Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 86

Qajeelfama Filannoofi Ramaddii

Hoggantoota Manneen Barnootaa


Qajeelfama Filannoofi Ramaddii Hoggantoota Manneen
Barnootaa
Lakk.4/2014
Biiroo Barnoota Oromiyaa
Waxabajjii,2014
Finfinnee
Table of Contents

i.Barbaachisummaa................................................................................................................................4
ii.Kaayyoo..................................................................................................................................................4
1.KutaaTokkoHaalaWaliigalaa:..................................................................................................................4
1.1.Mata Duree Gabaabaa .......................................................................................................................4
1.2.Hiika.....................................................................................................................................................5
1.3.Daangaa Raawwatiinsaa.....................................................................................................................6
Ibsa koorniyaa………………………………………………………………………………………………………………………………………6
2.Kutaa Lama Proofaayila Hoggantoota Manneen Barnoota.....................................................................6
2.1. Piroofaayilii Dura Bu’ootaa Fi Itti Aantoota Manneen Barnoota Sadarkaa 1ffaan Duraa…………………6
2.2.Piroofaayilii Dura Bu’aa Fi Itti Aanaa Dura Bu’aa Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa……………………..7
2.3. Piroofaayilii Dura Bu’aafi Itti Aanaa Dura Bu’aa Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa …………………….8
2.4.Pirofaayila Supparvaayizaroota Manneen Barnoota Sadakaa 1ffaan Duraafi Sadarkaa 1ffaa ..........9
2.5. Pirofaayilii Supparvaayizara manneen barnoota sadarkaa 2ffaa.......................................................9
3.Kutaa Sadii Ulaagaalee Filannoo Hooggansa Manneen Barnootaa…………………………………………………….10
3.1. UlaagaaleeFilannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Barnoota Sadarkaa 1ffaan Duraa………………10
3.2. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’aoota Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa………………………………………..11
3.3. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa………………………………………….11
Itti….
3.4. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen Barnootaa
Sadarkaa 1ffaan Duraa……………………………………………12
3.5. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’aa Manneen Barnootaa
Sadarkaa 1ffaa…….13
3.6. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen Barumsaa
Sadarkaa 2ffaa….13
3.7. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizarootaa Manneen Barnootaa
Sad.1ffaan Duraafi 1ffaa….14
3.8. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizaroota Manneen Barnootaa
Sadarkaa 2ffaa…………………..14
Itti….
Kutaa Afur 4.
Adeemsa Dorgommii Hoggansa Manneen Barnootaa
……………………………………..15
4.1. Beeksisa baasu…………………………………….....15
4.2. Haala Kenniinsa Qabxii Dorgommii Hoggansa
ManneenBarnootaa………………………………………….16
4.3. Ulaagaa Ramaddii Hoggantoota Manneen
Barnoota…………………………………………………………18
4.4.Hirmaannaa Dubartootaa Hooggansa Manneen Barnootaa
Keessatti…………19
4.5.Yeroo Turtii Hooggansa Manneen Barnootaa……….20
Itti…
4.6. Hojiirraa Kaafamuu Hoggantoota manneen
Barnoota...........................................................20
4.7.Miseensota Koree Filannoo fi Ramaddii Hooggansa
Manneen Barnootaa......................21
4.8.Gahee Hojii koree filannoo fi ramaddii
HMB.................................................................22
4.9.Hojiirraa oolmaa qajeelfamichaa irratti Gahee Biiroo
Barnootaa Oromiyaa..................22
4.10. 4.9.Hojiirraa oolmaa qajeelfamichaa irratti Gahee
Biiroo Barnootaa Godinaa....................23
Itti…..
4.11.Haalota Waliigalaa HMB Ilaallatan…………23
5. Waa’ee Adabbii Naamusaa Hoggantoota Manneen Barnootaa
……………………………………24
5.1.Adabbii naamusaa cimaafi salphaa …………24
5.2.Adeemsa Fudhannaa Tarkaanffii Naamuusaa Hoggantoota
Manneen Barnootaa……………....24
6.Ittii waamamaa fi Madaallii HMB……………….24
7.Kutaa Torba.Sirna itti gaafatamummaa ,Aangoo qajeelfamicha
fooyyessuu fi yeroo raawwii………....……25
i.Barbaachisummaa
Itti…
Kaayyoo
Kutaa tokko
Haala waliigalaa
• Qajeelfamichi ‘’qajeelfama filannoo fi
ramaddii HMB Naannoo Oromiyaa
qajeelfama Lakk.4 bara 2014 fooyya’ee
bahe’’ jedhamee waamamuu ni
danda’a.
1.3. Daangaa Raawwatiinsaa
• Qajeelfamni kunfilannoofi ramaddii hoggantoota
manneen barnootaa Naanno Oromiyaa
(mootummaa, Miti- Mootummaafi dhuunfaa)
keessatti argaman irratti kan raawwatu ta’a.k
2.kutaa Lama:
. Proofaayila Hoggantoota Manneen Barnootaa
Filannoofi ramaddii hoggantoota manneen barnootaa
marsaa lamaan kan gaggeeffamu ta’a. Haaluma
kanaan marsaan tokkoffaa pirofaayiliifi ulaagaa
dorgommii kan qabatu yoo ta’u marsaan lammaffaa
immoo adeemsa filannoofi ramaddii kan ofkeessatti
qabatudha
2.1. Piroofaayilii Dura Bu’ootaa Fi Itti ManneAantoota en
Barnoota Sadarkaa 1ffaan Duraa

• Dura bu’oonniifi itti aantoonni mannen


barnootaa sadarkaa tokkooffaan duraa
ogummaa barsiisummaa barnoota
sadarkaa tokkooffaa duraan kan
tajaajilan ta’ee piroofaayilii armaan gadii
ni qabaatu:
Itti......
2.1.1`. Imaammata barnootaafi leenjii, qajeeltoo fi kallattii
misooma barnootaa akka biyyaattiqophaa’e hubatee
karoorsuu, hojiirra oolchuu, hordofuu, deeggaruufi
madaaluu kan danda’u;
2.1.2. Naannoo hojii baruuf barsiisuuf mijataa ta’ee fi bu’aa
qabeessa ta’e kan uumu;
2.1.3. Hojiirra olmaa yaad-hiddama barnoota hunda
hammattoo kan deeggaruufi leecalloo barbaachisoo ta’an
ramaduun haala qajeelfamanaan bulchuu kan danda’u;
Itti....
2.1.4. Manneen barnootaa daa’imman itti baratan nageenya isaa
kan mirkanaa’eefi hawwataa taasisuu kan danda’u;
2.1.5. Moraan mana barumsaa, kutaaleen barnootaa fi kutaalee
daa’imman boqonnaa ittii fudhatan mijataa taasisuuf gahumsa
kan qabu;
2.1.6. Maatii barattootaa ykn guddistootaafi hawaasa mana
barumsichaa qindeessuun kan hoggan;
2.1.7. Barsiisonni beekumsaafi dandettii isaanii naamusa
ogummaa waliin qindeessuunqabatamaan agarsiisuu akka
danda’aniif haala mijaataa kan uumu;
2.1.8. Qo’annoofi qorannoo irratti kan hirmaatu akkasumas
barsiisoonniis akkakeessatti qooda fudhataniif haala kan
mijeessu
Itti....
2.1.9. Manneen barnootaa keessafi alatti
heddumina keessummeessuu kan danda’u;
2.1.10. Ragaalee mana barnootaa seeraan
kan qabatu, qaama dhimmiilaaluuf yeroon
kan gabaasu.
2.2. Piroofaayilii Dura Bu’aa Fi Itti Aanaa Dura Bu’aa
Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa

