Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 105

LEENJII YAKKOOTA DIINAGDEE

IRRATTI QOPHAA’E
Wandiyyee Birhaanuu
(LL.B,LL.M in Tax Law)
Yakkoota Diinagdee/Economic crime
Yakkoonni dinagdee maqaalee kaneen
akka white collar crime, corporate
crime, occupational crime,
Financial crime jedhuun yogguu
waamaman argina.
Yakka dinagdeef hiikkoo waltawaa
tahe kennuun hin danda’amu.
Yakkoota Diinagdee
Yakkoonni dinagdee yakkoota/gochoota
seeraan alaa kanneen namootni
dhuunfaa/dhaabileewwan ykn gareewwan
gara garaa bu’aa ykn fayidaa dinagdee
argachuuf rawwatanidha.
Sababni guddaan(motive) yakkoonni
dinagdee itti rawwatamuuf bu’aa ykn
fayidaa dinagdeeti/economic gain/ dha.
Yakkoota Diinagdee
Yakkoonni dinagdee bay’eetu jiru:-
 Yakkoota sirna galii biyyaa irratti
rawwataman/tax crime/
 Yakkoota bulchiinsa gumurukii biyyatti
irratti raawwataman/customs crime/
 Yakkoota malamaltummaa/corruption
crime/
Yakkoota Diinagdee
 Yakkoota sirna bankii biyyattii irratti
raawataman/bank fraud/
 Qabeenya yakkaan argame seera qabeessa
fakkessanii dhiheessu
(money Laundering)
 Intellectual property crime/yakkoota
qabeenya kalaqa sammuutin walqabatan/
 Yakkoota malaqa biyyatti irratti rawataman
Yakkoota Diinagdee
Yakkoota qabeenya umaamaa/albuuda biyyatti
irratti raawataman
Yakkoota sirna daldala biyyatti irratti raawataman
Yakka malattoo daldalaatin walqabatu/Trade
mark related crime/
Trade competition and Consumer protection
crimes
Yakkoota Daldala jimaa ,bunaa fi omishaalee
qonnaatin walqabatan.
Yakkoota Diinagdee
Heyyama baankii biyyoolessa malee Malaqa
biyya alaa qabatanii argamuu/foreign currency
holding/
Daba diinagdee/economic sabotages/
Crime against currencies, government bond or
security documents(355-374)
Misooma bosanaa fi eegumsa
naannoo/environmental crime fi yakkoota biroo
kanneen sirna daldala,dinaagdee fi qabeenya
biyyatti irratti rawwatan
 (TRADE-ECONOMY-RESOURCE-PUBLIC FINANCE)
Yakkoota dinagdee
Sadarkaa federalaatti yakkoota dinagdeetin wal
qabatee sadarkaa ministeera haqaatti dayrektoreetii
waligalaa ykn directorate general tokkoo qabna.
Innis economic crime directortate General
jedhama.
Garee /devision sadi of jalaa qaba.
Tax department
Customs department
Consumer protections and other
economic crimes division.
Yakkoota dinagdee
Garee yakkoota taksii yakoota bulchiinsa
taksii federalaa kan labsii 983/2008
kewwata 116-132 jiraniin walqabatan irratti
hojeta.
 Garee falmii

 Garee qorannoo yakka qaba.


Yakkoota dinagdee
Yakkoota taksii federaalaa kan jedhaman yakkoota
akka:-
Yakkoota TIN wal qabatan
Yakkoota taksii dhoksuudhan wal
qabatan
Yakkoota nagahee kennuu dhiisuudhaan
wal qabatan
Seeran ala taaksii sassaabuu
Yakkoota dinagdee
Nagahee sobaa gurguruu, maxansiisu,
fayyadamuu
Sanada sobaa waajjira galiwwanitif
dhiheesu
Qabeenya taksii kanfalchiisuuf qabame
dhoksuu ykn gurguruu
Yakkoota taaksii gargaaruu
Yakkoota dinagdee
Gareen gumurukii yakkoota bu’uura labsii seera
gumurukii 859/2006 fi 1160/2012 irratti hundaa’ee hojeta.
• Garee falmii fi qorannaa qaba.

• Sadarkaa finfinneetti airport, fi polisii federalatti garee


qorannoo yakka waliin hojenna.
• Polisiin magaala finfinnees al al yakka kontirobandii
qabee qorachuu danda’a.
Yakkoota dinagdee
Yakkoota gumurukii kan jedhaman:-
Kontrobandii

Customs fraud/sirna gumurukaa/


Yakkoota fe’umsa meeshaa biyya

alaatii galuun wal qabatan


Yakkoota hojetoota gumurukaa
danquu ykn hojii isaani akka seeran
hin rawwanne ittisu
Yakkoota dinagdee
Meeshaa qaraxa malee gara biyya
keessaa galee sababa
galeef ala fayyadamuu fi gurguruu etc

