. Walittifufiinsa (Continuity)
Dagaaginni jijjiirrama walittifufaa ta‟e hordofuun uumamaa kaasee hanga du‟aatti kan deemu
dha. Umurii gara jalqabaatti dagaaginni daa‟mman irrati mul‟atu bilchina fi guddina qaama
irrati mul‟atu qofaa oso hin tahiin amalafi sammuu daa‟imaa irrattis ni mula‟ata.
Erguma bilchinni xumureen boodallee dagaaginni ittuma fufa. Jijjiiramni kunis hanga
xumura jireenya nama sanaatti (du‟aatti) kan deemu ta‟a.
Jijjiiramni dagaaginaa dabalaa deemuu qofa osoo hin taane waantooni haala ammaan duraa
irraa hir‟ataa demanis jijjiirama dagaaginaa keessatti hammatama.
11
B. Walduraa duuba (Sequentiality)
Saaykolojistoonni hedduun akka irrati waliigalanitti, Dagaaginni tartiiba duraaduuba tahe
hordofee kan deemudha. Dhalli namaas ta‟e bineensoliin biroo hundi duraaduuba dagaagina
kan mataa isaani tahe hordofanii ni dagaagu.
Dhalli namaa hundi garuu akka waliigalaatti haala walfakkaatu ykn tartiiba wal fakkaatu
hordafee dagaaga.Waytii dhaloota duraa keessatti dhiibban dhaala sanyii guddaa waan ta‟eef
dagaaginni namoota hundaa tartiiba murataahe takko hordofee raawwata.
Waytii dhaloota booda garuu akka hayyoonni dhima hawaasummaafi saaykolojistoonni
jedhanitti dagaaginaaf hariiron bineeldotaa fi naannoo isaanii giddutti taasifamu caalatti
murteessadha jedhanii amanu.
Dhalli namaa jireenya isaa fooyyeffachuu jecha naannoo isaarratti akkuma dhiibbaa geessisu
naannoonis dhiibaa isaa nama irratti geessisa. Kallattii dagaaginaa dhalli namaa hordofee
dagaagu dhaloota duras tahe booda gama lamaan akka tahe hayyoonni kunneen ni eeru. Isaanis
Mataa irraa gara miilaa
Gidduu irraa gara alaatti ykn dhiyoo irraa gara fagootti akka tahe
hayoon ni mirkaneessu.
Daa‟mni kamiiyyuu gara sadarkaa dagaaginaa itti aanuti ce‟uuf jalqaba sadarkaa irra jiru
sanarratti bilchinafi amala sadarkaa sanatti irraa eegamu guutee argamuu qaba.
Yoo kana tahuu baate dagaaginni sadarkaa itti aanu keessatti haala gaariin fiixaan bahuu hin
danda‟u. Sababni isaa dagaaginni adeeemsa walduraa duuba qabu ykn tartiiba hordofee kan
deemu waan ta‟eefi.
C. Gooroo irraa gara Gooreetti (Generality to Specificity)
Hayyoonni saaykolojii dagaaginaa biroon ammoo dagaainni gooroo irraa gara gooreetti kan
deemu dha jedhanii amanu.
Dagaagina hunda keessatti dandeettii gocha tokkoo raawachuu nama tokkoo keessatti
dandeetin gooroo dandeettii gooree durseet dagaaga. Fkn daa‟imman battala dhalatanitti qaama
isaanii tokko qofaa isaa sochoosuu hin danda‟ani.Yeroo kanatti qaama isaanii waliigalaa al
tokkotti sochoosuu . Garuu yoo umuriin dabalaa adeemu qaama isaanii guutuu keessaa tokko
qofaatti fayadamuu eegalu. Fkn harkaan waan tokko xuquu ykn qabuuf yaaluu. Gama
dagaagina afaaninis jalqaba sagalee uumachuu, isa booda jecha baruu fi hiika jechaa addaan
baafachaa adeemu.Gama currisaatiin daa‟imman dursa waantoota haarawa isaanitti ta‟an hunda
12
ni sodaatu garuu booda wanta miidhaa geessisu qofaa adda baafatanii sodaachuu, dhokachuu,
booyuu fi kkf eegalu. Wantoota kana irraa waanti hubatamu dagaaginni gooroo irraa gara
gooreetti kan adeemu ta‟uusaati.
D. Garaagarummaa (Differentiality)
Akkuma armaan olitti ibsametti dagaagini saffisa haala walfakkaatuun nama hundaa irratti hin
mul‟atu. Haala kanaan namoota gidduutti garaagarummaa dhunfaa gama guddinaa fi dagaagina
bal‟aa ta‟etu jira. Gama saalan Fkn dhiiraa fi dubara gidduu garaagarummaa guddaatu gama
saffisa dagaaginaatin mul‟achuu danda‟a.
Jijjiirama sadargaalee dagaagina dhala namaa gidduu jiru yoo ilaalles garaagarummaa bal‟aatu
mul‟ata.Fkn jijjiiramni saffisaa tahe gara umurii jalqabaati yoo jiraatu jijjiramni gara boodaa
garuu suuta dha.
Dagaaginni sadarkaa tahe tokko irrti sadarkaa olaanaa (high Peak) irra erga gahee booda gadii
bu‟aa deema. Kanaafuu dagaaginni haala sarara diriiraa tahe tokko hordofee kan deemu oso
hintahin sarara bu‟aa bahii qabu hordofee kan deemu dha.
Dagaagina keessatti jijjiramni qaama irrattis tahe sammuurratti mul‟atu namaa namatti
garaagarummaa ni qabaata.
Jijjiiramni dagaagina keessatti mul‟atu namoota hunda irratti tokko tahuu akka hindandeenye
hubanna. Namni kamiiyyuu saffisaa mataa isaatiin jijjiirama agarsiisaa deema waan ta‟eef.
E. Dagaaginni Bilchinaa fi Barachuu irratti Hundaa‟a
Akkuma kutaa1ffaa keessatti ibsamuuf yaalametti bilchina jechuun jijiirama tartiiba
amaloota bayolojikaalawaa tahan kanneen guddina fi dagaagina keessatti mul‟atuudha
jennee turre.
Jijjiiramni baayolojikalawaa kunneenis daa‟imman dandeettii haarawa tahe akka
dagaagfatan ni taasiasa. Keessumattuu jijjiiramni sammuu fi sirna narviirrratti dhufu
bichinaaf iddoo guddaa qabu. Kun ammo dandeettin yaadsammuu (cognitive) fi dandeetii
qaam sammuu (motor) daa‟immanii akka dagaaguuf gahee taphata.
Fkn, daa‟imni umurii ji‟a afurii tokko afaan sirriitti fayyadamee yaada isaa ibsachuu
hindandanda‟u. Sababni isaa sammuun daa‟ima kanaa haala bilchina barbaadamurra
waan hingeenyeefi.
