Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 43

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

Boqonnaa Lama

Walitti Hidhamiinsa Buufata Fayyaa Fi Keellaa Fayyaa


 
Qabiyyee

 Kaayyoo Gooroo
 Seensa
 Istandaarii Hojii
 Qajeelfama raawwii

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Qabxiilee Gurguddoo

 Leenjitoonni leenjiin booda qabxiilee ibsaman kana ni hubatu.


 Qajeeltoowwan dimokiraasii fi bulchiinsa gaarii

 Kaayyoo fi toftalee raawwii

 Istandaardii Hojii
 Caaseffama tajaajila fayyaa bu’uuraa

 Walitti hidhaminsa buufata fayyaa fi keellaa fayyaa

 Gahee hojii fi Itti gaafatammummaa

 Hojiirra oolmaa walitti hidhaminsa(ragaa funaanuu, hordooffii fi deeggarsa, gabaasaa fi


duub-debii, dhiyyeessii ciicolee)

 Raayyaa misoomaa buufata fayyaa


Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Seensa
 Biyyi keenya tajaajila fayyaa bu’uuraa tajaajila fayyaa
qulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taasisuuf buufanni
fayyaa tokko gidu-galeessan keelloowwan fayyaa 5 waliin
walitti hidhamuun akka qaama tokkoo ta’anii akka waliin
hojjatan sirni diriirfamee hojirra kan oolee yoo ta’u
bu’aawwan gaarii galmaa’uu irratti argamu.

 Gahee hojii buufataalee fayyaa keessaa tokko ogeessota


fayyaa buufata fayyaa fi HEF qindoominaan hojjechisuudhaan
hojii dagaagina fayyaa fi ittisa dhibee raawwachuu dha.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Itti fufa…..

 Hojiileen dagaagina fayyaa fi ittisa dhibee kun sadarkaa


barbaadamee fi quubsaa ta’een raawwatamanii rakkoolee fayyaa
hawaasaa hiikuudhaan bu’aa gammachisaa akka galmeesisan
dandeesisuudhaaf buufataaleen fayyaa keelloota fayyaa isaan jala
jiraniif karoora irraa jalqabee ijaarsa raayyaa misooma fayyaa
isaan raawwatan karooraa fi cheekliistiidhaan deeggarsaa fi
hordoffii gochuufii qabu.
 Qorichootaa fi meeshaalee wal’aansaa keellaa fayyaatiif
barbaachisan guutuu, sirna walharkaa fudhiinsa cimsuu, karooraa
fi raawwii keellaawwan fayyaa gamaaggamuudhaan duub-deebii
kennuu akkasumas dandeettii raawwii eksteenshinoota fayyaa
cimsuun hojiilee buufataalee fayyaa raawwatan gurguddoo
keessatti kan haammatamuudha.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa…..

 Buufataalee fi keellaawwan fayyaa kaayyoo tajaajila fayyaa bu’uuraa tokko


hiikuudhaaf akka qindoomanii socho’an waan hin taasifamneef buufataaleen fayyaa
keellaawwan fayyaa tiif gargaarsa barbaachisaa akka hin gooneef gahee guddaa
gumaachuu isaa irra iyuu,

 hanqina dandeettii HEF qaban ogeessa fayyaa ilaallatuun haala wal’irraa hin
cinneen ijaaruudhaan carraaqii qulqullinaa fi tamsa’ina tajaajilichaa gudisuu akka
bu’aa barbaadame hin buufne godheera.

 Walitti hidhuun kun kan barbaachiseef buufanni fayyaa ijaarsa rayyaa misooma
fayyaa irratti hudhaalee ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeesii hawaasaa fi HEFjiran
addaan baasanii hiikuuf dandeettii isaanii ijaaruun barbaachisaa ta’ee waan
argameef.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Kaayyoo Gooroo

 Kaayyoon walitti hidhamiinsaa inni guddaa


buufataalee fayyaa keellaawwan fayyaa 5’nan akka
tajaajila fayyaa bu’uraa tokkootti walitti hidhamanii
hawaasaaf tajaajiloota dagaagina fayyaa, ittisaa dhibee
fi wal’aansa fayyaa bu’uuraa dhiyeesuu akkasumas
buufanni fayyaa ijaarsa raayyaa misooma fayyaa irratti
dandeettii HEF cimsuu fi dhiyeesiin akka wal’irraa hin
cinnee gochuudhaan gahee isaa akka taphatan
dandeessisuufi.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Qajeeltoowan Diimookiraasii fi Bulchiinsa Gaarii

