Download as ppt, pdf, or txt
Download as ppt, pdf, or txt
You are on page 1of 86

Leenjii/barnoonni intarpriinarshiippii yeroo kana keessa wantoota

xiyyeefannaan itti kename keessaa isa tokkodha. Sababini isaas yeroo


wal-dorgommiin sadarkaa hundarattu cimee jiru kana keessatti
gahumsa intapriinarishiippii ummachudhaan wal-dorgummii
injifachuun murteessaa waan ta'eef.
Gama biraatiin adunyaaratti hojii dhabummaan yeroo yeroodhaan
gudachaa waan jiruuf rakkoo cimaa ta'e kanaaf furmaata keenudhaaf
falli filanno hinqabne leenjii intarpriinarshiippii babalisuudhaan
dargaggoonni/hojii dhabdoonii hojii eegachu dhiisanii hojii
ummachudhaan ofii isaaniitiif ta'e namoota biraatiif carraa hojii akka
umman taasiisun murteessaadha.
kan itti fufe------
 Leenjiin intarpriinarshiippii Itiyoophiiyaa keessatti yeroo
addaa addaa fi haala addaa addaatiin kenamaa ni jira. Haata'u
malee gahumsa intarpriinarshiippii keessaa innni tokko
amaloota waan ta'eef kana yeroo tokkon amala namaa
jijjiiruudhaan kaayoo barbaadamuu galmaan gahuun hin
danda'amu. Kana waan ta'eef leenjii intapriinarshiippii yeroo
yeroodhaan, haala addaa addaatiin kennuun faayidaa ol-aanaa
ni qaba.
2. Hiikaa Intarpiriinarshiippii
 Akkuma , jechoota, baayeen saayintistootaa hawaasaan
hiikinni isaanii walitti cuunfamu, jecha intarpiriinarshiippii
jedhamuuf, hiikaa tokkoo fi waliigalaa, kennuun rakkisaa
dha. Sababin isaas, yaada namin tokko hiikaa
intarpiriinarshiippiif kennu kan biroo waliin yoo
madaalamu, sababa isaan dhiyeessan irratti hundaa'ee
garaagara.Haa ta'u malee, kan namootinni baayeen irratti
waliigalan, akka armaan gadiitti ta'eera.
2. Kan itti fufee------
 Intarpiriinarshiippiin adeemsa ittiin wanti haaraan bu'aa
qabu, tokkon uumamuu dha. Kana jechuun, qabeenya
hedduu, osoo hin barbaadin, wanta bu'aa qabu
tokko adeemsa ittiin uumuu danda'amuu dha.
 Intarpirinarshiippiin, adeemsa jijjiiramaa ittin qabeenyi
horatamu dha. Qabeenyi kun kan uumamu, namoota, riskii(
bu'aa hin barbaadamin) qabeenya, yeroo, fi ogummaa
irratti ga'uu danda'u ofitti fudhataniin omishaa fi tajaajila
irratti bu'aa dabalaniidha. Omishin (product) ykn
tajaajilli (service) kun adda ykn haaraa ta'uu
dhisuu danda'a, garuu bu'aa (value) itti dabalame jiraachuu
qaba
2. Kan itti fufee------
 Intarpiriinarshiippiin, gocha waa uumuu namootaati, kan
naminni biroon hojjatan, dawwachuu, fi ibsuu irra humna
ofiitiin of kakaasuun dhaabbata banuun hojjechuu
of keessatti qabata.Adeemsi kun, rakkoo, (dadhaabbii,
mula'ata kuttannoo, fi kaka'umsa kan of keessaa qabu
ta'ee, mula'ata kana gara qaamota biroo (stakeholders,
partners, maamila, dhiyeesitoota, hojjetoota fi
dhaabbilee, maallaqaatti) dabarsuu of keessaa qaba
2. Kan itti fufee------
.
 Intarpiinarshiippiin adeemsa leecalloo( factors of
production) omishaa,kannee akka lafa(Land), Humna
namaa(Labour), kaapitaala(Capital) fi dandeetti
waa uumuu(Enterprenurial skill) ittiin walitti
dabaluun, wanta haaraa bu'aa qabeessa ta'e tokko ittiin
umamuudha.
 Walumaa galatti, Intarpiniishiippii, jechuun, dandeetti
naminii ittiin waan haaraa tokko uumee ittiin of-bulchu
jechuudha.
3.Intarpiriinariin Eenyu? WHO IS
ENTREPRENUER
 Intarpiriinariin namoota, dandeettii, carraa daldalaa ilaaluu fi
madaaluu danda'anii dha.
 Intarpiriinariin namoota bu'a argachuuf riskii fudhachuun,
qabeenyawalittigurmeessanii daldala haaraa umaniidha
 Walumaa galatti Intarpiriinarreenni, kaayyoo isaanii galmaan
ga'uuf namoota, bu'aa hin barbaadamne (risk) fudhachuun,
kaka'umsa guddaa kan qaban fi raawwii kan qabataniidha.
Kan itti fufee------
Guduunfaa Intarpiriinariin Eenyu
 Naannoo isaa ni hubata
 Hojii daldalaatiif haalli mijataan jiraachuu isaa addaan
baafata.
 Leecalloo barbaachisan walitti ni qabata
 Karoora hojii irra oolfata
 Badhaasa intarpiriinarshiippiin namaaf kennu argata. (
Kunis, haala, mallaqaan fi kabaja hawaasa irra argamu
ta'uu danda'a,
Dhimmoota Intrapirinarashipumaaf
Kaakasan
CONSTRAINTS TO EMERGENCE OF
INDIGENOUS ENTREPRENEURS
Socio-cultural factors – job
orientation? Low motivation and
confidence Inadequate information on
procedures, fundraising
 Inadequate knowledge on:
- Market Assessment
- Enterprise Management
5.Faayiddaa Intarpriinarshiippiin hawaasa
keesatti qabu
 Intarpriinarshiippiin biyyoota gudatanis ta'e biyyoota
hiingudatin keessatti faayidaa ol-aanaa qaba. Faayidaalee isaa
keessa muraasa armaan gaditti ibsameera.
1 .Caraa hojii uumuu
 Yeeroo ammaa kana biyyoota adunyaa kana keessattii
lakkoofsa namoota hojii hin qabnee garmalee olgudachaa
deemaa jira, sababinisaastokkobarnoonni Intrpriinarshiippii
balinaan waan hin keenamineef, kan biraan immoo qaxaraan
muraasa waan ta'eef.
5. Kan itti fufee------
 Hoji dhabeeyyii ta'uun jalqabaratti rakkina dinagidee haata'u
malee guddachaa yeemu deemu rakkina haawaasaa ta'uun
isaa hin haafu Kanaafu
barnoota /Leenjii/ Intarpriinarshiippiitti xiyyeeffana
guddaan kennamuufii qaba.
 Intrapriinaroonii hojii dhabiinisa gama lammaan salphiisu.
 Ofii isaaniitiif carraa hojii ummachudhaan
 Namoota biraatiif carraa hojii banuudhaan. Kunis hojiin isaanii
yemmu guddachaa deemu hojii sana ofii isaaniitiin qofa
raawwachuu waan hin dandeenyeef.
5. Kan itti fufee------
 2 .Diinagdee keessati waldorgommii jajjabeessuudhaan
hawaasa fayyadu.
 Intarpriinaroonni carraa hojii uumuudhaan intarpiriizii addaa
addaa waan ijaaraniif dhaabbileen daldalaa hawaasaaf
meeshaaleef tajaajiila dhiyeessan waan baayyataniif wal-
dorggommii taasiisu, Waldorgommiin taasiisan kana irratti
hundaa'u.
 A .Qulqulina meshaaleef tajaajilaa eegu
 B .Gatii " " xiqqeessu
 C .Meshaalee fi tajaajila gurguran irratti tajaajiila biiro dabalataan
kennu (Fakeenyaaf yeroo qusachu, baasii xiqeesu, tajajila geejibaa
kennu kkf.)
5.Kan itti fufee--
 Haala kanaan yeroo wal-dorgoman hawaasinni
meeshaalee fi tajaajila qulqullina qaban gatii salphaadhaan
akka argatu carraa banaaf. Kanaanis hawaasichii
fayyadamaa ta'a
3 .Qabeenya Horachuu
 Intarpriinariin tokko hojii dhunfaan ykn gareedhaan
umaattee yemmuu hojjatu akka nama qaxaramee hojjatuu
otoo hin ta'in bu'aan argamu kan isaa ykn kan garee isaa
qofa waan ta'uuf yeroo gabaabaa keessatti abbaa qabeenyaa
waan ta'uuf qabeenya isaa kana irraa hawaasinni gama
addaa addaatiin fayadamaa ta'a.
5. Kan itti fufee------
4 .Wantoota Haarawaa Uumuu
 Ragooleen addaa addaa akka ibsanitti adunyaaratti waantoonni ummaman
teeknooloojiin mulatan bu'a namoota intarpriinarii ta'aniiti.
 Intarpriinaroonni yeroo hundumaa wantoota haarawaa ta'an hojjechuun isaan
gammachiisa. waan hojjetan sana haala adda ta'een hojjachuu jaallatu. Kanaanis
haawaasichi fayyadamaa ta.a.
5. Gudiina biyaatiif gumaachu
Lammiwan biyya tokko keesatti nammooni intarpriinarii ta'an baayachaa yeemu
deeman, Omiishiinii meeshaaleef tajaajilaas akkasumaan gudachaa deerna waan
ta'eef kaapiitaali gudachaa, invastimentiin jajabaachaa waan deemuf gudini
biyaatiis ariifachiisaa fi amansiisa ni ta'a.
5. Kan itti fufee------
Guduunfaa Faayidaa intarpriinarshiipiin
hawaasa biyya tokkoof keenu
 Carraa hojii uumudhaan hojii dhabdummaa salphiisu.
 Diinagdee biyyaa keessatti wal-dorgommii jajabeesuudhaan uummanni
meeshaalee fi tajaajila qulqullina qaban gatii sirrii ta'een akka argatan
taasiisu.
 Qabeenya horachuu
 Wantoota haarawa ta'an uumu Inveestimentii
jajabeesuudhaan gudina biyyaatiif gumaachu
WHAT ENTREPRENEURS DO?

