Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 76

Boqonnaa 1

XIINSAGA /PHONETICS/

1.1. Maalummaa Xiinsagaa

 damee xiinqooqaa akkaataa sagaaleewwan dubbii afaan tokkoo


ittiin uumamaniifi hubataman qo’atuudha.

 xiinqooqaaf bu’uura(bu’uura xiinqooqaati)


1.2. Dameewwan Xiinsagaa

bakka gurguddaa sadiitti qoodamu:

 xiinsaga uumama sagaalee,

 xiinsaga darbiinsa sagaaleefi

 xiinsaga dhageettii yookiin caqasiiti.


1.2.1 Xiinsaga Uumama Sagaalee

 Damee xiinqooqaa akkaataa sagaleeleen afaan tokkoo


qaamolee dubbiin itti uumaman kan qo’atuudha.

 adeemsa afuurri keenya sombaa ba’uun yookiin


alaa seenuun sagaalee dubbii uumuuf taasifamu
keessatti shoorriifi ga’een qaamolee dubbii maal
akka ta’e, akkaataafi haala sagaaleewwan dubbii
garaagaraa irratti mul’atu xiinxala.

Xiinsagni qaamolee dubbiifi sagaaleewwan dubbii ibsuu irratti


xiyyeeffata.
2.2.1.1. Qaamolee Dubbii
Qaamoleen dubbii qaamolee dhala namaaf kennaman keessaa
kanneen sagaalee dubbii uumuu irratti shoora olaanaa
qabaniidha.

 Isaanis irra caalaa qaamolee afaaniifi kokkee keenya keessatti


argamaniidha.
 Uumama sagaalee dubbii hubachuuf ga’een qaamoleen dubbii
qaban beekuun barbaachisaadha.

Kanaaf, tokkoon tokkoon qaamolee dubbii gahee sagaalee dubbii


uumuu irratti qaban ibsuufi bakka argama isaanis addeessuun
barbaachisaadha.
 Qaamolee dubbii bu’uura sochiifi bakka argama isaanii irratti
hundaa’uun qooduun nidanda’ama.

qaamolee dubbii socho’uu danda’aniifi qaamolee dubbii


socho’uu hindandeenye jedhamuun qoodamu

Qaamoleen dubbii socho’an gara qaamolee dubbii


hinsochooneetti deemuu/siquun ykn tuquun hafuura sombaa
bahu yookiin alaa gara keessaatti seenurratti dhiibbaa geessisu.

Qaamoleen dubbii kanneen socho’uu danda’an:


hidhii,
dibbee sagaalee - banamuufi cufamuu
arraba - fuulduraafi duubatti, oliifi gadi socho’uu danda’uu of
keessatti hammata.
Qaamolee dubbii kanneen socho’uu hindandeenye:
irga,
laagaa jaabaafi
laagaa laafaa/harsasseefi
daandii sagaalee /Vocal tracts/

 Qaamoleen dubbii bakka itti argaman irratti hundaa’uun:


qaamoolee dubbii olaanuufi qaamolee dubbii gadaanu
jedhamuun qoodamu.

 Kanneen qaaruu olaanu jedhaman: hidhii olaanu, ilkaan olaanu,


irga , ulaa funyaanii, laagaa lamaaniifi arrabxiqqee yoo ta’an

 kanneen qaaruu gadaanuu immoo: hidhi gadii, ilkaan gadaanuu,


kokkeefi arraba. Qaamolee dubbii asiin olitti tarreeffaman fakkii
asiin gadii irraa ilaaluun hubachuun nidanda’ama
Kokkee:
 Qaama dubbii sagaaleewwan dubbii dibbee sagaaleetiin
keessatti uumamaniidha

 Qaama dubbii fuuldura morma keenyatti argamuudha.


Sagaaleewwan akka /h/fi /Ɂ/ bakka kanatti uumama.

 Dibbee Sagaalee/ Gilootis: Saanduqa sagaalee jedhamuunis


nibeekama.

 Qaama dadacha’uun kan sagaalee uumuuf gargaaru qaba.

 Banamuu, cufamuufi kirkiruun sagaaleewwan uuma.


Gidduu qaama dubbii dadacha’uutti argama
Hidhii:

 Hidhii olaanuufi gadaanu jedhamee qoodama.

 Illee lamaaniin deeggarama.

 Sagaalee dubbii uumuu keessatti qaamolee dubbii

biroo waliin kan walitti dhiyaatu yookiin waltuquufi

amala diriiruufi amartaawuu qaba.


Ilkaan:
 Kunis ilkaan olaanuufi gadaanu hammata.

 Hidhiifi qaamolee dubbii biroo waliin walitti dhufuun


sagaalee dubbii uumu.

 Diriiraa ta’ee uumamuun ilkaanii sagaalee dubbii uumuu


keessatti shooraolaanaa qaba
Irga:
 Qaama jajjabaa yookiin foon duuba ilkaan olaanuutti aanee
argamuudha.

 Yeroo baayyee fiixeefi dura arrabaatu gara fuulduraatti


dhufuun sagaalee dubbii uuma.

 Irgi jiraachuun arrabni itti bu’uun akka sagaaleen dubbii


uumamu taasisa.
Harsassee /Laagaa Laafaa/:

 Maashaa laagaa jabaataa duubatti argamuudha.

 Duubni arrabaa qaama kana tuquun sagaaleewwan


dubbii uuma
Arraba:
 Kallattii hundatti socho’uun sagaaleewwan dubbii uuma.

 Qaamolee dubbii biroo waliin waltuquun ykn walitti siquun


sagaaleewwan dubbii adda addaa uuma.