 Diimookiraasiin sirna mirgoonni ummataa ittiin eegamuu fi


ol’aantummaan seeraa ittiin mirkanaa’uu dha.
 Walitti hidhamiinsa buufata fayyaa fi keellaa fayyaa bu’a-qabeessa
gochuuf, hooggantoonni, ogeessonni BF fi HEFqajeeltoowan
bu’uuraa diimookirasii fi bulchiinsa gaarii beekuun hojirra oolchuu
qabu.
 Iftoomina, haqummaa, itti gaafatamummaa,
 hirmaannaa ummataa, hojimaata hojii mootummaa si’ataa
 Hojimaata badaa irraa kan qulqullaa’e fi malaamaltummaa
too’annoo jala oolchuu
 sirna kenniinsa tajaajila fayyaa uummata tajaajilu uumu akka ta’e
agarsiisa. Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
EQUALITY AND EQUITY

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Itti fufa….

 Hooggantoonnis ta’ee ogeessonni ilaalcha “sadarkaa


uummanni tajaajila fayyaa ani kennutti quufee akka isaatti
na ilaalee naaf ooge arguu dha” jedhu irra gahuu qabu
(CRC).
 Haaaluma kanaan buufataaleen fayyaa hundi karoora
bulchiinsa gaarii fi chaarterii lammiilee qopheessanii hojii
irra oolchuu qabu.
 Dabalataanis kurmaanan marii waligalaa hawaasaa wajjin
godhamu irratti gaaffii bulchiinsa gaarii irratti ka’aanii fi
komii uummataatiif deebii kennuun hojii bulchiinsa gaarii
dagaagsuuf hojjetaman keessa isa ijoo dha.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Kaayyoo Gooree

1. Dhaabbileen fayyaa karooraa fi raawwii waliinii akka


qabaatan gochuuf
2. Ogeessonni buufata fayyaa akka gara gandaatti gadi bu’anii
deeggarsa godhan dandeesisuuf
3. Dhiyeesii fi itti fayyadama galtee (input) qinda’aa ta’e akka
jiraatu gochuuf
4. Dandeettii raawwachisummaa hojjattoota eksteenshinii fayyaa
cimsuudhaaf
5. Dhaabbilee fayyaa bu’uuraa keessatti sirna hordoffii fi
deeggarsa cimaa diriirsuuf
6. Walitti hidhaminsa uummata wajjin qaban cimsuuf
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Istandardiiwwan Hojii

1. Buufanni fayyaa walitti hidhamiinsa BF fi KF hojirra oolchuuf


ijaarsa fi hojimaata ni diriirsa, ogeessa walitti hidhaminsa
geggeessu fi hordofu ni ramada.
2. Dubartoota gandoota buufata fayyaa jalatti argaman keessa jiraatan
gurmaahuu qaban hundinuu garee misoomaa fi 1-5 niin
ijaaramanii guutumaa guutuutti hojiitti akka galan deeggarsa
taasisa.
3. Buufanni fayyaa fi keellawwan fayyaa buufaticha jalatti argaman
karoora hojii waggaa fi baajata waliinii akka tokkotti qoppheessa.
4. Buufanni karoora torbanii, ji’aa,kurmanaa, ji’a 6, ji’a 9, gabaasa
raawwii karoora waggaa keelloota fayyaa isa jala jiranii walitti
qaba, ni qindeessa, duub-deebii ni kenna.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa…..

5. Tokkoon tokkoon ogeessa BF fayyaa idileen torban torbaanin


cheekliistii fayyadamuun gara keellaa fayyaatti gad-bu’uun
hordoffii fi deggarsa rakkoo hiikuu gochuu akkasumas duub deebii
barbaachisa ni kenna.
6. Buufanni fayyaa ji’a ji’aan HEF walitti qabuudhaan hojii waliigalaa
ni gamaaggama, muuxxannoo gaarii argamanis ni babal’isa.
7. Sagantaa eksiteshinii fayyaa irratti hudhaa ilaalcha, dandeettii fi
dhiyeessii addaan ni baasa, kan addaan bahanifis hiikuudhaaf hojii
ijaarsa dandeettii fi deeggarsa biroo ni kenna.
8. Buufanni fayyaa qorichootaa fi dhiyeesii keellaawwan fayyaa isa
jala jiran qabachuu qaban ni guuta, sirriin hojiirra ooluu isaaniis
hordoffii taasisa.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Qajeelfama Raawwii

Caaseffama tajaajila fayyaa bu’uuraa


 Keelloonni fayyaa guutummaa guutuutti itti waamamni isaanii buufata
fayyaa walitti hidhamaniif

 Itti waamamni buufataalee fayyaa kallatiidhaan Wa/Ee/Fayya


aanaa/Bulch/magaalaatiif.

