Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 75

Biiroo Dalalaa

Oromiyaa

Labsii galmeessaa daldalaa fi heyyamaa


lakk.980/2008 fi 1150/2011 kan isaa
foyyeessuf bahe
Seensa

Sirna tajaajila galmeessa fi kenna hojii heyyama daladala


haqaa qabeesa, hamayya’a, saffisaa fi dhaqabama
godhuudhan hawwassin daldalaa fi umman sirna daldalaa
irraa tajaajila eegatuu akka argatu qaawa seeraa fi hojimataa
duuchun itti qufinsaa guudisuun dinagidee biyyaatii hunda
keessatti gahee ofii akka taphatuu godhun waan
barbachiseef,
Galmeessa fi kenninsa heyyamaa daldalaa teekinoolojii
amayya’an akka irkifamu gochuun sirna daldala qabinsa
ragaatti akka mija’uu,sochii seeraan alaa ittisu akka
dandeesisu,mootuumma,hawwassin fi qamoon dhimmii
ilaalatu raga barbachisa akka argatan godhuun barbachisa
ta’e waan argameef,
Kan itti fufe…

• Sirna daldala iftoomina, itttigafaatamuma fi bulchiinsi


gaariin kan itti mirkanayee godhuudhan muldhata
biyyaatti mirkaneessu akka danda’uuti biyyaatin seeraa
galmeessa fi heyyama amayya’aa akka qabatuu godhuun
waan barbachiseef bu’uura heeraa mootuumma
ripaabuulikaa deemookiratawwa feederaalaa Itiyoophiyaa
keewwata 55(1)tiin ka itti anuu labsameera.
Kana malee seensa labsii galmeessa fi heyyama 1150/2011
labsii 980/2008 fooyeessuf bahe irratis
• Kennisa tajaajila galmeessa fi heyyama salpha, safisaa,
bassii quusataa, hamayyaawwaafi dhaqabama
godhuudhan biyaatiin hojii daldala jalqabuuf mijooftuu
akka taatuu godhuudhaf akka ta’ee ibsameera.
Kan itti fufe…

Kutaa tokko
Tumaa waliiigalaa
1.Mata duree gabaabaa.
Labsiin kun labsii galmeessaa daldalaa fi
heyyama lakk.980/2008 fi kan isaa fooyeessuf
bahe lakk.1150/2011 jedhamee caqasamuu
akka danda’u ta’era.
Kan itti fufe…

2.Hiika
2(1)”Seera daldalaa” jechun seera daldala itiyoophiyaati.
2(2) “Daldaalaa” jechuun daldala hojii ogummaa isaa godhatee
faayidaa malu argachuuf seeraa daldalaa fi qajeelfama gita kenna
hojii heyyama daldalaa keessat kan tareefaman hojiillee kamiyyuu
nama hojeetuu ta’a.

2(3) “Hojii daldalaa” jechuun bu’uura keewwata kanaa keewwata


xiqqaa(2) hiikameen daldalaan hojii hojjetu hojii kamiyyuu ta’a.
2(4) “Tajaajila” jechuun mindaa ykn kaffaltii ogummaa guyyaa osoo hin
taane galii kan argamsiisu hojii daldalaa tajaajila kam iyyuu ta’a.
Kan itti fufe…

2(5)” Daldala biyyaa keessaa” jechuun akkuma rogumma isaatti


Itiyoophiyaa keessati meeshaa daldala jimilaan ykn
qinxaaboon guurguru ykn tajaajila kennuu ykn beeylada
dhabbii Oomishaa irraa bitan ykn furidissan gabaadhaf waraa
dhiyeessan kan dabalatuu ta’a.
2(6)”Daldala Biyya alaa” jechuun gurgurtaadhaa kan ta’an
meeshaa daldalaa fi tajaajiloota biyya keessaa gara biyya
alaa erguu ykn biyya alaa gara biyya keessaa hojii daldalaa
fichisiisuu ta’a.
2(7) “Bakka bu’aa daldalaa” jechuun Daldalaa walin akka
hojjeetu waliigalteen nama qacaaramee otoo hin tanee
daldalaa ta’e ofii danda’e iddoo itti hojjeechuuf murtayeet
maqaa daldalaatin bakka bu’aa ta’ee waliigaltee akka
rawwatuu nama bakka bu’umman keennamef ta’a.
Kan itti fufe…

2(8)“Meeshaalee daldalaa” jechuun maallaqaa fi sanadoota


maallaqummaa qaban alaa kan bitamu ykn gurguramu
ykn kireeffamu ykn haala biraatiin namoota jidduutti
hojiin daldalaa kan ittiin geggeeffamu meeshaalee
socho’an ta’a.
2(9)“Akka kiyaat” jechuun Iddoon jireenyaa waajjira
bakka buusaa waldaa daldalaa ykn daldalaa biyya itti
argamu kan hin taanee fi waldaa daldalaa ykn daldalaan
bu’uura waliigaltee hojii raawwateen waldaa daldalaa
ykn maqaa daldalaatiin fi bakka bu’aa ta’ee daldalaa otoo
hin taane hojii daldalaa babal’isuu nama raawwatu ta’a.:
2(10) “Maqaa daldalaa” jechuun daldalaan tokko hojii
daldalaatiif kan itti fayyadamuu fi hawaasa biratti maqaa
ifaan itti beekamu ta’a.
Kan itti fufe…

2(11)”Maqaa dhaabbata daldaalaa”jechuun Dhaabbanni daldalaa


tokko galmeessaa daldalaatiif kan itti fayyadamu, waajjira
galmeessaa fi garee 3ffaan maqaa seera qabeessummaa
qabaachuu ittiin beekamuu ta’a.(waraqaa ragaa seeraa
qabeessuma kan itti argatu)
2(12)“Heyyama hojii daldalaa ragga’e” jechuun bu’uura labsii
kanaa tiin heyyama hojii daldalaa bara baajataa keessa
kenname ykn haarome ykn bu’uura labsii kanaa tiin yeroon
adabbii malee haaromfamu kan itti hin darbin ta’a.
2(13)”Industrii” jechuun hojii daldalaa kamiyyuu ta’e humna
mootoraatiin kan socho’an ykn meeshaa biraatiin meeshaa
daldalaa oomishuuf kan tajaajilan galteewwan hojii
oomishuu,tajaajila injinaringii kan biraa tajaajila kennamu
kamiyyuu fi lafa qabiinsa qo’annoo ni haammata.
Kan itti fufe…

2(14)‘’Hojii Oomishuu’’ jechuun Industirii keessati kan


rawwatamu hojii qindeessu,jijjiiruu, walitti hodhuu,ykn
qopheessu ykn misooma qonnaa ykn albuuda barbaaduu fi
misoomsuu ykn Oomishuu ni dabalata.
2(15)”Tajaajila Injinaringii”jechuun Meeshaa industiriif
tajaajilan ykn Eleektirikaa ykn Meeshaa Eleektirooniksii ykn
Meeshaa walfakkaatu biraa suphuu,haaressuu ykn gorsa
ijaarsaa, bulchiinsa ijaarsaa,tajaajila meeshaa dhaabuu fi
gorsuu,tajaajila gorsaa dursaa dizaayinii , tajaajila injinariingii
dizaayinii, tajaajila to’annoo ykn kan kana fakkaatan dabalata.
2(16) “Abbaa qabeenyaa biyya keessaa”jechuun lammii
Itiyoophiyaa kaapitaala isaa hojii daldalaa irra kan oolchee ykn
akka abbaa qabeenyaa biyya keessaatti akka lakkaa’amu abbaa
taayitaa roga qabuun lammii biyya alaa heyyamameef ta’a.
Kan itti fufe…
2(17)”Abbaa qabeenyaa biyya alaa” jechuun kaappitaala isaa
gara Itiyoophiyaa galchuudhan bu’uura labsii invastimantitiin
damee hojii daldalaa heyyamameef irraatti invastii kan godhee
lammii biyya alaa ykn guutummaan guutuutti dhaabbata
abbaan qabeenyumma isaa lammii biyya alaatiin kan qabame
ykn abbaa qabeenyaa biyya keessaa waliin qindayuun
Itiyoophiyaa keessatti dhaabbata hundeeffame invasti kan
godhe lammii biyya alaa ykn dhaabbata jechuudha.
2(18)”Hojii daldalaa hin mallee” jechuun Gocha kamiyyuu
tumaalee seera daldalaa irraa darbu ta’a.
2(19)”Misooma Qonnaa” jechuun misooma Biqiltuu kamiyyuu
ykn misooma Beeyladaa fi Qurxxummii ykn hojii daldalaa
bu’aa Beeyladaa misoomsuu ta’a.
2(21) “Waajjira galmeessaa” jechuun galmeessaa daldalaa fi
maqaa daldalaa kan raawwatu abbaa taayitaa roga qabu
jechuudha.
Kan itti fufe…

2(22)” Fichisiisaa” jechuun meeshaa daldalaa fi tajaajiloota


biyya alaatii gara Itiyoophiyaatti nama fichisiisu ta’a.
2(23)”Eergaa” jechuun meeshaa daldalaa fi tajaajila
Iitiyoophiyaa irraa gara biyya alaa nama erguu ta’a.
2(25)” Daldala Jimilaa” jechuun meeshaa daldalaa omisha ykn
fichisiisaa irraa bitee dadalaa qiinxaaboof ykn dhabbilee
mootummaa fi miti mootummaa ykn waldaalee hojii
gamtaatti jimilaadhan kan gurguru nama kamiyyuu ta.a.
2(26) “Daldalaa qinxaaboo” jechuun meeshaa daldalaa
Oomishitoota , fichisiistota ykn daldalaa jimilaa irraa bitee
bittata ykn fayyadamadhaf kan gurguru nama kamiyyuu ta’a.
2(27)”Dhaabbata misooma Mootumma federaalaa” jechuun
dhaabbata misooma seeraa roga qabuun hundeeffamee ykn
Aksiyoononni hunduu Mootumma federaalaatiin dhaabbata
daldalaa qabame jechuudha.
Kan itti fufe…

