Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 90

Bu`uureffama konkolaataa fi Akkaataa isaan ittiin Hojjetan

 Konkolaataa jechuun maal?


 Konkolaataa jechuun maashina socho`aa dachee (lafa) irra kan
uummata(namoota), fe`umsa adda adda bakka tokkoo gara biraatti
kan ittiin geggessuuf tajajilamnuu dha.
 Seenaa Konkolaataa
 Konkolaataan namicha Otto Bismark (1860 A.L.A) lammii biyya
Jarmaniin bu`urri isaa kan jalqabamee dha.
Itti fufaaa--
 Gosa Konkolaataa:
 Konkolaataan humna mootoraa(Engine) kan socho`u tahee akkaataa
armaan gadiitti qoodamu
 Akkaataa baayina miillla (wheel & axles) isaaniitiin
 Konkolaataa miila lamaa. fkn (Doqdoqqee)
 Konkolaataa miila sadii: fkn - (Baajaajii)
 Konkolaataa miila afurii . Fkn : Awutomoobilii, awutoobisii, konkolaataa
 Akkaataa Tajaajila kennaniin :
 Konkolaataa uummataa. Fkn Awutomobilii, taaksii ,awutobusii kkf
 Konkolaataa Fe`umsa meeshaalee adda addaa. Fkn FSR, Isuzu,
Tarakeroota, konkolaataa dhangala`a fe`uu fi kkf
 Konkolaataa faayidaa addaa kennan. Fkn konkolaataa balaa ibiddaa ,
konkolaataa waraanaa, maashinaroota ijaarsaaf oolanii fi kkf
Itti fufaa------

 Akkaataa teessuma marii( qajeelchittuutiin):


 Konkolaataa qajeelchituu bitaatiin
 Konkolaataa qajeelchituu mirgaatiin
 Hub: Akkaataa dambii geejjibaa biyya keenyaatti konkolaattotni hundi
qajeelchituun isaanii harka bitaatiin kan konkolaachifamnii dha.
 Akkaataa humna dabarsoo isaaniitiin(PowerTransimission)
 Maanuwaal tiraansmishinii maarshii harkaa namaatiin kan jijjiiramanii fi
Awutomatiki tiraansmishinii (kan of jijjiiran) Automatic Transmission
Bu`uureffama Konkolaataa

 Konkolaataan tokko wantota heddu irraa kan hundeeffamu yoo


taheyyuu, wantoota gurguddoo shanan (5) armaan gadii irraa
bu`uureffame.
 Isaanis:
 Mootora ( Engine)
 Kutaalee humna dabarsan ( Power transmission)
 Shaansii ( Chassis)
 Kutaalee Elekitirikaa ( Electrical system)
 Kutaalee Qaama konkolaataa ( Body)
Mootora ( Engine)

 Mootorri bakka qilleensii fi boba`aan keessatti ukkaamfamee, gubatee :


annisa(humna) ho`aa gara annisa(humna) makaanikaalaatti(sochiitti)
jijjiiruudha.
 Annisi ho`aa kun kan qillensaa fi boba`aa walitti makamee erga
siliindarii keessatti erga gubatee booda annisa (humna) uummamu dha.
 Humni ( Annisi) ho`aa kun ammo piistanii yeroo gadi darbatu ( dhiibu)
gara annisa makaanikaalaatti (sochiitti) jijjiirama
 Qaamolee mootoraa bakka gurguddoo sadiitti qoodnee ilaalla. Isaanis
 Testaataa (cylnider head)
 Silinder bilookkii (cylinder block)
 Sotokoppaa (crankcase)
Testaataa (cylnider head)

 Kutaan mootoraa kun qaama silinder bilookkii irra hidhamuun


haalli gubiinsa qilleensaa fi boba`aa akka jiraatuu kan taasiisuu dha.
Kutaan kun qaamolee armaan gadii of keessatti qabata.
 Valvoota : valvii qilleensa galchituu (Intake valve) fi valvii
qilleensa gubataa baastu (Exhaust valve): qilleensaa fi boba`aan
karaa itti silinderii keesaa ittiin seenuu fi qilleensi gubataan (aarri)
silinderii keessaa gara alaatti bahuu dha.
Itti Fufaa------

 Kaandellaa (Spark pluk): mootora beenzinaa keessatti qaanqee uumuuf


tajaajila.
 Kaandelleettii (Glow plug): konkolaataa naafxaan hojjetu irratti kan
argamu yoo tahu yeroo motorri qorre ka`uu akka hin didneef qilleensa
gara silindarii seenu ho`isuuf gargaara.
 Nooziloota(Injector nozzles): Mootora naafxaan hojjetu keessatti
boboa`aa humna guddaan silinderii keessaatti biifuuf gargaara.
 Gaasketii (Cylinder head gasket): qaama silinder bilookki fi testaataa
gidduutti argamu tahee qilleensii fi dhangala`aan (bishaan) akka alatti hin
baaneef walitti qabuuf tajaajila
Silinder bilookkii(cylinder block)

 Kutaan kun qaama mootora keessatti isa murteessaa fi bakka qilleensii fi


boba`aan keessatti gubatee gara sochiitti jijjiiramuudha. Kutaan kun
qaamolee armaan gadii of keessatti qabata.
 Piistanii (piston): qaama boba`aa fi qilleensa silinderii keessa seenee
ukkaamsee akka gubatuuf kan taasisuu fi dhiibbaa kana gara koollotti kan
dabrsuu dha. Pistaniin amartiiwwan (faashaa) gosa lama of keessatti
qabaata. Isanis
 Amartii ukkaamsituu (Compression ring): qilleensi fi boba`aan gara
sotokoppaatti akka gadi hin dabarreef ukkaamsee qabuuf tajaajila.
 Amartii zayitaa (Oil ring): Zayitiin mootoraa akka gara bakka boba`aa fi
qilleensi itti gubatu (combustion chamber) seenee akka hin gubanneef
tajaajila.
Itti fufaa--------

 Beellaa (Connecting rod): qaama pistanii fi koollo wal qabsiisuuf


tajaajiluudha.
 Koolloo (Crankshaft): Koolloon qaama sochii pistanii gadii fi oli gara
sochii naannawaaatti (rotary motion) kan jijjiiruudha.
 Siliindarii ( Cylinder): qaama pistaniin keessaa olii fi gadi taphatu
 ta`ee kan qilleensaa fi boba`aan keessatti gubatuudha.
 Kaamshaaftii (Albirookamii): qaamni kun valvii galchituu fi valvii
baastuu banuuf tajaajila
Sotokoppaa(Crankcase )

qaamni kun silinder bilookii jalatti kan argamu yoo tahu bakka zayitiin
motoraaf barbaachisan itti kuufamu dha.
Itti fufaa-------

 Mootora walumaagalatti akkaataa armaan gadiitti


qooduu dandeenya.
 Gosa boba`aa fayyadamaniin
Mootora beenzinaan hojjetan ,
motora naafxaan hojjetan , fi kan biroo
Itti Fufaa--------

 biifuun/kan hojjetan (Compression ignition) ykn mootoroota naafxaa


jedhamanii beekamu.
 Akkaataa fudhannaa qilleensaa tiin
 Qilleensa ofitti harkisuun kan galchan (natural Aspirated engine

