GGPPT (Final)

You might also like

Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 101

Biiroo Pabliik Sarviisii fi

Misooma Qabeenya Namaa


Oromiyaa

Maanuwaalii Hojiirra Oolmaa


Qajeeltowwan Bulchiinsa Gaarii

Fulbaana 30, 2010


Adaamaa
Qabiyyee
Kutaa
Kutaa Tokkoffaa Shanaffaa
Sadarkaa fi Kallattii
Haala Waliigalaa Hojiirra Oolmaa
Bulchiinsa Gaarii
Kutaa Lammaffaa
Yaadrimee Bulchiinsa Kutaa Ja’affaa
Gaarii Bulchiinsa Gaarii
Mirkaneessuu Keessatti
Kutaa Sadaffaa Gahee Dameewwan
Hudhaalee Gurguddoo Uummataa
Bulchiinsa Gaarii
Kutaa
Kutaa Afraffaa
Torbaffaa
Hirmaannaa
Agarsiistuu
Qajeeltowwan Uummataa
Bulchiinsa Gaarii
Mootummaa fi jaarmiyaaleen maal
milkeessuuf hundeeffamanii?

gaarii
Misooma

Bulchiinsa
Dimookiraasii
Kutaa Tokkoffaa
Haala Waliigalaa

Uummanni yookinis lammiileen


maal barbaaduu?
• Sanadni kunis qabiyyeewwan armaan gadii
qabachuun kan qophaa’eedha.
a) Yaadrimee bulchiinsa gaarii
b) Hudhaalee gurguddoo bulchiinsa gaarii
c) Agarsiistuu qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii
d) Sadarkaa fi kallattii hojiirra oolmaa
qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii
e) Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti gahee
dameewwan uummataa
f) Hojmaata hirmaannaa uummataa qindaa’aa
? ?
u u a
n
n ya ak k
a
b en is
Qabiyyeewwan u
h ke un
Dhiyaatan aa ee ku a
. H ah ee a ?
kanneen maal haa 1 G n h ?
2. b a a an n u ?
goonuu?? a h is
b as
ta
Barbaachisummaa
Qajeeltowwan bulchiinsa gaarii manneen hojii
mootummaa keessatti qabatamaan hojiirra oolchuuf
Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keesssatti
dhimmamtootni bulchiinsa gaarii (manneen hojii
mootummaa, manneen marii, waldaaleen hawaasaa
fi ummatni) gahee isaanii akka bahan taasisuuf
Raawwii bulchiinsa gaarii hordofuu, deeggaruu,
gamaggamuu, madaaluu fi safaruuf
Kutaa Lammaffaa: Yaadrimee Bulchiinsa
Gaarii

 Bulchiinsi gaariin ajandaa bulchiinsaa irraa adda


bahee kan ilaalamuu miti.
 Yaadrimee bulchiinsa gaarii ilaaluun dura
yaadrimee bulchiinsaa hubachuun baay’ee
barbaachisaadha.
Hiikaa fi Yaada Rimee Bulchiinsa(Governance)
Yaad-rimeen bulchiinsaa haaraa osoo hin taane umrii
qaroomina dhala namaa waliin kan turee yoo ta’uu,
bulchiinsi:
 Yaad-rimee walxaxaa dhaabbilee fi gurma’insa mootummaa,
adeemsa kenninsa murtii, dandeettii raawwii fi hariiroo
hooggantoota mootummaa fi uummataa of keessatti qabata.
(Landell-Mills and Serageldin 1992).
 Aartii ummataa yoo ta’u adeemsa mootummaan aangoo
diinagdee biyyaa fi leeccalloo jiru hojii misoomaatiif ittiin
oolchuudha.
 Adeemsa murtiin itti kennamuu fi murtiin kenname hojiirra
ittiin oolu ykn hin oolledha.
 Adeemsa uummatni imaammattoota hawas-diinagdee fi
siyaasa karaa walitti dhufeenya mootummaa akkasumas
waldaalee hawaasaa ittiin hoogganudha.
Governance Actors

Public
Sector /
Bulchinsa
siyaasaa/

Civil
Private
Society
Sector
Sector/Bul
/Bulchinsa
chinsa
dinadgee/
hawasaa/
 Bulchiinsi dhimmoota mootummaa ijaaruuf
barbaachisaa ta’an lama of keessatti qabata.
a) Gurma’insa mootummaa fi
b) Qaamolee mootummaa (seera baasuu, seera hiikuu
fi hojiirra oolchuu) qaamolee hooggansaati.
 Yaad-rimee bulchiinsaa bal’aa ta’e keessatti
bulchiinsa bakka garagaraatti qooduun ilaaluun ni
danda’ama. Kunis:
Bulchiinsa Siyaasaa (Political Governance)
Bulchiinsa Diinagdee (Economic Governance)
Bulchiinsaa Bulchiinsaa(Administrative Governance)
Bulchiinsa Hawaasaa (Social Governance) fi
Bulchiinsa Magaariisaa(Green Governance)
Bulchiinsa
Siyaasaa
 Adeemsa seeraan aangoo qabachuu fi imaammata hojii irra
oolchuu fi murtii kennuti.
Bulchiinsa
Diinagdee
 Dhimma dinagdeen itti hoogganamuu fi kallattiin ykn al-kallattiin
diinagdee irratti dhiibbaa qabu irratti adeemsa murtoon itti
kennamuudha. Bulchiinsa Hawaasaa

 Adeemsaa fi caasaa hawaasaa walitti-dhufeenya dhimma siyaasaa fi


dinagdee ta’ee hawaasni jireenya fooyya’aa jiraachuuf aadaa,
duudhaa fi amantaa kan eegu, haala fayyummaa naannoo kan
uumuu fi kunuunsu, kan bilisummaa itti argatu, nageenyaa fi carraa
of-danda’ee dhimma isaa itti raawwatuudha.
Bulchiinsa
Bulchiinsaa
 Sirna imaammatni mootummaa karaa gahumsa
qabuu fi of-danda’uun (independent) akkasumas
iftoominaa fi gaafatamummaa qabuun hojii irra
ooluudha.
Bulchiinsa Magariisaa

 Haala qilleensa naannoo eeguu fi addunyaa


magariisuun akka jiraatu jajjabeesuu irratti
xiyyeefata.
1)Uummannii yookin lammiin
waa’ee bulchiinsa keenyaa maal
jedhaa
2) Bulchiinsa keenya maaltu
gaarii taasisaa
Seenaa Guddina Yaadama Bulchiinsa Gaarii