Poverty Taxes/Govt. Higher Productivity &


Alleviation Revenues Innovations

EMPLOYMENT & INCOME GENERATION

Output &
Wealth ENTERPRISES Exports

ENTREPRENEURS
ENTREPRENEURSHIP
DEVELOPMENT PROCESS
• Identify, select, train, counsel and support potential
entrepreneurs for creating new enterprises
• Facilitate growth of existing entrepreneurs and groom
successors

• Contribute towards developing entrepreneurial culture


• Facilitate creation of a conducive environment for emergence
and growth of enterprises
• Intervene for developing enterprises- technology and
management (market, quality, finance, human resources)
STAGES OF
ENTREPRENEURSHIP DEVELOPMENT

GROWTH

SURVIVAL

EMERGENCE (START-UP)

EARLY SOCIALIZATION
(1) Early socialization
 Creating literature
 Short duration vacation camps
 Visits to industries
 Interactions with entrepreneurs/ achievers from
different fields
 Competitions, debates
 Success stories, Projection of Business Role Models
(2)Emergence(Start-up)
 Entrepreneurship education
 Entrepreneurship training
 Business Plan teaching/ training
 Entrepreneurship orientation
 Technical Training
 Management Skills Development
 Technology Demonstrations
 Trade Fairs
(3) Survival
 Accounting systems
 Marketing and product promotion
 Managing Human resources
 Seminars and workshops on technology, quality,
operations, machine safety
 Systems development
 ICT and MIS
(4) Growth
 Export marketing
 R&D, Innovation, Value Addition
 Diversification
 Cluster development
 Finance- IPO
 Corporatization
 Internationalization
 Brand building
 Succession planning
6.Gahumsa Intarpriinarii Qabaachuu Qabu
 Naminii intarpriinarii ta'e tokko milkaa'uudhaaf gahumsa
sadeen armaan gaditti ibsaman qabaachu qaba. Isaaniis-
1.Beekumsa (knowledge)
 Beekumsa jechuun kuufama odeefannoo adda addaa ta'e,
yemmuu barbaachiisu samu keessa yaadachuudhaan hojjira
waan ooludha.
 Intarpriinarii tokko hojii daldalaa irrati boba'ee ykn hojii
isaa uumatee mikaa'uudhaaf beekumsi isa barbaachisu.
6.Kan itti fufee-----
 A)Carraa daldalaa (Business opportunity)
 B)Maamiltoota - Fedhii isaanii , amala isaanii, aadaa isaanii,
amantaa isaanii k.k.F
 c) Dorgomatoota (competitors) Cimina, dadhabina isaanii
 D)Bulchinsa daldalaa (Business Management)
Haala gabaa ittin bulchan, maallaqaa ittin bulchan k.k.f
Beekumsa ykn barnoota daldalaa ykn intarpriinarshiipii
gabaachuun qofatti namoota akka milkaa'an hintaasiisu.
Fakeenyaaf naminii tokko waa'ee konkolaachiisiisu
beekumsa qabaateef konkollaachiisa hindanda'u.
Konkollaachiisudhaaf ogummaa qabaachu qaba
6. Kan itti fufee--
2. Ogummaa (Skill)

 ogummaa jechuun beekumsa hojiirra oolchuu danda'uudha. Kunis


yeroo yeroodhaan shaakaluu fi gochaan raawwachuu irraa argama.
Fakkeenyaaf shaakalaniitu konkolaachiisu.
 Ogummaan intarpriinarii tokko qabaachu qabu.
 Kan teeknikaa
Fak. kan akka injiinarummaa, ogummaa komipiitaraa,
Makaanikummaa, Ogummaa nyaata qopheessuu, mana ijaaruu, nama
yaaluu,
6. Kan itti fufee--
 Kan bulchiinsaa
Fak. gabaa bulchuu, maallaqa bulchuu nama bulchuu k.k.f
Beekumsi fi ogummaan jijiirama amalaa waliin wal-bira yemmu
qabamu salphaatti kan argamu danda'u yemmuu ta'u jijiirama
amalaa fiduun garuu hanga tokko cimaa waan ta'eef tataaffii cimaa
wal-irraa hin cinne barbaachisa
6.Kan itti fufee------
 3. Amaloota (Traits)
 Amaloota jechuun fakk, obsa qabaachu, ofiraatti amantii qabaachu,
kaayyoo qabaachuu, k.k.f dhaa.Namiini tokko gahumsa sadeen kana
qabaatee hojii irra olchuu dandeenyaan milkaa'inni isaa shakkii hin
qabu
6.Kan itti fufee----
 Gahumsa intarpriinarii tokko qabaachu qabu