2(28) ”Dhaabbata misooma Naannolee” jechuun bu’uura


seera Mootummaa Naannootiin kan hundeeffamee ykn
Aksiyoononni hunduu Mootummaa Naannootiin
dhaabbata daldalaa qabame jechudha.
2(29) “Meeshaa daldalaa bu’uura ykn tajaajila” jechuun
Gabaa irratti hirdhina uumamuu isaatiin hojii daldalaa
dorggommii hin malle hordofsiisuu danda’u fedhii
bitattoota guyya guyyaa waliin kan wal qunnamee
meeshaa daldalaa ykn tajaajila ta’e qaama dhimmi
ilaallatuun meeshaa bu’uuraa ykn tajaajila jedhame
beeksisa ummataatiin kan ibsamu meeshaa daldalaa ykn
tajaajila ta’a.
Kan itti fufe…

*2(30) ”Waraqaa ragaa mirkaneessaa gahumsaa” jechuun


bu’uura qajeelfama ministeerri baasuun hojii daldalaa
muraasa roga qaban bu’uura labsii kanaa fi seeroota
biroo roga qabanitiin gahumis barbachisan guutamuu
mirkanayee seekitaraa mootuuma dhimmi ilaalatuu irraa
waraqaa raga kennamu ta’a.
2(31) ”Manneen marii daldalaa fi seektaraa” jechuun
daldaltoonni faayidaa waliin eegsifachuuf sadarkaa
sadaarkaadhan bu’uura seeraa biyyaatiin mana marii
hundeessan ta’a.
2(32) ”Waldaa seektaraa” jechuun Oomishtummaan ykn
tajaajila kennamuun damee daldalaa bifa tokko irratti
daldaltoota bobba’an ykn saala bu’uura godhachuun ykn
haala kamiinuu daldala irkisuuf waldaa gurmayaanidha.
Kan itti fufe…

2(33) ”Waliigaltee Firaanichaayizi” jechun maqaa daldala


Oomisha ykn tajaajila beekamitti argatee
fayyadamudhan gaggeessuma abbaa Oomisha ykn
tajaajila amala fi muxannoo hojichaa qoduuf
Firaanichaayizaar fi Firaanchaayizii jiduuti fayidadhaf
jedhame waliigaltee godhamuu ta’a.
2(34) “Qajeelfama gita kenna hojii heyyama daldalaa
Itiyoophiyaa” jechuun Itiyoophiyaa keessat gitoota hojii
heyyamin daldalaa irrat kennamuu bifaa hojii daldalaa fi
tareefama ibsa fi rawwatinsa biyoolleessa kan qabu
qajeelfama minsteerichaan bahuu ta’a.
2(35) “Qabeenya” jechuun qabeenyaa sochoo’u fi kan hin
sochoone ta’ee mirga qabeenyaa kalaqa sammuutis ni
dabalata.
Kan itti fufe…
2(36)”Tarkaanfii bulchiinsaa” jechun Abbaa taayitaa roga
qabuun kan fudhatamu akeekachiisa barreeffamaa, saamsaa,
dhorkaa, haqiinsa ykn tarkaanfii kana fakkaatan ni dabalata.
2(37)” Bittaa fi gurguurtaa sadarkaa waliigitu raawwatamu”
jechuun daldalaan jimilaa, daldala jimilaa ykn daldalan
qinxaboo daldala qinxaboo waliin kan godhu bifa bittaa fi
gurgurtaa ta’a.
2(38)”Seektara Mootumma roga qabu” jechuun raga waraqaa
gahumsaa kan kennu ykn hojii wal fakkaataa kan raawwatu
waajjira qaama raawwachiisaa ta’a.
2(39)“Kubbaaniyyaa” jechuun waldaa itti gaafatamummaan
isaa murtayee ta’a.
Kan itti fufe…

2(40)”Holding kubaniyaa”jechun walda ittigaafatamuuman isa


murtayee lama fi isaa olii kan hammate ta’e waraqaan
galmeessa raga kan kennamee fi kubaaniyaa holdaridhan
gaggeefamu ta’a.
2(41)”Daldala daangaa” jechun Biyoota daangaa Itiyoophiyaa
dangeessan waliigaltee lamanitiin ykn murtee dhunfatin namoon
ykn daldaltoon nannoo daangaa jiratan ministeerichii bu’uura
qajeelfama daldalaa daangaatiin murteessun daangaa biyyaattin
ala dabalatee halaa addaatin kan itti daldalaan hojii daldala ta’a.
2(42) “Baraa bajeeta” jechuun akka lakkofisa Itiyoophiyaati
Adoolleessa 1 hangaa Waxabajjii 30 yeeroo jiruu ta’e ykn
daldalaan bareeffama hundeefama fi dambii ittin bulmataa
mirkanayee irratti ykn halaa biraatin yeeroo itti murteesse bara
kana bu’uura godhatee ta’a.
2(43) ”To’ataa” jechun hojiileen daldalaa seera eegan hojeetama
jirachuu akka to’atuu abbaa taayita roga qabuun nama
Kan itti fufe…
2(44) “Abbaa Taaytaa rogaa qabuu” jechuun Minsteeraa daldalaa fi industrii
ykn qamaa nannoo daldalaa bulchuuf seeraan angoon kennameef ta’a kan
jedhuun bakka bu’eera.

4.Keewwan labsii 980/2008 2(45) haqamee keewwatta haraa labsii 1150/2011

2(45) tiin bakka bu’eera.Minstirii ykn minteera jechuun mintrii ykn minteera

daldalaa fi induustrii jechuudha.


*2(46)” Nannoo” jechun bu’uura Heeraa mootumma feederalaa
keewwata47(1)tiin kan caaqafaman nannoolee kamiyuu yoo ta’u bulchiinsa
magaalaa finfinnee fi diree dawwaa ni dabalata.(Nannoo Sidamaa) hin
dabalatuu?(47(2) walin ilaaluu.
2(47)Nama jechuun nama uumamaa ykn qamaa mirgaa namuumaa seeraan
argatee ni dabalata.
2(48) kan korinyaa dhiiraan ibsamee dhalaas ni dabalataa
3.Dangaa rawwatinsa.
Labsiin kun hojii daldala keewwatta 21(4) eramanin (caaqafamanin) ala
daldaltoota,walda seektaraa, Akka kiyaa fi nama kamiyuu hojii daldala
irraati booba’ee hojeetuu irrati rawwatinsa ni qabata.
Kan itti fufe…
4.Hojii fi ittigaafatamumma abbaa taayitaa roga qabu
4(1)Ministeerichi raawwii biyyoolessaa kan qabaatu
galmee galmeessaa fi maqaa daldalaa jiddugaleessa
bu’uura labsii kanaatiin ni hundeessa,ni bulcha
ummataaf akka banaa ta’u ni godha.
4(2)Ministeerichi galmeessaa maqaa fi daldalaa ni
raawwata.
4(3) Qaamonni Naannoo daldala bulchanii fi komishiinin
invastimanti bu’uura ministeericha irraa bakka
bu’uuma kennamun galmeessa daldala fi maqaa
daldalaa rawwachu ni danda’uu.
Kan itti fufe…

4(4) Ministeerichi galmeessa daldala fi maqaa daldala


galmeesse kuusaa daataa odeefannoo keessati ni
galchaa,qamin nannoo daldala bulchuu fi koomishinin
invastiimantis raga bakka bu’uuman galmeessan garaa
kuusaa daataa odeefannoo jiduu galeessati ni dabarsu.
4(5) Ministeerichi haala addaatiin mirga seera
qabeessummaa fi waraqaa ragaa addaa qaamota
kennamaniif kanuma kan ibsu waraqaa ragaa ni kenna.
4(6) Ministeerichi waldaa seektaraa sadarkaa fedraalaatti
hundeeffaman galmeessuun waraqaa ragaa seera
qabeessummaa ni kenna,Qaamni naannoo daldala
bulchu waldaa seektaraa sadarkaa naannootti
hundeeffamu galmeessuun waraqaa raga seera
qabeessummaa ni kenna.
Kan itti fufe…
4(7) Ministeerichi sadarkaa fedraalaatti gitoota hojii
daldalaa heyyamni itti kennamu heyyama hojii daldalaa
ni kenna,qaamni naannoo daldala bulchu sadarkaa
naannootti gitoota hojii daldala heyyamni itti kennamu
heyyama hojii daldalaa ni kennu.
4(8) Abbaan taayitaa roga qabu qaamota dhimmi
ilaallatuu fi namoota biroo gaaffii dhiheessani akkuma
barbaachissumma isatti odeeffannoo daldalaa ni kenna.
4(9) Ministeerichi Qajeelfama gitoota kennaa hojii
heyyama daldalaa ni qopheessa,hojii irra ni oolcha ykn
akka hojii irra ooluu ni taasisa.
Kan itti fufe…

