Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 64

Maanuwaalii Hordoffii,

To’annoo, Deeggarsaa fi
Gamaaggama Raawwii
Hoggansa Qabeenya
Namaa
Bara 2016
-
Seensa
 BPSMQN Aangoo fi hojii bu’uura Labsii Lakk
242/2014 keewwata 21 irratti kennamee fi
akkaataa Labsii Lakk 215/2011 keewwata 96 (1-3)
qajeelfamoota raawwii hoggansa qabeenya
namaa hordofuu, to’achuu, deeggaruu fi
gamaaggamuun dhimmoota raawwii seeraan ala
ta’ani argaman akka sirreeffaman aangoo
kennameef irratti hundaa’uun maanuwaalii
hordoffii , deeggarsa fi gamagamaa qopheessuun
hojiirra akka oolu barbaachisaa ta’ee argameera.
 Maanuwaalichi labsii, dambiilee fi qajeelfamoota
raawwii hoggansa qabeenya Namaa
-

bu’uureeffatee kan qophaa’ee fi ogeessoni


hordoffii, to’annoo, deeggarsa fi gamaaggama
geggeessan gahee hojii fi adeemsa raawwii
hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi gamaggama
raawwachuuf akka qajeeltootti kan gargaaru ta’u.

-
Hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi gamaaggamni
raawwii hoggansa qabeenya namaa seeraan
hojiirraa oolchuu adda baasuun kanneen raawwi
sirrii galmeessisan jajjabeessuu fi bakka hanqinni
jirutti raawwii seeraa alaa mul’atan irratti
tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu fi akka
fudhatamu taasisuudha.
-
Kaayyoo Maanuwaalichaa
Kaayyoo Gooroo
 Manneen hojii mootummaa sadarkaa adda
addaa irra jiran keessatti raawwii hoggansa
qabeenya namaa hojii irra oolchuuf akkaataa
labsii, dambii fi qajeelfamoota hoggansa
qabeenya namaa Naanniichaatiin hordoffii,
to’annoo, deeggarsaa fi gamaaggama
gaggeessuun, bakka hanqinoonni raawwii hojii
hoggansa qabeenya namaa seeraan alaa
raawwate irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa
akka fudhatamu taasisuu dhaaf
-
Kaayyoolee Gooree
 Labsii, danbii fi qajeelfamoota hoggansa
qabeenya namaan sirnaan hojii irra oolu isaanii
mirkaneesuu;
 Sirna hordoffii, to’annoo, deeggarsa fi
gamaggamaa itti fufinsa qabu diriirsuun raawwiin
hoggansa qabeenya namaa loogii irraa bilisa ta’ee
fi gahumsa irratti hundaa’e akka raawwatamu
taassisuu.

-

Raawwii hoggansa qabeenya namaa irratti


dandeettii raawwachiisummaa manneen hojii
mootummaa naannichaa sadarkaan jiran cimsuu
fi
 Hanqinaalee raawwii hoggansa qabeenya namaa
irratti mul’atan adda baasuun tarkaanfii
sirreeffamaa fudhachuudha.
-
Daangaa Raawwatiinsaa
 Daangaan raawwatiinsa maanuwaalii kanaa
bu’uura labsii hojjettoota mootummaa naannoo
Oromiyaa lakk-215/2011 irratti Manneen Hojii
Mootummaa, Hojjetaa Mootummaa jedhamee
labsichaan hiikni kennameef irratti raawwatinsa
ni qabaata.
Maalummaa Hordoffii, To’annoo, Deeggarsa fi
Gamaaggammaa Hoggansa Qabenya Namaa
-

