MILKO Danbii Kan Fooyaee 2016

You might also like

Download as docx, pdf, or txt
Download as docx, pdf, or txt
You are on page 1of 14

DAMBII ITTIIN BULMAATA

Table of Contents
Baafata Fuulaa
Keewwata 1.....................................................................................................................................1
Waligaltee kayyoo fi hundeeffamaa walda’ichaa........................................................................1
Keewwata 2.....................................................................................................................................1
Galmee walda’aa..........................................................................................................................1
Keewwata 3.....................................................................................................................................2
Mirgaa fi dirqamaa miseensoota..................................................................................................2
Keewwata 4.....................................................................................................................................3
Yaa’ii waligalaa...........................................................................................................................3
Keewwata 5.....................................................................................................................................3
Murteewwan waligahiin ala darban............................................................................................3
Keewwataa 6...................................................................................................................................3
Haalaa murtii yaa’ii waliigalaa....................................................................................................3
Keewwata 7.....................................................................................................................................4
Hojii fi aangoo hoojii gaggeessaa................................................................................................4
Keewwata 8.....................................................................................................................................4
Gahee hojii itti gaafatamaa fayinaansii........................................................................................4
Keewwata 9.....................................................................................................................................5
Gahee hojii barreessaa waldichaa………………………………………………………………………………………………………..5

Keewwata 10...................................................................................................................................5
Gahee hojii odiitara waldichaa…………………………………………………………………………………………………………….5

Keewwata 11...................................................................................................................................6
Gahee hojii akkaawuntaanttii waldichaa……………………………………………………………………………………………..6

Keewwata 12...................................................................................................................................6
Gahee hojii saayiti foormaanaa…………………………………………………………………………………………………………..6

Keewwata 13...................................................................................................................................7
Gahee hojii qabduu meeshaa……………………………………………………………………………………………………………..7

Keewwata 14...................................................................................................................................7
Miseensummaa irraa gaggeefamuu..............................................................................................7

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page1


DAMBII ITTIIN BULMAATA

Keewwata 15...................................................................................................................................8
Aangoo yaa’ii waligalaa...............................................................................................................8
Keewwata 16...................................................................................................................................8
Waa’ee waldhabinsaa waldaa keessaattii uumamuu....................................................................8
Keewwata 17...................................................................................................................................8
Waa’ee qusannoo.........................................................................................................................8
Keewwata 18...................................................................................................................................8
Waahee durgoo fi kaffaltii adda addaa........................................................................................8
Keewwata 19...................................................................................................................................9
Waa’ee odiitii herreegaa..............................................................................................................9
Keewwata 20...................................................................................................................................9
Fooyya'iinsa dambii ittiin bulmaata waldichaa…………………………………………………………………………………….9

Keewwata 21...................................................................................................................................9
Waa’ee diigamuu waldichaa........................................................................................................9
Keewwata 22...................................................................................................................................9
Yeroo tumaata waldichaa.............................................................................................................9

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page2


DAMBII ITTIIN BULMAATA

1. SENSAA

Akkuma beekamu waldayni keenya waldaya ulaagaa labsii bullchiinsii motummaa nannoo oromiyaa
baasee irrattii hundaa ’uudhaan fedhinnaa keenyaan bara 2016 kan ijaramanee yommu tahuu
Eebifamtootaa yuniversitii irraa barumsa isaanii xumuraaniin akkasumaas ogeeyyota kollejii irraa
Eebifamanii BLTO fudhatanii gahumsa isanii mirkanesan kan of kessaa qabuu yommu ta,u hojii ijaarsa
irratti muxannoos kan qabu yommu ulaagaalee kanan gaddittii tarefamaan of jalattii kan
hammateedha.

