Baressa Murtii

You might also like

Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 17

Barreessa Murtii Abbaa seerummaa

Seensa

Ergamni heeraa sirna haqaa ol’aantummaa seeraa akka


mirkanaa’u gochuu dha. Kallattii M/M tiin mirkanaa’inni
ol’aantummaa seeraa wantoota gaafatu keessaa tokko
qulqullina murtiiti jechuun ni dandayama.Murtiinis
waan lama of keessatti hammata. Isaaniis:adeemsa
kenniinsa murtii (…the process of giving or
making the judgment) and Barreessa Murtii(the
step of writing the judgment.)
 Ka’umsi murtii abbaa seerummaa kamiyyuufuu
iyyata (pleading) ykn himata abbaa alangaatiin ykn
midhamaa dhuunfaan dhihaatuu dha.
 Haallii addaa akkuma jirutti ta’ee adeemsi kenniinsa
murtii A/seerummaa dhihaatinsa iyyatnaa ykn
himatnaa irraa kaasee hanga murtiin muummeen
kennamutti adeemsa jiru kan haguuguu dha .
 Barreeffamni murtii bitaa fi mirga gammachisuuf
kan bareeffamuu miti.
 Barreeffamni murtii gareen tokko garee kaan
mohuu isaa ibsuudhaan kan barreeffamuu dha.
 Kanaaf jecha barreeffamni murtii humna
amansiisuu qabaachuu qaba.
Kanaaf barreeffamoota biroo irraa haala adda ta’een
murtiin:
 Sirna ittiin kennamu qaba.
 Akkaataa itti barreeffamuu qaba.
 Ulaagaalee seeraa guutu qabu jiru.
 Yeroo itti kennamuu qaba.
 qulqullina murtii haala akkamiin mirkaneessuun
dandayamaa? Ykn
 murtii gaarii ta’e barreessuun akkamitti dandayama? Ykn
 murtii gaariin kan akkamiti? kan jedhuu dha.
 Murtii barreessuun:”It is an art.” Waan ta’eefis dandeettii
murtii gaarii ta’e barreessuu:
 Beekumsa seeraa qofaan hin argamu.
 Kan argamu shakaallii fi muxannooni.
Sadarkaawwan Adeemsa Kenniinsa Murtii
 Murtii gaarii tokko kennuuf adeemsota hordofamuu qaban
sadarkaadhaan kaayuu ni dandayama.
1.Kutaa Waan qabatamaa Dhimmichaa addaan baafachuun
(Identification of the Fact) barreessuu
Adeemsa kenniinsa murtii keessatti dhimma murtii barbaaduu addaan
baafachuun hojii isaa duraati/sadarkaa jalqabaati.Kunis
gaaffiiwwan aarmaan gadii deebisuu qabna:
1.Walfalmitoonni keenyi eenyufaa dha. (who)
2.Dhimmi nu murtii itti kennuuf jirru kun dhimma maalii
ilaallata ykn Rakkinichi maal ?.( what)
3.Dhimmichi yoomessatti akka ta’e hubachuu (when and where)
4.Akkamitti akka ta’e Ibsamuu (how)
Kana yoo ta’ee qofa rakkina tokkoof furmaata ykn murtii bu’aa
qabeessa kennuun kan dandayamu.
 Sadarkaa kanaatti hojiiwwan raawwatamuu qaban maali?
 Rakkinnicha gadifageenyaa qorachuu;
Sirritti yaaduu rakkoo addan baafannee akkaataa itti nu
ibsinu warreen kaanifis ifa akka ta’utti kaa’uu
Dogoggorri akka hin raawwanne nadaaluu,
Rakkoowwan dursi kennamuufii qaban akkasumas galma
isaanii addaan baafachuu
2.Kutaa Ijoo Seeraa /Firii dubbii /(Issues (Legal
Question)) itti barreeffamu
 Adeemsa kenniinsa murtii keessatti sadarkaa lammaffaan
dhimma qabannee murtii irratti kennuuf jnnuu keessatti
ijoowwan falmiin irratti qulqullaa’e addaan baasuun kutaa
barreeffama keenyaa itti aanu keessa kaa’uu dha.
 Wanta dalagame, gocha raawwatame ykn
ta’ee muudate (incident taken place) ni
hammataa.
Firiin dubbii wanta qabatamaan jiruu fi miira
namaatiin hubatamuu danda’uu (perceived)
dha.
Firiin dubbii ragaan kan mirkanaa’uu fi
diiggamuu danda’anii dha.
Guduunfaa firii dubbii hiikoo argachuuf gara guduunfaa
seeraatti jijjiramuu qaba.
– Kew 182(1) – dirqama barreessuu
Akkaataa fi daangaa firiiwwan dubbii
 Maddi firiiwwan dubbii himata/iyyata, deebii, falmii
afaanii, ragaa barreeffamaa fi jecha ragooliit.
 Akka qajeeltoo kanaatiin murtii keessatti firiiwwan
dubbii dhimmicha murteessuuf rogummaa qaban qofa
filachuun barreessuu qabna.
 Kana godhuuf A/Seeraa galmee sirriitti qorachuu
qaba.
 Firiiwwan dubbii rogummaa qabaa kanniinis
jechootaa fi hima gaggabaaboo ta’aniin barreeffamu
qaban.
ii. Jechoota barbaachisoo hin taane faayadamuu.
iii. Yaadotaa fi jecha ragoolee irra deddeebi’uun
 Seerota rogummaa qaban sakatta’u
 Odeeffannoowwan akkamii akka barbaachisan
sakatta’u
 Tarii murtii/furmaata kennamuu dandayuu
sakatta’uu
 Walitti bu’insi dantaa jiraachuu dandayuu isaa
sakatta’uu
3. Kutaa Xiinxalaa ( Reasoning)

