Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 30

BOQONNAA LAMA

QOQQOODDII OGBARRUU
Cont..

• Ogbarruun ulaagaalee adda addaarratti hundaa’ee


iddoo hedduutti qoqqoodamuu mala.
• Gosni qooddii tokkoos gad caccabee gosaalee
xixiqqaatti qoqqoodamuu danda’a.
• Qorannoo ogbarruu keessatti, ‘gosa’ jechuun bifa
ogbarruu amala addaa qabu, adda bahee
beekamudha.
• Ogbarruun kalaqaa bifaalee lamaan mul’ata. Isaanis,
ogafaanfi ogbarruu barreeffamaati.
2. 1. Ogafaan (Oral Literature)

• Ogafaan jechuun “Gosa ogbarruu dubbii afaaniin


daddarbu/himamu.”
• Aartii aadaa durii, dubbii afaaniin uumamee daddarbu/himamu.
• Maqaaleen isa bakka bu’uu danda’an ogbarruu hin barreeffamiin,
dubbii, ogbarruu barsiifataa, ogbarruu jaalatamaa kan jedhan
dabalata.
• Garuu ogafaan caalaatti beekama.
• Akkuma dubbiin barreeffama dursu, ogafaan ogbarruu
barreeffamaa angafa.
• Kunis ogafaan barsiisa, aadaa, akkaataa dubbiifi qorannoo
akkaataa dubbii, seenaa, hawaasaafi dhimma hawaasummaa
wajjin cimsee kan wal qabatu ta’uu mul’isa.
Cont…
• Ogafaan dubbii afaaniitiin yeedaloon kennameefii, yookaan
otoo hinkennamiin kalaqfi oguma dhimma hawaasummaa gara
garaa irratti kan xiyyeeffatudha.
• Haala kanaan aadaa, duudhaa, safuu, seenaa, eenyummaa
hawaasaa, walumaagalatti, oguma (wisdom)-fi jireenya
hawaasa tokkoo ibsuuf humna guddaa kan qabudha.
• Ogumni kun hawaasni bara duriitii kaasee beekumsaafi
muuxannoo kuufataa ture of keessatti hammateera.
• Kunis, jireenya hawaasaa keessatti sochii godhamuun bu’aa
bahii jireenyaa, mudannoowwan gara garaa, rakkoowwan
isaan mudatan bira darbuudhaaf qabsoo godhamu keessa
uumamaa deemu.
Cont…
• Ogafaan keessumaayyuu hawaasa qubeetiin
barreessuu hineegalle biratti waa’ee addunyaa
keessa jiraatanii ibsuuf, ilaalchaafi beekumsa jiru
dhaloota dhufuuf dabarsuu keessatti gahee guddaa
taphata.
• Ogafaan gargaaramee hawaasni, eenyummaa ofii
beeksisa;
• dhufte hidda dhaloota isaa seenessa;
• waa’ee jireenya waliigalaa irratti falaasama qabu
ibsata.
Cont…
• Aadaafi duudhaan ofii kan ittiin tursiifamus
ogafaaniini.
• Gaddaafi gammachuu, hawwiifi abdii, jibbaafi
jaalala, injifachuufi injifatamuu, deeggarsaafi
mormii, hunduu ogafaaniin ibsamu; ogafaan
keessa jiru.
• Kanaafuu, ogafaan mankuusa jiruufi
jireenyaafi beekumsaati jechuun
nidandahama
Cont…
• Maddi ogafaanii mudannoowwanfi muuxannoowwan
hawaasaati.
• Hawaasni hundumtuu (kan barnoota ammayyaa qabuufi kan
hinqabne) ogafaan kan qabu yoo tahellee, hedduminaan
qabeenya warra barnoota ammayyaa hinqabneeti.
• Walitti dhufeenya aadaa hawaasa barnoota ammayyaa barateefi
hin baranne gidduu jiru qorachuuf faayidaa gudddaa qaba.
• Namoonni dhuunfaas tahe hawaasni, ogafaaniin gargaaramanii
jireenya keessa jiran madaalanii qeequ; deeggaru, mormu, isa
darbe itti yaadatu, isa dhufuuf jedhu raaju
Cont…
• Akkamitti akka uumaman, maaliif akka
uumaman qoratu.
• Amala namootaa ittiin hubatu.
• Jireenya isaaniif bu’uura kan tahe ittiin
faarfatu.
• Jabinaafi laafina ittiin qoratu; daa’immaniifi
dargaggoota ittiin barsiisu, gorsu.
2.1.1. Amaloota Ogafaanii