Eebbiofamtoota Yuniversiitii fi kollejii garagara irraa ogummaa Adda addatiin


Eebbifaman dhiraa 3 fi dubartii 3 kan qabnuu waligalaan nama 6 taanee kan
ijarramneedha.
madaallii gahuumsa ogummaa milka,an kan of kessatii Hamateedha.
Kanumaan wal qabachuudhaan ulaagaalee barbaachisoo ta’an guuttachuun dorgomaa
cimaa taanee Argamuudhaaf heeyyama ijaarsa seeraa sadarkaa 8ffaa baafannee kan
jiruudha.
Imaammataa fi tarsiimoo mootummaan baase bu’ura godhachuudhaan dargaggoota carraa
mootummaan gad diriirsetti fayyadamuudhaan carraa hojii uummannee akkasumas
Eebifamtoonnii barnoota isaanii Eega xummuraniin boda carraa hojii mootummaa qofa
Eegatuu tahuun nurra hin jiraatuu jachuudhan dargageessa gahuumsaa fi dandeettii qabnuu
hundati fayyadamanee jijiirama waaraa fiduudhaf muratefannee jaramnee jira .

Kanaaf Waldeeyni Kadir, mohammed sha.fi shariikotaa barbaachisummaa dambii ittiin


bulmaataa kana tumatee miseensa guutuun mirkaneessee gara hojiiti galuudhaaf kan
murteefanneedha .
Miseensi waldichaa hundii mirgaa fi dirqama isaanii hubatanii akka hojjetan beekuu.
Miseensi waldichaa keenya waldichaa jidduu wal dhagahuu, wal dhaggeeffachuun, wal jaalachuu
wal jala - deemuu akka qabuu beekuu .
Miseensi waldichaa hundi itti gaafatamummaa gamaa waldichaatiin itti kenname bifa qulqullina
qabuun bahachuutuu/fudhachuutu irraa eegama.
Waldicha jijjirama misomawaa akkaa Aana keenyaatiis tahee akka biyyattiiti dorgomaa cimaa fi
filatamaa taasisuu.

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page3


DAMBII ITTIIN BULMAATA

kaayyoo
Dargaggooonni hirkattummaa jalaa akka bahan taasisuu.
Dargaggoonni keenya Aadaa hojii cimaa akka horannuu taasisuu.
Dargaggeessa of danda’ee akkasumaas carraa hojii nama biraafis uumuu taanee argamuu.
Dargaggoota abdii biyyaa ta’an uummachuu.
Dargaggoota Biyya jaalatan oomishuuu.
Dargaggoota ykn Eebifamtoota Nuu boodaan dhufan hundaa ilaalcha Misoomawaa ta’e akka
qabaatan taasiasuu.
Imaammataa fi tarsiimoo mootummaan baase deeggaruun galma barbaanne bira akka geenyuu
gochuudha.

Galma

Dargaggoo jireenya isaani injifatanii biyya isaanii keessatti qooda akka fudhatan taasisuufi
jireenya hirkattumma jala haahudhan fakkenya gaarii dargaggoota biyyaa keenyattiif fakkenyaa
tahuudhan kapitaala horaanee gara industiiriiti ceudhan akkasuumas dargaggeesa abba qabeenyaa
tahee horaannee karooraa gudiina biyyatiin keenya qabatee milkeesuu tauu keessa gahee mata
keenya gumaachuudhaan

Meeshaalee ijaarsaaf nu barbachisaan hunda guutachuudhaan waldaya dorgomaa cimaa Taanee


argamuudhaa.Interprise Guddaa Biyya keenyaaf fakkenya ta,uu bira dabarree Taree interprise
Adunyaa kessatii dorgma cima tanee ArgamuudhaanHojii dhabdootaa biyyaa keenyaatiif carra
hojii dhabbiidhaan akkasumaas peerooliidhan qaxxarree rakkoo Qaalomina jireenya na mudatuuf
furmaata waara tahuudha .

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page4


DAMBII ITTIIN BULMAATA

WALDA’A KA,MOH FI SHARIIKOOTA

DAMBII ITTIIN BULMAATAA

Keewwata 1

Waligaltee kayyoo fi hundeeffamaa walda’ichaa


1.1 Waldayni kun maqaan isaa <<Waldaa Hundaaf CON Fi Sharikoota>> ta’ee akka
moggaafamuuu irratti waligallee jirra akkasumas dambii ittiin bulmataa kanaan kan
hogganamuu taha..
1.2 Dargaggeessa of danda’ee akkasumaas carraa hojjii nama biraatiif uumuu taanee
argamuu..
1.3 Dargaggoota abdii biyyaa ta’an uummachuu.
1.4 Dargaggoota Biyya jaalatan oomishuuu.