Yaadamni bulchiinsa gaarii beektootaa fi


xiinxaltoota siyaasaa biratti ajandaa ta’uu kan
eegale gaheen mootummaan siyaasaa fi guddina
dinagdee keessatti qabu yeroo itti amaname irraa
eegalee akka ta’e qorannoowwan adda addaa ni
ibsu.
Keessattuu, bulchiinsi gaariin xiyyeeffannoo kan
argachuu eegale dhuma bara 1980 keessatti
sababa jijjiirramni siyaasaa guddaan addunyaa
irratti gaggeeffameen akka ta’e ragaaleen ni
ibsu.
Kunis:
Diigamuu gamtaa sooviyeetii hordofee waraana
dillalla’aa (cold war) biyyoota dhihaa fi bahaa
gidduutti uumamuun
Olaantummaa biyyoota dhihaa uumameen gaheen
mootummaa gabaa fi guddina dinagdee keessatti
maal ta’uu akka qabu qorannoowwan gaggeeffamaa
turan akka babal’ina yaadama bulchiinsa gaariitiif
ka’uumsa ta’an ragaaleen ni agarsiisu.(Niikol, 2010)
Gama biraatiin baankii addunyaa fi dhaabbilee biroo
biratti maalummaa fi yaad-rimee bulchiinsa gaarii
irratti hiikni jiru garaagar akka ta’e barreeffamoota
adda addaa irraa ilaaluun ni danda’ama.
Akka biyya keenyattis dhimmi bulchiinsa gaarii
xiyyeeffannoo argachuu kan eegale kufaatii mootummaa
Dargiin asitti yoo ta’u keessattuu hojiirra oolmaa sagantaa
ijaarsa dandeettii biyyoolessaa bara 1994 hordofeeti.
Sagantaawwan misoomaa fi dimokiraasii cinaatti bulchiinsa
gaarii biyyattii keessatti mirkaneessuun dhimma jiraachuu
fi jiraachuu dhabuu ta’ee yeroo itti hubatameedha.
Akka naannootis hojiin bu’uura sirna bulchiinsa gaarii
mirkaneessuuf akka biyyaatti taasifame keessaa qoodinsi
aangoo qaama seera baasuu, hojii irra oolchuu fi seera
hiikuutiif kenname rakkoo bulchiinsa gaarii hammaataa
sirnoota darban keessatti mul’ataa turanii fi ammas bifa
garaagaraatiin calaqqisan fooyyessuuf hojii hojjetame ta’uu
isaa namatti agarsiisa.
Hiika Bulchiinsa Gaarii
Yaadni walmormii hiikkaa bulchiinsa gaariin wal-
qabatee akka addunyaatti imaammata misoomaa
irratti jiru amma illee gaaffilee bu’uura
“Bulchiinsa fi Bulchiinsa Gaarii” irratti hubannoo
tokko irra gahuun rakkisaa ta’ee kan jiru yoo ta’u
haaluma walfakkaatuun hiikkoo bulchiinsa gaarii
irrattis hanga yoona irratti walii hin galamne.
Haata’u malee, jecha “bulchiinsa gaarii” jedhu
hiikaa bulchiinsa uummataa keessatti yeroo
dhiyoo kan seene yoo ta’u, isas haala sadiin
hiikka itti kennuu fi hubachiisuuf yaalamee jira.
Tokkooffaa: Yaalii daangaa bulchiinsa uummataa
bal’isuuf hiikkoo mootummaa seeraan angoo
qabatee jiruutiin olitti deemamuuti. (to widen the
scope of public administration)
Lammaffaa: haal-duree qaama alaatiin deeggarsi
itti kennamuu danda’u ibsuuf hiikkoo
kennamedha. (to prescribe aid-conditionality)
Sadaffaa: Hiikaa bulchiinsi ummataa ifatti haala
iftoomina qabuu fi itti gafatammummaa agarsiisuu
danda’uun dimookiraasii cimsuu fi babal’isuuf
hiikkaa kennameedha (to make public
administration more open, transparent and
accountable)
Hiikaa bulchiinsa gaarii akka Baankii Addunyaatti
1. Bulchiinsa gaarii jechuun angoo siyaasaa faayidaa
uummataatiif oolchuu
2. Guddina hawaas-dingdee biyya tokkoo keessatti haala
aangoon hojii irra itti oolu irratti hooggansa
kennamuudha. Kunis:
• Gosa sirna siyaasaati;
• Hooggansa guddina hawaas-dinagdee biyya tokkoo kennamu
keessatti haala angoon hojii irra itti oolu;
• Dandeettii mootummaan imaammata bocuu, hojii irra oolchuu fi
gahee qaama adda addaatiif itti qooduu
3. Haala hooggantootni seeraan angoo itti qabatan,
jaarmiyaaleen itti gurmaa’anii fi fayyadamummaa
uummataa mirkaneessuuf yaalii itti taasisan
4. Seera (danbii) ittiin bulmaataa jiru keessatti haala
hooggansa hoggantootaan kennamuudha.
Kallattii Sagantaan Misoomaa Mootummoota
Gamtoomanii (UNDP) tin:
Bulchiinsa gaarii jechuun kabaja mirga namaa,
murtii kennuu keessaatti hirmachisummaa,
ittigaafatummaa, hiyyummaa balleessuu, deebii
hatattamaa, wal-qixummaa, hunda
galeessummaa, al-loogummaa, haqummaa
akkasumas fedhii dhaloota gara fuula duraa
yaada keessa galchuudha jechuun hiikka itti
kenne jira
• Walumaagalatti hiikoon bulchiinsa gaariif
dhaabbilee kunneeniin kenname haala bulchiinsi
gaarii hawaasaa fi mirga dhala namaatiin walitti
hidhatu kan ibsu yoo ta’u walitti-hidhamiinsi
bulchiinsa gaarii fi mirga dhala namaa immoo
dhimmoota guguddoo:
Dhaabbilee dimookiraasii,
Kenniinsa tajaajilaa,
Olaantummaa seeraa fi
Farra-kiraasassabdummaa irratti xiyyeeffatee
kan qindaa’udha.
Bulchiinsa gaarii
mirkaneessuuf maaltu
nu dirqisiisaa?
( Maaliif cinqamnaa?)
Walumaa galatti haalli qabatamaan , fedhii fi gaaffiin
uummataa yookinis lammii keenyaa jijjiirama jira:

Siyaasaa

Dinagdee

Hawaasummaa

Naannoo
Adeemsi bulchiinsa
keenyaa dhimmoota hunda
nuuf keessummeessuu
danda’aa?
Qajeeltoowwan Bulchiinsa Gaarii
Akka addunyaatti mootummaa dimokiraatawaa uumuu
fi cimsuuf akkasumas bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf
qajeeltoowwan bu’uuraa rakkoo bulchiinsa gaarii
hundee irraa hiikuu keessatti gahee qaban adda bahanii
jiru.
Biyyoota garagara keessatti qajeeltoowwan bu’uuraa
kana fudhachuun ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuu fi
fayyadamummaa ummata isaanii mirkaneessuu
irratti galmi isaanii tokko yoo ta’ellee qajeeltoowwan
kana adda baasuu fi hojii irra oolchuu irratti garuu
xiyyeeffanaan biyyoota adda addaa garaagarummaa
qabaachuu ni danda’a
Haaluma kanaan, akka biyyaa fi naannoo keenyaatti
qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii saddeet jiru.
Qajeeltoowwan Bulchiinsa Gaarii

