Professional Documents
Culture Documents
Leenjii Naamusaa
Leenjii Naamusaa
Qabiyyee leenjichaa
Kutaa tokko: Maalummaa naamusaa
Maalummaa naamusa ogummaa abbaa seerummaa
Barbaachisummaa Naamusa Ogummaa
Kutaa Lama: Koodii Naamusaa Ab/seerummaa Oromiyaa 01/2011
Barbaachisummaa koodii naamusa Ab/seerummaa
Kutaa sadi: Dambii Naamusa Ab/Seerummaa 2/2011
Kaayyoo fi barbachisummaa dambii naamusaa
Daangaa raawwatiinsaa
Gosoota badii
Adabbii fi kaayyoo adabbii
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Kutaa tokko
1.1. Maalummaa Naamusaa
G.W.Paton jedhamu Naamusa jechuun qu’annaa amala daran gaarii ta’ee jechuudhaan
ibseera.
’Blacks laws ‘’ naamusa jechuun dirqama hamilee namni tokko isa biraatiif qabu
jechuun hiikeera.
Kitaabni (text book of Philosophy) naamusin barnoota saayinsii dame falaasamaa
ta’ee gochaawwanii fi duudhaalee waa’ee amala namaa gaarii fi badaa kan qoratu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
1.2.
1.2.Barbaachisummaa
BarbaachisummaaNaamusa
NaamusaOgummaa
Ogummaa
Naamusa ogummaa:- jechuun dambii ykn sirna ogeeyyiin
abboota ogummaa ta’an galma dhumaa ogummichi
barbaadu milikeessuuf ykn ogummichi kaayyoo hin
barbaachifnne biroof akka hin oollef jecha gochaawwaan
ykn dubbiiwwan abbootii ogeeyyiitiin raawwatamuu
qabanii fi raawwatamuu hin qabne adda baasee kan
tumu jechuudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
muldhisuudha.
Amala gaarii ogeeyyoota hojii kanarratti bobba’an irraa
barbaadamu kan qajeelchuudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Barbachisummaa koodii….
.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Dambii….
Dambii….
Abbaan seeraas fedhii guutuun fudhatee hojii irraa yoo oolche bu’aa
qabaata .
Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe,
Lakk.216/ 2011 kew.2 (12 fi13) jalatti kan ibsamaniidha.
Muudamaa Gumii
Pirezidaantiidhaan dhiyaatee Gumiitiin muudame jechuudha.Isaannis;
(a) sadarkaa M/Murtii Waliigalaatti daarikteera, itti gaafatamaa waajjiraa,
qindeessaa dhaddachaa, gaggeessaa dhaddachaa/ dhimmaa, gargaaraa abbaa
seeraa, kadhimamaa abbaa seeraa, qaadii Mana Murtii Shari’aa fi
(b) Pirezidaantii Mana Murtii Ol’aanaa fi kan Mana Murtii Aanaa ni dabalata
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Daangaa raawwii
Daangaa raawwii
.
Dambiin kun badiiwwan akkaatuma ulfinna isaatiin iddoo saditti kan qoode yoo
ta’u isaannis badii xixiqaa, salphaa fi cimaa jedhamee tarreeffameera.
3.4.1. Badii Xixiqaa
Badii xixiqaa amala isaatiin hojii guyyaa guyyaan raawwataman keessatti of-
eeggannoo gochuu dhabuun raawwatamanii fi
Miidhaa cimaa abbaa dhimmaa irraattis ta’ee kabajaa mana murtii fi hojii
abbaa seerummaa irratti kan hin qaqabsiisneedha. Isaanis kwt.(8)
Tajajila sirnaan kennuu dhabuu, abbaa dhimmaa kabajuu dhabuu, barreeffama
haala dubbifamuun barreessuu dhabuu,
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
galmee
.
irratti Odeeffannoo guutuu barreessuu dhabuu , ajaja
dhaddachaa yeroodhaan bahii gochuu dhabuu, ol’iyannoo guutuu
kennuu dhabuu, falmitoota to’achuu ykn obsaan dhaggeeffachuu
ykn dubbii xumursiisuu dhabuu, marii yookiin waligahii irraatti
hirmaachuu dhabuu, sirna diriire hojii irraa oolchuu dhabuu fi
odeeffannoo dhimmootaa sirnaan galmeessuu dhabuudha.
