Gabasaa Kurm

You might also like

Download as pptx, pdf, or txt
Download as pptx, pdf, or txt
You are on page 1of 34

HOJII kur.

2ffaa Bara 2016


agaalaa Bishaan Gurraachaatti

Waajjira A/Alanga Kutaa Magaala Bishaan Gurracha

Bishaan Gurraacha
Sadaasa 30/2016
Seensa
 Waajjiri Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Bishaan Gurracha ergama wajjirichaa irraa ka’uudhaan
Karoora tarsiimoo baafateen bara 2022tti waajjira tajaajila uummataaf kennuun fakkenyummaan
caqafamu ta’uuf akkasumas bara 2017 tti waajjira Amantaa uummataa horate ta’uufhojjetaa turreera
 Keessattuu bara kana keessa karooraaf xiyyeefanna adda kennuun gamaggama bara 2015 gaggeesuun
hanqinnaa fi ciminna jiru addaan baasuun akkasumas duubdeebii WAAMSH fi qaamota adda
addaatiin nuuf kenname fi xiinxala rakkoo kenna tajaajilaa gaggeefame galtee godhachuun
muldhataa fi bu’aa waliigalaa milkeessuuf bu’aalee Gidugaleessaa 4,battalaa 20 fi agarsiiftuu 147
jiran keessaa akka waajjira Abbaa Keenyatti agarsiiftuu 137 ta’an haala raawwiin isaanii safaramuu
danda’uun kan karoorfanne yoo ta’uu ,karoorri bahe kunis akka sirritti hubatamu leenjii rawwataaf
kennuun akkasumas qaamota waliin hojjanu hubachiisuu fi sanada walhubannaa waliif
mallatteesuun hojitti kan galameedha.
 sochii taasifamaa tureen jijiirama akka naannoo keenyaa fi akka biyyaatti dhufaa jiru milkeesuuf
qooda bahachaa kan turree fi keniinsa tajaajila abbaa alangummaa sadarkaa barbaadamuun gahuu fi
gaaffii tajaajila haqaa ummani kaasaa turee fi kaasaa jiruf deebii madaalawaa kenuudhaaf hojjachaa
tureera
 Haaluma kanaanis sochiin akka waajjira keenyaatti taasifamaa tureen walqabatee raawwiin jiru,
ciminoota,haqinoota,rakkooleen qunnamaa turanii fi furmaata kennamaa ture qindeessuun
gabaasa kurmaana 2ffaabara 2016 hojii hanga gaafa guyya 30/03/2016tti hojjatame dabalatee
akkaataa armaan gadiin dhiyeessinee jirra.
Kutaa Tokko: BOQONNAA QOPHII KAROORAA

 Karoorri meeshaa hooggansa raawwii hojii fi agarsiiftuu adeemsa milka’ina muldhata mana hojii ta’uu isaatiin qophii karooraaf
xiyyeeffannoon kennamu milka’ina raawwii hojiikaroorfamuuf dhimma ijoodhaWaajjirri keenyas raawwii bara kanaa akka milkaa’uuf
qophii karooraaf xiyeeffannaa addaa kennuun hojjachaa tureera
 1.1,Ergama ,muldhata,Duudhalee
 A,Ergama (Mission)
 Kutaa Magaala Bishaan Gurracha keessatti seeraa yakkaa fi imaammata sirna haqaa yakkaa kabachiisuu, mirga namoomaa fi
bilisummaawwan bu’uuraa lammiiwwanii kabajuu fi kabachiisuu fi dantaa mootummaa fi uummataa eegsisuudhaan tajaajila Abbaa
Alangummaa haala si’aawaa, qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’een, akkasumas bilisummaa hojii fi al-loogummaa ofii eeggatee fi haqummaa
qabuun raawwachuudhaan olaantummaa seeraa mirkaneessuun nagaa fi tasgabbiin hawaasaa akka fulla’u taasisuu
 B,Mul’ata (Vision)
 Bara 2022-tti, tajaajila Abbaa Alangummaa kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun Wajjira Abbaa Alangaa akka naannootti
fakkeenyaa ta’ee arguudha
 C,Duudhaalee (Core Values)
 Waajjirri Abbaa Alangaa duudhalee mataa ofii ol kaawwatee fi dhawataan gabbifachaa deemuu fi adeemsaa fi sochii taasisu kamuu
keessatti ittiin qajeelfamu qaba. Hooggansi, ogeessii fi hojjetaan Mana Hojichaa sadarkaa kamirratti argamu kamuu duudhalee kanaan
qajeelfamuu, murtii dabarsu, hojii hojjatuu fi tajaajila kennu keessatti duudhaalee kana calaqqisiisuu fi ol-qabuutu irraa eegama.
 Duudhaaleen kunis:
 Ol’aantummaa seeraa
 Faayidaa uummataaf dursa kennuu, eeguufi eegsisuu
 Bilisummaa fi itti-gaafatamummaa ogummaa
 Iftoomina
 Hojmaata badaa fi malaammaltummaa jibbuu
 Fakkeenyummaa
 Hirmaachisummaa
 Eejjennoo gaarii
 Jijjiiramaaf qophaa’uufi hojjechuu
 Beekumsaa fi amantaan hoogganuu
 Miira tajaajiltummaa qabaachuu fi
 Deebii wayitaawaa kennuu
Kayyoo hundeefama waajjira A/Alangaa
 Labsii Biiroo Abbaa Alangaa Hundeesse Lakk214/2011 keewwata 6 irratti ifatti tumamee akka jirutti Biiroon Abbaa
Alangaa Kaayyoowwan ijoo 4 qaba
 Heera fi sirna Heera kabajuufi kabachiisuu;
 Olaantummaa seeraa mirkaneessuu;
 Seera yakkaa kabachiisuu;
 Dantaa hariiroo hawaasaa mootummaa naannichaafi ummataa kabachiisuu
 1.2.GALMA KAROORA TARSIIMO’AA
 Galma1ffaa=Kutaa Magaalicha keessatti hojii irra oolmaa Heeraa fi Seeraa raawwii caalmaa
 qabu galmeessisuu
 Bu’aa 1ffaa- Seeroota heeraan wal simatan bahaani fi kabajaman, uummata mirga isaa beekee itti fayyadamee fi kabajamuu
olaantummaa seeraatiif gahee irraa eegamu bahe, haqa bahe, yakka ittifame fi ragaa seera qabeessa ta’ee galmaa’ee
 Galma2ffaa=Tajaajila Abbaa Alangummaa raawwii caalmaa qabu kennuu
 Bu’aa 2ffaa- Itti qufinsaa/amantaa uummataa kenninsaa tajaajila Abbaa
 Alangummaa irratti qabu dabaluu, yakkoota ciccimoo dantaa ummataa
 miidhan (violent and collar crime) hir’isuu fi nageenya ummataa
 mirkaneessuu,
 Galma3ffa =ijaarsa dandeetti waajjirichaa Cimsuu
 Bu’aa 3ffaWaajjira AAKMBG dandeetti raawwachisummaa isaa fooyya’ee fi gama hundaan fakkeenyummaa gaarii qabu
uumamedha.
 1.1, Adeemsa qophii Karoora bara 2016
 Karoora bara kana xiyyeeffannoo addaa itti kennuun irra daddeebi`ame bifa fooyyee qabuun akka qopha`u
taasifameera.
 Raawwattootni Waajjirichas bifa qindoominnaa fi hubannoo irratti hunda`een karoora dhuunfaa fi adeemsaa
qopheeffachuun danda`ameera.

1.2,Ka’umsa
 A,Xiinxala karooraa bara 2016 kan Godhanne
kenna Tajaajilaa
 Rakkoo kenna tajaajilaatin wal-qabatu adda baasun haala rakkoon kun itti hiikamuun karoora kenna tajajilaa qophaa’era
 B, duub-deebii qaamota adda addaatiin nuuf kenname
 Raawwin bara 2015 bu’ura godhachuun Duub-deebii kenna tajaajilaa irratti Manni marii Magaalichaa,Bulchiinsi kutaa
Magaalicha fi WAAMSH irraa kennamaa turanii fi yaadota marii sagantaa fooya’iinsa sirna haqaa fi marii adda adda
irratti ka’an ciminaalee keenya akkuma jirutti ta’ee hanqinaalee raawwii adda bahan galtee karoora godhanera
 C, Xiinxala Raawwii bara 2015fi hanqinnoota adda bahan.
 Gamagama raawwii karoora hojii bara 2015 sadarkaa Godinatti gaggeeffamee irratti hanqinna argame fudhatameera.
 Gamaggama raawwii hojii sadarkaa kutaa Magaala keenyatti gaggeeffameen hanqinnootni adda bahan fudhatameera
 Hanqinoota Ijoo Raawwii Hojii Bara darbeen adda bahee galtee karoora bara kanaa ta’an
 Si’ominaa fi qulqullina kenna tajajilaa karaa hammayya’aa ta’een raawwatamuu fi kennamuu dhabuun ni mul`ata.
 Hordoffii fi to`annoon hidhamtoota qajeelcha Poolisii keessa jiran laafa fi harcaatii kan qabu ta`uun.
 Mirga namoomaa kabachiisuuf hojiin hojjatamaa ture harcaatii qabaachuu
 Qulqullinni fi saffinni galmee qorannoo ,himannoo fi falmii dhaddacha laafa ta`uu.
 Dandeettiin amansiisuu mirga wabii fi dandeettiin adabsiisuu galmee himannaa yakkaa karoora gadi ta`uun
 Hubanoon seera hanga karoorfatamee gadi ta`uu fi isuma kennames bu`aa madaalu dhabuun ni mul`ata
 Galmeewwan yakka hojjataman keessa daanga yeroo RTD tiin raawwachuu dhabuun ni mul`ata.
 Hordoffii eeruurratti qindoominni poolisii waliin jiru kan hafu ta’uu
 Harcaatii galmee xiqeessuu fi kan harca’an deebisanii sochoosuu irratti hojiin hojjatame hanga egame ta’uu dhabuu
 Addabbii hidhaa bakka shakkaman hin jiretti murta’u fi adabbii mallaqaa ,poolisii walin qindaa’uun raawwachisuu irratti
hojiin hojjatame laafaa ta’uu
 Dhimmootni hariiro Hawaasa galmeenis ta`ee gorsaan hojjatame hedduu laafa ta`uu.
1.3,Karoora qophaa ‘e irratti hubannoo kennuu fi qaama raawwatu qopheessuu ilaalchisee