1. Hirmaachisummaa
2. Iftoomina
3. Haqa qabeessummaa
4. Waliigaltee irra gahuu
5. Olaantummaa seeraa
6. Deebii hatattamaa
7. Ittigaafatamummaa
8. Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa
Hirmaachisummaa
• Mootummaan biyya tokkoo bulchiinsa gaarii
mirkaneese kan jedhamu adeemsa qophii
imaamataa, tarsiimoo, karoora, sagantaalee adda
addaa fi adeemsa keniinsa murtoo keessatti
ummata hirmaachisuun gaaffii fi fedhii isaanii
yoo calaqqisiisedha.
• Kutaa hawaasaa miidhamoo (dubartootaa fi
dargagoota) ajandaa biyyaa fi dhimma
kallattiidhaan isaan fayyaduu fi isaan miidhu
hunda irratti akka hirmaatan yoo taasifame.
• Qooda fudhannaa dhiiraa fi dubartii ilaalcha
keessa galchuun mariisisuu fi qaama furmaataa
gochuuf akkasumas isaannan sagalee malee
hirmaatan haala idilaa’een hirmaachisuu fi
kanneen hirmaannaan isaanii xiqqaa ta’eef
immoo carraa kennuu
• Hirmaannaan kallattiin ykn al-kallatiin karaa
bakka bu’aatiin ta’uu ni danda’a.
• Bakka bu’umsa dimokiraasii keessatti qaamoleen
hawaasa keessatti rakkoof saaxilamoo ta’an
murtii kennuu keessatti xiyyeeffannan guddaan
kennamuufii qaba.
• Waldaaleen hawaasaa uummata bal’aa
qindeessuun sochoosuu fi jajjabeessuun dhimma
bulchiinsa gaarii irratti hawaasa gaafataa
(demanding) fi bulchiinsa gaarii mirkaneessuufis
qooda fakka udhatan taasisuudha
• Caasaaleen mootummaa uummataa fi dhaabbilee
dhuunfaa waliin yeroo yeroon mari’achuun haala
raawwii bulchiinsa gaarii gamaggamuu fi
madaaluu
Olaantummaa Seeraa
Olaantummaan seeraa akka bu’uraatti yaada-rimee
‘namni tokkollee yoo ta’e seeraa ol ta’uu hin qabu’
jedhu dha.
Angoon mootummaa sirriin kan raawatamu
akkaataa seera barreefamee fi labsameetti yoo ta’e
qofaadha jedha.
Angoo mootummaa sirriin raawatamuu kan danda’u
akkaataa adeemsa diriireen yoo ta’e qofadha
Walqixa kan ta’e bu’ura seeraa nama hundarratti
bifa tokkoon osoo wal hin caalchisin yoo irratti
raawwatee fi namni dhuunfaa hundi mirga
walfakkaatu walcaaltee tokko malee argachuu yoo
danda’edha.
Ummatni mirga isaa labsachuu, mirga
qabeenyaa, barnootaa, amanamummaa, hojii,
mirga dubbachuu fi guddina namaaf fi
misoomaaf gahee akka taphataniif anga’uu.
Seerri hunda dhaqabuu fi hubachuu kan
danda’amu, ifaa fi tilmaamamoo ta’uu qaba
Gaaffiin mirgaa fi ittigaafatamummaa seeraa
hiikkamuu kan qabu seeraan qofa malee murtee
dhuunfaan ta’uu hin qabu.
Seerri mirga namaa bu’uuraaf eegumsa gahaa
kennuu qaba.
Anga’onni ummataa sadarkaa hundaa jiran
angoo itti kenname karaa amansiisaa ta’een,
kaayyoo angoon sun isaaniitti kennameef fi
daangaa angoo isaanii keessatti hojjechuu qabu.
Bulchiinsi gaariin bu’ura seeraa haqa qabeessa
ta’e fi al-loogumma tokko malee hojiitti
hiikkamu barbaadudha.
Akkasumas mirga namaa, keessattuu warren
garee muraasa ta’anii, gutuu eeguu barbaada.
Seera al-loogummaa malee hojiirra olchuuf
ammoo mana murtii bilisaa fi humna polisii
malaammaltummaarraa bilisa ta’e barbaada.
Iftoomina
Iftominni kan bu’uureefatu yaad-rimee yaa’insa
odeeffannoo bilisaa fi adeemsa bulchiinsaa keessatti
qaamota murtoo kennameen midhamuu danda’an
dhaqabuu yoo danda’edha.
Iftoomina jechuun adeemsi murtoowwan itti darbanii
fi hojiirra oolmaan isaanii seeraa fi qajeelfamaa fi
qajeelfamaa qofa irratti hundaa’ee raawwachuu
jechuudha.
Yeroo murtoowwan darbanii fi hojiirra oolan
odeefannoon sirrii, gahaa fi yeroo isaa eeggate haala
salphaati hubatamuu danada’uunii fi afaan qaama
ilaalatu hundaaf galuun bu’aa ba’ii tokko malee
argachuun kan danda’amu jechuus ni dabalata.
Iftoominni bulchiinsa gaariif ulaagaa bakka bu’iinsa
hin qabnedha.
Kunis, amanamummaa fi odeeffannoo dabarsuu
agarsiisa.
Iftoominni aangaa’ota ummataa ittigaafatamaa
gochuu fi malaammaltummaa irratti qabsa’uuf
meeshaa guddaadha.
Yaa’iin mootummaa yeroo gaggeeffamu
midiyaadhaaf banamee baajatni mootummaa fi
ibsi faayinaansii mootummaa keessa deebiin
fooyya’uu danda’a;
Seerri, danbii fi murteen mariidhaaf yoo banaa
ta’an iftoomina akka qabanitti ilaallamuu ni
danda’u;
Akkasumas, carraa hooggantootni aangoo isaanii
fedhii fi faaydaa isanitiif itti oolchan ni xiqeessa.
Deebii Hatattamaa
Deebii hatattamaa kennuun qaama ilaaluuf rakkoo
isaaniitiif yaaduun furmaata hatattamaa kennuu
danda’uu keessatti ulaagaalee murteessitoota ta’an
aadaa hojii fi soonawwan gaarii lafa qabsiisuu
gaafata.
Akkasumas rakkinicha dhaggeeffachuuf qophaa’uu fi
sirrittti dhaggefatanii hubachuun hanga furmaata
kennutti deemuu barbaada.
Yoo fala hin kennine immoo sababa maaliif furmaata
akka kennuu hin dandeenye sababa deebiin hin
kennamneef hubannoo uumuu ni dabalata.
Bulchiinsi gaariin dhimmamtoonni hundi
dhaabbileen fi adeemsaaleen yeroo istaandaardiin
taa’e keessatti tajaajila si’ataa kennuu gaafata.
Haqummaa Fi Hunda-galeessummaa
Haqummaa jechuun lammiin hundi carraa jireenya
isaanii itti foyyeffatanii fi kunuunfatan walqixa
argachuu qabu jechuudha.
Jecha biraatiin kutaan hawaasaa akka
qoqqobamanitti ykn xiyyeefannaan isaaniif
hinkennaminitti isaanitti dhagahamuu hin qabu
jechuudha.
Kun gareen hundi keessattuu warren saaxilamuu
danda’an carraa eenyummaasaanii fi jereenya
isaanii itti foyyeffatanii fi kunuunfatan argachuu
gaafata.
Itti Gaafatamummaa
Ittigaafatamummaan duudhaan jiru yeroo cabu
duudhaa cabe sana iddootti deebisuuf tarkaanfii
Siyaasaa, Bulchiinsaa, seeraa fi Namusaa fudhachuun
sirna itti gaafatamummaa mirkaneessuudha.
Sirna ittigaafatamummaa adda addaa mirkaneessuudha.
Dhabbanni ykn qaamni kamiyyuu murtoosaatiin qaama
biraa yoo midhee ittigaafatamaa ta’uu qaba.
Gaafatamummaan iftoominnii fi olaantumman seeraa
yoo hin jiraanne hojiirra oluu hin danda’u.
Gahee gaggeessummaa kessatti gaafatamummaan
tarkaanfii fudhatamee, murtee kennamee fi adeemsota
keessa darbame gabaasuu, ibsuu fi bu’aa achirraa
dhufuuf gaafatamuu kan of keessatti hammatudha.
Gosa Gaafatamummaa
• Gaafatamummaa Siyaasaa: akkataan ittigaafatamummaa
siyaasaa heera mootummaatiin kan murtaa’u yoo ta’u kallattii
sadiin hojiirra olaa: filannoo, paarlaamaa fi kaabinee (mana maree
ministeerotaa).
• Gaafatamumma Bulchiinsaa: Kun Gaafatamummaa aanga’oota
mootummaa seera, danbii fi duudhaa cabsan kan haammatudha.
• Akkasumas sivil sarvaantiin hoggantoota isaaniitiif abboomamuu
ni dabalata.
• Gaafatamummaa Seeraa: himannaan mana murtii fi mana murtii
seerota bahan heera mootummaa waliin walsimuu isaanii irra
deebiin ilaaluun foyyeessuun (judicial reviews) seerrii fi heerri
cabuusaa ummanni karaa itti agarsiisudha.
• Gaafatamummaa Ogummaa: Ogeeyyiin paabliik sarvaantii
(Doktora, ogeessa seeraa, injiinara, ogeessa herreegaa fi kkf)
danbii fi naamusa ogummichi gaafatuun fedhii ummataa gidduu
galeessa gochuun ittiin bitamuu qabu.
Waliigaltee Irra Gahuu