Muraasa isaas akka itti aanutti ilaaluun ni danda’ama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Ol’iyanni abbaa dhimmaaf kennamu hir’ina kan hin qabaanne ta’uu
mirkanneeffachuu dhabuu; ykn Muudamaan kamuu yemmuu
ol’iyyata kennu ol’iyyannoon kennamu guutuu ta’uu fi fuula hir'uu
ykn caalmaa ta'e, ykn fuula chaappaa hin qabne,ykn fuula citaa ykn
hin dubbifamne, ykn xalayaa gaggeessituu hir'uu ykn
dogoggorsiisaa ta'e, ykn maqaa ol'iyyataa ykn deebii kennaa hin
qabne kennuu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
ykn. fuula waljala darbaa, ykn guyyaa fi lakkoofsa galmee hin qabne
ykn dogoggora qabu, ykn tarreeffama tartiiba fuula waljala darbee fi itt
fufiinsa hin qabne kennu ykn osoo hin sirreessiin hirdhina kan hin
qabne ta’uu mirkaneeffachuu dhabuu;
Hanqinni kun abbaa dhimmaa deddeebii fi baasii hin malleef kan
saaxile yoo ta’e immoo badii naamusaa salphaan kan gaafachisu ta’a.
Ol’iyannoo hirdhinna qabu yoo fuudhe maaliin gaafatama?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Akkaataa
. qajeelfamni dhaddachaa ykn seeroota biroo rogummaa
qabuutiin gareen walfalaman falmii gaggeessuu isaanii
mirkanneessuu dhabuu, ykn sirna dhaddachaa hordofuu isaanii ykn,
akkaataa ajajamaniin raawwachuu isaanii to’achuu dhabuu;
Haqummaan ykn walqixa keessummeessuu dhabuu; ykn iyyata harkaa
fuudhuu diduu ykn dhagahuu dhabuu,ykn obsaan dhaggeeffachuu
dhabuu; ykn Yaada ykn dubbii ykn falmii isaanii xumursiisu dhabuu
ykn diduu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
. Qabxii Mari
Walumaagalatti,
. badiiwwan naamusaa xixiqaan kun yemmuu
raawwataman adeemsa idilee bulchiinsa naamusaa keessa
darbuun osoo hin barbaachifinne hooggansuma dhiyootiin
tarkaanfiin kan fudhatamuta’a.
Haata’u malee gosoonni badiiwwan xixiqaan kunni itti yaaddamee
kan raawwatamee fi miidhaa ol’aanaa ta’e yemmuu dhaqabsiisu
akkaatuma haala isaatti adabbii badii salphaa kan hordofsiisu akka
ta’e ni hubatama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
• Badiin
. naamusaa salphaan gochaa amala isaatiin badii xixiqaa
caalatti fi badii ciccimoo gaditti miidhaa dhaqabsiisaniidha.
• Gosti badii kun miidhaa salphaa abbaa dhimmaa ykn maqaa gaarii
mana murtii ykn kabajjaa hojii abbaa seerummaa irraan kanneen
gahaniidha.
• Dambiin kunis gosoota badii sasalphaa kew.9 jalatti tarreesseera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
murtii yaadaan adda bahu sirnaan barreessuu dhabuu,hojii dabalataa ykn
Dhimmoota Filachuu
.
Sababa quubsaa malee dhimma dhiyaateef ilaaluu diduu yookin sababa quubsaa
hin taane barreessee dhimma ilaaluu diduu …. dhoorkaa akka ta’e tumeera.
Ramaddiin ala yoo ilaale hoo ?
Fkf dhimma Go/Arsii MMA Gunaa irraa Gareen Gumii Naannoof dhiyaate ilalaa
Abbaan seeraa rammaddii isaatiin ala kutaa ofisaraa deemuun galmicha fudhatee
murteesse sababbii kanaaf seera cabsuun himatamee balleessaa taasisuu
adabbii irratti kennameera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Gochaan ykn jechaan tokko aadaa,safuu fi duudhaa hawaasa tokko
ni tuqa kan jedhamu gochaawwanii ykn jechaan akkamii akka ta’an
dambichi ifatti hin agarsiisu, kun immoo gochaawwan abbaa
seeraatiin ykn muudamtootan raawwataman aadaa,safuu ykn
duudhaa hawaasaa ni tuqa moo hin tuqu kan jedhu hiikoof kan
saaxiluudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Xiinxala dhimmaa
.
Ab/seeraa aanaa Martii tokko falmii lafaa ob/Guruum Zanabaa fi Ob/Nugusee Dajane gidduutti gaggeeffamu ilaalaa osoo
jiru ob/Guruum Zanabaa jedhamuun dhimma kee siifan murteessa jechuun Qr.kuma said (3000) gaafachun fudhateera.
Ab/seeraa kun beellama itti aanutti abbaa dhimmaa qarshii irraa fudhate kanatti yoo murteessu ,ab/dhimmaa kun
dhiibbaa dhiigaa waan qabuuf dhaddacha irratti kufeera.Maatiin ab/dhimmaa kanaa rifaatuun booyaa dhukubsataa kana
gara mana yaalaa geessaniiru.Ab/seeraa kun booddee ab/dhimmaa kana bakka hoospitaala aanaa Martii ciisee yaalamaa
jiru poolisaan qabsiisuun buufata poolisii tursisanii jiru. Gareen Inspeekshinii Naannoos ab/seeraa kana (matta’a
fudhachuu fi aangootti gar-malee fayyadamuun) himateera. Dhimmichis Garee Gumii Naannoo biratti ilaalamaa osoo jiru
abbaan seeraa kun iyyata hojii gad lakkisuu waan galfatee hojii gad dhiiseef galmeen murtii osoo hin arganne cufameera
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Qabxii Marii
.