 Ogeessoni eksteenshinii fayyaa magaalaas itti waamamni isaanii BF walitti


hidhamaniif ta’a

 Naannoleen horsiisee bulaa haala qabatamaa naannoo isaniirraa ka’anii


caasicha ilaaluu ni danda’u.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Walitti hidhamiinsa Buufata fayyaa fi Keellaa Fayyaa

Maalummaa walitti hidhamiinsa BF fi KF


• Hojiilee kunuunsa fayyaa fi ittisa dhibee haala mijaa’aa fi guutuu ta’een
BF keessaa fi sadarkaa hawaasaatti raawwachuuf BFfi KF naaannoo
isaanii shan kaayyoo tokkoof akka wiirtuu tajaajila fayyaa bu’uuraa
(PHCU) qindeesanii hogganuu fi haala mijeessuu hojimaata dandeessisu
dha.
• Walitti hidhamiinsi kun tajaajila fayyaa bu’uuraa waliin karoorsuuf,
raawwachuuf, hordofuuf, gamaaggamuuf, dhiyeesi sirriitti itti
fayyadamuuf, rakkoolee yeroon sadarkaa sadarkaan addaan baasuu fi
hiikuuf akkasumas ragaalee haala qindaa’een qabuu fi itti fayyadamuuf ni
gargaara.
• Buufataaleen fayyaa galii tajaajila irraa argatan ofii isaantiin kan
fayyadaman waan ta’eef, keellawwan fayyaa hanqinni dhiyeesii akka hin
quunnamneef ni deeggaru.Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Ethiopia Health Tier System
Tertiary health
care level
Specialized hospital
3.5-5 million people

Secondary
health care
General hospital 1-
1.5million people
level

Primary Hospital
60,000-100,000 peoples

Primary
health care
level

Rura l- 1 hea lt h ce nter 15, 00-25000


people , Urba n -1 hea lt h ce nte r
40, 000 pe opl e, 1 hea lt h post 3000-
5000 pe opl e

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Caaseffama Buufata Fayyaa

 Buufanni fayyaa paakeejii tajaajila fayyaa bu’uuraa kan


kennu yoo ta’u keellaa fayyaa irraa tajaajilamtoota ergaman
akka wirtuu riferaalii fi leenjii gochaa HEF ta’ee ni gargaara.
 Akka istandaardiin sirni tajaajila fayyaa biyyoolessaatti
aanaan tokko giddu keellaawwan 20, BF4 fi hospitaala
jalqabaa 1 qabaachuu ni danda’u
 Daarekteerri BFdaarekteera tajaajila fayyaa bu’uuraa
(PHCU) ta’ee Wa/Ee/F aanaatiin ni ramadama.
 Daarekteerri PHCU ogeessa itti waamamummaan isaa
kallattiin daarekteerichaaf ta’ee fi walitti hidhamiinsicha
idileen kan hordofu niBiiroo
ramada.
Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Caaseffama buufata fayyaa

Wa/Ee/Fayyaa
aanaa/magaala
a

Buufata
fayyaa

KF KF KF KF KF
01 02 03 04 05

Garee Garee Garee Garee Garee


misoomaa misoomaa misoom
misoomaa misoomaa
aa
Shanee Shanee Shanee Shanee Shanee

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Gahee hojii fi Itti gaafatamummaa

Daarekteeraa PHCU
 Raayyaa misooma fayyaa ni qindeessa, hojiitti galuu

isaas ni mirkaneessa.
 Tajaajila fayyaa bu’uuraa (PHCU) ni karoorsa, ni

qindeessa, ni gaggeessa, ni hordofa, raawwii isaas ni


gamaaggama.
 Hanqina dandeettii hojjettoota BF fi keellaawwan

fayyaa gidduu jiru addaan baasuun ijaarsa dandeettii


hojiirraa ni hojjata, hojjettoota haaraafis waltajjii hojii
walbarsiisuu ni raawwata.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa……

