Work Shop in Creative Writing 2016

You might also like

Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 168

Workshop on Creative Writing

Course Code: AfOL 4153


Boqonnaa Tokko
1.Maalummaa Barreeffama Kalaqaa (creative
Writing)
• Muuxannoo ilmaan namaafi guddina saayinsiifi
teekinooloojii wajjin walqabatee barreeffamni
kalqaa kallattii gargaraan hiika itti kennameera.

• Ta`uus,yaada waliigalaarratti garaagarummaa


bal’aan hinmul`atu.

• Yaada muraasa haa ilaallu.


• Toorra entarneetii
• (http://
www.sil.org/lingualinks/literacy/ReferenceMateri
als/GlossaryOfLiteracyTerms/WhatIsCreativeWriti
ng.htm
)maalummaa barreeffama kalaqaa yeroo ibsu
akkas jedha;
• Creative writing is writing that expresses the
writer's thoughts and feelings in an imaginative,
often unique, and poetic way. Creative writing is
guided more by the writer's need to express
feelings and ideas than by restrictive demands of
factual and logical progression of expository
• Yaadni handhuuraa hiika kanaa
• barreeffamni kalaqaa yaada ykn miira barreessaa
jiddugaleessa godhachuun;
• karaa bilisaafi adda ta’een ergaa barbaadame
dubbisaa biraan kan ga’u ta’uu dha.

• Gama biraatiin ammoo barreeffama kalaqaa dandeettii


barreessaa wajjin walqabsiisuun kan ibsanis jiru.
• Fakkeenyaaf galmeen jechootaa ‘Chambers’ jedhamu
haala kaanaan kaa’a

• “Having the power to create an imaginative, original


literary production or composition.”
• Barreeffama kalaqaan waay`ee gochootaa,
ta`ewwanniifi mudannowwan yaad argaatiin
barreeffamaan dubbistootaaf dhiyeessuu dha.

• Barreessan tokko mudannoo isaa miiraafi


dhagettii isaa yaad-argaan qindeessee, bocee,
guddisee, xiqqeessee, bal`isee barreeffamaan kan
dhiyeessuu barreeffama kalaqaa jedhama.

• Barreeffamni kunis seenaa dhugaa yookiin


asoosama (seenaa kalaqame) ta`uu danda`a.
• Kaayyoon isaafi miiraafi yaada waliin walqabatee
dubbistootaaf waa`ee dhimma tokko dhiyeessuu
dha.

• Dubbistootaaf ragaa kennuurraa;


bashannansiisuu, yaada ibsachuufi waay`ee
garaagaraa beeksiisuu irratti xiyyeeffata.

• Barreeffanmi kalaqaa, barreeffamoota kenneen


akka; yaada ogummaa, gaazeexaa (asxaa),
barnootaafi teekiniikaatiin ala jiran hundumaa ni
hammata.
• Barreeffamoonni kenneen akka; yaada ogummaa,
gaazeexaa (asxaa), barnootaafi teekiniikaa gosa
barreeffamaa asoosaman ala waan ta`aniif

• yaada qabatamaa; waan ta`anii darban, ta`aa jiran,


dhimmoota ta`uu malan, qajeelfamoota adda addaa,
itti fayyadama wantootaa kan dhiyeessanii dha.

• Barreeffamoonnii akkasii yaadaafi miira barreessaa


hindabalu.
• Mi`eessitiifi miira kakkaastuu hin hammatu.
• Isaan kun barreeffamoota idelee yoo ta`an,
barsiisuufi ragaa qabatamaa dhiyeessuuf malee
kaayyoo bashannansiisuu fi gammachiisuudhaaf
hin barreeffaman.

• Barreeffamoonnii kalaqaa garuu


bashannansiisuufi buharsuuf barreeffamu.
2. Amaloota barreeffamaa kalaqaa
A.Yaadaafi miira keessoo ibsachuu
• Barreeffamni kalaqaa yaadaafi miiraa ofii
ibsachuuf waan tajaajiluuf daangaa qabiyyees
ha`e uunkaa hin qabu.
• Barreessan yaada, fedhiifi muudannoo barbaade
bilisa ta`ee ittiin ibsata.
• “Namni maal jedha?” Yookiin “dhimma (qabiyyee)
akkanaa ka`uu hin qabu ” jedhee hincinqamu.

• Bilisaan uunkaa barbaadeetiin haqaafi dhugaa


bu`uureffatee barreessa.
B. Kalaquuf mudannoo barbaada.
• Barreessan tokko waan addaafi addunyaa irraa
hinjirre hin barreessu.
• wantoota arge, dhagahe, keessa derbeefi keessa
jiru irraa ka`ee toofitaafi kalaqa isaa itti dabalee
tolechee, haaressee adunyaaf dhiyeessa.
• C. Miira addaa nama keessatti uuma.
• Miira gaddaa, gammachuu, dinqisifachuu,
naasisuu,ciggaasisuu,fi kkkf nama keessatti uuma.
3.Rakkoolee barreeffama kalaqaa
3.1.Rakkoolee Barreessaa waliin wal qabatan
A . Sodaa
• Keessattuu barreessitoonnii jalqabaa; barreessuun
wanta hin yaalamneefi barreessuuf wanti isaan
daangeessu akka jirutti yaadu.
• Kanaaf, waa barreessuu sodaatu. Sodaa isaanii
keessaa inni tokko;
• haala kamiin yaada walitti fidee qindeessuun
waraqaarrattii barreessuu danda`a kan jedhu dha.
Hojiin kunis baay`ee ulfaataa akka ta`etti yaadu.
• Kanaafiis fedhiifi hawwii barreessuu osoo qaban
murtoodhaan itti adeemuuf humna dhabu.

