Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 109

Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaatti

Mana Murtii Aanaa Shanan Dhuuggoo

Baga Nagaan Dhuftan


Anaa Haa dhufu
Mana Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaatti
Mana Murtii Aanaa Shanan Dhuuggoo

Mata Duree Leenjii


Naamusa ogummaa Hojjettoota Manneen Murtii
Oromiyaa.
Naamusa Ogummaa Abbaa seerummaa:-
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Qabiyyee leenjichaa
Kutaa tokko: Maalummaa naamusaa
Maalummaa naamusa ogummaa abbaa seerummaa
Barbaachisummaa Naamusa Ogummaa
Kutaa Lama: Koodii Naamusaa Ab/seerummaa Oromiyaa 01/2011
Barbaachisummaa koodii naamusa Ab/seerummaa
Kutaa sadi: Dambii Naamusa Ab/Seerummaa 2/2011
Kaayyoo fi barbachisummaa dambii naamusaa
Daangaa raawwatiinsaa
Gosoota badii
Adabbii fi kaayyoo adabbii
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Kutaa tokko
1.1. Maalummaa Naamusaa

Jecha ‘’ethics’’ jedhu haala adda addaatiin yemmuu hiikamu iddoo


tokko tokkootti kaayyoo isaatiin, dudhaalee of keessatti hammateeniifi
burqaa duudhaalee kanaatiin ibsametti argama
W.Friedmann jedhamu kitaaba isaa‘’Legal Theory (2003)’’jedhamu
keessatti naamusa jechuun sirna dudhaalee amalli dhunfaa ittiin
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Yaada rimee Naamusaa

G.W.Paton jedhamu Naamusa jechuun qu’annaa amala daran gaarii ta’ee jechuudhaan
ibseera.
’Blacks laws ‘’ naamusa jechuun dirqama hamilee namni tokko isa biraatiif qabu
jechuun hiikeera.
Kitaabni (text book of Philosophy) naamusin barnoota saayinsii dame falaasamaa
ta’ee gochaawwanii fi duudhaalee waa’ee amala namaa gaarii fi badaa kan qoratu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Waligalatti Hiikoowwan olii irraa kan hubatamu naamusni;


 Qajeeltoo safuu amalli namaa ittiin hoogganamu,
 Yaanni ykn gochaan tokko sirrii ta’uu fi sirrii ta’uu dhabuu adda baasudhaaf
qajeeltoo kallattii kaa’uu,
 Naamusin adda durummaadhaan amala namaa waliin kan walqabatu
 Naamusin amala dhunfaa namootaa qajeelchuu irra darbee hojii ogummaa
keessattis amala gaarii addaa hojiin ogummaa tokko barbaadu qajeelchuuf
akka fayyadu ta’eera.
 Naamusni iddoo lamatti qoodamuu danda’a:- naamusa dhuunfaa (personal
ethics) fi naamusa ogummaa (professional ethics) jechuun qooduun ni
danda’ama.
Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaatti
Mana Murtii Aanaa Shanan Dhuuggoo

1.2.
1.2.Barbaachisummaa
BarbaachisummaaNaamusa
NaamusaOgummaa
Ogummaa
 Naamusa ogummaa:- jechuun dambii ykn sirna ogeeyyiin
abboota ogummaa ta’an galma dhumaa ogummichi
barbaadu milikeessuuf ykn ogummichi kaayyoo hin
barbaachifnne biroof akka hin oollef jecha gochaawwaan
ykn dubbiiwwan abbootii ogeeyyiitiin raawwatamuu
qabanii fi raawwatamuu hin qabne adda baasee kan
tumu jechuudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

1.3. Maalummaa naamusa ogummaa Ab/seerummaa


Naamusni Ogummaa A/Seerummaa, Naamusa oggeeyyii seeraa (legal
professional ethics) keessaa isa tokko ta’ee,
 Dirqama naamusa gaarii sadarkaa duraatti (minimum stundered)

abbootii dhimmaa fi mana murtiif A/Seeraa qabaachuu qabu kan

muldhisuudha.
 Amala gaarii ogeeyyoota hojii kanarratti bobba’an irraa
barbaadamu kan qajeelchuudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Kutaa Lama: Duudhaa Naamusaa Abbaa Seerummaa Abbootii Seeraa Oromiyaa

 Koodiin naamusa abbootii seeraa fi muudamtoota Gumii Naannoo Oromiyaa bara


2001 koodii naamusaa Abbaa Seerummaa Abboota Seeraa Oromiyaa dambii
lakk.1/2011 foyya’eera.
 Gochaa fi amala gaarii abbaan seeraa tokko dhaddacha irrattis ta’ee dhaddachaan
alaatti beekee hordofuu qabu kan agarsiisuudha.
 Duudhaaleen kun biyyaa biyyatti garaagarummaa xixinnaa kan akka tartiiba ,
maqeeffamaa fi wal jala darbiinsaa yoo ta’e malee haala wal fakkaatuuni fi walitti
dhiyaatuun kan goreessan ta’eeti argina
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

2.1. Barbachisummaa koodii Naamusa Ab/seerummaa

Hojiin abbaa seerummaa hojii itti gaafatamummaa ol’aanaa gaafatuu


waan ta’eef amantaa uummataa horachuun kan danda’amu
gahuumsa ,dandeettii fi naamusa ol’aanaa ta’een hojjachuun yoo
danda’ameedha.
Manni murtiis ta’ee hojiin abbaa seerummaa amantaa uummataa
horachuuf naamusin ogummaa abbootiin seeraa qaban iddoo ol’aanaa
qaba.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Barbachisummaa koodii Naamusa Ab/seerummaa

naamusa Ab/seeraa fi muudamtoonni M/M Naannichaa qajeelchuuf


‘istaandardii’ naamusaa isa xiqqaa abbaa seeraa tokko irraa egamu
gooressuun bifa koodiitiin Kaayeera.
Abbootiin seeraa istaandardii naamusaa isa xiqqaa isaani irraa
eegamu beekanii naamusa isaanii akka sadarkaa kanatti gabbifatan
gargaaruuf dha.
Tumaalee Dambii Naamusaatti hiikkaa sirrii kennuuf akka
qajeelchituutti kan fayyadu ta’uu.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Barbachisummaa koodii….

Walumaagalatti kaayyoon koodii kanaa rakkoo naamusaa


manneen murtii Naannoo Oromiyaa keessaa ture bu’uura irraa
furuuf yaadamee naamusa abboota seeraa fi Muudamtoota
manneen murtii Oromiyaa keessaa jiran dagaaggisuuf akka ta’e
hubatamuu qaba
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

2.2. Duudhaalee Naamusaa fi Qajeeltoowwan


koodiin kun kutaa lammaffaa jalatti duudhaalee naamusaa abbaa seerummaa kan
tarreessu yemmuu ta’u dudhaaleen kunniinis lakkoofsaan saddeeti yoo ta’an
isaannis;
 bilisummaa fi itti gaafatamummaa,
 gartu-maleessummaa yookiin al-loogummaa,
 sochii siyaasaa irraa of qoqqobuu,
 ejjennoo qabaachuu,
 Fayyaalummaa,
 walqixxummaan tajaajiluu ,
 kaka’umsa fi jabinaan hojjachuu fi
 gahuumsa hojii Abbaa seerummaa ta’anii gorefamanii jiru.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Kutaa sadi: Dambii Naamusaa Abbaa Seerummaa


Oromiyaa
Sirna Dimokiraasii keessaatti qaamoleen Mootummaa aangoo fi gahee hojii
isaanii haala itti gaafatamummaa hordofsiisuun raawwachuu kan qaban ta’uun ni
beekama.
Akka biyya keenyattis Heera Mootummaa kew-12 jalatti qaamoleen mootummaa
itti gaafatamummaa kan qaban ta’uun tumameera.
Manneen murtiis akkuma bilisummaa guutuu qaban itti gaafatamummaas kan
qaban ta’uun ni hubatama.
Dambiin naamusaa kunis itti gaafatamummaa naamusaa ilaalchisee kan
tumamee yoo ta’u maddi isaas koodii naamusa abbaa seerummaati.

.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Dambii….

Abbaan seeraa duudhaalee fi qajeeltoo waliigalaa naamusa ogummaa abbaa


seerummaatiin qajeelfamee hojii KTAS raawwachuutu irraa eeggama.

Koodiin Naamusa abbaa seerummaa (judgical code of conduct) kan qophaa’uuf


abbaan seeraa akka ulaagaa isa xiqqaatti (minimum standard) fudhatee
dhaddacha irrattis ta’ee dhaddachaan alatti gochaa fi amala isaa akka ittin
qajeelfatuuf kan yaaddame ta’uun hubatamuu qaba.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Dambii….

Abbaan seeraas fedhii guutuun fudhatee hojii irraa yoo oolche bu’aa
qabaata .

Haata’u malee abbootiin seeraa sababoota adda addaatiif yeroon


duudhaa fi qajeeltoo naamusa abbaa seerummaa cabsan ni
muldhata. Bakka duudhaa fi qajeeltoon naamusaa cabee argametti
itti gaafatamummaa naamusaa mirkaneessuuf danbiin naamusaa
(disciplinary measure) tumuun filannoo lamaffaa taasifameet
ilaalama .
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

3.2. kaayyoo Dambii Naamusaa 2/2011

Hanqinnoota DNASMGN Oromiyaa lakk.2/2001 keessatti muldhateef fala


kennuu
Badii Naamusaa ittisuu(due notice),
Sirni itti gaafatamummaa iftooma akka qabaatu taasisuu,
Badiiwwan naamusaa qabatamaan raawwatamaa jiran haguugu,
Badiiwwan raawwatamu adabbiin akka waligituu fi adabbii barsiisaa
taasisuu,
Waligalatti naamusa hawaasa mana murtii dagaagsuu fi hawaasni
Manneen Murtii Naannichaa irraa amantaa akka qabaatu taasisuufiidha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

3.3. Daangaa raawwii


Abbootii seeraa fi Muudamtoota maneen murtii irratti.

Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe,
Lakk.216/ 2011 kew.2 (12 fi13) jalatti kan ibsamaniidha.

