Leenjii Qaadotaaf Dhimmoota Falmisisoo Irratti

You might also like

Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 127

LEENJII QAADOTA MANNEEN MURTII

GODINA ARSII
Seera Deemsa Falmii Hariiroo
Hawaasaa fi rakkoolee qabatamaan
mul’atan irratti qophaa’e

By Eliyaas Kaasaa(Abbaa Seeraa


MMO Godina Arsii)
4/06/2014
Asallaa
Seerotni leenjitootan ilaalamuu
qaban
• Heera Mootummaa fi Land Policy.

• Seera Deemsa Falmii Haariiroo haawwasaa

• Seera Shari’aa.

• Labsii 53/94-Labsii Manneen Murtii


shari’aa cimsuuf bahe.
2
Kaayyoo leenjichaa
 Rakkoowwan qabatamaan raawwii irratti akka
godina kenyatti mul’atan xiinxaluun furmaata
irratti mari’achuu

3
Falmii Qoodinsa Qabiiyyee Lafa
Baadiyyaa Abbaa Warraa fi Haadha
Warraa.

04/18/2024 Elias 4
YAAD-RIMEEWWAN
BU'URAA

Elias Kasa
04/18/2024 5
.
• lafti qabeenya waliinii uummataati malee kan
nama dhuunfaa kamiiyyuu miti. Heera kwt
40(3)
• Mirgi namni dhuunfaa lafa irratti qabu mirga
abbaa qabeenyummaa waan hin taaneef
tumaan seera Shari’a dhimma kana hin
ilaallatu jedhu.

04/18/2024 Firehiywot H. 6
• Seera Shari’a kallattiin dhimma kana
irratti kan raawwachiifnu yoo ta’e mirga
heeraa fi labsiin dubartootaaf kenname
karaan ittiin mirkanaa’u hin jiru
• Dubartoonni mirga lafa argachuu, bulchuu
fi dabarsuu irratti dhiira faana mirga wal-
qixa akka qaban H/M kwt.35(7) jalatti
tumameera.
• Maqaa isaan lamaaniin jiru yoo ta’e qixxe
ta’a.
04/18/2024 Elias 7
 yeroo ammaa kana lafti abbaa qabiyyee harka
jiru baayyinaan dhaalaan ykn kennaan ykn
maatii irra ykn motummaa kan argameedha;
kaan immoo abbaan warraa utuu gaa’ila hin
hundeessin kennaa mootummaatiin kan
argateedha. Gaa’illi qabiyyee haala kanaan jiru
irratti kan hundaa’u waan ta’eef harka caalaan
qabiyyee gaa’ilicha dura kan argameedha.
04/18/2024 H. 8
• Mirgi kun raawwii gaa’elaan dura garee isaa
tokkoof dhuunfatti kan kenname(dhaalaan
argate) ykn lafichi maqaa garee 3ffaatiin
kan galmaa’e ta’uun isaa qofti battalumatti
kan dhunfaa garee sanaa kan hintaasisne
ta’uun hubatamamuu qaba.

04/18/2024 elias 9
• Dh/I/M/M/W/F/ Jiildii 6ffaa galmee
lakk.26130 ta’eerratti murtii keenen namni
dhuunfaan lafa irratti mirga abbaa
qabiyyumaa malee mirga abba
qabeenyummaa hin qabu. + see vol 18 no
10784

04/18/2024 Firehiywot H. 10
Qabxiilee Marii

1ffaa: qabiyyee lafa baadiyyaa ilaalchisee


dhirsaa fi niitiin waggaa meeqaaf yoo waliin
fayyadaman qixxeetti qoodachuu danda’u?

2ffaa: waliigaltee gaa’ilaa irratti yoo


lakkaawwame hoo? (maqaa nama
tokkootiin yoo jiraate dha)
 Qabiyyee lafaa abbaan warraa gaa’ela dura
fudhate gaa’ela booda waggoota 10 fi
sanaa ol haadha warraa waliin itti
fayyadamaa turan yeroo hiikkaatti sababa
mirgichi gaa’elaan dura argame qofaaf haati
warraa mirga keessaa hinqabdu jechuun
kaayyoo seeraa waliin hindeemu.
04/18/2024 elias 12
 Haa ta’uu malee gaa’elli raawwatamee waggaa lama keessatti kan

hiikame yoo ta’e immoo mirga qabiyyee lafaa abbaan warraa


gaa’ela dura argate qixxee haaqoodama jechuunis seeraafi haqa
qabeessa ta’ee hin mul’atu.

 Haalli kun akkatuma dhimmaatiin kan ilaalamu ta’aa.

 lafa qonnaa kunuunsuu, gabbisuu fi sirritti qabuudhaan


oomishaawaa taasisuu irratti gumaachi dubartoonni qaban isa
dhiiraa kan caalu akka ta’e qo’annoowwan mirkaneessan ni jiru.

 Kanaafu dhimmota armaan olii ilaalcha kessa galchun barbaachisaa

ta’aa
04/18/2024 elias. 13
 cass. Vol-22- file no: 138286-waggaa 8
fayyadaman qixxee haa qoodatan jedhe jira.

 DhI MMWO Galmee lakk. 282074 ta’e irratti; AW


fi H/Warraa waggaa lamaaf waliin jiraachaa kan
turan ta’us; waliigalteen gidduu isaanii kan hin
jirree fi yeroo gabaabaa (bara 2007 hanga 2009
waggaa lama) kan waliin jiraatan waan ta’eef;
qooddachuu hin qabdu jedhamee murtaa’ee jira.

04/18/2024 elias 14
Yoo waliigalteen jiraate hoo? Niikaa
irratti lakkaawwameef?

04/18/2024 elias. 15
• DhIMMWO Galmee lakk. 269617 dhad.
18/03/2010 ooleen gaa’ila guyyoota 10 tureef
lafa kan waliinii ta’uu waliigalteen lakkaa’eef
jechuun qixxeetti akka qooddatan murtaa’ee jira.
Kwt 1731 –Law b/n parties. Seerrii shari’a hoo?
• Kanaafu fedhii isaatiin dura yoo lakkaaye fi kuun
immoo ragaa namaatiniis ta’e barreeffamaan
mirkaneessuun yoo danda’aame kan walinii ta’a.
04/18/2024 elias 16
Marii

Abbaan manaa niitii lama fi isaa oll kan


qabu yoo ta’e qodiinsi qabeenya fi
qabiiyye lafa haala kamiin taasifamu
qaba?Seera shari’aa waliin ilaalaa

04/18/2024 Elias . 17
• Qabeenya dursa horatame ykn kophaa kophaa horachuu isaani yoo
mirkanessan ta’e dursa isa adda baasani fudhachu ni danda’u.
• Kanaafu niitiin tokkoo kophaa ishe gahe isheetiin qofa qabeenyicha
argachu yoo mirkanneesitee niitiin hafte gahe abbaa manaa irraa
qofa qoodachu qabdi MMWFDHI jildii 13 galmee 45548
• .Qabeenyicha horachuuf carraaqii kan qabdu isheen tokkoo qofa
ta’uun yoo mirkanaa’e qabeenya sana wallakka(50%) fudhate .niitiin
hafte immo 50 gahe abbaa manaa qofa qoodati. Jildii 11 lakk.
galmee 50489

04/18/2024 -elias. 18
• Yoo carraaqiin niitii tokkoo ragaan mirkaneessu hin
dandeenye ta’e tilmaamni jiru hundii isaani walqixa
carraaqan kan jedhu waan ta’eef hundii isaani qixxee
qoodatu.
• Lafa garagara yoo fayyadamanii kophaa kophaa
qodamu qaba.
• Laficha bakka tokkoo yoo ta’e walqixa qodachu qabu.
Fknf niitii lama yoo ta’e abbaa manaa waliin 1/3 argachu.
Mirga walqixxumma heericha waliin ilaalamu qaba waan
04/18/2024 Elias 19
ta’eef.
BAKKA BU’UUMMAA FI
DIIGGAA GAA’ILAA

04/18/2024 eliasH. 20
Hiikkaa Gaaffii Walfuutotaan Raawwatamu

Karaa lamaan dhiyaachuu danda’a.