• Barreessitoonni sodaa akkasii qaban tooftaalee


adda addaa fayyadamuun sodaa kana akka ofirraa
cabsan keessa akka darban beektonni ni gorsu.

• Tooftaalee kanneen keessaa inni guddaan, irra


deddeebi`uun yaaluu dha.
• Barreeffamni hojii guyyaa tokko miti.
• Kan guddatuufi kan cimu shaakala waliirraa hin
cinneetiini.
• Kanaaf, sodaan kun furmaata argachuu kan
danda`u danda`u shaakala walirraa hin cinneefi
muuxannoo yeroo dheeraatiini.
• Barreessuun hojii cimaa ta`us; Shaakalafi
carraaqqiidhaan dandeettii horatamuu
danda`amu dha.
• Kanaaf, namni barreessuuf fedhii qabu tokko
dursa barreessaa gaarii ta`uu akka danda`us of
amansiisuu qaba.
• Sana booda shakala yeroo dheeraa taasisuun
dandeettii barreessuu gabbisuun ni danda`ama.

B. Barreessuuf yaada haaraa barbaaduu


• Yaadni kun barreesitoota baay`ee biratti kan
mul`atu akka ta’e xiinxaltoonni ni dubbatu.
• Yaadni kun yaada, “waantootuma beekaman
deebisanii barreessuun fudhatamaa hin qabu” kan
jedhu irraa kan maddu dha.
• Kun ammoo dandeettii muuxannoo ofii ol
ta`eerrattii xiyyeeffachuu waan ta`eef
barreessitoonnii abdii kutatu.
• Kana malees, guddina dandeettii kalaqa
barreessaa sana duubatti harkisuu

• yookiin bakkuma jirutti akka dhaabatu taasisuu


danda`a.
• Kana jechuun barreessaan sun dhimma
barreessuu barbaade irratti beekumsa gahaa akka
hinqabneetti yaaduu
• Yookiin waa`ee dhimmicha garmalee ol kaasee
ilaaluun madda rakkoo kanaati.
• Yaadni kun immo barreessaa abdii kutachiisa.

• Kanaaf hamma muuxannoofi dandeettii ofiitti


barreessuun filannoo sirriifi karaa salphaa dha.

• Kanaaf waan beekamu irraa ka`anii barreessuun


sadarkaa dandeettii barreeffama ofii oli kaasuun
ni danda`ama.
C. Of shakkuu (self doubt)
• Akka Stephen King (2000:245) jedhuutti “hojii
kalaqa keessumaayyuu asoosama dheeraa
barreessuun hojii ulfaataa dha.

• Hojii qofaan hojjetamuu dha.

• Adeemsa barreessuu keessatti wantoonni nama of


shakkisiisan ni jiru.
• Of shakkuun yeroo tokko tokkoo akka of ilaallu
godha.
• yemmuu baay`etu garuu, barreessan akka
barreessuu hin shaakallee takaalee hanbisuu
danda`a.
• Kanaaf of shakkuu dhiisuun murtoodhaafi ofitti
amanamummaan shaakala wal irraa hincinnee
taasisuun barbaachisaa dha.

• Yeroo tokko tokko barreessan jechoota ittiin


barreessitu dhabuu qofa osoo hinta`iin,
• yaadni waliigalaa kan irratti barreessaa jirullee si
harkaa baduu danda`a.

• Yeroo kana caalaattii of shakkuu danda`a.

• ofshakkuu irraa darbees aaruu ni danda`a.

• Ta`uus haalli kun waanuma hojii barreessuu


keessatti nama muudachuu danda`u dha.
• Garuu miirri of shakkuun kun dhaabbataa miti.

• ni darba; ni jijjiirama.
• Obsaan of tasgabbeessanii itti fufuun
barbaachisaa dha.
D.Abjuu hin dhugoomne fi mudaa
dhabeessummaa
• Barreessitoonnii tokko tokko yaadaafi fedhii
hedduu qabaatanii

• tokkoo isarratti osoo hin xiyyeeffatiin yeroofi


xiyyeeffanoo hojiin kalaqaa barbaadu balleessu.

• Karaa biratiin ammoo hojii kalaqaaf danqaa kan


ta`e, yaadaa mudaa dhabeessummaa dha.
• . Barreessitoonni barreeffama kalaqaa hedduun
barreeffamni isaanii mudaa tokkollee akka hin
qabaanne barbaadu.