4(10) Ministeerichi gitoota hojii daldalaa mirkaneessa gahumsa


barbaachisuuf waajjiraalee mootummaa seektara dhimmi ilaallatu
waliin ta’uun adda baasa, ulaagaan akka qophayu fi waraqaa ragaa
gahumssa akka kennamuuf ni qindeessa, gitoota hojii daldalaa
angoo isaa jala olaniif waraqaa ragaa gahumsaa ni kenna.
4(11) Abbaan taayitaa roga qabu labsicha raawwachiisuuf dambii fi
qajeelfama bahe namoota ykn daldaltoota irra darban argaman
irratti tarkaanfii bulchiinsaa ni fudhata,barbaachisaa ta’ee yoo arge
ammo tarkaanfiiwwan seeraa qaamota biraatiin akka fudhatamu ni
godha.
4(12)Abbaan taayitaa roga qabu daldaltoonni hojii waraqaa ragaa
irratti ibsame karaa sirriidhaan raawwataa jiraachuu isaanii
to’annoo fi hordoffii dursaa fi heyyama boodaa ni godha.
4(13) Abbaan taayitaa roga qabu hawwassa daldalaa fi qamoota
dhimmi ilaalatuu deegarssa humina dandeet fi kan biroo ni kenna.
Kan itti fufe…
4(14)Abbaan taayitaa roga qabu labsii kanan,bu’uura labsii
kanaatii dambii fi qajeelfamoota bahan hojiirra oolaa jiraachuu
kan hordofan to’attoota ni ramada.
4(15) Minteerichi bu’uura labsii kanatiin bakka bu’uuma kenne
rawwii isaa to’annoo fi hordoof ni tasisa.
4(16) Abbaan taayitaa roga qabu angoo isaa jalat kan kufuu
tuummalee labsii kana dambii fi qajeelfama hojii irra ni olchaa
ykn ni rawwachiisa hojiilee biraa wali fakkatan ni rawwata.
Labsii 980/2008 keewwatta 4 (16)t anee keewwan haraa xiiqan
(17) itti dabalameera.
4(17)Mani hojii Minsteerichaa tajaajiloota galmeessa fi heyyama
daldalaa mandhee(maddoota) oddeefannoo quunamit fi
teekinoolojii fayyadamuun tajajilamtoon garaa tajajilaa kenna
qamaan osoo hin dhufin tajaajiloota akka argatan fi adeemssa
sadarka isaa biyaat ni diriirssa akka rawwatamuus ni godha.
Kan itti fufe…
Kutaa lama
5.Galmee daldalaa irratti galmaa’uu
5(1)Namni kamiyyuu otoo galmee daldalaa irratti hin galmaa’in
heyyama hojii daldalaa kamiyyuu argachuu hin danda’u.
*5(2)Namni kamiyyuu galmee galmeessaa daldalaa irratti kan
galmaa’u waajjirri muummee isaa bakka argamutti.
5(3) Namni kamiyyuu naannolee adda addaa irratti hojii daldalaa
adda addaa kan hojjetu yoo ta’e llee galmee galmeessa daldalaa
irratti kan galmaa’u yeroo tokko qofa.
5(4)Namni kamiyyuu iddoo adda addaatti waajjira damee isaa
banatu hojii otoo hin jalqabin dura iddoo dursaan itti
galmaa’eetti waajjira damee isaa galmeessisuu fi iddoo waajjirri
damee isaa itti argamutti kan argamu waajjira galmeessaa
battalumatti beeksisuu qaba.
Kan itti fufe…

5(5) Bu’uura seera daldalaatiin namni kamiyyuu yeroo


galmee galmessaa daldalaa irratti galmaa’u maqaan
dhaabbata daldalaa isaa faayidaa daldalaa biroo waliin
kan walitti hin buune ta’uu mirkaneeffachuun galmee
galmeessaa daldalaa keessatti galchuu qaba.
5(6)Waldaa daldalaa barreeffama hundeeffamaa fi dambii ittiin
bulmaataa akkassumass fooyya’iin fi jijiiramin qamoota
tajaajila galmeessa fi heyyama keessat kan hundeefamuu
jiduu gala tajaajila iddoo tokkot qamin sanadoota
mirkaneessuf angoon seeraan kennameef ogeessa ramaduun
akka mirkana’uu ni godha.
Kan itti fufe…

5(7) Hundeesitootni waldaa daldalaa ykn miseensotni barreeffama


hundeeffamaa ykn dambii ittiin bulmaataa mallatteessuun dura maqaa
daldala isaanii daldalaa biraa tiin kan hin qabamne ta’uu dursanii waajjira
galmeessuu iyyataan mirkaneessuu qabu.
5(8) Dhaaltotni nama hojii daldalaa irratti bobba’ee fi hiriyaan gaa’eelaa hojii
daldalaa itti fufuuf waldaa daldalaa hundeessuuf yoo hin barbaane dhaaltota
keessaa tokko ykn hiriyaan gaa’eelaa dhaaltoota biraa fi ykn hiriyyaan
gaa’eelaa bakka bu’ummaa kennamuufiin galmee galmeessa daldalaa irratti
galmaa’uu ni danda’a.
5(9) Tilmaama buusii waldaa daldalaa keessatti bifaan godhame hundeesitootni
waldaa daldalaa ykn miseensotni waliigaltee godhaniin kan murtaa’e ta’uu
barreeffama hundeeffamaa ykn fooyya’iinsa isaa keessatti ibsamuu qaba.
Kana malees keewwan haraan 5(10)Qamoota tajaajila galmeessa fi heyyama
kennan keessat kan hundeefamuu jiduu gala tajaajila iddoo tokkot
lakkaffisa kafalaa gibiraa kennuf qamin angoon seeraan kennameef
ogeessa ramaduun hojiin akka hojeetamuu ni godhuu kan jedhu
dabalameera.
Kan itti fufe…
6.Galmee daldalaa gaggeessuu
6(1)Iyyannoon galmee daldalaatiif dhiyaatu uunka dhimma
kanaaf qophaa’e guutuu fi bu’uura labsii kana
raawwachiisuuf dambii fi qajeelfamootaan sanadoota
gaafataman walitti qabsiisuun guyyaa hojiin daldalaa ni
jalqabama jedhamee tilmaamamuun dura dursee dhiyaachuu
qaba.
6(2)Iyyannoon galmee daldalaa irratti na galmeessaa kamiiyu
yoo fudhatama kan argatu ta’ee argamee waajjirri
galmeessaan kaffaltii tajaajilaa kaffalchiisuun galmeessaa
raawwachuudhaan waraqaa ragaa galmeessaa daldalaa
batalumatti iyyata ni kenna,haata’uutii gaaffiin na galmeessaa
fudhatama kan hin qabne yoo ta’e kufa gochuudhan sababa
isaa ibsuun iyyata barreeffamaan batalumatti beekisisuu qaba.
Kan itti fufe…

*6(3) Abbootiin qabeenyaa biyya alaa dame albuudaa irratti


bobba’an dhaabiileen misooma mootummaa federaalaa,akka
kiyaan dhaabbata daldalaa, daldaltoonni biyya alaa caalbaasii
akka addunyaatti mo’atanii biyya keessa galan, dhaabbata
daldalaa hundeeffamee jiru bitee daldalaan biyya alaa
akkuma jirutti hojii daldalaa geggeessuuf barbaadu, seerota
biraatiin hojii daldalaa akka hojjetan waldaaleen
heyyamameef, waldalen seektara sadarkaa federaalaatti
hundeeffaman akasumas ministeerichaan itti amanamee kan
heyyamameef waajjirri dameen waldaan seektaraa mana
marii daldala biyya alaa ministeerichatti galmaa’u.
6(4)Mootummaa Naannootiin kan hundeeffaman Dhaabbileen
Misoomaa fi Waldaaleen Mana Marii sadarkaa sadarkaan
gurmayaan qaama naannoo daldala bulchu biratti galmaa’u.
Kan itti fufe…
6(5)Minsteerichi heyyama kan itti kennu hojii daldalaa
irraatti bobbaa’u kan barbaadu namin kamiyyuu galmee
hojii daldalaa irraati galmayuuf kallattiin
ministeerichaatti iyyachuu ni danda’a.
6(6) Daldalaan dhuunfaa ykn waldaan daldalaa galmee
galmeessaa irratti akka hin galmoofne mormiin bu’uura
seeraa tiin dhiyaatu galmee daldalaa irratti akka hin
galmoofne dhorkisiisuu ni danda’a.
7.Yeroo galmeen itti ragga’uu fi seera qabeessummaa
waldaalee daldalaa
7(1)Waldaaleen daldalaa seera qabbeessummaa kan
argatan galmaayuun ta’a.
Kan itti fufe…
7(2) Daldalaan dhunfa ykn waldaleen daldalaa yoo hundeefaman ykn
bu’uura labsii kanatiin waraqaan raga galmeessa namoota kennamuuf
Abbaan Taaytaa rogaa qabuu mandhee(maddoota) oddeefannoo
quunamit fi teekinoolojii dhaqabamaa ta’an fayyadamuun ragaalee
galmeessa fi heyyama ifaa ni taasisa.
7(3) Galmeen waldaa daldala uummataa banaa ta’u qaba,garee 3ffaanis
galmee ilaaluu danda’u.
7(4)Galmeessii daldalaa kamiyuu kan ragga’u bu’uura tumaa labsii
kanaatiin iyyataan gaafa galmee daldalaa irratti galmayee kaasee ta’a.
8.Ragaalee fi sanadoota galmeessaa dabarsuu
8(1) Qaamonni Naannoo daldalaa bulchan ykn Komishiiniin
Invastimeentii Itoophiyaa bu’uura labsii kanaatiin akkuma
galmeessaa gaggeessaniin rgaa galmeessaa karaa kuusii daataa
odeeffannoo dhimma kanaaf ministeerichi qopheessuutiin
battalumatti dabarsuu qabu.
Kan itti fufe…

8(2) Ministeerichi bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1)


tiin ragaa darbee fi ofii isaa tii kan galmeesse batalumati galmee
galmeessa giddu galeessaa irratti galchuu qaba.
9.Lakkoofsa addaa kaffalaa gibiraa
9(1)Waajjirri galmeessaan waldaa daldalaa fi akka kiyaa daldalaa
galmee daldalaa irraatti galmaayuun dura lakkoofsi addaa
kaffalaa gibiraa akka kennamuuf qaama gibira kaffalchiisu
xalayaan ni gaafata.
9(2) Qaamni gibira kaffalchiisu waldaa daldalaa fi akka kiyaa
daldalaa lakkoofsa addaa kaffalaa gibiraa kenneef waajjira
galmeessaa ni beekisisa.
9(3) Waajjirri galmeessaan qaama gibra kaffalchiisu irraa lakkoofsa
addaa kaffalaa gibiraa kennamu daldalaa ykn akka kiyaa
daldalaa iyyannoo na galmeessaa dhiyeeffatee galmee daldalaa
irraatti ni galcha.
Kan itti fufe…

10.Fooyya’iinsa ykn jijjiirama galmeessaa daldalaa


Keewwan labsiicha 10(1) haqamee keewwatta haraa xiiqaa (1) bakka bu’eera.
10(1)Jijiramin ykn Fooya’insi galmeessa kamiyyuu bu’uura seeraa
daldalaatiin qophayuu mirkaneefachuun qamin galmeessan galmeessuu
qaba.
*10(2)Fooyya’iinsa ykn jijjiiramin galmeessisuuf iyyannoon dhiyaatee
fudhatama yoo argate qaamni galmeessu guyyaa fudhatama argatee
fi fooyya’iinsaa fi jijjiirama galmee daldalaa irra gale ifaan
ibsuudhan iyyataa fi qaamota dhimmi ilaallatu barreeffamaan
mirkaneessaa kennuu qaba.Ragaan barreeffama mirkaneessaa kun
yoo kennamu baate fooyya’iinsi ykn jijjiramin dhiyate kun akka
galmee daldalaa irratti galetti hin lakkayyamu.
*10(3) Qaamni galmeessu seeraan ala jijjiirameera ykn fooyya’eera
jedhee kan itti amanee galmeessa daldala fooyya’iinsa ykn jijjiirama
haquudha fi kanuma iyyataan akka beeku baldhinaan barreeffamn
ibsuu ni danda’a.
Kan itti fufe…

N.B*10(4)Bu’uura labsii kanaatiin ulaagaaleen galmeessaa


daldalaatiif taa’an akkuma barbaachisummaa isaatti
fooyya’iinsa ykn jijjiirama galmeessaa daldalaatiifs
raawwatiinsa ni qabatu.
11.Galmeessa daldalaa haquu
(1)Bu’uura seera daldalaatiin galmeessa daldalaa haquuf
(keewwaatoota 112-114)kan tumaman akkuma eegametti ta’ee
A) Daldalaan sababa kamiinyyuu hojii daldalaa yoo dhiise,
B) Daldalaan daldala gaggeessuu akka hin dandeenye tarkaanfiin
bulchiinsaa yoo itti fudhatame ykn Mana Murtiitiin yoo itti
murtaaye.
C) Daldalaan ragaa ykn sanada sobaa dhiyeessuun kan galmaa’e
yoo ta’e.
D) Daldalaan labsii kana ykn dambii fi qajeelfama labsii kana
raawwachisuu irra yoo darbe.
Kan itti fufe…

*Keewwan labsiichaa 11(1)(e) (2) fi (8) haqaman jiru.