 Karaan inni tokko walfuutota keessaa
inni tokko kophaa isaatti gaa‘elichi hikkaan akka
diigamuuf gaaffii dhuunfaan
dhiyeesuudha.
 Gaaffuma kana walfuutonni lameenuu waliin
ta’uudhaan kan dhiyeessaniidha.

04/18/2024 21
• Haala addaatiin gaafii diiggaa gaa’ilaa bakka
bu’ummaadhaan dhiyyeessuun ni danda’aama.
• MDHIMMWF Jildi 23 lakk.Galmee 150408 ta’e irratti
kenne jira.
• Kuun karaa lamaan kennamu danda’a.

1. Bu’uura SDFHH Kwt 58tiin kennamu. kuniis


abbaa,obbolleessa,ilma,akkaakayyu ykn haadha manaa ta’u
qabu.
• Bu’urra SHH kwt 2199-haala ifa ta’een gaa’ila diigguuf
jedhame kennamu qaba.
04/18/2024 H. 22
2. Bu’uura SHH kwt 2205 fi 2199 tiin kennamu –
Namoota fira hin taane jiddutti kennamu
dha.Kuniis haala ifa ta’een dhimma gaa’ilaa,qoodii
qabeenya kkf jechuun haala ifa ta’een yoo kennu
qaba. kanaafu namoota bu’uura SDFHH kwt 58
tiin hin ta’iinif yoo kennames ni danda’aama jechu
dha.
04/18/2024 Elias 23
 Kan biyya alaa yoo ta’e immoo- Labsii 922/2008
Kwt 1, 6 fi 23 kaneen waliin ilaalamu qaba. Kuniis:
 Inbaasii Itiyoophiyaa achi jirun yoo mirkanaa’e.

 Ministeeri Hajaa biyya ala ni mirkaneessa.

 Galmeessa fi mirkanneessa sanada Feederaala tiin


galmaa’u isaa kan mirkanaa’e.

04/18/2024 Firehiywot H. 24
• Bakka bu’ummaa haala kanaan kenname
immoo namnii kennameef suun
abukaatoodhaaf kennu ni danda’a.
• Manni Murtiicha yoo shakkee ykn mormiin ka’e
Inbaasiichaaf barreessuun ragaan kuun achi
kennamu isaa qulqulleessuuf angoo qaba.

04/18/2024 Elias 25
SDFHH kwt 41 fi 358

Jiddulixummaa fi Murtii
Mormuu
26
Jiddulixummaan maalii?
 Gareen sadaffaan miseensa falmii bu’uuraa
hin ta’in;
 garuu falmicharraa mirga ykn dantaa ni
qabna jedhan:
 mirga ykn dantaa sana kabachiifachuuf;

 Eeyyama mana murtiitiin adeemsa falmichaa


keessa ittii seenu kan qajeelchuu dha
04/18/2024 27
Kaayyoon isaa:

 Baasii xiqqaan,

 Yeroo gabaabaa keessatti fi si’oominaa,

 Haala haqa qabeessa ta’eenii fi

 Haala walqixxummaa falmitootaa


mirkaneessuun murtii akka argatu
taasisuufii dha.
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 28
Iyyata jiddu-lixummaa irratti hogguu
murtii ykn Ajaja kenninu:
a. Fedha ykn dantaa iyyataa
b. Rakkoo fi dhamaatii falmitoota bu’uuraa irra
ga’uu danda’u tilmaamuu akka qabnu,
c. Bal’inaan hiikamuu akka qabuu, fi
d. Akkuma haala isaatti garee hundumaa murtichaan
miidhamuu danda’an hammachiisuu
E.K
04/18/2024 29
ULAAGAAWWAN JIDDULIXUMMAA.
 Mirga ykn dantaa qabeenya falmiif sababa ta’ee
irratti qabaachu-Fknf qabeenya dhiirsaa fi niitii
irratti niitii biroo,abbaan kkf
 Murtiin kennamu kallattiidhaan iyyataa kan
miidhuu danda’u yoo ta’e
 Qabeenya sana irratti falmiin jiraachuu qaba.
 SDFHH kwt 41 jalatti uulaagaan kuun jiraachu
dhabuus dantaa kan qabu waan jedhuuffi
ilaalamu qaba.
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 30
Ulaagaa Adeemsaa
1. Falmiin dhaddachaara jiru jiraachuu –SDFHH
kwt 41(1)- murtiin dura yeroo kamiiyyuu ta’uu
akka danda’uu ka’aa.
2. Qabeenyii gaafiin seerummaa ifa ta’ee
irratti gaafatamu qaba. jild 22
lakk.Gal.137401
3. SDFHH kew 41(2) jalatti jiddulixaan firii dubbii
Eliyaas Kaasaa
jiddulixuuf isa dandeesisu tarreessuu qaba.
04/18/2024 31
4. MSD irratti dhiyyeesu danda’aa. jildii 20 lakk. Galmee

108647

5. Iyyanni kun tarree ragaa waliin dhiyaachuu qaba.

SDFHH kwt 80(1) waliin ilaalamu qaba.

6. Mana fi Lafa yoo ta’ee dirqamaan waraqaa ragaa

dhiyyeessu hin qabu. Adeemsa falmii kessa dhimma

madaali ragaa waan ta’eef. DHIJ jildii 17 galm 90713

7. Kafaltii abbaa seerummaa


04/18/2024 Elias k.
kafalu qaba. 32
8. M/M iyyanni dhiyaateef iyyatuma sana qofa
bu’uureffachuun ajaja ykn murtii kenna (ni eeyyama
ykn ni kuffisa), kwt 41(3)
9. Iyyannaa dhiyaate ulaagaa ibsamee guutuun isaa
erga beekame booda bitaa fi mirgaaf ni kennamaa.
10. Yoo himatamaan hin jirree xalayaa waamicha
walliin ni ergamaafi
11. Deebii fudhachuun falmii gaggeessu.
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 33
• Falmicha dheereessuuf,baasiif saaxiluuf ykn lafa
irratti harkisuuf yoo ta’ee hin danda’aamu.
Ilaalamu qaba. falmii guutuu irra. Jildi 16 lakk. gal.
95934
• Guyyaa deebiif beellamamee yoo j/lixxaan haafe
deebii kara mana galmeen akka fudhatu gochu
falmichaaf beellamuun guyyaa falmii yoo haafe
adeemsa haafiinsattin j/lixxummaa haqu.
• Yoo xalayaa waamicha dhaqabsisu dhabe immoo
akka iyyannaa isaa kaasee lakkaawama. 41(3)
04/18/2024 34
 Jildii 16ffaa Lakk.Gal.95033- Aangoo mana
murtii mormuu ni danda’aa.
• MSD irratti dhiyyeesu danda’aa. jildii 20 lakk.
Galmee 108647
• Jiddulixaan akka himataatii yeroo baay’ee
ilaalama.Garuu Gaafii A/Seerummaa isaa
ilaalaa.
• Gaafa falmii afaanii yoo hafe bu’uura SDFHH
kwt 73 tiin ni haqama. Gaafa ragaa yoo ta’e
immoo bu’uura SDFHH kwt 199(1) tiin bira
darbame ajajni barbaachisa itti kennama.
04/18/2024 Elias kasa. 35
Remark
 Mirga garee 3ffaa falmii keessa hin turre mirga isaa itti kabachiifatu

