Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 76

-

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya
Namaa
Qajeelfama Raawwii Qaxara Hojjettoota
Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Amajjii, 2014
Finfinnee
-
Qajeelfama Raawwii Fo’annoo fi Filannoo QN
Qajeeltoowwan Bu’uuraa Raawwii Fo’annoo fi
Filannoo
 Labsii fi qajeelfamaa hordofuun raawwachuu

qaba.
 Karoora QN m/hojii hordofee raawwatamuu
qaba.
 Sirna meeritii hordofuun raawwatamuu qaba.
 Ulaagaalee dandeettiiwwan barbaachisoo
bu’uureffachuun raawwatamuu qaba.
-

 Sirna mirkaneessa gahumsa keessa darbuu


qaba.
 Haala loogii irraa bilisa ta’een raawwatamuu
qaba.
 Dubartootaa, qaama miidhamtootaa fi
hojjettoota aanaalee deeggarsa dabalataa
barbaadaniif deeggarsa dabalataa kennuudhaan
raawwatamuu qaba.
-

Adeemsa Raawwii Fo'annoo fi Filannoo QN


 Karoora tarsiimoo fi waggaa QN mana hojii
bu’uura gochuudhaan raawwatamuu qaba.
 Manneen hojii gita hojii banaa baajata qabu
jijjiirraa alaa fi qaxaraatti deemuun dura carraa
guddina sadarkaa fi jijjiirraa keessaan guuttachuu
qabu.
-

 Hojiif barbaachiisaa ta’ee yoo argame kan

keessatiif carraa osoo hin kenniin alaa

guuttachuu ni danda’ama.
 Gita hojii tokko hojjetaan qabsiisuuf qaxara
-

gaggeessuun kan danda’an tooftaalee :


 Jijjiirraa keessaatiin;

 Jijjiirraa alaatiin,

 Jijjiirraa Ergisaatiin,

 Hojii dabalataatiin hojjechiisuu,

 Tajaajila lammummaatiin hojjechiisuuf yaalii


taasisanii kan hin danda’amne yoo ta’e qofadha.
-

 Fo’annoo fi filaannoon barsiisotaa, ogeeyyii


fayyaa, ogeeyyii fayyaa beeyiladaa,
hojjettoota misooma hundaa fi hojjettoota
wiirtuu kenniinsa tajaajila iddoo tokko
qajeeltoowwan bu’uuraa hordofee
raawwatamuu qaba.
Raawwii Qaxara Hojjettootaa
- Karoora hoggansa qabeenya namaa mana
hojichaa bu’uura godhachuudhaan raawwatamuu
qaba.
 Gitoota hojii banaa irratti hojjetaa alaa qaxaruun

kan danda'amu duraan dursee guddina


sadarkaatiin ykn jijjiirraa keessaatiin hojjettootni
guutuu danda'an kan hin jirre yoo ta’edha.
-

 Kenniinsa tajaajilaa fi raawwii hojii mana


hojichaa fooyyessuuf ogeessa alaa argachuun
barbaachisaa ta’uun isaa yoo itti amaname
manni hojii adeemsa fo’annoo fi filannoo alaa
hordofuun qabeenya namaa guuttachuu ni
danda’a.

-
Adeemsi qaxaraa dorgomiidhaan raawwatamuu
qaba.
 Beeksiisa qaxaraa ifa ta’e baasuudhaan tooftaalee
sab-qunnamtii maxxansuun kaadhimaamtoota
dorgommiif affeeruu qabu.
-
 Tooftaalee beeksisaa ibsaman hundatti
altokko fayyadamuun kan hin danda’amne
yoo ta’e, tooftaalee beeksisni ittiin bahu
keessaa sadii gadi kan hin taanee
fayyadamuun affeeruu ni danda’u.
 Dorgomtoota gara giddu galeessaa
mirkaneessa gahumsaa YNOtti sadarkaa
adda addaatti gurmaa’utti erguun madaallii
gahumsaa akka fudhatan taasisuun kan
raawwatamu ta’a.
-

 Qabiyeen beeksiisni qaxaraa:


 Maqaa fi teessoo mana hojichaa;

 Waamama gita hojii,

 Lakkoofsa eenyummaa,

 Sadarkaa gita hojii,

 Mindaa gita hojichaa;

 Koodii gita hojiichaa;

 Baay'ina gita hojii banaa;