 Yeroo hanqini humna namaa keellaa fayyaa keessatti


mul’atu, hojjettoota buufata fayyaa ykn keellawwan
fayyaa walitti hidhamiinsicha keessa jiran keessa
ramaduun hanqinichi akka guutamu ni taasisa.
 Keellaawwan fayyaa kan yaada keessa galche karoora
baajata waggaa ni qopheessa.
 Walgahii gamaaggama raawwii hojii ji’aa keellaawwan
fayyaa wajjin ni qopheessa, ni gaggeessa, hudhaalee
adda addaa fi hiika isaanii irratti ni mari’ata.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Itti fufa…

 Paakeejoonni eksteenshinii fayyaa haala qajeelfama


raawwii ta’een raawwatamuu isaanii ni mirkaneessa.
 Wa/ Ee/ fayyaa aanaa gamaaggama raawwii hojii
qophaa’u irratti argamuun gabaasa raawwii hojii
tajaajila fayyaa bu’uuraa ni dhiyeessa.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Gahee Hojii fi Itti gaafatamummaa Walitti Hidhamiinsa BF fi KF

 Sagantaa hojii ogeessonni fayyaa BFgara keellaawwan fayyaatti


gad-bu’anii deeggarsa itti kennan ni qopheessa; hordoffii fi
deggersi sirrii ta’e kennamuu isaas ni mirkaneessa;
 koree hojii kana gargaarus of jalatti ni dhaaba.
 Gabaasa torbanii/ji’aa keellaawwan fayyaa irraa walitti qaba, ni
qindeessa,
 karoora hordoffii fi deeggarsaa qindaa’aa keellaawwan fayyaa
itttiin taasifamu ni qopheessa.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa…

 Dhiyeesiin barbaachisaa ta’an keellaawwan fayyaa tiif


akka guutamu ni taasisa, sirriitti hojiirra ooluu isaaniis ni
mirkaneessa.
 Walgahii ji’a ji’aan gageeffaman irratti barreessaa
darekteeraa ta’ee hojjata, gabaasas ni dhiyeessa.
 Hojjettooni eksteenshinii fayyaa hooggansa gandaa wajjin
walitti dhufiinsa hojii gaarii uumuu isaanii ni mirkaneessa
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Gahee Hojii fi Itti Gaafatamummaa Ogeessota Fayyaa BF

 Tokkoon tokkoon ogeessa fayyaa ganda itti ramadametti


argamee sagantaalee eksteenshinii fayyaa fi ijaarsa raayyaa
misoomaa fayyaa irratti HEF tiif deeggarsa ogummaa ni
kenna.
 Yeroo deeggarsi taasifamu hudhaalee ilaalchaa, dandeettii fi
dhiyeesii addaan baasuu raawwata, hudheelee argamanis
HEF fi qaamolee biroo ilaallatu wajjin ta’uun furmaata
kenna. Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa…

 Hordoffii fi deeggarsa KF taaasifameenii fi gabaasa KF


bu’uureffachuun duub-deebii ni kenna.
 Deeggarsa akka walii galaatti gabaasa godha, walgahii
ji’aa gaggeffamu irrattis ni hirmaata.
 Leenjii ijaarsa dandeettii gaggeesittoota garee
misoomaa/shaneetiif kennamu irratti deeggarsa ogummaa
ni kenna.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Gahee Hojii fi Itti Gaafatamummaa HEF

 Raawwii paakeejoota eksteenshinii fayyaa haala qajeelfama


raawwii akka biyyaatti taa’e tiin guutummaa guutuutti ni
raawwachiisu, ni gamaaggamu, ni hordofu;
 Karoora hojii waggaa keellaa fayyichaa bulchiinsa gandaa fi
buufata fayyaa wajjin ta’uun ni qopheessu, hojiirra oolchu,
raawwii isaas waliin ni gamaaggamu.
 Gaggeesitoota garee misoomaa dubartootaa ni leenjisu, ni
hordofu, ni deggeru Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa….
 Meeshaalee tajaajila fayyaa bu’uuraa, qorichootaa fi
dhiyeesii biroo gaafatanii guutuu, seera bulchiinsa
qabeenyaa mootummaatiin itti fayyadamu.
 Duub-deebii ogeessota buufata fayyaa irraa kennameef
hojiirra oolchu
 Gamaaggama hojii ji’aa buufata fayyaa irratti argamuun
muuxxannoo gaarii hojiirratti isaan quunnamee fi
hudhaalee akkasumas raawwii hojii isaanii ni dhiyeesu.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Walitti Hidhamiinsa Hojiirra Oolchuu

