Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 181

D

Mu him
r m
Mu tiiww oo
MM iww rt i a n t a
a M S e e
Ijib W Ofi n
D
a n n e
r a a
b h e
ad d n M F a
B u aat a l
’uu a Mu ach
a u r t
m i s
ref M r
fate MW iiww Dha t ii i
Ol’ isoo
s sa O tiin a n a b b a a n :
a le i i a a ,
ny Ke Dh B a
n n a ad d h aa
Ha ma ac h
ala n a
Mi Ka
B j ee n
Seensa
 Akkuma beekamu, Labsiin Gurmaa’ina, Aangoofi Hojii Manneen Murtii
Naannoo Oromiyaa, Labsii Lakk.216/2011 kwt 23 jalatti Manneen
Murtii Naannichaa ergama waliigalaa; tajaajila abbaa seerummaa
dhaqqabamaa, si’ataa fi bu’a qabeessa ta’ee, seera qofa irratti
hundaa’uudhaan, haala loogii fi gartummaan ala ta’een kennuuf
dirqama akka qaban tumeera.
 Keewwatumti kun addatti immoo;
 Manni Murtii Waliigalaa tajaajilli abbaa seerummaa Naannicha keessatti
walfakkaatummaa fi tilmaamamummaa akka qabaatuuf ni hojjata,
 Manni Murtii Ol’aanaa immoo bu’uuraan Mana Murtii ol’iyyannoo
ta’ee, hir’ina yookiin dogongora seeraa yookiin ijoo dubbii,
walumatti hir’ina murtiin Mana Murtii jalaa qabu ol’iyyannoodhaan
dhagayee sirreessuuf ni hojjata jechuun ergama addaa ta’uu ibseera.
 Ija kanaan (ergama) ilaalamee murtiin hundi kennamaa jiraa?
Itti fufe …
 Tilmaamummaa (Predictability) and legal
Certainty vs Characteristics of Rule of Law
 Ergama kana milkeessuuf hojiiwwan
qabatamaatti hojjetamaa turaniifi jiran
hedduu ta’anis, tajaajila abbaa seerummaa
caalmaatti yeroo ammaa kana waliin deemu
kennuuf hojiin hojjetamu (tajaajilli kennamu)
hundaa ol qulqulluu, kan seeraafi ragaa qofa
irratti hundaa’e ta’uu qabu.
Itti fufe
 Tajaajilli hojii abbaa seerummaa kun murtiilee abbootii
seeraatiin kennaman yemmuu ta’u, murtiileen kun
seeraafi ragaa qofa irratti kan hundaa’an ta’uu akka
qaban ogeessi seeraa hunduu waliif gala.
 Kun ta’uu kan qabu ta’us, darbee darbee, sababoota
adda addaatiin (rakkoo baay’ina hojii, rakkoo naamusaa,
rakkoo xiyyeffannoo kennuu dhabuu, hanqina dandeettiifi
kkfn) murtiiwwan deeggarsa seeraa hin qabne (adeemsa
hin hordofne) qabatamaatti ni kennamu.
 Kana malees, qabatamaatti abbootii seeraa MMO, MMWO
(Ijibbaataafi idilee) gidduutti haala wal hin fakkaanneen
murtiin kennamaa jira.
Itti fufe
 Kun maalif ta’e kan jedhu adda baasuuf qorannoon addaa gadi fagoon
kan barbaachisu ta’ullee, marii (leenjii gabaabduu) guyyaa har’aa
(+Bor) taasisnu keessatti, rakkoowwan jiraachuu adda baafatanii,
tumaalee seeraa irratti mari’achuun hubannoofi gahumsa ofii
gabbifachuun, murtii tilmaamamaa, wal fakkaataanifi walitti dhiyaatu
akka kennamu taasisuun ni danda’ama jennee waan amannuuf
dhimmoonni mariif ka’umsa ta’an kun qophaa’aniiru.
 Gama birootiin, Seerota haarayaa bahan irrattis hubannaa
dabalataa uumuun abbootiin seeraa dhimma fuulduratti
dhiyaatuuf irrattis dursanii qophaa’uun akka eegan kan
taasisu waan ta’eef, Labsii Lakk.1243/2013 (Seera
Daldalaa) kutaa adeemsota kasaaraatiin (Bankruptcy
Proceedings) wal qabatu ilaalchisees hubannoo gabaabaan
Kaayyoo Leenjichaa
 Bifa waliigalaatiin, dhimmoonni irratti mari’annu kun
dhimma hariiroo hawaasaafi dhimma yakkaa kan of
keessaa qaban yemmuu ta’u, Xumura leenjii kanaa
irratti abbootiin seeraa hirmaatan;
 Adeemsota Idaa Deebisanii Caasessuu, Adeemsota Deebisaanii
Ijaaruufi Adeemsota Kasaaraa ilaalchisee hubannoo dabalataa ni
argatu.
 Rakkoowwan Darbiinsa Yeroo Himannaa Mirga Abbaa
Qabiyyummaatiin Wal qabatanii qabatamaatti mul’ataniifi Haala itti
Furamu irratti hubannoo qaban ni gabbifatu.
 Rakkoowwan Seerummaa gaafatamaniin wal qabatee uumaman
irratti hubannoo qaban ni gabbifatu.
 Rakkoowwan Waliigaltee Seeraan alaa diiguun wal qabatanii
Kan Itti Fufe …
 Rakkoowwan Ijoo dubbii qabachuun wal qabataniifi Dirqama
mirkaneessuutiin wal qabatan irratti hubannoo qaban ni
gabbifatu.
 Rakkoowwan s/d/f/s kwt 235, 242fi SMO kwt 79n wal qabatanii
uumaman ilaalchisee hubannoo qaban ni gabbifatu
 Rakkoowwan haala itti fayyadama s/d/f/s kwt 343tiin wal
qabatan irratti hubannoo qaban ni gabbifatu,
 Rakkoowwan Abbummaa mirkaneessuufi Himannaa haaluu ykn
mormuu dhiyaatuun wal qabatanii qabatamaan uumaman
irrattis hubannoo qaban ni gabbifatu.
 Haala itti ragaan barreeffamaa mana murtiitti dhiyaachuu qabu
ilaalchisees hubannoo qaban ni fooyyeffatu.
 Rakkoowwan Haala Shallaggii beenyaa qabeenyaatiin wal
Kan itti fufe…
 Rakkoowwan Dhimma Gaaffii Qoodinsa Qabeenya
Dhaalaa Ilaalchisee Aangoo Hundee Dubbii
Murteessuun Wal Qabatan irratti hubannoo qaban ni
fooyyeeffatu.
 Rakkoowwan Falmii gareewwan hedduu
gidduutti adeemsifamuun wal qabatee
qabatamaan uumamu irratti hubannoo
dabalataa ni argatu.
Gama birootiin, dhimma yakkaa ilaalchisee;
 Dhimma Yakka Baala Sammuu namaa
hadoochuun wal Qabatee Aangoo manneen
murtii adda baafatu.
Kan itti fufe…
 Rakkoowwan Haala Murteessa Adabbii Dhimma
Yakka Ragaa Sobaa Bahuun Mana Murtii
Dogoggorsuun Wal Qabatan irratti hubannoo qaban
ni fooyyeffatu.
 Rakkoowwan Sanada uummataa sobaan qophaa’etti
fayyadamuun Wal qabatan irratti hubannoo qaban ni
gabbifatu.
 Rakkoowwan Seera Yakkaa kwt 543(3)n wal
qabatee uumaman irratti hubannoo qaban ni
gabbifatu.
 Rakkoowwan S/d/f/y Mirga wabii
ilaalchisuun uumaman irrattis hubannoo
qaban ni gabbifatu.
Itti fufe
 Dhuma irratti, bakka rakkoo keenyaa adda baasnee
(qaawwaa dandeettii, qaawwaa naamusaa, qaawwaa
gahumsaa (skill gaps), qaawwaa xiyyeeffannoo kennuu
dhabuu qabna kan jedhu irratti hundi of ilaalee), irratti
hojjechuudhaan, hubannoofi gahumsa qabnu caalmaatti
gabbifannee ergamni MMWOfi MMO, haaluma Labsii
Lakk.216/2011 kwt 23 jalatti ibsameen, jechuunis; “tajaajilli
abbaa seerummaa naannicha keessatti wal fakkaataafi
tilmaamummaa akka qabaatu taasisuu fi dogoggoroota jalaa
sirreessuu, duraa duubaan, kan jedhu akka galma gahuufi
qulqullina murtii kennamuus caalmaatti ni mirkaneessina
jechuudha. Bank.PPT
1. Rakkoowwan Darbiinsa Yeroo Himannaa Mirga Abbaa
Qabiyyummaa lafaatiin Wal Qabatan
 Qonnaan bulaan mirga qabiyyee lafaa qabu kamiyyuu
‘yeroon osoo hin daangeffamin’ qabiyyee isaatti mirga
fayyadamuu, kireessuu, miseensa maatii isaatiif
dhaalchisuu, kennuu, laficha gubbaatti qabeenya horate
gurguruu, jijjiiruufi dabarsuuf mirga qaba. (Labsii
Lakk.130/99 kwt 6(1)
 Kana jechuun daangaa hin qabu jechuu miti. Labsiin kun, lafti haala
addaatiin, akka itti fufiinsaan fedha dhaloota borii osoo hin miidhiin,
bu’aa ol’aanaa dhaloota ammaatiif argamsiisuun haala itti
fayyadamuu dandeenyu uumuuf haala itti fayyadama isaa to’atee jira.
Fkn wagga lamaaf sababa malee itti fayyadamuu dhabuu, kunuunsuu
dhabuu kwt 6(16) +18
Kan Itti Fufe …
 Mirga abbaa qabiyyummaatiin wal qabatee (sababa
itti hin fayyadamin turuutiin), himannaan tokko
daangaa yeroo akkamii keessatti dhiyaachuu qaba
kan jedhu kana ilaalchisee labsiin lakk.130/99s ta’e
Labsiin Lakk.456/1997 waan jedhe hin qabu.
Haa ta’u malee, Dambiin Labsii Lakk.130/99
raawwachiisuuf bahe, Dambii Lakk.151/2005 kwt 32
jalatti;
”Namni lafa baadiyyaa seeraan ala qabatee argame
kamiyyuu hanga wagga 12 tti gadidhisisuuf darbiinsa
yerootiin hin daangeeffamu” jedhamee tumameera.
Kan Itti Fufe …
 Egaa, tumaa kanaan wal qabatee;
 Gama tokkoon, iftoomina isaa (nama seeraan ala
qabateen gadi hin lakkisin, diduu dandeessa
jechuudhamoo?, namni jalaa qabatame waggaa 12
booda himannaa dhiyeessee gadi lakkisiifachuu hin
danda’u jechuudha?). +Seera kamiin ala?
 Gama birootiin, Dambiin kun tumaalee mirga
abbaa qabiyyuummaa daangessan kan labsii keessa
hin jirre ida’uu danda’aa? Sababa tumaalee labsii
keessa jiru raawwachiisuu jedhuun itti dabaluun ni
danda’amaa? Kan jedhu gaaffiidha.
Kan Itti Fufe …
 Ta’us garuu, Dambiin dhimma darbiinsa yeroo
tumuu hin qabu kan jedhamu yoo ta’e, qaama
aangoo qabuun sirraa’uu qaba. (Hiikkoo Mana
murtiitinis ta’e, qaama walitti bu’iinsa seeraa
sirreessuu danda’u kamiinuu)
 Yeroo ammaatti, Dambiin tumuu hin qabu
jedhamee murtiin dirqisiisaan kenname waan hin
jirreef, inumaayyuu Dhaddachi Ijibbaataa MMWFs
tumaa kanatti fayyadamaa waan jiraniif dhimma
iftoomina isaafi haala itti hojiirra ooluu qabu irratti
mari’achuun barbaachisaadha.
Kan Itti Fufe …
 Akkuma armaan olitti kaasne, gosti darbiinsa yeroo
isaa; Acquisitive prescription (usucaption)vs Extinctive
prescription (period of limitation) dha?
 Dabalataan, lafa ilaalchisee, abbaa qabiyyee seera
qabeessa jedhamuuf; dirqama tooftaa argannaa sadan
(labsii keessatti eeraman) mirkaneessuu qabdamoo
turtii yerootiin abbaa qabiyyee seera qabeessa ni taata?
 Namni himatame tokko mormii sadarkaa duraa
keessatti falmii darbiinsa yeroo yoo kaase haala kamiin
isa kana bira dabarree, tooftaa argannaa lafaa sadan
keessaa tokkoon argachuu kee mirkaneessi jennaan?
Moo, himatamaan dursee tooftaa argannaa
mirkaneessa?
Kan Itti Fufe …
 Mirga kana, namni bu’uura seera qabeenyaa (lafaa) tiin
(tooftaa sadan eerameen) argate, maalif waa’ee darbiinsa
yeroo kaasa? Mormii darbiinsa yeroo kaasuun mataa
isaatiin tooftaa jedhameen (kennaa, dhaalaafi
mootummaa irraa) kan hin arganne ta’uufi sababa turtii
yerootiin kiyya ta’uu qaba kan jedhu hin agarsiisuu?
Dhimma 1ffaa
 Manni Maree Federeeshinii murtii bara Paarlaamaa 4ffaa,
Waggaa 5ffaa, yaa’ii idilee 2ffaa gaafa 18/10/2007 taa’een
iyyattuu-Maammitee Sebleefi waamamtuu-Muluu Gurmuu
gidduutti kenneen;
Kan Itti Fufe …
 “Lafti iyyattuufi abbaan warraa ishee kan bara 1971 keessa
fudhatan ta’ee, erga abbaan warraa ishee du’ee immoo bifa
kiraatiin abbaa warraa waamamtuu ammaatiif kennamee
haala kanaan harka waamamtuu galee osoo jiruu sababa
waggaa 12 harka waamamtuu tureera jedhuun himannaa
iyyattuu kuffisuun mirga iyyattuun qabdu (Heera kwt 35) fi
mirga fonqolfamuu dhabuu sarba jechuun murtii Mana
Murtii Aanaa Muloo irraa ka’eefi Dhadd.Ijibbaataa
MMWOtiin murtaa’ee kan Federaalaatiin cime raawwii hin
qabaatu jedheera.
 Kiraa ilaalchisee ragaan barreeffamaa hin dhiyaanne. Ragaan namaa iyyattuu; abbaan
warraa waamamtuu bu’aa walakkaa iyyattuudhaaf qoodaa ture jedhu. Akkamitti ilaaltu?
Kan Itti Fufe …
Dhimma 2ffaa
 Murtii Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, Dhaddacha
gaafa 22/01/2010 ooleen Galmee Lakk.140538 ta’e
irratti (Jildii 22) iyyataa-Warquu Taaddasaa fi
Waamamaa-Jiraataa Alfataa jedhaman gidduutti
kenneen;-waliigaltee seera qabeessa hin taaneen
kan qabate ta’uun yoo mirkanaa’een ala qonnaan
bulaan waggaa 12f qabiyyee lafa baadiyyaa qabatee
itti fayyadame gadi lakkisuuf hin dirqamu jedheera.
(Dambii kwt 151/2005 kwt 32 caqase)
Kan Itti Fufe …
Dhimma 3ffaa
 Dhaddachi ijibbaataa MMWO dhaddacha gaafa 05/02/2005
ooleen Galmee lakk.133903 ta’e irratti falmii nama Huseen
Abdoo jedhamuufi WLEN Aanaa Collee gidduu jiru ilaalee;
Huseen Abdoo bara 1983 irraa eegalee kan itti fayyadamaa ture
ta’ullee, bu’uura labsii lakk.130/99 kwt 2(3)tiin qabiyyeen lafa
baadiyyaa seera qabeessa ta’e kan argamu; dhaalaan,
kennaadhaan, fi qaama mootummaa aangoo qabu irraa qofa
waan ta’eef, kanaan ala namni qabiyyee nama biroo seeran ala
qabatee of harka galfate abbaa qabiyyee hin ta’u jedhe
murteesseera.
 Mormiin darbiinsa yeroo ka’uun isaa sirri miti jechuudhamoo?,
Falmii ati darbiinsa yeroo jechuun bifa mormii sadarkaa
duraatiin kaaste hin ilaalu jechuudhamoo?, ….
Kan Itti Fufe …
 Dambii kwt 32 irra waan jiru hin raawwachiisu
jechuudhamoo?, Haalli biroo (haalli addaa) itti keewwatni
32 ilaalamu jira jechuudha?
 Murtiin kun dhama qabeessaa ta’aa laata? Dhimmi
darbiinsa yeroofi seera qabeessummaa haala argannaa
waliin ni deemaa?
 Darbiinsi yeroo-namni mirga qabu sababa mirga isaarra
rafeen akka dhabu taasisa, Sababa efficiency fi baduu
danda’uu ragaatinis seerri garee haala bu’a qabeessa ta’een
qabatee fayyadamuun dinagdeedhaaf gumaachuuf mirga
bu’uura seeraa qabu kennuu danda’a. Legal certainty’n
akka jiraatu taasisa. (Eenyu abbaa haa ta’uree)
Kan Itti Fufe …
Dhimma 4ffaa
 Dhimmi kun dhimma Dhaddachi Ijibbaataa MMWO
dhaddacha gaafa 19/11/2014 ooleen Lakk.Ga.404139 ta’e
irratti murteessedha.
 Dhimmi kun kan eegale Mana Murtii Aanaa Bookee irraa
yemmuu ta’u, dhimma kana keessatti iyyattuun dhaddacha
Ijibbaataa (himattuun Aanaa) himannaa fooyyessuun
waamamtoota dhaddacha Ijibbaataa (Himatamtoota
Aanaa) irratti dhiyeessiteen; qabiyyee lafaa (bakkaa fi daangaa
isaa ibsitee), qindii sagal, jimaa kataraa 25 of irraa qabu, kan bara
1999 Abbaa Warraa kiyya waliin waggaa sadiif itti kireessinee booda
immoo qar. 35,000niin itti gurgurree jirra. Ani yeroo sanitti oowwi
sammuu ana qabee, dhukkubsadheen waan tureef, amma qabiyyee
lafaa kiyya kan Jimaa kataraa 25 of irraa qabuufi lafa qindii 9 akka
Kan Itti Fufe …
 Waamamtoonni deebii fooyyessuun kennaniin;
Qabiyyee lafaa iyyattuun gaafattu erga qabannee
waggaa 16 ol ta’eera waan ta’eef, himannoon ishee
bu'uura Dambii Lakk. 151/2005 kwt. 32 tiin
darbiinsa yerootiin daangeffama. Ani waamamaa
1ffaan qabiyyee lafaa falmii kaasee jiru himattuu irraa
hin bitne, lafa duwwaa baafadheen ? qorqoorroo
hulaa lama irratti ijaarradheen qabadhee irraa
fayyadamaa jira Kanaaf himannoon ishee kufaa naaf
haa ta’u jedhaniiru.
Kan Itti Fufe …
Kana booda, Manni Murtii Aaniichaas dhimmicha irratti
ragaa bitaafi mirgaa dhagahee, Waajjira Bulchiinsaafi Itti
Fayyadama Lafa Baadiyyaa Aanaa irraas qulqulleeffatee
dhuma irratti; Qabiyyee lafaa falmii kaasee jiru
Waamamtootni bittaan kan argatan osoo hin taane lafa
duwwaa qabachuudhaan waggaa 16f irraa fayyadamaa kan
jiran ta'uu ragaan dhiyaateeru kan hubachiise waan ta·eef,
himannoon iyyattuudhaa darbiinsa yerootiin kufaadha
jechuun murteesseera.
Itti aansnuun, iyyattuun ammaa murtii MMA
komachuun komii ishee MMO Godina Harargee Lixaatti
kan dhiyeeffatte yemmuu ta’u, Manni Murtii Ol’aanaa
immoo; …
Kan Itti Fufe …
 “Waamamaa 1ffaan ammaa kun jalatti deebii isaa
calqabatti wayita dhiyeessu qabiyyee lafaa falmii
kaasee jiru Qar. 35.000 bitadhee, Jimaa fi mana
kanan irraa qabudha jechuun deebisee, booda
immoo deebii fooyyeessee dhiyeesse keessatti ‘hin
bitne’ jechuun falmuun isaa waamamtootni
qabiyyee lafichaa bitachuu kan argisiisu waan ta’eef
darbiinsa yerootiin daangeffama jedhamuun sirrii
miti erga jedhee booda murtii mana murtii jalaa
diigee, MMA dhimma ijoo falmii bu'uuraa rratti
falmisiisuun murtii akka itti kennu jechuun bu’uura
s/d/f/s kwt. 341(1) tiin gara Mana Murtii Aanichatti
Kan Itti Fufe …
 Kanatti aansuun, Waamamtootni ammaa Dhaddacha
Dhaabbii Bahaa MMWOtti komii dhiyeeffatanii,
dhaddachichi immoo; Waamamaa 1ffaan deebii jalatti
fooyyeessuun dhiyeesse keessatti qabiyyee lafaa falmii
kaasee jiru kan hin bitnee fi lafa duwwaa qabachuu isaa
kaasuun kan falmeefi ragaan dhiyaatee jirus kanuma
hubachiisee osoo jiruu falmiin iyyattuudhaa darbiinsa
yerootiin kufaa hin ta'u jechuun sirrii miti jechuun murtii
mana murtii ol’aanaa erga qeeqee booda, dhimmicha
qajeelfamaan gadi deebisuun murteessuun isaa
dogoggoradha jechuun murtii MMO diigee, kan Aanaa
cimse.
Kan Itti Fufe …
Itti fufuun, iyyattuun ammaa dhaddacha Ijibbaataa
MMWOtti iyyannoo dhiyeeffattee, dhaddachichi
immoo; Akka galmee jalaa guutummaan isaa akka
dhiyaatu ajajuun ‘Telegram’n dhiyeessisnee ilaalletti,
falmiin iyyattuufi Waamamaa 1ffaa giddutti erga
adeemsifamee boodaa, dhimmicha irratti Manni
Murtii Aanichaa dhaddacha gaafa 01/06/2013
ooleen; Waamamaa 1ffaan ammaa kun qabiyyee lafaa falmii
kaasee jiru Qar. 35.000 iyyattuu fi Abbaa Warraa ishee irraa
bitachuun, Jimaa fi Mana jireenyaa irratti ijaarratee qabachuu
isaa waan amanee falmeef, iyyattuuf akka gadi lakkisuuf
jedhamee kan murtaa’e ta'uu,
Kan Itti Fufe …
 Haala kanaan, erga murtii argatee booda sababa
Waamamtuu 2ffaan ammaa (Haadha Warraa Waamamaa
1ffaa) iyyannoo mormii murtii gaafa 01/07/2013
barreessuun Mana Murtii Aanichaaf bu'uura s/d/f/s kwt
358 tiin murtiin bakka ani hin jirretti, qabiyyee lafaa kiyya
irratti osoo hin beekiin kenname sirrii waan hin taaneef
akka naaf haqamu waan jetteefidha. Iyyannoo mormii
kana irratti, iyyattuun ammaafi waamamaa 1ffaan ammaa
deebii akka kennan ajajamee osoo haala kanaan jiruu,
Waamamaa 1ffaa fi iyyattuun, deebii isaanii fi himannoo isaanii
(duraa dubaan) fooyyeeffachuuf MMAtti gaafatanii, MM Aanichaas
akka fooyyeeffatan ajajee, booda dhimmicha irratti falmii guutuu
dhaggeeffachuun himannoo iyyattuudhaa bu’uura Dambii Lakk.
151/2005 kwt. 32 tiin darbiinsa yeroo waggaa 12tiin kufaa
taasiseera.
Kan Itti Fufe …
 Akkaataa s/d/f/s kwt. 358 tiin iyyannoon mormii dhiyaatu,
qabiyyeen isaa kanneen kwt 359 jalatti taa'ee jiru guutuun kan irra
jiraatu ta'uu fi falmiin iyyannoo bu’uura s/d/f/s kwt 358tiin
dhiyaatuun booda adeemsifamus iyyannoo Mormataa murtii fi
Deebii Waamamtootni iyyannoo mormii dhiyaateeru bu'uureffate
ta'uun alatti, himataa fi himatamaan murtichaa, gara murtii
dura kennameetti deebi'uun himannoo calqabaa fi
deebii calqaba kenname ittiin fooyyeeffatan adeemsa
seeraa akka hin taane tumaa s/d/f/s kwt 9, kwt 358 fi
kwt 359 booda jiru irraa hubachuun ni danda’ama.
Sababni isaa; dhimmi duraan falmii iyyattuu fi waamamaa
1ffaa giddutti falmameen murtii argatee jiru hanga
akkaataa seerichaatti ilaalamee bu’uura s/d/f/s kwt
360(2) tiin hin tuqamnetti murtii akka seeratti kenname
jiru waan ta’eefidha.
Kan Itti Fufe …
 Kana ta'ee osoo jiruu, Manni Murtii Aanichaa
himannoofi deebii calqabaa fooyyessisee, adeemsa
armaan olitti eerameen ala deemee murtii kennuun
sirrii waan hin taaneef, MMOfi Dhaddachi
Dhaabbii Bahaa MMWOs hanqina adeemsaa
Mana Murtii Aanichaan raawwatame osoo hin
sirressine bira darbuun diiguunifi cimsuun sirrii
waan hin taaneef, murtiiwwan kennaman diignee
iyyannoo waamamtuu 2ffaan bu’uura s/d/f/s kwt
358tiin dhiyeeffatte irratti deebii kennisiisee,
bu’uura seera deemsaatiin qulqulleessee murtii akka
kennu jechuun s/d/f/s kwt 343(1) caqasee qajeelfamaan
Kan Itti Fufe …
 Murtiin erga kennamee booda sababa iyyannoo
mormii garee 3ffaatiin himannaafi deebii jalqaba
murtii jalqabaatiif ka’umsa ta’e fooyyessisuun ni
danda’amaa?
 MMOfi Dhaddachi Bahaa adeemsa dogoggora
jedhame sababni itti hin arginiif maalif isinitti
fakkaata? (Murtiin Mana Murtii Aanaa kenname
dhimmichi iyyannoo mormii bu’uura godhatee irra
deebiin kan socho’e ta’uu waan hin ibsineefii?)
Osoo duraan bittaa haalee falmeera ta’ee mormiin
dambii bu’uura godhachuun ka’e fudhatama ni
argata turee?
2. Rakkoowwan Seerummaa Gaafatamaniin Wal Qabatan