 Muudamaa Gumii
Pirezidaantiidhaan dhiyaatee Gumiitiin muudame jechuudha.Isaannis;
(a) sadarkaa M/Murtii Waliigalaatti daarikteera, itti gaafatamaa waajjiraa,
qindeessaa dhaddachaa, gaggeessaa dhaddachaa/ dhimmaa, gargaaraa abbaa
seeraa, kadhimamaa abbaa seeraa, qaadii Mana Murtii Shari’aa fi
(b) Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa fi kan Mana Murtii Aanaa ni dabalata
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Daangaa raawwii

 Muudamtoota Gumii Godinaa

Gaggeessaa ykn ogeessa Manneen Murtii godinichaa keessatti


sadarkaa addaa addaatti akka hojjetu hojii ykn kutaa ykn adeemsa
hojii, akka hojjetu ykn akka gaggeessu Pirezidaantii Mana Murtii
Ol’aanaatiin dhiyaatee Gumii Godinaatiin muudame jechuu yoo
ta’u, gaggeessaa dhimmaa yookiin dhaddachaa Mana Murtii Aanaa,
ofiisara seeraa ykn ogeessa biroo sadarkaa Mana Murtii Aanaatti
ramadamee hojjatu ni dabalata.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Daangaa raawwii

 Muudamtoota Pirezidaantii (labsii lakk.216/2011 kew.2(13) .


Muudamaa Pirezidaantii jechuun muudamaa Caffee, Muudamaa Gumii ykn kan Gumii
Godinaa osoo hin dabalatin, hojii ykn kutaa ykn adeemsa hojii, akka gaggeessuuf
ykn akka hojjatuuf Pirezidaantiin kan muudame yoo ta’u, (a) sadarkaa MMWOtti
ekispartii ykn ogeessa seeraa, qorataa, inispektera, ofiisara seeraa, dursaa garee;
(b) sadarkaa MMOtti gaggeessaa dhimmaa/ dhaddachaa, dursaa garee, ofiisara
seeraa, ekispartii yKn ogeessa seera; fi (c) Abukaato ittisaa sadarkaa Manneen
Murtii sadeenitti hojjatan ni dabalata’’
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

3.4. Gosoota Badii Naamusaa

.
Dambiin kun badiiwwan akkaatuma ulfinna isaatiin iddoo saditti kan qoode yoo
ta’u isaannis badii xixiqaa, salphaa fi cimaa jedhamee tarreeffameera.
3.4.1. Badii Xixiqaa
Badii xixiqaa amala isaatiin hojii guyyaa guyyaan raawwataman keessatti of-
eeggannoo gochuu dhabuun raawwatamanii fi
Miidhaa cimaa abbaa dhimmaa irraattis ta’ee kabajaa mana murtii fi hojii
abbaa seerummaa irratti kan hin qaqabsiisneedha. Isaanis kwt.(8)
Tajajila sirnaan kennuu dhabuu, abbaa dhimmaa kabajuu dhabuu, barreeffama
haala dubbifamuun barreessuu dhabuu,
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Badii Naamusaa Xixiqqaa

galmee
.
irratti Odeeffannoo guutuu barreessuu dhabuu , ajaja
dhaddachaa yeroodhaan bahii gochuu dhabuu, ol’iyannoo guutuu
kennuu dhabuu, falmitoota to’achuu ykn obsaan dhaggeeffachuu
ykn dubbii xumursiisuu dhabuu, marii yookiin waligahii irraatti
hirmaachuu dhabuu, sirna diriire hojii irraa oolchuu dhabuu fi
odeeffannoo dhimmootaa sirnaan galmeessuu dhabuudha.
Muraasa isaas akka itti aanutti ilaaluun ni danda’ama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa xixiqaa


Ol'iyyannoo Guutuu Kennuu Dhabuu (kew 8(6)

.
Ol’iyanni abbaa dhimmaaf kennamu hir’ina kan hin qabaanne ta’uu
mirkanneeffachuu dhabuu; ykn Muudamaan kamuu yemmuu
ol’iyyata kennu ol’iyyannoon kennamu guutuu ta’uu fi fuula hir'uu
ykn caalmaa ta'e, ykn fuula chaappaa hin qabne,ykn fuula citaa ykn
hin dubbifamne, ykn xalayaa gaggeessituu hir'uu ykn
dogoggorsiisaa ta'e, ykn maqaa ol'iyyataa ykn deebii kennaa hin
qabne kennuu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa xixiqaa

ykn. fuula waljala darbaa, ykn guyyaa fi lakkoofsa galmee hin qabne
ykn dogoggora qabu, ykn tarreeffama tartiiba fuula waljala darbee fi itt
fufiinsa hin qabne kennu ykn osoo hin sirreessiin hirdhina kan hin
qabne ta’uu mirkaneeffachuu dhabuu;
Hanqinni kun abbaa dhimmaa deddeebii fi baasii hin malleef kan
saaxile yoo ta’e immoo badii naamusaa salphaan kan gaafachisu ta’a.
Ol’iyannoo hirdhinna qabu yoo fuudhe maaliin gaafatama?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa xixiqqaa

Falmitoota To’achuu, Yookin Obsaan Dhaggeeffachuu Yookin Dubbii Xumursiisuu Dhabuu


.
Abbaan dhimmaa haala kabajaan namoomaa isaa eeggameen dhimma
isaa sodaa tokko malee akka ibsatuuf abbaan seeraas ta’ee
muudamaan obsaan dubbii isaa dhagahee keessummeessuutu irraa
eeggama.
Gama kaaniin immoo abboonni dhimmaa ykn falmitoonnii sirna
seeroota jiran hordofuun falmii gaggeessuu akka qaban fi abbaan
seeraa kana to’achuu akka qabu dirqama ogummaa kan irratti gatu
ta’uu danbicha irraa ni hubatama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa xixiqqaa

Akkaataa
. qajeelfamni dhaddachaa ykn seeroota biroo rogummaa
qabuutiin gareen walfalaman falmii gaggeessuu isaanii
mirkanneessuu dhabuu, ykn sirna dhaddachaa hordofuu isaanii ykn,
akkaataa ajajamaniin raawwachuu isaanii to’achuu dhabuu;
Haqummaan ykn walqixa keessummeessuu dhabuu; ykn iyyata harkaa
fuudhuu diduu ykn dhagahuu dhabuu,ykn obsaan dhaggeeffachuu
dhabuu; ykn Yaada ykn dubbii ykn falmii isaanii xumursiisu dhabuu
ykn diduu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa xixiqqaa

. Qabxii Mari

1. “Seeroota biroo rogummaa qabuun gareen walifalman falmii gaggeessuu


mirkaneessuu dhabuu ‘’ kan jedhu seeroo rogummaa qaban kami?

2. “Haqummaan ykn Waliqixaan keessummeessuu dhabuun’’ kan jedhu maali


jechuutu barbaadame?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa xixiqqaa

Walumaagalatti,
. badiiwwan naamusaa xixiqaan kun yemmuu
raawwataman adeemsa idilee bulchiinsa naamusaa keessa
darbuun osoo hin barbaachifinne hooggansuma dhiyootiin
tarkaanfiin kan fudhatamuta’a.
Haata’u malee gosoonni badiiwwan xixiqaan kunni itti yaaddamee
kan raawwatamee fi miidhaa ol’aanaa ta’e yemmuu dhaqabsiisu
akkaatuma haala isaatti adabbii badii salphaa kan hordofsiisu akka
ta’e ni hubatama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa


Badii Naamusaa Salphaa

• Badiin
. naamusaa salphaan gochaa amala isaatiin badii xixiqaa
caalatti fi badii ciccimoo gaditti miidhaa dhaqabsiisaniidha.
• Gosti badii kun miidhaa salphaa abbaa dhimmaa ykn maqaa gaarii
mana murtii ykn kabajjaa hojii abbaa seerummaa irraan kanneen
gahaniidha.
• Dambiin kunis gosoota badii sasalphaa kew.9 jalatti tarreesseera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa

Badii Naamusaa Salphaa


.
Isaannis;

waligalanii hojjachuu dhabuu, iftominnaan hojii gaggeessuu dhabuu


ykn diduu,hojii irratti dhibaawummaa agarsiisuu,dhimmoota filachuu,
gochaa amantaa ,aadaa ,safuu fi duudhaa hawaasaa tuqu ykn
faallaa ta’e raawwachuu ,leenjii ykn wal tajjii irratti hirmaachuu
dhabuu, galmee sirnaan qabuu dhabuu,naamusa gaarii dhabuu,
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa

.
murtii yaadaan adda bahu sirnaan barreessuu dhabuu,hojii dabalataa ykn

qajeelfama fudhachuu diduu,kanfaltii tajajila abbaa seerummaa ykn


mallaqa amaanaa akkaataa seeraatiin fuudhuu dhabuu ykn bulchuu
dhabuu,ciraa sirnaan bulchuu dhabuu, miidiyaa hawaasummaatti
sirnaan fayyadamuu dhabuu akka ta’an gababbinnaan hubachuun ni
danda’ama.
 Badii naamusaa sasalphaan muraasin akka itti aanutti
dhiyaateera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa

Hojii irratti Dhibaawummaa Agarsiisuu


.
Miira itti gaafatamummaadhaan raawwachuu dhabuu ykn
maal na dhibdeedhaan raawwachuu;

Fedhii ykn kaka’uumsa hojii gaarii agarsiisuu dhabuu ykn


dhibaa’ummaa akka malee agarsiisuun dhimoota lafa irra
harkisuu;
Ykn abboota dhimmaa dedeebsuun baasiif saaxiluu ykn
hojii irraan miidhaa geessisuu;
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa

Dhimmoota Filachuu
.
Sababa quubsaa malee dhimma dhiyaateef ilaaluu diduu yookin sababa quubsaa
hin taane barreessee dhimma ilaaluu diduu …. dhoorkaa akka ta’e tumeera.
Ramaddiin ala yoo ilaale hoo ?
Fkf dhimma Go/Arsii MMA Gunaa irraa Gareen Gumii Naannoof dhiyaate ilalaa
Abbaan seeraa rammaddii isaatiin ala kutaa ofisaraa deemuun galmicha fudhatee
murteesse sababbii kanaaf seera cabsuun himatamee balleessaa taasisuu
adabbii irratti kennameera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa sasalphaa

