Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 43

EJENSII GALMEESSA RAGAALEE

BU’UURAA HAWAASUMMAA
NAANNOO OROMIYAATTI

YAAD RIMEE (CONCEPT)


GALMEESSA RAGAA BU’UURAA
HAWAASUMMAA
Qabiyyee Leenjii
i. Hiika Galmeessa Ragaa Bu’uura Hawaasummaa
ii. Fayidaa Galmeessa Ragaa Bu’uura Hawaasummaa
iii. Akaakuu Galmeessa Ragaa Bu’uura Hawaasummaa
iv. Qajeeltowwan Galmeessa Ragaa Bu’uura Hawaasummaa
v. Seenaa dhufaatii Galmeessa Ragaa Bu’uura
Hawaasummaa
• Akka Addunyaatti
• Akka Afrikaatti
• Akka Itiyoophiyaatti
• Akka Naannoo Oromiyaatti
vi. Sirna Galmeessa Ragaa Bu’uura Hawaasummaa lafa
qabsiisuu keessatti gahee seektaroota mootummaa fi
qaamoleehawaasaa
vii. Guduunfaa
Gocha 1
 Leenjii kanatti seenuun dura dhimmoota
armaan gadii irratti gareen mari’adhaatii
gabaasa isaa dhiyeessaa.
a. Hubannoo armaan dura qabdu irraa ka’uun
Galmeessa ragaalee bu’uura
hawaasummaa jechuun maaljechuudha?
b. Fayidaa GRBH
c. Akaakuu GRBH
d. Amaloota GRBH fi
e. Qajeeltowwan isaa maal akka ta’an.
1.1 Hiika Taatewwan Bu’uuraa hawaasummaa
 Taateewwan bu’uuraa jechuun mudannoowwan ijoo namni tokko
guyyaa dhaloota isaa irraa kaasee hanga guyyaa du’aatti nama
muudatanii dha.

 Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ‘taateewwan bu’uuraa’


jedhamanii kan beekaman lubbuun dhalachuu, du’a dhalootaan
duraa, du’a, gaa’ela, hiikkaa gaa’elaa, gaa’elli akka hin
raawwatamnetti lakkaa’uu, abbaa manaa fi haadha manaa yeroof
seeraan adda baasuu, guddifannaa, abbummaa yookiin haadhummaa
daa’ima gaa’elaan ala dhalateef beekamtii kennuu dha.
Itti fufa…
 Taatewwan kunis; Karaa itti fufiinsa qabuun, hunda of keessatti haammateen,
dirqisiisa seeraa qabuun kan galmaa’an yoo ta’an RBH jedhamuu
akkadanda’an DH.M.W ni heera.
 Itiyoophiyaatti RBH jedhamanii kan adda ba’an ammoo:

i. Dhaloota
ii. Gaa’elaa
iii. Hiika gaa’elaa.
iv. Du’a fi
v. Guddifachaa dha
 Isaan kun shanan maaliif ragaa bu’uuraa jedhaman?
Itti fufa…
 Dhalli namaa karaa dhalootaa daangaa bulchiinsaa
murtaa’e tokko keessa jiraachuuf mirga lammummaa kan
ittiin argatuu fi ka’umsa mirgaa dhala namaa ta’uu
isaatiin.
 Mirgi dhalootaan argatan du’aan nama irraa kan
fudhatamu ta’uu isaatiin
 Fuudhaa fi heerumni akkasumas hiikaan gaa’elaa waliin
jireenya hawaasaa keessatti mirga namni tokko qabaatuu
fi dhabu ta’uu isaatiin.
Itti fufa…
 Biyya tokko sirnaan gaggeessuuf bu’uura ta’uu isaaniitiin
 Karoora Misoomaa, hawaasummaa fi siyaasaa qopheessuuf isaan
kun ragaa bu’uuraa ta’uu isaaniitiin
 Murtii haqa qabeessaa fi si’ataa ta’e kennuuf odeeffannoo dhugaa
maddisiisuu danda’uu isaaniitiin
 Walumaa galatti nama dhuunfaa fi mootummaa wal
quunnamsiisuun baayina uummata biyya tokkoo fi guddina
dinagidee biyyattii madaalaa deemuuf kan gargaaran ta’uu
isaaniitiin RBH jedhamuu danda’aniiru.
SEENAA DHUFAATII GRBH