Labsii 859/2006 Kewwata 166-172

irratti fi labsii serricha foyyessuuf


bahe labsii lakk-1160/2011 kewwata 45
irra eegalee hanga 46 irratti argama)
Yakkoota dinagdee
Garee yakka fayyadamtoota/consumer fi
yakkoota dinagdee addadati
 Trade competition and consumer
protection law 813/2013
 Mineral laws(678/2010 fi 1144/2019)
 Coffee marketing and quality control
proclamation no-(1051/2017)
Yakkoota dinagdee
 Trade mark law(501/2006)
 Intellectual property law(410/2004)
 Foreign currency holding /fxd/81/2022/
 National bank establishment proclamation
no-591/2008 and article 344 and 346 of
criminal code of Ethiopia.
 Crimes from article such as money faking,
usury
Trade competition & Consumer protection laws
Objectives
• Gabaan bilisaa bifa seera qabeessa
taheen akka deemuuf
(Enhancing free market economy)
• Protecting the business community
against/from anti-competitive and
unfair trade practices.
• Protecting consumers from misleading
market conducts
Trade competition & Consumer protection laws
Anti-competitive & unfair market
practices
Gochoota farra dorgommii kan jedhaman
gochoota daldaltoota gidduutti dorgommeen
daldalaa bilisaa akka hin jiraanne gochuudhan
gatiin gurgurtaa meeshaalee akka dabalu(price
increament) fi qulqullinni meeshaa fi
tajaajilaa/quality of of goods or service/ akka
hirdhatu godhanidha.
Trade competition & Consumer protection laws
Benefits of ant-competitive laws:-
Gabaa bilisaa keessatti dorgomiin daldaltoota
giddutti jiraachun waan hin oolle fi
barbaachisaadha.
daldaltoota sirna daldalaa qajeeltoo gabaa bilisaa
hin hordofnee fi dabaa gabaa uuman/trade
deciept/unfair trade practice/ adabuudhan ykn
gochaa isaanirra dhorkii kaahudhan gabaa eega.
Protect market, consumers & lawful traders
Trade competition & Consumer protection laws
Dorgomeen kun akka hin jiraanne gochuudhan
gochoonni daldaltoonni waligalanii murteessan
kanneen akka gatii gurgurtaa gabaadhan ala
tahe murteessuu/price fixing/ sirna gabaa
bilisaa kessatti dhorkaadha.
Gama biraatin ammoo gochonni akka
monopoly dorgommeen akka hin jiraanne waan
godhaniif sirna gabaa bilisaa kessatti
dhorkaadha.
Trade competition & Consumer protection laws
Gochi farra dorgomee/anti-competitive bahaviors/
Bakka lamatti qodnee ilaaluu dandeenya
1. Walii galtee daldaltoota wal dorgoman
gidduutti tahuun/agreements among
competitors/horizontal conduct/
2. Monopolization
1. Wal-galtee daldaltoota wal dorgoman giddutti
tahu/Horzontal conduct/
• Gochoota gatii meeshaalee dabaluu fi omisha
gabaarra hir’isuuf godhamanidha.
Trade competition & Consumer protection laws

Akka fakkenyaatti:-
• Price fixing,
• Market boycott,
• Hindering others from entering the market,
dividing market by allocating customers,
suppliers, territories or lines of commerce,
• bid riggings.
Trade competition & Consumer protection laws
• Waliigaltewwan sababa isaanii fi midhaa
gabaa/dorgommi bilisaa irratti qaqqabsiisan
irratti hundoofnee seera qabeessa ykn miti
jechuun murteessinu bay’etu jira.
• Akkataa labsii dorgommii daldalaa fi mirga
fayyadamtoota 813/2006 kewwata 7 irratti
caqafameera.
Trade competition & Consumer protection laws
• Kewwata 7/1/b….
• illegal per se/inherently illegal activities
such as:
• Fixing purchase or sales price
• Collusive tendering/bid rigging
• Dividing markets by allocating
customers, supplies, territories or
specific types of goods and services.
Trade competition & Consumer protection laws
Keewwata 7/1/a:-
o An agreement is vertical or horizontal which
lessen competition or set minimum resale
price is prohibited however, & can be
disproved by the traders in agreement
proving that any technological efficiency
and competitive gains resulting from the
agreement outweighs that effect/intent/
Trade competition & Consumer protection laws
Waligaltee fi murtoo marii/agreement and
concerted practice/
Labsii 813/2013 kewwata 7/3 a fi b irratti
hiikkoon itti kennameera.
Waliigaltee:-
 seera duratti fudhatama qabaatus dhabus
waligaltee barreefama, wal hubannaa ykn
waltahiinsa afaanin godhame tahuu
danda’a./hojmaatas ni dabalata/
Trade competition & Consumer protection laws
Murtoo marii/concerted practice:-
• A unified or cooperative conduct of business
persons depicted in a way that doesn’t look like an
agreement and done to substitute individual
activities.