 Maalummaan hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi


gamaggama HQN raawwiin HQN manneen hojii
mootummaa sadarkaa sadarkaan jiru keessatti
raawwatamuu, akkaataan raawwii isaa QN seensa
irraa eegalee hanga bahinsa hojjettoota mootummaatti
dhimmoota raawwatan, sirna naamusaa hojjettootaa
gahumsaan hojii irra ooluu isaa akkaataa labsii,
dambii fi qajeelfamoota HQN Naanniichaatiin
hordofuu, to’achuu, deeggaruu fi gamaaggamuun
bakka hanqinni mul’atan irratti tarkanfii sirreeffama
barbaachisaa ta’e fudhachuu, akka fudhatamu
taasisuudha.
Hojiilee Gurguddoo Hordoffii, To’annoo,
Deeggarsaa fi Gamaggamaa irratti
[

gaggeeffamu
 Raawwiin hojiilee HQN karoora bu’uurreefatee
gaggeefamuu isaa mirkaneessuu
 Fo’annoo fi filannoon qabeenya namaa akkaataa
Labsii, Dambii, fi qajeelfama raawwii HQN
jiruun hojiirra oola jiraachuu;
 Fo’annoo fi filannoon gahumsaa fi sirna meeriitii
irratti kan hundaa’e ta’uu;
 Sadarkaalee fi gitoota hojii qoratamanii akka
hojiirra oolan hayyamaman irratti ramaddiin
-

hojjettootaa qajeelfama irratti hundaa’uun


raawwatamuu isaa hordofuun mirkaneessuu;
 HQN Seeraan ala raawwataman qorachuu fi
tarkaanffii Sirreeffamaa fudhachuu fi akka
fudhatamu taassisuu;
 Iyyata/komii hojjettoota mootummaa irraa
dhiyaatan akkaataa Seeraa fi qajeelfamatiin
qoratamee adda baasuun dhiyeessuu fi murtii
kenname raawwachuu fi raawwachiisuu;

-
Eeruuwwan raawwii hoggansa qabeenya namaa
dhiyaatan qoratee qulqulleessuun yaada murtii
dhiyeesuu fi yeroo murtaa’u raawwachisuu fi
raawwachiisuu fi kkfdha.
 Sirrummaa Gurmaa’iinsa Qabiinsaa fi
ittifayyadamni ragaa qabeenya namaa
mirkaneessuu;
 Hojiilee sakkata’iinsa ragaa sobaa hojjachuun
tarkaniifiilee bulchiinsaa fi seeraa fudhachuu fi
akka fudhatamu taasisuu;
 Odiitii qabeenya namaa manneen hojii
Godinichaa sadarkaan jiranii gaggeessuu;
-

 Haala mijaa’inaa fayyummaa fi nagummaa iddoo


hojii hojjettoota mootummaf mijeessuu;
 Hojiilee leenjii fi misooma qabeenya namaa
hojjetaman mirkaneessuu;
 Sirrummaa tajaajiloota hojiilee hoggansa
qabeenya namaa raawwataman mirkaneessuu fi
kkf dha.
Naamusaa fi Dandeettii Ogeessa Hordoffii,
To’annoo, Deeggarsa fi Gamaaggama Raawwii
-

HQN Raawwatu Irraa Eegamu


 Labsii, dambii fi qajeelfamoota HQN sirnaan
hubatee beekuu,
 Ogeessi hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi
gamaggama gaggeessu kamiyyuu ol’aantummaa
seeraa eegeen raawwachuu,
 Kiraa sassabdumma irraa bilisa ta’e, gocha kiraa
sassabdummaa irratti kutannoon qabsa’uu ,
 Tajaajilaa uummataa qulqulluu fi wal qixaa fi
loogii irraa bilisa ta’e kennuu,
-

 Iftoomina fi naamusa olaanaadhaan gaggeessuu,


 Yaadotaa fi hojimaata haaraa bu’a qabeessa ta’an
akka muuxannoo gaariitti adda baasanii
fudhachuun akka hojiirra oolu taasisuu,
babal’isuu.
 Hojiilee hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi
gamaggama gaggeeffameen argame iccitiin
qabachuu fi k.k.f dha.
Ragaalee Hojii Hordoffii,To’annoo, Deeggarsaa
fi Gamaaggamaaf Barbaachisan
-

 Ragaalee Barreeffamaa

 Ragaa Af-gaaffi argamu


 Ragaalee gaafannoo barreeffamaan walitti qabamani
 Ragaa Daawwanna walittii qaban
Adeemsa Hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi
Gamaaggamaa Raawwii HQN hordofuu qabu
[