Gochaa Amantaa, Aadaa, Duudhaa Fi Safuu Hawaasaa Tuqu Yookin Faallessu


.
Raawwachuu
Ab/seeraa yeroo hojii abbaa seerummaa irra jirutti Amantaa, duudha fi safuu hawaasaa
kabajuu qaba.
Amala ykn mallattoo ykn gochaa ykn barreeffamaa ykn dubbii isaatiin amantaa, aadaa,
duudhaa ykn safuu ykn kabaja uummataa ykn nama dhuunfaa ykn garee yoo tuqee argame
badii salpaadhan ni gaafatama.
Haata’u malee gochichi kabaja uummatichaa ykn nama biroo ykn garee salphise ykn
uummata ykn namoota walitti buuse badii naamusaa cimaan ni gaafataama.
Gochaa ykn jecha akkamiitu amantaa,aadaa duudhaa fi safuu hawaasaa tuqa? Irratti mari’adhaa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa

.
Gochaan ykn jechaan tokko aadaa,safuu fi duudhaa hawaasa tokko
ni tuqa kan jedhamu gochaawwanii ykn jechaan akkamii akka ta’an
dambichi ifatti hin agarsiisu, kun immoo gochaawwan abbaa
seeraatiin ykn muudamtootan raawwataman aadaa,safuu ykn
duudhaa hawaasaa ni tuqa moo hin tuqu kan jedhu hiikoof kan
saaxiluudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa

Xiinxala dhimmaa
.
Ab/seeraa aanaa Martii tokko falmii lafaa ob/Guruum Zanabaa fi Ob/Nugusee Dajane gidduutti gaggeeffamu ilaalaa osoo
jiru ob/Guruum Zanabaa jedhamuun dhimma kee siifan murteessa jechuun Qr.kuma said (3000) gaafachun fudhateera.

Ab/seeraa kun beellama itti aanutti abbaa dhimmaa qarshii irraa fudhate kanatti yoo murteessu ,ab/dhimmaa kun
dhiibbaa dhiigaa waan qabuuf dhaddacha irratti kufeera.Maatiin ab/dhimmaa kanaa rifaatuun booyaa dhukubsataa kana
gara mana yaalaa geessaniiru.Ab/seeraa kun booddee ab/dhimmaa kana bakka hoospitaala aanaa Martii ciisee yaalamaa
jiru poolisaan qabsiisuun buufata poolisii tursisanii jiru. Gareen Inspeekshinii Naannoos ab/seeraa kana (matta’a
fudhachuu fi aangootti gar-malee fayyadamuun) himateera. Dhimmichis Garee Gumii Naannoo biratti ilaalamaa osoo jiru
abbaan seeraa kun iyyata hojii gad lakkisuu waan galfatee hojii gad dhiiseef galmeen murtii osoo hin arganne cufameera
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa salphaa

Qabxii Marii
.
Gochaan ab/seeraa kun raawwate, abbaa dhimmaa dhukkubsatee kufee mana yaalaattii
yaalamaa jiru akka hoospitaala bahu taasisee dhaddacha waan jeeqeef jechuun buufata
poolisiitti guyyaa 24/05/2005-hanga 27/05/2005 tursiisuun aadaa fi safuu waliin akkamitti
ilaalama? Irratti mari’adhaa?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

Naamusa Gaarii Dhabuu


Ab/Seeraa
. kabajaa Ogummaa ab/seerummaa fi M/murtii akka hin xiqqeessinef eeggumsa
gochuuf kan tumameedha.
Amala agarsiisuun ykn uffannaadhaan ykn gochaan ykn bakka hin taane ooluudhaan
kabajaa ykn maqaa ofii ykn kan Mana Murtii ykn kan ogummaa abbaa seerummaa
xiqqeessee yoo argame badii naamusaa salphan kan itti gaafatamu ta’a.
Qabxii Marii
Abbaan seeraa ykn muudamaan tokko amala akkamii yoo agarsiise ykn yoo haala kamiin
uffate ykn yoo maal raawwate? ykn yoo eessatti argame ykn oole? kabajaa ofii isaa ykn
ogummaa abbaa seerummaa ykn Mana murtii tuqsiisuu danda’a jettanii amantu?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

Kanfaltii Tajaajila Abbaa Seerummaa Yookin Maallaqa Amaanaa Akkaataa Seeraatiin


Walitti
. Qabuu Fi Bulchuu Dhabuu

Kanfaltiiwwan tajaajila ab/seerummaa ykn maallaqa amaanaa


seeraa irratti hundaa’uun kanfalchiisuu dhabuu ykn sirnaan
bulchuu dhabuu; ykn kun akkuma jirutti ta’ee, maallaqa walitti
qabame hir’isuu ykn qisaasuu ykn nagahee sobaan walitti qabuu
ykn nagahee sobaa fayyadamee herrega buusuu ykn sanada
walcaalchisuun badii naamusaa cimaan ni gaafachiisa.
.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

Kanfaltii
. tajaajila ab/seerummaa ykn maallaqqa amaanaa sirnaan bulchuu
dhabuu jechuun; kanfaltiiwwan tajaajila ab/seerummaa ykn maallaqqa amaanaa
of biratti kuusuu ykn yeroo taa’e keessatti qabaa ykn qabduu maallaqatti
ykn baankitti ykn Waajjira Maallaqqaa fi Walta’iinsa Diinagdeetti galii gochuu
dhabuu, sanadoota fi nagaheewwan kanaan walqabatan to’achuu fi hojiilee
kana fakkaatu raawwachuun kanfaltii tajaajila abbaa seerummaa ykn
maallaqqa amaanaa sirnaan bulchuu jedhamee fudhatamuu ni danda’a.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

. Qabxii Marii
Fakkeenya dhimma mana murtii aanaa Shirkaa qarshii
raawii harka isaa gale faayidaa ofiif oolfate ilaaluun ni
danda’ama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

Miidiyaa Hawaasummaa Sirnaan Fayyadamuu Dhabuu


.
Miidiyaan hawaasummaa faayidaa ol’aanaa akkuma qabu miidhaas ni qaba.
Miidhaan kanneen akka maqaa nama dhuunfaas ta’e kan garee fi dhaabbilee adda addaa
balleessuun,
Jechoota hawaasa fi hawaasa walitti buusan , okkora uumuu danda’an fi mootummaa irratti
jibiinsa uumu,tamsaasuun ni muldhata.
Abbaan seeraa gochaawwan akkanaa irraa fagaachuu akka qabu naamusni ogummaa abbaa
seerummaa dirqama ol’aanaa irra kaaya.
Abbaan seeraa amala hojii isaa irraa kan ka’e akkuma nama kamuu ta’uu hin danda’u,jireeny
isaa daanga’uu qaba
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

Danbiin
. kunis haala ab/seeraa tokko miidiyaa hawaasummaatti
fayyadamuu qabu tumeera.
Miidiyaa hawaasaa haala qajeeltowwanii fi duudhaawwan hojii
abbaa seerummaa wajjin wal hin simneen fayyadamuu; ykn Miidiyaa
hawaasaa irratti loogoo yookin asxaa yookin maqaa Mana Murtii ykn
mallattoo addaa Mana Murtii faayidaa dhuunfaa hin malle argachuuf
ykn kabajaa ykn maqaa gaarii Mana Murtii xureessuuf dhimma
bahu;
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

Akkasumas
. miidiyaa hawaasaatti yommuu fayyadamu gochaawwan
bilisummaa ykn al -logummaa ykn maqaa ykn kabaja Mana Murtii
miidhan raawwachuu ykn gartummaa siyaasaa haala agarsiisuun
yoo fayyadame ykn haala maqaa namaa biroo xureessuun ykn nama
walitti buusuun ykn okkara kaasuun yoo fayyadame badii naamusaa
cimaadhaan kan gaafachiisu ta’a
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Salphaa

.
Walumaagalatti dambiin kunis gosoota badii naamusaa salphaa
haarawaa kana dura akka badiitti hin tumamne garuu miidhaa
abbaa dhimmaa irrattis ta’ee maqaa gaarii mana murtii fi hojii
abbaa seerummaa irratti qaqabsiisaa kan turan waan ta’eef
amma adda baasee tumeera.

Akkasumas gochaawwan badii salphaa miidhaa cimaa yeroo


qaqabsiise itti gaafatamummaa badii cimaan haala adabsiisuu
danda’uun tumameera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Badii Naamusaa ciccimaa


.
Gosti badii kun amala isaatiin dantaa hawaasaa ykn maqaa gaarii mana murtii
ykn kabajaa hojii abbaa seerummaa irraatti miidhaa cimaa qaqabsiisuu kan
danda’u waan ta’eef itti gaafatamummaa cimaa akka hordofsiisuu ta’ee kan
bocameedha.
Gosti badii kun amala isaatiin amantaa hawaasni mana murtii fi abbaa seeraa
irraa qabu caalmatti kan dhabsiisu fi miidhu waan ta’eef gosoota badiiwwan biroo
caala miidhaa ol’aanaa kan qaqabsiisuudha.
Badiiwwan ciccimoo kun kew 10(1-18) jalatti tarreeffamanii jiru.Isaannis
gababbinnaan ;
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Dhimmoota
. dhoorkaman ilaaluu, eeruu kennuu dhabuu, abbaa
dhimmaa waliin waliqunamtii hin malle uumuu,Bilisummaa ykn al-
loogummaa mana murtii ykn abbaa seerummaa eeguu ykn eegsisuu
dhabuu, hojii irraa dedeebi’anii hafuu ykn dhabamuu,wal-qunamtii
ofi ykn mana murtii ykn ogummaa abbaa seerummaa tufachiisu
uumuu, icciitii hojii eeguu dhabuu,hojii duudhaa hojii abbaa
seerummaatiin walitti bu’u hojjachuu, seera ifaan jiru dabsuun ykn
cabsuun hojjachuu,
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Abboota
. dhimmaa walqixa ilaaluu dhabuu, lola kaasuu ykn reebicha
raawwachuu, galii yookiin qabeenya beeksisuu dhabuu, faayidaa hin
malle argachuu, aangoo garmalee yookiin aangoo hin qabnetti
fayyadamuu, ragaa sobaatti fayyadamuu, sochii siyaasaa keessatti
hirmaanaa taasisuu, heera mootummaaf amanamuu ykn kabajuu
dhabuun gochaawwan badii naamusaa cimaa ta’ee tumameera.
Baldhinnaan akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Dhimmoota
. Dhorkaman Ilaaluu
Dhimma akka hin ilaalle seeraan dhorkame fuudhee ilaaluun badii naamusaa cimaa ta’ee
tumameera.
Ab/seeraa dhimmoota dhiyaatuuf hunda akka qajeeltootti (as a principle) ilaalee
murteessuu danda’a.
Haata’u malee haala addaatiin dhimma loogii maleessa (impartial) ta’ee ilaaluu hin
dandeenye ofitti fuudhee ilaaluu dhoorkaadha.
Dhimmoon abbaan seeraa tokko seeraan akka hin ilaalamne dhoorkame maali fa’a?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii M/Murtii /Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Lak.216/2011
kew.37. akka itti aanutti tumeera.