*keewwatta xiqaa 11 (3) hangaa (7) kan jiran waliidura duuba keewwatta
xiiqaa (2) hangaa(6)ta’an walii jalaa siiqan jiruu.
11(2) Bu’uura keewwata1(a)tiin galmeessi daldala kan jalaa haqame
daldalaan yeroo kamiyyuu galmeessuuma daldalaa san deebi’ee
galmaa’uu danda’a.
*11(3)Bu’uura keewwata kana xiqaa 1(b)tiin haqiinsa galmeessa daldalaa
godhuun dura waajjirri galmeessaan daldalaan yaada mormii yoo qabaate
akka dhiyeeffatu teesso galmeesiseen xalayaadhaan beeksisuu qaba.
11(4)Daldalaan gaafa xalayaan dhaqabee kaasee guyyaa 30(soddoma)
keessatti yaada mormii yoo dhiyeeffachuu baate ykn yaadni mormii
daldalaa bu’uura seeraa kan hin qabne ykn teessoo galmeeffateen yoo
argamuu baate galmeessi daldalaa ni haqama.
11(5) Sababoota bu’uura kewwata kana kewwata xiqaa (1) dabaree qubee
(b),(c),ykn (d)tiin daldalaan galmeessii daldalaa jalaa haqame akka hin
galmoofne adabbiin bulchiinsaa ykn murtiin mana murtii yoo jiraate malee
galmeessa daldalaa irra deebiin galmaa’uu ka danda’u gaafa haqamee
kaasee kan herreegamu waggaa tokko booda ta.a.
Kan itti fufe…

11(6)Haqiins waldaa daldalaa itti gaafatamuuman isa murtayee kan


ragaa’uu abbaan tayyita rooga qabuu haqiinsichaa oddeefannoo
quunamit fi teekinoolojii dhaqabamaa ta’an fayyadamuun gaafa
beekisisee kassee batti tokko booda ta’a.Daldalaa dhunfa yoo ta’ee
haqins gaafa rawwatamee kassee akka haqameet lakayamaa.
11(8).(Haqameera)
Kan itti fufe…
12.Waraqaa ragaa galmeessaa bakka buusuun kennuu
Waraqaan ragaa galmeessa daldalaa kan jalaa bade ykn
manca’e daldalaan kamiyyuu bu’uura ulaagaa dambii labsii
kana raawwachiisuuf baheen haala ibsameen waraqaa ragaa
galmeessa bakka bu’insaan argachu danda’a.
13.Waraabbii ragaa kennuu
13(1) waraabbii ragaa baldhiinan galmee daldalaa keessatti
amatamee,ragaa galmee keessaa walitti bahu,ragaan
barbaachisaan baldhiinan galmee irra kan hin jirre ta’uu ragaa
mirkaneessu ykn galmeesi daldalaa isa haqamu ragaa
mirkaneessu akka kennamuuf namni barbaadu barreeffamaan
qaama galmeessu iyyachuu qaba.
13(2) Qaamni galmeessu bu’uura keewwata kana keewwata
xiqaa(1)tiin iyyata dhiyaate kaffaltii roga qabu kaffalchiisuun
ragaa kennuu qabu battalumatti kennu qaba.
Kan itti fufe…
Kutaa sadii
Matta dureen kutaan sadffaa “Wa’ee Maqaa daldlaa
galmeessuu” jedhuu haqamee matta duree haraa itti aanuun
bakka bu’eera.
Wa’ee “Maqaa dhabbatta fi daldalaa”
14. Wa’ee maqaa dhabbata daldalaa
14(1) Maqaan daldala dhuunfaa maqaa seeraa nama sanii maqaa
abbaa fi akaakayyuu kan haammatu ta’a.maqichi nama dhuunfaa
dursa galmaa’een kan walfakkaatu yoo ta’e maqaa abaabayyuu itti
dabaluun,hanga abaabayyuu maqaa nama dhuunfaatiin kan qabame
yoo ta’e maqaa haadhaa itti dabalamee ni galmaa’a.Maqaan
haadhaatis maqaa nama biraatin kan walfakkaatu yoo ta’e kan
addaa biraa akka itti dabalamu godhama.
Kan itti fufe…
14(2)Maqaan waldaan shariikumma waliigalaa damee hojii
daldalaa muldhiisudhaan bu’uura seeraa daldalaatiin
mogaafama.
14(3)Maqaan waldaan shaariikumma itti gaafatamummaa
bifa lama damee hojii daldalaa muldhiisudhaan bu’uura
seeraa daldalaatiin mogaafama.
14(4)Maqaan Waldaa Aksiyoonaa damee hojii daldalaa
muldhiisudhaan bu’uura seera daldalaatiin miseensootaan
kan murtayuu ta’a.
14(5) Maqaan waldaa itti gaafatamummaan isaa murtayee
damee hojii daldalaa muldhiisudhaan bu’uura seera
daldalaatiin miseensotaan kan murtaayu ta’a.
Kan itti fufe…

15. Wa’ee galmeessa maqaa daldalaa


15(1)Daldalaan kamiyyuu iddoo galmeessa daldalaa itti rawwatutti
maqaa daldalaa galmeessisuu qaba.
15(2). Daldalaan kamiyuu iddoo heyyama daldalaa itti baafatutti maqaa
daldalaa isaa galmeessisuu qaba.
15(3)Maqaan dhaabbata daldalaa hanga bu’uura labsii kanaatiin
ulaagaalee maqaa daldalaa guutteetti maqaa daldaalummaatiin
galmayuu danda’a.
15(4).Iyyataan Waldaa daldalaa biyya alaa yoo ta’e biyya itti galma’eeti
kan mirkanayee waraqaa ragaa galmeessa daldalaa fi maqaa daldalaa
mirkanayee ykn kanuma kana mirkaneessu ragaa seera qabeessaa
iyyata isa waliin waajjira galmeessu dhiyeessu qaba.
15(5)Maqaan dhaabbata daldalaa waraqaa ragaa galmeessa daldalaa
irratti kan galmayuu yoo ta’u maqaan daldalaa waraqaa ragaa mataa
ofii kan qabu ta’ee waraqaa ragaa heyyama daldalaa irratti kan
galmayuu ta’a.
Kan itti fufe…
15(6) Iyyannoon galmeesaa maqaa daldalaa unka dhimma kanaaf
qophayee guutu fi sanadoota dambii kanaan ibsaman haamachisuun
dhiyaachu qaba.
16.Sababoota galmeesi maqaa daldalaa akka hin raawwatamne
taasisan
16(1)Qaamni galmeessu sababoota armaan gadiitiin maqaan daldalaa
akka hin galmoofne godhuu danda’a.
A. Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatamee dursa kan
galmaayee,maqaa daldalaa biraa ykn dhaabbata maqaa daldalaa
waliin tokko ykn sadarkaa dogoggorsiisuun tokko yoo ta’e.
B. Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatame waamicha dhaabbilee
Mootummaa,dhaabbilee amantaa, paartii siyaasaa ,sabaa fi sab-
lammoota,uummata,sanyii,gosa,waldaa kan biraa
kamiiniyyuu,dhaabbilee Mootummaa gamtoomanii ykn dhaabbilee
tola oltootaa fi waldaalee waliin tokkoo ykn haala dogoggorsaan
tokko yoo ta’e.
Kan itti fufe…

Keewwan labsiichaa 16(1)(c) haqamee qubee (d) hangaa (f) kan jiran
akkuma wali dura duuba isanti (c) hanga (e) ta’ee wali jalaa
siqeera.
C.Maqaan akka galmayuu gaafatamee bifa damee daldalaa kan hin
agarsiifine yoo ta’e
D.Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatamee Itiyoophiyaa kessatti
dursee kan hin galmoofne yoo ta’ellee Itiyoophiyaa keessatti kan
beekamu ykn beekamtii addunyaa kan qabu ta’ee maqicha
fayyadamuudhaaf heyyamni kan hin kennamne yoo ta’e.
E.Maqaan daldalaa akka galmayuu gaafatamee amalaa fi hoj-maata
gaarii waliin faallaa ta’uun yoo mirkanayee.
16(2) Labsiin kun otoo hin bayin dura daldalaan maqaa daldalaatiin
yeroo dheeraaf kan itti fayyadamaa ture ta’ee bu’uura tumaa labsii
kanaatiin maqaan daldalaa akka hin galmoofne dhorkamee fi kan
hin galmoofne yoo ta’e abbaan taayitaa roga qabu bu’uura
murteessuun galmaayuu danda’a.
Kan itti fufe…
16(3) Raawwii tumaa keewwata kanaatiif Minsteerichi qajeelfama
raawwii baasuu danda’a.
Keewwan labsiicha 16(3)t annee keewwan haraa xiqaan (4)
dabalameera.
16(4) Bu’uura keewwatta kanatiin wa’ee maqaa daldalaatiif kan
ibsaman maqaa dhabbata daldalaatiifis ni tajaajiluu.
Labsiicha ykn seeroota biraatiin ykn angoo bakka bu’insaan hojii
heyyama daldalaa qamooni rawwatan odeeffannoo hojii heyyama
daldalaa kussi dataa oddeeffanno minsteerichi kayyaoo kanaf
qopheesseti hojiin heyyama daldalaa akkuma rawwatameen
dadabarisuu qabu.
Kan itti fufe…