 Sagaaleewwan dubbachiistuu uumuu keessatti shoora


olaanaa taphata.

 Arrabni kunis kutaalee adda addaa qaba:


• fiixee arrabaa,
• fuldura arrabaa,
• gidduu arrabaa,
• duuba arrabaafi
• hundee arrabaa jedhamu
Arraba xiqqaa:

 Qaama laafaa dhuma laagaa laafaa irratti argamuudha.

 Afaan keenya keessa ofilaalleen yeroo ilaallu


gadrarra’ee qaamni mul’atu arraba xiqqaadha.

 Olii gad socho’uun qilleensa sombaafi kokkeerraa


dhufu kallattii isaa qajeelcha.

 Olka’uun ulaa funyaanii bahu cufee qilleensi karaa ulaa


afaaniin akka bahu taasisa
2.2.1.2. Sagaaleewwan Dubbii

A. Sagaaleewwan Dubbifamtootaa

Sagaaleewwan dubbifamtootaa kanneen jedhaman


sagaaleewwan ulaa adda addaa keessatti dhiibbaa qilleensarra
gahuun uumamaniidha.
 Uumamni sagaaleewwan dubbifamtootaa yeroo baay’ee
walitti dhufeenya qaamolee dubbii lama hammata.

 Kunis, adeemsa afuurri sombaa bahu yookiin alaa gara


keessaa seenu keessatti qaamoleen dubbii lama walitti
dhufuun afuura kana yemmuu gufachiisan sagaaleewwan
umamaniidha
sagaaleewwan dubbifamtootaa addeessuuf qabxiilee
gurguddaa sadii irratti xiyyeeffanna:

I. Bakka uumama sagaaleewwan dubbifamaa


II. Haala uumama sagaaleewwan dubbifamaa
III. Haala dibbee sagaalee
•Bakka Uumama Sagaaleewwan Dubbifamtootaa

Bakki afuurri itti gufachuun sagaaleewwan dubbii itti uumaman bakka


uumama sagaalee jedhama.

Bakka uumamaa beekuuf qaamolee dubbii mit-socho’oofi socho’oo walitti


dhiyaatan yookiin waltuqan adda baasanii beekuun barbaachisaadha.

Kunis, moggaasni bakka uumama sagaaleewwanii qaamolee dubbii walitti


dhufuun (siquun) yookiin waltuquun sagaaleewwan dubbii uuman sana irratti
kan hundaa’e waan ta’eefi.

•Hidh-lamee (Bilabial)
Bakka uumama sagaaleewwan dubbii hidhiin olaanuufi gadaanu walitti siquun
yookiin waltuquun sagaaleewwan dubbii bakka itti uumamaniidha.
Fakkeenya: /b/, / p/, /m/, /w/fi /Ph/

•Hidh-ilkee (Labiodental)
bakka hidhiin gadaanuufi ilkaan olaanu waltuquun sagaaleewwan dubbii itti
uumamaniidha.
Fakkeenya: /f/fi /v/
•Irgee (Alveolar)
fiixeen yookiin fuuldurri arrabaa irga/foon ilkaan keenya olaanuun duubaatti
argamu tuquun ykn itti siquun sagaaleewwan dubbii bakka itti uumamaniidha.
Fakkeenya: /n/, /d/, /dh/, /t/, /l/ /x/,/r/, /s/,/z/fi /ts/

•Laagaa jabaa (palatal)


Bakka gidduun arrabaa laagaa jabaa yookiin qaama irga keenyatti aanutti
maxxanuun sagaaleewwan dubbii itti uumamanidha. Akkasumas, fiixeen
arrabaa ol dacha’ee uumamuus nidanda’a.
Fakkeenya: /c/, /ch/, /j/, /sh/, /ny/, fi /y/

•Laagaa Laafaa /harsassee (Velar)


Bakka duubni arrabaa laagaa laafaa yookiin harsassee keenya tuquun
sagaaleewwan dubbii itti uumamaniidha.
Fakkeenya: /g/, /k/fi /q/

•Kokkee (glotal)
Bakka hundeen arrabaa kokkee waliin waltuquun sagaaleewwan dubbii itti
umamaniidha.
Fakkeenya: /h/fi / Ɂ/
•Haala Uumama Sagaaleewwan Dubbifamtootaa
Haala/akkaataa uumama sagaaleewwan dubbiifamtootaa jechuun jijjiirama
ulaa qilleensaa irratti sababa walitti dhufeenya qaamolee dubbii gidduutti
mul’atu ilaallata.

Afaan addunyaarra jiran marti sagaaleewwan dubbifamtoota isaanii


bakka lamatti qoodamu.
Kunis, bakka ka’umsa afuuraa irratti hundaa’uun ta’a.
 Qilleensi sombaa gara alaatti ba’uufi
 alaa gara keessatti seenuun sagaaleewwan uumamantu jiru.
 Kanarratti huundaa'uun, sagaaleewwan ‘Palmoonikiifi Mit-
Palmoonikii’ jedhamuun waamamu. Afaanoonni Addunyaarra jiran
baay’inaan sagaaleewwan dubbifamtoota isaanii palmoonikiidhaan
beekamu. Afaanonni Afrikaa hedduun sagaaleewwan mit-palmoonikii
baay’ee qabu.
Haalli uumama sagaaleewwan Afaan Oromoo qaamoleen dubbii lama erga walitti
siqanii/waltuqaniin booda ta’iinsota bakka sanatti taasifaman irratti hundaa’uun kan
moggafamuudha.