Beekumsa

Intarprisii

Ogummaa Amaloota
6.Kan itti fufee-------------
 Intarpriinariin tokko gahumsa sadeen kana keesa tokko ykn
lamaan yoo hin qabaanee maltu uumama?
 1. Beekumsa fi Ogummaa qofa yoo qabaatee
 Intarpriinarii beekumsa fi ogummaa qofa qabu tokko
amaloota intarpriinarii yoo hin qabaanee, duraan dursee
beekumsa fi ogummaa qabun hojii otoo hin jalqabin haafu
danda'a Itti aansees otoo jalqabeeyuu itti fufu hin dandaa'u
sababinii isaas.
6.Gahumsa Intarpriinarii Qabaachuu Qabu
 Beekumsi fi ogummaan jijiirama amalaa waliin wal-bira yemmu
qabamu salphaatti kan argamu danda'u yemmuu ta'u jijiirama
amalaa fiduun garuu hanga tokko cimaa waan ta'eef tataaffii cimaa
wal-irraa hin cinne barbaachisa.
2. Beekumsa fi Amaloota Qofa yoo Qabaate
 Intarpriinarii beekumsaa fi amaloota intarpriinarii qofa qaban
hojii tokko hojjatanii milkaa'uudhaaf nama ogummaa qabu
irratii hirkachuun dirqamaa itti ta'a. Kanaafuu ogummaa
qabaachuunis baayyee murteesaadha.
Kan itti fufee-----
 3. Ogummaa fi Amaloota qofa yoo qabaate
Intarpriinarii tokko ogummaa fi amaloota intarpriinaraa
qofaan hojii tokko jalqabudhaaf nidanda'a .Haata'u malee
adunyaa wal-dorgommiin baayate keessatti beekumsa
fedhii maamiloota, hubachuu qorannoo qabaa
geegeesuratti waan rakkatuuf, milkaa'uu dhabuu ni
danda'a . Milkaa'ina hojiitiif beekumsiif odeefannoon
7. Amaloota Intarpiriinarii

 Abbaan qabeenyaa, daldalaa kamiyyuu hojii daldalaa isaa


irratti cimaa, abbaa bu'aa fi akka guddatu kan isa taasisu amala
(dandeettii) addaatiin beekamuu akka qabu qo'annoon
mirkaneesse akka armaan gaditti tarreefamaniiru.
7. Kan itti fufee---

 1. Kaka'umsa Qabaachuun, Haala Mijaawaa Barbaaduun


kan itti Fayyadamu (self- motivativing and opportunity
seeker) Intarpiriinaroonni, galma qaban, wallaansoo fi carraa
jaallatu. yeroo hundaa kan hin argamine, haala mijaawaa/ carraa
gaarii adda addaa argamanitti fayyadamuudhaan hojii addaa fi
haaraa jalqabuu fi liqii, meeshaa, lafa fi deggersa argatuun guddina
isaa kan ariifachiisuudha. Namoota, Intarpiriinarii ta'anii fi hin
taane, kan adda baasu carraan hojii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu
osoo hin ta'in carraa kana addaan baasanii beekuu fi beekuu dhabii
isaanii
7. Kan itti fufee---

 Kanaaf, Intarpirnarroonni carraa kana salphaatti addan baasanii


kanneen itti fayyadaminii dha.
 Dhimmooti tokko tokko namoota intarpiriinarii hin taanneef
rakkoo yoo ta'an, intarpiriinarootaaf carraa ta'u. Fkn, Magaalaa
tokko keessatti, ayyanni tokko yoo kabajamu umanni hedduun
achitti wal-ga'ee, magaalaatti dhiphisuu danda'a yeroo kun uumamu
naminni intarpiriinarii hin taane tokko, namoonni kun magaalaa
nutti dhiphisan jedhee mufachu danda'a . Haa ta'u malee,
intarpiriinarroonii, kana akka carraa guddatti fudhatu, meeshaalee fi
tajaajila isaa isaanitti gurguuf qabaa guddaan argadhe jedhee itti
gammada.
 2. Waan shakisiisaa ga'uu danda'u kan
fudhatu (Risk taker)
Intarpiriinarroonni, waan shaakisiisaa giddu galeessaa kan
fudhataniidha. Namootni baayeen waan shaakisiisaa
fudhachuu sodaatu, sababinni isaas yeroo hundmaa, of-
eegannoo barbaadu, kufaatii hin barbaadan haa ta'u malee
kufan malee ka'uun hin yaadamu, akkasumas tokkoo
tokkoon hojii keenyaa, waan shaakisiisaa of keessaa qaba,
kun immoo, intarpiriinarii ta'uuf ga'ee guddaa qaba.
 2. Naminni tokkoo, hojii hojjechuuf yommuu ka'u carraa lama
fuula isaa dura jiru isaanis:-
 a) Milkaa'uu (success) fi
 b) Milkaa'ina dhabuu (kufaatii) (failer)
 Haala ta'u malee milkaa'ina qofa ilaalee (yaadee) ija isaa dunuunfatee
waan shaakisiisaa ga'uu danda'u osoo hin madaalin itti fiiguu hin qabu,
gama biraatins kufaatii sodaatee harka maratee ta'uu hin qabu.
Kanaafuu, dhimmoota kana lamaan sirriitti madaaluun gadi faganyaan
xiinxalu, qaba.
Kanas, raawwachuudhaaf gaaffilee armaan gadii of gaafachuu qaba
1. Bu'aan argachuu dandeessu aarsaa sigaafatu bakka
danda’a __________
_____________________________________________

 2. Waan shaakisiisaa kana haalli ittiin xiqqeessuu danda'amu jiraa?

_____________________________________________________________
_________
_____________________________________________________________
______
 3. Waan shaakisiisaa kana osoo hin fudhatin dura odeefannoon barbaachisu maal fa'i?