• Haata`u malee, irra jireessi isaanii kana bira


gahuu hin danda`an.

• Sababni isaas haaxinnaatu malee hojiin mudaa hin


qabne hin jiru.

• Kanaaf, barreessitoonni akkasii hawwiidhaan


yeroo isaanii fixu.
• Kanaaf, hamma danda`ame qulqulleessanii
hojjechuufi
• sadarkaa maxxansiisuu geessisuu dha malee,
mudaa dhabeessa taasiisuun hin danda`amu.

• Barreessaan nama George Orwell jedhamu yaada


kanarratti akkas jedha.

• “barreeffamnikee sadarkaa mudaa


dhabeessummaa irra yoo gahe, barreeffamicha
akka waan du`eettan ilaala.
• Sabaabni isaas, dhalli namaa mudaa
dhabeessummaa hin barbaadu waan ta`eef”
jedha.

• E. Madaallii Hojii kalaqaafi Jireenya Dhuunfaa


eeguu dhaiisuu

• Hojiin kalaqaa jireenya malee guutuu hinta`u.


Lamaanuu walkeessa jiru.
• Haata`u malee, Barreessitoonni tokko tokko waan
barreessaniifi akka itti jiraatan wal hin fakkaatu.

• Barreessitoonni akkasii hojii isaanii keessattis


fiixaan ba`umsa hin argatan.

• Kanaaf, barreessaan hojii kalaqaa barreessuu


qofa osoo hinta`iin naamusni hojii kalaqaa
keessatti mul`ate jireenya isaa keessattillee
mul`achuu danda`uu qaba.
• Barreessaan beekamaan tokko akkas jedha
“Madaallii hojii fi jireenyaa eegi”

• Karaa biraatiin, mataakeetiif, namoota si waliin


jiraataniifi, hojjiikeetiif amanamaa ta`i.
F. Odeessuu (talking it away)
• Berreessitooni tokko tokko waa`ee hojii hojjechaa
jiran gadi taa`anii yeroo dheeraa odeessu.
• Yeroo waan hojjechaa jirtu odeesitu, dandeettiin
kalaqakee miidhaa deema.

• Sababni isaas odeessuun hojjechuu miti.

• yeroo odeessaa jirtu barreesaa hin jirtu.

• Barreessitoonni akkasiis salphaatti kufuu ni


danda`u.
• Kanaaf; hojiikee osoo hin xummuuriin waa`ee
isaa dursitee hin odeessin.
• Callisii hojiikee itti fufi. Erga xummurtee booda
odeessuuf carraa guddaa waan qabduuf, ariifattee
hin odeessiin.

3.2. Rakkoolee dinagdee waliin walqabatan

A. Dubbisaa dhabuu (Indifference)

• Keessumattuu rakkoo barreessitoota haaraa


muudachuu danda`u keessaa tokko dubbisaa
dhabuu dha.
• Barreessitoonnii haaraan dubbistoota biraatti
haaraa waan ta`a`niif,
• hojiin isaanii bira gahuu dhiisuu danda`a.

• Sababa kanaan gatii isaan baasaniifi dadhabbii


isaanii argachuu dhiisuu danda`u.

• Rakkooleen dubbisaa dhabuu kun mudachuunsaa


akkuma jirutti ta’ee,

• beektoonni yaada furmaataati jedhanii kan kaa’an


ni jira.
• Furmaata dhiyaate keessaa inni tokko,
barreessitoonni barreeffama sadarkaa
dubbistoota madaalu danda`u qofa qopheessanii
dubbistootaaf dhiyeessuu qabu.

• Wanti isaan abdachiisu yoo jiraachuu baatellee


kana gochuu akka qaban beektonni ni gorsu.

• Inni biraan, kaka’umsaafi fedhiin barreessuu


isaanii akka hin miidhamneef; dursanii waan
guuddaa barreeffama isaanii irraa eeguu dhiisuun
fala kanbiraati.
• Akka naannoo isaaniitti yaadanii achumatti
dursanii fudhatama argachuuf hojjechuu qabu.

• Sababni isaas, kutaaleen addunyaa xixiqqoon


walitti dhufanii adduynaa isa guddaa uumuu.

• Kanaaf, fudhatamni barreeffama tokkoo naannoo


itti barreeffame irraa eegalee gara addunyaaa
bal’aatti babal’achaa deema waan ta`eef.
• Haata’u malee, barreeffamni kee qaama
barreeffamoota addunyaa kana keessaa isa tokko
ta’uusaa hin dagatiin.

Kanaaf hojiikee itti fufuun dubbistoota kee


amansiisuuf yaali.

B. Dorgommii Sabqunnamtii baayyachaa deemuu


(Rival Media)
• Yeroo ammaa kanatti ogummaan barreeffamaa
ogummaa fiilmiifi miidiyaa dijitaalaa gad ta`eetti
illaaluun babal’achaa dhufeera.
• Karaa biraatiin fiilmiifi miidiyaan dijitaalaa irraa
caalaa filatamaafi jaalatamaa dha.