i. Seenaa dhufaatii GRB Akka Addunyaatti


 Galmeessi sirna cuuphaa, gaa’elaa fi cuuphaa DH.K.
dura biyya Roomaa fi Girik keessa turuu isaa seenaan
ni ibsa.
 Kan galmeeffamaa tures ragaa taatewwanii osoo hin
taane sirna taatewwaniiti.
 Sirni kun biyyoota Awurooppaa (Ingilizii, Ispeen,
Fiinlaandii fi kkf…) keessattis ni adeemsifama ture
Itti fufa…

 Peeruu fi Maasachuseetis keessatti mootummoota


yeroo sana turaniin galama’aa kan tureedha.
 GRBH mirgoota bu’uuraa fi hawaasummaa dhala
namaa kabachiisuuf seera hariiroo hawaasaa biyya
Faransaay bara 1804 ba’e keessatti ibsameera.
Source: United Nations Children’s Fund , Every Child’s
Birth Right: Inequities and Trends in Birth Registration
(NewYork,2013).

10
II. Seenaa dhufaatii GRBH Akka frikaatti
• Biyyooti Awurooppaa wayita Afrikaa koloneeffatan GRBH haajaa
gaariifis ta’e yaraaf itti fayyadamuuf sirna kana qabataniii ardii
Afrikaa seenaniiru.
 Biyyooti Afrikaa tokko tokko seenaa yeroo dheeraa GRBH qabu.
FKN jalqabbii galmeessa ragaa dhalootaa ilaalchisee biyyoota
armaan gadii heeruun ni dandaa’ama.
 Biiyya Moorishiyesitti (1793)
 Naayijeeriyaatti (1867)
 Aljeeriyaatti(1882)
Itti fufaa..

 Seenaan dhufaatii GRBH koleneeffattoota


Awurooppaa waliin yoo wal qabateyyuu
akkaataa inni itti raawwatamaa tture garuu kan
biyya Awurooppaa irraa adda dha.
 Fkn Afrikaa Kibbaatti galmeen kun
Afrikaanota gurraacha hin haammatu ture.
(Adii qofatu galmaa’a.)
Itti fufee…
 Bilisummaan booda Afrikaanoti guddina biyya isaaniiif akka bu’aa
buusuu danda’utti GRBH hojii irra oolchuuf yaalii gochaa yaa
turan malee hanga barbaadame bu’a qabeessa ta’uu hin dandeenye.

 Wayita ammaa hojii kanaan biyyooti milka’anii ragaa guutuu ta’e

qaban Mooriishiyelsii, Siishalsii fi Gibxii dha.

 Ardiin Afrikaa sirna GRBH diriirsuun kaayyoo barbaadameef


oolchuuf karaa dheeraan kan ishii eeggatu waan ta’eef yaalii
fi dhamaatii oggantoota biyyootaan cinatti deggersi
faayinaansii fi tekinikaa deggertootaa kan barbaachisu ta’a.
Itti fufaa…

 Sirni GRBH ajandaa ta’ee oggantoota siyaasaa biyyoota Afrikaatiin dubbatamuu


kan jalqabe bara 2009 yaa’ii biyya Taanzaaniyaa Dareselaamitti ta’ameera
 Dhamaatii kanaanis yaa’iin 1ffaa GRBH ministeerota Afrikaa bara 2010
Itiyoophiyaan akka qopheessitu ta’ee Finfinneetti gaggeeffameera.
 Yaa’ii kana irratti dhimmooti mariin irratti taasifamee waliigalteen irra
ga’ame:-
 Dhimmoota Poolisii/himaammata GRBH
 Dhimmoota teeknikaa
 Dhimmoota oppereeshinii
 Dhimmoota hubannoo uumuu ta’uu isaanii hubachuun ni danda’ama.
 Yaa’iin 2ffaa ijaarsa sirna GRBH Ministeerota Afrikaa Afrikaa Kibbaa
Darbanitti bara 2012 gaggeeffameera.
Itti fufaa..