_____________________________________________________________
________
_____________________________________________________________
__________
 4 Waan shaakisiisaa kana gad-xiqqeessuudhaaf qamonni/ wantooti nu
gargaa'an jiru
 ___________________________________________________
___________________________________________________
______________________________________
 5. Waan shaakisiisaa kana fudhachuudhaaf wantooti nu sodaachisan
maal fa'i?
 ___________________________________________________
___________________________________________________
________________________________________
 6. Kaayyoo koo galmaan ga'uudhaaf, aarsaa kanfalchiisu hundumaa
kanfaluudhaaf qophiidhaa?
 7. Waan shaakisiisaa kana osoo hin fudhatin dura qophii ani
gochuu qabu maal fa’adha?
_____________________________________________
___________________________________________
___________________________________________
__________
 8. Kaayyoo koo galmaan ga'uudhaaf guufuuwwan
gurguddoon maal fa'i?
 ___________________________________________
___________________________
 * Adeemsa /Taartibaa (procedure) haalli shakasiisaa
ta’e(risk) qabu tokko ittiin xiinxalamu
 a) Waan shaakisiisaa filannowwan jiranii xiinxaluu
(Assessing the risk of the alternative)
 Wanti Waan shaakisiisaa hin qabne tokkoyyuu adunyaa kana irrati hin
argamu. Haa ta'u malee Waan shaakisiisaa fudhachuu dhabuun Waan
shaakisiisaa isa gudaa ta'u nimala. Kanaafu Waan shaakisiisaa
fudhachuun dirqama ta'a. Kana waan ta'eef Waan shaakisiisaa
xiqqeessuudhaaf, filannowwan jiran wal-bira qabuudhaan, gadi
fageenyaan xiinxaluun murteessaa dha.
 (b) Kaayyoo ofii Waan shaakisiisaa isaa waliin wal-
bira qabanii ilaaluu
Riskiin isaa hangam illee yoo xiqqaatee, filannoo kaayyoo
keenya wajjin wal-hinsimine filachuu hin qabnu.
Fkn Warshichi armaan olitti ibsame, guddina saffisaa ta'e
galmeesuun, kaayyoo isaa yoo ta'uu baate, mashina bituunis
ta'e kireefachuun isa hin barbaachisu.
 (c) Oddeefannoo funnaanuun filannoowwan jiran madaaluu( gather
information and weight the alternatives)
Filannoo tokko kan filannu yoo ta'e , dhimmoonni isaan wal-qabatanii dhufan, maal
akka ta'an hubachuudhaaf odeefannoo funaanuun dirqama ta'a. Fkn Warshaan armaan
olii kun, kaayyoon isaa guddina saffisaa ta'e galmeesisuudhaaf yoo ta'e, filannoo 2ffaa
fi 3ffaa filachuun dirqama ta'a. Haa ta'u malee filannoo 2ffaa filachuudhaaf gatii
maashina bitamuu fi bu'aa omisha irraa argamuun, wal-bira qabamee ilaalamuu
qaba.kan kireefamuus yoo ta'e gatiin kiraa, gatii bittaa fi bu'aa omishaatiin wal-bira
qabamee ilaalamuu qaba
Kanaafuu, filannoowwan jiran madaaluudhaaf, odeefannoo funaaanuun murteessaa
ta’a.
 (D) Filannoo garii ta’ee karoorsuun rawwachuu (plan and
implement the best alternatives)
Erga filannoo gariin filatamee booda dhimma rawwachuun barbachisa
yommuu ta’uu innis wantoota arman gadii kannen hammachuu
danda’a.
 Sagantaa yeroo
 Hiikaa/ibsaa kayyoo ifaa ta’ee
 Karoora waan dhufu danda’uu ittisuu baasuu
 Durdeebbi adda adda kan yeroo jijjiramanii barbaachisaa ta’ee ariitin
ittin rawwatamuu
Walumaa galatti riskii xiqqeessuu malee, hambisuun hin danda'amu.
Marsaa rakkoon ittiin hiikamu
Hiikame Hin
hiikamne
Rakkoo

Madaalu Rakkicha sirriitti


hubachuu
Hubachuu Odeefanno
funaanachu
Hojii irra
oolchuu

Kaayyoo
Qabeenya Hiikuu/ibsuu
Barbachisu Tooftaa
rammadu baafachuu
 3. Qulqulina fi ga'umsaaf fedhii qabaachuu
Intarpiriinarroonni hojii fi oomsha isaanii, qulqulleessuun,
baasii xiqqaan, yeroo barbaadamuu keessatti, namoota
hojjetaniidha.
Leecalloon (Resource) addunyaa kana irra jiru muraasa dha.
kanaafuu.Intarpiriinaariin milka'aan, qabeenya muraasa kana
haala bu'a qabeessa ta'een itti fayyadamuun mallattoo isaaniiti
Qabeenya kana keessa tokkoo, yeroo dha. yeroon qabeenya biroo irraa
adda kan ta'ee dha. sababinni isaas.
A .Nama hundaaf wal-qixa kan kenname ta'uu isaa
B .Qusachuus ta'e bitachuun kan hindanda'amne ta'uu isaa
C .Qabeenya hundaa, itti fayyadamuu kan dandeenyu, yeroodhaan ta'u
isaa.
D .Omishamuus ta'e gurguramuu kan hin dandeenye ta'uu isaa
E .Nama hundaaf wal-qixa kan kenname ta'uu isaa
F .Qusachuu ta'e bitachuun kan hindanda'amne ta'uu isaa
G .Qabeenya hundaa, itti fayyadamuu kan dandeenyu, yeroodhaan ta'u
isaa.
H ..Omishuu ta'e gurguramuu kan hin dandeenye ta'uu isaa
Kanaafuu,yeroon qabeenya, qabeenya kamiyyuu caalu waan ta'eef, seeraan itti
fayyadamuun guddinaaf murteessaa dha.
Naminni yeroo sirritti itti hin fayyadamine gonkumaa milkaa'uu hin danda'u.
Gama biraatiin Qulqullinni hojii guddinaaf wantoota murteessa ta'an keessaa isa tokkoo
dha.
Adeemsa hojii daldalaa keessatti, maamila gammachiisuun, murteessaadha. Kun immoo
kan danda'amu, hojiin tokko qulqulinaan yoo hojjetame qofa.
 Gaaffii
1 Yeroonsiif maal? _________________________
2 Bara darbe ji'a darse, torban daebe kaleessa, maal hojjette? (haala kamiin yeroo keettit
fayyadamitte? ________________
 4) Abdii osoo hin kutatiin gara kuttannoon itti
fufuu
Intarpiriinarroonni, rakkoo isaani quunamuuf osoo abdii hin
kutatin furmaata namoota barbaadanii dha.
Rakkoof kan harka hin laatne, yeroo rakkoon isa quunamu kan
boodatti deebi'u osoo hin taa'in tooftaalee adda addaa
fayyadamuun furmaata kan barbaaduu dha.
Addunyaa kana irratti namootinni milka'anii sadarkaa guddaa irra ga'an,
namoota gara kuteenyaan rakkoo isaan quuname keessa darbuudhaaf
kan murteessan akka ta'e seenaan isaanii ni ibsa.
 Fakkeenyaaf, Toomas Edisen ibsaa Elekitirikaa ibsuudhaaf osoo addaan
hin kutin yeroo kumaa ol yaaluutu irra ture osoo kana gochuu
baatee addunyaan hara'a bifa kana qabaachuu dhiisuu dandeeui.
 Atileettonni, injifachuudhaaf fiigicha isaanii osoo addaan hin kutin
obsaan ilkaan ciniinattanii figuun dirqama.
Addunyaa kana irratti jiruun obsa guddaa bama gaafata,
kanaafuu,naminni hojii irratti boba'e irratti rakkoo isaa quunamu irratti
milkaa'ina argachuuf qabsoo kuffannoo gaafatuun keessa darbuun
dirqama.
 5. Odeefannoo funaanuu (barbaaduu)
 Naminni odeefannoo hin qabne tokko carraa naannoo isaa jirutti
fayyadamuu hin danda'u adeemsa hojii daldalaa keessatti;
odeefannoon iddoo guddaa qaba.
 Madda odeefannoo
 Duub-deebii (feedback) maali?
 Duub-deebiin, odeefannoo namoonni waa'ee nama (dhimma) biraa itti
dhag'amee ibsaniidha.
 Duub-deebiin , ceephoo, gorsa , onneefachisuu, dhaaf naminni tokko
nama biraaf kennuu dha.
 * Faayidaan duub-deebii naminni tokko, hojii gaarii hojjechaa jira yoo
ta'e, akka jabinaa itti fufu, yoo karaa irra kan kaate yoo ta'e immoo
akka sirraa'u kan taasisu waan ta'eef, barbaachisummaan isaa ol-
aanaadha.
 Kanaafuu, Intarpirniiarri tokko, dhimmoota, murtii barbaadan irratti,
beektota, ogeessota maamiltoota, dhiyeessitoota irraa odeefannoo bifa
duub-deebiitiin fudhachuun barbaachisa dha. Duub-deebiin haala
sadiin dhiyaachuu danda'a.
 . Duub-deebiin haala sadiin dhiyaachuu danda'a.
duub-deebii