Dhaddacha Irraa Ka’uu


A) Walfalmitootaa ykn abukaatoo waliin firooma dhiigaa ykn gaa’ilaa kan qabu yoo ta’e, ykn
garee walfalmitootaa keessaa haadha manaa yookiin abbaa manaa ykn haadha(abbaa)
manaa inni hiike, ykn guddiftuu, yookiin dhimma bakka bu’aa seeraa ykn dubbii fixaa, ykn
abukaatoo seeraa ta’e irratti falmiin ka’e yoo ta’e;
B) Abbaa Seeraa ykn jaarsa ykn araarsaa ta’ee kan ilaale yoo ta’e, ykn dhimma sana
keessatti haala kamiinuu dantaa dhuunfaa ykn dantaa maatii qabaachuu isaatiin murtii haqa
qabeessa kennuu kan hin dandeenye yoo ta’e;
(c) walfalmitootaa keessaa tokko waliin falmii yoo qabaate ykn lola yoo qabaate;
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

.
(d) Sababoota armaan olitti tarreeffamaniin alatti Ab/Seerichaa murtii haqaa kennuu kan isa
daangessu ykn loogummaan ykn gartummaan ala ta’ee murteessuuf kan isa rakkisu
sababiin biroo yoo jiraate.
Akkaataa labsii kanaatii dhimmoota dhoorkaman ab/seeraa ilaaluu hin qabu.
Abbaan seeraa osoo hin beekne kan ilaalu yoo ta’e akkuma beekeen dhaddacha irraa ka’uu
qaba.
Haata’u malee dhimmoota dhorkaman kana osoo beeku kan ilaalee argame yoo ta’e badii
naamusaa cimaan itti gaafatamummaa kan hordofsiisu ta’a jechuudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Eeruu Kennuu Dhabuu

.
Ab/seeraa gochaa al-namusummaa irraa faggaachuu qofa osoo hin
taane abbootaa seeraa waliin hojjatanis al-naamusummaa irraa
akka fagaatan jajjabeessuu fi deegaruu qabu.
Gochaan badii naamusaa raawwatame arge ykn beekee qaama
dhimmi ilaalatuuf eeruu kennuu qaba.
Badiin naamusaa cimaa raawwatamuu arge ykn beeke kanuma
qaama dhimmi ilaalutti ykn hoggansa mana murtiitti eeru kennuu
dhabuu;
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Eeruu Kennuu Dhabuu

.
Badiin naamusaa raawwatame badii naamusaa salphaa yoo ta’ee
kanuma eeru kennu yoo dhabe badii naamusa salphaa kan itti
gaafatamu ta’a.
Abbaan seeraa ykn muudamaan tokko yaada hammeenyummaan
irraa ka’uudhaan ykn ta’e jedhe maqaa nama biroo xureessuuf
yaadee eeruu kan kenne akkuma haala raawwii isaatti badii
naamusaa salphaan ykn cimaan ni gaafatama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Bilisummaa yookin Al-loogummaa Mana Murtii yookin Abbaa Seeraa Eeguu yookin Eegsisuu Dhabuu.

Bilisummaa fi al-loogummaan duudhaa ab/seerummaa isa duraa fi murteessaadha. Bakka duudhaawwan kun hin
kabajamnetti manni murtii mana murtii ta’ee itti fufuu akkasumas amantaa hawaasaa horachuu hin danda’u.
Koodiin naamusa kunis bilisummaa fi al-loogummaa duudhaa naamusaa 1 ffaa fi 2ffaa taasisee walduraa duubaan
lafa kaayeera.
Dambiin naamusaa abboota seeraa foyya’ee bahe kunis kew.10(5) jalatti bilisummaa ykn al -loogummaa Mana
Murtii ykn Abbaa Seeraa eeguu ykn eegsisuu dhabuu badii naamusaa cimaa haala hordofsiisuun tumeera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


.

Gochaa
. bilisummaa ykn al-logummaa Mana Murtii ykn Ab/Seeraa faallessu
raawwachuu; ykn bilisummaa Mana Murtii kabachiisuu dhabuu ykn bilisummaa
ykn al-logummaan hojjachuu dhabuu; ykn gochaa bilisummaa ykn al-loogummaa
Mana Murtii ykn Abbaa Seeraa tuqu dhaabsisuu osoo danda’u dhaabsisuu
dhabuu, ykn kan hin dandeenye yoo ta’e gabaasa gochuu dhabuu; ykn
bilisummaa ykn al-logummaa Abbaa Seeraa biraa ykn Mana Murtii irratti ofii
gocha dhiibbaa geessisu raawwachuun badii naamusaa cimaa ta’uun danbichaan
ifatti tumameera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


.

. Qabxii Marii

Dhimma pirezidentii Mana murtii aanaa Siree ,itti gaafatamaan waajjira


Bulchiinsa Aanaa Siree hojjattoota
(sivil servantii) raga barnootaa sobaatiin mindeeffamanii mana murtii aanichaa
keessa hojjatan iddoo sadarkaan barnoota isaanii hayyamuufitti akka
ramadamaniif xalayaa barreessanii jiru. Gochaan kun bilisummaa mana
murtichaa sarbeera jettu?

o
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Hojiirraa Deddeebii’anii Hafuu Yookin Dhabamuu


.
Haala seeraan hayyamameen ala hojiirra deddeebi’ee hafuu ykn deddeebi’ee barfachuu ykn
sa’aatii hojii qisaasuu ykn guyyoota sadiif walitti aansee hojiirraa dhabamuun ykn
ida’amaan baatii tokko keessatti guyyoota sadii hin caalleef hojiirraa yoo hafe badii
naamusaa salphaan ni gaafachiisa.
Abbaan Seeraa ykn muudamaan haala seeraan hayyamameen ala kurmaana tokko keessatti
guyyoota sadii fi isaa oliif ykn baatii jaha keessatti guyyoota sadeetii fi isaa oliif, ykn
waggaa keessatti guyyoota digdamaa fi isaa oliif hojiirra yoo hafe ‘hojiirraa deddeebii’ee
akka hafetti’ fudhatamee badii naamusaa cimaan kan gaafatamu ta’a.
.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Badiin
. naamusaa hojii irraa dedeebi’uun hafuun ykn dhabamuun akkaatuma
baayyinna guyyootaa ykn sa’aa hojii irraa dhabamuu ykn hafuutiin badii salphaa
ykn cimaa kan hordofsiisu ta’ee kan bocameedha.
Abbaan seeraa ykn muudamaan tokko guyyoota hedduuf yoo hojii irraa dhabame
ykn sa’aa hojii yeroo hedduuf deddeebi’ee yoo barfateef miidhaan hojii irra ykn
abbaa dhimma irraa gahu akkaatuma baayyinna guyyootaa ykn baayyinna sa’aa
hojii deddeebi’amee hojii irraa dhabameen ykn hafameen kan qaqabu ta’uun ni
beekama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Kanaaf
. haaluma miidhaan hojii irra ykn abbaa dhimmaa irra gahuu
danda’uun baayyinnaan deddeebi’amee hafuu ykn dhabamuutiin itti
gaafatamummaa salphaa ykn cimaa haala hordofsiisuu danda’uun
tumeera. Gaafii marii
Haala seeraan hayyamameen ala yoo jedhu maali jechuudha ?
seeraa kamiidha kan hayyamame jechuu barbaadeet? hayyama,
sababbii gahaa fi kanneen akka ragaa mana yaalaa ni dabalata ?
moo kan birooti kan jedhu irratti mari’adha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Walqunnamtii Ofii Isaa yookin Mana Murtii yookin Ogummaa Abbaa Seerummaa Tuffachiisu Uumuu

.
Abbaan seeraa ykn muudamaan kamiyyuu bakka kamittuu nama kamuu waliin
wal qunnamtii ofii isaanis ta’ee kabaja Mana Murtii ykn ogummaa abbaa
seerummaa tuffachiisuu ykn xiqqessuu uumuu; ykn iddoo hin taanetti
argamuudhaan haala amantaa ummanni Mana Murtii irratti qabu gaaffii keessa
galcheen maqaa fi kabaja Mana Murtii ykn ogummaa abbaa seerumaa
xiqqeessuun badii naamusaa cimaa hordofsiisa.
Gaafii
Walqunnamtii hin taane yoo jedhamu safartuu maaliin adda bahuu qaba? wal
qunamtii akkamiitu kabajaa abbaa seerummaa ykn mana murtii tuquu danda’a?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Gama birootiin wal qunnamtiin abbaan seeraa tokko nama biroo waliin taasisu kabajaa
.
mana murtii ykn abbaa seeraa ni tuffachiisa kan jedhamuu danda’u akkaataa duudhaa,
safuu fi aadaa naannoo tokkotti hordofamuu kanneen biroo irraa gargar ta’uu danda’a.
Akkasuma iddoo hin taanetti argamuu kan jedhus kallatti kanaan ilaalamuu danda’a .
Gaafii Marii .
Abbaan seeraa tokko iddoo hin taanetti argamuu hin qabu yemmuu jedhu iddoo akkamiitu
iddoo hin taane jedhamuu danda’a? FKF Ab/seeraa tokko mana jimaan itti qama’amutti
argamee yoo fayyadame kabajaa ofii isaa fi mana murtii ykn kabajaa hojii abbaa
seerummaa ni tuqa jettanii yaadduu? akkaataa aadaa, safuu fi duudhaa hawaasa naannoo
keessanii waliin kaasaa mari’adhaa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Icciitii Hojii Eeguu Dhabuu