 Bu’uura s/d/f/s kwt 224tiin himataan himannaa isaa


keessatti seerummaa gaafatu addatti ykn
filannoodhaan dhiyeessuu qaba.
 Himannaan isaa dhimmoota ykn sababoota
himannoo adda addaa bu’uura godhate yoo ta’es
seerummaa isaa adda adda baasee ibsuu qaba.
 Keewwatni kun seerummaan bifa waliigalaatiinis
(general relief) gaafatamuu akka danda’ufi manni
murtii akka haala isaatti murteessuu akka danda’u
tuma. Seerumti kun kwt 182 (2) jalatti immoo manneen
murtii sadarkaa duraa dhimmoota tarreeffamaan ykn ifatti
hin dhiyaanne irratti murtii kennuu akka hin qabne ibseera.
Kan Itti Fufe …
 Gaa’ila ilaalchisees, Abbaan warraafi haati warraa
‘fuudhaa-heerumni keenya hiikkaadhaan akka nuuf
diigamu’ jechuun bu’uura SMO kwt 104tiin
iyyannoo dhiyeessuu ni danda’u.
 Namoonni fuudhaafi heeruma osoo hin raawwatin
akka abbaa warraafi haadha warraatti waliin jiraatan
immoo yeroo kamiyyuu qunnamtii isaanii addaan
kutuu ni danda’u(kwt 135). (Hiikkaa gaafatan hin
qaban). Adeemsa waliin jireenyaa kana keessatti
garuu falmiin ka’uu danda’a. (kwt 137)
 Seerummaan gaafatame guddaa ykn bal’aa ta’ee,
kan mirkanaa’e immoo xiqqoo yoo ta’ehoo?
Kan Itti Fufe …
 Biyya Hindiitti, yoo xiqqoon gaafatamee (smaller relief)
guddaan mirkanaa’e hin murtaa’u malee, yoo guddaan
gaafatamee xiqqoon mirkanaa’e akka seerummaan
gaafatametti fudhatamee murtaa’a. Seerummaa hin
gaafatamne irratti murteessuun mirga garee biroo sarba
yoo ta’e garuu murtaa’uu hin qabu. (M P JAIN)
 Darbee darbee, qabatamaatti, seerummaan gaafatamee
osoo jiruu bira darbuun (callisuun) ni jira. Dhaddachi
Ijibbaataa MMWO murti galmee lakk.402873 ta’e irratti
dhaddacha gaafa 28/10/2014 ooleen kenne keessatti;
dhimmi qoodinsa maallaqa iqqubiifi meeshaa waraanaa
shugguxii gaafatamee bira darbamuun ibsameera. (MMA
Xuulloo irraa ka’ee hanga ijibaatatti bira darbame)
 Shugguxii ilaalchisee kan gaafatame baasii ittiin bitame keessaa walakkaa
waan ta’eef qarshii 7500 haa kaffaluuf jedheera.
Kan Itti Fufe …
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun dhimma Dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin galmee lakk.404014
ta’e irratti dhaddacha gaafa 5/11/2014 ooleen ilaalamee murtii argatedha.
Dhimmi kun kan eegale MMA Collee irraa yemmuu ta’u, waamamaan ammaa
(himataan jalaa) himannaa dhiyeesseen; iyyattuu ammaa waliin bara 2000
keessa sirna aadatiin wal fuunee, qabeenyaafi qabiyyee waliin horannee osoo
qabnuu, amala natti jijjiirrachuun qabeenya irraas homaa hin qabdu jettee
gurgurtee balleessaa waan jirtuuf gaa’illi diigamee qabeenyaafi qabiyyee akka
naaf qoodduu kan jedhe yemmuu ta’u, iyyattuun ammaa immoo deebii
kenniteen; gaa’ila hin qabnu, dura akka haadhatti ofitti fudheen guddise booda
nama biroo fuudheera jetteetti.
Kana booda Manni murtii aanaa Collee raga namaa bitaafi mirgaa dhagahee,
gaa’illi sirna aadaatiin raawwatamuun hin mirkanoofne. Garuu akka abbaa
warraafi haadha warraatti waliin jiraachuun mirkanaa’eera waan ta’eef sun
diigameera jedheera
Kan Itti Fufe …
MMOfi Dhaddachi Bahaa MMWO murtii aanaa ni cimsan.
Dhimmichi Dhaddacha Ijibbaataa gahee, dhaddachichi
immoo sagalee caalmaatiin; Manni Murtii Aanaa ragaa
madaaluuf aangoo qabu ragaa bitaa mirgaa simachuun
akkasumas ragaa dabalataa ajajaan erga dhiyeessisee booda,
bitaa fi mirgi osoo gaa'ela hin raawwatiin akka fakkii warra
wal fuudhaniitti jiraachaa turuun mirkanaa'eera jechuun murtii
kennee jira. Dhaddachi kun ammoo ragaa madaaluun gahee
isaa waan hin taaneef, gudunfaa Manni Murtii Aanaa ragaa
madaaluun irra gahe kana dogoggora bu'uura seeraa qaba
jechuun hin danda' amne. Kanaaf, falmii iyyattuun gama
kanaan dhiyeessite dhaddachi kun hin fudhanne.
Kan Itti Fufe …
 Seerummaa gaafatameen wal qabatee, gaaffii waamamaan
Mana Murtii Aanaatti gaafate gaa'elli akka aadaatti
raawwanne naaf haa diigamu kan jedhu ta'uullee
dhaddachi kun ni hubata. Manni Murtii Aanaa dhimmicha
irratti qulqulleessa taasiseen bitaa fi mirga gidduu gaa'elli
kan hin jirre yoo ta'e illee bitaa fi mirgi waggaa 3 oliif
gaa'ela osoo hin qabaatiin akka haadha manna fi abbaa
manaatti akka jiraachaa turan kan mirkaneeffate ta'uu
murtii isaa irratti ibsee jira. Namni tokko gaa’elli akka
diigamuuf gaafatee garuu kan mirkanaa’e gaa’ilaan ala
waliin jiraachuu yoo ta'e Manni Murtii isa kana mirkaneessuun
seerummaa hin gaafatamne kan jechisiisu miti. Gaa'elaa ala akka
haadha manaa fi abbaa manaatti jiraachuun dhimma Seeraan
beekamtii argate ta'uu tumaa seera maatii murtii kana gara oliitti
Kan Itti Fufe …
 Dhiirrii fi dubartiin tokko waggaa 3 (sadii) oliif osoo
gaa'elli hin jiraatiin akka haadha manaa fi abbaa manaatti
kan waliin jiraatan yoo ta'e ammoo walitti dhufeenyi isaanii
gama qabeenyaan bu'aa gaa’elli hordofsiisu waliin tokko
akka ta'e SMO keewwata 132 jalatti tumamee jira. Dhimma
amma of harkaa qabnutti yoo deebinu, bitaa fi mirgi osoo
gaa'elli hin jiraatiin akka haadha manaa fi abbaa manaatti
kan jiraachaa turan ta'uun ragaan qulqullaa'ee kan murtaa'ee
fi walitti dhufeenyi kun ammoo gama qooddii qabeenyaan
bu’aa wal fakkaataa kan hordofsiisu ta'uu waliin Manneen
Murtii jalaa isa kana mirkaneessuun murtiin kennan murtii
dogoggora bu'uura seeraa qabu ta'ee hin argamne.
 Yaadni addaa (abbootii seeraa lamaan) murtii kana irratti
kenname immoo;
Kan Itti Fufe …
Waamamaan himata Mana Murtii Aanaatti dhiyeesseen
gaa'elli akka aadaatti iyyattuu waliin raawwanne akka naaf
diigamu jechuun gaafate. Iyyattuun ammoo bitaa fi mirga
gidduu gaa'elli kan hin jirre ta’uu ibsuun falmite. Falmii bitaa
fi mirgaa irraa kan hubatamu bitaa fi mirga gidduu gaa'elli jira
moo miti? kan jedhu ijoo furmaata argachuu qabu ta'uu isaati.
Manneen murtii jalaa ragaa madaaluun bitaa fi mirga gidduu
gaa'elli akka hin jirre kan murteessan yoo ta'u, murtiin kun
kan jijjiirame ta'uu falmiin dhiyaate waan hin jirreef bitaa fi
mirga idduu gaa'elli kan hin jirre ta'uun sadarkaa kanatti
falmisiisaa miti.
Kan Itti Fufe …
 Manni Murtii Aanaa gaa'elli hin jiru ergi jedhee
booda isa kana irra darbuun bitaa fi mirga gidduu
walitti dhufeenyi osoo gaa'elli hin jiraatiin akka
abbaa manaa fi haadha manaatti jiraachuu akka
isaan gidduu jiru mirkaneessee jira. Waamamaan
himata dhiyeesseen gaa'elli naaf haa diigamu jedhe
malee walitti dhufeenyi ga’elaa ala akka haadha
manaafi abbaa manaatti jiraachuu naaf haa
mirkanaa'u ykn naaf haa diigamu gaaffii jedhu kan
dhiyeesse ta’uu galmeen hin argisiisu.
Kan Itti Fufe …
 Manni Murtii sadarkaa jalqabaa kan murtii kennuu qabu
seerummaa bitaa fi mirgi gaafatan irratti malee seerummaa
bitaa fi mirgi hin gaafanne irratti murtii kennuu akka
hin qabne seera deemsa falmii sivilii keewwata 182 (2)
jalatti tumamee jira.
 Kanumaan dhimma of harkaa qabnutti yoo deebinu, waamamaan
gaaffii Mana Murtii Aanaatti dhiyeesseen gaa'elli akka diigamuuf
gaafate. Walitti dhufeenyi gaa'elaa ala akka haadha manaa fi abbaa
manaatti waliin jiraachuu bitaa fi mirga gidduu jiraachuu falmii
dhiyeesse hin qabu.
 Firiiwwan dubbii gaa'elli jiraachuuf mirkanaa'uu qabanii fi firiiwwan
dubbii osoo gaa'elli hin jiraatiin akka haadha manaa fi abbaa
manaatti jiraachuu hundeessan ammoo firiiwwan dubbii adda addaa
waan ta’eef murtiin manneen murtii jalaatiin kenname diigamuu
qaba jedhaniiru.
Kan Itti Fufe …
Gaaffii
 Seerummaa guddaan gaafatamee xiqqaan
mirkanaa’e jechuu dandeenyaa? Gaa’illi
jiraachuun hin mirkanoofne jechuudhaan himannaa
kuffisuun waamamaan himannaa biroo ‘irregular
union’ bu’uura godhatee akka hin dhiyeeffanne ni
taasisaa? Ijoo mirkanaa’e irratti murteessuun mirga
falmachuu iyyattuu ni miidhaa?
3.Rakkoowwan Waliigaltee Seeraan Alaa Diiguun
Wal qabatan
SHH kwt 1808 (1) jalatti, hir’ina fedhii ilaalchisee, qaamni
gaaffii diiggaa waliigaltee dhiyeessuu danda'u, qaama sababa
dandeettii dhabuutiin ykn fedhii bilisa kennuu dhabuurraan
ka'ee qaama waligaltichaan miidhame qofa ta’uun ibsameera.
Qaamni biroo yoo dantaa qabaate illee, gaafachuuf mirga hin
qabu.
Keewwatni kun cita xiqqaa lama jalatti immoo; waliigalteen
sun seeraan ala, faallaa safuuti ykn foormii seeraan gaafatamu
hin guunne jechuun waliigalteen akka diigamuuf
waliigaltoonnis ta'ee, namni dhimmicharraa dantaan qaba
jedhu kamiyyuu gaafachuu danda'aa jedha.
Kan Itti Fufe …
Namni ‘ilaallatu kamuu’ kan jedhameef, dhimmoonni keewwaticha
keessatti eeraman walitti dhufeenya hawaasummaa fi dinagdee garee
waliigaltootaa irra darbee kan hawaasa mara irratti dhiibbaa geessisu
ta’uun isaa waan hubatameefidha. Seerri kun, itti fufuun, kwt 1809
jalatti gareen waliigaltee diigsisuuf mirga qabu, yeroo kamittuu hin
raawwadhu jedhee diduuf mirga kan qabu ta’uu tuma.
Waliigalteen tokko sababa ragga’uu dhabuutiin akka diigamuu yoo
taasifame, hanga danda'ametti gareen waliigaltootaa bakka
waliigalteen dura turaniitti akka deebi'an gochuun barbaachisaa dha
(kwt 1815). Waliigalteen sun kan ragga’u ykn seera biratti
fudhatama kan qabu dha yaada jedhuun dhimmoonni raawwataman
yoo jiraatan hafaa ykn bu’aa kan hin qabne ta’u jechuu dha. Bu’uura
kwt 1808tiin gaffiin (iyyannoon) dhiyaachuun barbaachisaadha.
Kan Itti Fufe …
 Bu’uura seera waliigalteetiin, waliigalteewwan
raawwataman ilaalchisee seerummaan akkaataa
waliigalteetti naaf haa raawwatamu jedhuu (1717, 1771,
1776)fi waliigalteen naaf haa diigamu (1808) jedhu
dhiyaachuu danda’a. Manni Murtii kaka’umsa mataa
isaatiin waliigalteewwan seeraan alaa ‘hin raawwataman’
‘unenforceable’ jedhee murteessuu ni danda’a. Bakka
kanatti, seerri waliigaltee eegumsa kan taasise gareewwan
waliigalteetiif osoo hin taane adda dureedhaan imaammata
uummataatiifidha. Seerri ykn manni murtii maalif fedhii
gareewwanii keessa gala? Sodaa uumuun namni akka itti
hin seenne gochuuf (Deterrence effect)? ‘No one should
benefit in any way from his illegal behaviour?
Kan Itti Fufe …
 Waliigaltee seeraan alaa raawwachiisuun kabaja mana murtii waan
xiqqeessuuf? (namoonni seeraaf bitaman manni murtii waliigaltee
namoonni seera cabsuun raawwatan raawwachiisuun deeggara jira
jechuun amantaa dhabuu danda’u).
 Dhimmoota akkuma haala isaatti fkn waliigaltee faallaa heeraa
(bittaafi gurgurtaa), waliigaltee ulaagaa foormii, waliigaltee
qajeelfama faallessan jennee ilaallaa?
 Principle=“He Who comes into equity must come with clean
hands’. Does this principle work?
 “Participants to an illegal contract who are in pari delicto can
secure no relief based on such contract”-Qajeeltoo Sirna Common
law’ keessatti dur beekamu.
 Gareewwan lachuu badii wal qixa yoo qabaatan? ‘Pari Delicto’
(Equal fault) vs (Equal or Greater Legal Fault) MM Kaka’umsa
mataa isaatiin Waliigaltee diiguuttis seenuu ni danda’aa? Burden of
Kan Itti Fufe …
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun dhimma dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin
galmee lakk.402887 ta’e irratti dhaddacha gaafa 12/11/2014
ooleen murtii argatedha.
 Dhimma kana keessatti Waamamtuun Dhaddacha Ijibbaataa
(himattuun jalaa) himannaa iyyataa ammaa (himatamaa
jalaa) irratti MMA Ada’aatti dhiyeessiteen; ani duraan abbaa
warraa kiyya waliin mana murtiitti gaa'elli keenya diigamee,
qabeenya waliin qabnus guutummaatti qooddannee, mana
jireenyaa qabnus kan gurgurree ture waan ta'eef, iddoo
mana jireenyaa waan dhabeef lafti qonnaa abbaa warraa koo
irraa qooddadhe immoo naannoo namni hin jirree fi
jireenyaaf hin mijanne waan ta'eef yeroof
Kan Itti Fufe …
 hanga iddoo mana jireenyaa mijeeffadhutti iyyataan kun
lafa safaraa Bakkajjoo keessaa waan qabuuf lafa qonnaa
aanaa Ada’aa ganda qotee bulaa Bakkajjoo iddoo addaa
Booree jedhamutti argamu qabu keessaa lafa qarxii tokko
kuteefii iyyataan immoo lafa eddoo mana jireenyaa lafa
kaaremetira 400 bara 2006 keessa naaf kenneera. Gibira
lafaa lafuman abbaa warraa kiyya irraa qooddadhe irrattan
kaffala, iyyataanis lafuma isaa irratti kaffala. Ragaa
abbaa qabiyyees lafuma lafa keenya irratti fudhanneerra.
Haaluma kanaan akkaatuma waliigaltee keenyaan iddoo
mana jireenyaa mijeeffadhee qabeenya koo irraa kaafadhee,
lafa kee gadin siif dhiisaa atis gadi naaf dhiisi jennaan gad
siif hin dhiisu jedhee waan dideef akka gadi naaf lakkisu
akka naaf murtaa’u kan jette yemmuu ta’u,
Kan Itti Fufe …
, iyyataan ammaa immoo; waamamtuun iddoo mana
jireenyaa dhabe jettee bu’uura na gaafatteen mana
jireenyaa qorqoorroo luukii 30 iddoo kaaremetira 400
irratti qubatee argamu waamamtuuf jijjiireefii
isheenis fedha isheetiin lafa qonnaa qabiyyee ishee
ta'e naaf jijjiirtee, nuti lameenuu qabiyyee wal jjjiirre
kana hanga dhumaatti fayyadamuuf waliigaltee
jijjiirraa gaafa 21/06/2006 taasisneen kan wal jijjiirre
waan ta'eef waliigaltee keenya diiguuf himannaan
dhiyeessite kufaa naaf haa ta'u jechuudhaan
deebiseera.
Kan Itti Fufe …
Kanatti aansuun, MMA ijoo dubbii; "Waamamtuufi iyyataan
jijjiirraa lafa qonnaafi lafa mana jireenyaa taasisan hanga
dhumaatti itti fayyadamuuf moo yeroo murtaa'eefidha?
Waliigalteen jijjiirraa lafaa godhame seera qabeessa moo
miti? jedhu qabatee falmii fi ragaa dhaga'ee, dhuma irratti
murtii kenneen; iyyataan kunii fi waamatuun waliigaltee
jijjiirraa lafa qonnaafi lafa mana jireenyaa taasisan hanga
dhumaatti itti fayyadamuuf akka ta'e waliigaltee dhiyaate
irraa hubatama. Namootni waliigalticha irratti akka ragaatti
lakkaa'amnis ibsaniiru. waliigalteen taasifames seera qabeessa
waan ta'eef waamamtuun waliigalteen jijjiirraa lafaa erga
gootee waggaa 8 itti fayyadamtee booda amma duubatti
deebitee waliigalteen akka diigamuuf kan gaafattu sirrii miti
jechuudhaan himannaa ishee kufaa godhee murteesseera.
Kan Itti Fufe …
Manni Murtii Ol’aanaa Godina Shawaa Bahaatis murtii MMA bu’uura
s/d/f/s kwt. 337 tiin cimseera. Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO
immoo; bu'uura labsii lakk. 130 /99 keewwata 8 fi dambii bulchiinsaa fi
itti fayyadama lafa baadiyaa lakk.151/2005 kwt 1l (2) tiin lafti qonnaa
kaayyoo qonnaa hammayyaatiif yookaan ooyiruu fageenya irra jiru gara
tokkotti fiduuf qofa ? abbootiin qabiyyee wal jijjiirraa raawwachuu kan
danda'an yoo ta' u, himattuu fi himatamaan kaayyoo kanaaf kan wal
jijjjiran waan hin taaneef bu'uura seeraa hin qabu. Kanaafuu wal
jijjiirraan kun bu'uura seeraa kan qabu waan hin taaneef manni murtii
aanaa akka seera qabeessaatti fudhachuun himanan ishee kufaa gochuun
sirrii miti jechuudhaan murtii mana murtii aanaa fi ol aanaa diiguudhaan
iyyataan kun lafa qonnaa waamamtuu qarxii tokko daangaan isaa
bahaan-Laggasaa Gammachuu, Lixaan-Yaadashii Dinquu, kaabaan -
Abarraash Goobanaa, Kibbaan-Warquu Baqqalaatiin daanga'u
waamamtuu ammaa kanaatiif gad haa lakkisu akkasumas waamamtuun
lafa kaaremetira 400 sababa wal jijjiirraatiin harka ishee gale iyyataa
kanaaf gad haa lakkistu jechuun murteesseera.
Kan Itti Fufe …
 Itti fufuun, dhimmi kun dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee,
dhaddachichis; Iyyataa fi waamamtuun kun waggaa 8 dura bara 2006
lafaa fi eddoo mana jireenyaa fedha isaaniin kan wal jijjiiran ta'uun
kan falmisiise miti. Waliigalteen wal jijjiirraan taasifames yeroodhaaf
jedhamee akka hin taane firii dubbii mana murtii aanaatti rnirkanaa'e
dha.
 Manni Murtii Waliigala Ororniyaa Dhaddachi Dhaabbii Bahaa
sababni itti waliigaltichi akka diigamuu fi iyyataan qabiyyee
waamamtuu irraa jijjiirraan argate akka gadi lakkisu rnurteesse
sababa waliigaltichi seeraan walitti bu'a, ulaagaa labsii bulchiinsaa fi
itti fayyadama lafa baadiyaa lakk. 130/99 kwt 8 fi dambii bulchiinsaa
fi itti fayyadama lafa baadiyyaa lakkoofsa 151/2005 kwt 11 (2) tiin
kan hayyamame miti jedhuunidha. Nutis dhimma kana akka ilaalletti
qonnaan bulaan wal jijjiirraa lafaa kan raawwatu qonna
hammayyaatiif yookiin ooyruu fageenya irra jiru naannoo tokkotti
fiduuf akka ta'e dambii bulchiinsaa fi itti fayyadaam lafa baadiyyaa
Kan Itti Fufe …
 Haalli itti iyyataa fi waamamtuun lafa itti wal jijjiiran ulaagaa kana
kan guutu waan hin taaneef, akkasumas qaama ilaallatu waajjira
bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa aanaatti galmaa’uu isaa
kan ibsame waan hin taaneef Manni murtii waliigala Oromiyaa
Dhaddachi Dhaabbii Bahaa waliigaltichi seera qabeessa miti jechuun
dogoggora miti. Akka SHH kwt 1808 fi 1815tti waliigalteen tokko
sababa seeraan ala ta'eef kan diigamu yoo ta'e gareen lameenuu
bakka isaaniitti deebi'uu qabu. Haala kanaan, iyyataan ammaa lafa
manni qorqorroo luukii 30 ta’e irra jiru waliin kan jijjiire ta’uu deebii
isaa keessattis ibsee waan jiruuf, kana ilaalchisee manni murtii
waliigalaa ijoo waan hin qabanneef, manni murtii aanaa Ada’aa
galmee cufee ture sochoosuudhaan ijoo " iyyataan kun lafa duwwaa
moo mana qorqorroo luukii 30 irratti ijaarame waamamtuu kana
waliin wal jijjiire? kan jedhu ragaa gareen dhiyeessuu fi akka
barbaachisummaa isaatti ragaa rogummaa qaba jedhuun dabalataan
qulqulleessee booda murtii akka kennu jennee akka s/d/f/s kwt. 343
Kan Itti Fufe …
Gaaffii
Dhimma mana qorqorroo luukuu 30 iyyataan kaaseefi
dhimma mana waamamtuun nan kaafadha jettee kaastee
sirriitti qulqullaa’eeraa? Dhimmi duubatti deebi’uu ifatti
gaafatamuu qabamoo hin qabu? Falmiin iyyataafi waamamtuu
waliigalteen yeroof raawwatame, yeroof miti kan jedhu ta’ee
bakka jirutti manni murtii faallaa seeraati jechuun diiguu ni
danda’aa? (Firii dubbii gareewwan hin kaasne). Lafa qonnaa
lafa mana jireenyaatiin wal jijjiiruun hin danda’amaa?
(Baadiyyaa keessa yoo ta’ehoo)
Dambiin kun kwt 11 jalatti haalota eeramaniin qofa wal
jijjiirraan hayyamama hin jedhu. Kaayyoon isaa maali?
4.Rakkoowwan Ijoo Dubbii Qabachuufi Dirqama
Mirkaneessuutiin Wal Qabatan
 Firiiwwan dubbii ykn seeraa gareewwan irratti wal
dhaban-Ijoowwan dubbiiti. 246vs 247
 Material propositions? (247(2)
 Waanuma hunda irratti waan garaagarummaa
qabaniif ijoo dubbii hin ta’u. (Material proposition
+the right decision of the case appears to depend
on the issues)
 Simple proposition of facts (relevant facts) are not
material facts.
 Hojmaatni tokko tokko;-mormii sadarkaa duraa irratti ajaje erga
kennee booda qoratee ijoowwan dubbii qabachuu (galmeessuu),
…..achii ijoo dubbii qabame irratti yaada bitaafi mirgaa dhagahuu,
achii qorachuuf bulchuu, achii murteessuu ykn ijoo dubbii qabachuu
Kan Itti Fufe …
 Oral argument-Japan-fakkeessutu jira.
 Issues>> Issues of fact and issues of law
 “The only point of requiring pleadings and issues is to
ascertain the real dispute between the parties, to narrow the
area of conflict and to see just where the two sides differ, so
that no party at the trials is taken by surprise. Thus, framing
of issues has a very important bearing on the trial and
decision of the case. The court should not determine an
issue which does not arise on the pleadings and should not
decide a suit on a matter on which no issue has been raised.”
M P JAIN
 Every issue of fact shall be framed as to indicate on whom
the burden of proof lies”
Kan Itti Fufe …
 The object of framing issues is to direct the
attention of parties to the principal
question on which they are at variance.”-
Dinshaw Fardunji Mulla
 Facts in issue are proved by evidentiary
facts.
 Wayita ijoowwan dubbii qabannu of
eeggannoo gochuu qabna. Sababni isaas;
yeroo tokko tokko eenyutu dirqama
mirkaneessuu qaba kan jedhu haala itti
ijoowwan kun qabaman irraa ifuu waan
danda’uuf.
 Maddi ijoowwan dubbii maal fa’i? kwt 248
 Ijoowwan dogoggoraan qabaman haquuf ykn fooyyessuuf manni
Kan Itti Fufe …
 S/d/f/s kwt 243 jalatti immoo manni murtii, adeemsa
keessa, sanada tokko ykn dhimma kamirrattiyyuu
gareewwan jecha amantaa isaanii akka kennaniif gaafachuu
akka danda’u ibsa. Sanada ni qulqulleeffataa qabatamaatti?
 Abukaatonni garee lachuu firiiwwan dubbii himannaa ykn
deebii keessatti kaasan wayita ijoowwan dubbii qabaman
dhiisuu (waive) gochuu danda’uu?
 Ijoowwan dubbii kun kan qabaman guyyaa dhagaha duraati.
Guyyaa dhagaha duraa ‘first hearing’ jechuun maal
jechuudha kan jedhuuf seerri deemsaa deebii hin kennine.
 “It is the day on which the court applies its
mind and goes into the pleadings of the
parties in order to understand their
contention.” Mulla
Kan Itti Fufe …
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun dhimma dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin dhaddacha
gaafa 28/10/204 ooleen Lakk.Ga.403006 ta’e irratti ilaalamee
murtaa’edha.
 Dhimmi kun kan eegale MMA Digaluufi Xiijjoo irraa
yemmuu ta’u, gaa’illi iyyattuu ammaafi waamamaa ammaa
erga diigamee booda iyyattuun ammaa iyyannoo
dhiyeessiteen; himatamaan jalaa lafa qarxii tokkoofi
walakkaa, mana jireenyaa abbaa qorqorroo 40 lafa
facaasaa walakkaa irratti ijaaramee jiru, lamaanuu
waliigaltee fuudhaa fi heerumaa gaafa 17/06/2011
barreeffame irratti naaf lakkaa'amee waan jiruuf akka
qixxeetti naaf qoodu kan jette yemmuu ta’u,
Kan Itti Fufe …