.
positive negative Kan hin ilalamanee
 Duub-deebiin haala positive, fi Nagatiivii fi kan hin ilaallanneen yoo
dhiyaates, kan nu ijaaru yoo ta'e fudhachuu qabna. Keessattuu, duub-
deebii nagatiivii ta'e rakkina ykn hanqina keenya kan nutti muli'isu
isaan ta'eef xiyyeefannaa gudaa itti kennuu qabna.
Haala duub-deebii ittiin keessummeesinu
-Ittiin of jijjiiruu
-Duub-deebii nagatiiva fakkaataniif xiyyeefannaa kennuu.
-duub-deebii kan nu hin ilaalle, gara cinaatti degachuu
-Maaliifan, akkaa jedhame jennee aaruu hin qabnu, kanaanis yeroon
gubuun barbaachisaa mitI
 Moodela JOHARI WINDOW
JOHAR WINOOW kun, biyya Ameerikaa keessatti,
namoota, Joosef Luuft fi Harii Ingihaam jedhmaniin
kan qophaa'e yoo ta'u walitti dhufiinsa namoota wajjin qabnu
foyyeessuu fi carraa odeefannoo ittiin argannu akka bala'atu
kan nugargaaruudha. Dabalataanis, mala ittiin dadhabina
keenyaa fi cimina keenya addaan baafnee beekuuf itti
fayyadaminuu dha.
Ofii ifa kan ta’e
Ofii ifa kan hin
tanee
Namootaa biroof Open area Blind area
Ifa kan ta’ee Nannoo ifa ta’e Nannoo abban
Of hin argine

Namootaa biroof
Ifa kan hin tanee
Secret area Unknown area
Nannoo iccitii Nannoo
dukkana
 Naannowwan arfan kun akkaataa armaan gadiitiin ni ibsamu.
 I. Naannoo ifaa ta'e (Open area)
 Naannoon kun, abbichaafis, namoota biraatiifis ifa kan ta'ee dha. ykn Naminni tokko
wanta dhoksuu hin barbaadine bakka bu'a. Aamalli naannoo kanatti mula'atu,
Naminni tokko isaan itti hin saalfanne, hin sodaane, kan fuullee jiru muli'sa. haa ta'u
malee daangaan naannoo kana namaa namatti addaa adda. Kan tokkoo bala'achuu kan
biraa immo dhiphachuu danda'a . Kunis faayidaa fi miidhaa ofii isaa qaba.
 II. Naannoo iccitii (Secret area)
 Naannoon kun, abbaaf ifaa kan ta'e, namoota biraaf garuu icciti kan ta'eedha.
Naannoon kun kan uumamu namoonni iccitii waan qabstaniif, sababiin isaanii immoo
sodaa qaama biraan miiidhaa narraan ga'a jedhanii yaadaniif
 Gaaffii
 Jireenya kee keessatti wantooti iccitiidha jettee qabde jiraa?
 III.Naannoo Abbaan of hin beekne.
 Naannoon kun jabina,dadhabina, cimina, haala mijaawaa, namini tokkoo abbichi
osoo hin beekin, namoonni biraa kan beekan muli'isa.
 Amalli kun yeroo baayee uumamuu kan danda'u abbichi, walitti dhufeenya namaa
wajjinii irratti dadhabina kan qabaatu yoo ta'e, ykn duub-deebii fudhachuudhaaf
qophii kan hin taane yoo ta'eedha. furmaanni isaas, walitti dhufeenya namoota biraa
faana qaban. fooyyefachuu fi namoonni duub-deebii akka nuu kennan jajjabeessuu
dha.
 IV Naannoo Dukkanaa(Unknown area)
 Naannoon kun, naannoo abbaanis ta'e naminni biraas amala ofii hin beekneedha.
Naannoo kana addaan baasanii beekuuf, yaalii dhimmoota adda addaa irratti osoo hin
sodaatin irra deddbeebi'anii yaaluun beekuun ni danda'ama.
 Haa ta'e malee naannoo kana hanga tokko dhiphisuun ni danda'ama
malee, gonkumaa balleessuun hin danda'amu.
 Gaaffii
 1. Naannoon kun garmalee,yoo guddate (bali'ate) faayidaa ykn miidhaa
inni qabu jira? yoo jiraate,maal?
___________________________________________________
____________