 Kanneen Turboochaarjerii fayyadaman

 Turboochaarjeriin meeshaa qilleensa bakkeedhaa gara mootoraatti


dhiibee galchuuf kan fayyadamnu yoo tahu faayidaan isaa humna
mootoraa dabaluuf tajaajila.
 Haala taa’umsa siliindaraa irratti hundaa’uun:- Garaagarummaan haala
teessoo siliindarii, motora beenzinaas ta’ee motora naafxaa irratti argamuu
danda’a. Akkaataa teessoo siliindarii keessaa, konkolaattota baay’ee irratti
kan argaman kanneen armaan gadii haa ilaallu.
Itti fufaa------

 Taa’umsa gosa iin-laayinii: - motorri iin-laayin jedhamu kun baay’inaan kan


baramee fi konkolaattota baay’ee irratti kan argamuu dha. Akkuma armaan
gaditti mul’atu haalli taa’umsa siliindaroota motora kanaa sarara tokko irratti
sirratanii argamu. 
 Taa’umsa gosa vii:- haalli taa’umsa motora kanaa akkuma maqaa isaa irraa
hubannu qubee v fakkaata. Taa’umsi akkanaa kun kan barbaadamuuf keessaa
tokko dheerina motoraa gabaabsuuf yoo ta’u, sarara lamaan akka itti aanutti
ta’a:
 Motora abbaa siliindara jaha yoo ta’e, sadii sadiin yoo ta’u, v-6 jedhama,
abbaa siliindara saddeetii yoo ta’e ammoo, afur afuriin waan taa’uuf, v-8
jedhamuun beekama.
 Taa’umsa horizontaalii oppoozdii: inni jedhamu immoo akkuma fakkii
irratti mul’atutti piistanonni lama kallattii faallaan kan taa’anii dha
  
Itti Fufaa-------

In line V-6 Horizontal


 Bakka kaam shaaftiin itti argamu irratti hundaa’uun-
motoroota gosa lameenuu irratti argamuu yoo danda’u bakka
lamatti qoodamu. Isaanis:
 kaamshaaftii bilookkii keessatti argamu (Overhead
Valve):- kaam shaaftiin yoo bilookkii siliindarii keessatti
argame jechuu dha.
 Kaamshaafti silinder heeddii irratti argamu(Overhead
camshaft):- inni jedhamu immoo kaamshaaftiin yoo
siliindara gubbaatti ykn teestaataa irratti hidhamee dha. Irra
caalaatti hubachuuf fakkii armaan gadii haa ilaallu.
  
Itti Fufaa--------
Itti fufaa------
 Adeemsa humni itti uumamu ( Cycle of Operation)
 Abbaa rukuttaa lamaa( two stroke) fkn: doqdoqqee
 Abbaa rukuttaa afurii( four stroke) fkn : Awutomobilii
 Rukuttaa(stroke) jechuun sochii piistaniin siliindarii keessa oliif gadi taasisu
yoo ta’u, gubbaadhaa gara gadiitti jechuunis TDC(top dead center) gara
BDC(bottom dead center) akkasumas, jalaa gara oliitti ykn BDC gara TDC
sochiin piistanii taasisu istirookkii (rukuttaa)tokko jedhama.
 Motorri tokko boba’aa fi qilleensa gubee baasuuf, adeemsa (rukuttaa afur)
keessa darbuun dirqama. Isaanis:
 Rukuttaa galchuu ( Intake stroke)
 Rukuttaa ukkaamsuu ( compression stroke)
 Rukuttaa gubuu fi humna uumuu ( Power stroke)
 Rukuttaa qilleensa gubate (aara )baasuu dha. (Exhaust stroke)
Motora abbaa rukuttaa ykn istirookkii afurii:-

 kan jedhamu adeemsota(rukuttawwan) arfan xumuruuf,


jechuunis qilleensaa fi boba’aa galchuuf, ukkaamsuuf, gubuu
fi qilleensa gubate baasuuf rukuttaa tokko tokko barbaada.
Itti fufaa-------

 Addemsa(rukuttaa) Qilleensa Galchuu ( Intake Stroke)


 Qilleensa qofa mootora naafxaaf /qilleensaa fi boba’aa mootora
beenzinaaf/ galchuuf, piistaniin gubbaadhaa gara gadiitti TDC dha gara
BDC tti sochiin taasisu inteek-istirookki ykn rukkuttaa galchuu jedhama.
Yeroo kana:
 Piistanii TDC gara BDC tti gadi socho`a
 Vaalviin galchituu ( intake valve) ni banama
 Iddoon qilleensa hin qabne /vaakiyuumiin/ siliindari keessatti waan
uumamuuf qilleensaa fi boba`aan/qilleensi qofti bakka kana ni guuta.
 Koolloon diigrii 180 ni naanna’a
Adeemsa(rukuttaa) Ukkaamsuu ( Compression Stroke

 Qilleensa ykn qilleensaaf boba’aan siliindara keessa seenee ukkaamsuuf


adeemsi piistaniin gara gadiitii gara gubbaatti /BDC gara TDC tti/ taasisu
istirookii ykn rukkuttaa uukkaamsuu jedhama. Yeroo kana:
 Vaalvonni lamaanuu ni cufamu
 Piistaniin BDC gara TDC tti ol deema( ni socho`a)
 Qilleensi ykn qilleensii fi boba’aan seenee ture ukkaamamuun kan ka’e
dhiibbaa fi ho’i ni dabala
 Kolloon diigrii 180 naanna’a
Adeemsa rukuttaa) Boba`aa gubuu ( humna uumuu) Power
Stroke

 Rukuttaan kun humna ho’aa gara humna (sochii) makaanikaalii ta’etti


jijjjiiruun akka koolloon naanna’u kan taasisuu dha. Yeroo kana:
 Vaalvonni lamaanuu akka cufamanitti turu
 Kaandeellaan qaanqee uumuun gosa konkolaataa beenzinaa ykn/injekter
nooziliin/ boba’aa biifuun konkolaataa naafxaa irratti kan ka’e qilleensii fi
boba’aan gubachuu jalqaba.
 Dhiibbaa olaanaan uumame kun piistanii rukutuun gad dhiibee akka
koolloon naana’u taasisa.
 Piistaniin gubbaadhaa /TDC/ gara gadiitti /BDC/tti deema

Koolloon ammas digrii 180 naanna’a jechuu dha.
  