Dura bu’oonniifi itti aantoonni dura bu’oota mannen


barnootasadarkaa 1ffaa ogummaa
barsiisummaatiin kan tajaajilaa jiran
ta’eepiroofaayilii armaan gadii ni qabaatu;
2.2.1. Imaammata barnootaaf leenjii,qajeeltoofi
kallattii misooma barnootaa akka biyyaatti
qophaa’e jiru hubatee hojiirra kan oolchu,
qajeelfamoota haala qabatamaajiru waliin
walsimsiisuu kan danda’u
Itti...
2.2.2. Hojii baruu barsiisuu kan karoorsu,hojiirra
olchu,hordofu, madaaluufi deggaruun kallattii kan
agarsiisu;
2.2.3. Naannoo hojii baruuf barsiisuuf mijataa ta’ee fi
bu’aa qabeessa ta’e uumuu kan danda’u;
2.2.4. Hojii baruu barsiisuu keessatti itti fayadama
teeknoolojii kan jajjabeessuu;
2.2.5. Sagantaa dagaagiina ogummaa waliitti fufaatiin
dandeettii hogganummaa isaaniicimsuuf kan hojjetu,
barsiisoonnis sagantaa kana keessatti akka hirmaatan
cimsee kan hojjetu;
Itti...
2.2.6. Hojii baruuf barsiisuuf haala kanmijeessu, sagantaa
barnoota ga’eessotaa karoorsuun hojiitti kan hiiku;
2.2.7. Hojiirra olmaa yaad-hiddama barnoota hunda
hammattoo ilaalchisee hubannoo kan uumu, deggaruufi
leecalloo barbaachisoo ta’an ramaduun kan hogganu;
2.2.8. Manneen barnootaa daa’imman itti baratan nageenya
isaa kan mirkanaa’eefi hawwataa taasisuu akkasumas
sirna korniyaa kan jajjabeessu;
2.2.9. Moraan mana barumsaa, kutaaleen barnootaa fi
kutaalee daa’imman boqonnaa ittii fudhatan mijataa
taasisuuf gahumsa kan qabu;
Itti...
2.2.10. Maatii barattootaa ykn guddistootaafi hawaasa mana
barumsichaa qindeessuun hogganuu kan danda’u;.
2.2.11. Barsiisonni beekumsaafi dandettii isaanii naamusa
ogummaa waliin qindeessuunqabatamaan agarsiisuu akka
danda’an haala mijaataa kan uumu;
2.2.12. Qo’annoof qorannoo irratti hirmaachuun
barsiisoonni akkarratti hirmaatan qindeessuun bu’aan
qorannichaas rakkoo mana barumsichaa hiikuu kan
danda’u ta’uu isaa kan mirkaneeffatu;
2.2.13. Firii barattotaa foyyeessuuf tarsiimoo qopheessuuf
gahumsa kan qabu, hirmaannaa barattota dubaraa kan
jajjabeessuufi heddumina kan keessummeessu
Itti...
2.2.14. Ragaalee mana barnootaa seeraan kan qabatuufi
qaama dhimmiilaaluuf yeroon kan gabaasu;
2.2.15. Yaad-rimee kenniinsa murtee hirmaachiisaa ta’ee
hojiirra kan olchu;
2.3. Piroofaayilii Dura Bu’aafi Itti Aanaa Dura Bu’aa Manneen
Barnootaa Sadarkaa 2ffaa
Dura bu’oonnii fi itti aantoonni dura bu’aa mannen barnoota
sadarkaa 2ffaa ogummaa barsiisummaatiinkan
tajaajilanta’eepiroofaayilii armaan gadii ni qabaatu
2.3.1. Imaammata barnootaaf leenjii, qajeeltoofi kallattii
misooma barnootaa akka biyyaatti qophaa’e jiru hubatee
hojiirra kan oolchu, qajeelfamoota haala qabatamaa
naannootiin walsimsiisuun hojiirra oolchuu kan danda’u;
Itti....
2.3.2. Karoora misooma barnootaa fi baruuf barsiisuu
qopheessuun hojiirra
oolchuu,hordofu,nimadaaluufideggaruunkallattii kan agarsiisu;
2.3.3. Gamtaa maatii,barataaf barsiisaa, hawaasa mana barumsaa
hirmaaachiisuun bulchiinsa mana barumsichaa irrattii gahee
isaanii akka bahaan kan jajjabeessu
2.3.4. Sagantaa dagaagiina ogummaa waliitti fufaa hojjetee
hojjechiisuun bu’a isaa madaalaa deemuu kan danda’u;
2.3.5. Leecalloo hojii barnootaaf oluu adda baasuun ramaduufi
bulchuu kan danda’u;
2.3.6. Naannoo hojii baruu barsiisuu mijataa taasisuun barnoota
hunda hammattoo irratti beekumsaaf dandettii orachuuf
tattaaffii kan godhuufi deeggarsa barbaachisu kan taasisu;
Itti...
2.3.7. Manni barumsichaa maatii fi hawaasa naannoo mana
barumsaa waliin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatu kan
taasiisuufi heddummina kan keessumessu;
2.3.8. Firii barattotaa foyyeessuuf tarsiimoo qopheessuuf gahumsa
kan qabu, hirmaannaa barattota dubaraa kan jajjabeessu;
2.3.9. Qo’annoof qorannoo bu’uuraa gaggeessuunbarsiisoonnis akka
hirmaatan kan taasiisuufi bu’aan qo’annoofi qorannoo kanas
rakkolee barnootaaakan hiikan ta’uu kan mirkaneeffatu;

2.4. Pirofaayila Supparvaayizaroota Manneen Barnoota Sadakaa


1ffaan
Itti...
Supparvaayizarootni sadarkaa tokkoffaan duraafi sadarkaa
tokkoffaa dura bu’ummaan yokaan itti aanaa dura
bu’ummaan kan tajaajilan ta’ee pirofaayila armaan gadii
ni qabaatu.
2.4.1. Imaammata barnootaafi leenjii, tarsiimoowwan
barnootaa, misooma barnootaafi qajeeltoowwaniifi
kallattiiwwan akka biyyolessaatti bahan irratti
hubannoo uumuu kan danda’u, hojiirra oolmaa isaas
kan hordofu;
2.4.2. Leeccaloowwan hojii barnootaaf oolan manneen
barnootaa keessatti akka kalaqaman kan jajjabeessu,
karoorsaa, hojiitti hiikaa, hordofuufi madaaluun
kallattii agarsiisuu kan danda’u;
Itti....
2.4.3. Muxannoowwan gaggaarii walitti qindeessuun
kan baballisu, hojiin baruufi barsiisuu bu’a
qabeessaa akka ta’uufibarnoonni hunda
hammattoo hojiirraooluuisaa hordoffii kan
taasiisuufi deeggaru;
2.4.4. Manneen barnootaa hawaasa naannoo waliin
hariiroo cimaaakka qabaatan tattaaffii kan godhu;
2.4.5. Supparvaayizaroonni manneen barnootaa
sadarkaa tokkoffaan duraafi sadarkaa tokkoffaa
wiirtuu gurmuu isaanjalatti argaman keessatti
adeemsi baruufi barsiisuu bu’a qabeessa akka ta’u
hoggantootaafi barsiistotaaf leenjii kennuuf
gahumsaafi dandeettii kan qabu;
Itti...
2.4.6. Qo’annoof qorannoo bu’uuraa gaggeessuun
durabu’oonniifi itti aantonnii akkasumas barsiisoonni
manneen barnootaa akka keessatti hirmaatan kan
hordofuufi bu’aan qo’annoofi qorannoon kanaa
hawaasa mana barumsaaf dhiyaatee hubannoo akka
irratti uumamu kan taasisu;
2.4.7. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa
keessatti hirmaannaa kan qabuu, durabu’oonniifi itti
aantonnii akkasumas barsiisoonni manneen
barnootaa akka itti hirmaatan deggersaafi hordoffii
kan taasisu;