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Raawwii Adeemsa Hojii Walitti Hidhamiinsaa

Ragaa walitti Qabuu


fi Hubannoo
Waliinii Qabaachuu
Gabaasaa fi
duub-eebii

Karoora
walinii
Qopheessuu

Hordoffii
Deggersaa
Gamaaggama
Raawwataa
Qopheessuu fi
Raawwii karooraa
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Ragaalee walitti qabuu fi karoora walinii
qopheessuu

Raawwii SPEF keessatti hudhaaleen mul’atan addaan baasanii


ilaaluufi:-
 Ragaalee barbaachisan funaanuun erga xumurameen booda
buufanni fayyaa HEF, bulchoota gandaa fi gaggeessitoota ijaarsa
raayyaa misooma fayyaa waliin ta’uun karoora qopheesuu.
 Oggeessonni hordoffii fi deeggarsaaf bahan hojii bahan sanaaf
yeroo isaanii guutuu hojjachuu qaban.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Itti fufa…
 Karoorichi haala raayyaa misooma fayyaa fi hojiilee
biroo hojirra oolu, raawwataa cimsuu, hojiilee yoom
akka raawwachuu danda’amu fi waliigalaa haala itti
hordofanu fi deeggaran ifatti kan agarsiisu ta’uu
qaba.
 karooricha konfaransii hawaasaa irratti beeksisuu fi
mirkanesisuu barbaachisa. Karoorri walitti
hidhamiinsaa tajaajiloota buufata fayyaa keessatti
kennaman ilaalcha keessa kan galche ta’uu qaba.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Hordoffii fi Deeggarsa

 Walitti hidhamiinsi BF fi KF bu’a-qabeessa akka ta’uuf


hudhaalee addaan baasuun ijaarsi dandeetti kan ittiin
hojjatamu hordoffii fi deeggarsa walirraa hin cinne
jiraachuu qaba.
 Duub-deebii kennuu fi hojiirra ooluu isaa hordofuun
dhimmaa xiyyeeffannoo barbaadu dha.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Itti fufa…

Hordoffii fi deeggarsa duraa fi booda hojiileen


raawwatamuu qaban:-
 Hordoffiin duraa itti gaafatamaan walitti hidhamiinsa
buufata fayyaa fi keellaa fayyaa hojimaata H fi D
qopheessa, waa’ee hordoffichaa keellaa fayyaaf
beeksisa, hordoffichaaf ciicolee barbaachisu ni
qopheessa.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa…

 Ogeessonni hordoffii fi deeggarsa KF’f bahan yeroo


isaanii guutummaa guutuutti hojiif oolchuu qabu.
 Keellaa fayyaa fi buufanni fayyaa akka kutaa hojii tokkoo
waan ta’aniif ogeessonni keellaa fayyaa gad bu’anii
deeggarsa kennaniif durgoon kaffalamuuf hin jiru.
 Xiinxala hudhaalee ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeesii
hojjatamuu qaban, majimantii buufata fayyaa wajjin
mari’achuun furmaata hudhaalee adda addaa ta’uu qaba,
deeb deebiinis ni kennama.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa…

 HEF-ijaarsi dandeettii hudhaalee hiiku danda’u kennamuu


qaba,
 rakkooleen humna buufata fayyaatii ol ta’anis battalumatti
qaama ol’aanaatti darbanii hiika argachuu qabu.
 Kallattiin yeroo deeggarsaa kaa’aman galmaa’anii yeroo
hordoffii fi deggersaa itti aanutti hojiirra ooluun isaanii
mirkanaahuu qaba.
 Keelloonni fayyaa akka raawwii karoora isaaniitiin sadarkaan
baheefii namni hundinuu bakka arguu danda’utti
maxxanffamuu qaba.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Gabaasaa fi Duub deebii

 Buufanni fayyaa sad. sagantaan eksteenshinii fayyaa


tajaajila fayyaa bu’uuraa keessatti qabu hordofuuf
gabaasa idilee Wa/Ee/Fayyaa aanaatiif dhiyeesuu
qaba.
 Waajjiri eegumsa fayyaa aanaas gabaasichi erga isa
ga’ee torban tokko keessatti duub-deebii kennuu qaba.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Itti fufa…

 Haaluma wal fakaatuun buufanni fayyaas keellaa fayyaatiif


guyyaa sadii keessatti duub-deebii afaanii fi barreeffamaan
kennuu qaba.