 Dandeettii barbaachisoo gitni hojii gaafatu;


-

 Afaan hojii naannichaa kan beekuu;


 Guyyaa fi sa’aatii galmeen itti jalqabamuu fi
xumuramu;
 Tooftaa kaadhimamtootni itti galmaa’uu
danda’an;Bakka itti galmaa’anii fi Lakkoofsa
kutaa galmeen itti gaggeeffamu;
-

 Beeksisni gita hojii banaa bahu "dubartootni,


hojjettootni naannoo horsisee bulaa fi qaama
miidhamtootni ni jajjabeeffamu” kan jedhu
qabaachuu qaba.
-

Yeroo Beeksisni Qaxaraa Bahee Qilleensa


Irra Turufi Haala Dorgomtootni Itti
Galmaa’an
 Beeksisni qaxaraa qilleensa irra kan turu
guyyoota hojii 10f ta’a.
 Galmeen dorgomtootaa guyyaa beeksisni
bahee qilleensa irra oolee irraa eegalee kan
adeemsifamu ta’a.
-

 Dorgomtootni yeroo galmeen qaxaraa

gaggeeffamu qaamaan argamuun, ragaa

namatti erguun, bakka bu’aadhaan, faaksiin,

iimeeliidhaan, telegiraamiin erguun

galmaa’uu ni danda’a.
-

Yeroo Galmeen DorgomtootaaGaggeeffamu


Dhimmoota Qulqullaa’uu Qaban
 Umuriin dorgomtootaa waggaa 18 fi isaa ol ta’uu;
 Dorgomtootni galmeef dhiyaatan hojjetaa
mootummaa dhaabbataa ta’an xalayaa deeggarsaa
mana hojii isaanii irraa akka dhiyeeffatan
taasisuu;
-

 Ragaaleen dhiyaatan ulaagaalee dandeettii


barbaachisoo kan walsimanii fi sirrii ta’uu,
haqamaa fi laaqama kan hin qabne ta’uu
mirkaneeffachuu;
 Dorgomtootni sababa hanqina naamusaatiin
hojiirraa gaggeeffaman guyyaa hojii irraa
gaggeeffaman irraa kaasee waggaa shan kan
turan ta’uu isaanii;
- Dorgomtootni sababa hanqina naamusatiin
sadarkaa irraa gadi bu’anii kan adabaman yoo
ta’e ragaa yeroo adabbii isaanii kan xumuran
ta’uu ibsu dhiyeeffachuu isaanii;
 Yakka malaammaltummaan,amantaa
hir’isuun,hanna, yakka dogongorsuun yookiin
gowomsuu raawwachuun adabaman yoo ta’e,
ragaa moggaasa maqaa gaarii mana murtii
aangoo qabu irraa dhiyeeffachuu isaanii;
 Dorgomtootni qaamaan hin argamiin
-

galmaa’an guyyaa qormaataaf dhiyaatan


ragaalee ittiin galmaa’an orijinaara isaanii
qabatanii dhiyaachuu isaanii;
 Ragaan dorgomtootni galmeedhaaf
dhiyeeffatan ragaa MGO kan barbaachisu
yoo ta’e, dhiyeeffachuu isaanii
mirkaneeffachuu qabu.
-
Haala Galmeen Dorgomtootaa Itti
Raawwatamu
 Galmeen yeroo gaggeeffamu maqaa guutuu,
ragaa ittiin galmaa’e fuula isaa fi lakk.
bilbilaa galmeessuu.
 Galmeen kan gaggeeffamu manneen hojii
sadarkaa naannootti yoo ta’e, daay. HQNtti,
sadarkaa Godina, Magaalotaa fi Aanaa yoo
ta’e puuliin ta’a.
-

 Manneen hojii sadarkaa Naannoo qaxara


sadarkaa naannootti raawwatuuf caasaa
isaanii godinaa fi magaalotaa dorgomtoota
galmeessanii akka erganiif bakka bu’insa
kennuu ni danda’a.
-  WPSMQN sadarkaa Godinaa qaxara sadarkaa
Godinaatti gaggeeffamuuf WPSMQN
Aanaalee fi magaalaa giddu galeessaa
dorgomtoota galmeessanii akka erganiif bakka
bu’insa kennuu ni danda’a.
 Qaamni galmee dorgomtootaa gaggeesse
ragaa dorgomtootaa qindeessuudhaan
guyyoota 10 hin caalle keessatti qaama bakka
bu’insa galmee kenneef dhiyeessuu qaba.
Haala Calalliin Dorgomtootaa Itti Gaggeeffamu
 Gitoota hojii sadarkaa barnootaa dippiloomaa
-