Karoora BIX hojjachaa jiraannullee yaad-rimee karoora irratti


hubannaan walfakkataa miti,Bu’uurumaa kanaan Abbootii Alangaa fi
hojjatoota bulchiinsaa qabnu wajjiin marii taasisneera.
1.4,karoora qopha’e irratti qooda fudhattootaa mari’achisuu
Karoora qophaa’e irratti dhimmamtoota, Waajjira keenya kan ta`an
Waajjira Galii,Waajjira Poolisii, Waajjira Daldalaa fa`a waliin marii
karoora keenya irratti marii gaggeessineera.
Karoorri keenya karoora bulchiinsaa kutaa Magaala keessatti
hammachiisuun mana marii Magaalichaatiif akka dhihaatu
godhameera.
 chartarii lammilee fooyya’e hawaasaaf ifoomsineera
Karooricha irratti abbaa adeemsa wajjiin walii mallatteesuun
walharkaa fuudhinsii godhameera
Sanadni wal-hubannaa qopheessuun Waajjira Galii kutaa Magaala
Wajjiin walii mallatteessuun danda`ameera.
KUTAA LAMMAFFAA
BOQONNAA RAAWWII
Seensa KAROORAA
 Wajjiira Abbaa Alangaa keenya kallatti WAABMSH fi BAAWO kaaye bu’uura godhachuun karoora tarsiima’aa
waggaa shanii keessaa kan bara hojii 2016 qopheefannee bu’aa waligalaa “tajaajila ummataaf kennuun Amantaa
ummataa horachuu” jedhu milkeessuuf hojjachaa jira. milkaa’inna bu’aa waliigalaa kanaaf bu’aalee
giddugaleessaa Afurbu’aalee battalaa 20fi agarsiiftuu 137bara kana karoorfamaniiru
 Bu’uruma kanaan raawwiin bara 2016 agarsiiftuwwan raawwii bu’aalee battalaaf adda bahaniin qindaa’ee
gabaasa kana keessatti dhihateera.
 2. Bu’aa Waliigala tarsimoon karoorfame
 Ummanni Wajjira Abbaa Alangaa fi Tajaajila inni kennu irraa amantaa horateera.
 Agarsiiftuun isaa :-
 A, Amantaa ummataa dabaluu fi
 B, Itti quufinsa hawaasa dabaluudha
 C,Hirdhachaa deemuu soda yakkoota ciccimoo fi
 D,Fooyya’uu qabiinsa mirga namoomaati
 Agarsiiftuwwan kun waggaa 5tti yeroo tokko kan madaalamu ta’uu fi sadarkaa irra jirru adda baasuuf
hojjatamaa jira
 Haaluma kanaan:-
 Fooyya’insi kenna tajaajila xiyyeeffanna addaatiin karoorfamee hojjatamaa jira
 Hoggansi fi raawwataan haalaa bu’aa kana milkeessuun hojiin akka raawwatamu, malummaa karoora bu’a
irratti xiyyeeffatee hubachisuuf mariin adda addaa raawwattota wajjiin hubanna cimsuu hojjatameera
 Hanqinna itti quufinsa tajaajilmtootaa sakata’uun rakkoo fi hanqinna jiru hiikuuf abba dhimma tajaajilamuuf
dhufu galmeessuun yaada irraa fuudhu irratti hojjatama tureera
 Uummanni soda yakkoota ciccimoo keessa haala bahuu danda’uun hojiin hubannoo ummataa uumuu fi
ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu baldhinnaan hojjatama jiru
 Qabiinsa mirga namoomatin walqabatee hordoffiin Waajjiraalee Poolisii bira jiru akka cimuuf xiyyeeffannoon
kennameef hojjatamaa tureera.
2.1 Bu’aalee Giddugaleessa fi tarsiimoo
karoorfaman
 Bu’aalee waligalaa tarsiimoon karoorfame milkeessuf Bu’a Gidugaleessa Afurii fi bu’aalee battalaa raawwiin isaa waggaa waggaan
madaalamu 20 milkeessuf karoorfannee hojjachaa tureera
 Kunis
 BGG1. Dhaqabamummaa fi bu’a qabeessumma tajaajila A/Alangumma……………....:BB 6 qaba
 BGG 2. Dabaluu qulqullinaa fi si’oomina tajaajila Abbaa alanguma…………………....;BB 4 qaba
 BGG 3. Dabaluu bilisumma fi itti gaafatamumma Wajjirichaa fi A/A…...........................BB 3 qaba
 BGG 4. Fooyya’uu gaarummaa bulchinsa keessaa fi dandeettiiraawwachiisuma wajjirichaa,.BB 7
 Haluma kanaan sadarkaa raawwii bu’aalee battalaa gabaasa kanaan qindaa’eera
 BGG 1ffaa:Dhaqabamummaa fi bu’a qabeessumma tajaajila A/Alangummaafooyya’eera
 Tajaajilli Waajjirri keenya kennu mirga haqa argachuutiin kan wal-qabatu waan ta’eef tajaajilichi hawaasa haqa barbaadu hundaaf
dhaqqabamaa ta’urra darbee bu’a qabeessa ta’uutu irra jiraata.Haaluma Kanaan sadarkaan raawwii karoora kanaa bara 2016
agarsiiftuuwwan karoorfamaniin madaalamuuf kan karoorfaman ta’us milka’ina bu’aa kanaaf wagga waggaan galtee ta’uu kan qaban
bu’aaleen battalaa 6agarsiiftuuwwan raawwii 37n karoorfamaniiru. sadarkaan raawwii bu’alee battalaa kan kur.2ffaabara 2016 haala
armaan gadii Kanaan qindaa’ee dhihaateera
 BB1:Dhaqqabamummaan Tajaajila Abbaa Alangummaa dabaleera.
 irra caalaan hojii Waajjira keenyaa qaama tajaajila haqaa barbaaduuf tajaajila haqaa kennuun kan walqabatu waan ta’eef tajaajilicha
hawaasa biraan gahuun dhaqabamaa godhuuf hojjatamaa turreera
 haaluma kanaan milkaa’inna bu’aa battalaa kanaatiif agarsiiftuun raawwii 6 kan karoorfaman yoo ta’uu sadarkaa raawwii bu’aa kanaa
haala armaan gadii kanaan dhihaateera.
 1,Tajaajiladeeggarsa seeraa tolaankenname ilaalchisee
 Mirgi haqa argachuu lammilee akka mirkana’uufWaajjirri keenya deegarsa seeraa fi gorsa seeraa namoota harka qalleyyii ta’aniif akka
kennu ykn kennisisu labsii lakk 214/2011Aangeeffamee jira.
 Bu’uruma Kanaan namoota harka qalleeyyii ta’anii ulaagaa seerri kaa’uu guutuun iyyataniif Abbaa alangaatiin, tajaajilli seeraa bilisaa
kennamaa tureera .haaluma kanaan ;-
 Akka Waajjira keenyatti Abbaan Alangaatiin namootadhi = 0 du= 5 Waliigala =5 gorsi seera kennameera.
 Kunis ragaaleehimannaaf isaan barbaachisuu fi A.A isaan bakka bu`uuf jecha haldureewwan guuttamuu qabu irratti gorsi kennameera.
 Abukaatotaan fi Universitiin hojiin kun Kutaa Magaala keenyatti kan hojjatame hin jiru.
2.1 Bu’aalee Giddugaleessa fi tarsiimoo karoorfaman
 Galmee hariiroo hawaasaa harka qalleeyyii ta’an namoota sadi(3) ta’aniif himata Hariiroo Hawaasa barreessuudhaan ,bakka
buunee falmii Mana Murtii Aanaa kutaa Magaalatti gaggeessa jirra.
 Galmeewwan bakka buunee sadi (3)kunis tilmaamni isaa Qar mil.3 ni gaha jedhamee kan tilmamamudha. kunis lafa miiddee
sadeeti(8) fi qalaba daa`immaniif kennamu qabaatu jedhamee kan gaafatameedha.
 Falmii kana keessatti dubartootni Abbaa Manaa isaanitiin mana keessa fi lafa qonna akka itti hin fayyadamne dhorkaman irratti
mirga kana isaaniif kabachiisuuf jecha daa`ima wajjiin ari`amanii fi qalaba dhorkataman akka kennisiifamaniif taasifame kan
jirudha. Hanga yeroo gabaasni kun qopha`utti dhimmichi galmeewwan sadi(3) beellama Mana Murtii irratti argama.

 Walumaagalatti namoota harka qaldheeyyii 7ta’aniif kennuuf karoorfamee namoota dhi- 1 dub- 7 walitti namoota – 8 ta`aniif kan
kenname waan ta`eef raawwiin % 100 oli irratti argamna.
 Tajaajila kennameenis baasii qar. Mil.3 olitti timaamamu irraa hanbisuun danda’ameera.
 2,Dabaluu baay’ina moosaajii/TQO tajaajila kennuuf ijaaramanii fi namoota tajaajila argatanii
 Akkuma beekamu meeshaaleen TQO kennaa tajaajila Abbaa Alangummaa dhaqabamummaa ,si’ataa fi baasii qusataa taasisuu
keessatti gahee guddaa taphata waan ta’eef kana milkeessuuf karoorfanne ture ha ata`u malee hanga kurmaana kanatti hojiin kun
wanti hojjatamee ammatti safaruu dandeenyu kan hin jirre ta`uudha..
 Gama biraatiin Keessoo keenya keessatti tajaajila keenya dhaqabamaa godhuuf,Garee hoggantoota fi adeemsota jedhamee
sadarkaa Riijotti telegiraama banuun kan nu dhaqabe yoo ta`u nutis kanatti miseensa ta`uun Ergaa walii dabarsuu , gaafilee nuuf
dhihaatan deebisuu fi hojiilee hojjataman yeroo yeroon qaama oli aana itti beeksisuuf seerota fi manuwaalii leenjii adda addaa
walii ergaa kan jirru waan ta’eef jalqabiin jiru Gaariidha
 3, seerota fi dokimantoota seeraa soft copy’n qindaa’uun hawaasa biraan gahuun wal-qabatee
 Marsariitii dhimma kanaaf qophaa’e banachuu bannus telegiraamii qabnuun seerota fi maanuwaaliwwan adda addaa lakk- 120 oli
hawaasa bira akka dhaqabu taasifamee jira.
 4, Baayy’inni dhimmoota karaa Dhaddachaalee Naannawaan furmaata argatani dabaleera
 Haalli caaseffama Kutaa Magaala keenya yeroo dhihoo kan gaggeeffame waan ta`eef iddoowwan akkasitti barbaachisanis kan adda
hin bane waan ta`eef hojiin gama kanaan raawwatame hin jiru.
 Dhaqabummaa tajaajila abbaa alangummaa mirkaneessuuf hojiin ijoon hojjetamuu qabu marii uummataa fi damee uummataa gaggeessuudha.Bu’aa kana milkeessuuf Waajjirri keenya
5.Sanada
Wal-tajjiiwwaan
Xiinxala Kenninsa marii/ Konfransii
Tajaajila Qaamolee Haqaauummataa
jedhu miseensafikoree
dameeFSH fiuummataatiingaggeeffame
qaamota hawaasa alaatiif dhiheessuun mariin marsaa 1sadarkaa kutaa Magaala keenyatti
gaggeefameera