SDFHH kwt 358 iyyannoo mormii dhiyeessuu yoo ilaalle, sirni

iyyannoo kana itti keessummeessinu fi deemsi hordofamuu qabu

deemsuma idilee jalqabaa sana akka ta‟e kwt 358(2) jalatti tumee jira

 Guyyaa dhagahaatti hafiinsa gidduu lixaa irratti illee tumaaleen

keewwattoota 69 - 78 jiran raawwatiinsa qabaatu jechuu dandeenya.

 Himataa dha moo?himatamaa dha?jennu gaaffii seerummaa isaa

irratti hunda’auun.

Elias
04/18/2024 36
• Qabiiyyee iyyannoo gidduu lixxummaa iyyanni
isaa akka himannaatti waan gaafatutu jira moo
akka waan ofirraa ittisuutti mirga isaa ittisuuf
gaafataa jira kan jedhu ilaalla.
• Qabiiyyee iyyannoo isaa ilaallee bakka (status)
himataa ykn himatamaa qaba jenna. Bifa
kanaan iddoo gidduu lixaa yoo sadarkeessine
tumaa seeraa hafinsa falmitootaa rogummaa
qabuun tarkaanfiin yoo fudhatame dhama
qabeessa ta’a.
Mormii Murtii
SDFHH Kwt 358-360

04/18/2024 Elias K 38
Uulaagaan isaa

 Murtii ykn araaraa mirkanaa’ee saniin kan midhamee

 Falmii duraani keessatti nama hin jirre.

 Murtiin Raawwatamu dura ta’uu qaba.fknf qabiiyyee

lafa maqaan yoo jijjiiraame. Jildii 17 Lakk.Galmee

101079
 Mana Murtii Murtii dhimma sana irratti murtii kenne
biratti dhiyaata.

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 39


 Uulagaalee SDFHH kwt 222 fi 223 jalatti
kaa’aman hordofuu qaba.
 Murtiin suun Mana murtii aangoo qabuun
kan hin diigamne ykn hin foyya’iin ta’uu
qaba. Jildii 17 Lak.G 93987
 Kakkuudhaan kan deegaramee ta’u qaba

 Kafaltii abbaa seerummaa kafaluu qaba.


04/18/2024 Elias k. 40
 Raawwiin akka dhaabatu gochuun ni
danda’aama.

 Falmiin isaa haaluma falmiin idilee duraani


hordofuu qaba.

 Deebii akka kennan xalayaan waamicha ni


ergamaa.

 Deebii keessatti MSD kaasuu danda’uu.


04/18/2024 Elias K 41
• Jildii 12 lakk.Galmee 56795 ta’ee irratti murtii
dirqisiisaa keenes namnii mormii murtii
dhiyyeessu falmiicha osoo beekuu kan
dhiyyeesse yoo ta’ee fi bu’aa eggate kan
dhiyyeesu yoo ta’ee fudhatama akka hin qabne
kaa’ee jira.Good faith
• Assitti beekuu isaa sirnaan
mirkaneesuu(evidence) irratii ilaalamu qaba. Ni
beeka waan ta’eef qofa jechuun kufaa gochu.
• Beekuu isaa hin mirkanoofne waan ta’eef
jechuun without reason deebisuu.
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 42
Issue
• Dhimmi bu’uura SDFHH kwt 341 ykn 343
tiin yoo MMO fi MMW irraa qajeelfamaan
gadii deebi’e bu’uura SDFHH kwt 41 fi 358
tiin jiddu seenuun ni danda’aama??

04/18/2024 Elias 43
• Bu’uura SDFHH kwt 341 Manni murtii dhimmicha keessa
osoo hin seeniin mana murtii jalatti waan deebisuuf ijoon
qabamu waan hin jirreef jiddulixummaan ykn mormii
murtiin yoo fudhatame waan rakkoo qabu hin fakkaatu.

• Bu’uura SDFHH kwt 343 tiin garuu MMO ykn MMW Ijoo
barbaachisu qabate waan deebisuuf MMA ijoo sana ala
bahe ilaluu waan hin dandeenye jiddulixuun waan
danda’aamu miti.
04/18/2024 Elias 44
Bu’aan Mormii-kwt 360(2)
• Murtii duraani cimsuu,foyyeesu danda’aa-

• Kanuma duraani himataaf ykn himatamaaf


murteesse sana cimsuu
• Nama iyyatee sanaaf murteessu(foyyeesu)

• Nama duraan itti murtaa’eef murteessun hin


danda’aamu.

04/18/2024 Elias K. 45
Raawwii Kwt 329-waan haaraa kaasuu MMO

• Ijoo manneen murtii jalatti hin kaanee kaasuun hin


danda’aamu.
• Bu’uura SDFHH kwt 345 tiin ragaa dabalataa sababa
gahaatiin yoo haayame malee ragaa dabalataa fudhachu hin
qabu.
• Manni Murtii garuu kana cabse yoo bu’uura SDFHH kwt 343
tiin qajeelfamaan deebise MM jalaa qajeelfama kenname
kabaju qaba. Abbaan seericha naamusaan yoo gaaftaame
malee manni murtii jalaa homaa gochu hin danda’u.
04/18/2024 46
Hafinsa
Falmitootaa

04/18/2024 Eliyaas kaasaa 47


Hafinsa Gaafa Dhagahaa, Tarkaanfii Fudhatamuu Fi Furmaata Isaanii

A. Hafinsa bitaa mirgaa,


B. Himataan dhiyaatee himatamaan hafuu,
C. Himataan hafee himatamaan dhiyaachuu
D. Himattoota hedduu keessaa hafinsa
falmitoota muraasaa
E. Himatamoota hedduu keessaa hafinsa
falmitoota muraasaa,
G. Hafinsa gidduu lixaa
Hafiinsa Bitaa Mirgaa
Guyyaa Dhagahaa

04/18/2024 49
• Qaamaan ykn karaa bakka bu’aa isaanii ykn
karaa dubbii fixaa isaanii dhiyaachuu qaba.
• Guyyaa dhagayaatti bitaa mirgi yoo hafan
galmeen ni cufama (69(2))
• Beellama kennuun hin dand’aamu. dirqama.
Cufun.

04/18/2024 Elias 50
Guyyaan dhagahaa fi guyyaan deebii barreeffamaan fuudhamu tokkoo
moo?miti?