.
Icciitii dhimmaa hojiif harka isaa gale ykn karaa kamiinuu beeke
eeguu dhabuu ykn karaa kamiinuu baasuu; ykn icciitii dhimmoota
murtii dhuma hin argannee ykn murtii ifatti hin ibsamnee dursanii
ibsuu ykn eeguu dhabuu; ykn miidiyaalee hawaasaa irratti
dabalatee haala fi mala wal qunnamtii kamiinuu nama ykn qaama
biraatti odeeffannoo Mana Murtii darbuu hin malle dabarsuun badii
naamusaa kan hordofsiisu ta’uu tumeera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Icciitii Hojii Eeguu Dhabuu


Qabxii Marii
.
Abbaan seeraa icitii falmii abbootii dhimmaa irraa argate ykn
beeke hanga yoomitti eeguuf dirqama? Fkf iccitii daldalaan (trade
secrete) walqabatu sirna daldalaa keessatti fayidaa ol’aanaa ta’e
akka qabu ni beekama. Kanaaf abbaan seeraa iccitii daldalaan
walqabatuu fi bu’aa ol’aanaa qaban kana erga dhimmi falmii
xumura argateen booda faayidaa ofii isaa ykn nama biroof akka
oolu dabarsee yoo kenne itti gaafatamuu qaba?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Seera Ifaan Jiru Dabsuun Yookin Cabsuun Hojjachuu


.
Bu’uurri aangoo abbaa seerummaa ummata waan ta’eef abbaan seeraa aangoo
uummanni itti kennate kaayyoo faayyidaa uumataaf qofa oolchuu dirqama seeraa
fi hamilee ni qabaata.Dirqamni abbaa seeraa irraa eeggamu inni duraa fi
ol’aanaan ol’aantummaa seeraa kabajee kabbachiisuudha.Waldhabbii isa duratti
dhiyaatu kamiyyuu bu’uura seeraa fi seeraa qofaan ilaalee furmaata kennuutu
irraa eeggama. Akkasumas abboota dhimmaa isa duratti dhiyaatan ija
walqixaatiin ilaalee loogii tokko malee keessumeessuu fi murteessuu qaba.Garee
tokko ofitti qabee garee kaan ofi irraa achi qabuu hin qabu.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Seera Ifaan Jiru Dabsuun Yookin Cabsuun Hojjachuu

Haala qabatamaa manneen murtii keenya yemmuu ilaalu seera ifa jiru cabsuun
gochaa badii naamusaa hedduminnaan abbootii seeraatiin raawwatamaniidha.
Badiin gosa kanaa hedduminaan murtii ykn ajaja kennuu waliin kan waliqabatu
yemmuu ta’u fkf keewwata seeraa adabbii maallaqaa hin qabne jalatti
maallaqaan adabuu, ulaagaan seera yakkaatiin tumame osoo hin jiraanne ykn
hin guutamne adabbii daangessuu, sababa gahaa malee qajeelfama adabbiitiin
ala bahuun adabbii ol-kaasuu fi gad-buusuu, keewwata abbaan alangaa itti
himannaa dhiheesse sababa gahaa malee jijjiiruun gad-buusanii adabuu, ragaa
garee lamaanii wal qixa madaaluu dhabuu, kkf dha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Seera Ifaan Jiru Dabsuun Yookin Cabsuun Hojjachuu


Dambichi
. haala itti aanu Kanaan tumeera.
Walfalmitoota keessa garee tokko miidhuuf ykn fayyaduuf ykn faayidaa hin
malle argachuuf yookin nama biraaf argamsiisuuf yaaduun seera ifaan jiru
dabsuun ykn cabsuun ajaja kennuu ykn murtii dabarsuu; Ta’e jedhee ykn maal
dhibdeedhaan haala galmee irraa hubatamuun miidhaa qaqqabsiisuuf ykn
faayidaa argamsiisuudhaaf ykn dhugaa dhoksuun haqa jallisuudhaaf jecha ijoo
falmii ykn ragaa dabsanii galmeessuu ykn guutummaan galmeessuu dhabuu ykn
keessaa balleessuu ykn ragaa ykn dubbii dhimmaa biroo murteessoo ta’an
galmee ykn ajaja ykn murtii keessatti qixaan galmeessuu dhabuun badii
naamusaa cimaa hordofsiisa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Seera Ifaan Jiru Dabsuun Yookin Cabsuun Hojjachuu


.

Abbaan seeraa wal falmitoota isa duratti dhiyaatan tokko fayyadee kaan miidhuu
hin qabu.Mirga walfalmitoonni seeraan qaban kabajuu fi kabachiisee argamuu
qaba.Garee wal falman keessaa tokko fayyaduuf ykn miidhuuf ykn nama biro
fayyaduuf jecha hiikoo seeraa sirrii hin taane kennuun ykn jallisee hiikuun ykn
cabsuun hojii abbaa seerummaa hojjachuu hin qabu.
Dabalataanis abbaan seeraa gochaa faallaa duudhaa fayyaalummaa fi amataa
hawaasaa hojii abbaa seerummaa fi mana murtii dhabsiisan irraa of qoqqobee
hojii isaa amanamummaa guutuun raawwachuu qaba.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Seera Ifaan Jiru Dabsuun Yookin Cabsuun Hojjachuu

Fkf, gochaawwan akka dhugaa dhoksuu, ijoo dubbii fi jecha


ragootaa faallessuun galmeessuu, raga barreeffamaa galmee
keessaa balleessuu fi kkf raawwachuu hin qabu.
Walumaa galaatti abbaan seeraa seeraa fi hamilee isaatiif
amanamuun dhugaaf kan dhaabatuu fi hojjatu ta’uun kan irraa
eeggamu ta’uu qaba.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

.
. Gaafii Marii
Seera ifaan jiru cabsuun ykn dabsuun hojjachuun DNASMGN Oromiyaa
lakk.2/2001 jalatti itti gaafatamummaa naamusaa kan hordofsiisu ta’e jedhamee
yemmuu raawwatame qofa akka ta’e kew.43 irraa hubachuun ni danda’ama.
Haata’u malee Dambiin Naamusa abbaa seerummaa lakk.02/2011 kew 10(B)
jalatti maalnadhibeen abbaan seeraa,seera ifa jiru yemmuu cabse akka itti
gaafatamummaa hordofsiisutti tumameera.
Maal na dhibdeen seera cabsuun itti gaafatamummaa dhufuun wal qabatee
ijjannoo keessan maali ?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Xiinxala Dhimmootaa

.
Galmee G/ Gumii lakk.00723 irratti murtii argate, Ab/ seeraa Go/Walaga Lixaatti (Gimbii)
galmee siiviilii lakk.25586 ta’e irratti falmii qarshii 189,780.28 ) aangoo mana murtii
aanaatii oli ta’e fuudhee murteessee D/N/A/S/M/G/N/Oromiyaa lakk.2/2001 kew.43 jalatti
balleessaa jedhamee adabameera.
Gaafii Marii
Abbaan seeraa Aanaa kun dhimma hundee dubbii aangoo mana murtii ol’aanaa ta’e kana
ilaalee murteessuun isaa dhimma ol’iyyataan ilaalamuu? moo badii naamusaa seeraa ifa
jiru cabsuudha jettu? irratti mari’adhaa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Faayidaa Hin Malle Argachuu

Abbaan
.
seeraa aangoo abbaa seerummaa isaatti fayyadamee
yookiin tajajila abbaa seerummaa kennu yookiin kennuuf deemu
waliin walqabatee faayyidaa bifa kamiyyuu gaafachuus ta’ee
fudhachuun dhoorkaadha.
Faayidaan hojjachuun bifoota gara garaatiin kan calaqisu yemmuu
ta’u isaan keessaa muraasin; seera jiru cabsuun ykn hiikoo seeraa
fakkeessuun garee tokko fayyaduuf ykn miidhuuf kan raawwatamu
ta’a.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Faayidaa Hin Malle Argachuu


.
Seera cabsuu ykn hiikoo seeraa fakkeessuun seera rogummaa hin
qabne caqasuun, sababa gahaa malee keewwata jijjiiruun murtii
kennuu, adabbii daangessuu,yeroo beellamaa fi mirga wabii
seeraan ala dhoowwachuu ykn eeguun, adabbii filannoon hin
teenyeen adabuu (hidhaa ykn mallaqa),fi qajeelfama adabbiitiin ala
bahuun adabbii murteessuudhaan, sammuu bilisaatiin ragaa bitaa
mirgaa madaaluu dhabuu, jecha ragoolee keessaa garaagarummaa
bu’uura hin taane funaanuun bilisa baasuu ykn adabuu dabalata.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Faayidaa Hin Malle Argachuu


.
Abbaa dhimmaa sababbii gahaa malee deddeebsuun furmaata yeroo gabaabaa
keessatti kennuu osoo qabu dhimmi akka lafa irra harkifatu taasisuu , murtii
lafa irra akka harkifatu taasisuu, beellama dheeressuu fi kkf ni dabalata.
Haaluma Kanaan dhimma naamusaa 3ffaa armaan gaditti dhiyaate keessatti
abbaan seeraa dhimmi akka lafa irra harkifatu taasisuun abbaa dhimmaa
sababbii galmee qorachuutiin deddeebsaa erga tureen booda matta’a kan
gaafatan ta’uu hubachuun ni danda’ama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Faayidaa Hin Malle Argachuu


.

Dambiin kunis akka itti aanutti tumeera.