Garuu waggaa lama yoo gahe sammuu isaa dagaagaa waan deemuuf afaan namoota
naannoo isaa jiran waliin qunnamtiin inni taasisu bay‟inaanis tahe fageenyaan dabalaa
13
waan deemuuf haalli dubbii isaa fooyya‟aa adeema. Fkn wayta ji‟a afurii haadha fi
maatii isaa waliin qofa waan taphatuuf dagaginni afaanii xiqqaa dha.Garuu yoo waggaa
lamaa ol darbu namoonni inni qunamtii waliin taasisu baay‟achaa ( hiriyaa fi namoota
olla isaa jiran) waandeemuuf dagaagini afaanii fooyyee agarsiisaa adeema. Gama
dandeettii waan tokko dalaguutiinis hanga bilchinni qaam-sammuu isaa sadarkaa
barbaadamurra gahutti waan tokko raawachuu hin danda‟u. Fkf barresuu, ykn suura
kaasuuf daa‟imni sun dura sadrkaa bilchina ogummaan sun barbaadu irra gahuu qaba.
Dandeettiin bilchinaa irraa argamu uumamaan /dhaala sanyiin kan murtaahu dha malee
akka kan barachuu naannoo irraa argamu miti.
Waluumaagalatti dagaagina keessatti bilchinni fi barachuun bakka olaanaa qabachuu isaa
ibsa taasifame irraa hubachuu ni danda‟ama. Lamaanuu wal deeggaruun dagaagina
daa‟imanii mirkaneesu.Naannoon hawwataa ykn mijataa yoo ta‟e daa‟imni sun
dandeeitii uumamaan isa keessa jiru (His natural potential) gad baasa jechuudha.
F. Dagaaaginni adeemsa waan Salphaa iraa gara Walxaxaa ta‟etti deemudha
(Development proceeds from the Simple to the more Complex)
Daa‟imman umurii ijoolummaa isaanitti sammuu isaanitti fayyaadamuun waan tokko
sababeesuu fi rakkoo tokko furachuu ni eegalu. Fkn hariiroo waantota gidduu jiru ykn,
akaakuu waanta tokkoo baruun dagaagina sammuu keesaa isa tokko dha. Fkn
garagarummaa loomii fi burtukaanaa adda baafachuu jalqabuun dagaaginni yaada
sammuu daa‟ima sanaa wantoota qabatamoo tahan ibsuu ykn sababeessuu danda‟uu isaa
kan mirkaneesu dha (the cognitive process of learning how an apple and orange are alike
begins with the most simplistic or concrete thought of describing the two).
Daa‟imni kun kana kan addaa baafachuu danda‟u yoo garaagarummaa amaloota loomii fi
burtukaana gidduu jiru sirritti hubateedha. Fkn foolii, bifaa, halluu fi kkf niin jechuu dha.
Kanaaf, sadrkaa dandeettii yaada sammuu inni jalqabaa wantoota qabatamoo lama
gidduu jiru haala hariiroo ykn walfakkeenya fi garaagarumma isaan gidduu jiru ibsachuu
danda‟uu dha. Fkn wanti isaan walfakeesu lachanuu boca walfakkaatu qabu. Haaluma
umuriin ol siqaa deemuun garuu sababeessun daa‟ima kanaa gara sadarkaa olaanaa tahetti
fi walxaxaa ta‟etti deema.Wanta tokko haala qabatamaa mul‟atu qofaa irrati oso hintahiin
haala axereerawaa (abstruct) ta‟een ibsachuu eegala. Fkn gama faayidaa isaan namaaf
kennaniin, ramaddii saynii isaaniin adda baafachuu eegala jechuu dha.
14
Walumaaagalatti ibsa armaan oilii irraa waanti hubatamu, dadaaginni salphaa irraa gara
walxaxaa tahetti kan deemu ta‟uu isaa nutti agarsiisa.
Gocha 7
1. Kaadhimamaa barsiisaa/tuu dhugaawwan dagaagina daa‟immanii ilaalchisee
waan akka walii galaatti hubatte hir‟iaa keetif ibsi.
2. Dhugaawwan dagaagina daa‟immanii armaan olitti ibsaman keessaa isa kam
ajaa‟ibsiifatte? Maalif? Ibsi.
Gochaa
1. Garaa garummaan dagaagina qaam-sammuufi yaad-sammuu maali jettee yaadda? Haaya
dhuunfaa keetii hiriyaa keetif qoodi.
2. Naannon toorawwan dagaaginaa dhala namaa kam irratti dhiibbaa qaba jettee yaadda?
Maalif?
15
garuu suuta suuta deema. Adeemsi guddina qaamaa safisaanis tahe yerootiin qaama daa‟imman
hundaa irratti haala wal fakkaataa ta‟een hin mul‟atu. Fkn waytii mucummaatti guddinni buqqee
mataa kan ga‟eessotaatti kan dhiyaatu yoo ta‟u qamooleen gadii garuu baay‟ee xiqqaa ta‟anii
mul‟atu; booda garuu haala faallaa tahetu mul‟achaa deema.
Dandeetiin sochii qaam- sammuu waliigalaa sochii qaama waliigalaa kan barbaadanii fi yeroo
baay‟ee waytii umurii jalqabaa keessatti kan bal‟inaan hojiirra oolan yoo ta‟an dandeettiin sochii
qaam-ammuu gooree kan jedhaman ammo sochii qaamaa murtaa‟aa ta‟e kan gaafatan garuu
dalagaa baay‟ee walxaxaa ta‟e hojjechuuf kan gargaarudha. Dagaaginni qaam-sammuu gara
umrii jalqabaatti baay‟ee saffisaadha. Kunis kan ta‟eef sochiiwwan dandeettii uumamaatin umrii
mucummaa keessatti raawwataman waggaa jalqabaa keessattii dafanii badaa ykn jijjiiramaa kan
adeeman waan ta‟eefi. Sochii qaam-sammuutiin jiru haala ifa ta‟een garaagarummaa mul‟achuu
danda‟a. kunis kan inni irratti hundaa‟uu danda‟u ulfaatina fi jabina qaamaati. Haa ta‟u malee,
umrii ijoolummaa ganamaatti garaagarummaa dhuunfaa qabattoota kanneen akka carraa
shaakallii, daawwannaa fi wantoota muraasa qofaa irratti qajeelfamuurraan kan ka‟e
garaagarummaan dhuunfaa daran ifatti mul‟ata . Garagarummaan sochii qaamaa adda ta‟e
sababaa dagaaginaan boodatti harkifachuu ykn rakkoo sammuun wal qabateen uumauu
danda‟a.Qaamaa ykn jifuu irratti mudachuu irran madduu danda‟a.