Adeemsa(rukuttaa) qilleensa gubate baasuu ( Exhaust Stroke)

 Rukuttaan arfaffaan immoo qilleensa gubate siliindarii keessaa baasuuf


BDC dhaa gara TDC tti sochii taasisu yoo ta’u, Yeroo rukuttaa kanaa:
 Vaalviin aara baasu ni banama
Itti fufaa-------

 Piistaniin gadii gara gubbaatti deema


 Qilleenssi gubate ni baha
 Koolloon naannawa isa dhumaa digrii 180 naana’a walumaa galatti
adeemsa arfanuu fixuuf koolloon yeroo lama (digirii 720) naanna’a jechuu
dha.
 Kanatti aansuun istirookkii isa jalqabaatti deebi’uun irra deddeebi’ee
hojjeta jechuu dha.
Mootora abbaa rukuttaa /istirookkii/ lamaa

 motorri kun adeemsota (rukuttaawwan) arfan armaan olitti caqafaman


hunda raawachuuf, isaanis qilleensaa fi boba’aa galchuuf, ukkaamsuuf,
humna uumuu fi qilleensa gubate baasuuf, sochii piistanii lama qofa
gaafata jechuu dha.
 Waan kana ta’eef, mootorri abbaa rukuttaa lamaa kun sochii piistanii
tokkoon hojii lama ergaan takkaa raawwata.
 Haaluma kanaan yommuu piistaniin gara gadiitii gara gubbaatti /BDC
dhaa gara TDC tti/ deemu hojii lama raawwata.
 Isaanis galchuu fi ukkaamsuu altokkotti, gubbaadhaa gara gaditti /TDC
dhaa BDC tti/ deemu immoo humna uumuu fi isa gubate baasuu
altokkotti raawwata jechuu dha.
Itti Fufaa-------
Kutaalee gargaartota mootoraa(Engine Systems)

 Kutaaleen kun mootorri hojii annisa ho`aa gara annisa makaanikaalatti


(sochiitti) jijjiiruuf qaamolee (sistamoota) deggersa taasisanii dha. Isaanis
 Sirna (kutaalee ) boba`aa (Fuel system)
 Sirna (kutaalee) mootora qabbaneessan(Cooling System)
 Sirna(kutaalee ) mootora lalaaffisan (Lubrication system)
 Sirna kutaalee ) Mootora kaasan (Starting system)
 Sirna(kutaalee ) Ibidda uuman (Ignition system)
 Sirna(kutaalee ) baatirii chaarjessan (Charging system)
Fuel system

 Kutaaleen kun mootoraaf boba`aa akkattaa barbaachisummaa isaatiin


qaama dhiyeessuu dha. Kutaan kana bakka gurguddoo lamatti qoodna.
Isaanis:
 Sirna boba`aa beenzilaa fi
 sirna boba`aa naafxaa.
Itti Fufaa-------

 Taankerii boba`aa: Boba`aa mootoraaf barbaachisu of keessatti kuusuuf tajaajila.


 Filtiroo(fuel filter): Balfa/xurii/ boba`aa keessa jiran qulqulleesse gara
mootoraatti/kaarburaatoritti boba`aa dabarsuf tajaajila.
 Pompaa( Fuel pump): Boba`aa tankerii irraa fuudhee gara kaarburaatoriitti/motoratti geessuuf
tajaajila.
 Sarara boba`aa(Fuel line): sarara boba`aan keessa taankerii irraa eegalee gara mootoraatti
adeemuu dha.
 Kaarburaatorii: Qaamni kun mootara beenzinaan hojjetan) irratti kan argamu yoo tahu qilleensaa
fi boba`aa walitti makuun reeshiyoo (14.7:1) makuun gara mootoratti dabarsuuf tajaajila.
 Qaamoleen kutaa kaarbareetarii irratti argaman tajajila armaan gadii qabu
 Veenchurii (Venturi) : Bakka itti boba`aa fi qilleesi walitti makamaniidha.
 Tirootil valvii(Trottle Valve): boba`aa fi qilleensa gara mootoraa seene to`achuun saffisa mootoraa
kan ittiin to`annuu dha.
 Chook Valvii(Chock Valve): Yeroo motorri qorrutti qilleensa gara motoraa seenu xiqqeessuun
boba`aan baayinaan akka seenu taasisa.
  
Sirna (Kutaalee) Boba`aa Naafxaa (Diesel Fuel System )
 Kutaaleen kun konkolaataa naafxaan hojjetan irratti boba`aa mootoraaf
dhiyeessuuf kan tajaajilan tahee qaamolee armaan gadii of keessatti ni
qabaata.
Itti fufaa-------
Itti fufaa----------

 Taankerii boba`aa: Boba`aa mootoraaf barbaachsu of keessatti kuusuuf tajaajila.


 Filtiroo(fuel filter): Balfa/xurii/ boba`aa keessa jiran qulqulleesse gara
mootoraatti/poompaatti/ boba`aa dabarsa.
 Motora naafxaa irratti yeroo baayee filtiroo lama fayyadamu.
 Pompaa( Feed pump): Boba`aa tankerii irraa fuudhee gara pompaa
guddaatti(Injection pump) geessuuf tajaajila.
 Sarara boba`aa(Fuel line): sarara boba`aan keessaa taankerii irraa eegalee gara
mootoraatti adeemuu dha.
 Pompaa guddicha( Injection pump): konkolaataa naafxaa irratti qaamni kun isa
murteessaa fi barbaachisaa tahee boba`aa pompaa xiqqaa irra dhufee gara
dhiibbaa(pressure) guddaatti jijjiiree akkasumas madaalee gara nooziliitti kan
erguu dha.
 Injekter Noozilii(Injector Nozzle) : qaamni kun boba`aa dhiibbaa guddaan pompaa
irraa dhufe gara silindarii (combustion chamber) tti humnaan biifuuf tajaajila
Sirna (kutaalee) mootora qabbaneessan (Cooling System)

 Kutaan kun akka mootorri humnaa ol hin ho’inee fi hin qorrine taasisuuf kan
tajaajiluu dha.
 Mootorri kan ittiin qabannaa`u haala lamaan armaan gaditiin:
Bishaan( dhangala`aatiin) fi qilleensaatiin
 Konkolaataa Bishaan (dhangala`aatiin) qabbana`an: kutaan kun qaamota
armaan gadii of keessatti qabata.
 Raadiyaaterii: bishaan (dhangala`aa) mootora keessatti ho`e qilleensa alaa itti
rukutamuun dhangala`aa qabbaneessee gara mootoraatti qaama deebisuu dha.
 Termostaatii: Cuftuu (valvii) dhangala`aan hanga mootorri ho`a barbaachisaa
irra gahuttii cufamee banamuun kan ho`ina (tempirechera ) mootoraa kan
to`atuu dha.
 Waater Jaakkettii(water jacket): sarara dhangala`aan (bishaanni) mootora
keessa ittiin naanna`uu dha.
Itti fufaa------
 Paampii bishaanii: dhangala`aa (bishaan) raadiyaatera keessa qabbana`e
harkisee gara mootoraatti qaama galchuu dha.
 Ekispaanshin taankerii: dhangala`aan mootora keessa yeroo danfu gara
taankerii kanaatti bahee akka kuufamuuf qaama gargaaruu dha.
 Qadaada Raadiyaateraa: Bishaan(dhangala`aa) mootora keessaa akka alatti
hin baaneef tajajiluu irra darbee dhiibbaa dhangala`aa eeguuf tajaajila.
Kanas akka tahuuf kan gargaaran valvoota lama of keessatti qabata.
 Pireejer valvii: Bishaanni raadiyaatera keessatti danfe gara ekispaanshin
taankeriitti akka yaa`uuf karaa ni bana
 Vaakiyuum valvii: Erga mootorri ho`ee booda raadiyateriin akka hin
shuntuurreef bishaan ekispaanshin taankerii keessaa gara raadiyaateriitti
akka deebi`uuf qaama tajaajillu dha.
  
