Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 124

BULCHIINSA MOOTUMMAA

NAANNOO OROMIYAATTI,
BIIROO PABLIIK SARVISII FI
MISOOMA QABEENYA NAMAA

Qajeelfama Naamusaa Hojjettoota


Mootummaa Naannoo Oromiyaa

,
Qaammee 2013
Finfinnee
SEENSA
 Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffilee
misoomaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii uummata
naannichaa yeroo dheeraa ture deebiisuuf
Imaammatoota, tarsiimoolee fi karoora Siivil
Sarviisii Naannichaa bu’aa qabeessa taasisu
danda’an bocee hojiirra oolchaa turuun isaa ni
beekama.
-
 Hojiirra oolmaa Imaammatootaa fi tarsiimoolee
kanneeniiniis milkaa’inootni hedduun galmaa’aniiru.
Haa ta’u malee, ammas galmoota qabame waliin yeroo
ilaalamu rakkoolee fi haqinootni hedduun kan keessatti
mullatan ta’ee argameera. Haqinaalee kanneen
keessaas tajaajilootni manneen hojii mootummaatiin
kennaman irratti itti quufiinsi fi amantaan lammiilee
gadi aanaa ta’uu, saffisni fi bu’aa qabeessummaa
tajaajilaa harkifataa ta’uu fi akka waliigalaatti
tajaajilootni manneen hojii mootummaatiin kennaman
hojiirra oolmaa qajeeltoowwaan bulchiinsa gaarii kan
hin mirkaneesne fi naamusni pabliik sarvaantii
naannichaa sadarkaa barbaadamu irra kan hin geenye
ta’uu isaa ragaalee fi hordoffi gaggeeffamaa tureen
beekameera.
 Kanaafuu, akkaataa Labsii Hojjettoota
-

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk,


215/2011 keewwata 97 keewwata 2tiin Biiroon
Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Oromiyaa aangoo kennameef bu’uurrefachuun
qajeelfama kana baaseera.
BOQONNAA TOKKO
WALIIGALAA
MATA DUREE GABAABAA
 Qajeelfamni kun “Qajeelfama Naamusaa
Hojjettoota Mootummaa Naannoo
Oromiyaa lakk. _______/2013’’ jedhamee
waamamuu ni danda’a.
HIIKAA JECHOOTAA
 Jechoonni armaan gadi hiikaamanii osoo keessatti
hammatamanii:
 “Biiroo’’ jechuun Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma
Qabeenya Namaa Oromiyaa dha.
 “Mana Hojii mootummaa” jechuun manneen hojii
Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsiidhaan yookiin
dambiidhaan dhaabbate dha.
 “Hogganaa Ol’aanaa” jechuun Biiroo yookiin mana
hojii akka hogganuu kan muudamee, Hogganaa Biiroo
fi Itti Aantoota Hogganaa fi sadarkaa itti aanaa
hogganaatti kan muudaman fi ittigaafatamtoota fi itti
aantoota Waajjiraa dha.
 “Hojjetaa Mootummaa” jechuun Biiroo
-
yookiin Waajjiraa keessatti dhaabbatan
qaxaramee kan hojjatuu dha.
 “Maatii” jechuun haadha warra yookiin abbaa
warra, hojjeta mootummaa yookiin hojjeta
jaarmiyaalee ummaata yookiin isaan jalatti
kan bulan ijoollee umriin isaanii waggaa 18
hin guutiin yoo ta’u, fuudhaa fi heeruma osoo
hin raawwatiin akka abbaa warra fi haadha
warratti kan waliin jiraatanii fi ijoollee
guddifachaadha.
-
 “Fira Dhiyoo” jechuun abbaa warra, haadha warra,
dhaaltota, obboleettii, obboleessaa fi fira fuudhaa
heeruma hojjeta mootummaa hanga sadarkaa sadaffaatti
jiran ni dabalata.
 “Qabeenya” jechuun qabeenya socho’us ta’e kan hin
sochoone, kan ifatti mul’atus ta’e kan hin mul’anne yoo
ta’u, qabiyyee lafaa fi idaas ni dabalata.
 “Madda Galii” jechuun mindaa ji’a, galii lootarii,
qusannoo fi aksiyoona irra argamu dha.
 “Faayidaa Beeksisuu” jechuun galii ji’an argataan
addan baasanii qaama dhimmii ilaaluuf ibsuudha.
 “Faayidaa Galmeesisuu” jechuun dhibbaa qaama
kamii malee qabeenya dhuunfaan horataan
galmeesisiisuu dha.
 “Walitti Bu’insa Faayida Hambsisu” jechuun hojjeta
-

Mootummaa Itti gaafatamummaa iddoo qabate, faayidaa


ummaata eegsisuu fi sababa kamiiniyyuu odeeffannoo
sababa hojii isaatiin harka isaa galee fi ummatni akka beeku
hin taasifamne faayidaa dhuunfaa ofiitiin akka walmakne
dha.
 “Kennaa” jechuun hojiilee tajaajila ummataa yookaan
mootummaa kan irratti ramadaman faayidaa hin mallee
yookiin keessumayummaa yookiin affeerra dawwanna
fudhachuu yookan kennuu yookiin gaafachuu dha.
 “Balleessaa Badii Naamuusa Cimaa” jechuun qajeelfama
kanaan qajeeltoowwan naamuusa 14n ibsaman irra darbuun
gocha faallaa raawwachuudha.
 “Dambii” jechuun Dambii Rawwannaa Namuusaa fi
Dhiyeeffannaa Komii Hojjettoota Mootummaa Naannoo
Oromiyaa dha.
-
 “Eeruu kennuu” jechuun malaammaltummaa
yookiin seera, dambii fi qajeelfama irra darbuun
badii maallaqaa fi qabeenya mootummaa irratti
raawwatamu isaa yookiin badii namuusaa
raawwatame yeroo, iddoo fi haala yakkichi itti
raawwatame bilbilaan, barreeffaman (imeeliin,
faaksiin) yookiin qaaman dhiyaachuun yookiin
kennuudha.
 “Nama” jechuun nama uumamaa fi dhaabbata
qaamni seerummaa kennameefi dha.
 “Koree Namusaa’’ jechuun badii hojjetaan
mootummaa raawwatu qulqulleessee yaada murtii
kan dhiyeessuu dha.
-
 “Gaafatamummaa’’ jechuun aangoo fi gahee hojii
kennameef keessatti raawwachuu fi raawwachu dhiisuun
gaafatamummaa dhufu dha.
 “Komii” jechuun hojjetaan mootummaa itti gaafatamaa
dhiyoo yookiin itti gaafatamaa hojii ilaallatu waliin marii
taasifamuun hiikamuu kan hin dandeenyee fi adeemsa
qulqulleessuu idileetiin iyyata deebii argachuu qabuudha.
 “Bu’uuralee Sirna Komii” jechuun meeshaalee,
tooftaalee yookiin malawwan adda adda lammiileen
kenninsa tajaajila mana hojii mootummaan kennamu irratti
komii yoo qabatan yookiin itti quufinsa dhabuu isaanii
qaama dhimmii illaaluuuf dhoksanis ta’ee ifatti ibsachu
dandeessisan ta’ee qunnaanti bilbilaa fi ergaa tolaa,
saanduqaa yaada, qondaltota naamuusa, waltajjii marii
hawaasa, galmee yaada fi kkf ni dabalata.
BARBAACHISUMMAA
QAJEELFAMICHAA
-

 Hojjetaan mootummaa naannichaa naamusa gaarii


gonfatee tajaajila si’aataa, ga’umsa qabu, bu’aa qabeessa
ta’e lammiif kennuu akka danda’u gochuun itti quufiinsa
fi amantaa ummaatni tajaajila manneen hojii
mootummaa irratti qabu mirkaaneessuudhaf.
 Hojii fi hojiimaata mootummaan ummaataaf kennuu
keessatti fedhii ummaata, fedhii mootummaa fi mirgaa
hojjeta mootumma naannoo oromiyaa gidduu jiruu akka
walsimuu yookiin akka wal madaluu gochuuf sirni
ogummaa fi ogummaa’u, istaandaardiin ogummaa fi
kennaa tajajila akka jiratu taasisudhaan gaafatamummaa
hojii fi ogummaa irratti mirkanneessuun waan
barbaachiseef.
IBSA KOORNIYAA

 Qajeelfama kana keessatti jechi korniyaa

dhiiraatiin ibsame dubartiis ni dabalata.


