Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 443

SEERA MAATII KUUTAA I FI II

LHD MARSAA 17FFAA


TIIF QOPHAA’E

Leenjisaan- Eliyaas Kaasaa(LLB,LLM)

04/17/2024 Bara 2016


Eliyaas kaasaa 1
Home Of Laws.
https://t.me/eluLaw
Leenjiin Kun Kutaa
Lamatti Kan
Qoodamedha.

Kutaa 2ffaa-
Kutaa 1ffaa-Gaa’elaa fi
Sirna Qoodinsa Qabeenya
Hiikkaa Gamtaa Fi Abbummaa
Mirkaneessuu
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 4
KUTAA I
BOQONNAA 1

GAA’ELAA FI
HIIKKAA

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 5


Seensa Waliigalaa

 Uumama jireenya hawaasummaa keessatti maatiin hundee


bu’uraa yoo ta’u, gaa’elli immoo argama maatiif hundee
jalqabaati.
 Hawaasni tasgabbaa’aa, nagayaa fi oomishaawaan kan jiraatu
maatiin nagayaa fi tasgabbaa’aa ta’e yoo jiraateedha.
 Kun immoo gaa’elli hundeeffama irraa eegalee hanga diiggaatti
sirna seeraan eegumsi godhameef jiraachuu irratti hundaa’a.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 6
Kanaaf heeras ta’e seeraa fi akkasumas hawaasni bal’aan
xiyyeeffannaa addaa godhuutu irraa eegama.
 Mirgaa fi dantaa daa’immanii fi akkasumas walfuutotaa
eegamuu, walqixxummaan saalaa mirkanaa’uu fi hariiroon
dhiirsaa fi niitummaa beekumtii seeraa akka qabaatu ta’eera.
Manneen murtiis ta’ee qaamni haqaa eegumsaa fi kunuunsa maatiif
keessattuu gaa’elaaf heerrii fi seerri diriirsan qabatamaan hojii irratti
mirkaneessuuf dirqama dursaa qabu.(Heera kwt 34,36,13)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 7
 Haa ta’u malee yaadni bu’uura kana ta’uus raawwii isaa ilaalchise
qabatamatti rakkoolee adda adda kan qabu fi gama seeraatiinis
qaawwa jiran duchuu irratti hanqinni jiraachu isaa ni hubatama.
 Leenjii kananiis rakkoolee gama raawwii fi seeraatiin jiran kan
ilaaluu ta’aa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 8


Brainstorming
 Gaa’illi maali? Waliigaltee? Dhaabbata?
 Sirnii raawwii gaa’ilaa maal fa’aadha? garaagarummaan fi
walfakeenyummaa isaani ibsa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 9


Maalummaa Gaa’elaa Fi Eegumsa Heeraa
 SMO fi SMF keessatti hiikaan kaa’ee hin jiru.

 Biyyoonni tokko tokko seera isaani keessatti hiikaa ni kennu. Fkn


biyyi Indonesia seera maatii ishee kwt 1 jalatti gaa‘ila jechuun
dhiira tokkoo fi dubartii tokko gidduutti tokkummaa lubbuu
(afuura) fi qabeenya uumuun hayyama rabbiitiin (waaqaan) maatii
gammadoo fi hin raafamne hundeessuuf tokkummaa isaan
gidduutti taasifamu dha jechuun hiikoo kenna
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 10
 Biyy keenyatii hiikaa kennurra tuumaalee adda addaa irra akka
hubatamu danda’u kaa’uun gaariidha jechuun hayyoonni
kaa’aniiru. Sababni isaas haala guutuu ta’een hiikaa kennuun
waan rakkisuuf
 Jechi ‘gaa’ila’ jedhu sirna raawwii gaa’ilaa fi sana booda walitti
dhufeenya uumamu ilaallata. (‘Hatataa ze mikiniyat’)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 11


 Marriage is a contractual relation in nature but not purely a
contract in the ordinary sense of the term.
 Gaa’elli =fedhii, dhiibbaa fi qoqqooddaa bifa kamuu irraa bilisa
ta’een dhiirri tokkoo fi dubarri tokko umriin gahan waliigaltee
godhaniin kan hundaa’u dhaabbata beekamtii fi eegumsa seeraa
qabuudha jechu dandeenya.
 Hiika guutuudha? Dhaabbiidhaan waliigaluu hin mul’isu.
(permanency?)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 12
 Gaa’ilii walfuutota gaa‘elicha hundeessaniif qofa kan dhifamu osoo
hin ta’iin midhaan fi bu’aan hawwaasaaf qabu guddaa waan ta’eef
eegumsii heeraa fi seeraa taasifameerafi.(rather than contract)
 Kanaafu maatiin argama hawaasaatiif bu‘uura ta‘uu fi hawaasichaa fi
mootummaa irraayis eegumsa argachuuf mirga akka qabu Heeraa
Feederaala fi Naannoo jalatii ktumameera.(Kwt 34(3))

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 13


 Kuniis hundeessuu irraa jalqabee hanga diiggaa isaa fi bu‘aawwan
isaa gahutti walfuutonni lameen mirgaa fi dirqama qixa ta‘e kan
qabaatan ta‘uu heerri mirkaneessee jira.

 (Jildii 5ffaa-G-31946)-waliigalteen gaa’ila keessatti taasifamu


haala walqixummaa isaani tuquun ta’u hin qabu, hiikkaa seera
maatiif tumaa HMRDFI kwt. 35(mirga dubartootaa)
walsimsiisuun murtii kenne jira.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 14
Karaaleen eegumsi kun itti ibsamu keessa….

Waliigalteen kennaa gaa’ila keessatti walfuutoota jiddutti


taasifamu mana murtiidhaan yoo hin mirkanoofne bu’aa hin
qabu. Qaama sanada mirkanneessu biratti galmaa’uun isaa qoftiis
gaha miti.(MMWFDHI L.G 158292-hin maxxanfamne

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 15


MMWFDHI L.G 144678(Hin maxxanfamne)
 Heerichi eegumsa maatiif gochu akka qabu ibsame keessa tokkoo
mootummaan eegumsa gahaa maatiif gochu akka qabudha.
Mootummaa keessa immoo manni murtii isa tokkoodha.
 Sababa kanaan seera maatii keessatti eegumsa maatiif MM akka godhu
barbaadamu keessa tokkoo waliigalteewwan gaa’ila keessatti
taasifaman qabiiyyee isaanii sirnaan sakkata’uun mirkanneessudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 16


Kuniis akka qaamoolee biroo sanadicha fudhanni mirkanneessu qofa osoo
hin ta’iin heerichaan mirgoota walfuutotaaf kennaman sirnaan kabajamu
isaani mirkanneesuudha.
Kanaafu walfuutootni gaa’ila isaani keessatti waliigalteen taasiisan kamu
waajjirra galmeessa fi mirkanneessa sanadaa biratti galmaa’uun isaa bu’a
kan hin qabne ta’e mana murtii qofaan mirkannaa’u qaba. Dhaddachi
ijibbaataa kun galmeele biroo L.G 110938 fi kanneen biroo irrattis murtii
kenne jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 17


• Heeroota lamaan bu’ureefachuun seerii maatii sadarka feederaala
fi nannooleetiin akka tumamu taasifame jira.
• Seeroonni maatii kuniiniis xiyyeeffannaan isaanii gaa‘elaa
tasgabbaa‘aa, fedhii guutuu fi bilisummaa walfuutotan irratti
kan hundaa‘e, wilqixxummaan walfuultotaa kan keessatti
mirkanaa‘ee fi eegumsi mirgaa fi dantaa daa‘immanii
xiyyeeffannaa dursaa argachuun kan itti mirkanaa‘e dhaabbata
beekumtii fi deeggarsa seeraa qabu hundeessuuf akka ta’aan ni
hubatama. Kanaafu hiikaan kenninu kanneen dhuggomsuuf ta’aa.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 18
Dhimma qabatamaa

 MMWFDHI jildii 5ffaa lakk.Galmee 23632 irratti kenname.

 Abbaan, daa‘ima haati irraa duutee waan ta‘eef aangoo


guddiftummaa daa‘imaa M/M akka mirkaneessuuf gaafata.

 Iyyatuun mormii dhiyeessiteen abbaan daa’imma erga haatii duutee


booda waggaa kudhan oliif mucaan eessa akka jiru osoo hin gaafatiin
ani kunuunsa guddisaa hanga ammaa waan jiruuf faayidaaf barbaade
dhiyaate waan ta’eef iyyanni kufa akka ta’u gaafate.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 19
 Manneen murtii nannichaa sadarkaa sadarkaadhaan jiran

walfuutota keessaa tokko yoo du’e inni hafe daa’imman jiran

guddisuudhaaf angoo kan qabu ta’u seerri ifaan tumee waan

jiruuf abbaan guddisu qaba jechuun murtii kennaniiru.

 MMWFDHI murtii kenneen dhimma falmii maatii keessatti yeroo

kamuu mirgii fi dantaan daa‘immanii (best interest of child)

xiyyeeffannaa dursaa argachu qaba.(Heericha kwt 9 fi 36(2))


04/17/2024 Eliyaas kaasaa 20
Tumaa tokkoo fudhachuun murtii kennuu osoo hin ta’iin
mirgaa fi dantaa fi kaayyoo waliigalaa seera maatii waliin
ilaaluun murtii kennuun barbaachisadha jedhe iyyattuun
guddisuu qabdi jedheera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 21


Mini discussion
Murtii kenname akkamitti
ilaaltuu?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 22


Remark
 SMO keew. 237(1), yoo tokko du’e kan jirutu bulchaa fi guddisaa
ta’a. M/M osoo abbaan jiruu best interest of the child’
sababeeffatee dhorkachuu danda’aa?

 Abbaa mucaa olitti iyyattuun mucaaf kan yaadduu ta’uun, fedhii


mucaa kan eegaa turteef kan eegdu ta’uun, haala guutuufii kan
dandeessuu fi qabeenya kan qabdu ta’uun qulqullaa’uu hin
qabuu? kunniin osoo ilaalaman gaariidha.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 23
• Manneen Murtii tumaalee seera maatii heeraa fi sanadoota mirga
daa’immanii kan adunyaa akkasumas kaayyoo seera maatii waliigalaa waliin
walsimsiisuun hiikuu osoo qaban tumaa seeraa tokko qofa gubba gubbaa
ilaaluun murtiin kennamu sirrii miti.
• MMWFDHI L.G 188156-(Hin maxxanfamne)_dantaan daa’immaa kan
mirkannaa’u daa’imtii maatii isheetiin ala daa’imummaa ishee irra kaasani
namoota ishee guddisan waliin yoo jiraate akka ta’e yoo
mirkannaa’e(ogeessa haawwasummaatiin qorannoon fi xiinxali
gaggeeffame) aangoon guddistummaa maatiif kennamu hin qabu.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 24
Sirna Gaa’elli Seera Qabeessa Ta’e Ittiin Raawwatamu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 25


Gaa’elli hariiroo saala giddugaleessa gochuun raawwatamu
keessaa isa tokkoo dha.
 Haa ta’u malee sirna raawwii adda ta’e seeraan diriirfame
qabaachuun isaa amala adda isa taasisuu dha.
Kanaaf hariiroon tokko gaa’ela jedhamee seera duratti
fudhatamuu fi bu’aa seeraa hordofsiisuu kan danda’u akkaataa
sirnoota seerri ajajuun yoo raawwatame qofaadha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 26


Sirnoonni kunis:
sirna raawwii gaa’ela
siviilii(SMO kwt, 20)-
sirna raawwii gaa’ela
amantaa(SMO kwt, 21)
sirna raawwii gaa’ela aadaa
04/17/2024
(SMO kwt, 22)
Eliyaas kaasaa 27
Sirna raawwii gaa’ela siviilii(SMO kwt, 20)-

 Qondaala galmee kabajaa duratti dhiira tokkoo fi dubara tokko kan

walfuudhuudhaaf fedhii bilisaa fi guutuu ta‘e qabanii fi haaluma kana

qondaala ittigaafatamummaa qabu biratti dhiyaatanii ibsuun innis

kanuma yoo irraa fuudhe dha .

 Gaa‘illi sirna kanaan raawwatamuu isaatiif qondaalli galmeessi kabajaa

haal dureewwan tarreeffaman guutamuu isaanii mirkaneeffachuu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 28


Read this one..

 Registration of Vital Events and National Identity Card Proclamation No.


760/2012(የወሳኝ ኩነት ምዝገባ እና የብሔራዊ መታወቂያ አዋጅ)

 Amendments Procl. 902/2015 and 1049/2017

 Regulation No. 169/2014-Establishment of Oromia Regional state vital social


events evidences Registration Agency

 Directive No: 7/2010(Qajeelfama Raawwii Galmeessa Ragaa Bu‘uura


Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Lakk—7/2010 -provide criteria's for
registration.(for Oromia)
Sirna raawwii gaa’ela amantaa(SMO kwt, 21)

Bu‘uura amantaa isaan lameeniitiin ykn isaan keessaa amantaa


isa tokkootiin ulaagaa guutuun yoo raawwatamedha.

Amantii kamii maaliif akka filatan kan murteeffatu walfuutota


mataa isaaniitti.

 Seerichi immoo akkaataa amantii walfuutonni filataniitiin


gaa‘elichi raawwatamuu isaa malee maaliif akka filatan kan
Eliyaas kaasaa

gaafatu miti.
04/17/2024 30
Sirna raawwii gaa’ela aadaa (SMO kwt, 22)

 Akkaataa aadaa hawaasicha naannoo walfuutonni keessa


jiraataniin ykn aadaa isaan lameeniitiin ykn kan isaan lameenii
keessaa aadaa isa tokkootiin uulaagaa guutuun yoo
rawwatamedha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 31


 Seerichi sirnoota sadeen kana akka bu’uraatti yoo diriirsellee tarii
akka karaa 4ffaatti kan ilaalamuu danda’u SMO kwt 23 jalatti
ibsameera.
 Innis gaa’ella biyya biroo ykn naannoo birootti akka seera
sanaatti raawwatamu yoo ta’u Oromiyaa keessatti bu‘uura seera
maatiin beekumtiin kennamuufiidha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 32


 SMO duratti fudhatama argachuu kan danda‘u uulaagaalee
kanneen guutuu qaba.
A-Hamiilee ummataa waliin kan hin falleesine.
B- Safuu uumata naannicha kan hin falleesine.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 33


Haa ta’uu malee falmiin ka’u yoo jiraate garuu bu’ura SMOtiin
kan bitamudha. Bu’ura seera gaa’elichi ittiin raawwatameen akka
ilaalamuuf walfuutonni waliigalteen m/murtii ilaallatu gaaffachuu
ni danda’u. yoo tokkoo mormee garuu SMO tiin bitamu.
Sirnii raawwii gaa‘elaa garagara ta‘uu yoo danda‘es sirnoonni
sadanuu seera duratti beekumtii fi eegumsa walqixa ta‘e akka
qabanii fi gaa‘eloonni sirnoota kanneeniin raawwatamanis bu‘aa
seeraa tokko ta‘e kan hordofsiisanidha.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 34
Sirnoota raawwii gaa’ilaan walqabatee qabxiileen ka’uu qaban

 Gaa‘elli seera qabeessa jedhamee seera maatii biratti


fudhatamummaa argatu akkaataa sirnoota sadeen ibsame kannaan
yoo raawwatame qofadha.
 Qabatama jireenya hawaasummaa keessatti namoonni osoo
gaa‘ela hin raawwatin dhimmoota adda addaa jiraachuu hariiroo
gaa‘elaa gaafatan milkeeffachuuf jecha ragaa gaa‘elaa baafatan
hedduudha. Fknf DV argachuuf, iddoo hojii jijjiirrachuuf
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 35
• Kan biroo walfuutonni adda addaa gareedhaan ta‘uudhaan
affeerraa adda addaa qopheeffachuun hiriyyoota isaanii
waamatanii bakka jaarsi sirna ykn abbaan amantii hinjirretti
gaa‘ela isaanii yemmuu raawwatan ni mula’ata.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 36


Dhimma Qabatamaa-MMWFDHI jildii 23ffaa L.G 143325

• Waamamtuun ammaa Iyyataa waliin akka aadaatti gaafa 22/05/2003


wal fuudhanii kan waliin jiraatan ta‘uu ibsitee gaa‘illi akka diigamuuf
gaafate.

• Iyyataan falmii dhiyeesseen yeroo sanittii gaa‘illi raawwatame kan


hin jirre ta‘uu fi kaadhimumaaf sirna quubeelaa gochun gara fulduraa
walfudhuuf waliigalee.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 37


• Dabalataan waamamtuun gaafa 27/02/2007 waajjira
galmeessa taateewwan bu‘uura hawaasummaa biratti kan hin
heerumne ta‘uu ishee ragaa waan fudhateef gaa’illi hin
jechuun mormii dhiyeesseera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 38


• MMWFDHI murtii isaatiin gaa‘illi iyyataa fi waamamaa
gidduutti akka aadaatti gaafa 22/05/2003 raawwachuu isaanii, isaan
duratti fulbaana 2003 maatii waamamtuutti jaarsoliin ergamuu fi
maatiin waamamtuus intala isaanii waamamtuu
kennuuf kan haayyaman ta‘uu isaanii, guyyaan gaa‘illi itti
raawwatamus murtaa‘uu isaa, guyyaa cidhaatti sirna qubeellaa
irratti himatamaan waamamtuudhaan haadhawarraa koo bara
baraati jechuu isaa haala addatiin jiraachu isaa ni mirkaneessa.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 39
 Ragaan wajjirra galmeessaa irraa gaafa 27/02/2007 fudhatamuun
isaa guyyaa kana dura haalii gaa’illaa jiraachu dhabu isaa kan
mirkanneesu miti jechuun gaa’illi jira jechuun murtii kenneera.
 Murtii kana irratti haalaa aadaatiin gaa’illi jiraachu isaa ragaa
gahaa fi amansiisa ta’e mirkanneessu irratti hanqina kan qabu
fakkaata. Kuniis addaadhaan yoo jedhame bu’uura SMO kwt 22
tiin raawwtamu isa mirknnaa’u qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 40


 Gaa‘elli akkataa sirna kamiinuu raawwatame itti gaafatamaa
galmeessaa haala hawaasummaa biratti galamaa‘uu akka qabu
SMO keew 45(1) jalatti kan ajaju ta‘us, osoo hin galmaa‘in yoo
hafe maal ta’aa kan jedhu hin kaa’amne.
 Gaa’elichi guyyaa raawwatame irraa kaasee bu’aa hordofsiisaa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 41


Kanaafu Gaa‘elaa sirna kamiinuu raawwatamu galmaahuun irra
jiru tokko,(SMO kwt 45) galmaa‘uu dhabuun ragummaa isaatu
hafa(SMO Kwt 92) malee seera qabeessummaa gaa‘elichaa irratti
dhiibbaan fidu akka hin jirre gudunfuun danda’aama.
MMWFDHI Jildii 8ffaa- L.G 41896, Jildii 11ffaa- L.G 54258-
guyyaan galmaa’uu fi raawwatamu garagara ta’u danda’a
waan ta’eef bu’aan gaa’ila guyyaa raawwatameera eegala
malee guyyaa gaa’ilichi galmaa’eera miti jedheera.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 42
Ulaagaalee bu’uuraa guutamuu
qaban(minimum legal conditions)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 43


Gaa’elli sirna kamiinuu yoo raawwatames ulaagaawwan bu’uraa
haala kamiinuu hir’achuu hin qabne hedduutu jira.
 Ulaagaawwan kunniinis SMO kwt, 43(2) fi 44(2) jalatti
dirqisiisoo ta’uun isaanii ifaan kan tumame yoo ta’u haala kamiinuu
irraa maquun hin danda’amu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 44


Essential conditions for validity of marriage pertain to
biological, psychological and sociological factors. Umr+saala,
hayyama, firo+bigamy
Ulaagaaleen kunis seericha kutaa 2ffaa kwt, 25-33 jalatti tokko
tokkoon tarraa’anii kan jirani

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 45


 Hayyama wal fuutotaa kew .25- bilisaa fi fedhii guutuu-sodaa
maatii???
 Umrii walfuutotaa(kew.26)-W-18(pple) Exc. Waggaa lama

 Firooma;Dhiigaa ,fuudha heerumaa kew.27,28

 Bakka bu’ummaadhaan raawwachuun dhorkaa


dha(pple).kew.29

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 46


 Dogoggorri bu’uraa jiraachuu hin qabu 30(3), tarreeffameera. Fkn
dogoggora eenyummaa qaamaa,...
 Hayyama gocha humnaatiin argame. kew.31 (humnaan,
dirqamuu dhabuu)- butii, balaa dhiyaate irraa ofi ykn maatii ofii
oolchuuf hayyama kennuu.
 Gaa’ela irratti gaa’ela raawwachuu dhabuu-

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 47


Hir’achuun ulaagaalee bu’uuraa bu’aa hordofsiisan

• Raawwii gaa‘ela tokkoo keessatti sirni ittiin raawwatame kamuu


ta‘u ulaagaalee dirqisiisoo seerichi kaa‘e guutamuu akka qaban
seerichi kan tume ta‘uun ni beekama.
• Haata‘umalee ulaagaalee kanneen keessaa tokko yoo hir‘ate
bu‘aan seera duratti hordofsiisu maal akka ta‘ee fi akkamitti akka
raawwatamus xiinxaluun rakkoolee gama kanaan hojii irratti
mul‘atan sakata‘uun gaarii ta‘a.
Seerri Maatii Oromiyaa hir‘achuu ulaagaalee kanneenii ilaalchisee
boqonnaa 3ffaa kutaa 3 fi boqonnaa 4ffaa kwt.34-55 jalatti
tumaalee kan diriirse yoo ta‘u tumaaleen kunniinis hir‘ina
ulaagicha ilaallatuu bu‘uura gochuun gaaffiin eenyuun akka
dhiyaatuu fi yoom dhiyaachuu akka qabu kan ibsaniidha.
 Kana malees gaaffiin gama kanaan dhiyaatus
A. Gaa‘elli hir‘ina ulaagaa bu‘uuraa qabu tokko akka hin
raawwanne dhoorkuuf mormii ka‘u
B. Gaa‘ela raawwatame yoo ta‘e immoo akka diigamuu danda‘u
kan dhiyaatu ta‘uu tumaaleen kunniin ni agarsiisu
Issue

Gaa‘elli hir‘ina bu‘uuraa qabu tokko sadarkaa raaawwii isaa


irratti osoo hin mormamin yoo hafeefi kan raawwatame yoo
ta‘e hanga yeroo diigamuutti bu‘aa seeraa qabaachuu fi
dhiisuu isaa haala kamiin ilaaltuu?is there void ab initio
marriage in Ethiopia?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 50


Maal
jettu?
seerichi ulaagaaleen bu‘uuraa kun guutamuu akka qabaniifi
osoo hin guutamin gaa‘ela raawwachuun dhoorkaa akka ta‘e
tumuun alatti gaa‘elli haala kana irra darbuun raawwatamu
tokko seera duratti bu‘aa hin qabu jechuun hintumne.
Muuxannoon biyyootaa gama kanaan jirus, ulaagaan bu‘uuraa
kabajamuu dhabuu irraan kan ka‘e bu‘aan inni hordofsiisu adda
adda dha
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 52
• A void marriage, in the eyes of the law, is one which is deemed
to have never taken place. Its very existence is negated and
hence the term used for describing such marriages is void ab
initio. Even when the parties have not obtained a court decree
invalidating the marriage, the marriage cannot be deemed as
valid. A formal decree permits the court to make a judicial
declaration of the fact that the marriage is void. The premise
most often used for the plea of declaring the marriage void is
bigamy. The issue of validity of marriage surfaces most often
when women claim their right to maintenance.
• A void marriage is no marriage at all. What makes a marriage
void is the existence of permanent irregularity that cannot be
removed, such as marrying within prohibited degrees (blood
relationships, affinity,). A void marriage does not have any
legal effect; it only exonerates the two parties from the act of
Zina, provided that they were unaware that the marriage was
void, taking the marriage for a valid one (shubha). The issue of
such a marriage legitimate provided the parties acted in good
faith and unaware of the legal bar. (again shubha).
• Iran
• A voidable marriage is one which will be considered valid
until a decree annulling it has been pronounced by a court of
competent jurisdiction. The invalidation is only at the
instance of one of the parties. Until such a declaration, the
marriage is deemed valid and the parties are bound by
mutual rights and obligations.
Akka biyya keenyaa ykn naannoo keenyaatti hoo?
• Seerri maatii gaa‘ila gaa‘ilarratti raawwatamu dhorku illee,
qabatamni hawaasa keessa jiru faallaa isaa ta‘uurraan kan ka‘e
Manneen murtii keessatti illee ulaagaan bu‘uuraa ykn
dirqisiisaa ta‘e kabajamuu baatu illee hanga Mana Murtiitti
gaa‘illi kun seera fuulduratti fudhatama hin qabu jedhamee
diigamutti mirgaa fi dirqama jiruuf beekumtii ykn eegumsa
taasisuun isaa akka sirna keenyaatti gaa‘illi siruma hin jirre
(void) ta‘e kan hin jirre ta‘uu isaa hubanna.
Kunis SMO kwt 123 irraa akka hubatamutti haallan fuudhaa fi
heerumaa kwt 48 hanga 55 jiran hirrachuurraan kan ka‘e hiikkaan fuudhaa
fi heerumaa kan murtaa‘e yoo ta‘e, manni murtichaa hiikkichi maal akka
hordofsiisu haqummaa madaaluudhaan murteessa jechuun tumamee
jiru irraa kan hubatamu akka sirna keenyaatti gaa‘illi jalqabumaa kaasee
hin jiru ture (void) haalli itti jennu kan hin jirre ta‘uu isaa hubachiisa.
 MMWFDHI jildii 10ffaa L.G 39408 ta’ee irrattis gaa’ili void abinitio
jedhamu hin jiru jedheera.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 57
 Kanaafu Tumaalee seeraa maatii Naannoo Oromiyaa gadifageenyaan yoo

xiinxalaman gaa‘elli hanqina ulaagaa bu‘uuraa qabu tokko yoo gaaffiin irratti
dhiyaate kan diigamu ta‘us hanga sanatti garuu bu‘aa seeraa akka qabu
ifaan agarsiisan.

 Reason: bu’aa qabeenyaa fi dhuunfaa(mirga ijollee midhuu danda’a)-so

voidable kaan jedhu filatame(hateta z mekniyate federal family code)

 Gaaffiin ykn mormiin gonkumaa kan irratti hindhiyaatin yoota‘e immoo

akkuma gaa‘ela kamiiyuutti bu‘aa hordofsiisuun jiraata jechuudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 58


Gaaffii Marii
Manni murtichaa gaa‘elichi hir‘ina bu‘uuraa qaba jechuudhaan
kaka‘uumsa mataa ofiitiin bu‘aa hin qabu ykn diigamaadha jedhee
murteessuuf bu‘urri seeraa dandeessisu jiraa?
dhimmichi seera cabsuun kan raawwatame ta‘uu ifaan osoo arguu
sababa gaaffiin hin dhiyaanne qofaaf ykn falmiin hin kaane
duwwaadhaaf bu‘aa seeraa kennuun haqa qabeessa ta’aa?
kaayyoo seeraa waliigalaa kan hordofe ta‘aa laata?
Hir‘ina (ulaagaa bu‘uuraa) tokko garee seeraan angoon kennameefiin yoo
dhiyaate malee ykn ijoo falmichaa ta‘ee yoo argame malee manneen
murtii ofii isaaniif osoo hin kaasin gaa‘ela dhimichi ilaallatuuf bu‘aa seeraa
kennuu akka qaban agarsiisa.

MMWFDHI jildii 5ffaa 21740 fi 23493, jildii 3ffaa L.G 20938


ilaalaa.