2.4.8. Hojii baruu barsiisuu ammayyeessuuf keessatti itti


fayyadama teekinooloojii kan jajjabeessuu;
2.5. Pirofaayilii Supparvaayizara manneen
barnoota sadarkaa 2ffaa
Supparvaayizarootni sadarkaa lammaffaa dura
bu’ummaan ykn Itti aanaa dura bu’ummaan kan
tajaajilan ta’ee pirofaayila armaan gadii ni qabaatu.
2.5.1. Imaammata barnootaafi leenjii, tarsiimoowwan
barnootaa, misooma barnootaafi qajeeltoowwaniifi
kallattiiwwan akka biyyolessaatti bahan irratti
hubannoo uumuu kan danda’u, hojiirra oolmaa isaas
kan hordofu;
2.5.2. Leeccaloowwan hojii barnootaaf oolan manneen
barnootaa keessatti akka kalaqaman kan jajjabeessu,
karoorsaa, hojiitti hiikaa, hordofuufi madaaluun
kallattii agarsiisuu kan danda’u;
Itti....
2.5.3. Muxannoowwan gaggaarii walitti qindeessuun
kan baballisu, hojiin baruufi barsiisuu bu’a
qabeessaa akka ta’uufi barnoonni hunda
hammattoo hojiirra ooluu isaa hordoffii kan
taasiisuufi deeggaru;
2.5.4. Manneen barnootaa hawaasa naannoo waliin
hariiroo cimaa akka qabaatan tattaaffii kan godhu;
2.5.5. Supparvaayizaroonni manneen barnootaa
sadarkaa lammaffaa wiirtuu gurmuu isaan jalatti
argaman keessatti adeemsi baruufi barsiisuu bu’a
qabeessa akka ta’u hoggantootaafi barsiistotaaf
leenjii kennuuf gahumsaafi dandeettii kan qabu;
Itti...
2.5.6. Qo’annoof qorannoo bu’uuraa gaggeessuun
durabu’oonniifi itti aantonnii akkasumas barsiisoonni
manneen barnootaa akka keessatti hirmaatan kan hordofuufi
bu’aan qo’annoofi qorannoon kanaa hawaasa mana
barumsaaf dhiyaatee hubannoo akka irratti uumamu kan
taasisu;
2.5.7. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa keessatti
hirmaannaa kan qabuu, durabu’oonniifi itti aantonnii
akkasumas barsiisoonni manneen barnootaa akka itti
hirmaatan deggersaafi hordoffii kan taasisu;
2.5.8. Hojii baruu barsiisuu ammayyeessuuf keessatti itti
fayyadama teekinooloojii kan jajjabeessuu;
Kutaa Sadii:
3. Ulaagaalee Filannoo Hoggansa Manneen Barnootaa

3.1. UlaagaaleeFilannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Barnoota


Sadarkaa 1ffaan Duraa
Manni barumsaa barnoota sadarkaa tokkooffaan duraa hoggantoota
mana barnootaa dubartootaan kan hogganamuta’ee dorgomminiis
dubartoota giddutti ta’a. Gita hojii dura bu’aa mana barnootaa
sadarkaa tokkooffaan duraa irratti dorgomuuf ulaagaaleen
barbaachisan: -
3.1.1. Dhaabbilee barnoota mootummaa irraa sadarkaa dippilomaan
gosa barnoota sadrkaa 1ffaa keessatti kennamuun yookaan
barnoota sadarkaa tokkoffaan duraatiin kan eebbifamaniifi
dabalataan waa’ee qabiinsaaf kunuunsa daa’immanii irratti leenjii
gagabaabaa kan fudhatan;
Itti...
3.1.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa
barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan milkaa’an;
3.1.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW)
seeran kan hordofeefi poortifooliyoo dhuunfaa sirnaan
qindaa’e kan qabu;
3.1.4. Barsiisoota dubartootaa naannoo horsiisee bulaaatti
sadarkaa barsiisaa giddu galeessaa irra kan gahaan ta’ee
naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa barsiisaa irra
kan gahaa’an.
3.1.5. Hojii barsiisummaarratti dabalataanmuummeewwan
hogganuun, dursaa yunitii ta’uun, handhuura gabbisa
barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan qindeessaa
gumiiwwanii ta’uun kan tajaajilte.
Itti...
3.1.6. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajilteen
madaallii raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-
galeessaan qabxii 80% kan galmeessisiste.
3.1.7. I/A dura bu’aa dorgomtoota kan biro waliin qabxii walqixa
yoo fidan dursi ni kennamaaf.
3.2. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’aoota Manneen Barnootaa
Sadarkaa 1ffaa
3.2.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa gosa
barnootaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keessatti
kennaman keessaa tokkon dirgirii duraan kan eebbifamefi
leenjii ogummaa barisisummaa kan fudhate yokaan bulchiinsa
barnootaan dirgirii duraan kan eebbifame.
Itti...
3.2.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa
(MGO) fudhatanii kan milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen
hinmilkaa’iin filatamanii kan ramadaman yoo ta’e dhiheessii
qorumsaa BBO irratti hundaa’uun waggaa lama keessatti
milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan galu;
3.2.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW)
seeraan hordofee poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii
walitti fufiinsaan qindeessee faayila isaa keessaa kan qabu;
3.2.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa
barsiisaa olaanaa irra kan gahe ta’ee aanaalee horsiise
bulaatiif immoo sadarkaa Barsiisaa irra kan gahe dorgomuu
ni danda’a.
Itti....
3.2.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf
barsiisoota dubartootaa naannoo horsiisee bulaatti
sadarkaan barnootaa dippiloomaafi isaa ol ta’ee
sadarkaa barsiisaa irra kan gahaan; naannoo horsiisee
bulaan alattii sadarkaa digirii jalqabaafi isaa ol kan
ta’aniifi barsiisaa irra kan gahaa’an dorgommiif
dhiyaachuu danda’uu.
3.2.6. Hojii barisiummaarratti dabalataanqindeessaa
muummeewwanii, yunitii, handhuura gabbisa
barumsaatfi gumiiwwanii ta’uun kan tajaajile;
Itti...
3.2.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajiluun madaallii
raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80%
fi ol kan qabu;
3.2.8. Itti aanaa dura bu’aan dorgomee kanneen biroo waliin qabxii walqixa
yoo fidan dursi ni kennamaaf;
3.3. Ulaagaalee Filannoo Dura Bu’oota Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa
3.3.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa hoggansa
barnootaan digrii 2ffaa kan qabu yokaan gosa barnoota mana barumsaa
keessatti kennamaniin digrii 2ffaa kan qabu ta’ee bulchiinsa barnootaa
digirii 2ffaa kan qaban yoo dorgoman dursi nikennamaaf;
Itti...
3.3.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa
(MGO) fudhatanii kan milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen
hinmilkaa’iin filatamanii kan ramadaman yoo ta’e dhiheessii
qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti hundaa’uun
waggaa lama keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada
kan galu;
3.3.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan
hordofee poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti
fufiinsaan qindeessee faayila isaa keessaa kan qabu;
3.3.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa
olaanaa irra kan gahe ta’ee aanaalee horsiise bulaatiif immoo
sadarkaa barsiisaa irra kan gahe dorgomuu nidanda’a.
Itti...
3.3.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota dubartootaa
naannoo horsioisee bulaaatti sadarkaan barnootaa digrii duraa ta’ee
sadarkaa barsiisaa irra kan gahaan, naannoo horsiisee bulaan alattii
sadarkaa digrii duraa fi isaa ol kan ta’aniifi barsiisaa olaanaa irra kan
gahaa’an dorgommiif dhiyaachuu nidanda’uu.
3.3.6. Hojii barisiummaarratti dabalataanqindeessaa muummeewwanii,
yuuniitii, gumiiwwanii, handhuura gabbisa barumsaa ta’uun kan
tajaajile;
3.3.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajiluun madaallii
raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80%
fi ol kan qabu;
3.3.8. Itti aanaa dura bu’aan dorgomee kanneen biroo waliin qabxii walqixa
yoo fidan dursi ni kennamaaf;
3.4. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen Barnootaa
Sadarkaa 1ffaan Duraa