waamamaan immoo deebii kenneen; waliigaltee fuudhaa


heerumaa jettee dhiyeessite akka hin beeknee fi ofiis akka hin
mallatteessine ibsuun lafti kan abbaa koo Guddisaa
Guutamaati, kan nuti itti fayyadamnee beeknu miti; manni
jireenyaas yeroodhaaf akka keessa jiraannuuf nuuf kennee itti
fayyadamne malee kan iyyattuu waliin horre miti jedheera.

Kun kanumaan osoo jiruu, waamamaa ammaa (dhaddacha


ijibbaataatti abbaa himatamaatu waamamaa ta’e) iyyanna
gidduu lixxummaa dhiyeeffateen;
Kan Itti Fufe …
 qabiyyeen lafa qonnaa kan dhuunfaa kooti malee kan abbaa
warraa fi haadha warraa wal falmitootaa miti. Waliigalatee
fuudhaa fi heerumaa jedhame irrattis ani hin lakkoofne.
Waliigaltee jedhames hin beeku, hin mallatteessines. Mana
jireenyaas yeroof akka keessa jiraatan kenneef malee
waliigaltee fuudhaa fi heerumaa irratti hin lakkoofne waan
ta'eef keessaa naaf haa bahu jechuun gaafateera.
 Itti aansuun, Manni Murtii aanaa, ijoo: Mannii fi qabiyyeen
waliigaltee fuudhaa fi heerumaa irratti iyyattuu kanaaf
lakkaa'ame moo miti? jedhu qabatee falmisiisee, akkasumas
ragaa dhaga’ee booda murtii kenneen; qabeenyii fi
qabiyyeen kun kan dhirsaa fi niitii ta'uu mirkanaa'eera
jechuun iyyattuun kunii fi abbaan warraa ishee akka
qooddatan kan murteesse yemmuu ta’u, MMO cimseera.
Kan Itti Fufe …
 Dhimmichi Dhaddacha Dhaabbii Bahaa gahee, dhaddachichi immoo;
qabiyyeen lafa qonnaas ta'e manni jireenyaa kan waamamaa kanaa ta'
uu mirkanaa'eera. Akka seera maatii Oromiyaa keewwata 5 fi 60 tti
waliigalteen fuudha heerumaa barreeffamaan ta’uu kan qabu yoo ta'u
ragootnis mallatteessuu qabu. Waliigalteen barreeffamaan taasifamu
immoo akka SHH kwt. 1723 tiin garee waliigaltee mallatteessu qaba.
Waliigalteen fuudha heerumaa akka ragaatti dhiyaate kan wal fuutotni
lameen mallatteessan waan hin taaneef, akka SHH kwt 1723tti bu'aa
hordofsiisu hin qabaatu. Ulaagaa Seera maatii Oromiyaa kwt 60tis
kan guutu miti. Waliigaltee fuudha heerumaa irratti Gidduu Lixaan
(waamamaa 2ffaan kun) qabeenya kanas kan kenne miti . Bakka inni
hin kenninetti immoo fedhii isaa malee abbaan warraa iyyattuu
qabeenyaa fi qabiyyee waamamaa waliigaltee fuudhaa fi
heerummaatiin iyyattuu ammaa kanaaf mallatteessuu hin danda’u
jechuudhaan murtiiwwan jalaa diigee waamamaa 2ffaadhaaf keessaa
haa bahu jechuun murteesse.
Kan Itti Fufe …
 Itti fufuun, dhimmi kun dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee,
Dhaddachichi immoo; Falmiin iyyattuu manni falmiif sababa ta'e
yeroo gaa'ela raawwannu abbaan manaa koo akka qabeenya
waliiniitti naaf lakkaa'ee ergasii walumaan fayyadamaa turre waan
ta’eef kan waliinii keenya dha kan jedhu dha. Ta'us waliigalteen
fuudha heerummaa barruun taasifame akka ragaatti dhiyaate kan wal
fuutotnis ta'e waamamaan ammaa irratti hin mallatteessine, ulaagaa
seeraa hin guunne ta'uun ibsameera. Gama biraatiin, iyyattuu fi
abbaan manaa ishee lafaa fi mana falmiif sababa ta'e waliin
fayyadamaa turuun ibsameera. Kanaaf, waliigalteen fuudhaafi
heerumaa kan ulaagaa hin guunne ta’u illee abbaan warraa iyyattuu
kanaa qabeenyaa fi qabiyyee mirga irraa qabu qabatamaan iyyattuu
kana waliin fayyadamuuf lakkaa'eef kan waliin itti fayyadamaa turan
moo miti? kan jedhu qabxii qulqullaa'uu qabu dha. Abbaan warraa
iyyattuu kanaa qabiyyee fi qabeenya kan isaa ta'e iyyattuu ammaa
waliin fayyadamuuf qabatamaan lakkaa'eefii kan waliin fayyadaman
Kan Itti Fufe …
 sababa ragaan barreeffamaa ulaagaa hin guunneef qofa iyyattuun
mirga ishee dhabuu hin qabdu. Gama biraan, qabeenyi manaa fi
qabiyyeen lafaa kan waamamaa ammaati yoo jedhames iyyattuun
kunii fi abbaan warraa ishee haala kamiin fayyadaman kan jedhu
qabxii sirriitti qulullaa'uu qabudha. Haala kanaan murtii manneen
murtii jalaa yoo ilaallu manneen murtii aanaa fi Ol’aanaa waliigaltee
fuudhaa fi heerumaa ragaa barruun dhiyaate irratti hundaa'anii
qabeenyaafi qabiyyeen kan waliiniiti kan jedhan yoo ta'u, manni
murtii waliigala Oromiyaa Dhaddacha Dhaabbii Bahaa immoo
qabiyyee fi qabeenya qabatamaan iyyattuun abbaa warraa ishee
waliin itti fayyadamaa turte haala kamiin akka ta'e osoo adda hin
baasiin sababa waliigaltichi ulaagaa hin guunneef qofa akka
iyyattuun mirga hin qabnetti murtiin kenne haala guutuu
dhimmichaan osoo hin qulqulleessin murtii kenname waan ta'eef
dogoggora bu'uuraa seeraa kan qabu dha.
Kan Itti Fufe …
 Kanaafuu, murtiin mana murtii waliigala Oromiyaa dhaddacha
dhaabbii bahaa galmee lakkoofsa 385992 irratti dhaddacha guyyaa
20/08/2014 ooleen murteesse diigameera. Kanaaf MMA irra
deebi’uun ijoo " waliialteen fuudha heerumaa akka ragaatti dhiyaate
ulaagaa kan hin guunne yoo ta'e illee qabeenyi manaa fi qabiyyeen
lafaa amma falmisiise kun kan himatamaa jalaa ta'ee innis iyyattuu
kana waliin fayyadamuuf qabatamaan lakkaa' eef waliin fayyadamaa
turan moo miti? Qabeenyiifi qabiyyeen kan waamamaa ammaa
(gidduu lixaa mana murtii jalaa) yoo ta'e, himattuu fi himatamaan
jalaa haala kamiin fayyadamaa turan? kan jedhu ragaa namaa
lakkawalan irra deebi'ee dhagahuun, ragaa galmee keessa jiruu fi
barbaachisaa yoo ta'es ragaa haqa baasuuf gargaara jedhuun
qulqulleessee madaaluun murtii haqa qabeessa jedhe akka kennu
jechuun bu’uura s/d/f/s kwt 343(1)tiin qajeelfamaan gara mana Murtii
Aanaa Digaluu fi Xijjootti gadi deebiseera.
Kan Itti Fufe …
Gaaffii
 Himattuun jalaa bifa lamaan abbaa mirgaa ta’uu
dandeessi jechuudhaa? (itti fayyadamuudhanis),
Himannaan bu’uuraa waa’ee itti fayyadamaa turuu ni
ibsaa laata?! Dhaddachi Ijibbaataa himannaafi deebii
gareewwanii jedhee yeroo gabaabsee barreessu; itti
fayyadamaa turuufi dhiisuu ilaalchisee (lafa)
gareewwan falmii kaasuu isaaniifi himattuun sababa
ittiin mirgicha gonfattu taasifachuu ishee hin
ibsine.Himattuun naaf lakkawame jettee ragaa
sanadaa dhiyeeffatte, himatamaan hin
lakkaawamneef jedhe. Kanarraa ijoon qabamu ifadha.
 Dhaddachi ijibbaataa toora (kallattii fuulduraa cimaa)
qabsiiseera jechuun ni danda’amaa?
Kan Itti Fufe …
Dirqama Mirkaneessuu
 Dirqama mirkaneessuu jechuun dirqama seerri gareen
falmii tokko sadarkaa mirkaneessaa seeraan barbaadamuun
firii dubbii falmisiise (facts in issue) akka hubachiisuuf irratti
gatu dha.
 Gareen tokko garee biroo falmiin mo’achuu kan danda’u
yoo haala caalmaatti amansiisaa ta’een jiraachuu ykn
jiraachuu dhabuu, raawwachuu ykn raawwachuu dhabuu
firii dubbii falmisiise mirkaneesse qofa dha. (for civil cases)
 Akka bu’uuratti adeemsa dhimma sivilii keessatti, qaamni
firii dubbii tokko ibse(hime) dirqama mirkaneessuu qabu.
Kan Itti Fufe …
 Dirqamni kun dirqama haaldureewwan itti gaafatamummaa fidan
(uuman) mirkaneessuu of keessaa qaba. S/H/H waliigalteedhaan wal
qabatee keewwata 2001 jalatti qaamni dirqamni tokko akka
raawwatamuuf barbaadu dirqamichi jiraachuu mirkaneessuu qaba
jedha.

Dhimma 1ffaa

Dhimmi kun dhimma Dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin galmee