Bu’uuruma kanaan, haala uumama sagaaleewwan dubbifamtoota Afaan Oromoo akka


asiin gadiitti bifa gabaabaan dhiyaateera.

•Cufaa (Stop)
Qaamoleen dubbii gutummaan guutuutti waliitti dhufuun (wal tuquun) yeroo
muraasaaf afuurri sombaa bahu yookiin alaa seenu ukkaamfamee yemmuu gad
dhiifamu/lakkifamu sagaaleewwan uumaman hammata.

Sagaleewwan cufaa gosa lamatu jiru:


Cufaa afaanii (oral stop)fi cufaa funyaanii (nasal stop) dha.

afuurri sombaa dhufu ulaa afaanii keessa iddoo ta’etti yeroo muraasaaf qabamee,
karuma ulaa afaaniitiin bahuudhaan sagaaleewwan uumamaniidha.
Fkn. /p/, /b/, /d/, /t/, /k/, /g/, fi wkf
Cufaa funyaanii immoo afuurri sombaa dhufu ulaa afaanii keessatti
cufamuudhaan ulaa funyaaniitiin ba’uudhaan sagaaleewwan uumamaniidha.
Fkn. /m/, /n/, /ny/ faa’i.
•Lootuu (Fricative)
Qaamoleen dubbii lama walitti dhihaachuun qilleensi karaa dhiphaa keessa lo’ee
bahuun sagaaleewwan uumamaniidha.

Fkn. /f/, /v/, /s/, /z/, /h/fi /sh/faa’i.

•Dhootuu (Ejective)
dibbeen sagaalee (vocal cord) gutummaan guutuutti cufamuudhaan afuurri
sombaa dhufu dibbee sagaalee ol gara arrab- xiqqeetti dhiibuudhaan dhuka’ee ykn
dho’ee ba’a. Fkn /Ph/, /x/, /q/, /c/ faa’i.

•Rigduu (Affiricative)
Sagaaleewwan yemmuu uumaman qaamoleen dubbii hafuura sombaa dhufu
gutummaa guutuutti qabuun afuurri bakka qabametti rigata uumuun gad-dhiisuun
uumamanidha. Fkn. /ch/fi /j/
•Funyee (Nasal)
Sagaaleewwan yeroo arrab-xiqqeen gadi bu’uudhaan ulaa afaanii cufuun qilleensi
sombaa dhufu ulaa funyaaniin akka bahu yemmuu taasifamu sagaaleewwan
uumamaniidha.
Fakkeenya: /m/, /n/fi /ny/
•Maddee (Lateral)
Sagaleen kun yeroo uumamu afuurri maddii arrabaa lamaaniin
ba’a. Innis /l/ dha.

•Batee (Flap)
fiixeen arrabaa irga keenya irra deddeebiin ‘bat…bat’ gochuun kan
uumamuudha. Innis /r/ dha.

•Olee (implosives)
qilleensa alaa gara afaanii seenuun uumama. Innis /dh/dha.

•Gamduubee (Semi Vowels)


amaloota lama qabu. gufannaa malee uumamuun isaanii
sagaaleewwan dubbachiistotaan walisaan fakkeessa.
Qindaa’ina dhamsagootaa keessatti immoo utubaa birsagaa ta’uu
waan hindandeenyeef sagaaleewwan dubbifamtootaatiin
walfakkaatu. Isaanis: /y/fi/w/dha.
III. Haala Dibbee Sagaalee (State of vocal cord)

qaama amartii fakkaatu ta’ee kan yeroo sagaaleewwan


uumaman banamuu, cufamuufi kirkiruudhaan afuura sombaa
dhufuun sagaaleewwan dubbii uumudha.

 afuura gufachiisuudhaan sagaaleewwan dubbii uuma.

Yeroo sagaaleewwan adda addaa uumaman haalli amartii


dibbee sagaalee nijijjiirama.
Sagaleewwan Mitxiixaa/qooqa dhabeessa

Yeroo tokko tokko amartiin dibbee sagaalee


banamuudhaan dibbeen sagaalee 0soo hinkirkiriniifi bakkaa
hinsocho’iin afuura sombaa ba’u dabarsee sagaaleewwan
dubbii uuma. Sagleewwan dubbii haala kanaan uumaman
mitxiixaa yookiin qooqa dhabeessa jedhamu.

Fkn.
/p/, /t/, /k/, /?/,/ch/, /ph/,/x/, /c/, /q/,/f/, /s/, /ts/,
/sh/,/h/faa’i.
sagaaleewwan xiixaa/qooqa qabeessa

amartiin dibbee sagaalee walitti dhiyaachuudhaan iddoo


isaatii osoo hinsocho’iin kirkiraa (hollataa) afuura sombaa
ba’u dabarsuun sagaaleewwan dubbii uumamanidha.

Fkn: /b/, /d/, /g/, /j/, /dh/, /v/, /z/, /m/, /n/, /ny//w/, /y/, /r/, /l/
Bakka Uumamaa
Haala Haala Dibbee
Hidh- Hidh-
Uumamaa Sagaalee Irgee Laagaa Harsassee Kokkee
lamee ilkee

Xiixaa b d g
Cufaa
Mitixiixaa p t k |ʔ|
Xiixaa j
Rigduu
mitixiixaa ch.
Dhootuu mitixiixaa ph x c q
Olee Xiixaa dh
Xiixaa v z
Lootuu
Mitixiixaa f s ts sh h
Funyee Xiixaa m n ny
Maddee xiixaa l
Batee xiixaa r
Gamduubee Xiixaa w y
B. Sagaaleewwan Dubbachiistota

 sagaaleewwan yemmuu afuurri sombaa bahu qaamolee dubbiin


osoo hingufatiin uumamanidha.

 sagaaleewwan dubbii waliin qindaa’ina dhamsagootaa keessatti


utubaa birsagaa ta’aniifi

 lakkoofsaan hanga dubbifamtootaa hinbaay’annedha.