Umrii yoo ta’e hoo? Heera kwt 13(1)-Dirqama mirgoota heerichaa


raawwachisu irratti hoo?
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 60
SMO kwt.48-53 jalatti kan tumaman yoo ilaalaman
mormiin ykn gaaffiin diiggaa gaa‘ela hir‘ina qabuu darba
yerootiin daangeffamuu akka danda‘uu fi daangaan
kaayame eega darbe booda gaa‘elichi akkuma ragga‘etti
kan itti fuufu ta‘uu mirkaneessu.
Fkn hanqina umrii yoo ta‘e umriin seeraa yoo guutame, hanqina
hayyamaa yoo ta‘e sababii isaa eega hafee ji.a jaha booda fi kkf kan
daangeffamu akka ta‘e ni hubbachiisu.
Dabalataanis, gaa‘elichi hir‘ina waan qabuuf jalqabumaahuu bu‘aa akka
hin qabaanne yoo godhame qabeenyaa fi dantaa daa‘imman dhalataniitis
rakkoo keessa waan galchuuf seerichis haaluma kana hubachuudhaan
hanga diigamutti gaa‘elichi bu‘aa seeraa akka qabaate tumeera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 62


Guduunfaa
Ulaagaaleen bu’uraa raawwii gaa’Ila tokkoof seerichi diriirse
dirqisiisoo fi validity gaa’elichaaf bu’ura ta’uun isaanii akkasumas
sirnoota raawwii gaa’ilaa hundaa kan ilaallataniidha.
 Hir’achuun ulaagaa bu’uraa raawwii gaa’ilichaa mormiif ykn
himataaf kan saaxila ta’uun alattis daangaa yeroo kaa’ame
keessatti mormiin ykn himanni yoo dhiyaate raawwii gaa’ilichaa
kan hanbisu ykn gaa’ilicha kan diigsisudha.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 63
 Hanga mormiin ykn himanni itti hin dhiyaatinitti garuu
gaa’ilichi valid akka ta’etti tilmaamamuu isaa fi hir’inichi
automatic voidance kan hin fidnedha.
 Mormiin ykn himanni garee miidhame jedhuun, firoota
isaan, A/An ykn qaama na ilaala jedhuun bu’ura seera
maatii fi SDFHH tiin dhaddacha siviiliitti dhiyaachuu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 64


Mannii murtii hir’achuu ulaagaa bu’uraa yoo arges ofii
isaatii kaasuu kan hin dandeenyee fi dantaa keessaa kan
hin qabne ta’uu isaatii.Umrii hoo?
 Hir’inichi yakkaanis kan himachiisu yoo ta’e A/A dursee
siviiliidhaan gaa’ilicha eega diigsise booda yakkaan
himachuu kan danda’aa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 65


Gabbara ykn kanfaltii kenname deebisiisuuf himanni
dhiyaatu bu’ura Seera Maatiitiin kan hin
keessummoofne ta’uu fi bu’ura seera biroo
rogummaa qabuun (fkn unlawful enrichment) kan
gaafatamuu ta’aa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 66


Gaafilee Marii

• Moojuuli Fuula 14 –Gaafilee 1-6


• Moojuuli Fuula 24-Gaafilee 1-6
• Moojuuli Fuula 34- Gaafilee 1-5

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 67


BOQONNAA LAMA

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 68


Gaa‘elli amaloota uumama isaa irraa maddan, hariiroowwan ykn
waligalteewwan biroo irraa adda kan isa godhu akkaataa
hundeeffama isaa irraa eegalee hanga hiikkaatti Kan qabu ta‘uu
isaa fi amalloota mataa isaa kan qabudha.
Kanaafu hundeeffama, bu‘aawwan hordofsiisan, haala
mirkanaa‘inaa fi akkaataa diigama isaanii irratti kan hundaa’udha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 69


Hariiroowaan dubaraa fi dhiira giddutti karaa saalaatiin uumaman

beekumti seeraa qaban kanneen armaan gadiitii.

A. Gaa‘elli (marital union)

B. Gaa‘elaan ala akka dhiirsaa fi niitiitti waliin jiraachuun (irregular

union)

C. Kaadhimummaa (akka sirna hariiroo gaa‘elaan duraatti beekumtii

qaba).
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 70
Hariiroowwan kanaan alatti hariiroowwan kan biroo dhiiraa fi
dubara tokko giddutti godhaman seera duratti bu‘aa wayituu kan
hinqabne (beekumti seeraa kan hinqabne) ta‘uu SMO kwt.139 (1)
jalatti ifaan tumee argama.
Fknf haariroo jaalalaa, haala beekamaa fi irra deddeebi’ameen
walqunamtii foonii raawwachuun isaani qoftis IU jiraachu hin
agarsisuu.(SMO kwt 129(3)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 71
1. Gaa’ela fi kaadhimummaa

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 72


Walfakeenyummaan isaanii
 Beekumtii seera qabaachu

 Uulaagaalee hordofamu qabu dhimmoota tokkoo tokkoo irra


walfakaachu(fkn hayyama, umriin seeraan kan murtaa’e gahu)
 Hirmaannaa dubara tokkoo fi dhiira tokko irratti hundaa’u

 Bu’aa seeraa qabaachu- argama maatii tokkoof akka wixineetti


ilaalamu- (bu’aan adda adda haa ta’u malee)
 Sirna itti rawwwataman qabaachu(Aaddaa ykn amantaa)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 73
Garaagarummaan isaanii
 Gaa’illi sirnoota raawwii gaa’ilaa keessaa isa tokkoon fuudhaa fi heeruma raawwachuu
isaa kan ibsuudha. Kanaan ala beekamtii hin qabu.

 Gaa’elli walfuutota irratti bu’aalee seeraa dhuunfaa isaanii ilaallatanii fi kan


walqunnamtii diinagdee kan ummuudha.(SMO kwt 65-72 & 73-89)

 Kaadhimummaan garuu wal kaadhimmattoonni waadaa galan eeganii gaa‘ela yeroo


waggaa tokko hin caalle keessatti(yoo waliigalteen murteeffamu baatee)
raawwachuudhaaf kan dirqamanta‘uun alatti dhuunfaa isaanii irrattis ta‘ee gama
diinagdeetiin bu‘aan seera duratti waliigalteen kaadhimummaa hordofsiisu hin
jiru Eliyaas kaasaa
04/17/2024 74
Raawwiin gaa’elaa dhaabbata of danda’e kan hundeessu
yoo ta’u, kaadhimummaan garuu hawwii gara fuula duraatti
raawwatamuuf yaadame kan wixinuudha.(Kwt 9-18)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 75


Gaa’illi hanga hin digamneetti bu’aa qaba. Kaadhimummaan
garuu waggaa 1 keessatti gara gaa’ilatti yoo hin jijjiramne bu’aa
hin qabu.(SMO 13)
Kana jechuun immoo bu‘aan sirni waliigalteen kaadhimummaa
sun hordofsiisu hin jiru jechuu akka ta‘u SMO kwt.13 irraa
hubachuun ni danda‘ama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 76


waliigalteen wal kaadhimmachuu kun sababa badii isa tokkootiin yoo
diigame bu‘aan inni hordofsiisu immoo jira. kuniis
 Baasiwwan sababa kanaan bahee hunda kafalu-SMO kwt 15(1)

 Kennaan maatiidhaaf kenname yoo jiraate bakka buusuu fi waliif


deebisuu (du’aan ykn sababa gahaan yoo diigamee hin deebi’u)
 Beenyaa haamilee illee kan kanfalchiisu ta‘uun tumamee jira.
(hanga qarshii 1000)-by way of equity
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 77
Rakkoolee Qabatamaa
 Erga wal kaadhimmachuu godhatan booda, baasii fi adeemsa
sirni raawwii gaa‘elaa gaafatu soodaachuun ykn hariiroo addaa
uumuudhaan sirna gaa’ilaa osoo hin hordoofiin calluma jedhanii
walitti galuudhan walfuuneerra jechuun haalli ittiin wajjiin
jiraatan ni jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 78


Egaa bu‘uura kanaan ijoollee fi qabeenya horatanii osoo jiraatanuu
waldhabbiin yemmuu uumamu, dhimmicha mana murtiitti
dhiyeessuudhaan hiikkaa gaa‘elaa gareen tokko ni gaafata.
Adeemsi hiikkaa gaa‘elaa hariiroo biroo irraa adda waan ta‘eef
manni murtii dursee walitti dhufeenyi kun hariiroo gaa‘ela tu‘uu
fi dhiisuu adda baasuu qaba waan ta‘eef dhimmicharratti murtiin
kennamu garagara yeroo ta’u mul’ata.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 79


Dhimma Qabatamaa
Dhimma MMO Godina Baaleetti murtii argateedha.(2001)-Galmee 064973

• Oliyyataa fi D/kennituun miseensota poolisii Aanaa Goobbaa ta‘anii


yemmu hojjatanitti hiriyyummaan walitti dhiyaachuudhaan jaalalaan
waliin jiraachaa eega turan booda bara 1999 keessaa hiriyyootaafi
namoota ollaa waamuudhaan sagantaa irbaataa qopheessanii manuma
D/kennituun kireeffattee jirtutti, akka oliyyataan jedhutti sirna fuudhaafi
heerumaa raawwannee jirraa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 80


• D/kennituun akka jettutti immoo sirna kaadhimummaa
raawwataniiru. Kana booda manuma kana keessatti waliin
jiraachaa waggaa tokkoof walakkaa yemmuu turan D/kennituun
mana biroo ijaaradhe jettutti galuudhaan oliyyataa of irraa
basteetti.
• Oliyyataanis ga‘elaa fi mana koo keessaa waan na‘ariiteef gaa‘elli
naaf diigamee qabeenyas naaf haa qooddu jechuun himata M/M
Aanaatti dhiyeeffate jira.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 81
 Deebii kennituun gara fulduraa walfudhuuf (ye qelebet sen

sera’ata) gone kadhimummaadha malee gaa’ila hin qabnu jeechuun

falmitee.

 MMA-kadhimummaa osoo hin ta’iin Irregular union jechuun

waggaa 3 waan hin gunneef bu’aa hin qabu jedhe.

 MMO –kadhimummaadha jechuun bu’aa hin hordofsisuu jechuun

murtii kenne.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 82
Murtiicha akkamitti ilaaltu?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 83


2. Gaa’elaa fi Fuudhaa fi
heerumni osoo hin raawwatamiin
akka dhiirsaa fi niitiitti waliin
jiraachuu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 84


Walqunnamtiin seera duratti bekumtiin gaa‘elaa
kennamuuf tokko bu‘uura SMO boq.3ffaa keessatti
tumameen sirnoota sadan ibsaman keessaa karaa isa
tokkotiin yoo raawwatame qofa akka ta‘e ilaalameera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 85


• Kanaaf, walqunnamtiin tokko gaa‘ela dha kan jedhamu
hundeeffamni isaa akkaataa sirna siivilii ykn sirna amantaa
ykn immoo sirna aadaa walfuutonni filataniitiin kan
raawwatame yoo ta‘ee dha

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 86


Gama biraatiin, gaa‘ela akkaataa olitti ibsameen osoo hin
raawwatin dhiirri tokkoo fi dubarri tokkoo akka dhiirsaa fi niitiitti
waliin jiraachuudhaan walqunnamtii adda ta‘e fi seera durattis
bekumtii qabu uumuu ni danda‘u.

SMO boq.8ffaa keessatti akka tumametti walqunnamtiin akkasii


kun gaa’elli osoo hinraawwatamin akka dhiirsaa fi niitiitti
waliin jiraachuu(IU) jedhamee beekumtiin kennameefiin
bu‘aawwan hordofsiisus diriirfamanii jiru.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 87
SMO kallattiidhaan kan tumes dhiiraa fi dubartiin tokko gaa‘ela
osoo hin raawwatiin akka dhiirsaa fi niitiitti waliin jiraachuun
isaanii walqunnamtii maatii addaa seera duratti kan uumu akka
ta‘eedha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 88


Waliin jireenyee kun akkuma gaa‘elaa mirgaa fi dirqamni waliin
jiraattota irratti hordofsiisuu kan jiru yoo ta‘u, kunis karaalee
maatiin ittiin hundeeffamu keessaa inni kun isa tokko waan ta‘eef
tasgabbii fi nageenya maatii sanaafis akkuma gaa‘elaatti
eegumsi seeraa kan godhameef akka ta‘e ogeessonnis ni
mirkaneessu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 89


Haata‘u malee walqunnamtii kanaaf beekumtii fi eegumsi
gaa‘elaan walqixa godhamuufii qabaayii? Akkas taanaan
barbaachisummaa gaa‘elaa gaaffii keessa galchuu ta‘innaa laata?
 Sababiiwwan kana irraa ka‘uudhaan bu‘aan walqunnamtichi
dhuunfaa waliin jraattotaa fi qabeenya isaanii irratti uumu kan
gaa‘elaa irra xinnaa ta‘uu fi eegumsi godhamuufis akkasuma kan
gaa‘elaan qixa miti.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 90
 Gama dhuunfaa waliin jiraattotaa bu‘aan hordofsiisu akkuma
warra gaa‘elatti walkabajuu, walgargaaruu fi, akkaataa dandeettii
isaaniitti jireenyaa waliif gumaachuu kan gaafatudha.
 Gama qabeenyaatiin immoo waliigalteedhaan waliin jiraattonni
kan murteeffatan ta‘ee walqunnamtichi waggaa sadii guunnaan
garuu akkuma gaa‘elaatti qabeenya waliinii kan uumu dha

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 91


Walqunnamtiin gaa‘elaan alaa kunis jira jechuudhaaf
namoonni kun haalli isaan agarsiisan akka fakkii
warra seeraan walfuudhanii tahuun barbaachisaa fi
gahaa akka ta‘e seerichi ni ibsa.(SMO kwt 129)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 92


Wal fakkeenya isaanii.
walqunnamtiiwwan lameenuu dhaabbata maatii
seeraan beekumtii qaban ta’u isaanii.
Daa’iman ilaalchise haariroo lamaanu keessatti
daa’imtii dhalate abbaan isaa dhirsuma haadhaatti ykn
IU sana.(SMO kwt 143 fi 147(1)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 93


 Hundeeffama isaanii keessattis lameenuu haalawwan gaa‘elaaf
guutamuu qaban kan seerri tume guutuu qabu. Fakkeenyaaf, dhoorkaan
raawwii gaa‘ela firooma dhiigaa fi gaa‘elaa keessatti SMO kwt. 27 fi 28
jalatti ibsame walqunnamtii gaa‘elaan ala akka dhiirsaafi niitiitti waliin
jiraachuu irrattis raawwatamummaa akka qabu seerumti kun kwt.130 (2)
jalatti tumeera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 94


Dhuunfaa walfuutotaa fi qabeenya isaanii irrattis dirqamonni
hordofsiisan walfakkaachu. Fknf walkabajuu, walgargaaruu fi,
akkaataa dandeettii isaaniitti jireenyaa waliif gumaachuu,
waggaa sadii oll yoo ta’e qabeenya waliini godhachu. why

waggaa 3??? wixinee irraatti w-5 turee.


Biyyoota tokkoo tokkoo keessatti daa’imtii yoo dhalate
qabeenya waliini uumu eegala jechuun kaa’u.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 95
Issue

Waggaa sadii osoo hin guunne haariroon kan


addaan cite yoo tahe hoo?qabeenyi jiddu sanatti
argame maal ta’aa?
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 96
Remark
 Wal qunnamtiin beekumtii seeraa qabu kun Waggaa sadii osoo hin guunne
addaan cite yoo tahe garuu qabeenya waliinii qabu jedhee seerichi
tilmaamni inni fudhatu jiraachuu baatus mirga qabeenya dhuunfaa
horachuu heera mootummaa kan Federaalawaas ta‘e kan Naannoo
Oromiyaa kwt 40(1 fi 2) jalatti beekumtii fi egumsa taasifameefiin
akkasumas seera rogummaa qabu kanneen birootiin mirga qabeenya ofii
gaafachuu kan eegameef ta‘a jechuu dha. unlawful enrichment –
MMWFDHI L.G 151489(hin Maxx.)-ilaalaa
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 97
Adda addummaa isaanii
Gaa‘elli walfuutotaa fi maatii tokkoo isaanii giddutti firooma kan
uumu fi gaa’illi erga diigame boodas kan itti fufudha.(SMO kwt
5,6 )
Gaa‘elaan ala akka dhiirsaa fi niitiitti waliin jiraachuun garuu,
hanga walqunnamtiin jiru qofa kan uumuu(hanga sadarkaa
sadii qofa)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 98
Gaa‘elli akkaataa sirnoota seerri kaa‘een raawwatamuu kan qabuufi
diigamni isaatis seeraa fi karaa mana murtii qofaan ta’a.
 Walqunnamtiin ga‘elaan ala akka dhiirsaa fi niitiitti waliin
jiraachuudhaa immoo akkaataa fedhii waliin jiraattotaan
hundaa‘ee matuma isaaniitiin addaan kan citu ta‘uun SMO
kwt.135 jalatti tumameera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 99


Jiraachuun gaa‘elaa raawwatamuu (conclusion) isaan kan
ibsamu ta’a.
walqunnamtiin ga‘elaan alaa kun immoo dhiirsaafi niitii
fakkaatanii waliin jiraachuun (Factual/actual status) kan
ibsamu ta’a. qabxiin kana booddee sirritti ilaalla

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 100


 Garaagarummaa bu‘aa hordofsiisan irratti qaban ilaalchisee immoo
gaa‘elli dhuunfaa walfuutotaa fi hariiroo qabeenya isaanii irrattis bu‘aalee
gurguddoo fi ulfaatoo ta‘an kan hordofsiisu yoo ta’u;
 Walqunnamtiin gaa‘elaan ala akka dhiirsaa fi niitiitti waliin jiraachuun
garuu dhuunfaa waliin jiraattotaa irratti bu‘aan dirqama seeraan
hordofsiisu muraasaa fi laafaa yoo ta‘u, qabeenya walii uumuu irrattis
walqunnamtichi yoo xinnate turtii waggaa sadii qabaachuu akka qabu,
sanaa asitti bu‘aan qabeenya irratti hordofsiisu jiraachu dhabuun isaa
tumaalee seerichaa irraa ni hubatama
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 101
Gaa‘ela ilaalchisee walfuutota keessaa tokko yoo du‘e akkuma
haala dhimmichaatti inni lubbuun jiru mirga beenyaa,(tort law,
Labsii 1156), sooramaa fi kkf argachuu kan qabu yoo ta‘u, maatii
isa du‘eef immoo qallaba kennuu dirqama qaba.
Gaa‘elaan ala akka dhiirsaa fi niitiitti waliin jiraattonni garuu
waliigalteen kan murteeffatan yoo ta‘e malee mirgaa fi
dirqama akkasii kana hinqaban.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 102
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 103
Yeroo hedduu gaaffii gaa‘elli ragga‘e jiraachu mirkaneeffachuuf ykn
immoo hiikkaan akka mirkanaa‘uuf dhiyaatu irratti gareen inni kuun
(himatamaan) gaa‘elichi jiraachuu isaa ykn raawwatamuu isaa
haaluudhaan falmii yemmuu kaasu mul‘ata.
Himatamaan ykn qaamni deebii kennu yemmuu hin jirres, gaaffii
dhiyaate ragaa seera qabeessan qulqulleessee murtii kennuun hojii mana
murtii ta‘uun ni beekama.
kanaaf, gaa‘elli ragga‘e jiraachuu mirkaneessuun dirqama ta‘a.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 104
Gaa‘elli ragga‘e jiraachuu mirkanneessuuf toftaalee lama
kaa’eera.
1ffaa. Ragaa fuudhaafi heerumaa dhiyeessuu.(SMO kwt 92)
2ffaa. Ragaa biroo gahaa fi amansiisaa ta‘e dhiyeessuu(SMO
kwt 93)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 105


Waraqaa ragaa Gaa’elaa

 Ragaa isa 1ffaa ilaalchisee SMO ragaa gaa‘elaa sadarkaa dursaa irratti kan
kaaheedha.
 Kallattiidhaanis SMO gaa‘elli raawwatamuu isaa mirkaneessuun kan
danda‘amu, guyyaa gaa‘elichi raawwatame ykn sanaan booda akkaataa
seerichaatiin qophaa‘ee kan kenname waraqaa ragaa gaa‘elaa ykn
garagalcha isaa kan mirkanaa‘e dhiyeessuudhaan akka taheedha.
 Ragaa kana ragaa biraa dhiyeessuun sobsiisuun ni danda’ama? osoo hin
beekiin mallatteessu, dogongoraan, sababa amansiisaa yoo jiraate
Gaa‘ela ragga‘u mirkaneessuudhaaf waraqaan ragaa gaa‘elaa isa
murteessaa fi seerriis sadarkaa duraa kan kenneef ta‘uun ifaadha.
Kunis, gaa‘elli karaa sirna kamuu raawwatamu galmaa‘uu akka
qabu seerri waan tumeef waraqaan ragaa gaa‘elaa IGHHtiin (akka
ammaatti qondaala galmeessa taateewwaniitiin) walfuutotaaf
kennamuuf, ragaan kun haala qulqulluu fi amansiisaa ta‘een kan
argamu ta‘uu seerichi waan tilamaamuufidha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 107


Waraqichi mirkaneessuu kan qabus raawwatamuu
gaa‘elaa yoo ta’u kuniis yoom, eessatti, akkaataa
sirna kamiin akka raawwatame kan ibsuudha.(SMO
kwt 92)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 108


04/17/2024 Eliyaas kaasaa 109
Bu’aan gaa’ilaa garuu kan eegalu gaafa gaa’ilichi
raawwatame malee galmaa’e miti.(MMWFDHI jildii 8-
L.G 41896, jildii 11-L.G 54258)-guyyaan galmeen
gaa’ilaa fi raawwii gaa’ilaa yeroo hunda tokko ta’u dhabuu
danda’aa waan ta’eef. SMO kwt 45(3)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 110


Ragaa Gahaa fi Amansiisaa

Kun ragaa isa 2ffaa ta‘uu isaati.

Sababa adda addaatiin gaa‘elli tokko osoo hin galmaa‘in hafuu ykn
eega galmaa‘e booda galmeen baduu waan danda‘uuf yemmuu kana
gaa‘elicha waraqaa ragaa dhiyeessuun mirkaneessuun rakkisaa ta‘a.
 Yeroo haalli akkasii mudatu, raawwatamuu gaa‘elichaa ragaa biroo
gahaa fi amansiisaa ta‘e dhiyeessuun hubachiisuun akka danda‘amu
tumameera.(SMO kwt 93)
Ragaan bifa kanaan dhiyaatu kamuu ijoon dubbii isaan
mirkaneessuu qaban raawwatamuu gaa‘elichaatti.
Kuniis namnii gaa’ila nan qaba jedhuutu(burden of proof)
ragaa kana dhiyeesse gaa’illi raawwatamu isaa mirkanneessa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 112


Ragaan ―gahaa fi amansiisaa‖ jedhame kun yeroo hedduu akka
beekamutti raga namaa ykn kan biraa yoo ta‘es ragoonni kunis
ga‘elli ragga‘u haala gaahaafi amansiisaan mirkaneessan kan
jedhamu, gaa‘elichi yoom, eessatti fi, sirna kamiin akka
raawwatame yoo agarsiisan ta‘us, haala biroo raawwatamuu
gaa‘elichaa agarsiisu kamuu bifa gahaa ta‘een ibsuudhaan akka
ta‘e akkaataa ibsa keewwatichaa irra ifaan hubatama.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 113
Sababiin isaatis, seerichi boq.3 kwt.19-23 jalatti gaa‘elli seera
duratti ragga‘u ykn beekumtii seeraa qabu sirnoota sadeen
ibsaman keessaa tokkoon yoo raawwatame qofaa akka ta‘ee fi
sirnoota kanneeniin ala kan raawwatamu kamuu bu‘aa seeraa kan
hin qabne ta‘uu kwt. 24 jalatti waan tumameef akka ta‘e
tilmaamuun nidanda‘ama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 114


Issue
• Ragaan gahaa fi amansiisaan jedhu dhipatee
moo bali’ifame hiikamu qaba?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 115


Remark
 Ragaan gahaa fi amansiisaan akkuma barbaadametti bal‘atee kan hiikamuu fi
kan hayyamamu yoo ta‘e barbaachisummaa waraqaa ragaa kan laaffisuu
fi galmeeffama gaa‘elaatis kan hin jajjabeessine waan ta‘eef kaayyoo seerri
galmeeffama gaa‘elaa tumeefis kan fashaleessu ta‘a. Waan ta‘eef, ragaan gosa
lammaffaa kun dhiphatee hiikamuu akka qabu hubachuun barbaachisaadha
 MMWFDHI L.G 141045(Hin maxx.) -Qajeeltoon tumamee ragaa gaa’ilaa
waan ta’eef kun haala dhiphateen hikamuu akka qabu hateta z mekniyate
kaa’e jira waan ta’eef haala kanaan ilaalamu qaba kan jedhus ibseera.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 116
Ragaa gahaa fi Amansiisaa ilaalchise Garaagarummaa SMO fi SMF

SMO kwt 93 ijoon mirkanaa’uu qabu “raawwatamuu


gaa’elaa” akka ta’e tumuun isaa rakkoo gaa’elaa fi
walqunnamtii gaa’elaan ala akka dhiirsaa fi niititti waliin
jiraachuu adda baasuu irratti mudatu hambisuudhaaf kan
yaade fakkaata

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 117


• SMO kwt 93(1)-Galmeessuun fuudhaa-heerumaa osoo hin
raawwatamin yoo hafee yookiin sababa galmeen badeef
fuudhaa-heerumichi raawwatamuu isaa waraqaa ragaa
fuudhaaheerumaatiin mirkaneessuun kan hin danda’amne yoo
tahe, fuudhaa-heerumni raawwatamuu isaa ragaa gahaa fi
amansiisaa dhiyeessuudhaan hubachiisuun ni danda’ama…

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 118


• Article kwt.95, proof in default of certificate of marriage

• When it is difficult to prove marriage by producing the certificate of marriage due to the

fact that the marriage has not been registered or such register has been lost, it shall be

proved by possession of status of spouse.

Possession of status‖ gaalee jedhuuf kwt.96 jalatti hiikkaa yoo kennu immoo:

Article.96, possession of status (1) definition

• A man and a woman are deemed to have the possession of status of spouses when they

mutually consider themselves and live as spouses and they are considered and treated

as such by their family and the community


04/17/2024 Eliyaas kaasaa 119
 Hiikkaan SMF kwt 96 irratti hundaa’e garuu rakkoo kana hin furu.