• Isa kanaaf ragaa kan ta`ummoo, Kalaqni


asoosamaa gara fiilmiitti jijjiiramaa jiraachuu
isaati.

• Kun ammoo hojiilee kalaqaa barreeffamaan


dhiyaatan gatii akkaa dhabaa deeman ni taasisa
C. Gochaalee barreeffamaaf bakka kennuu ,
dhiisuu
• Yeroo amma kana bara teekinoloojiin baay`achaafi
babbal’achaa deemaa jirudha.

• Hojiileen hedduus komputeera waliin walk an wal


qabataniidha.

• Kanaaf, namoonnii hedduun barreeffamoota


komputeera irra jiran ni dubbisu malee hojiilee
waraqaa irrattii barreeffaman; kanneen akka
asoosama, walaloofi hojii kalaqaa kan biroo hin
dubbisan.
• Kanaaf, kun hojii kalaqaa waan hin jajjabeessineef
rakkoo isa guddaa dha.

• Rakkoo kana furuuf hojiilee tokko tokko


interneetiindhaan gadhiisuun hojii ofii beeksiisuu
barbaachisaa dha.
D.Jijjiirraa (Translation)
• Barreessitoota kalaqaatiif jijjirraan hojii
barreeffamaa keessa isa tokko dha.

• Ogeeyyin jijjirraa ogbarruu baay`echas jiru.


• jijjiirraan bifa barreeffama kalaqaa isa beekamaa
ta`as dhufeera.

• Haata`u malee hojii kalaqaa aadaafi afaan


tokkootiin barreeffame, afaan kanbraatiin hiikuun,
rakkoo mataasaa qaba.
• Rekkoolee inni qabu keessaa muraasni;

• jecha sirriitti bakka busuu dhabuu,

• Miidhaginaa, cimina hiikaafi yaada dhabuu, halluufi


ibsa duraan qabu hir’isuuykn dhabuu fi k.k.fni dha.
• Hunda caalaa immoo walaloon yemmuu jijjiiramu
tasa miidhaginaafi halluu duraan qabu argachuu
hindand`u.
• Walumaa galatti barreeffamni kalaqaa afaan
tokkoon barreeffamee gara afaan biraatti
jijjiiramu; hiika, miidhaginaafi cimna duraan qabu
dhabuu danda`a.
• yeroo tokko tokkos ergaan bafaan maddaatiin
dhiyaate kallattii biraatiin hiikamuu danda`a.

• Kanaaf hojiin jijjirraa hubannaafi xiyyeeffannaa


guddaatiin hojjetamuu qaba.
3.3. Rakkoolee Hawaasummaafi Siyaasa waliin
walqabata (Socio-politics)

3.3.1. Rakkoole siyaasa waliin wal qabatan


• Barreessaan beekamaa kan ta`e Ian Mc Ewan
“siyaasni diina yaadaati” jedha.

• Namoonni siyaasaa, hojiilee kalaqaa siyaasaafi


yaada isaanii akka deeggaru ni barbaadu.

• Kana malees, meeshaa deeggarsa uummataa


argachuufi kakaasuuf yaada barreesichaa jallisuun
itti fayyadamuu danda`u.
• Barreessitoonni hedduun siyaasa keessatti
hirmaachuu baataanillee,

• ilaalcha siyaasaa qaban (jibba, mormii qeeqafi


k.k.f) hojii kalaqa isaaniin calaqqisiisuuf sodaa
waan qabaniif dandeettii isaanii itti hin
fayyadaman.
• Yoo barreessaniis rakkoon adda addaatiif
saaxilamuu danda`u.
• Kanaaf, barreessitoonnii yeroo baay`ee, afaan
dhoksaa ta`ee karaa kallattii hin taaneetiin yaada
isaanii ni ibsu.
• 3.3.Rakkoolee Maatii wajjin walqabatan
• Maatii keessumaayyuu daa`imman ofii
kunuunsuun gammachuu guddaa nama keessatti
uumuurra darbee, dirqama dha.

• Haata`u malee hojii barreessuuu waliin rakkisaa


ta`a.

• Keessumaayyuu barreesitoonni dubartii ta`an


kallattii kanaatiin miidhamtoota.
• Sababni isaas yeroo baay`ee daa`imman
kununsuun hojii dubartii ta`ee waan ilaalamuuf,

• hojiilee lamaanuu walcinaa adeemsisuun ni


ulfaata.

• Furmaanni isaa hamma danda`ametti daa`imman


kununsaa barreeffama isaanii itti fufuu dha.
• Inni biraan deeggarsa maatiifi namootaa
barbaaduufi gaafachuu dha.

• Barreessituun tokko barreessuuf yeroofi


deeggarsa ga`aa argachuu qabdi.

• Kanaaf barreessuun hojii ishee ta`uusaa namoota


amansiisuufi hubachiisu qabdi.

