Diramaa JU

You might also like

Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 230

Dramatic Literature

Course Code: AFOl 3033

By Selamawit.T Deressa

March. 2022
BOQONNAA TOKKO
MAALUMMAA, AMALOOTAA,
FAAYIDAA FI SEENAA GUDDINA
OGBARRUU BARREEFFAMA
DIRAAMAA
Seensa
• Boqonnaa kana keessattii waa`ee maalummaa,
amalafi faayidaa diraamaa ba`linan ilalla.
1.1 Maalumma, Amala fi Faayidaa Diraamaa
Diraamaan gosota ogbarruu keessaa isa tokkodha.

.Fakkeenyaaf, gosoota ogbarruu kunneen akka


ogwalaloo, asoosama gabaabaa, fi asoosama
dheeraa maqaa dhahuun ni danda’ama.

Gosoota ogbarruu isaan kan keessa umrii


gabaabaafi yeroo gabaabaa keessatti kan guddate
asoosama gabaabaa dha.
Diraamaan ammoo faallaa kanati.

Diraamaan gosoota ogbarruu keessaa isa


umurii dheeraa qabu dha.

Diraamaa jireenya dhala namaatiin waan


walqabatuuf ,

umuriin diraamaan qabus umurii dhala


namaati jechuu dandeenya.
Dhufaatiin diraamaa ayyaanfannaa(rituals)
namootni jiruufi jireenya isaanii keessatti
raawwataniin akka walqabatu qorannoo ni
mul`isa.

Keessumattu, antiroopoljistootni diraamaan kan


jalqabame gochoota ayyaaneffannaa (rituals)
gareen namootaa durdur rawwataa turanirra akka
ta’e ni dubbatu.
• Kanaafuu, diraamaan gocha haqaafi uumamaa
namootaa bifa moodeelaatiin akkasumas gochaan
kan dhiyeessu dha.

• Akkasumas namootni waa akka xinxalan fi bocan


kan isaan taasiisu yoo ta`u,

• bakka bu’ aa; yaadaa, miira, gochaa fi bu`aa miraafi


fedhii namaa kan agarsiisu/calaqqisiisu dha.

• .
• Gabaabumatti, diraamaan meeshaa addaa kan
ta`e miiraafi fedhii namummaa ittiin ibsaniifi
xinxalani dha.

• Diraamaan amala, gochootaafi raawwii


namootaa kan ibsu waan ta’eef;

• aadaa haawaasaa hundumaa keessa jira.


• Diraamaan guddina sammuu dhala namaaf
faayidaa guddaa qaba.

• Kessumattuu miiraafi dandeettiin(skill) ilmaan


namaa gabbisuu keessatti gahee olaanaa
qaba.

• Sadarkaa olitiin yaaduu fi miiraa dammaksuun


sochii diraamaa keessatti bal`inaan waan
hammatamaniif, faayidaa guddaa qaba.
Diraamaan guddina armaangaditiif gargaarsa
godha.
• Tajaajila waantota uumuu/kalaquu
• Humna kalaqaan mataa ofii ibsachuu danda’uu
• Of hubachuuf addunyaa hubachuuf
• Murtii kennuufi dandeettiiwwan rakkoo furuuf
• Ofitti amanamummaa horachuuf
• Amala gaarii guddisuuf,horachuuf faayidaa qaba
Amaloota Diraamaa
1. Diraamaan addunyaa jeequmsaafi tasgabbii
hinqabne dha.
• Gochaaleen diraamaa kam keessattiyyuu kan
dhiyaatan, gocha nama cinqamee, nagaa dhabeefi
raafamee jiru dha.

• Raafamuun,nagaadhabuun fi rakkoon kun kan


eegalus jalqaba diraamichaairratti.
• Karaa biraatiin ogummaan diraamaa kan
eegalu addunyaa jeequmsaatiini

• Hayyoonni kana yeroo ibsan miixuu dubartii


waliin walqabsiisu.

• Kana jechuunis adeemsi seenaa diraamaa


yeroo kan hinlaanne,

• fiigichaan kan guutameefi dafee garaa


dhumatti kan adeemu dha.
• Hojiiwwan ogbarruu kaan keessaas
rakkoon/waldiddaan akka jiru beekamaa
dha.

• Ta`uus waldiddaan hanga ta`e turee


eegaluun

• suuta suta guddachaa kan deemu dha.


• Akkasumaas suuta suuta kan guddatu dha.

• Kanarras darbee guutuummaan adeemsi


seeniichaa jeequmsaafi tasgabbii dhabuun kan
guutame miti.

• Diraamaan garuu kanarraa adda dha.

• Guutummaan seenichaa jeequmsaa akkasumaas


tasgabbii dhabuudhaan kan guutame dha.
2.Caassa baramaa qaba.
Caasaan diraamaa
• Beeksiisuu,/Introduction

• xaxiinsa/complication

• Furmaata/resolution dha
2.1 Beeksisuu/ Introduction
• Sadarkaan kun seenaa diraamichaa bakka itti
bu`ureeffamu dha.

• Innis akka rakkoon cimaan tokko akka jiru kan


mul`isuufi

• sababa rakkoo sanaas maal akka ta`e muli`suun


adeemsa diraamichaaf bu`uura kaa`a.
2.2 xaxiinsa/complication
Sadarkaa kana keessatti ,sababa rakkoo sadarkaa
seensa keessatti mul`ifame irra kan ka`e

• namfakkii gidduutti jeequmsi fi lolli bakka tti


cimuufi guddachaa deemu sadarkaa kana
keessatti.

• Xiiqiifi wal`aansoo namfakkii haala bala`aa


ta`eetiin kan mul`atu sadarkaa kana keessatti.

• Sababa kanaatiin sadarkaan kun diraamaa


keessatti ga`ee/kutaa bala`aa qaba.
2.3 Furmaata/resolution

• Bakka rakkoon jalqabarratti uumame sun


furmaata argatu dha.

• Sadarkaan kun bakka qaamni tokko mo`ee


qaamni tokko mo`amu dha.

• Diraamichi mo`uudhaan yookiin mo`amuu


dhaan xummuramuu danda`a.
3. Dhimma Hawaasa hundaati
• Diraamaan dhimma hawaasaa iffatti baasee kan
mul`isu dha.
• Qabiyyeen diraamaa,mudannoo hawaasaa
kenneen ciccimoo ta`anii dha.

• Mudannowwan kunneen qaama hawaasaa


hundumaa kan ilaallatanii dha.
• Qaama hawaasaa hundumaa laallatudha
yeroo jennu; dhimma hawaasummaa,
diinagdeefi siyaasa irratti xiyyeeffata.

• Kanaaf dhimmoonni kunneen qaama hawaasa


hundumaa waan ilaallatuuf

• qaama hawaasaa hundumaa hirmaachisa


4.Kallattiifi iftooma kanqabu dha.
• Diraamaan haala ifaafi salphaa ta`eetiin jireenya
dhala namaa dhiyeessa.

• Jireenya dhala namaa ifaafi kallattiin dhiyeessa.

• kanaaf, jireenyaa ilmaan namaa dhoksaa, iciitiifi


walxaxaa kan ta`e kana, haala salphaafi ifa
ta`eetiin akka hubannu,ilaalluu,xinxallufi, murtee
akka kenninu nu taasiisa.
• Gama itti fayyadama afaaniitiniis, caasaa
salphaa,kallattiifi ifa ta`eetin dhimma ba`a.
5. Haala seeneeffamaatiin adda dha.
• Haala dhiyeenya seenaatiin gosa hogbarruu
kaanirraa adda dha.
• Seenaa diraamaa tokko kan himan namfakkii dha.

• Gocha kana kan rawwatanis waliin dubbii isaan


gidduu taasifamuu fi gochaalee rawwattaniitiin
• Kanarran ala jamaafi seenicha gidduu galun
qaamni seenicha dhiyeessu/seenessu hinjiru.

• Yeroo tokko tokko jiraatus, dhimma ibsamuu


barbaadame muraasa ibsuuf

• yookii dhimmoota waltajjii irratti mul`isuu hin


danda`mne ibsuuf malee hangaa dhumaatti
seenicha seeneessuuf /dhiyeessuuf miti.
6. Waltajummaa
• Gosootni ogbarruu kunneen akka asoosama dheeraa,
asoosama gabaabaa fi ogwalaloo kan barreeffaman
dhiyaataniifi dubbifaman dha.

• Kan dhiyaatanis dibbisaaf.

• Karaa birootiin, dubbisaan dhuunfaadhaan kan callisaan


dubbisu dha.

• Diraamaan garuu kanarraa adda.

• Diraamaan waltajjii irratti kan dhiyaatu dha.


• Hojiin diraamaa dubbifamuu danda’a.

• Haa ta’u malee kaayyoon diraamaan


barreeffamuuf inni guddaan dubbisaaf oolchuu
miti.
• Diraamaan kan barreeffamu/kalaqamu
uummata/jamaa fuulduratti garee taatotaatiin
dhiyeessuufi dha.
• Taatotni kun amala barreessaan diraamaa
keessatti uume sana fakkeessanii yookiin tahanii
waltajjiirratti kan dhiyeessani dha.
• 7. Waliin dubbii/Haasawaa garlamee/Dialogue
dhaan kan guutame dha.
• Diraamaan seenaasaa kandhiyeesu irra caalaa
haasawaa namfakkileen haasahaniitiin.
• Taphootni/ diraamaan durii kunneen akka
barreeffamoota Giriikotaa yookiin Sheekispiir,
jechoota taatota dubbataniin kan guutame ture.

• Kana jechuun, diraamaan yeroo durii haasawaa


gamlamaa (dialogue) taatotni dubbatan malee

• waantotiin dubbiidhaan ala ibsaman hinturre.


• As dhiyyenya kan garuu taphootni biroo kunneen
dubbii malee jiran ofitti hammachaa dhufe.

• Kana malees waantotiin kallattii waltajjii


agarsiisan, taatota (actors/actresses) yoom akka
seenani fi yoom akka bahan,

• meeshaaleen ajaja dabarsan uumamanii jiru.


• Walumaagalatti, diraamaan hasawaa
gamlamee(dialogue) kan dhiyaatuufi

• akkasumas dubisaaf osoo hintaane


dawwattootaaf/ waltajjiidhaaf kan barreeffamu
ta’uun isaa ogbarruulee gosoota biroo irraa adda
isa taasisa.

• Adeemsi diraamaas gocha/dalaga(performance)


irratti hundeeffama.
Faayidaa Diraamaa

• Diraamaan yeroo garagaraatti bakka adda


addaatti tajaajila gara garaa kennaa tureera.

• Barreessaan lammii biyaa Xaaliyaanii ta’e,


Horase, jedhamee beekamu, faayidaa
diraamaa dimshaashaan yemmuu ibsu;

• . “drama was designed to delight and to


instruct.” jedha.
• Diraamaan kan barreeffamu “bashanansiisuufi
barsiisuudhafi” jechuun gabaabumatti kaa`a.

• Haa ta’u malee darbee darbee diraamaan


bashannansuurratti xiyyeeffachuu danda’a.

• Altokko tokko ammo barsiisuurratti xiyyeeffachuu


danda’a.

• kuneen keessa tokko xiyyeeffannaa haa argatu


malee diraamaa tokko keessatti lachuu nijiraatu.
• Diraamaan jalqabaa kaasee hanga bara haaromsaatti
(renaissance), kan barreeffamu dhimmoota amantaafi
uummataa biroo irratti ture.

• Kanarraa kan ka’e, xiyyeeffannoon isaa


bashannansiisu irra barsiisuu irratti xiyyeeffata ture.

• Yeroo haaromsaa keessatti garuu, tiyaatiroonni


hojjatamaa turan guutumaan guututti barsiisuuf kan
oolan yoo ta’u

• kan agarsiifamanis; manneen barnootaa, koollejjii, fi


yuunivarsitii keessa akka ta’e dubbatama.
• Yeruma sanatti tiyaatiroonni bashannansiisuurratti
xiyyeeffatan ammoo

• iddoowwan gabaa fi iddowwan uummatni


hedduun walitti qabamuttii agarsiifamaa turan.

• Jaarraa 18ffaatii eegalee, dhimmootni


daawwattoota jajjabeessan,

• odeeffannoo fi yaadota dhimmoota siyaasaa,


hawaasummaafi mooralii irratti xiyyeeffachaa
dhufe.
• Walumaagalatti, diraamaan faayidaa barsiisuu fi
bashannansuu qaba.

• Irra caala ammo, dhimmi diraamaa gosa


ogbarruu kaanirraa addafi dursa kan isa taasisu
keessa

• dhimmoota dhiyeessu sana qabatamaa


taasisuun hubachisuu danda’uu isaati.
Kutaa Lama
Seenaa fi Guddina Diraamaa
Yeroodhaan
Seensa
• Guddinni fi jalqabbiin diraamaa yeroo hunda
seenaa ogbarruu biyyoota Awurooppaa fi
Ameerikaatiin walqabatee ka’a.