• Dh/Ij/M/M/W/F hiikkoo kennerratti guyyaan dhagahaa fi


guyyaan deebii barreeffamaan fuudhamu adda adda
ta’uu akka qabutti hiikkoo kenneera.jildii 1ffaa lakk.
Gal.15835

• Dhagaha duraaf beellamuu keenyaan dura bu’uura kwt.


222- 240 tiin sirni wal jijjiirraa himannoo fi deebii
xumuramuu qaba. Sirni kun kutaa mata dureen isaa
“waa’ee iyyannoo himannoo
04/18/2024 Elias .
fi deebii” jedhu jala jira. 51
• waa’ee falmii dhagahuu” boqonnaa jedhuu
(kwt. 241-273) jala kan jiruu dha.
Gurmaa’ina kana irraa beellamni deebiin
akka kennamuuf qabamuu fi beellamni
dhagahaaf qabamu adda adda ta’uu
hubachiisa.
• Fedhii fi yaadni seera baastuus kanuma
ta’uu hubachiisa jechuun hiikkoo kenne
bu’uureffata.

04/18/2024 Elias 52
• Kanaafu Mirga deebii kennachu bu’uura SDFHH
kwt 199(1) bira darbama. Haa ta’u malee
bu’uura SDFHH kwt 233 mirga deebii bira
darbuun rogummaa hin qabu. Sababni isaas
Qabiyyeen ajaja maal haammachu qaba kan
jedhu ibsa malee yoo kuun hin raawwatamne
manni murtii kana ajaja kan jedhu miti
04/18/2024 53
• Falmitoonni lachuu ykn bitaa mirgi gaafa
deebii himatamaan kennuu qabutti yoo hin
dhiyaanne ta’ee maal ta’u qaba? Ejjannoo
adda addaatuu jira.

04/18/2024 Elias K. 54
Remarks
• Biyya Hindiitti, waamichi himatamaa dhaqabuu
isaa yoo mirkanaa’e malee bu’uura kwt. 69(2)
tiin ajajni hin kennamu. Yoo waamichi hin
dhaqqabin, ajajni kan kennamu, kwt. 69(2) osoo
hin ta’in, kwt. 70(d) SDFHH keenya fakkaatuun
dha.
• SDFHH keenya kwt 70(d) dhiyaachu himataa hin
barbaadu. FKNF Galmee irra xalayaa fudhachu
dhabu,dhiyyaate ibsu dhabu kan yoo beekne
70(d) tiin cufun barbaachisa.
04/18/2024 E;lias. 55
 Galmeen bu’uura 69(2)’tiin yoo cufame
himataan kaffaltii seerummaa fi kisaara malu
kaffaluun galmee deebi’ee banachuu
danda’a[71].
 Sababa gahaan bilisaan sochoofachuu mala.

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa. 56


• Himatamaan qofti yoo hafe haaluma isaatti
falmiin bakka himataman hin jirreetti akka
itti fufu, ykn waamichi himatamaaf akka
godhamu yookin immoo beellamni
kennamuu mala

04/18/2024 Elias 57
 Waamichi himatamtootaaf kan hin gahin
hanqina himataatiin yoo ta’e galmeen ni cufama
[SDFHH Kwt 70(d)]
 Galmeen bu’uura sdfhh kwt. 70(d)’tiin yoo
haqame himataan ulaagaa seericha kwt. 71
guutuun galmeen deebi’ee akka banamuuf
gaafachuu danada’a.

04/18/2024 Eliyas kaasaa 58


Bitaa fi Mirgii gaafa ragaan dhagahaamu yoo hafan hoo?

• Gaafa ragaaf beellamame bitaa fi mirgii yoo


hafan manni murtiicha waa’e raawwatamu
ajaja mana murtii bu’uura SDFHH kwt 199(1)
ajaja barbaachisa kenna.
• Kuniis ragaan barreeffamaa yoo jiraate isuma
irratti hundaa’e qorannoof beellame murtii
kennu.
• Ragaa namaa sana qofa eega taanaan bu’uura
SDFHH kwt 199(1) tiin galmicha cufu qaba.
04/18/2024 Elias 59
Hafiinsa Himataa

04/18/2024 Firehiywot H. 60
 Guyyaa deebii fuudhuuf beellamametti himataan yoo
hafe dambii hafinsa himataatu raawwatinsa qaba miti.
 Beellamni manni murtii kenne deebiidhaaf hanga
ta’etti himataa irraa waanti guyyaa sana barbaadamu
hin jiraatu.
 Osoo dhiyaates deebii barreeffamaan dhiyaate wal
jijjiirsisuu dha.
 Hojiin mana murtrii sababa himataan hafeef waaan of
duuba deebi’u hin qabu. Manni murtiis guyyaa deebii
fuudhuuf beellametti himataan hafu illee deebii
himatamaa fuudhee hojii beellama itti aanutti
hojjatamuuf qopheessuuEliasqaba
04/18/2024 61
 Gaafa dhagaha dhimmaaf beellamame,
himatamaan dhiyaatee himataan yoo hafe
raawwatiinsa kan qabu SDFHH kwt 73 dha
 Gaafa dhagahaaf beellamame ol-iyyataan yoo
hafe ol-iyyannoon ni haqama.Haala ifa ta’een hin
tumane garuu 32(1) fi 73 fi 74(1)

04/18/2024 Elias Kasa. 62


 SDFHH Kwt 73- Himatamaan dhiyaatee
himataan yoo hafe himanni ni haqama. Haa
ta’uu malee Himatamaan waan ittiin
himatame guutumaan guututti yookin
cinaan yoo kan amanu ta’e hangi inni
amane itti murtaa’a.

04/18/2024 Eliyaas kaasaa 63


 SDFHH Kwt 74- Himataan himannaan haqame
akka banamuuf ji’a tokkoo keessatti erga
haqamee kaasee gaafachuu danda’a.
 Manni murtii iyyata kana kan fudhatee galmee
sochoosu yoo ta’e, waa’ee baasii fi kisaaraa
waan itti fakkaate murteessuu danda’a.
 Manni murtii murtii kana kennuun dura iyyata
dhiyaate himatamaaf geessuu qaba.
04/18/2024 Eliyaas kaasaa 64
Himattoota Hedduu Keessaa Hafinsa Muraasaa