Bulchiinsi gaarii fedhii


hawaasaa adda addaa keessa
jiru walitti araarsuun hawaasa
gidduutti waliigaltee uumuu,
Hunda walitti fiduu (walitti
firoomsuu) irra gahuun fedhii
isa kamtu fedhii hawaasa
hundaati fi kun ammo
akkamitti milka’uu akka
danda’u irratti waliigaluudha.
Akka adeemsa murtee kennuutti waliigalteerra gahuun
kan xiyyeefatu:
o Hunda kan haammate (Inclusive): qaamni ilaallatu
hundi murtee kennuu keessatti hanga danda’ametti
keessatti haammatamee waliigalteerra gahuu qaba.
o Hirmaachisummaa (Participatory): adeemsa murtee
kennuu keeessatti galteewwan barbaachisanii fi qaamni
murtoo kennu hundi akka hirmaatuu affeeramuu fi irrattis
hirmaachuu qaba.
o Walgargaaruu (Cooperative): hirmaattonni adeemsa
waliigalteerratti ho’anii gara murtee baay’ee gaarii irra
gahuuf yaaduu qabu; callisanii gara hirmaattota caalaniitti
duufuurra namoota lakkoofsaan xiqqaa ta’anii garuu
yaada murteessaa ta’e kaasan deeggaruutu irraa eegama.
o Dimookiraatawaa (Egalitarian): hirmaattonni
waliigalteen murtee kennamu irratti hirmaatan
hundi carraa yaada kennuu walqixa argachuu
qabu; yaada galtee ta’u walqixa kennuu qabu.
Miseensi hundi carraa teessoo, foyyessuu fi
mormuu argachuu qabu.
o Kan furmaata irratti bu’urefate (Solution-
Oriented): qaamni waliigalteen murtee kennuuf
murteeffate yeroo hunda yaada gara diiguurraa of
qusatee yaada furmaata fiduun waliigaltee waliinii
irratti xiyyeeffachuu qaba.
Ga’umsa fi Bu’a qabeessummaa
Kaayyoon bulchiinsi gaarii leeccalloo jiru fedhii hawaasaa
guutuuf gahumsaa fi bu’a qabeessummaan fayyadamuu
barbaada.
Bulchiinsa gaarii jechuun dhaabbilee fi adeemsaaleen
qabeenyaa ummataa (leeccalloo) kan akka humna namaa,
meeshaa fi mallaqaa karaa bu’aa qabeessa ta’een (haalaanii
fi qisaasama tokko malee) itti fayyadamuun haala fedhii
hawaasaa giddu-galeessa godhateen bu’aa argamsiisuudha.
Afaan “economics”tiin gahumsi bu’aa waliigala yaada
sirna qisaasama fi baasii xiqqoodhaan bu’aa olaanaa
buusuu kan haammatudha.
Qisaasamni yoo hira’ate ga’umsi ni fooyya’a.
Qabatama bulchiinsa gaarii keessatti yaad-rimeen
‘gahuumsaa’ qabeenya uumamaa itti fufiinsaan
fayyadamuu fi eegumsa naannoo dabalata.
Kutaa Sadaffaa
Hudhaalee Gurguddoo Bulchiinsa Gaarii
Ta’an
Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti dhimmoonni
hudhaa ta’an maalii?

Duudhaalee dimokiraasii hojii irra oolchuu dhabuu;


Laafinsa manneen hojii bulchiinsa gaarii mirkaneessuu biratti
calaqqisu
Olaantummaa siyaasaa hojimaata Mana hojii mootummaa
keessatti gar malee jiraachuu
Ilaalchaa fi gocha kiraasassaabdummaa (malaammaltummaa
too’achuu dhabuu)
Rakkoolee hooggansa siyaasaatiin walqabatan;
• Bulchiinsi gaarii kan manni hojii tokko qofti mirkaneessuu osoo hin taane
manni hojji mootummaa ergamaa fi mul’ata qabatee hundeeffame hundii
akkaataa qabatama mana hojii isaatti kan mirkaneessudha. Fakkeenyaaf,
• Hojii irra oolmaa qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii fi meeshaalee
riifoormii irratti hordofii fi deeggrsa taasisan (BPSMQN,
KPSO/Yuniversiitii Naannoo Oromiyaa/, TQO)
• Hojii irra oolmaa imaammataa fi tarsiimoo mootumaa irrattii
hordoffii fi deeggarsa taasisaan (waajjira Pirezidaantii, Caffee…)
• Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa karooraa fi baajata
mootummaa fi raawwii isaa irratti hordoffii fi gamaaggama
taasisan (Oodiitara Muummichaa, BMWD, Komishinii Pilaanii)
• Olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi dimookiraasii
dagaagsuu keessaatti qooda gudda qaban hundi (Biiroo Haqaa,
Mana Murtii, Abba Gaar uummataa, Komishiinii Mirga Dhala
Nama, Komishinii Poolisii…k.k.f.)
n a a n n o o
b a t am aa i i
a q a g aa r
Haal b u l ch i i n sa
ti
n y aa t i n k ee s s at
kee s u u n
k an e e s a t a’ a
mir ni h u d h a
m o o n o o ?
dh im r m aan n i h
F u
maalii?
Kutaa Afraffaa
Agarsiistuu Qajeeltowwan Bulchiinsa Gaarii
Agarsiistuu jechuun wanta ijaan mul’atuu ykn
herreegamu (observable and calculated) danda’u
ta’ee, jiraachuu waan tokko ykn haalaa kan
agarsiisuu yoo ta’u meeshaa safartuu dhimma tokko
irratti odeffannoo argachuuf nama gargaaruudha.
Haaluma kanaan, sirna bulchiinsa keessatti
sadarkaa qulqullina raawwii hojii manneen hojii
mootummaa safaruuf baay’ee barbaachisa kan
dhufe yoo ta’u mana hojii adda addaa keessatti
agarsiistuuwwan adda addaa hojii irra oolaa
dhufan.
• Amala isaaniitiin agarsiistuuwwan bulchiinsa gaarii
walxaxaa fi dhimmoota walxaxaa ta’an ibsuuf kan
gargaaran yoo ta’u adeemsi agarsiituuwwan
kunneen amala hojii manneen hojii adda addaa
keessa jiru madaaluuf itti taasifamu walxaxaadha.
• Akkasumas, galtee irraa kaasee hanga bu’aa duraa
fi boodaatti yaada murteef ta’u adda baasuu fi
dhiyeessuun baay’ee ulfaataa dha.
• Kunis, gama tokkoon sadarkaa biyyaa ykn naannoo
irraa kaasee hanga caasaa bulchiinsa sadarkaan
jiruutti ragaalee bu’uuraa fi qabatamaa
fayyadamummaa uumataatiif barbaachisaa fi
murteesaa ta’an argachuu kan gaafatudha.
• Gama biraatiin immoo wanti sakatta’amu bu’aa
yeroo gabaabaa qofa osoo hin taane bu’aa yeroo
dheeraa waan gaafatuuf caasaa bulchiinsa fi
manneen hojii mootummaa keessatti agarsiistuu
sirriidhaan madaaluun rakkisaa yoo ta’u;
agarsiistuuwwan hundaa bakka tokkotti fiduun
bu’aa waliigalaa agarsiisuu fi safaruuf yaaluunis
ulfaataadha.
• Ta’us sadarkaa gara garaatti agarsiistuwwan
hedduun itti hojjetamaa jiru.
Agarsiistuwwan bulchiinsa gaarii qabaachuun maaliif
barbaachisee?
Manneen hojii fi dhaabbilee misoomaa mootummaa
akkasumas caasaa bulchiinsa sadarkaa sadarkaan jiru
(Naannoo, Godina, Bulchiinsa Magaalaa, Aanaa fi Ganda)
keessatti agarsiistuu qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii
safaramuu danda’an qabaachuuf;
Sirni deeggarsaa fi hordoffii raawwii hojiiwwan
bulchiinsa gaarii irratti taasisnu agarsiistuu qajeeltoowwan
bulchiinsa gaarii waliin akka walitti hidhatu gochuufidha.
Agarsiistuuwwan bulchiinsa gaarii kunneen manneen hojii
fi caasaa bulchiinsa sadarkaa sadarkaan jiru keessatti hojii
deeggarsaa fi hordoffiitiif hangam hojii irra ooluu fi
fudhatama qabaachuu akka danda’an yaaluudhaaf;
Gosa Agarsiistuuwwan Bulchiinsa Gaarii
• Qorannoo fi qo’annoo Baankiin Addunyaa yeroo
dheeraadhaaf 1996 irraa kaasee akka guutuu addunyaatti
gaggeesaa tureen Agarsiistuuwwan Bulchiinsa Gaarii
waliigalaa bakka gurguddoo jahatti qoodamu (Kaufmann, Kraay,
Mastruzzi, M.A. Thomas, 2006).