• Hojiin ishee kunis akkuma hojiilee biroo kabaja


akka argatu taasisuunis irra eegama.
• Haala kana keessatti yeroo dheeraa argachuu
baattus,
• Yeroo muraasa qabdun sirritti fayyadamuu
barbaachisaa dha.

• Karaa biraatiin ijoollee qabaachuun ammoo hojii


barreeffamaaf bu`aa akka ta`e dagachuu hin
qaban.
• Barreessitoonni daa`imman qaban hedduun,
ijoollee isaaniif barreessu.

• Ijoolleen isaaniis, dubbistootaa fi deggartoota


isaanii isa jalqabaa ta`u.

• Kun ammoo karaa biraatiin akkaa carraatti


ilaalamuu mala.

• Kanarras darbee muxannoofi mudannoo irraa


argachuun ni danda`ama.
Maalif barreessina?
• Hojiin barreessuu hagam dadhabsiisaa ta`uus,
• Jireenya fooya`aan akka jiru akka yaadnuu nu
taasisa.
• innii kanbiraan hojii barreessuun gammachisaa
dha. kanaaf itti gammana; itti bashananna.

• Hojiin barreessuu dhimmoota adda addaa karaa


adda ta`eetiin akka ilaallu nu taasisa.
• Kana malees wantootaa fi taatewwan karaa ifa fi
bal`aa ta`een akka hubannuufi ibsinu nu taasisa.
• Kanarraa darbees gadifageenyaan akka xiinxalluufi
hubannu nu gargaara.

• Adeemsi barreessuun yaadni keenya akka


tasgabbaa`u fi waan tokko irratti akka
xiyyeeffannu nugargaara.

• yeroo tokko tokkos yaadni keenya nu jalaa


bittina`uu danda`a.

• Garuu adeemsi barreessuu gammachisaa waan


ta`eef itti fufna.
• Ogummaa fayyaa keessatillee barreessuun akka
qaama wal`aansaatti yeroo itti tajaajilu ni jira.

• qobaa isaa fayyisuu` baatuus, barreessuun


akka qaama wal`aansaatti (therapy) fudhatama.

• Keessumaayyuu namoonni rakkoo fayyaa


(Depression) waliin wal qabate yeroo isaan
muudatu akka wal`ansatti tajaajila.
• Barreessuun sammuu dadammaqsa.
• Gammachuu dabala.
• Barreessuun akka hojii ogummaa tokkotti
ilaalama.
• Barreessuun hambaadha.
• Beekunmsaa, muxannoofi muudannoo
dhalaatarra gara dhalootattii dabarsuuf fayyada
guddaa qaba.
• Barreessitoonni tokko tokkommoo beekamtiif
jaalala ittiin argatu.
4. Yaada barreeffamaa kalaqaa eessa argannaa?
A. Naannoo keessa jiraannu.
• Barreeffamaa kalaqaatiif ka`umsa ta`an keessa
inni jalqabaan naannoo keenya dha.

• Ijji barreessan sochii naannoofi namootaa guyyaa


guyyaa sirritti ilaaluufi xiinxaluu qaba.

• Barreeffamaaf galaa kan ta`u, gochaafi mudannoo


jireenya namootaa guyyaa guyyaa waan ta`eef.
• Sochiifi oolmaa guyyaa guyyaa keessatti amala,
gochaa, namootaafi sansaka namootaa maal akka
ta`e; ilaaluun, xiinxaluun galmeessanii kaa`uun
barbaachisa dha.
• Sababniisaas isaan kanaatu qindaa`ee asoosama,
walaloo, diraamaafi kkf ta`a.

• Fakkeenyaf, gara galma mana nyaata deemnu;


amala barattootaa, sochii isaanii, hariiroo isaan
qaban, akka itti hiriiran, akka itti isaan taa`an
akkaitti isaan nyaataan ki kkf qalbiidhaan ilaaluu.
• Gara mana kitaabaatti deemnu, sochii
barattootaa ilaaluu, waliin haasa`uu, waan issaan
haasa`an qalbidhaan dhaggeeffachuu, akkaitti
haasa`an qalbeeffachuu fi kkf. Gochuu.

• Namootaa karaarraa deemaan ilaaluu,

• Naannoo ykn mandera keessa deeman sirritti


xiinxaluun hubachuufi kkf ka`umsa barreeffama
kalaqaatiif ta`u.
B. Mudannoofi muuxannoo ofii
• Hojii kalaqaa keessatti namfakkiilee ijaaruun ykn
kalaquun dirqama.
• Jireenyi namfakkis kan kan maddisiisnu,
jireenyaafi muuxannoo ofii keenyarraa kaaneetu.