DAANGAA RAAWWATIINSAA
 Qajeelfamni kun Manneen Hojii Mootummaa
fi Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa
fi caasaa sadarkaan jiraan keessatti akkaataa
Labsii Lakk. 215/2011tiin bulaani irratti
raawwatinsa ni qabaata.
KAAYYOO QAJEELFAMA NAMUUSAA BAASUU
 Kaayyoo Gooroo
 Duudhaalee ijoo Pabliik Sarviisii keessatti jirachuu
qabaniin namuusni gaariin akka dagaaguu gochuun
kenninsi tajaajiloota manneen hojii mootummaa
ga’umsa kan qabu fi bu’aa qabeessaa taasisudhaan
sirna gaafatamummaa guutuun manneen hojii
keessatti akka mirkanaa’uu gochuuf ilaalchota fi
gochoota kiraassasabdummaa manneen hojii
keessatti mul’atan hambisuuf seera fi
qajeelfamoota beeksisuun fi sirnaan hojiirra akka
oolaan gochuudha.
KAAYYOO GOOREE
 Amantaa fi ittiquufiinsa lammiilee guddisuuf kenninsi
tajaajiloota manneen hojii mootummaa ga’umsa kan qabu
fi bu’aa qabeessaa akka ta’u gochuuf,
 Sirna gaafatamummaa guutuun manneen hojii keessatti
akka mirkanaa’uu gochuuf badiin namuusa akka hin
raawwatamne hubachiisuu, badiin namuusaa
raawwatamanii yoo argaman sirna tarkaanfii sirressa
fudhachiisuu dandeessisuu diriirsuuf,
 Ilaalchoota fi gochoota kiraasassabdummaa manneen hojii
keessatti bifa gargaraan mullatan hambiisuuf walitti
dhufeenyii fi hariiroon hojii gaarii hawaasa manneen hojii
keessatti akka dagaagu gochuun raawwii hojii mootummaa
guddisuuf.
BOQONNAA LAMA
QAJEELTOO NAMUUSA WALIIGALAA
FI BADIIWWAN NAMUUSAA
 Amanamummaa
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Amaanaa ummataan itti kenname ogummaa fi hojii
dhuunfaan hawaasa mana hojichaa irratti amantaa akka
qabaatu gaggeessuu qaba.
 Heera mootummaa federaalaa fi naannootiif amanamaa ta’u
qaba,
 Seerootaa fi dambiilee mootummaa naannichaa fi
federaalaan bahaniif amanamaa ta’u fi hojii isaa raawwachuf
dirqama qaba,
-
 Hojii isaa qajeelfama fi hojimaata manni hojii baasu
bu’uura gochuudhaan rawwachu qaba,
 Gocha seeraan ala miiltoo mana hojichaatiin yoo
raawwatamu ittigaafatamaa dhiyootiif beeksiisuu
qaba.
 Qajeeltoo naamusaa kana jalatti dirqamoota
tarreeffaman cabsuun badiiwwan armaan gadii
raawwachuun ni adabsiisa.
 Hojii itti kennamee raawwachu dhabuu, miiltoo mana
hojii isaa gocha seeraan alaa yookiin hir’ina naamusaa
yookiin gocha sirrii hin taane yeroo raawwatu itti
gaafatamaa dhiyoof yookiin qondaalaa naamusatiif
beeksisuu dhiisuu,
 Hojiin tokko akka hin hojjatamne yookiin murtiin akka hin
-
raawwatamne gufuu umuu yookiin namoota hojiin akka hin
hojjatamne barbaadaan waliin tumsuu,
 Murtee raawwii imaammata mootummaa irratti odeeffannoo
miidhaa geessisu ta’e jedhani ibsuu.
 Hojjettoota seeraan heyyamameef ala tajaajila yookaan
qabeenyaa yookan maallaqa seeran ala fayyadamuu yookan
faayidaa dhunfaatiif oolchuu,
 Sa’aatii hojii mana hojichaatti hojii dhuunfaa yookaan kan
nama biraa rawwachu,
 Sababa gahaa malee rakkoo hojii isaa irratti qunnaman
hoggansa yookan qaama dhimmi ilaallatuuf yeroon
beeksisuu dhiisuu,
 Qabeenyaa mana hojichaa irratti hanna yookan gocha
amantaa hir’isuu rawwachu,
 Gochaa walfakkaata raawwachu
EJJANNOO GAARII
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Amaanaa itti kenname ta’e haaluma ogummaan taa’ee jiruun
hawaasni abba taayitaa irratti amanta akka qabaatu taasisuun
gaggeessuu qabu.
 Namuusaa gaarii agarsiisuun hojii isaanii gahumsa namuusaa
ogummaa olaanan, of eggannoo fi si’aayinaan rawwachu
qaban.
 Seeran ala hojjachurraa, gocha sirri hintaanee fi hojimaata
badaarra ofqusachuun isaniirra jiraata.
 Jiru hawaasummaa fi dhuunfaa isaniitti hawaasni irratti
amantaa fi kabaja haala eegsisuu yookan gabbisuu
dandeesisuun gaggeessuun kabajaa fi maqaa mana hojii
eegsisuun isaa irra jiraata.
 Qajeeltoo naamusaa kana jalatti dirqama eeraman
- darbuun badiiwwan armaan gadi rawwachun akka
badii naamuusatti nama adabsiisa.
 Hojii irratti ramadamani itti yaaduudhaan yerootti
hojjachuu dhiisuu,
 Hojii irratti ramadame yookiin kan walfakkaatu akka
hojjatu yemmuu ajajamu sababa gahaa malee
hojjachuu dhiisuu yookiin diduu.
 Hojjattootni hojii idilee isaanii akka hin hojjane
kakaasuu yookiin hojjeta gidduutti wal-dhabdee
uumuu yookiin olola sobaa gaggeessuu fi sababa
hojjettota waliin walta’iinsa hin qabaneef qofa
adeemsa hojii irratti gufuu ta’u.
 Dawaa yookiin baala sammuu nama adoochu
- yookiin dhugaaatii nama macheessuu gara dallaa
waajiirichaatti qabatanii galuu yookiin machiidhaan
hojii irratti argamu yookiin iddoo hojiitti baala
sammuu nama hadoochuu fudhachuu yookiin kutaa
hojii keessatti sigaaraa xuxuu qulqullina eguu
dhabuudhaan hojjettoota biroo rakkisuu.
 Hojjeta dandeettii hojii osoo qabuu yookiin osoo
beeku humna isaa guutuu fi beekumsa guutuu hojii
irratti hin oolchine yookiin hojiin walqabatee
dirqama irra eeggamu bahuu dhiisuu.
 Hojii sadarkaa naamusni ogummaa hojii gaafatuun
raawwachu dhiisuu.
QABEENYAA MOOTUMMAA SIRNAAN FAYYADAMUU

 Hojjetaan mootummaa kamiyyuu:


 Qabeenya mootummaa fi sa’aatii hojii mootummaa
haalan hojii irra oolchuu qaba.
 Maallaqaa mootummaa, qabeenya (meeshaalee fi humna
namaa) fi sa’aatii hojii faayidaa dhunfaatiif olfachuu hin
qabu.
 Qajeeltoo namuusaa keewwata kana jalatti dirqama
tarreeffaman cabsuun akkaata ulfaatina fi miidhaa
qaqqabeen badiiwwan armaan gadii raawwachuun ni
adabsiisa.
 Yeroo hojii mootummaa, meeshaalee hojii fi
qabeenyoota biroo faayidaa dhuunfaa isaatiif oolchuu,
 Qabeenyoota mootummaa hojiif fudhatee fi itti
- fayyadamu kununsuu fi sirnaan itti gargaramuu
dhabuu,
 Sa’aatii hojii mootummaatti hojii fi sababa malee
kutaalee hojii adda adda irra naanna’uu hin qabu
 Heyyamni yoo kennameef malee kompiiteroota,
maashinoota footokoppii, faaksii fi kanneen biroo
dhimma dhuunfaatiif fayyadamu, yookan namni
biroo akka fayyadamu taasisuu yookiin haala
miijeessuu
 Meeshaalee teeknolojii qunnamtii adda addaa
hojiif harkaa isaa galee kan akka bilbilaa,
interneetii fi kkf dhimma dhuunfaaf fayyadamuu,
 Konkolaataa, GPS, kaameera,vidihoo kameera,
- mootora KKF hojiif kennameef faayidaa
diinagdawaa dhuunfatiif oolchuu,
 Meeshaa waraanaa, bobbaa’a garagaraa
salphaatti ibiddaan gubachuu danda’anii fi
fayyaa irratti miidhaa geesisan naannoo fi iddoo
hojii qabatanii dhaquu,
 Qabeenya mana hojichaa irratti ta’e jedhee
yookaan of eeggannoo gochuu dhabuun miidhaa
geessisuu,
 Mallaaqa hojiif itti kennamee yookiin to’annoo
isaa jala jiru hojii mootummaa qofaaf
fayyadamuu dhabuu,
IFTOOMINA
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Hojiin isaa iftoomina qabachu qaba,
odeeffannoo hawaasichi beeku qabuu fi kan
iccitiin hin qabamne dhoksuu hin qabu.
 Murtee fi tajaajiloota kennuun ifa ta’uu fi
murtee ykn tajaajila kennuu ilaalchisee
tajaajilamtoota irra gaaffii dhiyaatuuf seeraa fi
qajeelfama hordofuun kabajaa fi ulfina abbaa
dhimmaa eeguun ibsa fi deebii quubsaa ta’ee
kennuu qaba.
 Qajeeltoo naamusaa armaan olitti tarreffaman darbuun
- badiiwwan armaan gadii raawwachun ni adabsiisa.
 Gaaffilee seera qabeessa ta’anii fi odeeffannoo hin
dhorkamne yookiin iccitummaa hin qabnee abbaa
dhimmaaf kennuuf hayyamamaa ta’u dhabuu.
 Murtee dabarsuuf sababa yookiin ibsa barbaachisaa qaama
dhimmi ilaaluu yoo gaafatu kennuu diduu.
 Karooraa, gabaasaa fi odeeffannoo raawwannaa hojii
qorachuuf nama dandeessisu qaama dhimmi ilaaluun yoo
gaafatamu yeroon kennuu dhabuu.
 Tajaajila kennamu irratti odeeffannoo gahaa
haaldureewwan tajaajilamaa irra barbaadamu fi
istaandardii hojii tajaajilichaa beeksisuu dhabuu fi haala
sanaan tajaajilu dhabuu,
 Baajii manni hojii qopheesse godhachuu dhabuu.
ICCITII EEGUU
HOJJETAAN MOOTUMMAA KAMIYYUU:
 Iccitiiwwaan sababa ogummaa fi hojiitiin beeku yookiin harka isaa
gale eeguu qaba. Odeffaanno iccitummaa hin qabne yookiin
ummanni beekuu yookiin odeeffannoo maammiilan beekamu qabu
ibsuuf qaama odeffannicha barbaadeef dabarsuu qaba.
 Sanadoota fi ragaalee sababa gahee hojiitiin harka isaa gale of-
eeggannoon eeguu qaba.
 Mana hojichaa erga gadi lakkisee yookaan iddoo biratti erga
jijjiramee booda, sababa hojiitiin iccitiiwwan beeku eeguu qaba.
 Balleessaa saaxiluuf qaama dhimmi ilaaluuf odeeffannoo
iccitummaa qaban beeksisuun akka iccitii baasuutti hin ilaalamu.
 Qajeeltoo naamusaa armaan olitti tarreeffaman darbuun
- badiiwwan armaan gadi rawwachun ni adabsiisa.
 Odeeffannoo iccitummaa qabu yookiin hin
eeyyamamiin haala kamiinu ibsuu yookiin baasuun
qaamni biraan akka itti fayyadamu gochuu.
 Odeeffannoo iccitummaa qabu faayidaa dhuunfaaf
yookaan faayidaa nama biraatiif oolchuu yookiin akka
ooluu taasisu
 Sanadoota fi ragaalee sababa hojiitiin harka isaa gale of-
eeggannoon eeguu dhabuu.
 Odeeffannoo hojimaata mana hojichaa yookaan biyyaa
yookaan tajaajilamaa irratti miidhaa dhaqabsiisuu
sababa gahaa fi seera qabeessa hin taneen ibsuu.
HAQUMMAA
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Waadaa sababa hojii mootummaatiin galee eeguu fi
kabajuu qaba.
 Hojii waliin dhahuu, abbaa dhimmaa fi hojjeta gidduu
deemuu irra fi aangoon garmalee fayyadamu irra
qulqulluu fi walaba ta’u qaba.
 Hojii isaatiin kan walqabate kennaa yookiin
keessummeessa, affeerra, affeerra dawwanna, leenjii fi
barnoota kamiyyuu gaafachuu yookiin fudhachuu hin
qabu.
 Qajeeltoo naamusaa kana jalatti tuqaman darbuun
badiiwwan armaan gadii raawwachun ni adabsiisa.
- Malaammaltummaa raawwachuu, waliin dhahuu,