 Sagantaa hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi


gamaaggama mana hojii xalayaan beeksisuu,
 Mana hojii hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi
gamaaggama irratti gaggeessuutti sa’aa hojii
kabajuun argamuu,
 Marii seensaa akkaataa armaan gadiin
gaggeessuu:-
[

 Mariin seensaa kun gara hojiitti galamee


gamaaggamuun dura qaamota mana hojii dhimmi
ilaallatu wajjiin wal-baruudhaan
barbaachisummaa fi kaayyoo marichaa, ragaalee
marichaaf barbaachisuu fi haala adeemsa
marichaa ilaalchisee ibsaa fi haala marii itti
gaggeeffamu,

 Adeemsichi mana hojii hordoffii, to’annoo,
deeggarsaa fi gamaaggamni irratti gaggeeffamuu
-

fi ogeessa gamaaggamu giddutti hubannoo


waliinii akka uumamuu fi hojiichi akka milkaa’u,
 Kutaan hojii, ogeessotaa fi kuusaalee hordoffii,
to’annoo, deeggarsaa fi gamaaggamaf dhiyaatuu
iddoon mijataa ta’uu isaa kan itti mirkana’udha.
 Hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi gamaaggama
gaggeessuu,
 Ragaa walitti qabuu
 Kuusaalee hojjettootaa bara gamaaggamichi
uwwisu keessatti ilaalaman baayina jiru keessa
-

saamuda sirrii fudhachuudhaan dhimmoota


qabaman seeraa qabeessummaa isaanii seera
jiruun wal-bira qabuun sakattaa’uu,
 Murtiiwwan kennaman kuusaa dhuunfa alatti
dhimmota walii-galaa keessatti kan jiranis
dhiyeessisanii akka qoratamu taasisuu,
 Dhimmoota kuusaa dhuunfaa yookiin dhimma
waliigalaa keessaatti hin argamne af-gaaffiin
-

mirkaneeffachuudha.
 Ragaa Xiinxaluu
 Ragaaleen walitti qabaman kanneen seerotaa fi
qajeelfamoota jiraniin wal-bira qabuun
sirruummaa fi hanqina jiru qorachuun, hanqina
yoo qaabaate badiin hordofsiise maal akka ta’ee
fi qabeenyi qisaassame qarshiidhaan yeroo
tilmaamamu hangam akka ta’e adda baasuu.
 Dhimmota hanqinaaleef ka’umsa ta’anii fi
baayinaan dhimmoota maal irratti akka calaqqisan
-

adda baasuudha.
 Marii ba’insaa gaggeessuu
 Argannoo argame qaama dhimmi ilaalu waliin
cimina jiruu fi hanqinaalee adda bahan keessaa
hanqinoota sirreeffamuu qaban, ciminoota
jajjabeeffamuu fi itti fuufu qaban akkasumas
yeroo gamaaggamaa keessatti rakkoolee
qunnaman maal maal akka ta’an mariif
dhiyeesuun hubannoon waliinii irratti uumamu.

-
Xiyyeeffannoo marii ba’iinsa irratti taasifamu
 Mariin ba’insa kan wal-irraa baratamuu fi wal-
deeggaru ta’uu qaba,
 Mariin gaggeeffamu akka to’annootti yookiin
akka himannaatiin ta’ee akka hin ilaalamne of-
eegannoo guddaa gochuudhaan, kun akka hin
taane ammoo mariin jalqabamuun dura marii
wal-irraa baramu ta’uu isaa ifa taasisuu,
 Ragaalee mariif gargaaran, seerootaa fi
qajeelfamoota hoggansa qabeenya namaa
qabachuu.
 Mariin yeroo gaggeeffamu qaboo yaa’ii ta’uu,.
 Qaamoleen marii irratti hirmaatan raawwii
-

mariichaa irratti, badii raawwatame akka


sirreeffamuu, barbaachisadha.
 Gabaasa hojii hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi
gamaaggama qopheessuu
-

 Ogeessi hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi


gamaaggama manneen hojii keessatti gaggeessee
argannowwan gamaaggamichaa qabatamaan
argate ka’uumsa taasisuun bu’aa
gamaaggamichaa gabaasa sadarkaa isaa eegatee
qopheessee dhiyeessuun irraa eegama.
Qabiyyee gabaasni hordoffii, to’annoo,
deeggarsaa fi gamaaggamaa qabaachuu qabu
-