lakk.404353 ta’e irratti dhaddacha gaafa 19/11/2014 ooleen murtii
argatedha.
 Dhimmi kun kan eegale MMA Adaamaa irraa yemmuu ta’u,
iyyataan ammaa (himataan jalaa) himannaa waamamaa ammaa
irratti dhiyeesseen;
Kan Itti Fufe …
 iddoo mana jireenyaa Magaalaa Adaamaa ganda Gooroo
keessatti argamu kaaree meetira 200 tahe, lakkoofsa kaartaa
763/2012 gaafa 22/12/12 maqaa kootiin naaf kennamee,
heyyama ijaarsaa itti baafadhee dhakaa baajoo 6 fi cirracha
baajoo 1 irratti buuse naannawa isaa qotee qopheesse kan
bu’uurri isaa ijaaramee ture waamamaan kun mirga tokko
osoo hin qabaatiin gaafa 29/11/13 dhoksaan ijaarsa mana
jireenyaa gaggeessuun jeequmsa waan uumeef jeequmsa
akka dhaabu humnaan mana jireenyaa ijaaraa jiru baasii
mataa isaatiin diigee lafa koo akka naaf gadilakkisu kan
jadhe yemmuu ta’u, waamamaan ammaa gama isaatiin
deebii kenneen; iddoo lafa falmii kaase magaalaa Adaamaa
ganda Coqonuu Saqaqalloo dhakaa Adii
Kan Itti Fufe …
 Bilookii 14 parsilii 22 tahe irratti argamu lafa k.m.105
lakkoofsa nagahee 471610 tahe qarshii 5808.50 itti kafalee
gaafa 16/12/2000 carraan argadhee kaartaa itti baafachuuf
bulchiinsi magaalaa baakloogiin hanga qajeelfamni
kennamutti turii naan jadhanii kiraa manaa kafaluu waaniin
hin dandeenyeef iddoo carraan argadhe kana irratti mana
sarviisii ijaaradhe bulchiinsa Magaalaa fi ganda beeksisee
qabadhee ittifayyadamaa kan jiru malee jeequmsa uumuun
lafa iyyataa jalaa hin qabanne.
 Iddoon kun harka iyyataa galee qabate kan itti hin ajajne waan taheef
kartaa qabaachuun qofti abbaa qabeenyaa isa hin taasisu, iyyataan
iddoo kana irratti dhakaa cirracha buuse hin qabu, jeequmsi lafa isaa
irratti uumame waan hin jireef himanni qabiyyee mirga irraa hin
qabne irratti dhiheesse kufaa naaf haa tahu jachuun falmeera.
Kan Itti Fufe …
 Ittiaansuun, Manni murtii Aanaa bitaafi mirga falmisiisuun,
ragaa namaa walfalmitootaa dhagahuun, akkasumaas
Waajjira bulchiinsa ittifayyadama lafa magaalaa irraa akka
qulqullaahee dhihaatu taasisuun dhuma irratti murtii
kenneen: iddoo lafa falmii kaase k.m.105 waamamaan naaf
kenname jadhu kaartaa iyyataa lakk.763/2012 keessatti
hammatame jiraachuun isaafi dursee kan kennameef iyyataa
tahuu waan mirkanaaheef waamamaan jeequmsa qabiyyee
lafa iyyataa irratti uume dhaabee mana ijaare baasii mataa
isaatiin akka irraa kaasu jachuun murteesseera.
Kan Itti Fufe …
Itti fufuun, dhimmichi MMO gahee MMO Go/A/
Adaamaa komiin waamamaa ammaa hin dhiyeessisu kan
jedhe yemmuu ta’u, Manni murtii waliigalaa Oromiyaa
dhaddacha dhaabbii Bahaa immoo; waamamaan lafa
iyyataa irratti jeequmsa uumee jalaa qabatee mana irratti
ijaarachuun isaa hin mirkanoofne jechuun murtii manneen
murtii jalaa bu'uura s/d/f/s kwt 348(1)tiin diiguun
murteesseera.
Kanatti aansuun, dhimmichi dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee,
dhaddachichi immoo; Falmii bitaa fi mirgaa irraa akka hubachuun
dandahamutti lafti mana jireenyaa falmii kanaaf ka’umsa tahe
bulchiinsa magaalaa jalatti kan argamu tahuun mirkanaaheera.
Kan Itti Fufe …
 Qabiyyene lafa magaalaa bitaafi mirgi irratti walfalman iddoodhuma
tokkoofi walfakkaataa tahuunis mirkanaahe jira. Iddoon bitaafi mirgi
irratti walfalmaniifi falmii jeequmsaa kanaaf ka'umsa tahe eennuuf
karaa seera qabeessaan kennamee tohannaa isaa jala galchuun
dhugaan itti ajajaa ture kan jadhu duraan dursee bu’uura seera
qabeenyaa kwt.1140 fi 1141 faana ilaalamu kan qabu akka tahe
beekkamaa dha. Qabiyyee lafa magaalaa irratti dursa qabachuun
mirga abbaa qabiyyee kan irratti argamu osoo hin tahin qaama lafa
bulchuuf Aangoon kennameen karaa seera qabeessa taheen yoo
kenname qofa abbaa mirgaa irratti gonfachuun dandahama.
 Kanaan ala haalli qabannaa isaa seeraa ala tahu isaati. Bu’uura
kanaatiin gara dhimma harkaa qabu yoo deebinu qabiyyeen lafa
magaalaa falmii tahe tokko ebaluuf seeraan kenname jadhamee kan
ittiin mirkanaahu kaartaa fi pilaanni iddoo lafti itti argamu agarsisuu
dandahu
Kan Itti Fufe …
 qaama dhimmi ilaaluun hojjatamee kennameeni dha. Kanaa
ala ragaan dhihaatu ragaa rogummaa fi fudhatama seeraa
qabu tahuu hin dandahu. Bu'uura kanaan, iyyataan iddoo
falmii kaase qotee bulaatiin bara 2012 seeraan kan
kennameef tahuufi kaartaa fi pilaanii iddicha mirkaneesssu
kan itti kennameefi tahuufi darbee heyyama ijaarsaa illee
kan itti baafate jiru tahuu, ijaarsa gaggeessuuf dhakaafi
cirracha ijaarsaaf oolu laficha irratti kan buufate tahuufi
osoo waamamaan mana hin ijaarin tohannaa isaa jala
galfate dhugaadhaan kan itti ajajaa ture tahu firii dubbii
jalatti (jala jechuun dhaddacha bahaa hin ilaallatuu?)
mirkanaahe jiru dha.
 Waamamaan iddoon falmii kaase bara 2000 baak loogiin naaf
kenname jachuun kan falmu yoo tahu back loogiin isaa kennamu
kaartaafi pilaanni iddicha agarsiisu kan itti hin qabneefi isaaf hin
Kan Itti Fufe …
 … kennamin akka tahe heyyama ijaarsaa illee kan itti hin qabne
tahuufi gaafa iyyataan ijaarsa gaggeessu dhaqee jeequmsa uumee
nama ijaaru dhaqe irraa arihee halkan mana ijaaree bule tahu isaa
mirkanaahe jira.
 Waamamaan ijaarsi inni ijaare illee qabiyyee lafa k.m.200 iyyataaf
seera qabeessaan kenname keessa kan ijaareti ijaaruufi illee heyyama
ijaarsaa kan itti hin qabneefi ijaarsa seeraa ala tahuun mirkanaahee
osoo jiruu iyyataan immoo qaama dhimmi isaa ilaaluun lafichi
kennameefi kaartaan itti hojjatameefi heyyama ijaarsaa itti baafatee
dhakaafi cirracha osoo waamamaan lafa duwwaa ture irratti ijaarsa
hin gaggeessin tohannaa isaa jala oolfatee, booda waamamaan iddoon
lafaa kun naaf kenname sababa jadhuun dhuma ji'a Adooleessaa bara
2013 jeequmsa uumee ofii isaa qabatee ijaarsa seeraan alaa qabiyyee
iyyataa irratti gaggeessuun isaa mirkanaahee osoo jiruu
Kan Itti Fufe …
 manni murtii waliigalaa Oromiyaa ol'iyyata dhagahee nama
seera qabeessaan iddoon lafa mana jireenyaa kennameefi
tohannaa isaa jala oolchee jiru nama kan biraatin jeequmsi
yoo irratti uumame bu'uura seera qabeenyaa kwt 1140, 1141
fi 1149(1)tiin jeequmsi akka irraa dhaabbatu bu'uura
qulqullaahee jiruun murtii haqa qabeessa taheefi deeggarsa
seeraa qabu kennuu osoo irraa eegamuu, faallaa kanaatiin
waamamaan jeequmsa uumee qabiyyee iyyataa irratti mana ijaaruun
isaa hin mirkanoofne jachuun sababa gahaa fi amansiisaa akkasumaas
deegarsa seeraa tokko malee murtii mana murtii Aanaatiifi
Ol’aanaatiin kenname diiguun murtiin kenne mirga abbaa
qabiyyummaa iyyataa akkaan kan sarbe tahu bira darbee haqa kan
jal’ise tahee waan argameef kun immoo dogoggora seeraa isa
bu’uuraa waan taheef sirraahuu qaba janneerra.
Kan Itti Fufe …
Gaaffii
 Iyyataan qabiyyee isaa irratti jeequmsi uumamuu
mirkaneessemoo hin mirkaneessine? (Dhaddachi Bahaa
maal bu’uura godhatee ragaa madaale? Dhaddachi
Ijibbaataahoo?) Dhaddachi Ijibbaataa mirga jiraataan
magaalaa lafa magaalaa irraa qabu (mirga liizii) fi mirga
bu’uura SHH kwt 1140tiin argamu adda addatti ilaalemoo
tokko taasise? Mala argannaa mirkaneessuufi qabiyyee
irratti jeequmsa uumame mirkaneessuun tokkomoo adda
addadhaa?
5. Rakkoowwan S/d/f/s kwt 235, 242fi SMO kwt
79n Wal qabatan
 Bu’uura S/d/f/s kwt 235tiin himatamaan dhimma himannaa keessatti
ibsame ilaalchisee haala ifa ta’eefi tarreeffamaan haaluu kan qabu
ta’uu, Haaluun haala dhimmicha irraa baqachuun taasifamu gahaa
akka hin taaneefi dhimma tokko na hin ilaallatu jechuun haala
naannoo haaluun qofti akka waan firiiwwan dubbii haaleetti kan hin
tilmaamsisne ta’uun tumameera.
 Firiiwwan dubbii himannaa keessatti ibsaman haala ifa ta’een ykn
haala ‘haaluun isaa hubatamuu danda’uun’ himatamaan yoo hin
haalle ta’e, deebii barreeffamaa keessattis haaluun isaa yoo hin
ibsamne ta’e, akka waan amanameetti kan lakkaawamu ta’uufi
Manni murtii barbaachisummaa isaatti yoo amane ragaan akka
dhiyaatu ajajuu akka danda’u tumeera. (235(2) Seerri kun kwt 242
jalatti immoo Manni Murtii guyyaa dhagahaa, dhimmi irratti
gareewwan wal dhaban kan hin jirre ta'uu yoo hubateefi firiiwwan
dubbii amanaman irratti murtii kennuu akka qabu tuma.
Kan Itti Fufe …
 Haa ta'u malee, darbee darbee, maalummaa irraa baqachuun haaluu
(evasive denial) ilaalchisee hubannoo wal fakkaataan hin jiru.
 Himatamaan Deebii isaa keessatti ykn bifa biraatiin barreeffamaan
falmii garee biroo guutummatti ykn gamiisaan amanuu danda’a.
 Bu’uura s/d/f/s kwt 240tiin gareen falmii tokko garee biroon sanada
akka dhiyeessuuf ykn sanada akka amanuuf beeksisee waamicha
taasisuufii ni danda’a. Gareen waamichi kun qaqqabe, deebii kennuu
yoo dide ykn yoo callise bu’aan seeraa isaa maal ta’a? akka amanetti
fudhatamaa? Baasiiwwan sanada kana mirkaneessuun bahuu
danda’an kan haguugu ta’aa? Firii dubbii ykn firiiwwan dubbii akka
amananiif waamicha dhiyeessuun ni danda’amaa? Kwtni 240 waa’ee
sanadaa qofadha.
 Adeemsota kana (241, 240, 243) fayyadamnee wanta gareewwan irratti wal
dhaban (ijoowwan dubbii) dhiphisuu (xiqqeessuu) dhabuun keenya komiiwwan
oliyyannoo keessattillee qabxiin komii akka baay’atu taasisaa jira.
Kan Itti Fufe …
 Gama birootiin, qoodinsa qabeenya waliinii abbaa warraafi haadha
warraatiin wal qabatee seerri maatii sirna mataa isaa diriirseera. Sirni
qoodinsa qabeenya gamtaa adeemsa seeraa ittiin raawwatamu kan of
danda‘ee diriire akka qabu beekamaadha. Manni murtii, murtii
hiikkaa erga kennee booda haala qoodinsa qabeenyaa irratti
waliigaltee wal fuutotaatiif dursa kennuu akka qabu SMO kwt 110
jalatti tumameera.
 Qoodinsi qabeenyaa, waliigaltee walfuutotaan akka raawwatamu
gochuuf yaalii fi carraaqqiin godhame yoo milkaa‘uu baate manni
murtichaa tooftaa mijataa ta‘ee itti mul‘ate kamittuu fayyadamuun
qodiinsa qabeenyaa murteessuu akka danda‘u kwt armaan olii jalatti
ibsameera.
 Kunis akkuma haala dhimmichaatti jaarsoleen ykn ogeessa manni
murtii muuduun ykn mana murtii mataa isaatiin fi kkf ta‘uu danda‘a.
 SMO kwt 73 jalatti qabeenya wal fuutoonni yeroo gaa‘ila raawwatanitti dhuunfaatti
qaban ykn gaa’ila keessatti dhuunfaatti kennaadhaadhaan ykn dhaalaan argatan
qabeenyuma dhuunfaa nama sanaa ta’ee akka itti fufu tumeera.
Kan Itti Fufe …
 Qabeenya A/W ykn H/W gaa’ila keessatti bittaadhaan
dhuunfaatti argatte mana murtiitiin yoo mirkanaa’e malee
kan dhuunfaa akka hin taanetti kwt 74 jalatti kan tumameef
A/WFI H/W waliin ta’uun qabeenyi kan dhuunfati jechuun
garee 3ffaa jalaa akka hin miliqsine yaadamee ta’uu qaboon
yaa’ii SM ni ibsa.
 Seerichi qabeenya yeroo diiggaa gaa’ilaa jiru hunduma
irratti tilmaama seeraa kan waliiniti jedhu fudhateera.
Tilmaamni seeraa kun kan fashalaa’uu danda’udha.
 “Wal fuutota keessaa inni kamiyyuu, qabeenya dhuunfaa isaa ta’uu yoo hubachiise
malee, maqaa isa tokkoo qofaan galmaa’ee argamellee, akka qabeenya waliiniitti
lakkaawama. Kwt 79(1)
 Jiraachuun yoo amaname ykn mirkanaa’e tilmaamni ni fudhatama. Namni kan
dhuunfaati jedhu immoo tilmaama kana ragaadhaan fashaleessuuf mirga qaba.
Kanaaf waa’ee qoodinsa qabeenya dhirsaafi niitii ilaalchisee tilmaama seeraa jiru
ilaaluun barbaachisaadha.
Kan Itti Fufe …
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin galmee lakk.403018
ta’e irratti ilaalamee dhaddacha gaafa 28/10/2014 ooleen kan
murtaa’eedha.
 Dhimmi kun kan eegale MMA Dugdaatti yemmuu ta’u,
dhimmicha keessatti gaa’illi iyyataafi waamamtuu
gidduu ture erga diigamee booda, iyyataan ammaa
qabeenyifi qabiyyeen waamamtuu waliin qabnuu akka
nuuf qodamuu jechuun himannaa qoodinsaa kan
dhiyeesse ennaa ta'u, himanichis gabaabinaan; anifi
waamamtuun qabeenyaa 1ffaa Sa'aa bifa daalaachaa
tilmaamni qarshii 20,000 (kuma digdama), 2 ffaa
Heeffanna bifa daalachaa tilmaamni qarshii 4000
Kan Itti Fufe …
 3ffaa Goromii harrootaa bifa daalootaa 2 tilmaamni qarshii 10,000
(kum a kudhan), 4 ffaa Gomma gaarii tilmaamni qarshii
20,000(kuma digdamaa), 5ffaa midhaan Boqqoolloo kuntaalaa 15
tilmaamaan qarshii 30,000(kuma sodoma) baasu, 6ffaa teessoo irkoo
hin qabne tilmaamaan 6 qarshii 11,200 (kuma tokkofi dhibbaa lama)
basuu, 7ffaa qarshii afooshaa aabboo 2000 kuma lamafi afoosha mikaa
'eelaa 1500(kuma tokkofi dhibbaa shan), 8ffaa qarshii kiraa lafaa
7000(kuma torba), 9ffaa Barmeela Bishaanii 1 tilmaamni qarshii
2000(kuma lan1a)basuu, 10ffaa uffata qorraa 1 tilmaamni qarshii
2000(kuma lama)fi 11ffaa qarshii gurgurtaa cilee (kasalaa) kuntaal 5
qarshii 5000(kuma shan )baasuu qabeenya dhirsaafi niitiiti jedhamee
qixeetti qodamee akka nuuf murtaa' u jechuun kan gaafate yemmuu
ta’u,
Kan Itti Fufe …
 waamamtuun deebii kenniteen; qabeenyi tarree 1 ffaa
gubbaatti ibsamee qabeenya nama biraa akka
ameessatti akka fayyadamnu namnii Diinchoo Dagagaa
nuuf kennedha, qabeenya tarree 2ffaa irratti ibsamee sa’a
tarree 1ffaa irratti ibsameetu dhale, keenya miti, qabeenyi
tarree 3ffaa irratti ibsame hin jiru, qabeenyi tarree 4ffaa
gubbaatti ibsamee qabeenyaa kana dhaabbanni Miishiin
jedhamu dubartootaa bitee idaa kanas kan kanfalaa jiruu
anadha, qabeenya tarree 5ffaa irraatti ibsame midhaan
boqqolloo hin qabnu, tilmaamni dhiyaates sirrii miti,
qabeenya tarree 6ffaa irratti ibsame hin qabnu, qabeenya
tarree 7ffaa irraatti ibsame yeroo sanyiin faca'uu xaa’oo
bitachuuf waliin mari'annee kan liqeeffannedha malee kan
dhuunfaa kiyyatti fudhee miti,
Kan Itti Fufe …
 qabeenyi tarree 8ffaa irratti ibsame qarshii 7000
kan kiraa lafaa, lafa ani dhuunfaa kiyyaatti
kireeffadhu hin qabu, qabeenyi tarree 9ffaa irratti
ibsame tilmaamni dhiyaatee sirrii miti, qabeenyi
tarree 10ffaa irratti ibsame hin jiru, qabeenyi tarree
11ffaa irratti ibsame ani gurguradhee wantan fudhe
hin qabu, kan itti fayyadamu iyyataadha jechuun
qaxxarnuurran iyyataa waliin qabiyyee lafa qonnaa
qarxii 12 waliin kan qaban ta'uu ibsitee qixxeetti
akka qoodamuuf gaafateetti.
Kan Itti Fufe …
 Kanumaan Manni murtii Aanaa dhimmicha sadarkaa
jalqabatti ilaalee bitaafi mirga erga falmisisee booda, ragaa
bitaafi mirga dhagahee xiinxala taasiseen; qabeenya
iyyataan 1ffaa hanga 11ffaa tarreessee akka qoodamuuf
dhiyeesse keessaa kan waamamtuu waliin qabachuun ragaa
namaafi barreeffamaan mirkanaa'ee lafa qarxii 13, Harree
tokko, gommaa gaarii tokkoofi afooshaa waliin qaban
qixxeeti akka qooddatan, Gommaan gaarii idaa
dhaabbataan waan bitataniif idaa kana qixxeetti qooddatanii
kaffaltii isaa kana mataa mataa isaanii gahu haa kaffalan
jechuun kan murteesse yemmuu ta’u, dhimmichi MMO
gahee, MMO immoo; waamamtuun barmeeliin bishaani
tokkoo jirachuu isa amantee osoo jirtuu, sa'a daalacha tokko
heeffana qabuufi harreen goromtii waamamtuun jirachuu
Kan Itti Fufe …
 isaani ammantee garuu kan nama birooti jechuun deebii
keennitee osoo jirtuufi midhaan boqqolloo kuntaala 15fi
teessoon jiraachuu ragaaleen ibsanii osoo jiruu manni
murtii Aanaa osoo murtii irraatti hin keennin biraa darbuun
murtiin keenne dogongora jechuun, waamamtun barmeelii
bishaani, sa’aa daalacha tokkoo heeffana qabu, harree
goromtii, teessoo 4fi midhaan boqqolloo kuntaala 15 bara
2013 omishamee qixxeetti akka qoodamu jechuun
murteesseera.
 Dhimmichi itti fufuun Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO gahee dhaddachichis;
ragaaleen iyyataa barmeelli bishaanii tokko, sa'aa daallacha tokkoo
kan heeffana qabu, harree goromtii, teessoo 4fi midhaan boqqolloo
kuntaalli 15 jirachuu isaa osoo hin mirkaneessin manni murtii
ol’aanaa kan aanaatti murtaa’e irratti dabalee iyyataan qixxeetti akka
qoodatu jechuun sirrii miti jechuun murtii MMO diigeera.
Kan Itti Fufe …
 Kanumaan dhimmichi Dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee,
dhaddachichi immoo; Bu'uura tumaa s/d/f/s kwt 242tiin gareen
himatame tokko himannoo itti dhiyaate yoo amane bu'uura amantaa
isaatiin murtiin kan itti kennamu ta'uun tumamee kan jirudha.
Dabalataan, dhimma itti himatame irraa baqatee yoo deebii kenne
bu·uura s/d/f/s kwt 235ttin akka amanetti fudhatamee murtiin kan itti
kennamu ta'uun tumamee kan jirudha. Dhimma of harkaa qabnu
kanaan MMWO murtii MMO yeroo diigutti qabeenyi dabalataan
iyyataadhaaf mana murtii O1’aanatti murta'ee jirachuu ragaa isaatiin