Gochaan ab/seeraa kun raawwate, abbaa dhimmaa dhukkubsatee kufee mana yaalaattii
yaalamaa jiru akka hoospitaala bahu taasisee dhaddacha waan jeeqeef jechuun buufata
poolisiitti guyyaa 24/05/2005-hanga 27/05/2005 tursiisuun aadaa fi safuu waliin akkamitti
ilaalama? Irratti mari’adhaa?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Kanfaltii
. tajaajila ab/seerummaa ykn maallaqqa amaanaa sirnaan bulchuu
dhabuu jechuun; kanfaltiiwwan tajaajila ab/seerummaa ykn maallaqqa amaanaa
of biratti kuusuu ykn yeroo taa’e keessatti qabaa ykn qabduu maallaqatti
ykn baankitti ykn Waajjira Maallaqqaa fi Walta’iinsa Diinagdeetti galii gochuu
dhabuu, sanadoota fi nagaheewwan kanaan walqabatan to’achuu fi hojiilee
kana fakkaatu raawwachuun kanfaltii tajaajila abbaa seerummaa ykn
maallaqqa amaanaa sirnaan bulchuu jedhamee fudhatamuu ni danda’a.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
. Qabxii Marii
Fakkeenya dhimma mana murtii aanaa Shirkaa qarshii
raawii harka isaa gale faayidaa ofiif oolfate ilaaluun ni
danda’ama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Danbiin
. kunis haala ab/seeraa tokko miidiyaa hawaasummaatti
fayyadamuu qabu tumeera.
Miidiyaa hawaasaa haala qajeeltowwanii fi duudhaawwan hojii
abbaa seerummaa wajjin wal hin simneen fayyadamuu; ykn Miidiyaa
hawaasaa irratti loogoo yookin asxaa yookin maqaa Mana Murtii ykn
mallattoo addaa Mana Murtii faayidaa dhuunfaa hin malle argachuuf
ykn kabajaa ykn maqaa gaarii Mana Murtii xureessuuf dhimma
bahu;
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Akkasumas
. miidiyaa hawaasaatti yommuu fayyadamu gochaawwan
bilisummaa ykn al -logummaa ykn maqaa ykn kabaja Mana Murtii
miidhan raawwachuu ykn gartummaa siyaasaa haala agarsiisuun
yoo fayyadame ykn haala maqaa namaa biroo xureessuun ykn nama
walitti buusuun ykn okkara kaasuun yoo fayyadame badii naamusaa
cimaadhaan kan gaafachiisu ta’a
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Walumaagalatti dambiin kunis gosoota badii naamusaa salphaa
haarawaa kana dura akka badiitti hin tumamne garuu miidhaa
abbaa dhimmaa irrattis ta’ee maqaa gaarii mana murtii fi hojii
abbaa seerummaa irratti qaqabsiisaa kan turan waan ta’eef
amma adda baasee tumeera.
Dhimmoota
. dhoorkaman ilaaluu, eeruu kennuu dhabuu, abbaa
dhimmaa waliin waliqunamtii hin malle uumuu,Bilisummaa ykn al-
loogummaa mana murtii ykn abbaa seerummaa eeguu ykn eegsisuu
dhabuu, hojii irraa dedeebi’anii hafuu ykn dhabamuu,wal-qunamtii
ofi ykn mana murtii ykn ogummaa abbaa seerummaa tufachiisu
uumuu, icciitii hojii eeguu dhabuu,hojii duudhaa hojii abbaa
seerummaatiin walitti bu’u hojjachuu, seera ifaan jiru dabsuun ykn
cabsuun hojjachuu,
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Abboota
. dhimmaa walqixa ilaaluu dhabuu, lola kaasuu ykn reebicha
raawwachuu, galii yookiin qabeenya beeksisuu dhabuu, faayidaa hin
malle argachuu, aangoo garmalee yookiin aangoo hin qabnetti
fayyadamuu, ragaa sobaatti fayyadamuu, sochii siyaasaa keessatti
hirmaanaa taasisuu, heera mootummaaf amanamuu ykn kabajuu
dhabuun gochaawwan badii naamusaa cimaa ta’ee tumameera.
Baldhinnaan akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Dhimmoota
. Dhorkaman Ilaaluu
Dhimma akka hin ilaalle seeraan dhorkame fuudhee ilaaluun badii naamusaa cimaa ta’ee
tumameera.
Ab/seeraa dhimmoota dhiyaatuuf hunda akka qajeeltootti (as a principle) ilaalee
murteessuu danda’a.