Trade competition & Consumer protection laws
2. Monopolizations/abuse of dominance
• Daldalaan ykn dhaabbanni daldalaa tokko gabaa
kessatti qooda olaanaa qabaachuu danda’a.
• Daldalaan tokko naannoo gabaa tokkootti
dorgomtoota isaa dorghomii gabaa keessaa
baasufis tahee dorgommii hirdhisuuf humna
qaba taanan akka daldalaa gabaa
olaantummaadhan tohachuu danda’uutti ilaalu
dandeenya.
Trade competition & Consumer protection laws
• Gabaa kessa qooda olaanaa qabaachun
mataa isaatin balleessa ykn gocha seeraan
alaa miti.
• Abuse of dominance is wrong if and only
if it reduces competition.
Daldaalan tokko gabaa oolantummaadhaan
to’ateera jechuuf qabxiilee armaan gadii
yaada keessa galchuu feesisa:-
Trade competition & Consumer protection laws
Gahee gabaa/business persons share in the
market
Gahumsa daldalaan sun daldaltootni biroo
gara gabaa akka hin seene dhorkuuf
qabu/capacity to set barriers against entry of
others/
Haala tessuma gabaa fi meshaalee
 geographic area of such market and nature of goods and
services
Trade competition & Consumer protection laws
Fakeenyaaf:-
 gabaan meeshaa wal fakkaatu fi bakka wal
bu’uu danda’an bay’inaan itti daldalamuu fi
eddoo ykn bakki itti argama gabaas eddo
akkasii tahuu qaba.
Trade competition & Consumer protection laws
Those anti-competitive activities
might be result from abuse of
dominance:-
• Kassaruudhan dorgomaa gabaa keessaa
baasuu(Predatory):-
• Waligalteedhan dorgomtoota biroo gabaa
keessaa baasuu(Exclusionary), and
• Meeshaalee gurgurtaa baasii ittiin
omishamanii gadiin gurguruu(disciplinary)
Trade competition & Consumer protection laws
Akka walii galaatti gochoonni akka:-
Fayyadatoota waliin waliigaltee yeroo
dheera kan nama dhiheessu/suppliers akka
hin jijjiirre taasisu raawwachuu/Exclusive
dealing/
Dorgomtootarra dhiheessi kutuu
Gatii omishaaf bahee gaditti gurguruu
Trade competition & Consumer protection laws
Market restriction
Product restriction
Refusal to deal
Price maintenance
Tied selling/waa lama ebba/
Trade competition & Consumer protection laws
Akkaataa labsii 813/2013 keewwata 5 irratti
caqafametti
Gochoonni oolaantummaa gabaa seeran ala
fayyadamuu tahan:-
Oomisha ittisuu/limiting production

Oomisshni gabaadhaaf akka hin


dhihaanne dhoksuu/hoarding/
Trade competition & Consumer protection laws
• sarara daldala sirna daldalaa eegateen akka
hin gurguramne/daldalamne dhoorkuu/
• /preventing good not to be sold in regular
channel/
Gatii oomishaati gaditti gurguruu
Dorgomtoonni tajaajila gara gara akka hin
arganne ittisu
Trade competition & Consumer protection laws
Wantoota farra dorgommi tahan keessa inni
biraa merger ykn walitti makamuu dhaabbilee
daldala yoo tahuu dhabilleen dalddala
sababni isaan walitti makamaniif/merger/
dorgomii miidhuuf ykn balleessuuf taanan
walii galteen walitti makamuu mirkanaa’uu
akka hin qabne labsii 813/2013 kewwata 9
irratti caqafameera.
Trade competition & Consumer protection laws
Inni biraa dorgommi sirri hin taane/unfair
competition/
Daldalaan kamuu adeemsa daldalaa
keessatti gochoota waliin dhahuu,
dogongorsiisu fi daldalaa biraatin wal
qabatee gocha daldala nama biraa miidhu
raawwachuu/gochuudha
Trade competition & Consumer protection laws
Walumaa galatti gochootni daldaltoota
gidduutti dorgommi hirdhisan kanneen
akka:-
 Abuse of dominance/monopolizations

 Anti-competitive
agreements/concerted practices
 merger

 Unfair competition
Trade competition & Consumer protection laws
Consumer protections
• Mirga fayyadamtoota/protection of
consumers
 Mirga waa’ee meeshaa bituu
baruu/Right to be informed
 Mirga meeshaa fayyaa namaa hin
miine bitachuu/Right to safety:
goods hazardous to life
Trade competition & Consumer protection laws
Mirga meeshaa ykn tajaajila
barbaade filachuu/Right to
choose/
Mirga dhagahamuu/Right to be

heard
Mirga beenya gaafachuu/Right to

be redressed
Trade competition & Consumer protection laws
Kana malees:-
Daldalaan kamuu gatii meeshaa fi tajajila
gabaaf dhiheessu ifatti
ibsuu/maxansuu/beeksisuu qaba(display
price?
Daldalaan kamuu ibsa meeshaa/labels of
goods waraqaa addaratti ibsuu qaba.
Daldalaan kamuu:-
Enyummaa ofii ibsuu,nagahee kennuu qaba.
Trade competition & Consumer protection laws
Ibsi meeshaa kunis maqaa meeshaa,hanga fi
bayyina,biyya oomishaa, qulqullina meeshaa,
meeshichi maalirra akka oomishame, akkaata
fayyadama meeshichaa, eddoo warshaan
oomishaa itti argamu, ibsa gahaa meeshichi
haal duree waajira sadarkaa etoophiyatin
kenname guutu isaa ibsu, wastinaa/waranty
meeshichaaf kennamu akkasumas bara
oomishaa fi bara tajaajilli isaa rawwatu.
Trade competition & Consumer protection laws
Beeksisa meeshaa(art-19)
(commercial advertisement)
Mustn't be false and misleading with regard to
Component of goods
Source,weight,quality,manufacturer,date of