3.4.1. Manni barumsaa barnoota sadarkaa tokkooffaan duraa


dubartootaan kan hogganamuu ta’ee dorgomminiis dubartoota
gidduutti ta’a. Gita hojii itti aanaa dura bu’aa mana barnootaa
sadarkaa tokkooffaan duraa irratti dorgomuufdhaabbilee barnoota
mootummaairraa sadarkaa dippilomaatiin gosa barnoota
barnoota sadarkaa 1ffaa duraatiin yokaan sadarkaa diploomaatiin
gosa barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti kennamuun kan
eebbifamtee, dabalataan qabiinsaafi kunuunsa daa’immanii irratti
leenjii gaggabaabaa kan fudhattee dorgomuu nidandeessi; .
3.4.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO)
fudhatanii kan milkaa’an
Itti...
3.4.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW)
seeran kan hordofeefi poortifooliyoo dhuunfaa walitti
fufiinsaan kan waggaa lamaa qindaa’e kan qabdu;
3.4.4. Barsiisoota dubartootaa naannoo horsioisee bulaaatti
sadarkaa barsiisaa giddu galeessa irra kan gahaan ta’ee
naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa barsiisaa irra kan
gahaa’an dorgommiif dhiyaachuu nidanda’uu.
3.4.5. Hojii barisiummaarratti dabalataan qindeessituu
muummeewwanii, yunitii, gumiiwwanii, handhuura gabbisa
barumsaatti ta’uun kan tajaajile;
Itti...
3.4.6. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan
tajaajilteen madaallii raawwii hojii bu’aa irratti
xiyyeeffateen giddu-galeessaan qabxii 80%kan
galmeessite.
3.5. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’aa
Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa
3.5.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa
gosa barnootaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa
keessatti kennaman keessaa tokkoon dirgirii duraan kan
eebbifamefi leenjii ogummaa barisiummaa kan fudhate
yokaan bulchiinsa barnootaan dirgirii duraan kan
eebbifame;
Itti...
3.5.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa
(MGO) fudhatanii kan milkaa’an dursi nikennamaaf,
kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan ramadaman yoo
ta’e dhiheessii qorumsaa BBO irratti hundaa’uun waggaa
lama keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan
galu;
3.5.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW)
seeraan hordofee poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa
sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila isaa keessaa kan
qabu;
3.5.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa
barsiisaa olaanaa irra kan gahe ta’ee aanaalee horsiise
bulaatiif immoo sadarkaa barsiisaa irra kan gahe
dorgomuu ni danda’a.;
Itti...
3.5.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf
barsiisoota dubartootaa naannoo horsioisee bulaaatti
sadarkaan barnootaa digirii duraa ta’ee sadarkaa
barsiisaa irra kan gahaan ta’ee naannoo horsiisee
bulaan alattii sadarkaa digirii duraafi ol kanqabaniifi
barsiisaa olaanaa irra kan gahaa’an dorgommiif
dhiyaachuu nidanda’uu;
3.5.6. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee
barsiisaa sadarkaan jiran, muummeewwan
hogganuun, dursaa yunitii ta’uun, handhuura gabbisa
barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan
qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan tajaajile;
Itti...
3.5.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan
tajaajileen/teen madaallii raawwii hojii bu’aa irratti
xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% kan
galmeessise/siste;
3.6. Ulaagaalee Filannoo Itti Aantoota Dura Bu’oota Manneen
Barumsaa Sadarkaa 2ffaa /9-12/
3.6.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa
hoggansa barnootaan digrii 2ffaa kan qabu/du yokaan gosa
barnoota mana barumsaa keessatti kennamaniin digrii 2ffaa
kan qabu ta’ee bulchiinsa barnootaatiin digirii 2ffaa kan qabu
yoo jiraate dorgommiif dhiyaachuuf dursi ni kennamaaf;
Itti...
3.6.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa
(MGO) fudhatanii kan milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen
hinmilkaa’iin filatamanii kan ramadaman yoo ta’e dhiheessii
qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti hundaa’uun
waggaa sadii keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada
kan galu;
3.6.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW)
seeraan hordofee poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii
walitti fufiinsaan qindeessee faayila isaa keessaa kan qabu;
3.6.4. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa
barsiisaa olaanaa irra kan gahe ta’ee aanaalee horsiise
bulaatiif immoo sadarkaa barsiisaairra kan gahe dorgomuu
ni danda’a.
Itti...
3.6.5. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota
dubartootaa naannoo horsiisee bulaaatti sadarkaan barnootaa
digrii duraa kan qabuufisadarkaa barsiisaa irra kan gahaan,
naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digriifi isaa ol kan
qabuufi sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahaa’an dorgommiif
dhiyaachuu danda’uu;
3.6.6. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee barsiisaa sadarkaan
jiran muummeewwan hogganuun, dursaa yunitii ta’uun,
handhuura gabbisa
barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun, yokaan qindeessaa gumiiwwanii
ta’uun kan tajaajile;
3.6.7. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajileen/teen
madaallii raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-
galeessaan qabxii 80% kan galmeessise/siste;
Itti...
3.7. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizarootaa Manneen
Barnootaa Sad.1ffaan Duraafi 1ffaa /1-8 /
3.7.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa gosa
barnootaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa keessatti
kennaman keessaa tokkoon dirgirii duraan kan eebbifamefi
leenjii barisiummaa kan fudhate yokaan bulchiinsa
barnootaan dirgirii duraan kan eebbifame; dirsi
3.7.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa
(MGO) fudhatanii kan milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen
hinmilkaa’iin filatamanii kan ramadaman yoo ta’e dhiheessii
qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti hundaa’uun
waggaa sadii keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada
kan galu;
Itti....
3.7.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa
(DOW) seeraan hordofee poortifooliyoo dhuunfaa
kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee
faayila isaa keessaa kan qabu;
3.7.4. Dura bu’ummaan yokaan itti aanaa dura
bu’ummaan waggaa lamaafi isaa ol kan tajaajile
3.7.5. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate
sadarkaa barsiisaa olaanaa irra kan gahe ta’ee
aanaalee horsiise bulaatiif immoo sadarkaa
barsiisaa irra kan gahe dorgomuu ni danda’a.
Itti...
3.7.6. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota
dubartootaa naannoo horsiisee bulaaatti sadarkaan barnootaa
digirii duraa ta’ee sadarkaa barsiisaa irra 20 kan gahaan,
naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digirii duraa kan
qabduufi barsiisaa olaanaa irra kan geese;
3.7.7. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee barsiisaa
sadarkaan jiraniifi muummeewwan hogganuun, dursaa yunitii
ta’uun, handhuura gabbisa barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun,
yokaan qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan tajaajile;
3.7.8. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan tajaajileen/teen
madaallii raawwii hojii bu’aa irratti xiyyeeffateen kan giddu-
galeessaan qabxii 80% kan galmeessise/siste;
3.8. Ulaagaalee Filannoo Supparvaayizaroota Manneen
Barnootaa Sadarkaa 2ffaa /9-12/
3.8.1. Dhaabbilee barnoota ol’aanoo mootummaa irraa hoggansa barnootaan digrii
2ffaa kan qabu yokaan gosa barnoota mana barumsaa keessatti kennamaniin digrii
2ffaa kan qabu ta’ee bulchiinsa barnootaatiin digirii 2ffaa kan qabu yoo jiraate
dorgommiif dhiyaachuuf dursi ni kennamaaf;
3.8.2. Qorumsa madaallii gahumsa ogummaa barsiisummaa (MGO) fudhatanii kan
milkaa’an dursi nikennamaaf, kanneen hinmilkaa’iin filatamanii kan ramadaman
yoo ta’e dhiheessii qorumsaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa irratti hundaa’uun
waggaa sadii keessatti milkaa’ee raga dhiheefachuuf waada kan galu;
3.8.3. Sagantaa dagaagina ogummaa walitti fufaa (DOW) seeraan hordofee
poortifooliyoo dhuunfaa kan waggaa sadii walitti fufiinsaan qindeessee faayila isaa
keessaa kan qabu;
3.8.4. Dura bu’ummaan yokaan Itti aanaa dura bu’ummaan waggaa lamaafi isaa ol
kan tajaajile;
Itti...
3.8.5. Ogummaa barsiisummaan yoo xinnaate sadarkaa barsiisaa
dursaa irra kan gahe ta’ee aanaalee horsiise bulaatiifsadarkaa
barsiisaa irra kan gahe dorgomuu ni danda’a.
3.8.6. Hirmaannaa hoggansa dubartootaa cimsuuf barsiisoota
dubartootaa naannoo horsiisee bulaaatti sadarkaan barnootaa
digrii duraafi isaa ol ta’ee sadarkaa barsiisaa irra kan gahaan,
naannoo horsiisee bulaan alattii sadarkaa digrii 2ffaafi isaa ol kan
qabaniifi sadarkaa barsiisaa irra kan gahaa’an dorgommiif
dhiyaachuu danda’uu;
3.8.7. Hojii barisiummaatti dabalataan waldaalee barsiisaa
sadarkaan jiran muummeewwan hogganuun, dursaa yunitii
ta’uun, handhuura gabbisa barumsaatti itti gaafatamaa ta’uun,
yokaan qindeessaa gumiiwwanii ta’uun kan tajaajile;
Itti...