Haata’u malee haala addaatiin dhimma loogii maleessa (impartial) ta’ee ilaaluu hin
dandeenye ofitti fuudhee ilaaluu dhoorkaadha.
Dhimmoon abbaan seeraa tokko seeraan akka hin ilaalamne dhoorkame maali fa’a?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii M/Murtii /Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Lak.216/2011
kew.37. akka itti aanutti tumeera.
.
(d) Sababoota armaan olitti tarreeffamaniin alatti Ab/Seerichaa murtii haqaa kennuu kan isa
daangessu ykn loogummaan ykn gartummaan ala ta’ee murteessuuf kan isa rakkisu
sababiin biroo yoo jiraate.
Akkaataa labsii kanaatii dhimmoota dhoorkaman ab/seeraa ilaaluu hin qabu.
Abbaan seeraa osoo hin beekne kan ilaalu yoo ta’e akkuma beekeen dhaddacha irraa ka’uu
qaba.
Haata’u malee dhimmoota dhorkaman kana osoo beeku kan ilaalee argame yoo ta’e badii
naamusaa cimaan itti gaafatamummaa kan hordofsiisu ta’a jechuudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Ab/seeraa gochaa al-namusummaa irraa faggaachuu qofa osoo hin
taane abbootaa seeraa waliin hojjatanis al-naamusummaa irraa
akka fagaatan jajjabeessuu fi deegaruu qabu.
Gochaan badii naamusaa raawwatame arge ykn beekee qaama
dhimmi ilaalatuuf eeruu kennuu qaba.
Badiin naamusaa cimaa raawwatamuu arge ykn beeke kanuma
qaama dhimmi ilaalutti ykn hoggansa mana murtiitti eeru kennuu
dhabuu;
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Badiin naamusaa raawwatame badii naamusaa salphaa yoo ta’ee
kanuma eeru kennu yoo dhabe badii naamusa salphaa kan itti
gaafatamu ta’a.
Abbaan seeraa ykn muudamaan tokko yaada hammeenyummaan
irraa ka’uudhaan ykn ta’e jedhe maqaa nama biroo xureessuuf
yaadee eeruu kan kenne akkuma haala raawwii isaatti badii
naamusaa salphaan ykn cimaan ni gaafatama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Bilisummaa fi al-loogummaan duudhaa ab/seerummaa isa duraa fi murteessaadha. Bakka duudhaawwan kun hin
kabajamnetti manni murtii mana murtii ta’ee itti fufuu akkasumas amantaa hawaasaa horachuu hin danda’u.
Koodiin naamusa kunis bilisummaa fi al-loogummaa duudhaa naamusaa 1 ffaa fi 2ffaa taasisee walduraa duubaan
lafa kaayeera.
Dambiin naamusaa abboota seeraa foyya’ee bahe kunis kew.10(5) jalatti bilisummaa ykn al -loogummaa Mana
Murtii ykn Abbaa Seeraa eeguu ykn eegsisuu dhabuu badii naamusaa cimaa haala hordofsiisuun tumeera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Gochaa
. bilisummaa ykn al-logummaa Mana Murtii ykn Ab/Seeraa faallessu
raawwachuu; ykn bilisummaa Mana Murtii kabachiisuu dhabuu ykn bilisummaa
ykn al-logummaan hojjachuu dhabuu; ykn gochaa bilisummaa ykn al-loogummaa
Mana Murtii ykn Abbaa Seeraa tuqu dhaabsisuu osoo danda’u dhaabsisuu
dhabuu, ykn kan hin dandeenye yoo ta’e gabaasa gochuu dhabuu; ykn
bilisummaa ykn al-logummaa Abbaa Seeraa biraa ykn Mana Murtii irratti ofii
gocha dhiibbaa geessisu raawwachuun badii naamusaa cimaa ta’uun danbichaan
ifatti tumameera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
. Qabxii Marii
o
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Badiin
. naamusaa hojii irraa dedeebi’uun hafuun ykn dhabamuun akkaatuma
baayyinna guyyootaa ykn sa’aa hojii irraa dhabamuu ykn hafuutiin badii salphaa
ykn cimaa kan hordofsiisu ta’ee kan bocameedha.