kolleejjii fi isaa ol gaafatanii dorgomtoota hanga


60 ta’an qormaataaf akka dhiyaatan ni taasifama.
 Lakkoofsi dorgomtoota gita hojii tokkoof
galmaa’an 60 ol yoo ta’e, dorgomtoota qabxii
ittiin eebbifaman ykn ragaa tajaajila
lammummaan adda baasuun dorgomtoota 60
qormaataaf gara giddu galeessa mirkaneessa
gahumsatti akka ergaman ni taasifama.
-

 Gitoota hojii banaan tokkoo ol kan bahan yoo


ta’e, lakkoofsi dorgomtootni gita hojii tokkoo
tokkoof galmaa’an giddugaleessaan 60 fi isaa
gadi yoo ta’an dorgomtootni galmaa’an
hundi qormaataaf akka dhiyaatan ni
taasifama.
 Dorgomtootni galmaa’an 60 ol yoo ta’an, tokkoo
- tokkoo gita hojiitiif qabxii ittiin eebbifamaniin
ykn ragaa tajaajila lammummaatiin kan adda
bahan ta’ee, kun ta’uu baannan carraadhaan adda
bahanii qormaataaf kan dhiyaatan ta’a.
 Gitoota hojii barnootaa dippiloomaa gadi
gaafatanii fi qormaata barreeffamaa gaafatan
irratti dorgomtoota galmaa’aanii hanga 50 fi isaa
gadi yoo ta’e, kan galmaa’an hundi qormaataf
akka dhiyaatan ni taasifama.
 Dorgomtootni galmaa’an 50 ol yoo ta’an,
-

kanneen ragaa kenna tajaajila lammummaa


qabaniif dursi kan kennamu ta’ee, kanaan adda
baasuun yoo hin danda’amne carraadhaan
adda bahanii qormaataaf kan dhiyaatan ta’a.
-

 Gitootni hojii banaan barnootaa dippiloomaa


gadi gaafatan tokkoo ol yoo ta’an, lakkoofsi
dorgomtoota gita hojii tokkoo tokkoof
galmaa’an 50 fi isaa gadi yoo ta’an,
dorgomtootni galmaa’an hundi qormaataaf
akka dhiyaatan ni taasifama.
-  Gitoota hojii sadarkaa barnootaa dippiloomaa
kolleejji gadi gaafatan irratti qormaatni koree
fo’annoo fi filannootiin kan kennamuuf ta’a.
 Qaama miidhamtootni qaxara haaraaf
ulaagaalee dandeettii barbaachisoo guutanii
kan galmaa’an yoo ta’ee, calallii tokko malee
qormaataaf akka dhiyaatan ni taasifama.
 Qaama miidhamtootni mana hojii
-

mootummaa keessatti qaxaramanii tajaajilaa


jiran yeroo lammaaffaaf dorgommiif kan
dhiyaatan yoo ta’e, akkuma dorgomaa
kamiiyyuu ulaagaalee calallii keessa darbuun
qormaataaf kan dhiyaatan ta’a.
 Manneen hojii qormaataaf calalaman
tooftaalee beeksisaa keessaa yoo xiqqaate
gosa saditti fayyadamuun dorgomtootni akka
beekan taasisuu qabu.
- Ulaagaalee Dorgommii Qaxaraa
 Gitoota hojii qormaata baarreeffamaa
gaafatuuf, qormaatni barreeffamaa 70% fi
qormaata af-gaaffii 30% keessaa kan kennamu
ta’a.
 Madaallii gahumsaa waliigalaatiif %30 fi
gahumsaa addaa madaaluuf 40% keessaa ta’a.
-

 Gitoota hojii qormaata gochaa gaafataniif,


qormaata gochaa 60%, qormaata
barreeffamaa 25% fi qormaata af-gaaffiitiif
15% keessaa ta’a,
 Qormaanni gochaa qaama dhimmi ilaallatuun
100% keessaa kan kenname yoo ta’u, gara
60% jijjiirramee ni qabama.
 Dorgomaan tokko mo’ataa ta’uuf ida’ama qabxii
-

qormaataatiin 50% fi isaa ol argachuu qaba.