Itti fufaa-------
 Faanii(Fan): Qilleensa alarra gara mootoraatti akka galuuf kan
tajaajiluu dha.
 Bishaan raadiyaatarii keessatti naqame, gargaarsa paampii
bishaaniitiin gara siliindar-bilookkiitti waater jaakkettii keessa
darba. Dhiibbaa paampichi uumuun kan ka’e bishaanichi gara
siliindar-heediitti /teestaataa/ tti darba. Bishanichi ho’a
barbaadamu irra yoo gahuu baate gara siliindar-bilookiitti
deebi’uun irra deebi’ee naanna’a. Yoo ho’i bishanni hanga
barbaadamu irra gahe ykn teermoo-istaatii banuu danda’e gara
raadiyaatoriitti qorruuf deebi’a. Hanga motorri keenya hojjataa
jirutti haaluma kanaan irra deddeebiin itti fufa jechuudha.
 
Itti fufaa------
Sirna(kutaalee ) mootora lalaaffisan (Lubrication system )
 Kutaan kun sirna zayitiin itti mootora keessa naanna`ee fayidaalee
armaan gadii kennuu dha. Isaanis
 Rigata hir`isuun mootorri akka wal hin ciniinne (walitti hin
qabanne) taasisa
 Pistaniin olii fi gadi yeroo silinderii keessa socho`u qabbaneessuuf
(ho`a hir`isuuf) tajaajila
 Sagalee hin barbaachifne ukkaamsee hambisuuf ni tajaajila
 Xuriiwwan mootora keessaa ofitti fudhachuun qulqulleessuuf
tajaajila
Kutaaleen lalaaffisoo qaamolee armaan gadii of keessatti qabata

 Sotokoppaa: Zayita mootoraaf barbaachisu kan keessatti kuufamuu dha


 Paampii zayitii: Zayita motora keessatti akka faca`uuf tajaajila.
 Zayitiin mootora keessa haala lamaan gaha.
 Isaanis Pampii zayitii fi koolloodhaan facaasuutiin
 Filtiroo Zayitii: zayita mootora keessa naanna`u qulqullessuuf tajaajila.
 Diippistikii(leveelloo zayitii): Hanga zayiti mootora keessa jiru kan ittiin
ilaalluudha.
 Prejer reguleter valvii: geejii dhiibbaa zayitii mootora keessa jiru dash
boordii irraa kan ittiin to`annuu dha.
Of eeggannoo qaamolee lalaaffisoof godhamuu qaban

 Yeroo mara ganama ganama osoo mootora hin kaasin hanga zayita
mootora keessa jiru ilaaluu
 Mootora erga kaafnee booda minimoodhaan daqiiqaa 5-10tti hojjechiisuu
shaakaluu
 Zayita fi filtiroo yeroo yerootti jijjiiruu
 Zayita lakkoofsa sirrii (standard) tahe fayyadamuu
Ittifufaa-------
Kutaa Elektirika konkolaataa

 Kutaa elektirikaa konkolaataa bakka gurguddoo shanitti hiruun ni


danda`ama. Isaanis
 Baatirii
 Kutaa mootora kaasu(starting System)
 Kutaa baatirii charjessu (charging system)
 Kutaa ibidda uumu (ignition System)
 Kutaalee ibsaa (lighting System)
  
Baatirii

 kutaalee elektirikaa hundaaf isa bu’uraa yoo ta’u fayidaan isaa ;


 Motora kaasuuf /motariinoodhaaf humna elektirikaa kennuun akka motorri
naanna’u taasisuuf gargaara
 Motora beenzilaa irratti yommuu motorri naanna’u qaanqee ibiddaa
(ignitionsystem) humna elektirikaa kennuuf tajaajila
 Diinaamoon hojii isaa akka eegaluuf elektirika kennuu fi
 Yeroo mootorri hin hojjennetti annisa elektirikaa qaamolee barbaadaniif
kan akka teeppii, reediyoo, paawusaa fi kkf annisaa elektirikaa kennuufi
 Baatiriiwwan voolteejii qabaniin, guddina isaanitiin, aampar haaworii
qabaniin, addaa adda ta’uu danda’u. Waliigalatti garuu bakka lamatti
qoodamu. Isaanis:
 Kan banamanii ( Electrolyte battery ) fi
 kan hin banamne ( sealed battery) jedhamu.
Itti fufaa-------

Baatirii bishaan barbaadu Baatirii bishaan hin


barbaadne
Gosa baatirii kanaaf yoo bishaan yeroo yeroon bishaan itti naqu
hir’ate yeroo yeroon itti guutuu barbaada hin barbaadu
 
Itti fufaa-------
 Baatiriiwwan gosa lachuu rakkina addaa addaan
kan ka’e yoo motora kaasuu dadhaban motora irraa
hiikuun chaarjii gochuun ni danda’ama.
 Bakkee itti chaarjii gochuu hin dandeenye yoo ta’e
immoo konkolaataa keenya baatirii gargaaraa
konkolaataa biro irraa kadhachuun kaasuun ni
danda’ama. Kana dura garuu motorri kan ka’uu
dide rakkina baatiriitiin ta’uu isaa mirkaneefachuu
qabna.
Itti fufaa--------

 Kana gochuufis-
 dursinee ibsaa fuul-duraa haa ibsinu
 itti aansuun motora kaasuuf yaaluu yeroo kana ibsichi gara baduutti yoo siqe ykn yoo bade, rakkina baatirii
ta’uu isaati ibsa yoo ibsichi garaagarummaa fiduu baate garuu rakkina baatirii akka hin taane agarsiisa
jechuudha.
 Baatirii gargaaraan motora keessan yoo kaasuu barbaaddan akka itti aanuutti gargaaramuu dandeessu.
 Konkolaataa baatirii isaa gargaaramuu barbaaddan konkolaataa keesanitti siqsuun dhaabuu garuu wal tuquu hin
qaban
 Motora konkolaataa isa baatirii guutuu qabu balleessuu
 keebiloota baatiriiwan lamaan wal qunamsiisuuf gargaaran dhedheeroo lama qopheessuu
 Tarminaalota baatiriiwanii erga seeraan hubannee booda fiixewwan keebilootaa lamaanii gar tokkoon
tarminaala baatirii isa gargaaraa irratti qabsiisuu
 Fiixewwan lamaan hafan immoo isaa poozatiivii hidhamee ture poozatiivii baatirii isa dadhabeetti erga hiineen
booda isa neegaatiiviitti hidhamee ture immoo neegaativii baatirii isa du’eetti osoo hin taane, qaama
konkolaaticha isa baatiriin du’eetti hidhuu. Neegatiivii baatirii isa du’eetti hidhuun balaa ibiddaa fiduu waan
danda’uuf hin gorfamu.
 Itti aansuun motora isaa baatirii guutuu qabuu erga kaafnee booda, motora isaa baatiriin dhumee kaasuu.
Dhuma irratti keebiloota batiriiwan irraa isa poozatiivii dursuun irraa boqqisuu.
  