1.5 Dargaggoota ykn Eebifamtoota Nuu boodaan dhufan hundaa ilaalcha Misoomawaa ta’e
akka qabaatan taasisuu .
1.6 Imaammataa fi tarsiimoo mootummaan baase deeggaruun galma barbaanne bira akka
geenyuu gochuudha.

Keewwata 2

Galmee walda’aa
2.1 Galmee miseensoota walda’aa kaanaa waajjirra ol’aanaa waldichaa keessa taa’uu qaba.galmeen
kuniis maqaa miseensootaa gahee miseensootaa akkasumaas miseensii walda’ichaa kamiyyuu kan
maqaan darbu ta’uu isaafi fooyya’insi godhamee yoo jirratee kan ibsu ta’u qaba.
2.2 Tarreewwaan galmee miseensootaa walda’ichaas tarreewwaan barreffama hundeeffamaa fi dambi
ittiin bulmaataa keessatti ibsaman qabaachuu qaba.
2.3 Walda’ichii galmee miseensootaatiifi kaaffalttii ni qabaata.

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page1


DAMBII ITTIIN BULMAATA

Keewwata 3

Mirgaa fi dirqamaa miseensoota


3.1 Tokkoo tokkoon miseensi waldaa qooda itti fayyadamiinsa walda’ichaa keessa qabuun mirgaa
keenuu sagaalee ni qaba.
3.2 Miseensootni walda’icha walgahii walda’icha kammiyu irratti hirmachuudhaan mirga filuu fi
filatamuu fi murtii dabarsuuf mirga ni qaba.
3.3 Dhuma waggaa irratti ibsa bu’aa fi kasaaraa irratti hundaa’amee hirama godhameen bu’aas ta’ee
kasaaraa fudhachuuf mirgaa fi dirqama qaba.
3.4 Miseensoonii walda’ichaa hundii sa’aa hojii kabajuun iddoo hojiittii argamuudhaaf dirqama qabu
akkasumas sababa adda addaatiin hojii miidhuuf yaaluu hin qabu.
3.5 Icittii walda’ichaa Eeguudhaan milkaa’ina keenya kessatti qooda keenya bahaachu qabna.
Hojimaata itti kennamee fudhachuudhaan hojiira oolchuu dirqama qaba.
3.6 Miseensii walda’ichaa hundii amanammummaa fi haqaan hojjechuu qaba.
3.7 Miseensii hundinuu bu,aa argamuu irraa parsantaa 15 (kudha shan) walqootii kan qusatu tahuu
qaba .
3.8 Miseensii walda’ichaa gaafa hojiin argamee Hojii kessa gale irra kaasee Kaffaltii miindaa ji’a
ji’aan Kan kaffalamuuf tahuu beekuu Qaba
3.9 Walda’ichii ergaa projeectii xumuree bu’aan isaa bekkame booda miseensoonni hundi bu’aa
argamee irraa wal qixa kan qoodatan ta’a..
3.10 Ulaagalee armaan olittii eeramaan akka galtee godhachuudhan miseensii waldayichaa hundii
kakaa”umsa hojii qabaachuu qaba.
3.11 Meeshaalee waldayichaa kunuunsuun akka yeroo dheeraaf fayyaduu goochuu qaba
3.12 Miseensii waldayaa koomii fi gaafii qabuu afaaniinis ta’ee bareefamman gaafachuu mirga
qaba
3.13 Miseensii hundii rawwii hojmaata olmayaa keenya guyya guyyaan kan irrattii kan wal
hordofuu ta’u qaba .
3.14 Adeemsa hojii kessaatii rakkoon yoo mudatee mariidhaan furmaata kan kenninuu tahuu qabna.
3.15 Miseensii waldayichaa hundii amala Wal tuffachuu, waliif ajajamuu diduu fi amala gadhee
irraa fagaachu qaba.
3.16 Kaffaltiin miseensootaa ji’attii al tokko qofaa kan kafalamuu ta’uu beekuu qaba.
3.17 Miseensi kamiyyuu walgahii waligalaa miseensootaa irratti murtee yaa’ii waliigalaa kabajuun
hojii irraa akka olu godhuu qaba akkasumas gochaa faalaa kayyoo walda’icha ta’ee irraa of-eeguu
qaba.