 6,Dabaluu tajaajilaa qinda’aa iddo tokkoo (TQIT) fi tursiisa daa’immani fi dubartoota yakkaan
 miidhamanii
 Akka Kutaa Magaala keenyatti addatti tajaajilli iddoo(one stop center) tokko kophatti qopheeffanne hin jiru. haa ta`u malee kutaawwan Magaala sadan(3) hafan waliin kan itti
fayyadamuu dandeennu Hospitaala Malkaa Odaa kan jiruudha. Isa kanattis sirnaan itti fayyadamuu irratti harcaatiin ni jira.
 iddoo tajaajila qorannaa yakka Du/daa’immanii Waajjira poolisii keessatti mijatuu qabus hin mijoofne hanqinni ni jira.
 7, Waajjjirri qaama miidhamtoota ykn namoota sababa dullumaan ykn sababa biroon dadhabaa
 ta’an haala salphaan tajaajiluuf mijataa ta’e kan jiruudha.
 Akka Waajjira keenyaatti ijaarsi Waajjiraa raawwatamee jiru tajaajila namoota kanaatiif mijata yoo ta`es kan itti hin galin waan ta`eef tajaajila kana keessatti kennuu hin dandeenye.
 Iddoo hojii mijeesuun walqabatee akka waliigalatii yoo ilaallu
 Waajjira mataa keenya ijaarannee jira .haa ta`u malee itti galuuf dallawa kan hin qabnee waan ta`eef qofa rakkataa jira. Rakkoo kana hiikuuf immoo qaama dhimma kana nu hiiku
danda`u waliin yeroo yeroon marii gaggeessa jira yeroo ittiaanutti yeroo baajatni argametti rakkoon kun ni hikkama abdii jedhu qabna.
 BB2; Dandeettiin Hojii IttisaYakkaa Dabaleera
 1,Baay’ina eeruu kennitoota fi ragaa baatoota eegumsa seeraa argatanii
 Eeruu kennuu fi Ragaa bahuudhaan namoota 81 ta’an kenniinsa tajaajila haqaa keessatti akka hirmaatan ta’eera.
 Namoonni ragaa seera ta`anii nu biratti dhihaatan keessa kan sodaa qabna jedhanii deeggarsa eegumsa seeraa gaafatan kan hin jirre ta`uudha.
 2, Hir’achuu dhimmoota yakkaa cicciimoo WAA’f dhiyaatan
 Yakkoota ciccimoo akka baruumsa hubannoo seeraa kennuun fi hojii ittisa yakkaa kallattii adda addaatiin hojjatuun hirdhisuuf hojjatamaa kan turre yoo ta’uu yakkoota ciccimoo jennee
adda baafne Keessaa,Yakka malaamaltummaa,kontorobaandii,Yakkoota Baala sammuu Hadoochanii, yaalii ajjecha, miidhaa qaama cimaa, Gudeeddii, Hanna cimaa, Wanbadummaa,
yoo ta’u kunis yakkoota eeruu waliigala dhiyaatan 86 keessaa galmeen yakkoota ciccimoo kurmaana kana dhiyaateGalmeen 14 yoo ta’u haala kanaan karoori 22 % tti gadi xiqeessuuf
qabamee % 16.2tti gadi xiqqeessuun danda’ameera.

 3,Uwwisaa uummataa/namoota hubannoo seeraan bira gahaman dabaluu ilaachisee
 Hawaasni hubannoo seeraa argatee Yakka ittisuu fi yakka raawwatamu yoo argu eeruu kennuu fi raga irratti bahuun gahee isaa akka bahatu godhuuf barumsi hubannoo seeraa kennama
tureera.
 baruumsa kennuun duratti iddoo yakki itti baay’atuu fi Gosa yakkaa (crime index) baafachuun manuwaalii itti barsiisaniin qopheeffachuun Baruumsi hubanno seeraa kennama tureera
 Haaluma kanaan kurmaana kana keessa karoora baruumsa hubannoo seeraa baafachuun Mata dureewwan yakkoota hannaa fi dhoksaa, yakkoota dubartoota fi daa`imman,heera
mootummaairratti raawwataman, ,labsii oomishaalee Qonna Geejibsiisu fi Yakkoota malamaltummaa fi irratti miidhaa raga sobaa kkf irratti barsiifama kan ture yoo ta’uu.
 Hawaasa kutaa Magaala jiraatu keessaa kanneen umriin isaanii waggaa 15 oli gahee barsiisuu qabna jennee adda baafne karoorfanne yoo ta’uu kunis namoota 75747 kana
keessaa (%56) jechuun 42,418 kana keessa karoorri kurmaana 2ffaa dhi =14,000du =7000W/G =21,000 barsiisuuf kan karoorfannee yoo ta’uu Raawwiin keenyadhiira =7370du
=4794 W/G=12164 (%57.92) ta’an barsiisuun danda’ameera
 Kunis muraasa isaa suuraan yoo agarsiifamu akka armaan gaditti dhihaateera.
5. Wal-tajjiiwwaan marii/ Konfransii uummataa
fi damee uummataatiingaggeeffame
5. Wal-tajjiiwwaan marii/ Konfransii uummataa fi
damee uummataatiingaggeeffame
5. Wal-tajjiiwwaan marii/ Konfransii uummataa fi damee
uummataatiingaggeeffame
4.Baayina sagantaa televisinii fi rediyoo dhimma seeraa fi murtiiwwan barsiisoo irratti
qophaa’e akkasumas murtiiwwan barsiisoo karaa Facebook W/Abbaa Alangaatiin
 sagantaa miidiyaalee mainstream kanneen ta'an kan akka sagantaa T.V Faanaa afaan oromooirratti marsaa 2f abbaan Alangaa qaaman deeme yakkoota darbiinsa yerootiin
dhaabbachuu hin dandeenyee, seera dhaala irratti fi Oomishaalee Qonnaa geejibsiisuuf hayyama darbii barbaachisu irratti hubannoo seera hawaasa kennuu danda`eera.
 Seerotni baayinni isaanii 10 oli ta`an karaa telegiramitiin Hawaasa bira akka dhaqabu taasifameera.
 Hubannoo seeraa matayakkoota miidhaa dubartoota fi daa`immanirra gahuu danda`u irratti abbaan alangaa marsaa 1f qaamaan deemee hubannoo kenneera.
 Baayyinni hordoftootaa toora fb keennaa 3.3k oli gahee jira
 Murtii barsiisoo keessattu yakkoota hannaa fi wanbadummaa irratti kennaman irratti waraqaa irratti barreessuun hawaasa bira akka gahu taasisneera.kana malees kara
telegiramitiin fi fb tiin hawaasa bira akka gahu taasisneera.
 Raawwii Hojii Olaantummaa Seeraa Kabachiisuun Yakka ittisuu ilaalchisee
 Raawwii hojii ol’aantummaa seeraa mirkaneesuun wal-qabatee qorattoota poolisii fi abbootii alangaa wajjiin mariin gaggeefameeen haala eeruun itti simatamu ,haala itti
qulqulahuu fi murtii itti kennisiifnuun irratti kallattiin kaayameera.
 Namoota bakka hin jirretti murtii adabbii argatanii hin too’atamni haala itti too’atamuun danda’amuun irratti taasisuun akka too’ataman irratti hojjachaa turreera
 Galmeewwan yakkaa kan himatamaa fi ragaan dhabamuun yeroof cufaman qindoominnaa wajjira poolisii waliin uumuun himatamaan qabamee galmeen akka socho’uuf mariin
taasifameera.
 Eeruu yakkaa qulqulleessuu Ilaalchisee :
 tajaajila waajjiri abbaa alangaa kennu keessaa hojiwwan eeruu simachuu, qulqulleessuu fi murtii itti kennuun isa tokko dha. Kanaafuu, eeruun yakkaa simatamee dhimma
uummataa fi dhuunfaa jechuun galmeessuun sadarkaa isaa hordofuun kan itti hojjetama turamee dha.
 Harcaatii eeruu dhimma uummataa 12% hirdhisuuf karoorfannee raawwiin keenya 0 % irratti argamna.
 Bu’uruma Kanaanbara kana :-
 Eeruu dhimma uummataa Gosa hundaa kan bara darbe as darbe dabalatee dimshaashaandhihaate:-86 keessaa qulqullaa’ee kan xumurame 74(% 86),Sababa ragaan dhabamuun kan
cufame hin jiruHimatamaan dhabamuun kan cufame hin jiru beellamaan kan darbe/qulqullaa’aa kan jiru 12 (%13.9)dha. Harcatii eeruu 12% tti xiqqessuf karoorfamee raawwiin
isaa % 0 dha
 Eeruun dhimma dhuunfaa dimshaasha dhiyaate 11 keessaa qulqullaa’ee kan xumurame 3(27.2%), kan qulqullaa’aa jiru 4(40%) Araaran kan cufame eeruu 1 (9%),yommuu ta’u eeruun
3(27.2) sababa Ragaa fi Himatamaan dhabamuutiin adda cite jira.
 Eeruu yakka malaammaltummaa ilaalchisee bara kan bara darbe as darbe dabalatee
 Dimshaasha dhiyaate.
 Eeruu dhihaate hin qabnu.
 Eeruu dhimma Yakka Diinagdee ilaalchisee kan bara darbe as darbe dabalatee:-
 Eeruu dhiyaate 2 yoo ta’u kana keessaa qulqulla’ee kan xumurame 2(100%)qaama angoo qabuuf ergineera.
 Galmee qorannaan isaa xumuramerratti murti Abbaa Alangaan kenname ilaalchisee
 Galmee qorannaan isaa xumuramerratti murti Abbaa Alangaan kenname ilaalchisee
 Galmee Qorannaa Dimshaasha Dhihaate 76keessaa galmee murtii Abbaa Alangaa Kan argate 76 (100%) yoo ta’uu harka abbaa alangaatti galmeen hafe hin jiru.
 Galmee murtii abbaa alangaa argatekeessaa akkaataa 42/1n kan cufame hin qabnu. Galmee 69 (90.7),Himanni kan Irratti Dhihaate galmeen 1(1.3),akkaataa 38(c )tiin kan gubbaa
nutti deebi`e yoo ta`u araaran kan cufame hin qabnu..Dandeettiin of harkaa Qulqulleessuu galmeeqorannaa karoora 94.5 Raawwii 100 % ta’eera. Galmeewwan 7 qaama Angoo
qabuuf ergineera.
Dimshaasha Galmee Qormaataa dhiyaate keessaa:-