manufacturing, expiry date,warranty,price


etc
Results after using goods/trade

mark/emblem etc
Trade competition & Consumer protection laws
Defects in goods and sevices
Namni kamuu meeshaan inni bite
mudaa qabaanan qama dhimmi
ilaalatu/wajjira daldalaa ykn
fayyadamtootatti beeksisu qaba./
Trade competition & Consumer protection laws
Akkaata labsi eegumsa mirga daldaltoota fi
fayyadamtoota 813/2013 tti labsicharra
darbuun akkaata kewwata 43/6 tin kan nama
gaafachisu tahus gochawwan kewwata 22,23,
fi 24 irratti caqafaman irra darbuudhaan
gochawwan kewwatoota kana jalatti
caqafaman namni rawwate hidha
cimaadhan/regarious impresonment/dhan
adabama.
Trade competition & Consumer protection laws
Dorkiwwan yakkan nama gaafachiisan
1. bu’uura kewwata 22 tin:
 Waa’ee meeshaalee daldalaa ibsa/beeksisa
sobaa ykn dogongoraa kennuu fknf:- waa’ee
qulqulina, hangaa/ulfaatinaa,bay’inaa….etc
 Meeshan daladalaa haaraa,moofaa,kan irra

deebi’ame hojetame ykn kan tajaajila


kenne/second hand etc tahuu seeraan ibsuu
dhiisuu
Trade competition & Consumer protection laws
 Waa’ee meeshaa nama bira ibsa sobaa
kennuu/maqa balleessi meeshaalee
omishaa fi daldalaa
 Meeshaalee daldalaa akkaata beeksisanitti

gurguruu dhiisuu
 Waa’ee gatii meeshaa beeksisa sobaa

kennuu
 Daldala prymid hojiirra oolchuun
dhorkaadha/22/6
Trade competition & Consumer protection laws
Malattoo sadarkaa ethiophiyaa

malee gabaaf dhiheessuu


Biyya omishaa sobaa meesharratti

maxxansuu
Gurguruu diduu
Trade competition & Consumer protection laws
 Warranty kennan kabajuu dhiisuu
 Meeshaa wantoota alagaa/udultered

goods walitti makame, yeroon irra


darbe,fayyaa namaaf miidha qabu
oomishuu fi gabaaf dhiheessu
 Fayyadamtoota wal dabarsuu

 Meeshaalee safaraa sirri hin taane ykn

hin heyyamamne fayyadamuuu


Trade competition & Consumer protection laws
Dhorkii bu’uura kewwata 24 tin caqafame:-
Meeshaalee daldalaa kuusuu fi dhoksuu/hoarding and
diverting/
Meeshaan tokkoo gabaarratti hirdhina qaba
jechuudhaaf minsteera daldalaa fi walta’iinsa
dinagdeetin public notice ykn beksiisni ummata bahuu
qaba/24/1/
Meeshaaleen beeksisi uummata itti bahuu danda’u
meeshaalee bu’uuraa fi gabaa irratti hirdhina
qabanidha.
Trade competition & Consumer protection laws
Kanaaf meeshaalee kanneen fayyadamtootni hamma
maati isaanii gahuu ol qabatanii ykn kuusanii
argamuun dhorkaadha.
Fayyadamaan kamuu hamma meeshaa daldalaa maati
isaa gahuun ol tahe Daandii/sarara daldalaa
heyyamameen alatti yogguu meeshaa bu’uura gabaa
irratti hirdhina qabu osoo sochoosu qabame yakkaan
gaafatama/24/4
Trade competition & Consumer protection laws
Daldaltootaaf ammoo akkaataa hojmaata daldalaatin
hamma kuusee argamuu qabuu/hin qabnee ol kuusee yoo
argame/ከመደበኛ የግብይት አሰራር ውጭ/24/3
ከመደበኛ የግይት አሰራር ውጭ ማለት፡-
 Meeshaan kuufamee argame kapitala daldalaatin wal

bira qabamee yoo ilaalamu parsantii 25 % ol yoo tahe


fi ji’ootaaf yoo gurgurtaaf dhihasachuu baate.
 Importer-more than 3 months
 Local manufacturer-2 months
 Wholeseller/retailer -1 month
Trade competition & Consumer protection laws
Haata’u malee haldureen armaan olii osoo
hin guutamin meeshaalee sarara
daladala/channels of commerce/authorized
distribution routes/ taheen qofa socho’uu
qaban sarara daldalaa kanneenin ala
gurguruun/ማጓጓዝ ከተፈቀደው የስርጭት መስመር
ውጭ ሲጓጓዝ የተገኘ የንግድ እቃ እንደ ተከማቸ ወይም
እንደ ተደበቀ ይቆጠራል፡፡
Trade competition & Consumer protection laws
Kewwanni 24 qote bulaa omisha qonnaa kuufatu
irratti rawatiinsa hin qabu—24/6
Criminal penaties
Daldalaa ykn fayyadamtoota labsii 813/2013
irra darbuun yakka hojetan bu’uura
keewwata 43 tin himanaan irratti banama.
Yakkoonni magaala finfinnee fi diredawaa
mana murtii federaala sadarkaa duratti kan
banaman yoo tahuu nannooleenis manneen
murtii anatti himata banu. Kana labsii
813/2013 kewwata 36,37 fi jursprudence of
consumer protection laws.
Labsii sirna to’annoo gabaa fi qulqulina oomishaalee
qonnaa MNO 234/2013
Kayyoon isaa sirna gabaa oomishaalee
qonnaa ammaya’aa, si’ataa fi haqa qabeessa
uumuudha.
Oomishnni qonnaa qulqulina
barbaadameen oomishamee gabaadhaaf
akka dhihaatu taasisuudha.
Labsii sirna to’annoo gabaa fi qulqulina oomishaalee
qonnaa MNO 234/2013
Fayyadamumaa oomishtootaa fi
fayyadamtotaa dabaluu fi
daldaltoota giddutti dorgomiin gabaa
haqa qabeessa ta’e akka uumamu
taasisuudhan:-
haawasnis tahee motummaan naanicha
fayidaa oomishaalee qonnaa irraa argachuu
qabu akka argatuufi.
Labsii sirna to’annoo gabaa fi qulqulina oomishaalee
qonnaa MNO 234/2013
Bu’uura kewwata 4 irratti caqafameen
labsichi qaamolee sirna gabaa oomishaalee
qonnaa naannoo oromiyaa keessatti
kalatinis tahe al kallattin hirmaatan fi
rawwachiisan irratti rawwatinsa qaba.
Eddoolee gabaa naannichaan alatti bajata
motummaa naanichatin ijaaraman irratti
rawatiinsa ni qabaata.
Iddoo Bittaa fi Gurgurtaa Oomishalee Qonnaa
Bittaa fi gurgurtaan oomishaalee qonnaa giddu
gala gabaa seeran daangefamee fi
heyyamamee keessatti qofa kan rawwatamu ta’a.
Giddu gala gabaa omishaalee qonnaa sadarkaa
jalqabaa
 Oomishitoota gidduutti