 Seensa
 Seensi gabaasaa hordoffii, to’annoo, deeggarsaa
fi gamaaggamaa yoom irraa kaasee hanga
yoomitti akka ta’e manni hojii gamaaggamni
irratti gaggeeffamu labsii ittiin hundeeffamee fi
ergamni isaa maal akka ta’e akkasumas
dhimmootni ijoon gamaagamichaan ilaalamee fi
haalli gabaasni itti dhiyaate gabaabinaan ni
ibsama.
-
 Ka’umsa
 Hordoffii, to’annoo, deeggarsaa fi gamaaggamni
akka taasifamu haalli itti murtaa’e ni ibsama.
 Kunis ajaja addaatiin, sagantaa dursee qabameen
yookiin sagantaa idilee ta’uu isaa yookiin iyyata,
eeruu fi komii dhiyaate irraa yookiin ka’umsa
biroo kan qabu ta’uu isaa gabaabinaan ni ibsama.
-
 Kaayyoo
 Kaayyoon raawwii hordoffii, to’annoo,
deeggarsaa fi gamaaggama maal akka ta’e qaama
gabaasni dhiyaatuuf karaa ifa ta’een gabaabinaan
ni ibsama.
-
 Daangaa
 Daangaan gabaasa hordoffii, to’annoo,
deeggarsaa fi gamaaggamichaa yeroon isaa yoom
hanga yoomitti, uwwisni isaa eessa irraa hanga
eessaatti akka ta’e akkasumas kallatti
xiyyeeffannoo gamaaggamichaa maal maal akka
haammatu kan ittiin ibsamuu qaba.
 Tooftaa yookiin mala hordoffii, to’annoo,
deeggarsaa fi gamaaggamchi ittiin qaama
gabaasaa taasisuun ni ibsama.
 Dhimmootni ijoo ta’anii argamanii fi kallattiin
ittiin ilaalaman wal-duraa duubaan ni dhiyaatu.
-

 Argannoowwan hojii hordoffii, deeggarsa,


to’annoo fi gamaggamaa ka’uu,
 Argannoowwan kunis, gosaa fi bayinaan
akkasumas haalli raawwatiinsa isaanii fi kallatti
ittiin argaman ni ibsama.
-
 Xumuraa fi yaada walii-galaa
 Kutaa kana keessatti ogeessi argannowwan
qabatamaan ilaalaman irraa ka’uudhaan cuunfaa
argannowwan gamaaggamaa sababaa fi bu’aan
wal-qabateen dhimmoota ciminaan ilaalaman
jajjabeessuufis ta’ee, hanqinoota mul’atan
sirreessuuf yookiin fooyyeesuuf tarkaanfilee
fudhatamuu qaba jedhu, dhimmoota sirreeffamuu
qaban tokko tokkoon yookiin facaatiidhaan
kaa’uun kan dhiyaatuu dha.
-
Murtii Booda Hojiilee Hojjetaman
 Yaada murtii kenname qaama dhimmi ilaallatu
waliin marii’achuun mana hojiif akka ibsamu
taasisuu,
 Xalayaa murtii mana hojiif barreeffamu keessatti
murtiin kenname yeroo kenname keessatti
raawwatamee beeksifamu akka qabu ibsuu,
 Xalayaan murtii mana hojiitiif yeroo barreeffamu
hafteen isaa kuusaa dhuunfaa hojjetaa yookiin
kuusaa dhimma waliigalaa kessa jiraachuu.