___________________________________________________
____________

 6. Kaayyoo qabaachuu (Goal seetting)
 Intarpirnarrooni, daldala isaaniitiif galmaa fi kaayyoo ni kaawatu. sababinni isaas,
galmaa fi kaayyoon ifa ta'e, karoora isaanii haala gaariitiin akka hojjetan isaan
gargaara.
 Galmi isaanii rakkisaa ta'uu danda'a garuu kan bira ga'amu ta'uu qaba. Galmi kun
bakka lamatti qoodama, isaanii galme yeroo gabaabaa fi dheeraa jedhamu.
 Galmi Ulaagalee armaan gadii guutuu qaba.
 S- Specfic (Ifaa ykn kan adda ba'ee beekamu.)
 M-Measurable ( kan lakka'amu)
 A- Attainable ( kan bira ga'amu)
 R-Realistic (kan dhugaa irratti hundaa'e)
 T-Time bounded (yeroo kan daangefame)
 Naminni kaayyoo hin qabne tokko
 Iddoo deemu hin beeku
 Iddoo ga'u hin beeku
 kaka'umsa hin qaabaatuu
 Obsa hin qabaatuu
 Walumaa galatti milkaa'uu hin danda'u. Kanaafuu kaayyoo qabachuun, jiruu nama tokkoo
keessatti isa murteessaa dha.
 "Galma bira ga'uu dhabuun, galma dhabuu irraa badaa( gadhee) miti"
 Galma keenya yeroo lafa ka'annu (baafanu) wantoota ilaalcha (xiyyeefannaa) itti kennuu qabnu.
 Ciminaa fi dadhaabina keenya adaan baafnee beekuu qabna.
 Rakkoolee gufuu ta'uu danda'an
 Aadaa irraa kan maddan
 Teekinooloojii irraa
 Hawwasaa irraa
 ciminaa fi dadhabina keenya xiinxaluu
 Qabeenya qabnuu fi hin qabne addaan baafachuu
 dandeettii fi ogummaa qabnu fi hin qabnee beekuu
 7. Karoora Qabaachuu fi Hordofuu
 Tooftaan karoorsuu
 Hojiilee gurguddoo, xixiqqeessuun (cacabsuun) hojii yeroo
gaggabaabootti fiduu, gufuulee hin barbaadamine tilmaamuun
(anticipating un expected obstacles) karoorsuun, tooftaan karoorsuu
jedhama. akkasumas karoora tooftaa addaa addaa qabu madaaluun,
karoorsuu. kanaaf Intarpirniinarroonni ijaarsa daldala bu'a qabeessa
ta'etti akka deemaniif tooftaan karoosuun akka maappii dandiitti(road
map) isaan gargaara.
 Hordofuu
 Intarpiriniinarroonni: karoora karoorfatan, akkaataa karoorsanitti
ittiin hojjechaa jiraachuu isaanii yeroo yeroo hordofuun kan to'atanii
dha.
 Faayidaan karoora.
 Yaada (idea) sammuu keenya keessa jiru, qabatamaa ta'ee hojiitti akka
jijjiiramu nu gargaara,
 Kaayyoo keenya galmaan ga'uudhaaf rakkoolee, nu quunamuu
danda'an duraan dursinee hubannee fala akka barbaadnuuf nu
gargaara.
 Kaayyoo keenya galmaan ga'uudhaaf hagam akka deemne of- madaaluu
dhaaf nu gargaara.
 8.Gara kuttannoo kan hojjetu (Committement to Work contract)
 Intarpiriinarroonii hojii isaanii fixaan baasuuf ykn kaayyoo isaanii galmaan ga'uuf,
yeroon xumuuruuf dhamaatii guddaa namoota taasisaniidha. Fedhii kaayyoo
isaanii galmaa'an ga'uuf qaban irraan kan ka'e aarsaa isaan kanfalchiisu hudumaa
kanfaluuf namoota duubatti hin jenne dha.
 Kana irraan kan ka'e namoota intarpiriinarii hin taane caalaa. yeroo dheeraadhaaf
hojii isaanii cimiinaan hojjetu. Addunyaa kana irratti, wanti bilisa argamu tokko
kan hin jirre isaan ta'eef, naminni hundumtuu, waan hawwu argachuudhaaf
ciminaan hojjechuun dirqama ta'a.
 jechni kun maal jechuu akka ta'an maal akka inaa baran garee mariachu ibsi?
wantoota tokk
 __________________________________________________________
__________________________________________________________
______________
 "Sweet comes from sweat"
 "Without pain no gain"
 9 Namoota Biroo Faana walii galtee fi wal-Quunamtii
Gaarii kan taasisu ( persuasion and networking)
 Addunyaa daldalaa keessatti, namoota biroo faana, walii-galuuf wal-
quumtii hojii garii umuun iddoo guddaa qaba. Sababinni isaas
naminni isaan hunda qabuufi hir'ina hin qabaane, waan hin
jireedhaaf dabalataanis, dandeettiin nama hundaa adda addaa waan
ta'eef walii galanii waliin hojjechuun cimina guddaa namaaf kenna.
 Fakkeenyaaf, Namoonni waldaan yeroo gurma'an kan ogummaa
adda addaa qaban yoo ta'an ni filatama.
 10.Ofitti amanamummaa kan qabu (self-confidence)
 Namootinni ofitti amanamummaa qaban. rakkoo isaan quunamu akka mo'atan
isaanitti dhaga'ama.
 Qo'annaan akka muli'sutti. Intarpiriinarronni milka'aan ofitti amantoota,
dhabbata banuun rakkoo akka qabu garuu, rakkoo kana keessaa ba'uuf dandeetti
isaaniittin amananiidha.
 Naminni tokko, ofitti amanummaa dhabee kan sodaatu ta'e dandeettii fi qabeenya
qabuun baasee hojii ina olchuudhaaf waan rakkatuuf milkaa'uudhaaf hin danda'u.
 " Sodaattuun damma hin nyaattu"
 Gama biratiin naminni ofitti amanamuumaa hin qabne murtii murteessuu hin
danda'u.
 Gaaffillee ittiin of Madaalan
 Kaayyoon gaaffilee kanaa hangam akka ofitti amanuu madaaluudhaaf nu gargaaraa
 Ajaja
 Gaaffilee armaan gad-jiran yeroo tokko tokko (darbee darbee) ykn miti) ykn yeroo baayee
(Eeyyee) jechuun deebis.
 Namoonni maal naan jedha jettee sodaattaa? _____________________
 Bu'aa guddaa galmeesisuudhaaf gufuwwaan kana kana irra jiran sodachuun osoo hin
raawwatin haffa? ____________________
 Waan tokko hojjettee milkooftee, dandeettii keetiin hojjechuu keetiin itti gammaduuf
jecha waan sana hojjeta? ______________________
 Hojii irraa nan-ari'ame jettee ni sodaataa? ________________
 Waan ofii murteessuu qabdu namoonni biraan akka siif murteessaniif carraa ni laattaa?
 Waan hojjetu tokkoof, namoonni biraan akka sirrii dha jedhanii akka si jajjabeessan egdaa?
________________________
 Milkaa'ina keeti ni boontaa? _____________________
 Jiruu keessatti, aangoo keetiin ol-murtee murteesitee beektaa? _-------
 SUMMERY
THE TOP 10 TRAITS OF ENTREPRENEURS ARE
TO ACHIEVE-
OPPORTUNITY SEEKING
PERSISTENCES
COMMITMENT TO WORK CONTRACT
DEMAND FOR QUALITY
RISK TAKING
 TO PLAN-
GOAL SETTING
SYSTEMATIC PLANING AND MONITORING
INFORMATION SEEKING
 TO MANAGE-
PERSUASION AND NETWORKING
SELF CONFIDENCE
 8.Badhaasa fi Aarsaa Intarpiriinariishiippii