1) Sagalee ummataa fi itti gaafatammumaa mirkaneessuu


2) Tasgabbii siyaasaa uumuu fi walitti bu’iinsa hanbisuu
3) Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa mootummaa
4) Sadarkaa qulqullina hooggansa kennamuu ykn
tarkaanffii fudhatamuu
5) Olaantummaa seeraa kabachiisuu
6) To’annoo kiraasassaabdummaa irratti taasifamu dha.
Agarsiistuuwwan kunneen sadarkaa qulqullinni
bulchiinsaa fi bulchiinsi gaariin irra jiru
maddoota ragaalee naannoo 40 ta’aniin irratti
hundaa’uun jaarmiyaalee ykn dhaabbilee
(organizations) 30 ta’an biyyootaa 200 ol ta’an
keessatti ittiin safaramaa kan ture ta’ee yeroodhaa
gara yerootti fooyya’aa kan dhufaniidha.
Agarsiistuuwwan kunneen bifa safarmuu
danda’uun hojiirra oolchuuf bakka gurguddoo
saditti qoodanii ilaaluun ni danda’ama. Isaanis:
Agarsiistuu Agarsiistuu Agarsiistuu
Galtee Adeemsaa Bu’aa
Agarsiistuuwwan Galtee
Heeraa fi seera akka biyyaa fi Naannootti jiru
Seeroota adda addaa akka addunyaatti irratti
waliigalame
Imaamatootaa fi tarsiimoowwan akka biyyaatti
bahan
Manneen hojii fi dhaabbilee adda addaa akka
naannootti hundaa’an (gurmaa’an)
Meeshaalee riifoormii adda addaa akka biyyaatti
ykn naannootti qoratamanii fi hojii irra oolan
Qorannoowwan yaada ummataa adda addaa:
Dinagdee irratti
Mirga namummaa irratti
Sagalee ummataa irratti
Amantaa lamileen seera biyyaa ykn naannoo irratti
qabu
Karoora mana hojichaa
Chaartarii lammiilee labsuu
Bajata ramadamu
Hojmaata uummanni odeeffannoo itti argatu
jiraachuu
Sirna hirmaannaa ummataa diriirsuu
Agarsiistuuwwan Adeemsaa
Sagalee uummataa fi Itti gaafatammumaa
o Iftoomina uumuu
o Waliigaltee irra gahuu
o Ummataa hirmaachisuu
o Midiyaa walabaa jiraachuu
Olaantummaa Seeraa
o Ilaalcha ykn hubannoo seeraa dabaluu.
o Bu’a qabeessummaan murtii jiraachuu ,
o Waliigalteen biyyoolessaa uumamuu
Tasgabbii siyaasaa fi Nageenyi jiraachuu
 Mootummaa filannoon aangoo qabatee
Kiraasassabdummaa hir’isuu
o Hubannoon jiraachuu
o Tarkaanfii fudhatamuu ykn to’annoo taasifamu
Sadarkaa qulqullina hooggansaa kennamu
ykn tarkaanffii fudhatamu
o Haala imaammataa gabaa fi qaala’iinsa
jireenyaa irratti
o Haala nageenyaa irratti
Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa
Mootummaa
o Sadarkaa qulqullina kenniinsa tajaajilaa
Agarsiistuuwwan Bu’aa Dhumaa
Safartuu sadarkaa itti quufiinsaa fi amantaa
lammilee mootummaa irratti qabu
Safartuu sadarkaa qulqullinaa bulchiinsaa
Safartuu sadarkaa guddina lammiileee (Human
Development Index (HDI)
o Bara jireenyaa (life expectancy)
o Hirmaannaa barnootaa (Educational
attainment)
o Sadarkaa jireenyaa (Standard of living)
• Safartuu sadarkaa hubannoo lammiin:
– Siyaasa irratti qabu
– Hirmaannaa Siyaasa irratti qabu
– Gahuumsa Siyaasa irratti qabu
• Fedhiiwwan bu’uuraa (Minimum Basic Needs)
Fayyaa:
• Du’aatii da’imanii fi daa’iman umrii jalqabaa
(child mortality rate, infant mortality rate)
Nageenyaa fi tasgabbii:
• Irra deddeebii uumamuu yakkaa
• Unka agarsiistuuwwan bulchiinsa gaarii
manneen hojii fi dhaabbilee
misooma mootummaa ittiin safaramu.Docx
Fakkeenya: Dhimma Hirmaannaa Uummataa
Qajeeltoo Agarsiistuu Galtee Agarsiistuu Agarsiistuu Bu’aa
Adeemsaa
Hirmaachi Hojmaatni Akkataa hojmaata •Hirmaattoota hubannoo fi
summaa hirmaannaa taa’een uummata beekumsa argatanii madaallii fi
uummataa jiraachuu hirmaachisaa gamaggama irratti hirmaachaa
jiraachuu jiranii

•Lammiileen adeemsa kenniinsa


murtee keessatti hirmaachuu
isaanii fi murtichi fedhii isaanii
calaqqisiisuu danda’uu
Haala qabatamaa keenyaan agarsiistuu
qajeeltoowwan bulchiinsa gaarii kanneen
fayyadamnee raawwii bulchiinsa gaarii safaruu
dandeenyaa?
Gaaffiilee Marii (Marsaa Tokkoffaa)
1. Gaaffilee Marii Yaad Rimee Waliin Walqabatan
a) Haala qabatama naannoo keenyatiin Bulchiinsa jechuun maal jechuudha?
b) Bulchiinsa maaltu gaarii taasisa?
c) Bulchiinsa gaarii mirkaneessuun akka dhimma jiraachuu fi jiraachuu
dhabuutti maaliif fudhatama? Bulchiinsa gaarii hojiirra oolchuu dhabuu
keenyan miidhaan dhufu maali?
d) Haala qabatama naannoo keenyatiin bulchiinsa gaarii mirkaneessuu
keessatti hudhaawwan nu qunnaman maal fa’ii? furmaanni isaanii
hoo?
2. Gaaffilee Marii agarsiistuu bulchiinsa gaarii Waliin Walqabatan
• Adeemsa bittaa akka fakkeenyatti fudhachuu
• Agarsiistuu qajeeltowwan bulchiinsa gaarii (galtee, adeemsaa, bu’aa
yeroo gabaabaa fi bu’aa yeroo dheeraa ) fayyadamuun sadarkaa
qajeeltowwan:
Iftoominaaa, Gaafatamummaa, Hirmaachisummaa, Deebii Hatattamaa adda
baasuun agarsiisaa
Kutaa Shanaffaa
Sadarkaa fi Kallattii Hojiirra Oolmaa
Qajeeltoowwan Bulchiinsa Gaarii
Bulchiinsi gaariin dhimoota ijoo kan akka siyaasaa,
diinagdee, hawaasummaa fi haala bulchiinsaa irratti
riiformii kan barbaadudha.
Biyya kam keessatu rakkoon bulchiinsa gaarii bifa
adda addaatiin kan mul’atu yoo ta’e illee; sirna
bulchiinsaa keessatti rakkoolee kanneen hordofuun
sadarkaa raawwii bulchiinsa gaarii fooyyessuun
barbaachisaadha.
Kunimmoo sadarkaa adda addaatti qajeeltoowwan
bulchiinsa gaarii hojiirra oolchuu gaafata.
Sadarkaa kamitti bulchiinsa gaarii mirkaneessinaa?
• Sadarkaa mana hojii