-
Murtiin mana hojiif ergamu yeroo murtaa’e
keessatti yoo raawwatamuu baate mana hojii
hordofuun tarkaanfiin akka fudhatamu taassisu,
 Ragootni gamaaggamaa, gabaasaa fi xalayaan
barreeffame of-eegannoon qabamuu isaanii
mirkaneeffachuu.
 Murtiiwwan kennaman haala murtii kennameen
raawwatamuu isaanii hordofuun
mirkaneeffachuu,
 Diddaan raawwii yoo jirate gara mana murtii
bulchiinsatti dabarsuun akka raawwatamu
taasisuudha.
Eeruu Dhiyaatu Qulqulleessuu fi Murtii Kennuu
-

 Eeruun raawwii seeraan alaa raawwatame


ilaalchisee, namni dhuunfaan, gareen yookiin
mana hojiitiin yaada dhiyaatuu dha.
 Ogeessi Eeruu dhiyaate qulqulleessu adeemsa
hordofuu qabu:
-

 Unka eeruun ittiin fuudhamu qopheessuu,


 Eeruu dhiyaate galmeessuu,
 Qabiyyee eeruu fi mana hojii yookiin qaama
eeruun irratti dhiyaate mana hojii mootummaa
irraa ta’uu isaa addaan baasuu,
 Ragaaleen dhiyaatan eeruu kenname waliin kan
wal-simu ta’uu isaa qulqulleessuu,
 Mana hojii eeruun irratti dhiyaatetti argamuun
yookiin tooftaa birootti fayyadamuun ragaa
-

walitti qabuu,
 Ragaalee argaman qindeessuu, xiinxaluu fi seera
jiru waliin wal-bira qabanii dhimmicha
sakatta’uun murtii irra ga’uu,
 Eeruu qulqullaa’ee adda baheef gabaasa
qopheessuun qaama ilaallatuun murtiin akka itti
kennamu taasisuu,

-

Eeruun dhiyaate soba ta’e yoo argame akka


addaan citu taasisuu,
 Eeruun dhiyaate sirrii ta’e yoo argamee
tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu taasisuu,
 Raawwii murtiichaa hordoffuudhaan hojiirraa
akka oolu taasissuudha.
Hojiirra Oolmaa Seeraa Fi Qajeelfamoota
Hoggansa Qabeenya Namaa Irratti Hordoffii,
-

To’annoo, Deeggarsaa Fi Gamaaggama


Karooraan Gaaggeessuu
 Raawwii Qaxara Dhaabbii hojjettootaa
 Karoorri tarsiimoo fi waggaa qabeenya namaa
bu’uurreffachuun hanqinni qabeenya namaa
jiraachuu isaa xinxalamee, gitoota hojii banaa
irratti humna namaa qaxaraan guutuuf kutaan
hojii qabeenya namaa barbaadu bara baajata
keessatti karoorfachuu isaa fi gaaffii isaa
hoggansa qabeenya namaatti kan dhiyeese ta’uu
isaa,
 Koreen fo’annoo fi filannoo hundaa’uu isaa fi
turtii koree akkaataa yeroo qajeelfamicha irratti
-

murtaa’een ta’uu isaa,


 Filannoon qaboo yaa’ii koreetiin adeemsifamee
Hogganaa mana hojiitiif dhiyaatee mirkanaa’uu
isaa,
 Gitni hojii qaxarri akka irratti raawwatamu
taasifame gita hojii banaa fi baajata qabu ta’uu
isaa.
 Hoggansi qabeenya namaa fi kutaan hojii gita
hojii banaan itti argamu waliin ta’uun sagantaa
qaxaraa fi dandeettiiwwan barbaadaman
qopheessuu isaa,
 Beeksifni qaxaraa bahe qabiyyee beeksifni
qaxara hojii hammachuu qabu hunda kan guute
-