Abbaan seeraa ykn muudamaan tokko guyyoota hedduuf yoo hojii irraa dhabame
ykn sa’aa hojii yeroo hedduuf deddeebi’ee yoo barfateef miidhaan hojii irra ykn
abbaa dhimma irraa gahu akkaatuma baayyinna guyyootaa ykn baayyinna sa’aa
hojii deddeebi’amee hojii irraa dhabameen ykn hafameen kan qaqabu ta’uun ni
beekama.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Kanaaf
. haaluma miidhaan hojii irra ykn abbaa dhimmaa irra gahuu
danda’uun baayyinnaan deddeebi’amee hafuu ykn dhabamuutiin itti
gaafatamummaa salphaa ykn cimaa haala hordofsiisuu danda’uun
tumeera. Gaafii marii
Haala seeraan hayyamameen ala yoo jedhu maali jechuudha ?
seeraa kamiidha kan hayyamame jechuu barbaadeet? hayyama,
sababbii gahaa fi kanneen akka ragaa mana yaalaa ni dabalata ?
moo kan birooti kan jedhu irratti mari’adha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Abbaan seeraa ykn muudamaan kamiyyuu bakka kamittuu nama kamuu waliin
wal qunnamtii ofii isaanis ta’ee kabaja Mana Murtii ykn ogummaa abbaa
seerummaa tuffachiisuu ykn xiqqessuu uumuu; ykn iddoo hin taanetti
argamuudhaan haala amantaa ummanni Mana Murtii irratti qabu gaaffii keessa
galcheen maqaa fi kabaja Mana Murtii ykn ogummaa abbaa seerumaa
xiqqeessuun badii naamusaa cimaa hordofsiisa.
Gaafii
Walqunnamtii hin taane yoo jedhamu safartuu maaliin adda bahuu qaba? wal
qunamtii akkamiitu kabajaa abbaa seerummaa ykn mana murtii tuquu danda’a?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Gama birootiin wal qunnamtiin abbaan seeraa tokko nama biroo waliin taasisu kabajaa
.
mana murtii ykn abbaa seeraa ni tuffachiisa kan jedhamuu danda’u akkaataa duudhaa,
safuu fi aadaa naannoo tokkotti hordofamuu kanneen biroo irraa gargar ta’uu danda’a.
Akkasuma iddoo hin taanetti argamuu kan jedhus kallatti kanaan ilaalamuu danda’a .
Gaafii Marii .
Abbaan seeraa tokko iddoo hin taanetti argamuu hin qabu yemmuu jedhu iddoo akkamiitu
iddoo hin taane jedhamuu danda’a? FKF Ab/seeraa tokko mana jimaan itti qama’amutti
argamee yoo fayyadame kabajaa ofii isaa fi mana murtii ykn kabajaa hojii abbaa
seerummaa ni tuqa jettanii yaadduu? akkaataa aadaa, safuu fi duudhaa hawaasa naannoo
keessanii waliin kaasaa mari’adhaa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Haala qabatamaa manneen murtii keenya yemmuu ilaalu seera ifa jiru cabsuun
gochaa badii naamusaa hedduminnaan abbootii seeraatiin raawwatamaniidha.
Badiin gosa kanaa hedduminaan murtii ykn ajaja kennuu waliin kan waliqabatu
yemmuu ta’u fkf keewwata seeraa adabbii maallaqaa hin qabne jalatti
maallaqaan adabuu, ulaagaan seera yakkaatiin tumame osoo hin jiraanne ykn
hin guutamne adabbii daangessuu, sababa gahaa malee qajeelfama adabbiitiin
ala bahuun adabbii ol-kaasuu fi gad-buusuu, keewwata abbaan alangaa itti
himannaa dhiheesse sababa gahaa malee jijjiiruun gad-buusanii adabuu, ragaa
garee lamaanii wal qixa madaaluu dhabuu, kkf dha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Abbaan seeraa wal falmitoota isa duratti dhiyaatan tokko fayyadee kaan miidhuu
hin qabu.Mirga walfalmitoonni seeraan qaban kabajuu fi kabachiisee argamuu
qaba.Garee wal falman keessaa tokko fayyaduuf ykn miidhuuf ykn nama biro
fayyaduuf jecha hiikoo seeraa sirrii hin taane kennuun ykn jallisee hiikuun ykn
cabsuun hojii abbaa seerummaa hojjachuu hin qabu.
Dabalataanis abbaan seeraa gochaa faallaa duudhaa fayyaalummaa fi amataa
hawaasaa hojii abbaa seerummaa fi mana murtii dhabsiisan irraa of qoqqobee
hojii isaa amanamummaa guutuun raawwachuu qaba.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
. Gaafii Marii
Seera ifaan jiru cabsuun ykn dabsuun hojjachuun DNASMGN Oromiyaa
lakk.2/2001 jalatti itti gaafatamummaa naamusaa kan hordofsiisu ta’e jedhamee
yemmuu raawwatame qofa akka ta’e kew.43 irraa hubachuun ni danda’ama.
Haata’u malee Dambiin Naamusa abbaa seerummaa lakk.02/2011 kew 10(B)
jalatti maalnadhibeen abbaan seeraa,seera ifa jiru yemmuu cabse akka itti
gaafatamummaa hordofsiisutti tumameera.
