Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 14

Gaalee

Gaaleen caaseffama himaa keessatti qaama himaa yoo ta’u,


jecha yookiin garee jechootaa kan hojii tokkoof
dhaabbataniifi akka qaama tokkootti tajaajilanidha. Karaa
biraa gaaleen wal faanommii ykn wal hammannaa
jechootaati jechuun nidanda’ama.
Ulaagaalee Gaalee
Jechoonni wal faana jiran gaalee jedhamuuf ulaagaalee
armaan gadii guutuu qabu.
1. Mataan gaalee keessaa hafuu hinqabu/hinhafu
Akkuma qaama namaa keessaa kan baay’ee murteessaa ta’eefi
yoo cite namni du’uu danda’u mataa ta’e, akkasumas nama
tokko abalu jechuuf mataasaa ilaallee murteessinu
miseensota gaalee ijaaran keessaa mataan galee hafuu
hindanda’u.
Itti fufe…

Fakkeenyaaf, kanneen ilaalaa


A. Marqaa garbuu nyaate.
B. Garbuu nyaate.
C. Marqaa nyaate
Akkuma mul’atu, kan “A” irratti jala sararame keessaa
tokko mataa gaaleeti. Kana keessaa yoo “marqaa”
kan jedhu hafte hiika dhabeessa taasifti. Kanaaf
mataan gaalee keessaa hafuu hindanda’u jedhama.
2. Miseensota gaalee gidduu jechi biraa galuu
hindanda’u, yoo gales qaama gaalee sanaa citee
hafedha.
Itti fufe …

Fakkeenyaaf, gaalee “mana citaa” jedhu gidduu jecha


biraa galchuu hindandeenyu.
3. Miseensonni gaalee akka qaama tokkootti socho’u
(walhingadhiisani, addaan hinba’ani).
Fakkeenya kanaa gadii ilaalaa
a. Fardi adii midhaan nyaate.
b. Obbo Dhaqqabaan farda adii bite.
c. Bara darbe obbo Dhaqqabaan farda adii bite.
Akkuma muul’atu qaamni jala sararame, gaalee yoo
ta’u bakka sadanittuu osoo wal hingadhiisiin
walumaan socho’ani. Kanaaf miseensonni gaalee
akka qaama tokkootti socho’u jedhama.
Itti fufe…

4. Miseensonni gaalee bakka bu’aa tokkoon bakka


bu’amuu danda’u.
Akka ulaagaa gaalee kanaattimmoo miseensonni galee
bakka bu’aa tokkoon bakka bu’amuu danda’u.
fakkeenyaaf,
a. Dureettiin xaafii adii gurgurte.
b. Qananiinis isuma gurgurte.
Miseensota Gaalee
Akkuma gaaleen walfanommi ykn wal haammannaa
jechootaati jenne, miseensonni gaalee ijaaran
kanneen armaan gadiiti.
A. Mataa gaalee

• Qaama baay’ee murteessaafi hafuu


hindandeenyedha.
• Kan waa’eensaa dubbatamudha.
• Gosa gaalee sanaa mataa gaaleetu murteessa.
• Mirga yookaan bitaa miiltoowwaniitti argama.
B. Miiltoo Gaalee
Waa’ee mataa gaalee odeeffannoo dabalataa
kenna.
Hidhata ykn dhiyeenya mataa gaalee faana qabaniin
bakka lamatti qoonna.
I. Miiltoo Sad. 1ffaa

• mataa gaalee duukaa hidhata guddaa qaba.


• Odeeffannoo dabalataa akka
 Maddaa
 Fayidaafi
 Tajaajilaa kennu
Fkn. Damma eebichaa (madda)
Sa’a aannanii (faayidaa)
Mana haraqee (tajaajila)
II. Miiltoo Sad. 2ffaa
Hidhanni isaan mataa gaalee faana qaban hamma isa
kan sad. 1ffaa hinga’u.
Haaluma kanaan odeeffannoo dabalataa waa’ee:
 Bifaa ( Waaqa gurraacha)
 Amalaa ( namicha bayeessa)
 Hangaa ( dhagaa guddaa)
 Bakkaafi ( Intala salaalee)
 Abbintaa kennu. ( barattoota kiyya)
Murteessitoota
Murteessitoonnimmoo miseensota gaalee gama
lakkoofsaafi kallattiin gaalee murteessu.
• Mana citaa sana ( kallattii)
• Barattoota ciccimoo lamaan (lakkoofsa)
• Gosoota Gaalee Afaan Oromoo
Afaan Oromoo keessatti gaalee bakka afuritti qoonna.
Isaanis:
1. Gaalee Maqaa
2. Gaalee Maqibsaa
3. Gaalee Durduubee
4. Gaalee Gochimaa
Gaalee Maqaa
• Mataan gaalee kanaa maqaadha.
• Mataan gaalee kanaa yeroo hundaa gara bitaatti
argama.
• Gaalee maqaa bifa lamaan ijaaruu dandeenya.
• 1ffaa maqaa lamarraa, fakkeenyaaf,
 Foon lukkuu
 Aannan sa’aa
 Sa’a aannanii
 Sangaa qonnaa
 Intala salaalee
 Sangaa Harargee
 Buna Jimmaa
 Warqii Najjoo
 Meetii Shaakkisoo
2ffaa Maqaafi maqibsarraa, fakkeenyaaf
Dhagaa gurraacha
Waraqaa adii
Foon diimaa
Gurbaa gabaabaa
Intala magaala
Farda daalacha
Jaarsa beekaa
Gaalee Gochimaa
• Maataan gaalee kanaammoo gochimadha
• Kan inni argamummoo yeroo hundaa mirga
miiltoowwaniittidha.
• Gaaleen kun gareelee jechootaa biroo faana gaalee
ijaarrata.
• Mataan gaalee kanaa yeroo tokko tokko hinmuula’atu.
• Wanti gosa gaalee kana adda godhu miiltoo malee
gaalee ijaarrachuu danda’uu, garee jechootaa kaan
faana gaafa taa’an abbaa aangoo ta’uun gaalee
gochimaa godhachuu yaa ta’u gochimoonni dirqama
miiltoo malee gaalee ijaarrachuu hindandeenyes jiru.
Fakkeenyaaf,
Inni barsiisaadha. Qaama jala sararame keessaa
barsiisaan yoo hafe rakkina waan godhatuuf gaaleen
gochimaa miiltoo dirqama akkka guuttuu gaaleetti
barbaadan jiru.
Haaluma kanaan gaaleen gochimaa kanneen armaan
gadiiti.
 Kaleessa deemte.
 Biqiltuu dhaabe.
 Ariitiin sokke.
 Hatattamaan barreessiti.
 Suuta nyaata.
3. Gaalee Maqibsaa
Gaalee maqibsaa keessattimmoo mataan gaalee
maqibsadha.
Gaalee maqibsaas, gaalee durduubeefi maqibsa
yookaan maqibsa lamarraa ijaaramuu danda’a.
Fakkeenyota armaan gadii ilaalaa.
1. Xaafii adii weeca gurgure.
2. Bullukkoon halkaniif gaariidha.
3. Ganjabeen figgichaan cimtuudha.
4. Aannan fayyaaf bayeessadha.
Gaalee Durduubee/Firoomsee
Mataan gaalee kanaa durduubeedha.
Durduubeewwan maqaa faana ta’uun gaalee
ijaarraatu.
Mataan gaalee kanaa mirga ykn bitaa miiltoowwanii
jira.
Fakkeenyawwan gaalee durduubee
• Akka leencaa
• Gara bowwaa
• Dirree waraanaatti
• Mana jala
• Mukarra

You might also like