C. Dagaagina Yaad-Sammuu (Cognitive/Intellectual Development)
16
Namoonni dhaloota isaanii irraa eegalee gara jalqabaatti currisa kanneen akka gamachuu,
jaalala, sodaa, gadda aarii, fi kkf ni mul‟isu.Namoonni dhalatanii torbaan 6-10 keessatti
seequu jalqabu. Kana jechuun daa‟imman currisa ofii ibsachuu uummatu jalqabuu isaanii
kan agarsiisu dha. Namni tokko namatti siquu ykn namarraa baaqachuu jalqabuun hariiroo
hawaasummaa ummachuu jalqabuu isaat agarsiisa. Daa‟imman wayita haadha isaanii irraa
adda bahan ni boo‟u. Keessumaa ji‟oota 8-12 gidduuti jijjirama saffisaa tahe ni
agarsiisu.Namoota harawa ta‟an adda baasuun wayta irraa baqatan kan sirritti beekan yoo
ta‟an ammo itti siquun taphachuu fedhu. Dagaanni currisaa fi hawaasummaa tokko tokko
irratti fkf kanneen akka nama deggeruu (empathy) namoota irrati suuta mul‟achaa
deemu.Garuu kanneen akka sodaachuu, aaruu fi kkf dafanii irraatti mul‟atu. Muuxannoon
naannoo irraa argamu currisa daa‟imman mul‟isaniif sababa tahuu ni danda‟au. Fkn aarii ofii
to‟achuu, obsa fi kkf safuu hawaasa naannoo irraa dagaaguu ni danda‟u.
Kuufama Jechootaa dabalata namoonni dagaagina afaanii naannolee afran armaan gadii irrattis
jijjiirama agarsiisuu qabu. Isaanis
1. Akkaataa sagalee
2. Akkaataa jechootaf hiikni itti kennamu
3. Akkaataa jechoonni walitti dhufanii hima uuman
4. Akkaataa afaan haala gara garaa keessatti hojii irra itti oolu
Dhaamsa nama biraa irraa dhufu fudhachuun ykn ammoo dubbii namoota biroo hubachuun
(Recieptive language) adeemsa suuta suutan naannoo ji‟a ja‟aa kaasee dagaagaa adeema.
Dandeettin jecha uumun yaada ibsachuu, (expressive language) naannoo waggaa tokkootti
dagaaguu kan jalqabu ta‟a. Beekumsi baay‟ina jechootaa daa‟imman dagaagfatanii naannoo
waggaa lamaa booda garmalee saffisaan ni dabala. Loqoda afaanii, seerluga, fi kkf afaanichi
barbaadu ammoo naannoo umrii waggaa sadii booda dagaaga. Haala kanaan qulqulinni fi
heddumni jechoota afaanicha keessa jiru haala umuriin isaanii dabalaa adeemuun mirkanaa‟aa
deema.
17
Gochaa
1. Dagaagina yaad-sammuufi currisaafi hawaasummaa ilaalchisee addaa
addummaan murtaawaa ta‟e gareewwan hawaasaa gara garaa giddutti
nimul‟ata jettee yaaddaa? Maalif? Fakkeenya qabatamaa fudhachuun ibsi.
2. Toftaa dagaaginaa tokkoon tokkoo toorawwan dagaaginaatif adda baasun
barreesi.
1.7 Gahee ykn Hojiiwwan Dagaaginaa
GBYXGQ: Xumuura barannoo kanaatti:
Bu‟uura hojiiwwan dagaagina adda baafattee ni himta
Barbaachisummaa hojiiwwan dagaaginaa hubattee ni ibsita
Gochaa
1. Dhimmoota hojiiwwaan dagaaginaa barbaachisaniif erga dhuufan yaaddee booda
gareef ibsi
2. Qoodama hojiiwwan dagaaginaa amma beektu hiriyaa cinaakee taa‟u waliin
irratti mari‟adhu.
Ogeeyyiin saayikolojii dagaaginaa akka ibsanitti bu‟uurri hojiiwwan dagaaginaa wantoota sadii
qabu. Isaanis:
18
2- Namoonni wanta hawaasni irraa eegu akka raawwataniif kaka‟umsa/si‟aayina/ keessatti
uuma.
3- Gara fuula duraatti maal hojjechuun akka nurraa eegamu dursinee beekuun qophii akka
taasifnuf gargaara.
19
Ogummaa sammuu/beekumsaa dagaagfachu
Yaad-qalbii gaarii/fudhatamaa dagaagfachuu
4. Wayitii Ga‟eessummaa Ganamaa (Early Adulthood) (Waggaa 20-40)
Hojii qabaachuufi jalqabuu/ itti seenuu
Hiriyyaa fuudhaafi heerumaaf filachuu
Wal-fuudhuun jiraachuu barachuu
Ijoollee horachuu jalqabuu
Daa‟imman guddisuu
Maatiifi mana bulchuu
Itti gaafatamummaa hawaasaa fudhachuu
5. Wayiti ga‟eessummaa (Waggaa 41-64)
Itti gaafatamummaa lammummaa fi hawaasummaa ga‟eessotaa galmaan gahuu
Istaandardiin dinagdeen jiraachuu
Ijoolleen itti gaafatamummaa akka qabaatan gargaaruu
Sochiiwwan boqonnaa, yeroo ga‟eessotaa guddisuu
Akka nama tokkootti hiriyaa gaa‟elaa ofii wajjin walitti firoomsuu
Jijjiirama fiiziyoloojii umurii giddu galeessaa fudhachuu fi madaqsuu
Warra dullooman waliin walsimsiisuu.
6. Wayiti Dullummsa (Waggaa 65 booda) .
Galiin hir‟achuu
Gara mana xiqqaatti ce‟uu
Du‟aan haadha/abbaa warraa dhabuu
Dhukkuba ykn balaa nama laamshessu
Marsaa daldalaa keessatti jijjiirama baasii jireenyaa kana irraa kan ka‟e jijjiirama.
Walumaa galatti, hojiiwwan dagaaginaa aadaa hawaasaa daa‟imni tokko keessatti guddatu
bu‟uura kan godhatu ta‟uun isaa beekamuu qaba. Hojiiwwan dagaaginaa hawaasni nama kam
irraayyuu eegu kun hanga umrii dullumaatti kan itti fufu ta‟a.
20
Dagaagina dhala namaa qo‟achuun faayidaafi galma hedduu of keessaa qaba.Akka Vasta et al
(1998) ibsanitti galmawwan dagaagina dhala namaa qo‟achuu keessaa isaan muraasni kanneen
armaan gadiiti:
Haala Uumama dhala namaa walxaxaa ta‟uu hubachuun, adeemsa dhalli namaa sadarkaa
mucummaa irraa kaasee hanga dullummaatti keessa dabdru gad- fageenyaan
qorachuudhaan saayikolojiin dagaaginaa gahee guddaa qaba. Dhalli namaa mucummaa
isaa irraa kaasee hanga nama guutuuykn ga‟eessa (full adult) tokko ta‟utti adeemsa
jijjiramoota keessa dabru hubachuudhaf galmawwan dagaagina dhala namaa qo‟acuun
faayidaa qaba.