aangoon garmalee fayyadamuu, sanada haquu


yookiin faajjii fi chaappaa mana hojiicha gocha
seeraan alaatiif fayyadamuu yookiin matta’aa
fudhachuu yookan akka kennamuuf gaafachuu,
dallaalaa ta’uu, lakkofsa herrega baankii dhuunfaa
hojii matta’a daddabarsuuf oolchuu, matta’aan
akka kennamuu haala mijeessu hin qabu.
 Faayidaa isaaf hin mallee sobaan yookaan seeraan
ala ta’e jedhee gaafachuu.
 Faayidaa isaaf hin mallee sobaan yookiin seeraan
alaa ta’e mana hojiirra fudhachuu.
-
 Tajaajila kennuun walqabatee kennaa, afferra,
affeerra dawwannaa yookaan keessummeessa
gaafachuu.
 Tajaajila kennuun walqabatee kennaa yookaan
keessummeessa fudhachuu yookiin fudhachuuf
gaafachu
 Dhimma mana hojii isaa waliin wal-qabatee
raawwachisuu irratti bobba’uu yookiin hojiiwwan
walitti bu’insa faayidan qabani irratti bobba’u
 Ragaa barnootaa fi muuxannoo hojii sobaa
dhiyeessuu yookiin kuusaa dhuunfaa waliin
walqabsiisuu.
GAAFATAMUMMAA
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Murteewwan kennuu fi hojiiwwan gaggeessuuf
itti gaafatamummaa guutuu waan qabuuf, hojii
raawwatuuf sababa gahaa kennu qaba yookiin
ejjenno sirri qabachuun hojjechu qaba.
 Imaammataa, sagantawwan fi tarsiimoo
mootummaan baasuu rawwachu fi raawwachiisu
dirqama qaba kunis seerota bahaan kabaju fi
kabachisuun ibsamu waan ta’eef hojii irra irra
oolchuun dirqamadha.
 Beekumsa fi dandeettii qabu hundaa faayidaa mana hojii
-
isaaf oolchuu qaba.
 Hojiiwwan qophii karooraa, madaallii raawwii fi
gamagamaa geggeffamu sa’aatii, yeroo fi bakka isaatti
argamuun irratti hirmachuuf dirqama qaba.
 Madaalliin raawwii hojii yeroo yeroon gaggeeffamuu
quubsaa ol ta’uu qaba.
 Hordoffii fi gamagama guyyaa guyyaan taasifamu irratti
gaaffii gaafatamuuf deebii sirrii fi quubsaa ta’e kennuu
qaba.
 Qajeeltoo naamusa hojii kana jalatti tarreffaman darbuun
badiiwwan armaan gadii raawwachuun badii naamusaan
nama adabsiisa.
 Hojiiwwan raawwataman qulqullinaa fi yeroon qaama
dhimmi ilaaluf gabaasuu dhiisu.
-
 Leenjii fi deeggarsi barbaachiisaa ta’ee erga
kennameefi booda walitti aansuun yeroo lama
madaalliin raawwannaa hojii isaa quubsaa gadi
yoo ta’ee,
 Hojiiwwan raawwataman ta’ee jedhanii qaama
dhimmi ilaallatuf gabaasa sobaa yookiin
gabaasa sirri hin taane dhiyeessu.
 Hojiiwwan raawwataman xiyyeeffannoo
kennuu dhabuun yookiin maal na
dhibdeedhaan qaama dhimmi ilaallatuf
gabaasa sobaa yookaan sirrii hin taane
dhiyeessu.
-
 Hojii kennameef sababa gahaa hin taaneen yeroon
rawwachu dhiisuu yookiin lafa irra harkiisu abbaa
dhimmaa dhamaasuu.
 Ragaawwan teknoloojiin qabame ballessuu yookiin
jijjiiruu yookiin ragaa sobaa itti galchuu,
 Ragaawwan hojii fi ogummaa isaatiin walqabatan
yoo gaafatamu sababa gahaa malee yeroon kennuu
dhabuu.
 Ragaawwan hojii isaatiin walqabatan yoo gaafatamu
ta’e jedhee kennu diduu yookiin kennuu dhabuu.
 Ragaawwan hojii isaatiin walqabatan yoo gaafatamu
ta’ee jedhanii ragaa sobaa yookiin ragaa sirri hin
tane kennuu.
FAAYIDAA UMMATAA DURSUU
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Faayidaa dhuunfaa, maatii fi kan biroo qaama sadaffaa
yookaan gareef osoo hin ta’in faayidaa hawaasaa fi
mootummaa bu’uura godhachuun hojii isaa rawwachu qaba.
 Qabeenya, maallaqaa, maddaa galii fi faayidaa ofii isaa fi
maatii isaa seeraan dirqama qaban beeksiisuufi
galmeesiisuu qaba.
 Faayidaawwan hojii idilee isaatiin walitti bu’uu danda’u
kamiyyuu beeksiisuu akkasumas walitti bu’iinsa faayidaa
dhabamsiisuu qaba yookiin hojiiwwan walitti bu’insa
faayida qaban raawwachuu irra of qusachu yookiin yoo
utuu hin beekiin keessatti hirmate argame qaama dhimmi
ilaaluuf yeroon gabasuu qaba.
- Qajeeltoo naamusaa kana jalatti tuqaman

darbuun badiiwwan armaan gadi raawwachuun


ni adabsiisa.
 Madda galii addaa argatu ta’e jedhe qaama
dhimmi ilaaluuf beeksiisuu dhiisuu.
 Madda galii addaa argatu dantaa dhabummaan
beeksiisu dhiisuu.
 Qabeenya ofii fi maatii isaa galmeesisuuf
heyamamaa ta’u dhabuu.
 Ta’e jedhee galmeessa qabeenyaa guutuu hin
-
taane yookiin ragaa sobaa galmeesisuu.
 Dantaa dhabummaan galmeessisa qabeenyaa
guutuu hin taanee yookiin sobaa galmeesisuu.
 Haala kaminiyyuu yeroo hojii mootummaa
hojii daldalaas ta’e hojii biro ramaddii hojii
isaa waliin qunnamtii qabu dabalee hojjachuu.
 Yeroo hojii mana hojichaatti mana hojii
mootummaa yookiin dhaabbata misomaa
mootummaa kan biroo keesssatti yookiin
dhaabbataa dhuunfaa keessatti qacaramuun
hojjachuu.
- Yeroo hojii idilee isaatiin ala mana hojii isaa osoo

hin beeksisiin mana hojii biroo keessatti hojjachuu


yookiin tajaajila gorsaa kennuun kaffaltii fudhachuu
 Gaafatamummaa qabuun murteen kennuu fi hojiin
raawwatu faayidaa uummataa dhiisuun kan
dhuunfaa, maatii yookiin hiriyyoota isaa eegsisuu,
adeemsa imaammataa fi tarsimoo mootummaa
hojiirra oolchuu keessatti faayidaa uummataa fi
mootummaaf dursa kennuu dhabuu,
 Hojiin hattatamaa yeroo qunnamuu faayidaa
uummataaf dursaa kennuuf jecha boqonnaatiin
yookiin kanfaltii yeroo boqonnaatiin hojjachuuf
hayyamamaa ta’uu dhabuu.
. AANGOO SIRNAAN FAYYADAMUU
 15Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Hawaasa haala seera qabeessan akka tajaajiluuf itti
gaafatamummaa isaa akka bahu aangoo fi daangaa
aangoo gahee hojii isaa seeraan kennameef keessatti
fayyadamuu qaba.
 Labsii, dambii yookiin qajeelfama fi hojimaata
bu’uura godhachuun hojii isaa rawwachu qaba.
 Aangoo isaatiin seeraan ala fayyadamu hin qabu,
aangoo isaa faayidaa dhuunfaa argachuuf oolchuu hin
qabu.
 Qajeeltoo namuusaa armaan oliitti tuqaman darbuun
badiiwwan armaan gadii raawwachun ni adabisiisa.
 Aangoo garmalee fayyadamuu yookiin angoon
- seeraan ala fayyadamuu irra ofqusachuu dhabuu,
 Aangoon daldaaluun yookaan badiiwwan
walfakkaata seera yakkaa irratti ta’an aangoo
kennameef irratti rawwachu.
 Aangoo hin qabnen hojjechu, aangoo
kennameefin olitti raawwachuu, ergaa aangoo
gadii dhiisee booda ittiin hojjechuun namni
sadaffaan garmalee akka fayyadamu yookiin
akka miidhaamu gochuu hin qabu
 Miltoo hojii irratti dhibbaa seeraan alaa uumuu.
AL-LOOGUMMAA
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Haala Loogii hin qabneen murtii barbaachiisaa
fi haqa qabeessa ta’e kennuun dirqama hojii
isaa rawwachu qaba.
 Bifaan, sanyiin, sabaa fi sab-lammiin,
naannummaa, korniyaan, qaama
miidhamummaa, afaaniin, amantaan, ilaalchaa
siyaasaan yookiin ejjannoo biroon yookiin
sababa tilmaamaa hin qabneen garagarummaa
osoo hin uumiin hojii isaa raawwachuu qaba.
-
 Qajeeltoowaan namuusaa oliitti tuqaman darbuun
badiiwwan armaan gadii raawwachuun ni adabsiisa.
 Gorsa loogiin dhimma ijoo tokko osoo hin
bu’uureefatiin nama tokko yookiin garee tokko
fayyadu yookaan miidhuu kennuu.
 Seera qofa bu’uura godhachuun hojjachuu dhabuun
loogii uumuu,
 Gochawwan loogii babballisan kan akka
naannummaa, gosummaa, lagummaa fi sabummaa
irra walaba ta’uu dhabuu hojjettota mana hojii
giddutti jibbaa fi walshakkiin akka jiraatu taasisu
hin qabu yookiin hojjettoota gidduutti ololli yookiin
oduu sobaa odeessu irra walaba ta’uu dhabuu.
SEERAA KABAJUU
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Seera kabajuu fi raawwii labsiiwwan,
dambiiwwaan, qajeelfamoota hojii isaa
raawwaachuuf barbaachisan hordofee hojiirra
olchuu fi kabajuu qaba.
 Hoogganaa ol’aanaa mana hojiichaatiin ajaja
seera qabeessa isaaf dabarsu raawwachuuf
gaafatamummaa kan qabu ta’uus, ajaja seeraan
alaa dabarsuu rawwachu hin qabu.