Maal na dhibdeen seera cabsuun itti gaafatamummaa dhufuun wal qabatee
ijjannoo keessan maali ?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Galmee G/ Gumii lakk.00723 irratti murtii argate, Ab/ seeraa Go/Walaga Lixaatti (Gimbii)
galmee siiviilii lakk.25586 ta’e irratti falmii qarshii 189,780.28 ) aangoo mana murtii
aanaatii oli ta’e fuudhee murteessee D/N/A/S/M/G/N/Oromiyaa lakk.2/2001 kew.43 jalatti
balleessaa jedhamee adabameera.
Gaafii Marii
Abbaan seeraa Aanaa kun dhimma hundee dubbii aangoo mana murtii ol’aanaa ta’e kana
ilaalee murteessuun isaa dhimma ol’iyyataan ilaalamuu? moo badii naamusaa seeraa ifa
jiru cabsuudha jettu? irratti mari’adhaa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Abbaan
.
seeraa aangoo abbaa seerummaa isaatti fayyadamee
yookiin tajajila abbaa seerummaa kennu yookiin kennuuf deemu
waliin walqabatee faayyidaa bifa kamiyyuu gaafachuus ta’ee
fudhachuun dhoorkaadha.
Faayidaan hojjachuun bifoota gara garaatiin kan calaqisu yemmuu
ta’u isaan keessaa muraasin; seera jiru cabsuun ykn hiikoo seeraa
fakkeessuun garee tokko fayyaduuf ykn miidhuuf kan raawwatamu
ta’a.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Qabxii marii
Abbaan seeraa ykn muudamaan tokko hojii abbaa seerummaa hojjatuun walqabatee
faayyidaa kamiyyuu fudhachuu ykn fudhachuuf yaaluu ykn abbaan seeraa biro akka
fudhatu jajjabeesuun ykn dhiibbaa taasisuun dhoorkaadha . Daangaan hojii abbaa
seerummaa eessaa hanga eessaatti ? Hojii deeggarsaa fi Bulchiinsaa ni dabalata?
Abbaan seeraa tokko dhimma hojii abbaa seerummaa abbaan seeraa biro ilaalu irratti
faayyidaa yoo fudhate tumaan kun haguugeera jettu? Tumaa danbii kana DNASMGN
Oromiyaa lakk.2/2001 kew 49 waliin wal-biratti yemmuu ilalaalamu garagarummaa ni qaba
jettuu? Irratti mari’adhaa.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Xiinxala Dhimma:1ffaa
Waajjirri Naamusaa fi Inspeekshinii MMWO lakk. Galme.01127 irratti Abukatoon ittisaa
Mana Murtii Godina Arsii Lixaa tokko yeroo abukaatoo ta’anii hojjatanitti galmee yakkaa
lakk.32341 irratti yakkaan himatamtoota Tolaa Illikuu ragaa abbaa alangaa irraa jigseen
bilisaa baasisa jechuun gaafa guyyaa 28/09/2010 Qr.kuma said(3000) gaafatee qarshii
dhibba shan 500 ob/ Iliku Mollaa fi obboleessa isaa ob/ Caalaa Illikuu irraa waajjiruma
isaanii keessaatti fudhatanii jiru jechuun himatamanii ragaa waajjira Naamusaa fi
Inspeekshiniitiin itti mirkaanaa’ee jira. Himatamaanis of-irraa ittisuu waan hin
dandeenyeef Gareen Gumii Naannoo lakk. Galmee 00711 irratti akkaataa DNASMGN
Oromiyaa lakk.2/2001 kew.49 jalatti balleessaa qabda jechuun hojii irraa akka
gaggeeffaman murteessanii jiru..
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Waajjirri Naamusaa fi Inspeekshinii MMWO pirezidantii Mana Murtii ol’aanaa Go/ Harargee
Lixaa ta’anii yeroo hojjatanitti durgoo seeraan ala fudhate jechuun himateera.
1ffaa bara 2009 guyyoota 238 Qr.121,200. fudhatanii osoo jiran guyyootuma kana keessaatti
durgoo guyyaa jahaa Qr.3000 fudhachuu, osoo dirree hin bahin durgoo guyyoota 92 Qr.46,720
kan fudhatan ta’uu,
2ffaa bara bajataa 2010 durgoo guyyoota 208 Qr.110,375 fudhatan keessaa guyyoota
walfakkaata keessaatti durgoo oolmaa si’a lama durgoo guyyoota jahaa Qr.3,000 fudhachuu,
durgoo guyyoota 79 Qr.39,300 osoo dirree hin bahin fudhatanii jiru.
Walumagalatti guyyoota walifakkaataa fi osoo dirree hin bahin Qr.92,020 seeraan ala waan
fudhatanii argamaniif jedhamanii himatamanii jiru.
.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Dabalataanis akka himannaa 2ffaatti komatamaan kun Adooleessa 15,2008 hanga
15,2009 tti guyyoota 45 tiif dirreeran jira jedhee durgoon kaffalameefii osoo jiru
hojii yeroo gannaa galmee 4 qofa hojjachuudhaan daangaa yeroo walfakkaata
tokko keessatti kanfalittii si‘a lamaas waligalatti Qr.14560 fudhatanii waan
argamaniif jechuun himatamanii jiru.