17.Bu’aa maqaan daldalaa galmee maqaa daldalaatti galuu


17(1) Maqaan daldalaa galmee daldalaa irraati galuun mirga maqaa
daldalaatiin fayyadamuf kan kennu ragaa duraati.
17(2)Maqaan daldalaa dhaabbata tokko ykn maqaan daldalaa tokko dursee
galmayuun qofa amala hojii daldalaa tasuma wal hin fakkaanne tokkof
hojii daldalaaf akka hin galmoofne dhorkuu hin danda’u.
18.Haqiinsa galmeessa maqaa daldalaa.
18(1)Waajjirri galmeessaan galmeessa maqaa daldalaa sababoota armaan
gadiitiin haquu danda’a.
A.Daldalaan maqaa daldalaa galmeessise akka haqamu yoo gaafate.
B.Maqaan daldalaa mookisuun ykn dogoggoraan kan galmaaye ta’un yoo
mirkanaaye.
C.Galmeessa fi heyyamni daldalaa bu’uura labsii kanatiin yoo haqame.
D.Galmeesi maqaa daldalaa mana murtiitin kufa ta’uun yoo murtayee.
E.Bu’uura labsii kanaatiin maqaa daldalaa irratti jijjiiramni yoo godhame.
F.Waldaan daldalaa beekamtii seeraa yoo dhabu ykn yoo diigamu.
Kan itti fufe…

18(2).Bu’uura keewwata kana keewwata xiqaa (1)(b)tiin maqaan


daldalaa yoo haqamu haqiinsi maqaa daldalaa godhamuun dura
waajjirri galmeessan daldalaan yaada momii yoo qabaate akka
dhiyeeffatu teesso galmeeffateen xalaayadhan beeksisuu qaba.
18(3)Daldalaan guyyaa xalaayaan dhaqabe guyyaa 30(sodoma)
keessatti yaada mormii isaa yoo dhiyeeffachuu baate ykn yaadni
mormii daldalaa bu’uura seeraa kan hin qabne ykn teessoo
galmeessisetti argamuu yoo baate maqaan daldalaa galmee irraa ni
haqama.
18(4).Galmeesi maqaa daldalaa yeroo haqamu fayyadamaan
galmeessa maqaa daldalaa duraan haqamu ragaan haqiinsaa akka
kennamuuf yoo iyyate waajjirri galmeessan kaffaltii tajaajila roga
qabu kaffalchiisuun kennamaaf.
18(5).Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa1(a)tiin galmeessi
maqaa daldalaa kan jalaa haqame daldalaan yeroo kamiyyuu
maqaadhuma sana deebisee galmeessisuu ni danda’a.
Kan itti fufe…

18(6)Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) qubee (b)ykn (c)


tiin daldalaan galmeessii maqaa daldalaa jalaa haqame sababni
akka deebi’ee hin galmoofne adabbiin bulchiinsaa ykn murtiin
mana murtii yoo jiraate malee galmeessaa maqaa daldalaa jalaa
haqame irra deebi’ee galmaayuu kan danda’u gaafa haqamee
kaasee kan herreegamu waggaa tokko booda ta’a.
19.Jijjiirraa ykn fooyainsa maqaa daldalaa godhuu.
Galmeessa maqaa daldalaa jijjiiruuf ykn fooyyessuuf iyyata kan
dhiyeeffatu nama kamiyyuu irratti tumaan labsii kana keewwata
15 raawwatiinsa ni qabaata.
20. Wa’ee waraqaa ragaa galmeessaa maqaa daldalaa bakk
bussu
waraqaa ragaa galmeesaa maqaa daldalaa bakka bussun
argachuuf iyyattin daldalaa kaminiyyuu dhiyaatu bu’uura labsii
kanaatiin dambii bahun waa’ee galmeessaa bakka bussun argachu
tumamen ilaallatan raawwatinsa ni qabaatu.
Kan itti fufe…

Kutaa afur
Waa’ee heyyama hojii daldalaa
21.Angoo heyyama hojii daldalaa kennuu
21(1) Seerota biraa roga qabani fi bu’uura labsii kanaatiin haala addaatiin kan
tumameen ala abbaan taayitaa roga qabu heyyama hojii daldalaa ni kenna.
21(2) Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa(1)jechi waliigalaa akkuma
eegametti ta’ee abbaan taayitaa roga qabu heyyama hojii daldalaa kan
kennu bu’uura qajeelfama ministeerichaan baldhinaan bahun gitoota
kenna hojii heyyama daldalaatiin ta’a.
21(3)Abbaan Taayitaa roga qabuu fi qaamonni biroo heyyama hojii daldalaa
yoo kennan heyyamicha irratti waamama gita kennaa heyyama hojii
daldalaa fi lakk.addaa ifaan ibsuu qabu.
21(4).Bu’uura keewwata kana xiqqaa(1)tiin kan tumame jiratulle qaamonni
mootummaa roga qaban bu’uura labsii kana fi seeroota biroo roga
qabaniitiin hojii daldalaa armaan gadiitti heyyama hojii daldalaa ni kennu.
Kan itti fufe…
A. Hojii tajaajiloota ijaarsa bishaanii otoo hin dabalatin hojii tajaajila bishaan adda
addaa.
B. Hojii daldala Baankii,Inshuraansii fi Maaykiroo faayinansii
C. Hojii tajaajila geejjiba Xiyyaaraa fi balaliinsa kan biroo
D. Hojii daldalaa meeshaa raadiyoo active fi caaraalaa madiisisan fayyadamuu.
E. Tajaajila teeleekomunikeeshiinii
F. Hojii daldalaa Eleektirkiaa maddisiisuu,dabarsuu ykn gurguruu
G. Hojii albuuda barbaaduu fi misoomsuu.
H. Hojii meeshaa waraanaa fi dhukaasaa suphaa,haaromsaa fi gurgurtaa dhootuu.
I. Hojii daldalaa tajaajila geejjiba galaanaa fi bishaan biyya keessaa
J. Hojii daldalaa Maltii modeel geejjibaa
K. Hojii tajaajila Birood kaasting
21(5)Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa(4)tiin qaamonni Mootummaa heyyama
hojii daldalaa kennuuf angoo qaban heyyama hojii daldalaa yoo kennanii fi
haaromsan bu’uura labsii kanaa fi dambii fi qajeelfamaatiin ulaagaa taa’an
guutamuu mirkaneeffachuu qabu.
21(6) Labsiicha ykn seeroota biraatiin ykn angoo bakka bu’insaan hojii heyyama
daldalaa qamooni rawwatan odeeffannoo hojii heyyama daldalaa kussi dataa
oddeeffanno minsteerichi kayyaoo kanaf qopheesseti hojiin heyyama daldalaa
akkuma rawwatameen dadabarisuu qabu.
Kan itti fufe…

22. Heyyama hojii daldalaa kennuu


22(1)Namin kamiyyuu heyyama hojii daldalaa otoo hin qabaatiin hojii
daldalaa hojjechuu hin danda’u.
*22(2)Bu’uura labsii kanaatiin hojii daldalaa hojjechuuf heyyama hojii
daldalaa ragga’e namni baafate hojii daldalaa wal fakkaatuuf damee
banuuf heyyama hojii daldalaa dabalataa akka baafatu hin dirqamu.
22(3) Daldalaan heyyama oomishaa qabu oomishaalee oomishe qofa
teessoo oomishetti yookiin iddoo damee galmeessisseetti
jimlaadhaan gurguruuf heyyama daldalaa dabalataa akka baafatu hin
dirqamu.
22(4) Daldalaan heyyama oomishaa qabu oomisha oomishe
qinxaaboodhaan gurguruu hin danda’u. Haata’uu haala addaatiin
oomishaalee qinxaaboon daldalli itti raawwatamu manni marii
ministeraa dambii baasuu danda’a.(dambii lakk 392/2009
kee.52)ilaalata
Kan itti fufe…
22(5) Daldalaan kamiyyuu heyyama daldalaa fichisiisaa
qabu oomishaalee fichisiise teessoo heyyama daldalaa
baasuuf itti galmaa’eetti jimlaadhaan gurguruuf
heyyama daldalaa dabalataa baasuuf hin dirqamu.
22(6) Daldalaan heyyama hojii daldalaa fichisiisaa qabu
oomisaalee fichisiise qinxaaboodhaan gurguruu hin
danda’u.Haata’uutii amala daldalichaa fi faayidaa
biyyaatiif jecha haala addaatiin oomishaalee
qinxaaboodhaan daldalamu ilaalchisee manni marii
ministeerotaa dambiin murteessuun ni danda’a.
(dmabii392/2009 keew.52)
Kan itti fufe…

23(1)Iyyata heyyama hojii daldalaa baafachuuf dhiyaatu.