- Qajeelfama yookiin ajaja hoggantooni ol’aanaan
kennaan seeraan alaa yookiin barbaachiisa yoo
hin taanee qajeelfamicha yookiin ajajicha
ittigaafatamaa kenneefitti beeksisuu qaba.
 Qajeeltoo naamuusa oliitti tuqaman darbuun
badii armaan gadii raawwachuun ni adabsiisa.
 Seeroota, hojimaata cabsuun yookiin ajajoota
seera qabeessaa ta’an kabajuu dhiisuun yookiin
hojjattoonni biroo akka hin kabajne dhibbaa
gochuun yookiin seeraan alaa akka hojjatan
dhiibuu fi jajjabessuu.
-
 Heyyama ittigaafatamaa dhiyoo osoo hin
argatin hojiirra hafuu.
 Hojii irra hafuun isaa hojiiratti miidhaa guddaa
akka geesisuu osoo beekuu, heyyama itti
gaafatamaa dhiyoo osoo hin argatin, sababa
humna ol hin taaneen hojii irra hafuu.
-
 Yeroo seensaa fi bahiinsa hojii kabajuu dhiisuu yookiin
itti gaafatama dhiyoo osoo hin beekisiisiin seenaanii
bahuu yookiin mallattoo yeroo mallatteessun hojii irra
baduu yookiin heyama qaama dhimmi ilaaluu malee
mallatto yeroo hin mallatta’iin hafee ofiin mallatteessuu
yookiin fuula duraa deemuun mallatteessuu
 Sa’aatii hojii mootummaa guutummaan hojii irratti
dabarsuu dhabuu,
 Iddoo yookaan naannoo hojiitti jeequmsa yookiin
walitti bu’insa uumuu yookiin hojjettootni biroo akka
jeeqan kakasuu, gareen akka namni walitti bu’uu
gochuu yookiin miltoo mana hojii isaa doorsisuu,
arrabsuu yookiin reebuu yookiin reebuuf yaaluu
hinqabu
-
 Abbaa dhimmaa sirnaan simaachu dhabuu
yookiin waan abbaan dhimmaa barbaadu qalbiin
ibsuun hubachisurra ifaachu
 Yakka kaminiyyuu iddoo hojiitti yookiin naannoo
hojiitti raawwatani argamuu,
 Seeraa yookaan ajaja seera qabeessa yookiin sirna
hojimata yookiin imaammata mootummaa sirnaan
hojiirra oolchuu dhabuun ta’e jedhame hojii irratti
miidha geesisuu yookiin deeggersa yoo gaafatamu
deeggeru dhabuu
 Seerootaa fi qajeelfamoota heera mootummaa
bu’uureefatanii bahan kabajee ga’umsaa fi
beekumsan hojiirra oolchuu dhabuu.
-
 Mana hojii isaa keessatti gochi seeran alaa
raawwatamuu isaa osoo beekuu hattatamaan
qaamoota dhimmi ilaaluti beeksisisuu dhabuu.
 Ajaja seeraan alaa yookaan qajeelfama hin
mallee hojjetaa yookiin hogganaa isaa jala jiruuf
dabarsuu.
 Murteen kennuu daangaa aangoo seeraan
murtaa’ee kennameef keessatti ta’uu isaa
mirkaneeffachuu dhabuun hojii irra oolchuu
miidhaa qaqqabsisu hambisu dhabuu
 Miidhaa yookiin dhibbaa koorniyaa irra gahu
falmuu/mormuu, raawwachuu fi saaxiluu
dhisuu,
GAAFFII MAAMILAAF DEEBII HATTATAMAA KENNUU
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Abbootii dhimmaatiif kabajaa barbaachisuu
kennuun fuula gaarii agarsiisuun gaaffii
dhiyaataniif sirnaan dhaggeffachuun furmaata
barbaachisu istaandardii manni hojii kenninsa
tajaajilaaf ka’ee keessatti deebii kennuun itti
quufinsa isaanii mirkaneessuu qaba.
-
 Abbootiin dhimmaa odeeffannoo dhabuu irra
kan ka’ee, obsa dhabuu, muufachu fi aaruu waan
danda’aniif, obsaan dhaggeffachu yaada, gaaffii
dubbii qabaan akka dubbatani fixatan gochuun
sirnaa fi seeraan keessumeesuutu irra eeggama.
 Qajeeltoo namuusaa kana jalatti ibsaman
darbuun badiiwwan armaan gadii raawwachun ni
adabisiisa.
 Abbaa dhimmaatiif amala gaarii agarsiisuu
dhabuu yookaan gargaarsa gochuuf heyyamama
ta’u dhabuu yookiin fuula gaariin simaachu
dhabuu
-
 Tajaajiloota Abbootiin dhimmaa dhiyeessaniif
si’anaa fi istaandardii tajaajilaa ta’een deebii
kennuu dhisuu yookaan abbootii dhimma
seeraan ala yookiin garmalee deddeebisuu.
 Sababa gahaa fi seera qabeessa hin taaneen
dhimmoota yookiin iyyannoowwan tursiisuun
abbaan dhimmaa deddebisu yookiin ulaagaa
qajeelfama guutaamuu qabuu hin guutamiin
hafee ibsu dhabuu.
-
 Ulaagaa qajeelfaman ta’een alatti ulaagaa kan
biraa akka abbaa dhimmaa dhiyeessu
gaafachuun deebii hattattama kennuu dhabuu
yookiin abbaa dhimmaa rakkisu yookiin
dhimma lafa irra harkisu
 Kabajaa fi ulfina abbaa dhimmaa tuquu,
jechoota hin barbaachifne dubbachuu
 Ragaa fi iyyaata abbaa dhimmaa fudhani hin
fuunee jechuu yookiin gatuu yookiin iddoo itti
walqabachuu qabuutti qabsisu dhabuun ragaan
akka baduu gochuu.
AMALA GAARII QABAACHUU
 Hojjetaan Mootummaa kamiyyuu:
 Hojii mootummaa yeroo raawwatu fi hawaasa keessa
jiraatu adda durummaan fakkeenya ta’uun
fakkeenyummaa fi amala gaarii irra eegamu mul’isuun
qajeeltoo qajeelfama kana keessatti ilaalaman gabbisuu
fi gochaan akka hiikaan gargaaruu qaba.
 Miirri itti gaafatamummaa kan itti dhaga’amu,
jijjiramaaf kan hojjetuu, maqaa gaarii mana hojichaa
kan eeguu fi aadaan hojimata akka gabbatu wal-
amanuun hundeen lafa akka qabatuufi cimee jabinaan
akka turu kan taasiisu ta’u qaba.
-
 Qajeeltoo namuusaa kana jalatti tuqaman
darbuun badiiwwan armaan gadii rawwachun
ni adabsiisa.
 Tajaajilamtoota yookiin miiltoo mana hojiicha
haala namuusaa gaarii gonfateen
kessummessuu dhiisuu
 Itti gaafatamummaa osoo qabu, hojimata fi
qajeeltoowwan namuusaa mana hojichaa
hojjettoota haaraa qaxaramaniif beeksiisu
dhiisuu.
-
 Mana hojii isaa irra hojii garee akka hojjatu ajajni
yoo kennamu, sababa gahaa malee hojjachuuf
heyyamama ta’uu dhiisuu.
 Raawwii hojii fi amala dhuunfaa isaa uummaatni
mana hojii isaa irratti amantaa guutuu kan qabaatu
taasisuu dhiisuu,
 Hojii isaa ga’umsa ol’aanaatiin of-eegannoon,
jabinaan fi miira tajaajiltummaan raawwachuu
dhiisuu,
 Iddoowwan safuu fi aadaa hawaasa tuqaanitti
ta’anitti argamuu dhiisuu yookiin gochaawwan
faallaa safuu fi aadaa ummaata raawwachuu
dhiisuu, dhugaanii macha’uu dhiisuu
-
 Mana hojii isaa yeroo gadi lakkisuu sanadoota,
qajeelfamootaa fi meeshaalee hojiif fudhatee
ture deebiisuu dhabuu.
 Hariiroon miltoo hojii isaa waliin qabu hojii
gidduu galleessaa kan godhatee, wal-irra
barachuu fi hariiroo hawaasummaa kan
cimsuu ta’uu dhiisuu.
 Yaada kenniinsaa tajaajilaa irratti maamilaan
dhiyaatu yeroon ibsa sirrii, deebii fi
sirreeffamaa fi odeeffannoo kennuu dhiisuu.
SIRNA SEEKULAARIIZMII KABAJUU
 Hojjetaan mootummaa kamiyyuu:
 Qajeeltoo addaan ba’iinsa amantaa fi mootummaa
amantaa guutuun fudhatee hojiirra oolchuu dirqama
qaba.
 Haala kaminiyyuu tajaajila yeroo kennuu
garagarummaa amantii irratti hundaa’ee
raawwachuu yookiin gochaa kamiyyuu dhibbaa
amantii irratti fidu raawwachuu hin qabu.
 Qajeeltoo namuusaa kana jalatti tuqaman darbuun
badiiwwan armaan gadii raawwachuun badii
namuusaan ni adabisisa.
-
 Mana hojii mootummaa keessatti fi sa’aatii hojii
mootummaatti dhimmoota amantiin walqabatan mala
kaminiyyuu dhageeffachuu yookiin ilaalu,
 Ergaa fi maxxansawwan adda addaa amantiin
walqabatan mana hojii yookiin kutaa hojii keessatti
maxxansuu,
 Mana hojii keessatti meeshaaalee mootummaan itti
kenname teeknolojii adda addaatti gargaaramuun
amantaa tarkaanfachisuu yookiin agarsisuu,
 Mana hojii yookaan kutaa hojii keessatti dhimmoota
amantii irratti dhuunfaan yookaan gareen walfalmuu
yookiin walmormuu,
 Gochawwan amantiin walqabatee kamiyyuu mana hojii
keessatti Yookaan mooraa keessatti rawwachu.
HOJII MOOTUMMAA FI DANTAA SIYAASAA
 Hojjetaan mootummaa kamiyyuu;
 Sa’aatii fi qabeenya mootummaa hojii
mootummaa fi faayidaa uummaatatiif malee
dantaa siyaasaa paartii tokkoof oolchuu hin
qabu.
 Mana hojii mootummaa keessatti tajajila
mootummaan ummaata kennuu keessatti
ejjenno fi ilaalcha paartii siyaasa kamiillee
tarkaanfachisuun hin danda’amu
-
 Qajeeltoo namuusaa kana jalatti tuqaman
darbuun badiiwwan namuusaa armaan gadii
raawwachuun ni adabsisa.
 Mana hojii mootummaa fi qabeenya (sa’aatii
hojii, meeshaalee fi maallaqaa)
mootummaatiin waltajjii siyaasaa gaggeessuu,
 Ragaa mana hojii isaa sababa hojiitiin harkaa
isaa galee yookiin beekee dantaa siyaasaatiif
oolchuu hin qabu.
-  Sa’aatii hojii mootummaatti hiriira seeraan
alaa irratti hirmachuu, akka gaggeeffamuu
qindeessuu yookaan kakaasuu,
 Teekinolojiiwwan qunnamtii odeeffannoo
mootummaan akka hojii karaa salphaa ta’en
ittiin hojjetamuuf haala mijeesseetti
fayyadamudhaan tajaajila midiyaa hawaasaaf
itti faayyadamu hin qabu, ejjennoowwan
paartii siyaasaa calaqqisan itti ibsu hin qabu
yookiin xinxaalaa siyaasa ta’uun hin
danda’amu
BOQONNAA SADII
KUTAA TOKKO
 Haala Badii Namuusaa fi Tarkaanfii Itti
Fudhatamu
 Kaayyoo fi Raawwii Adabbii Namuusaa
 Hojjetaa mootummaa irratti adabbii namuusaa
fudhatamuuf
 Hojjetaa mootummaa namuusaa gaariin
bocame horachuuf,
-
 Hojjetaan badii namuusaa akka hin raawwanne
barsiisuuf badii namuusa raawwate yoo argamees
tarkaanfii sirreeffama barbaachisaa ta’ee fudhachuu fi
 Sirni iftoomina fi itti gaafatamummaa diriirsuuf
 Raawwii adabbii namuusaa hojjettoota mootummaa
irratti fudhatamu.
 Hojjetaan hojii isa seeraan hin raawwanne yookiin
waan raawwachu hin qabne raawwachuu isaatiin badii
isaatiif hariiroo hawaasaatiin yookiin yakkaan
gaafatamummaan isaa akkuma eegameetti ta’ee, badii
dhaqabsisuuf bu’uura qajeelfama kanaatiin tarkaanfiin
bulchiinsaa barbaachisaa ta’e irratti fudhatama.
-
 Adabbiiwwaan badii namuusaatiin
raawwataman kamiyyuu murtii manni murtii
kennuu osoo hin eeggatin raawwatamu ni
danda’a.
 Balleessawwan namuusa akkaata miidhaa fi
ulfaatina isaaniitiin yommuu raawwatamni
adeemsa tarkanfiin adabbii isaa xiqqaa irra
eegaaluun utuu hin barbaachisiin akkaataa
badii umameen mannii hojii tarkaanfii adabbii
namuusa fudhachuun dhorkaa hin qabu/ ni
danda ama
GOSOOTA ADABBII NAMUUSAA
 Adabbii namuusa Salphaa
 Akeekkachiisa Afaanii,
 Akeekkachiisa Barreeffamaa,
 Adabbii mindaa hanga guyyaa kudha shan
(15) gahu
 Adabbii Namuusaa Cimaa
 Adabbii mindaa guyyaa 15 olii hanga ji’a sadii
 Sadarkaa hojii fi mindaa irra gadi buusu,
 Hojii irra gaggeessuu
BADIIWWAN NAMUUSA ADABBII NAMUUSAA SALPHAA
HORDOFSIISAN