• Bu’uura kwt.75 (1) tiin himattoota baayy’ee


keessaa muraasni yoo hafan kan dhiyaatan yoo
gaafatanii fi manni murtii yoo haayyame kan
hafanis akkuma dhihaatanitti lakkaa’uun
falmiin akka itti fufu ajajuu danda’a.
• Himattoonni dhiyaatan yoo hin gaafatiin ykn
manni murtichaa gaaffii isaanii kufaa yoo godhe
ajaja biroo akka kennu tumaa kanarraa ni
hubatama.
• Seerichi “ajajni biroo manni murtii kennu’’ maal
akka ta’e ifatti hin keenye. Asitti gaaffiin ka’uu
malu egaa ajajni biroo manni murtii kennuu malu
maali? kan jedhu dha. ???
• Kanaaf, ajaja manni murtii kennuu danda’u
himattootni guutamanii akka dhiyaatan
beellama biraa kennuu dhaa? moo bu’uura kwt.
73 tiin isaan hafan ilaalchisee himannoo dhiyaate
haquu dha? moo kan biraati? kwt. 73 dirqisiisaa
ta’uun isaa ajajni kennamuu qabu beellama
birooti jechuun kan hin danda’amne dha.
• Himannaan himattootaa, gaaffii mirgaa addaan hin
baane (indivisible) yoo qabaatan haqaminsi kan isa
tokkoo haqaminsa kan hundumaa ta’uu waan
danda’uuf, haalli kunniin yoo jiraatan himannaa
haquun dhama qabeessa hin ta’u.
• MM Mirga himattoota hin dhiyaatiin illee murtii
kennuuf aangoo itti qaba.
• Himattoonni himannaan isaan waliin dhiyeessan
qoba qobaa of danda’ee dhiyaachuu kan danda’u
yeroo ta’utti himannaa isaanii haayyama MM
malee akka dhiisan (withdraw) akka godhanitti
fudhachuu illee danda’aa??? Kwt. 279
• Himannaan himattoonni waliin dhiyeeffatan qoba qobaa of
danda’ee kan dhaabbachuu danda’u (independent) yoo
ta’e immoo Manni Murtiidhaa himannaa garee isa hin
dhiyaanne cufuu, ol-iyyata yoo ta’e haquu kan danda’u ta’a.
• Asirratti wanti jedhamuu danda’u himattoota baayy’ee
keessaa muraasni qofa kan hafan yoo ta’e raawwatinsa kan
qabu kwt. 73 osoo hin taane kwt. 75(1) akka ta’e ni
hubatama. Kana yoo ta’e immoo seericha haala haqa
mirkaneessuu danda’uun hiikuun ajajni kennamuu qabu
kaayyoo SDFHH kan galmaan ga’u ta’uu akka qabu yaaduun
ni danda’ama.
• Asitti Kwt 73 hojiirra oolchuuf hundi himattootaa al tokko
hafuu qabu.
Hafiinsa
Himatamaa
04/18/2024 Elias K 69
• Dambiin hafiinsa himatamaa kwt.70 kun kan

raawwii qabaatu guyyaa dhagahaa himataan

dhihaatee himatamaan hafu dha.

• Himatamaan sababa adda addaatiin beellamatti

dhiyaachuu dhiisuu mala dha.

04/18/2024 Elias K 70
• Himataan dhiyaatee himatamaan guyyaa
dhagaha duraatti hafee yoo jiraate manni
murtii jalqaba wanti qulqulleeffachuu qabu
waamichi sirnaan qaqqabuuf dhabuu isaa
adda baafachuu.

04/18/2024 Elias K. 71
• Deebii akka kennuuf guyyaa 10 kennuun
barbaachisa dha. Kwt 338(2) fi 240 fi
MMWFDHI jildii -23ffaa -Lakk.Galmee
154727- guyyaan kudhan keenamu qaba
jedheera

04/18/2024 Elias k. 72
• Manni murtii himannaa dhiyaate ragaa yoo
madaalu kan mana murtichaa hin
amansiifne yoo ta‟e, himannaa dhiyaate
kufaa gochuu illee kan danda‟u dha.
• Bakka hin jirreeti jechuun ni murtaa’aaffi jechu
miti.
04/18/2024 Elias kasa. 73
 Galmeen bu’uura sdfhh kwt. 70(a)’tiin bakka
himatamaan hin jirretti falmiin itti fufe
himatamaan beellama itti aanutti
dhiyaachuun sababa hafeef amansiisaa yoo
dhiyeeffate ragaa ittisaa dhiyeeffatee akka
falmatu taasifamuu danda’a.[ SDFHH Kwt
72]
04/18/2024 Elias K. 74
Himatamtoota Hedduu Keessaa Hafinsa
Muraasaa
• Himatamoota waraqaan waamichaa
sirnaan isaan dhaqqabee, garuu
himatamtoota baay’ee keessaa muraasni
yoo hafan falmiin ittuma akka fufu ykn
“the suit shall be proceeded” jechuun
SDFHH kwt 75(2) jalatti ifaan tumameera.
• Himatamoota hafan ilaalchisee garuu manni
murtii gaafa murtii kennu ajaja isatti fakkaate
kennuu akka qabu haala dirqisiisaa ta’een
tumameera. Tumaa kanarraa waanti hubatamu
himatamtootni baayy’ee yoo ta’an “falmiin
bakka hin jirretti akka geggeeffamu” ajajuuf
hundumtuu takkuma hafuu akka qaban kan
hubachiisu dha. Namni tokko qofti himatamoota
danuu keessaa yoo dhihaate falmichi ittuma
akka fufamu (default proceeding) ta’uu tumaa
kanarraa tilmaamuun ni danda’ama.
04/18/2024 Elias. 76
• Qabatamaan, yeroo baay’ee abbootiin seeraa
qabatamaan ‘‘himataan 1faan ykn 2ffaan...….
waan hin dhiyaatiniif himannoo keessaa
baafneerra” jechuun ajaja yeroo kennan
bal’inaan ni mul’ata akkasumas “himatamaan
1ffaan ykn 2ffaan ….waan hin dhiyaatiniif
falmiin bakka inni hin jiretti akka geggeeffamu
ajajameera” jechuun yeroo ajajan mul’ata.
• Kana gochuuf garuu hundi erga takkaa yoo hin
dhiyaatiin ta’uu qaba.
Furmaata Cufaminsaa,
Haqaminsaa fi Ajaja
Bakka Hin jirretti
kennamee
04/18/2024 Elias 78
Furmaata Cufamuu Galmee
• Galmeen kan cufamu bu’uura kwt 69(2) fi 70(d)
tiin duraa duubaan bitaa fi mirgi yoo hafanii fi
waraqaa waamichaa sirnaan himatamaa kan hin
qaqqabne balleessaa himataatiin yoo ta’e;
• Gareen falmii bu’uura kanaan galmeen jalaa
cufame kanfaltii abbaa seerummaa fi kisaaraa
kanfaluun himannoo haaraa dhiyeeffachuu akka
danda’u tumaa SDFHH kwt 71(1) irraa ni
hubatama.
• Gama biraatiin himataan sababa gahaa
beellama irraa ooleef yoo dhiyeeffate
galmeen bu’uura SDFHH kwt 69(2) tiin ykn
bu’uura SDFHH kwt 70(d) tiin yoo cufame
ykn ol-iyyanni yoo haqame kanfaltii abbaa
seerummaa kanfaluun osoo hin dirqamne
galmee sochoofachuu akka danda’amu ifatti
tumamee kan jiru dha.