1 mootummaa fi
dhaabbilee misoomaa
mootummaatti

2 • Sadarkaa mana hojii


dhuunfaatti

• Sadarkaa waldaalee
3 hawaasaa adda
addaatti

4 • Sadarkaa nama
dhuunfaatti
Sadarkaa mana hojii mootummaa fi dhaabbilee
misooma mootummaatti bulchiinsa gaarii
mirkaneessuu
 Mana hojii mootummaa keessatti bulchiinsa gaarii
mirkaneessuun dandeettii raawwachiisummaa gurmaa’insa
caasaa bulchiinsaa fi manneen hojii mootummaa keessatti
hirmaannaa hawaasaa cimsuuf deeggarsa taasisan irratti
kan hundaa’u yoo ta’u; gama biraatiin immoo adeemsa
kenniinsa murtee haqa qabeessaa fi bu’a qabeesa taasisuuf
sirna bulchiinsa ummataa iftoominaa fi ittigaafatamummaa
qabu mirkaneessuu irratti hundaa’a.
 Bulchiinsa gaarii mana hojii mootummaa keessatti
mirkaneessuuf dhimmoota hordofamuu qaban baay’een
akka jiran hubachuun barbaachisaadha.
Imaammataa fi hojmaata
Qaamni hooggansaa addaa bahee taa’uu qaba
Hojmaatileen adda addaa seeraan jiraachuu qaba
Kenniinsi murtee
Meeshaalee jijjiiramaa hojiirra oolchuu
Tarsiimoo karooraa fi sagantaalee diriirsuu
Hordoffii fi madaallii sagantaalee fi piroojektootaa
Sirna odiitii keessaa fi alaa
Danbii naamusaa pabliik sarvisii hojiirra oolchuu
Komunikeeshinii imaammataa cimsuu
Sirna gabaasaa
Malaammaltummaa balleessuu
Ijaarsa dandeettii
Misooma
Dimookiraasii
Bu l ch i i n s a Gaar i i
Kutaa Ja’affaa

Bulchiinsa Gaarii Mirkaneessuu Keessatti


Gaheewwan Damee Uummataa
Gahee Manneen Maree ummataa
a) Shoora Bakka Bu’ummaa Bahuu
• Aangoon bakka bu’aa fedhii bakka buufataa
irratti kan bu’uureffame yoo ta’u bu’uurri aangoo
mootummaa fedhii uummataa giddu-galeessa kan
godhate ta’a.
• Bakka bu’aan aangoo bakka bu’iinsaa kennameef
ilaalchisee bakka buufataa isaatiif itti
waamamaadha.
• Raawwii hojii bakka bu’iinsaa isaa ilaalchisee
yeroodhaan gabaasa isaa kan bakka buufateef
dhiheesuutu irraa eeggama.
b) Hordoffii fi To’annoo
• Mootummaan ykn qaamni raawwachiistuu seerotaa fi
murtoowwan qaama seera baastuu hojirra oolchuu yoo
ta’u manni maree uummataa qaama raawwachiistuu
waliin tumsuu qofa otuu hin taane, gochoota qaama
raawwachiistuu kanas too’achuu dabalata. Kunis:
I. Karooraa fi gabaasa raawwii hojii manneen hojii
hordofaman irraa argachuudhan,
II. Baajata raggaasuu fi to’achuun
III. Daawwannaa hojii adeemsisuudhan,
IV. Abbootii taayitaa waamanii gaafachuudhan,
V. Eeruu fi iyyannoowwan kutaa hawaasaa adda addaa
irraa fudhachuudhanii fi kkf dha.
Tarsiimoowwan Manneen Maree Uummataa
Bulchiinsa Gaarii Mirkaneessuu Hordofan
• Hojii hordoffii fi to’annoo keessatti uummata
hirmaachisuu
Raawwii hojii idilee manneen hojii mootummaa,
raawwii pirojektoota adda addaa, hojii bulchiinsa
gaarii, hojii misoomaa, hojii nageenyaa fi kkf
keessatti akka hirmaatu taasisuu
Yaada, eeruu fi komii qaban manneen mareetiif
dhiheessanii yaadni isaanii yaa’ii manneen mare
uummataa irratti ka’ee akka dhageeffatamu, fala akka
argatu gochuun mala isa gara biraati.
 Yaa’ii manneen maree uummataa aanaalee,
magaalotaa fi gandootaa irrattii:
o Qaamoleen mootummaa dhimmi isaan ilaallatu
kanneen miseensa mana marichaa hin taane dabalatee
o Bakka bu’oota waldaalee hawaasaa, dargaggootaa fi
dubartoota sagalee fi sagalee malee hirmaachuu qaban
o Dhabbilee mit-mootummaa fi dhabbilee hawaasaa
walgahii mana marichaa irratti akka hirmataaniif af-
yaa’ii mana marichaatiin affeeraman hunda
hirmaachisuun gaggeessuu.
Gahee Waldaaleen Hawaasaa Bulchiinsa Gaarii
Mirkaneessuu Keessatti Qaban
• Bulchiinsa gaarii mirkaneessuun gahee mootummaa
yookin qaama tokkoo qofa hin tahu.
• Bulchiinsa gaarii dhugoomsuun kan danda’amu qooda
fudhannaa dhimmamtoota gara garaa barbaada.
• Kanneen keessayis waldaaleen hawaasaa gahee olaanaa
qabu.
• Adeemsa waldaalee hirmaachisuu keessatti: waldaalee
hawaasaa kamtuu hirmaata?, Dhimma maali irratti
hirmaatuu? Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keesaatti
gahee maalii qabuu? Akkamiin hirmaachisuun
danda’amaa?dhimmoota jedhaman adda baasanii
xiinxaluu barbaachisa.
Waldaalee Hawaasaa Hirmaachisuun Maaliif barbaachisee?

I. Kenna tajaajilaa mootummaan kennamu irraa fayyadamuus ta’ee


ofii isaanis tajaajila kennuu keessatti waan hirmaataniif
akkasumas mirga waan qabaniifidha.

II. Sagalee lammiilee baay’ee (aggregate citizen voice) waan bakka


bu’aniif, kenna tajaajilootaa fi hojmaata mootummaa irrattillee
kallattiinis ta’ee al kallattiidhaan dhiibbaa (pressure) waan
uumaniifidha.