Amaloota dhala namaa sadarkaalee dagaaginaa gara garaa irratti mul‟achuu danda‟an
ibsuudhaaf. Fkf mucaan tokko yoom dhaabbatee adeemuu qaba, yoom ogummaa
hawaasummaa baruu danda‟a Kan jedhuufi kkf.
Dagaagina dhala namaa keessatti qabattoonni jijjiirama fiduu danda‟an maal maal akka
ta‟an adda baafachuudhaf. Fkf gahee uumamaa (dhaala sanyii), gahee naannoo ykn
muuxannoo; dhiibbaa hiriyyaa, maatii, mana baruumsa fii kkf beekuu.
Hojiiwwan dagaaginaa sadarkaalee dagaagina gara garaa irratti daa‟imman irraa eegamu
adda baafachuu, ibsuufi tilmaamudhaafi.
Hariiroo wal xaxaa adeemsa dagaagina dhala namaa irratti uumamaafi naannoo gidduu
jiru gadi- fageenyan hubachuudhaaf.
Garaagarummaa dhuunfaa(Individual difference) tokkoon tokkoo daa‟immanii
hubachuudhaf akkaataa fedhiifi garaagarummaa dhuunfaa isaanitiin
keessummeessudhaaf
Gufuuwwan (obstacles) namoota mudachuu danda‟an haala gaarin deebii itti kennuun
dhalli namaa jalqabbii gaari jireenya isaanii akka eegalan gargaaruuf
Tooftaalee deggersa dhala namaa gaarii mana baruumsaafi daree barnootaa keessatti
hojii irra oolchuuf
21
Cuunfaa Boqonnichaa
22
Check list qabiyyee ijoo
Gaaffilee Shaakalaa
1. Garaagarummaan sayikoolojiifi saayikoolojii dagaaginaa maali? Ibsi.
1. Galmoota saayikoolojii gurguddoo tarreessun ibsi.
2. Jechootni bu‟uuraa dagaagina dhala namaa waliin walqabatan maalfa‟i?
3. Toorawan dagaagina dhala namaa adda baassuun fakkeenyan deeggarii addeessi
4. Dhugaawwan dagaagina dhala namaa kessatti beekamoo ta‟an bareessi
5. Gahee namni tokko yommuu umurii adda addaa dalaguu qabufi hawwaasni irraa eeguu
sadakaalee dagaagina dhala namaa yookiin qoodama umurii irratti hundaa‟uun ibsi
23
Boqonnaa Lama
Seensa Boqonnichaa
Kaadhimamaa barsiisaa/tuu! Boqonnaa tokkoffaa keessatti waa‟ee saayikoolojii fi yaad-
rimeewwan isaa, hiika jechoota bu‟uuraa dagaaginaa ta‟anii fi xiyyeeffannoo saayikolojii
dagaaginaa gadii fageenyaan ilaaltee hubannoo argachuu kee abdii qabna. Boqonnaa lamaffaa
kana keessatti immoo waa‟ee yaad-hiddamoota dagaagina dhala namaa adda addaa ilaalchafi
akkaataa isaan ittiin guddina dhala namaa ibsaniifi sadarkaalee guddina dhala namaa gadi
fageenyan ni baratta. Yaad-hiddamoonni boonnaa kana keessatti barattuu akkamitti jijjiirrama
daa‟imman irratti dhufu hordofuufi deeggaruu akka dandeessu kan si gargaarudha.
GBYXGQ: Dhuma boqonnaa kanatti:
Gochaa
1. Yaad-hiddama jechuun maal jechuudha? Gareedhan irratti mari‟adhatii
dareef ibsaa.
2. Yaad-hiddamoota dagaaginaa kan beektu sadi hiriyaa cinaa kee
taa‟u/teessutti himi. Hiriyaan kees amma ati itti himte akka sitti himu/tu
gaafadhu. Gaaridha! Ammammoo kan keefi kan hiriyaan kee sitti hime/tte
walitti dabaluun dareef himi.
Yaad-hiddama: Akka ogeessi Feldman (2009) jedhutti, yaad-hiddama jechuun dhimma
murtaa‟e tokko irratti hundaa‟un waa‟ee walitti dhufeenya wantootaa bifa yaada waliigalaa ykn
24
qajeelfamoota qindaa‟an akka hubannuuf bifa yaada waliigalaa ykn qajeelfamoota
dimshaashaatti qindaa‟uun ibsa waliigalaa kan kennu dha.
Gochaa
1. Sigimand Firooyid eenyu? Waa‟ee nama kanaa waan beektu hirtiyaa keetif himi
2. Yaad-hiddamni sigimand Firooyid hundeesse waan akkamii irratti xiyyeeffata sitti
fakkaata?
3. Sadarkaalee dagaagina saayikoo ssala‟oo meeqa? Isaan hoo maal faadha?
Sigmund Freud (1856-1939) tti kan jiraate ta‟ee dagaagina dhala namaa jijjiirama gama sansakaa
fi currisaan dhufan wal qabsiisuun ibse.Yaad-hiddami kun qaamota lama kan of keessaa
qabuudha.Isaanis caasaa sansakaa fi haala umriin walqabatee sansakni namaa itti dagaagu/xiin
saala‟oo/psychosexual development/ dha.
Mala hariiroo /quunnamtii bilisaa (free association) -gaaffilee waa‟ee rakkinichaan wal
qabatan dhiheessuun akka fedha isaaniitti akka yaada iiti kennan taasisuun odeeffannoo
sassaabuudha.
25
Mala qabiyyee abjuu qaaccessuu/dream analysis/ rakkoolee isaaniin wal qabsiisee
xiinxaluu ibsuudha.
Gochaa 12
1. Kaadhimamaa barsiisaa/tuu! Mee ammammoo yaada ijoo yaad-hiddama saayikoo
saalaoo armaan olitti baratte keessaa kamtu dhugaadha, kamtus dhugaarraa kan fagaate
jettee yaadda? Maalif akka jette dareedhaf ibsi.
2. Sansakni ati sadarkaa kanatti argisiisaa jirtu kun bu‟aa muuxannoo ijoollummaa keetiti
jettee ni amantaa? Maalif?
3. Sigimand Firewud “ijoollummaan abbaa ga‟eessummaati” jedha. Yaadni kun waan
maal ibsu sitti fakkaata?