 Yaa’ii kana irratti mureewwan gurguddoon darban:-


 Biyyooti Afrikaa GRBH fi GRB Istaatistikiitiif xiyeefannoo kennanii
hojjachuu akka qaban
 Dhimma kana irratti dandeettii raawwachiisummaa isaanii cimsuu akka qaban

 Yaadota haaraa maddisiisuu

 Muuxannoo waljijjiiruu
 Qo’annoo fi qorannoo babal’isuu

 Waldeggeruu fi walcimsuu akka qaban


 Yaa’iin 3ffaa Ministeerota Afrikaa Kootduvaaritti bara 2015 gaggeeffameera.
 Yaa’iin kun “Biyyoota Afrikaatti GRBH seera qabeessa ta’e bulchiinsa gaariif”
jedhuun adeemsifameera.
Itti fufa…

16
III. Ityoophiyaatti Seenaa Dhufaatii GRBH
Itiiyoophiyaa keessatti GRBH bifa akkamii qaba?
Biiyyota biraa irra maalin adda taati?
Itiyoophiyaan biyyoota kanneen irraa barumsa akkamii fudhachuu
dandeessi?
Itiyoophiyaati hojjimaata GRBH diriirsuuf yaalin kan eegalame waayita
bulchisinsi ammayyaa jalqabe bara Atsee Miniliiki ta’uu isaa raagaleen adda
adda ni agarsiisu
 Seeraa siviilii bara 1952 baafteen tumaa seeraa GRBH biyyooti
Awuroophaa ittin hojjecha turan fudhachuuf yaaltee turte.
 Seera kana keessatti GRBH diriirsuuf keeyata 100 ol akka haammatamu
ta’ee ture.
Itti fufa…


Haa ta’u malee keeyyattooti galmee Kabajaa ilaallatan raawwii isaaniitiif danbiin biroo hanga ba’utti akka hojii
irra hin oolle jedhamee seera kana gubbaatti tumamee waan tureef waggoota dheeraaf osoo hojii irra hin ooliin
tureera.

Sirna GRBH hojiitti irra oolchuuf qaamolee ga’ee qabaachaa turan

1. Mana Qopheesaa
Manni Qopheessaa Finfinneetti bara 1946 ragaa Gaa’heela keennuun, bara 1962 ragaa du’aa keennuun,
jalqabameture.


Qo’annoon bara 2008 naannolee Itiyoophiyaa keesaati adeemisifamee ture akka ibsutti ragaawwan kennamaa
turan kun hoji-maata barsiifannaa irratti kan hundaa’anii fi seeraan osoo hin galmeeffamiin turuu isaanii
argannoon qorannoo kanaa ni ibsa.
Itti fufa…