 Gaafilee, armaan gad-jiran irratti leenjifamtootni akka mar'atan taasisuu
1. Addunyaa kana irratti wanti aarsaa malee argamu jiraa?
 2. Aarsaan adeemsi intarpiriinarshiippii nama gaafatu maal? badhaasi isaa hoo?
3. Badhaasa fi aarsaa intarpiriinarshiippii yoo madaaltu kamtu caala?
Dhimmoota kana irratti ibsa kennuiun gabbisu
Qabxiwwan, badhaasa fi aarsaa intarpiriinarshiippii jalatti tuqaman,
chaartiidhaan agarsiisuu
 Akkuma gosa ogummaa kam-iyyuu adeemsi hojii Intarpiriinarshiippii gumaacha (
rewards) fi gufuu ( draw back) qaba.
8.1 Badhaasa Intarpiriinarshiippii
i. Carraa dandeettii isaa guutummaa, guututti itti fayyadamuu argata Naminni
kam-iyyuu dhalootaan dandeetti addaa addaa qaba. haa ta'u malee namoonni baayeen, dandeetti umamaan
qaban kana baasanii itti fayyadamuuf carraa hin argatan, Intarpiriinarroonii garuu dandeetti isaanii kana
baasanii hojii irra oolchuun itti fayyadamuu irratti beekamoodha
 ii. Galii guddaa maddisiisuu
 Adeemsi hojii intarpiriinarshiippii, abbaa hojii sanaaf, madda galii isa guddaa dha. Adeemsa hojii gosa
kamiyyuu keessatti, wanta hojjetamu tokko irraa galiin akkaargamu ni beekama. akkasumas
Intarpiriinariin tokko waan haaraa tokko yoo umu ofii isaati itti fayyadamuu irraa darbee gabaaf
dhiyeessee, galii guddaa irraa argata
 iii . Bilisummaa fi walabummaa gonfachiisa
 Adeemsa hojii intarpiriinarshiippii keessatti, naminni tokko hojii dhuunfaa isaa irratti waan boba'uuf
bilisummaa fi walabummaa guddaa argata. kana jechuun, ofii isaatiin of bulcha, of-gaggeessa jechuudha.
Gama biraatiin naminni dhuunfaa tokko, waajjira mootumma ykn dhuunfaa keessatti qacaramee hojjeta
yoo ta'e mirga kana argachuu hin danda'u .
 fkn Yeroo hojjii sa'a eege, seenu qaba akkasumas sa'a eegee bahuu qaba kana yoo hin raawwatu
ta'e rakkoon isa quunamuu danda'a
 IV . Carraa hojii ofiifis maatiifis uuma (creating job opportumi both for him/her slef
and family.)
 Adeemsi hojii Intarpiriinarshiippii self and family) carraa hojii ofiif umuu irra darbee, maatii
isaa fi namoota biroo fi illee, carraa hojii ni uma.Yeroo ammaa kana akka addunyaatti hojii
dhabdumaan, ajandaa isa guddaa ta'ee jira, biyya keenya keessattis dhimmi kun ilaalcha guddaa
argatee irratti hojjetamaa jira.
 Kanaaf, akka furmaataatti kan lata taa'e, carraa hojii umuu irratti bali'inaan hojjechuu dha. isa
kanaaf immoo adeemsa intarpiriinashiippii filatamaa dha.
 V. Ofiin murteessuu danda'uu (making decision by them-selves)
 Intarpiriinarroonni, wanta hojjetan irratti ofiin murteessu, qaaminni biroon isaan hin ajaju,
qaama biraan hin hogganaman, dhimma isaan ilaalatu kam irratti iyyuu ofiin murtee kennu .
 Vi. Gammachuu nama gonfachiisa (personal satsifaction)
 Waan haaraa ta'e umuun, carraa hopjii ofiifis ta'e maaltiif umuun, kan nama ilaalatu irratti
ofiin mutee kennuu danda'uun, bilisummaa fi walabummaa gonfachuun, galii guddaa
argachuun, dandeetti qaban baasanii itti fayyadamuun gamachuu guddaa nama gonfachiisa.
 8.2 Aarsaa Intarpiriinarshippii
 i.Hamma galii beekuu dhabuu (unertainity and Irregularities of
Income)
 Hojii daldalaa, bu'aa ba'ii guddaa qaba, dhibbaa dhibbatti guyyaatti, torbanitti,
ji'atti. waggaatti hanganan galii argadha jedhee intarpiriinariin tokko duree
dubbachuu hin danda'u hojjetaan mootummaa ykn kan dhuunfaa garuu galii isaa
ji'aan hangam akka ta'e addaan baase beeka. Fkn ji'an kan ittiin qacarame qarshii 801
yoo ta'e galii isaa yeroo hundumaa ji'a iji'aan qarshii 801(Dhibba sadeetiif tokko
jechuudha)
 ii Yeroo Hojii dheeraa fi jirreenya rakkoo qabu ( Long work hour and
inconvient life)
 Jalqaba irratti intarpirinarroonni tarbaniitti guyyaa ja'aa fi isaa ol boqqonnaa
malee hanga halkan sa'a 4:00 fi isaa oliitti ni hojjetu, kun adeemsa hojichaa keessatti
kan baratameedha. Kun immoo nama sana irratti dadhabbii qaamaa fiduu danda'a
 " Hanga namaa darbutti namaan darba" jedha Oromoon yoo mammaaku
 iii Maatii fi hirriyyaa fi yeroo dhabuu (less time for family
and friends)
 Intarpiriinarroonni yeroo baayee hojii duukaa (daldala) faana. waan
fiiguuf yeroo itti maatii fi hiriyyaa faana mari'atu hin qabu (hin argatu)
kan immoo jireenya hawwaasa faana inni qabu xiqqeessa.
 Iv jireenyii hawaasaa walinni qaban xiqqachuu
 V wantootaa jireenyaa keessaa barbachisoo ta’an baay’ee
isaanii aarasa gochuu.
9. Haala Projeektiin (Hojiin) ittiin filatamu.
9.1 Sammu keenyaa waan haarawa akka ummu danda'u kakaasu.
 Namooni baayeen waan haarawa ummuun hojii saayintistootaa qofa
jeedhanii yaadu.Haata'u malee gama ogummaa hundaanuu rakkoolee guyyaa guyyaadhaan
nuqunamaniif furmaata kenuudhaaf sammu keenya kakaasine haala haarawa ta'een ykn yaada
haarawaa ta'e burqisiisuudhaan furmaata kennuun barbaachisaa ta'a.
 Qabatamaan haalli rakkoolee jiranii fi furmaata itti kennuu fi naannoo keenya ittiin hubannu
yeroo baayyee muuxanno duraan qabinuratti kan hunda'e ta'a.
 Namoonni haala haarawaa ykn adda ta'een waan tokko hojjachuudhaaf ykn rakoolee isaan
quunamu hiikudhaaf sammuu isaanii dadamaqisuun barbaachiisaadha. Kana raawwachuudhaaf
tarkaanfiiwwan armaan gadii jiran fudhachuun hanga tokko nama gargaara.
 I. Seenaa namoota waan haarawa uuman, waan haarawa yaadan ykn
dubbatan dubbisuu.
 II. Namooni kun naannoo keenyatti yoo argaman isaan waliin yeroo
dabarsu
 III. Waan haarawa ta'e hojjachuudhaaf ofkakaasu ykn of jajabeesu.
 IV.Sochii qaamaa kan akka ispoortii adda addaa raawwachuu
 V. Muziiqaa dhageefachuu, siiniimaa ilaalu
 VI.Yaadini haarawa ta'e gara sammuu keenyaa yoo dhufe yaadannoo
qabachuudhaan namoota wajjinni irrati mari'achu.
 10.Waan Haaraa ta'e Ykn mofaa (Waan duraan jiru) hojjachuu
 Intarpriinaroonii wantoota naanno isaanitti argamu irraa waan haarawaa hojjachuudhaan ykn