Freud haala yaadachuu ykn hojii sammuu dhala namaa ilaalchisee kutaalee ykn gulantaalee
sadii akka armaan gadiitti kaa‟eera. Isaanis:
26
1. Kutaa Sammu Dammaqaa (Conscious mind)-waantota amma yaadachaa ykn hojjachaa jirru
kan hammatudha Fkf:-
Kutaan sammuu kun Kutaalee jiran keessaa isa muraasa ykn yartuudha /it comprises only a small
portion/
Akka yaad-hiddama saayikoo saala‟ootti yaad qalbiin dhala namaa kan dagaagufi itti fufu
sababa muuxannoowwan wayitii ijoollummaa ganamaa sammuu keessa
dhokatanii/irraanfatamanii /jiraniin ta‟a. Muuxannoowwan sammuu habaarawaa keessa dhokatan
/irranfataman sunis haala adda addaa keessatti gara sammuu dammaqaatti dhufanii osoo namni
sun hin beekin yaad qalbii isaa irrati dhiibbaa geessisu. Kanaaf dagaaginni dhala namaa
shuuressaafi fedhii habarawaa/unconscious motives/ tiin murta‟a jechuudha. shuuressaa fi
fedhilee habarawaan kun saala‟oo/sexuality/ ykn dheekkamsa /aggressive/ ta‟uu danda‟u.
27
Maatiifi barsiisonni daa‟imman sansaka Ego akka dagaagfatan jajjabeessuu
Maatiifi barsiisonni daa‟imman fedhii qaamaa waan agarsiisaniif garmalee adabuu hin
qaban ykn safuu hawaasaas akka dagatan dhiisuu hin qaban
Fedhii Idfi Superego guuttachuun barbaachisaa akka ta‟e hubachuun akka daa‟imman
haala sirrii ta‟een fedhiilee qaamaa fi hawaasummaa guuttatan barsiisuu
Yaad-hiddamni kun malleen guddisaafi kunuunnsa daa‟immaniifi deggersa namoota
rakkoo currisaa qabaniif gochuu keessatti gahee guddaa qaba.
Gocha
1. Barattootni sadarkaa tokkoffaa jiran walitti-dhufeenyi isaan saala faallaa isaanii
wajjin qaban keessatti gochoota gaarii ykn rakkoolee adda addaa irraa bilisa
ta‟anii akka dagaagfataniif barsiisaan akkamitti deeggaruu qaba?
2. Akka barsiisaa sadarkaa tokkoffaatti wanti gaariin yaad-hiddama Firoyid irra
barattee fi hojiitti hiikuu dandeessu maali?
3. Kutaalee sansaka namaa murteessan sadan amala isaanii tokko tokkoon ibsi
28
Gochaa
1. Yaad-hiddamni saayikoo hawaasummaa maal irratti xiyyeeffata sitti fakkaata?
2. Wal-fakkeenya fi garaagarumman sadarkaalee daagagina saayikoo hawaasummaafi
saayiko saalaa‟oo Firooyidii jidduu jiru adda baasuun ibsi?
3. Bu‟aa yaad-hiddamni saayikoo-haawasummaa Eriksan adeemsa baruu fi barssiisuu
keessatti qabu gareen mari‟achuun callaqqee dhiheessa?
Erik Eriksan (1902-1994) nama lammii biyya Jarmanii yammuu ta‟u yaad-hiddamni isaas
akkuma yaad-hiddama „Firooyid‟ yaad-hiddama saayikoo analitikiiti. Eriksan kan irratti
xiyyeeffatu waa‟ee dagaagina currisaa daa‟immanii irratti yammuu ta‟u dagaagina currisaaf
gaheen hawaasaa, naannoofi aadaa ol-aanaa akka ta‟e ibsa. Akka yaad-hiddama kanaatti
dagaaginni sansaka dhala namaa dhalootaa hanga du‟aatti kan walirraa hin cinneedha. Adeemsi
dagaagina sansakaa kunis sadarkaa sadarkaadhaan kan ibsamu yoo ta‟u sadarkaalee hunda irratti
walitti-bu‟iinsi ykn atakaroon (crisis) akka nama mudatuufi furmaatni kennamaafii kan adeemu
akka ta‟e ibsa, kuniis kan uumamu fedhii dhuunfaafi sona hawaasaa gidduutti dha. Akka yaad
hiddama kanaatti sadarkaaleen dagaagina saayikoo hawaasummaa saddeetu jiru.
29
events)
Mucummaa Amanuu/Amanu dhabuu Trust Soorachuu Soorata gahaa, kunuunsa fi jaalala
Dhaloota hanga ji‟a 18 vs. Mistrust gaarii, fi itti fufaa yoo argatan miira
amantummaa dagaagfatu ta‟uu
baannan miiraa amanuu dhabuu
dagaagftu.
30
65 booda quufuu/gaabbuu dabarsan ta‟e ni gammaduu hin quufne yoo
Integrity vs. Despair deebi‟anii ta‟e ammoo ni gaabbu ykn ni
yaadaan gadduu
madaaluu
31
Yaada yaa-hiddama yaad-sammuu akkamitti daree barnootaa keessaatti akka hojiirra
oolchitu ni hubatta
Gochaa
1. Akka yaad-hiddama dagaagina yaad-sammuutti barachuun adeemsa akkamii
keessa darba?
2. Sadarkaalee Dagaagina Yaad-Sammuu Piaget barreessi.
3. Sadarkaalee Dagaagina Yaad-Sammuu Piaget beekuun barsiisotaaf maal
fayyada?
Yaad-hiddamni Yaad-sammuu ogeessa lammii biyya Siwizerlandii kan ta‟e „Jean Piaget‟n
(1896-1980) hundeeffame. Yaad-hiddamni kun yaaduufi sababeessuu irratti xiyyeeffata.Yaad-
hiddamni kun haala daa‟imman itti yaadanii fi yaada mataa isaanii ijaarratan irratti xiyyeeffata.
Akka „Piaget‟ jedhutti “daa‟imman dammaqinaan beekumsa waa‟ee addunyaa ijaarratu,
akkasummas daa‟immaan of irraa ka‟uudhanis ta‟e namoota biroo irraa beekumsa isaanii
dagaagfatu.Karaa biraatin, akka yaad-hiddama kanaatti yaad-sammuun daa‟immanii suuta
suutaan sadarkaa gadi-aanaa irraa gara ol-aanaatti dagaagaa deema, akkuma kanaan daa‟imman
waa‟ee naannoo isaanii taateewwanfi wantoota adda addaa miiressuudhaan akka dagaagina
sammuu gonfatan ibsa.
Yaada Ijoo yaad-hiddama Dagaagina Yaad-Sammuu Piaget
32
Namni tokko sadarkaa tokko irraa isa itti aanutti kan ce‟u sadarkaa bilchina barbaadamu
tokko irra yoo gahanii fi muuxannoo ykn shaakala bilchina isaanii wajjiin deemu irratti
yoo hirmaatanii dha.