 SMO kwt 136(2) jalatti gaa’elaan ala walqunnamtii akka dhiirsaa fi


niititti waliin jiraahuun kan mirkaanaa’u, walfuudhuu baatan illee,
dhirri tokkoo fi dubarri tokko haala dhiirsaa fi niitummaatiin
kan waliin jiraatani fi hawaasniifi maatiin isaanitis haaluma
kanaan kan beekan ta’uu hubachiisuudhaan akka ta’e tumamee
jira, seerri maatii federaalawaatis kanuma hima.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 120
SMO walqunnamtiiwwaan kanneen lameen mirkaneessuu
keessatti ijoo dubbii ta’uu qabu ifa godhee tumeera. Kunis,
gaa’ela yoo ta’e raawwatamuun isaa (conclusion) mirkanaa’uu
kan qabu yoo ta’u, walqunnamtii gaa’elaan ala waliin jiraachuu
yoo ta’e immoo haalli walqunnamtichaa (possession of status)
jiraachuu mirkaneessuu akka ta’e adda bahee jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 121


MMWFDHI L.G 225009(hin maxxa.)-Bitaa fi mirgii
hiriyoota isaanii lama qabachuun dubartiin uffata misiroo
uffachuun suuraa ka’uun yoo mirkannaa’e fi sana booda akka
dhiirsaa fi niitii isaan ilaaluu yoo mirkanneessan gaa’ili jira
jedhame tilmaamni fudhatamu qaba jedheera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 122


04/17/2024 Eliyaas kaasaa 123
Dhimma
• Dhimmichi iyyattuu aaddee Fallaqachi fi deebi kennaa obbo A/100
Taaddasa Ayyala namoota jedhaman gidduu kan ture yoo ta’u
iyyattuun D/kennaa waliin bara 1995 irraa eegalee walfuudhanii
waliin jiraachuudhaan ijoollee jaha (6) walirraa horatuu ibsitee
waldiddaan isaan giddutti kan uumame ta’uu eeruudhaan dhimmichi
karaa jaarsota firaatti qajeelfamee furmaanni akka kennamuuf Mana
Murtii Aanaa Walmaraatti iyyannoo dhiyeefatterti.
• Deebii kennaan garuu fuudhaa fi heerumicha waan haaleef manni
murtii ragaa namaa fi barreeffamaa iyyattuun dhiyeessite dhagaheera.
 Ragoonni iyyattuutis, iyyattuu fi D/kennaan abbaa warraafi haadha warraa
ta’anii waliin jiraachuu isaani fi ijoollee jaha (6) akka walirraa horatan kan
beekan ta’uu yoo raganis, jarreen kun yoom akka walfuudhaniifi sirna
kamiin fuudhaafi heerumicha akka raawwatan garuu kan hin beekne ta’uu
ibsanii jiru.
 Kana malees, ragaan barreffamaa dhiyaates Abbaa Taayitaa Sooramaa fi
wabii hawaasummaa irraa kan barraahe yoo ta’u, foormii D/kennaan
afoosha (iddirii) magaalaa Holotaatti guute irratti iyyattuun haadha warraa
isaa ta’uu ishee kan itiigalmeessisiise akka ta’e kan hubachisuudha.
Bu’uruma kanaan Manni Murtii Aanichaa bitaafi mirga falmisiisee ragaas
eega qorate booda “iyyattuu fi D/kennaa gidduu haalli fuudhaafi
heerumaa jiraachuu ragaan waan mirkaneesseef walfalmitonni haadha
warraa fi abbaa warraati (ga’elli ni jira).” jedhe murtii kenneera.
Manni Murtii Aanichaa murtini kenne kun bu’uura SMO kwt. 93
tiin ta’us, haalli keewwaticha ittiin hike/hubate garuu akkaataa
SMF ykn seera hariiroo hawaasaa isa durii keessatti tumameen
ta’uu isaatu mul’ata.
Kanaafis sababiin manni murtichaa ibse yoo hin jirreellee
garaagarummaa SMO gama kanaan seerota maatii kaan irraa ittiin
addaa bahe/bahuu isaa/ hubachuu dhabuu irraa kan ka’e fakkaata.
Haaluma kana irratti hundaa’uudhaan D/kennaan murtii M/Murtii
Aanaa Walmaraa kana komatee Mana Murtii Ol’aanaatti
ol’iyyatus manni murtii boodaa kun garuu “komichi kan
dhiyeessisuu miti.” jechuun ol’iyyannicha kufaa waan godheera.
• MMWO ol’iyyannoo kana fuudhee eega ilaale booda jechi
ragootaa walfuutonni yoom, eessattii fi, sirna kamiin akka
walfuudhan kan hin beekne ta’uufi, ragaan barreeffamaa Abbaa
Taayitaa Soorama Wabii Haww. irraa dhiyaates mataa isaatiin
fuudhaafi heerumni raawwatamuu kan hin mirkaneessine ta’uu
akka xiinxalaatti ibsuudhaan, “haala kanaan fuudhaafi heerumni
raawwatamuun osoo hin mirkanaa’in gaa’elli nijira jedhamee
murtiin jalatti kenname seeraan ala.” jechuun diigeera.
Iyyattuunis, MMWO murtii mana murtii jalaa diigee gaa’elli
hin jiru jechuun murtiin kenne dogongora seeraa bu’uura kan
qabuudha jechuun MMWO Dhaddacha Ijibbaataatti iyyattus
dhaddachi kun garuu “dogongorri seeraa kan bu’uuraa hin
jiru.” jechuun iyyata dhiyaateef kufaa godheera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 128


MMWF dhaddachi ijibbaataa(Lakk. Galmee 11136(bara 1999)-, “haalli
abbaa warraa fi haadha warraa jira jechuun kan danda’amu dhiirrii
tokkoo fi dubarri tokko abbaa warraa fi haadha warraati waliin jechuun
kan waliin jiraatan yoo ta’ee fi namoonni biroo fi firoottan isaaniitis
haaluma kana kan beekan ta’uu yoo mirkaneessan akka ta’e seeri
nituma.
Haala abbaa warrummaa fi haadha warrummaa kana bu’uura seerri
tume kanaan hubaachiisuun yoo danda’ame fuudhaafi heerumni ni jira
jechuun tilmaamni fudhatamuu akka qabu seerrii ifaan kaa’ee jira.
Kanaaf, haalli kun jiraachuu hubaachiisuudhaaf fuudhaa fi heerumni
yoom akka raawwatameefi sirna kamiin akka raawwatame ragaan
akka itti dhiyaatu/mirkaneessu seerri hin dirqisiisu.” Jechuun murtii
Mana Murtii Aanaa fi kan Ol’aanaa cimseera.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 129
Murtiicha akkamitti ilaaltuu?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 130


• Haata’u malee, yeroo ammaa labsii Manneen Murtii Federaalaa
hundeessuuf bahe labsii lakk 1234/2013 baheen haalli kun kan
jijjiiramee jiru dha. Labsii kanaan keewwata 6 jalatti kan tumame
akkuma jirutti yoo ilaalle kan jedhu:
Substantive Laws to be Applied by Federal Courts
Art. 6/ Federal Courts shall settle cases or disputes, submitted to
them within their jurisdiction on the basis of:
a) the Constitution, Federal Laws and International Treaties to
which Ethiopia is a party;
b) Regional; Addis Ababa or Dire Dawa city laws where the case
relates to same.
Labsiin ammaa kan duraa irra waanti haaraa inni fidee jiru yoo jiraate
ol’aantummaa labsiin duraa kwt 6(2) jalatti seera Federaalaaf beekumtii
kennee ture sana hambisuun qajeeltoo Heera Mootummaatti deebi’uu isaa
kan hubachiisudha.
 Haa ta’u malee ammallee rakkoon jiru dhimma akka olitti ibsamee
bu’uura seera Maatii Naannoo Oromiyaatiin hiikkoo kwt 93’f kennina
yoo jenne, amma illee labsiin MM Federaalaa lakk 1234/2013 daangaan
inni kaahee jiru
Murtiiwwan MMWF Dh.Ij. hiikkoo dirqisiisaa ammaan dura
kennameen faallaa kan murtaa’u yoo ta’e bu’uura hiikkoo
dogoggora bu’uura seeraa raawwatame jedhamee labsichaan
tarreeffamaniin dhimma Naannoo illee ta’u haalli itti MMWF
Dh.Ij. murtii manneen murtii naannoo oromiyaa keessatti bu’uura
SMO kwt 93’n firii dubbii tumaa kana mirkaneessuuf barbaachisu
‘‘raawwatamuu gaa’ilaa’’ irratti hundaa’uun murtii kennaman
fudhatama dhabsiisa yoo ta’e rakkoo ta’a.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 133


Solutions
Hiikkaan mana murtii federaalawaan dhimma harkaa qabnu irratti
kenname kun Heera Mootummaatin kan waldhahu waan ta’uuf
qaama ilaaluun furmaanni kennamuu qaba.
 Heera Mootummaa Federaalawaa kwt.52(2) irratti Naannoleen
seera maatii mataa isaanii baafachuudhaaf angoo keennameef
irratti hundaa’uun Caffeen Oromiyaa seera maatii Oromiyaa
qabatama naannoo ofiitiin kan baase fooyya’uu yoo barbaachises
Caffeen ofii isaatii fooyyessuu danda’a.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 134


Kanaaf, hiikkaan manni murtii tokko seera kanaaf kennu, yaada
Caffeedhaa kan hordofu ta’utu irra jira. SMO kwt. 93 hiikni
isaa ifaa fi falmii kan hin qabne ta’ee osoo jiru sababa SMFn
waldideef qofa manneen murtiin haqamuu kan qabu hin
fakkaatu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 135


Remark
MMWFDHI L.G-206403(hin maxxanfamne)-Ragaan gahaa fi
amansiisaa gaa’illi jiraachu isaa mirkaneessuuf dhiyaatu gaa’illi
jiraachu isaa fi sirna kamiin(types of celebration of marriage) akka
raawwatame mirkaneessuu qaba.
Yoo kana mirkaneessu hin dandeenye fi akka dhirsaa fi niitii
jiraachuu isaani beekna yoo jedhame mirkannaa’e gaa’ila hin ta’u.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 136


Yoo akkass ta’ee garaagarummaa mirkaneessa IU waliin kan hin
qabne ta’aa. Good decision
Waliigalteen gaa’ilaa jiraachuun isaa akka ragaa tokkoo
dhiyaachu danda’aa malee kophaa isaa gaa’ilii jiraachuu isaas
kan mirkanneessu miti. (MMWFDHI L.G 95120-hin
maxxanfamne)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 137


BOQONNAA SADII

DIIGGAA GAA’ELAA

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 138


SMO sababiiwwan gaa’elli ittiin diigamuu danda’u sadii (3)
tarreessee jira.(SMO kwt 97) Isaanis:
1) Du’a ykn badiinsa
2) Hir’ina ulaagaa bu’uuraa
3) Hiikkaa

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 139


Sababiiwwan lameen jalqabaa ilaalchisee qabxiileen akka
waliigalaatti ifa ta’uu qaban lama gurguddoon ni jiru.

1ffaa Diiggaan gaa’elaa sababa du’aatiin ykn badiinsaatiin


raawwatamu m/murtiitti dhiiyaatee diigamuun isaa labsamuu
kan irra jiruu osoo hin taane, firiin(fact) isaa qofaan
m/murtiif ibsamuudhaan diigamuu gaa’elichaa tilmaamni
seeraa (judicial notes) akka fudhatamu godhama
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 140
2ffaa Gaa’elli hir’ina ulaagaa bu’uuraa qabu tokko hanga
gaaffiin bu’uura hir’inichaatiin irratti dhiyaatee sababa kanaan
diigamutti akkuma gaa’ela seera qabeessaatti fudhatamee
bu’aa seeraa hundaa kan hordofsiisu ta’uun isaatii.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 141


Kanaaf gaa’elichi osoo haala kanaan jiru walfuutota keessaa
tokko yoo du’e ykn bade ykn gaaffiin hiikkaa walfuutotaa
waliigalteedhaan ykn dhuunfaadhaan yoo dhiyaate bu’uruma
sababiiwwan kanneeniitiin ilaalama malee sababa hir’ina
qabuuf qofa jalqabumaayyuu bu’aa hin qabu ykn kufaadha
jechuun yaada deeggarsa seeraa qabu miti.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 142


M/murtii hanga gaaffiin bu’uura hir’innichaatiin
hindhiyaatinitti gaa’elichi guutuu (valid) akka ta’ettiidha
kan fudhatu. Seerichis kanuma tilmaama fudhata waan ta’eef

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 143


SMO kwt. 97(3) jalatti kan tumame hiikkaa yoo ta’u, innis gaaffii
walfuutotaan ykn walfuutota keessaa isa tokkoon dhiyaatuun
manni murtii hiikkaa kan kennuudha.
Sabaabiiwwan 2ffaa fi 3ffaa ilaalchisee lameenuu murtiidhaan
kan raawwataman yoo ta’anis garaagarummaa bu’uuraa
qabaachuun isaanii hubatamuu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 144


Bu’uura sababii 2ffaan (hir’achuu ulaagaa bu’uuraa) kan
kennamu murtii diiggaa gaa’elaa (judicial dissolution)dha.
Bu’uura sababii 3ffaa irratti kan kennamu immoo murtii
hiikkaa gaa’elaati (decision of divorce). Murtii keessatti
kanaan ibsamu qaba

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 145


Dabalataan sababii 2ffaa jalatti gaa’elichi akka diigamu
seerrii mataa isaa kan deeggaruu fi kan jajjabeesudha.
 Sababni 3ffaa (hiikkaa) (Murtii hiikaa) garuu seerichi hin
jajjabeessu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 146


Issue
 Hiikkaadhaan gaa’elli tokko m/murtiitti eega diigame booda
walfuutonni araaramuudhaan walitti deebi’anii waliin jiraachuu yoo
ittifuufan ta’e, haala kanaan osoo jiranuu walfuutota keessaa tokko yoo
du’e ykn bade ykn gaaffii hiikkaa yoo dhiyeesse hiikkaan inni duraa
bu’aa akkamii akka qabaatu ifa miti.
 Murtiin badinsaa kan irratti kenname deebi’ee yoo dhufe gaa’illi duraa
akkam ta’a?
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 147
Remark
 Gaa’illi mana murtiidhaan erga diigame booda yoo walitti deebi’an sirnoota raawwii
gaa’ilaatiin irra deebi’ani gaa’ila isaani hundeessu qabu malee bu’aa hin qabaatu.
Garuu qabatamaan araaramu mirkanneessu.
 Jildii 5ffaa Lakk. G- 23021- Araaramanii walitti deebi‘uun waliin jiraachuun isaanii
dhugaa qabatamaan lafa jiru ta‘uu ragaan mirkaneessee yoo jiraate gaa’illi jira
jedhame murtaa’u qaba jedheera. MMWFDHI L.G 236381(hin maxxa.) gaafa
26/7/2015 fi L,G 216512(gaafa 5/11/2014 murtaa’e) murtaa’een ejjannoo kan cimsee
jira.
 Namnii badee jedhame yoo deebi’e qabeenya isaatu isaaf deebi’a malee gaa’illi isaa akka
hin diigameetti lakkaawwame dubatti hin deebi’u.(MMWFDHI jildii 14ffaa L.G-74791)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 148
• Garaagarummaa sirnoota raawwii gaa’elaa diigamuu gaa’elichaa fi
bu’aawwan hordofsiisu irratti garaagarummaa kamiyyuu
dhaqqabsiisuu ykn uumuu kan hindandeenye ta’uu seerrichi
tumuun isaa armaan olitti tuqameera.
• Haaluma walfakkaatuun diigamuu gaa’elaa kan fidan
sababiiwwaan adda addaa sadeen olitti ilaalamanis bu’aa
diiggaan hordofsiisu irratti garaagarummaa kan hinfidne ta’uun
isaanii ifaan hubatama
Haata’uutii garaagarummaan muraasni kan jiru ta’uunis
dagatamuu kan qabu miti. Fakkeenyaaf gaa’elichi kan diigame
sababa gaaffii hiikkaatiin yoo ta’e firoottan walfuutotaatiif
dirqamni qallaba kennuudhaan kan citu yoo ta’u diigga
sababa du’aatiin yoo ta’e garuu diqamni kun diigamuu
gaa’elichaa boodas ittifufa.
SMO kwt 216
Akka waliigalaatti wanti ifa ta’uu qabuu 1ffaa, sababiin gaa’elli ittiin
diigame hiikkaa yoo ta’e bu’aawwan hiikkaan hordofsiisu, akkuma
haala gurmaa’ina seerichaa irraa mul’atutti, bu’uura tumaalee kutaa
3ffaa tiin kan ilaalamu ta’a.
Diiggaa kan fide sababa du’a walfuutota keessaa isa tokkoon yoo
ta’e, bu’aa gama qabeenyaan jiru ilaaalchisee akkuma
barbaachisummaa isaatti kutaan 3ffaan olitti eerame kan raawwatamu
akka ta’e ni hima.
 Sababiin diiggaadhaa hir’achuu ulaagaa seeraa yoo

ta’e immoo bu’aan diiggaan hordofsiisuu maala akka


ta’e manni murtii haqummaa madaalee murteessuu
akka qabu jalatti tumamee jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 152


• Gaa’elli kan diigame sababa baduu ykn dhabamuu
dhiirsaa/niitiitiin yoo ta’e bu’aan isaa bu’uura kamiin ilaalamuu
akka qabu seerichi wanti jedhe yoo hinjirreellee haaluma diiggaa
sababa du’aan raawwatamuuttii ilaalamuun bu’aan gama
qabeenyaan argamu yoo jiraate (falmiin qooda qabeenyaa
dhaaltotaa fi abbaa/haadha warraa isa jiru giddutti yoo ka’e)
bu’uruma tumaalee seerichaa boqonnaa 7ffaa kutaa 4ffaan akka
ilaalamuuf seerichi kan caldhiseedha.
Sababa hir’achuu ulaagaa seeraan diiggaa murtaa’uun walqabatee
bu’aan diiggaadhaa haqa irratti hundaa’amee murtaa’uu akka qabu
seerichi yoo tumellee haala kamtu “haqa” akka ta’e madaalee murtii
akka kennu seerichi mana murtiif angoo kenneera.
Kanaaf, manni murtichaa akka madaaletti dhimmicha bu’uura
bu’aaleen hiikkaa gaa’elaa ittiin ilaalamaniin (kutaa 4ffaa) laaluun haqa
qabeessa ta’ee yoo arge haaluma walfakkaataa ta’een qulqulleessuun kan
danda’amu ta’utu hubatama..
• Kanaaf, garaagarummaan sababiiwwan diiggaa bu’aalee
hordofsiisu irratti fidan yoo hin jirreellee adeemsa ittiin
ilaalaman irratti garuu garaagarummaa qabachuu kan
danda’an ta’uun akka waliigalaatti ni hubatama

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 155


Bifoota Hiikkaa Gaa’elaa

• Hiikkaan sababiiwwan diiggaan gaa’elaa ittiin raawwatamu


keessaa isa tokko akka ta’e armaan olitti ilaalameera. Akka
sababii diiggaa gaa’elaatti tokko haa ta’u malee hiikkaan gaafilee
karaa lamaan dhiyaatan irratti hundaaa’ee laatama. Isaanis:

• Waliigalteen walhiikuu

• Gaaffii hiikkaa dhiyeessuu


Hiikkaa ilaalchisee SMO boq. 7ffaa keessatti kutaa 2ffaa fi 3ffaa
jalatti akkaataa gaafileen ittiin dhiyaatanii fi manni murtiitis haala
ittiin ilaaluu qabu diriirsee tumee jira.
 Bu’uura kanaanis, kutaa 2ffaa jalatti waa’een waliigalteedhaan
walhiikuu kan tumame yoo ta’uu kutaan 3ffaan immoo tumaalee
gaaffii hiikkaa dhuunfaa walfuutotaan dhiyaatan bitan kan
hammateedha.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 157
Gaaffiin gaa’elaan walqabatee dhiyaatu hundi hiikkaa gaa’elaa
kan gaafatu waan hin taaneef iyyanni dhiyaate kan hiikkaa
ta’uu fi kan waldiddaan akka ilaalamuuf dhiyaate ta’uu isaa of
eeggannoon adda baasuun dirqamaadha.
Falmiiwwan hiikkaa hin ilaallanne kunis bu’uura SMO kwt.94 fi
95 tiin ilaalamee fala argachuu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 158


Waliigalteen Walhiikuu

Seerichaan akka ibsametti, hiikkaan gaa’elaa waliigaltee


walfuutotaan murtaa’ee mana murtiittii ragga’uudhaan raawwatamuu
kan danda’u ta’uun tumameera
 Kunis, niitiin fi dhiirsi waliigalteedhaan walhiikuuf yemmuu
murteeffatan waliigaltee hiikkaa fi bu’aa isaa barreeffamaan mana
murtiif dhiyeessuudhaan addaan bahiinsi (hiikkaan) akka ragga’uuf
gaafachuu danda’an jechuun seerichi tumee jira . (SMO kwt 99, 100)
Uulaagalee guutamu qaban
1ffaa Gaa’elli isaanii yoo xinnaate baatii jahaa kan guute ta’uutu irra jira
2ffaa walfuutonni lameenuu fedhii guutuu kan qabanii fi kan murteessan ta’uu
qabu.
3ffaa fedhii guutuun murteeffachuu isaanii walfuutonni lameenuu waliigalteen
ibsachuutu irraa jira.
4ffaa, Bu’aalee gama mirga dhuunfaa isaanii, dantaa ijoollee fi qabeenyaan
jiran irratti waliigalteedhaan murteessuu qabu. waliigalteen lameenuu (kan
hiikkaa fi kan bu’aa isaa) Garuu sababa diigaa isaani ibsuuf hin dirqaman
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 160
Aangoo Mana Murtiichaa
walfuutota bakka tokkottis ta’ee adda addaan dubbisuun yaada akka jijjiiran
gochuuf yaaluu qaba.
yaada isaanii kan hingeeddarre yoo ta’e irra deebi’anii akka itti yaadan
akkuma haala isaatti yeroo hanga ji’a sadii gahu kennuudhaan gaggeessu.
(galmee cufus danda’aa)
Yoo galmeen cufame ji’a jahaa keessatti sochoosuun murtiin akka kennamuu
gaafachu danda’u.(yeroon kenname xumurame)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 161


Yeroo mirkanneessuu waliigalteen walhiikinsaa fedhii guutuu
fi bilisaan walfuutonni kan itti seenan ta’uu fi akkasumas
seera fi safuu hawaasichaatiin kan walitti hinbuune ta’uu
mirkaneessuudhaan hiikicha raggaasutu irraa eeggama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 162


• Waliigaltee hiikkaa waliin kan dhiyaatu waliigaltee bu’aa
hiikichaatis haaluma walfakkaatuun mirgaa fi kunuunsa
ijoollee fi mirga walfuutotaas seeraa fi haala gahaa ta’een kan
hin miine ta’uu isaa mirkaneessu malee raggaasuu akka hin
qabne seerichi ifaan kaahee jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 163


Gama biraatiin walfuutonni hiikicha irratti waliigalanii bu’aa isaa
irratti immoo yoo caldhisan ykn waliigaluu dhaban
m/murtichaa hanga danda’ametti walfuutonni akka irratti
waliigalan gochuuf yaaluun kan irra jiru ta’us hin
danda’amne taanaan garuu karaa itti mijate hundaan bu’aa
hikichaa irratti ofii isaati murteessuu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 164


SMO kwt 110(3) akkuma manni murtii hiikeen murtii
kennuun ni danda’aama. bifa wal fakkaatuun hiikuu
(analogy) fayyadamuun ni danda’ama.
Gaa’illi diigame kan jedhamuus guyyaa raggaasifame kaaseetii
malee guyyaa waliigalame miti.(MMWFDHI jil.18ffaa L.G-
109731)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 165


Hiikkaa Gaaffii Walfuutotaan Raawwatamu

Gama biraatiin, gaaffiin hiikkaa karaa lamaan dhiyaachuu akka


danda’u kwt.104(1) jalatti kan tumame ni ibsa.
Karaan inni tokko walfuutota keessaa inni tokko kophaa isaatti
gaa’elichi hikkaan akka diigamuuf gaaffii dhuunfaan dhiyeesuudha.
Karaan inni biraa immoo gaaffuma kana walfuutonni lameenuu
waliin ta’uudhaan kan dhiyeessaniidha. Karaan ittiin gaaffichi
dhiyaatuu danda’u lama haata’u malee bu’aan hordofsiisuufi haalli
ittiin ilaalamu tokkoodha.
• Egaa, bifa hiikkaa kana isa jalqabaa (waliigalteen) irraa
wantoonni adda godhaan
1ffaa, walfuutota keessaa inni tokko fedhii hiikichaa kan qabu yoo ta’u
inni kuun immoo hin qabu ta’a. Yeroo kana isa fedhii hin qabne ykn
gaaffii hin dhiyeessin m/murtii waamee yaada isaa gaafachuu danda’a.
Gama biraatiin walfuutonni lameenuu hiikichaaf fedhii kan qaban ta’uu
malanis hikkichas ta’ee bu’aa isaa irratti waliigalteen godhan hinjiru
gaaffichas waliigalteenii miti kan dhiyeessan .

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 167


• 2ffaa, gaaffiin dhiyaatus gaa’elichi hiikkaan akka diigamuuf
murtii hiikkaa kan gaafatu malee hiikkaan akka ragga’uuf miti
• Gaaffiin hiikkaa karaa kanaan dhiyaatu umrii gaa’elichaan kan
daanga’uu miti.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 168


• Haaluma walfakkaatuun, karaawwan lameen gaaffiin hiikkaa ittiin
dhiyaatan kun akkaataa manni murtii gaaficha ittiin ilaalu irrattis
garaagarummaa kan fidu ta’uun ni mul’ata. Kunis,
• Gaaffii waliigalteen dhiyaate yoo ta’e waliigaltichi seera qabeessa ta’uu
isaa, safuu kan kabaje ta’uu isaa fi dantaa daa’immaanii fi mirga
walfuutotaa bu’uura seraan kan eege ta’uu isaa qulqulleessee
mirkaneessuudhaan m/murtichaa hiikkaa gaa’elichaa gaafatame
raggaasuu yoo ta’u
• Gaaffii karaa 2ffaa dhiyaate yoo ta’e immoo dhimmicha
gadifageenyaan keessa galee ilaaluun murtii hiikkaa fi bu’aa isaa
irrattis murtii kennuu qaba.
• Fakkeenyaaf walfuutota dubbisuufi yeroo itti yaadan kennuu irraa
darbee dhimmicha jaarsolee araaraan akka ilaalamu taasisuun,
qajeelfama barbaachisu jaarsotaaf qabsiisuun bu’aa irra gahan
hordofee gabaasa fudhachuu fi haaluma barbaachisummaa isaatiin
yeroo dabalataatis ni kennaaf.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 170
Gidduu kanattis kunuunsa ijoollee fi walitti dhufeenya
walfuutotaa irrattis haala barbaachisaa ta’e qajeelchuu qaba.
Kana malees walfuutonni waliigalteen godhan waan hin jirreef
qabeenyi gaa’elichaatis qisaasamuu danda’a waan ta’eef
bulchiinsa qabeenyaa irrattis ajajni barbaachisu kennamuutu irra
jira. SMO kwt 105(4) fi SDFHH kwt 154
BAKKA BU’UUMMAA FI DIIGGAA
GAA’ILAA

04/17/2024 eliasH. 172


Haala addaatiin gaafii diiggaa gaa’ilaa bakka bu’ummaadhaan
dhiyyeessuun ni danda’aama.
MDHIMMWF Jildi 23 lakk.Galmee 150408 ta’e irratti kenne jira.

Kuun karaa lamaan kennamu danda’a.

1ffaa Bu’uura SDFHH Kwt 58tiin kennamu. kuniis


abbaa,obbolleessa ,ilma,akkaakayyu ykn haadha manaa??? ta’u qabu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 173


2ffaa. Bu’urra SHH kwt 2199- haala ifa ta’een gaa’ila diigguuf
jedhame kennamu qaba. Garuu Bu’uura SHH kwt 2205 fi
2199 tiin kennamu –Namoota fira hin taane jiddutti kennamu
yoo ta’u hin danda’aamu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 174


 Kan biyya alaa yoo ta’e immoo- Labsii 922/2008 Kwt 1, 6 fi 23
kaneen waliin ilaalamu qaba. Kuniis:

 Inbaasii Itiyoophiyaa achi jirun yoo mirkannaa’e.

 Ministeeri Hajaa biyya alaa ni mirkanneessa.