 Ragaan kennamaa turan kun baadiyyaa giddu galeessa


godhachaa waan hin turreef guutuudha nama hin jechisiisu.
2.Dhaabilee Faayyaa
Ragaan dhaloota fi du’aa dhaabbiilee faayyaa keessatti
uumamaa ture baay’ee xiqqaa ta’us, innumtuu ragaa kennaa
kan hin turree fi sababi du’aas galma’aa kan hin turre ta’uu
seenaan GRBH ni ibsa.
kaanaaf dhaabbileen kun GRBH ttif bu’uura yoo tahan iyyu
qabxiiwwan guutamuu qaban guutanii waan hin argamneef
qaawwi bal’aan kan ture ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama.
3. Dhaabbilee Amantaa
 Dhaabbileen Amantaa ragaa bu’uuraa galmeessaa turan
kaayyoo Amntichaa galmaan gahuuf malee faayidaa inni
argamsiisu yaadamee keennama hin turre. Haata’u malee,
jalqabbii GRBH keesaati seenaa dursaa qabu.
4. . Istaatistiksii Giddu Galeessaa
Bara 1969-1992 gidduutti RBH argamsiisuuf Istaatistiksiin
giddu galeessaa akka filannootti tajaajilaa ture.
Jalqaba bara 1990moota keessa deggarsa maallaqaa Dhaabbati
Mootummoota Gamtoomaniitti dameen gargaarsa da’immanii
taasiseen Ministeera dhimma hojjataa fi hawaasummaa
bulchiinsa mootummoota naannoo Tigraay, Amaaraa, Sabaf
sablammata Uummattoota kibbaa waliin qindoomina uumaanii
GRBH sadarkaa isaa eeggate adeemsisanii turan.
3. Dhaabbilee Amantaa
 Dhaabbileen Amantaa ragaa bu’uuraa galmeessaa turan
kaayyoo Amntichaa galmaan gahuuf malee faayidaa inni
argamsiisu yaadamee keennama hin turre. Haata’u malee,
jalqabbii GRBH keesaati seenaa dursaa qabu.
4. Istaatistiksii Giddu Galeessaa
Bara 1969-1992 gidduutti RBH argamsiisuuf Istaatistiksiin
giddu galeessaa akka filannootti tajaajilaa ture.
Jalqaba bara 1990moota keessa deggarsa maallaqaa Dhaabbati
Mootummoota Gamtoomaniitti dameen gargaarsa da’immanii
taasiseen Ministeera dhimma hojjataa fi hawaasummaa
bulchiinsa mootummoota naannoo Tigraay, Amaaraa, Sabaf
sablammata Uummattoota kibbaa waliin qindoomina uumaanii
GRBH sadarkaa isaa eeggate adeemsisanii turan.
Itti fufa…
 Bara 1992 irraa eegalee jalqabbiin GRBH gamaa Istaatistiksiitiin jiru fooyya’ee gara
boqonnaa haaraatti ceesisuuf yaaliin hedduu godhamaa tureera.
Yaaliin taasifamaa tures isaan armaan gadiiti:-
Galmmeessa ragaa Istaatistiksii du’aa, dhaaloota Gaa’elaa fi jigsa gaa’elaa galma’aa
ture keessatti rakkooleen gama seerummaa, ogummaa fi Bulchiinsaan muudachaa
turan qorachuun furmaata barbaaduun sirna galmeessa fooyya’aa ta’e diriirsuuf
hojiiwwan hojjatamaa turaniiru.
Unkoota Galmeessuuf taajajilan, akkasumas danbii, qajeelfamoota, hiikkaa jechootaa,
yaad-rimee galmeessa ragaa qopheessuun GRBH sadarkaa isaa eeggate diriirsuuf
yaaliin taasifamaa turee jira.
5.Instiitiyuutii qoranno Haqaa fi Seera
Inistitiyuutiin kun Bara 1992tti galmeen kabajaa uummataa seera siivilii Itiyoophiyaa
keessatti tumamee ture bu’uura godhachuun sirna GRBH ijaaruuf kan gargaaru wixinee
seeraa qopheessee dhiyeessee ture.
Haa ta’u malee wixineen kun qorannoo guutuu ta’e irratti hundaa’ee waan hin
qophoofneef fudhatama argachuu hin dandeenye.
6. Plaan Itiyoophiyaa fi imaammata Daa’imman Afrikaa
 Dhaabbattoonni miti-mootummaa kun lamaan mata duree “Muuxannoo fi
beekumsa hojimaata galmeessa daa’immanii Itiyoophiyaatti ” jedhu irratti
qorannoo saayinsawaa ta’e mootummoota naannolee Oromiyaa, Amaaraa fi
Tigiraay keessatti adeemsisaniin bu’aa argannoo isaanii bal’inaan

tamsaasanii barnooti fi hubannoon akka irraa argamu taasisaniiru .