 Oomishtootaf bittoota kan ta’an waldaa hojii

gamtaa, yuniyeenii, qindeesitoota, daldaltoota


Qinxaaboo fi fayyadamtoota gidduutti
Iddoo Bittaa fi Gurgurtaa Oomishalee Qonnaa
Bittaa fi gurgurtaan bu’uura sirna gabaa bilisaatin sadarkaa
qulqulinaa fi gosa ykn akaakuu omishaatin rawwatama
Meeshaalee safartuu fi madaalli ammaya’aatin rawwatama.
Omishtoota fi fayyadamtootaan alatti gabaa omishaalee
qonnaa sadarkaa duraa kessatti hirmaachuf waraqa ragaa
gahumsa fi heyyama hojii daldalaa qabaachuu feesisa.
Gabaa sadarkaa durattii gara gabaa sadarkaa lamata
geejibuuf heyyama daldalaa,waraqaa ragaa gahumsaa,
nagahee bittaa fi gurgurtaa, waraqaa ragaa darbiinsaa.
Gidu gala gabaa oomishaalee qonna/7/
Gidu gala gabaa oomishaalee qonna sadarkaa
lammaffaa/keww-7/
 Oomishtoota
 Fayyadamtoota

 Daldaltoota jimlaa fi qinxaaboo

 Al-ergitoota

 Yuniyeenii fi federeeshinii

 Waldaa hojii gamtaa

 Qindeesitoota gidduutti

Giddu gala gabaa sadarkaa 2ffaatti dhiyaatu kamiyyuu


qulqullinni isaa kan eegamee fi sonni kan itti dabalame ta’uu
qaba.
Gidu gala gabaa oomishaalee qonna/7/
Giddu gala gabaa sadarkaa lammaffa kessatti
gatiin gurgurtaa kan murtaa’uu qulqullina
oomishaa, akaakuu/gosa oomishaatin ta’ee
sirna gabaa bilisaatini
Oomishtoota fi fayyadamtootan ala Waraqaa
ragaa gahumsaa fi heyyama daldalaa feesisa.
Waldaan hojii gamtaa kamuu waraqaa ragaa
mirkaneessa gahumsaa feesisa.
Qulqulina oomishaalee qonnaa/8/

Qulqulina oomishaalee qonnaa/8/


Sirna to’annoo gabaa oomishaalee
qonnaa/9:-/seektaroota qonnaa/
Dirqama to’aataa/10/-
Waraqaa eenyummessa
Amanamumma
Itti gaafatamumma
Omishaalee qonnaa geejibsisuu/11/
Konkolaata qulqulluu
Oomisha qonnaa osoo walitti hin makamin gosa
gosaan geejibamu qaba
Qaamni oomishaalee qonnaa geejibsiisu kamuu
heeyama daldalaa,waraqaa ragaa gahumsaa,
sanada bittaa fi gurgurtaa ykn nagahee kanfaltii
tajaajila adda addaa….
Qonnaan bulaan ykn horsiisee bulaan xalayaa
deegarsaa waajira qonnaa fi qabeeenya
uumamaatin geejibsiisu ni danda’a./11/4/
Hirmaatota gabaa Omishaalee qonnaa/12
 Oomishtoota
Dhiheesitoota
Fayyadamtoota
Daldaltoota jimlaa
Daldaltoota qinxaaboo
Qindeesitoota
Yuniyeeni fi federeeshinii
Waldaa hojii gamtaa
Al-ergitoota
Mirga odeeffannoo argachuu/13/

Hirmattonni gabaa daldala oomishaalee qonnaa


mirga odeeffannoo gabaa waqtaawaa argachuu
qabu.
Mirga Omishtootaa/14/

 Oomisha isaa giddu gala gabaa sadarkaa jalqabaa


ykn lammafaatti dhiheessee gurguruu
 Ykn kalattiin gabaa biyya alaatti erguu
 Oomisha isaa dhunfaan ykn waldaan gurmaa’ee
gabaaf dhiheessuu ni danda’a
 Omishaalee haala addaan heyyamaman kanneen
akka aanani,kuduraa fi muduraa, jimaa oyruu
isaa irratti ykn cinaatti fayyadamtootaaf ykn
qaamolee hayyamameefitti gurgurachuu
nidanda’a.
Dirqama omishitootaa/15/