haala amansiisaa ta'een hin mirkanoofne kan jedhu ta'u illee
waamamtuun mana murtii Aanaatti himannoo qoodinsa dhiyaateef
deebii yeroo kennitutti barmeeliin bishaanii tokkoo jirachuu isaa
amantee osoo jirtuufi sa’a daalacha tokkoo heeffana qabuufi harreen
goromtii jirachuu isaanii amantee garuu kan nama birootti jechuun
falmicha irraa baqattee deebii keennitee
Kan Itti Fufe …
 osoo jirtuufi namni qabeenyi kun kiyya jedhus falmiitti
makamee bakka hin jirretti, MMWO faallaa kwt 242fi
235tiin qabeenyi kun jiraachuu iyyataan ragaa amansiisaa
ta'een hin mirkaneessine jechuun murtiin kenne deeggarsa
seeraa kan qabu miti jenneerra. Teessoofi midhaan
boqqolloo kuntaala 15 ilaalchisee garuu waamamtuun
waan waakkatteef MMWO jirachuufi dhiisuu isaa ragaa
mana murtii Aanaan dhagahamee irraa deebi'uun madaalee
murtii waan kenneef sadarkaa Ijjjibata kanaatti waa'ee
teessoofi midhaan Boqoolloo kuntala 15 ragaan
madaalamee haalli itti murtiin kennamu waan hin jirreef
iyyannii teessoofi booqoolloo kuntala 15 wal qabsisee
iyyataan dhiyyeeffate dogongora seeraa isa bu'uuraa kan
qabu miti jedheera.
Kan Itti Fufe …
Gaaffii
Bu’uura SMOtiin falmiin qabeenyi hin jiru jedhu yoo ka’e
jiraachuu mirkaneessuun dirqama mitii? Qabeenya jiraachuun
isaa hin haalamne ilaalchisee tilmaamni kan waliiniti jedhu
fudhatamuu qabamoo hin qabu? Namni (A/W fi H/W)
keessaa kan dhuunfaa kiyyaati jedhu dirqama mirkaneessuufi
tilmaama seeraa fashaleessuu qabamoo hin qabu? Garee
3ffaan maqaan isaa ifatti dhahame waamamuu hin qabuu?
Waamamtuun deebii kennite keessatti; “Goromii harrootaa
bifa daalootaa 2 hin jiru, midhaan boqqolloo hin qabnu,
teessoo hin qabnu, uffanni qorraa hin jiru” kan jedhu
ilaalchisee jiraachuun mirkanaa’uu hin qabuu? qarshiin
afooshaa immoo kan dhuunfaa kiyyaati waan jetteef kunoo
kan dhuunfaa ta’uun mirkanaa’uu hin qabuu?
6.Rakkoowwan S/d/f/s kwt 343n Wal Qabatan
Bu’uura s/d/f/s kwt 343tiin manneen murtii oliyyannoo
dhagahan aangoo ijoowwan dubbii qabuun manneen murtii
jalaa akka dhagahaniif gara isaaniitti qajeelchuu ni qabu.
Kunis manneen murtii jalaa ijoo qabamuu qabu osoo hin
qabatin yoo dhiisan, ykn gaaffiiwwan firii dubbii ilaallatan
irratti murtii kennuu yoo baatanifi manni murtii oliyyannoo
dhagahu murtii sirrii kennuuf murteessaa ta’uu isaaniitti yoo
amanedha.
Yeroo qajeelchu kanatti manni murtii oliyyannoo dhagahu,
ragaa dabalataa fuudhamuu qabu ilaalchisees qajeelfama ni
kenna.
Kan Itti Fufe …
Keewwata xiqqaa lama jalatti, manni murtii itti qajeelfame ijoowwan
dubbii qajeelfameef irratti ragaa dhagahee, ragaa, sababootafi
argannoowwan isaa waliin mana murtii qajeelcheefii turetti deebisa.
Keewwatni itti aanu (344) immoo gareewwan guyyaa mana murtii
oliyyannootiin murtaa’e keessatti argannoowwan ol deebi’an irratti
mormii qaban ibsachuu akka danda’anifi guyyaan murtaa’e kun erga
dhumee booda murtii kan kennu ta’uu tuma.
Asirratti rakkoon qabatamaan jiru maalif haala seera
kanaatiin hin hojjetamne kan jedhudha. (Dhaddacha
Ijibbaataa MMWF fi Naannoo dabalatee hojmaanni akkasii hin
jiru) Maalif? Vs Deddeebisuu, qabatamatti hambisee?
Kana malees, ijoowwan dubbii nuti qabnee qajeelchinu murtii
fudhatama qabu kennisiisuu danda’uufi dhabuun isaa hin madaalamu.
Kan Itti Fufe …
Rakkoo inni biroon, mana murtii jalaatti wayita qajeelfamu
abbootiin dhimmaa murtii erga diigsisanii booda mana murtii
jalaatti dhiyaachuu dhabuu? (Sababa manni murtii oliyyannoo
dhagahu guyyaa mana murtii jalaatti dhagahamu ilaalchisee
hin murteessineef) Manni Murtii oliyyannoo dhagahu ajandaa
mana murtii jalaa osoo hin beekin guyyaa kaa’uu ni danda’aa?
Dabalataan,darbee darbee, yeroo itti manni murtii ol’aanaa
qajeelfamaan mana murtii aanaatti gadi deebisee, osoo
galmeen sun hin socho’in gareen biroo immoo dhimmuma
sanaan MMWO oliyyatee diigsisus ni jira.
7.Rakkoowwan Qabatamaa Abbummaa
Mirkaneessuu, Ilmummaa mormuu ykn Haaluun
Wal Qabatan
Qajeeltoowwan Sirnichaa
 Note: Ascertainment of paternity does not
necessarily guarantee the biological father, but legal
father. Why?
 Kanaafis qajeeltoowwan sadiitu jira:
 Abbummaa tilmaama seeraa (kwt 142-147)
 Abbummaa fedhiin(kwt 148-159)-if z first fails?
 Abbummaa murtiin beekamu (kwt 160-162)-In case the
first and second fails to ascertain who the father is, or
disowned?
 Abbummaa murtiin beekamu ilaalchisee SHH kwt 758
jalatti butiifi gudeeddii qofatti daangessee ture.
Kan Itti Fufe …
 Rakkoon gara caalu kan mul’atu abbummaa murtiin
beekamu irratti yoo ta’u keessattuu:
 SMO kwt 160(d); w/qunnamtii seera qabeessaan
ala yeroo ulfaatti qunnamtii saalaa itti fufiinsa
qabu rchu
 SMO kwt 160(e); kunuunsa/guddisa irratti
hirmaachuu
 Kwt 147-irregular union keessatti tokkuma-
presume
 Dhalachuu gama abbaatiin jiru mormuun kan danda’amu himata haaluu
dhiyeessuudhaan qofa ta’a. kwt 184-only one way of contestation.
 Abbaadha namni jedhame “ani abbaa miti” jechuun kan mormuu danda’u
himannaa gosa eerame kanaan qofadha.
Kan Itti Fufe …
 Namni himannaa haaluu dhiyeessuuf mirga qabu immoo nama
tilmaama seeraatiin abbaadha jedhame qofadha. Kwt 184 irraa
eeggalee
 Himannaan haaluu guyyaa mucaan dhalate dursee guyyaa 300fi
180 gidduutti wal qunnamtii saalaa haadha mucaa waliin
raawwachuu dhabuu hubachiisuudhaan
 Abbaa ta’uu kan hin dandeenye ta’uu isaa haala hin shakkisiisneen
hubachiisuun. (DNA)
 Himannaan kun guyyaa mucaan dhalachuu isaa beekuu qabu ykn
beeke irraa eegalee guyyaa 180 keessatti dhiyaachuu qaba.
– Himanni haaluu kunis mana murtiitiin hayyamamuu qaba. Ragaa
quubsaafi amansiisaa ilaalee. Kwt 188
Kan Itti Fufe …
– Namni murtiidhaan dhorkames mana murti hayyamsiisee
himannaa kana dhiyeessuu danda’a. (192)
– Kwt 194 jalatti abbaan yoo du’e ykn dandeettii yoo dhabe,
– dhalattoota isaa keessaa tokko,
– yoo isaan hin jiraanne abbaafi haadha keessaa tokko,
– yoo isaan hin jiraanne warroota isaa ol lakka’aman,
– yoo isaan hin jiran ta’e obbolaa dhiiraa ykn dubaraa
keessaa tokko, nama abbaadha jedhamee
tilmaamameefi du’e sana bakka bu’uun himannaa
haaluu dhiyeessuu danda’u. (kwt 194)
• Mirkaneessuuf DNA qorachiisuun dirqama miti. Sirni jira.
Kan Itti Fufe …
• Dhimmi DNA yeroo himannaan haaluu dhiyaatu, raga
quubsaafi amansiisaan jiraachuu agarsiisuuf, manni murtii
irraas hayyama argachuuf, akkasumas firiiwwan dubbii
haaluuf nama dandeessisu jedhamee seeraan tumame (kan
himannaa haaluu keessattis ibsame) mirkaneessuuf kan
dhiyaachuu danda’u fakkaata.
• Kun immoo osoo himannaa haaluu hayyamsiisuun, daangaa
yeroo seeraan taa’e keessatti hin dhiyeessin ragaa DNA qofa
dhiyeessuudhaan himannaa addaa ykn falmii addaa
dhiyeessuun kan hin danda’amne ta’uu namatti agarsiisaa?
Haala birootiin mormuun dhorkaadha.
Kan Itti Fufe …
• Daa’imni tokko turtii fuudhaa-heerummaa seeraan
fudhatamu qabu keessatti (legitimate) ykn fuudhaa-
heeruma fudhatama hin qabne (illegitimate) keessatti
dhalachuu danda’a.
• Mucummaan daa’imman akkasii kun kan mirkanaa’u;
waraqaa ragaa dhalootaa ykn murtii dhumaa, sanada
mirkanaa’een mucaan kiyya jechuun fudhachuunidha.
Bakka sanadoonni kun hin jirretti, ragaa haala mucummaa
agarsiisu (legitimate or illegitimate) ykn ragaa kamiiniyyuu
ta’uu danda’a. (Biyyoota tokko tokko keessatti)
Kan Itti Fufe …
• Mucummaa mirkaneessuun kan barbaachisu wayita gaa’ila
seera qabeessa keessatti dhalachuun mucaa tokkoo gaaffii
kaasudha. Lafa ka’anii ani mucaadha jechuun iyyachuu?
• Karaa haadhummaa ykn abbummaatiin Mucummaan
ragaalee kwt 171 jalatti eeramaniin mirkanaa’uu danda’a.
• Mirkaneessa gama abbummaatiin jiru ilaalchisee ragaaleen
itti aanan kun tooftaalee sadan armaan olitti ibsaman
(presumption, acknowledgement and judicial declaration)
dabalataan kan mirkaneessanidha.
• Kana jechuun, bu’uura SMO kwt 160tiin haalonni muraasni
sun yoo guutuu baatanis haalli mucummaa jiraachuun
mirkanoofnaan abbummaan ni mirkanaa’a jechuudha.
Kan Itti Fufe …
• Namni bu’uura kwt 160tiin akka mirkanaa’uuf gaafatu haalota
tumaalee sana keessaa mirkaneessuuf dirqama qaba.
• Ragaaleen mirkaneessan kunis;
• Waraqaa ragaa dhalootaa(kwt 171) (yoo jiraate)
• Waraqaan ragaa yoo jiraachuu baate, Haala mucummaa
hubachiisuudhaan,
• Haalli mucummaa yoo jiraachuu baate, dhalattummaan ragaa
gosa kamiyyuu dhiyeessuudhaan (DNA ta’uu danda’a)
mirkanaa’uu danda’a.
• Namni dhalattummaa mirkaneeffachuuf himannaa dhiyeessu mana
murtii hayyamsiifachuu qaba. Waraqaa ragaa dhalootaa haala
mucummaa isaa waliin wal simu yoo qabaate, maqaa nama biro
dhahee abbaa kiyyadha jedhee himannaa akka dhiyeessuuf hin
hayyamamuuf. 175 fi 176, 182-non contestable
Kan Itti Fufe …
• Fkn Gammadaan waraqaa ragaa dhalootaa abbaan isaa Tasfaayee
ta’uu agarsiisuufi Tasfaayee waliin haala mucummaa ni qaba
jedhamee hawaasaan kan tilmaamu yoo ta’e, abbaan kiyya Tolaadha
jedhee himannaa dhalattummaa dhiyeeffachuun hin hayyamamuuf.
Kun waa’ee himannaa dhalattummaa yemmuu ta’u, murtii (ajaja)
dhaalaadha, dhalataadha, ilma jedhamee kenname (tarii, SHH kwt
842n), ykn abbaadha jedhamee bu’uura seera maatii kwt 160tiin
murtaa’e irratti mormiin yoo jiraate haala kamiin keessummeeffama?
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, galmee Lakk.161650 (Volume 24) irratti;
Iyyannoon mormii bu’uura s/d/f/s kwt 358tiin kan dhiyaatu, murtii seera
qabeessummaafi sirrummaa ragaa tokkoo mirkaneessuun kennamu
(declaratory judgement) ilaalchisee osoo hin taane murtiin
raawwatamuu danda’uufi mirgaafi faayidaa garee falmii keessatti hin
hirmaannee tuqe yoo kennamedha jedheera.
Kan Itti Fufe …
 Haala kanaan, waraqaan ragaa bu’uura SHH kwt 842n (kwt 996
caqasuun gahee osoo hin ibsin) kennamu) murtii raawwatamuu
danda’uufi mirga garee 3ffaa miidhuu danda’udhaa?
Dhimma 1ffaa
 Dhimmi kun dhimma Dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin galmee
lakk.404252 ta’e irratti dhaddacha gaafa 12/11/2014 ooleen murtii
argatedha.
 Dhimmi kun kan eegale MMA Baabbilletti yemmuu ta’u, iyyattooni
ammaa (himattoonni jalaa) himannaa waamamaa ammaa (himatamaa
jalaa) irratti dhiyeessaniin; himatamaan kun itti yaadee erga abbaan
keenyaa du'ee boodaa waggaa 35 ol maqaa abbaa kenyaatti osoo hin
yaamamin maqaa Masrashaa Hayiluutiin osoo yamaamaa jiruu kana
immoo ragaalee sanadaa garaagaraa irratti maqaan isaa abbaa
keenyaan kan yaamamu ragaa tokkoo osoo hin jirre himatamaan kun
sababaa ilmummaatiin seeraan ala dhaalaa qabeenyaa abbaa keenyaa
Kan Itti Fufe …
 addaan qoddaachuuf itti yaadeefi itti qophaahee abbaan
keenya erga du'ee ilmoo du'aa jechuun seeraa qabesaa waan
hin taneef ragaan nuuf qulqullessee galmeen ilmummaa
osoo nutii 40 abbaa keenyaaf kabajaa jirruu nuu duuba
ilmoo du'aa obboo Salamoon Fantaa osoo hin tahin galme
lakk.15004 tahe irratti ilmummaa waan mirkaneeffateef
himatamaan Maammush Salamoon Fantaa jedhamee
waamamuun seeraan ala waan taheef akka nuuf haqamu
kan jedhu yemmuu ta’u, waamamaan ammaa deebii
kenneen; iyyattoonni kun maqaa abbaa kiyyaa dhiisaanii
maqaa akaakayyuu kiyyaan na yaamuuf mirgaafi aangoo
kan hin qaban, himannaa abbummaafi ilmummaa kana
isaan dhihessuu hin danda'an, ani ilmoo Salamoon Fantaa
tahuu koo bekkamaadha.
Kan Itti Fufe …
 Kana kan mormuu danda'u hadhaa kiyyaafi abbaa kiyyaa qofadha;
kana immoo ragaan namaa kiyya mirkaneessee abbaan kiyya
Salamoon Fantaa ta’uu murtiin waan keennameef himattoonni ilma
du'aa ta'uu koo mormuu fi hayyamuuf mirga tokkoo hin qaban;
Masrashaan akaakoo kiyya malee abbaa kiyya miti; himattoonni
maqaa abbaa jijjiiraanii himannaan dhihessan kan na ilaallatu miti;
maqaan kun naaf sirraahee dhihaachuu qaba; himattoonni kun tahe
jedhanii qooda dhaalaa abbaa kiyyaa akkaan hin arganneef mana
murtii dogoggorsisuuf kan himannaa dhihessaniifi qooda kiyya
seeraan ala qooddatanii fudhachuufi seeraan ala badhaadhuuf waan
deemaniif himannaa dhihaate kufaa akka narraa tahu, akkasumas,
bu'uura SHH kwt 997(2)tiin himattoonni waa'ee dhaalturnmaa kiyyaa
irratti falmii dhiheessuu waan bin dandeenyeef himanni isaanii kufaa
ta'ee akka naaf murta'u jechuun kan gaafatedha.
Kan Itti Fufe …
Itti aansuun, Manni murtii Aanaa falmisiisee, ragaa bitaafi mirga
dhagahee dabalataan iddirii irraa erga qulqulleessee booda himatamaan
du'aa obbo Salamoon Fantaa irraa dhalachuun isaa bu'uura S/M/O kwt
160(c), (d), (e), kwt 173fi 194(1)tiin waan hin mirkanoofneef,
himatamaan ilmoo du'aa obboo Salamoon Fantaa osoo hin taane ragaan
ilmummaa ykn abbummaa galmee lakk.15004 ta’e irratti fudhate
haqamee jira jechuun murteesseera.
Itti fufuun, waamamaan ammaa MMOtti oliyyatee MMO kan cimse
yemmuu ta’u, dhimmichi dhaddacha Bahaa MMWO gahee,
dhaddachichi immoo; ragooleen waamamaa ammaa waamamaan du’aa
obbo Salamoon Fantaa irraa gaa’ilaan ala dhalachuu isaafi du’aanis
yeroo lubbuun jiru ilmummaa waamamaa kanaa amanuu isaa haala
agarsiisuun garagaarsa gochaafii kan ture ta’uu mirkaneessaniiru.
Ragooleen iyyattootaa garuu du’aan iyyattoota ammaa malee ijoollee
Kan Itti Fufe …
 biroo akka hin qabne nutti himeera kan jedhudha. Ragooleen kun
wayita madaalaman waamamaan gaa’ilaan ala kan dhalateefi sababa
sanaan hawaasa keessatti akka safuutti waan ilaalamuuf, sababa
kanaan du’aan maqaa abbaa haadha isaatiin akka waamamu taasiste
ta’uun caalmaatti haala amansiisuun waan mirkanaa’eef murtii manni
murtii aanaafi ol’aanaa kennan diigneerra jedheera.
 Dhuma irratti dhimmi kun dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee,
dhaddachichi immoo; galmee kana akka qoranneetti, waamamaan
ammaa mana murtii Aanaatti galmee lakk.15004 ta'e irratti abbaan
koo obbo Salamoon Fantaa waan du'eef dhaaltuu sadarkaa duraa
abbaa koo Salamoon Fantaa ta'uu koof ragaan dhaaltummaa akka
naaf keennamu jechuun gaafatee manni murtii Aanaa ragaa namaa
erga dhagahee booda waamamaan dhaltuu sadarkaa duraa du'aa
Salamoon Fantaa ta'uu isaa bu'uura S/S/keew.842(1)tiin
mirkaneessuun murtii kennee jira.
Kan Itti Fufe …
Murtiin kun erga kennamee booda iyyattoonni ammaa ragaan
dhaaltummaafi ilmummaa waamamaaf kenname akka nuuf haqamu
jechuun iyyattoonni ammaa akka haaraatti waamamaa irratti himannoo
hundeessanii manni murtii Aanaas dhimmicha bu'uura Seera maatii
Oromiyaa kwt I94(1)tiin iyyattoonni dhiyyeessuu ni danda'u jechuun
ragaa bitaafi mirgaatiin erga qulqulleesee booda murtii kan kenne ta'uun
murtii iyyata ljibbaataa waliin dhiyeessan keessaa kan hubatamudha.
Bu’uura Seera maatii Oromiyaa kwt 194(1)tiin namni himata
abbummaa haaluu dhiyeeessuu danda'u nama tilmaama seeraatiin abbaa
jedhamuu akka ta'e tumaalee seera maatii irraa kan hubatamudha.
Du'aan obbo Salamoon Fantaa immoo nama tilmaama seeraattin abbaa
waamamaa jedhamu miti. Sababni isaatis haadha du’aa waliin akka
abbaa warraafi haadha warraatti ykn gaa’ila raawwatanii kan waliin
jiraachaa turan miti.
Kan Itti Fufe …
Waamamaanis walitti dhufeenya seeraan beekamtii qabuun
alatti nama dhalate ta'uu falmiif ragaa dhagahame keessaa kan
hubatamudha. Kanaaf abbaan iyyattootaa nama tilmaama
seeraatiin abbaa waamamaati jedhamuu danda'u waan hin
taaneef bu'uura kwt 194(1) himata waamamaan abbaa keenya
irraa hin dhalanne jedhu dhiyeessuu hin danda’an.
Waamamaanis galmee lakk.15004 ta'e irratti kan
mirkaneeffate ilmummaa osoo hin taane dhaaltummaa ta'uu
garagalcha galmee dhiyaate keessaa kan hubatamudha.
Iyyattoonnis waamamaan dhaaltuu abbaa keenyaa miti, osoo
dhaaltuu hin ta'in ragaa dhaaltumma fudhatee waan jiruuf,
Kan Itti Fufe …
ragaan dhaaltumma inni fudhate nuuf yaa haqamu
seeruummaa jedhu yoo qabaatan galmuuma ragaan
dhaaltummaa irratti kenname irratti bu'uura S/S/kwt 997fi
998ttin iyyata dhiyeeffachuu osoo qabanuu akka haaraatti
himata dhiyeessanii murtiin kennamuun isaa dogongora kan of
keessaa qabudha.
Iyyattoonni ragaan dhaaltummaa waamamaaf kenname nuuf
haa haqamu gaaffii jedhu yoo qabaatan galmuma ragaan
dhaaltummaa irratti kenname irratti bu’uura SHH kwt 997fi
998tiin gaafachuu qabu malee bu’uura SMO kwt 194tiin akka
haaraatti himata dhiyeessuu hin danda’an jedheera.