• sababiin isaas, inni jalqabaa biyya keenya


keessatti guddinni fi adeemsi diraamaa ogbarruu
bali`naan qoratamee hin barreeffamne.
• Inni lammaffaan seenaafi jalqabbiin diraamaa
biyyoota Awurooppaa waliin kan walqabate
dha.

• Kanaafuu, seenaa diraamaa biyyoota


Awuroppaa yeroo isaa irratti hundoofnee,
guddinni fi jijjiiramni diraamaa ogbarruu
ilaaluun seenaa diraamaa hubachuuf
barbaachisaa dha.

,
• Akka walumaagalatti ogbarruun, addatti ammoo
diraamaan yeroo jalqabaaf kan qoratamaafi
hojjetamaakan turan biyyoota Awurooppaa keessatti.

• Ogeeyyiin ogbarruu kaanii fi diraamaa baayyee


beekamoo ta’anis kan maddan biyyota kana keessaa
akka ture seenaan ni dubbata.

• Kana jechuun garuu ogeeyyiin ogbarruu biyyota


awurooppaa malee biyyoota biro keessa hinjiran
jechuu miti.
2.1 SEENAA DIRAAMAA BIYYOOTA AWUROOPPAA
• Hayyoolii ogummaa diraamaa, diraamaan waggoota
5000 dura akka jalqabame dubbatu.

• Yeroo sanattis, diraamaa gochoota ayyaaneffataa


(rituals) Warra Giriik bara durii waliin wal walqabsiisu.

• Ayyaaneffannaa warra Giriik durii gochaa fi qaamolee


hirmaatan qaba ture.

• Ayyaaneffata kana keessas, muuziqaa, sochii(dance),


maskii, kostumii fi gochoota mallattoo adda addaan jiru
ture.
• ogeessotiin ogummaa diraamaa ogbarruu irratti
qorannoo taasisaa turan,
• seena guddina diraamaa yeroo adda addaatti
qooduudhaan agrsiisu.

• Isaanis, diraamaa durii (ancient drama)

• diraamaa meedivalaa (medieval drama)

• diraamaa bara haaromsaa(renaissance drama)


• Akkaataa kanaan, seenaa guddina diraamaa
akka ogbarruu tokkotti yeroo adda addaatti
qoodame jira.

• Jarreen kun amalafi qabiyyee ittiin adda


ba`anii beekaman waan qabaniif
qoqqoodamanii ta’an jiru.
2.1. Diraamaa Jabana Durii (Ancient Drama)
• Akka barruuleen ibsanitti, Jabana durii
keessatti,waaqeeffannaa waliin walqabatee,
ayyaanoonnii adda addaa ni kabajamu.

• Fakkeenyya biyya Misir/Egypt haa fudhannu


• ayyaanoonni muudama mootoota/Crowning
Celebration

• Du`aa ka`uu mootoota/Resurrection/fi kkf


kabajamu.
• Ayyaana kanarrattis diraamaan nidhiyaata ture.

• Haalumaa kanaan biyya Giriik Keessattillee


ayyaaneffannaan adda addaa gaggeeffamaa turan.

• Seenaa diraamaa keessatti sadarkaa olaanaa dhaan


maqaan dhahamu Giriik durii(Classical Greece)

• Yaada diraamaa maddisiisuu qafaan osoo hinta`iin,


xiinxala diraamaa gaggeessuudhaaniis kan ishee
dursu hinjiru.
• Seenaa kana keessas nama Arstootil/384-322
Dh.K.D/kan dagatamu miti.
• Arstootiil maalummaa tiraajeddii ibsuurra darbee
yaadiddama caaculee diraamaa kan maddisiise
dha.
• Akkasumaas hojiilee diraamaa yeroo sana
xiinxaludhaan ni beekama.

• Kunis jalqabbiin isaa naannoo jaarraa 5ffaa


dhaloota kiristoos dura akka ta’e ragaalee ni
mirkaneessu.
• Yeroos jaarraa 5ffaa dhaa kaasee “Greek god
Dionysus” jedhamuun kan beekamu
amantaadhaan kan walqabate, waggaatti al lama
ni kabajama ture.

• Kabaja ayyaana sanarrattis diraamaan ni dhiyaata


ture.
• Diraamaan ayyaana sanairrratti dhiyaatus, amala
tiraajeedummaa qaba.

• Maqaan tiraajeeddi/tragedy/ jedhus ayyaana kana


waliin aka walqabatu hayyoonni ni dubbatu.
• Odeeffannoon toora interneetiirraa argame madda
maqaa tiraajeedii yeroo ibsu,
• the word “tragedy” comes from the Greek words
“tragos”, which means “goat” and “oide”, which means
“song”.
• Afaan Giriikiitiin re`een “tragos”jedha.
• “oide”jechuun ammoo ‘sirba’ jechuudha.
• Kanaaf ‘sirba ra`ee’ jedhu kun
• maqaa “Tragedy” jedhuuf ka`umsa akka ta`e
ni dubbatama
• Ayyaana kanairratti namoonni agarsiisaa
dhiyessan meeshaa adda addaatiin fayemanii
dhiyaatu.

• Meeshaa kana kessa tokko gogaa re`ee dha.


• uffata addaa gogaa re`eerraa hojetamu uffatanii
agarsiisa agarsiisu ture.
• muuziiqaas ni dhiyeessu.

• Maqaan “tiraajeedii” jedhus maqaa uffata


uffatanii dhiyaatan waliin akka walqabatu
dubbatama.
• qabiyyeen diraamaan yeroo sana hojjatamu,
waaqooleef mootootaa irratti xiyyeeffata.

• waaqa isaanii kabajuufi namoota ciccimoo waan


addaa hojjatan ittiin jajjabeessuufi faarsuuf kan
raawwatamu ture.

• Haa ta’u malee diraamaan jabana sana keessa


hojjatamu komodummaarra amala
tiraajeddummaa qaba ture.
• Barreessitoota Giriik durii keessa muraasni,

• Arstofaayinees /Aristophanes/ (448-385)

• Euripides(480-406)

• Asikiles(525-456) diraamaa 90 barreesseera.

• Sofakiles Sophocles(490-406) diraamaa120


barreesseera.
• Barreessitoota durii Giriik isaan kana keessa Sofikilis
namni jedhamu,

• baay`ee beekamaa fi yeroo maraa maqaan isaa


qoroomina ogbarruutiin walqabate ka’u dha.

• Diraamaa120 ol yoo barreessu,



• feestivaala diraamaarratti al digdama(20) nama
badhaasame yoo ta’u

• barreeffamoonni isaas tiraajedummaadhaan


beekkamu.
497/496 BC
Bakka dhalootaa Colonus, Attica

Yeroo Boqote 406/405 BC (aged 90–92)


Athens
Hojii Tragedian

Genre/Gosa diraamaa Tragedy


innii barreesse

•Oedipus Rex
•Ajax
Hojiilee gurguddoo •Antigone
•Electra
•Oedipus at Colonus
• Barreeffamoota Soofikilis keessaa “Oedipus Rex”
yookiin “Oedipus the King” kan jedhamu
Tiraajedii Giriik isa akka hangafatti laalamudha.

• Barreeffama kana keessatti, “tiraajedummaa”


kan jedhu kun kan agarsiisu diraamaa nama
kolfisiisurratti kan xiyyeeffatu osoo hintaane,

• waantota dhimma ciccimoo ta’eefi nama


gaddisiisuu danda’urratti kan xiyyeeffatu
ta’uusaati.
• Diraamaan kun kallattii gara garaatiin
barreessitoota diraamaa hedduu boodarra
dhalataniif fakkeenyaa cimaa fi

• akka moodelaatti tajaajilaa akka ture dubbatama.

• Keessumattuu, hirmaattota murtaa’aa qabaachuu,

• gocha yeroo gabaabaa irratt xiyyeeffachuun,


• Gochoota/rakkoolee yeroo darbee suuta suutaan ifaa
taasisaa deemuun

• fi dhugummaarratti hundaa’uun isaa baayyee


filatamaa isa taasisuusatu dubbatama.

• Diraamaa durii Giriik kun tiraajediidhaan guutamee


turus

• koomediin kan feestivaala waggaa waggaatti dhiyaatu


irratti makamu kan eegale waggaa shantama booda
ture.
• Yeros barreessaa komadii beekamaan “Aristophanes” (460 -
380 BCE) jedhama.

• Innis abbaa komadii ‘The Father of Comedy’ jedhamuun


yemmuu beekamu, komadii babeekamoo 11 barreesseera.

• Hojiiwwan koomedii durii kan boodarra dhufaniin kan


addatasisu

• taphootni isaanii baayyee walxaxaa ta’uu isaaniti.

• Qabiyyeewan komedii kana baay`ee adda ture.

• Waraanaa fi nageenya, barnoota, fi dorgommii ogbarruu faa


turan.
• Suuta suuta barreessitoonni diraamaa xiyyeeffannoo
isaanii hawaasummaafi siyaasarraa kaasanii gara
‘mythology’tti ce’uun

• taphoota jireenya guyyuu keesatti dinqisiisaa


ta’anirratti xiyyeeffachuu eegalan.

• Waggaa 330 dhaloota kiristoos booda komediin


walakkeessa(middle comedy) n koomedii haaraatiif
madda tahe.

• Xiyyeeffannoon komedii haaraa kunis irra caalaa


hawaasa jireenya giddugaleessa jiraatan irratti
xiyyeeffataa ture.
2.2. Diraamaa Meedivalaa
• Diraamaan meedivalii diraamaa durii irra adda
yoo ta’u,
• umuriidhaanis diraamaa duriiti aanee kan
dhalatedha.

• Diraamaan durii naannoo jaarraa 5ffaa keessa


kan bade yoo tahu

• Yeroo kana keessatti Giriikitti aanee maqaan


ishee waamamaa kan ture, biyya Roomi.
• Diraamaan Giriik diraamaa Roomiif ka`uumsa
ta`eera.

• Diraamaan meedivaala ka`umsisaa amantaa


kiristaanota waliin walqabateetu.

• Sababiinsaas yeroosaa yeroo amaantaan


kirstaanaa baba`lachaa fi dagaagaa ture waan
ta`eefi.
• Diraamaan dhiyaatuus, muudannoo jireenya
kiristaanootaa calaqisiisu ture.

• Qabiyyeen diraamas yeroo sanaa kitaaba


qulqulluurratti hundaa’a ture.

• yoomessi diraamas manneen sagadaa,amantaafi


gadaamiwwan keessatti kan daangeffame dha.
• Diraamaa meedivalii giddugaleessa isaa manneen
sagadaa taasifachuun biyyoota Awurooppaa
keessatti bal’inaan tatamsa’ee ture.

• Keessumattuu, jaarraa 10 -13tti tatamsa’ina


bal’aa akka taasise raagaaleen ni ibsu.

• Keessattuu jaarraa 11ffaa keessatti gara biyoota


Ingiliiziifi Faransaayitti babal`ateera.
• Ingliiziifi Faransaay keessatti garuu
qabiyyee/amantaa/ duraaniitiin itti fufuu
hindendeenye.

• Naannoo waggaa 1200 keessa, taphootni


diraamaa kun qabiyyee amantaa irratti qofa kan
xiyyeeffatan hin ture.

• Jireenya amantaafi amantaatiin ala/secular


ta`erratti xiyyeeffachaa ture.
• Fakkeenyaaf Ingilaandi keessatti, Diraamaan
dhiyaatu,
• guutumaan guutuutti Kitaaba qulqulluu irraa kan
xiyyeefatan yoo ta’u

• xiyyeeffannoon isaas dhalootaa kirstoos hanga


murtii dhumaatti kan taasifamu ture.

• Faraansayi keessatti ammo lejendii irratti kan


xiyyeeffatu ture.
• Diraamaawwan kun waantota amanuuf nama
rakkisan(miracle) irratti xiyyeefata.

• Qabiyyeensaas, hojii gaarii, soorummaa fi k. k.


fakkaatu giddugaleessa godhachuun barumsa
dabarsaa ture.

• Kanaaf diraamaan meedivalii hundi amantaa qofa


irratti hinxiyyeeffatu ture.
• Akkasumas, biyyoota kan biroo kan akka
Nizerlaandii fi Jarmanii seekulaara(secular) irratti
xiyyeeffachaa turan.

• Haala kanaan gochootafi qabiyyeen diraamaa


dhuma yeroo meedivalii guddachaa qabiyyee
isaa jijjiirrataa dhufe.

• Jireenya biyyaa lafaa mul`isuu jalqabe.


• Keessumattuu Bara 1350 yemmuu gahu,
qabiyyeen diraamaa bal’achaa akka dhufeefi
waltajjiirrattis jijjiirama argamsiisuu jalqabe.

• Ittumaayyuu diraamaan qabiyyee amantaa


qabu, waltajjii irratti akka hin dhiyaanne
dhorkame.