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page2


DAMBII ITTIIN BULMAATA

Keewwata 4

Yaa’ii waligalaa
4.1 yaa’iin waligalaa ji’a jahatti al tokko ni gaggeeffama haa ta’uu malee akkaataa barbachisummaa
isaatti walga’ii ariifachisaa waamuun ni danda’aama.
4.2 Hojii gaggeessan walda’icha yaa’ii waligalaa yeeroo yaamu ajandaan walgahichaa guyyaa 15 dura
miseensootaaf dabarsuun yaada dhiyeessee hubachiissuu qaba.
4.3 Dambii ittiin bulmaataa kana keessatti haalaa addaatiin yoo ibsamee malee dhimmoonnii yaa’ii
waligalaatiif dhiyaachuun murti argachuu qaban qooda itti fayyadamtoonni qabaniin caaliina
sagaaleetiin ta’a.

Keewwata 5

Murteewwan waligahiin ala darban

5.1 Yaa’iin akka taasifamuu seerrii ykn dambiin ittiin bulmaataa walda’ichaa yeroo hin
dirqisiifamnettii hojii gaggeessaan walda’ichaa dhimmaa sagaaleen itti kennamuu miseensootaaf
erguudhaan barreeffamaan sagaalee akka ittii kennaan gafaachuu qaba

Keewwataa 6

Haala murtii yaa’ii waliigalaa


6.1 Lakkoofsii Miseensootaa ykn huundeessitoota walda’ichaa harka ¾ (75%) ol yoo yaa’ii waligalaa
irratti argaman waligahichii yaa’ii guutuu ta’a.
6.2 Walgahii walda’ichaa kana irratti murtiin kan darbuu Calmaa sagaleetiin ta’a.

Keewwata 7

Hojii fi aangoo hoojii gaggeessaa


7.1 Hojii walda’ichaa hunda ni hooggana, ni too’ata, qajeelfama ni kenna
7.2 Waldaa bakka bu’uun waliigaltee ni mallatteessa

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page3


DAMBII ITTIIN BULMAATA

7.3 Walda’ichi yoo himatuus ta’e yoo himatamuu waldaa bakka bu’uun mana murtiis ta’ee qaama
seeraa kamiyyu biratti ni dhiyaata
7.4 Hojjattoota ni qaxara, hojii tareesse ni keenna
7.5 Xalayaa maqaa waldaatiin bahaan irratti ni mallatteessa
7.6 Karoora hojii ni qopheessa
7.7 Baajata piroojaktii ni qopheessa
7.8 Itti gaafatamaa faayinaansii fi barressaa waliin tahuun herrega baankii ni sochoosa
7.9 Bajataafi basiin walgituu isaa ni hordofa, baasiin bajataa ol yoo ta’e karoora hojii fooyyeessudhaan
bu’aa waldaa eegsiisuuf ni hojjata
7.10 Hojiin waldichaa qixa karoorfameen hojjatamaa jiraachuu ni hordoofa
7.11 Hamilee miseensoota waldichaa hojii irratti ni kakaasa, tokkummaa miseensootaa eguuf ni
hojjata,
7.12 Miseensii waldaa hunduu beekkumsaa fi ga’uumsa isaanii akka fooyyeessan ni gargaara
7.13 Waldhabbii miseensoota waldichaa giduutti Uumame ni fura
7.14 Gabaasa waliigalaa adeemsa hojiitiifi fayinaansii miseensootaaf ni dhiheessa