 Miltoon mana hojichaa hojii itti kennamee rawwachu


dhabuu isaa, osoo beekuu itti gaafatamaa dhiyoof
beeksisuu dhiisuu,
 Gocha seeraan alaa yookaan hir’ina namuusaa yookaan
gocha sirrii hin taane miiltoo mana hojii isaa, hogganaa
isaatti yookan qondaalaa namuusatiif beeksisuu
dhiisuu,
 Sababa gahaa malee rakkoo hojii isaa irratti qunnaman
hoggansa yookan qaama dhimmi ilaallatuuf yeroon
beeksisuu dhiisuu,
 Qabeenyoota mootummaa hojiif fudhatee fi itti
fayyadamu kununsuu fi sirnaan itti gargaramuu dhabuu,
-  Heyyamni yoo kennameef malee kompiiterota,
maashinoota footokoppii, faaksii fi kanneen biroo
dhimma dhunfaatiif fayyadamu, yookan namni
biroo akka fayyadamu taasisuu yookiin haalaa
miijeessuu,
 Gaaffilee seera qabeessa ta’anii fi odeeffannoo
hin dhorkamne ykn iccitummaa hin qabnee abbaa
dhimmaaf kennuuf hayyamamaa ta’u dhabuu,
 Karooraa fi odeeffannoo raawwanna hojii
qorachuuf nama dandeessisu qaama dhimmi
ilaaluun yoo gaafatamu yeroon kennuu dhabuu.
 Baajii manni hojii qopheesse godhachuu dhabuu,
-
 Sanadoota fi ragaalee sababa hojiitiin harka isaa
gale of-eeggannoon eeguu dhabuu.
 Faayidaa isaaf hin mallee sobaan yookaan seeraan
ala ta’e jedhee gaafachuu.
 Qaama dhimmi ilaalatuun yoo hayamame malee,
mana hojii keessatti qaama kamirrayyuu deeggersa
gaafachuu,
 Leenjii fi deeggarsi barbaachiisaa ta’ee erga
kennameefi booda waliitti aansuun yeroo lama
madaalliin raawwannaa hojii isaa quubsaa gadi
yoo ta’ee,
 Hojiiwwan raawwataman qulqullinaa fi yeroon
qaama dhimmi ilaaluf gabaasuu dhiisu.
 Hojiiwwan raawwataman xiyyeeffannoo kennuu
-
dhabuun yookiin maal na dhibdeedhaan qaama
dhimmi ilaallatuf gabaasa sobaa yookaan sirri hin
taane dhiyeessu.
 Aangoo osoo hin qabaatin ragaa kompitaraan qabame
balleessuu yookaan jijjiiruu yookaan ragaa sobaa itti
galchuu,
 Seeraan dirqama osoo qabuu, maddaa galii addaa
argatu dantaa dhabummaan beeksiisu dhiisuu,
 Yeroo hojii idilee isaatiin ala mana hojii isaa osoo hin
beeksisiin mana hojii biroo keessatti hojjachuu
yookiin tajajila gorsaa kennuun kaffalti fudhachu,
 Miltoo hojii irratti dhibbaa seeraan alaa uumuu,
-
 Gorsa loogiin dhimma ijoo tokko osoo hin
bu’uureefatiin nama tokko yookaan garee tokko
fayyadu yookaan miidhuu kennuu,
 Heyyama ittigaafatamaa dhiyoo osoo hin argatin
hojiirra hafuu,
 Yeroo seensaa fi bahiinsa hojii kabajuu dhiisuu yookaan
itti gaafatama dhiyoo osoo hin beekisiisiin seenaanii
bahuu yookiin attendansii yeroo mallatteessun hojii irra
baduu yookiin heyama qaama dhimmi ilaaluu malee
mallatto yeroo hin mallatta’in hafee ofiin mallatteessu
yookiin fuula duraa deemuun mallattessu,
 Sa’aatii hojii mootummaa guutummaan hojii irratti
dabarsuu dhabuu, midiyaa hawaasa faayyadamun hojii
mootummaa miidhuu,
 Seerootaa fi qajeelfamoota heera mootummaa
bu’uureefatanii bahan kabajee ga’umsaa fi beekumsan
-

hojiirra oolchuun dhabuu,


 Murteen kennuu daangaa aangoo seeraan murtaa’ee
kennameef keessatti ta’uu isaa mirkaneefachuu dhabuun
hojii irra oolchuu miidhaa qaqqabsisu hambisu dhabuu,
 Abbaa dhimmaatiif amala gaarii agarsiisuu dhabuu
yookaan gargaarsa gochuuf heyyamama ta’u dhabuu
yookiin fuulaa gaariin simaachu dhabuu,
 Kabajaa fi ulfina abbaa dhimmaa tuquu, jechoota hin
barbaachifne dubbachu,
 Itti gaafatamummaa osoo qabu, hojimata fi
qajeeltoowwan namuusaa mana hojichaa hojjettota
haaraa qaxaramaniif beeksiisu dhiisuu,
 Mana hojii isaa irra hojii garee akka hojjatu ajajni yoo
kennamu, sababa gahaa malee hojjachuuf heyyamama ta’uu
-

dhiisuu,
 Mana hojii isaa yeroo gadi lakkisuu sanadoota, qajeelfamootaa
fi meeshaalee hojiif fudhatee ture deebiisuu dhabuu,
 Hariiroon miiltoo hojii isaa waliin qabu hojii gidduu galeessaa
kan godhatee, wal-irra barachuu fi hariiroo hawaasummaa kan
cimsuu ta’uu dhiisuu,
 Mana hojii yookiin kutaa hojii keessatti dhimmoota amantii
irratti dhuunfaan yookiin gareen walfalmuu yookiin
walmormuu,
 Gochawwan amantiin walqabatee kamiyyuu mana hojii
keessatti Yookiin mooraa keessatti raawwachuu
 Badiiwwan namuusa armaan olitti tarreeffamanin kan
walfakkaatu balleessa kan biroo rawwachun adabbii namuusaa
Salphaa hordofsiisudha.
BADIIWWAN NAMUUSA ADABBII NAMUUSAA
CIMAA HORDOFSIISAN
 Badiiwwan adabbii naamuusa cimaa akkaataa
qajeelfama naamuusa kanaatti kanneen armaan gadiitti
tarreeffaman raawwatani argamudha.
 Hojiin tokko akka hin hojjatamne yookan murtiin akka
hin raawwatamne gufuu umuu yookiin namoota hojiin
akka hin hojjatamne barbaadaan waliin tumsuu,
 Murtee raawwii imaammata mootummaa irratti
odeeffannoo miidhaa geessisu ta’ee jedhanii ibsuu.
 Hojjettota seeraan heyyamameef ala tajajila yookiin
qabeenya yookiin maallaqa seeran ala fayyadamuu
yookan faayidaa dhuunfaatiif oolchuu,
 Sa’aatii hojii mana hojichaatti hojii dhuunfaa yookiin kan nama
-
biraa raawwachu,
 Qabeenya mana hojichaa irratti hanna yookan gocha amantaa
hir’isuu raawwachuu,
 Yeroo hojii mootummaa, meeshaalee hojii fi qabeenyoota biroo
faayidaa dhuunfaa isaatiif oolchuu,
 Sa’aatii hojii mootummaatti hojii fi sababa malee kutaalee hojii
adda addaa irra asii fi achii hin qabu
 Meeshaalee teeknolojii qunnamtii adda addaa hojiif harkaa isaa
gale kan akka bilbilaa, interneetii fi kkf dhimma dhuunfaaf
fayyadamuu,
 Konkolaataa,GPS, vidihoo kaameera, kaameera, mootora kkf
hojiif kennameef faayidaa diinagdawaa dhuunfaatiif oolchuu,
 Meeshaa waraanaa, bobbaa’a garagaraa salphaatti ibiddaan
gubachuu danda’anii fi fayyaa irratti miidhaa geesisan naannoo
fi iddoo hojii qabatanii dhaquu,
-
 Qabeenya mana hojichaa irratti ta’e jedhee yookiin
ofeeggannoo gochuu dhabuun miidhaa geessisuu,
 Maallaqa hojiif itti kennamee yookiin to’annoo isaa
jala jiru hojii mootummaa qofaaf fayyadamuu
dhabuu,
 Murtee dabarsuuf sababa yookiin ibsa barbaachisaa
qaama dhimmi ilaaluu yoo gaafatu kennuu diduu.
 Tajaajila kennamu irratti odeeffannoo gahaa
(haaldureewwan tajaajilamaa irra barbaadamu fi
istaandardii hojii tajaajilichaa beeksisuu dhabuu fi
haala sanaan tajaajilu dhabuu,
 Odeeffannoo iccitummaa qabu yookiin hin
eeyyamamiin haala kamiinu ibsuu yookiin baasuun
qaamni biraan akka itti fayyadamu gochuu.
 Odeeffannoo iccitummaa qabu faayidaa dhuunfaaf
yookiin faayidaa nama biraatiif oolchuu yookiin akka
-