Kan Itti Fufe …
Gaaffii
Murtii kana bu’uura murtii dirqisiisaa dhaddacha Ijibbaataa
MMWFtiin akkamitti ilaaltu? Dhaddachi Ijibbaataa gama tokkoon
ragaan bu’uura SHH kwt 842n kenname (bu’uura kwt 996tiin akka
hin taane ibsuudhaan) jechaa gama birootiin immoo iyyannoon
mormii bu’uura SHH kwt 997fi 998tiin galmema ragaan
dhaaltummaa irratti kenname irratti dhiyaachuu qaba jechuun
sirriidhaa? Firiin dubbii iyyattoonni ammaa qabatamaatti himannaa
isaanii keessatti ibsaniifi yoo akka dhaddachi Ijibbaataa jedhutti
morman dhiyeessan garaagarummaa qabaa? (galmee duraa irratti
mormiin dhiyaachuu qaba malee himanni dhiyaachuu hin qabu waan
jedhameef)
8.Rakkoowwan Haala Itti Ragaan Barreeffamaa
Mana Murtiitti Dhiyaachuu Qabuun Wal Qabatan
 Bu’uura s/d/f/s kwt 223tiin barreeffamoonniifi ibsi
himannaa waliin wal qabatanii dhiyaatu (gooree ragaa)
 Kutaan kun kophaatti kan dhiyaatuu dha.
 Mata duree mataa ofii qaba; Guyyaa, Mallattoo fi jecha
mirkaneessa ni qaba.
 Kutaa kana jalatti; maqaa guutuufi teessoon ragaa namaa
akkasumas kaayyoo isaan waamamaniif ibsamuu qabu.
 Barreeffamoota ragaa naaf ta’a jedhan, yoo harka isaa hin
jiraanne immoo bakka inni jiruufi eenyu harka akka jiru
ibsuun
 Tarreeffama dhiyaateen ala kan biroo kan hin qabne ta’uu
mirkaneessuun dhiyeessuu qaba.
Kan Itti Fufe …
 Sanada himannichaaf bu’uura ta’e oriijinaala isaa ykn
garagalcha mirkanaa’e,
 Ragaa namaa ykn sanada dhiyeessu hin qabu taanaanis
kanuma mirkaneessuu qaba.
 Himannaa ykn deebii waliin namoonni hin dhiyeessine sana
booda dhiyeessuu hin danda’an jechuudhaa?
 Manni murtii akka dhiyeessuuf gaafachuun ni danda’amaa?
Yoom?
 S/d/f/s kwt 137 jalatti ragaan barreeffamaa yoom akka dhiyaatu
tumee jira.
 Gareewwan falmii (abukaatoon isaanii) ragaa harka isaanii jiru, ykn
kan dhiyeessuu danda’an ykn falmii keenyaaf nu fayyada jedhanii kan
itti amanan ykn manni murtii akka dhiyaatu kan ajajeefi dursee kan
hin dhiyaanne, ragaa barreeffamaa hundayyuu guyyaa dhagaha
duraatti dhiyeessuu qabu.
Kan Itti Fufe …
 Ragaa barreeffamaa kana manni murtii kan fuudhu
barreeffama baay’inaafi tarreeffama isaa ibsu waliinidha.
 Inni kun ragaa mataa isaa danda’ee ibsa waliin dhiyaatudha
malee dhiyaatee qaxxaamuraan himannaa waliin kan wal
qabatu miti.
 Bu’uura s/d/f/s kwt 223tiin ragaan wal qabsiiseen ala kan
biroo hin qabu jedhee mirkaneesseera yoo ta’ehoo? Maalif
jette? Amma maalif fidde jedhamuu qabaa? (leave of court
is required here-gap)
 Kwt 137(3) jalatti namni kamiyyuu himannaa ykn deebii isaa
waliin, guyyaa dhagahaan dura ykn guyyuma dhagahaa
ragaa barreeffamaa isaa yoo hin dhiyeeffanne, sana booda
dhiyeeffachuu hin danda’u. (Harsh!?)
Kan Itti Fufe …
 Keewwatni kun yeroo jedhame booda fuudhamuu hin qabu
kan jedheef dhimmi akka lafarra hin harkifanneefidha.
 Haalli addaa kwt 256 jalatti kan ibsamedha. Kunis; guyyaa
kanatti sababa gahaadhaan kan hin dhiyaatin hafe ta’uun
yoo hubatame beellamni kennamuu kan danda’u ta’uu
agarsiisa.
 "The court has power to receive any
document at a later stage if the
genuineness of a document is beyond doubt
and it is relevant or material to decide the
real issue in controversy” Mulla
 It is a well settled principle of law that
where a civil proceeding as well as criminal
proceeding is pending, the latter should be
Kan Itti Fufe …
 “The court may adopt a liberal approach
and late production, normally allowed, is
attended to with costs and further
opportunity is given to the other side to
adduce further evidence, if necessary.”
Mulla
 Akka M P JAIN jedhutti immoo; Biyya Hindiitti himataan
sanada harka isaa (to’annoo isaa jala) jiruun wal qabatee
himannaa yoo dhiyeesse, garagalcha sanada isaa himannaa
waliin wal qabsiisee mana murtii harkaan gahuu qaba.
 Sanada harka isaa hin jirre ilaalchisee maalif akka
dhiyeessine, dhiyeessuuf yaalii taasise ykn fuulduratti
dhiyeessuuf maal gochuu akka qabu ilaalchisee gooree
ragaa isaa himannaan wal qabate keessatti ibsuu qaba.
Kan Itti Fufe …
 Guyyaa Dhagahaa dhiyaachuu kan danda’u
oriijinaala isaa qofadha. (dursee garagalcha galche
yoo ta’e)-kunis fooyya’eeti.
 Haala kanaan, seerri deemsaa keenya sadarkaa
dhagahaatti kan dhiyaachuu qabu oriijinaala
qofadha waan hin jenneef, guyyaa dhagahaan booda
hin fudhatamu jedha malee guyyaa himannaa ykn
deebii ykn guyyaa dhagahaan dura yoo hin
dhiyaanne ta’e fudhatama hin qabu waan hin
jenneef, orijinaalaafi garagalchas jedhee adda
baasee waan hin keenyeef tumaaleen kun tumaalee
mirga bu’uuraa sarbanidha jechuun hin danda’amu.
9.Rakkoowwan Haala Shallaggii Beenyaa
Qabeenyaatiin Wal Qabatan
 Akka bu’uuraatti, beenyaan miidhaa ifaa maallaqaan kan
kaffalamu yoo ta‘u, manni murtii bakka beenyaa maallaqaa
yookaan beenyaa maallaqaan cinatti bilisummaa namootaa
fi mirga garee sadaffaa haala hin tuqneen beenyaa bifa
biroo murteessuu akka danda‘an seera HH kwt.2090 (1, 2)
tumameera.
 Haaluma kanaan, miidhaa bifa biraan
hirphamuu danda‘an keessaa tokko miidhaa qabeenya irra
ga‘u dha.
 Bu‘uura tumaalee SHH kwt.2118 fi 2119 tiin miidhaan
qabeenya irra ga‘u maallaqaan alatti qabeenya deebisiisuu
(Restitution) fi qabeenya wal fakkaataan bakka buusisuu
(Reparation in kind) dabalata.
Kan Itti Fufe …
 Malli qabeenya deebisiisuu raawwatiinsa kan qabaatu
qabeenya seeraan ala fudhatameef yoo ta‘u, himatamaan
meeshicha qofa osoo hin taane bu‘aa qabeenyichi erga
seeraan ala fudhatamee argamsiises walumaan akka deebi‘u
taasifama.
 Miidhaan qabeenyaa bifoota maallaqaan alatti armaan olitti
ibsamaniin hirphamuu kan hin dandeenye yoo ta‘e, yookiin
Manni Murtii beenyaa bifa maallaqaa kan filate yoo ta‘e,
maloota beenyaan maallaqaa itti shallagamu (Miidhamaa
haala miidhaan dura turetti deebisuu (Reinstatement), Gatii
bakka buusuuf ykn suphuuf barbaachisuun shallaguu
(Exchange Value),
Kan Itti Fufe …
 Faayidaa argamu malu madaaluun (utility value)) keessaa
maloota iddootti deebisuu (Reinstatement) fi miidhaa ga‘e
gatii isaa tilmaamuu (value) bu‘uureffachuun hanga
beenyaa maallaqaan shallaguun ni danda‘ama.
Fakkeenyaaf, sababa miidhaa qabeenya irra ga‘een gatiin
isaa kan gad xiqqaate, guutummaatti manca‘e yookaan bade
yoo ta‘e, meeshaa wal fakkaatuun bakka buusisuun kan hin
danda‘amne yookaan raawwiif hin mijanne yoo ta‘e,
beenyaa maallaqaan shallaguun ni danda‘ama.
 Kana malees, sababa miidhaa qabeenya irra gaheen galii
citee fi baasii mudate tilmaamuun murtaa‘uu qaba. Haa ta'u malee,
darbee darbee, wayita qabeenya kanneen akka; manaa, loonii irra
miidhaan guutuummatti gahu (total damage), haalli itti hangi
beenyaa shallagamee gaafatamuufi murtaa'u irratti qabatamaatti
garaagarummaan ni jira.
Kan Itti Fufe …
Kunis gatiin gabaa qabeenya guutumaatti badee erga adda
bahee booda galiin qabeenyicharraa argamus shallagamee
kaffalamuu qabamoo gatii gabaa qabeenyichaa qofatu
kaffalamuu qaba? kan jedhudha.
Dhimma 1ffaa