04/18/2024 Elias 80
Furmaata Haqamuu Galmee
• Himataan yoo hafe himatamaan dhiyaate, himannoon
guutummaatti ykn hanga tokko akka haqamu tumaa
kwt 73 irraa hubatama.
• Haaluma wal fakkaatuun ol-iyyannoon bu’uura kwt
69(2) tiin hafinsa bitaa mirgaatiif, bu’uura kwt 70(d)
tiin balleessaa ol-iyyataatiin, fi bu’uura kwt 73 tiin
hafinsa ol-iyyataatiif akka haqamu tumaa SDFHH kwt
73 irraa kan hubatamu dha.
• Bu’uura kanaan dhimma haqame ilaalchisee himannoo
ykn ol-iyyannoo haaraa kan biraa dhiyeeffachuu akka
hin dandeenye tumaa kwtElias74(1) jalatti ibsameera. 81
04/18/2024
• Gareen falmii sababa gahaa nan qaba jedhu garuu
bu’uura kwt 74(2) tiin ajajni haqaminsaa akka irraa
ka’uuf ji’a tokko keessatti iyyachuu ni danda’a.
• Iyyannoo himataa ykn ol-iyyataan dhiyeeffate qofa
akka kwt 71 sana himatamaa osoo hin qaqqabsiifne
manni murtii sababa dhiyaate qofa madaalee hayyama
ykn kufaa godha miti.
• Iyyannoon himataa ykn ol-iyyataa kanaas himatamaa
ykn d/kennaa qaqqabuu akka qabu kwt 74(3) irraa kan
hubatamu dha.
• Manni murtii kana booddee dha sababiin dhiyaate
gahaa dha ykn gahaa miti jechuu kan danda’u.
Yoo falmiin bira darbamee furmaani himatamaa
maalii? Murtii boodas falmii kessattis

 SDFHH kwt 78(2) ttin iyyachuu danda’aa.


 ji’aa 1 kessatti erga beekee eegalee
 Himataan deebii akka kennuu gochuu
 Ragaa barbaachisuu dhagahuu
 Bulchaa gandaa dhaqabsisee jedhamee waamu

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 83


 Ragaa namaa xalayaa yeroo fudhatu argan

 Himatamaanis sababa isaa ragaan deegaru

 Sababni gahaa yoo ta’ee dubatti debbisuu

 Yoo gahaa hin taanee kufa gochu

 Gaafa murtii ykn ajajnii yeroo kennamu


haafee garuu sababa kanaaf dubatti hin
deebi’uu.
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 84
• Tumaan Kwt 78(2) garuu dhimmoota kanneen
jalatti waan ilaalamu miti waan ta’eef furmaata
mana murtii jalaatti dirqama dursa itti
fayyadamuu qaba osoo hin taane akka filannootti
himatamaaf kan taa’e dha.
• Karaa biraatiin ibsuuf himatamaan furmaata mana
murtii murticha kennetti jalqaba osoo itti hin
fayyadamne kallattiin dogoggora ijoo seeraa ykn
waan hojii mana murtii ta’ee manni murtichaa
osoo hojii isaa sirnaan hin bahiin hafuurraan kan
ka’e dogoggora uumame irraa kallattiidhaan ol-
iyyachuun kan danda’amu dha.
04/18/2024 Elias . 85
Beellama Itti aanutti dhiyaachuu. Kwt 72
• beellama jalqabaa irraa ooleef dhiyeeffatee manni murtii yoo
hubateef akka seenee falmuuf haayyame falmiin duraan bakka
himatamaan hin jirretti taasifame yoo jiraate bakka inni/ishiin
jirtutti akka gaggeeffametti lakkaa’ama kan jedhu ifa waan hin
taaneef raawwii tumaa kanaa irratti garaagarummaan jira.
• Falmiin duraan gaggeeffame yoo jiraate akka waan inni jirutti
akka dhagahametti ykn gaggeeffametti fudhatama kan jedhu
falmiin duraan gaggeeffame akka irra deebiin hin
dhagahamnetti waan agarsiisu fakkaata.
• Muuxannoon biyyootaa dhimmicha duubatti Fkn, ragaan
dhagahameera yoo ta’e ragaan duraan dhagahame hafee irra
deebiin dhagahama moo miti kan jedhuun yoo deemne ragaan
akka irra deebiin hin dhagahmne
04/18/2024 Elias waan qajeelchu fakkaata. 86
• Muuxannoon biyyoota biraa dhimmicha duubatti
deebi’ee haalli itti dhagahamu jira. Biyya Hinditti
sababiin gahaan kan barbaachisuuf iyyataan
falmiin duubatti akka deebi’u yoo barbaade qofa
dha hogguu kana baasii fi kasaaraa ni kanfala.

04/18/2024 Elias . 87
Amaariffaa -waa’ee kasaaraa hin qabu.
Afaan Ingiliffaa- waa’ee kasaaraa muruu qaba.
Waraabbiin lamaan garaagarummaa yoo qabaatan kan
afaan hojii ittiin gaggeeffamuun fudhachuu akka qabnu
kan seericharraa hubatamu ta’u illee sababii gahaa
jedhee manni murtii erga hubatee hayyameefii qajeeltoo
mirga dhagahamuuf falmii keessatti qixxee qooda
fudhachuu deemsa isaa dabalatee ragaa irratti dhiyaate
gaaffii qaxxaamuraan sobsiisuuf mirga qabu dabalata
waan ta’eef qixa mirga Heera Mootummaatiin mirga
dhagahamuuuf qabuun haala wal simuun hiikuu nurra
jira waan ta’eef sababiin duubatti deebi’ee hin
dhagahamneef
04/18/2024 waan jiru hin
Elias .fakkaatu. 88
Tuumaaleen hafinsa walfalmitoota
Raawwii irratti rawwatiinsa qabu moo?
hin qabani?

04/18/2024 Elias. 89
• Dhimmi galmee raawwii deemsa mataa isaa
danda’een kan hoogganamu ta’uu SDFHH kitaaba
6ffaa mata duree murtii raawwachiisuu jedhu
keessatti keewwata 372 hanga 461jiruun deemsi
isaa addatti diriiree jira.
• Galmeen raawwii murtiin abbaa mirgaa murtii
abbaa idaa irratti akkaataa murtii kennameen
murtii itti raawwachiifatu dha malee akka waan
himannaa dhagahuu ykn ol-iyyannoo falmisiisutti
fudhatame tumaalee seeraa hafinsa falmitootaaf
tumame fayyadamuun dhimma galmee raawwii
irratti hojiirra oolchuu hin qabnu.
• Galmee raawwii irratti ajajni akka waa raawwatamuuf
beellamni kennamee akka ajajaatti osoo hin raawwatiin
guyyaa beellamaa falmitoonni osoo hafan sababa
beellamni kennameef tokko osoo hin raawwatamiin hafuu
isaatiin tarkaanfiin adda addaa fudhatamuu malu
jiraachuu danda’a.
• Furmannii isaas karaa adda addaa ibsameera, Fkn’f,
galmee raawwiitu cufame yoo ta’e murtiin abbaa mirgaa
daangaa seeraa waggaa 10 keessatti qabeenyaan irratti
raawwatamu yeroo argamutti murtii kenname
raawwachiifachuu danda’a. kwt 384
• Dambiin hafinsa falmitootaa kwt 69 hanga 78 tu hojiirra
oola osoo ta’e darbinsi yeroo tumaalee kana jala jiru baatii
tokko jedhutti nu geessa. Elias .
04/18/2024 91
Ijoo dubbii fi
ijoo Seeraa
04/18/2024 Elias k 92
 Manni murtii falmii dhagayee, mormiin sadarkaa duraa yoo
ka’ee jiraate erga murtii itti kenneen booda ijoo falmii ni
hundeessa.
 Ijoon kan qabamu dhimma gareen tokko jira jedhee gareen
kuun waakkate irratti.
 Kunis ijoo seeraa fi kan dubbii ta’uu mala.[SDFHH
247(1,2,3,4)]
 Ijoon seeraa fi kan dubbii bakka tokko yoo qabame dura
ijoo seeraatu fala argachuu
04/18/2024
qaba.
Eliyaas Kaasaa 93
• Ijoon qabame kan seeraa qofa yoo ta’e battalumatti murtiin
kennamuu qaba.
• Ijoo Seeraa: Ragaa kan hin barbaachisne seericha qofa
xinxaluun murtii itti kennamu dha. Fknf gaa’illa keessatti muca
dhalateef abbaan dhirsumma haadhaatti.
• Ijoon dubbii: Ijoo ragaadhaan qulqullaa’u qabu dha.