ooluu taasisu
 Odeeffannoo hojimaata mana hojichaa yookiin biyyaa
yookiin tajaajilamaa irratti miidhaa dhaqabsiisuu sababa
gahaa fi seera qabeessa hin taneen ibsuu.
 Malaammaltummaa raawwachu, waliin dhahuu, aangoon
garmalee fayyadamuu, sanada haquu yookiin faajjii fi
chaappaa mana hojiicha gocha seeraan alaatiif
fayyadamuu yookiin matta’aa fudhachuu yookiin akka
kennamuuf gaafachuu, dallaalaa ta’uu, lakkoofsa herrega
baankii dhuunfaa hojii matta’a daddabarsuuf oolchuu,
matta’aan akka kennamuu haala mijeessu hin qabu
 Faayidaa isaaf hin mallee sobaan yookiin seeraan alaa
ta’e mana hojiirra fudhachuu.
 Tajaajila kennuun walqabatee kennaa yookiin
keessummeessa fudhachuu yookiin fudhachuuf
-

gaafachu,
 Dhimma mana hojii isaa waliin wal-qabatee
raawwachisuu irratti bobba’uu yookiin hojiiwwan
walitti bu’insa faayidan qabani irratti bobba’u
 Ragaa barnootaa fi muuxannoo hojii sobaa dhiyeessuuu
yookiin kuusaa dhuunfaa waliin walqabsiisuu.
 Leenjii fi deeggarsi barbaachiisaa ta’ee erga kennameefi
booda walitti aansuun yeroo lama madaalliin
raawwannaa hojii isaa quubsaa gadi yoo ta’ee,
 Hojiiwwan raawwataman ta’ee jedhanii qaama dhimmi
ilaallatuf gabaasa sobaa yookiin gabaasa sirri hin taane
dhiyeessu.
 Aangoo osoo hin qabaatin ragaa kompitaraan qabame
-
ballessuu yookiin jijjiiruu yookiin ragaa sobaa itti galchuu
 Itti gaafatamummaa osoo qabuu, ragaawwan hojii isaatiin
walqabatan yoo gaafatamu ta’e jedhee kennu diduu
yookiin kennuu dhabuu.
 Itti gaafatamummaa osoo qabu ragaawwan hojii isaatiin
walqabatan yoo gaafatamu ta’ee jedhanii ragaa sobaa
yookiin ragaa sirri hin taane kennuu.
 Gaafatamummaa qabuun faayidaa dhuunfaa yookiin
gareewwanii kan hawaasaa fi mootummaa dursuu dhabuu
 Seeraan dirqama osoo qabuu, maddaa galii addaa argatu
ta’e jedhe qaamaa dhimmii ilaaluuf beeksiisuu dhiisuu.
 Seeraan dirqama osoo qabuu, qabeenya ofii fi maatii isaa
galmeesisuuf heyyamama ta’u dhabuu.
-
 Seeraan dirqama osoo qabuu, ta’e jedhee
galmeessiisa qabeenyaa guutuu hin taane
yookiin ragaa sobaa galmeesisuu.
 Haala kaminiyyuu yeroo hojii mootummaa
hojii daldalaas ta’e hojii biro ramaddii hojii
isaa waliin qunnamtii qabu dabalee hojjachuu.
 Yeroo hojii mana hojichaatti mana hojii
mootummaa yookiin dhaabbata miisomaa
mootummaa kan biroo keesssatti yookaan
dhaabbataa dhuunfaa keessatti qacaramuun
hojjachuu.
-
 Gaafatamummaa qabuun murteen kennuu fi hojiin
raawwatu faayidaa uummataa dhiisuun kan dhuunfaa,
maatii yookaan hiriyyoota isaa eegsisuu, adeemsa
imaammataa fi tarsiimoo mootummaa hojiirra oolchuu
keessatti faayidaa uummataa fi mootummaaf dursa
kennuu dhabuu,
 Hojiin hattatamaa yeroo qunnamuu faayidaa uummataaf
dursaa kennuuf jecha boqonnaatiin yookaan kanfaltii
yeroo boqonnaatiin hojjachuuf hayyamamaa ta’uu
dhabuu.
 Aangoo garmalee fayyadamuu yookiin angoon seeraan
ala fayyadamuu irra ofqusachuu dhabuu,
 Aangoon daldaaluun yookiin badiiwwan walfakkaata
seera yakkaa irratti ta’an aangoo kennameef irratti
raawwachuu.
 Aangoo hin qabnen hojjechu, aangoo
-

kennameefin olitti raawwachu, ergaa aangoo gadii


dhiisee booda ittiin hojjechuun namni sadaffaan
garmalee akka fayyadamu yookiin akka
miidhaamu gochuu hin qabu.
 Seera qofa bu’uura godhachuun hojjachuu
dhabuun loogii uumuu.
 Gochawwan loogii babballisan kan akka
naannummaa, lagummaa fi sabummaa irra walaba
ta’uu dhabuu hojjettoota mana hojii giddutti
jibbaa fi walshakkiin akka jiraatu taasisu hin qabu
yookiin hojjettoota gidduutti ololli yookiin oduu
sobaa odeessu irra walaba ta’uu dhabuu.
 Seeroota, hojimata cabsuun yookiin ajajoota seera
qabeessaa ta’an kabajuu dhiisuun yookiin hojjattoonni
-