Sadarkaa tokko irraa isa itti aanutti ce‟uuf sadarkaa isa duraa fiixaan baasutu irraa
eegama
Sadarkaalee Dagaagina Yaad-Sammuu Piaget
Akka „Piaget‟ tti waa‟ee addunyaa hubachuu keessatti, dhalli namaa hundi sadarkaalee afur
keessa darba. Sadarkaaleen kunniin umriin kan addaan bahani dha, akkasummas sadarkaalee
adda addaa keessatti beekumsii fi akkaataan yaaduu daa‟immanii garaagara, karaa biraatiin,
ijoolleen sadarkaalee garaagaraa keessa jiran haala adda addaattin waa‟ee addunyaa hubatuu
jechu dha. Daa‟imman sadarkaa tokko irraa isa itti aanutti ce‟uuf sadarkaa isa duraa fiixaan
baasutu irraa eegama.
1. Sadarkaa Miir-Sochii (Sensori-Motor Stage) Dhaloota-waggaa 2
2. Sadarkaa Hubannoon Duraa (Pre-opressional Stage) Waggaa 2-6
3. Sadarkaa Wanta Qabatamaa yaaduu Sammuu (Waggaa 6 hanga 12)
4. Sadarkaa Sirnaan yaaduu Sammuu Waggaa 12 fii isaa ol
(Formal Operational Stage)
Hojiirraa oolmaa Yaad-hiddama Yaad-sammuu„Piaget‟ Adeemsa Baruu-barsiisuu
Keessatti Qabu
33
Gochaa
1. Beekumsa jechuun siif maal jechuu dha?
2. Daa‟imman beekumsa akkamiin horachuu danda‟u jettee yaadda?
3. Yaad-rimee qabiiyyee (volume) ykn ulfaatinaa (weight) daa‟imman yoom hubachuu
jalqabu sitti fakkaata? Ibsi
4. Yaad-hiddama yaad-sammuu „Piaget‟ irraa wanti gaariin ati baratte maali?
5. Hanqinoota dagaagina daa‟immanii sadarkaa hubannoon duraa keessa jiran irrtti mula‟atu
ibsi?
Gochaa
Seenessa (Scenario)
Haati manaa Jeemsi dhibee onneetin dhukkubsattee du‟uu geessee jirti. Doktorri akka ibsetti
Ameerikaa deemtee yoo yaallamte malee yeroo dhiyootti akka dutuu dandeessu Jeemsitti hime. Achi
deemtee yaalamuuf immoo qarshii inni kafaluu hin dandeenye qarshii doolara 50,000 ol gaafata.
Qarshii du‟a oolchuu dandeessu argachuuf waan isaaf danda‟amu hunda yaale. Garuu, argachuu hin
dandeenye. Dhumarratti qarshii harkaa qabu doolaara 5000 qabatee mana qorichaa tokko deemee.
ogeessi mana qorichaatiin amma qarshiin harkaa qabu kanumaa booda hojjadheen siif kennaa ammaaf
uunjodhaan ( Duubeedhaan ) naaf kenni jedheen. Ogeessi mana qorichaatiis hin ta‟u jedheen. Sana
boodaa iseen du‟uuf sa‟aa lama (2) yoo ishee hafu halkan mana qorichaa cabsee seenee, qorichicha
hatee gale.
34
Gochi Jeemsi raawwate kun sirriidha moo dogoggora? Maaliif? Deebii keessan sababaan
deeggaruun gareedhaan marii‟achuun calaqqee dhiheessa.
Murtee safuu jechuun dandeetii namni tokko gochi tokko sirrii ykn dogoggora fi gaarii ykn
gadhee ta‟uu isaa sababaan deeggaruun dhiheessuu dha. Kanaafuu, murteen safuu madaallii
yookiin murtoo kennuu of keessatti qabata. Murteen safuu yaada dhuunfaa waan ta‟eef
dhugummaa addunyaawaa qabaachuu dhiisuu danda‟a.Walumaagalatti, murteen safuu waan
sadii of keessaa qaba.
Beekumsa: kan bakka bu‟u ilaalchaa fi hubannaa gaarummaa fi gadhummaa yaadaa yookiin
gocha tokkooti. Fkn: Hatuun gadhee ta‟uu beekuu, hangafa ofii kabajuun gaarii ta‟uu beeku,
nama arrabsuun aad- malee ta‟uu beekuu fi kkf.
Sababeessuun: yaad-qalbiin tokko maaliif gaarii yookiin gadhee akka ta‟e ibsuu dha.
Yaad-qalbiin: namni tokko gochaa fi yaad-qalbii sirrii ta‟e irratti hirmaatee argamuu dha.
Fkn hanna balaaleffachuu, hattuu adabuu fkkf. Dagaaginni murtee safuu guulantaa sadii (3) fi
sadarkaa jaha(6) akka qabu ibsee jira.
35
Gulantaa 2: Seera Waliigaltee (Conventional Morality)
Wantoota maatiin, gareen hawaasaa ykn biyyi dhimma safuuu nama irraa eegan irratti
hundaa‟uun guulantaa kana keessatti ibsama. Murteen safuu ijoollee umrii kanaa nama hawaasa
keessatti namusa gaarii qabu ta‟uun namoota biro gammachiisuu irratti xiyyeeffatu. Gulantaan
kunis sadarkaalee lama of keessaa qaba:
36
garuu seerri murtee safuu kun yeroo tokko tokko yaadni isaan kennaan seera qabatamaan jiru
wajjin walitti bu‟uu akka danda‟u ni hubatu. Seera hawaasa tokkoo mirga nama dhuunfaafi
waliigaltee addunyaatin wal-bira qabanii ilaaluun murtee kennu. Kanaafuu seerri biraa
waliigaltee addunyaatiin mirkanaa‟u bahuu akka qabu amanu.
Sadarkaa 6: Seeroota-bu‟uuraa Naamusa Addunyawaa Qabu
Seerri kun Sadarkaa kana keessatti “sirriin” kan ittiin ibsamu amantaa sammuufi seer-bu‟uura
naamusa addunyaawwa qabu, amansiisaa ta‟e, loojikii irratti hundaa‟eefi bakka baay‟eetti
fudhatama qabun ta‟a. Namoonni sirriidha jedhanii yaadan yoo ta‟efi yaadaa isaanii namootni
biroo kan deggaru ta‟uu yoo baate ille wanta sirriifi sirrii hin taane kan ittiin murteessan safartuu
keessa isaanitiin ta‟a. Walumaagalatti, haqa, wal-qixxummaa namootafi kabaja dhala namaatiif
xiyyeeffannoo kennu. Murteen safuu seer-bu‟uura akka addunyaatti fudhatama qabu irratti
hundaa‟a. Seerri seer-bu‟uura addunyawwa wajjiin wal-hin simanne fudhatama hin qabu.