Keewwata 8

Gahee hojii itti gaafatamaa fayinaansii


8.1 Bajataa fi baasiin walgituu ni mirkaneessa
8.2 Galii fi baasiin walda’ichaa herrega sirri ta’een deeggaramu ni mirkaneessa
8.3 Baasii seera guutee ajajame ni raawwata
8.4 Basiin raawwatame hoojii kamiif aakka oolee fi akkaawuntaantti waldichaatiin bareeffamaa
jiraachuu ni hordofa, garagalcha isaas ni fudhata
8.5 Bittaa meeshaalee ni raawwata, kan miseensii biraa bitees ni hordofa akkasumas meeshaaleen
bitaman hojiirra ooluu ni mirkaneessa
8.6 Galmee herregaa,nagaheewwan maallaqaa akkasumas ajaja baasii waldichaa ni qopheessa, itti
gaafatamummaan ni qaba
8.7 Dura ta’aa fi barressaa waliin tahuun herrega baankii ni sochoosa
8.8 Akkaawuntaantti walda’ichaa waliin dhiheenyaan ni hojjata
8.9 Bakka dura ta’aan hinjiretti bakka bu’ee ni hojjata
8.10 Gabaasa faayinaansii qopheesse hojii raawwachiiftuu waldaatiif ni dhiheessa
8.11 Dura ta’aa fi barressaa waliin tahuun herrega baankii ni sochoosa
8.12 Hojiilee biroo kan dura ta’aa walda’ichaatiin keenameef ni raawwata
Milkoo conistructioni micro Enterprise Page4
DAMBII ITTIIN BULMAATA

Keewwata 9

Gahee hojii barreessaa walda’ichaa


9.1 Qaboo yaa’ii ni barreessa
9.2 Xalayaalee adda addaa ni barreessa
9.3 Gargaaraa dhihoo dura ta’aa tahee ni hojjata
9.4 Bakka dura ta’aa fi itti gafatamaan fayinaansi hin jirretti baka bu’ee ni hojjata
9.5 Dura ta’aa fi itti gaafatamaa faayinaansii waliin tahuun herrega baankii ni sochoosa
9.6 Hojiilee biroo kan dura ta’aa walda’ichaatiin keennameef ni raawwata

Keewwata 10

Gahee hojii oodiitara walda’ichaa


10.1 Adeemsi faayinaansii walda’ichaa seera qabeessa ta’u ni mirkaneessa
10.2 Nagaheewwan maallaqaatiifi ajajnii baassii seera gutuu isaanii ni mirkneessa
10.3 Baasii fi Kaffaltiin hundinu qixa sirriitiin barreeffamaa jiraachuu ni mirkaneessa
10.4 Maallaqni baasii taheefi kaffaltiin raawwatame walgituu isaani ni mirkaneessa
10.5 Haafteen maallaqaa kan barreffamaan jiruufi kan herrega baankii keessa jiruu walgituu isaani ni
mirkaneessa
10.6 Gabaasa odiitii marii waligalaa walda’ichaa irratti ni dhiheessa
10.7 Adeemsii hojii qixa karoorfameen adeemsifamaa jiraachuu ni hordofa, ni mirkaneessa
10.8 Sochiin walda’ichaa mul’ata (vision) fi kaayyoo hunddeffama waldichaa (mission) kan galmaan
gahuu tahuu isaa ni mirkaneessa
10.9 Hojiilee biroo kan dura ta’aa walda’ichaatiin keennameef ni raawwata

Keewwata 11

Gahee hojii akkaawuntaantii walda’ichaa

11.1 Baasii fi kaffaltti walda’ichaa hunda ni barreessa


11.2 Baasii fi kaffalttiin raawwatamee walgituu ni mirkaneessa, Peeyroola ni qopheessa

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page5


DAMBII ITTIIN BULMAATA

11.3 Kaffaltti bittaa meeshaa, kan human namaa, kan mindaa, kan vaatii,kan gibiraa,
kan riteenshiinii, kan hojiin ittiin gaggeeffamu fi kaffaltti adda addaa jedhee adda
addaan ni barrreessa
11.4 Itti gaafatamaa faayinaansii waliin dhiheenyatti ni hojjata
11.5 Gabaasa kaffaltii ittin raawwatamee ni dhiheessa
11.6 Nagahee bittaa meeshaa sirrii ta’u ni mirkaneessa
11.7 Hojiilee biroo kan dura ta’aa walda’ichaatiin keenameef ni raawwata