• Modannoon kun ammoo kan maddu; ijoollummaa


keenyarraa kaasee, turtii yeroo mana barumsaa,
hiruyyummaa, walti dhufeenya jaalalaa,
muuxannoo hojii, muuxannoo maatiifi kkn irraa
dha.
C. Mudannoo addaa
• Fakkeenyaaf jalqabaa maatii keenyarraa addaan
yeroo baanu

• Dhukkubsannee mana yaala yeroo deemnu/ciifnu,


• Yeroo jalqabaatiif moora universitii yeroo
seennuu/seentuu

• Yeroo jalqabaaf hiriyaa jaalallee yeroo


gaafattuu/dhungattuufi kkf ka`umsa barreeffama
kalaqaa ta`uu danda`u.
D. Waan dubbisane.
• Barreessaa gaariin dubbisaa gaarii dha.
• Barreeffamoota asooosamaas ta`e idilee
dubbisuun yaada gabbataa akka qabaannu nu
taasisa.
• Yaadni gabbataan kun ammoo barreeffamaa
keenyaaf galaa ta`a.
5. Hojii kalaqaafi miira.
• Miirri hojii kalaqaatiif isa bu`uurati.
• Hojii kalaqaa gaariin miira namaa kan tuqu dha.

• Hojii kalaqaa, barreessan kan muuxannoosaa ittin


qoodu qofa osoo hintaane,

• Miira isaas dubbistootaaf qoodu dha.


• Kana jechuunis barreessan bifa, amala, lallaafina,
jabina, xiqqeenya, guddina, ho`ina, dhamdhama
(miyaa`ina, hadhaa`ina) wantootaa dubbistootaaf
ibsuu dha.
• Adunyaa keenya kan hubannuu qaama miiraa
keenya shanan fayyadamuu dhaani.

• Funyaaniin funfachuun, gurraan dhageeffachuun,


ijaan ilaaluun, harkaan tuttuquun, arrabaan
dhamdhamachuun.

• Kanaaf barreessan miiroota kunneen jechootaan


bira gahuu qaba.

• Hanga, bifa, halluu, jajjabina yookiin lallaafina,


foolii, sagalee(iyyaa,hasaasa,)fi kkf wantootaa
miira dubbistootaaf dhiyoo gochuu qaba.
BOQONNAA LAMA
2. GOSOOTA BARREEFFAMAA KALAQAA
2.1 ASOOSAMA BARREESSUU
2.1.1.Maalummaa Asoosamaa

• Asoosamni barreessaan; fedhii, hawwii, jaalala,


jibbaa fi kkf sammuu isaa keessaa burqisiisee
onnee isaa keessaa maddisiisee uumuun
barreessuu dha.
• Asoosamni, barreessaan karaa yaadaa dhugaa fi
qabatamaa ta``e dubbisaaf; agarsiisuu; barsiisuu,
beeksisuu, hubachiisuu, amansiisuuf ittiin
gargaarumu dha.

• Gosti barreeffamaaa kun bifa halalootiin(prose)


kan barreeffamu dha.

• Asoosamni “karaa jiruuf jireenya addunyaa kanaa


ittiin ilaallu dha” jechuun ni danda’ama.
• Barreessitoonnis dhugaa kana mul’isuuf carraaqu.
Fakkeenyaaf, barreessitoonni tokko tokko bu’aa
bayii jireenyaa irraanfachuuf,

• kanneen biroo immoo namfakkiiwwan dhihaatan


keessatti of ilaaluun jiraachuu fedhu.
• 2.1.2. Gosootaa fi amaloota asoosamaa

• Hayyoon og-barruu ulaagaawwan garagaraa irratti


hundaa’uun gosoota asoosamaa bakka adda
addaatti qoqqoodun lafa kaa’u.
• kanneen keessaa bal’inaan kan beekaman
asoosama gabaabaa fi dheeraa dha.

• Akka hojii kalaqaatti amala isaan tokko taasisu


qabaatanis;

• garaagaummaa kallattii bal’inaan/dheerinaa;


baay’ina namfakkiin, yeroo fudhataniin fi
jaargochaa qabu.

• Garaagarummaa isaan qaban inni guddaan,


bal’inaa ykn dheerina dha.
• Kunis asoosamni gabaabaan akkumaa
maqaasaatiin seenaa gabaabaa yeroo dhiyeessuu,

• asoosamni dheeraan ammoo seenaa dheeraa


dhyeessa.
• Yeroo baay’ee asoosamni gabaabaan jechoota
2500 hanga 5000tti yoo qabaatu

• asoosamni dheeraan immoo hanga jechoota


50,000 fi isa ol qabaachuu danda`a.
• Gama biraatiin dubbisaan asoosama gabaabaa
dubbisee xumuruuf yeroo gabaabaa fudhata.

• Asoosamni dheeraan ammoo dubbisanii


xummuruf yeroo dheeraa gaafata.

• kallattii namfakkiis yoo ilaalle asoosamni


gabaabaan namfakkiiwwan muraasa yeroo
qabaatu,
• Asoosdanmi dheeraan ammoo namfakkii baayee
hammata.
• Kanamalees, asoosamni gabaabaan waa’ee
qooddattootaa ibsa gabaabaa yeroo dhiyeessuu,

• Inni dheeraan garuu bal’inaafi gadi fageenyaan;


eeyyummaan keessa fi alaa xiinxalee dhiheessa.