 Oomisha qonnaa bara omishichaatti yeroon gabaaf


dhiheessuu
 Meeshaalee oomisha qonnaa gabaaf ittiin
dhiheessuu qulqullu tahuu kan qabuu fi keemikaalli
inni itti fayyadamu kan qaama dhimmi ilaalatuun
heyyamame tahuu qaba.
 Qabiyyee oomishni uumamaan qabuun alatti
wantoota alagaa tahan itti makuu dhiisuu
 Oomisha isaa karaa irratti,oyruu irratti fi daldaltoota
mana manarra deemanii bitanitti gurguruu
dhiisuu/exception is discussed above/
Dirqama Al-ergitootaa/18

Waraqaa ragaa hayyama daldalaa fi waraqaa
ragaa mirkaneessa gahumsa ragga’e gosa oomisha
qonna daldalutin qabaachuu/
Safartuu fi madaalli haqa qabeessa fayyadamuu/
Kanfaltii harkaa harkaa ykn sanada qaama
dhimmi ilaalatuun mirkana’en bituu fi gurguruu
Oomisha ooyruu irraa bite yeroo barbadametti
kaasuu
Dirqama Al-ergitootaa/18
Biqiltuu hadhoodhaaf of eegachuu/yeroo
oyruu irra oomisha bite kaasu/
Oomisha qonnaa yeroo bituuf gurguru
sadarka qulqulina biyya itti erguu eeguu
Mana kuusaa sadarkaa isaa eegate
qabaachuu
Mana kuusaa hin heyyamamnetti oomisha
kuusuu hin qabu
Dirqama Al-ergitootaa/18
Manni kuusaa yegguu sakkata’amu ragaa
gahaa kennuu
Dhaabata ykn eddoo hojii isaatti yeroo
hunda sanada bittaa fi gurgurtaa ykn
waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsa fi
hayyama hojii daldalaa qabaachuu fi qaamni
to’atu yogguu gaafatu argisiisuu qaba.
Dirqama Al-ergitootaa/18
Oomishalee qonnaa yeroo geejibu sanada
darbiinsaa,waraqaa ragaa gahumsaa,
heyyama daldalaa fi sanada bittaa fi
gurgurtaa, nagahee kanfaltii tajaajila adda
addaa qabachuu qaba
etc
Dirqama daldalaa/19/
Waraqaa ragaa hayyama daldalaa fi waraqaa
ragaa mirkaneessa gahumsa daldalaa gosa
daldalatin qabaachuu/
Mana kuusaa sadarkas isaa eegate qabaachuu
Mana kuusaa hin heyyamamne tti oomisha
kuusuu dhiisuu
Safartuu fi madaalli haqa qabeessa
fayyadamuu/
Dirqama daldalaa/19/
Sanada bittaa fi gurgurtaa qaama aangoo
qabuun maxxansiisuu
Nagahee kennuu
Gattii meeshaa eddoo ifa tahetti maxxansuu
Oomisha qonnaa yogguu bitu kanfaltii
harkaa harkatti ykn sanada waligateetin bituu
Oomisha ooyruu irraa bite yeroo
barbadametti kaasuu
Dirqama daldalaa/19/
Oomisha qonnaa yeroo bituuf gurguru sadarka
qulqulina isaa eeguu
Manni kuusaa yegguu sakkata’amu ragaa
gahaa kennuu
Dhaabata ykn eddoo hojii isaatti yeroo hunda
sanada bittaa fi gurgurtaa ykn waraqaa ragaa
mirkaneessa gahumsa fi hayyama hojii
daldalaa qabaachuu fi qaamni to’atu yogguu
gaafatu argisiisuu qaba……
Gochoota yakkaan nama adabsiisan/26/
26/1:-
Seera biraatin caalmatti kan adabsiisu yoo tahe malee:-
 Labsii kanaan yoo heyyamame malee oomisha
qonnaa oyruurratti ykn eddoo gabaa seeraan
dangeffameen alatti bitee ykn gurguree yoo
argame yakkaan adabama/
 Simple impresonment not exceeding 6 months

or fine not exceeding 10,000.