• Sana boodaas diraamaan amantaan ala ta`e


guutuummaan guutuutti dhiyaachuu eegale.
Diraamaa Haaromsaa (Renaissance Drama)

• Aadaan diraamaa Haaromsaa dhuma jaarraa


15ffaa fi jalqaba jaarraa 16ffaa keessaa
Awurooppaa keessatti mul’achaa ture.

• Yeroon kun yeroo haaromsa jedhamee kan


waamame sababa lamaatiin.

1. Diraamaan amantaarra adda bahee,qabiyyee


garaagaraa qabaachuun, Yeroo dagaagefi guddate
akkasumas miilla lamaan dhaabate ture.
2.Yeroo kanaa kaka’umsi haaraan seenaafi aadaa
Giriik fi Roomaa durii Xaaliyaan keessatti
deebisanii ijaaruun taasifamaa ture.

• Carraaqqii aadaa durii sana deebisanii


haaromsuuf taasisan kun bara haaromsa
jedhama.
• Barreessitoonni yeroo kana keessa dhalatan/
ka`an keessa muraasni
• Hardin Cornel (biyya Farensaay)
• Ingiliiz Keessatti ammoo
• William Shekispiir (1564-1616)
• Kristopher Marlow (1564-1593)
• Tomas Nashe ( 1567-1601)
• Hennery Keitel(1560-1607)
• Jon Webster (1580-1634)
• Ben Jonson (1564-1616)
• Diraamaan Roomaanii waggoota giddu-galaa
keessaa baay`ee qoratamaa ture.

• keessumattuu manneen barumsaafi yuunivarsitii


biyya Xaaliyaanii keessatti fedha guddaadhaan
raawwatamaa ture.

• Artiistonni bara haaromsaa hundi yaada


diraamaa deebisani ijaaruu kana fudhatanii
dammaqinaan irratti hirmaachaa turan.
• Fedha diraamaa durii kana faana kan dhufe
fedha yaaddiddamaa(theory) fi qaaccessa
(Analysis) diraamaa ture.

• Kanaaf, yeroo haaromsaa kana keessatti


diraamaa durii(ancient drama) deebisanii ijaaruu
biratti

• yaadni barbaachisummaa yaaddiddama


diraamaa fi qaaccessa diraamaas waliin dhalate.
• Namootni ogummaa barreeffamaa irratti beekamoo
ta’an,

• xaaliyaanii keessatti qorannoowwan hojiiwwan


Hoores fi Aristootil diraamaa irratti hojjatan,
qaaccessa diraamaa jara kanaa irratti yeroo dheeraa
dabarsaa turan.

• Kunis yaaaddiddama ‘neoclassic’ jedhamuun


beekama.

• Hojiwwan akkasii dubbistoota hedduu harkisaatii


turan.
• Diraamaan haaromsaa kunis bifa adda addaatiin
biyyoota Awurooppaa keessatti mul’achaa ture.

• Haaluma kanaan xaaliyaanii keessatti bifa


haaraatiin mul’achaa ture.

A. Diraamaa Haaromsaa xaaliyaanii keessatti


• Beektonni Xaaliyaanii durii waa’ee Tiraajedii
Giriik akka muuziqaadhaan walqabataa ture
hubannoo ni qabu ture.
• Haala kanaan jaarraa 16ffaa keessa,
xaliyaanoonnis diraamaa muuziiqaadhaan
dhiyeessuu eegalan.

• Tiraajediin muuziqaadhaan walqabatee


dhiyaataa ture kun uumamuu muuziiqaa
‘oopperaa’ tiif sababa akka ta’e dubbatama.

• Oopperaan(opera) gosoota sirboota xaaliyaanii


keessaa tokko ta’ee, isa baay`ee beekamaafi
bohaarsaaf ooludha.
• Oopperaan bashannanaa mana/ qe’eewwan
warra mootii fi beektotaarratti xiyyeeffachuun itti
fayyadamaa turan.

• Kunis amma bara 1637 tti yoo ta’u sana booda


manni ooppeeraan uummataaf itti dhiyaatu
Veenis keessatti baname.

• Yeroo sanaa jalqabee haala quubsaa ta’een


Xaaliyaanii keessa tamsa’ee achumaanis biyyoota
awurooppaa biro keessattis babal’achaa deeme.
• Haala kanaan xaaliyaaniin guddina diraamaa
Yeroo haaromsaa keessatti gumaacha guddaa
taasisuu isheetiin beekamti.

B. Diraamaa Haaromsaa Ingiliizi Keessatti

• Diraamaan haaromsaa Ingiliiz keessatti bifa gara


garaatiin beekama.

• Kunis sochii jijjiirama guddina diraamaa Ingiliizi


keessatti taasifamaa ture ifatti baase kan
mul’isudha.
• Jijjiiramni kunis maqaa gara garaatiin beekamu:
• Eelzaabeetiyaanii

• Jaakobiiyaanii, fi

• Riistooreshinii jedhamuun beekamu.

• Armaan gaditti addaan qoqqoodnee haa ilaallu.


Eelzaabeetiyaanii
• Diraamaan Eelzaabeetiyaan Maqaa mootittii
Eelzaabeet Biyya Ingiliiz waliin walaqabata.

• Mootittiin cimtuu,kan baratteefi,hojii ogbarruuf


jaalalaguddaa kanqabdu dha.

• Kanarraa kanka`e,hojii ogbarruu nideeggarti, ni


jajjebeessiti.

• Kanaafiis hojiilee ogbarruu adda addaa


maqaasheetiin moggaafameera.
• Seenaa diraamaa Eelzaabeet keessatti namni
hangafaan nama
• “maarlow” yoo ta`u garuu waggaa 29tti du`aan
boqote.
• Isaatti aane garuu “Wiiliyaam Sheekispiir”
jedhamu bakka bu`e.
• Sheekspiir diraamaa Elzaabeet keessatti akka
hangafaatti ilaalama.
• Diraamoota gara 37 yeroo barreessu kenneen
keessa 9 Tiraajeeddii dha.
• ,
• Tiraageeddiwwan inni barreesse keessa
muraasni
-Roomeeyoofi Juliyeet,
-Haamleet
- Makbeez
• Walumaa galatti Yeroo kana keessatti biyya
Ingiliiz keessatti ,

• diraamaan akka gosa ogbarruutti fudhatama


argateefi daraan daraare dha ture.
• Garuu sababa du’a Eelzabeet bara 1603 irraan kan
ka`e, jijjiiramni kallattii gara garaatiin biyyittii
keessatti mul`achuu jalqabe.

• Tasgabbiin siyaasaafi amantaa waan tuqameef


adeemsa keessa yeroon Elizaabeetiyaanii

• dadhabaa dhufuudhaan adeemsa birootiif bakka


gadhiise ture.
Jaakobiiyaanii
• Diraamaan Eelizabeetiyaanii du’a mootittii
Ingilaandi ordofee waan dadhabeef diraamaan
yeroo Jaakobiyaanii itti aanee dhalate.

• Diraamaan yeroo sanaa toonii dukkanaa’aa fi


abdii kutannaa ta’uu isaatiin beekama.

• Yeroon kun yeroo tiraajeedii Sheekispiir ta’uun


beekama.
• Fakkeenyaaf, ‘Oteelloo’ maqaa dhahuun ni
danda’ama.

• Oteelloon hojiiwwan Sheekispir keessa isa tokko


ta’e kan baayyee gaddisiisaa ta’uu isaatiin
beekama.

• Innis waa’ee abbaa manaa haadha manaa isaa


inaaffaa irraa ka’een gocha ajjeechaa irratti
raawwatu ilaallata.
• Adeemsuma kana keessa, rakkina siyaasaa fi
amantaa irraa kan ka’een Ingilaandi keessatti
waraanni uummataa bara 1642 keessa ka’e ture.

• Sababa kanaatiinis manneen tiyaatiraa Ingilaand


keessa jiran marti cufama.

• Bara 1660 keessa garuu manneen tiyaatiraa


cufama deebi’anii banaman.

• Yeroo kun ammo yeroo “Riistooreshinii”


jedhama.
Riistooreshinii
• Riistooreeshiiniin kan jalqabe bara 1660 yoo
ta’u
• Diraamaan yeroo haaromsaa hedduun kan
deebi’anii ijaaraman ture.

• Akkasumas, bifti fi akkaataan diraamaa


haalaan beekkamtii argate.
• Taphootni baayyee beekamoo yeroo sanaa
komedummaa kan ofkeessatti hammatan ture.

• Komedummaan kunis komedii amalaa namaa (comedy


of Manners) ture.

• Diraamaa Jaarraa 18ffaa

• Jalqaba jaarraa 18ffaa keessa diraamaan Faransaayii fi


Inglizii qabiyyee isaanii fi toonii isaanii miiraafi mooraali
irratti xiyyeefata ture.

• Innis amala komeediiyemmuu qabaatu, miira


bohaarsuuf akka fayyadu dubbatama.
• Komediin miiraa (sentimental comedy) jaarraa
18ffaa keessa beekamaa ta’uyyuu,

• bara 1770s keessa gara komedii kolfa,


tiraajediiwwanii jiruufi jireenya nama guyyuu
mul’isan ture.
2.Caacculee Barreeffama diraamaa

2.1 Yoomeessa (Setting)


• Yomeessi; bakka, yeroo akkasumaas haala jiruufi
jireenya hawaasaa seenaan tokko keessatti
raawwatame kan agarsiisu dha.

• Qabiyyee diraamaa tokko hubachuuaf haala


dhiyenya yoomessaa xiinxaluun barbaachisaa
ta’a.
haala galumsa seenawaa,
haala galumsa teessumsa lafaa fi
haala galumsa ta’insa uumamaa
A. Haala Galumsa Seenawaa – haalli dhiyeenyi
akkasii kun raawwilee aadaa, hawaasummaa,
diinagdeefi siyaasa hawaasa tokkoo kan
agarsiisudha.
Kanaaf, xiyyeeffannaan isaa yeroofi bakka
diraamchaa irraa haala qabatamaa jiruufi
jireenya hawaasa tokkoo gadfageenyaan
ibsuudha.
• B. Haala Dhiyeenya Teessuma Lafaa – haalli
dhiyeenyaa kallattii kanaatiin ibsamu kun
xiyyeeffannoon isaa haala hawaasummaafi yeroo
osoo hin ta’iin,

• gochi yookiin ta’insi diraamichaa eessatti akka


raawwatame gadfageenyaan ibsuudha. Kanaaf,
gaaffii “Eessa?” jedhuuf deebii kan laatudha.
• C. Haala Dhiyeenya Ta’insa Uumamaa – haalli
dhiyeenya ta’insa uumamaa kun ta’insa uumamaa
waliin kan walqabatedha.

• Kana jechuunis, dhiyuu, bari’uu, ganna, bonaafii


kkf waliin kan walqabatedha.
• Kanaaf, barreessaan yoomessicha kanneen kana
waliin walqabsiisee ibsuu ni danda’a.

• Walummaagalatti, barreessaan haala dhiyeenya


yoomessaa kunneen haalafi bifa barbaachisaa
ta’eetiin fayyadamuun kaayyoo barbaadee
Yoomessa Waliigalaafi Murtaa’aa
• Yoomeessa waliigalaa jechuun yeroofi bakka waliigalaa
(bal`aa) diraamaan tokko kan hammatu yemmuu ta`u,

• yommeessa murta`aa yemmuu jechun ammo yeroofi


bakka gocha murtaa`aa diraamaa kan itti rawwatu
dha.

• Fknf, seenaan diraamaan tokko kan rawwatame, bara


1985dha haajennu,

• bakkichi ammo magaala Jimma dha.


• Seenichi gochaalee baqonnaadhaan qoqqoodaman
adda addaa lama ofkeessa haaqabaatu,
• gochaaleen qoqqoodaman kunneen yeroo
arfaasaafi ganna Hoteela Senterala fi Hanii Landitti
yoo rawwataman,
• yoroon waliigalaa diraamaa kana, bara 1985
yemmuu ta`u,
• murta`an ammoo Arfaasafi Ganna ta`a.

• Akkasumas bakki waliigalaan Jimma yemmuu ta`u


murta`an ammoo Hoteela Senteraaliifi Hanii Landiiti
ta`a jechuu dha.
• Karaa biraan, Fakenyaaf, Ganni yomeessa
waliigalaa,
• Guyyoonni ammoo (Wixata,kibxata….)
• yookii halkan guyyaa Fi kkf akka yomeessa
murta`aatti dhiyaachuu danda`a.

• Kana kan murteessu bal`ina yomeessa


seenichaati.
• Waluma galatti yomeessa waliigalaa jechuun
seenichi kan itti rawwatame yomeessa bal`aa
akka waliigalatti yemmuu ta`u,

• yomeessa murta`aa jechuun ammoo,


gochaalee qoqqoodamanii dhiyaatan fi
seenicha ijaaran sunneen bakkafi yeroo itti
rawwatamanii dha.