Kutaa motora kaasu /Starting System/

 Motariinoon humna elektirikaa baatirii irraa argatu gara


makaanikaaliitti jijjiiruun kolloo filaaywiiliin qabee
naannesuun akka motorri ka’u kan taasisu qaama elektirikaa
keessaa isa tokko dha.kutaan kun qamoole arman gadi qaba
a. Baatirii
b. kuwaadiroo (ignition switch);sarara elektrikaa gara
mootoraa deemuu kan banuu fi cufuuf gargaara.
c. Motorinoo (Starter motor): annisa elektirikaa baatiri irraa
argate gara annisa sochiitti jijjiruun volaanoo fi koolloon akka
naanna`u taasisa
Itti fufaa-----
Kutaa (sirna) Ibidda uumuu /Igintion system/

 kutaan elektirikaa kun konkolaattota motorri isaanii gaazoliinii (beenzinaa) ta’e irratti
yoo ta’u, vooltii xiqqoo /12v/ baatirii irraa argatu harka baay’een ol guddisuun /hanga
50,000V olitti/ guddisuun kaandeellaa irratti qaanqee(spark) uumuun akka qilleensi fi
boba’aan gubatu kan taasisuudha.
 Qaamota itti aanan kan qabu ta’ee konkolaatota hammayyaa ta’an irratti kan argamu
garuu garaagarummaa murtaa’e qabaachuu danda’a. qaamole kutaa kanarratti argaman
 Baatirii
 Bobbiinaa (ignition coil): shiboo maramaa furdaa (primary winding) fi shiboo
kumaatamaan maramee jiru (secondary winding) kan of keessatti qabu tahee qaama
voolti xiqqaa baatirii irraa fudhate gara vooltejii guddaatti (20,000-50,000) (step up
transformer) jijjiiruu dha.
 Abaansii (distributor ): kutaan kun vooltejii guddaa bobbiinaa irraa fudhate gara
kaandeellaa silinderii irratti a Puntinaa (Contact breaker point): sarkiyutiin jalqabaa
(primary circuit) banamuu fi cufamuun humni elekitirikaa akka shiboo isa lammaffaaf
(secondary winding) akka humna guddaa uummuf tajaajila.
 Kaandellaa: ibidda ykn qaanqee qilleensaa fi boba`aa ukkaamfame irratti uumuuf
tajaajila.
Itti fufaa-----
Kutaa Elektirikaa Baatirii Guutuuf gargaaru /Charging System)

 Kutaan kun humna baatiriin motora kaasuuf baase ykn dhabe


guutufii erga motorri ka’ee booda immoo baatirii bakka bu’uun
kutaa elektirika baarbaadan hundaf humna elektirikaa kennuun kan
tajaajiluudha. Siistamiin chaarjiingii kutaalee armaan gadii irraa kan
ijaarameedha.
 Baatirii
 Dinaamoo ( Generator)
 Reguleetorii (Reglator)
Faayidaan Dinaamoo

 Annisa makaanikaalaa motora irraa fudhatee gara annisa elekitirikaalaatti


jijjiiruun baatirii chaarjessuuf (guutuuf) gargaara.
 Yeroo mootorri hojjetutti annisa elekitirkaa humna barbaadan kan akka
reediyoo, teeppii fi sistama elekitirikaa hundaaf annisa kennuu.
 Regulaatoriin humni saffisa mootora irraa dhufu yoo ol ka`e akka
baatiriitti darbee baatirii humnaa ol hin chaarjessineef to`achuuf gargaara .
Itti fufaa----
Kutaa Ibsaawwan konkolaataa (Lighting System)

 Kutaan electirikaa kun ibsaawan konkolaataa irratti argaman hunda kan qabatu yoo
ta’u kanneen murtaa’an akka itti aanutti haa ilaallu,
 Walumaa galatti ibsaawan konkolaataa irratti argaman bakka lamatti qoodamu.
 Isaanis: ibsaawan keessaa fi ibsaawan alaa jedhamu.
 Ibsaawan keessaa warra jedhaman keessaa:
 ibsaawan daash-boordii irratti argaman,
 ibsaa fireechaa, ibsaa
 yommuu balballi banamu ifu,
 imaltoota buusuuf ibsaa galgala galgala ifu,
 haazaardii fi mallattoo waantota addaa addaa agarsiisuuf ifan caqasuun ni
danda’ama.
 Ibsaawan alaa isaan jedhaman keessaa immoo:
 ibsaa fuul-duraa, ibsaa fireechaa, ibsaa fireenii, ibsaa yommuu maarshiin duubaa
galu ifu fi kkf caqasuun ni danda’ama.
Itti fufaa----

 Fireechaa: Firecchaan meeshaa walqunnamtii kallattii agarsiisuuf


konkolaachistoonni ittiin waliigalanii dha. Fireechan bitaa fi mirgaatti qoodamu.
 Faayidaan fireechaa Mirgaa
 Konkolaataan dhaabuudhaaf
 Konkolaataa duubaan jiru dabarsuuf
 Gara mirgaatti goruu fi mirgaatti ofirra naanna`anii deebi`uuf
 Faayidaan fireechaa Bitaa
 Konkolaataan bakka dhaabbatee ka`uuf
 Konkolaataa fuuldura jiru dursuuf
 Gara bitaatti goruu fi bitaatti ofirra naanna`anii deebi`uuf
 
 
 
Kutaalee Humna Dabarsan (Power Transmission)

 Kutaaleen kun humna mootora keessatti uumame gara gommaa


qaqqabsiisuun akka konkolaataan keenya socho’u kan taasisan qaamota
murteessoo dha.
 Konkolaattonni hundinuu qaamota kana kan qaban yoo ta’u tooftaa addaa
addaatti gargaaramuu danda’u.
 Gosoota qaamota humna dabarsan, akka itti aanutti qoodamu.
 Firisiyonii (Clutch)
 Kaambiyoo (Gear box)
 Tiransimiisiyoonii (Propeller shaft )
 Diferenshaalii (Differential)
 Shimiyaazii (Axle)
Motorri fuul-dura ta’ee gommaan konkolaaticha sochoosu isa duubaa
kan ta’e( Front engine rear wheel drive)

 kana jechuun, motorri konkolaatichaa kan hidhamu fuul-duratti ta’ee,


humni motoraa kan qaqqabu immoo gommaa isa duubaa yoo ta`u
gommaan inni fulduraa dhiibbaa isa duubaatiin socho`a jechuu dha.
Tooftaa kana konkolaatonni baay’een kan itti gargaaraman yoo ta’u, isaan
keessayis konkolaataa fe`umsa gogaa, baasiiwan, taaksiiwanii fi
konkolaatota xixiqoo biroos caqasuun ni danda’ama.
Mootorri fuul-dura ta’ee gommaan konkolaaticha sochoosu kan fuul-dura

ta’e ( Front Engine front wheel drive )


 konkolaattonni tooftaa akkanaatti gargaaraman immoo motorri isaanii
fuul-duratti kan argamu yoo ta’u gommaan humni motora qaqqabus isa
fuul-duraati jechuudha. Fkf konkolaattonni manaa baay’enii fi
konkolaatonni biroos jiraachuu danda’u.
Mootorrii fi gommaan humni mootora qaqqabus duubatti kan argamu
( Rear Engine rear wheel drive)

 konkolaattota tooftaa akkanaatti gargaaraman keessaa baasiwwan


tuuristii,fi vools-waaganii caqasuun ni danda’ama.
Tooftaa gommaawan arfanuu konkolaataa sochoosuuf gargaaran (Four
Wheel drive 4wd)