7.Komishiini Mirga Namumma Itiyoophiyaa

Komishiini Mirga Namumma Itiyoophiyaa sirna GRBH Itiyoophiyaa


keessatti ijaaramu ilaalchisee watajjii garaa garaa irratti ibsuun hubannoo fi
deggersi qaamota garaa garaa akka dabaluuf ga’ee isaa ba’aa tureera.
Itti fufa…

 Walumaa galatti adeemsa seenaa GRBH Itiyoophiyaa fudhannee yoo


ilaallu:-
Kan biyyoota Afrikaa biroo irraa adda ta’uu isaa
Hanga bara 2004 tti sadarkaa Federaalaattis ta’e naannootti qaamni
mootummaa hojii kanaaf itti gaafatamummaa fudhatee hojjachaa ture kan
hin turre ta’uu isaa seenaa GRBH biyya keenyaa irraa hubachuun ni
dandaa’ama.
Sadarkaa addunyaatti GRBH tokko guutuudha kan jechisiisu taatewwan
uumaman keessaa %90 ol galmaa’uu yoo danda’aniidha. Kanaaf;
Akaakuu GRBH
i. Dhaloota:- Yeroon turtii gadameessa keessaa tilmaama keessa
osoo hin galchiin daa’imni tokko akkuma dhalateen kana
harganu, bo’uu ykn sochii qaamaa kan agarsiisu yoo ta’e taatee
dhalootaa jedhamee yaamama.
 Mallattoo armaan olii kana garsiisee battalumatti yoo du’eef
illee Taatee dhalootaa irratti kan galmaa’u ta’a.
ii. Gaa’ela:- Wal fuudhuuf umuriin isaanii kan ga’e dhiirri tokkoo
fi dubartiin tokko karaa seera qabeessa ta’een wal fuudhanii
abbaa warraa fi haadha warraa ta’uun isaanii wayita
mirkanaa’uu dha.
Itti fufa…
iii. Hiika Gaa’elaa:- jechuun gaa’elli karaa seera qabeessa
ta’een raaawwatee ture tokko wayita mana murtiin
diigamuudha.
vi. Du’a:- jechuun namni lubbuun ture tokko
mallattoowwan lubbuun jiraachuu isaa argisiisan
guutummaan guutuutti akka hin deebine ta’anii yoo
badanii fi lammata lubbuun jiraachuu kan hin
dandeenye ta’uun yoo mirkanaa’eedha.
v. Guddifachaa:- jechuun nama mucaa ofii hin ta’iin
tokko bu’uura seera jiruutiin akka mucaa ofiitti
guddifachuuf walii galamuu fi kunis mana murtii
aangoo qabuun wayita mirkanaa’uudha.
1.3. Fayidaa GRBH

• Fayidaalee GRBH irraa argaman; Damee


gurguddoo Sadii Jalatti qoodun ilaalun ni
danda’ama.
Isaanis:-
1.Tajaajila Seeratiif
2.Tajaajila Bulchiinsaatif
3.Tajaajila Istaatiksiitif
4.Ragaa dhuunfaa maddisiisuuf
1. Ragaa seeraa
 Haala Enyumma, 2.Ragaa istastiksii
Lammumma, gaa’ilaa, hiikaa  ( Dhaloota, Du’aa,
fi kkf kan mirkaneesu Gaa’ilaafi hiikaa
 Mirga lammaffaa gaa’ilaa)
fuudhuu/heerumuu  Fayidaa hawaasumma
 Ragaa mirga lammumaafi  Fayidaa dinagidee
passportii

3.Ragaa
4. Ragaa
dhuunfaa
 Enyumma bulchiinsa
mirkaneesuu ummataa
 Wabii  Mirga dhaaluu
hawaasumma  Kafaltii
fi wabii Inshuraansii
argachuuf  Galmee filatootaa
 Daloota, Du’a
fi hiikaa

Sirna GRBH
i. Tajaajila Seeraatiif

 RBH Madda odeeffannoo dhimmoota seeraan wal


qabatanii ta’ee tajaajila.
Attamitti ?