• yomeessi murta`aa yomeessa waliigalaatiin


kan hammatamu ta`a.
• Haala kanaatiin, yameessi waliigalaa akkuma
balinaa seenichaa jaarraa, waggaa,
waqtiilee,ji`ootafi kkf of keessatti hammachuu
danda`a.

• Yomessi murta`anis, akkuma bal`ina


yomeessichaa ;ji`a guyyaa sa`aa fi kkf ofkeessa
qabachuu danda`a.
Karaalee yoomeessi itti addeeffamu

• Barreessaan tokko diraamaa yemmuu


barreessuu

• akkuma seenicha dhiyeessuu barbaadeefi
kaayyoo isaatti

• karaalee yoomeessi addeeffamu armaan gadii


keessa muraasa yookiin hundumaa itti
fayyadamuu danda`a.
• A. Yoomessa mana keessaa (Box setting)

• B. Yoomessa manaan alaa (Out door setting)

• C. Yoomessa duwwaa (Bare setting) fi

• D. Yoomessa addaa (special setting).


• A. Yoomessi mana keessaa (Box setting)
• guutummaa guutuutti, yookiin gartokkoon
seenaa diraamaa sanaa mana keessatti kan
raawwatamudha.
• Kana jechuunis gochi raawwatamu mana
keessattidha jechuudha.

• Fakkeenyaaf, saalonii manaa keessa, mana


ciisichaa, mana dhugaatii, hoteelaa fi gochaalee
mana keessatti raawwatan kan biro hunduma kan
hammatudha.
• B. Yoomessa mana alaa (Out door setting)
akkuma maqaan isaa ibsutti yoomessichi mana
keessa osoo hin ta’iin manaatiin alatti
addeeffama.
• Karaa biraatin, wantoota mana keessaa yommuu
bahan kanneen mul’atan kanneen akka samii,
urjii, ji’a, tulluu, dirree, haroo, laga, bosonafi kkf
hammachuu danda’a.
• Yoomessa manaan alaa waltajjiitti dhiyeessuun
waan hin danda’amneef suuraa, ibsaa, sagaleefi
kkftiin fakkeeffama.
• C. Yoomessa Duwwaa (Bare setting)
• yoomessi akkasii kun immoo yoomessa mana
keessaafi suuraa garaagaraa hin deeggaramne
dha.
• Yoomessi akkasii kun do’attootaaf kallattiidhaan
dhiyaata osoo hin ta’iin
• waliin dubbiifi gocha namfakkiilleetiin ni ibsama.
• D. Yoomessa Addaa (Special setting)
• yoomessi akkasii kun barreeffama diraamaa
tokko tokko keessatti darbee darbee kan
mul’atudha.

• Kunis, bakkaafi gochaalee imaltuu waliin


walqabatee kan ibsamudha.

• Karaa biraatiin bakkaafi gochaalee imaltuu,


doonii, konkolaataa, xiyyaarafi kkf keessaa kan
ibsudha.
2.2 Dubbii Yookiin Afaan Diraamaa
• Barreessitoonni dubbii yookiin afaan diraamaa;
eenyummaa namfakkiilee fi waldiddaa ibsuuf,
akkasumas jargocha ijaaruuf itti fayyadamu.

• Diraamaa keessatti, jechaafi haasaa


namfakkiileen haasa`an dubbii yookiin afaan
diraamaa jedhama.
Diraamaa keessatti afaan yookiin dubbiin diraamaa
maaliin madaalama?

A. Iftooma

B. Barbaachisummaafi

C. Miiraaf dhiyoo ta`uu

D. Jireenya dhugaa namfakii irraa madduu.


• A. Iftoomina- Diraamaan yeroo baa`yee hojii
waltajjii irratti dhiyaatu dha.
• Kanaaf itti fayyadama aafaanii guyyaa guyyaa fi
iftoomina qabu barreessan yoo itti fayyadame
malee,
• waan taatoonni jedhan do`atoonni hubachuu
dhiisuu danda`u.

• Kana jechuun ammo kaayyoon barbaadame


galmaan gahuu hin dandeenye jechuu dha.
• Kana malees, jechoota fi itti fayyedama afaanii
guyyaa guyyaa barreeffamichaa keessatti
mu`lisuu qaba.

• Sababnisaas diraamaan calaqqee jireenya


ilmaan namootaa guyyaa guyyaa waan ta`eef.

• Jireenya ilmaan namootaa keessatti ammoo


namni yeroo hundumaa jechoota filatamoofi
dubbii dhoksaa (falaasama) dubbatu hin jiru.
B.Barbaachisummaa

• Diraamaa keessatti dubbi namfakiin dubbatan


kaayyoo tokko galmaan gahuuf ta`uu qaba.

• Dubbiin tokko tokkoonshee gaheefi bu`aa


qabaachuu qaba.

• Fakkeenyaaf, namfakkii
ibsuuf ,yomeessa,waldiddaafi kkf ibsuuf galuu
qaba.
C.Miiraaf dhiyoo ta`uu qaba.

• Haala salphaatiin gurra namaa kan seenu,


• kan bashanansiisuufi

• suura sammuu namaa keessa uumuu kan


dandanda`u ta`u qaba.

• Karaabiraatiin gurraaf ,ijaaf fi qaana miira


keenyaaf dhiyoo ta`uu qaba.
D.Jireenya dhugaa namfakkii irraa
madduu-
• Jireenya addunyaa kana keessatti hunduumtuu
akkaataa dubbii mataa isaa ni qaba.

• Kaan suuta dubbata kaan dafee dafee dubbata.

• Karaa biraan ammoo, garaagarummaa akkataa


loqoda, sagaleessuu, olka`uu fi gadii bu`uu
sagalee, fi k.k.f dubbii namoota jidduu jiru dha.
• Namoonni afaan tokko dubbatan jidduuttillee
garaagarummaa akkasiin kun ni mul`ata.

• Akkasumaas namoonni naannoo tokkofi waliin


jiraatan, akkaataan dubbiin isaanii inni tokko
kaanirra adda.

• Maddi garaagarummaan kunis; amantii, sadarkaa


barnootaa; umurii, saala, ogommaa, amala
namoota dhuunfaa fi k.k.fnii ta`uu danda`a.
• Namfakkiileen hojii kalaqa keessatti argamaniis,
bakka bu`oota namoota kunneeni ti.

• Kanaaf garaagarummaan kun isaan jidduutti


mul`achuu qaba.

• Isaan jiddutti garaagarummaa akkasii uumuun


ammoo namfakkii tokko kaan irraa addaan
baasuuf ni gargaara.
• Kanaaf namfakkiileen yemmuu dubbatan,

• dubbiin isaanii, umurii, saala, nannoo sadarkaa


barnoota, ilaalcha fi falaasama isaanii waliin
walsimachuu qaba.

• Yeroo kana dubbiin isaanii jireenya dhugaa


eenyummaa isaanii irraa kan madde ta`a.
• Barreessan waliin dubbii osoo hin qopheessin
dura,
• namfakkiin sun eenyummaa akkamii qaba kan
jedhu dursaa ilaaluu yookiin xiinxaluu qaba.

• Yookiin ammo namfakkii akkamii bocuu akka


barbaadu dursee hubachuu qaba.

• Kana beekuun waliin dubbii gaarii qopheessuuf


bu`uura isa jalqabaati
• Karaa biraatiin; dhaabbii, xiinsammuu, Jireenya
hawaasummaa, falaasama, amantii, kaayyoo fi
ejjannoo namfakkii sirritti xiinxaluun

• namfakkin sun dubbii akkamii dubbachuu akka


danda`u hubachuun

• waliin dubbii qopheessuu keessatti hojii isa


bu`uuraati.
• Kanaafi barreessaan beekemaan tokko “barreessan
waliin dubbii barbarreessan dura dubbii namfakkii
sana dhaggeeffachuu qaba” kan jedhe.
• Karaa biraatiin loqoda naannoo namfakkiin sun
itti argame waliin dubbii namfakkii sana wal
simsiisuun /walfakkeessun/ barbaachsaa ta`a.

• Sababnisas namoonni dhugaa addunyaa kanas,


akkuma naannoo isaaniitti loqoda adda addaa
waan qabanif.

• Fakkeenyaaf namnni naannoo Harargeetti


dhalatee guddate; akka loqada naannoo
wallaggaatti loqoduu /dubbachuu/ hin danda`u.
• Adda addummaan kun diraamaa keessatti mul`achuun
isaa caalaatti diraamaan sun dhugummaa fi
amanamuummaa akka qabaatu taasisa.
• Yeroo baay`ees barreessitoonni keessumaayyuu
diraamaa keessatti wal diddaa cimaa ibsuudhaaaf itti
fayyadamu.

• Waluma galatti afaan yookiin dubbii/ language


diraamaa keessatti karaa sadiittiin dhiyeessuu ni
danda`ma.
Isaaniis walaloon,
holaloon,
walaloofi holaloodhaan.
Gosoota/tooftaa dubbii/afaan
diraamaa
• Afaan diraamaa bakka sadiitti qoodnee ilaaluu
dandeenya Isaaniis-
 Haasawaa garlamee (dialogue)
 Bukeendhaan haasa`uu(Aside)
 Qobdubbii (Soliloquy)
Waliin dubbii(dialogue)
• Haasawaa garlameen dubbii namfakkii lamaa dabaree
dabaree dhaan walharkaa fuudhaanii kan bubbatanii
dha.

• Inni tokko yeroo dubbatu kaan fudhachuu


danda`a,yookiin fudhachuu dhiisuu danda`a.

• Dubbiin namfakkiin gaggeessan tasgabbiifi nagaan


ta`uudanda`a, yookiin lolaafi jeequmsaan ta`uu danda`a.
• Waliin dubbii keessatti dirqama nama lama qofa
eeguu hinqabnu. Sana oliis ta`anii waliin dubbii
gaggeessuu danda`u.

• Yeroon isaan haasa`uuf fudhatanis akkuma gahee


saanii walcaaluu danda`a.

• Namfakkiin tokko yeroo bal`aa kaan ammoo yeroo


xiqqoo fudhachuu danda`a.

• Namfakkiin yeroo dubbatan jechotaatiin qofa osoo


hinta`iin sochii qaamaa, ibsa fuulafi kkf itti fayyadamu.
• Kun ammoo dubbii isaan dubbatan ni deeggara.
Bukeendhaan haasa`uu(Aside)
• Toftaan kun kaayyoonsaa inni guddaan yaada dhokataa
tootoo tokko dawwattootaaf mulisuu dha.

• Dubbiin akkasiin kun yaada hamaa fidhokataa


kanmul`isu dha.

• Taaton tokko waan taatoo kanbiraaf haasa`uufi


garaasatti yaadu tokko miti.

• Kun ta`uusaa kanbeeku taatoo wajjiin jiruurraa


dawwattootaatu/jamaatu beeka.
• Gosti dubbiin kun amala ittiin beekamu keessa muraasni
 Jechoota muraasaatiin dhiyaata: Garuu caasaa
diraamichaarratti gahee guddaa qaba.

Sagalee xiqqoodhaan dubbatama

Namfakkii tokko ol yeroo waltajjii irratti dhiyaatu ,


Innis taatoon tokko tooftaa kanaatiin kan garaasaa
yeroo dubbatu

kaan ammoo kan gowwamfamu dha.(kan garaasaa osoo


hinta`iin kan afaansaa dhaggeeffatu
dha.)
 Miiraa,fedhiifi yaadaa dhokataa taatoo hamaa
yaade tokko karaa itti ibsamu dha.
Qobdubbii (Soliloquy)
• Taatoon tokko qophaa isaa yeroo dubatu dha. Toftaan
kuniis ofiif ofiin ofitti dubbachuu dha.

• Namfakkiin tokko yeroo dhiphatu, dhimmi boqonnaa isa


dhorku isa mudatu, qobaa dubbata.

• Haala kana keessatti namfakkiin kun mata isaa akka nama


garaagaraatti lakka`a.

• Haala kanaan namfakkiin kun of qeeqa, rakkoo isa mudate


xiinxala, furmaata kenna,deebisee diiga,
• of jaja ammoo of gadbuusa, eenyummaafi yaada isaa
nijaja deebiseemmoo tuffata, tarkaanfii itti aanu
yaada,murtoo kenna deebisee diiga.

• Kan dubbatas dhaggeeffatus, yaada kennus


murteessus,diigus,ijjaarus isuma.

• Karaa biraatiin yaadolii garaa garaa sammuusaa keessa


uumaman,falmisiisa.

• Diraamaa keessa adeemsi kun yeroo


ofdhaggeeffachuu yookiin yeroo callisaa “mediation”
jedhama,
• Kun kan uumamuus namfakkii keessatti yaadafi
eenyummaan garaagaraa lama yeroo uumamu
yoo ta`u walti bu`iinsa dhokataa “hidden conflict”
jedhama.