• dhimma falmii kaasee irratti ijoon qabamaa.

• Ragaan ajajamaa.

• Kanaan yoo hin dandeemne gara ragaa dhagayutti deema [SDFHH


Kwt 257].
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 94
RAGOONNI
GUUTAMANII
DHIYAACHUU
DHABUU

04/18/2024 Feliyaas Kaasaa. 95


RAGOONNI GUUTAMANII DHIYAACHUU DHABUU
 Ragoonni guutumatti yoo hin dhiyaannetti ykn
hin guutamnetti(yeroo waamicha kan geessu
falmattoota mataa isaanii ta’utti. [SDFHH Kwt
195]]:
Ragoonni garee lameenituu yoo hafan:
 Ragoonni kan hafan balleessaa walfalmitoota
lamaniitiin yoo ta’e manni murtii ragaa dhiyaate
irratti hundaa’uun murtoo malu kennuu yookin
immoo galmee cufuu qaba malee beellama biro
kennuun hin barbaachisu[ Sdfhh Kwt 196 fi 199]
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 96
Kan himataa homaa otoo hin dhiyaatin, kan himtamaa cinaan ykn guutuun yoo dhiyaatan.

 Humna himataatiin ol yoo ta’e bellama biraa


kennuu; Ragaa himatamaa akka dhiyaatan ajajuu fi
ragaa fi himatamaaf baasiifi kasaaraa murteessuu
 Balleessaa isaatiin yoo ta’e bellamni hin kennamu,
ragaan himataa dhagayamuu baatus qaphxii
qulqulla’uu qabu ragaa himatamaa dhagayuun
murtii kennuu.
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 97
Kan himataa muraasni dhiyaatanii kan himatamaa
cinaan ykn guutuun yoo dhiyaatan

Sababa Humnaa oliitiin yoo ta’e:


 ragaa himataa dhiyaatan dhagayuu,
kan hafan baay’ee barbaachisaa yoo
ta’an bellama kennuu.
Ragaan himatamaa deebi’anii gaafa
beellamaa akka dhiyaatan ajajuu fi
baasii fi kasaaraa murteessuu

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 98


Kan himataa hudumtuu dhiyaatee, kan
himatamaa homaa yoo hin dhiyaatin
 Balleessaa himatamaatiin yoo ta’e ragaa
himataatiin qofa murtii kennuu. Ragaa
himatamaatiif bellamni hin kennamu.

 Sababa humnaa oliitiin yoo ta’e kan himataa


dhagayuun kan himatamaa tiif bellama kennuu.
Himataaf baasii fi kasaaraa murteessuu .
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 99
Kan himataa hundumtuu dhiyaatanii kan himatamaa muraasni qofa
yoo dhiyaatan.

 Balleessaa himatamaatin yoo ta’e ragaan


himataa dhagayame himannoo yoo hubachiisan,
ragoota himatamaa kan dhiyaatan qofa
dhagayu” kan hafaniif bellamni hin kennamu.
 Sababa humnaa oliitiin yoo ta’e ragaa
himataatii fi kan himatamaa kan dhiyaatan
dhagayuu. Kan hafan murtii haqaa kennuuf
barbaachisaa yoo ta’an bellama kennuu.
Beellamni yoo kenname kasaaraa himataaf
murteessuu
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 100
• Ragoonni dhiyaatan guyyaa tokkotti
dhagayamanii kan hin dhumne yoo ta’e
guyyoota walitti aananitti beellamamu
malee beellamni dheeraan kennamuu hin
qabu[SDFHH Kwt 197(3)].

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 101


Haala dhagaha ragaa adeemsa isaa

Sirna kakuu raawwachiisuu[ Kwt 261(1)],


Falmataan dhimma ofii irratti ragummaa
bahuu barbaadu dura kakatee raguu
danda’a.
Abbaan ragaa dhiyeeffate gaafii duraa ni
gaafata.
Gaafii qajeelchituu hin hayyamamu,
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 102
Ta’us mana murtii heeyyamsiisuun
gaafachuu danda’a[ Kwt 263(1),(2)].
G/duraa keessatti ijoo himatamaan
kallattiin ykn alkallattiin beeku ykn ni
beeka jedhamee yaadamutu
gaafatama[Kwt 263(1)].

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa. 103


Gareen kuun gaafii qaxxaamuraa gaafata.
Gaafii qajeelchaa gaafachuun ni
heeyyamama[263(3)]
Gaafiin qaxxaamuraa yoo dhumate gaafii
keessa deebitu gaafatama.

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 104


Gaafiin kun deebii ragaan gaafii
qaxxaamuraa keessatti kaaseef deebii
kennameen wal qabatee wanti
qulqullaa’uu qabu yoo jiraate qofaadha.
Gaafii haaraa gaafachuun hin
danda’amu[SDFHH Kwt 263(4)]

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa. 105


 Manni murtii yeroo kamuu gidduu seenuun ragaa irraa
waan qulqulleessuun barbaachisu qulqulleeffachuu
danda’a.
 Mormiin gaafii ragaa irratti ka’u yoo kufaa ta’e abbaan
gaafate, gaafiin ka’e mormii fi jalmurtiin ykn ajajni
kenname galmee irratti ibsamuu qaba.[SDFHH kwt 270]
 Iddoo qabeenyi falmii kaase jiru dhaquun qorachuu ni
danda’a[SDDFHH Kwt 272]
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa. 106
Ajaja kenne kabachisuu qaba:

Labsiin Manneen Murtii Shari’aa irra deebiin


cimsuuf bahe Lakk, 53/1994 kwt. 7 raawwiin isaa
adeemsa falmii murtii duraa fi booda keessatti
dhaddachaa fi ajaja dhaddachaa kabachiisuuf
fudhataman hundumaa kan hammatuu fakkataa.
Adabbiin kamuu baatii tokkoo ga’u yookin
maallaqa hanga qarshii 500(dhibba shanii) qofa
ta’aa.
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa. 107
DHOORKII GALMEE
• (Kwt 332-MMO tiin kennamu)

• (Kwt 333-Manuma Murtii Murtii kenneen)

• (Kwt 334-Pirezidaantii Mana Murtiitiin)

04/18/2024 Elias 108


Uulagaa isaanii-hunda isaaniif- kwt 335

• Sababnii gahaa jiraachu isaa.

• Midhaan beenyaa’amu hin dandeenye dhaqabu


jiraachu isaa.
• Wabii qarshii qabsisuu yoo danda’e.