 Galmeessa fi mirkanneessa sanada Feederaala tiin galmaa’u


isaa kan mirkanaa’e.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 175


• Bakka bu’ummaa haala kanaan kenname immoo namnii
kennameef suun abukaatoodhaaf kennu ni danda’a.
• Manni Murtiicha yoo shakkee ykn mormiin ka’e
Inbaasiichaaf barreessuun ragaan kuun achi kennamu isaa
qulqulleessuuf aangoo qaba

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 176


Gaa’ila Dhiisanii Deemuu fi Bu’aa Inni Hordofsiisu

Akka waliigalaatti, gaa’elli tokko hiikkaadhaan kan diigamu


waliigaltee hiikkaa walfuutonni dhiyeessan mirkaneessuun/
raggaasuudhaan ykn gaaffii hiikkaa dhiyaate irratti murtii
kennuun akka ta’e yoo hubatamu, karaa lameeniinuu hiikkaanis
ta’ee bu’aan isaa mana murtiitti murtii seeraa argatu akka
qabu seerichi ifaan tumeera.(SMO kwt 97, 98)
• Gama biraatiin hiikkaa gaa’elaan walqabatee qabxiin ijoon
xiyyeeffannaa barbaadu, hiikkaan gaa’elaa haala birootiin mana
murtiin ala raawwatamu seera duratti akkamitti ilaalamuu akka
qabuudha.
• Sababiin isaatis, yeroo hedduu jireenya hawaasummaa keessatti
walfuutonni hedduun sababii garagaraa irraa kan ka’e gaa’ela isaanii
mana murtiin ala karaa jaarsa firaatiin ykn birootiin yemmuu
walhiikan ni mul’atu.
Kanamalees, walfuutonni tokko tokko waldiddaa nuffisiisaa mana
keessatti uumamu irraa ka’uudhaan inni tokko manaa fi gaa’ela
gadi-dhiisee yemmuu bahu, eerga bahe boodas innis ta’ee namni
gaa’ela keessa waliin turan gaa’ela biroo nama biroo waliin
raawwatuudhaan maatii haaraa yemmuu hundeessanii jiraatan
arguun baratameera.
• Kanaaf, gaa’elli mana murtiis osoo hin gahin, du’aanis
ta’ee badiinsaan osoo hin diigamin calluma jedhee
yemmuu deeman (factual ceasation or defacto Divorce)
seerri maal godha?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 180


• Gama SMOtiin, kwt.98 ifaan kan tume, waliigaltee
hiikkaa raggaasuu, hiikkaa murteessuu fi, bu’aawwan
hiikkaa irratti murtii kennuu ykn raggaasuu kan danda’u
mana murtii qofa akka ta’e ibseera.
• Tumaalee seeraa ifaan kaa’aman kunniin kan
hubachiisan hiikkan gaa’elaa mana murtiitti qofa kan
raawwatu akka ta’eedha. Kanaaf hiikkaa mana
murtiin ala raawwatamu seerichi hin beeku.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 182


• Haata’uutii, qabatama hojii irratti walfuutonni jiruudhaan eega
addaan bahanii waggoota heddu turan booda bifa haaraa ta’een
gaa’elli jiraachuun akka mirkanaa‘uuf ykn mana murtiitti
akka hiikamuuf gaaffiin dhiyaachaa jiru hedduudha

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 183


Yaadota gama kanaan jiran
• Yaada 1ffaa, “seerri haalawwan gaa’elli ittiin diigamuu danda’u
sadii (3) tumuudhan isaan keessayis hiikkaan gaafilee kaaraa
lamaan dhiyaataniin mana murtii angoo qabu qofaan kan
ragga’u ykn murtaa’u ta’uu isaa ifaan labsee bakka jirutti,
tumaaleen seeraa kuniinis ifaan kan taa’anii fi falmii kan hin
qabne ta’anii osoo jiran, qajeeltowwan hiikkaatiin ala
bahuudhaan hiikkaa keewwata seeraa ifa ta’e darbanii hiika
biroo kennuun (no interpretation where the provision is clear)
sirrii miti” yaadni jedhu gama tokkoon ni jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 184


Akka yaada kanaatti, seerichi hiikkaan gaa’elaa mana murtii
qofatti kan raawwatamu ta’uu isaa ifaan kaa’ee bakka jirutti
hiikkaa mana murtiin ala raawwatamu akka dabalatutti ykn
hammatutti seericha hiikuun adeemsa seera hordofe akka hin
taane ykn bu’uura seeraa kan hin qabne akka ta’etti himama.
Kanaaf, gaa’elli m/murtiin alatti hiikame qabatama hojii irratti
kan mudataa jiru yoo ta’es, dirqamni manneen murtii seera ifa
ta’e akkuma jirutti raawwachuu malee ala bahanii hiika ofii
isaanii keewatichaaf kennuun seera baasuu ta’a, kun immoo
aangoo fi ergama manneen murtiitii miti jechuudhaan yaadni
kun cimsee morma.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 186


• Yaada 2ffaa keewwatni tokko kophaa isaatti ifa yoo ta’ellee,
hiikkaan ifa ta’e kun kophaa isaatti yemmuu hojjitti raawwatamu
bu’aa faallaa kaayyoo seerichaa waliigalaa (absurd meaning)
hordofsiisuu waan danda’uuf, yeroo haalli akkasii uumamu
keewwatichi tumaalee biroo waliin ilaalamee akkaataa kaayyoo
seerichaa galmaan ga’uu danda’uun hiikamuu akka qabu
kaasee kan mormuudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 187


Kanaafu gaa’elli tokko mana murtiin sababa hin hiikkamneef
qofa walfuutota qabatamaan adda bahanii fuudhaafi heeruma gara
birootti raawwatanii ykn walirraanfatanii turan, deebisanii
gaa’elli isaanii ni jira jechuun kaayyoo seera maatii akka hin
taane yaadni gama kanaa cimsee dhiyeessa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 188


Isiin hoo yaada isa kam deeggartu?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 189


Kallattii hiikkaa tumaa seera maatiif MMWF Dhadhacha
ijibbaataan kenname, hiikkaa gaa’elaa mana murtiin ala yeroo
dheeraaf addaan bahuu walfuutotaan raawwatamuuf beekumti
kan kenne yoo ta’u, manneen murtii birootis hiikkaa seeraa
kana hordofaa turuun isaanii ni beekama. (MMWFDHI jildii 10

L.G 102662, jildii 4ffaa L.G 20938, jildii 5ffaa L.G 31891 etc)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 190


MMWF Dh/Ij ejjannoo 2ffaatiin hiikkoo dirqisiisaa kan
kennaa ture ta’u illee yeroo ammaa hiikoon dirqisiisaa kun
gaaffii hiikoo Heeraa kaasisuun haalli itti jijjiirame
jiraachuu isaa hubachuun barbaachisaa dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 191


Hiikkoon dirqisiisaa ammaan dura MMWF Dh.Ij
kennamee fi kan manneen murtii kana haala wal fakkaatuun
hiikkoo hordofaa turan fudhatamummaa heeraa akka hin
qabaanne murtaa’eera

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 192


• Manni Maree Federeshiinii hiikoo kenneen, dhimma Falmii
Ad. Qalamuwaa Tafarraa fi Waamamaa Ob. Fissahaa Damissee
gidduutti hanga MMWF Dh/Ij tti murtii argaterraa hiikkoo
heeraa irratti gaafatameen, lakk gal 50/10 Bara hojii
Paarlaamaa 5ffaa wal gahii Idilee isaa 1ffaa irratti hiikoo
kenneera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 193


Dhimmichi kan jalqabe Iyyattuun waamamaa waliin bara
1965 gaa’ila raawwachuun ijoollee waliin horachuu
qabeenya socho’aa fi hin sochoones waliin horachuu isaanii
ibsaniiru.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 194


• Waamamaan gama isaatiin, Iyyattuu fi isaan gidduutti gaa’illi
isaanii bara 1984 qabatamaan guutummaan kan addaan
citee gar gar kan jiraachaa jiran ta’uu, gaa’illi isaanii
qabatamaan kan hafee jiru waan ta’eef gaa’illi akka
diigamuuf murtiin kennamu hin jiraatu jechuun falmeera

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 195


• Manni Murtiis, falmii bitaa mirgaa erga ilaaleen booddee,
Iyyattuu fi waamamaan bara 1965 gaa’ila kan hundeessan yoo
ta’u, waamamaan bara 1984 sababa hojiitiin gara Finfinnee
kan deeman yoo ta’u haadha manaa biraa kan fuudhanii fi
haadha manaa fuudhanirraayis ilmoo tokko kan qabaniifi umriin
ishee waggaa 20 kan gahe ta’uu,

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 196


• Ijoollee haadha manaa jalqabaa ykn iyyattuu ammaarraa
argataniifis qallaba kan kennaa turan ta’uu fi iyyattuu waliin
walitti dhufeenyi ykn hariiroon isaanii abbaa manummaa fi
haadha manummaa kan hafe ta’uu, iyyattuun abbaan manaa
isaanii haadha manaa biraa akka fuudhee jirus kan beekan ta’uu
kaasuun dhimma ammaan dura hiikkoo dirqisiisaa MMWF Dh/Ij.
kenne caqasuun gaa’illi Iyyattuu fi waamamaa gidduu ture
haalootaan kan diigamee jiru ta’uu isaa murteesseera.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 197
• MM ol’aanaa Federaalaa dhimmicha ol’iyyannoon ilaalee
komiin Ol’iyyannoo hin dhiyeessisu yoo jedhu; MMWF Dh/Ij
illee haala wal fakkaatuun komii ol’iyyataa dogogorri bu’uura
seeraa raawwatame hin jiru jechuun iyyata kufaa gochuun
murteesseera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 198


• Iyyattuun ammaas murtii Manneen Murtii sadarkaadhaan
gaa’illi bara 1984 kaasee addaan bahanii waan jiraniif haalootaan
ykn qabatamaan diigamee jira jechuun hiikkoon kennan Heera
Mootummaa Waliin kan walitti bu’u ta’uu kaasuun hiikkoon
Heeraa akka irratti kennamuuf gaafataniiru.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 199


 Manni Marichaas yoo xiinxalu, qaamni seera baasu Seera maatii Federaalaa
kwt 75’n(SMO kwt 97) gaa’illi karaa sadiin akka diigamu, keessattuu kwt
82(SMO kwt 98) jalatti gaa’ila hiikkaan murteessuu fi bu’aa hiikkaan
hordofsiisu murteessuun aangoo Mana Murtii qofa akka ta’e seerichaan kan
tumee ta’u isaa
 Kuniis kaayyoo mataa isaa akka qabu kana keessaa inni tokkoo fi inni bu’uuraa
gaa’illi yeroo hiikkaan diigamu qooddii qabeenyaa wal fuutootaa fi waa’ee
guddina ijoollee ilaalchisee manni murtii murtii kennuu akka qabu kaasuun ni
danda’ama.
• Kun qaama seera baasuun akka sababaaatti kan fudhatameef,
bu’uura Heera Mootummaa kwt 34’n mirga dubartootaa fi
daa’immanii Heeraan egumsi taasifameef tiksuuf ykn
mirkaneessuuf shoora ol’aanaa qabaachu isaati.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 201


Seerichaan karaan gaa’illi itti diigamu sababa sadiin ta’uu seera
baastuudhaan taa’ee jiru Manni Murtichaa ulaagaa seericha irra hin
jirreen gaa’illi akka diigamee jirutti murteessuun dogoggora ta’uu isaa
ibseera.
Kanaafu murtii Manneen Murtii sadarkaan jiraniin kenname Heera
Mootummaa kwt 50(5), 55 fi 79(3) waliin kan wal faallessu waan ta’eef
bu’uura HM kwt 9(1) tiin fudhatamummaa hin qabaatu jechuun
sagalee guutuudhaan Manni Marichaa murtii dabarsee jira.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 202
Akka waliigalaatti hiikoo Manni Maree Federeeshinii kenne
kanarraa waanti hubatamu, MMWF Dh/Ij hiikoon dirqisiisaa kallattii
kanaan kenneeru qaama seera baasuun akka ulaagaatti hin teenye
tokko seericharratti dabaluun faallaa qoodama aangoo Heeraan
isaaniif kennameen ala akka ta’etti fudhachuun murticha diige waan
ta’eef kallattiin fuulduraa illee kanuma hiikoo Mana Maree
Federeeshiniin kenname hordofuun dirqama kan ta’u dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 203


• Qabatamaan hawaasni mana murtiin ala addaan bahuun jireenya
dhuunfaa ofii jiraachaa turanii qabatamaan waantoota gaa’illi
isaan gidduu jiraachuuf barbaachisoo ta’an hafuu isaa agarsiisan
irraa ka’uun yeroo barbaadanitti jireenya tasgabbaa’aa isa kaanii
hin jeeqiidhaan fakkaata ejjannoon MMWF dh/Ij.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 204


Haata’u malee, hiikoo Mana Maree Federeeshiiniin kennames hanga
ta’e wal fuutoota adda adda deeman waan akeekkachiisu qaba.
Kuniis Wal fuutoota keessaa inni kaan yeroo barbaadetti jireenya
tasgabbaa’ee jiru fuulduratti najalaa jeequu danda’a ykn
dandeetti jechuun gareen yaadu tokko rakkoo akkasiirraa ooluuf
cal jedhanii taa’uu akka hin qabneefi Mana Murtiitti dhimmicha
akka fidanii dhimmichi xumura argatu kan hubachiisu dha

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 205


Issue

Raawwiin murtii mana maree Federeeshiinaa yoom irraa kaasee


ta’u qaba? kuniis gaa’iloota qabatamaan murtiin dura dhiisanii
deeman irratti raawwii qaba moo? erga murtiichi kenname booda
qabatamaan gaa’iloota diigaman irratti ta’u qaba?
MMWFDHI L.G 230023(29/5/2015-hin maxxanfamne)

Iyyattuun mana murtii jalaatti waamamaa waliin bara 1991 hanga


bara 2004 gaa’ilaan waliin jiraanee ijjoollee kan qabnu fi qabeenya
adda addaa kan qabnu waan ta’eef ga’illii keenya akka diigamu fi
qabeenya waliin qabnu akka qixxee nuuf qoodamu jechuun
gaafattee jirti.
Waamamaan deebii kenneen iyyattuu waliin gaa’illa kan qabnu
ta’uus bara 2000 haala adaatiin jaarsummaa irratti qabeenya
qoddanne adda baanee jira. Manni ijarame erga gaa’illii keenya
diigame booda fi qabeenyoota biroos gaa’illa haaraa ijaaree
waliin kan qabudha jechuun ibsanii jiru.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 208


 Niitiin ammaa jiddulixummaa kan dhiyeessite yoo ta’u kuniis mana falmii kaasee
waamamaa waliin osoo waliin jiru kan ijaarree waan ta’ee gaheen koo akka keessaa
na abahu fi qabeenya biroo caqafamee immoo kan dhuunfaa kootii jechuun gaafattee
jirti.
 MMA: Gaa’illii iyyattuu fi waamamaa bara 2001 jaarsummaa irratti xumurameera
jedhamuus mana murtiitti dhiyaate kan hin mirkanoofne waan ta’eef bu’aa seera kan
qabu miti. Kanaafu mannichi gaa’illii osoo ragga’e jiru kan argame waan ta’eef
qixxe akka qodamuu murtii kenne jira.
MMO: Gaa’illii isaanii mana murtiidhaan kan hin diigamnee ta’uus mana
ilaalchise bara 2001 erga adda bahaan booda kan ijaarame waan ta’eef
humnaa fi tattaaffii isaaniitiin kan horatan ta’u isaa iyyattuun bakka hin
mirkanneesineetti gaa’illii isaanii MM dhaan waan hin diigamneef qofa
manni kan waliiniitti jedhamuun sirrii miti jechuun murtiicha diigee jira.
MMWN FI Ijibbaataa: MMO murtii kenne cimsanii jiru.
 MWFDHI: Gaa’illi isaani mana murtiidhaan hin diigamne. iyyattuun fi
waamamaan bara 2001 irraa kaasee waliigalteedhaan adda bahuun isaanii
mirkannaa’eera.Erga adda bahaan irraa kaasee waldeeggarru,gaa’illa isaanii
gumaacha gochuu fi walqixummaa gaa’illa keessatti qaban dhaabateera.
Garagara bahaani jireenya mataa isanaii jiraachaa jiru.
 Kan dura L.G 43988 irratti murtii kennameen qabatamaan gaa’ila isaanii
dhiisanii namoonni deeman gaa’ila keessatti qabeenyi argame kan waliinii ta’aa
tilmaama jedhuun fayyadamu hin qabanii jedhame murtaa’e turee.
Gama kanaan murtiin manni maree federeeshinii kenne kun gaa'ila
qabatamaan diiggame(de facto divorce) guyyaa murtiin kenname bara
2012 dura diiggame irratti raawwii hin qabu. kanaafuu raawwiin murtii
Mana Maree Federeeshiinaa haala addaatiin yoo ibsameen ala guyyaa
murtiichaa(27/1/2012) irra kaasee waan ta’eef(labsii 1261/2013 kwt 21(1))
yeroo qabeenyiichi horatame fi gaa’illii isaanii qabatamaan diigame(bara
2001) waan ta’eef gaaffiin iyyatuu fudhatama kan hin qabne ta’u ibsuun
murtii kenname cimseera.
Sagaleen Addaa

Murtii dhaddacha ijibbaataa kana irratti sagaleen addaa guyyaa


raawwii murtii mana maree federeeshinaa ilaachisee kan
murtaa'u guyyaa qabeenyichi horatame ykn guyyaa adda
bahan ilaaluun osoo hin ta'iin bu'aa murtiichi hordofsisu
faana ilaaluun ta'u qaba jechuun yaadaan adda baheera.
Garuu……
 Labsii 1261/2013 kwt 21(1) fi Dambii 6/2014(hiikaa heeraa ilaalchise haala dhiyeessa
komii, qabannaa fi deebii kennuu) kwt 32(3)-haala addaatiin yoo ibsame malee murtiin
MMF kenne guyyaa murtii kenne irraa kaasee raawwii qaba jechuun kaa’aa. Garuu maal
jechuudha murtiileen kan dura kennaman irratti raawwii hin qabu jechuufi moo? Dhimma
qabatamaan gaa’illi murtiicha dura diigameef raawwii hin qabu jechuufi? Non retroactive
hin hojatuu jechuuf malee qabatamaan gaa’illi yoom diigame kan jedhu ilaaluuf hin
fakkaatu.
 Dabalataan murtiin MMF kenne seerii Maatii hojiirra oluu qaba kan jedhudha malee
hiikaan haaraa kennees hin jiru. so ilaalamu waan qabudha.
Conclusion

Murtii dhaddacha ijibbaataa kun kenne irratti bara 2001 qabatamaan


gaa'ila isaanii dhiisanii deemuun tokko qabeenya kan horate yoo ta'e
qabeenyi horatame gaa'ila keenya mana murtiidhaan waan hin
diiggamneef akka naaf qoodamu jechuun gaaffiin dhiyaatu fudhatama
hin qabu. kanaafuu namni bara 2012 dura gaa'illi isaa qabatamaan
diigame murtii dhaddacha ijibbaataa de facto Divorce ilaalchisee
kenne kaasuun falmuuf wantii dhoorku hin jiru.
Dhimma kana irratti bu’uura dhaddacha ijibbaataa duraaniitiin maal falmaa kan
jedhuu ilaaluun barbaachisadha.
Fknf jildii 19ffaa L.G 102662 irratti guyyaa qabatamaan gaa’illi diigameera
jedhame kaasee waggaa 10 keessatti qabeenyi hin gaafatamne taanaan
darbiinsa yerootiin ni daangeeffamaa jedheera.
Qabatamaan diigamuun isaa garuu akka firii dubbitti mirkannaa’u qaba. Kuniis
L.G Jildii 13ffaa L.G 67924 ta’e irratti adda bahiinsii qofti gahaa miti. Garuu
adda bahuun suun dirqama seera maatii keessatti qaban waldeeggaruu fi
qindoomu kan hambisuu waan ta’eef akka firii dubbiittii mirkannaa’u qaba
Kanaafu gaa’illii tokkoo qabatamaan diigamee jira jechuuf waggaa isaa
lakkaawuun qofa osoo hin ta’iin akka firii dubbitti dhuguummaadhaan adda
bahuun yoo mirkannaa’edha.
Firiin dubbii mirkanna’u qabu keessa:

 Jireenya mataa isaanii jiraachu yoo eegalan.(maatii biroo horachuu ta’u


danda’aa)(jildii 5ffaa L.G 31891-waggaa 12 turani fi maatii biroo horatan),
Haa ta’u malee akka firii dubbitti mirkannaa’u hin dandeenye
taanaan(ragaa gahaatiin qulqullaa’e) bu’uura jildii 13ffaa L.G
67924 tiin gaa’illi qabatamaan diigameera kan hin jedhamne ta’u
isaa.(waggaa 18 biyya alaa turtee garuu qabatamaan
waldeeggaraa fi walqunamaa kan turaniidha)
 Qabxiin biroo ilaalamu qabu, Gaa’illi osoo hin diigamiin wal fuutoota
keessaa namni gaa’ila dhiisee deeme, yeroo gaa’ila isaa dhiisee deemetti
qabeenyaa horatame qabeenyaa gaa’ila keessatti horatame waan ta’eef naaf
haa qoodamu jedhamee yeroo gaafatamutti, tilmaama seeraa qabeenyaan
gaa’ila keessatti horatame qabeenyaa waliinii ta’a jedhamee tilmaamni
seeraa fudhatamu irraa fayyadamaa ta’uu hin danda’u. MMWFDHIJ 11ffaa
L.G 43988,

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 219


Tilmaamni seeraa kun kan inni maddu wal fuutoonni gama gama
isaaniitiin gumaachi isaan taasisan ni jira yaadama jedhurraa
ka’eetu, qabeenyaan sun akka horatamuuf gumaachi wal
fuutootaa jiraachuu qaba kun immoo mirga abbaa
qabeenyummaa heeraan kenname waliin deema.(Kwt 40(1))

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 220


Garuu qabeenyii amma yeroo adda bahiinsaa sanitti argame bu’aa
qabeenya duraanii yoo ta’e ta’e fi Abbaan warraa fi haati warraa hiikkaan
raawwatee hanga qooddiin qabeenyaa raawwatamutti qabeenyaan gaa’ila
keessatti horatames ta’e galiin qabeenya kana irraa argamu kan waliinii ta’aa.
(kun garuu waliin waan jiran fakkaata) (Jildii 23ffaa galmee 153258)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 221


Final remark
Kanaafu, falmiiwwan gaa’illi qabatamaan gaafa 27/1/2012
boodee diigamee kan jedhuuf murtiileen dhaddacha ijibbataa gubaa
caqasne hundii isaanii raawwii hin qabanii.
Bu’uruma murtii mana maree federeeshiinaatiin gaa’illii mana
murtiidhaan qofa erga diigame kaasee bu’aan isaa murtaa’a kan
jedhu qabachuun barbaachisadha.
• Muuxannoon biyyootaa gama kanaan jirus yoo ilaalame,
hiikoo Mana Maree Federeeshiniin darbeen haala wal
simuun biyyoonni hiikoo kennan jiru. Kunis gaa’illi
hangamuu qabatamaan addaan bahanii haaturanu gaa’illi
hiikkaan akka diigamuuf Mana Murtiitti kan dhiyaatu ta’uu
isaa hubachiisan jiru. Fkn’f biyya Hindiitti, dhimmoota
Manneen Murtii biyyattiitti murtiiwwan muraasa isaan
kennan ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef gabaabsuun akka
armaan gadiitti dhiyaate haa ilaallu.
• In Naresh Kumar Gupta v. Jyoti, where the parties had been living
separately for 12 years, the court held that there was no
possibility of reconciliation. A decree of divorce on the ground of
irretrievable breakdown of marriage was awarded and the
husband was ordered to pay Rs 1.5 lakh to the wife as permanent
alimony.
• In Satish Sitole v. Ganga,241 out of 16 years of marriage, the
parties lived separately for 14 years. It was held that the marriage
between the parties is dead for all practical purposes and there
was no chance of it being retrieved.
• In Susmita Acharya v. Dr Rabindra Mishra, where the couple had
been residing separately for nine years, the court granted divorce
on the ground of irretrievable (irreparable) breakdown of marriage.
But the wife was awarded Rs 5,00,000 towards her maintenance
and the educational and marriage expenses of their daughter.
• In Sadana Kolvankar v. Sachidanand Kolvankar, the Bombay High
Court dissolved the marriage as there was no possibility of
reconciliation. But the husband was ordered to pay the wife Rs
1,500 per month as maintenance in addition to Rs 1.5 lakh as
permanent alimony to ensure her fi nancial security.
• Muuxannoo biyya Hindii olitti dhiyaatan irraa kan hubatamu
gaa’illi dhaabbata hawaasichi beekumtii kenneef ta’ee hundee
ykn bu’uura hawaasaati waan ta’eef eegumsi taasifamuufii qaba
yaada jedhurraa hiikkaadhaan yeroo gaa’illi diigamu wal
fuutoonni addaan bahanii hangamuu haaturani gaa’illi yeroo
hiikkaan diigamutti manni murtii mirkaneessuu akka qabu
bu’aa hiikkaan hordofsiisu illee murteessuu kan qabu mana murtii
ta’uu hubachiisa.
• Kana yoo ilaallu hiikoon Manni Maree Federeeshinii kenne
kaayyoodhuma olitti ibsame kana milkeessuun akka
danda’amutti hiikoo kenne waan ta’eef dhama qabeessa
fakkata.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 227


Kutaa 2ffaa
Sirna Qoodinsa Qabeenya Gamtaa Fi
Abbummaa Mirkaneessuu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 228


kaayyoo
 Maalummaa sirna qoodinsa qabeenya gamtaa, yaada argamaa
fi kaayyoo isaa waliin adda baasuun gadifageenyaan hubachuu.
 Walitti dhufeenya sirni qoodinsa qabeenyaa diiggaa gaa‘ilaa
waliin qabu bu‘uura qajeeltoowwan heeraa walqixxummaa
saalaa, mirga diinagdee fi dantaa daa‘immanii hundeessaniitiin
kaayyoon ijoon maal akka ta‘e beekuu fi xiyyeeffannaa kan
barbaadu ta‘uu leenjifamtoonni ni hubannoo addaa ni gonfatu.
Kallattiinis sirni qoodinsa qabeenyaa waliigaltee
walfuutotaan raawwaachuun qajeeltoo isa bu‘uuraa ta‘uu fi
manni murtii haalota addaa seeraan tumaman qofaan gidduu
kan seenu ta‘uu beekuun leenjifamtoonni qabatamaan hojii
irra ni oolchu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 230


 Qajeeltoowwan sirna qoodinsa qabeenya dhiirsaa fi niitii irratti
seera maatii Oromiyaan tumaman maal akka ta‘anii fi adeemsa
qajeelchan irratti beekumsa dabalataafi hubannoo addaa ni kenna.
 Tooftaalee bu‘uura qajeeltoowwaniitiin sirna qoodinsa qabeenya
qabatamaan raawwachuuf dandeessisan rogummaa isaanii waliin adda
baasanii beekuun ittin hojjachuuf ga‘uumsa ogummaa ni gonfachiisa

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 231


 Diiggaa gaa‘elaan walqabatee falmii qoodinsa qabeenyaa irratti ka‘u kan
bitan darbiiinsa yeroo rogummaa qaban maal fa‘a akka ta‘anii fi haala
raawwii isaanii irratti beekumsaa fi hubannoo jiru ni sirreessa tooyyessa
akkan sumas ni qabiisa.
 Walumaagalatti sirna qoodinsa qabeenya dhiirsaa fi niitii ilaalchisee
rakkoolee qabatamaan jiran sirritti beekuudhaan furmaata bu‘uura
seeraa qabu kennuuf boqonnaan kun xumura irratti ni dandeessisa
Maalummmaa fi yaad-rimeewwan hundeeffama sirna qoodinsa qabeenya gamtaa

Maalummaa fi hundeeffamni sirna qoodinsa qabeenya gamtaa yaad-


rimeewwan gurguddoo sadii bu‘ureeffata. Isaanis:
Sirna waliigaltee dhuunfaa walfuutootaa ta‘uu isaa

Sirna qajeeltoo heeraa fi imaammataa irraa madde ta‘uu isaa

Sirna heera, seeraa fi fedhii walfuutotaa irraa hundeeffame


ta‘uu isaa,
YAAD-RIMEEWWAN SIRNA
WALIIGALTEE DHUUNFAA
WALFUUTOOTAA TA‘UU

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 234


Sirni qoodinsa qabeenya gamtaa dantaa kamiiyyuu caalaa
dhimmi walfuutotni lameen akka fedhii isaaniitti waliigaltee
isaaniitiin murteeffachuu qabaniifi waliigaltichis fedhii
walfuutota lameenii ta‘uun mirkanaa‘uudhaan seera duratti
beekumtii kan argatudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 235


Seeras ta‘ee manni murtii diiggaa gaa‘ilaa eega hubate ykn hiikkaa
eega murteesse booda waliigaltee walfuutonni qoodinsa qabeenyaa
irratti duursanii godhan, akkuma waliigaltee kamiiyyuu,
gareewwan lamaan giddutti seera akka ta‘etti kan ittiin
beekumtii(SHH kwt 1731) kennanii fi qoodinsas bu‘uruma kanaan
kan itti raawwachiisaan sirna mataa ofii danda‘eedha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 236


Namoonni walfuudhan sodaa gara fuulduraa yemmuu gaa‘illi
isaanii diigame ykn hiikame mirga qabeenya isaanii irratti miidhaa
gahuu malu irratti qaban, mirga kanas kabachiifachuuf baasiifi
ifaajee akkasumas dhamaatii isaan irra gahuu fi boora‘uu nageenya
walitti dhufeenya isaanii irratti dhaqqabu hambisuuf kan isaan
dandeessisu gamanumaan fala ykn wabii kaahachuu barbaadu.
Wabii kanas raawwii gaa‘ilaa dura ykn gaa‘ila keessatti ykn diiggaa
isaa irratti waliigaltee gochuudhaan mirakneeffatu.
YAAD-RIMEE SIRNA QAJEELTOO
HEERAA FI IMAAMMATAA IRRAA
MADDE

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 238


 Yaad-rimeen kun argamni isaa sirna seera ―common law‖ irratti kan
hundaa‘edha. Kunis, akka sirna seera ―common law‖ tti dhiirsaa fi niitii
gidduuttii waliigalteen raawwatamu ija seeraatiin hin jiru.