Annan, fuduraa fi muduraa, jimaa ooyruu

irraa bituun ni heyyamama


Gochoota yakkan nama adabsiisan/26/
26/2:-
Namni kamuu madaalli ykn safartuu
ammaya’aa malee oomisha qonnaa yoo bite
ykn gurgure, safartuu isaa yoo hirdhise yoo
bite ykn yoo gurgure, madaallii waliin
dhahee yoo bite ykn yoo gurgure hidhaa
cimaa wagaa 5 hin caale fi adabii malaqaa
hanga qarshii 100,00o0 adabama.
Gochoota yakkan nama adabsiisan/26/
26/3:-
Waraqaa ragaa mirkaneesssa gahumsaa, sanada
bittaa fi gurgurtaa, nagahee kafaltii tajaajila adda
addaa fi waraqaa darbiinsaa fi heyyama hojii
daldalaa ragga’e osoo hin qabaatin oomisha
qonnaa eddoo tokkoo gara eddoo biraa oofuu fi
sanada tokkoon altokkoo ol geejjibuu
Adabbi:-hidhaa cimaa waggaa sadi hin gutne fi
adabbi malaqaa
Gochoota yakkan nama adabsiisan/26/
Oomishaaleen qonnaa kan fe’aman
beekamtii abbaa qabeenya konkolaatatin
taanan konkolaatan oomishaalee kana fe’e
ni dhaalama.(26/4)
Konkolaachisaanis yakkaan ni adabama.
Gochoota yakkan nama adabsiisan/26/
26/6: namni oomisha bunaa qabatu
kamuu keeshaa qaacaa irraa hojetame
qaama dhimmi ilaalatun osoo hin
mirkanaa’in ykn al 4 oliif ykn waggaa
lama oliif itti fayyadama taanan hidhaa
cimaa waggaa 3 hin guutnee fi waggaa 5
hin caalle fi adabbii malaqaa qarshii
kuma 60,000 hin caalleen adabama.
Gochoota yakkan nama adabsiisan/26/
26/7:-
Oomisha qonnaatti wantoota alagaa tahanii
fi miidha hin gessifne makuu
Oomisha qonnatti wantoota alagaa tahanii
fi miidhaa geessisan ykn summeessan
makuu
Gochoota yakkan nama adabsiisan/26/
26/10: oomishaalee qonnaa sadarkaadhaa
gadi tahe ykn yeroon irra darbe
26/11/:Oomisha qonnaa eddoo hin
heyyamamnetti kuusu fi qopheessuu fi
qindeessuu
26/13: oomishaalee qonnaa eddoo hin
heyyamamnetti kuusuu, Omishaalee qonnaa
eddoo geeessuuh heyyamameen alatti
geeessuu ykn geejibuu
Gochoota yakkan nama adabsiisan/26/
26/14: lammi biyya alaa hayyama investimentii
oomisha qonnaa hin qabneef gabaa daldalaa
oomisha qonnaa irratti akka hirmaatuf haala
mijeessuu ykn heyyama dal dala isa dabarsee kennuu
26/15: galtewwan oomisha qonnaa yeroon irra darbee
fi fayaa namaa miidhu fayyadamuu
26/17:Tajaajila geejiba oomisha qonnaa irratti taarifa
ol kanfalkhiisu
Hanga bu’aa walii galaa heyyamameen olitti
dabalanii gurguruu?
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
 Qooda fudhatoota daldala bunaa kan ta’an
warreen akka qote bultoota dabalatee
oomishtotta bunaa,daldaltoo bunaa,al-
ergitoota,gabaa oomisha
midhaanii/ethiopian commodity exchange/
fi qindeedistoota giddutti gidduutti daldalli
bunaa akkamitti akka raawwatu seera
tumudha.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
Adeemsa geejiba bunaa, Qulqulina ykn
sadarkaa bunaa
Gahee qaamolee angoon kennameef
kanneen akka abbaa taayitaa bunaa fi shayii
Daldala bunaatin wal-qabatee hal-
dureewwan daldalaa fi dhorkiwwan jiran
bifa ifa taheen seera tumedha.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
Dhimmonni yakkaas tahe hariiroo
hawaasaa bunaan wal-qabatan ilaaluf
qaamni aangoo qabu mana murtii
federaalaa sadarkaa duraati.
labsii 1051/2017 kewwata 21.
Abbaan alangaa federaala ykn abbaan
alangaa naannoo bu’uura bakka bu’umaa tin
dhimmaa bunaa kan himatu mannen murtii
olaanaa MNO tti.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
Dhimmoonni bunaan wal-qabatee yakkaan nama
gaafachiisan labsii 1051/2017 kewwata 19 jalatti kan
tumamaniiru:
1. Namni buna qopheessu kamuu haal-duree abba
tayita bunaa fi shaayii ykn qaamole aangoo qaban
kan nannoleerratti argamaniin heyyamameen alatti
buna yeroo qopheessu qulqulina bunaa fi hawaasa
naannoo irratti miidhaa yoo uume industrii buna
qopheessuu fi bunichi gabaaf akka hin dhihaanne
dhorkuun akkuma eegametti tahee hidhaa waggaa 1-
3 fi malaqaan adabama.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/2:
namni daldala bunaa irratti hirmaatu
kamuu wiirtuu gabaa gurgurtaa midhaan
itophiyaatin alaa fi eddoolee mootumman
murteesse birootin ala yoo buna bitanii fi
gurguran argaman bunni dhaalamuun
akkumaa jirutti tahee hidhaa waggaa 1
hanga 3 fi malaqaan adabama.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/3:- namni daldala bunaa irratti boba’e
kamuu buna eddoo fi yeroo hin heyyamaneen
alatti kuusnaan yakkan adabama/ bunni
dhaalamuun akkuma jirutti tahee…waggaa 1-3
fi malaqa tti adabama.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/4:namni daldala bunaa irratti boba’e kamuu
buna al-ergii dheedhii ykn erga akkawamee ykn
erga akawamee daakamee booda biyya keessatti
yoo gurgure…..hidhaa cimaa waggaa 3-5 fi
malaqaan tin adabama
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/5:namni daldala bunaa irratti bobba’e
kamuu kalatti ykn karaa al-kalattiin qulqulina
bunaatin wal-qabatee itti yaadee ykn
dagattummaadhan bu’aa hin malleef
argachuuf ykn namni biraa akka argatu
gochuuf qulqulinaa fi gabaa bunatin wal-
qabatee dubbii sobaa ykn dogogorsiisu yoo
facaase hidhaa cimaa waggaa 3-5 fi malaqaan
adabama.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/6:namni kamuu eddoo hin heyyamamnetti
buna yoo kuuse
19:7: namni kamuu abbaa tayitaa bunaa fi
shayii ykn qaamolee naannootin eddoo
heyyamameetin alatti fi karaa/sarara daldalaa
heyyamameen alatti buna osoo geejjibuu yoo
argame bunaa fi konkolaatan buna fe’es
dhaalamuun akkuma jirutti tahee hidhaa
cimaa wagaa 3-5 fi malaqaan adabama
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/8: konkolaachisaan kamuu buna eddoo tokko gara
eddoo biraatti geesuf erga fe’ee booda piloompiin citee,
sharaan tarsa’ee qulqullinni fi bifti bunichaa yoo
geeddarame fi bunichatti yoo bunni biraa dabalameef
hirdhate hidhaa cimaa waggaa 3-5 fi malaqaan adabama.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/9:-konkolaachisaan kamuu buna akka fe’u
heyyamameen ala buna ykn midhaan biraa irratti yoo
fe’e……inni dabalataan fe’ame dhaalamuun akkuma
jirutti tahe hidhaa ji’a 6 hanga wagga 3 fi malaqaan
adabama.
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/10: namni kamuu buna seeraan alaa yoo
gurgure,yoo bite,yoo kuuse ykn yoo akaawuu
fi daakudhaan geejibanii yoo akka dhokatu
ykn miliqu fi badu godhame hidhaa waggaa 1-
3 fi malaqaan adabama.
19/11: heyyama qaama angoo qabuun ala buna
asheeta diimaa buna goge fi hin qasharamne
yoo bitee fi tajaajila qulqulleessu/afarsuu
kenne
SEERA DALDALAA FI TO’ANNAA
QULQULINA BUNAA/1051/2017
19/12:-sababa gahaa malee bakka bu’ummaan hojechuu
19/13: daldala al-ergii bunaa heyyama ykn mirkaneesa
qaama aangoo qabuu malee bakka bu’ummaan kan
hojete
19/14:-eddoo ka’umsa bunni fe’amu buna seera qabeessa
fe’ee erga bahee booda miliquu
Seerota Albuudaa/Mineral laws
Seerota albuuda sadarkaa federalatti hojiira jira:-
1. 678/2010: mining operation proclamation
2.816/2013….foyya’insa
3. 1213/2012…..foyya’iinsa
4. dambii 423/2018
5. labsii 1144/2019: labsii daldala albuudaa
Sadarkaa naannotti seera a bulchiinsa hojiwwan
misooma Albuuda oromiyaa 223/2020.
Seerota Albuudaa/Mineral laws
Namni kamuu seera albuuda 678/210
irra darbee argamnaan bu’uura kewwata
78 tin yakkaan gaafatama.
Namni seera daldala albuudaa cabse
bu’uura labsii 1144/2019 kewwata 37
yakkaan gaafatama.
Seerota Albuudaa/Mineral laws
Bu’uura labsii 678/2010 kewwata 78 tin
Gochoonni yakkaan nama gaafachiisan :-
1. Heyyama albuuda misoomsu/barbaadu /mining
license/malee hojechuu
2. Albuuda bifa uumaman qabatanii argamu,geejibsiisu
fi gurguruu
3. Kanfaltii royaltii osoon kanfalin albuuda sochoosu
4. Lammileen biyya alaa eddoo hojechuu hkin
dandeenyetti hojisiisu
5. Walii-galtee seeran alaan hin galmoofnen namoota
biro hojisiisuu fi k.k.fakaatan
Seerota Albuudaa/Mineral laws
 Bu’uura labsii 1144/2019 kewwata 37 tin
 Heyyama daldala fi waraqaa ragaa daldalaa malee albuuda
daldaluu
 Gosa daldala albuuda heyyama daldalaa irratti hin caqafamne