 Tooftaan akkanaa kun konkolaataa maarshii dhoqqee qabu jedhamee isa


beekamu yoo ta’u, traansfar keezii /ridoottaa/ konkolaattota qabaniidha.
 Konkolaattonni kun akkuma haala karaa fi fe’uumsa fe’aniitti humna
motora irraa dhufu simachuun akka konkolaatichi socho’u kan taasisanii
dha.
 Konkolaattota kanneen kan adda taasisu yoo gommaa isa duubaa
dhoqqeen nu jalaa qabe, gommaa isa fuul-duraatti humna dabalataatti
gargaaramuun darbuu ykn ce’uu danda’uu isaati. Konkolaattota
gurguddoo tokko tokko dabalatee, konkolaataa waraanaa,konkolaattonni
fiildii /offroad vehicles/ ta’an, tooftaa itti gargaaramaniidha.
Itti fufaa-----
Itti fufaa--------
Firiisiyoonii (Clutch)

 Firiisiyoniin qaamota humna motoraa dabarsan keessaa isa duraa yoo ta’u
motoratti aanee kan argamuu dha.
 Tajaajilli isaas humna mootora keessaa bahu akkuma barbaachisaa ta’etti
akka gara kaambiyootti darbuu fi hin darbine taasisuuf kan gargaaruudha.
 Peedaaliin firiisiyoonii yommuu dhiitamu akka humnni hin darbine
gochuu yoo ta’u,
 yommuu gad dhiifamu immoo akka humnni darbu taasisa.
 Peedaaliin firiisiyooniin yommuuu dhiitamu akka humnni hin darbine
gochuu yoo ta’u, yommuu gad dhiifamu immoo akka darbu taasisuu
jechuudha
Firiisiyooniin, yoomiif maaliif gargaara?

 Yommuu maarshii jijjiiruu barbaadnu:- jechuunis, saffisa keenya


hir’isuufis ta’ee dabaluuf, yoo barbaadne humna mootoraa akka hin
darbine taasisuuf;
 Mootora kaasuuf:- akka tasaa yoo maarshiin galee ture utaaluun balaan
qaqqabuu waan danda’uuf
 Tabba irratti:- bakka tiraafikiin itti baay’atutti baalaansii gochuuf
 Konkolaaticha bakka dhaabbatee osoo hin utaalin akka suuta jedhee
waraaqu gochuuf gargaara.
 Firiisiyooniin hojii isaa raawwachuuf, tooftaa itti gargaaramu irratti
hundaa’uun akka itti aanutti qoodamuu danda’a.
Itti fufaa-------

 Firiisiyoonii kaabootti gargaaramu ( mechanical clutch):- tooftaa


konkolaattonni xixiqqoon tokko tokko itti gargaaramaniidha
 Firiisiyoonii zayitiin hojjetu:- tooftaa konkolaattonni xixiqqoo fi jiddu
galeeyyin baay’een itti gargaramaniidha.
 Firiisiyoonii zayitaa fi qilleensaan hojjatu:-tooftaa yeroo baay’ee
konkolaattonni gurguddoon itti gargaaramaniidha
Itti fufaa-----
Tiraansmiishiinii /kaambiyoo (Gearbox)

 Tiraansmiishiinii firiisiyoonitti aanee kan argamu yoo ta’u, shaafti fi ilkaan


(gear) adda addaa kan of keessatti qabate oggaa ta’u annisa motoora
firiisiyooni irradhufu gara transmisiiyonittii dabbarsuuf gargaara.
 Kaamboyoon faayida armaan gadii qaba:
 Humna mootoraa (torque) olguddisuuf
 Humna firiisiyoonii irraa fudhate gara qaama humna dabarsu biraatti
/tiraansmiisiyooniitti/ dabarsuuf ( saffisa dabaluuf)
 Konkolaataa keenya gara duubaa fi fulduratti konkolaachisuuf akka
dandeenyu kan nu gargaaruu dha.
 Mootorri otoo hojjetuu konkolaataan akka dhaabatuuf .
 Kana raawachuufis ilkawwan guddina addaa addaa qabanii fi shaafitii
addaa addaatti gargaarama.
Redoottaa (Transfer case)

 Redoottaan kan argamu kaambiyootti aanee yommu ta’uu miila (gomaa)


konkolaataa hundi akka humna argatu ( sochin motoraa akka mila hunda
gahu ) kan taasisuu dha.
 Annisaa kaambiyoo irraa dhufe ariitii hir’isuudhaf humna dabaluun
konkolaataa dhoqqee, tabba (gaara) akkasumas daandii mijahaa hin taane
irra konkolachisuuf kan fayyaduu dha
Itti fufaa------

Mallatooleen ulee redootta irra jiran 4H, 4L, 2H fi N dha.


Konkolataan daandii dheeraa fi dandii walqixaa irra deemu 2H irra gochuun
konkolachisuu qaba . Haa ta’uu malee miilli hundi annisa motoraan sochosuuf
(konkolaachisuuf) 4L yoo filatamee konkolaatichi humna guddaa fi ariitii xiqaadhaan
konkolaata, akkasumas 4H yoo filatame miilli konkoloticha hundi guddaa fi ariitii
guddaadhaan konkolaata. Uleen redoottaa N irra yoo ta’ee maarshiin yoo galeyyuu
annisaan motoraa gara miila kamitiyuu hin darbu. Konkolaataa tokko tokko irratti 4H
filachuudhaa fi ibsituu elektrikaa fayyadamna.
Hubachiisa:- Maarshii redoottaa jijiruudhaf konkolaatan dhaabachu qaba.
Piropeelarshaaftii /tiraansmiisiyoonii/

 kutaan humna dabarsu kun konkolaattota motorri isaanii


fuuldura ta’ee gommaan konkolaaticha oofu ykn sochoosu
ammo duuba ta’ee fi kanneen redoottaa qaban fi hin qabne
irratti kan argamuu dha.
 Fayidaan isaas humna motoraa kaambiyoo keessa darbee
dhufe simachuun gara difirenshaalitti dabarsuu dha.
 Qaamni kun dheeraa ta’ee konkolaataa jalaan haala
mul’achuu danda’utti kan naanna’u yoo ta’u qaamni
korocharaa(universal joint) jedhamus fulduraa fi duuban
qaama kana irratti hidhamuudhan humna kaambiyoo irra
gara difaraanshiyaalitti dabarsuuf gargaara.
Difirenshaaliin fayidaa armaan gadii qaba

 Humna tiraansmisiyoonii /piropeelar-shaaftii/ irraa fudhate


garaa aksil-shaaftiitti /shimiyaasiitti/ daandii walqixa irratti
humna walqixa tahe gommaa lamanuuf dabarsuuf.

 Kurbaa ykn marfata irratti safisa adda addaa gommaa


lamaanuuf ni dabarsa (Konkolaataan akka marii faana
naanna`u ni taasisa. Kana jechuunis gommaawwan isaan gara
alaatiin jiran akka saffisaan naanna’an taasisuun fageenya irra
caalaa akka deemanif gargaara.
 Dhuma irratti humna motoraa kaambiyoon guddatee dhufe
dabalataan guddisuun gara shimiyaasiitti dabarsuuf gargaara.
Itti fufaa------
Aaksil-shaafitii/shimiyaasii/

 kutaan kun qaamota humna motoraa dabarsan keessaa isa dhumaa yoo
ta’u,
 humna difirenshaalii irraa fudhate gara gommaatti dabarsuuf kan tajaajiluu
dha.
Qaamoolee konkoolataa to’ataan

 Fireenii konkolaataa
 Fireeniin konkolaataa saffisa hir’isuu, konkolaataa dhaabuu fi
konkolaataan bakka dhaabbatee akka hin sochoone kan taasisuu yoo ta’u
qaama konkolataa to’atan keesaa isa tokkoo dha.
Gosa Fireenii

 Akkaataa itti hojjetan irratti hundaa`uun fireenii konkolaataa


akkaataa armaan gadiitti qoodamu.
 Fireenii makanikaalaa:- gosti fireenii kana kaaboo (Funyoo sibiilaa) tiin
kan hojjetu yoo tahu konkolaataa xixiqqoo irratti kan argamuu fi fireenii
harkaa konkolaataa giddu galeessaatiifis ni tajaajila.
  