 Galmee YMM dhiyaate hin jiru


 Galmee DDD dhiyaate1bu’uura 42(1)A tiin kan cufame hin jiru. bu’uura 38© tiin kan nutti deebi`e hin jiru.,himanni kan irratti baname hin jirugalmeen -1
qaama angoo qabuuf ergameera..dandeettii galmee of-harkaa qulqulleessuu karoora 94.5 % raawwii 100% dha
 Galmee nageenyaa dhiyaate hin qabnu
 Galmee Godaansa seeraan alaa dhiyaate hin jiru.
 Galmee bosonaa dhiyaate 4 himanni kan irratti baname 4(100) yoo ta’uu.dandeettii galmee of-harkaa qulqulleessuu raawwii 100%dha
 Galmee balaa tiraafikaa dhiyaate 5 himanni kan irratti baname 5(100) yoo ta’uu.dandeettii galmee of-harkaa qulqulleessuu karoorri %94.5 raawwii
100%dha
 Galmee daldala seeran alaadhiyaate hin jiru.
 Raawwii Galmee Himata Yakkaa ilaalchisee
 Galmeewwaan himataa gosa adda addaabara darbe kan as-darbe dabalatee (akka waliigalatti) galmee = 69 Namaan (77)dhihaate keessaa galmeewwan =
59(%85.5) himatamtoota 63 (%81.8) irratti murteen adda addaa manneen murteen itti kennameera. Kanneen keessaa galmeewwaan 59 (%85.5)
himatamtoota 63 (% 81.8) irratti murteen adabbii adda addaa kan itti kenname yoo ta’u, galmeewwan bilisaa namaa fi fi galmeenis hin qabnu. Galmee
4(%5.4) himatamtoota 4(%5.1) irratti immoo sababa ragaa fi himatamaan dhabamuun yeroof cufameera. Galmeen 1(%1.4) himatamtoota2(%2.5) irratti
araaraan cufameera. Galmee 5(%7.2) himatamtoota 8(%10.3) ta’u beellamaan gara kurmaana itti aanutti ceheera.
 Dandeettiin Adabsiisuu Abbaa Alangaa Galmeedhaan karoora 95 %, raawwii 100 %namaan karoora 93% Raawwii- 100ta’eera
 Harcaatiin Galmee Himata xiqeesuu karoora % 7raawwii 5.7 % ta’eera.
 Galmeewwan himataa waliigalaa kana keessaa :-
 Galmee Himataa yakkootadiinagdee Ilaalchisee
 Galmee beellamaan as darbe dabalatee Galmee himanna dhimma dinagdee hin qabnu.
 Galmee himataa Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii
 Galmee yakka Dhimma Dubartootaafi Daa’immaniiHimanni dhihaate hin qabnu
 Galmee himataa dhimma Nageenyaa
 Galmee yakkadhimma nageenyaan walqabatu dhihaate hin qabnu.
 Galmee Himataa Dhimmaa Bosonaa
 Galmee yakka Bosonaa dhihaate4(namaan 4) keessaa murti adda addaa mana murtiinkan argate2 (50%), yoo ta’u kan murti argate keessa ammoo murtiin
adabbii adda addaa Galmee2(50%) Galmeen bilisaa hin jiru.Galmeen sababaragaa fi himatamaan dhabamuun cufamee galmee 2(%50) jechuudha.
 Dandeettiin adabsiisuu galmeen karoora 95% raawwii100% dha. Galmeewwan waggootan darban keessa sababa raga fi himatamaan dhabamuun yeroof
cufaman irra deebi`anii akka socho`an kan taasifaman hin jiru.
 1130 BB3: Hojirra Oolmaan Seerotaa Fooyya’eera
 Hojii irra oolmaa qaamolee raawwachiiftuu hordofuu akka dandeenyu labsi lakk.214/2011 kew.7(6) tiin aangoon waajjira keenyaaf waan
kennameef hojimaanni sakatta’insa seerota maneen hojii gara Biirootiin diriiree jira
 Bu’uruma kanaan sakta’iinsa hojii irra oolmaa seeraa bara darbe taasifame fi dubdeebii kennameen sadarkaa irra jiru kan adda baafne
yoo ta’uukaroora Iinisheetivii ykn tarkaanfii addaa hojii irra oolmaa seerotaa addabaasuun sadarkaa kutaa Magaala
keenyattiseektaroota sadii (3) irratti xinxalli kan gaggeeffame yoo ta`uu sakata`iinsa gaggeesineen hanqinnoota jiran adda baasuu
dandeenyeera.
 BB4: Raawwiin kabajamuu mirgoota namoomaa fooyya’eera
 Bu’a battalaa kana milkeessuuf hojiileen karoorfamanisnamoonni seeraan ala akka hin to;atamni hordoffii taasisuun furmaata seeraa
kennuu,cheeklistii gabaaba qopheessuun Qajeelcha poolisii fi buufata Aanaalee hordofuu,haala qabinsa mirga namoomaa irratti
sakatta’insa taasisaa kan turreedha. Hanqinna jirus yeroo yeroo gabaasa qaama dhimmi ilaaluuf dhiheessa furmaatas kan gochaa
tureedha.mirga wobii ilaalchisee iyyannoo dhihaatuuf ulaagaa seeraan mana murtii amansiisun kan jiru ta`uun. Namonni godaansa
seeraan alaaf akka hin saaxilamne xiyyeeffannoon irratti hojjachaa hubannoon kennama kan tureedha.
 Raawwii seektaroota Mootummaa gama mirga namoomaa hordofuun ,raawwii tumsa gamtaa irratti sochiin jiru laafadha.
 Bu’uuruma kanaan:-
 Hir’achuu namoota seeraan ala to’atamanii (%) dhaan
 Akka kutaa Magaala keenyatti shakkamtooni too’ataman yeroo yeroodhaan abbaan Alangaa fi Poolisiin to`annoo gaggeessuun
hidhamaan seeraan ala kan jiru yoo ta`e tarkaanfiin fudhatamee akka to`annoo jalaa bahu kan taasifamu yoo ta`u hojiin kun akka
waliigalatti idileeffamee hojii hojjatamaa tureedha. Bu`uuruma kanaan yeroo gabaasni kun qinda`utti hidhamtoota 21 kan jiran yoo
ta’uu isaanis Qajeelcha Poolisii kutaa Magaala Bishaan Gurraacha keessatti argamu.
 Shakkamtoota buufata poolisii keessa jiran abbaan alangaa dabareen ramadamee Guyyaa guyyaan galmee galmee too’annoo
qopheefachuun too’ataa,
 Hordoffii buufata Poolisii gaggeessineenNamoota waliigala too’ataman 21 keessaa baayyinni namoota seeraan ala too’atamanii 0 yoo
ta’an karoorri namoota seeraan ala too’atamanii 16% tti xiqqeessuuf karoorfannee raawwiin keenya 0 % tti kan gadi xiqqaate ta’uu isatu

 Namoota qabiinsa mirga namoomaa sarban jedhamanii Eeruun irratti dhiyyaate hin jiru
Haala hidhamtoota jiran ilaalchisee Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaala
B/Gurracha
Gosa dhi du
Murteedhaan 0 0

Beellama idilee 16 16
Beellama yeroo 1 1


Galmee yakkoota ciccimoo Angoo Godina mirgi wabii dhorkatame
4 4

Ida’aama 21 21
Galmee Mirga Wabii ilaalchisee

 Galmeewwan mirga wabii 29kan dhihaate yommuu ta‘u Abbaan Alangaa hunda isaa irratti yaada
deeggarsaa fi mormii kennee jira. Galmee mirga wabii Abbaan Alangaa morme7keessaa, galmee 1 irratti
mirgi wabii MM wabiin eegamera yommuu ta’u, galmee 6irratti immoo mirgi wabii dhorkamee jira. Gaaffii
mirga wabii 22 Abbaan Alangaa deeggare keessaa 22irratti mirgi wabii kan eeggame yommuu ta’u,galmee
6irratti immoo mirgi wabii dhorkee jira. Haala kanaan dandeettiin mana murtii amansiisuu Abbaa Alangaa
karoora 87.5% raawwii 85.7% irra kan jirudha.
 Dabaluu hordoffi fi deeggarsa raawwii karoora mirga namoomaa sektaraalee mootummaa ilaalchisee
karoorri keenya 1 yoo ta’u raawwiin 0 dha.
 Dabaluu hordoffi fi deeggarsa karooraafi raawwii tumsa gamtaa ilaalchisee Tumsi gamtaa akka kutaa
Magaalatti kan hundeeffamee hin jiru.Fookaal Parsaniin yakkoota namaan daldaluu fi seeraan ala daangaa
ceesisuu ramadame hin jiru.
 Hir’achuu Namoota godaansa seeraan alaatiif saaxilamanii ilaalchisee Waajjiraalee qindoominaa dhimma
kana irratti hojjetan kan akka waajjira hawaasummaa .Dhimma dubartiif daa,immanii faana hojii kana
hojjachuudhaaf seektarootni kunniin kutaa Magaala keessa waan hin jirreef hojiin kun hin hojjatamne.
 Eeruun GalmeeGodaansa Seeraan alaa kurmaana kana keessatti dhiyaate hin jiru.
 Galmeen eeruu Godaansa seeraan ala yeroo walfakkaataabara darbee dhiyaatee 1 yoo ta’u kan kurmaana kan
hin jiru ta`uu agarsiisa.
 Karoorri Namoota Godaansa Seeraan alaaf saaxilamanii 27% tti gadi xiqqeessuf karoorfannee raawwiin 0
dha.
BB5.Dabaluu Bu’a Qabeessummaa tajajila Abbaa Alangummaa Dhimmoota Yakkaa irratti