 Sagaleewwan kanneen uumuuf qaamolee dubbii hunda caalaa


shoora olaanaa qaban arrabaafi hidhiidha.
A. Sochii Arrabaa
sochii arrabaa olii gadiifi sochii arrabaa duraa duubaa ti

i. Sochii arrabaa olii gadii


sochii arrabni keenya gara olaanuufi gadaanutti taasisudha.

Sochii kana irratti hundaa’uun dubbachiiftonni bakka sadiitti qoodamanii


ilaalamu: gubbee, giddeefi gadeedha.

➢ Gubbee: yemmuu arrabni keenya gara qaamolee dubbii olanutti olka’u


sagaaleewwan uumamanidha /i/ii/fi /u/uu/ faati.

➢ Giddee: yeroo kana arrabni keenya olis osoo hinka’in; akkasumas, gadis
osoo hinbu’iin walakkaa taa’uun sagaaleewwan uumaman kan ibsudha.

Fakkeenya: /e/ee/fi /o/oo/

➢ Gadee: arrabni keenya hephee/boqoo gadaanu waliin yemmuu gadi bu’u


sagaaleewwan uumaman kan ibsudha. Fakkeenya, /a/aa/dha..
ii. Sochii arrabaa duraa duubaa

 arrabni keenya sochii gara fuuldura ilkaan keenyaafi duuba gara


hundee arrabaatti harkifamuun taasifamuu kan ibsudha.

 bakka sadiitti qoodamu: duree, walakkeefi duubeedha.

duree, walakkee duubee

/i/ii/fi /e/ee/ /a/aa/ /o/oo/fi /u/uu


Duree: sochii arrabni keenya gara ilkaan fuulduratti dhufuun
sagaaleewwan akka: /i/ii/fi /e/ee/ uumudha.

Walakkee: arrabni keenya gara fuulduraattis ta’e, gara duubaatti


osoo hinharkifamiin walakkaarra ta’uun sagaaleewwan
dubbachiistotaa uumaman ibsa. Fakkeenya: /a/aa/.

❖ Duubee: sochii arrabni keenya gara duubaa yookiin hundee


arrabaatti harkifamuun sagaaleewwan akka: /o/oo/fi /u/uu/’n itti
uumamanidha.
B/ Roga Hidhii

dubbachiistota uumuu keessatti hidhiin keenya sochii akaakuu


lamaa taasisa: amartaawuu/mitdiriiraafi mit-amartii/ diriiraa
jedhamu

❖ Amartaawaa/mitdiriiraa
hidhiin keenya yeroo sagaaleewwan dubbachiiftota akka
/u/uu/fi /o/oo/ sagaaleessinu boca geengoo agarsiisuu

❖ Diriiraa/ mit-amartii
hidhiin keenya gargar dhifamuun sagaaleewwan akka: /i/ii/,
/e/ee/fi/a/aa/ yemmuu uumamanidha.
1.2.2. Xiinsaga Dambalii ykn Darbiinsa Sagaaleewwanii

Damee xiinsagaa haala sagaaleen erga uumamee booda qilleensa


keessa deemuudhaan gurra dhaggeeffataa bira itti gahuu danda'u
kan xiinxaludha.

1.2.3. Xiinsga Dhageettii Sagaaleewwanii

Damee xiinsagaa sagaaleewwan dubbii qaamolee dubbiin erga


uumamanii qilleensa keessa darbuun gara gurra
dhaggeeffattootaa qaqqabuun hiika itti argatan xiinxaludha.
BOQONNAA 2: XIINDHAMSAGA (PHONOLOGY )

Xiindhamsagni
 damee xiinqooqaa seera caaseeffama sagaaleewwan
(dhamsagoota) birsaga ykn jecha keessatti argaman ibsudha.

 akkaataa dhamsagoonni walitti qinda’aniifi jechoota uuman


xiinxala.

 sagaaleewwan afaan tokko keessatti itti gargaaramnu kan


ibsuufi seerota ittiin sagaloonni kunneen walitti qindaa’an
qorata.
 Xiinsagni haala sagaaleewwan dubbii ittiin uumamman irratti
kan xiyyeeffatu yoo ta’u, Xiindhamsagni tajaajila sagaaleewwan
dubbii xiinqooqa keessatti qabanirratti xiyyeeffata.
Ulaagaalee Dhamsagaa

qubeen tokko dhamsaga jedhamuuf ulaagaalee ittiin


madaalamu qaba:

• xuunda xiqqaa,
• faca’iinsaafi
• irradeddeebiidha.

qubeen tokko dhamsaga jedhamuuf ulaagaalee asiin oliin


madaalamee yoo xiqqaate ulaagaalee kanneen keessaa lama
guutuu qaba.
1. Xuunda Xiqaa (Minimal Pair)

 Dhamsagoonni xuunda xiqqaa uumuu danda’an jechoota


keessatti bakka walbu’uudhaan jijjiirraa hiikaa fiduu ykn uumuu
yoo danda’aniidha.

 jalqaba jechaa, walakkaafi dhuma jechichaa ta’uu malu.


sagaaleewwan dubbifamtootaafi dubbachiistota Afaan Oromoo
irratti akka mul’atu
Fakkeenya:
tare nama boonuu qabe
bare lama booruu qale
odaa qooqa doofaa irraa
idaa qeeqa duufaa irree
dhamsagoonni gurraacheffaman kanneen bakka
walbu’uudhaan jijjiirraa hiikaa fidaniiru. Kanaafuu
Xundaa xiqqaa jedhamu.
2. Faffaca’iinsa (Distribution)
waliin qindaa’ina dhamsagootaa keessatti jalqaba, walakkaafi
dhuma jechaa qubachuu danda’uu isaanii kan ibsudha.