hojechuu
 Dhiheesitonni warqii Bakii biyyoolessatin alatti qaama biratti

gurguruu
 Ogessota faaya walrqee heyama qabaniin ala omishaaniin ala

fayawwan oomishaman gurguruu


 Bankii biyoolessatin ala wargee bitu/bifa uumamaan dabarsuu

 Hamma qajelfamaan caqafame ol kuusanii argamuu

 Dhorkiwwan biroorra darbuu


Seerota Albuudaa/Mineral laws
Labsii 223/2020: seerota armaan olitti
caqafamaniin garaa garummaa bu’uuraa hin
qabu.
Tumaalee yakka fi akkata misooma albuuda
irratti hirmaachuun dabda’amu ifatti
caqasameera.
Labsii nageenya nyaataa fi qorichaa 1112/2019
Waa’ee nageenya nyaataa, qoricha,
comotics fi meeshalee fayyaa fi tamboo
kan irratti tumamedha.
Gochoonni yakkaan nama adabsiisan
kanneen akka sub-standardization
fa’an kewwata 67 jalatti caqafamaniiru.
Labsi galmeessaa fi heyyama daldala
(980/2008 fi 1150/2019)
Gochi yakkaan nama adabsiisu kewwata
49 irratti caqafameera.
Manna murtiitin wal qabatee himanni
kan dhihaatu mana murtii olaanaa
federaalatti
Seerota biroo/other laws
 yakkoota malaqa/notti malaqa biyyattii irratti
raawwatan/ labsii 591/2008 kewwata 26 fi seera
yakkaa 346, 356-362
 Yakka araaxaa…..seera yakkaa kewwata 712
 Malaqa biyya alaa qabatanii
argamuu…..fxd/81/2022
 Yakkoota kalaqa sammuutin wal-qabatan…410/2010
 Yakkoota malatoolee daldalatin wal-qabatan
 Yakka/510/2004

You might also like