3.8.8. Waggootii lamaan boodanaa barsiisummaan


tajaajileen/teen madaallii raawwii hojii bu’aa irratti
xiyyeeffateen kan giddu-galeessaan qabxii 80% kan
galmeessise/siste;
3.8.9. Filannoofi ramaddiin hoggansa manneen
barnootaa sadarkaa hundaa kan geggeeffamu
sadarkaa waajjira barnootaa bulchiinsa
magaalotaafi waajjira barnoota Aanaaleetti ta’a.
Kutaa Afur 4.
Adeemsa Dorgommii Hoggansa Manneen Barnootaa

4.1. Beeksisa baasuu


4.1.1. Gita hojii itti aanaa dura bu’aa, dura bu’aa fi
supparvaayizarummaafbarsiisotaafi hoggantoota
manneen barnootaa keessaa waldorgomsiisanii
filachuun yeroo barbaachisaa ta’ee argamu, giti hojii
banaan beeksisa ifa ta’een ibsamuu qaba.
4.1.2. Beeksisnidorgommii hoggantootaa manneen
barnootaa wantootni qabachuu qabu;
a) Maqaafi teessoo mana,barumsichaa ykn wiirtuu
gurmuu manneen barnootaa.
Itti...
b) Waamama gita hojichaa, sadarkaafi mindaa.
c) Gita hojichaaf muuxannoo barbaachisu barsiisummaafi
hoggansaan, dandeettii, beekumsaafi qophaa’ummaa
barnootaa, cuunfaa madaallii raawwii hojii waggaa
lamaa kan walitti aanan kan yeroo dhiyoo,
d) Guyyaafi sa’atii galmeen itti eegaluufi dhaabbatu,
e) Bakka galmeefi lakkoofsa kutaa hojii akkasumas guyyaa
qorumsi itti kennamu kan qabate ta’ee, beeksisni gita
hojii guyyaa hojii walitti aanan kudhaniif gabatee
beeksisaa irratti ifatti maxxanfamee galmeen ni
raawwatama.
Itti...
4.1.3. Barsiisaan muuxannoo guddaa qabuufi fedhii hoggansaa qabaatee
gara hoggansa mana barumsaa kanatti dhufu yoo dorgommii
bakkichaaf taa’e mo’atee kan dabru ta’eefi mindaan barsiisummaan
argachaa jiru ka’umsa mindaa bakkichaaf taa’een waliqixa yokaan ol
yoo ta’e mindaa barsiisummaan argachaa ture irratti dalgee sadii
dabalameefiihojii hoggansaa irratti ramaduun ni danda’ama waan
ta’eef namoonni dorgommiif dhufan sababaa mindaan
daangeeffamuu hinqaban
4.1.4. Ulaagaalee dorgommiifi qabxiilee madaallii adeemsi haalduree
filannoo erga raawwate booda itti aanaa dura bu’ummaa, dura
bu’ummaafi supparvaayizarummaaf kanneen dorgommiif
dhiyaaatan, bu’aa raawwii hojii isaaniitiin, qophii karoora tarsimaa’aa
mana barumsaa ykn wiirtuu gurmuu manneen barnootaa itti
dorgoman qopheessuun dhiyeessuu, qorumsa barreeffamaatiin, af-
gaaffiin, muuxannoo hojiifi qulqullina galmeetiin dorgomanii akka
filataman ta’a. Raawwiin isaa akka kanatti aanuun ibsamee jira.
Itti...
4.1.5. Kanaan dura hojii hoggansaa irratti hojjataa kan
turansababaa adda addaatiin hojii hoggansa
manneen barnootaa irraa ka’aniif turtii wagga 2
booda I/A Dura bu’aa, Dura bu’aafi Suupparvaayizarri
irra deebi’ani hoggansaa irratti dorgomuu yoo
barbaadan sadarkaa miindaa iddichaaf taa’ee
beeksisni irratti bahe irratti dorgomuuf ulaagaa
bakkichi barbaadu guutanii kan argaman yoo ta’e
tajaajilli Itti aanaa dura bu’ummaa, durabu’ummaafi
suupparvaayizarummaan kennan muuxannoo
dorgomiif qofa walqixa ni qabamaaf.
4.2. Haala Kenniinsa Qabxii Dorgommii Hoggansa
Manneen Barnootaa
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaan duraa, sadarkaa tokkoffaafi
sadarkaa lammaffaa irratti dura bu’ummaan, Itti aanaa dura
bu’ummaafi supparvaayizarummaan dorgomuuf kan dhiyaatan
ulaagaalee fo’annoofi filannoo armaan olitti tarreeffaman
guuttachuun akka eegametti ta’ee haala armaan gadiittiin calalamanii
adda baafamu.
4.2.1. Qabxii madaallii raawwii hojii.…….………15%
Raawwii karoora hojii bu’aa irratti xiyyeeffateef qabxiin kennamu 15%
keessaa ta’ee, ramaddii hoggansa manneen barnootaatiif dorgommiif
dhiyaachuun kan danda’amu cuunfaa madaallii raawwii hojii walitti
aansee yeroo dhiyoo seemisteera afur (ji’a 24) gaggeeffameen gara
15%tti jijjiiramee kan qabamuuf ta’a. Fakkeenyaaf cuunfaa madaallii
raawwii hojii seemisteera afuriin 80% kan qabu gara %50tti yammuu
jijjiiramu 80*15/100 = 12 argata.
Itti...