Itti fufaa--------

 Fireenii haaydroolikaa/Zayitaan kan hojjetu/fireenii qabuuf tooftaa


zayitiitti gargaaramu yoo ta’u, yeroo baay’ee konkolaattota xixiqqoo irraa
kaasee hanga konkolaattota giddugaleessa irratti kan argamuu fi
baay’inaan kan baramee dha.
 Fireeniin zayitaan hojjetu qaamolee armaan gadii of keessatti qabata.
 Peedaalii fireenii

 Master siliindaii

 Sarara fireenii

 Fireenii diskii

 FireeniiTaamburii(diraamii)

 Wiil silindarii
Itti Fufaa------

 Fireenii qilleensaan hojjetu:- fireenii gosa kanaa konkolaataa dhaabuuf,


qilleensa ukkaamametti gargaarama.
 Yeroo baay’ee kan argamu konkolaatota gurguddoo irratti yoo ta’u,
walumaagalatti qaamota armaan gadiiirraa kan bu`uureffame yoo tahu
akkaataa armaan gadiitti hojjeta.
Tajajilaa kennu irratti hundaa’uun akka itti
aanuutti qoodama
 Fireenii Miilaa,
 Fireenii Harkaa:-Fireeniin harkaa konkolaataan tokko bakka dhaabbatee akka hin
sochoone gochuuf kan tajaajiluu dha.
 Konkolaattota gurguddoo irraa kaasee tooftaan fireeniin harkaa kan itti
gargaaramummmaa kan kaalaan yoo ta’u,
 konkolaattota qilleensaatti gargaaramaniin ala baay’een kaabootti gargaaramu.
 Kaaboon fireenii harkaa akkuma fireenii miillaa sharaawwan fireenii taamburiitti
maxxansuun akka gommaan hin naannofne taasisuun konkolaatichihi akka hin
sochoonef kan tajaajiluu dha.
 Konkolaataa qilleensaan hojjetu yoo ta’e immoo yommuu fireenii harkaa qabnu
qilleenssi sarara keessa akka bahu taasisuun mollaan /kooyil ispiriingiin/ sassaabamee
ture diriiruun akka fireeniin qabu taasisa jechuu dha.
 Fayidaan fireenii harkaa kan biraa immoo yommu fireeniin miillaa rakkoo qabaate
waan gargaaruuf fireenii yeroo rakkinaa ykn imarjansii bireek jedhamuunis ni
beekama.
Itti Fufaa-------

 Fireenii dabalataa (Auxiliary brake):-


 Firenamootorii (Engine Brake):-
Gosti fireenii kanaa ammo aara konkolaatichaa ukkaamsuun safisa hir’isuuf
tooftaa gargaaraa.
Kunis kan ta’eef aara bahuu dhoowun akka fireeniitti gargaaramuun
/fireenaamotariin/ rakkina addaa addaa kan akka motora ho’isuu, kuufama
kaarboonii baay’isuu fi kkf waan fiduuf yeroo mara itti gargaaramuun hin
gorfamu.
Marii /qajeelchituu/ konkolaataa

 Mariin konkolaataa, konkolaataa keenya kallattii barbaanutti qajeelchuuf


kan nu gargaaru kutaa murteesaa dha.
 Gosonni marii addaa addaa jiraatan illee akkaataan hojii isaanitii fi
fayidaan isaanii garuu walfakkaata.
Kutaalee baattuu konkolaataa (suspension system)

 Kutaan kun gommaa fi qaama konkolataa ykn shaansii (vehicle


body/frame) gidduutti yommuu argaman faayidaa armaan gadii qaba;
 Urgufamni(secca`insi) daandii irraa akka gara qaama konkolaataa fi nama
ykn feeumsatti hin dabarre taasisa
 Qaama konkolaataa guutummaa guutuutti utubuuf gargaara
 Gommaan akka sirriitti lafa qabatuuf gargaara
 Cheerkee (wheel) akka qajeelttootti dhaabatuuf gargaara.
 Haala qajeelchituu konkolaataaf mijeesaa (Accurate steering)
 Ulfaatina konkolaataa utubee qabuuf gargaara.
 Haala ulfaatinaa irratti hunda’anii sprung mass fi unsprung mass jedhame
bakka lammatti qoodamu.
Itti fufaa------

Qamoonniknokolaataabaatankutaaleearmaangadiiofikeessaaqabu;
Ispriingii (Spring): sirna konkolaataa utubuu keessatti ispringiin, humna daandii
irraa akka gufutti uumamu ofitti fudhachuun gara konkolaataatti akka hin dabarre
taasisa.
Gosoota Ispriingii
Walumaa galatti Ispriingiin bakka lamatti qoodamuu danda`a. Isaanis
Baalastiraa (Leaf Springs)/
Ispriingii shiboo maramaa ykn Mollaa (Coil springs) fi
Itti fufaa------

 Sibiila miciramaa (Torsion bar springs) yammuu ta`an


 Ispriingii sibilaalaa (Non-metallic Springs):Isaan kun ammo
warraakka
 Ispringii gommaa (Rubber springs) fi
 Ispringii qilleensaa (Air springs) jedhamuunqoodamu.

 Baaleestiraa /leaf spring/- gosti baattuu kanaa yeroo baay’ee


konkolaattota gurguddoo ,giddu galeessaa fi fe`umsa gogaa irratti kan
argamu dha..
Amorzaatorii/shock -absorber/

 Amorzaatoriin kutaa battuu konkolaataa isaa murtessaa kan ta’ee dha.


 Yeroo konkolaataan daandii bu’aa ba’ii irraa deemu sochii gommaa gara
qaama konkolaataa biratti akka hin dabarre tasiisa.
 Amorzaatoriin yeroo konkolaataan daandiirra deemu sochii ispriingii
xiqqeessuun haalli mijataan akka uumamu taasisuu gargaara.
Itti fufaa------

 Istabilaayizerii (sway bar or anti-roll bar): haala baatiinsa ykn utubuu


konkolaataa keessatti qaamimni konkolaataa akka iddo isaa irraa kaatee
gara mirgaa ykn bitaatti hin deemne kan ittisuu dha. 
 Toorshiin baar ispringii (torsion bar spring) Kutaan baattuu kun yeroo
baay’ee konkolaattota xixiqoo fi jiddu galeessa irratti kan argamu yoo tahu
boca ulee geengoo fakkaatu kan qabuudha. Faayiidaan isaa yeroo sochiin
addaa konkolaataa irratti umaamu dadacha’uudhan amala springummaa
kan qabuu dha.
Itti fufaa------

 UtubduuQillensaa (Air -suspension): sirni utubduu kanaa konkolaattota


gurguddoo tokko tokkoo kan akka awutobusii fi konkolaataa fe`umsaa
keessatti yommu argamu kan inni hojjetus ispringii sibilaan osoo hin
taane qilleenssaan ta`uui saati. Utubduu Qillensaa (Air suspension) bakka
mollaa /kooyil-ispiriingii/ bu’ee konkolaataa baata.
Itti fufaa-----

Chaasii /fireemii/ konkolaataa: Qaamni konkolaataa ykn body kutaaleen addaa addaa kan irratti hidhaman yoo
ta’u qaama konkolaataa isa guddaadha.
Akkuma guddinaa fi gosa konkolaattotaatti chaasiin isaanis gargar ta’uu danda’a. kan murtaa’an isaanii akka itti

aanutti haa ilaallu


Gommaa

Gommaan kutaalee ulfaatina konkolaataa bataan kessa isa tokkoo.