 Sababiin isaatis jalqabumaayyuu eenyummaan garee lameenii


raawwatamuu gaa‘ilaatiin kan walitti makamee fi lama ta‘uun hafee
qaama tokko ta‘eedha, waliigalteen qaamni tokko kophaa isaatti ofii isaa
waliin raawwatu immoo seera duratti beekumtii hin qabu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 239


Kanaaf, waliigalteen dhiirsaa fi niitii giddutti godhamu
kamuu sirna seera ―common law‖ kanaan kan walfaallessu
waan ta‘eef sirni qoodinsa qabeenya dhiirsaa fi niitii qajeeltoo
heeraafi imaammata hariiroo maatii biyya ilaallatuu irratti
hundaa‘uu akka qabu yaada falmuudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 240


Hanga walakkaa jaarraa 20ffaatti imaammanni sirna
―common law‖ kun darbee darbee naannolee biyya Ameerikaa
keessatti kan itti fuufe ta‘us dhawaataan gonkumaa hafaa waan
dhufeef yaad-rimeen kunis sababiiwwan biroo bu‘uura gochuun
yaada isaa cimsee dhiyeessa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 241


Kunis akka waliigalaatti bilisummaan waliigaltee seenuu
walfuutotaa beekumtii seeraa argatus, waliigalteen walfuutonni
qoodinsa qabeenyaa ilaalchisuun diiggaa gaa‘elaa dura
gamanumaan raawwatan qajeeltoo heeraa fi imaammata
hariiroo maatii kan gaa‘ilaaf eegumsa mirkaneessuun walfaallessa
jedhamee bu‘aa seeraa akka hinqabaanne godhama

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 242


Sababiin inni bu‘uuraa, kaayyoon heeraa fi tarsiimoon
hawaasummaa biyya tokkoo gaa‘illi akkuma salphaa fi
barbaadametti akka diigamu hin barbaadu. Hanga
danda‘ametti hawaasa tasgabbaa‘aa fi nagaha qabu ijaaruuf
maatiin gaa‘ila tasgabbii fi umrii qabuun ijaaramu akka jiraatu
barbaadama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 243


Sababiin gaa‘ilicha diiggaaf geessu osoo hin jiraatin ykn gaa‘elichi
diigamuun dura walfuutonni waa‘ee qoodinsa qabeenya isaanii irratti
waliigalteen gamanumaan godhan hiikkaa kan jajjabeessu waanta‘eef,
kaayyoo heerichaafi imaammata dantaa hawaasummaa kan faallessuudha.
Kana malees, waliigalteen diiggaa gaa‘ilaan walqabatee qoodinsa
qabeenyaa irratti walfuutotaan godhamu yoo hayyamames guutummatti
walfuutota qofaaf kan dhiifamu ta‘uu hin qabu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 244


Waan ta‘eefis, sirni qoodinsa qabeenyaa kan ittiin bitamu
adeemsi seeraa ifaa fi kallattummaa qabu bu‘uura kaayyoo
heeraa fi imaammata dantaa hawaasa bal‘aatiin diriirfamee
hundeeffamuu akka qabu yaad rimeen kun cimsee dhiyeessa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 245


• Akka yaad-rimee kanaatti walfuutonni qoodinsa qabeenya
isaanii waliigalteedhaan murteeffachuun seeraan kan
danda‘amu yoo ta‘eeyyuu, waliigaltichi akkaataa fedhii
mataa isaanitti kan raawwatamu osoo hintaane sirna qoodinsa
qabeenyaa seeraan hundeeffameen daangaa ta‘e keessatti
yoo raawwatame qofa fudhatama qabaata.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 246


• Haaluma kanaan:Seerii dhimmoota kanneen ilaaluu qaba.

1ffaa, waliigaltichi adeemsaa fi ulaagaalee seera maatiin diriirfaman


kan hordofee fi kan guute ta‘uun dirqamaadha. Kunis mirga walfuutota
lameenii, dantaa daa‘immaanii, tasgabbii fi nageenya hariiroo
diinagdee safuu hawaasaa fi seera kan eege ta‘utu irraa eegama.
2ffaa, haallan kunniin guutamuu isaanii waliigaltichi mana murtiitti
dhiyaatee qoratamuun mirkanaa‘uu qaba.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 247
Manni murtii qoodinsa qabeenya walfuutotaa bu‘uura sirna
seerichi kaa‘een hordofee raawwachiisuu kan qabu yoo ta‘u,
kanas yeroo walfuutonni waliigaluu dadhaban qofaa osoo hin
taane yeroo waliigalteen isaanii kaayyoo fi ulaagaalee seeraan
kan walfaallessu ta‘ee argames waliigalticha kufaa gochuudhaan
sirna qoodinsaa seerichaan diriirfame hojiirra oolchuu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 248


 Akka leellistoota yaad-rimee kanaatti, waliigalteen walfuutonni
qoodinsa qabeenyaa irratti godhan bu‘uura adeemsaa fi madaallii
ulaagaalee seeraa guutee raawwatamuun fudhatama kan qabaatu
waldiddaan gaa‘ilaa uumamuudhaan waliin jiraachuun kan
hindanda‘amne ta‘uun ifaa fi qabatama yemmuu ta‘etti ykn immoo
gaa‘ilichi diiggamuun mana murtiitti eega murtaa‘e booda kan godhame
yoo ta‘e qofaadha.
 Kanaan alatti waliigalteen fuudhaa fi heerumaa walfuutotaan raawwii
gaa‘ilaa dura ykn yemmuu hariiroon isaanii tasgabbii fi nagayaan
jiru raawwatan/ godhan fudhatama akka hinqabne ejjannoon yaad-
rimee kanaa jala muree ibsa.
• YAAD-RIMEE SIRNA HEERA,
SEERAA FI FEDHII
WALFUUTOTAA IRRAA MADDE

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 250


yaadota lameen olitti ilaalaman walitti araarsuun yaada
wixinameedha.
Akka yaada kanaatti, sirna qooda qabeenya dhiirsaa fi niitii kaayyoo
heeraafi imaammata hawaasummaa akkasumas adeemsa seeraa
kaayyoo kana galmaan ga‘uuf bal‘inaan diriirfame irratti hundaa‘uu
akka qabu ejjannoo yaad-rimee 2ffaa olitti ibsameen waliigala.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 251


• Dabalataan heericha, imaammata hawaasummaa fi seerri
bal‘inaan bahus bilisummaa fedhii walfuutotaafis haala
sababi qabeessa ta‘een tilmaama keessa galchuu akka qabu
eeruudhaan yaad-rimee 1ffaa olitti ibsames yaada
deeggaruudha

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 252


Kanaafu walfuutonni akkuma gaa‘ila raawwachuuf fedhii
bilisummaa isaaniitiin murteeffatan tarii gaa‘elichi isaanii
milkaa‘uu yoo hafe diiggaan gaa‘elichaa bu‘aa hordofsiisuun
walqabatee haala qabeenyaa fi hariiroo diinagdee akkasumas
maatii horatan ittiin qoodamanii fi ittiin bulchaan gamanumaan
waliigalteedhaan murteeffachuuf mirga kan qaban ta’aa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 253


Kuniis:
Akkaataa isaanii
Raawwii Erga mijaa‘etti raawwachuu
gaa‘ilichaan raawwatan akka danda‘an yaadni
dura booda kun ni hubachiisa

Raawwii Diiggaa
isaa irratti gaa‘elichaa
booda
yeroo

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 254


Kana malees, walfuutonni bilisummaa akkasii qabaachuun
isaanii diiggaa gaa‘ilaa kan kakaasu ykn kan affeerru osoo
hin taane sirumaayyuu walfuutonni sodaa tarii diinagdee
isaanii irratti qaban waliigaltee godhamuun hanbisuu ykn
xinneessuu waan danda‘aniif soda malee caalatti gara gaa‘ila
raawwachuutti namoota kan onnachiisuudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 255


walfuutonni hariiroo isaanii diiggaa gaa‘ilaan booda dhufu
gamanumaan waliigalteen murteeffachuu danda‘uun isaanii
jeequmsaa fi xiiqii malee nagayaan gargar akka deeman
dandeessisuu irra darbee diiggaan boodas jiruu isaanii keessatti
walitti dhufeenya gadaa‘aa fi boora‘aa irraa bilisa taasisuu irratti
gumaachi qabu salphaa miti.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 256


Waliigaltichi mana murtiitti dhiyaatee mirkanaa‘uu akka
qabu kan amanamu yoo ta‘u, manni murtichaas waliigalticha
ija heeraafi seeraatiin ilaalee waan sirreeffamuu qabu ykn
guutamuu qabu yoo jiraate ajaja barbaachisaa kennuudhaan
walfuutonni akka fooyyessan gargaaruu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 257


Kaayyoon madaallii waliigaltichaatis yaada walfuutotaa
kufaa gochuuf osoo hintaane hanqina jiru akka guutamu
godhuun deeggarsa gochuudha.
 Kanaaf, ajajni bu‘uura kanaan kennamus bilisummaa fedhii
walfuutotaa kan sarbu ykn kan dhiphisu osoo hintaane roga
sirrii akka qabaatu kan taasisuudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 258


• Manni murtii akkuma barbaade waliigaltee walfuutotaa
kufaa gochuun, jijjiiruun ykn fooyyeessuun bilisummaa
fedhii walfuutotaa akka hin dhiibne aangoon isaa seeraan
daanga‘ee seera maatii keessatti taa‘uu akka qabu yaadni kun
ni akeeka.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 259


madaalliin manni murtii raawwatu qabxiilee ijoo ta‘an kanneen akka:

Mirga diinagdee walfuutotaa haala bayeessa(fair) ta‘een kabajuu isaa

 Dantaa, mirgaa fi kunuunsa guddina daa‘immanii haala gaariin


eeguu isaa
 Seeraa fi safuu kan hordofe ta‘uu isaa

Dhuguma fedhii walfuutota lameenii kan ibsu ta‘uu isaa qofarratti


daanga‘uu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 260


Akka itoophiyaatti, akka naannoo keenyaatti
yaadrimee kamiin hordofna? Maaliif?

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 261


Remark
Heera Mootummaa fi seeroota biraa rogummaa qaban walitti
ilaaluu:
Heerri Mootummaa Ripaablika Dimokiraatawaa Federaalawa
Itiyoophiyaa (HMRDFI) qajeeltoo bu‘uuraa dhimma kana
ilaalchisee kaa’eera.Heera Kwt 34

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 262


Kuniis walfuutonni raawwii gaa‘ilaa irra eegalee hanga yeroo
diiggaatti mirga walqixa akka qaban eega ibse booda, itti
aansee maatiin bu‘uura hawwasaa waan ta‘eef hawaasaa fi
mootummaa irraallee eeguumsa argachuu akka qabu tumeera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 263


SMO keessatti boqonnaa 7ffaa jalatti tumaaleen sirna kana
ilaallatanii fi walqabatan diriiranii jiru. Achi keessattis waa‘een
bu‘aa hiikkaa gaa‘ilaa to‘annaa mana murtiitiin waliigaltee
walfuutotaan murtaa‘uu kan qabu ta‘uu yoo agarsiisu yeroo
walfuutonni waliigaluu dhabanitti immoo bu‘uura tumaalee
seerichaatiin qoodinsi qabeenyaa raawwatamuu akka qabus ni
hubachiisa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 264


Qoodinsa qabeenyaa fi haala guddina daa‘immanii ilaalchisee
walfuutonni waliigaltee fuudhaafi heerumaa yemmuu gaa‘ela
raawwatan(SMO kwt 58)
Sana booda godhaniin murteessuu akka danda‘an, ykn immoo
yeroo hiikkaatti waliigalteen qooddachuu ykn murteessuu akka
danda‘an(SMO kwt 110(3) fi 112(1)(2)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 265


Manni murtiis haala kana dursee yaaluu akka qabuu fi yoo
milkaa‘uu hafe ofii isaatii murteessuu akka qabus seerichi tumee
jira.
 Bu’aawwan hiikaa murteessuu kan mana murtii qofa.(SMO-
98)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 266


Bu’aa Hiikkaan Hordofsiisu
 Akkuma haala gaa‘ela diigamuutti bu‘aan hordofsiisus garaagarummaa
muraasa qabaachuun kan hubatamu ta‘us, bu‘aawwan gaa‘ela diiggamu
tokko bu‘uruma SMO kutaa 4ffaatiin ilaalamuu akka qabu tumameera.

 Kunis, gaa‘elli kan diigame hiikkaan ta‘uu yoo baatellee


qabeenya abbaa warraa fi haadha warraa qulquleessuuf boqonnaa 7 kutaa
4ffaan kan tumaman akkuma barbaachisummaa isaatti raawwatamaa
ta‘a jechuun seerichi kaa‘eera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 267


• Kanaaf, gaa‘elichi kan diigame sababa kamiinuu haata‘uu,
gama bu‘aa hordofsiisuun garaagarummaa bu‘uuraa kan
hinqabnee fi haaluma walfakkaatuun ilaalama jechuudha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 268


• Diigamuun gaa‘elaa bu‘aawan hordofsiisu keessaa inni tokko
waa‘ee gama dhuunfaa walfuutotaan hariiroo dhiirsaa fi
niitummaa addaan kutuu ykn hambisuu, gaa‘elichi hiikkaan yoo
diigame malee dirqama qallaba garee mirga qabuu kennuu,
akkasumas akkuma haala dhimmichaatti beenyaa kanfaluu fi kkf
yoo ta‘u, gama qabeenyaatiin bu‘aan jirus isa biraati.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 269


Bu’aan diigaa gaa’illaa kun karaa lamaan yoo ta‘u,
1ffaa bu‘uura waliigaltee fuudhaafi heerumaa taasifamee fi
bu‘aa hiikkaa qofa ilaalchisee waliigaltee biroo walfuutonni
godhaniin kan raawwatamu ta‘uu isaa seerichi kwt.58, 110 (2)
fi 112(1)n kan tume walitti dubbisuudhaan hubachuun ni
danda‘ama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 270


2ffaa yeroo waliiglteen fuudhaafi heerumaa hinjirre ykn
hiikkaan booda walfuutonni qabeenya ilaalchisee waliigaluu yoo
baatan, ykn waliigalteen dhiyaate seera duratti fudhatama hin
qabu yoo ta‘e bu‘aa qabeenyaa irratti manni murtii haala
mijaa‘aa itti amaneen kan murteessu akka ta‘e seericha kwt.
98, 110 (3) fi 112 (2) walitti xiinxaluun ni danda‘ama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 271


 Dhaddachi ijibbaataa Fedeeraalaa Lakk.Galmee 208834 irratti guyyaa

25/08/2014 ooleen qabeenya waliinii abbaa warraa fi haadha warraa irratti

kennee. Abbaa warraa fi haatii warraa qabeenya dhaalaan argamee

waliigalteedhaan qabeenyaa walinii(Common property of spouse)

godhuu ni danda'an jechuun murteessee jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 272


• Abbaa warraa mana abbaa isaa irraa dhaale fedha isaatiin iddo
manguddoon bitaa fi mirgaa jiranitti qabeenyiin abbaa koo irraa
dhaale kana kanaan booda kan dhunfaa kootii isii osoo hin ta'in
kan walinii keenyaati jedhee waligaltee godhuudhaan kan
waliinii godhuu ni danda'a jechuudhaa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 273


Qooddii Qabeenya Abbaa Warraa fi
Haadha Warraa

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 274


Adeemsa Raawwii Sirna Qoodinsa Qabeenya Dhiirsaa fi
Niitii

Dursa himanni hiikkaa gaa‘ilaafi tarreen qabeenya bakka


tokko dhiyaachu qaba moo?garagaratti dhiyaachuu
qaba? Kan jedhu ilaaluun barbaachisadha.
Ejjannoon inni duraa
• Himanni hiikkaa gaa‘ilaa gaafachuun dhiyaatu himannoo bu‘uura
seeraa ofdanda‘e qabuu fi adeemsa mataa isaan kan murtaa‘u yoo
ta‘u, dhumarrattis araraan furamuu waan maluuf hiikkaa
gaa‘ilaatti geessuu dhiisuu danda‘a yaada jedhu irraa kan
maddeedha. Akkasumas, himanni qoodinsa qabeenyaa irratti
dhiyaatus dantaa mataa ofii danda‘e waan ta‘eef gareen barbaadu
gaaffii dhiyeessu irratti hundaa‘uun kan ilaalamu akka ta‘e
ibsuudhaan falmiiwwan kun lameen gargaratti dhiyaachuu
akka qaban abbootiin seeraa hedduun ni falmu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 276


• Kanaaf akka yaada ejjannoo kanaatti himanni hiikkaa gaa‘ilaa
fi kanqooda qabeenyaa dantaalee ofdanda‘an (independent
causes of action) ta‘uu fi lameeniifuu kanfaltiin seerummaa
kanfalamuun kophaatti galmee adda addaa irratti akka
banamu ibsa

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 277


• Bu‘uura yaada ejjannoo kanaatiinis qabatamaan gaa‘illi murtii
hiikkaa tiin diigamuun isaa eega murtaa‘e booda galmeen
dhimmichi itti ilaalamaa ture ni cufama. Itti aansuudhaan
walfuutoota keessaa inni barbaade yeroo barbaadetti tarree
qabeenyaa ibsuudhaan himata qoodinsa qabeenyaa kanfaltii
seeraa raawwachuun galmee haaraa irratti ni dhiyeeffata.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 278


• Haala kanaan akkuma falmii idilee isa birootti ragaan
dhagahamuudhaan murtiin ni kennama. Ammas gareen
barbaade galmee raawwii banachuun murtii kenname
raawwachiifachuu danda‘a.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 279


• Gareen ejjannoodhuma kana cimsan kanneen biroo, falmiin hiikaa
gaa‘ilaa fi qooddiin qabeenyaa galmeedhuma tokkorratti kan ilaalamu
yoo ta‘e iyyuu himanni tarree qabeenyaa dhiyaachuu kan qabu erga
murtiin diiggaa gaa‘ilaa kenname booda malee iyyata hiikaa gaa‘ilaa
fi tarree qabeenyaa jalqabarratti waliin dhiyeeffachuun wal-
falmitoonni falmii qabeenyaarratti akka xiyyeeffatan waan
godhuuf araara irratti dhiibbaa qaba gareen jedhus ni jira.
Ejjannoon biroo
Gama biraatiin immoo himanni hiikkaa gaa‘ilaa fi kan qooda
qabeenyaa gosaan gargar ta‘us dhimma uumamaan walqabatu
waan ta‘eef bakka tokkotti murtaa‘uu qaba kan jedhu dha.
Galmee garaagaraa irratti osoo hintaane galmee tokko qofa irratti
ta‘uu qaba, murtiin kennamus tokko qofaadha jechuun abbootiin
seeraa hojjatanis hedduudha..
Bu‘uura kanaan himanni hiikkaa gaa‘ilaa yemmuu dhiyaatu himata
gaaffii hikkaa qabate qofa osoo hintaane iyyannoo ibsa tarree
qabeenyaatis waliin dabalatee dhiyaachuu akka qabuudha ejjannoon
kun kan tarkaanfachiisu.
Sababiin isaatis SMO kwt 98 fi 110(3) tiin manni murtii yeroo
murtii hiikkaa gaa‘ilaa kennu bu‘aa walhiikinsaatis waliin
murteessuu akka qabu tumuu isaa bu‘uura godhatu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 282


Maal
jettu?
Remark
SMO kwt 110 (3) jalatti murtii hiikkaa murteessee, bu‘aa hiikkaa
irratti immoo akka waliigalan taasisa, yoo waliigaluu baatan tooftaa
mijataa isatti fakkaate fayyadamee bu‘aa hiikkaa akka murteessu, haala
dhimmichaarratti hundaa‘ee murtii qabeenya ilaalchisee ji‘a jaha yeroo
hin caalleef tursuu akka danda‘u tumamee jiru irraa akka waliigalaatti
gaaffiin hiikkaa fi qooddiin qabeenyaa wal faana dhiyaachuu akka
danda‘an tumaalee akeekan kana irraa kan hubatamu dha.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 284
Qajeeltoowwan Qoodinsa Qabeenyaa

Diigamuu gaa‘ilaa hordofuun falmiin qoodinsa qabeenyaa yemmuu


ilaalamu qajeeltoowwan adeemsa sirna qoodinsaa bitanii fi
tooftaaleen raawwii isaa mijeessan seeraan tumamanii jiru. Haal
dureewwan adeemsaa
 Eegumsa bulchiinsa qabeenyaa fi waliigaltee walfuutotaa

 Qulqulleessa qabeenyaa (liquidation of properties)


 Qabeenyota adda baasuu (classification/characterization of
properties)
 Qabeenyota tilmaamuu fi madaaluu (valuation &
specification)
 Qoodinsa qabeenyaa raawwachuu (partition) yoo ta‘an

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 286


Eegumsa bulchiinsa qabeenyaa fi waliigaltee walfuutotaa

 Sirni qoodinsa qabeenyaa akkaataa haqaa fi kaayyoo seerichaa hordofeen


akka raawwatamu dandeessisuudhaaf manni murtii falmii hiikkaa gaa‘ilaa
ilaaluun cinatti qabeenyi akka hinqisaasamne ykn hinmancaanee fi
akkaasumas haala dantaa walfuutotaa fi daa‘immanii irratti gamanumaan
eegumsa barbaachisu gochuun haala mijeessuun haal duree isa ol‘aanaa
akka ta‘es SMO kwt 105(4 fi 5) jalatti ifaan tumee argama.