4.2.2. Qulqullina Galmeef ………… 5%


Qulqullinni galmee yeroo waldorgommiin hoggansa manneen barnootaa
itti gaggeeffamu keessatti dorgomtoonni qulqullina galmee isaan qaban
kan ilaallatu ta’ee haalli raawwii isaa;
i. Adabbii kan hin qabne…….5%
ii. Adabbii akeekkachiisa barreefamaa kan hogganaa dhiyootiin
kenname........4%
iii. Adabbii mindaa baatii tokkoo kan qabu yoo ta’e…………....3%
iv. Adabbii mindaa baatii tokkoo olii kan qabu yoo ta’e……...2%
4.2.3. Qorumsa Barreeffamaa………… 40%
Itti...
Qophiifi qabiyyeen qorumsa barreeffamaa
sadarkaa sadarkaan qophaa’u qixa piroofaayilii
hoggansa manneen barnootaa kaa’aman
jiddugaleessa kan godhate ta’ee beekumsa,
dandeettii fi ilaalcha ogummaa akka
madaaluutti qophaa’uu qaba. Qorumsa
barreeffamaatiin 50% fi isaa ol kan argatan
yoo ta’e dorgommii itti aanuuf ni filatamu.
4.2.4. Karoora tarsiima’aa mana barumsaa qopheessuun
dhiyeessuu…….30%

Karoora tarsiima’aa mana barumsaa qopheessuun dhiyeessuun 30%


keessaa kan kennamu ta’ee qophii karoora tarsiima’aatiif qabxii
(10%) fi dhiyeessuuf qabxii (20%) kan qabamu ta’a.
Qophii karoora tarsiima’aa ilaalchisee kaadhimamtoonni hooggansa
manneen barnootaa qabxii caalmaadhaan filataman karoora
tarsiima’aa qopheessuun koreef akka dhiyeessan ni taasifama.
Karoorri tarsiima’aan fooyya’iinsa mana barumsaa irratti kan
xiyyeeffate ta’ee haala waliigalaa mana barumsaa irratti dorgomanii
bu’ureeffachuun qophaa’uu qaba. Haalli madaallii isaas qabiyyee
qophii karoora tarsiima’aa fooyya’iinsa mana barumsaa irratti kan
hundaa’e ta’a koreen dhuunfaa isaaniitiin qabxii qabuun walitti kan
ida’amu ta’a.
4.2.5. Af-gaaffii…………………10%
Qorumsa Af-gaaffii ilaalchisee hooggansi manneen barnootaa
qabiyyeewwan madaallii hunda keessa darbuun sadarkaa
Af-gaaffii kan ga’aaniif Af-gaaffiin dhiyaatuuf ga’umsa gaaffii
dhiyaateef hubachuu, deebii sirrii kennuusaa, dandeettii
waliigaltee uumuu, dandeettii yaada ofii qindeessanii ibsuufi
ofitti amantummaa inni qabu kan madaalu ta’uu qaba.
Adeemsi Af-gaaffii osoo hin eegaliin dura koreen calalliifi
ramaddii ulaagaalee madaallii bu’uura gochuun tokkoon
tokkoo gaaffiilee qophaa’aniif qabxii argachuu qabu ni
murteessu.
Itti...
Koreen calalliifi ramaddii ulaagaalee calallii armaan olitti
ibsame bu’uura gochuun bu’aa qabxii madaallii ragaa
guutuuwaliin gabatee beeksisaa irratti maxansuu qabu.
Ulaagaalee dorgommii armaan olii guutuun barsiistotni,
I/Aantota dura bu’ootaafi Dura bu’oota keessaa qabxii
caalmaan kan filataman dura bu’ummaan, I/A dura
bu’ummaanifi Supparvaayizarummaan erga ramadamanii
booda kanneen leenjii hin fudhanneef dandeettii
raawwachiisummaa isaanii ol guddisuuf leenjiin
geggeessummaa hojii irraa ni kennamaaf.
4.3. Ulaagaa Ramaddii Hoggantoota Manneen
Barnootaa
4.3.1. Mana barumsa barnoota sadarkaa 1ffaan duraa of danda’ee jiru
ta’ee, baay’inni barattootaa 150fi isaa gadi yoo ta’e dura buutuu
tokko qofa qabaata. Baay’inni barattootaa151 hanga 300 kan qabu
yoo ta’e immoo dura buutuu tokkoofi itti aantuu dura buutuu tokko
ni qabaata.
4.3.2. Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ta’ee yoo baay’inni barattootaa
500fi isaa gadi ta’e dura bu’aa tokko qofa qabaata. Baay’inni
barattootaa 501 hanga 1000 kan qabu yoo ta’e dura bu’aa tokkoofi itti
aanaa tokko ni qabaata. Baay’inni barattootaa 1001 hanga 3000 kan
qabu yoo ta’e immoo dura bu’aa tokkoofi itti aantoota dura bu’ootaa
lama ni qabaata.
4.3.3. Mana barumsa sadarkaa 1ffaa baay’inni barattootaa 3000 olqabu
yoo jiraate durabu’aa tokkofi itti aantota dura bu’ootaa sadii ni
qabaata
Itti...
4.3.4. Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa (9-12) ta’ee baay’inni
barattootaa hanga 1000 kan qabu dura bu’aa tokkoofi itti aanaa
dura bu’aa tokko ni qabaata. Baay’inni barattoota 1001 hanga
3000 yoo ta’e durabu’aa tokkoofi itti aantoota dura bu’ootaa lama
ni qabaata.
4.3.5. Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa(9-12) baay’inni barattootaa
3000 ol qabu yoo jiraate, dura bu’aa tokkoo fi itti aantoota dura
bu’aa sadii ni qabaata.
4.3.6. Supervaayizarri tokko wiirtuu gurmuu manneen
barnootaamanneen barnootaa sadarkaa 1ffaan duraa, buufata
barnoota al-iIdileefi misooma hawaasaafi manneen barnootaa
sadarkaa1ffaa baadiyyaatti afuriihanga ja’aafi magaalaatti shanii
hanga torbaa, manneen barnoota sadarkaa 2ffaabaadiyyaafi
magaalattis lamaa hangashaniif namni tokkoni ramadamaaf.
Itti...
4.3.7. Teessoon supparvaayizaroota manneen barnoota
sadarkaa 1ffaafi 2ffaa manneen barnoota raawwii hojii
isaaniitiin gaarii ta’aniifi hanga danda’ametti giddugaleessa
wiirtuu gurmuu manneen barnootaa isa jala jiran
deeggaruuf mijja’aa ta’e keessa ta’uu qaba.
4.3.8. Supparvaayizaroonni manneen barnootaa wiirtuu
gurmuu manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti
kutaa of danda’ee hojii isaanii keessatti hojjatan qabaachuu
qaba.
4.3.9. Dubartootaa gara hoggansaatti fiduuf bifa addaan warra
fedhii qaban filuun ramaddiin isaanii karaa jireenya matii
isaanii irratti dhiibbaa hingeessifneen kan raawwatamu ta’a;
Itti...
4.3.10. Manneen barnoota hoggansa lama qaban keessatti yoo
xiqqaate tokko dubartii ta’uu qaba. Haata’u malee, lakkoofsa
dubartootaa hoggansa manneen barnootaa keessatti dabaluuf
hoggansi lameenuu dubartii ta’uu ni danda’a.
4.3.11. Hirmaannaa dubartootaa hoggansa manneen barnootaa
keessatti guddisuuf bakka banaa beeksisni ba’eef irratti 50%
barsiisonni dubaraa kophaa isaanii kan wal dorgoman ta’ee
50% hafe irratti immo barsiistota dhiiraa waliin kan wal
dorgoman ta’a;
4.3.12. Iddoo banaa hoggansa manneen barnootaa irratti osoo
beeksiifni dorgommii hin ba’in hoggansa dubaraa jijjiirraa
bakkicha irratti gaafatan waldorgomsiisuun dursi ni kennama.
Itti...
4.3.13. Qabxiiwwan olitti ibsame akkuma jirutti ta’ee hirmaannaa
hoggansa dubartootaa sadarkaa dura bu’ummaafi
supparvaayzarummaa jiru dabaluuf aanaaleen ykn bulchiinsa
magaalotaa baay’ina manneen barnootaa qaban keessaa yoo
xiqqaate 35% dabartoota qofa ramaduu qabu.
4.3.14. Bulchiinsi magaalaa tokko baay’ina mana barumsaa sadarkaa
1ffaa 60 fi sadarkaa 2ffaa 5, Akkasumaas wiirtuu gurmuu manneen
barnoota sad.1ffaa 10fi sad. 2ffaa 3 yoo qabaate, dura bu’aa sad.1ffaa
21, dura bu’aa sad.2ffaa 2, Akkasumaas supparvaayzarri sad.1ffaa 4 fi
supparvaayzarri sad.2ffaa 1 dabartoota ta’uun dirqama.
4.4.yeroo turtii
Hoggantoota manneen barnootaa gahumsa, dandeettiifi
fakkeenyummaa hojii gaarii qaban haaraa baay’inaafi qulqullinaan
horachuun waan barbaachiseef