1 . Hurruubummaa
• Hayyoonni hedduun amaloota ogafaanii keessaa
hurruubummaan isa bu’uuraa akka tahe amanu.
• Yoo hurruubummaan hinjiru tahe, ogafaan jira jechuun
hindandahamu.
• Haalli uumama isaas ta’e adeemsi lufummaa isaa
hurruubummaa irratti kan hundaahedha.
• Ogafaan kamiyyuu yoomessa hawaasummaa mataa isaa
irratti hundaahee hurruubaatiin jamaa fuulduratti dhiyaata.
• Kana jechuun garuu ogafaan bakka jamaan hinjirretti
hinhurruubamu jechuu miti.
Cont…
• Ogafaan surraafi ogummaan isaa haalaan kan
goobane mul’atu, kankaayyoon hurruubamuufis
bakka gahuu dandahu, onnee jamaas boojihuu kan
dandahu kallattiitiin jamaa fuulduratti yoo
hurruubamedha.
• Hurruubaan ogafaanii tokko jamaa fuulduratti yoo
dhiyaatu qalbii daawwattootaa tohachuudhaaf
waan amalli ogafaanii sun eeyyamu mara raawwata.
• Kana irratti ogummaafi dandeettii dhuunfaa isaa
ida’a.
Cont…
• Hurruubummaan akka ogafaaniifi akka aadaa
isaatti garaagarummaa qaba.
• Haalatti geerarsi hurruubamu, haalatti
weedduun jaalalaa hurruubamu waliin tokko
miti.
• Ogafaan hedduun isaanii yeroo hurruubaman
caalaatti hiikaafi miidhagina akka qabaataniif
meeshaaleen adda adaa niqabatamu
Cont…
• Walumaagalatti ogafaan humna godhatee
kaayyoo hurruubamuuf sana galmaan gahuu
kan dandahu qaamoleen hurruubummaa marti
waliin qindaahanii yoo dhiyaatanidha.
• Hurruubaa, jamaa, ogummaa dhuunfaa
hurruubaa, meeshaalee barbaachisan
yoomessa waliin qindaahanii dhiyaachuu qabu.
• Ogafaan hurruubummaa irraa adda bahee
jennaan lubbuu hinqabu. Baduus dandaha.
Cont…
2. Jijjiirama
• Namni tokko ogafaan beeku tokko namaaf dhiyeessee booda yeroo
biraa otoo namoota biraaf isuma hurruubuuf yaale, akka gaafa
duraatti guutummaan guutuuutti dhiyeessa jechuun
hindandahamu;
• kaan irraanfata, yookaan haata’u jedhee kalaqa haaraa itti dabaluuf
yaala, yookaan haalli hurruubichi keessa jiru isa gaafa duraa waliin
tokko tahuu waan hindandeenyeef waa itti dabaluu, yookaan waa
hir’isuun hin oolu.
• Kuni ammoo ogafaanicha irratti jijjiiramni akka uumamu godha
• Amala ogafaanii waan taheef, jijjiirama kana tohachuun
hindandahama. Kanaafi ogafaan tokkichi bifa (Version) gara
garaatiin mul’achuu kan daadaha.
Cont…
3. Yoomessa
• Jechi yoomessa jedhu jechoota Afaan Oromoo lama irraa
ijaarame.
• Isaanis: “yoom”-fi “eessa” kanneen jedhani dha.
• Jechi jalqabaa (yoom) yeroo kan ilaalattu yoo tahu, akka mata
duree kanaatti yerootti ogfaan hurruubamu iilaallata.
• Jechi lammataa (eessa) bkakkatti ogafaan hurruubamu agarsiisa.
• Kana jechuunis, ogafaan tokko horruubamuudhaaf yeroofi bakka
mataa isaa dandahe qabaachuu isaati. Kunis yoomessa jedhama.
• Fakkeenyaaf, abaarsi yeroofi bakkatti abaaramu qaba. Sirbis
yeroofi bakkatti sirbamu qaba.
Cont…