Namni hojii daldalaa irratti bobba’uu barbaadu kamyiyuu
unka kaayyoo kanaaf qophayee guutuu fi bu’uura dambii
manni marii ministeerootaa baasuun sanadoota barbaachisaa
ibsaman waliin wal qabsiisuun heyyamni hojii daldalaa
akka kennamuuf abbaa taayitaa roga qabutti iyyachuu qaba.
24.Heyyama hojii daldalaa kennuu
24(1)Abbaan taayitaa roga qabu bu’uura labsii kanaa fi dambii
fi qajeelfama bu’uura labsii kanaatiin bahaniin iyyannoon
yoo dhiyaatuuf ulaagaan guutamu qaban guutamu isaanii fi
hojiin daldalaa hojjetamuuf karoorfame seeraan kan hin
dhorgamin ta’un ergaa mirkanaayee booda kaffaltii roga
qabu kaffalchiisuudhan iyyataadhaaf heyyamni hojii
daldalaa ni kennamaaf.
Kan itti fufe…
24(2)Iyyannoon heyyama hojii daldalaa bu’uura labsii fi
dambii ykn qajeelfamootatin guutamee dhiyachuu dhabuu
isaa abbaan taayitaa roga qabu yoo mirkaneeffate sababii
fudhachuu dhabeef iyyataadhaa barreeffamaan beeksisuu
qaba.
24(3) Dhaaltonni ykn/fi hirriyaan gaa’elaa daldalaa dhuunfaa
hojii daldala irratti bobba’ee ture hojii daldalaa itti fufuuf
waldaa daldalaa hundeessuu yoo hin barbaanne dhaaltota
keessaa tokko ykn hirriyaan gaa’elaa fi/ykn dhaaltonni
hirriyaan gaa’elaa bakka bu’ummaa kennaniif bu’uura
labsii kanaatiin waa’ee galmeessaa bu’uura tumameen
galmee galmeessaa irratti erga galmaa’an booda maqaa
bakka bu’aatiin heyyamni hojii daldalaa ni kennamaaf.
Kan itti fufe…
25. Mirga daldalaa heyyama hojii daldalaa kennameef
Daldalaan heyyamni hojii daldalaa kennameef kamiyyuu
mirgoota armaan gadii ni qabaata.
25(1)Labsii kana labsicha raawwachiisuuf dambii fi qajeelfama
bahan akkasumas seerota birootiin kan taa’an tumaalee
daldalummaa qaban kabajuun damee heyyamni hojii daldalaa
kennameefiin hojii daldalaa gaggeessuu.
25(2).Damee hojii daldalaa walfakkaataa heyyama hojii
daldalaa dabalataa baasuuf kan hin dirqamne ta’uu.
25(3) waa’ee tajaajila galmeessaa fi heyyama raga argachuu
25(4) Bu’uura labsii kanaa galmeessa daldalaa, galmeessaa fi
heyyama hojii daldalaa jijjiiruu fi fooyyeessuf.
25(5) Labsichaan,labsicha raawwachiisuuf dambii fi qajeelfama
irratti hojii wal fakkaataa heyyamaman raawwachuu.
Kan itti fufe…

26. Dirqamoota daldalaa heyyamni hojii daldalaa kennameef


Daldalaan heyyamni hojii daldalaa kennameef dirqamoota armaan gadii
ni qabaata.
26(1)Hojiilee daldalaa adda addaa heyyamni hojii itti kenname iddoo
tokkotti ykn mooraa tokko keessatti walitti fidanii hojjechuun fayyaa
fi nageenya ykn qabeenya fayyadamtootaa irratti miidhaa kan
dhaqabsiisu yoo ta’e hojiilee kanniin iddoo adda addaa ykn mooraatti
kophaatti gaggeessuu.
26(2).Tarreeffama gatii meeshaa daldalaa fi tajaajila mana daldalaa iddoo
ifaan mul’dhatutti agarsiisu ykn meeshaa daldalaa irratti maxxansuu.
*26(3)Dirqamoota amalli hojiin daldalaa gaafatu kabajuu,sadarkaa
guutu fi hojjechuu.
*26(4)Heyyama hojii daldalaa mana daldalaa keessatti iddoo ifaan
muldhatu kaahuu ykn mana daldalaa damee yoo ta’e chaappaan
qaama galmeessu kan itti godhame heyyama daldalaa footoo koppii
iddoo ifaan muldhatu kaahu.
Kan itti fufe…
26(5) Heyyama hojii daldalaa namni kamiyyuu akka itti fayyadamu ykn
wabiin qabiinsaan akka qabaatu ykn akka kireessu dabarsaan kennuu
dhiisuu.
26(6)Murtii bulchinsaa ykn mana murtiitin dhaabbanni daldalaa akka
diigamu ykn daldalaan dhuunfaa daldala akka hin gaggeessine yoo itti
murtayee heyyama hojii daldalaa hojii irra oolchu dhiisuu.
26(7)Jijjiirama teessoo yoo godhe jijjiiramichaa yeroo baatii tokko(1)
keessatti qaama galmeessu beeksisuu.
26(8) Waldaa aksiyoonaa fi itti gaafatamummaan isaa murtaa’e yoo ta’e
bara baajataatti herreega isaanii oditaraan sakattaasisanii gabaasa
dhiyeessuu.
26(9) Waa’ee daldalaa qaamota dhimmi ilaallatuun ragaa kamiyyuu yoo
gaafatamu kennuu
26(10) Sadarkaa walfakkaatutti bittaa fi gurgurtaa raawwachuu dhiisuu
26(11) Qaama roga qabuun tarkaanfii bulchiinsaa fudhatamuu fi tumaalee
biroo seeraa kabajuuf dirqama qabu.
Kan itti fufe…
27 Heyyama hojii daldalaa haaressuu
27(1)Heyyamni hojii daldalaa baroota baajata Adoolessa tokkoo(1) hanga muddee
soddomaa(30) ykn bara baajataa galmeessise dhumaa kaasee ji’oottan
jahan(6)n jiran keessatti haaromfamuu qaba.
Keewwan labsiichaa 27(2),(6) fi (7) haqamee keewwatoota xiqaa (2),(6) fi (7)tiin bakka bu’eera.
27(2)Waldaleen daldalaa itti gaafatamuuman isani murtayee kapitalaa galmeesisan keessa ¾ fi isaa olii
kan kassaaran yoo ta’ee kapitalaa isani ¼ olii akka ta’uu tasisuun heyyama isani hareefachuu ni
danda’uu.
27(3)Daldalaan heyyama hojii daldalaa haaressuu barbaadu unka iyyata heyyama
haaressuuf qophaayee guutuudhaan sanadoota dambii labsicha raawwachiisuuf
bahe irratti caqafaman waliin wal qabsiisuun dhiyeessuu qaba.
27(4)Bu’uura keewwata kana kewwaata xiqqaa tokkootiin yeroo heyyama
daldalaa haaressuuf ta’e keessatti daldalaan heyyama daldalaa haaressuu dhabe
Amajjii 1 kaasee hanga waxabajjii 30tti yeroo jiruuf kan heyyama haaressuu
dabalatee heyyama hareessuuf yeroo tureef baatii Amajjiitti qarshii
2500(kuma lama fi dhibba shan )fi ji’oota itti aanan tokko tokko isaatti
qarshii 1500.00(kuma tokko fi dhibba shan )adabbii kaffaluudhaan heyyama
haaressa.
Kan itti fufe…
27(5)Bu’uura labsii kana keewwata (4)tiin tumameen
daldalaan heyyama hojii daldalaa yeroo adabbii keessatti
haareffachuu baatee heyyamni hojii daldalaa abbaa
taayitaa roga qabun jalaa haqama.
27(6)Yeeroo adabii keessat kan hin hareefanee daldalaan kamiyuu
gaafa adabiin hareefachuun xuumuramuu kassee yeeroo wagga
tokko keessat qarshii 20,000.00(kuma digidama) kafaluun
hareefachuu ni danda’a.
27(7)Heyyamin daldalaa bu’uura keewwatta kana keewwatta
xiiqaa (6)tiin hin haroomfaminee akka haqameet
lakayama.Hata’uut heyyamuma sani deebisee bafachuu ka
danda’uu yeeroo adabiin hareefachuun dhumatuu kassee
wagga tokko booda adabii dabalata kaminuu malee akka haraat
fudhachuu danda’a.
Kan itti fufe…
28.Yeroo heeyyamni hojii daldalaa itti ragga’ee turu
28(1)Bu’uura labsii kanaatiin heyyamni hojii daldalaa kennamaee yeroo isaa
eeggatee bu’uura labsii kanaatiin kan haareffamee fi hanga hin haqamnetti
kan ragga’ee ta’a.
*28(2)Bu’uura labsii kana keewwata 27(6)tiin kan tumame akkuma
eegametti ta’ee yeroon bara baajeta heyyamni hojii daldalaa itti kenname
ykn haaroffame baatii jaha(6) keessatti kaffaliti barbaachisaa raawwatee
heyyama hojii daldalaa yoo haaressuu baate heyyamni hojii daldalaa isaa
kan ragga’e hin ta’uu.
29.Heyyama hojii daldalaa dhorkuu
29(1)Namni hojiin heyyama daldalaa kennameef
A. Hojiin daldalaa fayyummaa fi qulqullummaa isaa kunuunsa naannoo
ittisa balaaf meeshaa daldalaa ykn sadarkaa qulqullummaa tajaajila yoo
hir’dhise.
B.Bu’uura labsii kanaatiin dirqamoota daldalaa jedhamanii kan caqafaman
irraa kan darbee yoo ta’e.
C.Bu’uura labsii kanaatiin ragaa abbaan taayitaa roga qabu sirrii fi
yeroodhaan kan hin dhiyeessine ta’e.
Kan itti fufe…

D.Heyyamni hojii daldalaa kan kenname ykn kan haaromfame sanada


sobaatiin ykn ragaadhaan kan deeggarame ta’u kan mirkanaaye ykn
E.Heyyamicha kaayyoo kennameefiin ala otoo itti tajaajilamuu yoo argame
ykn
F.Teessoo heyyama daldalaa itti galmeessisetti yoo argamuu baate.
G. Tumaalee seera daldalaa,labsiichaa ,labsiichaa raawwachiisuuf dambii fi
qajeelfama kana irraa kan darbe yoo ta’e abbaan taayitaa roga qabu
heyyama isaa dhorkuu dand’a.
29(2) Tumaalee Seera daldalaa,labsiichaa,bu’uura labsiichaatiin dambii fi
qajeelfamoota irra darbuun heyyamni hojii daldalaa kan jalaa dhorkame
ykn sababa kamiiniyyuu abbaan taayitaa roga qabu tumaaleen seera
daldalaa irraa darbamu yoo mirkaneeffate ykn ajaja mana murtiitiin
heyyamni hojii daldalaa yoo dhorkamu dhaabbanni daldala isaa
battalumatti abbaa taayitaa roga qabuun ni saamsama.
*29(3)Labsiichaan ,bu’uura labsiichaatiin dambii fi qajeelfamootatiin yoo
dhorkamu abbaan taayita roga qabu sababa dhorkameef yeroo amansiisaa
keessatti haniqna sirreeffachuuf tarkaanfii fudhatamuu qabu abbaa
heyyamichaatti barreeffamaan ni beeksisa.
Kan itti fufe…

29(4) Daldalaan bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa(3)tiin daangaa


yeroo kennameef keessatti hanqinoota jiran yoo sirreesse abbaan taayitaa
roga qabu heyyama hojii daldalaa irratti dhorka kenne kaasuudhaan hojii
irra akka oolu ni godha.
29(5)Dhaabbileen gahuumsa mirkaneessan gahuumsa yoo dhoorkanii fi
beeksisan haal-duree dabalataa tokko malee heyyamni hojii daldalaa ni
dhorkama.
30.Heyyama hojii daldalaa haquu
30(1)Daldalaan heyyamni hojii daldalaa kennameef
A.Heyyama hojii daldalaa isaa fedhii isaatiin kan dhiise yoo ta’e.
B. Heyyamni hojii daldalaa kan kennameef ykn kan haaromeef sababa sanada
ykn ragaa sobaa dhiyeessuun ta’uun yoo mirkanaayee.
C. Heyyama hojii daldalaa kaayyoo kennameefiin ala otoo itii fayyadamuu
yoo argame.
D.Bu’uura labsii kanaatiin daangaa yeroo kennameef keessatti hanqinoota
sababa dhorkan heyyama hojii daldalaa ta’an kan hin sirreessine yoo ta’e.
Kan itti fufe…

E.Murtiin kasaaruu kan itti kenname yoo ta’e.