 Dorgomtootni hundinuu ida’ama qabxii walii
galaatiin 50% gadi kan argate yoo ta’e, gita hojii
irratti dorgomaniif ga’aa akka hin taaneetti
lakka’amanii beeksisa biroo irraa deebiin baasuun
dorgomtoota affeeruu ni danda’a.
 Dorgomtootni qabxii walii galaa 50% gadi
-

argachuun kufan beeksisa qaxaraa irraa


deebiin bahe irratti galma’anii dorgomuu ni
danda’u.
 Gitoota hojii qophii barnoota digirii jalqabaa
gaafatan irratti dorgomtootni digirii
lammaffaa fi isaa ol dhiyeeffachuun
galmaa’an yoo jiraatan, sadarkaan barnootaa
dabalataa fi muuxannoon dhiyaate
galmeedhaaf qofa malee qabxii dabalataa hin
argamsiisuu.
-  Dubartii dhiira waliin dorgomtuuf qabxiin 4
kan ida’amuuf ta’ee, ida’amni qabxii
waliigalaa dhiira waliin walqixa yoo ta’e dursi
dubartiif ni kennama.
 Dubartootni dubartoota waliin qabxii wal-qixa
yoo argatan wal-duraa duubaan sadarkaa
barnootaa, muuxannoo hojii, qabxii qormaata
gahumsaan argataniin caalmaa qabaniin kan
adda bahan ta’a.
 Qaama miidhamntootni dandeettiiwwaan
-

barbaachisoo guutuun galmaa’an kallattiin


qormaataaf kan dhiyaatan ta’ee:
 Qaama miidhaamaan ida’ama qabxii walii
galaa argate irratti qabxiin 5 kan ida’amuuf
ta’ee, kanneen biroo waliin qabxii wal-qixa
kan argatan yoo ta’e dursi qaama miidhaaf ni
kennama.
-

 Qaama miidhamtoota dorgommiif dhiyaatan


keessaa dubartii qaama miidhamtuu yoo taate
dursini ni kennamaaf.
 Qaama miidhamtootni qabxii walqixa argatan
2 ol yoo ta’an qaama miidhamtuu dubartii
taateef dursi ni kennama.
-

 Qaama miidhamtootni sadarkaa barnootaa


digirii jalqabaa fi sanaa ol qaban:
guutummaan guutuutti ijaan arguu hin
dandeenye, dhaga’uu hin dandeenyee fi
teessoo naannawaa irra taa’anii nama biraatiin
iddoodha iddootti kan socho’an gitoota hojii
digirii jalqabaa fi sanaa ol gaafatu irratti
dandeettiiwwaan barbaachisoo guutanii hanga
argamanitti kallattiidhaan qaxaruun ramaddiin
ni kennamaaf.
 Qama miidhamtootni guutummaan guututti ijaan
-

arguu hin dandeenye, dhagahuu hin dandeenyee


fi teessoo naannawaa irra taa’anii nama biraatiin
iddoodha gara iddootti socho’an koorniyaa adda
addaa yoo ta’e, dursi dubartootaaf ni kennama.
 Qaama miidhamtootni koorniyaa walfakaata
-

ta’an lamaa fi sana ol yoo ta’anii fi qabxii


walqixa yoo galmeessisan carraa
buusuudhaan moo’ataan kan adda bahu ta’a.
 Qaama miidhamtootni haala kanaan
fayyadaman carraan kan kennamuuf altokko
qofaaf ta’a.
-  Dorgomtootni aanaalee horsiisee bulaa irraa
qaxaraaf dorgomaniif, ida’ama qabxii walii
gala argatan irratti qabxiin 5 ni ida’amaaf.
 Dorgomtootni Aanaalee horsiisee bulaa
keessa dorgomaniif qabxiin 3 dabalameefii
dorgomtoota kanneen biroo waliin qabxii
walii galaan walqixa yoo ta’an, dursi
kennameefii kan qaxaraman ta’a.
 Gita hojii tokkoof qormaata barreeffamaa fi
-

gochaa kan gaafatuuf 85% keessaa 35% fi


sanaa ol yoo galmeessise qormaata
afgaaffiitiif dhiyaachuu ni danda’a.
 Dorgomaan tokko qormaata bareeffamaatiin
50% fi isaa ol yoo fides qormaata af-gaaffii
yoo hin fudhatin darbuu hin danda’u.
- Hojjetaan mootummaa mana hojii itti
qaxaramee hojjechaa jiru keessatti irra deebiin
qaxaramuu hin danda’u.
 Beeksifni qaxaraa osoo hin bahiin ji’a 6 dura
hojjetaan mootummaa waraqaa qulqullinaa
seera qabeessa ta’e fudhachuun hojii isaa gadi
lakkise beeksisa qaxaraa manni hojii baasee
irratti dorgomee qaxaramuu ni danda’a.
Haala Eebbifamtootni Dorgomanii -