 Harcaatii eeruu dhimma uummataa 12% hirdhisuuf karoorfannee raawwiin keenya 0 %


 Galmeewwan Himata yakkaa kallattii bara 2014 fi 2015 2016, sababa himatamaa ykn ragaan dhabamuun adda citan keessaa
dabaluu hanga galmee socho’ee ilalchisee galmee yeroof cufame -15 keessa galmeen socho’e – hin jiru. waan ta’eef karoora %10-
raawwii- 0 % dha.
 BB6.Dabaluu Bu’a Qabeessummaa tajajila Abbaa Alangummaa Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa
 Hirdhachuu harcaatii galmee himata dhimma HH dantaa mootummaaf uummataa(Galmee himataa sababa AA
jalqabee dhaddacharraa hafuun adda citun ykn mootummaatti murtaa’u
 Dhimma hariiroo hawaasaa himannaa akka dhiheessinuufis ta’ee mootummaarraa akka ittifnuuf gara mana hojiitti nuuf dhihaate
odeeffannoo guutuu waa’ee galmee galmeessuun Abbaa alangaatiif karaa iftoominaaf itti gaafatamummaa hordofsiisuun qoodun
Galmeen hariiroo hawaasaa karaa kamiinuu sababa hanqina abbaa alangaatiin akka adda hin cinneef xiyyeeffannoon irratti
hojjetamuuf karoorfamee irrattis hojjatameera.
 .Dandeetti raawwachiisuu murtii mirga wabii (MW) fi adabbii Mana Murtii (adabbii hidhaa (AH) bakka himatamaan
hin jireetti kennameefi adabbii mallaqaa (AM),akkasumas murti ciraarratti kenname
 Himatamtoota mirgi wabii eegameefi dhihaachuu ykn kabajuu dhabaniin Qarshii -45,000 mootummaaf galii ta’eera.
 Adabbii maallaqaa kennamu kophaatti ragaa isaa qindeessinee qabanne jira gama kanaanisAdabbiin qarshii 99,200mootummaaf
galii ta’ee jira .
 Galmeewwan Ragaa ciraa of keessaa qaban hunda irratti ajaja kennameen ragaan ciraa miidhamaa fi Mootummaaf galii ta’ee jira.
 Dmishaashatti Adabbii Maallaqa ,Dirqama wabummaa waadaa seename hin guutinii fi Adabbii Qajeelfama Dambii darbuu irraa
qarshiin 144,200 mootummaaf galii ta’ee jira.
 Baay’ina maallaqa/qabeenyi bu’aa yakkaa Malaammaltummaa dhorkamee, tarkaanfii bulchiinsaan(TB) ykn falmiin
mootummaadhaaf deebi’ee hin qabnu.
 Dabaluu Dhibbantaa maallaqa/qabeenyi bu’aa yakka Adda Addaa (Malaammaltummaan ala), tarkaanfii bulchiinsaan
(TB) ykn falmiin mootummaadhaaf deebi’e (ciraa dabalatee waliigalaan qabeenya bu’aa yakkaa mootummaaf galii
taasifame hin jiru.
BB5.Dabaluu Bu’a Qabeessummaa tajajila Abbaa
Alangummaa Dhimmoota Yakkaa irratti
 Dabaluu baay’ina Maallaqa YKN qabeenya qisaassamee deebi’e fi himanna qabeenyaa mootummaa irratti dhihaatee
ittifame (hanga maallaqaatiin)
 Maallaqa ykn qabeenya Mootummaa fi Ummataa sababa adda addaatiin qisaasamee osoo M/Murtiitti himachuun hin barbaachifne
gorsuudhaan fi mariin mallaqni 2,506,994.63 Mootummaaf galii gochuu dandeenneera.kunis tokko tokkoon gaafa ibsinu.
 Galii gibira lafa investimentii fi liizii irraa namoota dhuunfaa fi dhaabbata adda addaa irra yaamicha qaaman taasisuun hordoffii
gooneen qarshii- 2506,194 galii taasisneera.
 Qabeenya mootummaa kan ta`e Motora hojjataan Mootummaa hojiif jedhee fudhatee gate ilaalchisee kafaltii motora kanaa qarshii
45,000 kafalchiisu dandeenneera.
 Durgoo seeraan ala fudhatamee oditiidhaan seeraan alummaan mirkana`e qarshii -9800 gara kaazina Mootummatti deebisiisu
dandeenneera.
 Akka waliigalatti sochii Waajjirri keenya taasiseen qarshiin dheedhiin 2,506,994.63 gara kaazina Mootummatti galuu danda`eera.

 Dandeettii hanga maallaqaa/qabeenya murtii dhimma H/Hawaasaa raawwachiisuu
 Qabeenya mootummaa qisaasame fi bu’aa yakka ta’ee deebisiisuudhaaf bakka bu’uun himanna banuun falmii gaggeessuun
dhimmoota moo’achuun murta’aan raawwachiisuu dandeetti hanga maallaqaa/qabeenya murtii dhimma H/Hawaasaa
raawwachiisuu ilaalchisee
 Falmiin tilmaama qarshii galii taasisuuf karoorri- qarshiin 800,000 irran gahuuf karoorfanne Raawwiin keenya hin jiru.
 Gorsaan mallaqni ykn qabeenyi mootummaa tilmaamaan qarshii 800,000 galii taasisuuf karoorsinee raawwiin keenya qarshii
2,506,994.63 galii ta`uu danda`eera.
 Mallaqa ykn Qabeenya Mootummaa himatamee irra ittifame ilaalchisee galmeen himanna mootumma irratti dhihaate bakka buune
galmeen lama (2) yoo ta`u galmeen tokko(1) tilmaama qarshii 626,244.70 galmeen 2ffaan immoo tilmaama qarshii – 417,504ta`u
Waliigalatti 1,043,748.7 ta`u mootummaan himatamee bakka buune falmii taasineen galmeen tokko ittisne tokko mo`atamne yoo
ta`u mallaqaan immoo qarshii 417,504 mootumma irra ittisnee kaazina mootumma keessa akka turu kan taasisnee fi mallaqa qarshii
626,244.70 ta`u immoo mootumma irratti kan murta`e fi irra ittisuu kan hin dandeenye sababa ragaan hin jirreef
ta`uudha.Kanaafuu dabaluu baayinna mallaqa/ qabeenya Mootummaa irratti himanni dhihaate ittifame ilaalchisee karoorri- Qarshii
800,000 yoo ta`uu raawwiin keenya qarshii – 417,504
BGG2:Si’oominnii fi qulqullinni Tajaajila Abbaa
Alangummaa dabaleera

 Bu’aaleen battalaa bara kana galtee bu’aa giddugaleessaa ta’uuf karoorfaman kunninis:
 Dabaluu si’omina tajaajila Abbaa Alangummaa
 Dabaluu qulqullina tajajila Abbaa Alangummaa dhimmoota yakkaa irratti
 Fooyya’u qulqullina tajajila mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaaf kenna hhayamaa fi
 Dabaluu qulqullina tajajila Abbaa Alangummaa dhimmoota Hariiroo hawaasaa dantaa
 uummataaf mootummaati
 Milka’inni Bu’aaleen battalaa arfan kunis agarsiiftuuwwan adda bahaniin kan karoorfaman
 yommuu ta’us karoora bara 2016 keessaa agarsiiftuun bu’alee kanaas kallattii agarsiiftuwwan
 karoorfamaniin xinxalamanii haala ramaan gadii Kanaan dhihaataniiru
 BB1: Si’oominni(efficiency) Tajaajila Abbaa Alangummaa Dabaleera
 Ergamni tajajila Abbaa Alangaa mirga haqa argachuun kan wal-qabtu ta’uu isaan haqni harkifate
 aragame immoo akka dhorkameetti tilmaama waan ta’eef milka’ina bu’aa waliigalaa tarsiimoon
 karoorfameef si’ominni tajajila kennamuu dhimma murteessadha.kanuma irraa ka’un
 si’omina tajajilaa kan duraarra fooyyessuuf hojjechaa kan jiru yommuu
 ta’u sadarkaan milka’ina bu’aa kanaa bara kana jirus kallattii agarsiiftuuwwaniitiin yoo
 xinxalamu:
 A,komiiwwan dhiyaatan daangaa yeroo taa’e keessatti ofharkaa qulqulleesuu
 Komiiwwan maamila irraa dhiyaatan daangaa yeroo taa’e keessatti qulqulleesuun deebii kennuu fi sirna komiin itti
keesumeefaman diriirsuun walqabatee abbaa alangaa hoggansa jijiiramaa fi fooya’iinsa sirna haqaa tiin kan durfamu koree
hundeesinee mala komiin itti fuudhamee keesumeefamuun diriirsineera.
 Haaluma kanaan kurmaana kana keessa komii dhihaate tokkolle kan hin jirre ta`uudha. Kanaafuu komii waan hin jirreef
istandardiin madaaluun hin jiraatu jechuudha.
 B,Dandeettii of harkaa qulqulleessuu galmeewwan qormaataa ilaalchisee
 Galmeen qorannaa polisiirra mana hojiitti ergamu hundi xalayaa Poolisiin ittiin erge ilaaluun kan madaalamu waan ta`eef saffinni galmee himanna keenna salphatti beekuun ni
danda`ama,
 Haaluma kanaan:-
 Galmee Qormaataa dhimmoota yakka AddaaAddaa W/G- 76 dhiyaate yoo ta`u galmeewwan 69 irratti himanni kan hunda`e fi galmeewwan 7 immoo qaama angoo qabuuf waan
ergameef galmeewwan Qajeelcha Poolisii irra dhihaate hundi isaanitu harka abba alangaa kan hin jirre ta`uu agarsiisa..
 C,Dabaluu dhibbeentaa dandeettii daangaa yeroo kaawame keessatti of-harkaa qulqulleessuu
 galmeewwan qormaata gosa hundaa (clearance rate)
 Galmeewwan waliigalaa dhihaatu Bu’uura istaandardii taa’een xumura argachuu isaa gara Abbaa Adeemsatiin saffinni isaanii madaalama kan ture yoo ta’uu galmee Gosa hundaa waliigala
dhiyaate -76 dhihaate keessa kan sadarka Kutaa Magaalatti himanni irratti dhihate qofa kan madaalame yoo ta`uu kana keessaa daangaa yeroo taa’ee keessatti murtii kan argate
galmeewwan60 fi istandardiin ala kan bahe immoo galmeewwan 9dha.dandeettii yeroo daangaa taa’e keessatti of-harkaa qulqulleessuu karoorri % 84.5 raawwiii ----86.9 % dha.
 D,Dhibbentaa dandeettii of harkaa xumuruu dhimmoota hariiroo hawaasaa ilaalchisee
 Galmee hariiroo hawaasaa waliigala dhihaate galmeewwan…5murtii abbaa alangaa kan argate…5harka Abbaa Alangaatti galmeen hafe kan jirreedha,kanaafuu dandeettii of-harkaa
xumuruu karoora 94.5 yoo ta`uu Raawwii-100%dha.
 Waliigalteen projeektii adda addaa waliigala dhihaate -4yoo ta’uu waliigalteen dhihaate hunduu gulaalamee darbeera waan ta’eef dandeettii of-harkaa xumuruu karoora 94.5% -raawwii-
100%dha.
 Gulaallii Wixinee nuuf dhihaate hin jiru.
 E,Dhibbeentaa dandeetti Daangaa yeroo taa’e keessatti ofharkaa xummuruu dhimmootaa hariiroo
 hawaasaa/Waligaltee fi Galmee
 Galmeewwan waliigalaa dhihaatu Bu’uura istaandardii taa’een xumura argachuu isaa gara abbaa adeemsatiin saffinni isaanii madaalama kan ture yoo ta’uu galmee HH waliigala dhiyaate 5
keessaa daangaa yeroo taa’ee keessatti murtii kan argate5istandardiin ala kan bahe hin jiru yoo ta’uu dandeettii yeroo daangaa taa’e keessatti of-harkaa qulqulleessuu karoorri 91.5
%raawwiii100%dha.
 Waliigaltee dhihaate gulaaluun wal-qabatee karoorri -% 92.5 raawwiin keenya immoo% 100 galmeen afur dhihaate yeroo ta`e keessatti gulaalamee deebi`eera.
 F,Dhibbeentaa hir’chuu galmee himata achi ce’ani (backlog ratio)
 Galmee himataa mana murtiitti beellamaan socho’aa turan beellamni gaggabaaban qabamee yeroon murtii akka argatan godhuuf akkasumas gama poolisiitiin ragaanAbbaa Alangaa
barbaadamu,shakkamaa alaa barbaadamu dhiheesuun seektarri hunduu gahee isaa akka bahatu godhuuf gama koree JBHAtiin qindoominna keenya cimsuun hojjachaa kan turre yoo
ta’uu kurmaana kana galmee himataa beellamaan mana murtii ture 69 keessa galmeen murtii dhumaa argate 59 yoo ta’uu galmeen 5ammo beellamaan kurmaana itti Aanutti cee’aniiru.
 Haaluma kanaan Galmeewwan achi ce’an 5 % hirdhisuuf karoorfanneeraawwiin 7.2% dha
 K, Dhibbeentaa Hojiiwwan Galmee fi Dhimmootaa of Harkaa xumuruu Karooraa fi Raawwiidhaan
 Giddugaleessan (Avireejiin) Galmeewwanii fi Dhimmoota of harkaaqulqulleessuun %100) irra jira.
 Dhibbeentaan Hojiiwwan Galmee of harkaa xumuruu karoorri91.5 Raawwiin 100 irra jira.
 L,Dhibbeentaa hojiiwwan galmee fi dhimmootaa daangaa yeroo kaawwamee (istaandaardii JBAH’n)
 keessatti xummuramanii avireejiidhaan
 Galmeewwan dhiyaatan 5 fi dhimmoota Galmeen alaa 4dhiyaatanii hundumtuu Daangaa yeroo kaawamee keessatti xumura argatanii jiru.
 M,Galmee himataa Mala Murtii Battalaa (RTD)’n raawwatame ilaalchisee
 Hojiin galmee yakkaa toftaa adeemsa murtii battalaa hordofuun ykn RTD (Real Time Dispach)
kennamu qulqullinaa fi si’oomina murtii Abbaa Alangaa waan dabaluuf ittiin hojjetamaa tureera
 Haaluma kanaan galmeewwan Qormaataa Waliigala dhiyaatan 76 keessaa Galmeen RTD 38
himannaan irratti dhiyaate yoo ta`u kana keessa galmeen 37 irratti murteen adabbii addaa addaa Mana
Murtiin kan itti kenname yoo ta`u galmee tokko(1) immoo gara galmee idiletti cehuu danda`eera.
 Haaluma kanaan galmee waliigalaa keessaa %14mala murtii battalaa tiin hojjachuuf karoorfannee
galmeewwan himataa waliigalaa dhiyaate 69keessaa Galmee RTD38 waan hojjatameef Raawwin
keenya % 55 irra jiraachuu argarsiisaa.
 BB2: Qulqullinni Tajaajila Abbaa Alangumaa Dhimmoota yakkaa irratti Dabaleera
 . Bu’aa battalaa kun akka milkaa’uuf agarsiiftuuwwan waliigala 15 jiran keessaa agarsiiftuuwwan 15
(kudha shanii) armaan gaditti tarree qubeetiin ibsaman kan qabxii hojiilee ijoo ykn tarkaanfilee ijoo
bara kanaatti fudhataman akka itti aanutti ibsamaniiru:
 1,Dabaluu Qulqullina Deebii fi falmii Galmee mirga wabii(post odiitii fi sakatta’insa murti boodaan)
 Bu’uuruma ulaagaa sakata’iinsaa qophaa’een koree hundeesuun galmeewwan samuuda fudhachuun
galmee ----kan sakata’aman yoo ta’uu Qulqullini murtii A/Amirga wabii :
 Posti oditii abbaa adeemsatiin karoora 93 raawwii 88.16 -% ta’a
 Samuda fudhatamee sakata iinsa godhameen karoora 92 raawwii 88.16%
 Haala kanaan qulqullini Gidugaleesaan % 93 yoo ta’uu raawwiin 88.16 % ta’a
2. Hirdhachuu galmeewwan qoramaataa bu’uura sdfy keewwata 38/c gadi deebi’anii %n