• Yeroo kanaa sochiin waltajii hunduu dhaabatee


taatoon tokko qofa waltajjitti ba`uun dubbii kana
dhiyeessa.

• Ijji jamaas hundi garaa waltajjii ta`uun yaadaafi


miira taatoo kanaa dubbisa.
• 2.3. Namfakkiiwwan (Characters)
• Namfakkiiwwan gocha akka raawwataniif jecha,
namoota/wantoota barreessan sammuu isaatin
kalaquudha.
• Wantoota yommuu jennus humna uumamaa
(bubbee, rooba, bishaaniifi k.k.f.), meeshaalee,
bineensota, wantoota namoomsuufi k.k.f kan
dabalatuudha.
• Namfakkiiwwan argaa yaadaan malee
dhugaadhaan hin mul’atan.
• Kan isaan uumamanis fooniifi dhiiga irraa osoo
hin taane jecharraati.

• Garuu, fakkaattiin isaanii hawaasa keessa


hedduutu jira.

• Isaaniis kan maddan/argaman namarra waan


ta`eef.

• Kana jechuuns gochi,yaanniif dibbiin isaanii


namoota dhugaa adunyaa kana bakka bu`a waan
ta`eef.
• Gosoota Namfakkii Eenyummaa isaaniitiin
• Gosoota namfakkii eenyummaafi amala isaan
calaqqisiisanirrraa kaanee qoqqoduu dandeenya.

• Haala kanaan yeroo qoqqoodinu,

 Namfakkii Xaxamaa/Round Character/


 Namfakkii qajeelaa/Flat Character/

Jennee bakka lamatti baasna. Isaan kana dabaree dabaree


dhaan yeroo ilaallu,
Namfakkii Xaxamaa/Round Character/
• Namfakkii xaxamaan amalli isaa kallattii adda addaatiin kan
bocamedha.
• Namfakkiin akkasii kun amala hedduu kan qabaniifi haala
salphaa ta’eetiin hubachuuf rakkisaa kan ta’anidha.
• Amalla isaanii qofa osoo hin ta’iin jireenyi isaaniis
xaxamaafi bu’aa ba’ii hedduutiin kan guutamedha.

• Kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf yommuu carraaqan gufuu


hedduutu isaan qunnama.

• Haalli jireenya isaaniifi amalli isaanii yeroodhaa gara


yerootti kan jijjiiramudha.
• Kanaaf, amala dhaabbataa waan hin qabaanneef
fedhii, ilaalchafi miira isaanii haala salphaa ta’een
hubachuudhaaf rakkisaadha.

• Namfakkii akkasii sirriitti hubachuudhaaf ilaalchaa,


fedhii, haala, yoomessa isaan keessa jiraniifi
jireenya hawaasummaa isaanii sirriitti xiinxaluun
barbaachisaa ta’a.

• Namfakkiin xaxamaan adeemsa seenichaa


keessatti irra deddebi’uun kan mul’atanidha.
• Sababni isaas, daafii amala isaaniif haalleewwan
hedduu keessa lixu.

• Haala xaxamaa isaan keessa seenan keessaa


ba’uuf immoo

• yeroo dheeraa waan fudhatuuf irra deddeebi’ii


dhaan akka mul’atan isaan taasisa.

• Yeroo baay’ees seenichi kan xiyyeeffatu isaan


irratti.
2. Namfakkii Qajeela (Flat Character)

• Namfakkii qajeelaan akka namfakkii xaxamaa


kallattii garaagaratiin kan hin bocamneefi
amalaa xaxamaa kan hin qabnedha.

• Yeroo tokko tokko maqaa qofaan beekamu ni


danda’u.
• Fakkeenyaaf, barreessitti, doktarichi, jaartitti,
hojettuu.fi k.k.f
• Yeroo baay’ee diraamichaa keessatti
namfakkiileen qajeelaan lakkoofsaan yommuu
baay’atan,

• gaheen isaanii garuu seenicha keessatti


xiqoodha.

• Kanaaf, yeroo tokko tokko qaamanis ta’e


hojiidhaa osoo hinmul`atiin maqaadhaan qofa n
seenicha keessatti hirmaachuu danada`u.

• Yookiin ammoo gahee muraasa qofa qabaatu.


• Namfakkii qajeelaan amala isaaniitiin akka
namfakkii xaxamaa kallattii adda addaatiin waan
hin tolfamneef

• dubbisaafis ta’e jamaaf hojiifi dubbii isaaniitiin


hawwataa hin ta’an.

• Namfakkii kunneen yeroo baay’ee maqaa walii


galaafi amala tokko yookiin lama kan ittiin
beekaman ni qabaatu.
Gosoota namfakkii gahee isaaniitiin
• Gahee namfakkin diraamaa keessa qabaniitiin
yeroo qoqqoodnu

 Namfakkii mummee/ protagonist/fi


 Namfakkii masaanuu mummee/antagonist/
jennee qoqqoodnu dandeenya.
Namfakkii mummee/ protagonist/
• Namfakkii muummeen, kaayyoo seenaa keessatti
qabatee ka’e sana galmaan gahuuf gonkumaa
duubatti kan jedhuu miti.

• Masaanuu isaa akkamitti akka moo’u tarsiimoo adda


addaa baaseti hanga dhumaatti falma.

• Jalqabaa kaasee hanga dhumaatti seenaan isaanii


olaantummaadhan mul’ata.

• Namfakkiiwwan hafan hundumtuu deeggartoota,


mormitoota, hordoftoota ykn giddu deemtota.
• Namfakkii muummeen du’e jechuun seenaan
wajjumaan du’a.
• Kanaaf rakkoo walxaxaafi hamaa keessa seenuus,
aarsaan kaffalame kanfalameeti rakinicha keessa
ba`a.
Namfakkii masaanuu mummee/antagonist/
• Gosti namfakkiin kana ammoo, diina namfakkii
muummeeti.

• Carraaqqiinsaa inni hangafti, karaa adda addaatiin


namfakkii muummee ballessuufi kaayyoo isaa
fashaleessuu dha.
• Kanaaf faana namfakkii mummee hordofuun
kufaatisaatiif halkaniifi guyyaa dhadhabbii malee
hojjeta.

• Haala kanaan seenaan diraamichaa morkii jara


lamaan kanaatiin jalqaba hanga dhumatti adeema.

• Dhuma irratti seenichi kufaatii yookiin du`a isa


tokkootiin dhuma argata.

• Namfakkii deeggaraa namfakkii muummee ta`ee


hojjetu jiraachuu danda`a.
• Namfakkiiwwan kunneen icittii namfakkii
muummee kan hirmaatan, gorsaafi aantee
namfakkii muummichaa yoo ta`an,

• Namfakkii amanamtuu/amanamaa /confidant/


/confidante/ jedhamun beekamu.

• Karaa biraatiin ammoo namfakkii mummee bakka


bu`ee kan hojjetu jiraachuu danda`a.

• Namfakkiin akkanaa bakka bu`aa namfakkii


muummee (deuteragonist) jedhamuun beekama.
• Namfakkiin kun kaayyoo namfakkii muummee kan
deeggaruufi,

• bakka N.Muummee hinjirreetti bakka bu`ee kan hojjetu


dha.

• Innis ergamaafi kaayyoo namfakkii muummee galmaan


gahachuuf kan carraaqu fi

• akka sadrkaa lammaffaatti sirritti kan taphatu /the second

best actor/ jedhamuun beekama.


Eenyummaan namfakkii akkamitti ibsama?
1.Mul’ina Waltajjii (Stage Environment)

2.Fakkiiwwan beeksiisaa (Posters)

3.Waliin Dubbii (Dialogue)

4. Amala Uumamaa (Natural Characteristic)


Mul’ina Waltajjii (Stage Environment)
• Iddoo taatonni irra deddemanii taphatan yoo ta`u, kan
akka afata manaa (carpet),
• meeshaaleen manaa adda addaafi teessuma isaanii,
• uffanni taatotaa, kkf waan nutti himan qabu.

• Fakkeeenyaf mana ta’aa tokko keessatti diinqa keessatti


sireen teephaa, madabiin, gammii,ibdi boba`aa jiru, aara
mana keessa naanna`u, mukni bobawuuf qophaa’e,

• muka lafa keessa dhaabame/ kan jabbiin itti hidhamtu/


argine yaa jennu bakkichi baadiyaa akka ta`e hubanna.
• Dabalataanis, dhaabaa manaa irratti eleemtuun,

• meeshaaleen fardaa (kan akka kooraa, luugama),
waanjoo (kanbara) fannifamanii jiru yoo ta`e,

• Namfakkichi ammoo koophii /baarneexxaa


migiraa kaawwatee,

• Miilla duwwaa/qobee hin kaawwanne/;


• kootii erbame kaawwatee, irraan immoo
bullukkoo uffatee ibidda oo’ifata yoo ta`e.

• Taatoon kun eenyu yoo jedhamne deebisuuf


nama hin rakkisu.

• Nama baadiyaa jiraatu, qotee bulaa ta’uu isaa


yeruma sana hubanna.
• Qotee bulaan kun jiruu gaarii jiraata jechuus ni
dandeenya.
• Sababni isaas sa’a eelmatu, farda fe’atu,
qottiyyoo ittiin qotatu waan qabuufidha.

• Karaa biraatin tatoon tokko qilleensi hanga malee


osoo qorruu huccuu haphii ofirra buusee qorri
kan hurgufu osoo arginee nama rakkataa dha
jechuu dandeenya.
2. Fakkiiwwan beeksiisaa (Posters)
• Diraamaan tokko hojjetamee waltajjiif qophaa’uu
isaa kan ibsan beeksiisni adda addaa jamaan
beekee akka daawwatuuf jecha iddoo adda addaati
ni maxxanfamu.

• Haala namfakkiiwwan itti kaafaman sun dhaamsa


eenyummaa isaanii hanga tokko nuti himu
danda’u.

• Ta’aan goota, lolaa, gaddaa, rakkataa, itti tolaa,


dargaggeessa, jaarsa, bareedaa, fokkuu ta’anii
fakkeeffamuu danda’u.
3.Waliin Dubbii (Dialogue)
• Kun jechafi dubbii tokko tokkoon afaan tatoo
keessaa bahan maal akka agarsiisan xiinxaluu
gaafata.

• Waliin dubbiin; ilaalcha, miira, fedhiifi ejjenanoo


namfakkii ibsiif daraan gargaara.
• Waliin dubbii namfakkii yeroo jennuu dubbii
namfakkii qofa osoo hinta`iin, akkaataafi haala

• dubbii, sochii qaamaa kan akka harka, mataa


raasuu, lafa dhiituu,

• mataan olii gadi jechuu yookiin haala fuula isaa


walitti butuu,

• sochii ijaa jijjiiruu, seequu, nyaara guuruu, kkf


waa’ee namfakkii sanaa waan hedduu nuti himu.
• Amala Uumamaa (Natural Characteristic)
• Kun namfakkii kallattiin ilaaluu qofaan yookiin
gocha isaatirraa ka’uun eenyummaa isaa beekuu
danda’uudha.

• Namfakkii gabaabaan yookiin qaroo dhabeyyii


yoo kan jiraatan ta’e diraamaa keessatti waan
taphachuuf barbaadantu jira jechuudha.
2.5 Jargocha
• Diraamaan tokko seenaa tokko dhiyeessa.

• Seenaan kunis gochaalee duraa duuba yerootiin
qindaa’ee kan dhiyaatu dha.

• Yeroo hundumaa seenaa tokkoof ka’umsaa kan


ta’an jiru. gochaalee namfakkiileetiin
raawwataman
• Raawwileen kunis gocha (action) jedhamu.

• Yommuu seenaa dhageenyu gaaffii sana


boodahoo kan jedhu sammuu keenya keessatti
uumama.

• Kanaaf, seenaan gochaalee xixiqqoo fufinsa


qaban dhiyeessa qaba.
• Gochaalee xixiqqoo kunneen walitti qindaa’uun
seenaa tokko ni ijaaru.

• Gochaleen walitti fufiinsa akka raawwatan


kunneen firoomina cimaa qabaachuu qabu.

• Firomina kana kanuumu hidhiinsa sababaafi bu`a


gochaalee keessa jiru dha.

• Diraamaa tokko keessatti hidhiinsi sababaafi


bu`an kan kan mul`isu jargocha jedhama.
• Jargochi gochaalee ifa kan taasisu dha.

• Kanaaf jaargochi hidhiinsa sababaafi bu`aa ta`ee,

• gochi tokko maaliif, akkamitti fi yoom akka


raawwate kan ibsu dha.

• kanaaf seenaa tokko hawwataa kantaasisu


jargocha dha.
• Gochaaleen seenaa tokko keessatti argaman,
seenaa sana uumuuf walitti dhufeenyafi firooma
cimaa qabaachuu qabu.

• Jecha biraatiin gochi tokko gara gocha birotti


cahuuf, sababa qabatamaa qabaachuu qaba.