• Gareen kana akka beeku gochu qaba. Haa ta’u


malee kakuudhaan yoo dhiiyaate bakka qaamni
kaana hin jireetti ajajun ni danda’aama.
04/18/2024 Elias 109
Kwt 334-Pirezidaantii
Mana Murtiitiin

Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Ykn


Ol’aanaa Galmee MM Shari’aa bu’uura
SDFHH kwt 334 tiin guyyaa 15 tiif dhoorkii
kennu ni danda’aa?

04/18/2024 Elias 110


Remark
• Bu’uura Labsii 216/2011-kwt 2(11)-Muudamaa Gumii keessa
tokkoo Qaadii Mana Murtii Shari’aa tii.
• Gumii:walitti qabaan Pirezadaantii dha. Kanaafu bulchiinsa
mana murtii keessatii jiraachu agarsiisa.

• Aangoo Pirezidaantii kwt 17-Abbootii seeraa fi muudamtoota


Mana Murtichaa hojiitti ramadee
ni hojjachisa: ni to’ata: ni bulcha kan jedhu kaa’ae jira.
Kanaafu hanga manni murtii shari’a ofdanda’e hoggansa
mataa isaa qabutii mana murtii waliigalaa jalatti kan bulu dha.

04/18/2024 Elias 111


 Pirezidaantummaan hojii bulchiinsaatii.
Kanaafu ajajni bu’uura sdfhh kwt 334 tiin
kennamus hojii bulchiinsa keessa isa
tokkoo dha. kanaafu bilisummaa mana
murtichaa ykn abbaa seeraa kan dhibuus
miti.

04/18/2024 Elias 112


• Haa ta’u malee Labsiin Manneen Murtii
Shari’aa irra deebiin cimsuuf bahe Lakk,
53/1994 kwt 2(3) jalatii hogantoota kan
jedhamn sadarkaa MMA fi MMO jiraachu
akka qaban ka’aa(. kuniis hanga amma hin
jiru.

04/18/2024 Elias . 113


• Kwt 12-Manneen Murtii Shari’aa

• Qaadota hojichaaf barbaachisan

• Offiseeroota

• Hojjetoota biroo hojichaaf barbaachisan

Kwt -26-baajata mana murtiicha mootummaa naannichaa rammadu


akka ta’e kaa’a.

Angoo qaadi mummicha-Gabaasa hojii Manneen Murtii Shari’a


Pirezidaantii MMWO tiif dhiyyeessu.

Kanaafu hanga bu’uura labsichaatiin hoggantootni rammadamanitti


pirezadaantiin
04/18/2024
kwt 334 tiin ajaja kennu
Elias.
ni danda’a. 114
Gaaffilee Ibsa
Gabaabaa
Barbaadan

04/18/2024 Elias . 115


• SDFHH kwt 182(2)-Manni Murtii shari’aa
Aanaa gaaffi seerummaa abbaan dhimmaa
hin kaasne irratti murtii kennu hin danda’u.
• MMO Shari’aa garuu dhimmoota murtaa’u
danda’an jedhee yaadu irratti murtii kennu
ni danda’a.

04/18/2024 Firehiywot H. 116


• Ragaa Guddiftummaa kennuuf manni murtii
shari’aa bu’ura labsii 53/94 kwt 4(1) ragaa
kennu ni danda’a.
• Murtii raawwatamu hin dandeenye yoo ta’e fi
manni murtii kana yoo mirkanneesse
galmicha bu’uura SDFHH kwt 392(1) tiin
cufu qaba.
04/18/2024 Elias 117
SDFHH kwt 6-Manni Murtii murtiicha kenne murtiicha irra deebiin ilaaluu ni danda’a.

• Uulaagaa isaa
• Ol’iyyannoon kan irra hin fudhatamne. Jildii 2 galmee 16624
garuu jildii 9ffaa lakk, 43821 ta’e irratti ol’iyyannoon erga
fudhatame boodas ni danda’aama jedhame murtiin dirqisisaa
kenname jira.
• Kafaltii abbaa seerummaa kafaluun
• Ragaa haaraa ta’e barbaacha hunda godhe yeroo murtiin
kennamu abbaa dhimmaa saniin argamu dhabu isaa ibsuun.
Fknf ragaa forjiddiin ykn waliindhahuun ragaa argameen itti
murtaa’e taanaan
• Ragaan argame qaama murticha tuqu kan danda’u
• Kakkuudhaan
04/18/2024 Elias . 118
• Yoo itti amane
Kenniinsa fi Barreessa Murtii

04/18/2024 Eliyaas kaasaa 119


Murtiin Maalii?
• Murtiin mirgaa fi gaaffiiwwan walfalmitootaa
bu’uura kan godhate ta’uu, seeraa fi ragaa
walsimsiisuun bu’aa ykn gudunfaa dhuma
irratti manni murtii bira gahudha.
• A/S murtii tokko irra akkamitti akka gahee
fi maaliif akka murteesse namoota murticha
dubbisan hubachiisuu danda’uu qaba
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa. 120
• Murtiin salphaa fi kan nama hin rakkifne ta’uu

• Murtiileen biroon ammoo walxaxoo fi kan


baayyee nama rakkisan ta’uu danda’a…
• Adeemsa kamiyyuu keessatti murtiin kennamu
murtii ifaa, amanamuu fi fudhatamummaa
argachuu danda’u ta’uu qaba.

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 121


Kanaafu

• gabaabaa ta’uu.
Murtiin
• salphaa fi kan walxaxaa hin
gaariin taane
• iftoomina kan qabu (clarity)dha.
Ragaalee Murtiidhaaf bu’uura ta’uu danda’an:

– Jecha ragaa namaa,


– Ragaa ogeessaa,
– Ragaalee barreeffamaa
– Jecha walfalmitoonni barreeffamaan ykn
yeroo manni murtii qoratu dhiyeessan,

04/18/2024 Eliyaas Kaasaa. 123


– Ragaalee dhaddachi qorannoo bu’uura
SDFHH kwt. 272’tiin gaggeessuun argatu,
– Tilmaama seeraa
– Fudhatamummaa fi rogummaa ragoota
kanneenii kan murteessu mana murtiiti.
– Jechi walfalmitoonni falmii jalqabuuf yookin
guduunfuuf, ykn ragaa qorachuuf dubbatan,
dhimmi abbaan seeraa dhuunfatti beeku akka
04/18/2024 ragaatti fudhatamuu hin qabu
Eliyaas Kaasaa 124
 Murtii keessatti ijoon qabame, haalli ijoon kun itti
murtaa’e ibsamuu qaba.
 Falmiin dhiyaachaa ture gabaabinaan ibsamuu
qaba.[182(1)]
 Manni murtii dhimmicha aangoo jalqabaatiin
ilaalu dhimma walfalmitoonni ifaatti hin gaafatin
irratti murtii kennuu hin danda’u[SDFHH kwt
182(2)]
04/18/2024 Eliyaas Kaasaa 125
 Ijoowwan qabaman keessaa tokko
murteessuun ijoowwan kaanninis kan
hammatu yoo ta’e, ijoo tokko qofarratti murtii
kennuudhaan xumuruun ni danda’ama. Fknf
Laftii kan dhirsaa fi niitii miti jedhamee yoo
murtaa’ee waa’ee omisha midhaani gaafatame
murteessuun barbaachisuma qabachu dhabu
danda’aa
126
GA
LAT
OO
MA
A

04/18/2024 Eliyaas kaasaa 127

You might also like