 Galmeewwan qoramaataa waliigala dhihaatan 76 keessa galmeen1 qabxiidhaan gara Qajeelcha Poolisii fi Abbaa Alangatti Godina irra nutti kan
gadi deebi’ee waan ta`eef galmee bu’uura kanaan deebi’u,% 1.5n xiqqeessuuf karoorfannee raawwiin % 1.3 dha.
 3. Dabaluu hanga murti bu’ura sdfy kew.42/1 qaama olaanu dhaqqabe fi Hirdhachuu Hanga galmee qorannoo yakkaa bu’uura sdfy
kew.42/1n cufame qama olaanu dhaqqabuun murtiin AA diigame ,fooyya’e fi Akka irra deebiin qoratamu ajajame
 Galmee Qorannaa yakkaa Bu’uura sdfy keewwata 42(1a) tiin cufaman kurmaana kana keessa kan hin qabne ta`uu.
 4.Hirdhachuu ajaja mana murti himannaa yakkaa baname fooyyessuu%n(himannaa yakkaa waliigalaa keessaa meeqatu akka
fooyya’u ajajame)
 Himannaan akka fooyya’uuf manni murtii ajajekan hin jirree fi Abbaan Adeemsaa galmee himannaa ilaaluun galmeewwan akka himanni
fooyya`u taasifameera.
 5.Hirdhachuu hanga murtii keewwata himannaa dhihaate gaditti murtaa’u%n(hirdhachuu keewwata yakkaa jijjiramee murta’u)
 Keewwata seeraa olkaasuudhaan Himannaa Abbaan Alangaa saaqee ture ajaja Dhaddachi yakkaa kenneen gara keewwata rogummaa qabuu isa
xiqqaatti dhimmoonni jijjiiramanii murtee balleessummaa argatan ni jiru.
 Galmeewwan murtii argatan 59 keessaa Galmee 3 (%.0.81) ta’u gara keewwata gad aanaatti jijjiiramanii jiru.
 Akka waliigalaatti Galmeewwan yakkaa murtee dhaddachaa argatan 59 keessaa Galmee 3(%0.71) ta’uu keewwata ittiin banaman jalaa gara
tumaalee seeraa gara gadi Aanaa ta’eetti jijjiramanii murtee argatani hin qabnu kanaafuu karoori – 5 raawwii- 0 dha
 6.Dandeetti murtii balleessummaa kennisiisuu (%’n) (gidugaleessa yakkaa hundaa (YH) fi hanga himatamtootaatiin(Him
 Galmeewwan yakkaa waliigalaan 69 dhihaatan keessa murtii kan argatan 59 keessaa Galmeen 59 (100%) irratti Murteen balleessummaa
kennamee jira
 Himatamtootaa ilaalchisee namoota63keessaa63 (%100)irratti murteen balleessummaa kennamee jira.
 Dandeettiin adabsiisuu Galmeen karoorri 95 raawwiin 100fi namaan dandeettiin adabsiisuu namaan karoorri 93 % raawwiin % 100 dha.
 7.Dandeettii murtii balleessummaa (yakkoota adda addaa (YAA),yakkoota cicciimoofi xiyyeefannoo addaa barbaadan (YCXA)fi
yakkoota dhimmi dubartiifi daa’immanii irratti kennisiifamanii (%’n
 Galmee himataa Yakkoota adda addaa waliigala dhiyaatan69keessaa .murtii balleesummaa kan kenname galmee59murtiin bilisaa kan kenname
galmeen fi namaanis hin qabnuyoo ta’uu dandeettiin adabsiisuu karoorri 95.4 raawwiin -100ta’a.
 Galmee himataa waliigala dhiyaatan keessaa galmee yakkoota ciccimoo fi xiyyeeffannaa addaa barbaadan9yoo ta’uu. Murtii balleessummaa kan
kenname galmee 6 murtiin bilisaa kan kenname galmee 0yoo ta’uu dandeettiin adabsiisuu karoori86% raawwiin 100%-ta’a
 Galmee himataa waliigala dhiyaatan keessaa galmee yakkoota DDD dhihaate hin qabnu.
 8. Galmeewwan bu’uura sdfy Kew 141 fi149 (2) bilisa bahan keessaa sakatta’insa murtii boodaa gaggeeffamuun hirdhachuu kanneen
sababa hanqina qulqullina hojii Abbaa Alangummaan bilisa bahanii %n ilaalchisee
 Galmeen himata yakkaa sababa qulqullina hoji abbaa alangaan bilisa akka hin bane hojii ooditii galmee dursee abbaa adeemsaa YAA fi dhimmoota
HH tiin Abbootin alangaa himata qulqullina qabu akka dhiyeessaniif hordofamaa tureera;
 Galmeewwan himata yakkaa akkaataabu’uura sdfy kew 141 fi 149(2) bilisa bahan hin jiran .
 9.Dabaluu qulqullina murtii Abbaa Alangaa galmee yakkaa irratti (qulqullina qorannaa, Quqlullina murtii 42/1/a, Qulqullina
himannaa fi falmii dhaddachaa (%’n)
 Bu’uuruma ulaagaa sakata’iinsaa qophaa’een koree hundeessuun galmeewwan samuuda fudhachuun kan sakata’aman yoo ta’uu
 Qulqullini murtii A/A Qorannaa Yakkaa :
 Posti oditii abbaa adeemsatiin karoora 89.5 raawwii 96 % dha.
 Samuda fudhatamee sakata iinsa godhameen karoora 87.5 kan qabame yoo ta`u raawwii irratti immoo sakkata`iinsi hin godhamne.
 Haala kanaan qulqullini Gidugaleesaan %88 yoo ta’uu raawwiin % 96 ta’a
 Qulqullini murtii A/A Galmee bu’uura 42(1)A tiin murtaa’e waan hin jirreef hin madaalamu.
 Qulqullini Falmii dhadachaa
 Posti oditii abbaa adeemsatiin karoora 89.5 raawwii97 % dha
 Samuda fudhatamee sakata`iinsa godhameen karoora 87.5 raawwii %50tti ammoo 96 % ta’a
 Haala kanaan qulqullini Gidugaleesaan %89.5 yoo ta’uu raawwiin % 96.5 ta’a.

 10. Hirdhachuu hanga komii tajaajilamtoota Waajjira Abbaa Alangaa kutaa Magaala irratti qabanii
 Komiiwwan maamila irraa dhiyaatan hirdhisuuf kenna tajaajilaa fooyyessuuf hojiin baldhaan hojjatamaa tureera akkasumas komii dhiyaatu,
daangaa yeroo taa’e keessatti qulqulleesuun deebii kennuuf sirna komiin itti keessumeeffamuun diriirsuun sochiin jiru gaariidha.
 Haaluma kanaan tajaajilamtoota kurmaana kana keessa dhiyaatanii tajaajila Waajjira keenya irraa argatan keessa namoota 133 yaada kennaniin
tajaajilichatti kan gammadan waan ta`eef komiin dhihaate hin jiru. Kanaafuu kenninsi tajaajila kennamaa jiru kan yeroo kamuu caala fooyyee
qabaachuu agarsiisa.
 11. Baayina dhimmoota /seerota falmisiisoo ta'an mariidhaan ejjennoo walfakkataan irratti qabatame
 Dhimmoonni akka kutaa Magaala keenyaatti falmisiisoo ta’an
 Dhimmoonni falmisiisoo ta’an akka kutaa Magaala keenyaatti dhiyaatan hin jiran.
 12.Dabalu hanga Qulqullina, iftoominaa fi Seera qabeessummaa qajeelfamoota Qaamni ol’aanaan dhimmoota galmee irratti kennamu
 qajeelfamni Biiroo irra kennamu kan seera fi heera wajjiin walitti bu`u fa`a kennuun raawwachuufis kan nama rakkisu ta`uun keessattu bakka bu`ummaa lafaan
wal-qabatee kennamu dhoorkamuun mirgoota bu`uura kan danqu ta`uun.
 1230 BB: Qulqullinni Tajajila mirkaneessaa ,Galmeessa sanadootaa fi kenna hayyamaa
 fooyya’eera
 Bu’aan Battalaa bu’aa giddugaleessaa 2ffaaf galtee ta’uuf bara kana karoorfame
 qulqullina tajajila mirkaneess,galmeeessa sanadaa fi kenna hayyamaati.