Komatamaanis dogongorroonni uummaman yoo jiraate hojii bulchiinsaa
keessatti raawwatame waan ta’eef badii yoo ta’e naamusaan osoo hin taane
bulchiinsaan ilaalamuu qabuudha jechuun falmanii jiru.
Gareen Gumii Naannoos ragaa oditara ilaalee hojii irraa gaggeesseera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Xiinxala
. Dhimma 4 ffaa
Himannaa Waajjira Naamusaa fi Inspeekshinii Naannoo fi oofisara seeraa Godina Walaggaa
Lixaa mana murtii aanaa Gullisoo gidduutti galmee garee Gumii 00722 irratti
gaggeeffaamaa tureera.
Himannaan himataa ofisarri seeraa kun yeroo hojii ofisarummaatiin hojjatanittin galmee
yakkaa lakk.09664 ta’e irratti himataan abbaa alangaa fi himatamtoota Iyyaasuu Olumaa
fa’a na.2 gidduutti gaggeeffamu dhaddachi araaraan akka xumuramu ajajaniiru. Ofisarri
kunis Iyyaasuu Olumaatiif bilbilee “abbaan alangaa dhimma keessaan qabate qarshii
1000(kuma tokko) yoo kennameef malee galmee hin cufu waan ta’eef anis qarshii kana ni
kennaafii ati immoo qarshii wabummaaf qabsiiftan keessaa naaf kennita” jechuun gaafateera
jechuun galmee WNI Lakk.01139 irratti DNASMGN Oromiyaa ktw.51 jalatti
amalajumaadhan himateera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Gareen Gumii waligalaas ragaa Waajjira Naamusaa fi Inspeekshinii erga dhagaheen booda
ofisarri seeraa kun amalajummaadhan balleessaa qaba jechuun hojii oofisarummaa irraa
akka gaggeeffamu jechuun murtii kenneera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
. Gaafii Marii
Fakkenyaaf,
. dhimma dhaddacha waliin qunamitti hinqabneen (loola
ykn waldhaba dhunfaa) ykn sababa xinnaa goorsaan ykn of-
eggannoon biradarbuun dandayamu ykn karaa bulchaansa ykn
hooggansaatiin furmaata argachuu qabu dhiisuun hojjattoota mana
murtii ,abboota hirtaa (poolisii, abbaa alangaa, oggeessota kanneen
akka mahandisaa, lafa baadiyyaa) sababbii ajaja mana murtii
fudhachuu dhabuu, dhaddacha jeequu, seeraaf deegarsa taasisuu
dhabuu, maqaa abbootii seeraa gurracheesiteera jechuun hidhuutu
bal’innaan mul'ata.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Danbiin
. naamusaa kunis badii naamusaa aangoon garmalee ykn
aangoo hin qabnetti fayyadamuu akka itti aanutti tumeera.
Aangoon seeraan kennameefitti garmalee fayyadamuun dantaa hin
malle argachuu ykn nama biroof argamsiisuu ykn nama biraa irraan
miidhaa geessisuu; ykn aangoo hin qabnetti fayyadamuun dantaa
hin malle argachuuf ofiif ykn nama biroof argamsiisuuf yaaduun
miidhaa qaqqabsiisuu badii naamusaa cimaa itti gaafatamummaa
kan hordofsiisu taasisee tumeera.
.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Abboon
. seeraa garee tokko fayyaduuf ykn miidhuuf ta’e jedhamee
yeroo aangoo abbaa seerummaatti gar malee fayyadaman ykn
aangoo seeraan hin kennamneeffitti fayyadamuun yoo raawwatan ni
muldhata.
Tumaan danbii kanaas abbaan seeraa gochaa badii kana
raawwachuu irraa akka of qusatuuf dursee beeksisuuf yoo
ta’u ,dirqama kana irra darbee kan badii kana raawwatu yoo ta’e itti
gaafatamummaa cimaa kan hordofsiisu ta’uu tumeera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Abbaan seeraa mana murtii Aanaa Martii tokko ergamaa mana murtii isaa kan ta’e
ob/Muhaajir Dadalaa kan jedhamu sababbii bubbeen cimaan (hobonboleettii) balbala
dhaddachaa waan cufeef kutaa dhaddacha itti gaggeessaa turanitti waamuun tilmaaman
daqiiqaa soddomaaf dhaddacha irra dhaabaa erga turaniin booda hojii mana murtii
guffachiisanii jiru jechuun galmee lakk.11493 ta’e irratti gaafa guyyaa 30/08/2004 hidhaa
baatii lamaa ykn qaarshii kuma tokko (1000) adabanii jiru.