Keewwata 12

Gahee hojii Saayti foormaanaa

12.1 Hojiileen ijaarsaa qixa qulqullina qabuufi akkaataa karoorfameen hojjatamaa


jiraachuu ni too’ata
12.2 Sagantaa hojii torbee ni qoopheessa
12.3 Meeshaalee ijjaarsaatiifi huumni namaa gahaa jiraachuun ni mirkaneessa
12.4 Meeshaalee ijjaarsaaf barbaachisan akka yeroodhaan dhihaatan itti gaafatamaa
walda’ichaatiif fulduratti ni beeksisa
12.5 Hojjettoota ni ramada, hojii isaanii ni too’ata,ni madaala,bakka sirritti hin
hojjatamiin ni sirreessa
12.6 Qabeenyi waldiichaa akka hin bittinooynee ni too’ata
12.7 Hojjattootaaf haamilee hojii ni keenna, hojii irratti ni kakaasa
12.8 Waldhabbii hojjattoota jiddutti umamuu ni fura
12.9 Kaffalttii hojjattotaa ni raawwata
12.10 Gabaasa adeemsa hojii guyya guuyyaan itti gaafatamaa walda’ichaatiif ni keenna
12.11 Kaffalttii raawwate huunda barreesse Akkaawuntaantti walda’ichaatiifi itti
gaafatamaa faayinaansiitif ni keenna
12.12 Maallaqa kaffaltti irra haafe itti gaafatamaa faayinaansiitif yeroodhaan ni deebisa
12.13 Hojiilee biroo kan dura ta’aa walda’ichaatiin keenameef ni raawwata

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page6


DAMBII ITTIIN BULMAATA

Keewwata 13

Gahee hojii qabduu meeshaa

13.1 Meeshaalee walda’ichaa hunda barreffamaan ni qaba


13.2 Baasiin meshaale seera guutuu isaani ni mirkaneessa
13.3 Meshaaleen hojiif bahaan yeroo keennameefitti deebi’uu ni mirkaneessa
13.4 Qabeenyii waladichaa oddo hin bittinoynee akka taa’u ni taasiisa
13.5 Galmee meshaale qulqulinaan ni qaba
13.6 Meeshaalee caccabaniifi qulqulina hin qabne hin qeebaluu
13.7 Hojiilee biroo kan dura ta’aa walda’ichaatiin keenameef ni raawwata

Keewwata 14

Miseensummaa irraa gaggeefamuu.


14.1. Miseensi kamiyuu feedhii isaattiin waldaa irraa bahuu ni danda’a.

14.2. Miseensii miseenssummaa irraa ba’uu barbaadu sababaa isaa barreefamaan koree hojii
rawwachiftuuttii dhiheessuu qaba gaggeefmun isaatis yaa’ii waligalaatiif dhiyaatee yoo
murtaa’e kan ragga’u ta’a.

14.3. Miseensi kamiyuu dirqama isaa yoo ba’uu baate ykn walda’icha irratti balleessaa
rawwachu isaattif ragaan yoo irratti dhiyaate

14.4. Dambii walda, seera ittiin bulmaataatii fi murtiiwwaan waliigalaa waldichaa kabajuu
dhisuudhaan gorsi fi ofeeggannoon kannameefi of sirreesuuf fedhii yoo qabaachuu baate.