4 . Hirmaannaa Jamaa
• hurruubummaan ogafaanii hirmaannaa namoota bakka sana jiranii
barbaada.
• Namoonni kuneen jamaa jedhamu.
• Fakkeenyaaf, yeroo namni du’u booyichi jira.
• Warra sagalee ol kaasee walaloo yookaan jachoota qindeessee yeedaloo itti
uumee booyuun hurruubdota jechuu dandeenya.
• Namoonni biroon bakka booyicha kanaa jiran ammoo warra huruubaa jiran
caqasu, daawwachaa himimmaaniin, fuulaan, yookaan mallattoo gara
garaatiin hirmaannaa isaanii ibsu.
• Bifuma walfakkaatuun, ogafaan garaa garaa keessatti jamaan hirmaannaa
adda addaa qaba.
• Ogafaan garri caalu bakka jimaan jirutti rawwata.
Cont…
• Amaloota ogafaanii keessaa inni biraa kan dursee
qindeesse beekamuu dhiisuudha.
• Kanaafuu, makmaaksa, oduudurii, yookaan weedduu
kan jalqaba weeddise yookaan walaloo isaa
qindeessee abaluudha jechuun hindandahamu.
• Haalli hurruubummaa isaa gareetiin waan taheef,
nama dhuunfaaf xiyyeeffannaan hinkennamu.
• Ogafaan qabeenyummaan isaa kan hawaasaati
jechuudha.
• Kanaafuu, maqaan nama kalaqee hinbeekamu.
Cont…
• Garuu, dheerina yeroo keessa eenyummaan
nama kalaqee beekamuu baatus, nama
dandeettii waa kalaquu qabuun kan uumame
tahuun isaa beekamaadha.
• Namoonni ogafaan dhgahanii
yaadachuudhaan ogummaafi dandeettii
dhuunfaa ofii itti dabaluudhaan dabarsu.
2.1.2 Barbaachisummaa Ogafaanii
1. ogafaan meeshaa aadaa, duudhaa, seenaa,
hawwii, gadda, gammachuu, qaroomina,
ogummaa, walumaagalatti dhugaan hawaasa
tokko keessa jiru ittiin ibsamudha.
• Kanaafuu, ogafaan barachuus ta’e qorachuun
hawaasa tokko caalatti hubachuudhaan
seenaa fi beekumsa labata irraa labatatti
daddarbaa dhufe tursuuf gahee guddaa qaba.
Cont…
2. Heeraafi naamusa barsiisiisu keessatti
lammiileen hawaasa tokkoo walii galatti
waa’ee ofii akka beekan godha.
• Eenyu akka ta’an, eessaa akka dhufan, eenyu
wajjin akka firooman, haalotaafi amaloota
akka uummataatti adda isaan godhuufi kan
dhaloota booriifis eegamee akka aadaatti
ce’uu akka qabu nibarsiisa.
Cont…
3. ogafaan ogbarruutif bu’uura cimaadha.
• Ogummaa ogafaan keessa jiru irratti
hundaahuudhaan ogbarruu ammayyaa bal’inaan
dagaagsuun nidanda’ama.
• Biyyoonni hedduun afaan isaanii guddifachuudhaan
ogafaan isaanii gargaaramanii ogbarruu hedduu
barreessaniiru.
• Kana irraa kan ka’e barreesitoonni hedduun,
ogafaan biyyoo ogbarruun irraa/ keessaa biqiludha
jedhu.
Cont…
4. Ogafaan walitti dhufeenya aadaa hawaasa
barreessuufi dubbisuun yaada walii qooduufi
kanneen kana hin qaqqabiin gidduu jiru
qorachuuf gargaara.
• ogafaanitti kan dhimma bahu, warra barnoota
ammayyaa hinqabne qofa otoo hinta’iin warri
‘qaroomneerra’ jedhanis waan hunda
barreeffamaan ibsuun waan hindanda’amneef
ogafaan irraa addabahu hindanda’ani.
2.1.3. Bifaalee ogafaanii