Fakkeenya
obsa damma lama morma nama
soba farda jalqaba suma mana
tokko gad sagal kam san

Sagaaleewwan kunneen ulaagaalee faca’iinsa waan guutaniif,


dhamsagoota jechuun nidandaa’ama.
3. Irra Deddeebii (Frequency)

Sagaaleen jechoota afaan isaanii keessatti deddeebi’ee mul’achuu


qabu.

dhamsagoonni afaan tokkoo hundi deddeebii walqixa ta’een afaanicha


keessatti argamu jechuun hindanda’amu.

Dhamsagoonni tokko-tokko afaan tokko keessatti yeroo baay’ee


mul’atu . Kanneen biroo immoo, baay’inaan hinmul’atan.

 dhootuu, olee, laageefi kkf. kanneen yeroo uumaman humna


olaanaa (high mascular tense) gaafatan waan ta’eef deeddeebii
gadanaa qabu.

Kanneen salphaatti uumaman immoo, irra deddeebii olaanaa qabu.


Fakkeenyaaf, sagaaleewwan akka b, n, r, l, heddumminaan mul’atu
2.3 Hariiroo Dhamsagaa, Firsagaafi Firsagoota Afaan Oromoo

Dhamsaga
 Tokkoo tokkoon sagaaleewwan dubbii dhamsaga jedhamuun
beekamu.

 Dhamsagoonni qaama xiqqaa sagaalee dubbii, kanneen


garaagarummaa hiikaa agarsiisuu danda’aniidha.

 Dhamsagoonni walitti qindaa’uudhaan birsagaafi jecha uumu.


Firsaga

• sagaleen dhamsaga dhokataa ta’e bakka bu’u firsaga jedhama


Firsagoota
Firsagni lamaafi lamaa ol kanneen dhamsaga tokko bakka bu’an
firsagoota jedhamu.

dhamsagni /n/’n firsagoota: [ɱ], [ŋ],[ɲ], [m] qaba.

[n] nama= [nama]


[ɱ] gaanfuree [ga: ɱfure:]
[ŋ] hangafa [haŋgafa]
/n/ [ɲ] hancufa [haɲc’ufa]
[m] danbii [dambi:]
Dhamsagni mallatoo muraa / / keessatti yoo barreeffama
firsagni immoo mallattoo gaafee [ ] keessatti barreeffama

Fakkeenyaaf

• /hanga/fi [haŋga],

• /n/’n dhamsaga yeroo ta’u [ŋ]’n immoo firsaga taati.

• Inni jalqabaa dhokataa yemmuu ta’u, inni lammaffaan immoo,


bakka bu’aa dhamsaga isa dhokotaa, firsaga ta’a.

• Dhamsagni tokko yoo xiqqaate firsaga tokko qaba.


2.4 Adeemsa Qindaa’ina Dhamsagoota Afaan Oromoo

Sagaaleewwan dubbii walitti dhiyaachuufi wal-tuquu isaaniitiin


sagaalee mataa isaanii / kan ollaa isaanii jiru irraatti jijjiiramni
dhufuu nidanda’a.

Namni afaan tokko dubbatu sababoota garaagaraa irraa kan ka’e


sagaaleewwan dubbii akkaataa isaan dubbatamuu qabaniin
dubbachuu dadhaba.

 Sababni inni tokkoffaan, dadhabbii qaamolee dubbii


(mascular fatigue) ta’a.
 Inni lammaffaan, seera birsagaa sirreessuuf kan mul’atuudha.

Adeemsi qindaa’ina dhamsagaa akkaataa sagaaleeffamuu


sagaalee tokkoorratti, jijjiirama mul’atu kan ilaallatudha.

• Adeemsi kunakaakuu garaagaraa qaba:


Akaakuuwwan
adeemsa qindaa’ina sagaleelee/dhamsagootaa

 firoommii, . haquu,
 funyeessuu, . saaguu,
 hidheessuu, . dheerina kiisiifi
 laagessuu, . jabina kiisii,
 waljafuu, . irra deddeebiifi kkf faa’a
Firoommii (Assimilation)

 sagaaleen dubbifamaan amala dubbifamaa ollaasaa yoo


fudhate, adeemsa firoommii keessa darbe jedhama.

Amalli inni fudhatu bakka uumama, yookiin haala uumama


yookiin ammoo haala dibbee sagaalee ta’uu danda’a.

 Firoommiin bu’uura sadarkaafi kallatti irratti hundaa’uun


qooduun nidanda’ama.

• bu’uura sadarkaatiin
 firoommii guutumaa guutuu( total assimilation)fi
 firoommii gartokkee (partial assimilation) jedhamanii
beekamu.
• Bu’uura kallattiin immoo:
 duubatti firoomuufi duratti firoomuu jedhamanii beekamu
Firoommii guutumaa guutuu:

 adeemsa qindaa’ina sagaaleewwanii keessatti


sagaaleen tokko amaloota sagaalee ollaa isaa guutumaan
guutuutti fudhachuun bifaanillee gara sagalicha firoomfatuutti
jijjiramuudha.