Gochaa
1. Sadarkaalee dagaagina yaad-hiddama murtee safuu madaalun faayidaa inni adeemsa baruu-
barsiisuu keessatti qabu waa sadi barreessun hiriyaa cinaakee jirutti laadhu.
2. Seenessa gocha 16 irra jiru irratti murtoon kee guulantaafi sadarkaa meeqaffaarra jira jettee
of madaalta?
37
Cuunfaa Boqonnichaa
Qaama keenya keessa humni saayikoosaala‟oo jedhamu (psychic energy or sexual urg)
bal‟inaan dhangala‟ee jira
Akka yaad-hiddama saayikoo-hawaasummaatti dagaaginni sansaka dhala namaa
dhalootaa hanga du‟aatti kan walirraa hin cinneedha.
Yaad-hiddamni yaad-sammuu haala daa‟imman itti yaadaniifi yaada mataa isaanii
ijaarratan irratti xiyyeeffata.
Murteen safuu dandeetii namni tokko gochi tokko sirrii ykn dogoggorafi gaarii ykn
gadhee ta‟uu isaa sababaan deeggaruun dhiheessuti.
Murtten safuu beekkumsa, sababeessufi yaad-qalbii of keessatti hammata
38
Boqonnaa Sadii
Boqonnaa kana keessatti sadarkaalee dagaagina dhala namaa wayitii mucummaatii hanga wayitii
dullumaa jira tokko tokkoon ilaalla. Amaloota sadarkaalee dagaagina dhala namaa tokkoon
tokkoon wayitii dagaaginaatti muuldhatan boqonnaa kana keessatti ni baratta. Dagaaginni yeroo
garaagaraa keessa kan darbuu fi naqata (pattern) wal fakkaatu kan agarsiisuudha. Tokkoon
tokkoo sadarkaalee dagaaginaa dhala namaa keessatti namotni dandeetiwwan isaanii mul‟isuu,
naqatawwan amalaa (patterns of behavior) fi toofta ittiin waan tokko raawwatan kan
agarsiisaniidha. Boqonnaa kana keessatti kutaalee gurguddoo lama isaanis Sadarkaa dagaagina
dhala namaa dhalootaan dura jiruufi dhalootaan booda jiru bal‟inaan kan ilaatu ta‟a.
39
Gochaa Barattootaa
1. Dagaagina dhalootan duraa jechuun maali? Hiriyaa cinaa kee jiru waliin yaada wal
jijjiirun waan lamaan keessan irratti walii galtan dareef ibsaa.
2. Qabattoonni dhalootan dura dagaagina dhala namaa irratti dhiibbaa faallaa geessisan
maal faadha? Tarreessi.
3. Dagaagina dhalootan duraa beekun barsiisaf/tuf faayidaa akkamii qaba jettee yaadda?
Sadarkaaleen dagaagina dhala namaa dhalootan duraa kan jedhamu guyyaa “fertilaayizeeshiniiti”
kaasee hanga guyyaa dhalootaatti isa jiruudha. Sadarkaan dagaaginaa dhalootan duraa bakka
sadiitti qoodama. Isaanis:
40
Yeroon kun yeroo itti adeemsiwwan wayitiii jalqabaa eegalan cimanii itti fuufaniidha.
Yeroo itti qaamolee heedduun itti adda bahanii uumamanidha.
Yeroo kanattis qaamolee uumaman bakka sadiitti addaan kan bahanidha.
I. Qaama gara alaa/ ectoderm/ Fkn gogaa, rifeensa, sirna narvii giddu galeessaa ,
sammuufi wiirtuu dugdaa.
II. Qaama keessaa /endoderm. / Fkn lafee, mashaa, sirna deddeebii dhangalaawwan
qaama keessaa (circulatory system). Soomba, tiruu fi kkf
III. Qaama gidduu /mesoderm/ Qaama gara alaa fi Qaama keessaa kan hammatuu dha.
Fkn. lafee ,mashaa, sirna narvii giddu galeessaa fi kkf
Gochaa
Gocha
1. Qabattoota dagaagina dhalootaan duraa irratti miidhaa fidan maal fa‟i. tarreessi
2. Wantoonni araadaa nama qabsiisan hariiroo ulfa waliin qabu qaaccessuun gabaasi?
41
3.1.1. Qabattoota Daggaagina Dhalootaan Duraa
Gochalee barattootaa
1. Sadarkalee dagaaginaa wayitii dhalootaan dura jiran (wayitii killee,miciree,fi feetasii) umriifi
amaloota isaan mul‟isan ibsi
2. Haalawwan nyaataa,umurii haadhaa,deggeersa dhabuu,dhukkubsachuu haadhaa,fi kkfn,fayyummaa fi
guddina daa‟immanii akkamitti akka miidhu qaaccessuun gabaasi
3. Dhiibbaa hawaasa keessa jiru xiinxaluudhaan qabattoota hadhotiin akka ulfaa baasan taasisan
tarreessi.
42
3.1.2 Dagaagina Dhalootaan Boodaa
GBYXGQ: Xumura barannoo kanaa booda:
Sadarkaalee dagaagina dhala namaa dhalootan boodaa hubattee adda ni baafatta
Kunuunsa daa‟immaniif karaa maatiifi barsiisaa/tuu godhamuu qabu adda baafatta
Toorota dagaaginaa waiyttii mucummaa, kurkuraa, ijoollummaa ganamaafi ijoolummaa
ni ibsita
Gochaa
1. Sadarkaaleen dagaaginaa dhalootan boodaa bakka meeqatti qooddama? Barreessii
hiriyaa cinaa kee jirutti agarsiisi.
2. Maatin hanga sadarkaa kamiitti daa‟imman kunuunsuu qabu? Maalif?
3. Amaloota dagaaginaa wayitii mucummaati hanga dullumaa jiruu tarreessi
4. Toora dagaaginaa sadarkaalee dhala namaa dhalootan boodaa tokko tokkoon ibsi.
Qoodamni sadarkaalee dagaagina dhala namaa kan dhalootan boodaa yeroo hedduu akka
armaan gadiitti ibsama. Isaanis:
43
Figure 1 Sadarkaa dagaaginaa dhalootan boodaa
Cuunfaa boqonnichaa
Sadarkaaleen dagaagina dhala namaa dhalootan duraa kan jedhamu guyyaa
“fertilaayizeeshiniiti” kaasee hanga guyyaa dhalootaatti isa jiruudha.
Sadarkaan dagaaginaa dhalootan duraa bakka sadiitti qoodama. Isaanis: wayitii
zaayigootii, wayitii micireefi wayitii fiitesiiti.
Qoodamni sadarkaalee dagaagina dhala namaa kan dhalootan boodaa Wayitii
muccummaa, wayitii ijoollummaa ganamaa, wayitii ijoollummaa boodaa,wayitii
dargaagummaa, wayitii ga‟eessummaa duraa, wayitii ga‟eessummaa gidduu fi Wayitii
dulumaa ti.