 Kanas akkuma iyyanni hiikkaa dhiyaateen battalumatti raawwachuu akka


qabu seerichi xiyyeeffannaa addaatiin ibseera.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 287
• Kana boodas manni murtii walfuutonni akka araaraman
bu‘uura adeemsa seerichi kaaheen yaaluudhaan yoo milkaa‘uu
baate hiikkaa gaa‘elichaa irratti murtii eega kenne booda
waa‘ee qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee walfuutonni
waliigalteedhaan akka qoodatan carraaqqii gochuun
dirqama dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 288


SMO kwt 103, 110 (2) fi 112 walitti xiinxaluun haalduree
hubatamuudha; kunis qooda qabeenyaa fi haala guddina
ijoollee walfuutonni ofii isaanii walii galuun akka murteeffatan
dursi kennamuufii akka qabu yaada bu‘uura godhateedha.
• Hojimaanni qabatamni jiru garuu kan agarsiisu haaldureen
kun osoo hin yaalamin manneen murtii hedduun akkuma
murtii hiikkaa gaa‘elichaa kennaniin bitaa fi mirgi tarree
qabeenyaa akka dhiyeeffatan ajaju ykn falmii qoodinsa
qabeenyaatti seenu.
• Kanaaf akka waliigalaatti jalqaba falmii hiikkaa gaa‘elaa irraa
eegalee manni murtii eegumsa nageenya qabeenyaa
barbaachisu mijeessuu fi murtii hiikkaan boodas haala qoodinsa
qabeenyaa irratti waliigaltee walfuutotaaf duursa kennuun
haaldureewwan raawwii qoodinsaa dura xiyyeeffannaan
ilaalamuu qabu dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 291


waliigaltee walfuutotaan akka raawwatamu gochuuf yaalii fi
carraaqqiin godhame yoo milkaa‘uu baate manni murtichaa
tooftaa mijataa ta‘ee itti mul‘ate kamittuu fayyadamuun
qodiinsa qabeenyaa murteessuu akka danda‘u SMO kwt. 110(3)
jalatti ibsamee jira.
jaarsoleen ykn ogeessa manni murtii muuduun ykn mana
murtii mataa isaatiin fi kkf ta‘uu danda‘a.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 292
• Asirrattis manni murtii qoodinsa qabeenyaa ofii isaatii raawwachuun
dura jaarsota firaa ykn namoota biroo walfuutonni eeran yoo
jiraatan ykn dhaabbilee waldiddaa maatii irratti hojjataniin qoodinsi
akka raawwatamu osoo yaalee filatamaa fi caalatti bu‘a qabeessa akka
ta‘e muxannoon biyyoota biroo (fkn, Asturalia) ni agarsiisa.
• Ta‘us garuu, qoodinsi qaamolee kanneeniin raawwatame mana murtiitti
dhiyaatee mirkanaa‘uu qaba.
• Inumaayyuu seerichi itti dhiyeenyaan yemmuu xiinxalamu
boq, 7ffaa kutaa 4ffaa kwt 112-116 jalatti akka diriirsetti
qabeenya walfuutotaa qulqulleessuun sirna of danda‘e
akka ta‘ee fi qoodinsatti osoo hin seenin dura dursee
raawwatamuu akka qabu agarsiisa.
• Karaa biraatiin akkuma qabeenyi dhaalaa dursa qulqulleessituu
muuduudhaan qulqullaa‘uu qabu qabeenyi dhiirsaa fi niitiitis
haaluma kanaan eega qulqullaa‘e booda qoodamuu kan qabu yoo
ta‘u kunis qulqulleessituu qabeenyaa muuduudhaan
raawwachiisuuf manni murtii angoo akka qabus tumaan kwt
110(3) jalatti ifaan yoo tumames qabatamni jiru kana hin agarsiisu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 295


• Egaa haallan olitti gabaabinaan ibsaman kun milkaa‘uu
dhabuun ykn jalqabumaayyuu mijataa ta‘uu dhabuudhaan
manni murtii qoodisa qabeenyaa ofii isaatii raawwachuuf kan
filatu yoo ta‘e qajeeltoowwanii fi tooftaalee SMO keessatti
hammataman hordofuun barbaachisaa yoo ta‘u isaanis:
• Qabeenya jira jedhamee dhiyaate qulqulleessuu, kan
dhuunfaa fi kan waliinii adda baasuu, qabeenyota kanas
mallaqaan ykn bifaan shalaguu fi tilmaamuu fi qoodinsa
raawwachuu jalatti hiramuun geggeeffamu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 297


Qabeenya uumamaan ykn
seeraan kan gamtaa ta’uu
hindandeenye.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 298


• Qabeenya amala isaatiin diinagdetti shalagamuu
hindandeenye ta‘ee kan argame gaa‘ila keessatti yoo ta‘eyyuu
walfuutota keessaa isa tokkoof akka mirgaatti ykn sadarkaatti
dhuunfaan kennamu ykn bu‘uura seera ilaallatuun humnaafi
mallaqa ofii itti baasuun carraaqqii walfuutotaan kan
oomishamuu hindandeenyeedha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 299


FKNF

waraqaa ragaa barnootaa (dip, digrii kkf)


 mirga abbaa kalaqummaa (copy or patent right)
mirga beenyaa miidhaa hamilee

Garuu Bu‘aan gama diinagdeetiin mirgoota kana irraa argamu


qabeenya gamtaa ta’aa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 300


• kanfaltiiwwan akka sooramaa ilaalchise murtiin dirqisiisoo
MMWF Dh.Ij. jildii 20ffaa lakk.galmee 113002 ta’e irratti
kanfaltiin sooromaa hojjataa tokkoof kan kanfalamuuf, umuriin
isaa yeroo deemetti akkasumas yeroo humni isaa dadhabetti akka
ittiin gargaaramuuf, jiraachuuf baasiiwwan isa barbaachisan
hanga ta‘een akka uwwisuu danda‘uuf, wabii nageenya
hawaasummaa isaatiif kennuuf, imaammata mootummaan wabii
nageenya hawaasummaaf qabuun kennamu irraa kan maddu waan
ta‘eef akka qabeenya kamittuu fudhatamee qabeenya waliiniiti
jechuun akka hin danda‘amne ibsuun murtii kenne jira.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 301


Tartiibni qooddii qabeenya(SMO kwt 113)

1. walfuutonni qabeenya dhuunfaa dhuunfaa isaanii


fudhachuu.(SMO kwt 113)
2. Beenyaawwan bifa adabbiin keenamuu ykn idaawwan(Iddaa
Waliinii) qabanii (SMO kwt 114, 115 fi 116)
3. Qabeenyi waliinii walfuutota lameeniif qoodama.(SMO 117)
• Tilmaama waliigalaa SMO Kwt 79(1)- Qabeenyi gaa‘elicha keessa
jiru hundi (Maqaa nama tokkoon yoo galmaaye argameele)
(waliigalteen fuudhaa fi heerumaa yoo jiraate malee) qabeenya
waliinii walfuutotaa akka ta‘e tilmaamni kan fudhatamu yoo ta’u ibsa
tarree qabeenyotaa dhiyeessuu fi jiraachu isaa mirkaneessuun
qofaan qabeenya waliinii ta’u isaa manni murtii fudhachu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 303


Qabeenya dhuunfaa ilaalchisee garuu abbaan warraa ykn haati
warraa qabeenyichi kan waliinii ta‘u morman kan dhuunfaa
ta‘uu isaa mana murtiif hubachiisuudhaan akka ta‘e kwt.113,
jalatti himameera. Kun immoo ragaadhaan deeggaruun tilmaama
seerichi kaa‘e diiguun akka barbaachisu agarsiisa.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 304


Ragaa bifa kam kan jedhuuf seerichi haala adda ta‘een gosa
ragaa dhiyaachuu qabuu waan hin tumneef akkuma gosa
qabeenyichaatti ragaa amansiisaa ta‘e kamiiyyuu dhiyeessuun
kan danda‘amu fakkaata.
Kunis, tumaaleen seerota biroo keessatti waa‘ee mirkanaa‘ina
qabeenya socho‘uu fi hinsochoone irratti kaa‘aman ilaalcha
keessa galuu akka qaban yaaduun ni danda‘ama.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 305
Qabeenya dhuunfaa walfuutotaa adda baasuun
murteessuu

 Qabeenyi walfuutotni yemmuu gaa‘ela raawwatan dhuunfatti


qaban ykn sanaan booda dhaalaan ykn kennaadhaan argatan
kanuma dhuunfaa isaanii ta‘ee akka hafu/ittifufu seerichi
tumeera.(SMO kwt 73)
Qabeenya bifa kanaan argame gaa’ila booda yoo ta’ees
galmeessuun dirqamaa miti.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 306
• Bu‘uura SMO kwt.113n qabeenyichi kan dhuunfaa ta‘uu isaa
hubachiisuudhaaf ragaan dhiyaatu, qabeenyichi gaa‘elaan dura
horatamuu, ykn gaa‘ela boodas taanaan, dhaalaan ykn kennaan
dhuunfatti kan argame ta‘uu isaa mirkaneessuu qaba jechuudha.
• Qabxiin kun akka firii dubbii qabame qulqullaa’e mirkannaa’u
qaba malee gaa’ila keessa kennaa jiraachu qofa fudhatani
dhuunfaatti jechuun sirrii miti.(Jildii 22ffaa L.G 137869)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 307
 Haa ta’u malee qabeenyi dhuunfaa jedhame kun gaa’ila keessatti
bittaa fi gurgurtaadhaan kan jijjiirame yoo ta‘e, qabeenyi
jijjiirraan argame kun kan dhuunfaa ta‘uun isaa ibsamee kan galmaa‘e
ta‘uu mirkaneessuudhaan qofa kan dhuunfaa ta’a.
 Kanaafu goosti ragaa assitti dhiyaatu mana murtii mirkanneessu
galmeessuu dirqama ta’aa.(SMO kwt 74)-jildii 17ffaa L.G 95680

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 308


• Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa
Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 37275 ta'een"qabeenyi Mana gaa'elaan
dura horatame tokko gurguramee maallaqa gurgurtaa irraa argameen
Manni biroon gaa'ila keessatti yoo bitame Manni haaraa bitame kan
dhuunfaa jedhamee hanga Mana Murtiitiin hin mirkanoofnetti
qabeenya waliinii ta'a, kan dhuunfaa ta'ee itti fufuuf mirkanaa'uu
ykn bifa jijjiirachuu dhabuudha"jechuun hiikoo kennee ture.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 309
Garuu qabeenyi jijjiirame hundii galmaa’u hin qabu. Fakkeenyaaf
qabeenya dhaalaan argame osoo expropriate ta’e qarshiin beenyaa
kafalamu sun galmaa’uun dirqama miti.(Jildii 13ffaa L.G 65708)
Garuu qarshii saniin mannii yoo biitame mannichi hanga kan
dhuunfaa jedhame hin galmoofne kan waliinni ta’a.(L.G 203715-
hin maxxanfamne)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 310


• Qabeenyi gaa’ila dura argame kan dhuunfaatti jedhu dhimmoota

armaan gadii irratti raawwatiinsa hin qabu.

1ffaa- Lafa magaala duwwaa ta’e dursa qabaachuu ilaalchise yoo gaa’ila

keessatti waliin ta’uun iddoo duwwaa sana irratti mana yoo ijaaran qabeenyii

sun kan waliinni ta’a.(Jildii 4ffaa L.G. 19479,jildii 5ffaa L.G 25281))

 Mana dabalataa yoo ijaaramees kan walinni ta’aa.(jildii 6ffaa L.G

26130) Yeroo kana manni murtii tilmaama qofa haa fudhatuu jechuun

murtiin kennu sirrii miti.


04/17/2024 Eliyaas kaasaa 311
Manni dabalataa ijaarame sun mana duraan jiru waliin kan
walqabate yoo ta’e fi qoodinsi isaa bifaan gaggeessuun raakkisaa
yoo ta’e fi waliigalteen xumuru hin dandeenye taanaan calbaasiin
yoo bahees mana duraan jiru waliin malee manni dabalataa
ijaarame kun gurguramu hin dandeenye taanaan mana dabalataa
ijaarame ilaalchise tilmaamni dhiyaate wallakaa isaa akka kafalu
gochuun ni danda’aama. Abbaan mannichaa duraani haala kanaan
raawwachu yoo hin dandeenye qofa calbaasiidhaan gaheen isaatiis
gurgurama.(MMWFDHI L.G 93448-hin maxxa)-jildii 11ffaa L.g
53814 ilaalaa

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 312


2ffaa- Mana dhuunfaan abbaan warraa ykn haatiwarraa qaban ta’e
garuu gaa’ila keessatti haaroomsa bu’uura taasifamu isaa akka firii
dubbiitti yoo mirkannaa’e mannichi kan waliinni ta’a.(Jildii 10ffaa L.G
42766, jildii 6ffaa L.G 31833)
 Garuu Manni murtiicha bu’uura SDFHH kwt 136 by expert
qulqulleessuun jijjiiramni bu’uuraa jira moo?hin jiru?hangam
haaroonfame?kan jedhu sirnaan qulqulleessuun murtii kennu qaba.
Ragaa namaa qofa dhagahuun murtii kennuun sirrii miti.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 313
• Kanaafu haaroomsa taasifamuun isaa qofti qabeenyichi kan
waliinni hin taasisuu. ከጋብቻ በፊት በአንደኛው ተጋቢ የተፈራ ቤት
በጋብቻ ወቅት እድሳት የተካሄደለት መሆኑ ብቻ ንብረቱን የባልና ሚስቱ
የጋራ ሃብት የማያደርገው ስለመሆኑ (jildii 11ffaa, lakk galmee
45207)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 314


3ffaa-Mana duraan eegalamee gaa’ila keessatti xumura argate ilaalchise kan
dhuunfaa kootii jedhame hanga hin galmoofneetti kan waliinni ta’a.(jildii
5ffaa L.g 25005)-Garuu tilmaamni qabeenya dhuunfa ijaarsaaf dura
baasee tilmaamamee dursa kafalamu qaba.(L.G 234105-hin maxx.)
Kun haammi jalqabame adda bahu qaba. Sadarkaa xumura irra kan
jiru yoo ta’e kan waliinni ta’u hin qabaatu.
Yeroo akkassi kana tilmaama namnii tokko baasee qofa akka kafalamu
taasifamu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 315


4ffaa-Qabeenyaan tokko kan argame gamiisaan qabeenya dhuunfaa
irraa fi gamiisaan immoo kanfaltii qabeenya waliinii irraa yeroo
argamutti, qabeenyaan hanga waliinii kan dhuunfaa sanarra
kan gar malee xiqqaatu yoo ta‘ee inni tokko isa kaaniif hanga
tilmaama qabeenya waliinii keessatti baase heerragamee
walakkaan isaa akka kanfalamuu ta’aa.(jildii 5ffaa L.G-26839)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 316


Dhimma
• Falmiin falmii diiggaa gaa‘elaa hordofee qooddii qabeenya
abbaa warraa fi haadha warraa yoo ta‘u, iyyattuun ammaa tarree
qabeenyaa fooyyeessitee gaafa 24/03/12 Mana Murtii Aanaa
Jimmaa Gannatiitti waamamaa ammaa irratti dhiheessiteen,
qabeenya waliin gaa‘ela keessatti horatte gaheen ishee akka
qoodamu jechuun tarreessitee dhiheessite keessaa Bulchiinsa
Magaalaa Hoolotaa Ganda Burqaa Harbuu keessatti argamu
mana lakk. kaartaa EMMLM/2810/0 ta‘e gaafa 09/12/2009 lafa
kaartaa irra jiru kaaree meetira 200 (dhibba lama)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 317
• qorqorroo luukii 100 (dhibba) dhoqqee fi mukaan kan
ijaarame kutaa 8(saddeet) kan qabuu fi lafa kaaree meetira
160 irra mana bilookeetiidhaan ijaarame kutaa sadii kan qabu
qorqorroo baallee 60 walumaagala m2 360irratti ijaaramee
jiru tilmaamni isaa qarshii 1,600,000(miliyoona tokkoofi
kuma dhibba jaha) kan baasu waliin qabaachuu ibsitee akka
qixxeetti isaaniif qoodamu gaafattee jirti
• Himatamaan deebii kenneen, qabeenya waliin horanne osoo
hin ta‘iin qabeenya mootummaan kan bitameefi kaffaltiin
mana kanaas waggoota diigdamii shan keessatti miindaa koo
irraa kan kaffalamee xumuramu waan ta‘eef qabeenya
waliinii osoo hin ta‘iin qabeenya dhuunfaa koo waan ta‘eef
iyyattuun mirga irraa hin qabdu jechuun deebii kenneera.
• Manni murtii aanaa bitaa fi mirga falmisiisuun mana falmii
kanaaf ka‘umsa ta‘e ilaalchisee waamamaan hojjetaa baankii
ta’uu isaatiin baankiin dhala xiqqaadhaan kan isaaf biteefi
miindaa waamamaan ji‘a ji‘aan argatu irraa walakkaan isaa
muramee turtii waggaa digdamii shaniitti kaffalamee kan
dhumu ta‘uu waan mirkanaa‘eef qabeenya waamamaa kan
ta’u waggaa digdamii shan booda malee hangasitti qabeenya
baankichaa waan ta‘eef iyyattuun idaa kaffalee qooddanna
kan jedhu fudhatama hin qabu jechuun kufaa taasisuun,
• yeroo waliin jiraatan keessatti miindaan galii yoo ta‘e illee
qabeenya waliinii waan ta‘eef miindaa waamamaa irraa
muramee ji‘a ji‘aan idaa manaa kanaaf hanga ammaa
kaffalamee jiru qarshii 19,588.66(kuma kudha sagaliifi dhibba
shaniifi saddettamii saddeetiifi saantiima jaatamii jaha) ta‘u
baanikichi ibsee waan jiruuf walakkaa qarshii kanaa qarshii
9,794.33(kuma sagalii fi dhibba torbaa fi sagaltamii afurii fi
saantiima soddomii sadii) waamamaan iyyattuuf akka kaffalu
jechuun murteesseera.
• Himattuun murtii kanarraa komchuun komii ishee MMO
GoHO GU Wallaggaatti sana booda MMWO Dhaddacha
Dhaabbii Lixaatti dhiyeeffattu illee komiin ishee kufaa ta‘eera.
• MMWO Dh IJ.
• Manni jireenyaa falmii kanaaf ka‘umsa ta‘e idaan haa bitamu
malee gaa‘ela keessatti bara 2009 kan bitameefi maqaa
waamamaatiin galmaa‘ee kan jiru ta‘uu firii dubbii manneen
murtii jalaatiin mirkanaa‘ee dha. Qabeenyi gaa‘ela keessatti
horatamu immoo akka Seera Maatii Oromiyaa kew.78
qabeenya waliin walfuutotaa akka ta‘e tumameera.
• Waamamaan mana kana qarshii dhuunfaa isaatiin kan bite osoo
hin ta‘iin Baankiin Daldala Itoophiyaa inni keessa hojjetu idaa gara
fuulduraa miindaa waamamaa irraa kaffalamee xumuramuun kan
biteef ta‘u illee mirkanaa‘eera.
• Miindaan immoo yeroo waliin jiran keessatti galii waan ta‘eef galiin
qabeenya waliinii ti waan ta‘eef akkaatuma kanaan bitaa fi mirgi
irratti waliigalanii manicha gaa‘ela isaanii keessatti bitanii miindaa
isaanii kan waliinii kana irraa ji‘a ji‘aan kaffalaa turanii, booda
waldhabdeen jidduu isaaniitti uumameen gaa‘elli isaanii kan
diigame ta‘uu isaati.
• Gaa‘elli yeroo diigamu qabeenya gaa‘ela keessatti horatame kan waliinii
waan ta‘eef bu‘uura seera maatii Oromiyaa kew.117-119 jiraniin qixxeetti
qoddachuuf mirga ni qabu. Manichi idaa gara fuulduraa kaffalamuun yoo
bitame illee kan bitame gaa‘ela keessatti ta‘uu isaatiin idaan gaa‘ela
keessatti galmaa‘e illee idaa waliinii walfuutotaa ta‘ee osoo jiruu manicha
falmii kaase kana idaa isaa waliin bitaa fi mirgi qixxeetti qooddachuu
osoo qabanii, manneen murtii jalaa idaan manichaa gara fuulduraa
waggaa digdamii shan booda kaffalamee xumurama; Hangasitti manichi
kan waamamaa miti idaa baankiitiin qabamee harka baankii jira waan
ta‘eef iyyattuun mana kana qooddachuuf mirga hin qabdu jechuun
murtiin kenname dogoggoora dha
Dhimma
• Dhimmi Kun murtii MMWO Dhaddachi Dhaabbii Bahaa bara 2013
keessa kenne irraa kan fudhatame yoo ta‘u; Ka‘umsi dhimma
kanaa himannaa oliyyattuun ammaa d/kennituu ammaa irratti
mana murtii Aanaa Lumeetti dhiyeessite yemmuu ta‘u, himanni
dhiyaates gabaabumatti; obboleessi kiyyaafi waamamtuun
ammaa haadha warraafi abbaa warraa turanii booda obboleessi
kiyya waan du‘eef, ani immoo dhaaltummaa obboleessa kiyyaa
waanan mirkaneeffadheef qabeenyota adda addaa tarreessuun
gahee obboleessa kiyyaa d/kennituun akka naaf qooddu kan
jedhudha.
• D/kennituun ammaa immoo deebii kenniteen; mana guddaa
osoo obboleessa oliyyattuu waliin wal hin fuudhin dura
eessuma kiyyaafi haadha manaa isaa irraa dhaalaafi kennaan
kanan argadhe waan ta‘eef qabeenya dhuunfaa kiyyadha
jechuudhaan qabeenyota biroo ilaalchisees deebii
kenniteetti.
• Kana booda manni murtii Aanaa Lumee bitaafi mirga falmisiisee
ragaadhanis qulqulleeffatee manni amma falmii kaase 608m2 irra
jiru kan dhuunfaa d/kennituuti, manni 70.95 m2 irra jiru immoo
kan waliinii obboleessa oliyyattuufi d/kennituu waan ta‘eef
qixxeetti akka qooddattan kan jedhe yemmuu ta‘u, manni murtii
ol‘aanaa Shwaa Bahaa immoo oliyyannoodhaan ilaalee manni lafa
70.95m2 ta‘e irra jiru tilmaamamee oliyyattuun walakkaa isaa
akka fudhattu, baasii manni ittiin suphame immoo walakkaa isaa
qarshii 7500 oliyyattuu ammaatiif akka kaffaltu jechuun
murteesseera.
• Itti fufuun dhimmichi mana murtii waliigalaa Dhaddacha
Bahaa gahee manni murtichaas immoo oliyyattuun walakkaa
tilmaama manaa haa fudhattu jechuun sirrii ta‘ee dhimma
baasii suphaa garuu d/kennituun oliyyattuudhaaf kaffaluu hin
qabdu jedheera.
• Kanatti aansuun oliyyattuun dhaddacha Ijibbaataa MMWOtti iyyattee
dhaddachichis; d/kennituun mana falmiif sababa ta‘e kennaa fi dhaalaan
kan argatte bara 1977 ta‘uu, obboleessa oliyyattuu waliin gaa‘ilaan kan
walitti dhufan immoo naannoo bara 1980 ta‘uufi obboleessi oliyyattuu kan
du‘e bara 2008 ta‘uu ibsuudhaan falmiiwwan bitaafi mirgaa kan xiyyeeffate
manni duraan ture diigamee ijaarameera kan jedhuufi hin ijaaramne kan
jedhu irratti waan ta‘eef, jijjiiramni bu‘uuraa manicha irratti
raawwatamuufi dhabuun qulqullaa‘uu akka qabu ibsee jijjiiramni gaa‘ila
keessatti mana guddaa irratti taasifame jiramoo hin jiru, jira yoo ta‘e
jijjiiramni kun gosaan maalidha? Jijjiiramni kun bu’uuraan manicha kan
jijjiiredhamoo suphaadha? Kan jedhu irra deebiin akka qulqulleessu
• MMWO dhaddachi Bahaas irra deebiin qulqulleesseen, waajjirri
Bulchiinsafi Itti Fayyadama Lafa Magaalaa Adaamaa gabaasa gaafa
15/07/2012 xal.lakk.WBIFLMA/01/636 ta‘een barreesseen; manni
guddaan kan jijjiirame bu‘uura irraa yoo ta‘e tilmaamni isaa qarshii
436,800, yoo suphaa ta‘e immoo qarshii 20,049.40 ta‘uufi yaada
jaarsotaa wayita lafa kaa‘u immoo jaarsi oliyyattuun lakkawatte
manni duraan kan ijaarame dhoqqeefi mukaan ta’ee guutummaa
guutuutti diigamee akka haaratti bolookeetiidhaan ijaaramuu,
jaarsi d/kennituu immoo manni bu‘uurarraa diigamee hin
ijaaramne, suphaatu taasifame kan jette ta‘uu ibsee gabaaseera.
• jijjiiramni mana guddaa irratti raawwatame jiramoo hin jiru?
Jedhu yoo xiinxalu namoonni keessa beekoo jedhamanii
yaada kennanis ta‘e jaarsoleen bitaafi mirgaa sadarkaa
jijjiiramicha irratti yaada adda addaa haa kennaniyyuu malee
jijjiiramni jiraachuu irratti yaada wal fakkaataa waan
kennaniif, jijjiiramni jira jenneerra yoo jedhu.
• Ijoo dubbii 2ffaa-jijjiiramni gaa‘ila keessatti taasifame maal
fa‘i? jijjiirama bu‘uuratimoo suphaadha? Kan jedhu
ilaalchisee garuu qabiyyeen qaboo yaa‘ii gaafa 05/05/2012
qabamee akka ibsutti; Maanguddoota oliyyattuu lamaan bifa
waliigalaatiin bu‘uurri manaa kan duraanii mana muka akka
tureefi gara bolokeetitti jijjiiramuu, ulaa fi foddaan
mukarraa sibiilatti jijjiiramuu, mannis kan duraaniirra
bal‘achuu kan ibsan yemmuu ta‘u,
• maanguddoo d/kennituu keessaa ishee 1ffaan manni
guddaan bu‘uura irraa hin jijjiiramne, sarvisiin kutaa shan
ijaarameera, balballiifi foddaan gara sibiilaatti jijjiirameera,
halluun manaa dibameera kan jette yemmuu ta‘u, inni 2ffaan
Damissee Kibrat jedhamu garuu manni duraan mukaan
ijaaramee ture booda bilookeetiidhaan ijaaramee argamuu
waan ibseef,
• haala kanaan jecha maanguddoota gama lamaanii wayita
madaallu maanguddoota d/kennituu kessaa inni tokko jecha
maanguddoota oliyyattuu deeggaruudhaan jijjiiramni
bu‘uuraa jira waan jedheef jijjiiramni bu‘uuraa gaa‘ila
keessatti mana guddaa irratti uumamuun haala caalmaatti
nama amansiisuun kan mirkanaa‘e dha. Madaallii ragaa
waliigalaa taasifameenis manni duraanii diigamee haarayaan
ijaaramuun caalmaatti amansiisadha jedheera.
• Dabalataan, bu‘uura Seera Maatii Oromiyaa, Labsii Lakk.69/1995fi 83/96 kwt 79(1)tiin
wal fuutota keessaa inni kamiyyuu, qabeenya dhuunfaa isaa ta‘uu yoo hubachiise
malee, qabeenyi kamiyyuu yoo maqaa isa tokkoo qofaan galmaa‘ee argamellee, akka
qabeenya waliiniitti lakkawama waan ta‘eef, kun immoo tilmaama seeraa obboleessa
oliyyattuu (abbaa warraa d/kennituu) fayyaduufi dirqama kan dhuunfaa ta‘uu
hubachiisuu d/kennituutti naannessu waan ta‘eef, D/kennituun bu‘uura kwt 73tinis
manni guddaan amma jiru kan gaa‘ilaan dura ture ta‘uu haala caalmaatti nama
amansiisuufi tilmaama armaan olitti ibsame fashaleessuu danda‘uun waan hin
hubachiisneef, manni dhaalaafi kennaadhaan bara 1977 keessa d/kennituudhaaf
kenname jedhames kan qabatamaatti amma jiru ta‘uu ragaan kennaafi dhaalaa jiru
waan hin hubachiisneef, gosa manaafi bal‘ina lafaas waan hin ibsineef, manni kan
waliinii obboleessa oliyyattuufi d/kennituuti jechuun murteessaniiru.
• Manni Murtichaa bu‘uura murtii isaatii kan ta‘e ijoo MMWO Dh. Ij
qabatee deebiseen ta‘ee isa dura garuu haalli itti manneen murtii
sadarkaa sadanittuu jijjiiramni bu‘uuraa jiraachuu fi dhabuu osoo
ragaa rogummaa qabuun hin qulqulleeffanne qabeenyaan gaa‘ila
dura jiraachuu qofa bu‘uura gochuun kan murtii kennan ta‘uu
isaatu hubatama. Ogeessi manichi bu‘uuraan jijjiiramni
taasifameef maal akka ta‘e akka ibsu gosaan hangamiin akka
jijjiirame qaama manichaa keessaa maal akka jijjiirame, ragaa
namaa seenaa manichaa beekanii fi ogeessaan deeggaramee
qulqullaa’uu qaba.
Qabeenyaa Gaa’ela keessatti dhaalaan ykn
kennaadhaan dhuunfaatti argame.

• kennaan mahaarii waliigalteedhaan kan raawwatamuudha moo


haalduree seerri shari‘aa gaafatuudha, kan jedhu adda bahuu
barbaada. SMO jalatti karaalee fuudhaa fi heerumni seera duratti
beekumtii qabu itti raawwatamuu danda‘u keessaa tokko fuudhaa fi
heeruma akka amantaatti raawwatamu yoo ta‘u, bu‘uura kanaanis
ulaagaalee sirnichi amantaa sanaa gaafatu guutuun barbaachisaadha.
• Ta‘us, ulaagaalee bu‘uuraa seerri maatii diriirseen walitti bu‘uu
akka hin qabne SMO kwt. 43(2) irraa ni hubatama. Haala kanaan
gaa‘ila akka amantaa Islaamaatti raawwatamuuf ― mahaariin‖
fedhii walfuutotaan kan murtaa‘u osoo hintaane ragga‘uu
gaa‘ilichaatiif ulaagaa dirqamaa shari‘aan tumeedha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 339


Qabeenya Gamtaa Dhiirsaa fi Niitii Murteessuu

• Akka qabeenya dhuunfaatti qabeenyi gamtaa bu‘uura


tumaalee addaatiin kan adda bahu osoo hintaane tumaa
tilmaama waliigalaa seerichi kaaheen kan hunda‘e akka
ta‘e ni hubatama.
• Qabeenya gamtaa ilaalchisee tilmaamni waliigalaa seerichi
kaahe qabeenyi kamiiyyuu yeroo hiikkaatti gaa‘ilicha
keessatti argamu maqaa walfuutota keessa isa tokkootiin
galmaa‘ee yoo argames kanuma waliinii akka ta‘etti kan
fudhatamu ta‘uu isaa ni hubachiisa.
• Bal‘ini raawwii tumaa tilmaama waliigalaa kanaatis SMO
kwt.78 jalatti kan tumame yoo ta‘u, bu‘uura kanaanis
• 1ffaa walfuutonni carraqqii dhuunfaan godhaniin ( gaa‘ila
keessatti) galiin argatan ykn qabeenya dhuunfaas ta‘ee
gamtaa irraa galii fi bu‘aan argatan hundinuu qabeenya
gamtaa akka ta‘etti tilmaamama (kwt.78(1))
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 342
• Fuudhaa fi heeruma keessatti qabeenyi bittaa fi
gurgurtaadhaan argamu hundinuu ammas qabeenya gamtaa
akka ta‘etti kan tilmaamamu yoo ta‘u, kunis qabeenya
dhuunfaa gurguruudhaan mallaqa argamu, mallaqa kanaanis
qabeenya biroo bitamu ykn qabeenya biroo qabeenya dhuunfaan
jijjiiramu hundaa dabalata jechuudha. (SMO kwt.78 (2)).