 Adeemsa murtii gabbisuu keessatti abbootiin seeraa sirna


seeraa haqa qabeessa ta’ee hordofuu qabu. Gama kanaan
isaan irraa wanta lamaatu eegama.
Inni tokko sirna adeemsa hordofuudha. Kunis sirnoota
seeraan tumaman dirqama hordofuuti.
Inni lammaffaan dhimmichaaf odeeffannoowwan
rogummaa qaban guutuummaan guutuutii
qindeeffachuun barreessuu dha.
 Murtii gaarii ta’e tokko kennuuf odeeffannoowwan
rogummaa qaban gumeessuun adeemsa baay’ee
murteessaa ta’ee dha.
Himanni ykn falmiin himatamaa maaliif
fudhatama akka dhabe ibsa
M/murtii ijjannoo bitaa fi mirgaa ilaalluu isaa
kan ittiin amansiisudha.
Firiiwwan dubbii gare tokkoo kan isa kaanii
caalaa maaliif murtichaaf barbaachisaa akka
ta’ee fi kuun immoo akka hin ta’in kan ifa itti
ta’uudha.
Raawwatamummaa tumaaleen seeraa
dhimmichaaf rogummaa qaban kan mul’isuu
dha.
 Ragaawwan bitaa fi mirgaan walitti qabaman
madaalamuu qabu.
 Firii dubbichaa ragaawwan deegaran qofa osoo hin
taane ragaawwan hundii guutuummaan
madaalamuu qabu.
 Akka waliigalaatii dhimma siviliitiin eenyuu caala
mirkanneefateera ykn amanisifateera
(preponderance of evidence) kan jedhuun kan
madaalamu yammuu ta’u;yakki ammoo haala hin
shakkisiisneen olitti ragaan kan agarsiise (beyond
reasonable doubt standard) n kan madaaklamu
ta’uun beekamaa dha.
 Inni itti aanu seericha firiiwwan dubbii waliin firoomsuun
hojirra oolchudha.
Seericha firiiwwan dubbii waliin firoomsuun hojirra
oolchuu.
Seerichii guutummaan dubbiffamuu qaba.
Duraan dursee seericha sirritti hiikuun
barbaachisadha.
A/S seericha kaayyoo fi galma isaa akkasumas isaan kana
akkamitti galmaan gahuu akka barbaade sirritti
qorachuun hubachuu qaba.
Asirratti murtiiwwan dhaddacha ijibbaataa hiikkoowwan
agarisitoota waan ta’aniif hubannoo keessa galchuun
dirqama.
A/S murtii kennen qabxii ykn falmii isa mo’ameen ka’ee fi
qabxiin ykn falmiin ka’e kun dhimmichaaf rogummaa hin
qabu kan jedhuu yoo ta’e kana sirritti galmeessuu isaa
irraanfatuu hin qabu.