Qabattoonni dagaaginaa dhalootan boodaa bakka lamatti qooddama: kan haalan
walqabataniifi haadhan walqabatanidha.
44
Boqonnaa 4
Seensa Boqonnichaa
Gochaa
1. Kaadhimamaa barsiisaa/tuu jecha gaayidaansii jedhu dhageessee
beektaa? Gaaridha! Waan dhageessefi waan ofii keetif tilmaamte
hiriyaa cinaa kee jirutti himi. Hiriyaa keetis waan inni/isheen
dhageesse/‟e gaafadhu.
2. Garaagarummaan gaayidaansiifi kaawunsiliingii maal sitti fakkaata?
Dareef ibsi.
45
4.1 Yaad-rimee Gaayidaansii
Gochaa
1. Gaayidaansin eenyufi eessatti kennama?
2. Amaloota gaayidaansii tarreessi
3. Tajaajila gaayidaansii irraa qaamolee fayyadamoo ta‟an tarreesi
Gaayidaansiin gargaarsa namni tokko nama isa biroof waan filannoo jireenyaa isaa/ishee
keessatti barbaachisu akka fudhatuuf/ttuuf, naannoo keessa jiraatu/ttu wajjin waliigalteeakka
uumuufi rakkoowwan qunnaman hiikuu akka danda‟uuf taasifamudha. Karaa biraa immoo
gaayidaansiin adeemsa gargaarsaa kan akka namni gargaaramu itti gaafatamummaa fudhatu,
naannoofi maataa ofii hubachuu danda‟uuf taasifamudha. Walumaagalatti, gaayidaansiin
adeemsa dandeettii ofii fayyadamuun jireenya ofii fooyyeffachuufi ofitti amanamummaa
horachuuf kan nama gargaarudha.
. Amaloota Gaayidaansii
Akka Omeri (2006) ibsetti tajaajilli gaayidaansii amaloota armaan gadii qaba
46
Gaayidaansin:
Adeemsa
Walitti fufinsa kan qabuudha
Murtee kennuudhaaf xiyyeeffannoo addaa kenna
Tooftaa fedhii ofii dhugoomsuuti.
Tajaajila gooroofi gooreeti
Galma Gaayidaansii
Akka tajaajilaatti, gaayidansiin galma ijoo afur qaba. Isaanis:
A. Tajaajlia barumsaaf;
B. Ogummaaf;
C. Dhuunfaafi;
D. Haawasummaati.
Gochaa
1. Kaadhimamaa barsiisaa/tuu armaan olitti amalootafi galma gaayidaansii ilaaltee jirta.
Mee atimmoo akaakuu gaayidaansii kitaabota gagaraa dubbisuun waan argatte dareef
dhiheessi.
2. Kaayyon gaayidaansii barnoota keessatti maal akka ta‟e erga ofii keef itti yaaddee booda
hiriyaa cinaa kee jirutti yaada kee himi, kan isaas/ishees dhaggeeffadhu. Yaada lamaan
keessanii ammo dareef ibsaa.
4.2 Kaawunsiliingii
47
Gocha
1. Kaawonsiliingiin maal jechuu akka ta‟e yaada dhuunfaa keetii barattoota daree
hundaaf qoodi. Baay‟ee gaaridha!
2. Galmawwan kaawonsiliingii tarreessi.
3. Gosootni kaawonsiliingii maalfa‟i?
4. Amaloota kaawonsiliingii ibsi
Kaawunsiliingiin damee gaayidaansii ta‟ee rakkoo nama tokkoo hiikuu keessatti adeemsa
namtichi murtee mataa ofiitiin rakkoo isa mudatu hiikuudhaaf adeemsa gargaarsi ogummaa
itti kennamudha. Kana jechuun kaawunsiliingiin akka namni tokko
48
Barattoonni hanqinaafi cimina isaanii adda baasanii akka hubataniif gargaara
Barattoonni ilaalcha dhuunfaa qajeelaa akka dagaagfatan gargaara
Adeemsa dagaagina daa‟immanii kallattii hundaan jiru keessatti gargaarsa taasisa
Hariiroo hawaasummaa qajeelaa ta‟e akka gonfataniif gargaara
Rakkoolee dhuunfaa, currisaafi madda isaa hubatanii akka to‟atan isaan gargaara
Dandeettii isaanii guutuu ta‟etti akka fayyadamaniif isaan gargaara.
Barattoota hubannoo, beekumsaafi ogummaa jireenyaa gonfachiisuu
4.2.3. Gosoota Kaawunsiliingii
A. Kaawunsiliingii Garee: Gosti kaawunsiliingii Kun namoota rakkoo wal fakkaataa qaban
walitti fiduudhaan gareen kan kennamudha.
B. Kaawunsiliingii Dhuunfaa: Gosti kaawunsiliingii kun ammoo kaawunsilariifi nama rakkoo
qabu tokko qofa gidduutti kan gaggeeffamudha.
Karaa biro, Kaawunsiliingii bakka gurguddoo lamatti qoodamu . Isaanis:
II . Kaawunsiliingii Al- kallattii. Kaawunsiliingiin Al- kallattii ammoo adeemsi isaa kan
armaan olii irra amma ta‟e adda dha. Akkataa „‟ Car R.Rogers‟n tajaajilli kun kan maamila
gidduu galeeffateedha. Kunis, maamilchi dandeettii fi beekumsaa kuufama qabuun gargaarame
rakkoo ofii isaa ofiin akka hiiku walabummaa qaba kan jedhu irratti xiyyeeffata . Haalli
rakkoo hubachuudhaaf daataa walitti sassaabamuu fi yeroon Kaawunsiliingiin itti gaggeeffamu
walii galtee qaamolee lammaniin kan murtaa‟uu dha.
49
4.2.4. Amaloota Kaawunsilarii
1. Nama gargaaramuufi
Xiyyeeffannaadhaan dhageeffachuu
Bakka gargaaramaa isaa of-buusuun rakkoo isaa hubachuuf yaaluu
50
Hariiroo gaarii wal-hubannaa irratti hundaa‟e uumuu danda‟uu
Gargaaramaa isaa kabajuu
Gargaaramaa isaa gargaaruuf fedhiifi qophii qabu hundumaa agarsiisuu danda‟uu
Wal-amantaa uumuu danda‟uu
Icciitii maamilasaa eeguu
1. Xiyyeeffannoon dhaggeeffachuu
2. Rakkinicha adda baasuu
3. Yaada furmaataa eeruu
4. Yaada furmaataa filatamaa ta‟e filachuu
5. Hojiirra oolchuu
6. Murtoo kennuu
7. Tajaajila kaawunsiliingichaa cufuu/xumuruu
51
Cuunfaa Boqonnichaa
52
Wabiilee (References)
53