ta’uu isaa,
 Dorgomtoonni dhiyatan yeroo galmeef taa’e qofa
keessatti kan galmaa’an ta’uu isaanii
mirkaneeffachuu,
 Qormaatni kenname akkaataa ulaagaa qajeelfama
dorgommii qaxaraatiin ta’uu isaa
mirkaneessuudha.
 Fo’annoo fi filannoo gaggeeffame sirna
mirkaneessaa ga’umsaa keessaa kan darbe ta’uu
isaa mirkaneessuu
-
 Hojjetaa Qaxaraaf Filatamu
 Umuriin isaa waggaa 18 fi isa ol ta’uu isaa,
 Ragaa ashaaraa poolisii irraa dhiyeessuu isaa,
 Waadaa galuu fi ragaa fayyaa dhiyeessuu isaa,
 xalayaan qaxara yaalii ji’a /6/ kennamuu isaa,
 Hojjettootni eeggataa ta’anii galmaa’an
tartiibaan qabamuu isaa,
 Hojjetaa filatameef leenjii hojiin walbarsiisuu
(induction course) eroon kennuu isaa
mirkaneessuudha.
-
 Hojjetaa Qaxara Yaalii Isaa Xumure
 Hojjetaan qaxara yaajii ji’a ja’aa irra turuu isaa,
 Madaalliin raawwii yeroo qaxara yaalii hojjetaa
yeroo yeroon guutamuu isaa,
 Hojjetaan yeroo qaxara yaalii keessatti madaallii
raawwii hojii gahaa yoo galmeessise xalayaan
qaxara dhaabbii kennamuufii isaa,

-
Yeroo yaalii keessatti qabxii gahaa yoo hin
galmeessine yeroon yaalii ji’a sadiin
dheressuufiin qabxiin raawwii hojii isaa gahaa
yoo ta’e xalayaan qaxara dhaabbii kan kennameef
ta’uu isaa,
 Hojjetaan qaxara yaalii yoo kan hin fooyyeffanne
ta’e ammoo seera eegee hojii irraa geggeeffamuu
isaa mirkaneeffachuudha.
-
 Raawwii Ramaddii Hojjattootaa
 Ramaddiin hojjettoota gitoota hojii Biirichaan
qoratamanii hayyamaman irratti akkaataa
qajeelfama raawwii ramaddii hojjettoota
mootummaa naannichaa qophaa’u irratti
hundaa’uun raawwatamuu isaa hordoffii,
to’annoo, deeggarsaa fi gamaaggama hojii irratti
dogoggorri raawwii yoo jirrate tarkaaniffiin
sirreeffamaa akka fudhatamuu taasisu.
-
 Raawwii Karoora Qabeenya Namaa
 Manneen hojii mootummaa karoora tarsiimoo fi
waggaa qabeenyua namaa qabaachuu isaanii
qulqulleessuu,
 Manneen hojii mootummaa akkaataa karoora
qabeenya Namaa isaaniitiin seeraa fi qajeelfama
jiru hordofuun hojii irra oolchaa jiraachuu isaanii
qulqulleessuufi raawwiin karooraan ala
rawwatame yoo jiraate akkaataa qajeelfamaatiin
akka sirreeffamu taasisuudha.
-
 Raawwii Guddina Sadarkaa
 Karoorri guddina sadarkaa jiraachuu,
 Gitootni hojii banaa guddinni sadarkaa irratti
kennamu jiraachuu,
 Kutaan hojii, gita hojii banaaa guddina
sadarkaatiin guuttachuuf gaaffii hoggansa
qabeenya namaaf kan dhiyaate ta’uu,
 Guddina sadarkaa raawwachuuf sababa gahaa fi
ragaa qabatamaan jiraachuu,
 Beeksifni gita hoji banaa guddina sadarkaaf bahe
qabiyyee beeksifni guddina sadarkaa tokko
[

guutuu qabu guutee bahuu.


 Beeksifni bahe ifatti maxxanfamee
dorgomtootaaf guyyoota hojii qajeelfamaan
taa’een walitti aanee turuu,
 Hojjetaan dorgommii guddina saarkaatiif
galmaa’e dandeettiiwwan barbaachisoo gitni
hojichaa gaafatu isa xiqqaa kan guute ta’uu isaa fi
kkf mirkaneeffachuu.