Hojii abbaa seerummaa hojjatuun walqabsiisee matta’aa fudhachuu ykn fudhachuuf
yaaluu ykn Abbaan Seeraa biroon akka matta’aa fudhatu jajjabeessuu ykn dhiibbaa
taasisuu; ykn faayidaa kamiiyyuu argachuu ykn argachuuf yaaluu ykn nama biraaf
argamsiisuu ykn argamsiisuuf yaaluu; ykn qabeenya mootummaatti seeraan ala
tajaajilamuu ykn tajaajila nama biroof oolchuu; ykn durgoo ykn kanfaltii seeraan
ala fudhachuu ykn namni biraan akka fudhatu taasisuu.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


.

Qabxii marii
Abbaan seeraa ykn muudamaan tokko hojii abbaa seerummaa hojjatuun walqabatee
faayyidaa kamiyyuu fudhachuu ykn fudhachuuf yaaluu ykn abbaan seeraa biro akka
fudhatu jajjabeesuun ykn dhiibbaa taasisuun dhoorkaadha . Daangaan hojii abbaa
seerummaa eessaa hanga eessaatti ? Hojii deeggarsaa fi Bulchiinsaa ni dabalata?
Abbaan seeraa tokko dhimma hojii abbaa seerummaa abbaan seeraa biro ilaalu irratti
faayyidaa yoo fudhate tumaan kun haguugeera jettu? Tumaa danbii kana DNASMGN
Oromiyaa lakk.2/2001 kew 49 waliin wal-biratti yemmuu ilalaalamu garagarummaa ni qaba
jettuu? Irratti mari’adhaa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Qabxii marii 2ffaa

 Qabeenya mootummaatti seeraan ala fayyadamuu fi durgoo seeraan ala


fudhachuu kan jedhu haala waligaalaatiin kan tumame yemmuu ta’u hiikoof
saaxilamuu danda’a. Abbaan seeraa tokko akkaataa seera faayyinaansiitiin
alatti kan guyyaa tokko dabarsee durgoo oolmaa yoo fudhatee argame
durgoo seeraan alaa fudhateera jechuu dandeenyaa?
 Konkolaataa mana murtii dhimma dhuunfaaf fayyadamuu hoo akkamitti
ilaalama?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

.
Xiinxala Dhimma:1ffaa
Waajjirri Naamusaa fi Inspeekshinii MMWO lakk. Galme.01127 irratti Abukatoon ittisaa
Mana Murtii Godina Arsii Lixaa tokko yeroo abukaatoo ta’anii hojjatanitti galmee yakkaa
lakk.32341 irratti yakkaan himatamtoota Tolaa Illikuu ragaa abbaa alangaa irraa jigseen
bilisaa baasisa jechuun gaafa guyyaa 28/09/2010 Qr.kuma said(3000) gaafatee qarshii
dhibba shan 500 ob/ Iliku Mollaa fi obboleessa isaa ob/ Caalaa Illikuu irraa waajjiruma
isaanii keessaatti fudhatanii jiru jechuun himatamanii ragaa waajjira Naamusaa fi
Inspeekshiniitiin itti mirkaanaa’ee jira. Himatamaanis of-irraa ittisuu waan hin
dandeenyeef Gareen Gumii Naannoo lakk. Galmee 00711 irratti akkaataa DNASMGN
Oromiyaa lakk.2/2001 kew.49 jalatti balleessaa qabda jechuun hojii irraa akka
gaggeeffaman murteessanii jiru..
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Xiinxala Dhimma 2ffaa

.
Waajjirri Naamusaa fi Inspeekshinii MMWO pirezidantii Mana Murtii ol’aanaa Go/ Harargee
Lixaa ta’anii yeroo hojjatanitti durgoo seeraan ala fudhate jechuun himateera.
1ffaa bara 2009 guyyoota 238 Qr.121,200. fudhatanii osoo jiran guyyootuma kana keessaatti
durgoo guyyaa jahaa Qr.3000 fudhachuu, osoo dirree hin bahin durgoo guyyoota 92 Qr.46,720
kan fudhatan ta’uu,
2ffaa bara bajataa 2010 durgoo guyyoota 208 Qr.110,375 fudhatan keessaa guyyoota
walfakkaata keessaatti durgoo oolmaa si’a lama durgoo guyyoota jahaa Qr.3,000 fudhachuu,
durgoo guyyoota 79 Qr.39,300 osoo dirree hin bahin fudhatanii jiru.
Walumagalatti guyyoota walifakkaataa fi osoo dirree hin bahin Qr.92,020 seeraan ala waan
fudhatanii argamaniif jedhamanii himatamanii jiru.
.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Xiinxala….

.
Dabalataanis akka himannaa 2ffaatti komatamaan kun Adooleessa 15,2008 hanga
15,2009 tti guyyoota 45 tiif dirreeran jira jedhee durgoon kaffalameefii osoo jiru
hojii yeroo gannaa galmee 4 qofa hojjachuudhaan daangaa yeroo walfakkaata
tokko keessatti kanfalittii si‘a lamaas waligalatti Qr.14560 fudhatanii waan
argamaniif jechuun himatamanii jiru.
Komatamaanis dogongorroonni uummaman yoo jiraate hojii bulchiinsaa
keessatti raawwatame waan ta’eef badii yoo ta’e naamusaan osoo hin taane
bulchiinsaan ilaalamuu qabuudha jechuun falmanii jiru.
Gareen Gumii Naannoos ragaa oditara ilaalee hojii irraa gaggeesseera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Xiinxala
. Dhimma 4 ffaa
Himannaa Waajjira Naamusaa fi Inspeekshinii Naannoo fi oofisara seeraa Godina Walaggaa
Lixaa mana murtii aanaa Gullisoo gidduutti galmee garee Gumii 00722 irratti
gaggeeffaamaa tureera.
Himannaan himataa ofisarri seeraa kun yeroo hojii ofisarummaatiin hojjatanittin galmee
yakkaa lakk.09664 ta’e irratti himataan abbaa alangaa fi himatamtoota Iyyaasuu Olumaa
fa’a na.2 gidduutti gaggeeffamu dhaddachi araaraan akka xumuramu ajajaniiru. Ofisarri
kunis Iyyaasuu Olumaatiif bilbilee “abbaan alangaa dhimma keessaan qabate qarshii
1000(kuma tokko) yoo kennameef malee galmee hin cufu waan ta’eef anis qarshii kana ni
kennaafii ati immoo qarshii wabummaaf qabsiiftan keessaa naaf kennita” jechuun gaafateera
jechuun galmee WNI Lakk.01139 irratti DNASMGN Oromiyaa ktw.51 jalatti
amalajumaadhan himateera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

.
Gareen Gumii waligalaas ragaa Waajjira Naamusaa fi Inspeekshinii erga dhagaheen booda
ofisarri seeraa kun amalajummaadhan balleessaa qaba jechuun hojii oofisarummaa irraa
akka gaggeeffamu jechuun murtii kenneera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

. Gaafii Marii

Gochaan oofisarri kun raawwate badii naamusaa amalajummaadha jettuu?


Amaalajummaa jechuuf ulaagaan guutamuu qabu maalidha jettu?
Abbaan seeraa ykn Muudamaan tokko Dhimmaa mana murtiitti ilaalamaa jiruun
walqabatee faayidaa yoo gaafate ykn fudhate maaliin gaafatamuu qaba jettu?
Abbaan seeraa ykn muudamaan Gumii tokko gochaa dalaalummaa yemmuu raawwate
maali jalatti himatamuu qaba?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Aangoon Garmalee Yookin Aangoo Hin Qabnetti Fayyadamuu


.
Gochaa badii naamusaa aangoo abbaa seerummaatti gar malee fayyadamuu
(abuse of power) ykn aangoo hin qabneeni fayyadamuun manneen murtii
Naannoo Oromiyaa keessatti badiiwwan sadarkaa ol’aanaadhaan raawwatamaa
keessaa tokkodha.
Gochaan kun heddumminaan abbootii seeraatiin kan raawwatamu yemmuu ta’u
sababii ykn haalawwan addaa addaatiin kan raawwataman yoo ta’u isaannis;
haaloof, faayyidaa dhuunfaa fi miira ofii to’achuu dhabuu irraa kan ka’e aangoo
abbaa seerummaa kennameefitti gar-malee seeraan ala abbootii dhimmaa ykn
qaama waliin hojii irratti bobba’an irratti miidhaa geessisuu dabalata.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Aangoon Garmalee Yookin Aangoo Hin Qabnetti Fayyadamuu


.
Dabalataan gochaawwan dhaddacha jeequu osoo hin raawwatamne akka waan
dhaddachi jeeqamee fakkeessuun ykn osoo hojii dhaddacha raawwachaa hin
jirretti akka waan hojii dhaddachaa gufachiisanitti galmeessuun adabbii kennuu fi
gochaawwan xixiqaa raawwatame gorsaan bira darbuun osoo danda’amu adabuun
ni muldhata.
Gama kaaniin gochaan dhaddacha jeequu yemmuu raawwatame akkaataa
qajeelfama dhaddachaatiin tarkaanfii waliduraa duuban taa’e fudhachuun osoo
danda’amu garee tokko gamachisanii garee kaan miidhuuf adabuun hedduminnaan
galmee himannaa naamusaa keessaa ni muldhata
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Fakkenyaaf,
. dhimma dhaddacha waliin qunamitti hinqabneen (loola
ykn waldhaba dhunfaa) ykn sababa xinnaa goorsaan ykn of-
eggannoon biradarbuun dandayamu ykn karaa bulchaansa ykn
hooggansaatiin furmaata argachuu qabu dhiisuun hojjattoota mana
murtii ,abboota hirtaa (poolisii, abbaa alangaa, oggeessota kanneen
akka mahandisaa, lafa baadiyyaa) sababbii ajaja mana murtii
fudhachuu dhabuu, dhaddacha jeequu, seeraaf deegarsa taasisuu
dhabuu, maqaa abbootii seeraa gurracheesiteera jechuun hidhuutu
bal’innaan mul'ata.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Danbiin
. naamusaa kunis badii naamusaa aangoon garmalee ykn
aangoo hin qabnetti fayyadamuu akka itti aanutti tumeera.
Aangoon seeraan kennameefitti garmalee fayyadamuun dantaa hin
malle argachuu ykn nama biroof argamsiisuu ykn nama biraa irraan
miidhaa geessisuu; ykn aangoo hin qabnetti fayyadamuun dantaa
hin malle argachuuf ofiif ykn nama biroof argamsiisuuf yaaduun
miidhaa qaqqabsiisuu badii naamusaa cimaa itti gaafatamummaa
kan hordofsiisu taasisee tumeera.
.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Abboon
. seeraa garee tokko fayyaduuf ykn miidhuuf ta’e jedhamee
yeroo aangoo abbaa seerummaatti gar malee fayyadaman ykn
aangoo seeraan hin kennamneeffitti fayyadamuun yoo raawwatan ni
muldhata.
Tumaan danbii kanaas abbaan seeraa gochaa badii kana
raawwachuu irraa akka of qusatuuf dursee beeksisuuf yoo
ta’u ,dirqama kana irra darbee kan badii kana raawwatu yoo ta’e itti
gaafatamummaa cimaa kan hordofsiisu ta’uu tumeera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Xiinxala Dhimmaa 1ffaa


.

