?????? ????

You might also like

Download as txt, pdf, or txt
Download as txt, pdf, or txt
You are on page 1of 2

💓💓𝐆𝐎𝐑𝐒𝐀 𝐉𝐀𝐀𝐋𝐀𝐋𝐀 𝐖𝐀𝐋𝐀𝐋𝐎𝐎𝐍💓💓

Yaa nama koo mee na dhaggeeffadhu


Qorumsa kee darbuuf ija jabeefadhu
Muldhata qabdu achi fageeffadhu
Boru abdiidha waan kana beekkadhu
Muudannoo kee isa duraa muuxannoo godhadhu
Boruu kee kan bareechu filannoo filadhu
Waan garaan kee didu irrumaa baqadhu
Isa darbeef hin booyini imimmaani haqadhu
Obsuun qarummaadha obsaan mooyadhu
Dubbii dharaa keessaa ta dhuga'aa fooyadhu
Hobomboleettiin yaada si daassin bubbichee
Anaa si hordofaaruun na gatin rukkichee
Namni fi haalli ta'ulle kan qalbii kee hiru
Garuu akkas miti akki uumaan siif jiru
--𝐾𝑎𝑛𝑎 𝑏𝑒𝑒𝑘𝑖--
🇬 🇾 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖

#Xalayaajaalala

Dhaba keef sodaadhee


Oliif gadi utaalee
Qaawwa kee meeqa dhoksee
Uraasaa cuqqaalee

Maalif nan dhageessu


Maaf dhaga'uu diddaa
Sagal baateef gabaa
Maaluma naa fiddaa

An yoon hunkutaa'u
Yaaddoo keen dhaanamee
Gara onnee keetti
Jaalalaan waamamee

Siifuu hin galu kan koo


Dhukkubbiin keessoo yaadaa
Sin jaalladha jettee
Maali yoo naa seente waadaa

Beeka atoo hedduu


Kumas qabda jaallataa
Onneen kee eenyuu na'ee
Eenyumaan yaadataa

An siif himee fixadhee


Guduunfuuf yaada Koo
Ture ani siifan gurgura
Kaleeyyuu qaama koo

Egaa amma sin argu argaaf


Kutaa qalbiin gama hedduu hiixadhee
Si argachuus yaale danuu
Baay'ee ta'ee mimiixadhee

Maal eegaa kun akkamiin


Tasayyuu hin yaanne garuu
Maal otoo hafe ta'ee natti
Durumaaniyyuu si'in baruu
Haa ta'u tole fudhadhe
Onnee koo siif laachuu
Yoo atuu deemte faana kaastee
Qalbii koon si baachuu

Si hordofaa yaada koon


Si duukaa rarra'ee
Sin argadha moo laata akkasumaan
Hawwee hafa dharra'ee

You might also like