• Jaargochi asoosamoota kana lamaaniis


garaagarummaa qaba.
• Asoosama gabaabaan, seenaa tokko fi waldiddaa
tokko yemmuu qabu
• Asoosamni dheeraan; seena dheeraa, waldiddaa
walxaxaafi garaagaraa qabuu dhiyeessa.

2.2. Adeemsa Asoosama Barreessuu

• Asoosama barreessuu jechuun, caaculee


asoosama qindeessanii seenaa dhiyeessuu
jechuudha.
• Haala kanaan akkamiitti caacuuleen akka
kalaqamaniifi qinda`aan ilaalla.

• 2.2.1. Jaargocha/Plot/ akkamiin qindaa`a?

• Jaargochi caaculee asoosamaa keessa isa bu’uura


dha.
• Ijaarsi asoosamaas jaargocharratti waan ta’eef

• namni asoosama barreessuuf yaadaafi kaka’umsa


qabu hundi kanarratti xiyyeeffannoo guddaa
kennuu qaba.
• Jargochi tartiiba ta’insootaa qofa miti.
• Jaargochi, waldiddaa qaamolee faallaa jidduutti
uumamu;

• Dorgommii waldiddichi keessatti taasifamu,

• Dorgommichi cimaa deemuu isaa agarsiisuu;

• xumuraa irratti bu’aa argamu walsimsiisanii


agarsiisuu dha.
• Barreessitoonnii asoosamaa kalattii garaagaraa
fayyadamuudhaan jaargocha ijaaru.

• Fakkeenyaaf 1 ffaa ergaa dabarsuu barbadanirraa


hundaa`uun

• 2ffaa Yoomessa irratti hundaa`un

• 3ffaa eenyummaafi sansaka namfakkii irrattii


hundaa`un jargocha ijaaru.
• Fakkenyaaf eenyummaa namfakkii irrattii
hundaa`uun akkamitti jaargocha akka ijaaramu
haa laallu.
• Namfakkiin filatame maal barbaada? (Fedhii
namfakkii)

• Waan barbaade akka hin arganne kanneen


dhorkan(daangeessan) maalfaati? (waldiddaa)

• Rakkoo isa muudate jalaa bahuuf tattaaffii akkamii


taasiise? (carraaqqii)
• Rakkoolee namfakkii muudatan keessaa irra
caalaa bahee kan mul’atu kami? (waldiddaa)

• Namfakkichi waan barbaade sana ni argatmoo hin


arganne?

• Bu’aan falmii taasifamuu maalinni? (xummuura


waldiddaa)

• Ergaan seenichaa maali?


2.2.2 Yoomeessa
• Akkumaa beekamu yoomessi asoosamaa; yeroo,
bakka akkasumaas haala hawaasummaa nannoo
asoosamaa karaa ittiin ibsamu dha.
• Yoomessa kalaquf yoo xinnaate dhimmoota
armaan gadii irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa
dha.

A. Bakki seenaan sun rawwatamu ibsuu/


agarsuiisuu
1.-Wantota naannichaa keessa jiranfi mul`atan;
(boca isaanii, haalluu, taa`umsa, haga, sochii
isaaniifi kkf)

2. -sagalee dhagahamu; (waca sibirroo sagalee


namootaa, konkolaataa, muuziqaa, hoomaa
namootaa, sagalee maashinii, bineensootaafi
beelladoota fi
• Haala qilleensaa naannichaa( qorra, qilleensa`aa,
bulluqa, aduu, rooba fi kkf)
isaan kana ibsuun barbaachisaa dha.

B. yeroo seenaan raawwatamu mul`isuu,


Fakeenyaaf; galgala, ganama, barii, guyyaa,
bona, , ganna, birraa, arfaasaa, bara, jaarraafi kkf)

C. Miiraa namfakkii yeroofi bakka isanii ibsuu


Fakeenyaaf, Gammachuu, gadda, sodaa, naasuu,
inaaffaa, bashannanuu, kolfuu, boo`uu, shakkii,
fi kkf
• D. Dimma hawaasummaafi aadaa naannoo
yoomesichaa agarsiisuu.
• Fakkeenyaaf: uffannaa, meeshaalee ittiin
faayaman, akka itti waliigalan, fikkf

• Isaan kana gagarsiisuuf iti fayyadamni jechootaa


gahee guddaa qabaachuusaa dagatamuu hin qabu.

• Isaan kana ibsuuf, wantootaa waldoregomsiisuun,


wal-fakkeessuu, bakka buusuun,
• qabatamaa taasiisuufi akkasumaas suura sammuu
dubbisaa keessattii kaasuun barbaachisaa dha.
2.2.3. Namfakkii Uumuu
• Namfakkiin abbaa seenaati.
• Bakkaa bu`aa namoota addunyaa kana.

• Barreessaan tokko namfakkii kan tolchu


hubannoofi muuxannoo ofiirraa fi namoota
naannoo isaarraa ka`uu dhaan.