Abbaan seeraa mana murtii Aanaa Martii tokko ergamaa mana murtii isaa kan ta’e
ob/Muhaajir Dadalaa kan jedhamu sababbii bubbeen cimaan (hobonboleettii) balbala
dhaddachaa waan cufeef kutaa dhaddacha itti gaggeessaa turanitti waamuun tilmaaman
daqiiqaa soddomaaf dhaddacha irra dhaabaa erga turaniin booda hojii mana murtii
guffachiisanii jiru jechuun galmee lakk.11493 ta’e irratti gaafa guyyaa 30/08/2004 hidhaa
baatii lamaa ykn qaarshii kuma tokko (1000) adabanii jiru.
Ergamaan kunis waan hidhameef hojjattoonni mana murtii saniis qarhii kana walitti
qabaniifii hidhaa baasisuuf yoo jedhan abbaan seeraa kun galmeedhuma kana jalatti
adabbii kana gar adabbii hidhaa qofatti jijjiiruu akka raawwatamu ajajanii jiru.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Xiinxala Dhimmaa 1ffaa


.

Garee Inspeekshinii Godinichaas dhimmicha qulquleessuun abbaan seeraa kun aangoo


isaatti gar-malee fayyadamuun ergamaa kana miidhaa irraan gaheera jechuun Garee
Inspeekshinii Naannoof dabarseera. Gareen Inspeekshinii naannoos DNASMGN Oromiyaa
labsii lakk.2/2001 kew 50 jalatti himateera.Gareen Gumii Naannoos falmii bitaa mirgaa
gaggeessaa turee waligahii gaafa guyyaa 16/03/2006 ooleen galmee lakk.199/04 ta’e irratti
abbaan seeraa kun badii naamusaa cimaa DNASMGN Oromiyaa lakk.2/2001 kew.50 jalatti
balleessaa qaba jechuun mindaa ji’a lamaa akka adabaman murteesseera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Xiinxala Dhimmaa 2ffaa:


Abbaan seeraa mana murtii aanaa Heexosaa tokko lakk.galmee 23967 ta’e irratti
himattuu addee Wubee Gurmuu Himatamaan ob/ Asaffaa Lammaa qabiyyee lafa
baadiyyaa
. koo seeran ala na jalaa qabate akka gad- naaf dhiisu jechuun
dhiyeeffatte adeemsa falmii irra osoo jiru alaabaan (oomishini) qabiyyee kana
irratti himatamaan oomishe akka dhoorkamu taasifameera. Galmee kana irratti
falmiin bitaa mirgaa erga xumurameen booda himatamaan qabiyyee kana seeraan
ala qabate waan ta’eef himattuuf akka gad-lakkisu jechuun gaafa 27/3/2009 murtii
kennee dhorkaa kaaseera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Xiinxala Dhimmaa 2ffaa:


Galmeen kun murtiin cufamee osoo jiru gaafa guyyaa 03/05/2009 murtii abbaa
mirgaa kan taate aaddee Wubee Gurmuu midhaan yKn alaabaan qabiyyee naaf
murtaa’e irraa oomishamee harka Bulchiinsa gandaa irratti dhoorkame akka
.
gad naaf lakkifamu jechuun iyyatteera. Abbaan seeraa kunis kanuma
galmeessuun midhaan dhoorkame murtii abbaa mirgaatiif akka kennamuuf
jechuun ajajuun murtii abbaa mirgaa kan ta’an addee Wubee Gurmuu
midhaanicha fudhateera.
a koo seeran ala na jalaa qabate akka gad- naaf dhiisu jechuun dhiyeeffatte adeemsa falmii irra osoo jiru alabaan (oomishin) qabiyyee kana irratti himatamaan oomishe akka dhoorka
mirgaa kan taate aaddee Wubee Gurmuu midhaan yookiin alaabaan qabiyyee naaf murtaa’e irraa oomishamee harkaMana Murtii
Bulchiinsa Waliigalaa
gandaa Oromiyaa
irratti dhoorkame akka gad naaf lakkifamu jec
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Himatamaan ob/Asaffaa Lammaa abbaan seera kun dhimmma gaafiin abbaa


.
seerummaa irrattti hin dhiyaannee fi wal-hin falminne irraatti ajaja kennuun
miidhaa narraan waan gaheef akka naamusaan naaf gaafatamu jechuun garee
Inspeekshinii Godinatti iyyateera. Gareen inspeekshiniis dhimmicha
qulquleessuun badiin naamusaa cimaan raawwatameera jechuun Garee
Inspeeshinii Naannoof dabarsee jira .Gareen Inspeekshiniis abbaan seeraa kun
aangoo abbaa seerummaatti fayyadamee jira jechuun Garee Gumii Naannoo
irratti himateera.
.
Xiinxala Dhimmaa lammaffaa:
Abbaan seeraa mana murtii aanaa Heexosaa tokko lakk.galmee 23967 ta’e irratti himattuu addee Wubee Gurmuu Mana Murtii ob/
Himatamaan Waliigalaa Oromiyaa
Asaffaa Lammaa qabiyyee lafa baadiyyaa
koo seeran ala na jalaa qabate akka gad- naaf dhiisu jechuun dhiyeeffatte adeemsa falmii irra osoo jiru alabaan (oomishin) qabiyyee kana irratti himatamaan oomishe akka
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
dhoorkamu taasifameera. Galmee kana irratti falmiin bitaa mirgaa erga xumurameen booda himatamaan qabiyyee kana seeraan ala qabate waan ta’eef himattuuf akka gad-
lakkisu jechuun gaafa guyyaa 27/03/2009 murtiin kennamee dhoorkaanis ka’eera. Haaluma kanaan galmeen kun murtiin cufamee osoo jiru gaafa guyyaa 03/05/2009 murtii

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


abbaa mirgaa kan taate aaddee Wubee Gurmuu midhaan yookiin alaabaan qabiyyee naaf murtaa’e irraa oomishamee harka Bulchiinsa gandaa irratti dhoorkame akka gad naaf
lakkifamu jechuun iyyatteera.Abbaan seeraa kunis kanuma galmeessuun midhaan dhoorkame murtii abbaa mirgaatiif akka kennamuuf jechuun ajajuun murtii abbaa mirgaa kan
ta’an addee Wubee Gurmuu midhaanicha fudhateera

Gareen
.
Gumii Naannoo galmee gumii lakk.00588 irratti waligahii gaafa guyyaa
06/09/2010 ooleen abbaan seera kun itti yaadee osoo hin tane dogongoraan badii
raawwateedha jechuun bilisaan gaggeessera.
Gaafii marii
Murtiin Garee Gumii Naannoo(ammaa Waligalaa) kenname kun sirriidha jettu?
Abbaan seeraa kun himatamuun sirriidha yoo jedhame aangoo garmalee
fayyadamuudha ? moo seera dabsuun himatamuu qaba jettu?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Xiinxala Dhimmaa 3ffaa


.
Himannaa Waajjira Naamusaa fi Inspeekshinii Naannoo fi Abbaa seeraa Godina Harargee Lixaa mana murtii
aanaa Odaa Bultum gidduutti galmee garee Gumii 00673 irratti gaggeeffaamaa ture murtii argate akka itti
aanutti dhiyaateera.
komatamaan yeroo abbaa seeraa mana murtii aanaa Odaa Bultum ta’anii hojjatanitti sababbii kana dura
Immabeet Yifruu Adeemsa Hojiin Inspeekshinii Godinaa irraatti komatteef haaloo qabachuun badii tokko
malee gaafa guyyaa 19/06/2010 mooraa mana murtii keessaa yaamuu seentu dhaddacha jeeqxeera
jechuun hidhaa salphaa ji’a lamaa waan adabaniif galmee Inspeekshinii Lakk. 01084 irratti DNASMGN
Oromiyaa lakk.2/2001 kew.50 jalatti himateera.
Bakka deebii kennaan hin jirretti Gareen Gumii Waligalaa ragaa inspeekshinii erga dhagaheen booda
galmee qoratee ragaan waan itti mirkanaa’eef murtii balleessummaa kenneera. Yaada adabbii himataas
dhagahee abbaa seeraa kana mindaa ji’a lamaatiin adabeera
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Xiinxala dhimmaa 4ffaa

Abbaan
. seeraa Mana Murtii aanaa Martii kan ta’an pirezidaantiin mana murtii aanichaa
osoon dhaaddacha irraatti galmee hojjadhu fi ragaan tokko hin jirretti dhaddachatti natti oli
seenee na arabse jechuun Qr.500 adabeera. Abbaan seeraa kunis aangoon gar malee
fayyadameera jechuun himannaa irratti dhiyaatee,Gareen gumiis pirezidaantiin kun
dhaddacha jeequu dirqama ragaan mirkaneessuu gara abbaa seeraa adabbii kenneet
dabarsuun abbaan seeraa kun dhaddacha irratti arabsuu mirkaneessuu waan dhabeef
jechuun mindaa ji’a lamaa adabameera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Xiinxala dhimmaa 4ffaa