Shallaggiidhaan Itti Qaxaraman


 Gitoota hojii sadarkaa barnoota digirii
jalqabaa fi sanaa ol gaafatan irratti
eebbifamtoota dhaabbilee barnoota ol’aanoo
irraa eebbifaman dorgomsiisuudhaan hanga
Ogeessa sadarkaa II tti shallaggiidhaan
qaxaruun ka’umsa mindaa Ogeessa sadarkaa
I kaffaluun hojjechiisuun ni danda’ama.
-

 Hojjettootni shallagiidhaan qaxaraman


mindaa sadarkaa gita hojii irratti qaxaraman
kan argatan qajeelfama guddina sadarkaa
hordofuudhaan hojjettoota biroo waliin
dorgomuun yoo mo’atan qofadha
Haala Hojjetaan Mootummaa Mana Hojii -

Mootummaa Biraatti Itti Qaxaramuu


Danda’u
 Hojjetaan mootummaa tokko mana hojii

mootummaa tokko irraa gara mana hojii


mootummaa biraatti qaxaramuu ni danda’a.
 Hojjetaan mootummaa tokko:

 Mana hojii hojjetu keessatti.

 Mana hojii isaa caasaa sadarkaa olii fi gadiitti


keessatti qaxaramuu hin danda’u.
 Hojjetan dhimma humnaa ol ta’een hojii irraa
-

gaggeeffamee ragaa seera qabeessaa ta’e


qabu ji’oota 6 booda mana hojii duraanii
dabalatee mana hojii kamiyyuu keessatti
dorgomuun qaxaramuu ni danda’a.
 Hojjetaan mootumma hojii irra jiru mana
hojii mootummaa biraatti qaxaramuudhaaf
mana hojii itti hojjatu irraa xalayaa
deeggarsaa dhiyeeffachuu qaba.
Haala Qaxarri Namoota Uumuriin Isaanii
- Waggaa 14 Olii fi 18 Gadi Ta’an Itti
Raawwatamuu Danda’u
 Dargaggootni umuriin isaanii waggaa 14 olii fi 18

gadi ta’anii hojii dandeettii isaaniitti qaxaruun


hojjechissuun ni danda’ama.
 Dargaggootni haala kanaan qaxaraman qaama,

fayyaa, guddina sammuu fi hamilee isaanii hanga


hin miinetti fi bu’aa humna isaanii hanga hin
saamnetti hojiitti qaxaramanii hojjechuu ni
danda’u.
-

 Dargaggootni umuriin isaanii wagaa 14 olii


fi 18 gadi ta’an gitoota hojii:
 Gitoota hojii itti gaafatamummaa
gaafatan,
 Konkolaachisaa konkolaataa,
 Meeshaalee gurguddaa ta’an kaasuu,
baachuu, dhiibuu fi harkisuu,
-

 Gitoota hojii meeshaalee loltuu fi


waardiyyummaadhaan wal-qabatan,
 Hojiilee barbaacha albuudaa lafa keessaa
qotaman waliin wal-qabatan,
 Hojii halkanii,
 Hojii sa’aatii idileen ala hojjetaman,
-

 Bulchiinsa qabeenyaa fi bittaa meeshaa,


 Qabduu mallaqaa,
 Hojiilee keemikaalaa, elamantootaa fi
makaanikaa,
 Hojii xura’aa dhangala’aa fi goggogaa,
geejjibaa, mana fincaanii haruu fi
qulqullina daandii,
-