4.4.1. Turtiin hoggansa manneen barnootaa marsaa yokaan tarmii


lamatti akka dangeeffamu ta’eera. Haaluma kanaan, marsaan
tokko turtii waggaa afurii kan qabu ta’ee ramaddiin hoggansa
manneen barnootaa turtii wagga afur afuriitiinriifoormii
gaggeessuun bifa haaran kan raawwatamu ta’a.
4.4.2. Hoggansi manneen barnootaa bu’aa hojii gaarii galmeessan,
bara hoggansa isaanii keessatti jijjiirama qabatamaa mana
barumsa isaanii keessatti agarsiisan irra deebi’ee yeroo lamaaf
qofaf iddoo irratti hojjetaa turanitti dorgomuu nidanda’a.
4.5. Hojiirraa Kaafamuu Hoggantoota
manneen Barnootaa
Hooggantoonni manneen barnootaa sababa garaagaraatiin
bakka hogganaa jiran irraa yammuu kaafaman haala armaan
gadiitiin ramadamu: -
4.5.1. Ogummaa barsiisummaa gosa barnootaatiin digrii duraa
ykn digrii lammaffaa kan qaban yoo ta’e qophaa’ummaan
barnootaafi muuxannoon isaanii ilaalamee bakka hiriyoonni
isaanii ga’anitti ni ramadamu.
4.5.2. Ogummaa barsiisummaa gosa barnootaatiin digrii
duraan kan leenji’aniifi hoggansa barnootaan digrii
lammaffaa kan qaban yoo ta’e ramaddiin kan kennamuuf
digrii duraatiin ta’ee qophaa’ummaan barnootaafi
muuxannoon isaanii ilaalamee bakka hiriyoonni isaanii
ga’anitti ni ramadamu.
Itti...
4.5.3. Ogummaa barsiisummaa gosa barnootaatiin
dippiloomaan kan leenji’aniifi hoggansa barnootaan
digrii duraa kan qaban yoo ta’e ramaddiin kan
kennamuuf dippilomaan ta’ee qophaa’ummaan
barnootaafi muuxannoon isaanii ilaalamee bakka
hiriyoonni isaanii ga’anitti ni ramadamu.

4.5.4. Dippiloomaa irraa hanga digrii lammaffaatti


hoggansa barnootaan kan leenji’aniif
qophaa’ummaan barnootaafi muuxannoon isaanii
ilaalamee gosa barnootaa itti dhiheenyaan barsiisuu
danda’anirratti muuxaannoo hiriyyoota isaanii waliin
karaa walsimuu danda’uun akka ramadaman ta’a;
Itti...
4.5.5. Hoggansi mana barumsaa manni barumsaa inni
hogganaa jiru istandardoota inispeekshinii barnoota
waliigalaa manni barumsaa tokko ittin madaalamuun
gulantaa mana barnootaa isaa I fi II irra jira yoo ta’e
hoggansi mana barumsa hawaasa mana barumsa isaa
qofa qindeessuun jijiiruu danda’a jedhu irratti hojjatee
madaallii marsaa lamaatiin sadarkaa istaandardoota
kanneenii mana barumsaa isaa fooyya’uu hin dandeenye
taanan hoggansa irraa kan kaafamu ta’a.
4.5.6. Dura bu’aa, Itti aanaa dura bu’aafi, supparvaayizarri
ramadamee tajaajilaa jiru tokko hanqina adda addaa
mana barumsaa ykn wiirtuu gurmuu manneen barnootaa
keessatti agarsiiseen hojiirraa kaasuun kan danda’amu;
Itti...
i. Jalqaba hanqina agarsiisee tuquun hogganaa
dhiyootiin akeekkachiisa afaanii irraa hanga
akeekkachiisa barreeffaatti kennuudhaan
gorsuufi deeggersa barbaachisu taasisuufi,
ii. Tarkaanfilee olitti ibsamaniin kan hin sirroofne
yoo ta’e hoggansaa irraa kaasuun bakka
hojjechuu danda’utti ramaddiin haala
qajeelfama ramaddii barsiisotaatiin ni
kennamaaf.
Itti...
4.5.7. Hoggantootni manneen
barnootaa hojii irratti miidhaa
geessisan ykn rakkoo biraa qaban
ragaa qabatamaarratti hundaa’uun
tarkaanffii hojii hoggansaa irraa
kaasuu kan danda’u manajimeentii
mana hojichaatiin ta’a.
4.6. Gahee Hojii Biiroo Barnootaafi Koree Filannoo
Hoggantoota Manneen Barnootaa

4.6.1. Koreen fiilannoon dura bu’ootaa, itti


aantoota dura bu’ootaafi
supparvaayizarootaa sadarkaa waajjira
barnoota aanaafi bulchiinsa magaalaatti kan
gaggeeffamu ta’ee miseensota armaan gadii
ni qabaata.
A. Sadarkaa aanaatti
i. Abbaa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB
Aanaa------------Walitti qabaa
ii. Abbaa adeemsa hojii fooyya’iinsa manneen barnoota
Aanaa --------Barreessaa
iii. Waldaa barsiisota Aanaa irraa nama lama------------
Miseensa
iv. Abbaa adeemsa hojii inispeekshinii barnoota waliigala
Aanaa--------Miseensa
v. Ogeessa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB
nama tokko-------Miseensa
vi. Ogeessa idileessa koorniyaa---------Miseensa
B. Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti
i. Abbaa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB---------
Walitti qabaa
ii. Abbaa adeemsa hojii fooyya’iinsa manneen
barnootaa-------Barreessaa
iii. Waldaa barsiisotaa irraa-------------Miseensa
iv. Abbaa adeemsa hojii inispeekshinii barnoota waliigala.--
Miseensa
v. Ogeessa adeemsa hojii misooma barsiisotaafi HMB nama
tokko-----Miseensa
vi. Ogeessa idileessa koorniyaa-------Miseensa
4.6.4. Gahee hojii Koree filannoo Hoggantoota Manneen
Barnootaa Sadarkaa Aanaafi B/Magaalotaa