• Gochaaleen kunneenis guddachaafi dagaagaa


akka deemaan waldiddaan jiraachuu nimala.
• Kanaaf dagaaguu jargochaaf waldiddaan
barbaachisaa dha jechuu dha.

• Jargochi mudaa hin qabne tokko sababaa cimaafi


humnoota walmadaalaan of keessatti qabaachuu
qaba.

• Barreessan diraamaa, sababoota waldiddaaf


ka`umsa ta`uu hindandeenye qaama jaargocha
yootaasise,
• diraamichi gama do`attootaas ta`e dubbistootaa
fudhatamummaafi amanamummaa hinqabaatu.

• Kanaafi humnoonni /gareen waldiddaatti


seenaan,yeroo hundumaa ,

• -waldiddaaf isaan kan kakkaasu sababa gahaa


qabaachuu qabu.
• -gareen waldiddaatti seenaan kunneen kan
walmadaalan ta`uu qabu.

• (hunnaan,qabeenyaan, dandeettiinfi k.k.f)

• gareen/qaamni hamma dhumaatti jabaatee


falme dhumarratti mo`achu qaba.

• Jecha biraatiin barreessaan namfakkii barbaade


filatee dandeettiifi beekumsa isaatiin malee
akka mo`u gochuu hinqabu.
Gosoota Jargocha
• diraamaa jaargocha laafaa qabu

• diraamaa jaargocha cimaa qabu

• diraamaa jaargocha tokkoo qabu

• diraamaa jaargocha lamaa qabu

• diraamaa jaargocha hinqabne


diraamaa Jaargocha Laafaa

• diraamaa jaargocha laafaa qabu, gocha tokko irra


gara gocha biraatti,

• kutaan tokko irraa garaa kutaa biraattin yeroo


cehu, walitti dhufeenya, firoominafi qindoomina
laafaa kan qabu dha.

• Tarkaanfiin sabaabaafi bu’aa amansiisaafi cimaa


ta’uun of keessa hinqabu.
• Namfakkiwwanis sababa tokko malee mul’atanii
yeruma baduu/ dhabamuu danda’u.
• Gochaafi dubbii dubbataniif sababa gahaa hin
qaba.

• Kanaaf seenaan diraamichaa qalbii namaa


booji’uu irratti gadi bu’aa dha.

• Gosa diraamaan akkasii seenaa xaxuufi fala


barbaadu irratti hinxiyyeeffatu.
Diraamaa Jaargocha Cimaa
• Diraamaan jaargocha jabaa kan armaan olitti
caqasameen faallaa kan ta`e dha.
• Namfakkiiwwan of eeggannoodhan kan
uumaman waan ta’eef
• sochiin, gochiifi dubbiin isaanii sababa
qabatamaafi sababaafi bu’aa irratti hundaa’a.

• Seenaan gargaraafi hedduun yoo jiraatanis


tokkummaa cimaa qabaatanii walitti hidhamanii
gara xumura tokkootti luuca`u.
• Jalqabaa kaasee hanga dhumaatti gochaaleen
walsimatanii waan deemaaniif, qalbii namaa hata;

• Kanaafis jamaan itti gammadee hanga dhumatti


hordofa.

• Diraamaan kan akka Soofokils ‘Mootii Edippes’,

• Wiliyaam Shekspiir ‘Maakbeez’, ‘Oteeloo’,


‘Romewoofi Juliyeet’ fakkeenya gaarii gosa
diraamaa jaargocha cimaa qabaniiti.
Diraamaa Jaargocha Tokkoo Qabu
• diraamaan jaargocha tokkoo qabu jargochisaa
laafaa ykn cimaa ta’uu danda’a.
• Garuu kan itti adda ta’u seenaafi waldiddaan
diraamichaa tokko qofadha.

• Waldidda qabatee ka’eefi dhimma irratti naanna’u


ala waan kan biraa hinkaasu.

• Waldiddaa adda addaa,fi seenaa tokko ol hin


keessummeessu.
• Kanaaf kaayyoo tokkoofi seenaa tokko qofa qabata.
Diraamaa Jaargocha Lamaa qabu.
• Kan akkanaa kun immoo jaargocha kaayyoo adda
addaa qaban lama kan of keessatti qabu yoo ta’u

• isaan lamaanis yeroo waldeggaran mul’ata.

• Isaan lamaan keessaa tokko jaargocha guddaa yoo ta’u


inni biraa immoo jaargocha xiqqaa ta’a.

• Seenaa xixinnaa mata mataa isaanii haa qabataan
malee xumura irratti gara tokkootti deemu.

• Garuu kaayyoo garaagaraa galmaan gahu.


Caasaa jargochaa

• Beeksiisuu,/Introduction
• xaxiinsa/complication
• Furmaata/resolution dha
2.1 Beeksisuu/ Introduction
• Sadarkaan kun seenaa diraamichaa bakka itti
bu`ureeffamu dha.

• Innis akka rakkoon cimaan tokko akka jiru kan


mul`isuufi

• sababa rakkoo sanaas maal akka ta`e


muli`suun adeemsa diraamichaaf bu`uura
kaa`a.
2.2 xaxiinsa/complication
Sadarkaa kana keessatti ,sababa rokkooirra kan
ka`e namfakkii gidduutti jeequmsi lolli bakka tti
cimuufi guddachaa deemu sadarkaa kana
keessatti.

• Xiiqiifi wal`aansoo namfakkii haala bala`aa


ta`eetiin kan mul`atu sadarkaa kana keessatti.

• Sababa kanaatiin sadarkaan kun diraamaa


keessatti ga`ee bala`aasaa qaba.
2.3 Furmaata/resolution
• Bakka rakkoon jalqabarratti uumame sun
furmaata argatu dha.

• Sadarkaan kun bakka qaamni tokko mo`ee


qaamni tokko mo`amu dha.

• Diraamichi mo`uudhaan yookiin mo`amuu


dhaan xummuramuu danda`a.
2.6 Barreeffama Qophaa’e (Script)
• Barreeffamni kun barreessaa diraamaa haala
waltajjiif ta’uun
• qooda namfakkiiwwanii,
• gochoota tartiiban raawwachuu qaban fi
qajeelfama wajjin kan dhiyeessu dha.

• Qajeelfamoonni kun hammattuu keessatti


barreeffaman.
• Diraamaa “Gara Jabaataa” jedhu keessaa
fudhatame mee fakkeenyaf armaan gaditti ilaali.
• Addee Poopov: Eenyu Luukaa? Hinjirtu jedhiin.

• Luukaa: Tole giiftiikoo. (ni baha)

• Addee Poopov: (suura sirritti hubattee ilaalaa


boochi) Poopov? Haatii manaa gaariifi
amanamtuun kee kunooti.
2.7 Waldiddaa

• Barreessaan diraamaa George Bernard Shaw yeroo


tokko ‘no conflict, no drama’ jechuun dubbatee jira.

• Diramaa waldiddaa hin qabne,hawwataamiti.


sammuu jamaa bituus hindanda`u.

• Kanaafuu, gocha diraamaa kam keessattuu


waldiddaan jiraachuun dirqama.

• Waldiddaan uumamu sun namfakkiiwwan lamaafi


sanaa oli jidduutti ta’uu danda’a.
• Namoonni adunyaa kanaa sababa addaa
addaaatiin waldhabuu danda`u.

• Fakkeenyaaf, qabeenya irratti, garaagarummaa


fedhii, ilaalchaafi kaayyoo irraan kan ka`e walitti
bu`uu danda`u.
• Namfakkiileenis sababoota kanarraa ka`uudhaan
walitti bu`uu danda`u.
• Walitti bu`iinsi gosti akkanaan kun waldiddaa
namaafi nama jedhamuun beekama.
• Gosti waldiddaa inni lammaffaan waldiddaa
namaafi ofii isaa waliin taasisu dha.

• Waldiddaan kun yaadolii garaagaraa nama tokko


keessatti yeroo uumamu kan agarsisuu dha.

• Fakkeenyaaf waantokko gochuu barbaadanii


garuu murteessuu dhadhabuu,
• murtoo tokko ergaa murteessan booda gaabbuu,
gocha ofitti aaruu, eenyummaa ofitti qaana`uu,
of tuffachuu, fi kkf hammachuu danda`a.

• Gosti waldiddaan akkanaa waldiddaa keessoo


(internal conflict) yeroo jedhamu, waldiddaa

• cimaafi hawwataa akkasumaas sababa ka`umsaa


waldiddaa kaanis akka ta`e beektonni dubbatu..
• Waldiddaan inni sadaffaa waldiddaa namaafi
hawaasa dha.
• Namoonni aadaa hawaasa yeroo cabsuuf yaalan,
ilaalcha hawaasicha irratti yeroo fincilan hawaasa
waliin waldhabu.
• Namfakkileenis haaluma walfakkaatuun aadaa
hawaasichaa diiguuf yeroo socha`an, ilaalcha
hawaasichaa fudhachuu yoo dadhaban hawaasa
waliin walitti bu`u.
• Fakkeenyaas safuu yoo cabsan, yoo hatan,soban
garmalee yoo of jalatan, fi kkf yeroo rawwatan
hawaasa waliin walitti bu`u danda`u.
• Gosti waldiddaa inni arfaffan waldiddaa namaafi
uumama waliin rawwatanii dha.

• Innis namaanni uumama waliin yeroo waldhabu


waldiddaan uumamu dha.

• Fakkeenyaaf balaa adda addaa jala


oolus ,lubbuudhaan jeraachuuf jecha,uumama
waliin yeroo qabsoon taasisu (lolaa, kirkira lafaa,
oongee, fi kkf)jala ba`uuf, uumama waliin walitti
bu`u.
• Waluma galatti namfakkin qaama ala waliin yoo
waldhaban waldiddaa alaa (external conflict) yoo
jedhamu.

• namfakkiin mataa isaatti yoo bu’u waldiddaa


keessaa (Internal conflict) jedhama.

• Waldiddaan waltajjii irratti afaaniin, qaamaan,


yookiin callisaan ibsamuu danda’a.
2.8. Ergaa /Theme
• Ogeessonni yaadiddama diraamaa tokko tokko
ergaa akka caaculee tokkootti hin fudhatan.
• Sababni isaas ergaan akka caacullee diraamaa
hafanii qabatamummaan osoo hintaane
• yaadotaafi hiika sammuu keenyan itti kenninu
dha jedhu.
• Haa ta’u malee hayyoonni biraa immoo ergaan
yaadaafi hubannaa jamaa ta`uusaa amanan illee
• Akkuma caacullee biroo qabatamaa ta’ee
dhiyaata jechuudhan mormu.
• Akka ilaalcha hayyoota kanaa, ergaan caaculleen
hunduu waliin ta’anii yaada ijoo yookiin ergaa
uumu jedhanii amanu.
• Waliin dubbii, jaargocha, yoomessa, namfakkii fi
kkf irraa ergaan argamuu danda’a.
• Isaan hundi kan uumamanis ergaa barbaadame
kana dabarsuuf dha.
• Jaargochi diraamaaf foon yoo ta’u ergaan
immoo lubbuudha jedhama.
• Ergaa diraamaa cuunfanii hima tokkoon yookiin
keeyyata gabaabadhaan teechisuun ni
danda’ama.
• Ergaan guddaan tokko bakka jirutti,
ergaawwan xixiqqqoon tokkoo oli ta’an jiraachuu
danda’u.
Caaculee Teeknikaafi Sochii (Technical and
Performance Elements)

• Diraamaan iddoo inni itti raawwatu irratti


hundaa’udhaanis ni ibsama.
• Caaculee teekiniika jedhaman kan akka
• meeshaalee Waltajjiin adda addaa kan waltajjii
miidhaqsani dha.
• Fkn Ibsaan, uffanni taatotaa, sirbiifi sagaleen gara
garaa guutamuun isaanii barbaachisaadha.

• Ibsaan faayida lama qaba. Tokkoffaa, waltajjiifi


taatoonni akka mul’atan godha.
• . Lammaffaa, daawwatoota irratti fedhii gaarii
uumudhaan akka diraamaa sana hordofan godha.

• Ibsaan kun kan aduu akkasumas kan elektrikii ta’uu


danda’a. Kunis ogeessa mataa isaatin too’atama.
• Uffata taatonni uffatan, meeshaa adda addaa kan
ittiin ofi fakkeessan qopheessuun hojii guddaadha.
• Keessattuu Jaarraa 19ffaa kaasee ogeessonni kana
qopheessan baay’achaa deemanii jiru. Uffanni waan
jamaatti himu qaba.
• Sadarkaa, miidhagina, fi sansaka ta’aati agarsiisa
• Sagaleeen diraamaa keessatti taatotaan hin
uumamne, waraabamee haalli itti qohaa’u
jiraachuu qaba.

• Kunis ogeessa sagaleeiin kan qophaa`u yoo ta`u,


‘sound effect’ jedhama.