Murtii walfakkaatu kennuun mallattoo murtii gaarii waan
ta’eef abbaan seerichaa murtiilee kanaan dura
kennaman fayyadamuu yoo barbaadee dhimma harka
isaa jiruu waliin tokko ta’uu isaanii sirritti
mirkanneeffachuu qaba.
 Murtiin sirrii ta’e mataan isaa sirritti yoo ibsamuu baate
komii uumuu ni dandaya.
 Kaayyoon sababa murtii kennuudha inni tokko inni itti
murtaa’ee murtichi maaliif akka kenname akka beeku
gochuu fi mirga oliyyannoo qabuun akka fayyadamuu
gochuu
4.Yaa’insa Barreessa Murtii (Holdings)
• Yaa’insi barreessa murtii waan hedduu of jalatti
qaba.Abbaan Seeraa murtii yeroo barreessu
walduraa duubaa seenaa dhimmichaa
(chronological order) eeguun dhugaawwaan
dhimmichaan jiranii,ijoowwaan jiran kutaa xiinxalaa
ragaa fi seeraan wal-qabatee ta’uu qabu,fayyadama
seeraa fi sirna afaan ittiin barreessinuu akkasumas
jechoota fayyadamnuun of eeggannoo gochuun
barbaachisaa dha.
• Murtii nuti kenninu guutuu (Comprehensive )ta’uu
qaba.
Murtiin keenyi ragaa fi seeraan kan deeggarame ta’ee yaadamoota
dhimmoota hin jirree (hypotethical issuues) kan ta’an kaasuu hin
qabnu.
 (ሀሳባዊ ጉዳዮች መጠቀም ክልክል ነው፡፡( ሃይፖተቲካል ጉዳዮች)

 ሚዛናዊነ ት የጠበቁ፤፤ ከስሜት እና ከመድለዎ የጸዱ መሆኑ፤ ከሀይማኖት፤


ከፖለቲካ ከዘር እና ሌሎች ልዩነቶች ተጽእኖ ውስጥ ያልገቡ .. ዳኛ በፍሬ
ነገር፤ በማስረጃ እና በህግ ብቻ ተመስርቶ ውሳኔ መስጠት አለበት ፡፡በህግ
በተለይ የየህ ጊዜ ለዳንነቱ ስረአት መጠናከር መልካም አጋጣሚ ነው፡፡ ብዙ
ሰዎች በፖለቲካ መነሻ ተፈርዶባቸዋል፤፤ አሁን በይቅርታ የወጡ ጋዜጠኞች፡
ፖለቲከኞች፤ መነኩሴዎች እና ሌሎችንም ስናስብ መነሻው ፖለቲካ እንጂ
Gudunfaa
 Guduunfaan goolabbii murtiiti. It is summary of your
decision.

 Gudunfuun bu’aa xiinxala firii dubbii fi seeraati.

• SDFS kew. 182(1)

• Gudunfaan waan guddaa inni argisiisu keessaa dambalii murtiin

irratti ejjetee fi yaada ergaa murtichaa kan haammate dha.Namni


ykn qaamni kamiyyuu murtii keenya dubbisee ergaa dhimma nu
biratti dhihaate irratti seerrii fi adeemsi jiru biyyittiin/Naannoon/
tokko kanarratti qabdu maal akka ta’e ni hubata jechuu dha.
Do You Have
Any Questions

Do You
Have
Any
Questions

You might also like