F.Bu’uura labsii kanaatiin heyyama hojii daldalaa kan hin haaromsine yoo ta’e ykn
G.Bu’uura labsii kaanatiin galmeessi daldalaa jalaa yoo haqame abbaan taayitaa
roga qabu heyyama hojii daldalaa ni haqaa.
30(2).Bu’uura kewwataa kana keewwata xiqqaa1(a)tiin fedhii isaatiinn hojii
daldalaa kan dhiisee fi heyyama yeroo haaromsuu keessatti daldalaan deebisee
heyyamuma sana yeroo kamiyyuu deebisee fudhachuu ni danda’a.Haata’u
malee heyyama hojii daldalaa yeroo heyyama hojii daldalaa haaressuu keessatti
yoo deebisuu baate heyyama hojii daldalaa sana deebisee kan fudhachuu
danda’u heyyamni hojii daldalaa yeroo adabbii malee haromsuun gaafa
dhumatuu kaasee waggaa tokko booda ta’a.
30(3)Abbaan Taayitaa roga qabu bu’uura keewwata kana keewwata
xiqqaa(1)qubee (b),(c) fi (d)tiin sababoota ibsamaniin heyyamni akka haqamu
murtiin otoo hin kennamin dura akkuma barbachisummaa isaatti teessoo
daldaalaan galmeesiseen waamuudhaan yaada mormii yoo qabaate
barreeffamaan akka kennu ni godha:yaddin kenne gaha ta’ee yoo argamu battee
ykn guyya xalaayan isa gayee kasse bultii 30(sodoma) keessat dadalan yadda
isa bareeffamaan yoo hin kenninee heyyama ni haqaa.Haala kanaan daldalaan
heyyamni jalaa haqame heyyamuma sana deebisee baafachuu kan danda’u
waggaa lama(2) booda ta’a.
Kan itti fufe…

30(4)Daldalaan hojii daldala isaa fedhii isaatiin dhiise yeroo


heyyama haaressu keessatti heyyama isaa yoo deebisuu baate
gitoota hojii daldalaa heyyama hojii haqee keessatti bifa hojii
daldalaa haqamen heyyama baasuu kan danda’u adabbii malee
yeroon haaressuu gaafa dhumatuu kaasee waggaa tokko(1)
booda ta’a.
30(5) Daldalaan heyyama hojii kan deebise ykn kan jalaa haqame
heyyamuma deebisee sana akka haaraatti baafachuuf yoo
dhufu heyyama hojii daldalaa deebisee ykn haqee yeroo itti
hojjeteef kaffaltii gibiraa raawwachuu isaa xalayaa
mirkaneessu dhiyeessuu qaba.
30(6)Dhaabbileen gahumsa mirkaneessan gahumsa yoo haqanii fi
beeksisan haal-duree dabalataa kamiinuu malee heyyamni
hojii daldalaa isaa ni haqama.
Kan itti fufe…
31 Heyyama hojii daldalaa bakka bussn argachuu .
31(1)Daldalaan kamiyyuu waraqaan ragaa heyyama hojii daldalaa jalaa bade ykn
manca’e bu’uura labsiichaatiin dambii bahu irratti ulaagaalee caqafaman
guuttachuudhaan iyyata yoo dhiyeeffate waraqaa ragaa heyyama daldalaa bakka
bussn argachuu danda’a.(dambii 392/2009 keew.33)
31(2) Heyyamni hojii daldalaa kan jalaa manca’e daldalaan bakka bu’iinsaan akka
kennamuuf yoo iyyatu heyyama daldalaa manca’e ni deebisa.
31(3) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa tokkootiin abbaan taayitaa roga
qabu iyyanni dhiyaateef iyyataan heyyama hojii daldala jalaa baduu qaama
dhimmi ilaallatuu ykn poolisii irraa ragaa mirkaneessu akka dhiheeffatu
godhamee bu’uura dambichaatiin kaffaltii ibsame raawwachiisuun heyyamni
hojii daldala bakka bussn ni kennamaf.

32 Dunkaanni daldalaa yeroo darbu haala heyyamni


hojii daldalaa itti kennamu
32(1) Dunkaanna daldalaa nama biraatiif gurgurtaan,kennaan,dhaaltummaan,ykn haala
biraa kana fakkaatuun dabarsuun ni danda’ama.
Kan itti fufe…
*32(2) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa tokkoon dunkaana
dabarsuun kan danda’amu baasii daldalaatiin Gaazexaa uwwisa biyyaa
guutuu qabuun beeksifni maxxanfamee bahee mormaan dhiyaachuu ykn
ajajni dhoorkaa yoo bahuu baate baatii tokko(1) booda ta’a.
32(3)Dunkaanni daldalaa otoo hin darbin dura abbaan heyyamaa duraan yeroo
heyyama hojii daldalaa itti hojjechaa tureef waraqaa qulqullina gibiraa
dhiyeeffachuu qaba.
*32(4)Abbaan Taaytiaa roga qabu ragaa barbaachisaa qulqulleessuudhaan
heyyama hojii duraa deebisuudhaan nama dunkaanni daldalaa darbeef
heyyama hojii daldalaa wal fakkaata ni kenna.
32(5).Abbaan Taaytiaa roga qabu bu’uura keewwata kanatiin gaaffii
dhiyaateef yoo kufaa godhe sababa isaa ibsuudhaan iyyata barreeffamaan
ni beeksisa.
Kan itti fufe…

Kutaa shan
Tumaalee adda addaa
35 .Waa’ee daldala daangaa
35(1) Heyyama daldala addaa daangaa ministeerichi
ykn ministeeraan bakka bu’ummaan qaamoota
kennamuun ta’a.
35(2) Daldalli daangaa heyyama hojii daldala addaa
ministeerichaan ykn waliigalteewwan daldala
daangaa ykn murtee addaatiin oomishaalee murtaa’an
qofa irratti kan kennamu ta’a.
35(3) Ulaagaan daldala daangaa addaa kenniinsa
heyyama hojii daldalaa dambii bu’uura labsiitiin
bahuun murtaa’a. .(dambii 392/2009 keew.44)
Kan itti fufe…
37 Waa’ee franchaayizii
37(1) Ulaagaan galmeessa fraanchaayizii bu’uura labsii
kanaatiin dambii murtaa’uun raawwatama. .(dambii
392/2009 keew.48)
37(2) Fraanchaayiziin bu’uura sadarkaa fraanchaayiziitiin
hojjatuun irra jiraata.
37(3) Fayyadamtoonni fraanchaayizaricha irraa bifa
oomisha ykn tajaajila argatan fraanchaayizi irraa
argachuu qabu.
Kan itti fufe…