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 343


• waliigaltee kennaatiin ykn dhaalaan qabeenyi wal
fuutoonni waliin argatan hundi ammas kanuma gamtaa
akka ta‘etti seerichi tilmaama fudhata ( kwt. 78(3))

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 344


Guduunfaa
• Tumaalee tilmamaa qabeenya gamtaa hundeessan kanneen jalaa
bahuudhaaf qabeenyichi kan dhuunfaa ta‘uu hubachuun kan danda‘amu
• 1ffaa qabeenyichi falmii kaase raawwii fuudhaa fi heeruma dura kan
horatame ta‘uu mirkaneessuudhaan ykn gaa‘ila keessatti kennaan ykn
dhaalaan dhuunfaatti kan argame ta‘uu hubachiisuun (kwt.79,78 (3) fi
73 walitti dubbisuun) ta‘a.
• 2ffaa qabeenyichi bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaan kan
argame ta‘uu mirkaneessuun galmeessuun (kwt.78 (2) fi 74(2)) ta‘a.
• Tooftaalee tumaalee addaa kanneeniin alatti qabeenyi gaa‘ila
keessa jiru kamiiyyuu kan gamtaa ta‘uu tilmaama tumame kana
bu‘urri seeraa biroo diiguuf dandeessisu SMO keessatti kan jiru
hinfakkaatu.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 346
Qooddii Qabiyyee Lafa baaddiyyaa
Diiggaa Gaa’ilaa Booda
Issues
1. Qabiyyee lafa baadiyyaa gaa’ila dura ykn gaa’ila keessatti kennaan
ykn dhaalaan gareen tokkoo argate ilaalchisee dhirsaa fi niitiin waggaa
meeqaaf yoo waliin fayyadaman qixxeetti qoodachuu danda’u?

2ffaa: waliigaltee gaa’ilaa irratti yoo lakkaawwame hoo? (maqaa nama


tokkootiin yoo jiraate dha). Waliigaltee sun formality addaa barbaada?

3ffaa. Laftii sun maqaa garee 3ffaatiin yoo jiraate hoo?Abbaa ykn
haadha ykn nama biraatiin yoo jiraate hoo?
General consideration

 Dubartoonni mirga lafa argachuu, bulchuu fi dabarsuu irratti dhiira


faana mirga wal-qixa akka qaban H/M kwt.35(7) jalatti tumameera.
 Akkasumas Labsii lafa baadiyyaa kan federaalaa Lakk. 456/2007
kwt.5(1)(C) fi kan naannoo keenya kan duraanii labsii 130/1999
kwt.5(2) fi labsii 248/2015 jalattis tumameera.
 H/M’s ta’ee labsichi mirga akka namatti qabaniin dabalata tumaa
addaa jalatti xiyyeffanoo addaan dubartoonni mirga abbaa
qabiyyummaa lafa baadiyyaa dhiira faana wal qixa akka ta’e ifatti
tumee.
 Dhimma kana tuumaalee seera maatii waliin jalqaba haa ilaaluu.
 Qabeenya gaa’ila keessatti horatame qabeenya abbaa warraa fi haadha warraa

akka ta’eetti tilmaamni seeraa ni fudhatama.(SMO kwt 79 (1),113(1),117)-


principle-Kun ibsa tarree qabeenyotaa dhiyeessuu fi jiraachu isaa
mirkaneessuun qofaan qabeenya waliinii ta’u isaa manni murtii fudhachu
qaba

 Qabeenyi haati-warraa ykn abbaanwarraa yeroo walfuudhan dhuunfaatti

qaban ykn erga walfuudhanii boodas kennaadhaan ykn dhaaltummaan


dhuunfaatti argatan qabeenyuma dhuunfaa isaanii ta’a.(SMO kwt 63 fi 73)-
(exceptions)
Haala kanaan Qabeenya bifa kanaan argame gaa’ila booda yoo
ta’ees galmeessuun dirqamaa miti.
Ragaa bifa kam kan jedhuuf seerichi haala adda ta‘een gosa
ragaa dhiyaachuu qabuu waan hin tumneef akkuma gosa
qabeenyichaatti ragaa amansiisaa ta‘e kamiiyyuu dhiyeessuun
kan danda‘amu fakkaata.
• Bu‘uura SMO kwt.113n qabeenyichi kan dhuunfaa ta‘uu isaa
hubachiisuudhaaf ragaan dhiyaatu, qabeenyichi gaa‘elaan dura
horatamuu, ykn gaa‘ela boodas taanaan, dhaalaan ykn kennaan
dhuunfatti kan argame ta‘uu isaa mirkaneessuu qaba jechuudha.
• Qabxiin kun akka firii dubbii qabame qulqullaa’e mirkannaa’u
qaba malee gaa’ila keessa kennaa jiraachu qofa fudhatani
dhuunfaatti jechuun sirrii miti.(Jildii 22ffaa L.G 137869)
Issue

Kanaafu seera maatii irratti tuumaalee tuumaman kanneen


qabiiyyee lafaa irratti raawwii akka qabaatan gochuun ni
danda’aamaa? Kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.
yeroo ammaa kana lafti abbaa qabiyyee harka jiru baayyinaan
dhaalaan ykn kennaan ykn maatii irra ykn motummaa kan
argameedha; kaan immoo abbaan warraa utuu gaa’ila hin
hundeessin kennaan ykn dhaalaan ykn mootummaatiin kan
argateedha. Dabalataan erga gaa’illi raawwatame booda abbaan
warraa kennaan ykn dhaalaan kan argamuudha.
 Kanaafu ragaa kamuu dhiyyeesusun qabiiyyee dhuunfaa ta’u yoo
mirkannaa’e waggaa dheeraaf yoo waliin fayyadamaniis qixxee
qooduun hin danda’aamu gara jedhutti kan geessuu ta’a.
 Kun immoo mirga dubartoota heerichaan kenname kan falleessuu fi laftii
akka qabeenyatti akka ilaalmu kan taasisuudha.
 Kanaafu bu’uura seera maatiitiin kan ilaalamu osoo hin ta’iin imaammata
lafaa fi mirga qabiiyyee irraa argamu faana ilaalamu qaba.
Dh/I/M/M/W/F/ Jiildii 6ffaa galmee lakk.26130 ta’erratti murtii

kenneen namni dhuunfaan lafa irratti mirga abbaa qabiyyummaa

malee mirga abbaa qabeenyummaa hin qabu. + see vol 18 no 107840

Kanaafu namni tokkoo (abbaa warraas ta’e, haadha warraa) gaa’ila

ijaaree yeroo hangam yoo waliin jiraate qabiyyee lafa baadiyyaa

qoodachuu danda’a kan jedhu ilaaluun barbaachisaadha.


Qabatamattis, dubartoonni abbaa warraa adda addaatti heerumuun
lafa qooddachuun yoo adda ba’an ni mul’ata.
 Gaa’ilaa uumaanii diiggaa raawwachuu duraa haati warraa abbaa
warraa wajjin yoo hammam jiraatte lafa qooddachuu dandeessi?
Dhamaatii hangam taasifte? kan jedhu ifa ta’uu dhabuun rakkoo
ta’aa jira.
DhI MMWO Galmee lakk. 282074 ta’e irratti; AW fi H/Warraa
waggaa lamaaf waliin jiraachaa kan turan ta’us; waliigalteen
gidduu isaanii kan hin jirree fi yeroo gabaabaa (bara 2007 hanga
2009 waggaa lama) kan waliin jiraatan waan ta’eef qooddachuu
hin qabdu jedhamee murtaa’ee jira. See cass. Vol-22- file
no:138286- Waggaa 8 fayyadaman. Vol 18ffaa 107840-waggaa
11
Mana Maree Fedeereeshinii Mootummaa RDFI Hiikoo Heeraaf dhiyaate(Bara Hojii paarlamaa 4ffaa
waggaa 5ffaa yaa’ii idilee 2ffaa Waxabajjii 18 bara 1997

• Ka’umsi dhimmaa hiikkoo heera mootuummaa ta’e kun falmii lafa baadiyyaa
qabiyyee dhunfaa kiyyaa fi mirga dhaalaati jechuun M/M/A/ Cinaakiseen
irraa kan ka’edha. Iyyattuun ammaa M/M/ jalaatti himata dhiyeessiteen lafti
falmiif sababa ta’e qarxii 8 ta’u kan durumaa kaasee mirga abbaa
qabiyyummaa du’aa (abbaa warraa koo) irraa qabuu fi waliin irraa
fayyadamaa turree inni du’ee dha. Qabiyyee waliigalaa jiru keessaa gaheen
koo qarxii 4 kan hafee immoo dhaaltota da’aa (daa’immaan sadiif) akka
qoodamu; yaamamaan ammaa mirga abba qabiyyumma lafaa gaa’ila biraa
osoo qabuu, kan keenya humnaan nu jalaa waan qabateef nuuf haa gadhisuu
jechuun gaafatteetti. M/M/A fi M/M/O/G/H/Bahaa lafa falmiif sababa ta’ee
irraa mirga kan qabu iyyattuuf dhaaltoota waan ta’aniif, yaamaaman lafa
humnaan qabate jiru qarxii 8 akka gadii lakkisuu murtee kenne.
• Yaamamaan ammaa komii M/M/W/O/DhI fi MMWFDHI
dhiyeeffatee, M/M kunis laftii baadiyyaa akka qabeenya
dhunfaatti ilaalamuu hin qabu, qabeenyaa ani gaa’ila dura
horadhee dha jedhamuu hin danda’u sababa jedhuun hiikkoo itti
kenneera. Yaamamaan lafa bakka biraatii qabiyyee itti qabu
akkumaa jirutti ta’e, gahee dhaaltotaa du’aa dabalatee lafti
qarxii 8 ta’u keessaa walakkaan isaa/ qixeetti/ qoodamuufii qaba
jechuun murtii M/M/A fi M/M/O/G/H/Bahaa diiguun murtee
kenne.
• Iyyatuun murtii kana komachuun iyyannoo sababa gaa’ilaan lafa irraa buqqisuu fi
mirga dhaaltummaa daa’immanii kan sarbe waan ta’eef, hiikkoon Heeraa itti haa
kennamu jechuun iyyata isaanii Gumii Calallii Heera Mootummaa Fedeeraalattti
dhiyeeffatanii jiru.
• Gumichiis dhimmicha akka qorateetti; laftii falmiif sababaa ta’e iyyaattuu ammafi
abbaan warraa ishee du’an gaa’ilaa lammataa dura kan kennaan argame malee,
erga yaamamaa waliin walfuudhanii as kan hin kennamneef ta’uun mirkanaa’ee
waan jiruuf, Labsii Bul/Iti/Lafa Baadiyyaa Oromiyaa lakk. 130/1999 kwt.5(8fi9) fi
Seerri maatii MNO; namoonni qabiyyee dhuunfaa fi waliinii qabaachuu akka
danda’an kan agarsiisuu yoo ta’u; labsii Bul/Iti/Lafa Baadiyyaa Mootummaa
Fedeeraalaa lakk.456/1997 kwt.6(4)fi Seerri maatii Mootummaa Fedeeraalaa
fooyyaa’ee bahees kana kan cimsudha.
• Kun ta’ee osoo jiruu MMWODhIj yaamamaan gaa’ila nama biraa waliin qabiyyee dhunfaa osoo
qabuu, lafa qabiyyee iyyattuun qabduu akka qixxeetti murteessuun isaa dubartoota qabiyyee
dhunfaa irra buqqisuu kan jajjabeessuu fi heera mootummaa kwt.35(2fi7) irratti dubartoonnii
gaa’ila keessatti dhiira waliin mirga walqixa qabu kan jedhu keessatti Mirga ittifayadamaa,
dabarsuu bulchuu fi to’achuu kan jedhu ilaalcha keessa kan hin galchine waan ta’eef dhimmichi
hiikoo heeraa barbaada jechuun yaada murtii mana maree federeeshiniif dhiyeesse.
• Mannii Marichaas Heera Mootummaa Federaalaa kwt.35(2 fi 7) mirga dubartoonni qabeenya
horachuu qaban, mirga ittifayadamuu, dabarsuu, bulchuu fi to’achuu; akkasumas, Heera
Mootummaa RDFI Kwt 40(4) mirga lafa irraa akka hin buqqaane tumamee jiru kan hin kabajnee
fi qajeeltoo heera mootummaa keessatti mirgaa daa’immaan qabeenyaa maatii isaani dhaaluu
irraa kan mulqee fi mirga ittifayyadama lafa kan sarbee fi lafaa irraa akka hin buqifamnee
tumaa jiru kan cabsee ta’uu Manni Maree amaanee waan jiruuf, Murtiin Mana Murtii
Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Ijjibaataa kennee fi MMFDHIJ ragga’ee Mirga Ittifayyadama
qabiyyee dhunfaa iyyaattuu fi dhaalaa daa’immanii kan sarbee waan ta’eef bu’uuraa Heera
Mootummaa Fedeeraalaa Kwt.9(1)tiin raawwatinsa hin qabu jechun manni maree
fedeereeshinii sagalee guutuun mureessee jira.
Qorannoo ILQSO bara 2014

 Turtii akka abbaa warraafi haadha warraatti waliin jiraachuu keessatti


tilmaamni qabeenya waliinii eegaluuf yeroo isa xiqqaa kaa’ame ka’umsa
godhachuun gaarii dha.(SMO kwt 132(1))
 Yaadni seera kanaa: Turtii waggoota sadiifi isaa olii hariiroo uumameen
waliin dhamahuun jiruufi jireenya gaggeeffataa; qabeenyaas horataa turani.
Kana keessatti, qabeenyaa jiru akka kan waliiniitti tilmaamuun mirga
walqixxummaa dhiiraafi dubartiif iddoo kennuudha.
 Analogy lafaaf gaa’ila irratti yoo fayyadamne gaariidha kan jedhu ibsanii
jiru.
Yoo waliigalteen jiraate hoo?
lakkaawwameef?
Issue
Qabiiyyee dhuunfaa isaa yeroo gaa’ili raawwatamu lakkaawwamu
ta’e waliigalteen sun afaaniin ykn barreeffammaan yoo ta’ee
akkam ta’aa? Yeroo gabaabaaf illee yoo fayyadaman hoo?
Maatiin qabiiyyee sana gaafa gaa’ilaa yoo kennan hoo?
 DhIMMWO Galmee lakk. 269617 dhad. 18/03/2010 ooleen gaa’ila guyyoota 10
tureef lafa kan waliinii ta’uu waliigalteen lakkaa’eef jechuun qixxeetti akka
qooddatan murtaa’ee jira.
 Faallaa kannaan immoo MMA shirkaa ka’ee and MMOGA ciimee irratti lafa gaa’ila
irratti lakkaawame waggaa 1 fi baatii 7 waliin turan lakkaawamuu isaa ibsuun akka
qooddatan murtaa’e. Haa ta’uu malee MMWODH iji. Lakk.300610 ta’e irratti
waggaa 1 B-7 qofa turuun lafa akka qabeenya biroo waliigalteen H.H mirgaa fi
dirqama kan hordofsiisu miti.(yeroo dheeraa fayyadamuun argamaa even if
included under cont.)-read murtiilee barsiisoo jedhu
 MMA Adaamaa hanga Dh.Ij.Oromiyaa gahee-guyyaa 7 kessatti adda bahan.
Already lakkaaye jira. contract law b/n parties.(1731(1) c.c)-akka qoddatu
murtaa’e.
MMWFDHI Lak. Gal. 11373 jiildii 19ffaa-
 Galmee kana irratti lafiicha gaa’ila irratti lakkaawwamuun isaa mirkannaa’e jira.
Garuu barreeffamaan ta’e hin galmoofne. Dabalataan waggaa 9 gaa’ila keessatti
itti fayyadamanii jiru. laftii maqaa garee 3ffaa tiin jira. Gibiriis isumaan kafalama.
 MMWODHI ejjannoon isaa: lafa falmiif sababa ta’e kan warra abbaa manaa
iyyattuu irraa kennaa argatanii fi waggaa 9 irraa fayyadaman ta’uu isaa ragaan
mirkana’ee jira, haa ta’uu malee dambiin bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa fi SHH
kwt 1723 kennaan lafa baadiyyaa qaama aangoo qabu biratti galma’uu qaba
jedha. Kanaafu kennaan taasifame hin galmoofne,maqaa abbaatiin qabiiyyeen
sun jira waan ta’eef qabiiyyeen waliini miti kan jedhu dha.
MMWFDHI: laftii falmiif sababa ta’ee maqaa qaama 3ffaa(abbaa) galma’ee
kan jiruu fi gibirri maqaa isaatiin haa jiratu malee iyyattuun abbaa warraa
isaanii waliin yeroo walfuudhan bara 1994 keessa abbaa abbaa warraa
isaanii irraa kennnaan kan argatanii fi kunumti waliigaltee gaa’ila isaanii
keessatti kan caqafamee yoo ta’u, erga gaa’ila umaanii kaasaanii hanga
bara 2003 walhiikanitti walfuutonnii waliin ittifayyadamaa turuun isaanii
murtii mana murtii jalaa keessaa mirkana’ee jira.
Abbaa warraa fi haati warraan ofii isaanitii bara 1994 hanga 2003tti irraa
fayyadamuu malee akka miseensa maatitti ofii ittifayyadama, isaan gargaraa
jiraachuu falmii M/M jalaa keessaatti ragaan isaaniif mirkaneesse hin jiru.
 Namni mirga lafa baadiyyaa irraa qabu mirga ittifayyadamaa lafaa yoo
ta’u, yaamamaan mirgaa isaa abbaa warraa iyyattuuf dabarsee kan kenne
yoo ta’u, yeroo dheeraaf lafa kana irraa mirgi ittifayyadama isaanii adda
citee jira. Kanaafu kennaan lafaa barreffamaan raawwatame hin jiru
yaada jedhu qofan murtiin isaan dabarsan dogoggora bu’uura seeraa
qaba waan ta’eef qixxee haa qoodatan jechuun murtii kenneera.
Concluding remarks
 Mirga ittifayyadama lafa baadiyyaa ilaalchisee qabiyyeen dhunfaan jirachuu fi gaa’ila
keessattis kan ilaalamuu qabu akkaata argannaa lafaa fi ittifayyadama lafaa isaa
irratti hunda’uu akka ta’e dha.
 Kanaafu waliigaltee irratti lakkaawwame jira akka seeratti ilaalama kan jedhuun qofa
gaa’ila guyyaa 10 tureef qooduun sirrii akka hin taanee fi qabiiyyeen lafaa gaa’ila
dura argame ykn dhuunfaadhaan gaa’ila keessatti argame jechuun waggaa dheeraaf
waliin fayyadaman dhabsisuun sirrii akka hin taanee hubatamu qaba. Exception of
Decision of HF(right of women and children) still works.
Labsii
248/2015
waliin hoo?
Labsiin haarayaan kun kwt 5(9) jalatti mirgi abbaa
qabiyyummaafi mirgi itti fayyadama lafa baadiyyaa kan argamuu
danda’u akkaataa labsicha keessatti ibsameen qofa ta’uun
tumameera. (Malli biroon uumamuu hin danda’u jechuudha)

➢ Mirgi abbaa qabiyyummaa maloota adda addaatiin argamuu


danda’a. Isaanis;
➢ Mootummaa irraa tolaan-Kwt 7-jiraataa naannichaa umriin 18/˃18

➢ Dhaalaan- 12(1)-bu’uura SHHtiin-1ST Degree heir to 4TH

➢ Kennaan- Kwt 13-ijoollee/ijoollee ijoolleetiif, yoo hin jiran ta’e


abbaa/haadha/obbolaawwan isaaf ta’aa. Akaakayyuudhaaf ni danda’amaa?
Waan daangesse fakkaata.

➢ Seeraan- Kwt 10(2) fi (4)- qabiyyee dhuunfaa kan waloo taasise fi haala
addaan immoo uulaagalee kan waloo taasisan yoo guutan
Akka qajeeltootti, Abbaan warraa yookiin haati warraa
qabiyyeen gaa’ilan dura dhuunfaatti qaban yookiin sanaan
booda maatii isaanii irraa dhaalaan yookiin kennan
dhuunfaatti argatan akka qabiyyee dhuunfaatti kan
galmeessisan yoo ta’e kanuma dhuunfaa isaanii ta’a. (kwt 10(2).
 Akka qabiyyee dhuunfaatti kan galmeessisan yoo ta’e’ gaaleen jedhu maal
ibsa?
 Yoo galmeessisuu baatan gaa’ilaan dura horatamus ‘automatically’ kan
waliinii ta’a jechuudhaa? akka SMOtti ulaagaan kun hin jiru.
 Galmeessisuu kan jedhu kun maqaa isaatiin qabiyyee qabaachuudha
moo? addatti kan dhuunfaa kooti jedhe galmeessisuudha? Like SMO
kwt 74(2)-qabeenya gaa’ila keessatti jijjirame- raggaasisu vs galmeessu
VS galmeessa lafaa kwt 2(6) hiikoo kennee hoo?
 Haa ta’u malee Kwtni 10(3) immoo akka waan ulaagaan galmeessisuu kwt 10(2)
jala hin jirreetti fudhatee, waliigalteedhaan kan waloo taasisuun akka danda’amu
ibseera. Kuniis waliigaltee haala kanaan taasifamee galmeessuu qabda waan hin
jenneef.

 Dabalataan Kwt 10(3) galmeessisuu dhabuun kan waloo akka hin taasisne
agarsiisa. Sababni isaas kan waloo gochuuf waliigalteen jiraachu akka qabu
agarsiisa. Kanaafu lafa kennaa ykn dhaalaan dhuunfaadhaan gaa’ila dura ykn
gaa’ila keessatti qaban waliigaltee isaaniitiin guyyaa gaa’ila raawwatan ykn
sana booda qabiyyee waloo taasifachu danda’u.(no other requirement)
Kwt 10(4) jalatti immoo Haalli addaa qabiyyee dhuunfaa kan waloo
taasisu tumameera. Seerichi haalota gurguddoo sadii kan tarreesse
yemmuu ta’u, isaanis;(cumulative)
(a)Waggaa 10 fi isaa oliif waliin misoomsuun haala ittifufiinsa qabuun
kan ittifayyadaman yoo ta’e;
(b)Walfuutonni yeroo kana keessatti jiruuf jireenya isaanii galii laficha
irraa argamuun kan bulan yoo ta’ee; fi
(c)Mirga daa’immaniifi dubartii seera irraa maddu kan hin sarbine
yookiin kan hin hambisne yoo ta’edha.
• Fakkeenyaaf Namni Gammadaa jedhamu bara 1990 keessa qabiyyee
lafaa dhuunfaadhaan argatee, bara 1991 keessa nama Dammituu
jedhamtu fuudhee isheenis waggaa kudhaniif itti fayyadamtee, ijoollee
lamas godhatee bara 2002 yoo duute, sana booda Gammadaan ammas
bara 2003 nama Daggituu jedhamtu fuudhee waliin itti fayyadamaa
turanii bara 2015 gaa’illi isaanii kan diigame yoo ta’e, qabiyyeen kun
kan waliinii Gammadaafi Daggituu hin ta’u jechuudhaa?
Concluding remarks
Labsii 248/2015 yeroo tuumamu qabiiyyee lafaa yeroo gabaaba keessatti
gaa’ila turuu ilaalchise qixxee akka qoodaman jechuun gaa’ila akka madda
galii fayyadamu kan hordoofsisuu (namoonniis gara gaa’ilatti akka hin
seene akka soodatan taasisuu) fi yeroo dheeraa waliin fayyadaman immoo
sababa gaa’ila dura argameef qofa dhabsisuun sirrii akka hin taanee haala
walmadaalchisuun seericha tumuun barbaachisadha.(Balancing two
competing interest)
 Kanaafu bu’aa gaa’ela raawwachuun hordofsiisu dursanii beekuun haala itti
mirga itti fayyadamummaafii abbaa qabiyyummaa lafaa irratti dursanii beekanii
hooggananiif yaadamee kan tumamee dha.