-
Hojjetaan dorgommii guddina sadarkaa mo’ate:
 Hojjetaa yeroo qaxara yaalii keessa hin jiree
ta’uu isaa,
 Hojjetaa kontiraataa yookiin yeroo kan hin taane
ta’uu isaa,
 Hojjetaan kana dura guddina sadarkaa argatee,
erga guddina sadarkaa argatee yoo xiqqaate
waggaa tokko kan guute ta’uu isaa,
 Hojjetaa soorama ba’uuf ji’ootni sadii /3/ fi isaa
ol kan isa hafu ta’uu isaa fi kkf mirkaneeffachuu.
-
Raawwii Jijjiirraa
 Raawwii Jijjiirra keessaa
 Jijjiirraan keessaa manneen hojii mootummaa
hanqina qabeenya namaa guutachuuf
barbaachisaa ta’ee yeroo argamu yookiin gitni
hojii mana hojii keessaa yoo haqamu gita hojii
wal-fakkaatu mindaa walqixaa irratti jijjiirraa
raawwatee hojjechuudha.
-
 Raawwii Jijjiirraa Alaa
 Manni hojii qabeenya namaa guuttachuuf
karoora qabaachuu isaa,
 Jijjiirraa alaan hojjetaa fudhachuuf beeksfini
ulaagaa guute bahee hojjettoota affeeruu isaa,
 Jijjiirraan raawwatame sadarkaa hojii fi mindaa
wal-fakkaataa irratti ta’uu isaa,
 Jijjiirraan raawwatame dandeettiiwwan
barbaachisoo isa xiqqaa gitni hojichaa gaafatu
kallattiin guutee raawwatamuu isaa.
 Mana hojii hojjetaa jijjiirraan fudhatuu, mana
hojii hojjetaa gad-lakkisuu fi hojjetaa jijjiirramu
-

gidduutti walii galteen raawwatamuu isaa,


 Manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa,
manneen hojii naannoolee biroo, Bulchiinsa
magaala Finfinnee, Bulchiinsa magaala Dirree
Dawwaa fi manneen hojii mootummaa Federalaa
yoo waliigalan, akkasumas Biirichi mirkaneessuu
isaa mirkaneeffachuudha.
-
 Jijjiirraa Ergisaa
 Jijjiirraan eergisaa kan raawwatamee
barbaachisummaa hojiitiin yoo ta’e;
 Manni hojii qabeenya namaa guuttachuuf
karoora qabaachuu isaa,
 Manni hojii ergisu, fudhatu fi hojjetaan ergisaan
deemu walii-galtee raawwachuu isaanii,
 Jijjiirraan raawwatame yeroo waggaa tokko hin
caaleef ta’uu isaa,
 Jijjiirraan ergisaa raawwatame beeksifni jijjiirraa
seera qabeessa ta’e bahee dorgommiidhaan
raawwatamuu isaa mirkaneeffachuu.
Hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi
Gamaaggama Tajaajila Dheerreessuu fi
[

Addaan Kutuu Irratti Gaggeessuu


 Tajaajila Dheerreessuu
 Akkaataa labsii hojjettoota Mootummaa Naannoo
Oromiyaa lakk 215/2011 keewwata 93 irratti
tumameen,
 Hojjetaan mootummaa umuriin isaa sooramaaf
gahe sababa barnoota, beekumsaa fi dandeettiin
addaa hojjetichaa hojii mana hojichaatiif kan
fayyadu ta’ee waan argameef tajaajilli
dheerachuu isaa.

-

Guddina sadarkaatiin, jijjiirraadhaan yookaan


qaxaraan hojjetaa bakka bu’uu argachuun kan hin
danda’amne ta’uun isaa,
 Ogummaan hojjetichi qabu gabaa qabeenya
namaa irraa kan hin jirre ta’uu isaa beeksini
gaazzeexaadhaan baheen dhabamuu isaa
Haala Hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi
Gamaaggama Raawwii gurmaa’iinsa,
-

qabiinsaa fi ittifayyadama ragaa qabeenya


namaa Irratti Gaggeessuu
 Manneen hojii mootummaa sadarkaa sadarkaan
jiran ragaa hojjettoota isaanii sirnaan
gurmeessanii qabachuu isaanii,
 Haala Gurmaa’iinsa, Qabiinsaa fi Ittifayyadama
riikoordii fi kuusaa hojjetoota mootummaa
qulqulleessuu,

-
Kuusaa dhuunfaa hojjetaa haaraa qaxaramu
tokko banamuuf ragaaleen guutamuu isaanii,
 Haala Seenaan Jireenya Hojjetoota Mootummaa
itti guutame qulqulleessuun hojjetaan seenaa
jireenyaa hin gunne yoo jiraate akka gutamu
taassisuu.
 Hojiilee ittisaa fi qulqulleessaa ragaa sobaa
gaggeessuudha.
Hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi Gamaaggama
Kaffaltii mindaa fi Durgoolee Adda Addaa
-