 Hojii booyii xura’aa dabarsan fi hojii


qotiisaa,
 Gitoota hojii ijaarsaa gamoo,
 Gitoota hojii miidhaa balaa geessisanii,
 Gitoota hojii abiddaan fi kanneen biroo
irratti qaxaruun hojjechiisuun hin
danda’amu.
 Dorgomtootni umuriin isaanii waggaa 14
olii fi 18tii gadi gitoota hojii irratti
-

ramadaman irratti guyyaatti sa’aatii 8


hojjachuu qabu.
 Hojii irratti qaxaramani akka hojjetan
taasifamaniif ka'umsi mindaa gita hojichaa ni
kaffalamaaf.
 Dargaggootni haala kanaan qaxaraman
-

umuriin isaanii yeroo waggaa 18 yoo guutu


gitoota hojii kamiyyuu irraatti dorgomuu ni
danda’u.
 Muuxxannoon hojii yeroo uumuriin isaanii
waggaa 14 olii fi 18 gadi ta’anii hojjatanis
kan waggaa tokkoo akkuma muxannoo
waggaa tokkootti ni qabamaaf.
-

Haala Qaxara Hojjetaa Yeroo


 Haalli dirqisiisaa ta’e yoo quunname hojiilee
amala itti fufinsa hin qabne irratti hojjetaa
yeroo qaxaruudhaan hojjachiisuu ni danda’a.
 Gitoota hojii dhaabbataa ta’ee, haalonni
dirqisiisan banaa turuu hin dandeenyee fi yoo
banaa ta’e, mana hojichaaf rakkoo uumuu
danda’u irratti Biirichaa hayyamsiisuun
hojjetaa yeroo qaxaruun ni danda’ama.
-

 Qaxarriin hojjetaa yeroodha yeroo


gaggeeffamu ulaagaalee qaxaraa hordofuun
raawwatamuu qaba.
 Qaxara hojjetaa yeroo gaggeessuun kan
danda’amu barbaachisummaan qaxarichaa
kan manneen hojii sadarkaa naannoo
Biirichaaf ta’ee, kan manneen hojii sadarkaa
naannoo gadii WPSMQN sadarkaan jiraniif
dhiyaatee yoo hayyamame qofadha.
- Haala Qormaatni Qaxaraa Itti Qophaa’uu fi
Kennamu
 Gitoota hojii qophii barnoota dippiloomaa
kolleejjii fi isaa ol gaafatan irratti qormaanni
teekiniikaa gama mana hojii Naannootiin
qophaa’ee gidduu gala mirkaneessa gahumsatti
kan darbu yoo ta’u, qormaanni gahumsa walii
galaa immoo gama gidduu galeessa
mirkaneessa gahumsaa YNO qophaa’ee bankii
qormaataa keessatti qindaa’ee kan taa’uu ta’a.
-

 Qormaanni qophaa’u gaaffii manneen hojii


irraa dhiyaatu irratti hundaa’ee gama giddu
galeessa mirkaneessa gahumsaatiin kan
kennamu ta’a.
-  Qormaanni kennamus dhimmoota armaan
gadii giddu-galeessa godhachuu qaba:
 Gahumsaa fi dandeettii pabliik sarvaantii kan
bu’uureffate;
 Beekumsa hojii, dandeettii xiinxaluu fi
rakkoo hiikuu;
-

 Gahee hojii fi ittigaafatamummaa gita


hojjichaa haala barbaadamuun bahuu;
 Fedhii jijjiiramaa, aadaa hojii fi kaka’umsa
hojii dorgomtootaa kan madaaluu danda’uu
ta’uu;
 Iccitummaan isaa haala eegeen koodiin
kennamuu qaba.
-

 Koreen fo’annoo fi filannoo sadarkaan jiru


bu’aa qormaataa giddugaleessa irratti
hundaa’uudhaan qormaata af-gaaffii
gaggeessuu qaba.
- Haala Bu'aan Qormaataa Itti Ibsamu
 Koreen fo’annoo fi filannoo bu’aa qormaataa
dorgomtoota adda baasuudhaan yaada murtii
waliin ittigaafatamaa mana hojichaatiif
dhiyeessuu qaba.
 Yaadni murtii koreedhaan dhiyaate itti
gaafatamaa mana hojichaatiin erga
mirkanaa’ee booda tooftaalee beeksisaatti
fayyadamuudhaan dorgomtootni akka beekan
taasifamuu qaba.
-

 Bu’aan qormaataa mana hojii qormaannii

akka kennamuuf gaafateef erga deebi’ee

booda guyyoota hojii 10f walitti aananee

maxxanfamee kan turu ta’a.