• . Hojjetoonni teeknikaa sagalee ilaalalmuufi


dhagahamu fakkeenyaf dhoo’a, ibidda, rooba,
bakakkaafi ballaqii kkf ni raawwatan.
• .
• Caaculee sochii kan jedhaman immoo, waltajjii
irratti taatonni akka itti socho’an ilaallatu dha.
• innis, sochii qaamaa,akkaataa itti dubbatan,
nyaara guuranfi
• K.k.f yoo ta`u walumaa galatti dubbii afaaniitiin
ala jamaa waliin akka itti waliigalan kan ilaallatu
dha.
Jamaa (Audience)
• Jamaa jechuun namoota diraamaa daawwatan
jechuudha.
• Jamaan galma itti ilaalamu, barreeffama diraamaa,
taatota kkf irraa adda ta’ee kan jiraatuu miti.
• Yaadrimeen diraamaa akka ibsutti jamaan bu’aa
olaanaa qaba.
• Ciminni hojiichaas kan madaalamu walitti
dhufeenya jamaafi gocha waltajjii irratti taa’a jiru
giddutti.
• Hariiroo cimaan qaama lamaan kana jidduudha
dhabamnaan diraamaa akka badaatti yookiin akka
du’eetti lakkaa’ama.
• Jamaan diraamaa ilaaluuf dhufu amalaa, umurii,
muuxannoo, naannoo, aadaa fi beekumsa
garagaraa qaba.
• Qeeqni isaan kennan kanuma irratti hundaa’uu
danda’a.
• Darbee darbees waanuma namoonni
daawwatanii bahan dubbatan kan deebisee
callaqisiisu nama hedduudha.
• Tokko tokko waa’ee diraamaa homaa kan hin
beeknes yaada kennuu, tuffachuu, yookiin
arrabsuu danda’a.
• Kanaafuu, qeeqa adda addaa dhaga’uun
waanuma jiru ta’ee
• ballinaan gaazexaafi barruulee irratti
ogeessotaan kan kennaman xiyyeeffannaa itti
kennuudhaan fudhachuun barbaachisaa dha.
BOQONNAA SADII
AKAAKUU (GOSA) DIRAAMAA

• Gooroo diraamaa jechuun akaakuu, gosa, ykn


unka diraamaa jechuudha.
• Innis gosa qindoomina barreeffama diraamaati.
Diraamaan gosa ykn akkaakuu beekamoo ta’an
garaa garaa qaba.
• Goorowwan diraamaa martinuu amala ittiin
beekaman kan mataa isaanii qabu.
• Garaagarummaafi tokkummaan gosoonni
diraamaa qaban kun tokko isa kaan irraa addaan
baasa.
• Goorowwan diraamaa ulaagaa adda addaa irraa
hundaa`uun bakka heddutti qoqqooduu
danda`am.

• Fakeenyaaf,qabiyyeerratti hundoofnee yeroo


qoqqodnu,

• diraamaa amantaa, siyaasa, seenaa, barnootafi


kkf jennee qoqqooduu dandeenya.
• Karaa biraatin haala dhiyeenya isarra hundaa`un
yeroo qoqqoodnu,
• diraamaa; raadiyoo,diraamaa T.V,fi kkf jennee
qoqqooduu dandeenya.

• Garuu korsii kana keessatti gosoota diraamaa


unkaafi caasaa isanirraa hundaa`un bakka
gurguddoo jahatti qoqqoodne ilaalla.

• Isaaniis, Tiraajedii, Tiraajii-komedii, Komedii,


Meelo diraamaa, Diraameefi Farsii dha.
Tiraajedii
Maalummaa Tiraajedii

• Adunyaa diraamaa keessatti jechi “tiraajedii”


jedhamu waan haaraa miti.

• Waan gaddisiisaa nama tokko mudatu “tragdy”


jedhameetu ibsama.

• Fakkeenyaaf gaai’la diiguu, ykn balaa tasaa


du’uu nama/namootafi kkf ta’e tokkoo
tiraajediitti ibsama.
• Gama biraan taateewwan (events) hawaasa
tokko keessatti raawatu fakkeenyaaf kan akka
kirkira lafaa, balaa lolaa, kufaatii xiyyaaraafi
kanneen kana fakkaatan biroon tiraajedii
jedhamu.
• Dhimmi mataduree kanaa isaan amma ilaallee
jireenya guyyaa keessatti mul’atan kanamiti.

• Xiyyeeffannoon matadurechaa isaan


qindoominaan diraamaa keessatti arqamaniidha.
Madda/ Dhuftee Diraamaa Tiraajedii
diraamaa Tiraajedii maddi isaa Giriki akka ta`e
ragaaleen garaa garaa ni ibsu.

Tiraajediin kan madde kabaja ayyaana warra Giriki


keessaa kabaja ayyaana “Dionysisus” jedhu irraa
kan dhufee dha.

Dionysisus waaqa wayinii (wine) fi hormaataa akka


ta'e dubbatama.
yeroo kabaja ayyaana kanaa;
weellistoonni waliin ta'uun waaqa tolfamaa (God)
waaqessan sana muka aarsaa irratti dhiyeessuuf
ijaaramee jirutti naanna'uun faarsaa shubbisu.

• Gogaa reettii uffatanii sirbaa shubbisu.


• Reettiin beeleda Waaqa tolfamaaf aarsaa
taatuudha.

• Kun madda “tiraajediin” maqaa itti argateedha.


Sababni isaas.
• Isaan kana keessaa namoonnii shantaminni gogaa
reettii uffatanii shubbisu.
• Afaan Girikiin “tragoedia” jechuun “goat song"
“weedduu ykn sirba reetti”jechuudha.

• Yeroo sirba kanaa faarsaan seenaa waa’ee waaqa


tolfamichaa hogganaa jamaa sirbisiisu sanaan
olkaafamee farsama.

• Garuu booda keessa afuurrii faarsaan Dioysisus


harka caaluun olka'uun akka Dioysisus ta’ee
weedisuu jalqaba.
• Daangaan diraamaa dhuftee uumamaa “myth” fi
dhimma waaqa tolfamaa kan biroo waliin kan
walqabate dha.
• Diraaman kunis bara dhaloota kiristoos dura
534(BC) fudhatamaafi beekamtii guddaa argachaa
dhufe.
• Tiraajediin goorowwan diraamaa keessaa isaa
baayyee bakki guddan kennamuufi fudhatama
olaanaa qabuudha.
• Diraamaa keessaa tiraajediin diraamaa raawwii
sodachisaafi suukanneessaa ta`een xumuramuu
dha.
• Diraamaa tiraajeddii keessatti taatoo amala
gaarii qabaniifi amala baayyee yaraa ta’e
qabantu keessatti hirmaata.

• Isaaniis yaadi isaan qaban olaanaadha


akkasumas waan yaadan sana galmaan ga’uuf
kan carraaqaniidha.

• Namafakkiin guddaan tiraajeddii kun ofii isaafi


addunyaa naannoo isaa jiru fooyyessuuf yaalii
taasisa.
• Kana gochuu keessattis murtii dogoggora
raawwata.
• Kun immoo gara kufaattiitti isa qajeelcha.
• Tiraajedii jabana durii keessatti taatoon namoota
sadarkaa moototaa ykn beekamoofi ol aanoo
ta’an keessaa kan dhalate ta'uun dirqama.
• Taatoon kun xumura irraatti baayee rakkatee
rakkina sana keessaa ba’uuf hedduu carraaqa.

• Tiraajediin murtii dalgaa, hammeenya, miidha,


jal`ina, shifxii namoonni qaban waltajjii irratti
gochaa toora qabeessa ta’een kan dhiyeessuu
dha.
• Dhufteen taatoo guddaaan maatii mootii ykn
fooya’oo ta’an keessaati.
• Tiraajeedii bakka sadii qoqqoodnee ilaaluu
dandeenya.
• Isaaniis,Tiraajeedii durii,
• tiraajeedii Elzabet,
• tirajeedii ammayyaa.
Tiraajeedii durii
Tiraajedii jabana durii keessatti taatoon namoota
sadarkaa moototaa ykn beekamoofi ol aanoo
ta’an keessaa kan dhalate ta'uun dirqama.
Taatoon kun xumura irraatti baayee rakkatee
rakkina sana keessaa ba’uuf hedduu carraaqa.
Tiraajediin murtii dalgaa, hammeenya, miidha,
jallina, shifxii naminni qabu waltajjii irratti
dhiyaasa.
Dhufteen taatoo guddaaan maatii mootii ykn
fooya’oo ta’an keessaati.
• Tiraajeddii durii keessatti namfakki
guddoon,nama hawaasa sadarkaa olaanaa
keessa dhufe qofa osoo hint`iin,
• nama qajeelaa/gaarii amala gaarii kan qabu,
beekaaa, hubataa, arjaa, qajeelaa, gara laafeessa
• namootaaf kan quuqamu, kan midhaa namaaa
hin jaalanne
• ,hawaasa birattis jaalatamaafi kabaja guddoo kan
qabu dha.
Akkasumas aadaafi safuu hawaasichaa kan eegu,
garuu hanqina/mudaa tokko kanqabu dha.
• Haata`uu malee hanqina xiqqoon inni qabu
sun osoo inni ofirraa hidammaqiin guddachaa
deemee rakkoo keessaa ba`uu hin
dandeenyeettii isa seensisa.

• Karaa biraatin, rakkoon xiqqoon karaa ofii isaa


dhufe sun guddachaa dagaagaa deemee
sadarkaa hiikamuu hin dandeenyeetti gaha.

• Rakkoon kuniis isa qofa osoo hin ta`iin,


namoota kansaa ta`anii fi naannoo isa
jiranillee hedduu ni miidha.
• Ergaa waan baay`een bade booda hanqinnii isaa
nama biraatiin itti himama.

• Dhuma irrattiis hanqina isaa bira ni gaha. Garuu


waan hedduun erga bade booda waan ta`eef
haalicha dubatti deebisuu hin danda`u.

• Dhuma irrattis, kufaatii garmalee, rakkoofi


gadadoo keessatti dhiifama.
• Diraamaan dirii jargocha tokko qofa kan qabu dha.
• Diraamaa warra duriif fakkeenya gaarii kan ta'u
diraama Soofakiliisiitiin kan barreeffame Odiipis
Rex (Oedipus Rex) kan jedhamuudha.

• Diraamaan kun gocha tokko qofa kan qabuudha.


• Gochaan kunis Odiipas akkamiin abbaa isaa
ajjeesee haadha isaa akka fuudhe kan
seenessuudha.
Amaloota Tiraajedii Warra Durii

• Maalummaa tiraajedii warra durii falaasaa warra


Giriiki durii kan ta’e Aristottle (384-322 B.C) hojii isaa
“poetics” jedhu keessatti qulqulleessee ibsuun lafa
ka’ee jira.
• Amalli addaa tiraajedii warri durii kun :
• namfakkii guddaan dhufteen dhaloota isaa isaa
gaariifi beekamoo ta’aniiirraati
• Sadarkaa ol aanaa irraa gara sadarkaa gadi aanaatti
kan kufuudha.

• Bakka gaarii irraa bakka yaraatti kufa.


• Kufaatii isaaf sababni isama.
• Miira sodaa, saalifiifi qaanii jamaa
/daawwatootaa/ keessatti uuma.

• Afaan walaloo ta’een geggeeffama.

• Gochaa irraa jalaa toora qabeessa ta’ee qaba.


• Afaan ciccimootiin dhimma baha.
• Diraamichaa keessatti gochaalee rifaasisaafi
sukkenneessaa waltajjii irratti hin dhiyaatu.

• Gochaalee kunneen namfakkii biraatiin himamu


yookiin gabaafamu

• Namfakkiin guddaan dhumarratti hindu`u.


Gaddaafi rakkoo cimaa keessatti dhiifama.
• Tiraajedii ‘Elsabeth’

• Tiraajediin ‘Elsabeth’ yeroo jalqabaaf kan mul’ate


bara mootittii ‘Elsabeth’ waan ta’eef maqaa
isheetiin moggaafameera.

• Tiraajediin ‘Elsabeth’ akka tiraajedii durii jaargocha


cimaa irratti hin ijaaramne.

• Seenaa tokkoo ol ofkeessaa qaba.


• Gama namfakkiitiin yommuu ilaallu garuu,
namfakkiin guddichi namfakkii tirajedii durii
waliin walfakkaata.

• Tiraajedii ‘Elsabeth’ keessatti gochaalee


sukkanneessaa ta’an waltajjii irratti dhiyaatu.

• Kanamalees, namfakkiin guddicha dhuma irratti


haala rifaasisaa ta’eetiin ni du’a
Tiraajedii Ammayyaa
• Tiraajediin ammayyaa kan eegale jaarraa 19ffaa
keessa yommuu ta’u,

• ka’umsi isaas ilaalcha siyaasa, dinagdeefi


hawaasummaa jaarraa kanaati.