.
Gaafiiwwan itti aanu irratti mari’adhaa.
Dirqamni ragaan mirkaneessuu kan abbaa seeraa himatameetti dabarsuun sirriidha jettuu?
Abbaan seeraa yoo dhaddacha jeeqee yoo argame abbaan seeraa dhaddacha gaggeessu
tarkaanfii dhaddacha kabachiisuu fudhachuu danda’a?
seerii yakkaa kew449 nama kamiyyuu dhaddacha yoo jeeqee adabamuu akka danda’u
ibsa .Qajeelfamni dhaddachaa immoo abbaan seeraa dhaddacha yemmuu ugge naamusaan
gaafatama jedha. Haala kamiin walitti araarsuun danda’ama jettu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Sochii Siyaasaa Keessatti Hirmaanna Taasisuu


.
Abbaan seeraa hojii abbaa seerummaa galmaan gahuu kan danda’u dhiibbaa
kamiyyuu irraa bilisa ta’ee hojii abbaa seerummaa bilisummaa guutuun yoo
raawwateedha.
Abbaan seeraa sochii siyaasaa kamiyyuu irraa of-qoqqoobuu akka qabu koodiin
naamusaa abbaa serummaa Oromiyaa akka duudhaa naamusaa sadaffaatti lafa
kaayeera. Abbaan seeraa sochii siyaasaa keessatti hirmaannaa qabu dhiibbaa
gama Kanaan dhufu dandamatee ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu hin danda’u.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa

Sochii siyaasa keessatti hirmaachuu


.
Danbiin naamusaa kunis abbaan seeraa sochii siyaasaa keessatti hirmaatee
yoo argame badii naamusaa cimaan itti gaafatamuu akka qabu akka armaan
gadiitti tumeera.
Abbaan Seeraa bara hojii abbaa seerummaatiin hojjatutti ‘sochiin siyaasaa’
keessatti hirmaannaa taasisuun badii naamusaatiin kan gaafachiisu ta’a.
‘Sochii siyaasaa’ jechuun gochaawwan kanneen akka miseensa dhaaba
siyaasaa ta’uu yKn dhaaba siyaasaa bakka bu’uun hojjachuu, yKn filannoof
dhiyaachuu, ifatti dhaaba siyaasaa tokko deeggaruu

o
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Badii Naamusaa Cimaa


Sochii siyaasaa keessatti hirmaachuu

.
ykn mormanii haasaa taasisuu ykn miidiyaa hawaasaa irratti dabalatee
barreessuu ykn odeeffannoo tatamsaasuu, rogeessa dhimmaa siyaasaa
ta’uun hojjachuu, nama kaadhimamaa filannoof dorgomu tokko ifatti
deeggaruu ykn mormuu, dhaaba siyaasaaf ykn hojii siyaasaaf jecha nama
miseensaa dhaabaa siyaasaa ta’eef, deeggarsa maallaqaa godhuu ykn buusii
ykn deeggarsa walitti qabuu, kora, yaa’ii ykn waltajjii dhaabni siyaasaa
yaame irratti argamuu, ykn hiriira dhimma siyaasaa irratti hirmaannaa
taasisuu fi akka haala isaatti kan biroo illee kan dabalatu ta’uu ifatti ni tuma
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

ADABBII NAMUSAA

Kaayyoo Adabbii
.

 Naamusaa fi amala fakkeenyummaa qabu gonfachiisuu


 Adabamaan badii raawwatetti akka gaabbee ofsireessu taasisuuf
 Kuunis akka irraa baratuuf
 Hojii abbaa seerummaa bakka dhugaa fi haqni itti mirkanaa’u
taasisuu
 Manneen murtii fi abbootiin seeraa amantaa uummataa akka
horatan gumaachuudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Gosoota Adabbii Naamusaa

Gosoota Adabbii Naamusaa


.
Akkaatuma gosa badii naamusaa raawwatamee, miidhaa dhaqabe fi haalawwan badiin
naamusaa ittin raawwatame bu’ureeffachuun adabbiin naamusaa iddoo jahatti qoodama.
 Badii naamusaa xixiqqaa
1. gorsaa afaanii barreeffamaan kennamu
 Adabbii badii naamusaa sasalphaa
2. Akkeekkachiisa barreeffamaa
 Adabbii badii ciccimaa
3. adabbii mindaa guyyaa kudha shanii hanga ji’a tokkoo,
4. adabbii mindaa ji’a tokko gadi hin taane ykn ji’a lama hin caalle,
5. mindaa fi sadarkaa irraa gadi buusuu
6. hojii irraa gaggeessuu akka ta’e ni hubatama (kew.13(1-6).
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Adabbii badii Naamusaa xixiqqaa

 Badiin Naamusaa xiqqaan yeroo jalqabaaf yoo raawwatame


Gorsa afaanii barruudhaan kennamu
Gaggeessaa dhiyoon kennamee galmee dhuunfaan walqabata
Dhimma bulchiinsaatiin alatti guddinnaa fi haala biro nama adabamee irratti dhiibbaa hin
qabaatu.
 Yeroo 2ffaaf yeroo baatii jahaa keessatti deebi’ee yoo raawwatame
Badii salphaatti kan jijjiiramu ta’ee adeemsa idileetiin ilaalama
 Badiin xiqqaan lamaa fi lamaa oli al-tokkotti ykn yeroo adda addaa keessatti yoo
raawwatame akka badii naamusaa salphaatti ilaalama.
Gaggeessaa dhiyoo jechuun gaggeessaa dhimmaa ykn gaggeessaa garee ykn dursaa garee
ta’ee akkuma haala isaatti abbaa adeemsaa ykn Daayireektara ykn itti gaafatamaa kan
dabalatu ta’a.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Adabbii Badii Naamusaa Salphaa


Badiin naamusaa salphaan yeroo jalqabaaf yoo raawwatame
Badiin Naamusaa Salphaa
 Yeroo jalqabaaf yoo raawwatame
Akkeekkachiisa barreeffamaa
 Yeroo 2ffaaf yoo raawwatame
Akka badii naamusaa cimaa jalqabaaf raawwatametti ilaalamee badii cimaan
adabsiisa
 Badiin naamusaa salphaan lamaa fi lamaa oli ta’e yeroo tokkotti ykn yeroo adda
addaatti yoo raawwatame badii cimaa ta’a.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Adabbii Badii Naamusaa Cimaa


.
 Badiin Naamusaa cimaan Yeroo duraatiif yoo raawwatame adabbii mindaa bultii 15-30,
 Badiin Naamusaa salphaa fi cimaan tokko al tokkotti ykn yeroo adda addaatti yoo raawwatame
adabbii mindaa baatii tokko hanga baatii lamaa.
 Badiin Naamusaa cimaan yeroo 2ffaaf yoo raawwatame mindaa fi sadarkaa tokko gad buusisa
 Badiin naamusaa cimaan lama yeroo tokkotti ykn yeroo adda addaa keessatti yoo raawwatame
mindaa fi sadarkaa irraa gadi buusisa.
 Badiin naamusaa cimaan yeroo 3ffaaf yoo raawwatame hojii irraa gaggeessisa.
 Badiin naamusaa cimaan sadi yeroo tokkotti ykn yeroo adda addaatti yoo raawwatame hojii irraa
gaggeessisa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Adabbii Badii Naamusaa cimaa

 Badii naamusaa salphaan adabamee yeroo 2ffaaf badii naamusaa cimaa yoo

raawwate ykn Badii naamusaa cimaan adabamee yeroo 2ffaaf badii naamusaa

salphaa yoo raawwate adabbii mindaa baatii tokkoo gadi hin taanen ykn baatii lama

hin caallen kan adabamu ta’a. Haala Kanaan erga adabame booda yeroo 3ffaaf badii

naamusaa salphaa ykn cimaa yoo raawwate mindaa fi sadarkaa irraa gadi bu’uun

kan adabamu ta’a. Yeroo 4ffaaf badii kamuu yoo raawwate hojiirra ni gaggeeffama
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Adabbii Badii Naamusaa cimaa

 Badiin naamusaa kamuu yeroo jalqabaaf kan raawwatame ta’ee


badichi ykn haalli itti raawwatame fokkisaa fi jibbisiisaa yoo
ta’e hojiirraa kan gaggeessisu ta’a.
 Badiin ykn haalli itti raawwatame fokkisaa fi jibbisiisaadha kan
jedhamu sammuu nama dhamaqabeessa ta’ee fi haala aadaa,
safuu fi amantii uummata naannootiin gochaa qaanessaa ta’ee
fi amantaa uummanni Mana Murtii irratti qabaachuu qabu
haalaan kan miidhe yoo ta’ee dha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Sadarkaa Irraa Bu’uu

Sadarkaa fi Mindaa Irraa Bu’uu” jechuun guddina sadarkaa olee Abbaan Seeraa
ykn muudamaan yeroo yeroon Mana Murtii keessa hojjetu keessatti dorgomee
argatuu fi mindaa sadarkichaaf taa’e irraa bu’uu jechuudha.
muudamaan sadarkaa jalqabaa irra jiru mindaa sadarkaa guddina olee isa fuuldura
jiru irraa shallagamee kan irraa citu jechuudha.
Bakka sadarkaan irraa bu’amu hin jiretti guddina sadarkaa olee muudamaa birootiif
taa’e gidduu garaagarummaa mindaa jiru shallagun kan irra citudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት

Sadarkaa Irraa Bu’uu

Sadarkaa fi mindaa irraa bu’uun pirezidaantummaa ykn Gaggeessummaa Adeemsa


Hojii ykn Gaggeessummaa Garee ykn Itti gaafatamummaa Waajjiraa ykn
Daarikterummaa ykn Qindeessummaa irraa kaafamuu ykn bu’uu hin dabalatu.
Abbaan Seeraa ykn muudamaan badii naamusaa raawwatee adabame amma
moggaafamutti guddina sadarkaa olee ykn guddina gaggeessummaa ykn
muudama kamiiyyuu irratti dorgomuu hin danda’u.
Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaatti
Mana Murtii Aanaa Shanan Dhuuggoo

Xumurameera
Horaa Bulaa

You might also like