III. Dhaabbilee tajaajila hawaasummaa fi kannen biroo kennan


waan ta’aniif, sadarkaa kamittuu taanaan waliin hojjechuu
(partinership) fi hirmaachisuun (participation) baay’ee
barbaachisaadha.
• Waldaaleen hawaasaa bulchiinsi gaariin iddoo
hundatti akka mirkaanaa’u gochuun haala
jiruu fi jireenya miseensota waldichaas tahee
uummata bal’aa akka fooyya’uuf gahee
murteessaa tahe qabu.
• Waldaaleen hawasaa, uummatni fi mootummaan
bulchiinsa gaarii mirkaneessuurratti yoo waliin
hojjetan:
• Kenni tajaajilaa ni fooyya’a(better delivery of public
service)
• Itti fayyadamni baajataa ni fooyya’a(better budget
utilization)
• Deebii hatattamaa kennuun mootummaa yookin
dhaabbilee biroo ni dabala (responsiveness)
• Malaammatummaa fi hojmaanni badaan ni xiqqaata
• Humni raawwachiisummaa miseensota waldaalee
hawwasaas ta’ee uummataa akkasumas caasaalee
mootummaa ni cima.
• Manneen hojii mootummaa keessattis ta’ee waldaalee
hawaasaa keessatti iftoominni, gaafatamummaa fi deebii
hatattamaa kennuun ni dabala.
Kanaaf, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu
keessatti waldaaleen hawaasa dhimmoota
akka:
Imaammata uummataa fi kenniinsa murtee
Raawwii hojii hawaas diinageee mootummaa
fi dhaabbilee dhuunfaa hordofuu fi madaaluu
Ijaarsa sirna dimookiraasii (iftoomina uumuu
fi odeeffannoo dhiyeessuu, haqummaa,
gaafatamummaa fi olaantummaa seeraa
mirkaneessuu) irratti hirmaachisuun baay’ee
murteessadha.
Dhimma
Gahee Qorannoo fi
Bulchiinsa Gaarii
Qo’annoo
Barsiisuu Waldaalee Gaggeessuu
(Dhaadhessu) Hawaasaa (Research)
(Advocate) Bulchiinsa
Hawaasa Bal’aaf Gaarii Ijaarsa Dandeettii
Tajaajila Kennuu
Mirkaneessuu (Capacity Building)
(Community
Outreach ) Keessatti
Qaban Ragaa Qabachuu fi
Odeeffannoo
Ragaa Dhiyeessuu Dhiyeessuu
Muuxannoo
(Litigation) (Information &
Madaqsuu
Documentation)
(Domestication)
Bulchiinsa gaarii mirkaaneessuu keessatti
waldaalee hawaasaa akkamiin hirmaachisuun
danda’amaa?
I. Sirna Odeeffannoo Walii Dabarsuu fi Gorsaa
(Information Exchange and Consultation)
II. Sirna Murtee Waliinii Fayyadamuu (Collective Decision
Making)
III. Sirna Hordoffii fi Madaallii Hirmaachisaa
(Participatory Monitoring and Evaluation)
IV. Sirna Komii Uummataa Hiikuu Diriirsuun (Public
Grievance Redress Mechanism)
Kutaa Torbaffaa

Hirmaannaa Uummataa Qindaa’aa


(Integrated Public Participation)
Yaad-rimee Hirmaannaa Uummataa
Yaad-rimeen hirmaannaa uummata bara 1970
irraa eegalee dhimma xiyyeffannoon itti kennama
dhufeedha.
Hawaasni bal’aan guddinaa fi misooma naannoo
isaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatu akka
tooftaa tokkootti itti fayyadamaa kan
turameedha.
Keessumattuu, tarsiimoo bulchiinsa al-
walta’insa wajjiin walqabatee adunyaa mara
irratti yaada baay’ee fudhatama argachaa
dhufeedha.
Hirmaannaa uummataa biyyootin adda addaa bifa
lamaan itti fayyadamu.
Inni jalqabaa, hirmaannaan uummataa akka
galmaatti qabamee uummanni hubannoo argate
hirmaachuu akka danda’u uumuu fi sochiin
hirmaannaa uummataa akka mirga lammii
tokkootti yommu kabajamu.
Inni lammaffaan, hirmaannaa uummataa mataa
isaatti galma osoo hin ta’iin tooftaa sirni
bulchiinsa al-waaltiinsaa ittiin mirkanaa’uu fi
qajeeltoo bulchiinsa gaarii keessaa isa tokko ta’uu
isaati.
Yaad-rimeen fi hiikni hirmaannaa ummataa bifa garaagaraan
ka’amee jira. Kunis;
Hubannoo uummataa cimsuun(guddisun) hirmaannaa
uummatni hojii misoomaa irratti taasiisuu,
Walitti dhufinsa, kutaa hawaasaa fi tumsa kutaalee hawaasaa
ykn itti fayyadamtoota fi qaamolee deeggarsa laatan gidduu
jiruu irratti hunda’uudhaan hirmaannaa taasiifamuu.
Qaama olii irra hanga gadiitti fi qaama gadii irra eegalee
hanga qaama oliitti hirmannaa uumatnii sochii misooma
keessatti taasiisuu
Adeemsa qophii karooraa naannoo irraa eegalee hanga
gandaatti taasiifamuu keessatti hirmaannaa uummatni
taasiisuu
Qaamooleen uummaataa caasaa gadii adeemsa murtii
kenniinsa keessatti akkaataa itti hirmaatanii fi aanga’umma
ummataa bifa itti mirkana’uu irratti kan xiyyeffateedha.
Akka waliigalaatti hirmaannaa uummataa
jechuun:
Tarsiimoo ittiin hubannoon uummataa cimee
uummatichii sagaantalee misoomaa karaa itti
hubatuu fi irratti waliigalu
Tooftaa uummatni adeemsa kenniinsa murtii irratti
ittiin hirmaatu,
Tarsiimoo uummatni qophii fi raawwii karoora
misoomaa itti madaaluu, fi
Tarsiimoo bulchinsii gaarii fi diimokiraasiin itti
mirkanaa’uudha.
Qajeeltowwan Hirmaannaa Ummataa
Sochii hirmaannaa ummataa akka dhunfaatti fi gareetti
gaggeessuu
Qaama hunda hirmaachisuu
Imaammata biyyaa fi naannoo irratti hundaa’uun hojii irra
olchuu
Hirmaannaa qindaa’ee fi gurmaa’e
Kallattii fi kaayyoo ifa ta’e qabaachuu.
Uummata amansiisanii hirmaachisu.
Haala qabatamaa irratti hundaa’uu fi iftoomina
Abbummaa uumuu
Faayidaa isaatiif kan hirmaatu ta’uu mirkaneessuu
Tarsiimoo muxxannoo gaarii babal’isuu qabaachu
Hojmata qindaa’e fi saffisaa ta’e diriirsu, fi
Jajjabeesitu bu’aa irratti hundaa’e kennuu
Sadarkaa fi Akkaataa Uummanni itti Hirmaatu
1) Adeemsa fedhii /rakkoo /adda baasuu
2) Hirmaannaa adeemsa murtii kennuu irratti
taasiifamu
3) Adeemsa qophii karooraa irratti
4) Raawwii irratti
5) Bu’aa fi hanqina argamuuf ittigaafatamummaa
fudhachuurratti
6) Hordoffii, to’annoo fi deeggarsa irratti
Uummatni dhimmoota naannoo fi biyyooleessaa
kamirrattiyyuu hirmaachuu akka qabu ni beekama,
mirgas ni qaba.
Haata’u malee, dhimmoonni uummatni naannoo
jireenya isaa keessatti irratti hirmaachuu qabu adda
ba’anii beekamuu qabu.
Kunis:
a) Hojiiwwan misooma waliinii
b) Hojiiwwan misoomaa dhuunfaa