biroo akka hin kabajne dhibbaa gochuun yookiin


seeraan alaa akka hojjatan dhiibuu fi jajjabessuu.
 Hojii irra hafuun isaa hojiiratti miidhaa guddaa akka
geesisuu osoo beekuu, heyyama itti gaafatamaa
dhiyoo osoo hin argatin, sababa humna ol hin taaneen
hojii irra hafuu.
 Iddoo yookiin naannoo hojiitti jeequmsa yookaan
walitti bu’insa uumuu yookaan hojjettootni biroo akka
jeeqan kakasuu, gareen akka namni waliiti bu’uu
gochuu yookiin miltoo mana hojii isaa doorsisuu,
arrabsuu yookiin reebuu yookiin reebuuf yaaluu
hinqabu
-
 Abbaa dhimmaa sirnaan simaachu dhabuu
yookiin waan abbaan dhimmaa barbaadu
qalbiin ibsuun hubachisurra ifaachu
 Yakka kaminiyyuu iddoo hojiitti yookaan
naannoo hojiitti raawwatani argamuu,
 Seeraa yookiin ajaja seera qabeessa yookiin
sirna hojimata yookiin imaammata
mootummaa sirnaan hojiirra oolchuu dhabuun
ta’e jedhame hojii irratti miidha geesisuu
yookiin deeggersa yoo gaafatamu deeggeru
dhabuu.
-
 Mana hojii isaa keessatti gochi seeran alaa
raawwatamuu isaa osoo beekuu hattatamaan
qaamoota dhimmi ilaaluti beeksisuu dhabuu.
 Ajaja seeraan alaa yookiin qajeelfama hin
mallee hojjetaa yookiin hogganaa isaa jala
jiruuf dabarsuu.
 Miidhaa yookiin dhibbaa koorniyaa irra gahu
falmuu/mormuu, raawwachuu fi saaxilu
dhisuu,
 Tajaajiloota abbootiin dhimmaa dhiyeessaniif si’anaa
-
fi istaandardii tajaajilaa ta’een deebii kennuu dhisuu
yookiin Abbootii dhimma seeraan ala deddeebisuu.
 Sababa gaha fi seera qabeessa hin taaneen dhimmoota
yookiin iyyannoowwan tursiisuun abbaan dhimmaa
deddebisu yookiin ulaagaa qajeelfama guutaamuu
qabuu hin guutamiin hafee ibsu dhabuu
 Ulaagaa qajeelfaman ta’een alatti ulaagaa kan biraa
akka abbaa dhimmaa dhiyeessu gaafachuun deebii
hattattama kennuu dhabuu yookiin abbaa dhimmaa
rakkisu yookiin lafa irra harkisu
 Kabajaa fi ulfina abbaa dhimmaa tuquu, jechoota hin
barbaachifne dubbachu
-
 Ragaa fi iyyaata abbaa dhimmaa fudhani hin
fuunee jechuu yookiin gatuu yookiin iddoo itti
walqabachu qabuutti qabsisu dhabuun ragaan
akka baduu gochuu
 Tajaajilamtoota yookiin miltoo mana hojiichaa
haala namuusaa gaarii gonfateen kessummessu
dhiisuu
 Raawwii hojii fi amala dhuunfaa isaa uummatni
mana hojii isaa irratti amantaa guutuu kan qabaatu
taasisuu dhiisuu,
 Hojii isaa ga’umsa ol’aanaatiin of-eegannoon,
jabinaan fi miira tajaajiltummaan raawwachuu
dhiisuu,
 Iddoowwan safuu fi aadaa hawaasa tuqaanitti ta’anitti
-
argamuu dhiisuu yookiin gochaawwan faallaa safuu fi
aadaa ummaata rawwachu dhiisuu, dhugaani macha’uu
dhiisuu.
 Yaada kenniinsaa tajaajilaa irratti maamilaan dhiyaatu
yeroon ibsa sirrii, deebii fi sirreeffamaa fi odeeffannoo
kennuu dhiisuu.
 Mana hojii mootumma keessatti fi sa’aatii hojii
mootummaatti dhimmoota amantiin walqabatan mala
kaminiyyuu dhageeffachuu yookiin ilaalu,
 Ergaa fi maxxansawwan adda addaa amantiin walqabatan
mana hojii yookiin kutaa hojii keessatti maxxansuu,
 Mana hojii keessatti meeshaaalee mootummaan itti
kenname teeknolojii adda addaatti gargaaramuun
amantaa tarkaanfachisuu yookiin agarsisuu
-
 Mana hojii mootummaa fi qabeenya (sa’aatii hojii,
meeshaalee fi maallaqaa) mootummaatiin waltajjii
siyaasaa gaggeessuu,
 Ragaa mana hojii isaa sababa hojiitiin harkaa isaa galee
yookiin beekee dantaa siyaasaatiif oolchuu hin qabu.
 Sa’aatii hojii mootummaatti hirira seeraan alaa irratti
hirmachuu, akka gaggeeffamuu qindeessuu yookiin
kakaasuu,
 Teekinolojiiwwan qunnamtii odeeffannoo
mootummaan akka hojii karaa salphaa ta’en ittiin
hojjetamuuf haalaa mijeesseetti fayyadamudhaan
tajaajila midiyaa hawaasaaf itti faayyadamu hin qabu,
ejjennoowwan paartii siyaasaa calaqqisan itti ibsu hin
qabu yookiin xinxaalaa siyaasa ta’uun hin danda’amu.
-  Hojii irratti ramadaman itti yaaduudhaan
yerootti hojjachuu dhiisuu,
 Hojii irratti ramadame yookiin kan
walfakkaatu akka hojjatu yemmuu ajajamu
sababa gahaa malee hojjachuu dhiisuu yookiin
diduu.
 Hojjatootni hojii idilee isaanii akka hin hojjane
kakaasuu yookiin hojjeta gidduutti wal-
dhabdee uumuu yookiin olola sobaa
gaggeessuu fi sababa hojjettota waliin
walta’iinsa hin qabaneef qofa adeemsa hojii
irratti gufuu ta’u.
-
 Dawaa yookiin baala sammuu nama hadoochu
yookiin dhugaaatii nama macheessuu gara
dallaa waajiirichaattii qabatannii galuu yookiin
machiidhaan hojii irratti argamu yookiin iddoo
hojiitti baala sammuu nama hadoochuu
fudhachuu yookiin kutaa hojii keessatii sigaaraa
xuxuu qulqullina eguu dhabuudhaan hojjettoota
biroo rakkisuu.
 Hojjeta dandeettii hojii osoo qabuu yookiin
osoo beeku humna isaa guutuu fi beekumsa
guutuu hojii irratti hin oolchine yookiin hojiin
walqabatee dirqama irra eeggamu bahuu
dhiisuu.
-
 Hojii sadarkaa naamusni ogummaa gaafatuun
raawwachuu dhiisuu.
 Balleessawwan badii namuusaa salphaa irra
deddeebiidhaan yookiin yeroo lamaaf isaa oli
kan rawwatamu yoo ta’ee akka badii namuusa
cimaatti kan fudhatamu ta’a.
 Gochaawwan badii namuusa kanneenin kan
walfakkaata kan biro rawwachu
HAALA TARKAANFIIN BALLEESSA NAMUUSAA
ITTI FUDHATAMU
 Haalli tarkaanfii namuusaa itti fudhatamu kamiyyuu
hojii fi mindaa irra ittisuu akkaataa labsii Bulchiinsa
hojjettota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii
lakk-215/2011 fi Dambii Sirna Raawwannaa
Namuusaa fi Dhiyeeffannaa komii Hojjettoota
Mootummaa Naannoo lakk ------- bu’uureeffateen ta’a
innis qajeelfama kana kutaa sadii keessatti ibsameera.
 Hojjetan badii Namuusaa raawwate kamiyyuu haala
qajeelfama kanaa fi bu’uura Labsii Hojjettota
mootummaa Naannicha lakk. 215/2011 tumameen
badii tokkoon irra deebiin himatamuu fi adabamu hin
qabu.
-
 Murtiin dhimmaa balleessaa namuusaa irratti
kennamu qaama kamiyyuu barreefamaan
himatamaaf kennamu qaba.
 Hojjetan badii namuusaatiin adabamee mirga
ol’iyyannoo ni qaba.
 Labsii Hojjettota Mootummaa naannichaa
lakk. 215/2011 fi dambii------ fi qajeelfama
kana lamaaninu badii adabsiisu kan raawwate
yoo ta’e, dhimmichi bu’uura seera dura itti
dhiyaateen ilaalama.
KUTAA LAMA
HUNDEEFFAMA KOREE NAMUUSAA
 Aangoo fi Gahee Hojii Koree Namuusaa
 Aangoo fi gaheen hojii koree namuusaa Labsii
Hojjattota Mootumma Naannoo Oromiyaa
labsii lakk-215/2011 fi Dambii Raawwannaa
Naamusaa fi Dhiyeeffannaa Komii Hojjettoota
Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti
bu’uura aangoo fi gahe hojii kennameen kan
hojii irra ooluu ta’a.
AANGOO FI GAHEE HOJII KOREE NAMUSAA
 Himannaa badii namuusaa karaa mana hojiin
dhiyaatu ni fuudha.
 Himannaa dhiyatee ilaalee bellama kennuun
himataman deebii himannaa fi ragaa faccisa
waliin akka dhiyatu ni taasisa.
 Qaama himannaa namuusa dhiyeessee fi
himatama falmii bitaa fi mirgaa akka
geggeffamu ni taasisa,
 Adeemsa kenninsa murtii badii namuusa irratti
jalqaba hanga murtiin xumura kennamutti waan
-

turee fi waan rawwatame sirnaan karaa ibsuu


danda’uu galma’ee akka qabamu ni taasisa.
 Dhimmaa ragaa fi dhugaan mirkanna’ee irratti
hunda’uudhaan himannaa fi falmii geggaffamee
qofaa irratti yaada murtii hoggana ol’aana
yookiin itti gaaatama wajjiraaf mana hojii
mootummaa sadarkaan jiruu ni dhiyeessa.
 Murtii yookiin qajeelfama hoggana ol’anaa
yookiin itti gaafataman waajjiraan/mana hojii
kennamee hojii irra ni oolchaa, akka hojii irra
ooluu ni taasisa.
-
 Adeemsaa kenninsa murtii keessatti
dhimmoonni hin qulqullofne yoo koree
qunnaame yookiin ragaa caqafame himataman
dhiyyeeffachu kan hin dandeenye yoo ta’e
ajaja seeraa barbaachisu qaama dhimmii
ilaaluuf dabarsu akkasumas qorannoo
namuusa dabalata taasifamee ibsi ogummaa
akka kennamu taasisu,
 Waarabbiin yaada murtii koree yookiin murtii
hogganaan kennamu qaama komii qabuuf akka
kennamu ni taasisa.
AANGOO FI GAHEE MANNEEN HOJII SADARKAA NAANNOO
GADII JIRAAN
 Hojjettotni mootummaa mana hojii isaani keessa
jiraan qajeelfama kana irratti hubannoo fi
beekumsa gahaa akka qabataniif leenjii fi
hubannoo labsii, dambii fi qajeelfama irratti
kennuu yookiin akka kennamuuf taasisu.
 Miseensota koree namuusa mana hojiicha fi
hojjettoota mana hojiichaan filataman akka
hojiimata isaa eegaani akka filataman gochuun
maqaa isaani waajjira paablik servisi fi
miisoomaa qabeenya nama sadarkaa sana jiruuf
ergu.
-
 Hojjeta badii namuusa rawwatuu irratti ragaa fi
odeeffaannoo barbaachisa qindeessudhaan akkaata badii
naamuusa rawwatametti himannaa fi adabbiin badii
namuusa akka irratti fudhatamu taasisu.
 Hojiiwwan odiitii fi idileffaannoo naamusa ogummaa fi
naamusa iddoo hojii hojjettoota mootummaa mana
hojiichaaf bu’uuralee sirna komii adda adda barbaachisaan
sirnaan akka diriiraan ni taasisa.
 Hojiimaata yaadni, komiin fi galteewwan tajaajila
foyyeessuuf karaa maamila kennaman itti argaman yeroo
yeroon qaama madaluu fi gamagamun manajimentii mana
hojiif kan dhiyeessuu ni gurmeessa gabaasa isaa wajjira
paabliki serviisi fi miisoomaa qabeenya nama sadarkaan
jiruuf dhiyeessa dub-deebii gabaasaa irratti kennamee hojii
irra n oolcha
AANGOO FI GAHEE HOJII WAAJJIRA PABLIIK SARVIISII
FI MIISOOMAA QABEENYA NAMA SADARKAAN JIRUU

 Koreen namuusaa akkaata qajeelfama kanan


akka hunda’uu haala mijaachu qabuu hundaa
rawwata.
 Hojiiwwan koree namuusa gurmeessuu fi
cimsuu ni rawwata.
 Hojiiwwan bu’uuralee sirnaa komiin manneen
hojii mootummaa keessatti akka hunda’ani
hojiimata akka diriiruuf sirna hordoffi fi
deggersa barbaachisa ni taasisa.
 Miiseensota koree manneen hojii keessatti sirnaa
-
bu’uuralee sirnaa komiin yaadota kennaman
xinxaaluun gabasaa dhiyeessuuf hunda’an mana hojii
isaani waliin ta’uun leenjii fi hubannoo ni kennaa.
 Gabaasa manneen hojii irra raawwii bu’urale sirna
komii irratti dhiyatu gamagamuun dub-deebii ni
kennaa hojii irra oolmaa dub-deebii kenname ni
hordofa bakka hanqinni jiruutti tarkanfiin
barbaachisaan akka fudhatamu ni taasisa.
 Koreen naamusaa dhimmaa himannaa fi falmii badii
naamusaa irratti yaada murtii yeroo qajeelfama
kanaan ta’ee keessatti akka raawwatu hordoffii fi
deeggarsa ni taasisa.
GURMAA’INSA KOREE NAMUUSAA MANNEEN
HOJII MOOTUMMAA SADARKAA NAANNOO