• Namfakkiii uumuu jechuun eenyummaa namfakkii


sadarkaa: hawaasummaa, xiinsammuu,
dhaabbiitiin ibsuu jechuu dha.
Sadarkaaleen namfakkiin itti tolfaman
• Sadarkaa dhaabbiitiin (bifaan) (Physical level of
characterization)

• Sadarkaa xiinsammuu (Psychological level of


characterization)

• Sadarkaa hawaasummaa (Social level of


characterization)
A. Sadarkaa dhaabbii
• Sadarkaa kanaatiin uffannaa, saala, bifa (diimaa,
gurraachaa, funyaan qajeelaa, godeettii, godeessa),
dhaabbii (furdaa/furdoo, dheeraa, gabaabaa, qal’aa)
jechuudhaan dhaabbiin namfakkii sun maal akka
fakkaatu ibsama.

• Yeroo akkanatti namfakkii tolchinu duraa duubaan


ibsuub barbaachisaa dha.

• Yoo akkas ta`uu baate suura dubbisaa keessattii uumuu


barbaadame uumuun hundanda`amu.
B. Sadarkaa Xiinsammuu
• Sadarkaan ibsa namfakkiin kun kan inni irratti
xiyyeeffatu irra caalaa wantoota qabatamaa
hintaane irratti.

• Kana jechuunis, dhimmoota fedhii, miiraafi yaada


keessoo irraatti bu’uureffachuun namfakkii ibsuu
yookiin tolchuudha..
• Kanaaf, xiyyeeffannoon isaa hawwii, fedhii, jibba,
jaalala, ejjennoofi amantaa dhuunfaa ilaallata.

• walumaagalatti yaadotaafi miiroota sammuu


namfakkii keessatti naanna’an / daddeebi`an dha.

• Isaan kunneen qabatamoo waan hintaaneef


gochaafi dubbii namfakkiileen mul`ifamu.

• Sadarkaan kun sadarkaalee dhaabbiifi


hawaasummaa caalaa hawwataa akka ta’e
barreessitoonni hedduun ni dubbatu.
C. Sadarkaa Hawaasummaa
• Sadarkaan kun ammoo namfakkiin hariiroo
namootaafi hawaasa waliin qabu kallattii ittiin
ibsamu dha.

• Kanaaf namfakkii sadarkaa hawaasummaatiin


ibsuuf,
• hariiroo hawaasa waliin qabu,
• gahee hawaasa keessattii qabu akkasumaas
• hariiroo namootaa waliin qabu ilaaluun
barbaachisaadha.
• Haala kanaatiin qabxiileen as keessatti
hammataman akka fakeenyaatti ilaaluun ni
danda`ama.
A. Sadarkaa barnootaa
• barateera immoo hin barannee;
• yoobarate dirrii barnootaafi sadarkaa barnootaa
B. Haala gaa`ilaa
• yookiin fuudheera immoo hin fuune;
• yoo heerumte/yoo fuudhe bultii isaa/bultii ishee
maal fakkaataa?
• Kanaaf, barreessaan namfakkii tokko yommuu
tolchu,
• ka’umsi isaa muuxannoo jireenya ofii isaa,

• Amala, gochaafi dhaabbii namoota naannoo


isaatti argaman irraa ka`uun tolcha.

• Kana jechuun immoo waa’ee isaa yookiin waa’ee


namoota akkuma jirutti ni barreessa (copy) godha
jechuu miti.
• kalaqa yaada sammuu ofii itti dabalee bifa adda
ta’eetiin dhiyeessa.
• Barreessaan tokko namfakkii tokko yommuu
tolchu, gaaffilee armaan gadii deebisuu qaba.
Isaanis,
• Maqaansaa/ishee eenyu?
• Umriinsaa/ishee meeqa?
• Teessoon ishee/ishee eessa?
• Maal fakkaataa/ttii (dheera, gabaabaa, diimaa,
magaala)?
• Uffannaa akkamii jaalataa/jaalatti?
• Hojiin isaaa/ishee maali?

• Nyaata isheen/inni jaalatu maalii?

• Wanti ishee/isa gammachiisu maali?

• Maatiin ishee/isaa maal fakkaatu?

• Wanti isheen/inni jibbu maali?

• Wanti ishee/isa gaddisisu maali?


• Wanti ishee/isa gammachiisu maali?

• Amantiin isaa/ishee maali?

• Hanqinni isaa/ishee maali?

• Naannoon keessa jiraatu/jiraattu maal fakkaata?

• Naannoo inni/isheen keessatti hojjettu maal


fakkaata?
• Hiriyaan ishee/isaa eenyu?

• Ciminni ishee/isaa maali?

• Heerumteetti/fuudheera?

• Ijoollee qabdii/qabaa?

• Bultiin ishee/isaa maal fakkaata?

• Ilaalchi aadaa hawaasaaf qabu/qabdu maal


fakkaataa?
• Icciitiin isheen qabdu yookiin inni qabu maali?

• Hawwiin isaa/ishee maali?

• Kaayyoon isaa/ishee maali?

• Yeroo boqonnaa isaa/ishee eessatti


dabarsa/dabarsiti?

You might also like