 Bu’uruma kanaan Labsiicha kwt 10(2) jalatti galmeessisu kan jedhu kan dhuunfaa
jechuun kophaatti galmeessu qaba. Haa ta’u malee kan dhuunfaa jechuun kan hin
galmeessisne ta’e battalatti kan waliini ta’aa jechu miti. Yeroo akkassi manneen
murtii haala dhimmicha(case by case) ilaaluun turtii itti fayyadama isaanii ilaaluun
kan dhuunfaa ykn kan waliini jechuun murteessuun aangoo manneen murtiif
dhiifameedha.(discretion of courts)
 Haa ta’u malee ammas waggaa meeqa ta’u qaba kan jedhu ammas falmisiisaa
waan ta’eef bu’uura qorannoon ILQSO bara 2014 gaggeesseen yoo xiqqaate
qabeenyi waliin akka dhiirsaa fi niitii waliin jiraachu qabeenyi waliini itti ta’u
atleast waggaa 3 yoo waliin fayyadaman manneen murtii qixxee akka qoodatan
jechuun haqaa qabeessa fakkaata.(develop sense of ownership)-Analogy of IU
 Garuu waggaa sadii keessatti uulaagaalee kanneen akka itti fufiinsaan, galii
saniin fi mirga daa’imman fi dubartoota akka hin tuqne ilaaluun
barbaachishaadha.(Murtii HF kenne waliin ilaaluu)
 Haa ta’u malee Keewwata 10(3) jalatti immoo haala addaatiin abbaan warraa
yookiin haati warraa kennaa yookiin dhaalmaadhaan dhuunfaadhaan gaa’ila
duras ta’e booda argatan waliigaltee isaanitiin guyyaa gaa’ila raawwatan ykn
sanaan booda qabiyyee waloo taasifachuu kan danda’an ta’u waan kaa’eef lafa
dhuunfaa jechuun galmeessises waliigaltee kanaan kan waliin taasisuu
danda’aa. Kun waggaa dheeraa fayyadamu kan barbaaduu miti.
 Dabalataan bu’uura labsiicha kwt 10(4) tiin ulaagaalee kaa’aman iddoo
tokkootti(cumulatively) yoo guuttaman garuu qabiiyyeen waggaa 10 fi
isaa oll dhiirsaa fi niitiin fayyadaman gaa’ila duras, boodas argamu isaa fi
kan dhuunfaa jedhame galmaa’uu isaa ilaaluun osoo hin barbaachisiin
kan waliini ta’aa jechuudha. (seerumti kan waloo taasiseera)
 Haa ta’u malee dhimmi kun dambiidhaan iftoomina akka qabaatu gochu fi
labsii federaalaa mirkanaa’uf adeemsa irra jiru waliin ilaaluun
barbaachisaadha. ????????????????????????????????????????/
Gaa’ila gaa’ila irratti raawwatamu ilaalchisee rakkoo qoodinsa qabeenyaa jiru

 Dursa niitooleen fi abbaan manaa qabeenya dhuunfaa isaanii dursanii


fudhachu qabu.
 Qabeenya waliinni jedhame sana irratti niitiin tokko gahee kallattii
qabaachuun ishee yoo mirkannaa’e qabeenyicha keessa dursa 50%
erga fudhate booda kan hafe immoo abbaan manaa fi niitiin biroo
qixxee qodachuu qabu.(jildii 11 L.G 50489, L.G 182439(hin
maxx.))
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 385
 Qabeenya sana horachu keessatti niitiin tokkoo tattaaffi addaa gochuun ishee
yoo mirkannaa’e garuu niitiin biroo qoodachu hin qabdu. Haa ta’u malee kun
hanga hin mirkannoofneetti sadanu mirga walqixa akka qaban tilmaamni
fudhatamu qaba. (JILDII 13ffaa L.G 45548)
 Tattaaffiin addaa kun fakkeenyaaf mana sana keessatti kophaa kophaadhaan
qabatani jiraachuuddhaan osoo hin ta’iin argama qabeenyichaa irratti kan
xiyyeeffatudha. Kanaafu mana anii keessa jiraachaa jiru irratti niitiin biroo mirga
hin qabdu jechuun hin danda’aamu waan ta’eef iddoo sadiitti qixxee qodamu
qaba.(L.G 173183(hin maxx.)
Eliyaas kaasaa

04/17/2024 386
Haa ta’u malee adda baasuun gaheen isaanii hin beekamne
taanaan haala walqixa ta’een iddoo sadiitti qoodamu qaba.
Adeemsii qoodinsa kanaa gaa’ili fi akka dhiirsaa fi niitii waliin
jiraachuun bakka tokkootti yoo uumamees raawwii ni
qaba.kanaafu namnii tokkoo ishee tokkoo waliin gaa’ila
akkasummas ishee biroo waliin IU yoo qabaate(turtiin isaa w-3 oll
yoo ta’e) qoodinsi qabeenya akkuma niitiin lama jiranitti
fudhatame gaggeeffamu qaba.(L.G 161060_hin maxxa.)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 387
• Waliigalteedhaan qabiiyyee lafaa itti fayyadama isaa fi
kunuunsa isaa qoba qobaatti manni lamaan kan
fayyadamaa jiran ta‘uun ragaadhaan yoo beekame dursee
walitti bu‘insi osoo hin uumamiin wal fuutoonni waan furaniif
manni murtii illee akkaatuma waliigalamee jiraatamaa
tureen osoo fala kenne gaarii ta‘a
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 388
Murtii Dhadd.Ijibb. Lakk.Galmee 179231 ta’e irratti dhaddacha gaafa

27/1/2013 murtaa’e .
• Gaa'illi osoo hin diigamin gareen 3ffaa walfuutota keessaa Isa tokko irratti

himannaa dhiyeessuun isaa fi innis bu'uuruma saniin amanuun isaatiin murtiin

yoo kennamee fi walfuutota keessaa inni himannaa keessa hin jirre mormii

yoo dhiyeesse fi qabeenyi kan gamtaa haadha warraa fi abbaa warraa ta'uun

yoo mirkanaa'e walfuutota keessaa inni duraa himannaa duraanii amaneera

waan ta'eef gaa'illi osoo hin diigamin qoodinsi taasifamu fudhatamuu hin

qabu.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 389
• Qabeenya gamtaa dhirsaa fi niitii irratti gaa'illi isaanii osoo
hin diigamin falmiin yoo ka'e qabeenyichi akka tokkootti waan
ilaalamuuf qaama falmii dhiyeesse waliin qoodinsa taasisuun fi
qabeenya gamtaa irrattis Murtii qoodinsaa kennuun fudhatamu
hin qabu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 390


Haala Raawwii Murteessa Beenyaa
Dhimma Diiggaa Gaa’ilaa
• Yeroo baay'ee namni tokko niitii lama yoo qabaate ishee tokko waliin

falmiin yeroo gaggeeffamuu fi isheen gaa'ila keessatti hafte jiddulixummaa

yeroo dhiyeessitu qabeenyi kan gamtaa sadanuu ta'uun yoo mirkanaa'e

gahee ishee gaa'ila keessa jirtuus akka qooddii qabeenya dhirsaa fi niitiitti

qooduun barbaachisaa miti.

• Gahee ishee tilmaama keessa galchuun(principle of recognition) gahee

haadha manaa gaa'ila diigdee qofa Murteessuufiin barbaachisaadha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 392


Beenyaan Beenyaa garee hiikkaaf sababa ta‘eefi

seerri maatii sababab kanaan miidhaa qaqqabeef


beenyaa murtaa‘u. (SMO kwt 111)

of keessatti
hammatee Beenyaa bulchiinsa qabeenya waliinii
bulchuu keessatti miidhaa gareen tokko
jiru lama. isa kaanirratti qaqqabsiisuuf murtaa‘u.
Beenyaa Garee Hiikkaaf Sababa Ta’e Fi
Miidhaa Qabqqabsiise Irratti Murtaa’u.
Wal fuutoonni hiikkaa gaafachuudhaaf sababa ibsuuf hin dirqamani
sababni isaas yaada isaanii jijjiiruun yoo araaramaniif waliin
jiraachuu irratti rakkachuu danda‘u ykn gaa‘illi isaanii dhaabbata
akka hin qabaanne taasisuu danda’aa.(hateta) –non fault approach
Haa ta’u malee yoo gaaffi nama tokkoon hiikaan dhiyaatu sababa
ibsuuf wantii isaan dhoorku hin jiru.(SMO kt 104(2))
 Qoodinsa qabeenya keessatti qabeenyii waliini qixxee qoodamu qaba.(pple)-
SMO kwt 117 But the exception is SMO kwt 110(4) fi 111- so exception
should be narrowly interpreted.
 Haallii Addaa: Manni murtii bu‘aa wal hiikkaan hordofsiisu yeroo
murteessu, wal fuutoota keessaa balleessaa isa tokkoon kan ta‘e sababiin cimaan
jiraachuu isaa tilmaama keessa galchuu akka qabu SMNO kwt 110(4) kaa’eera.
 Bu’aan Hiikaa: Guddisa ijjoollee fi qabeenyaatii.
Uulaagaalee

1. Hiikaaf nama sababa ta’e adda baasuu-Gochaa fi hiikaa jidduutti


haariiroo jiraachu isaa mirkanneessu-Casual relationship
• Namnii beenyaa akka kafaluu itti murtaa’u hiikaa kan gaafatees
kan hin gaafannees ta’u danda’u.
2. Garee biraa irratti Miidhaa dhaqabee jiraachu qaba.
 Beenyaan kafalamuu kun qaama nama miidhaa dhaqabsiise adabbuuf
fakkaata. Dirqama beenyaa murteessu qaba(SMO 111) vs SMF kwt 84-
murteessuu ni danda’aa.(justice so requires)-meeqa akka ta’ees hin
keenye,
 Beenyaan murtaa‘u kun beenyaa gosa kamiiti kan jedhu ilaaluun
barbaachisadha.
 Seerichaan bifa waliigalaatiin beenyaa jechuun taa‘e waan ta‘eef beenya
gosa lachuu akka dabalatu, kunis beenyaa miidhaa fi beenyaa haamilee
ta‘uu danda’aa. Beenyaan haamilee hanga qarshii 1000 waan ta’eef
beenyaa jechuun kan dhiifamees sababa kanaanii.
• Qabxiin biraa asitti kaasuu qabnu beenyaan murtaa‘u miidhaa
hiikkaan wal qabatee gahe moo sababa hiikkaa sanaan miidhaa
qaqqabuu danda‘utu ilaalama kan jedhuuf, SMO kwt 111 (1) irraa kan
hubatamu, ….tokkoo isaaniitiin gocha raawwatamee fi hiikkaadhaaf
sababa ta‘e isa biraa irratti miidhaa hordofsiisee yoo argame manni
murtichaa garee miidhaan irra gaheef inni miidhe beenyaa miidhaa
qaqqabeen …..‘‘ jechuun tumeera.
• Kuniis badiin raawwatame sun hiikkaa hordofsiiseera ykn hiikkaaf
sababa ta‘eera kan jedhu qofa yoo ilaalle miidhaadhuma sababa badii
sanaatiin yeroodhuma sana qaqqabe sana ta‘uutu hubatama. Miidhaan
kunis miidhaa fuulduratti sababa hiikkaadhaan qaqqabu osoo hin taane
miidhaadhuma gocha hiikkaaf sababa ta‘e sana kan ta‘u malee kan
fuuldura qaqqabu akka hin taane hubatamuu qaba.
Hammii beenyaa kafalamu hangamii?

 Hangii beenyaa murteeffamu aangoo mana murtichaaf kan dhiifameedha.

 Gahee wallakkaa nama badii raawwatee irraa % 10, % 20 ykn % 100 haa kennamuuf
jechuudhaaf safartuun keenya maali kan jedhu ifa miti.
 SWA keessatti haammi beenyaan kafalamu miidhaa dhaqabee waliin walqixa ta’u
qaba.(SHH kwt 2091)
 Hamma miidhaa dhaqabee immoo mirkanneessuuf himataan dirqama akka qabu
SHH kwt 2141 ni kaa’a.
 Kanaafu walfuttoota keessa hamma miidhaa isa/ishee irratti dhaqabe mirkanneessuun
agarsiisuu qaba.
Remark
Jildii 23ffaa L.G 152968- diigaan sababa abbaa warraatiin ta’u isaa fi
gaa’ila osoo qabu daa’ima dubartii biraa irra argachuun yoo
mirkannaa’e fi gaa’illi yoo diigame sababni beenyaan hin
kafalamne hin jiru.(Seera Maatii Oromiyaatiin ilaalee)
Galmee kana irratti qabeenya wallakkaa gahee isaa keessa
balleessaan isaa waan mirkannaa’eef 20% akka kafalu murtaa’ee.
Miidhaan gahuu isaa amanamee hanga miidhaa gahee
tilmaamuun yoo rakkisee manni murtichaa haala naannoo jiru
tilmaama keessa galchuun hanga beenyaa haqummaa tilmaama
sammuu irratti hundaa‘ee hanga beenyaa murteessuu akka qabnu
SHH kwt 2102 jalatti tumamee jiru dhimma kanaafis rogummaa
qaba.
Namoonni tokkoo tokkoo gaa’illi waliigalteedha waan SWA
raawwii hin qabu jedhu. Garuu mariage is not a mere contract
rather it is an institution. Dabalataan waliigaltee osoo
jedhameeyu S/HH kwt 1790 haala shallaggi beenyaa waliigalteen
walqabate SHH kwt 2090-2123 raawwii qabu jedha.
Safartuulee
 Gosa ykn cimina badii wal fuutootaa

 Cimina badii jiru progressive godhe madaaluu qaba. Ciminni badii


yeroo dabaluu hammii beenyaas dabalaa deema.
 Barsiisummaa isaas ilaaluu. Gaa’illaawwan kanneen biroo akka hin
diigamne akkeekachisa haala kennu danda’uun badii sana madaalu qaba.
 Badii sana hambisuuf tarkaanfii fudhatamees ilaaluu
SNNP family code- Art 94(2)-balleessaan jiraachuu kanaan
madaalamaa jedha.

 The obligation to support,

 Respect and assist, obligation to cohabit, obligation to owe fidelity, and the
obligation of joint management of the family.
 Failure to comply with these personal effects of spouses amounts to fault,
which causes legal liability.
 Decided by equity-Max-not more than 10,000 birr but if the failure is related
with fidelity and obligation to cohabit it reaches upto giving more property.
Issue

Manni murtiichaa kakka’umsa isaatiin murteessu qaba


moo?gaffiin seerummaa gaafatamu qaba?
Remark
 Substantive right fakkaata.

 SDFHH kwt 182 gaaffiin seerummaa ifa ta’e gaafatamu qaba.kun garuu
hangana jechuun dirqamaa miti. Beenyaa yoo jedhe gahaadha. Jildii 23ffaa
L.G 152968 ilaalaa
 Miidhaatu beenya’aama waan ta’eef haama midhaa dhaqabee mirkanneessuu
ykn midhaaniyuu jiraachu isaa agarsiisuuf dirqamni kaa’ameera.
 Non fault divorce waan ta’eef ibsee dhiyyeessu yoo baarbaadde immoo
gaafachuu akka qabu hubtama.
 Mirga qabeenya qixxee qoodachuu gaa’ila booda heeraan kennamee (Kwt
34(1) fi kwt 41) kan midhu waan ta’eef haala addaa(exception) waan ta’eef
dhiiphifamee hiikamu qaba.
 Garuu bu’aa hiikaa waan ta’eef galmumma sana gaaffii qabeenyaa waliin
dhiyaachu qaba. (unless splitting of claims-C.P .Code - 216)
 Jildii 18ffaa L.G 101552- Yeroo diigaa gaa’ilaa gaafatamu baatuus yeroo
qoodii qabeenya waliini dhiyaatu gaaffiin seerummaa gaafatamu
danda’aa. Jildii 22ffaa L.G-135902-Galmumma sana irratti murtaa’u qaba.
BOQONNAA LAMA

SIRNA ABBUMMAA MIRKANEESSUU:


SEERAA FI QABATAMA

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 409


• Abbaan Daa’ima dhalatee tokko garuu eenyu akka ta’e beekun akka
haadha mucaatti salphaa waan hin taanef seerri karaalee sadi kaa’eera.
• 1ffaa tilmaama seeratin abbaa mucaa beeku yoo ta’u.

• 2ffaa tarkanfii abbaan mucaa fudhatun ilmummaa ofitti


fudhachuu dha.
• 3ffaa murtii mana murtii kennuun abbaa mucaa dhalatee tokko
adda baasu dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 410


Abbummaa tilmaama seeraatin beekuu

• SMO kwt 143 jalatti mucaa fuudhaaf heeruma keessatti ulfaa’amee


dhalatef abbaan dhirsuma haadhati jechun tumeera. Applies for
IU(SMO kwt 147) too.
• Ilmi dhalate yeroo fuudhaa heerumni cimaan jiru keessatti kan
ulfaa’ame ta’uun yoo mirkanaa’e malee(SMO kwt 145) fuudhaa
heeruma keessatt dhalachu qofti fayyadamaa tilmaama seera kanaa
nama kan hin taasisine ta’u isaati.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 411
• Kuniis gaa’illi erga raawwatamee booda guyyaa 180 booda ykn erga
diigame guyyaa 300 keessatti kan dhalate ta’u qaba.(SMO kwt 145)
• SMF keessatti garuu daa’imtii gaa’illa keessatti yoo uulfaa’ame
yookiin dhalate gahaadha. Akkaataa SMF Ji’a sadii keessattis yoo
dhalate tilmaama kanaan fayyadamuun danda’aama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 412


• ragaan kana faallessus fudhatama hin qabu.

• MMWFDHI L.G 211047,182459 (Hin maxxanfamne) fi jildii 23ffaa


galmee 148570- -tilmaama seeraa kana irratti namnii abbaadha
jedhamu DNA naa haa qoratamu jechuun gaaffiin dhiyeessuu
fudhatama hin qabu.
• Akka saayinsitti guyyoota 275 tti akka waliigalaatti haala addaatii
ammoo guyyoota 210 –300 tti kan dhalatu ta’uu tilmaama keessa
galchun tumaan seeraa kuni kan bahe ta’u argisiisa.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 413
• seerri xiyyeefannaa ol’aana ta’e kan godhate mirga
daa’imanii eeguu(vested interest of child) iratti ta’ee gara
tokkoonis fuudhaa heerumini ragga’ee akka jiraatu
barbaadura kan madde dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 414


• Namini tilmaama seeratin abbaa mucaa dhalateeti jedhame himannaa
falmiin haaluu dhiyyeessu danda’aa.(SMO kwt 184)
• Kuniis galmee of danda’ee irratti ta’u qaba. jildii 10 lakk.Galmee
44612
• Haala sayinsaawaa ta’en ragaa dhiyaatun fakkeenyaf qorannoo dhiiga
nama abbaa dha jedhame fi mucaa dhalatee (DNA test) godhun bu’aa
dhiyaatu ragaa amansiisaa ta’e waliin himata dhiyessun abbaa mucaa
miti jedhee haalu danda’a.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 415
Ilmummaa ofitti fudhachun abbumma beeku

• Tilmaama seeraan mirkannaa’u yoo hin dandeenye ykn haariroon


gaa’ilaa ykn IU hin jirree taanaan ilmummaa ofitti fudhachuun
abbumma beekuudha.(SMO 148)
• namni ilmummaa ofitti fudhatu fedhii isaatin ta’uu akka qabu
seerichi yoo eeru jecha “danda’a” jedhun kaa’usati.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 416


• Namini tokko akkuma salphatti ani abbaa mucaa dhalateti
jedhee ibsuu qofiti ilmummaa ofitti fudhachuu hin
jedhamu

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 417


Akkaataa itti jechii kennamu

Itti gaafatamaa galmeessaa haala hawaasumma biratti


dhiyaachun abbaa ta’u ibsudhan.
- Dhaamoo barreeffamaa kennudhan.

- Sanada abbaa taayitaa aangoon kennamef biroo kamiinuu


mirkanaa’en abbaa ta’uu ibsudhan.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 418


• Dhaamoodhaan ofitti fudhachuun akkum jirutti ta’ee
Dhaddachii Ijjiibaata Jildii 5 lakk.Galmee 30959 ta’ee irratti
abbaan dhaamoo irratti mucaan kiyyaa miti waan jedheef qofa
ilmumaan hin jiru kan jedhuuf akka ragaa faala ta’eetti kan
lakkaawamu miti jechuun murtii kenne jira. Dabalataan Jildii 18
lakk.Galmee 99954 ilaaluun barbaachisaa dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 419


• Namni tokko mucaan ulfaa’ame yookin dhalate ilma (intala)
koodha jedhee jechi kenne bu’aa kan argatu haati mucaa
sanaa heyyamamtu yoo taate dha.
• Mucaan ofitti fudhatames erga umrin ga’elaf gahe yoo ta’e
namini jecha ofitti fudhachu kenne kuni abbaa koo miti jedhee
mormii dhiyeessu danda’a. (erga beeke ji’a tokkoo keessatti)
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 420
• Namnii tokko mucaan ulfaame yookii dhalate kan koo dha
jedhun jechi kenne diigu hin danda’u.(157(1)
• Namini tokko akka barbaadetti jecha ilmummaa ofitti
fudhachu kenne kan diiguu danda’u yoo ta’e hamilee haadha
mucichaas ta’e mucaadha kan miidhu fi hawaasa bal’a
keessatti rakkinna kan fidu dha

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 421


• Garuu haala addaatiin haaloonni armaan gadii yoo jiraatan
diiguu danda’aa.kuniis
Jecha haala humnatiin argame

Umuriin ga’ilaf gahu dhabuu

Nama mucaa horachuu hindandenye

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 422


Abbummaa murtii Mana murtiin himamuu

• Karaa 3ffaadha. Kanneen gubbaa kaasneen mirkannaa’u yoo hin


dandeenyedha.
• ulaagalee seerri kaa’e (seera maatii kew.160) jalatti kan tumaman
keessaa tokkoon mucaan kan ulfaa’ame yookiin dhalate ta’uu
ragaan mirkanessu qaba.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 423


1. Gocha dirqisiisanii gudeedutiin yookin butiin mucaa dhalate

 Yeroo mucaan ulfaa’ametti haati mucaa ulfa’amee yookiin dhalatee nama

himanni itti dhiyaatu kanaan dirqiin gudeedamu ishee ragaan mirkanaa’u

qaba.

 Yakka dirqisiisanii gudeedu ragaan mirkaneessun rakiisaa ta’u danda’a.

 Ragaan amansiisaa fi gahaa ta’e dhiyeessun Mana murtii amansiisun haala

gochichaa wajjiin yemmu ilaalamu namni dubarti tokko dirqisiisee kan

gudeedu bakka ragaan argu danda’utti miti.


04/17/2024 Eliyaas kaasaa 424
• Sababa kanaan ragaa namaa dhiyessun ulfaataa ta’ee mul’ata.

• Butii ilaalchisee gocha kanaan mucaan yoo ulfa’ame haalli


butinsa jiraachun mirkanessun akka dirqiin gudeedu
mirka’neessutti cimaa miti. garuu yeroo baay’ee achumaan
jireenya itti fufu.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 425


2. Gocha dhugaa hin taneen dogogorsisun qunnamtii raawatameen
mucaa dhalate

• Namni tokko hadha mucaa ulfa’ameef yookiin dhalateef abdii


soba ta’e kennun akka ishe fuudhu fakkeessee gowomsun
qunnamitii saalaa gaggeessee ulfi kan umame yoo ta’e halli kuni
jiraachu isaa M/murtif ragaan agarsiisun mucaan dhalate kan
nama gocha kana raawate akka ta’e beekun ni danda’ama

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 426


• Haati mucaa dhalatee (ttee) gochaa gidiraa ta’een yookiin
gowamsun abdi soba ta’e kenneefii ulfii kan argame ta’usa
ragaa gahaa fi amansiisaa ta’een mirkanessun irra eegama.
• Ragaalee sirnaan xiinxaluun haaloota jiran xiyyeeffannoon
madaaluun barbaachisadha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 427


3. Bu’aa barreeffamoota fi sanada nama abbaa dha jedhameen barra’an qaban

• Nama abbaa mucaati jedhamee akka murtaa’u barbaadamun


barreeffamni barreeffame fakkeenyaf xalayoota adda addaa
haadha mucichaf barra’an, yookiin mucaaf barreeffaman iratti
haala ifa ta’een mucaan kan nama barruu kana barreesse ta’u
haala argisiisun yoo argame akka ragaa tokkootti mana murtii
dhiyaatu danda’a

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 428


• Barreeffamni jedhame kun qofti abbaan mucaa nama
barruu kana barreesseti jechuf gahaa miti. Sababnis namni
abbaa mucaa akka ta’u barbaadamu kuni yeroo ulfaatti
haadha mucaa wajjiin qunnamtii saala kan raawwate
ta’un isaa siritti mirkana’un barbaachisa dha.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 429


• Barreeffamonni fi sanadonni nama abbaa dha jedhamanin
kennaman fakkeenyaf mucaa maqaa ofiin mana barumsaa galchuu,
kabaja guyyaa dhaloota mucichaa iratti kennaa mucaf kennaman
iratti maqaan abbaa barreessuu, baga ittin sigahe jedhamee
waraqaabarreeffamee mana keessatti maxxanfame iratti maqaan
abbaa mucaa nama akka abbaa dha jedhamu barbaadamu kanaan
waamun barreessun akkasumas suuraawan haalota arman olii kana
argisiisan dhiyeessun gaafiin m/murtiif ni dhiyaata. Kanaaf,
m/murtii haalota kana hunda gadi fageenyan erga ilaalee booda
murtiin kennamu akka qabu ni amanama
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 430
4. Kunuunsi namni abbaa akka ta’u fedhamu mucaf godhuu fi bu’aa isaa

• Namni abbaa mucaa akka ta’u barbaadamu kuni kunuunsi inni


mucaf godhu baasiiwan adda addaa guddina mucaaf oolan
nyaataf, dhugaatiif, uffataf, yaalaf, barumsaaf barbaachisu kan
kennu yoo ta’e namni kun abbaa ta’u danda’a jedhamee ni
yaadama.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 431


• Haa ta’u malee gochoota arman olii kana qofa argisiisun namni
kun abbaa mucaati jechun hin danda’amu.
• namni hirmaannaa kunuunsu kana raawwatu akka abbaa ta’ee
ta’usaa argisiisun barbaachisaa dha
• namni kununsa kana mucichaf kennaa jiru yeroo ulfaa’inatti
haadha mucaa waliin qunnamitii saalaa kan qabu ta’u argiisiisun
ni eegama
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 432
• Gara biraatin namonni osoo abbaa hin taane sababa adda
addaan fakkenyaf walitti siqina cimaa haala obbolumman
yookiin hiriyumaan haadha mucaa wajjiin jiru irraa ka’un gocha
kununsaa mucaaf kennu danda’aa. Yeroo kana abbaadha
jechuun sirrii hin ta’u.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 433


• Manni Murtii waliigala Feederaala Jildii 10 Lakk.Galmee 42682 ta’ee
irratti abbaan mucaa saniif kununsa gahaa yoo godhee, mana
baruumsa fudhate yoo galmeesisee,maatii isaa waliin wallitti makee
jiraachisa kan turee ta’uu isaa mirkanneesuun yoo danda’aame
abbumaan akka beekamu ragaa gahaa dha. Yeroo kana abbaan haadha
walliin yeroo kanatti walqunamtiin saalaa itti fuufinsa qabu
raawwatamu isaa mirkanneessuuf dirqama hin qabu jechuun murtii
kenne jira.
04/17/2024 Eliyaas kaasaa 434
• Gama biraatiin MMWF dhaddacha Ijjibaata Jildii 5 lakk.Galmee 32130
ta’ee irratti murtii kennen namnii tokkoo daa’imma tokkoof kunuunsa fi
deegarsa waan godheef qofa abbaa dha jedhamuu hin danda’uu. Namnii
abbaa dha jedhamee deegarsa fi kunuunsa sana namumaadhaan
godhuu danda’aa. kanaafu deegarsii fi kunuunsi inni taasisuu keessoo
isaatiin anii abbaa dha amantaa jedhuun ta’uu isaa mirkanneesuun
barbaachisa dha. Mana baruumsatti ykn iddoo birootti abbaa dha jedhamee
maqaan galmaa’uun isaa qofti gahaa miti.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 435


Remark
• DNA akka qoratamu namnii gaaffi dhiyeessu sababa gahaa
malee gaaffiin isaa bira darbamu hin qabu. Dabalataan namnii
gaafatu suun baasii barbaachisu danda’u qaba. Sababa gahaa
malee gaaffii dhiyaatu bira darbuun sirrii miti.(jildii 11ffaa
L.G 63195)

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 436


Walitti bu’uinsa seeraa abbummaa mirkanneessuu irraatti mul’atan

• Namni tokko uumamaan abbaa tokko kan qabu ta’un


beekama dha. Walitti bu’insi seeraa kan dhufu sirna tilmaama
seeraatin abbummaa beekuu iratti dha. Kunis mucaan yeroo
ulfaa’amutti haati mucichaa gaa’ila duraa keessa kan jirtu fi
yeroo dhalatutti gaa’ila 2ffaa keessa kan jirtu yoo ta’e mucaan
kan dhirsa duraati moo ? kan isa lammata ti ? kan jedhu gaafii
uumuu danda’a

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 437


• Seera maatii Oromiyaa kew. 165 fi seera maatii naanno
Federaalaa kew. 148 jalatti yeroo walitti bu’insi akkanaa
uumametti waliigaltee murtii abbummaa namoota sadiin
mirkanaa’en walitti bu’insi kan hiikamu hin dandeenye yoo
ta’e tilmaamni seeraa kaa’amera. Inni duraas nama akka
dhirsaatti haadha mucaa wajiin ture irra dhirsi haadhaa kan
filatamu ta’usaati.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 438


• Kunis kan argisiisu seerichi gaa’ilaf iddoo ol’aanaa kennuu
isaaiti.Gara biran nama yeroo mucaan ulfaa’amu dhirsa
haadhaa ture yookiin akka dhirsatti haadha wajjin ture irra
nama yeroo mucaan dhalatu haadha wajjin jiraatu abbaa
mucichaa akka ta’u qabu tumameera.

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 439


• As irattis kan hubatamu kununsa daa’imaf jecha namni yeroo
ulfaa haadha walin turerra erga daa’imini dhalatee nama
haadha wajjin jiraatuf seerri mirga yookiin dirqama abbaa
ta’u kan laate ta’u isaatti

04/17/2024 Eliyaas kaasaa 440


Get Transformed & Transform Others 441
Get Transformed & Transform Others 442

You might also like