 Manneen hojii Mootummaa sadarkaa Naannoo


irra jiran koree Namuusaa akkaataa labsiicha fi
Dambii raawwannaa naamusaa fi dhiyeeffanna
komii ittiin hundeeffameen himannaa naamusa
hojjettoota ilaaluun kan murteessan ta’a.
GURMAA’INSA KOREE NAMUUSAA MANNEEN
HOJII MOOTUMMAA SADARKAA GODINAA,
AANAA FI BULCHIINSA MAGAALOOTAA
 Koreen Namuusaa miseensota shan (5) fi barreessaa
sagalee hin qabnee kan of keessaa qabu ta’ee
Waajjiralee Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya
Namaa Godinaa fi Aanaa, akkasumas Waajjiralee
Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa
Bulchiinsa Magaalotaa keessatti qajeelfama kanaan ni
hundeeffama.
 Keewwata kana kewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame
akkuma eegameetti ta’ee manneen hojii mootummaa
naannoo gadii jiraan himannaan namuusa dhiyatu bakka
bu’aan mana hojii sana keessaa kan bakka bu’uu ta’a.
MISEENSOTA KOREE NAMUUSAA MANNEEN HOJII
SADARKAA GODINAA, MAGAALOTA YKN AANAA
 Hojjettota Waajjira Paabliki servisii fi miisoomaa
qabeenya nama Godinaa, magaala ykn Aanaa
keessaa Itti Gaafatamaa Waajjira kan bakka bu’an,
walitti qabaa fi miseensa tokko dhaabbiidhaan kan
tajaajilaan,
 Mana hojii hojjetaa namuusaan himatamee irra yeroo
dhimmi hojjetaa mana hojii sanaa ilaalamu qofa kan
hirmaatan Ittigaafatamaa waajjirichaan kan bakka
bu’e miseensa tokko fi hojjettoota mana hojiichaan
kan filataman miseensota lama walumaagalatti
hojjettoota sadi,/gahee guddaan kan kennameef mana
hojiif osoo taanee hojjetaafiidha 1/2
-
 Dayireektooreetii Bulchiinsa Qabeenya Namaa
Waajjira kami ? PS moo Bulchiinsa Godina,
Magaala ykn Aanaa irra kan bakka bu’u
barreessa sagalee hin qabne tokko ta’uudhaan
ni hundeeffama.
 Waajjirri paabilki servisi fi miisoomaa
qabeenya Godina, Magaala ykn Aanaa Yeroo
dhimmi hojjetaa Waajjira isaanii ilaalamu qofa
kan hirmaatan akkaataa qajeelfama kana jalatti
tumameen miseensota sadii (3) bakka ni
buusa.
-
 Himannaan namuusa himataamaaf yommuu
karaa koree namuusa ergamu himatamaa akka
qaqqabuu ni taasisa gabaasaa isaas koreef ni
dhiyeessa.
 Yaada murtii koree namuusan himaannaa badii
namuusaa irratti kennamu hojii irra akka ooluu
raawwii isaas qaamaa dhimmi ilaalatuuf ni
gabaasa.
KOREE NAMUUSAA MANNEEN HOJII
TAJAAJILA DEEGGARSAA WAJJIRA PABLIIK
SARVIISII FI MIISOOMAA QABEENYA IRRA
HIN ARGANE (HIN FAYYADAMNE
 Manneen hojii giddugaleessota hawaasummaa,
wiirtuulee, koollejjoota, Hospitaalota, Bulchiinsa
manneen sirreessaa, Giddugaleessota Qorannoo
Qonnaa, Giddugaleessota qorannoo Qonnaa fi
misooma Baadiyyaa, Buufataalee Raadiyoo
barnootaa, dameelee manneen, buufatalee fayyaa fi
kkf. haala humna namaa qabaniin bu’uura koree
namuusaa dhaabuun raawachuu ni danda’u.
 Miseensonni koree namuusa kan hundeffamu
namoota shan (5) of keessaa qabuu ta’ee:
-  Namoonni lama koree manajimentii mana
hojiidhaan kan bakka bu’aan tokko dubarti ta’uu
qabdii walitti qabaa fi miseensa
 Namoonni lama hojjettotan kan filataman tokko
dubartii ta’uu qabdii miseensota
 Namni tokko daarektoretii hoggansa misooma
nama irra kan bakka bu’uu barreessaa fi miiseensa
 Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti
hunda’uudhaan qaamooleen koree namuusaa
yommuu hundessaan walitti dhufeenya hojii
waajjira pabliik sarviisii fi miisooma qabeenya
naannoo isaani jiruu waliin ni qabaatu.
ULAAGAA FILANNOO MISEENSUMMAA KOREE
NAMUUSAA
 Miseensonni koree namuusa filatamuuf yookiin
bakka bu’uuf ulaagaalee armaan gadii guutuu qabu:
 Amala fi naamusaa gaarii kan qabuufi mana hojichaa
fi hojjetaa biratti fudhatama kan qabu;
 Loogiii irra bilisa kan ta’ee iccitii hojichi barbaadu
eeguu kan danda'u;
 Badii naamusaa himatamee kan hin adabamne,
 Hojjatoota mana hojicha walqixa kan ilaalu,
amanamummaa fi ejjeennoo gaarii kan qabu
 Hojjetaa dhaabbataa fi Mana hojichaa keessatti yoo
xiqqaate waggaa lama fi sanaa ol kan tajaajile
-  Labsii, dambii fi qaleelfamoota hojjettoota
Mootummaa irratti beekumsa fi hubannoo gahaa
kan qabu;
 Araada adda addaa sammuu namaa adoochu irrra
bilisa kan ta'e,
 Raawwii hojii fi kenniinsa tajaajilaa isaatiin adda
duree kan ta’e.
 Namuusaa hojii gaarii fi quuqama ummaata kan
qabuu
 Koree namuusa keessatti hojjachuuf kaka'umsa
kan qabuu fi walligalteedhaan hojjachuu kan
danda'u ta'uu qaba.
ITTI WAAMAMAA KOREE NAMUUSAA
 Itti waamamni koree namuusa manneen hojii
sadarkaa godina, magaala fi aanaalee itti gaafatama
wajjira pabliki servisii fi miisoomaa qabeenya
sadarkaa sana jiruuf ta’a.
 Keewwata kana keewwata xiqqa 1 jalatti kan
tumame akkuma eegameetti ta’ee itti wamamni
koree namuusaa manneen hojii sadarkaa naannoo
gadiitti argamanii garuu tajajila deggersa wajjira
paablik serviisii fi miisomaa qabeenya nama
sadarkaa sana jiruu irra hin argannee hoggana
ol’anaa yookiin itti gaafatama waajjira koreen
komii itti hundeeffameef ta’a.
BARA TAJAAJILAA MISEENSOTA KOREE NAMUUSAA

 Barrii hojii miseensonni koree namuusaa


waggaa lamaaf ta’ee yoo qaamolee dhimmi
illaaluun kan itti amanamu yoo ta’ee marsaa
tokkoof irra deebiidhaan miiseensummaaf
filatamuu yookiin bakka bu’uu ni danda’u.
SIRNA WAL-GA’II KOREE
 Koreen namuusaa fi koree qulqulleessa komii hanga
hojiidhaaf barbaachiseen yeroo kam iyyuu wal-ga’uu ni
danda’a.
 Walga’ii korichaa irratti walitti qabaa dablatee harkii
caaluu miseensonni koree yoo argaman walga’iin ni
taasifam ni danda’a.
 Yaadni murtii korichi dhiheessuu kan darbu sagalee
caalmayaatiin ta’a. Sagaaleen walqixaatti kan qoodame
yoo ta’e yaadni garri walitti qaban jiru dhiheesse ni darba.
 Miseensi yaadaan addaan bahe sababa ittin addaan bahe
ifatti lafa kaa’uu qaba qaboo ya’ii irratti sirnaan ejjennoon
isa ibsame barreeffamu qaba.
MISEENSUMMAA IRRA HAQUU FI WAL-GA’II
IRRA KAASUU

 Miseensi koree kam iyyuu hojjetaa


himmannaan kan irratti yookiin hojjeta komii
dhiyeffatee waliin lola ykn firummaa dhiigaa
ykn fuudhaa fi heerumaa qabaachuun isaa yoo
mirkanaa’e, dhimma kana qofaaf wal ga’iicha
irra akka ka’u ni taasifama.
-
 Miseensi koree namuusa kamiyyuu:
 Barri tajaajilaa yoo xumurame,
 Fedhiin akeekkachiisa ji’a 1 kennuun,
 Adeemsa hojii koree keessatti hanqina
namuusaa yoo agarsiise
 Hojii idilee isaa sababa adda addaatiin yoo
gadi lakkise,
 Icciti dhimma korichaa ilaalama jiru kan
baase yoo yoo argame miseensummaa irra
haqamuu yookiin kaasuun ni danda’ama.
BOQONNAA AFUR
TUMAALEE ADDA ADDAA
 Waa’ee Eeruu Beeksiisuu
 Hojjetaan mootummaa kamiyyuu
qajeeltoowwan namuusaa qajeelfama kana
keessatti hammaatamaan gochawwan
falleessuu raawwatamuu isaa karaa kaminuu
yoo beekee yookaan yoo argee dhimmicha
mana hojii isaaf yookaan qaama dhimmi
ilaaluuf hattatamaan beeksisuu qaba.
 Eeruun dhiyaatu, dhugummaa/haqummaa kan
qabu, kan hin dabin, haaloo irra bilisa kan ta’e,
quuqama irratti kan hundaa’e, dogongarsiisa kan
hin taanee fi sababawwan amansiisa irratti kan
bu’uureffate ta’u qaba.
 Eeruu dhiyeessan eenyummaa isaa akka hin
ibsamne yoo barbaade eenyummaan isaa iccitiin
qabamuu qaba.
 Raawwii Murtii Koree Namuusa
 Manni hojii mootummaa sadarkaan jiruu
kamiyyuu koree namuusan kenname guyyaa isa
gahe irra eegalee hanga qaama oliyaannoo
ilaaluun murtii kennuun ajajni dhorkaa isaa hin
qaqqabnetti murtii yookiin yaadni murtii koree
namuusaan kenname hojii irra oolchuu qaba.
 Dirqama Deeggaruu
 Hojjetaan mootummaa kamiyyuu qaama dhimmi
ilaalun yoo ajajamee hojiif kan barbaadu taanan
ragaa fi deeggarsa kennuuf dirqama qaba.
 Seerota Raawwatiinsa hin Qabaannee
 Qajeelfamoonni qajeelfama kanaan faallaa ta’ani
kamiyyuu yookaan hojimaanii barsiifataan
dhimmoota qajeelfama kanaan haguuggaman
irratti raawwatinsa hin qabaatu.
 Qajeelfamicha Foyyeessuu
 Qajeelfamni kun yeroo barbaachisaa ta’ee
argametti biiroon foyya’uu ni danda’a.
 Yeroo Qajeelfamni itti Ragga’u
 Qajeelfamni kun guyyaa _________ Bara 2013
jalqabe kan ragga’u ta’a.
 Sadaasa, bara 2013
 Finfinnee
 Namarra Bulii
 Hoggana Biiroo Pabliik Sarviisii fi Miisoomaa
Qabeenya Nama Oromiyaa

You might also like