 Duub-deebiin kennaman ciminaa fi hanqinaalee kan agarsiisu fi


hanqinooni akkamitti akka guutamuu qaban kan agarsiisu ta’uu
qaba.

 Duub-deebiwwan hojjiirra ooluu isaanii hordofanii


mirkaneeffachuun xiyyeeffannoo kan barbaadu hojii dhimma
ijoo dha.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Galtee Dhiyeessii
 Karoorri baajata waggaa yeroo qophaa’u keellawwan fayyaa
yaada keessa galuu qabu.
 Kenniinsa qulqullina tajajila fayyaa keellaa fayyaa fooyyesuuf
buufanni fayyaa galii keessan deeggaruu qabu.
 Buufanni fayyaa haala wal irraa hin cinneen ciicolee barbaachisaa
ta’an keelloowwan fayyaaf guutuu fi hojiirra ooluu isaaniis hojii
hordoffii ni hojjatama.
 Koreen dhimma kana hordofu BF keessatti ni hundeeffama, ji’a
6’n itti fayyadama ciicolee keellaawwan fayyaa sakatta’iinsa
gochuun bu’aa isaa koree hoogansa buufata fayyaatiif ni
dhiyeessa.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Raayyaa Misooma Fayyaa Buufata Fayyaa

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Ijaarsa Raayyaa Misooma Fayyaa

 Tajaajilli fayyaa bu’uuraa cimee bahuuf hudhaalee ilaalchaa,


dandeettii fi dhiyeessii addaan baasuun dandeettii hudhaalee
madda irraa gogsuu dandeesisu sad.BF tti ijaaramee raawwii
karoora hojii fayyaa mirkaneesuu hundeessuun murteessaa dha.
 Yeroo yeroon hojiilee gamaaggamuun sadarkaa walii kennuu
keessatti hudhaalee bu’uura irraa hiikuu dandeesisuu caalaa,
muuxxannoo gaarii waljijjiiruu fi ogeessota bu’aa hojii isaaniitiin
jajjabeessuuf ni dandeesisa.
 Sadarkaa buufata fayyaatti yoo xiqaate kan armaan gadii
guutamuu qabu.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa


Itti fufa…
A Walitti Hidhamiinsa Garee (case team):- Hojjattoota garee tokko kan
..

hammatu yoo ta’u, guyyaa guyyaan walgahuun hojii isaanii ni gamaaggamu.


Walitti hidhamiinsicha qindeessaan garichaa ni gaggeessa, walgahii fi
gamaggamni godhaman hundi qaboo yaa’iin qabamuu qaba.
B. Fooramii manaajimantii:- Miseensi koree manaajimantii BF kan hirmaatan
ta’ee hogganaa BF tiin gaggeeffamanii torban torbaniin walgahuun hojiin
tajaajila fayyaa bu’uraa akka walii galaatti akkasumas karooraa fi raawwii hojii
ni gamaaggamu.
C. Fooramii Hojjattootaa
Hojjettoota buufata fayyaa hunda kan haammatu yeroo ta’u, walitti qabaa
boordiitiin gaggeeffamuudhaan ji’a ji’aan walga’anii hojii waliigalaa irratti
mari’achuun kallattii furmaataa kaa’a.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Itti fufa…

D. Fooramii tajaajiala fayyaa bu’uraa:- HEF, ogeeyyii fayyaa KF


deeggaranii fi daarekterri BF waliin qindaa’uun kan argaman ta’ee
ji’a ji’aan walgahuun karoora raawwii ni gamaggamu, daarekterri
foramicha ni geggeessa.
E. Fooramii Uummataa:-caasaan seektera fayyaa sadarkaa sadarkaan
jiru (BEFO irraa hanga Wa/e/Fayyaa godinaa fi aanaa) manuwaalii
waltajjii maree dhaabbilee fayyaa fi hawaasaa raawwachiisu
ciminaan hordofuu fi kurmaana kurmaana kan gamaaggamanu ta’a.
Bu’aan marichaa irraa argaman qindaa’anii kurmaana kurmaana
boordiiwwani, Wa/Ee/Fayyaa fi BEFO ykn MEFF ergamuu qaba.
Gabaasni kun kan ergamu kurmaani dumee guyyoota 10 hanga 15
keessatti ta’a.
Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa
Galatoomaa

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa

You might also like