Fakkeenyota firoommii guutumaan guutuu:

• bitne → binne (/t/ gara /n/ firoome)


• qalne → qalle (/n/ gara /l/ firoome)
• jikse → jisse (/k/ gara /s/ firoome)
Firommii gartokkee: sagaleen tokko amala muraasa sagaalee
ollaa isaa jirurraa fudhatee, sagaalee ollaa isaatiin hanga tokko
wal-fakkaachuu jechuudha.
Fkn. cabse __ capse hinbulu – himbulu
dhiigse – dhiikse hinbitu - himbitu
miidhagse – miidhakse hinbawu – himbawu
dhagna – dhaqna hinbeeku – himbeeku
“dhiigse” - “dhiikse”
/g/ gara /k/’tti jijjiiramuu agarsiisa. Sababiin isaas
/g/ = harsassee, cufaa, xiixaa
/k/ = harsassee, cufaa, mitixiixaa
/s/= irgee, lootuu, mitixiixaa

Haaluma kanaan, sagaalee /g/’tti aanee jiru /s/’n mitixiixaa


waan ta’eef, sagaalee /g/ xiixaa ta’e gara /k/’tti jijjiire.
.
Kallattii firoommii ilaalchisee wanti hubatamuu qabu
barreeffama keessatti
 dura kan jennu gara harka bitaa yoo ta’u
 duuba kan jennu immoo gara harka mirgaati.

Duratti firoomuu (Progressive Assimilation):

yoo sagaaleen tokko sagaalee isatti aanee dhufetti gartokkeen


yookiin guutumaan guututti jijjiirameedha .
 Duratti firoomuun sagaaleen tokko sagaalee biroo gara harka
bitaatti yoo firoomfate jechuudha. Kana jechuun sagaaleen
firoomu mirgaa gara bitaatti yemmuu firoomudha.
fkn.
barne→barre (/n/ gara /r/ firoomte)
galne→galle (/n/ gara /l/ firoomte)
jiske→jisse (/k/ gara /s/ firoomte)
Duubatti firoomuu (Regressive Assimilation):

 yoo sagaaleen tokko bitaarraa gara mirgaatti firoomeedha.


Fakkeenyi akaakuu firoommii kanaa:
jigse → jikse → jisse (/g/ gara /k/ gara /s/firoomte)
tanboo → tamboo (/n/ gara /m/ firoomte)
tiksee → tissee (/k/ gara /s/ firoomte)
cabse → casse (/b/ gara /s/ firoomte)
 Jechi “jigse” jedhu jalqaba gara jecha “jikse” jedhutti
yemmuu jijjiramu, /s/ humna waan qabuuf /g/ irraan
dhiibbaa geessisuun firoommii gartokkeen gara /k/’tti
jijjirte.

 Itti aansun immoo /s/ ammas /k/ guutummaan gara ofiitti


firoomfachuun gara /s/’tti jijjirtee jechi “jisse” jedhu akka
uumamu taasiste.

 adeemsa duubatti firoomuu keessatti gartokkeen


firoomuufi guutumaa guututti firoomuun kan qooda
fudhatan ta’uu hubachuun nidanda’ama.
1. Hidheessuu (Labilization)

dhamsagni bakki uumama isaa hidhii hinta’in sababa dhamsagni


hidhiirratti uumamu ollaa isaa jiruuf gara sagaalee hidhiitti yoo
jijjiiramuudha .
Haala lamaan uumama:
A. Dubbifamaa bakka uumamni isaa hidhii ta’erraa amala
hidhummaa fudhachuun

Fkn.
danfe - damfe
sanbata – sambata
danbii - dambii
danboobaa - damboobaa
dhinbiibuu - dhimbiibuu
B. dubbifamaan amala sagaalee dubbachiiftota booda isaa /o/fi
/u/ yoo fudhate hidheessuun ni uumama.

Fkn.
• Dhamsagni /q/ ‘n jecha “qaama” jedhuufi “qooqa” jedhu
keessa jiru yoo dubbifnu hidhii irratti jijjiiramni nijira.

• /q/ jecha “qooqa” jedhu keessa jiru yoo dubbifnu hidhiin


keenya amartii fakkaata.

Jijjiirama kana kan fide, /q/’tti aanee kan jiru /o/ waan ta’eefidha

 Jecha kana yoo dubbifnu hidhiin keenya akka yeroo /w/


dubbifnu sana amartii waan fakkaatuuf, jijjiirama hidhii kana
agarsiisuuf /q/ jecha “qooqa” jedhu keessa jiru kanarra
mallattoo “w” keenyee
 qwooqa jennee dubbisna
• Akkasumas, jecha “suuraa” jedhu keessatti /s/ jalqabarra jiru
kana yoo dubbisnu “swuuraa” jenna jecuudha.

Fakkeenya dabalataa

guutuu = gwuutwuu
loon = lwoon
guuboo = gwuubwoo
fuula = fwuula
dubbii = dwubbii
hojii = hwojii
qooda = qw ooda
human = hwumna
2. Laagessuu (Palatalization)
Sagaaleen dubbifamaan laagee hintaane tokko dubbachiiftotni
isa duubaa /i/ykn /e/ yoo ta’e amala laagessuu qabaata.

laagessuu gam-tokkee

beekta diimaa niitii dhiiga beera deeme


keessa heera bishaan deebii hibboo seenaa
laagessuu guutumaa guutuu
sagaaleewwan irgeen gara sagaalee laageetti yoo jijjiiramaniidha.