 Qulqullini mirkaneessa fi galmeessa sanadootaa dabaleera(post oditii fi sakatta’insa boodaatiin)
 Posti oditii abbaa adeemsatiin karoora 96.25 raawwii 98%ta’a
 Mirkaneessa sanadaa galmeen
 Galmee =128 Tajaajilamaa=274 Qar.galii ta’e= 17,895
 Qabanaa raga hammayeesuuf TQOn murteessaa waan ta’eef hojii kana lafa qabsiisuuf adeemsa irra jirra haa ta`u malee bu`aan bu`e hin jiru hanga ammatti
 1 BB4:Dabaluu qulqullina tajaajila Abbaa Alangummaa Dhimmoota Hariiroo hawaasaa dantaa uummataaf mootummaarratti
 Dhimmoota dantaa hariroo hawaasa mootummaa kabachisuu akka danda’u labsii mana hojii Abbaa Alangaa fi labsii qaama raawwachisaa hundeessuuf baheen
Aangoon ifatti kan kennameef kanuma hojii irra oolchuuf sochii baldhaa taasifameera
 Haaluma kannan waliigaltewwan pirojeekti gurguddoo gulaaluu fi wixineessuu, gorsa seeraa kennuu fi dhaabbiilee mootummaa bakka bu’uun falmii
gaggeessuu,namoota harka qaldheeyyii bakka bu’uun falmii gaggeesuun ,gorsaa fi mariisisuun qabeenya deebisiisuun wal-qabatee hojiin baldhaan hojjatameera
 Haaluma kanaan
 A,waliigaltee Gulaaluu fi wixineessuu ilaalchisee
 Waliigaltee gulaaluu ilaalchisee Sad.kutaa Magaala keenyatti galmee4 (afur) tilmaama qar.13,058,271.44 oli ta`u yeroo istandardiin ta`e keessatti gulaalamuun
danda`ameera.
 Waliigaltee wixineessuu ilaalchisee hojiin nuuf dhihaate hin jiru.
 B,Hojii Tajaajila Deeggarsa Seeraa Bilisaa(TDSB)namoota harka qaleeyyiii A/A Kennamuu Ilaalchiisee:
 Galmee hariiroo hawaasaa miidhamtootni harka qalleeyyii ta’an 5 Galmee3 waliigala kan tilmaamni isaa Qr.mil.3 oli ta`u ykn lafa miiddee 8 ta’u bakka
buune ,falmii gaggeessaa kan jiruudha. Qalaba haadha warraa fi daa`imman isaanii abbaa warra dubartoota harka qalleeyyii bakka buune kan gaafataa jiruudha.
 Walumaagalatti namoota harka qaldheeyyii 7 ta’aniif TDSB kennuuf karoorfame keessaa kurmaana kana namoota 8 dhiira 1 dubartii 7ta’aniif tajaajilli deegarsa
seeraa tolaan kennameera.tajaajila kennameenis baasii qar. 100,000 oli ta`u tti timaamamu irraa hanbisuun danda’ameera.
 BGG:3 Bilisummaa fi Itti Gaafatamummaan Waajjirichaa fi Abbootii Alangaa Dabaleera
 Bu’aan battalaa kun akka milkaa’uuf agarsiiftuuwwan Afur armaan gaditti ibsaman kan qabxii hojiilee ijoo ykn tarkaanfilee ijoo hanga kurmaana kanaatti fudhataman akka itti aanutti
ibsamaniiru:-
 Tarsiimoo dagaagina naamusaa, ittisa hojimaata badaa fi malaammaltummaa qophaa’ee hojiirra oolchanii dabale jira
 Akka Waajjira keenyattiit.gaafatamaan Waajjiricha dagaagina naamusa abbootii alangaa fi ittisa hojmaata badaa irratti leenjii qopheessuun dambii naamusa ogummaa abbaa alangummaa
irratti leenjii hubannoo kennee jira.
 Baay’inni Abbootii Alangaa fi Hojjetoota leenjii naamusaa fudhatanii dabaleera
 Danbii naamusaa ogummaa abbaa alangummaa fi naamusa iddoo hojii irratti kurmaana kanakeessa Abbootii Alangaa 3 fi hojjattoota bulchiinsaa namoota 2ta’aniif leenjiin kennameera.
 Komiin badii naamusaa A/Alangaa/Hojjattoota Waajjirichaa irratti dhiyaatu hir’ateera
 Komiin badii naamusaa hojjatoota bulchiinsaa fi abbootii alangaa irratti dhiyaate hirdhisuuf hojiin hubannoo umuu haala gaariin gaggeeffameera. Hanga ammattis hojjattoota badii
naamusatiin eeruun irratti dhihaate kanhin qabneedha.
 BB2 Iftoomina, bilisummaa fi itti gaafatamummaan Waajjirichaa dabaleera
 2.5.3. BB3 Bilisummaa fi Itti gaafatamummaan Abbaa Alangummaa Cimeera
 Bu’aan battalaa kun akka milkaa’uuf agarsiiftuuwwan Waliigala 4 jiran keessaa agarsiiftuuwwan lama irratti karoorfannee armaan gaditti ibsaman kan qabxii hojiilee ijoo ykn tarkaanfilee
ijoo hanga kurmaana kanaatti fudhataman akka itti aanutti ibsamaniiru:-
 Sirni bilisummaa Abbaa Alangaa cimsu qophaa’ee hojiirra ooleera
 Sirni bilisummaa Abbaa Alangummaa cimsu qophaa’ee hojiirra ooluu qaba
 Qajeelfama sirna madaallii fi badhaasa hojii irra oolchuu ilaalchisee raawwii hojii Abbaa Alangaa qophaa’ee hojiirra ooleera
 Qajeelfamni madaallii duuka deemtuun isaa qophaa’e Abbootiin alangaa akkaataa qajeelfama baheen raawwiin isaanii gabaasa kana booda kan madadaalamu ta’a.
 Agarsiiftuuwwan raawwii hojii akka mana hojiitti karoorfaman irratti Abbootiin Alangaa karoorfachuunis ilaalamee gabaasa kana booda kan ittiin madaalamu ta’a.
 BGG4ffaa:- Gaarummaa Bulchiinsa Keessoo fi Dandeettiin Raawwachiisummaa Fooyya'eera.
 Bu’aan Tarsiimoo kunis jijjiirama sadarkaa mana hojiitti yeroo giddugaleessaatti milka’uun bu’aa waliigalaaf galtee ta’uuf karoorfaman arfan keessaa kan sadaffaati .Haaluma Kanaan bara
kana keessa jijjiirama qabatamaa gama Gaarummaa Bulchiinsa keessoo fi dandeettii raawwachiisuutiin jiru fiduuf bu’aaleen battalaa baayinni isaanii 7 ta’an agarsiiftuuwwan raawwii
waliigalaa 44n kan karoorfaman yommuu ta’u raawwiin bu’aa battalaa jiru kallttiiwwan agrsiftuuwwan karoorfamaniin haala armaan gadii Kanaan xinxalamanii dhihaataniiru.
 Baay’ina waltajjii marii waliigalaa Waajjirichaa keessatti hojjataa hundaa waliin geggeeffamee dabaleera
 Bulchiinsa keessoo mana hojiichaa gaarii taasisuuf hojiin iftoomina keessoo uumuu fi hirmaachisummaa cimsuuf waajjira Abbaaalangaa keenya iftominaa dagaagsuu fi hirmaachisummaa
cimsuu xiyyeeffatamee irratti hojjetamaa turee jira.
 Haaluma kanaan kurmaana kana waltajjii waliigalaa hojjetaa ,Koree taaksi foorsii, koree MGT marii adeemsaa mana hojii marsaa marsaan marii gaggessa tureera.
 BB2,Bu’a qabeessummaan baajataa fi qabeenyaa dabalee jira.
 Hojiiwwaan mana hojii tokkoof mootummaan kennamaan milkeessuuf baajanni murteesaadha.
 Bara Baajataa kana akka Waajjira A/AlangaaBaaxiin Baajata Mana Hojii keenyaa bara kana nuuf ramadamee baajata mindaaf qar.2,344,052hojii adeemsisaaf qar.175,000yoo ta’uu waliigala
baajata Qar.2,519,052kan ramadameyammuu ta’uu bajata bara 2015 nuuf ramadameewalbira qabnee yoo ilaalu, Hanga ramaddii baajataa akka waliigalaatti kan hir`ate ta`uu agarsiisa.
sababni isaa Bulchiinsi Magaala keenya itti waamamni duraan Naannoof ture Magaala shaashamannetti Waan gadi bu`eef baajatni duraan Magaalichaaf ramadamaa ture ni hir`ate.
 Qooddii fi ittifayyadama baajataa irratti yeroo yeroon iftoominni uumamaa jira.Manaajimantiin irratti mar’iachuun kallattii ka’aa jira.
 BB:3 Dandeettii raawwachiisummaa mana hojicha dabaleera.
 Sirna madaallii raawwii hojii nama dhuunfaa, garee fi Waajjirichaa adda
baasuu dandeessisu qophaa’ee hojiirra ooleera
 Hojii karoorfame akka nama dhuunfattis raawwin isaa hordofamaa kan
ture yoo ta’uu hojii karoorfatan irraa wan raawwatan akka gabaafatan
godhuun duubdeebin kennama tureera.
 Sirna bulchiinsafi qabiinsa ragaa humna namaa ammayya’a ta’e
hojiirra oleera
 Data beezii qabiinsa ragaa humna nama sirritti adda bahee kan ta`ee
miti.
 Haa ta`u maleeHumna namaa qabnu ilaalchisee
 A/Alangaa kutaa Magaala dhiira –4 hojjattoota bulchiinsa -2 kan
qabnu namoota kanniin hojii bal`aa Waajjiricha kan hojjataa jirruudha.
 BB4: Hojiin idileessa koornayaa daa’imman fi dargaggootaa fooyya’eera
 A,Hojii Hubannoo seeraa, leenjii fi marii hawaasaa ilaalchisee hojjatame
 Kurmaana kana keessa Hubannoo seeraa dhimmaa dubartootaa fi daa’immanii irratti dhiiraa ----- fi dubartootaa ------- walumagalaatti
namoota -------() ta’aniif kennamee jira.
 kurmaana kana hanga gabaasni kun qindaa’uutti waltajjiwwan marii seektaroota qindoominaa fi dhaabbilee adda addaa waliin mariin
yeroo tokkoof gaggeeffame jira.
 Kurmaana kana hanga gabaasni kun qindaahutti BMG dhabamsiisuuf qaamolee hawaasaa kan akka Abbootii Gadaa, Haadholii siinqee,
caasaa Aanaa faana, akkasumas waldaalee siivikii fi damee ummataa faana si’a 1 marii kan taasifameera.