-

Dorgomtoota Filataman Gara Hojiitti


Bobbaasuu
 Dorgomtootni filataman guyyaa itti gabaasa
gochuu qaban tooftaalee beeksissaan
guyyoota hojii 10f qilleensarra kan turu ta’a.
[

 Dorgomtootni filataman hojii osoo hin


jalqabiin dura:
 Bu’aa qorannoo ashaaraa Poolisii irraa
dhiyeeffachuu
 Ragaa fayyaa mana yaalaa beekamtii qabu
irraa dhiyeeffachuu;
 Wabii dhiyeeffachuu;
-

 Mana hojii ture irraa waraqaa qulqullinaa


dhiyeeffachuu;
 Unka kakuu guutuudhaan mallatteessuu;
 Unkaa seenaa jireenyaa of-eeggannoon
guuchisiisuu;
 Leenjii hojii duraa kennamuufii qaba.
-

 Leenjiin kennamu Naannootti Daay. HQNtiin,

sadarkaa Godinaa, Bulchiinsa Magaalaa fi

Aanaalee irratti immoo puulii fi Mana hojii

qaxaratu waliin kennamuun hojiitti

bobbaasuu qaba.
-

Qaxara Yeroo Yaalii


 Hojjetaa filatameef xalayaan qaxara yaalii
kennamuu qaba.
 Hojjetaan qaxara yeroo yaalii irra kan turan
ji’a 6f ta’ee, madaalliin raawwii hojii isaa
kan guutamuuf ji’a 3,3n ta’u qaba.
-

 Yeroo qaxara yaalii bu’aa madaallii raawwii


hojii kan yeroo 2 g/galeessaan 50% fi sanaa
ol yoo ta’e, xalayaan qaxara dhaabbii guyyaa
5 keessatti kennamuuf qaba.
 Hojjetaa qaxara yaalii irra jiru bu’aan
madaallii raawwii hojii guutamee ji’a 1
keessatti guutamuuf kan qabudha.
-

 Ji’a 1 keessatti kennamuufii yoo baate


qaamni dhimmi ilaallatu kan itti gaafatamuun
ta’a.
 Raawwiin hojii yeroon hin guutamiin hojjeta
qaxara yeroo yaalii irra ture hojii irraa
gaggeessuun hin danda’amu.
-

 Manni hojii hojjeta hojjechiisu madaallii


bu’aa raawwii hojii yeroon guutee Daay. ykn
Garee ykn ogeessa HQNtiif dirqama
dhiyeessuu qaba.
 Daay. ykn Gareen HQNs madaalliin bu’aa
raawwii hojii hojjetaa qaxara yaalii irra jiru
hordofuuf dirqamaa ni qabaatu.
 Hojjetaan yeroo qaxara yaalii ji’a 6 keessatti
[

bu’aan raawwii hojii %50 gadi yoo ta’e


dabalataan yeroo qaxara yaalii isaa ji’a 3f
dheeressuu ni danda’ama.
 Hojjetaan qaxarriin yaalii isaa akka dheeratu
taasifame ji’a 7ffaa yeroo hojii jalqabu
hojjetichi akka of sirreessu xalayaan
akeekkachiisaa kennamuufii qaba.
[
 Manni hojjichaa leenjii dandeettii isaa cimsuu
danda’u kennuufii qaba.
 Qaxaramaan deeggarsi barbaachisu
taasifameefii yeroo dabalataan kennameef
keessatti bu’aan raawwii hojii 50%fi isaa ol
yoo hin taane yeroon yaalii dabalataan isaaf
kenname akkuma xumurameen xalayaan
hojiirra gaggeeffamuu ni kennamaaf.
 Hojjeta qaxara yaalii haala quubsaa ta’een
-

xumure yeroo itti qaxarame irraa eegalee


hojjeta dhaabbataa mootummaa ta’uun isaa
ni galmaa’a.
 Manni hojii dhimmi ilaalu kana raawwachuu
isaatiif garagalchaan Biirichaa fi caasaa isaa
sadarkaan jiru beeksisuu qaba.
-

 Manni hojichaa waggaa tokko keessatti gitni


hojii banan turuu hin dandeenye kan jiru
yoo ta’e, galmee eeggatummaa keessaa
walduraa duubaan filatanii sadarkaa fi
waamama gita hojii walsimu irratti
qaxaruun ni danda’ama

You might also like