Maqaa namootaa haala amansiisaa fi itti fufiinsa qabuun
galmee mootummaa keessatti akka qabamu taasisuun.
Gaffii lammummaa bu’uura irraa deebisuun.

Eenyummaa fi umurii shakkamaa adda baasuun

Eenyummaa namootaa ragaa qabatamaan adda baasuun
Waraqaa eenyummeessaa biyyaalessaa qopheessuuf

Yakka ittisuu fi lammiilee gocha yakkaa irraa baraaruuf.
Itti fufa…
 Dhimmoota guyyaa guyyaan qaamolee haqaatiin
keessummaa’aa oolaniif madda odeeffannoo amanamaa
ta’uun ni gargaara.
 Rakkoo umuriif guyyaa dhalootaatiin wal-qabatee ka’uuf
furmaata kenna.
 Mucummaa murteessuu, sababa du’aa mirkaneessuu,
dhimmoota dhaaltummaa fi fayyadamummaa
insuraansiitiin wal-qabataniif, walitti dhufeenya dhiigaa
maatii jidduu jiru mirkaneessuuf
Itt fufa…

 Shamarrani umurii malee heerumuu irraa akka


eegaman gochuuf,
 Sirni guddifannaa biyya keessaas ta’e biyya alaatti
gaggeeffamu seera qabeessa akka ta’u gochuuf;
 Daa’imman maatii hin qabne eegumsa seeraa akka
argatan gochuuf;
Itt fufa…
 Yakka daddabarsaa daa’imman irratti raawwatamu
ittisuuf;
 Gaa’elaaf beekamtii seeraa kennuun miidhaa gama
kanaan gahu ittisuuf;
 Hiikkaa gaa’elaatiif ragaa kennuun midhaa
dubartootaafi daa’imman irra gahu ittisuuf;
 Shamarran yakki dirqisiisanii gudeeduu irratti
raawwatameef ragaa umurii kennuuf;
Itti fufe…
B. Tajaajila Bulchiinsaatiif
 Dhibee daddarboo ittisuuf

 Tajaajila fayyaa fi talaallii yeroo barbaadamu keessatti


argachuuf
 Daa’imman yeroo dhalatan miidhaa qaamaa qaban adda
baasuun kunuunsuuf;
 Barnoota dhaqqabamaa taasisa
 Wal gitiinsa barnootaa mirkaneessa.
c. Tajaajila Istaatistiksiitiif

 Odeeffannoowwan GRBH irraa argaman


qaaccessamanii karooroora siyaasaa, dinagdee fi
hawaasummaa qopheessuu keessatti shoora ol’aanaa
qaba
 Dhaabbileen tajaajila hawaasummaa kennan akka
babal’atan taasisa.
 Guddina dinagdee biyyattii beekuudhaaf
 Dhimmoota garaa garaa irratti galma ga’iinsa
Amaloota GRBH

 Itti fufiinsa qabaachuu isaa :- GRBH akka


ragaa sassaabbii lakkoofsa manaa fi uummataa
ciccitaa osoo hin taane guyyaa guyyaan itti
fufiinsaan kan gaggeeffamuudha.
 Bifa tokkoo fi wal fakkaataadha:- Ragaawwan
walitti qabaman istaandaardii GRBH akka
addunyaatti jiru waliin tokko ta’uu isaa fi yeroo
yeroon kan hin jijjiiramne ta’uu isaaniiti
Itti fufa…
 Guutuu ta’uu isaa:- Taatewwan hundumaa kan of
keessatti haammatee fi hawaasa hunda bira ga’uu
ykn qaqqabuu kan danda’u ta’uu isaa.
 Sirrummaa isaa:- Ragaawwan GRBH tiin walitti
qabaman yeroo idilee murtaa’e keessatti akkasumas
dhiyeenyatti kan galma’an waan ta’aniif ragaa
lakkoofsa manaa fi uummataan argamu caalaa
odeeffannoo dhugaa fi sirrii ta’e kenna.
Itti fufa…

