Professional Documents
Culture Documents
Paakeejii Ruuzii 2015r
Paakeejii Ruuzii 2015r
Paakeejii teeknooloojii
oomisha midhaan
Ruuzii
Bara 2015
1. Seensa
dha.
dha.
• Ruuzii jallisii(Irrigated)
• Ruuzii bishaan gadi fagoo ( deep water rice)
• Ruuziin lafa cisaa kan yaainsaa bishaan lageen fi haroowwan uumuun irratti
biqiluu.
Sadarkaa bilchaachuu Jiidhiinsa baayyee xiqqaatu omishaa sassaabuun dura guyyaa 10 durisan
midhaan barbaachisa. Bishaan oyiruu irra bishaan masaa/oyiruu keessa goggogsuun
ruuzii(Ripening stage) ciisee hin barbaachisu. barbaachisaa dha
Akaakuu sanyii , hanga sanyii fi mala facaasaa
Yeroon facaasaa haala jalqabuu rooba gannaa irratti kan hunda’uu yoo ta’u.
Sanyii kallattiin facaasuuf : Caamsaa 20 hanga waxxabajii 20tti
Biqilichaanii facaasuu : Sanyiiwwan dursanii biqilan jiidhina biyyee irratti
hundaa’uun jalqaba roobaatti waxabajii jalqabaa hanga waxabajii 20 itti ni
facaafama.
Biqilituu Dhaabuun (trasnplanting) ;
Guyyoota 21f biqiltuun madaba irratti kan biqilu yoo ta’u, ka’umsa rooba irratti
hundaa’uun waxabajii 15 irraa eegalee ni dhaabama.
Hanga sanyii fi mala facaasaa
Sanyiin goggogaan sararaan yeroo facaasan:
• Sanyiiwwan dandeetii biqiluu % 85 ol qabaniif heektaara tokkotti sanyii kg 80
barbaachisa.
• Fageenyi sararoota gidduu jiru seentimeetira 20 hanga 25 dha
• Gad fageenyi isaa cm 3-4 caalu hin qabu.
• Gad fageenyi akkuma dabalaa deemuun humni biqltuu biyyee dhiibee bahuu hir’ataa
adeema
Biqlichanii facaasaa.
• Ruuzii bishaan keessatti sa'aatii 48 jiisuun guyyaa tokkoof wayyaa jiidhaan maruudhaan
tursisuu . Biqilchanii facasuun kan gogaa facaasuu guyyoota 5-6 dursee biqilaa
akkasumas guyyoota 10-11 dursee gaha.
Biqiltuu Ruuzii dabarsaan dhabuun (transplanting) omishamuu
• Hektaara tokkoof sanyii kg 25 barbaachisa.
• Yeroo biqiltuun ruuzii sadarkaa baala afur gahutti dhaabuu
• Yeroo dhabatuu tarree/bo’ii/ gidduutti sm 25. biqiltuu jidduu seentimeetira 20 Tokkoon
tokkoon boolla dhaabbii keessatti biqiltuu sadii dhaabuu
Hanga fi itti fayyadama xaa’oo
Xaa’oo namtolchee
• Iddoo biyyoon qoratameetti haala qorannoo irratti hunda’an fayyadamuu
• Naannoolee hin qorratamnitti NPS kg 100 fi yuuriyaa kg 100 heektaara
tokkotti fayydamuun barbaachisaa ta’a.
• Saraaran yeroo faca’uu , Xaa’oo NPS+ gadi fageenyaa Sm 5-7 itti buusuu/
Drilling/ ; Sana booda sababa adda addaatiin akka hin qisaasofneef biyyeen
akka gaariitti uwwifamuu isaa mirkaneessuun barbaachisaadha.
• NPS barbaachisuu hunda yeroo facaasaa guutummaatti fayydamuu.
Xaa’oo namtolchee…
• Yuuriyaan bakka walqixa sadiitti qoodamee yeroo adda addaatti itti
dabalamuu qaba.
1/3 yeroo facaasa NPS waliin:
1/3 Yeroo damee/dhala( tillering) baasuu ( facaasaa booda guyyaa 25 -
30);
1/3 yeroo midhaan daraaruuf dhiyaate (midhaan erga facaafame booda
guyyaa 50-60tti) itti dabalama.
• Yuuriyaa itti dabaluun dura midhaan armaa irraa bilisa ta’uu qaba.
Itti fayyadama xaa’oo ruuzii biqlituun dhabatuu fi lafa bishaan
irraa ciisuu irratti faca’uu(Transplanting +Lowland ).
Mallattoo miidhaa
• Hadhoo guddate fi raamoon (larva) miidhaa geesisuu
• Raamoon guddina isaa guutuu firii keessatti dabarsee, firii sana
sooratee daakuu taasisa
• Midhaan kuufame foolii jijjiiruu qofa osoo hin taane, jijjiirama halluu
akka qabaatuu taasisa .
Mala ittisaa
• Yeroo midhaan kuufamu jiidhinsa barbaadamuu eeganii gogisuun
kuusuu.
• Meeshaaleen kuusaaf fayydamnuu qulqulina akka eeggatan gochuu.
• Sanyiiwwan qoricha farra ilbotaatiin sukkumuu fi mala aadaa biroo
fayyadamuu ta’achuu.
To’annoo fi ittisa Dhibee
Haamaa
• Ruuziin hamamuun duraa osoo oyiruu irraa jiru Jiidhinsi firii sanyii
%20 hanga 25 ykn sanyiin biilaanirraa jiru keessaa %80 hanga 85
ta’u halluun isaa garaa keelloo fi jajjabaata ta’uu qaba.
• Ruuziin erga daraaree guyyaa 30-32 booda sassaabiif ni gaha .
• Yeroo barbaadame dura yoo sassaabame, firii baay’een waan hin
geenyeef qulqullinni sanyii baay’ee hir’ata.
• Yeroo booda yoo sassaabame sanyii keessaa waan harca’uuf ni
qisaasama, sanyii yeroo dhahamuu ni babaaqaqaa yeroo dakaamuu
(Milling) ni caccaba.
Dhahuu