38 Waa’ee fichisiisaa dhuunfaa fi raabsaa


38(1)Fichisiisaa dhuunfaa ykn raabsaa ta’ee hojjechuun dhorkamaa
dha.
38(2) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa tokkootiin kan
tumame jiraatullee haala amala hojichaatiin fi faaydaa biyyaatiif
qofa fichisiisaa fi raabsaa dhuunfaa ta’anii dameewwan hojii
daldalaa itti hojjachuun danda’amu manni marii ministeeraa dambii
baasuu ni danda’a.
*39 .Hojii bakka bu’ aa daldalaa
Bakka bu’aan daldalaa hojiilee armaan gadii ni qabaata.
39(1)Oomisha bakka buusaa gabaa irratti beeksisuu.
39(2)Oomishaalee biyya kenaa gabaa biyya alaatti beeksisuu.
39(3) Caalbaasii addunyaa irratti seeraan bakka bu’ee akka bakka buusaa
ta’ee hirmaachuu fi raawwii isa hordofuu.
Kan itti fufe…
41.Waa’ee hojii gaggeessaa waldaa daldalaa
Namni kamiyyuu hojii gaggeessaa waldaa daldalaa ta’ee yeroo tokko keessatti
hojii gaggeessaa waldaa daldalaa tokkoo ol ta’uu hin danda’u.
* 42.Waa’ee gahumsa mirkaneessuu
(1) * Bu’uura labsii kana hordofee dambii bahuun hojiin daldala mirkaneessaa
gahumsaa barbaachisu ilaalchisee ulaagaalee gahumsa mirkaneessan
guutamuu qaban seektaroonni mootummaa roga qaban qajeelfaman ni
murteessu.
(2) Bu’uura tumaalee labsii kanaatiin labsiicha hordofuun dambii fi qajeelfama
akkasumas bu’uura seeroota biraatiin ragaa waraqaa gahumsaa kennuuf
qaamonni mootummaa angoon kennameef waraqaa ragaa gahumsa
mirkaneessan ni kennu.
(3) *Teessoon waraqaa gahumsaa itti kenname ykn ulaagaan jijiiramaa kan
godhamee yoo ta’e bu’uura teessoo haaraan ykn ulaagaatiin waraqaan ragaa
haaraa mirkaneessaa gahumsaa dhiyaachuu qaba.
(4) Hojii daldalaa qajeelfamaan gahumsa mirkaneessuun murtaayef namni
kamiyyuu heyyama hojii daldalaa baasuuf waraqaa ragaa mirkaneessaa
gahumssa argachuu qaba.
Kan itti fufe…
*42(5)Tumaan keewwata kana keewwaata xiqqaa(4) akkuma
eegametti ta’ee ministeerichi seektaroota mootuummaa dhimmi
ilaallatu waliin mar’achuudhaan gitoota hojii daldalaa waraqaan
ragaa mirkaneessaa gahumsaa itti hin gaafatamne ni murteessa.
42(6) Waajjiraaleen seektaroota ulaagaa mirkaneessaa yoo
qopheessan daldaltoota gurmiinsa daldaltootaa damee sanatti
bobba’an mariisisuu qabu.
43.Meeshaa galuu fi bahuu murteessuu.
43(1).Ministeerichi faayidaa Biyyaatiif barbaachisaa ta’uu yoo argee
Mana Marii Ministeerootaa heyyamsiisuun meeshaa fi
tajaajiloota tokko tokko gara biyya keessaa akka hin galle ykn
biyyaa keessaa akka hin baane dhorka dabarsuu danda’a
43(2).Heyyama daldalaa fichisiisaa ykn alaa ergii namoonni hin
qabne biyya alaatii meeshaa akka galchaa ykn ergan bu’uura
labsiichaatiin dambii bahu murtaayuun ministeerichi heyyama
kennuu ni danda’a.
Kan itti fufe…
44. Tajaajilaa fi jijjiirraa dhiyeessii fi to’annoo.
44(1)Meeshaa qonna,industirii fi konstiraakshiinii meeshaa humna
konkolaataatiin hojjetanii fi konkolaataan biyya alaa
fiichisiisuun daldalaan ykn bakka bu’aan gurguruu tajaajilli
meeshaalee fi konkolaataa hanga dhaabbatutti.
44(1)(A)Hojjechuun isaanii hanga dhaabbatutti ykn madda
biraatiin haala quubsaadhaan kan argaman yoo ta’e malee yeroo
kamiyyuu ministeerichi waajjiraalee mootummaa dhimmi
ilaallatu waliin mari’achuun kuufama xiqqaa murteessuu haala
hin hanqanneen meeshaa jijjiirraa dunkaanaa keessatti ni
qabaata,gurgurtaafis ni dhiyeessa.
44(1)(B) Yeroo kamiyyuu gatii sirrii ta’een tajaajila haaromsa
guutuu bitattootaa ni kenna.
44(2)Bu’uura tumaa keewwata kana keewwata xiqqaa(1)tiin
daldala hin raawwanne irratti bu’uura labsii kanaatiin
tarkaanfiin bulchiinsaa ni fudhatama,Yakkaanis ni adabama.
Kan itti fufe…

45 Waa’ee To’ataa
45(1) To’attoonni abbaan taayitaa roga qabu ramadu to’annoof gara
dhaabbata daldalaa yoo deeman eenyummaa isaanii kan ibsu waraqaa
eenynummaa fi to’annoo gaggeesuuf abbaa taayitaa roga qabuun kan
kennameef waraqaa eenyumaa addaa to’ataa ta’uu agarsiisu muldhisuu
qabu.
45(2)To’attoonni gara dunkana daldala to’annoof deemuu kan qaban yeroo
sa’aatii hojii mootummaa qofa ta’a.
45(3) Bu’uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa lamaatiin(2) kan tumame
akkuma jirutti ta’ee sa’aatii hojii mootummaatiin ala gara dhaabbata
daldala to’annoof kan deeman yoo ta’e abbaa taayitaa roga qabu irraa
xalayaa kana agarsiisu qabaachuu qabu.
46. Tarkaanfiiwwan Bulchiinsaa
Labsii kana,labsicha hordofuun dambii fi qajeelfamoota bahan darbee nama
argamu kamiyyuu abbaan taayitaa roga qabu bu’uura labsii fi labsii kana
raawwachiisuuf dambii bahuun haala ibsamuun tarkaanfi bulchiinsaa ni
fudhata. (qajeelfama lakk.010/2009 kee.(40-50)ilaalata,)
Kan itti fufe…

47. Tarkaanfii bulchiinsaa irratti komii dhiheeffachuu


47(1)Labsii kanaa fi labsii kana hordofuun dambii fi
qajeelfama bahuun dhimmoota haguuggaman kamiyyuu
irratti murtii abbaa taayitaa roga qabuu murteessu irrati
komii namni qabu kamiyyuu itti gaafatamaa ol aanaa abbaa
taayitaa roga qabuut komii isaa guyyaa kudhan(10)
keessatti dhiheeffachuu ni danda’a.
47(2) Itti gaafatamaan ol aanaa abbaa taayitaa roga qabuu
komii dhiyaate dhageefatee guyyaa shan(5) keessatti murtii
isaa iyyataaf barreeffamaan beeksisuu qaba, haa ta’uutii
guyyaa caqafame keessatti itti gaafatamaan ol aanaa
murticha yoo hin beeksifne komii dhiheeffatan mana murtii
aangoo qabutti komii isaa dhiyeefachuu danda’a.
Kan itti fufe…
47(3) Murtiin abbaa taayitaa roga qabuun bu’uura keewwata kana xiqqaa
(2) tiin kanname irrati komii kan qabu ykn deebiin kan hin
kennamaniif namni kamiyyuu gaafa murtiin kennamee kaasee yeroo
baatii lama(2) keessatti mana murtii aangoo qabutti dhimmoota seeraa
irrati ol iyyannoo dhiheeffachuu danda’a.
48 Dirqamaa deegarssa kennu
Seera daldalaa,labsii fi labsicha raawwachiisuuf dambii fi
qajeelfamoota bahan adeemissa raawwachiisuu qaamni kamiyyuu
abbaa taayitaa roga qabu deeggaruuf dirqama qaba.
49 Adabbii
49(1)Waraqaa ragaa galmeessa sobaa ykn heyyama daldalaa ykn waraqaa
ragaa akka kiyyaa addaa kan qopheesse ykn otoo itti fayyadamu namni
argame kamiyyuu meeshaaleen hojii daldalaa ittiin gaggeessu tajaajila
itti kennuu ykn meeshaa itti oomishu dhaalamuun akkuma eegametti
ta’ee adabbii qarshii 150,000.00-300,000.00(kuma dhibba tokkoo fi
kuma shantamaa hanga kuma dhibba sadii) fi hidhaa cimaa waggaa
torbaa(7) hanga kudha shanii(15) gahuun adabama.
Kan itti fufe…

49(2) Heyyama daldalaa ragga’ee otoo hin qabaatiin hojii daldalaa


irratti bobba’ee kan argame ykn heyyama hojii daldalaa akka itti
hojjatu heyyamameef ala daldalaan kamiyyuu meeshaa hojii
daldala itti hojjatu, tajaajila itti kennuu fi oomisha itti oomishu
dhaaluun akkuma eegametti ta’ee adabbii qarshii 150,000.00-
300,000.00(kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamaa hanga kuma
dhibba sadii gahuu) fi hidhaa cimaa waggaa torbaa(7) hanga
kudha shanii(15) gahuun adabama.
49(3)Ragaa sobaa dhiyeessuun galmee daldalaa irratti kan
galmaayee ykn maqaa daldalaa isaa kan galmeesiee ykn heyyama
hojii daldalaa ykn waraqaa ragaa addaa akka kiyaa daldalaa ragaa
sobaatiin kan haaromsiise ykn baafachuu ykn haaromsuuf yaalii
kan godhe namni kamiyyuu ykn daldalaan faayidaan hin malle
argatee dhaalamuun akkuma jirutti ta’ee qarshii 60,000.00(kuma
jahatama)hangaa 120,000.00(kuma dhibba tokko fi
digidama)adabbii maalaqaa gahuu fi hidhaa cimaa waggaa
7(torba) hanga 12(kudha lama) ta’uun adabama.
Kan itti fufe…
49(4)Heyyama hojii daldalaa akka itti fayyadamu gurgurtaan,kiraan,kennaan
ykn karaa walfakkatuun garee sadaffaaf dabarsee kan kenne daldalaan
kamiyyuu adabbii qarshii50,000-100,000( kuma shantamaa haga kuma
dhibba tokkoo) fi hidhaa cimaa waggaa 5-10(shanii hanga kudhaniitiin)
kan adabamu yoo ta’u dabarsee kan kenne lammii biyya alaatti yoo ta’e
qarshii 200,000-300,000.000 (kuma dhibba lamaa hanga kuma dhibba
sadii) fi hidhaa cimaa waggaa7-15 (torbaa hanga kudhashanii) adabama.
49(5) Jijiirraa teessoo dhaabbata daldala isaa bu’uura labsii kanaatiin dambii
bahuun yeroo murtaa’e keessatti waajjira galmeessu kan hin beeksifne
daldalaan kamiyyuu adabbii qarshii5000-10,000 (kuma shani hanga kuma
kudhani) gahuu fi hidhaa salphaa hanga baatii sadiitin(3) adabama.
*49(6) Galmeessa daldala irratti fooyya’iinsa kan fidu jijjiirama godhee
bu’uura tumaa labsii kanaatiin guyyaa soddama(30) keessatti waajjira
galmeessaa kan hin beeksifne daldalaan kamiyyuu adabbii qarshii(5,000-
10,000) kuma shanii hanga kudhanii fi hidhaa salphaa ji’a sadiitin
adabama.(tumaan kee.kana labsiichaa kee.10(1) guyyaa 60 jedhu waliin
akkamiti araaristuu)
Kan itti fufe…
49(7) Labsii kana ykn labsicha raawwachisuuf kan bahan
dambii fi qajeelfamoota hojii irra oolchuuf abbaan
taayitaa roga qabu hojjattoota ykn to’attoonni kan
gaafatan raga kennuuf eyyamamaa kan hin taane ykn
haala bifa kamiinuu hojii isaanii kan gufachiisu
daldalaan kamiyyuu adabbii qarshii 5,000-10,000
(kuma shanii hanga kuma kudhanii) fi hidhaa salphaa
baatii sadii hin hanqanneen adabama.
49(8) Tumaalee labsii kanaa biroo namni irra darbe
kamiyyuu adabbii qarshii10,000-30,000 (kuma
kudhanii hanga kuma soddomaa) gahuu fi hidhaa
salphaa waggaa1-3 (tokkoo hanga sadiitiin) adabama.
Galatoomaa!!

HORAA BULAA !!

You might also like