 Bu’a qabeessa:- karoora dinagdee garaa


garaatiif bu’aa ol’aanaa qaba.
 Naamusa damee garaa garaa /multy
disciplinary/:- Hojiin kun ogeessoto garaa
garaa kan hirmaachisu ta’uu isaatiin bu’a
qabeessummaan isaa guddaadha.
Itti fufa…

 Addaan hin citu:- RBH dhaloota dhufuutti


kan darbu waan ta’eef itti fufiinsaan kan
galmaa’uudha.
 Dhaabbataa dha:- Taateen dhalootaa, du’aa,
gaa’elaa fi hiikkaa gaa’elaa har’a uumamee
bor kan itti hin fufne osoo hin taane hanga
namni addunyaa kana irra jirutti taatee
dhaabbataadha.
Itti fufa…

 Dirqisiisaa:- Namni dhuunfaa miseensa


hawaasaa waan ta’aniif fedhiidhaanis ta’u
dirqamaan seera hawaasichaaf ni bitamu.
 Fayidaan GRBH nama dhuunfaa irra darbee
hawaasaa fi biyyaaf waan ta’eef seera hawaasaa
keessatti haammatama.
 Kanaaf seerichi amala dirqisiisuu qaba.
Itti fufa…

 Kan hunda hirmaachisu:- Beekaa fi wal’aalaa,


sooressaa fi iyyeessa, dhi’oo fi fagoo jedhee
osoo adda hin qoodiin lammii biyyattii hunada
kan hirmaachisu ta’a.
 Seera duratti ragaa ga’aa ta’uu:- Ragaan
tokkoo tokkoo taatewwanii seera/mana murtii
duratti wayita dhiyaatan ragaa dabalataa malee
isaan mataa isaaniitiin ga’oodha.
Itti fufa…

Xumuraa irratti

Taateewwan bu’uuraa amanamaa fi qulqullina qabu argachuuf yeroon


isaan keessatti galmaa’an murteessaa waan ta’eef; taateen uumame tokko
yeroo gabaabaa keessatti galmaa’uu qaba.
Galmeen kun taatewwan uumaman hunda haammachuu qaba.

Galmeen kun osoo addaan hin citiin itti fufiinsaan gaggeeffamuutu irra jira.

 GRBH takkaa erga jalqabee guyyaa tokkoofillee taanaan addaan cituun


irra hin jiraatu.
Galmeen kun dhaabbataan waajjira ykn dhaabbata mootummaa keessatti
adeemsifamuu qaba.
Itti fufa…
 GRBH dhaabbata mootummaa dhaabatummaa fi seeraan hunda’an
keessatti adeemsifamuun dirqama.
 Ijaaramsii fi hojimaati tajaajila isaas itti fufaa taasisuu bifa
dandeessisuun gurmaa’uutu irraa eegama.
 Galmeen kun hojimaataa fi seeraan kan deggerame ta’uutu qaba.

 Bakki Galmeen kun itti adeemsifamu hawaasatti kan dhiyaate ta’uu qaba.

 Galmeen kun qaama mirga seerummaa qabaniif waraqaa ragaa kan kennu
ta’uutu irra jira.
 Waa’ee galmeessa kanaa ilaalchisee hawaasichaaf itti fufiinsaan barnooti
fi hubannoon kennamuufiitu irra jira.
Galatoomaa!

You might also like