Irratti Gaggeessuu
 Kaffaltii mindaa
 Akkaataa Labsii hojjettootaa mootummaa naannoo

Oromiyaa lakk 215/ 2011 keewwata 9 jalatti


ibsameen manni hojii mootummaa kami­yyuu, dhuma
ji’aatti hojjettoota isaatiif yookiin bakka bu’oota
seeraa isaaniitiif kaffaltii mindaa raawwachuu isaa,
 Mindaan kaffalamuu karooraa fi raawwii
hojjettootaa irratti kan xiyyeeffatee fi akkaataa
qajeelfamaan kan kaffalamaa jiru ta’uu isaa
mirkaneeffachuudha.
-
 Kaffaltii Durgoo Oolmaa
 kaffaltii hojii dirreef ta’ee, kanfaltiin durgoo
guyyaa tokko heyyamamu keessaa, cireef 10%
laaqanaaf 25% irbaataaf 25% sirreef 40% qofti
shallagamaa kan kaffalamu ta’uu isaa,
 Hojii hojjatamee fi durgoon kaffalamu kan wal
malle ta’uu isaa mirkaneessuu.
Hordoffii, To’annoo, Deeggarsaa fi
Gamaaggama Madaallii Raawwii hojii
-

Hojjettootaa Irratti Gaggeessuu


 Madaalli raawwii hojii karoora mana hojii irratti
kan hundaa’ee fi hojjetaan karoora qabaachuu fi
raawwiisaaf gabaasaa dhiyeesaa jiraachuu isaa
samuuda fudhachuu,
 Sirni madaalli hojii mana hojii keessatti hojiirraa
oola jiraachuu isaa,

-

Bu’aan madaalli raawwii hojii hojjettoota


qaamota ilaallatuun mirkana’uu isaa,
 Bu’aan madaalli hojii hojjettoota galtee hojii
hoggansa qabeenya namaa ta’aa jiraachuu isaa
mirkaneessuu.
 Madaalliin hojjettootaa gaggeeffamu qajeelfama
madaallii bu’uureffachuun kan gaggeeffamaa jiru
ta’uu mirkaneeffachuudha.
-
Raawwii hordoffii fi deeggarsaa
 Hojii hojjetamu yaada bu’uura irraa kaase hanga
raawwatinsatti dhimmoota jiran beekumsaa fi
dandeettii gahaa qabatanii bu’aa buusuu akka
danda’an hordoffii,deeggarsa, leenjii wal-irra hin
cinneen kennamaa jiraachuu isaa,
 Labsii, danbii, qajeelfamaa fi sarkulaaroota
hoggansa qabeenya namaa manneen hojii
keessatti hoggansa qabeenya namaatiin akka
qabeenyatti galmaa’ee /sirnaan qabatamee ittiin
hojjetamaa jiraachuu isaa,
 Qabannaan kuusaa dhuunfaa hojjettoota
qaxara ,guddina sadarkaa, fi ramaddii hojii
[[

ragaaleen mul’isan sirnaan qabamuu isaa,


 Gaheen hojii hojjettootaaf kennamuu isaa fi kan
fakkaataniif xiyyeeffanaa kennuu,
 Hojiilee deeggarsaa, ibsa, leenjii hubannoo fi
gorsa hoggansa qabeenya namaaf kennuu,
 Manneen hojii mootummaa tajaajila lammiif
kennaniif istaandardii hojii baasuu isaanii,
-

 Istaandardii hojii baasanii lammiif tajaajila


kennaniif beeksiisu isaanii fi haaluma
istandaardichaatiin hojjatamaa jiraachuu isaa
gamaagamuu,
 Yeroo gamaagamni hoggansa qabeenya namaa
geggeeffamu dhimmoonni xiyyeeffannoo
barbaadan yoo jirraatan qulqulleessun
barbaachisaa dha.
-

a!!!
atoo m
G al

You might also like