Dhimmi kun dhimma Dhaddacha Ijibbaataa


MMWOtiin Ga.Lakk.402902 ta’e irratti dhaddacha
gaafa 05/11/2014 ooleen murtii argatedha.
 Dhimma kana keessatti waamamtuun ammaa
(himattuun jalaa) himannaa iyyattuu ammaa irratti
MMA Roobeetti dhiyeessiteen;
Kan Itti Fufe …
waamamtuun gaafa guyyaa 18/02/2014 fi 24/02/2014 sa'a
qabeenyummaan ishii kan koo tahe, bifti adda arrawaa dhaltii
aannan elmamaa jirtu uleen reebdee sirna hargansuu ishii akka
miidhamu tahee loon silaa qarshii 28,000 gurguru qarshii
3,000 waan gurgureef kisaaraa qarshii 25,000 anarraa gahee
jira; darbees loon kun elmamaa waan jirtuuf gatii aannan loon
kanarraa argadhuu qarshii 29,160 waan taheef ida'amaan
qarshii [25,000+29,160 = 54,160) akka naaf kaffaltuu kan jette
yemmuu ta’u, iyyattuun deebii kenniteen: himanni dhiyaatee
dhugaa irraa kan fagaateedha; tilmaamni dhiyaates sirrii miti
jechuun kufaa akka tahuuf gaafateetti.
Kan Itti Fufe …

Kanatti aansuun MMA falmisiisee, murtii kenneen; loon


kun sababa iyyattuun rukuttee dhukkubsatee gatii silaa baasuu
irraa hir'atee qarshii kuma sadiitti /3,000/ waan gurgurameefi
loon kun aannan elmamaa utuu jirtuu waan gurguramteef gatii
aannanii miidhaa gahee ida'amni qarshii 52,540 akka
kaffaltuu jechuun murteesseera.
Dhimmichi MMO Godina Arsii gahee, MMO kun murtii
kenneen: miidhaan sa'a kanarraa gahuu fi sababa kanaan loon
kun gurguramuun mirkanaayee jira. Kanaafuu loon silaa ….
Kan Itti Fufe …

qarshii 28,000 baastu amma qarshii 25,000 kasare qarshii


3,000 tti waan gurgurameef gatii kisaaraa kana akka
kaffaltuuf kan murtaa’e sirriidha erge jedhee booda dhimma
aannan elmamaa turte jedhameen walqabatee loon kun yoom
dhaltee? Ji'a meeqaaf of fuula duratti eelmamti? Kan jedhu
utuu hin qulqullaa'iin kan murtaa’e waan taheef ijoon kun irra
deebiin akka qulqullaa'uu jedhee kan gadi deebise yemmuu
ta’u, dhaddachi Bahaa MMWO komii dhiyaateef bu’uura
s/d/f/s kwt.337 kufaa ta’eera.
Kan Itti Fufe …
Dhaddachi Ijibbaataa MMWO immoo; Tumaa SHH kwt. 2090 /1/
jalatti beenyaa murtaahu qabu hanga miidhaa gaheen kan wal gituu
tahuu akka qabu tumamee jira. Kanaan walqabatee loon kun gatii
gabaya amma jiruun akkuma jirtuutti qarshii 28,000 akka bastuu ragaan
dubbatee jira. Kana jechuun loon eelmamaa jirtu kun haala gabaya
ammaa jiruun qarshii 28,000 baasti kan jedhamee faayidaa guutuu loon
kun kennituu tilmaama keessaa galee gatii gabayaan kan adda bahedha.
Kanaafuu addatti gatii aannannii gaafachuu waamamaa dhimma tokkoof
yeroo lama beenyaa'uu waan tahuuf kun immoo qajeletoo bu’uura
seeraa beenyaan waaan wal faallessuuf dogoggora tahee argama.
Kan Itti Fufe …
Namni qotiyyoo ykn sangaa qabu gatii qotiyyoo kiyyaa gabaya irraa
qarshii hangana baasa jedhee erga gaafaatee ammas irraa deebiin utuu
qalamee jiraatee foon isaa qarshii hangana baasa jedhee gaafachuu
akkuma hin dandeenyee loon kunis takkaa gatii gabaya ishee erga adda
bahee beekamee booda ammas irraa deebiin gatii aannanii ishe
gaafachuu hin danda'u. Kanaafuu murtiin Manni Murtii Aanaa iyyattuun
tilmaama aannanii arshii 27,540 akka kaffaltuuf murteesse dogoggora
tahee argama. Manni Murtii Ol'aanaas iyyattuun tilmaama aannani
kaffaluu bin qabduu jedhee kufaa gochuu utuu qabuu irraa deebiin akka
qulqullaa'uf bu'uura SDFHH Kwt.343 /1/ akka gadi deebi’u taasisuun
dogoggoradha jechuun diigeera. Murtii kana akkamitti ilaaltu?
10.Rakkoowwan Dhimma Gaaffii Qoodinsa
Qabeenya Dhaalaa Ilaalchisee Aangoo Hundee
Dubbii Murteessuun Wal Qabatan
Seerri deemsa falmii sivilii kwt 12-18tiitti dhimma aangoo hundee
dubbii manneen murtii hooggana. Bu’uura kanaan, qabeenyota
socho’aafi hin sochoone tilmaama ykn gatii isaanii bu’uura godhachuun,
gosa dhimmaa murtaa’an bu’uura godhachuun, dhimma himannaa
(gaaffii) maallaqaan hin tilmaamamne jechuun manneen murtii Aanaafi
Ol’aanaa gidduutti qoodinsi aangoo raawwatameera. Aangoon kun
dandeettii bu’uura kan godhatedha.
Seerri kun kwt 9 jalatti manni murtii aangoo hundee dubbii kan hin
qabne ta’uu isaa battala dammaqetti aangoo kan hin qabne ta’uu isaa
ibsuudhaan galmee cufuu qaba. Labsiin Manneen Murtii Oromiyaa Irra
Deebiin Gurmeessuuf Bahe, Labsii lakk.216/2011s kwt 31(1) jalatti falmii
qabeenya hin sochooneen wal qabatu ilaalchisee tilmaamni isaa
Miliyona sadii hin caalu yoo ta’e Mana Murtii Aanaa, Sanaa ol yoo ta’e
Kan Itti Fufe

Gama birootiin, SHH qoodinsaaf akka mijatuuf qabeenyi


dhaalaa tilmaamamuu kan qabu ta’uu tumeera. Haala kanaan,
qabeenyonni gahee dhaaltotaa keessa oolan guyyaa
qoodinsaa kan tilmaaman ta’uun SHH kwt 1083 jalatti,
qulqulleessituun qabeenya dhaalaa immoo qabeenyota
dhaalaa yeroodhaaf kan tilmaamu ta’uun kwt 1006 jalatti
tumameera.
Haala SHH keessatti eerameen, kaayyoo jedhame kanaaf
tilmaamanuufi tilmaamanii, gahee ofii adda baasanii,
seerummaa hangi isaa adda bahe gaafachuun immoo
garaagar fakkaata.
Kan Itti Fufe …
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun dhimma Dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin
iyyattoota (N-2) fi Waamamaa gidduutti galmee
Lakk.404341 ta’e irratti dhaddacha gaafa 12/11/2014
ooleen ilaalamee murtii argatedha.
Dhimmi kun kan eegale MMA Magaalaa Bishooftuu irraa
yemmuu ta’u, iyyattoonni ammaa (himattoonni jalaa)
himannaa waamamaa ammaa irratti dhiyeessaniin; haati
teenya Maahileet W/Gariimaa sababa dhibeetiin gaafa
02/10/11 duutee jirti. Haati teenya nu iyyatotota ammaa fi
llleenii Abrahaam qofa godhattee qabdi. Nuti iyyattoonni
qabeenyaa fi qabiyyee dhaalaa duutu haadha keenyaa
Kan Itti Fufe …
waamamaa waliin horatteefi harka waamamaatti argamu
keessaa gahee keenya tilmaama qarshii 6,093,333.33
(Miliyoona jahaafi kuma sagaltamii sadihiifi dhibba sadihiifi
soddomii sadihifi saantima soddomii sadii) baasu akka nuuf
qoodu gaafannullee waan dideef akka itti nuuf murtaahu
jachuun tarreessanii gaafataniiru.
Waamamaan deebii kenneen; ijoolleen duutu akka
iyyattoonni jadhan nama sadii osoo hin tahin maqaa
akaakayyuuntiin kan yaamamtu Tsadaalaa W/Gariimaa waliin
namoota afuridha. Haati iyyattootaa mana koo keessa akka
hojjattuu manaafi nyaata akka naaf qopheessitu kan qacaramte
malee niitummaadhaan kan waliigallee miti.
Kan Itti Fufe …
Miindaan kaffalufiin jiraachaa turte, mana jireenyaa iyyattoonni akka
nuuf qoodamu jadhan kaniin haadha isaani waliin horadhe osoo hin tahin
bakka biraatti horadhe bara 1990 yeroon magaalaa Bishooftu dhufu ittiin
bitadhe qabeenya dhuunfaa kooti. Hoteela Guest Haawusiin maqaa
Maahileetin galmaahe hin jiru, sobadha. Hoteelli kun obboleessa koo
Mokoniin Chokoliifi haadha warara isaa Axnaafwarq Baahiluu irraa
gaafa 14/11/1998 kennaadhaan argadhe maqaa kootiin galmaahe kan
jiruufi qabeenya dhunfaa kooti, meeshaalee hoteela Guest Haawusii
keessatti argamu qabeenya manaa kana waliin kan naaf kenname kan
dhunfa kooti, qabeenyi firiijiis qabeenya gamtaa miti. Dhaabbanni
raabsaa dhugaatii kookaa, biiraa daashan, biiraa harar, yeroof akkaan
ittifayyadamuuf dhugaatii warshaa isaanii irraa dhufu akka itti
qorrisisuuf kan naaf ergisani dha, meeshaa mana keessaa tarraahee
dhihaate kan waliin horanne osoo hin tahin kan dhuunfaa kootiifi waliin
ittiin jiraanne waan taheef kan gamtaa miti, tilmaamni qabeenyaa illee ol
kahe kan dhihaate dha jechuun falmeera.
Kan Itti Fufe …
Kana booda, Manni Murtii Aanaa bitaafi mirga
falmisiisuun ragaa namaa walfalmitootaa dhagahuun dhuma
irratti murtii kenneen; mormii gama waamamaatiin dhihaate
kufaa taasisuun, duutuu haati iyyattootaafi wamamaan haadha
warraa fi abbaa warraa turan gaa'elli isaanii du'aan diigame
jachuun qabeenya kan waliinii tahuun isaa mirkanaahe bakka
lamatti qooodamee walakkaa isaa iyyattoonni ammaa fi
obboleewwaan nama lamaaf waamamaan qoode akka kennu
walakkaa hafu waamamaafi haati warraa isaa j/lixxuun
qixxeetti haa qooddatan jachuun murteesseera.
Waamamaan ammaa MMO Go/Sh/Bahaatti oliyyatee manni
murtichaa immoo; duutuu haati iyyattootaa fi waamamaan
Kan Itti Fufe …
gaa'elaan kan waliin jiraatan osoo hin tahin akka abbaa
warraa fi haadha warraatti waliin jiraatu, mana jireenyaa
magaalaa Bishooftuu keessatti argamuufi maqaa waamamaatin
galmaahee jiru duuti haati iyyattootaa fi waamamaan gaa'ela
keessatti kan bitatan waan taheef, tilmaama walakkaa
manichaa waamamaan gahee haadha iyyattootaa, iyyattootaa
fi obboleewwan haadha isaani irraa dhalataniif akka qoodu
jedhamee kan murtaahe hanqina hin qabu. Mana daldalaa Hoteela
Gust haawusii magaalaa bishooftutti argamu garuu qabeenya
waamamaan kennadhaan argate waan taheef haati iyyattootaa sababa
fooyyeessuutiin mirga irraa hin qabdu waan taheef iyyattoonni
qooddachuuf mirga hin qaban, meeshaa mana jireenyaa keessaa manni
murtii Aanaa tilmaama isaa qulqulleessee akka murteessu jechuun
bu’uura s/d/f/s/ kwt 348 (1)fooyyeessuun bu’uura s/d/f/s kwt 343( I)
qajeelfamaan gara mana murtii Aanaatti deebiseera.
Kan Itti Fufe …
Iyyattoonni ammaa murtii kana komachuun dhaddacha Dhaabbii Bahaa
MMWOtti oliyyannoo kan dhiyeeffatan ta’ullee dhaddachichi
dhiyeessisee deebi’ee bu’uura s/d/f/s kwt 348(1)tiin cimseera.
Kanumaan dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee dhaddachichi;
iyyattoonni himannaa dhiyeessaniin haati isaanii du’uu ibsuun isaan
immoo dhaaltoota tahuu isaanii mirkaneffatanii qabeenya dhaalaa hin
sochoone tilmaamni isaa qarshii miliyoona kudha saddeeti oli tahe kan
haati isaaniifi waamamaan yeroo akka abbaa warraati haadha warraa
waliin turan horatanii haati isaanii harka waamamaatti dhiiftee duute
keessaa gahee dhaalaan isaan gahuu qabu tilmaamni isaa qarshii
6,093,333.33 (Miliyoona Jahaafi kuma sagaltamii sadihiifi dhibba
sadihiili soddomii sadihiifi saantiima soddomi sadii) tahe akka
waamamaan qooduuf bu'uura s/d/f/s kwt 225 fi 226(3) tilmaamanii kan
gaafatan tahuun hubatameera.
Kan Itti Fufe …
Haa tahu malee seerummaa gaafatame kanaan walqabatee,
manni murtii Aanaa ofitti fuudhee ilaaluuf Aangoo hundee
dubbii ni qabaa? kan jadhu ilaaluun barbaachisaa dha. Bu'uura
kanaan, Labsii lakk.216/2011 kew.31 (1) gubbaatti akka
tumamee jirutti, qabeenya hin sochoonc tilmaamni maallaqaa
isaa Miliyoona sadii hin caalle irratti manni murtii Aanaa
Aangoo hundee dubbi akka qabu tumameera. Kana irraa
ka'uudhaan seerummaan iyyattoonni gahe isaani akka
qoodamuuf gaafatan qooddii qabeenya dhaalaa, qabeenya hin
sochoone tilmaamni maallaqa isaa qarshii miliyoona sadii oli
akka tahe ifatti ni mul’ata.
Kan Itti Fufe …
Manni murtii Aanaa garuu hanga qarshii miliyoona sadii
malee Sanaa ol ilaaluuf Aangoo hin qabu. Manni murtii Aanaa
dhimma Aangoo itti hin qabne akka dhihaateefitti yokaan akka
beekeetti bu'uura s/d/f/s kwt 9, 244(2)(a)fi 245tiin Aangoo hin
qabu jachuun deebisuu osoo qabu ofttti fuudhee qabeenya hin
sochoone tilmaamni maallaqaa qarshii Miliyoona Jahaa oli
tahe irratti murtii kennuun isaa dogoggoradha, manneen murtii
jalaas sirreessuu osoo qabanii bira darbuun dogoggoradha
jechuun diigeera.
Murtii kana akkamitti ilaaltu? Maalif manneen murtii jalaa
hin sirreessine?
11.Rakkoowwan Falmii Gareewwan Hedduu
Gidduutti Adeemsifamuun Wal Qabatu
Bu’uura s/d/f/s kwt 331tiin falmii tokko keessatti baay’inni
himataafi himatamaa tokkoo ol yoo ta’eefi falmichis
himattootaafi himatamtoota haaluma wal fakkaatuun kan
ilaallatu yoo ta’e, himattoota ykn himatamtoota keessaa
namni tokko guutummaa murtii irratti oliyyachuu danda’a.
Manni Murtii oliyyannoo, komiin haala kanaan dhiyaateef,
akkuma haala isaatti murtiin jijjiire, fooyyesse, ykn cimse
himataa ykn himatamaa oliyyannoo hin dhiyeeffanne irrattis
raawwatiinsa akka qabaatu taasisa jedha.
Falmiihaala wal fakkaatuun himattoota ilaallatu (ground
common to all) kan jedhu sababa akkamiiti? Seerri deemsaa
kun kwt 40(5) jalatti immoo manni murtii oliyyannoo
dhagahu, …
Kan Itti Fufe …
murtiin kennamu garee oliyyannoo keessatti hin hirmaanne
ni ilaallata yoo ta’e dhagahuuf beellama kennee d/kennaatti
dabalamee akka dhiyaatuuf waamuu qaba (Waraabbii Afaan
Amaaraa). Waraabbiin Afaan Ingiliffaa bifa dirqamaatiin waan
kaa’u hin fakkaatu. Garuu, ‘interested in the result of the
appeal’ (kan ilaallatu’ jechuun murtichi yoo siif cima ta’e
qofamoo?
Dhimma 1ffaa
Dhimmi kun dhimma Dhaddacha Ijib.MMWOtiin
Galmee Lakk.404335 ta’e irratti dhaddacha gaafa
12/11/2014 ooleen ilaalamee murtii argatedha.
Kan Itti Fufe …
Dhimma kana keessatti MMO Godina Arsii, himannaa
namni Makidaa jedhamuu lafa kiyya, kanan mana irraa
qabu, irratti waliigalteen liizii seeraan ala raawwatamuun
sirrii miti jechuun dhiyeessite bu’uureffatee,
qulqulleeffatee, waliigaltee liizii Ejensii Misoomaafi
Manajimantii Lafa Magaalaa Boqojjii fi Haliimaa Hirphoo
gidduu jiru haqee, lafti himattuu nama Makidaa
jedhamtuuf akka deebi’u erga ajajee booda, Halimaadhaaf
immoo lafti karee meetira 200 bakka bu’iinsaan akka
kennamuuf jedheera.
Kana booda Ejensichi Makidaa d/kennituu taasisee dhaddacha
Dhaabbii Bahaa MMWOtti wayita komatu dhaddachichi bu’uura
Kan Itti Fufe …
ammas dhaddacha Ijibbaataa MMWO gahee
dhaddachichis; lafti bakka bu’iinsaan haa kennamuuf
jedhamee kan murtaa’e Makidaadhaaf osoo hin taane,
Haliimaadhaaf waan ta’eef komii waamamtuu ammaa
(Makidaa) ilalallatu miti jechuun cimseera.
Murtii kana akkamitti ilaaltu? Jalqaba maal
yaadee dhiyeessise? Komiin maal jedha?
Dhimmoota Yakkaa: 1.Dhimma yakkaa Baala
Sammuu Namaa Hadoochuun Wal qabatee
Aangoo manneen Murtii
Heerri Mootummaa FDRI kwt 55(5) jalatti Manni Maree
Bakka bu’oota Uummataa aangoo seera yakkaa baasuu kan
qabu ta’uufi naannoleen dhimmoota seera yakkaa
federaalaatiin haguuggii hin arganne ilaalchisee seera yakkaa
baasuu akka danda’an tumeera.
Haaluma kanaan Manni Maree kun, Seera Yakkaa, Labsii
lakk.414/1996 kan baase yemmuu ta’u, Labsiin kun kwt 525
jalatti dawaa summii ykn narkotikiifi saayikootiroopikii ykn
baala sammuu namaa hadoochu oomishuu, hojjechuu,
geejibsiisuufi fayyadamuun yakka ta’uu tumeera.
Kan Itti Fufe …
Gama birootiin aangoo dhimma yakkaa kana ilaaluu ilaalchisee, heerri
dhimma federaalaa ta’uu ifatti ibsuu baatullee labsiin manneen murtii
federaalaa, kan amma haqame, Labsii lakk.25/1988 kwt 4(10) fi 12(1)
jalatti dhimmoota yakkaa baala balaafamaafi sammuu namaa
hadoochuun wal qabatan ilaalchisee, sadarkaa jalqabaatiin ilaaluuf
aangoo kan qabu mana murtii ol’aanaa Federaalaa waan ta’eef, manni
murtii Waliigalaa Naannoolee immoo bakka bu’ummaadhaan ilaaluuf
aangoo ni qabu.
Labsii duraanii keessatti haala kanaan kan eeramee ture ta’ullee, Labsii
haarayaa, Labsii Lakk.1234/2013 kwt 4(7) jalatti dhimmoota kana irratti
manneen murtii federaalaa aangoo kan qaban ta’uun kan ibsame
ta’ullee keewwata 12 jalatti immoo dhimmoota Mana Murtii Ol’aanaa
Federaalaatiin ilaalaman jalatti waan hin ibsamneef,
Kan Itti Fufe …
manni murtii ol’aanaa Federaalaa dhimmoota yakka federaalaa seera
biroo rogummaa qabaniin kennameef kan ilaalu ta’uun waan ibsameef,
Bu’uura gabatee S/D/F/Y duraaniitiin, Labsii Lakk.185/1961tiin immoo
dhimma kana kan ilaaluuf aangeeffame mana murtii sadarkaa jalqabaa
waan ta’eef, Labsiin lakk.1234/2013s kwt 15s dhimmi yakkaa seera
rogummaa qabuun mana murtii ol’aanaa Federaalaatiif hin kennamne
dhimma Mana Murtii Sadarkaa Duraatiin ilaalamu ta’uu waan ibsuuf,
dhimmoota kana mana murtii sadarkaa duraatu ilaaluu qaba.
Qabatama jiruun manni murtii Waliigala Oromiyaa, manneen murtii
ol’aanaa Federaalaa bakka bu’uun ilaaluu itti fufanii jiru.
Isin Maal jettu?
2.Rakkoowwan Haala Murteessa Adabbii Dhimma
Yakka Ragaa Sobaa Bahuun Mana Murtii
Dogoggorsuun Wal Qabatan
Bu’uura Qajeelfama Adabbii, Qajeelfama Lakk.2/2006 kwt
19tiin yakkoota sadarkaan hin baaneef ilaalchisee manni
murtii wayita sadarkaan isaa; gadi aanaa, giddu galeessa,
ol’aanaa’ jedhee baasu dhimmoota akka haala raawwii
yakkichaa, hangaafi gosa miidhaa qaqqabee, hanga faayidaa
argamee kkf akka safartuutti fudhachuu danda’a. Seera
yakkaa kwt 88(2)s ilaaluun ni barbaachisa.
Dhimmi yakka ragaa sobaa bahuu (yakkoonni kwt 443-451tti
jiran) yakkoota bulchiinsa haqaa (adeemsa hojii abbaa
seerummaa) irratti raawwataman waan ta’eef, ulfaatinni
yakkichaa haala qabatamaa (raawwii) waliin ilaalama.
Kan Itti Fufe …
Keewwattoonni 452-458tiitti kan jiran immoo ‘gochoota yakkaa,
dhugummaafi amanamummaa hojii haqaan wal qabatee hojjetamuu
qabu irratti raawwatamu’ jala kan jiranidha. Gocha kana
raawwachuudhaan faayidaan guddaanifi xiqqoon argamuun ilaalcha
keessa ni galaa? Akka gocha yakkaa qabeenya (mirga qabeenyaa) irratti
raawwatameetti ilaaluun ni danda’amaa? (The interest protected by this
criminal provision)
Dhimma 1ffaa
 Dhimmi kun dhimma Dhaddacha Dhaabbii Bahaa
MMWOtiin Lakk. Gal.MMWO 385044 ta’e irratti
oliyyannoodhaan ilaalamee dhaddacha gaafa 16/06/2014
sagalee caalmaatiin adabbii ilaalchisee fooyya’ee
murtaa’edha.
Kan Itti Fufe …
Dhimma kana keessatti namoonni lama Seera Yakkaa kwt
32(1)(A)fi 453 (2) irra darbuun waliin ta’anii namoonni
Nuuriyaafi Hindii jedhaman ilmaan du’aa Saalii Umaridha,
Saaliin bara 2011 du’e, sirni awwaalcha isaas raawwatameera
jechuudhaan galmee lakk.44811 ta’e irratti jechuudhaan jecha
ragummaa kennuun mana murtii dogoggorsuun bu’aa
barbaadan waan argataniif yakka ragaa sobaatiin kan
himataman yemmuu ta’u, himatamtoonni jalaa
waakkataniiru.
Kanatti aansuun MMA Habroo ragaa namaa Abbaa Alangaafi Ragaa Ittisaa dhagahee,
kan irraa hin ittisne ta’uu ibsee, kwt 453(2) jalatti balleessaa taasisee, hidhaa cimaa
waggaa shaniitiin adabeera. Manni Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa komii
dhiyaate bu’uura s/d/f/y kwt 195(1)tiin kufaa taasiseera.
Kan Itti Fufe …
Itti
fufuun dhimmichi Dhaddacha Bahaa MMWO gahee, dhaddachichis
Sagalee caalmaatiin;
“Komii murtii adabbiitiin walqabatee dhiyaate yoo ilaalle keewwata
ol'iyyataan balleessaa jalatti jedhame adabbii hidhaa cimaa waggaa
kudhan hin caalleen kan adabsiisudha. Keewwata kanaaf sadarkaafi
gulantaan kan hin baaneef yoo ta'u, yakka raawwatame kanaan
faayidaa ol' iyyataa argate yookaan nama biroof argamsiise jiraachuu
wanti mirkanaa'e osoo hin jirreefi yakkichi iyyuu kan raawatamu
garee falmataa tokko miidhuuf yookaan fayyaduuf ta'uun firii dubbii
yakkichaa ta'ee osoo jiruu manni murtii jalaa ol'iyyataan yakkicha
kan raawwate faayidaa hin malle argachuuf yaadeeti jechuun
sadarkaa yakkichaa ol'aanaa qabachuun isaa dogoggora waan ta'eef
sababuma olitti ibsame kanaan sadarkaa yakkichaa gadi aanaa
qabannee jirra.
Kan Itti Fufe …
 Adabbiin sadarkaa gadi aanaa yakkichaaf taa'e hidhaa cimaa waggaa
tokkoo hanga waggaa sadiifi baatii sadiiti. Reenjii kana keessaa
adabbii hidhaa cimaa waggaa lamaa akka adabbii ka'umsaatti yoo
qabanne gulantaa adabbii 10ffaa jalatti kufa. Sababa addaafi waliigalaa
adabbii cimsu kan AAtiin ol'iyyataa irratti dhiyaate kan hin jirre yoo
ta'u, sababa waliigalaa adabbii salphisu kan manni murtii jalaa
bu'uura sy keewwata 82/1/A/tiin qabeef akkuma jirutti fudhannee,
dabalataan oliyyataan abbaa maatii ta'uu isaafi nama waggaa 70
ta'uu isaa ilaalcha keessa galchinee hidhaa cimaa waggaa 1fi baatii
4tiin akka adabamu” kan jedhan yemmuu ta’u, sagaleen addaa
immoo; murtiin balleessummaayyuu oliyyataa ammaa irratti
kennamuu hin qabu jedheera.
Haala itti sadarkaan bahe akkamitti ilaaltu? Maal giddu galeessa
godhachuu qaba?
3.RakkooRakkoowwan S/Y 1996 bahe kwt 385(1, B) fi
Labsii Lakk.881/2007 kwt 23(3)n Wal Qabatan
Seerri yakkaa dhimma yakka sanadootaan wal qabatuu
kitaaba 4ffaa jalatti ‘yakkoota faayidaa uummataafi jireenya
hawaasummaa irratti raawwataman, yakkoota amantaa
uummataa irratti raawwataman’ jedhu jalatti kan ibsamanidha.
Yakkoota kana keessaa boqonnaa 1ffaa jalatti kan ibsame;
Sanadoota sobaa uumuu (Falsification), Sanadoota gara
sobaatti jijjiiruu (Forgery) fi sanadoota balleessuu
(Suppression) kan ilaallatudha.
Seerri kun kwt 375 jalatti yakkoota sanada qabatamummaa
qaban uumuu ilaalchisee tume.
Kan Itti Fufe …