Kunis kan mul’atu, sagaaleewwan dubbifamtoonni /i/ yookiin /e/


dursanii yoo argamaniidha.

 dhamjechi {-siis, - e} jedhamu dhuma jechoota sagaaleewwan


irgeetiin xumuramanitti dabalamee galuuniidha .

Fkn.
bareede = bareed- + -siis-,-t-, -e = bareechise
lixe = lix- + -siis-, -t-, -e = liccisiise
filate= filat- + -siis-, -t-, -e = filachise
baate = baat- + -siis-,-t-, -e = baachise
Adeemsi kun kan mul’atu sagaalee irgeerratti.
3. Funyeessuu (Nasalisation)

sagaalee dubbachiistuun dubbifamaa funyee faana


qindaa’e tokko amala sagaalee funyee fudhachuu
jechuudha.

Fkn. {m, n, ny}

mana funyaan
kurna funyee
manneen naannoo
4. Saaguu (Insertion)
Afaan Oromoo keessatti jalqabaafi dhuma irratti dubbifamtoonni
lama walitti aananii hingalani.

Yoo walitti fufiinsi akkanaa mul’atu sagaaleen dubbachiiftuu /i/ n


dubbifamtoota lammaffaafi sadaffaa gidduu seenti .
Fkn.
elm – ta - elmta = elmita
gudd - sa – guddsa = guddisa
jibb - + t – e- jibbte = jibbite
kenn - + t – e-kennte = kennite
barress - + t – e- barreesste = barreessite
jalqabaafi dhuma jechootaa irratti dubbiffamtoonni
walitti aananii waan hingalleef ammas /i/ ‘n ni saagamti

Fkn. Jechoota Afaan Ingilizii irraa ergisaan Afaan


Oromoo keessa galan

Jechoota A/ Ingilizii Jechoota A/ Oromoo


sport ispoortii
project piroojektii
statistics istaatistiksii
standard istaandardii
5. Haquu (Delition)

Dubbachiistuu ykn dubbifamaatu haqamee seerri casaa afaan


kannn sirraa’a

A. Dubbachiiftuu haquu

dubbachiiftuun gosa addaddaa lama jecha tokko keessatti walbira


hiruu waan hindandeenyeef akkasitti yoo argaman gosti tokko
nihaqama.
Fkn. Kan hintaane kan jedhaman
saree – oota = sareeoota = saroota
nama – oota = namaoota = namoota
farda- een = fardaeen = fardeen
kana- irra= kanairra = kanarra
sababa-isaa = sababaisa a = sababasaa
B. Dubbifamaa Haquu
Afaan Oromoo dhamjechoota hima keessatti matima agarsiisan
keessa {-ni} kan jedhu isa tokko.
Fkn. muka- mukni –Muki jige.
ama- namni - Namni dhufe.
 dhamjechi {-ni} jedhu kun matimaatti maxxana.
 Dhamjechi kun yeroo maqaatti maxxanee galu adeemsa asiin
gadii keessa darba.
Fkn.
muka +ni = muk-ni = muki
durba + ni = durb – ni = durbi
Fakkeenya armaan olii yoo ilaalle jechi “durba” jedhu irrabutaa
of keessaa qaba.

Akkuma /a/ ‘n dhuma jecha “kitaaba” jedhu keessaa haqame,


dhamjechi {-ni} itti maxxanee matima taasise; /a/’n itti maxxanee
“durbni” taasisuun matima agarsiisa ture.

Haata’u malee, Afaan Oromoo keessatti dubbifamtoonni lamaa


ol walitti aananiidhufuu waan hindandeenyeef {-ni} haqamuun
dhamjecha {-i} bakka bu’ee jechi “durbi” jedhu matima ta’e .
Fkn.
harka – ni = harki Arba – ni = Arbi
sirba – ni = sirbi ilma - ni = ilmi
jecha – ni = jechi kolfa – ni = kolfi
6. Waljafuu ( Methathesis )
Waljafuu /waljala fuudhuun jecha tokko keessatti sagaaleewwan
argaman lama hiika osoo hinjijjiiriin bakka isaanii adeemsa itti
jijjiiraniidha.

Kunis jechi kun haala itti dubbifamurratti filannoo lama qaba


jechuudha.
Adeemsi qindaa’ina sagaalee akka kanaa kan uumamu looga
keessatti ta’uu isaa hubachuu nidandeenya.

kan jijjiiramu sagaaleedha malee birsaga ta’uu hindanda’u.


Fkn.
darbe → dabre qamalee →qalamee
tikse → tiske jaldeessa → daljeessa
kolfe → kofle hallayyaa →hayyallaa
durba → dubra darabee →dabare
7. Irradeddeebii (Reduplication)

Adeemsa ittiin qaama jechaa gartokko irra deddeebi’uun


mul’atudha.
Fkn. Jechi “rukute” jedhu “rurrukute” tti yeroo jijjiramu
rukuttaan irra deddeebiidhaan raawwatamuusaa agarsiisa.
Cabse caccabse
diimaa diddiimaa
dammaqsuu dadammaqsuu
jabaa jajjabaa
dheeraa dhedheeraa
Irra deeddeebiin guutummaan guutuus ni mul’atu.
Fkn
ol ol ol
tokko tokko tokko
lama lama lama
8. Jabina Kiisii ( Compansatory Germination )

Ijaarsa jechootaa keessatti, baka dubbachiiftuun haqame,


dubbifamaan ollaa dubbachiiftuu haqamee jiru jabaachuu
danda’a. kun immoo, jabina kiisii jedhama.
Fkn.
mala –een = malleen
jara –een = jarreen
mana –een = manneen
9. Dheerina Kiisii (Compansatory Lengthening)
Dubbifamaan tokko yeroo haqamu dubbachiiftuun ollaa jiru dheerachuu
danda’a. Kunis yeroo jechi garee xumuraa ta’ee, maxxanfattoota
koorniyaafi ramaddii agarsiisuuf maxxantoota fudhatan kan
adeemsifamuudha.
Fkn. du’ – t – e = duute
du’- t- an = duutan
fe’ – n - e = feene ykn feete
Bu’ – n – e = buune
BIRSAGA(SYLLABLE)

Birsagni Maali?
What is Syllable?
Birsagoota Afaan Oromoo

• Birsagni sagaalee ykn. walitti qaba sagaaleewwan afuura

tokkoon dubbatamanii ykn. sagaaleewwan altokko gurra

dhaggeeffataa keessa seenaniidha.