haala haarawa ta'een dhiyeesuudhaan maamiltoota isaanii ni gammachiisu.
 Kanaafis modeela "SCAMPER" jedhamu fayyadamuun nama gargaara.
 "S Substitute"
 Kana jechuun meeshaalee kanaan dura omiishamanii, meeshaa dheedhii duraan fayyadamnu
jijiiruudhaan akka haarawaatti dhiyeessuu.
 Fkn. Balballii manaa dur muka qafa irraa hojjetama.Yeroo amma garuu siibiilaatti jijiramaa
jira. Gara fuduraa gara plaastiikiiti jijiramuu ni danda'amaa.
 Meeshaa dheedhii tokko gara biiraattii jijjiiruun faayidaa inni qabu hubachuun
barbaachiisaadha.
Fkn. – Gattiin isaa salphaa yoo ta'ee
- Iddo tokko gara biraatti sochoosudhaaf kan nama hin rakisinne yoo ta'ee
- Jabeenyaan kan caalu yoo ta'ee fi k.k.f yoo ta'ee jijjiiruun kan omiishuufis ta'ee kan biituuf
faayida ni qabaa.
C. Combine
 Kun tajaajila lammaa fi isaa ol ta'an bakka tokkotti fiduuf
Fkn. Mobaayilii tajaajila kan akka
-Kaameera footoo
-Kameera Viidiyoo
-Kalkuleetara
-Sa'aati k.k.f bakka tokkotti walitti qabu, kan tajaajila kana hin
qabineeragatiinis ta'e, feedhii maamiltootaatiin ni filatama
 "M Minify"
 Kun meeshaan gabaa irra jiru tokko bal'inni(Size) isaa gara malee gudate ittiin fayadamu irrati,
iddo tokko gara biraatti sochoosu irratti rakkina yoo qabaatee gadii xiqeesuudhaan faayidaa
meeshaa dheedhiin ittiin omiishamu qusachuu fi maamiltoota gammachiisuun nidanda'ama.
 "P put into other use"
 Meeshaa tajaajila tokkof omishamee tajaajila inni keenu danda'u kan biraa barbaadu dhaan,
tajaajila lammaa, sadii akka tajaajilu yoo gonee feedhiin maamiltooni meeshaa kanaaf qaban ni
gudata.
 Fkn. Baaldiin kan omishaame bishaan ittin waraabachuudhaaf yoo ta'e namoonni baaldii
barbaadan namoota bishaan baaldiidhaan waraabatan qofa ta'a. Garuu baaldiin biiqiiltuu adda
addaa ykn daraaraa keesatti dhaabudhaaf, ykn balfa keesatti kuusudhaaf ni fayada jennee
tajaajila kanaaf yoo olchine namoonni baaldii barbaadan baayyee ta'u.
 "E Eliminate"
 Omisha tokko irraa wantoonni maamiltoonni hin feene(hin barbaadne) yoo jiraate irraa
baleesudhaan ykn hambisuudhaan fedhii maamiltoota quubsuun ni danda'ama.
 Fkn. Jaakkeetiin tokko wanti hundumtuu bareedaa ta'ee dub-deebii maamiltoota irra
funaanameen komii kiisiin itti baayatee ykn barreefama irraa jiru ni baayyate kan jeedhuu yoo
argamee kiisii ykn barreefama baayy'ate sana haambiisu.
 "R Rearrange
 Ilmaan namaa meeshaa tokko yeroo baayeedhaaf yoo fayyadame yeroo muraasa booda isaan
nuffisiisa waan ta'eef boca (diizaayiini isaa jijiiruun faayidaa guddaa ni qabaa. Fkn - Hooteelli
tokko nyaata maamiltootaaf dhiyeessu, meeshaa ittiin dhiyeessu, haala teesuma minjaalaa fi
barcumaa kan jijiiru yoo ta'e maamiltoota baayee haawachuu danda'a.
11. Yaada Maddisiisuu (Brainstorming)
 Yaadaa fi furmaata haaraaa, gareen maddisiisuun, pirojektii filachuuf wantoota
hojjetamuu qaban keessa isa jalqabaati.
 Kaayyoon isaa guddaan, yaada baayyee, omishaa fi tajaajilaa maddisiisuudha. Adeemsa
hojii kanaa hojjechuuf, hirmaattonni garee gareen yoo qoodaman ni filatama.
 Yaada baayyee maddisiisuun barbaadamaa dha. sababiin isaas, yeroo lakkoofis yaada
maddee baayyatu, yaadi faayidaa qabu argamuuf carraa bala'atu uumama.
 Yeroo yaada maddisiisinu ulaagaa hordofamuu qabu
 Yaadi nama kamiyyuu dhorkamuu(gatamuu) hin qabu
 Bilisa ta'anii maddisiisuun ni jajjabeefama.
 Yaada baayyeen ni barbaadama.
 Yaada walitti dabalanii faayyessuun ni deggerama
 12. Carraa daldalaa addaan baasuu fi filachuu
 Erga yaadi maddee raawwatee booda, xiinxalliin itti fufuu qaba. Carraa daldalaa jechuun, haala namni
tokko, waan hojjechuu barbaadu tokko hojjechuun isaaf danda'amu jechuudha. Kun immoo Kan argamu
karaa addaan baasuutiin (Identification)
 12.1 Yaada pirojektii maddan gara 10 (kudha) fi saditti gadi xiqqeessuu
 Sadarkaa filannoo Kun "Macroscreening" jedhama.
 Ulaagaalee ittiin filataman
 Yaadota maddan kana, gara kudhaniitti gadi xiqqeessuudhaaf ulaagaalee armaan gadii fayyadamuun
barbaachisaa dha.
 Fedhiin jiraachuu fi jiraachuu dhabuu (Availability of solevent Demand)
 Waan omishamuu jedhu kanaaf. fedhiin gabaa Kan hin jirree yoo ta'e gara hojii kanaatti seenuun fayyidaa
hin qabu. Fedhiin maamilootaa bala'aa ta'uu qaba.
 Jiraachuu fi jiraachuu dhabuu meeshaa dheedhii (Avail. of Raw materials) pirojekti tokko
yeroo filachuuf kaanu, meeshaa dheedhii sana ilaalichisee, wanti qoratamu qabu, jiraachuu isaa dabalatee.
 baayinaan iddoo ittii hojjetamutti argamuu isaa.
 walitti fufinsa dhiyeessa isaa
 gatii isaa
 yeroo itti argama isaa sirritti qorachuun barbaachisaadha.
 Jiraachuu fi jiraachudhabuu teekinooloojii(Availability of Teknology)
 Hojii hojjetamu tokko, qulqullinaa fi yeroo isaa eggatee, sadarkaa barbaadamuun
hojjechuuf teekinooloojiin, shoora ol-aanaa taphata.
 Kanaafuu, gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta'uuf, hanga dande'ametti
teekinooloojii naannootti fayyadamuun barbaachisaadha
 4. Jiraachuu fi jiraachuu dhabuu humna namaa(Availability of skilled
man power)
 Hojii kam-iyyuu hojjechuuf, huminni namaa barbaachisaa, kanaafuu, pirojektii tokko
yeroo filatinnu, waan hojjetamu sana, sadarkaa barbaadamuun nama hojjechuu
danda'u argachuun barbaachisaa dha5. Dorgomtoota (Availability of
Competitors)
 Dorgmtooti hedduun hojii pirjektii leenya faana wal-fakkaatu hojjetan yoo jiraate,
nama gara daldalatti seenaa jiruf ulfaata, ta'uu waan danda'uuf. akkasumas, galii
hirri'isuu waan danda'uuf sirritti madaaluun barbaachisaadha.
 Kun. Immoo Kan hojjetamu akkaataa armaan gadiitiin
T.L Maqaa Fedhi Jirachu Jirach Jirachu Ida’ dor Firi
Pirojek i mesha u humna am gom i
tii gaaba dhedhi tekno nama a tota
loji

You might also like