 Faayidaan isaas ulfaatina konkolaataa irraatti fe’amuu fi akkasumas ulfaatina konkolaataa utubee qaba,

 humni riiganii (friction) ilkaan gommaa fi daandii jiduu akka jiraatu godha.

Yeroo saffisaa fi fireennin qabamu fi sochii bu’aa ba’ii irratti uumamu ni hir`issa.

Ilkaan gommaa fi dhiibbaan qilleensaa akkaataa ittiin eegamu

Ilkaan gommaan yaatamuu isaa jechuun gommaan lafa sirritti qabachuuf gargaaruuf kutaa fireenii keenyaaratti

miidhaa fiduu danda’a.


Qilleensi gommaa akka manuuwaalii ykn istandardiin jedhuttii ta’uu qaba

Biloonin gommaa yommuu hidhamu gara bitaa fi gara mirgaan walmadaalame manuuwaaliin hidhamuu qaba.

 
 
 
Kutaalee konkolaataa baataniif eeggannoo godhamuu qabu

1. Daandii mijaawa hin taane ykn bu’aa ba’ii irratti saffisaan


konkolaachisuu dhiisuu.
2. Fe’umsa humna konkolaataan oli ta’e fe’uu dhiisuu
3. Kutaalee sosochiin fi wal rigiinsi qamoota jiraanitti kan laffisuu
(giriisii) fayyadamu.
4. kutaaleen konkolaataa baatan yeroo miidhaman yerootti
suphisiisuu.
 
Meshaalee nageenya konkolaataa eegan
Meshaa ho’a motoraa agarsiisu (heat gauge)

 Humna maddisiisuuf ho’i motora keessatti uumamu humnaa ol ta’uun, akka mootora
irratti, baqaquu, fi balaan ibiddaa hamaan akka hin uumamne, gaabbiinaa keessatti
meeshaan ho’a mootoraa agarsiisu kaa’amee jira.
 Kanaaf, konkolaachiftonni, yeroo hundaa yommuu konkoolaachisaan, meeshaa ho’aa
kana haalaan hordofuu qabu.
 Meeshaan kun yoo sarara diimaa keessa gale, Konkolaachisichi akka rakkinni jiru
beekee konkolaataa dhaabuun, qaamota motora qorisiisan sakatta’uu qaba.
 Fkn. Yoo bishaan kan dhangalaasu ta’e, chiingaan yoo laafe ykn yoo cite, faaniin yoo
cabe, rakinni ho’aa akka malee uumamuu danda’a. Kanaaf, erga sakatta’ anii booda, yoo
rakkinni jiraate sireessuu fi yeroo murtaa’eef akka qorru erga taasifnee booda deemuun
ni danda’ama.
 Yoo rakkina isaa argachuuf hin dandeenye ta’e, akka balaan hamaan hin uumamne,
konkolaataa dhaabuun ogeessa konkolaataa (makaanikii) ilaalchisuun barbaachisaa dha.
 
Meshaa hamma dhiibbaa zayitii agarsiisu (Oil pressure Guage)

 Meshaa hamma dhiibbaa zayitii agarsiisu (Oil pressure


Guage)
 Dhiibbaan zayitii motora keessa jiru sababa addaa addaatiin dabaluu
ykn hir`achuu danda’a.
 Fkn :- Dhiibbaan zayitii akka dabalu kan taasisan keessaa hir`ina ho’a
naannoo, zayitiin motora keessa jiru yoo baay’ate, xuraawun zayitiii
cufama uraawwan zayitii fi k.k.f ta’uu danda’u.
 Kan biraa immoo akka dhiibbaan zayitii hir`atu kan taasisan keessaa
kan akka dabala ho’aa naannoo hanqina zayitii, nyaatamuu qaamota
zayitiin keessa deemu fi k.k.f caqafamuu danda’u.
 Kanaafuu, konkolaachiftoonni, yommuu meeshaan kun humna ol ykn
gad agarsiise, atattamaan, makaanikiitti agarsiisuu qabu jechuudha.
Itti Fufaa-------

Meeshaa hanga boba’aa agarsiisu


 Meshaan kun amma boba’aa saalvaatiyoo kessa jiru kan agarsiisu yoo ta’u

 konkolaachiftooni naannoo boba’aan hin jiret, fixanii akka hin rakaneef of

eeganno duraa akka taasisaniif gargaara.


 Dabalataanis hotoo konkolaataan deemaa jiru yoo dhume keessayyuu,

konkolaatton naafxaan socho’an rakina qilleenssa harkisuun uumamu irraayis


nama baraara jechuudha.
 Kanaaf, konkolaachiftoon yommuu konkolaachisan, meeshicha seeraan

hordofuun tarkaamifii fudhachuu qabu jechuudha.


 Meeshaa saffisa konkolaataa agarsiisu
 Balaa tiraafikaa hitisuuf jecha karaawan tokko tokko irratti daangaa safisaa

kan agarsiisan jiraachuu danda’u kana jechuunis safisa barbaaadamuu ol


konkolaaachisuun addabii nu qaunmu irratii balaan tiraafikaa nu irraa qaqabuu
waan danda’uuf, meshaa kanat gargaaramuun safisa konkolaata isaanii
tohachuun ni danda’ama jechuudha.
Itti fufaa-------

 Meshaa saffisa mootoraa agarsiisu (Odometer)


 Konkolaaton baay’een meshaa kana qabaachuu ni danda’u. Meshaan
kun koolloon (crankshaft) motora keenyaa daqiiqaa tokko keessatti
saffisa hangamitiin akka naanna’aa jiru kan agarsiisu yoo ta’u,
keessayyuu yommuu konkolaataan socho’aa hin jirre naannawinsi
humnaa ol ta’e akka hin uumamneef kan of eeggannoo tajaajiluudha. 
 Kiiloomeetira konkolaataan deeme kan lakkaa`u (Speedometer)
 Meeshaan kun konkolaataan keenya socho’uu erga calqabee kaasee
fageenya daandii inni deeme ykn kiiloomeetira inni adeeme mara kan
lakkaa`uu dha. Kanaaf konkolaachiftoonni kiiloometira murtaa’een
qaamota konkolaataa jijjiiramuu ykn haarawu qaban, dursanii beekun
osoo hin dabarsin akka to`ataniif isaan gargaara.
 

You might also like