• Bisagni sagaalee dubbachiiftuu kophaatti dubbifamuu


danda’uudha;

• Sagaalee dubbifamaan dubbachiiftuu waliin walitti qindaa’ee


dubbifamuu danda’a.
Jechoota birsagaan qoqqooduu

Birsaga tokko Birsaga lama Birsaga sadii Birsaga afur


Sun la-ma bar-sii-saa sad-deet-ta-ma
Dur bu-na ba-ra-taa ob-bo-lees-sa
Kan re-‘ee ki-taa-ba
Gad jaarsa kaleessa
Caasaa Birsagaa

• Seerri dhamsagoonni afaan tokko keessatti ittiin qindaa’anii


jecha uuman caasaa birsagaa jedhama.

• Afaan Oromoos seera birsaga mataa isaa qaba.

jecha Afaan Ingiliziin “sponge”Jedhamu nama Afaan Oromoo dubbatu


tokkoon yoo dubbatamu “ispoonjii” jechuun sagaaleessa.

Sababiin isaas, Afaan Oromoo keessatti jechoonni dubbifamoota lamaan


xumuramuufi jalqaba irratti dubbifamtoonni lama walitti aananii dhufuu waan
hindandeenyeef.

Kunis afaan seera caasaa birsaga ofiitiin kan hoogganamu ta’uu agarsiisa.
Seerota caasaa birsaga Afaan Oromoo

1. jechi dubbifamtoota lamaan jalqabuufi


dubbifamtoota lamaan xumuramu hinjiru.
 birsagni dubbifamaa tokkoo ol walitti aansee
qabu hinjiru jechuudha.

2. Jechoota A.Oromoo keessa dubbachiistonni


gosa addaddaa lama walitti ananii hingalan.
caasaawwan (sanyiiwwan) birsaga A.Oromoo

 caasaaleen birsaga Afaan Oromoo gosa


saddeeti:
Jechoota Birsaga Baay’ina Caasaawwan
Birsagaa Birsagaa
Mana Ma-na 2 cv-cv dmds-dmds
Baadiyyaa Baa-diiy-yaa 3 cvv-cvvc-cvv dmdsds-dmdsdsdm-dmdsds
dorgommii Dor-gom-mii 3 cvc-cvc-cvv dmdsdm-dmdsdm-dmdsds
as as 1 vc dsdm
ija i-ja 2 v-cv ds-dmds
eebba Eeb-ba 2 vvc-cv dsdsdm-dmds
banaa Ba-naa 2 cv-cvv dmds-dmdsds
Baay’ee Baay-’ee 2 cvvy-cvv Dmdsdsds-dmdsds
Qaamolee Birsagaa

Qaamoleen birsaga tokkoo bakka lamatti


qoodamu:
 Ka’umsaa (onset)fi
 giddu-gaaleessa (rhyme)

Giddu gaaleessi wantoota lama ofkeessaa qaba:


 utubaa (peak)fi
 cufaa (coda) dha.
A. Ka’umsa (Onset)
 dubbifamaa jalqaba birsagaa irratti argamudha.

Fkn. Jecha “mana” jedhu keessa birsagoota jiran yoo fudhanne


Birsaga ‘ma’fi ‘na’ qaba. Jalqabni isaanii dubbifamaa ‘m’fi‘n’ dha

B. Giddugaaleessa (Rhyme)
 qaama birsagaa utubaafi cufaa of keessaa qaba.

i. Utubaa: sagaalee dubbachiiftuu birsaga keessatti argamuudha.


Birsagni utubaa (dubbachiiftuu) dhabe hinjiru.
Qaamolee birsagaa keessaa utubaan hafuu hindanda’u

ii. Cufaa: sagaalee dubbifamaan dhuma birsagaa irratti galu dha.


Fkn jecha “kun” jedhu qaamolee birsagaa hunda of-keessaa qaba.
‘ n’ dubbifamaa dhuma birsaga kanaarra jirudha
Akaakuuwwan Birsagootaa
A.Cufaa irratti hundaa’uun
 birsagni cufaa hinqabne birsaga banamaa
(open syllable)

 kan cufaa qabu birsaga cufamaa (closed


syllable)
Fakkeenaya,
Nama = na- ma →birsagoota banamaa
Shan= shan →birsaga cufamaa
Bishaan =bi- shaan bi→birsga banamaa, shaan
→birsaga cufamaa
B. Utubaa irratti hundaa’un,
 birsagni utubaa gabaabaa qabu-
birsaga salphaa (light syllable)

 birsaga utubaa dheeraa qabu-


birsaga jabaa (heavy syllable)
Fkn.
Loon= loon →birsaga jabaa
Roobe= roo- be roo→birsaga jabaa, be→ birsaga
salphaa
Ija= i- ja → I→birsaga salphaa, ja→birsaga salphaa

You might also like