1. Manneen barnootaa dorgommiin irratti


gaggeeffamu adda nibaasa;
2. Barsiistonni ulaagaa guutan dorgommii irratti akka
hirmaataniif beeksisa nibaasa;
3. Guyyaa galmeefi dorgommii nimurteessa;
4. Qajeelfama qophaa’e irratti hundaa’uun ragaa isaanii
sakatta’uun dorgomtoota ulaagaa guutan
nigalmeesa
5. Ragaa isaanii qulqulleessuun kanaan dorgommiif
darban adda nibaasaa, qorumsa itti aanuuf akka
qophaa’an nitaasisa;
Itti...
6. Guyyaa qorumsaa ni murteessa; kanneen firiin
qorumsaa isaanii 50% fi ola ta’an adda baasuun
qorumsa itti aanuuf akka dhiyaatan ni taasisa;
7. Qabxii qorumsaa sadarkaa kaawwame
sirrummaa isaa mirkaneeffachuun qindeessee
kanneen qorumsa darban adda baasa;
8. Kanneen qorumsa dardban qindeessuun
hoggaanaa mana hojjichaaf dhiheessuun erga
mirkanaa’een booda firii dorgommichaa ni
maxxansa, mana barumsaa irratti dorgome
beeksisuun ramaddii nigaggeess;
4.7. Haalota Waliigalaa Hoggansa Manneen
Barnootaa Ilaallatan
4.7.1. Hoggantootni manneen barnootaa dorgommicha darbanii
tajaajila irra jiran faayidaalee heyyamame kan argatan hojii
kana irra hanga jiranitti qofa dha.
4.7.2. Hoggantootni manneen barnootaa istaandardii osoo
hinguutiin yeroo ammaa hojjiiirra jiran yeroo qajeelfamni kun
hojiirra ooluu jalqabutti sadarkaa barumsa isaanii
fooyyeffatanii yoo dhiyeessan tajaajilli dura bu’ummaa, itti
aanaa durabu’ummaafi supparvaayizarummaan kennan
qabameefii akkuma ragaa barnoota isaanii dhiyeeffataniin
ulaagaalee qajeelfama kana keessatti kaa’aman kan guutan
taanaan barri tajaajila isaanii herreegamee sadarkaa mindaa
irra gahuu qaban irratti ni sirreeffamaaf.
Itti..
4.7.3. Hoggantootni osoo istaandardii hin guutiin sadarkaa
2ffaatti ramadaman miindaa ka’umsaa iddichaaf
hayyamame osoo hin ta’iin miindaa istandardii
qophaa’ummaa sadarkaa barnootaa
isaaniinwalgituistaandardii hoggansa sadarkaa tokkoffaa
argachaa sadarkaa mana barumsaa itti ramadametti akka
hojjetan ta’ee yeroo turtii isaa eeguun guddinni sadarkaa ni
hojjetamaaf.
4.7.4. Akkasumaas sadarkaa1ffaarratti barsiisoonni osoo
ulaagaa hinguutiin ramadaman miindaa barsiisummaatiin
ramadamani hanga ulagaa guutanitti turtii eeganii sadarkaa
guddina barsiisummaan akka argatan ta’ee sadarkaan tokko
ykn hirkaniin sadii dabalameefii bakka bu’ummaan ni
hojjetu.
Itti...
4.7.5. Barsiisaan muuxannoo guddaa qabuufi fedhii hoggansaa
qabaatee gara hoggansa mana barumsaatti dhufuf dorgommii
bakkichaaf taa’e mo’ateedabre ta’emiindaabarsiisummaan
argachaa jiru ka’umsa miindaa bakkichaaf taa’een waliqixaa
yookaan ol yoo ta’e miindaa barsiisummaan argachaa ture
irratti dalgeesadii dabalameefii hojii hoggansaa irratti
ramaduun ni danda’ama. Kanaaf, sababamiindaan
dorgommiirraa daangeeffamuu hinqaban.
4.7.6. Hooggantoonni manneen barnootaa sadarkaa barnootaa
bakkichi gaafatu osoo hin guutin ramadamanii hojjechaa jiran
osuma hojiirra jiranii sagantaa leenjii hojii irraatiin sadarkaa
barumsa isaanii yoo fooyyeffatan miindaa bakkichaaf qabame
dorgommii malee ni argatu.
5. Kutaa Shan :
5. Waa’ee Adabbii Naamusaa Hoggantoota Manneen
Barnootaa
5.1. Adabbii naamusaa cimaafi salphaa
5.1.1. Adabbiin naamusaa cimaan dorgommii hoggansa
manneen barnootaa kan dhorkuta’ee, guyyaa murtiin
adabbii kennamee irraa eegalee waggaa shaniifakka
ragaatti qabama.
5.1.2. Adabbiin naamusaa salphaan dorgommii
hoggansa manneen barnootaa kan hin dhorkine ta’ee
guyyaa murtiin adabbii kenname irraa eegalee hanga
ji’a jahaatti akka ragaattiqabama.
5.2. Adeemsa Fudhannaa Tarkaanffii Naamuusaa
Hoggantoota Manneen Barnootaa

5.2.1. Hanqina naamusaafi dadhabni hojiitiin dura


bu’aan, Itti aanaa durabu’aafi supparvaayzarri
turtiin marsaa ramaddii isaa iddoo itti ramadame
irraa osoo hin xumuramne ka’uni danda’a.
5.2.2. Hojii hoggansaa irraa kaasuutartiiba fudhannaa
tarkaanfii taa’e irratti hundaa’uun koreen filannoofi
ramaddii keessaa kan garee misooma misooma
barsiisotaafi hoggansa manneen barnootaa bakka
bu’an ragalee jiran qulqulleessuun manajimeenti
mana hojiitiif dhiheessuun, angoon hoggansa irraa
kaasu kan manajimeentii mana hojichaa ta’a.
Itti...
5.2.3. Hooggansi sababa hanqina naamusaan
maalamaltummaa ykn qisaasa’ina qabeenyaa
mana barnootaa irratti geessissen hojii
hoggansa irraa kaafaman seeran kan
gaafataman ta’e murtii seeraan itti kenname
xumuree bahuus ykn qabeenya mana
barumsaa qisaasame kafaluus hojii
hoggansaatti deebi’uu hin danda’u. Haa ta’uu
barsiisummaatiin ramadamu ni danda’a.
Kutaa Ja’aa:.
6. Sirna itti gaafatamummaa, Angoo Qajeelfamicha
Fooyyessuufi Yeroo Raawwii
6.1. Sirna Itti Gaafatamummaafi Adeemsa Komiin Itti Dhala’u
6.1.1. Koreen ramaddiifi filannoo hoggansa manneen
barnootaa haala qajeelfama kana keessattita’een
raawwachuuf dirqama qabu. Ramaddiin hoggansa
manneen barnootaa qajeelfama kanan alatti gaggeeffamu
fudhatama hinqabu. Qajeelfama kana cabsee kanargame
akkaataa labsii hojjetoota mootummaa fooyya’e
bahelakk. 215/2011tiin kan itti gaafatamu ta’a.
Itti...
6.1.2. Adeemsa ramaddiifi filannoohoggantoota
manneen barnootaa irratti komii namootni qaban
barreeffamaankoree komii mana hojii seeraan
hundaa’ee jirutti iyyachuun guyyaa 5 keessatti
yaadni murtii karaa hogganaa olaanaa mana
hojiitiinkan kennamuuf ta’a.
6.1.3. Hoggantootni mana hojii sadarkaan jiran
qulqullummaa adeemsa ramaddiifi filannoo hojirra
oolmaa qajeelfamichaa hordofuufi deeggarsa
barbaachisu taasisuuf dirqama qaba.
Kutaa Torba
7. Itti waamamaafi Madaallii Raawwii HojiiHoggantoota manneen
Barnootaa
7.1.1. Itti waamamni hoggantoota manneen barnootaa Itti
gaafatamaa waajjira barnoota aanaafi B/Magaalotaaf ta’a,
7.1.2. Madaallii raawwii hojii suupparvaayizarootaa misooma
barsiistota aanaan ta’ee itti gaafatamaa mana hojiin kan
mirkanaa’u ta’a;
7.1.3. Madaallii raawwii hojii Dura bu’ootaa suupparvaayizaraan
ta’ee Adeemsa misooma barsiistotaa waajjira barnoota aanaan
kan mirkanaa’u ta’a;
7.1.4. Madaallii raawwii hojii Itti Aanaa dura bu’ootaa dura bu’aa
mana barumsaan ta’ee suupparvaayizara wiirtuu gurmuu
manneen barnootaatiin kan mirkanaa’u ta’a;
Galatoomaa
Horaa Bulaa Deebanaa

You might also like