• Kanaaf, namfakkiin guddichaa akka tiraajedii


kaanii namoota sadarkaa ol’aanaa qaban qofa
osoo hin ta’iin namoota sadarkaa jireenya
gadaanaa qabanis of keessatti ammata.
• Haala kanaan, namoota kanneen akka hojjetoota
warshaa, qotee bultoota, hojjettoota guyyaafi
kkfn namfakkii guddaa ta’uun dhiyaatu.

• Namfakkileen kunneen sadarkaa jireenya


gadaanaa haa jiraatan malee namoota qajeelaa,
garaalaafessa, namaaf kan gaddan, beektootafi
kaayyoo isaaniif jabaatanii kan qabsaa’ani dha.
• Namfakkileen kunneen sadarkaa jireenya
gadaanaa haa jiraatan malee namoota qajeelaa,
garaalaafessa, namaaf kan gaddan, beektotafi
kaayyoo isaaniif jabaatanii kan qabsaa’ani dha.

• Isaanis, akka namfakkii tirajedii kaanii hanqina


xiqqo ni qabaatau.
• Hanqinni yookiin mudaan isaanii kunis kufaatii
isaaniif ka’umsa ni ta’a.
• Dhuma irrattis, mo’amanii gaddaafi gadadoo
keessatti dhiifamu.
Komedii
• Komediin hanqina yookiin mudaa jireenya
nama dhuunfaafi hawaasa keessatti
mul’atan

• akkasumas amala badaa qeequun


sirreessuuf kan yaalu dha.

• Gosa diraamaa nama kofalchiisu haata’u


malee, ergaafi barumsa ciccimoo of keessaa
qaba.
• Ergaa yookiin barumsa kana do’attootaaf kan
dhiyeessu bohaarsaafi kofalchiisaa dha.

• Hanqinoonni yookiin hir’inoonni hawaasa


keessatti mul’atan kunneen jireenya
namfakkiileetiin waltajjiitti dhiyaatu.
• Hanqinoonni yookiin hir’inoonni hawaasa
keessatti mul’atan kunneen jireenya namfakkiin
waltajjiitti dhiyaatu.
• Namfakkiileen kunneenis gara waldiddaatti kan
seenan hanqinoota kanneen kana irraa
ka’uudhaani.
• Erga waldiddaatti seenan boodas aarsaa hedduu
kanfalu.
• Yeroo tokko tokkos qabsoo hadhaa’aa keessa
galuun ba’uuf rakkatu.
• Carraa gadheen yookiin gaddisissaan isaan
mudachuu danda’a.
• Haata’u malee, aarsaan kanfamu kanfalamee
rakkoo keessa lixan sana keessaa ni ba’u
• Dhuma irrattis, gammachuu, kolfa, araarafi
jaalaan xummurama.
• Kanaaf, waltajjiin komedii tasgabbaa’aa sammuu
namaa kan hin dhiphisneefi abdiidhaan kan
guutamedha.

• Komediin jaargocha cimaa irratti kan ijaaramu


dha. Kanaaf, adeemsi seenichaa qabataamaafi
amanamummaa qaba.

• Namfakkiileen komedii keessatti bocaman bakka


bu’oota hawaasaa garee adda addaa faallaa walii
ta’an bakka bu`uu.
• Garaagarummaan kunis garaagarummaa yaadaa,
ilaalcha, falaasama, fedhiifi kkfn dha.
• Waldiddaanis kan eegalu garaagarummaa
hawaasa, garee adda addaa kana irratti
hundaa`un.
• Komediin xiyyeeffannoon isaa dhimmoota
hawaasummaa garee adda addaa faallaa walii
ta’aniiti.
• Akkuma dursamee ibsametti, dhimmoonni
kunneen namfakkiilee garee adda addaa
ta’aniitiin bifa qeequutiin waltajjiitti dhiyaata
• Gareen lamaan kunneen wal haadhaban (wal
haa morkatan ) malee garaa jabeenyaafi
haaloodhaan kan guutaman miti.
• Kanaaf, wal ajjeesuunfi gochaalee
garajabeenyaan raawwataman komedii
keessatti hin mul’atan.
• Kanaaf immoo sababa kan ta’an dhimmoota
komediifi xiyyeeffannoo isaati.

• Dhimmoonni komedii keessatti ka’an yoomessa


hawaasa muraasa keessatti hanqinoota
mul’atani dha.
• Dhimmoonni kunneen yeroo gabaabaafi bakka
muraasa keessatti kan mul’ataniifi akka
hanqinaatti fudhatamani dha.
• Kanaaf, rakkoo inni hiikuuf yookiin sirreessuuf
yaalu dhimmoota hawaasa keessa turaniifi hidda
gadfageeffatan miti.
• Sababiin lammaffaan dhimmoota ciccimoofi
qabsoo hadhaa’aa barbaadan hiikuuf hin yaalu.
• Fakkeenyaaf, dhimmoota kanneen akka aangoo
fudhachuu, siyaasa, qoodinsa qabeenyaafi kkf
xiyyeeffennoo komedii miti.
• Sabani isaas, dhimmoonni kunneen haaloo fi
garaa jabeenyaan waan guutamaniif hamma
dhiiga dhangalaassuuf ajjeechaa lubbuutti ga’u.
Kanaaf,
• fakkeenyaaf kanneen akka garaagarummaa
ilaalcha dhaloota duriifi ammaa, qaala’insa
jireenyaa, filannoo hiriyaa dubartii yookiin dhiiraa
yookiin filannoo nama tokko haadha manaa
yookiin abbaa manaa taasifachuuf godhamu fi kkf
dha.
• Gama itti fayyadama afaaniitiin yemmuu ilaallu
komadiin kaayyoon isaa qeequu fi barsiisuu waan
ta`eef,
• ergaa, barumsaa fi yaadijoo dabarsuu barbaade,
itti fayyadamaa afaan salphaa ta`eetiin dhiyeessa.

• Komadiin hawaasa tokko irra gara hawaaasa


kaaniitti darbuuf human hin qabu. Sababiin isaas,
akkumaa duraan ibsameetti xiyyeeffannan isaa
hanqinoota yoomeessa hawaasummaa muraassa
irratti waan ta`eef.
• Karaa biraatiin hanqinni sun yoomeessaa fi
hawaasa kaan keessatti jiraachuu
• dhiisuu yookiin akka hanqinatti ilaalamuu
dhiisuu danda`u.
• Bakka hanqinni sun hinjirreetti hanqina dha
jedhanii qeequu fi dhiyeessuun diraamidha hiika
fi faayidaa dhabsiisa.
4.2. “Farce”
• Jechi “farce” jedhu jecha laatiin irra kan dhufu
ta`ee “To stuff” yookiin “oduu ijoo hin qabne”
jechuu dha. Kaayyoo yookiin xiyyeeffannoon
“farce” inni guddaan nama bashannansiisuu,
buhaarsuufi kofalchisuu dha.
• Namfakkiileen namfakkii qajeelaa (flat character)
waan ta`aniif karaa adda addaan hin bocaman.
• Yeroo tokko tokko waltajjiitti yemmuu dhiyaatan
nama yaaduu hin dandaanye yookiin raata`aa
fakkaatu.
• Kanaaf gochaalee gowwummaa fi namni yaaduu
danda`u kan hin hojjenne yemmuu dalagan ni
mul`atu.
• Do`attonniis gowwummaafi hojiilee
gowwummaa isaanii ilaalaa ni kolfu.
• “Farce” jargocha cimmaarratti ni ijaramu,
Namfakkiileen sababa tokko malee gocha tokko
ni rawwatu.
• Kaayyoo isaanii galmaan gahuuf hamma
dhumaattii jabaatanii hin qabsa`an; rakkoon
tokko yemmuu isaan muudatu duubatti deebi`u.
• Kana malees fadhiifi ejjannoon isaanii yeroodha
yerootti ni jijjiirama.
• Waltajjiitti bahanii waan ijoo qabu osoo hin
hojjetiin yookiin hin dubbatiin deebi`anii badu.
Waan human isaanii ol ta`ee waliin wal`aansoo
walqabatu
• Waldiddaanis kan uumamu hojii gowwummaa fi
suurra dhabuu namfakkiileetiin.
• Ta`iinsoota (gochaalee) tasa ta`aaniitti kan
guutame dha; gocha isaaniif sababa hin qaban.

• Dubbiin isaan dubbataniis sadarkaa dandeettii


do`attoota gadi ta`uu danda`a.
• Yeroo tokko tokkos osoo hin dubbatiin gocha
qofaan nama kofalchiisuu danda`u.
• Yookiin ammo jechoota barreessaan hin
barreessiin taatonni dubbachuun do`ottaata ni
kofalchisu.
• Walumaagalatti “farce” seera caaccuulee
diraamaatiif hin bitamu.

• Kaayyoon isaa nama kofalchiisuu waan ta`eef


seerootaf bakka hin laatu.

• Kanaaf dandeettii barreessaa irraa dandeettii


taatoo ni gaafata.

• Taatoon “farce” kennaa nama kofalchiisuu kan


qabuu fi cimaa yoo ta`uu baate “farce” lubbuu
hin qabu.
Melodrama
• Meeloodiraaman, amala diraamaa huddumaa of
keessa qaba.
• Kana jechuunis,amala tiraajedii,Komedii fi farsii
of keessa qaba. Gama amala tiraajeddii
qabaachusaa irra yemmuu kaanu meeloo
diraaman,
• gochaalee gara jabeenyaa fi rifachiisan keessatti
kan raawwatamu dha.
• Seenaan meeloodiraamaan, homnoota garee
lama araaramuu hin dandeenyeen hammaa
dhumaattii adeemsifama.
• Humnoonni kunneen ilaalcha, amalafi eenyummaa
garaagara qabu.
• Garaagarummaan kunis garaagarummaa faallaa
walii ta`an amala qajeelaa (gaarummaa) fi amala
hamaa (ammeenyumma) dha.
• Inni ilaalcha qajeelaa qabu qajeelummaf yemmuu
qabsaa`u inni hamaan hammeenyummaaf qabsa`a.
• Seenaan diraamichas hamma dhumaatti falmii
jerreen lamaaniitiin deema.
• Walaansoon garee lamaan kun taasisan, haaloon
garaajabeenyummaani fi gochaalee riffisiisan kan
guutame dha. Kanaaf amalli isaa kun tiraajeddii
waliin isa wal fakkeessa.
• Amala komedii waliin kan isa walfakkeessu
ammoo, kan balleesseefi dogongore yemmuu
adabamu, kangaarii hojjeta ammo ni mo`a; ni
badhaafama.
• Gama biraatiin amala farsi waliin kan issan
walfakkeessuu, jargocha cimaa qabaachuu
dhiisuu isaatiin.
• Meeloo diraamaan akkuma farsi ta`iinsoota
tasaatiin kan guutame dha.
• Namfakkiin amala gaarummaa qabu, rakkoo
cimaa keessa seenee carraa yookiin ta`iinsa tasa
ta`eetiin rakkoo keessa yemmuu ba`u ni mul`ata.
• Jalqabumaayyuu namfakkii gaarummaa qabu akka
mo`u ni beekama.
• Kanaaf barreessaan meeloodiraamaa osoo gareen
lamaanuu (gaariifi hamaan) jabaatanii qabsa`an,
namfakkii gaarummaa qabu moosiisuuf haala
tokko miijeessaf. Kanaaf qabsoo ofii isaatiin osoo
hinta`iin kan mo`u, carraa isaaf qophaa`eetiin ta`a.
• Kanaaf meeloodiraaman ta`iinsoota carraa fi
milkiitiin kan guutame dha.
• Karaa biraatiin meeloodiraamaan, namfakkii
guddichi namfakkii qajeelaa (flat character) dha.
Kanaf amala kanaatiins, farsi waliin walfakkata.
• Tiraajiki –Komedii
• Tiraajediin diraamaa aariifi mira gaddisiisaa ta’een
xumuramu ta’uu isaa mataduree darbe keessatti
barattee jirta.
• Diraamaan komediin immoo gammacheesaa,
bashanansiisaa kan xumuramu ta’uusaa barattee
jirta.
• Barreeffama diraamaa tiarajedii durii keessatti
waanti nama gammachiisu ykn nama bashanansiisu
keessa galchuun dhorkaa ture.
• Fakeenyaaf diraamaa jabana durii keessaa “Oedipus
Rex” yoo fudhannee ilaalle jalqabaa hanga
xumuraatti waan nama gammachiisu keessa hin jiru.
• Yeroo jabana warra “Elizabethan” jedhamuu kaasee
waantonni nama gammachiisan barreffama
diraamaa tiraajedii keessa seennuu akka eegalan
hayyoonni ni dubatu.

• Fakkeenyaaf hojii Sheksipiir otelloo keessatti


gochaleen nama kofelchisan jiru.

• Taatonni waan nama dinqisiisu bakka bu`an


diraamaa tirajedii keessa galuu eegalan.

• Tiraajiki-komediin diraama tiraajediifi komedii haala


walqixaan walitti makuun uumameedha.
Xumurameera

You might also like