• Bifaalee ogafaanii beektonni garaa garaa


karaa garaatiin kan qoodan yoo ta’ellee karaa
armaan gadiitiins walitti qabanii kan qoodan
jir.
1. Raagoo (Afseenessa) (Oral Narrative)
2. Afwalaloo (Songs/ Oral poetery)
3. Seenessa Gaggabaaboo (short forms
1.2.2. Ogbarruu Barreeffamaa

• Malli qunnamtii isaa barreeffamadha.


• Adeemsa qunnamtii kana keessatti, namoonni
maddaafi gala odeeffannoo ta’an fuulaa-fuulatti
walitti dhufuun barbaachisaa miti.
• Barreessaan namoota yeroofi bakkaan isa/ishee
irraa fagaatanii jiran carraa qunnamuu qaba.
• Dubbisaan barruu barreeffamee ol taa’een
barreessaa yeroofi bakka tokko jiraate/tu wajjin
wal qannama.
Cont…
• Kunis hubannoon barreeffamichaa dandeettiifi
muuxannoo dubbisaarratti hundaa’uu ta’a.
• Dubbistoonni akkka dhaggeeffattota dubbii
afaanii ykn ogafaanii carraa ibsaafi hiika bal’aa
gaafachuu hin qaban.
• Barreeffamni jalqaba irratti sirna mul’atuun
raawata.
• Sirnoonni kunniinis mallattoolee sana dubbisuu
danda’auun qofa hiikamuu danda’u.
Cont..
• Walii galteen afaaniin raawatu namoota
qaama dhageettii guutuu qaban hundaa’aaf
hiika qaba; inni barreeffamaa garuu namoota
leenjii’an qofatti daanga’a.
• Barreeffamni dhufuun walii galtee ilmoo
namaa dubbiifi barreeffama jechuun bakka
lamatti qoode.
• Barreessuun yoo booda dhufellee, seenaa
yeroo dheeraa qaba.
Cont…
• Barreessuun mallattoolee adda addaa wantootaafi
keenyaa manarratti bocuun jalqabame.
• Hawaasni dura kanarraa barreeffama uume
Sumeeriyaanis (Sumerians) jedhamu.
• Barreeffamni isaaniis Kiyunifoormii (cuneiforms)
jedhama.
• Itti aansuun, jarreen biyya Misiraa barreeffama
birsagaa Hirogilifiksi (hieroglyphic) jedhamu
dagaagsan. Kunis dhaloota kiristoos dura waggoota
3000 ture.
Cont…
• Kunis barreeffama Chaayinaa dhaloota kiristoos
dura gara bara 1500 jalqabeen hordofame.
• Dhumarrattis sirni mallattoo qubee Giriikotaan
eegale.
• Deemsi wal duraa boodaan suuta raawatu kun
hojiilee aartii kalaqaaf karaa baase.
• Har’a qubeewwan murtaa’oon yaada kumaafi
kitila barruu kalaqaa uumaniifi yaadaalee
ammana hin jedhamne burqisiisu.
1.2.2.1 Amaloota Ogbarruu Barreeffamaa

• Ogbarruun barreeffamaa amaloota hedduun


beekama. Isaan keessaa
1. akka ogafanii dubbii afaaniin otuu hinta’iin
maxxanfamuun namarraa namatti daddarbu.
2. Walii galteefi hubannoon dandeettii
dubbisuufi muuxannoo dubbisaa irratti
hundaa’a.Hubannoonis namarraa namatti
adda adda ta’uu mala.
Cont…
3. Ogbarruun barreeffamaa hin jijjiiramu
• Akka ogafanii adda addummaa hin qabu. namni
iddoo adda addaa jiraatu waanuma tokko dubbisa.
4. Ogbarruun barreeffamaa caalaatti barreessaa
beekamu qaba.
5. Maddiifi galli ergaa iddoofi yeroo adda addaa
jiraachuu danda’u.
• Barreessaafi dubbisaan fuulaa fuulatti walitti
dhufuun barbaachisaa miti. Dubbisaan eessayyuu,
yeroo kamiyyuu jiraachuu danda’a.
1.2.2.2 Bifaalee Ogbarruu Barreeffamaa

• Ogbarruun barreeffamaan jiru bifaalee sadeen


keessa tokko ta’uu danda’a.
• Isaanis: asoosama, walaloofi do’ii jedhamuu.
• Kutaalee itti aanan keessatti, tokko tokkoo
isaanii gad fageenyaan ilaalla.

You might also like