Gama birootiin immoo dameewwan misoomaa


uummatni irratti hirmaachuu qabu haala itti
aanuun qoodnee ilaaluu ni dandenyaa.
1) Dhimmoota tajaajila misooma bu’ura
dinagdee fi hawaasummaa;
2) Hojiiwwan kunuunsaa fi misooma
qabeenyaa uumamaa.
3) Dhimmoota galii guddiisuu (argamsiisan)
Akkaatan uummatnii itti hirmaachuu qabu
immoo gurma’insa isaa wajjiin walqabata.
I. Dhuunfaadhaan
II. Maatiidhaan
III. Gamtaadhaan
Tajaajila misooma bu’ura dinagdee fi
hawaassummaa fi kunuunsaa fi misooma
qabeenya uummamaa irratti gamtaadhaan kan
hojjataman yammuu ta’uu,
Dhimmi galii guddisuu immoo dhuunfaadhaanis
ta’ee gamtaadhaan kan raawwatamudha.
Dhimoota Ijoo Hirmaannaa Dhuunfaan Taasiifamu Qaban
 Hirmaannaa dhuunfaa yammuu jedhamu namoonnii jireenya
dhuunfaa isaanii foyyeefachudhaaf miseensa maatii tokkoo irra
eegalee maatii isaa wajjiin sochii inni godhuu jechudha.
 Kunis sochii fi yaalii namootnii guyyaa guyyaatti hojii dhuunfaa isaa
irratti xiyyeeffatanii taasiisuu dha.
 Dhimmoota ijoo hirmaanaan dhuunfaa irratti taasifamu qabaniis:
a) Fayyaa ilaalchisee
b) Barnootarratti
c) Hirmaannaa hojii mana keessaa
d) Misooma qonnaa
e) Qusannaa qabeenyaa
f) Hojii omisha garagaraa(diversification)
g) Itti fayyadama yeroo
Hirmaannaa Gamtaadhaan Taasiifamu
Hirmaannaan waliinii naamni tokko dhuunfaa isaatiin
hojjechuu kan hin dandeenye faayidaa hawaasaaf kan
oolan bu’uura misooma dinagdee fi hawaasummaa fi
bulchiinsa gaarii keessatti gaggeeffamu dha. Kunis:
a) Hojiiwwan gama fayyaan gamtaan hojjetaman
b) Hojiiwwan gama barnootaan gamtaan hojjetaman
c) Hojiiwwan gama bishaaniin gamtaan hojjetaman
d) Hojiiwwan gama kunuunsa qabeenya uumamaatin
gamtaan hojjetaman
e) Hojiiwwan gama ijaarsa bu’uuraalee hawaasummaa fi
diinagdeetin gamtaan hojjetaman
Haala Gurmaa’insa Hirmaannaa Walinii
 Raayyaan misoomaa haala qajeelfama ganda baadiyyaa fi qonnaan bulaa
fakkeenya (Moodeela) ta’an filuuf qophaa’e irratti hundaa’udhaan namoota
hojii dhuunfaa isaanii irratti adda duree ta’an ijaaruun hojii waliinii keessattis
akka gahee isaani bahan taasisuun barbaachisaadha.
 Ijaarsi kunis haala walitti dhufeenyaa fi dhiyeenya naannoo jireenya namootaa
tiin gooxii, garee misoomaa fi tokko shaneedhan kan gurmaa’an ta’a.
 Raayyan misoomaa adda dureedhaan ijaarame kun kan madaalamu:
a) Sochii dhuunfaa isaatiin misooma keessatti taasisuun kan madaalamu ta’ee
b) Hojii hirmaannaa waliinii keessatti immoo adda dureen fakkeenya
hojiiwwan dhuunfaa keessatti qabu agarsiise erga adda bahe booda akka
raayyaa misoomaatti ijaaramee gooxii fi garee isaa keessatti gahee qabu
akka bahu taasisuudha.
c) Hojii hirmaannaa ummataa kana guutumaa guututti galma geesisuuf
qajeelfama ijaarsa raayyaa misoomaa fi paakeejii bulchiinsa gaarii hojii irra
oolchudha.
Haala Guyyaa Ummanni Hojii Misoomaa Waliinii irratti
Hirmaatu.
Yeroo hojii waliini ilaalchise sagantaan isaa hojii dhuunfaa wajjin
kan walitti hin buune fi dursee akka qophaa’u ta’u qaba.
Guyyaa ummanni murteefateen ala ummanni akka hojii walinii
irratti hin hirmaanne taasifamu qaba.
Guyyaa ayyaanaa fi guyyaa gabaa irrattis yoo wal amansiisan malee
dirqisiifamuu hin qabu.
Haa ta’u malee hojiin waliinii yeroo hojjatamu maatiin hojii walii
qoodee, fakkeenyaaf daa’imman hojii dhuunfaa qulqullina manaa fi
naannoo mana isaanii irratti yeroo hirmaatan abbaanii fi haati
daa’immanii hojii waliinii akka gooxii, garee misoomaa fi tokko
shaneetti raawwatamu keessatti hirmaachuu ni danda’u.
Hirmaannaan ummataa hojii waliinii keessatti taasifamu kun yeroo
hojii waliigala qonnaan bulaan qabu keessaa %20 qofa kan qabatu
ta’e, % 80 immoo qonnaan bulaan yeroo qabu misooma hojii
dhuunfaa issa irratti dabarsuu qaba.
Hirmaannaa Uummataa Milkeessuuf Qaamolee Gahee
Qaban
a) Seektaroota sadarkaa sadarkaan jiran
b) Bulchiinsa godinaalee fi magaalotaa
c) Bulchiinsa aanaalee fi magaalota sadarkaa aanaa
d) Bulchiinsa gandaa
e) Mana maree aanaa fi gandaa
f) Hooggansa manneen hojii sadarkaan jiranii
g) Hojjettoota mootummaa sadarkaa gandaatti jiran
h) Uummata
i) Gargaartoota
j) Abbootii qabeenyaa
k) Waldaalee hawaasaa
Kallattii Hojii irra oolmaa Maanuwaalii Hirmaannaa
Ummataa Qindaa’aa
 Maanuwaalii qophaa’ee irratti hawaasa bal’aaf, waldaalee
hawaasaaf, manneen marii sadarkaa sadarkaan jiranii fi
abbootii qabeenyaaf leenjii hubannoo uumuu kennuu;
 Seektaroota mootummaa hirmaannaan ummataa isaan
ilaalatuu gidduu qindoominnii jiraatee hojii hundaaf
karoorii tokkoo qophaa’ee, isa irratti hunda’amee
gaggeefamu qaba.
 Seektarootni karoora qindoominaa akka baafatan gochuu fi
ummataa sagantaa jiru beeksisuu
 Seektarootni sadarkaa sadarkaan jiran dameewwan
ummataa isaan jala jiran haalaan adda baasuu fi sagantaa
hojiitiin hogganamuun yeroo yeroon akka wal qunnaman
gochuu
 Manneen maree sadarkaa sadarkaan jiran hojiiwwan
hojjataman keessatti tooftaa hirmaannaanii fi faayidaan
uummataa fi waldaalee hawaasaa itti mirkanaa’uu
danda’u qopheessuun hawaasatti siquun waliin hojjachuu.

 Waajjiraleen Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya


Namaa fi waajiraaleen akka MMD qindoominaan
hojjachuu

 Bu’aawwan hirmaanaa ummataatiin dhufan yeroo yeroon


madaalaa deemuu
 Hojii hirmaannaa uummataa qajeeltoowwaan bulchiinsa
gaarii wajjiin wal-qabsiisuun hojii irra akka oolu gochuu
dha.
Qabxii Marii fi Shaakallii (Marsaa lammaffaa)
1) Gaaffilee Dameewwan Ummataa Waliin Walqabatan
• Fakkeenya mana hojii tokko fudhachuun damee uummta isaa adda baasaa
• Bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti tarsiimoon dameewwan
uummataa kanneen itti hirmaachifnu maal ta’uu qaba?
2. Gaaffilee Hirmaannaa Ummataa Waliin Walqabatan
• Sadarkaalee shaakallii hordofamu qabu
• Ummata ganda tokkoo fudhaa
• Ummanni gandichaa dameewwan misomaa hunda (daandii, bishaan,
fayyaa, barnoota, qonna, fi kkf irratti hirmaachuu barbaada
• Ummanni Hirmannaa dhuunfaa, gamtaa fi maatin ijaaramee hirmaata
• Uunkaalee 1-5 qophaa’an irratti hundaa’uun karoora moodeela gadichaa
qopheessaa
3. Gaaffilee Karoora Bulchiinsa Gaarii Waliin Walqabatan
• Karoora bulchiinsa gaarii mana hojii tokko akka fakkeenyatti fudhachuu
• Akkaataa uunka taa’een karoora bulchiinsa gaarii safaramuu danda’uu
qopheessuun manaaf dhiyeessuu
Galatoomaa!

You might also like