14.5. Kaayyoo fi sochii hojii waldaa kan faalleesssu yookiin dadhabsiisuu yoo raawwate.

14.6. Walda’icha waajjiin waggaa tokkoo ol walqunnamtii yoo dhabee.

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page7


DAMBII ITTIIN BULMAATA

Keewwata 15

Aangoo yaa’ii waligalaa


15.1. Adeemsaa fi sochii hojii walda’ichaa olaantummaan ni hoggana,,baajeetaa fi sagantaa
hojii ni murtessa, hojii irra ooluu isaas ni hordofa.

15.2.Ibsa hojii gaggeessa walda’ichaa dhaggeeffatee yoo miseensootaan fudhataama argatee ni


mirkanessa.

15.3.Raawwi hojii walda’ichaa ilaalchisee hojii gaggeessaaf qajeelfama ni kana.

15.4. Ibsa herreega odiitii walda’ichaa qoratee tarkaanfii barbaachisaa ta’ee ni fudhata .

Keewwata 16

Waa’ee wal-dhabiinsa waldaa keessaattii uumamu


16.1.Wal-dhabiinsi walda’icha keessatti yoo uumame koree hojii raawwachiiftuutiin ilaalamani
murtii argatu.

16.2.Murtii kennamu irratti qaama angoon keenametti dhiyaatee murtii argata

Keewwata 17

Waa’ee qusannoo
17.1 Miseensonni walda’ichaa mallaqa isaani qusachuudhaan hojii qabatamaa irra akkaa
oolchan dandeesisudhaaf tajaajilaa qusannoo akka kennamuuf ni godhama.

17.2. Miseensa walda’ichaa kamiyyuu galii argaatu irraa dhibbantaa 15 qusachuu qaba.

Keewwata 18

Waa’ee durgoo fi kaffaltii adda addaa


18.1 Miseensonni waldaa haala waalii galalaniin yaa’ii waligalaa irratti mindaa ji’aa ni murteessu
akkasumas akkaataa hojii isaaniitiin durgoo fi kaffaltii adda addaa ni murteessuu .

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page8


DAMBII ITTIIN BULMAATA

Keewwata 19

Waa’ee odiitii herreegaa


19.1. Sochiin walii gala herreegaa fi qabeenyaa walda’ichaa waggaa keessaatti yeroo lama
odittii ni ta’a

19.2. Gabaasnii odiitii walda’ichaa gumii waligaala walda’ichaatiif dhiyaatee ni mirkanaa’a.

Keewwata 20

Fooya’iinsa dambii ittiin bulmaata walda’ichaa


20.1 Miseensootnii walda’ichaa huunduu yoo irratti waliigalan dambii ittiin bulmaata waldichaa kana
fooyyeesuus tahee jijjiiruu ni danda’an.

Keewwata 21

Waa’ee diigamuu walda’ichaa


21.1. Akkaataa seerii daldaala itoophiyaa ajajuun keewwata 217 18/11/542 fi 543irratti
hundaayeen digamuu ni danda’a.

Keewwata 22

Yeroo tumaata waldichaa


22.1. Mirgii miseensootaa haala addaa ta’een murteessuun egaa tahee walda’ichii yeroo hin
murtoofneef kan hundeeffamee dha

22.2. Dambii ittiin bulmaataa kan guyyaa har’aa 29/10/2016 miseensoota waligalaatiin
dubbifamee maallattefameera

Maqaa Fi Maallatoo Miseensootaa Hundeessitootaa

lak Maqaa miseensoota Gosa oguuma Sadarka Gahe hojii mallaa


tto
1 Mohammed shadiin Hydraulic Eng Bsc General Project
manager

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page9


DAMBII ITTIIN BULMAATA

2 Mohammed abrahim Water Eng Bsc Abba heregga


3 Obsa Ahmade COTMT BSC Mandisa
4 Addise tadesa Sarveying Coc III Site formana
5 Beza shawul Site formana Coc III? Cashier
6 Tugist kabade Management Bsc Management
Dura Tahaa Waldichaa, Mohammed shaddin
Itti Anaa Waldichaa, Mohammed Abrahim
Bareessa Waldichaa, Tigist kabade

Milkoo conistructioni micro Enterprise

Milkoo conistructioni micro Enterprise Page10

You might also like