Ergamaan kunis waan hidhameef hojjattoonni mana murtii saniis qarhii kana walitti
qabaniifii hidhaa baasisuuf yoo jedhan abbaan seeraa kun galmeedhuma kana jalatti
adabbii kana gar adabbii hidhaa qofatti jijjiiruu akka raawwatamu ajajanii jiru.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Gareen
.
Gumii Naannoo galmee gumii lakk.00588 irratti waligahii gaafa guyyaa
06/09/2010 ooleen abbaan seera kun itti yaadee osoo hin tane dogongoraan badii
raawwateedha jechuun bilisaan gaggeessera.
Gaafii marii
Murtiin Garee Gumii Naannoo(ammaa Waligalaa) kenname kun sirriidha jettu?
Abbaan seeraa kun himatamuun sirriidha yoo jedhame aangoo garmalee
fayyadamuudha ? moo seera dabsuun himatamuu qaba jettu?
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Abbaan
. seeraa Mana Murtii aanaa Martii kan ta’an pirezidaantiin mana murtii aanichaa
osoon dhaaddacha irraatti galmee hojjadhu fi ragaan tokko hin jirretti dhaddachatti natti oli
seenee na arabse jechuun Qr.500 adabeera. Abbaan seeraa kunis aangoon gar malee
fayyadameera jechuun himannaa irratti dhiyaatee,Gareen gumiis pirezidaantiin kun
dhaddacha jeequu dirqama ragaan mirkaneessuu gara abbaa seeraa adabbii kenneet
dabarsuun abbaan seeraa kun dhaddacha irratti arabsuu mirkaneessuu waan dhabeef
jechuun mindaa ji’a lamaa adabameera.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
Gaafiiwwan itti aanu irratti mari’adhaa.
Dirqamni ragaan mirkaneessuu kan abbaa seeraa himatameetti dabarsuun sirriidha jettuu?
Abbaan seeraa yoo dhaddacha jeeqee yoo argame abbaan seeraa dhaddacha gaggeessu
tarkaanfii dhaddacha kabachiisuu fudhachuu danda’a?
seerii yakkaa kew449 nama kamiyyuu dhaddacha yoo jeeqee adabamuu akka danda’u
ibsa .Qajeelfamni dhaddachaa immoo abbaan seeraa dhaddacha yemmuu ugge naamusaan
gaafatama jedha. Haala kamiin walitti araarsuun danda’ama jettu
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
o
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
.
ykn mormanii haasaa taasisuu ykn miidiyaa hawaasaa irratti dabalatee
barreessuu ykn odeeffannoo tatamsaasuu, rogeessa dhimmaa siyaasaa
ta’uun hojjachuu, nama kaadhimamaa filannoof dorgomu tokko ifatti
deeggaruu ykn mormuu, dhaaba siyaasaaf ykn hojii siyaasaaf jecha nama
miseensaa dhaabaa siyaasaa ta’eef, deeggarsa maallaqaa godhuu ykn buusii
ykn deeggarsa walitti qabuu, kora, yaa’ii ykn waltajjii dhaabni siyaasaa
yaame irratti argamuu, ykn hiriira dhimma siyaasaa irratti hirmaannaa
taasisuu fi akka haala isaatti kan biroo illee kan dabalatu ta’uu ifatti ni tuma
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
ADABBII NAMUSAA
Kaayyoo Adabbii
.
Badii naamusaa salphaan adabamee yeroo 2ffaaf badii naamusaa cimaa yoo
raawwate ykn Badii naamusaa cimaan adabamee yeroo 2ffaaf badii naamusaa
salphaa yoo raawwate adabbii mindaa baatii tokkoo gadi hin taanen ykn baatii lama
hin caallen kan adabamu ta’a. Haala Kanaan erga adabame booda yeroo 3ffaaf badii
naamusaa salphaa ykn cimaa yoo raawwate mindaa fi sadarkaa irraa gadi bu’uun
kan adabamu ta’a. Yeroo 4ffaaf badii kamuu yoo raawwate hojiirra ni gaggeeffama
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Sadarkaa fi Mindaa Irraa Bu’uu” jechuun guddina sadarkaa olee Abbaan Seeraa
ykn muudamaan yeroo yeroon Mana Murtii keessa hojjetu keessatti dorgomee
argatuu fi mindaa sadarkichaaf taa’e irraa bu’uu jechuudha.
muudamaan sadarkaa jalqabaa irra jiru mindaa sadarkaa guddina olee isa fuuldura
jiru irraa shallagamee kan irraa citu jechuudha.
Bakka sadarkaan irraa bu’amu hin jiretti guddina sadarkaa olee muudamaa birootiif
taa’e gidduu garaagarummaa mindaa jiru shallagun kan irra citudha.
Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa
የኦሮሚያ ጠቅላይ ፍርድ ቤት
Xumurameera
Horaa Bulaa