Keewwata 378 jalatti namni kamiyyuu beekaa sanada


uumametti yoo fayyadame bu’uura kwt 375tiin kan adabamu
ta’uu tuma.
Seerri kun kwt 385 (1, B) jalatti immoo ; Whoever, for the
purpose of obtaining for himself or procuring for another an
advantage or betterment, knowingly makes use of paper thus
falsified or counterfeited, or of a genuine paper not intended
for his use or not relating to himself, is punishable with simple
imprisonment or fine” jedha.
Tumaan kun waraqaa ragaa sobaatiin kan wal qabatuufi waraqaan ragaa kunis; sanada
gara sobaatti jijjiirame, fakkeeffamee hojjetame ykn sanada sirrii ta’ee tajaajila sanaaf
yaadamee hin hojjetamne ykn kan hin ilaallanne ta’uu danda’a.
Kan Itti Fufe …
Haala kanaan nama fayyadame adabsiisuuf, sanadichi sobatti
jijjiiramuun, fakkeeffamee hojjetamuun, tajaajilli inni
yaadameefi nama inni ilaallatu qulqullaa’ee hubatamuu qaba.
Namni itti fayyadame jedhames haalota kana osoo beekuu
kan itti fayyadame ta’uu qaba.
Gama birootiin, bu’uura Labsii yakkoota
Malaammaltummaa, Labsii Lakk.881/2007 kwt 23(3)tiin;
“Whosoever. knowingly uses documents mentioned under sub·article
(I) of this Article shall be punishable under same sub-article” jedha.
Sanadoonni keewwata xiqqaa tokko jalatti ibsaman immoo;
sanadoota qopheessuu, sanadoota jijjiiruu, qabiyyee
sanadichaa jijjiiruu, mallattoo jijjiiruu ykn balleessuu faa’iin
Kan Itti Fufe …
Kewwatni 23(4) sanadoonni kun to’annoo hojjetaa mootummaa
harkatti argaman taanaan akka qopheessanitti kan tilmaamamu ta’uu
ibsa. To’annoo nama dhuunfaa harkatti argamuu hin ilaallatu.
Labsiin kun kwt 35 jalatti waa’ee tumaalee ifaa ifatti haqamanii
tarreessuun kan ibsu yemmuu ta’u, kwt 36 jalatti immoo; waa’ee seerota
raawwatiinsa hin qabnee ibseera. Tumaalee haquu vs seerota
(keewwattoota raawwatiinsa hin qabne ibsuu)
Waa’ee seerota (keewwattoota) raawwatiinsa hin qabnee wayita ibsu,
kwt 36(2) jalatti; tumaaleen seera yakkaa; aangootti garmalee
fayyadamuudhaan wal qabatan, faayidaa hin malle argachuufi
argamsiisuufi mirga ykn faayidaa namoota biroo irraan miidhaa
geessisuu adabuuf tumaman dhimmoota labsii kana keessatti
hammataman irratti raawwatiinsa hin qabu jedha.
Kan Itti Fufe …
Haala kanaan, tumaalee seera yakkaa ‘faayidaa hin malle argachuufi
argamsiisuufi mirga ykn faayidaa namoota biroo irraan miidhaa
geessisuu adabuuf tumaman’ dursanii ilaaluun, labsii lakk.881/2007
keessatti immoo haguuggii argachuufi dhiisuu isaa xiinxaluun tumaa
seera yakkaa raawwatiinsa hin qabne adda baafachuun ni danda’ama
jechuudha.
S/y kwt 385-mata duree isaa irratti waraqaa ragaa sobaatti osoo
beekanii fayyadamuu, qabiyyee isaa keessatti immoo (1, B) jalatti
sanada waan jedhuuf, S/Y kwt 378-sanada sobaan qophaa’e ykn sanada
sobaan jijjiirametti osoo beekanii fayyadamuu waan jedhuuf,
garaagarummaa waan qabu hin fakkaatan. Tarii, S/Y kwt 378 jalatti
haala inni itti fayyadame malee yaada maaliitiin kan jedhu hin ibsamne.
Kwt 385 (1, B) jalatti sanadichi waraqaa eenyummaa yoo ta’e hidhaa
salphaa ji’a sadii gadi hin taane kan adabsiisu ta’uu tumeera.
Kan Itti Fufe …
Labsiin Lakk.881/2007 kwt 3 jalatti, gochi qabatamaan raawwannaan
waa’ee yaada faayidaa argachuu ykn yaada miidhuu tilmaamni seeraa
kan fudhatamu ta’uun tumameera. Material element-knowledge
Bu’uura Labsii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraafi Waraqaa eenyummaa
biyyoolessaa, Labsii Lakk.760/2004 (kan fooyya’e 1049/2009) kwt
66(1)© jalatti waraqaa eenyummaa biyyoolessaa sobaan qophaa’etti ykn
sobatti jijjiirametti fayyadamuun yakka waggaa 5-10 adabsiisu ta’uu
tuma. (Special law)
Waraqaan eenyummaa kun bu’uura kwt 58tiin qaama federaalaa
ilaallatuun kennama. National identity card vs ID card practically in use
Sanadni Ibsa Seeraa Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaatiin bara 2013 keessa
qophaa’es gama kanaan ejjennoon A/A/ waliigala Federaalaa waraqaa eenyummaa fi
ragaan barnootaa akka waraqaa ragaatti waan ilaalamuuf himannaan kan dhiyaachuu
qabu bu’uura Labsii Lakk.881/2007 kwt 23(3)tiin osoo hin taane bu’uura SY kwt 385
(1)A)tiin ta’uu qaba jedheera. (F-76)
Kan Itti Fufe …
Himannaan yakkaa yeroo baay’ee qabatamaatti dhiyaatu;
“Himatamtoonni labsii yakkoota malaamaltummaa tumuuf bahe
lakk. 881/2007 hwt 23(3)jalatti kan tumame irra darbuudhaan
faayidaa hin malle argachuuf yaadanii gaafa guyyaa
27/03/2014 halkan kcessaa sa’a 4:00 yoo ta’u, Magaalaa
Adaamaa kutaa magaalaa Dambalaa ganda Dagaagaa bakka addaa
Marfata Wanjii jedhamee waamamutti Poolisiin eenyummaa
isaanii yommuu gaafatu Waraqaa eenyummaa sanada mootummaa
fakkeessuun sobaan qophaahe himatamaa 1ffaan jiraataa ganda
Boqqojjii ta’uu kan ibsu waraqaa eenyummaa lakk.E 1569 ta'e
osoo jiraataa gandichaa hin ta’in,
Kan Itti Fufe …
 himatamaa 2ffaan jiraataa ganda Odaa ta’uu kan ibsu waraqaa
eenyumrnaa lakk. E.G/ Od/947 ta’e garuu jiraataa gandichaa osoo
hin ta.in, himatamaa 3ffaan jiraataa ganda Odaa ta'uu kan ibsu
waraqaa eenyumrnaa lakk. EG/od/974 ta'e garuu jiraataa ganda
kanaa osoo hin ta'iin, akkasumas himatamaa 4ffaan waraqaa
eenyummaa lakk. E G /od/632 jiraataa ganda Odaa ta’uu ibsu
garuu jiraataa gandichaa osoo hin taane poolisiitti
agarsiisuudhaan ragaa sanada mootummaa sobaan fakkeeffamee
qophaaheen osoo fayyadamaa jiranuu harkaa fi harkatti waan
qabamaniif yakka sanada mootummaa sobaan fakkeeffamee
qohaaheen fayyadamuutiin himatamaniiru” kan jedhuudha.
Himannaan bifa kanaan dhiyaate labsii lakk.881/2007moo Seera
Yakkaa bara 1996 baheen (labsii lakk.114/1996) kan jedhu ilaalchisee
ejjennoowwan adda addaa murtiiwwan dhaddacha Ijibbaataa MMWO
keessatti ni calaqqisu.
Kan Itti Fufe …
Ejjennoo 1ffaan gabaabumatti; preamble labsii
lakk.881/2007fi labsicha kwt 36(2) caqasuun namni gocha
armaan olii raawwate labsii lakk.881/2007 jalatti adabamuu
qaba kan jedhu yemmuu ta’u,
Ejjennoo 2ffaan immoo; namni tokko hojjetaa mootummaa ykn
dhaabbilee mootummaa ykn dhuunfaa waliin wal qunnamtii
uumuudhaan gocha jedhame raawwachuun yoo mirkanaa’een ala namni
hojjetaa hin taane ykn itti gaafatamummaa hin qabne yakka
malaammaltummaatiin itti hin gaafatamu, Labsiin lakk.881/2007s kwt
36(2) jalatti tumaalee tumaalee seera yakkaa hin haqamne garuu
dhimma yakka malaammaltummaaf raawwatiinsa hin qabaanne tumee
jira jechuun seera yakkaa kwt 385 raawwatiinsa qabaachuu qaba jedhu.
Kan Itti Fufe …
Ogeessonni ejjennoo jalqabaa deeggaran waa’ee hariiroo jechuun
ogeessonni ejjennoo 2ffaa deeggaran kaasan homaa hin jedhan; ‘namni
kamiyyuu’ kan jedhu labsii lakk.881/2007 kwt 23 jalatti kan ibsame
bu’uureffatu.
Ejjeennoo 1ffaa-Sagalee Caalmaa
Ogeessonni seerri dhimma ammaa kanaaf raawwatiinsa qabu Labsii
Lakk.881/2007dha malee Seera Yakkaa bara 1996 bahe miti jedhan
sababa isaanii wayita tarreessan;
seensi labsii lakk.881/2007 (preamb le) irraa akkuma hubatamutti
kaayyoon yakkoota malaaamaltummaa addatti labsii lakk. 88l/07tiin
tumuun barbaachiseef keessaa inni tokko. yakkoonni malaamaltumama
saffisa cimaadhaan yeroodhaa gara yerootti amala isaanii jijjirrachaa
kan deeman waan ta'aniif, seerri yakkaa bara 1996 bahe kun immoo
amaloota yakkoota malaammaltummaa yeroo gara yerootti jijjiiraman
Kan Itti Fufe …
kanaa baachuu waan hin dandeenyeef, akkasumas gochoota
malaamaltummaa haarawaa yeroo yeroon amala jijjiiratanii dhufan
kannen hammachiisuuf jedhamee seera yakka kana yeroodhaa yerootti
foyyessuun waalta"iinsa koodichaa irratti dhiibbaa kan fidu waan
ta’eef yakkoota malaamaltummaa labsii addaat iin qophaatti seera of
danda‘ee dhimrnoota yakka malaamaltummaa qofa hoogganuun baasuun
barbaachisaa akka ta’e lafa kaahameera. Kaayyoo kana irraa akka
hubatarnutti labsii yakkoota malaamatummaa tumuuf bahe kanaa.
Dhimmoota sanada sobaatiin walqabatee akka waliigalaalli seera yakkaa
kwt. 385 ( I.,B) jalatti tumame sana adda baasuudhaan yakka sanada
mootummaa ykn dhaabbilee umrnataa sobaan fakkeeffamee qophaaheen
fayyadarnuun yakka malaammalturnrnaa akka ta’u labsii lakk.881 /07
kwt. 23(3) jalatti tumeera. Kanaafuu tumaan seera yakkaa kwt. 385(1,8 )
sanada mootummaa ykn dhaabbilee ummataa sobaan fakkeeffamee
qophaaheen fayyadamuu ilaalchisee tumame tumaa labsii lakk. 881/07
kwt. 23(3) jalatti tumamaniin bakka bu'eera jechuudha.
Kan Itti Fufe …
Gama biraatiin, labsii lakk. 881/07 kwt. 35 jalatti kewwattoota seera
yakkaa ifaan ifatti haqamuun isaanii ibame keessatti seerri yakkaa kwt.
385 hin hammatamne. Kana bu'uura godhachuu haan ogeeyyiin seeraa
tokko tokko labsii lakk. 881/07 kwt. 35 jalalli seerri yakkaa kwt. 385
ifan ifatti waan hin haqamneef ammayyuu hojiirra ooluu qabaata
jedhanii hijj annoo isaanii kan calaqsiisan ni jiru.
Haa ta'u malee akkaataa seerronni itti haqaman caqasuun yoo
barbaachisee: seerri booda bahe tokko seera isa dura jiru ifaan ifatti
caqasuudhaan haqamuu isaa yoo ibse (expressly repealed) ykn seerri
booda bahe tokko seera isa duraa ibsee osoo hin haqiin calliisee tumaa
seera duraa sana bakka bu'u seera haaraa sana keessatti yoo hammachiise
callisuun haqeera (Tacitly repealed) jechuu akka ta'e duudhaa hiikkaa
seeraa keessatti ogeessi seeraa kamiyyuu kan beekudha.
Kan Itti Fufe …
Yakka sanada mootumaa ykn dhaabbilee ummataa sobaan
fakkeessanii qophcessuu ykn kan sobaan fakkeeffamee
qophaaheetiin fayyadamuu ilaalchisee tumaan seera yakkaa
kwt.385 jalalti bifa dimshaashaatiin taa'e adda bahee labsii
lakk. 881/07 kwt. 23 jalatti waan tumameef seerri yakkaa
kwt.385 callisuudhaan (tacitly) haqameera jechuun ni
dandaa’ama. Kana malees, tumaan labsii lakk. 881/2007 kwt.
36 (2) jalatti ibsamellee yaaduma kana kan cimsu ta’ee ni
mul’ata jedhu.
Kan Itti Fufe …
Ejjennoo 2ffaa
Gocha malaammaltummaa namootni dhuunfaas hojjettoota
dhaabbilee olitti ibsaman keessatti hojjetanitti hirkaltnii yookiin
maxxananii yeroo raawwatan waan jiruuf isaaniis bu'uura secra
yakkaa keewwata 33tiin hojjettoota dhaabbilee kanneen kana waliin
yakka malaammaltummaa yoo raawwatan keewwattoota labsii
yakka malaammaltummaa ittisuuf bahe lak.881/ 2007 jalatti
tumaman keessaa kan rogummaa qabuun ni gaafatamu.
Gama biraatiin kan falmii ta’u garuu namootni dhuunfaa
hojjettoota waajjiraalee /dhaabbilee mootummaa fi
uummataa/dhuunfaa/ keessa hojjetan waliin walqunnamtii osoo hin
uumiin(hin qabaatiin) dhuunfaa isaa nii sanadoota dhaabbilee kana
wajjin walqabatanii fi kan biroo irratti yakka yoo raawwatan yakka
malaammallummaa moo yakka idileen itti gaafatamu kan jedhu
Kan Itti Fufe …
Dhimma ofi harkaa qabnu kanan walqabatees waraqaan
eenyummaa namoota dhuunfaaf kcnnamu waa'ee nama dhuunfaa sanaa
eenyummaa isaa kan ibsuu fi mirga akka lammiitti qabu illee kan
gonfachiisu akka ta'e ifa dha. Sanadni kun sirna jiru hordofee waa'ee
nama waraqaa eenyummaa fudhatu san mirkanaa'ee kan kennamu caasaa
mootummaa gara gadii jiraniin akka ta’es beekamaa dha.
Waraqaan eenyummaa caasaa mootummaan kan kennamu erga ta'ee
sanada mootummaa ta'uun isaa kan nama falmisiisu miti. Garuu namni
dhuunfaa qunnamtii tokko malee dhuunfaa isaatiin sanada sobaan
fakkeeffamee qophaa’e kanatti tajaajilamee yoo argame yakka
malaammaltummaa haalli itti ta’u hin jiraatu. Kunis labsii yakka
malaammaltummaa ittisuuf bahe lak.881/2007 keewwata 4 jalatti akka
bu' uuraatti kan tumame irraa kan hubatamu dha.
Kan Itti Fufe …
Akka bu'uuraatti kan tumame kun yakka malaammaltummaa jechuuf
amalli yakka malaammaltumrnaa jiraachuu fi narnootni dhuunfaa yakka
malaammaltummaa raawwatan jedhaman hojjettoota waajjira/dhaabbilee
mootummaa fi dhaabbilee uummataa /dhuunfaa keessa hojjetan waliin
qunnamtii uumuun gochicha yoo raawwatan dha. Labsii yakka
malaammaltummaa ittisuuf bahe lak.881/2007 keewwata 23(3) jalatti..
namni kamiyyuu .. .'· kan jedhu namni dhuunfaa hojjettoota
dhaabbilee olitti ibsaman keessa hojjetan waliin hariiroo uumee yakka
yoo raawwate yakka malaammaltummaa ta'a jechuuf kan yaadame malee
namni dhuunfaan qofaa isaa yakka kana yoo raawwate yakka
malaammaltummaan gaafatama jechuu akka hin taane hubatamuu qaba.
Hiikkoon haala kanaan kennamu kaayyoo yakka malaamaltummaa
addatti tumuuf bahe waliin ilaalamuu qaba. Dabalataan dhimma kanaan
wafqabatee labsii lakk .88 1 /2007 kwt.35 fi 36 jidduu adda
baatee jiruu ilaaluun dhimma kana caalaatti ifa taasisa.
Kan Itti Fufe …
Labsiicha kwt.35 jalatti tumaalee Seera yakkaa kwt.379 fi 381 jala
jiruu sanada mootummaa balleessuu ykn sobatti jijjiruu jedhu ifatti
haqee jira. Kana jechuun tumaalen kun ifatti seera boodarra baheen
haqamanii jiru waan taheef haala kamiinuu raawwatiinsa hin qabaatan.
Gama biraan garuu Seera yakkaa kwt.385 ifatti kan haqee miti. Labsii
lakk. 881/2007 kwt.36 immoo tumaalee seera yakkaa hin haqamne
garuu dhimma yakka malaammaltummaaf raawwatiinsa hin qabaanne
tumee jira.
Waraqaa eenyummeessa ragaa sobaa fayyadamuun yakka malaammaltummaa kan
tahuu yoo ulaagaa bu'uuraa yakka malaammaltumaaf labsii lakk.881/2007 kwt.4 jala
jiruu guutee argamecdha. Gaafa kana guutee argamee labsii lak. 881/2007 kwt.23
jalatti adabuun sirrii tahee argama. Hanga iyyattoonni namoota wajjira mootummaa
keessaa waliin walitti dhufeenya hin malle uumanii haala hin malleen baafachuun
isaanii hin mirkanoofnetti haalli itti yakka malaammaltummaa tahuu danda'u akka hin
jirree tumaa labsii lakk. 88 I/2007 kwt.4 ti 36 irraa hubachuun ni danda'ama jedhu.
Kan Itti Fufe …
Gaaffii
Ejjennoo kamtu dhama qabeessa? Qaama kenne (hojjetaa
ta’uufi dhabuu), iddoo itti qophaa’e (waajjira mootummaa
ta’uufi dhabuu) adeemsa itti kenname bu’uura godhata? Maddi
kun osoo hin beekamin waraqaa eenyummaa qabatanii
argamuun maal hordofsiisaa? Soba ta’uu beekuu vs sirna
jiruun gaafattee dhabdee maallaqaan hojjetaan gandaa akka
siif baasu taasisuu? Nama maluuf vs nama hin malleef?
Genuine documents obtained fraudulently (GDOF)
Tacit (implied) (implicit) repeal is;
 a repeal by implication.
 And to conclude that there is a tacit repeal; The two acts must be irreconcilable, clearly
repugnant, and so inconsistent that the two cannot have concurrent operation.
4. Rakkoowwan S/Y kwt 543(3)n Wal
Qabatanii Uumaman
 Bu'uura S/Y kwt 543(3)tiin;
“Namni tokko dagannoodhaan nama lamaafi isaa ol yoo
ajjeese ykn dambiilee ykn tumaalee ifa ta'e irra darbuudhaan,
dhugaatiiwwan nama macheessan ykn nama adoochan
fudhachuudhaan ykn haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa
taasisu keessa erga of galchee booda kan raawwate yoo
ta’ellee hidhaa cimaa waggaa 5 hanga 15 fi adabbii maallaqaa
qarshii 10,000-15000 akka adabamu tumameera.
 Waraabbiin afaan ingiliffaa ‘ta’e jedhee dambiilee ykn tumaalee
ifa ta’e irra darbuudhaan, maal na dhibdeedhaan bu’aa
gochichaa fudhatee yoo raawwate’ yaada jedhu qaba.
 Hatetaa za Makiniyaatiin Seera Yakkaa cita xiqqaan (3) kan dabalameef
sababa yeroo baay’ee balaan konkolaataa humnaa ol nama fe’uudhaan,
ariitiidhaan, baala sammuu namaa adoochu ykn dhugaatiiwwan nama
macheessan fayyadamuudhaan uumamaa jiruuf kan itti dabalame ta’uu ifatti
ibseera.
Itti fufa
 Kanaan wal qabatee dhimmi gaaffii kaasu dambii ifa ta'e
darbuu kan jedhu maal jechuudha? kan jedhudha. Lafa
deemtotaaf dursa kennuu dhabuun dambii ifa ta'e darbuu ni
ta'amoo hin ta'u? Dambii Geejibaa Naannoo Oromiyaa
Lakk.143/2004 kwt 83(1) jalatti konkolaachisaan kamiyyuu
lafoo demetootaf dursa kennu qaba jedha. Iddoo adda baasee
ibsuu baatus bifa dirqamaatiin kaa’eera.
 Akka ejjennoo A/A/W/Federaalaatti (Sanada ibsa
seeraa Ji’aa 8ffaa, bara 2013 qophaa’e)tti dhimmoonni
S/Y kwt 543(3) jalatti himachiisan;
 Ariitii
ol’aanaadhaan konkolaachisuu
 Karaa faallaadhaan konkolaachisuu
 Karaa lafoon irra deemu irratti nama rukutuun
miidhuu (Haalonni osoo hin dirqisiisin ta’e jedhee
deemuun)
Itti fufa
 Ifaa tiraafikaa gatee darbuun
konkolaachisuu
 Hayyama konkolaachisaa malee oofuu
 Karaa qaxxaamura namaa irratti nama
rukutuun ajjeesuu fi gochawwan sadarkaa
kanatti carraa balaan gahuu ol kaasan ni
dabalata.
 Gama kanaan, dhaddachi Ijibbaataa MMWF, Murtii
(kan hin maxxanfamne) dhaddacha gaafa 30/12/2014
ooleen Lakk.Ga.230508 ta’e irratti kenneen;
himannaan dhiyaate dambii tiraafikaa ifa ta’e darbuun
lafa deemtotaaf dursa kennuu diduun s/y kwt 543(3)
irra darbuun nama karaa qaxxaamuraa jiru ajjeessuun
Itti fufa
Seera yakkaa kwt 543(3) jalatti; ‘dambii tiraafikaa ifa
ta’e darbuudhaan’ jedhu kan ibsu –iddoo miidhaan itti
qaqqabetti namoota karaatti fayyadamaniif eegumsa
taasifamuu qabu ta’uufi qajeelfamoota mallattoo
tiraafikaa hordofuu dhabuudhaan mallattoolee karaa
qaxxaamura lafo deemtotaaf sararame irratti miidhaa
geessisuu ilaallata. Bakka mallattoon kun ifatti hin jirretti
ykn qajeelfamni tiraafikaa addatti hordofamuu qabu hin
jirretti lafa deemtotaaf dursa kennuu dhabuun s/y kwt
543(2) jalatti malee 543(3) jalatti hin adabsiisu.
Himannaan dhiyaate immoo ulaagaan kun guutuu waan
hin agarsiisneef, s/y kwt 543(2) jalatti balleessaa
jedhamuu qaba jedheera.
Itti fufa
Dhimma 1ffaa
 Dhimmi kun dhimma dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiin
Lakk.ga.391463 ta’e irratti ilaalamee murtii argatedha.
 Dhimmi kun yakka kan ilaallatu yemmuu ta’u, iyyataan
ammaa lafoo deemaaf dursa kennuu dhabuudhaan
dambii to’annoo tiraafikaa lakk.194/2009 kwt 27(1)fi
8(7) fi SY kwt 543(3) irra darbuudhaan kuffisee
miidhaa cimaa irraan gahee sababuma kanaan
miidhamaan wandee jedhamu waan du’eef
himatameera kan jedhu yemmuu ta’u himanni 2ffaan
immoo iyyataan ammaa S/Y kwt 572 irra darbuudhaan
baajajii irra miidhaa tilmaamni isaa qarshii 2000 ta’u
geessise kan jedhudha.
Itti fufe …
 Kana booda, manni murtii aanaa ragaa namaa A/A fi ittisaa
dhagahee, hin ittisne jechuun keewwata lamaanuu jalatti
balleessaadha erga jedhee booda hidhaa cimaa waggaa shaniifi
adabbii qarshii 10,000n adabeera. MMO iyyataan abbaa maatii
ta’uufi araaramuu ibsee gulantaa lama irraa hir’isee adabbii
hidhaa waggaa afuriifi maallaqaa qarshii 3000n adabeera.
Dhaddachi Bahaa MMWO bu’uura s/d/f/y kwt 195(1)tiin
cimseera.
 Dhaddachi Ijibbaataa MMWO; Iyyataan akkaataa S/Y kwt 572tti
qabeenya nama biroo balaadhaaf waan hin saaxilleef murtii
gama kanaan kenname diigneerra erga jedhee booda; bu’uura
Dambii Nageenya Tiraafikaa mootummaa Naannoo Oromiyaa,
lakk.194/2009 kwt 27(1) konkolaachistoonni lafa deemtootaaf
dursa kennuu kan qaban ta’ullee iddoon itti kennamuu qabu
adda bahee waan hin ibsamneef, iddoon isaa osoo adda hin
bahin konkolaachisaa lafa deemtotaaf dursa kennuu dhabe …
Itti fufe …
 hunda kwt 543(3) jalatti adabuun immoo garaagarummaa
keewwata xiqqaa (2) fi (3) akka adda hin baasne kan nama
taasisu caalaayyuu haqa qabeessa waan hin taaneef, iyyataan
s/y kwt 543(2) jalatti balleessaa jedhamuu qaba jechuun
hidhaa salphaa waggaa lamaafi ji’a sadiitiin fooyyessee adabe.
 Murtiiwwan kana akkamitti ilaaltu? Abbaan alangaa Waliigalaa
Federaalaa qajeelfama baase qabaa?
5. Rakkoowwan Mirga Wabii Eeguufi
Dhorkuudhaan Wal Qabatan
 Heerri Mootummaa FDRI mirgoota bu’uuraa lammilee biyyattii
qofaaf eegamanifi mirgoota nama hundaaf eegaman adda
baasee tumee jira.
 Mirgoota nama addunyaa kanarra jiru hundaaf eegaman
keessaa tokko mirga bilisummaa yemmuu ta’u, heerichi kwt 17
jalatti namni kamiyyuu, adeemsa seeraatiin ala, bilisummaa
isaa dhabuu hin qabu jechuudhaan wabii kenneera.
 Heerichi ‘namni kamiyyuu’ jechuudhaan bilisummaa ilaalchisee
garaagarummaan lammiifi nama lammii hin taane gidduutti
akka hin uumamne taasiseera.
 Haala itti mirgi bilisummaa kun daangeffamu keessaa tokko mirga wabii
nama shakkamee eeguu dhabuudhaan (dhorkuudhaan) yemmuu ta’u,
heerumti kun kwt 19(6) jalatti namni qabame, haalli addaa dhorkisiisuuf
seeraan tumame yoo jiraate malee, mirga wabiidhaan gadi lakkifamuu ni
qaba jechuudhaan eegamuun mirga wabii mirga bilisummaa kan
mirkaneessu ta’uu tumeera.
Itti fufe …
 Haaluma wal fakkaatuun, imaammanni yakkaa biyya keenyaas
mirgi wabiidhaan gadi lakkifamuu heeraan kan mirkanaa’e ta’uu
isaa erga ibsee booda nageenyaafi tasgabbii uummataafi
mootummaa mirkaneessuuf haalli itti daangeffamu jiraachuu
ibseera.
 Yakkoota gurguddoo seera keessatti hammatamuu qabanis
tarreessuudhaan kallattii kaa’eera.
 Ammatti seerri addaa jiru, s/d/f/y fi seera adeemsa addaafi
seera ragaa farra malaammaltummaa, Labsii lakk.434/1997
(kan fooyya’e 882/2007), fi kan biroo yemmuu ta’u, seerri d/f/y
kwt 63fi 67 jalatti haalota mirga wabii dhorkisiisuuf guutuu
qaban tumeera.
 Labsiin adeemsaa armaan olitti eerames namni tokko yakka
malaammaltummaa waggaa 10 ol adabsiisuu danda’uun yoo
shakkame mirga wabiitiin hin bahu jedha. (kwt 3(1)
Itti fufe …
 Seerri deemsa falmii yakkaa kun, keessattuu, kwt 67 jalatti
namni mirgi wabii akka eegamuuf gaafate dirqamoota
wabummaa seene “nama raawwatu kan hin fakkaanne yoo
ta’e” mirgi wabii hin eegamuuf kan jedhu ka’umsa ykn
odeeffannoo qabatamaa tilmaama “nama beellama isaa
kabajee deebi’u hin fakkaatu” jedhu irraan nu gahu qabaachuu
qaba.
 Sababni biroon kwt 67 jalatti ni dhorkisiisu jedhaman;
 Shakkamaan yoo wabiin gadi lakkifame yakka biroo raawwachuu danda’a
jedhamee tilmaamamuufi
 Yoo gadi lakkifame ragaa namaa bituudhaan sossobuudhaan ykn ragaa biro
isa irratti mirkaneessu balleessuu danda’a jedhamee yoo amanamedha.
 Seerri deemsaa kun, itti fufuun, kwt 75 jalatti immoo
shakkamaan iyyannoon gaaffii mirga wabii jalaa kufaa ta’e
sababa itti hayyamamuufii qabuuf haala ifa ta’een ibsuudhaan
mana murti oliyyannoo dhagahutti gaafachuu akka danda’u
Itti fufe …
 Kanaan wal qabatee, darbee darbee, haala itti manneen murtii
s/d/f/y kwt 63 hojiirra oolchan garaagarummaa qaba.
 Kana malees, akkaataa s/d/f/y kwt 69tti hangi
wabummaa gaafa murtaa’u, galii (qabeenya)
shakkamaa bu’uura godhachuu dhabuu.
 Dhimma galmee lakk.120486 ta’e Godina Arsii irraa
eegale keessatti; iyyattoonni nama afur ta’uun mirgi
wabii akka eegamuuf kan gaafatan yemmuu ta’u,
Abbaan Alangaa Godinaa yaada kenneen; iyyattoonni
kan shakkaman yakka wanbadummaa cimaatiin ta’ee
qorannoon xumurameera. Iyyattoonni wabiin yoo
bahanis deebi’anii hin dhiyaatan jechuun gaaffii
dhiyaate mormeera.
Itti fufe …
 Kanumaan MMO ajaja kenneen; yakki iyyattoonni ittiin
shakkamaniifi himatamuu danda’an kan wabiin akka
bahaniif seerri hayyamuuf miti. Tarii mirga kana kan
qabanis yoo ta’e erga galmeen haadhoon saaqamee
booda dhiyeeffachuu danda’u jedheera.
 Kana booda namoota 4 keessaa namni tokko guyyaa
32f sababa malee hidhamtee kan jirtu ta’uu ibsitee
Dhaddacha Bahaa MMWOtti kan oliyyatte yemmuu ta’u,
dhaddachi Bahaa immoo galmee lakk.401902 ta’e irratti abbaan
alangaa yaada akka kennu taasiseera.
 Abbaan alangaas yaada kenneen; qorannoon
xumuramee qaama aangoo qabuuf dhiyaachuu, yoo
eegameef iyyataan ragaa balleessuufi miliquu danda’a
jechuun bu’uura s/d/f/y kwt 67tiin mormeera.
Itti fufe …
 Itti fufuun dhaddachi bahaa; yakka iyyataan ittiin
shakkame bu’uurarraa mirga wabii kan dhorku miti.
Qorannoon xumurameera waan ta’eef, manni murti
jalaa abbaan alangaa bu’uura s/d/f/y kwt 109(1)tiin
guyyaa 15 keessatti himannaa akka dhiyeessu, guyyaa
15 keessatti kan hin hundeessine yoo ta’e mirgi wabii
kan eegamuuf ta’uu murteessuu osoo qabuu dhimmi
iyyataan ittiin shakkame mirga wabii kan eegsisu miti
jechuun bira darbuun sirrii miti.
 Kanaaf, abbaan alangaa guyyaa 15 keessatti himannaa
akka hundeessu, yoo hin hundeessine ta’e iyyataan
kun galmee kana sochoofachuun mirgi wabii akka
eegamuuf gaafachuu danda’a jechuun ajaja MMO
diigeera.(+galmee lakk.402000)
Itti fufe …
Gaaffii
 Yakki wanbadummaa cimaa bu’uura kwt 63tiin mirga wabii ni
dhorkisiisaa? (SY kwt 671, w.5-25, A?, B?) Sadarkaa
qorannootti ykn himannaan hanga dhiyaatutti MM maal bu’uura
godhatee mirga wabii eega? (gochi yakkaa ittiin shakkamee
himatame)
 Does he have the right to default bail? (statutory bail).
 Namni kamiyyuu, adeemsa seeraatiin ala, bilisummaa isaa
dhabuu hin qabu. (Heera kwt 17)
 Adeemsa seeraa keessaa tokko dhimma abbaan alangaa qorannoon
xumuramee gabaasni akka qaqqabeen guyyaa 15 keessatti bu’uura s/d/f/y
kwt 109tiin himannaa dhiyeessuu qaba jedhamee bifa dirqisiisaa ta’een
tumamedha. Yeroo ammaa immoo inumaayyuu waliin qoratu mii?
 Kun kabajamuu dhabuun adeemsa seeraatiin ala bilisummaa
sarbuudha. Yoo himatameera ta’e kwtni 63 ni ilaalama.
Itti fufe …
Dhimma 2ffaa
 MMO Godina Adda Adaamaa galmee lakk.398839 ta’e irratti
abbaan alangaa iyyataan kun kanaan dura naannoo Yunivarsiitii
Adaamaatti yakka raawwachaa turuufi yoo bahe baduu danda’a
jedhee ibseera jechuudhaan iyyannoo gaaffii mirga wabii kan
kuffise yemmuu ta’u, dhaddachi Bahaa immoo galmee
lakk.398839 ta’e irratti yakka raawwachaa turuun isaa
ragaadhaan hin mirkanoofne jechuudhaan ajaja MMO diigee
qarshii 30,000n eegeeraaf.
Gaaffii
 Manni Murtii Ol’aanaa abbaan alangaa ibseera jedhee
duuchumatti amanuurra ragaa dhiyeessisuu hin danda’u turee?
Ragaan ykn odeeffannoon ka’umsaa bifa kamiin mana murtiif
dhiyaachuu qaba?
Galatoomaa!!

You might also like