 C,Qarqaarsa dubartootaaf godhame
 Kurmaana kana keessa dubartoota harka Qalleeyyii ta`anii gara Waajjira keenyatti dhufan namoota sadiif mindaa keenna irraa qarshii
1000 deeggarsa taasisneefira.

 BB5 Dandeettiin Kominikeshiniifooyya’eera.
 kurmaana kana keessa carraa argame hundatti fayyadamuudhaan hojiilee mana hojii keenyaan hojjetaman ummatatti beeksisuun fi
duubdeebii fudhachuudhaan galtee raawwii godhachuuf tooftaawwan garaagaraa fayyadamnee hojjechaa turree jirra.
 Haaluma kanaan;-
 Seerotaa fi dokomantoota seeraa .. karoorri 120 yoo ta’u raawwiin 120
 Murtiiwwan barsiisoo karaa fb gadi lakkisuuf karoorri 20 raawwiin 22
 Hordoftoota FB 1.4K horachuuf karoorfannee 3.3 k irra geenneerra.
 miidiyaalee mainstream kanneen ta'an kan akka FM Faanaa Magaalaa finfinneetti argamu yeroo lamaaf abbaan alangaa keenya irratti
dhihaate hubannoo seera kennuu danda`eera. Kana malees karaa radiyoo faana F.M 103. 4 irratti dhihaachuun Abbaan Alangaa
hubannoon seera miidhaa yakkoota daa`immanii fi dubartoota irra gahuu danda`u irratti hubannoon seera kennameera.
 Baayyinni hordoftootaa toora fb keennaa 3.3k oli gahee jira
 Murtiin barsiisoo dhimma yakkoota adda addaa telegiraamiitiin gadi lakkifameera.
 BB;Walitti dhufeenyii fi Qindoominni Mana Hojii Qaamoolee biroo waliin qabu foyya’ee
 Waajjiri keenya qamoolee haqaa kanneen akka Mana Murtii, Qajeelchota Poolisii kutaa Magaala fi akkasumaas
qamoolee bulchiinsaa, bulchinsaa fi nageenyaa, waajjira mallaqaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira.
 koree SFSH tiin fi koree JBAH marii gagefamee haala idilaaween ta’u baatus hojjile qindoominaan hojjatamuu
qaban irratti mari’achuun Keessattu keniinsa tajajila saffisaa fi qulqulluu kennuun walqabatee rakkolee jiran hiiku
hojjacha tureera ,qindoomina hojii gaaris akka uumamu ta’era.
 mana marii nageenya walinis qindoomina hojii uumun haala nageenya irratti mari’achaa turera,kallatii hawaasni
itti mari’achuu qabuuni fi nageenyii fi tasgabiin itti mirkanaa’un kaayuun hojiin akka hojatamu godhaa tureera
 Kenna Tajaajila waajjira Abbaa Alangaa Fooyyessuuf Hojiiwwan Hojjetaman
 Hojiiwwan ijoo milka’ina bu’aalee karoorfamaniif gumaachuuf xiyyeeffannoon irratti
 karoorfamee hojjetamaa ture keessaa keeniinsa tajaajilaa fooyessuun isa ijoodha
 Hojiileen bara kana keessa kenna tajajila fooyyessuuf hojjetamaa turan keessaa kanneen ijoon
 Rakkoo kenna tajaajilaa karaa hiikuun danda’amuun koreen kenna tajaajilaa irra deebiin hundaa’eera
 Koreen TF/kenna tajaajilaa kunis Rakkoo Kenna tajaajilaa akka kutaa Magaala keenyatti jiru adda baasuun karoora
of-danda’e qophaa’ee ittiin hojjatamaa tureera
 Karoorri kenna tajaajila irratti leenjii keennameera
 Ulaagaa kenna tajaajilaa fi istandardii waraqaan maxxaniffamera,baajiin hojjatoota qophaa’era,agarsiiftuu
maxansineera,chaartarii lammilee ifoomsineera.
 Guyyaa abbaa dhimmaa itti keessumeessan sirnaan akka kabajamu ta’eera .
 Sirna komiin itti dhiyaatuu diriirsuun walqabatee koree komii irra deebiin hundeesinee hojii keessa galchineera
 Mariin torbee iddileessuun rakkoo yeroo dheeraa ture hiikuun eeggalameera


 BB;,Kenninsa tajaajila lammummaa Waajjira A/Alangaa jiru dabaleera
 Tajaajila lammummaa kennuu ilaalchisee akka Waajjira keenya
 dhaabin biqiltuu 50 tilmaama qarshii 2,000 ta`u raawwatameera
 Deegarsa Abbootii Alangaa keenya dhukkubsatanii mindaa keenya irra qarshii –5,000 arjoomneera
 Dubartoota harka Qalleeyyii ta`an gara waajjira keenya tajaajilaaf dhufaniif tajaajila isaan barbaadan booda namoota –3 qarshii 1000 arjoomineera
 Walumagalatti akka Waajjira keenyatti hojii tola ooltummaatiif qarshii 8,000 ta`u deeggarsa taaasisneera..

 walumaagalatti hanga kur2ffa kanaatti tajaajila lamummaatiin qar.8,000 arjoomun danda’ameera .

 BB : SIRNA HORDOFFIIF DEEGGARSA RAAWWII KAROORAA HOJIIRRA OOLE
 KBIX milkeessuuf hordoffii fi deegarsa hojii karaa adda addaatiin fudhannee hojii irra oolcha tureera.
 Haaluma kanaan:-
 Gabaasa torbaanii telegiraamaan erguunfi ergaawwan adda addaa yeroo jedhametti qaama gubbaati ergaa tureera.
 Milkaa’ina Argame
 Hojiin Boqonnaa qophii keessatti karoora qopheessuuf akkasumas qama karoora
 raawwatu qopheessuuf hojjetame baldhaa ta’uu fi leenjiin qaama gubaatiin nuuf kennameen malummaa karoora BIX fiYad rime RBM irratti
hubannaan jiru fooya’aa dhufuu isaa
 Koree kenna tajaajilaa hundeesuun Rakkoo kenna tajaajilaa wal-qabatu adda baasun hiikaa deemuu irratti hojiin hojjatame gaarii ta’uu
 Miirri tajaajiltummaa raawwatoota bira jiru gaarii ta’uu isaa
 Inishetivee hojii irra oolmaa teeknolojii irratti hubannoon fi miirri hojii kana fudhatanii hojitti hiikkuuf jiru gaarii ta`uu.
 Walitti dhufeenyaa fi qindoominna hojii uumuuf sanada walhubannaa seektaroota adda addaa waliin mallatteesuu fi mariin gaggeefama ture hojii
karoorfanne milkeessuu keessatti gahee ol’aanaa kan taphatu ta’uu isaa
 Deddeebii fi komii abbaa dhimmaa xiqeesuuu irratti hojiin gaariin hojjatamuu isaa
 Raawwin galmee RTD gaarii ta’uu fi karoora qabannee ol ta’uu isa
 Hanqinoota Raawwii
 Sirni qabannaa ragaa keenya haala RBM wal simuun hammayya’uu dhabuu
 Qulqulinii fi saffina qorannoo yakkaa ammalee kan hafu ta’u isaa
 Galmee yakka sababa raga fi himatamaan dhiyeesuu dhabuutin harca’ee
deebisanii sochasuu irratti kan hafu ta’u
 Hoggansi eeruu laafaa ta’uu
 Namoota bakka hin jirretti adabamanii seera jala miliqan hordofamanii akka
too’ataman godhuu irratti sochiin taasifame laafaa ta’uu isaa
 Kenna tajaajilaa lafa qabsiisuu irraati raawwattoota hunda biratti wal-
fakkaachuu dhabuun.
 Hojii irra oolmaa seera seektara karoorfanne hunda bira gahuu dhabuun ni
mul`ata.
 Bu`aa hubannoon seeraatiin argame adda baasanii madaaluu dhabuun ni
mul`ata. Hammi lakkoofsa namoota hubannoo seera kennamees karoora gadi
ta`uun kan jiru ta`uun.
Rakkoolee Raawwii Keessatti Mudataa Turaniif Fala Kaa’amaa ture.


Rakkoolee turan
 Waajjira mijataa kan hin qabnee ta’uu fi rakkoo loojestikii jiraachuu
 Hanqinni humna Namaa Abbaa Alangaa fi hojjataa bulchiinsa kan jiru ta’uu isaa
 Fala isaa
 Waajjira harawa ijaarannee turetti dallawni akka nuuf ijaaramu taasisuun itti galuu qabna hoggansa kutaa magaala
mariisisuun.
 Kallattii Xiyyeeffannoo Itti Aanuu
 Rakkolee keniinsa tajajilaatiin walqabatu karoora adda bu’aa irratti xiyeefaten kan hiikamu ta;aa
 Rakkoolee bulchiinsa gaarii hawaasni kaasu, raawwii hojii keessatti dhimmoota qaawwa qabanii fi kiraa sassaabdummaaf
karaa banuu danda’an addaan baasuun hojiin eegalame gara fuulduraattis cimee akka itti fufu xiyyeeffannoo addaatiin kan
hojjatamu ta'a.
 Hubannoon seeraa kennamu yakka ittisuu irratti hawaasa kan kakaasu akka ta’uu fi xiinxala gaggeessuun iddoo yakki
baay’inaan raawwatamu irratti xiyyeeffachuun kan hojjatamu ta'a. Dabalataanis, xiinxala bu’aa hubannoo seeraa itti
madaalamuu danda’u diriirsuun hojii irra kan oolchinu ta’a.
 Dubartootaa fi daa’imman irratti barmaatilee miidhaa geessisan addaan baasuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf
xiyyeeffannoo adddaatiin hojiin kun akka hojjatamu hordoffii walirraa hincinne ni taasifna.
 Haala nageenyatiin walqabatee qaamolee haqaa fi nageenyaa wajjin qindoominaan hojjechuun olaantummaa seeraa
mirkaneessuu.Keessattuu kfsh fi mana marii nageenyaa fi koree JBAhkeessatti gahee nurraa eegamu bahuun qindoomina
hojii gaarii uumuun kutaa Magaala keenya keessatti rakkoon bulchiinsa gaarii akka hiikkatu cimnee kan hojjanu ta’a
Horaa Bulaa Deebanaa!!!

You might also like